\id ZEC - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Zakkaariyaas \toc1 Raajii Zakkaariyaas \toc2 Zakkaariyaas \toc3 Zak \mt2 Raajii \mt1 Zakkaariyaas \c 1 \s1 Gara \nd Waaqayyootti\nd* Deebiʼuu \p \v 1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe: \p \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* akka malee abbootii keessanitti aaree ture. \v 3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 4 Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu? \v 6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee? \p “Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan.” \s1 Namicha Mukkeen Kusaayee Gidduu Dhaabate \p \v 7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe. \p \v 8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture. \p \v 9 Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. \p Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe. \p \v 10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif \nd Waaqayyo\nd* ergee dha” jedhee naa ibse. \p \v 11 Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan. \p \v 12 Ergamaan \nd Waaqayyoos\nd*, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe. \v 13 \nd Waaqayyos\nd* dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate. \p \v 14 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa; \v 15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’ \p \v 16 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 17 “Ammas ittuma fufiitii \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; \nd Waaqayyos\nd* Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ ” \s1 Gaanfa Afurii fi Ogeeyyii Harkaa Afur \p \v 18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture! \v 19 Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. \p Innis, “Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha” jedhee naaf deebise. \p \v 20 \nd Waaqayyos\nd* ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise. \v 21 Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. \p Innis akkana jedhee deebise; “Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan.” \c 2 \s1 Namicha Funyoo Safaraa Qabu \p \v 1 Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture! \v 2 Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe. \p Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise. \p \v 3 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee \v 4 akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati. \v 5 Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 6 “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha \nd Waaqayyo\nd*; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 7 “Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!” \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee, \v 9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu. \p \v 10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 11 “Bara sana saboonni hedduun gara \nd Waaqayyootti\nd* deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta. \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata. \v 13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti calʼisaa.” \c 3 \s1 Uffata Qulqulluu Luba Ol Aanaa \p \v 1 Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, \nd Waaqayyo\nd* si haa ifatu! \nd Waaqayyo\nd* inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?” \p \v 3 Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture. \v 4 Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe. \p Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe. \p \v 5 Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan. \p \v 6 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne: \v 7 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna. \p \v 8 “ ‘Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida. \v 9 Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu; ‘cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa. \p \v 10 “ ‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu.” \c 4 \s1 Baattuu Ibsaatii fi Mukkeen Ejersaa \p \v 1 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun deebiʼee akkuma nama hirribaa dammaqfamuutti na dammaqse. \v 2 Innis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. \p Anis akkana jedheen deebise; “Ani baattuu ibsaa kan guutumaan guututti warqee taʼe cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, ibsaawwan torba of irraa qabu kan ibsaawwan sanaaf ujummoowwan torba qabu tokko nan arga. \v 3 Akkasumas mukkeen ejersaa lama, tokko karaa mirga cuggeetiin, kaan immoo karaa bitaa cuggeetiin jira.” \p \v 4 Anis, “Yaa gooftaa wanni kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. \p \v 5 Inni immoo, “Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?” jedhee naaf deebise. \p Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” jedheen deebise. \p \v 6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 7 “Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.” \p \v 8 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 9 “Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. \p \v 10 “Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan \nd Waaqayyoo\nd* kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha.” \p \v 11 Anis, “Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo