\id ZEP - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Sefaaniyaa \toc1 Raajii Sefaaniyaa \toc2 Sefaaniyaa \toc3 Sef \mt2 Raajii \mt1 Sefaaniyaa \c 1 \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha: \b \s1 Akeekkachiisa Waaʼee Badiisa Dhufaa Jiruu \q1 \v 2 “Ani fuula lafaa irraa \q2 waan hunda haxaaʼee nan balleessa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 3 “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa; \q2 simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa, \q2 waaqota tolfamoo namoota hamoo \q2 gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.” \b \q1 “Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 4 “Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa \q2 jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. \q1 Ani hambaa Baʼaal hundaa fi // maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii \q2 iddoo kanaa nan balleessa; \q1 \v 5 warra raayyaa samii waaqeffachuuf \q2 qinaaxxii manaa irratti sagadan, \q1 warra sagadanii fi \nd Waaqayyoon\nd* kakatan, \q2 warra Moolekiinis kakatan, \q1 \v 6 warra \nd Waaqayyoon\nd* duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan, \q2 warra \nd Waaqayyoon\nd* hin barbaanne // yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.” \b \q1 \v 7 Guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* waan dhiʼaateef \q2 fuula \nd Waaqayyoo\nd* Gooftaa duratti calʼisaa. \q1 \nd Waaqayyo\nd* aarsaa tokko qopheesseera; \q2 inni warra affeere qulqulleesseera. \b \q1 \v 8 “Guyyaa aarsaa \nd Waaqayyootti\nd* \q2 ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi \q2 warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba. \q1 \v 9 Ani gaafas warra buusaa irra utaalan, \q2 kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi \q2 gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.” \b \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya, \q1 Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa, \q2 gaarran irraa immoo \q2 sagalee diigama guddaatu dhagaʼama. \q1 \v 11 Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; \q2 daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; \q2 warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu. \q1 \v 12 Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa; \q2 warra qananiidhaan jiraatan, \q2 kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan, \q1 kanneen, ‘\nd Waaqayyo\nd* waan tolaas taʼu waan hamaa \q2 homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba. \q1 \v 13 Qabeenyi isaanii ni saamama; \q2 manni isaanii ni ona. \q1 Isaan mana ijaarratu; \q2 garuu keessa hin jiraatan; \q1 isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; \q2 garuu daadhii wayinii hin dhugan.” \b \q1 \v 14 Guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* guddichi dhiʼaateera; \q2 dhiʼaatees dafee dhufaara. \q1 Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* hadhaaʼaa dha; \q2 goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya. \q1 \v 15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, \q2 guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, \q3 guyyaa rakkinaa fi badiisaa, \q2 guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, \q3 guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa; \q2 \v 16 magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi \q1 gamoowwan ol dhedheeroo irratti \q2 guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa. \b \q1 \v 17 “Sababii isaan \nd Waaqayyootti\nd* cubbuu hojjetaniif, \q2 ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif \q2 uummatatti dhiphina nan fida. \q1 Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, \q2 miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama. \q1 \v 18 Guyyaa dheekkamsa \nd Waaqayyootti\nd* \q2 meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii \q2 isaan oolchuu hin dandaʼu.” \b \q1 Ibidda hinaaffaa isaatiin \q2 addunyaan hundi ni barbadoofti; \q1 warra lafa irra jiraatan hundatti \q2 inni badiisa tasaa ni fidaatii. \c 2 \s1 Yihuudaa fi Yerusaalem Saboota waliin itti Murteeffame \s2 Yihuudaan akka Qalbii Jijjiirratuuf Akeekkachiifame \q1 \v 1 Yaa saba qaanii hin qabne, \q2 walitti qabamaa; walitti qabamaa; \q1 \v 2 utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee \q2 guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin, \q1 utuu aariin \nd Waaqayyoo\nd* bobaʼaan sun \q2 isinitti hin dhufin, \q1 utuu guyyaan dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* \q2 isinitti hin dhufin walitti qabamaa. \q1 \v 3 Isin garraamonni lafaa \q2 kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi // \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddadhaa. \q1 Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; \q2 isin guyyaa dheekkamsa \nd Waaqayyootti\nd* \q2 ni golbomamtu taʼaatii. \s2 Filisxeemitti \q1 \v 4 Gaazaan duwwaa hafti; \q2 Ashqaloon immoo ni onti. \q1 Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa; \q2 Eqroon immoo ni buqqifamti. \q1 \v 5 Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan, \q2 isiniif wayyoo; \q1 yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa, \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee sitti dhufeera; \q1 “Ani sin barbadeessa; \q2 namni tokko iyyuu hin hafu.” \q1 \v 6 Biyyi qarqara galaanaa, \q2 iddoon Kaliitonni jiraatan, \q2 iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa. \q1 \v 7 Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa; \q2 isaan achitti lafa dheedaa argatu. \q1 Isaan galgala galgala \q2 mana Ashqaloon keessa ciciisu. