\id SNG - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Weedduu \toc1 Weedduu Weeddotaa \toc2 Weedduu \toc3 Wed \mt1 Weedduu \mt2 Weeddotaa \c 1 \p \v 1 Weedduu Weeddotaa Solomoon. \sp Ishee \q1 \v 2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; \q2 jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii. \q1 \v 3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; \q2 maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. \q2 Kanaafuu dubarran si jaallatu! \q1 \v 4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! \q2 Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. \sp Michoota \q1 Nu sitti gammannee ililchina; \q2 jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. \sp Ishee \q1 Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha! \b \q1 \v 5 Intallan Yerusaalem, \q2 ani akkuma dunkaana Qeedaar, \q1 akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; \q2 garuu bareedduu dha. \q1 \v 6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; \q2 aduutu na gurraachesseetii. \q1 Ilmaan haadha koo natti aaranii \q2 akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; \q2 ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne. \q1 \v 7 Yaa isa ani si jaalladhu, \q2 iddoo bushaayee kee tikfattuu fi \q2 iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. \q1 Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee \q2 bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa? \sp Michoota \q1 \v 8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, \q2 ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; \q1 ilmoolee reʼoota keetiis \q2 dunkaana tiksootaa bira tikfadhu. \sp Isa \q1 \v 9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa \q2 fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala. \q1 \v 10 Maddiin kee amartii gurraatiin, \q2 mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera. \q1 \v 11 Nu warqee gurraa \q2 meetiidhaan wal make siif tolchina. \sp Ishee \q1 \v 12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu \q2 shittoon koo urgaa isaa kenne. \q1 \v 13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; \q2 inni guntuta koo gidduu boqota. \q1 \v 14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa \q2 kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha. \sp Isa \q1 \v 15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! \q2 Dinqii akkam bareedda! \q2 Iji kee gugee fakkaata. \sp Ishee \q1 \v 16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! \q2 Dinqii akkam namatti tolta! \q2 Margi lalisaan siree keenya. \sp Isa \q1 \v 17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; \q2 dagaleen isaa immoo gaattiraa dha. \c 2 \sp Ishee \q1 \v 1 Ani daraaraa Shaaroon; \q2 daraaraa sulula keessaa ti. \sp Isa \q1 \v 2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti \q2 akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti. \sp Isa \q1 \v 3 Michuun koo dargaggoota gidduutti \q2 akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. \q1 Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; \q2 iji isaas natti miʼaawa. \q1 \v 4 Inni galma cidhaatti na geesse; \q2 akeekni inni naaf qabu jaalala. \q1 \v 5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef \q2 isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; \q2 muka hudhaatiinis na haaromsaa. \q1 \v 6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; \q2 harki isaa mirgaa immoo na hammata. \q1 \v 7 Yaa intallan Yerusaalem, \q2 ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; \q1 hamma isheen ofumaan feetee kaatutti \q2 jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. \b \q1 \v 8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee \q2 gaarran irras qaariʼee dhufaa jira. \q1 \v 9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. \q2 Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee \q1 foddaa keessaan ilaalaa \q2 qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira. \q1 \v 10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; \q2 “Yaa miidhagduu koo kaʼi! \q2 Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi. \q1 \v 11 Kunoo! Ganni darbeera; \q2 bokkaanis caamee sokkeera. \q1 \v 12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera; \q2 waqtiin sirbaa gaʼeera; \q1 wacni gugees \q2 biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira. \q1 \v 13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; \q2 wayiniin daraares urgaa kenneera. \q1 Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; \q2 yaa bareedduu koo na wajjin deemi.” \sp Isa \q1 \v 14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, \q2 kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, \q1 mee fuula kee na argisiisi; \q2 mee sagalee kee na dhageessisi; \q1 sagaleen kee miʼaawaadhaatii; \q2 fuulli kees namatti tola. \q1 \v 15 Mee waangoo, \q2 waangoodhuma xixinnoo ishee \q1 kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; \q2 iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii. \sp Ishee \q1 \v 16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; \q2 inni daraaraa keessa dheechifata. \q1 \v 17 Yaa michuu ko, \q2 hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; \q1 akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa \q2 kan tulluuwwan irra jiruus taʼi. \b \c 3 \q1 \v 1 Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee \q2 nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; \q2 ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne. \q1 \v 2 Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, \q2 daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; \q1 nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. \q2 Kanaafuu ani isa nan barbaade; \q2 garuu isa hin arganne. \q1 \v 3 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; \q2 anis, “Michuu koo argitanii?” \q2 jedheen isaan gaafadhe. \q1 \v 4 Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, \q2 nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. \q1 Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, \q2 diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti \q2 ol galchutti gad isa hin dhiisne. \q1 \v 5 Yaa intallan Yerusaalem, \q2 ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; \q1 hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, \q2 jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. \b \q1 \v 6 Isheen qumbii fi ixaana \q2 urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee \q1 akkuma utubaa aaraa \q2 gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu? \q1 \v 7 Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama \q2 warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti. \q1 \v 8 Hundi isaanii goraadee hidhatu; \q2 hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; \q1 tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii \q2 luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan. \q1 \v 9 Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; \q2 innis muka Libaanoon irraa tolfate. \q1 \v 10 Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; \q2 jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. \q1 Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; \q2 keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame. \q1 \v 11 Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; \q2 inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, \q1 guyyaa garaan isaa gammadetti, \q2 mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera. \c 4 \sp Isa \q1 \v 1 Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! \q2 Dinqii ati akkam bareedda! \q2 Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. \q1 Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa \q2 kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti. \q1 \v 2 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee \q2 dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; \q2 isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 3 Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; \q2 haasaan kee namatti tola. \q1 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti \q2 roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata. \q1 \v 4 Mormi kee gamoo Daawit \q2 kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; \q1 isa irratti gaachana kumatu rarraafama; \q2 hundinuu gaachana loltootaa ti. \q1 \v 5 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee \q2 kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti. \q1 \v 6 Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, \q2 ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa. \q1 \v 7 Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; \q2 ati mudaa tokko illee hin qabdu. \b \q1 \v 8 Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu; \q2 Libaanoonii na wajjin kottu. \q1 Fiixee Amaanaa irraa, \q2 fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi; \q1 holqa leencaa keessaa, \q2 tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi. \q1 \v 9 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; \q2 ati milʼuu ija keetii tokkoon, \q2 faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta. \q1 \v 10 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, // jaalalli kee akkam nama gammachiisa! \q2 Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis \q2 urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola! \q1 \v 11 Yaa misirrittii ko, \q2 hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; \q2 aannanii fi dammi arraba kee jala jira. \q1 Urgaan uffata keetii \q2 akkuma urgaa Libaanoon. \q1 \v 12 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, \q2 ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; \q2 ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha. \q1 \v 13 Biqiltuun kee iddoo roomaanii \q2 kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha; \q2 \v 14 akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, \q2 qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, \q2 qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba. \q1 \v 15 Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; \q2 bishaan boollaa yaaʼu \q2 kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha. \sp Ishee \q1 \v 16 Yaa bubbee kaabaa dammaqi; \q2 bubbeen kibbaas kottu! \q1 Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf \q2 biqiltuu koo irratti bubbisi. \q1 Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee \q2 ija filatamaa haa nyaatu. \c 5 \sp Isa \q1 \v 1 Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, // ani dhufee biqiltuu koo seeneera; \q2 ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. \q1 Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; \q2 daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. \sp Michoota \q1 Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; \q2 jaalalas dhugaa quufaa. \sp Ishee \q1 \v 2 Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. \q2 Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; \q1 inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, \q2 gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. \q1 Mataan koo fixeensaan, \q2 rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.” \q1 \v 3 Ani uffata koo of irraa baaseera; \q2 akkamittan deebisee uffadha ree? \q1 Miilla koo dhiqadheera; \q2 akkamittan deebisee xureessa ree? \q1 \v 4 Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; \q2 lapheen koo isaaf ni dhaʼate. \q1 \v 5 Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe; \q2 qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin, \q2 quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe. \q1 \v 6 Ani michuu kootiif balbala nan bane; \q2 michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera. \q2 Deemuu isaattis garaan koo ni rifate. \q1 Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne. \q2 Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne. \q1 \v 7 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan. \q2 Isaanis na reebanii na madeessan; \q2 warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan! \q1 \v 8 Yaa intallan Yerusaalem, \q2 isin michuun koo yoo argitan \q1 jaalalaan dhukkubsachuu koo akka \q2 isatti naaf himtan isinan kakachiisa. \sp Michoota \q1 \v 9 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, \q2 michuun kee maaliin warra kaan caala? \q1 Ati kan akkas nu kakachiiftu, \q2 michuun kee maaliin warra kaan caala? \sp Ishee \q1 \v 10 Michuun koo diimaa cululuqaa dha; \q2 inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata. \q1 \v 11 Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; \q2 rifeensi mataa isaa jigaa dha; \q2 akkuma arraagessaas