sana gaafadhe. \p \v 12 Ammas ani, “Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!” jedheen isa gaafadhe. \p \v 13 Innis, “Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?” naan jedhe. \p Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” nan jedheen. \p \v 14 Kanaafuu inni, “Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha” jedhe. \c 5 \s1 Kitaaba Maramaa Barrisu Tokko \p \v 1 Ani ammas ol milʼadhe; kunoo kitaabni maramaan barrisu tokko fuula koo dura ture! \p \v 2 Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. \p Anis, “Kunoo ani kitaaba maramaa dhundhuma digdama dheeratee dhundhuma kudhan balʼatu tokko nan arga” jedheen deebise. \p \v 3 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’ ” \s1 Dubartii Quunnaa Keessa Jirtu Tokko \p \v 5 Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun dhufee, “Mee ol jedhii waan dhufaa jiru sana ilaali” naan jedhe. \p \v 6 Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe. \p Innis, “Kun quunnaa ittiin waa safaranii dha” jedhee deebise. Ammas itti dabalee, “Kun hammina saba guutummaa lafaa irra jiraatuu ti” jedhe. \p \v 7 Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte! \v 8 Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise. \p \v 9 Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan. \p \v 10 Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. \p \v 11 Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.” \c 6 \s1 Gaarii Afur \p \v 1 Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge! \v 2 Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa, \v 3 sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan. \v 4 Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe. \p \v 5 Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha. \v 6 Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema; kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema; kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deemaa.” \p \v 7 Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman. \p \v 8 Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe. \s1 Gonfoo Iyyaasuuf Kenname \p \v 9 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 10 “Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi. \v 11 Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Iyyaasuu lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi. \v 12 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ijaara. \v 13 Namni mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’ \v 14 Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa ni kaaʼama. \v 15 Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ni gargaaru; isinis akka \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.” \c 7 \s1 Murtii Qajeelaa fi Araara \p \v 1 Bara Daariyoos Mootichaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii afuraffaa jiʼa saglaffaa, jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara Zakkaariyaas dhufe. \v 2 Namoonni Beetʼeel akka isaan \nd Waaqayyoon\nd* kadhataniif Sharezerii fi Reege-Meleekin namoota isaanii wajjin ergan; \v 3 kunis akka isaan, “Ani akkuman waggoota hedduu godhe sana ammas jiʼa shanaffaa keessa gaddee soomuu qabaa?” jedhanii luboota mana qulqullummaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuutii fi raajota gaafataniif. \p \v 4 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu akkana jedhee gara koo dhufe; \v 5 “Uummata biyya kanaatii fi luboota hunda akkana jedhii gaafadhu; ‘Isin waggoota torbaataman darban yeroo jiʼa shanaffaa fi torbaffaa keessa soomtanii gadditanitti dhugumaan anaaf soomtanii? \v 6 Yeroo nyaattanii fi dhugdanittis ofuma keessaniif nyaattanii dhugdan mitii? \v 7 Dubbiin kun isa \nd Waaqayyo\nd* gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa raajota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’ ” \p \v 8 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* ammas akkana jedhee gara Zakkaariyaas dhufe: \v 9 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. \v 10 Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’ \p \v 11 “Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan. \v 12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare. \p \v 13 “ ‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 14 ‘Ani bubbeedhaan saba isaan hin beekne hunda gidduutti isaan nan bittinneesse. Biyyi isaanii hamma namni itti galuu fi keessaan darbu tokko iyyuu dhabamutti isaan booddee ni onte. Isaan akkasiin biyya namatti toltu sana onsan.’ ” \c 8 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Yerusaalemin Eebbisuuf Waadaa Gale \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe. \p \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira.” \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: “Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama.” \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu. \v 5 Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama.” \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa. \v 8 Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Waaqa isaanii nan taʼa.” \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isin warri amma dubbii raajonni yeroo hundeen mana \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu. \v 10 Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii. \v 11 Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 12 “Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; samiiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna. \v 13 Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa.” \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu; \v 15 “Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa. \v 16 Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa; \v 17 ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 18 Ammas dubbiin \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe. \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa.” \p \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu; \v 21 jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee \nd Waaqayyo\nd* kadhachuu fi \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu. \v 22 Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu.” \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Waaqni isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun.” \c 9 \s1 Murtii Diinota Israaʼelitti Murame \q1 \v 1 Raajiin dubbii \nd Waaqayyoo\nd* biyya Hadraakitti ni dhufa; \q2 Damaasqoo irras ni buʼa; \q1 iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara \q2 \nd Waaqayyo\nd* ni ilaalaatii; \q1 \v 2 akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, \q2 isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala. \q1 \v 3 Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; \q2 meetii akka awwaaraatti, \q2 warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti. \q1 \v 4 Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee \q2 galaana irratti barbadeessa; \q2 isheenis ibiddaan dhumti. \q1 \v 5 Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; \q2 Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; \q2 Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. \q1 Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; \q2 Eqroonis ontee hafti. \q1 \v 6 Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; \q2 anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa. \q1 \v 7 Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, \q2 nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. \q1 Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii \q2 Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; \q2 Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati. \q1 \v 8 Ani garuu loltuu cabsitee seentu \q2 mana koo irraa nan dhowwa. \q1 Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; \q2 ani amma dammaqee nan eegaatii. \s1 Dhufaatii Mooticha Xiyoon \q1 \v 9 Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! \q2 Yaa Intala Yerusaalem iyyi! \q1 Kunoo mootiin kee qajeelaan, \q2 fayyina qabatee, \q1 gad of qabee harree yaabbatee, \q2 ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira. \q1 \v 10 Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, \q2 fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; \q2 iddaan waraanaas ni caccaba. \q1 Inni sabootatti nagaa ni labsa; \q2 bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, \q2 Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata. \q1 \v 11 Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif \q2 hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee // gad nan dhiisa. \q1 \v 12 Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; \q2 ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa. \q1 \v 13 Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee \q2 Efreem keessa nan guuta. \q1 Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee \q2 ilmaan Giriikitti nan kaasa; \q2 siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha. \s1 Waaqayyo Ni Mulʼata \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* isaan irratti ni mulʼata; \q2 xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan malakata ni afuufa; \q2 inni bubbee kibbaatiin deema; \q2 \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. \q1 Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. \q2 Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii \q2 akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu. \q1 \v 16 Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. \q1 Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti \q2 biyya isaa keessatti ni calaqqisu. \q1 \v 17 Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! \q2 Midhaan dargaggoota, \q2 daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa. \c 10 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Yihuudaa ni Kunuunsa \q1 \v 1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf // \nd Waaqayyoon\nd* kadhadhaa; \q2 bakakkaa kan ergu \nd Waaqayyoo\nd* dha. \q1 Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, \q2 biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna. \q1 \v 2 Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; \q2 raajonni mulʼata sobaa argu; \q1 isaan abjuu sobaa namatti himu; \q2 waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. \q1 Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee \q2 hacuucamee asii fi achi joora. \b \q1 \v 3 “Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; \q2 ani reʼoota nan