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii isaan tiksa; \q2 boojuu isaaniis ni deebisaaf. \s2 Moʼaabii fi Amoon \q1 \v 8 “Ani arrabsoo Moʼaabii fi \q2 Qoosaa Amoonotaa, \q1 warra saba koo arrabsanii fi \q2 biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera. \q1 \v 9 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 Waaqni Israaʼel; \q1 “Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom, \q2 Amoononnis akka Gomoraa, \q1 iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa, \q2 lafa bara baraan one ni taʼu. \q1 Hambaan uummata kootii isaan saamu; \q2 warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu.” \b \q1 \v 10 Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha; \q2 isaan saba \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii \q2 itti qoosaniiruutii. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* yeroo waaqota biyyattii hunda barbadeessutti, \q2 akka malee isaan sodaachisa. \q1 Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan, \q2 namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata. \s2 Itoophiyaa \q1 \v 12 “Yaa warra Itoophiyaa \q2 isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu.” \s2 Asoor \q1 \v 13 Inni kaabatti harka ol fudhata; \q2 Asoorinis ni barbadeessa; \q1 Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa; \q2 akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa. \q1 \v 14 Bushaayee fi loon, \q2 uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu. \q1 Urunguu fi dhaddeen \q2 utubaa ishee irra boqotu. \q1 Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama; \q2 diigamni balbala isaanii dura jira; \q2 demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa. \q1 \v 15 Kun magaalaa of hin eegganne \q2 kan garuu nagumaan jiraattuu dha. \q1 Magaalaan kun, \q2 “Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru” ofiin jette. \q1 Isheen akkam akkas ontee, \q2 iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate! \q1 Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa; \q2 harka isaas ni raasa. \c 3 \s2 Yerusaalem \q1 \v 1 Magaalaa cunqursitootaa, \q2 finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo! \q1 \v 2 Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; \q2 sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. \q1 Isheen \nd Waaqayyoon\nd* hin amanattu; \q2 Waaqa isheettis hin dhiʼaattu. \q1 \v 3 Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; \q2 bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa \q2 kanneen waan tokko illee ganamaaf // hin bulfannee dha. \q1 \v 4 Raajonni ishee of tuultota; \q2 isaan namoota hin amanamnee dha. \q1 Luboonni ishee iddoo qulqulluu \q2 xureessanii seeras cabsu. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; \q2 inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. \q1 Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; \q2 guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; \q2 jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan. \b \q1 \v 6 “Ani saboota nan balleessa; \q2 daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. \q1 Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef \q2 ani daandiiwwan ishee onseera. \q1 Magaalaawwan isaanii onanii \q2 nama malee, duwwaa hafu. \q1 \v 7 Ani magaalaa sanaan, \q2 ‘Ati dhugumaan na sodaatta; \q2 sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. \q1 Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu \q2 yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. \q1 Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti \q2 daba hojjechuutti ciman. \q1 \v 8 Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 “Ani sabootaa fi \q2 mootummoota walitti qabee \q1 dheekkamsa kootii fi \q2 aarii koo sodaachisaa sana hunda \q2 isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. \q1 Addunyaan guutuun ibidda \q2 hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti. \b \q1 \v 9 “Ergasii ani akka hundi isaanii // maqaa \nd Waaqayyoo\nd* waammataniif, \q2 akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis \q2 afaan namootaa nan qulqulleessa. \q1 \v 10 Warri anaaf sagadan, \q2 intallan koo kanneen bittinnaaʼan \q2 lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu. \q1 \v 11 Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan \q2 magaalaa kana keessaa baasuuf, \q1 gaafas yakka ati natti hojjette \q2 sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. \q1 Ati lammata gaara koo \q2 qulqulluu irratti of hin tuultu. \q1 \v 12 Ani garuu garraamotaa fi \q2 gad of qabeeyyii \q1 kanneen maqaa \nd Waaqayyoo\nd* amanatan \q2 si keessatti nan hambisa. \q1 \v 13 Hambaan Israaʼel \q2 yakka tokko illee hin hojjetan. \q1 Isaan soba hin dubbatan \q2 yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. \q1 Isaan nyaatanii boqotu; \q2 kan isaan sodaachisus hin jiru.” \b \q1 \v 14 Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; \q2 yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! \q1 Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii \q2 garaa kee guutuudhaan ililchi! \q1 \v 15 \nd Waaqayyo\nd* adaba kee sirraa fuudheera; \q2 inni diinota kee sirraa deebiseera. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; \q2 ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu. \q1 \v 16 Isaan gaafas \q2 Yerusaalemiin akkana ni jedhu; \q1 “Yaa Xiyoon hin sodaatin; \q2 harki kees hin laafin. \q1 \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee \q2 inni si wajjin jiru jabaa dha. \q1 Inni baayʼee sitti gammada; \q2 inni jaalala isaatiin si boqochiisa; \q2 faarfannaadhaanis sitti gammada.” \b \q1 \v 18 “Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu \q2 sirraa nan fuudha; \q2 isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu. \q1 \v 19 Ani yeroo sanatti \q2 warra si cunqursan hunda nan adaba; \q1 ani okkolaa nan baraara; \q2 warra gatamanis walitti nan qaba. \q1 Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti \q2 maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf. \q1 \v 20 Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; \q2 yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. \q1 Ani yeroo utuma isin argitanuu \q2 boojuu keessan deebisutti \q1 saba lafaa hunda gidduutti \q2 ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*.