adaba; \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; \q2 lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa. \q1 \v 4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee, \q2 isa keessaa qofoon dunkaanaa, \q1 isa keessaa iddaan lolaa, \q2 isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa. \q1 \v 5 Isaan akkuma namoota jajjaboo \q2 waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. \q1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* isaan wajjin jiruuf \q2 isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu. \b \q1 \v 6 “Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; \q2 mana Yoosefis nan oolcha. \q1 Ani waanan garaa isaaniif laafuuf \q2 deebisee isaan nan dhaaba. \q1 Isaan akkuma waan ani duraanuu \q2 isaan hin gatinii taʼu; \q1 ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii ti; \q2 deebiis isaaniif nan kenna. \q1 \v 7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; \q2 garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. \q1 Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; \q2 garaan isaanii \nd Waaqayyootti\nd* ni gammada. \q1 \v 8 Ani siiqsee \q2 walitti isaan nan qaba. \q1 Ani dhugumaan isaan nan fura; \q2 isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu. \q1 \v 9 Yoo ani saboota gidduutti \q2 isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. \q1 Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; \q2 ni deebiʼus. \q1 \v 10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; \q2 Asoor keessaas walittin isaan qaba. \q1 Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; \q2 iddoon isaan gaʼus hin argamu. \q1 \v 11 Inni galaana rakkinaa keessa darba; \q2 dhaʼaa galaanaas ni rukuta; \q2 tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. \q1 Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; \q2 bokkuun mootummaa Gibxis ni bada. \q1 \v 12 Ani \nd Waaqayyoon\nd* isaan nan jabeessa; \q2 isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \c 11 \q1 \v 1 Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf \q2 balbala kee banadhu! \q1 \v 2 Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu; \q2 mukkeen ulfina qaban badaniiru! \q1 Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu; \q2 bosonni gobbuun ciramee dhumeera! \q1 \v 3 Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa; \q2 lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii! \q1 Aaduu leencaa dhagaʼaa; \q2 bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii! \s1 Tiksitoota Lama \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi. \v 5 Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘\nd Waaqayyoon\nd* galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan. \v 6 Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.” \p \v 7 Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe. \v 8 Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse. \p Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite; \v 9 akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.” \p \v 10 Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse. \v 11 Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii \nd Waaqayyoo\nd* taʼe beekan. \p \v 12 Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan. \p \v 13 \nd Waaqayyos\nd* gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti mankuusa keessa nan buuse. \p \v 14 Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse. \p \v 15 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi. \v 16 Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa. \q1 \v 17 “Tiksee faayidaa hin qabne \q2 kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! \q1 Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! \q2 Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; \q2 iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!” \c 12 \s1 Diinonni Yerusaalem ni barbadeeffamu \p \v 1 Kun raajii dubbii \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Israaʼel dubbatuu dha. \b \p \nd Waaqayyo\nd* samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha: \v 2 “Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti. \v 3 Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu. \v 4 Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa. \v 5 Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu Waaqa isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu. \p \v 6 “Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti. \p \v 7 “\nd Waaqayyo\nd* akka ulfinni mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara. \v 8 Gaafas \nd Waaqayyo\nd* jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawit taʼa; manni Daawitis akka Waaqaa, akka ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* isa isaan dura deemuu ni taʼa. \v 9 Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa. \s1 Isa Waraanan Sanaaf Booʼuu Isaanii \p \v 10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura surraatii fi kadhannaa nan dhangalaasa. Isaan ana isa waraanan sana ni ilaalu; isaan akkuma nama ilma tokkichaaf booʼuutti ni booʼuuf; akkuma nama ilma hangafaaf baayʼisee gadduuttis ni gadduuf. \v 11 Gaafas booʼichi Yerusaalem keessaa akkuma booʼicha dirree Megidoonitti Hadaad Rimooniif booʼame sanaa guddaa taʼa. \v 12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon balbalaas niitota isaanii wajjin ofii isaaniitiif ni booʼu; balballi mana Daawitii fi niitonni isaanii, balballi mana Naataaniitii fi niitonni isaanii, \v 13 balballi mana Lewwii fi niitonni isaanii, balballi Shimeʼiitii fi niitonni isaanii, \v 14 balbalawwan hafan hundii fi niitonni isaanii ni booʼu. \c 13 \s1 Cubbuu Irraa Qulqullaaʼuu \p \v 1 “Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama. \p \v 2 “Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa. \v 3 Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu. \p \v 4 “Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu. \v 5 Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha. \v 6 Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa. \s1 Tikseen Ni Rukutama, Hoolonni ni Bittinnaaʼu \q1 \v 7 “Yaa goraadee, tiksee kootti, \q2 nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedha \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \q1 “Ati tiksee rukuti; \q2 hoolonni ni bittinneeffamu; \q2 anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha. \q1 \v 8 Lafa hunda irratti” jedha \nd Waaqayyo\nd*, \q2 “Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada; \q2 taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa. \q1 \v 9 Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; \q2 akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; \q2 akka warqeetti isaan nan qora. \q1 Isaan maqaa koo ni waammatu; \q2 anis deebii nan kennaaf; \q1 ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; \q2 isaan immoo, ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya’ jedhu.” \c 14 \s1 \nd Waaqayyo\nd* ni Dhufa; ni Moʼas \p \v 1 Kunoo guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* ni dhufa; boojuun kees si keessatti ni qoqqoodama. \p \v 2 Ani akka isaan ishee waraananiif saboota hunda Yerusaalemitti walitti nan qaba; magaalattiin ni qabamti; manneen ni saamamu; dubartoonni isaanii humnaan gudeedamu. Gartokkeen magaalattii ni boojiʼama; uummanni hafe garuu magaalattii keessaa hin fudhatamu. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkuma guyyaa duulaa dhaqee lolu sana, dhaqee saboota sana lola. \v 4 Guyyaa sana miilli isaa Tulluu Ejersaa isa karaa baʼa Yerusaalemiitiin jiru irra dhaabata; Tulluun Ejersaas baʼaa gara dhiʼaatti sulula guddaa uumee iddoo lamatti baqaqfama. Tulluun sunis gartokkeen isaa gara kaabaatti, gartokkeen isaa immoo gara kibbaatti siqa. \v 5 Isin karaa sulula tulluu kootiin baqattu; inni gara Aazeelitti diriirfamaatii. Isin akkuma bara Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa sochii lafaa jalaa baqattan sana ammas ni baqattu. Ergasii \nd Waaqayyo\nd*, Waaqni koo ni dhufa; qulqulloonni hundinuus isa wajjin ni dhufu. \p \v 6 Guyyaa sana ifni, dhaamochii fi qorri hin jiraatan. \v 7 Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa \nd Waaqayyo\nd* qofa biratti beekamu, yeroo itti garaagarummaan guyyaa fi halkanii hin beekamne ni taʼa. Yeroo dhiʼutti ifa ni taʼa. \p \v 8 Gaafas bishaan jireenyaa Yerusaalem keessaa ni yaaʼa; walakkaan isaa gara galaana baʼaatti, walakkaan immoo gara galaana lixaatti bonaa fi ganna yaaʼa. \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas \nd Waaqayyo\nd* tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa. \p \v 10 Guutummaan biyyattii Gebaadhaa hamma Rimoon ishee kibba Yerusaalem jirtuutti akka Arabbaa taʼa. Yerusaalem garuu Karra Beniyaamii hamma Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, Gamoo Hanaaniʼeelii hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti ol kaafamtee iddoodhuma ishee durii ni turti. \v 11 Namni ishee keessa jiraata; isheen siʼachi hin diigamtu. Yerusaalem nagaadhaan jiraatti. \p \v 12 Kun dhaʼicha \nd Waaqayyo\nd* ittiin saboota Yerusaalemin lolan hunda rukutuu dha: Foon isaanii utuma isaan miilla isaaniitiin dhaabatanii jiranuu tortora; iji isaanii boolla ija isaanii keessatti tortora; arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti tortora. \v 13 Gaafas jeequmsi guddaan \nd Waaqayyo\nd* biraa namootatti ni dhufa. Isaanis harkaan wal qabatanii wal haleelu \v 14 Yihuudaanis Yerusaalemin lola. Qabeenyi saboota naannoo ishee jiraatanii hundi warqeen, meetii fi uffanni baayʼeen walitti qabama. \v 15 Dhaʼichi akkasii fardeenii fi gaangolii, gaalaa fi harree, akkasumas horii qubata keessaa hunda ni rukuta. \p \v 16 Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu. \v 17 Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu. \v 18 Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. \nd Waaqayyo\nd* dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida. \v 19 Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa. \p \v 20 Gaafas katabbiin, “\nd Waaqayyoof\nd* qulqullaaʼe” jedhu bilbila fardeenii irratti ni barreeffama. Xuwween mana \nd Waaqayyoo\nd* keessaas akkuma waciitii qulqulluu fuula iddoo aarsaa dura jiru sanaa ni taʼa. \v 21 Xuwween Yerusaalemii fi Yihuudaa keessaa hundi \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf qulqulluu taʼa; namni aarsaa dhiʼeessuuf dhufu hundinuus xuwweewwan sana keessaa muraasa ni fudhata. Foon aarsaa itti bilcheeffata. Gaafas namni Kanaʼaan tokko iyyuu deebiʼee mana \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu keessatti hin argamu.