gurraacha. \q1 \v 12 Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa \q2 kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha. \q1 \v 13 Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. \q2 Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti. \q1 \v 14 Harki isaa ulee warqee \q2 kan biiraleedhaan faayeffamee dha. \q1 Dhagni isaa akkuma ilka arbaa \q2 kan sanpeeriin miidhagfamee dha. \q1 \v 15 Miilli isaa utubaa dhagaa adii \q2 kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. \q1 Bifti isaa akkuma Libaanoon, \q2 akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha. \q1 \v 16 Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; \q2 inni guutumaan guutuutti namatti tola. \q1 Yaa intallan Yerusaalem, \q2 kun michuu koo ti; kun michuu koo ti. \c 6 \sp Michoota \q1 \v 1 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, \q2 michuun kee eessa dhaqe? \q1 Akka nu si wajjin barbaannuuf \q2 michuun kee garamitti gore? \sp Ishee \q1 \v 2 Michuun koo iddoo biqiltuu keessa \q2 hoolota isaa tikfachuu fi \q1 daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, \q2 lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera. \q1 \v 3 Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; \q2 inni daraaraa keessa dheechifata. \sp Isa \q1 \v 4 Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; \q2 akkuma Yerusaalem namatti tolta; \q2 akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda. \q1 \v 5 Ija kee narraa buqqisi; \q2 inni na jeeqeeraatii. \q1 Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota \q2 Giliʼaad irraa gad buʼanii ti. \q1 \v 6 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa \q2 kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; \q2 isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 7 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti \q2 roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata. \q1 \v 8 Mootittiiwwan jaatamni, // saajjatoon saddeettamnii fi \q2 dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun // jiraachuu dandaʼu; \q1 \v 9 gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; \q2 isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; \q2 haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. \q1 Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; \q2 mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan. \sp Michoota \q1 \v 10 Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, \q2 kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, \q2 kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu? \sp Isa \q1 \v 11 Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, \q2 akka wayiniin hudhaa baase \q1 yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf \q2 gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe. \q1 \v 12 Utuu ani hin hubatin, \q2 lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste. \sp Michoota \q1 \v 13 Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; \q2 akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! \sp Isa \q1 Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti \q2 maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu? \b \c 7 \q1 \v 1 Yaa intala ilma mootii, \q2 miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! \q1 Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa \q2 kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata. \q1 \v 2 Handhuurri kee xoofoo geengoo \q2 kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa // hin dhabamin fakkaata. \q1 Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii \q2 kan daraaraadhaan marfame fakkaata. \q1 \v 3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee \q2 kanneen lakkuu dhalatanii ti. \q1 \v 4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. \q1 Iji kee haroo Heshboon \q2 kan karra Baatrabii biraa fakkaata. \q1 Funyaan kee gamoo Libaanoon \q2 kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata. \q1 \v 5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. \q2 Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; \q2 mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama. \q1 \v 6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin \q2 akkam bareedda; akkamis namatti tolta! \q1 \v 7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; \q2 guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata. \q1 \v 8 Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; \q2 ija isaa nan qabadha” nan jedhe. \q1 Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, \q2 urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti; \q2 \v 9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. \sp Ishee \q1 Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi \q2 ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu. \q1 \v 10 Ani kan michuu koo ti; \q2 hawwiin isaas anumaaf. \q1 \v 11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; \q2 gandoota achii keessa haa bullu. \q1 \v 12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate, \q2 akka daraaraan ija banatee fi \q1 akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee \q2 gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; \q2 anis achitti jaalala koo siif nan kenna. \q1 \v 13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; \q2 yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, \q1 haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi \q2 balbala keenya dura jira. \c 8 \q1 \v 1 Utuu ati akka obboleessa koo \q2 kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! \q1 Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; \q2 namni tokko iyyuu na hin tuffatu. \q1 \v 2 Anis si dura deemee mana haadha koo \q2 ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. \q1 Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame \q2 cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture. \q1 \v 3 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; \q2 harki isaa mirgaa immoo na hammata. \q1 \v 4 Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; \q2 hamma isheen ofumaan feetee kaatutti \q2 jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. \sp Michoota \q1 \v 5 Kan michuu isheetti irkattee \q2 gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? \sp Ishee \q1 Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; \q2 haati kee achitti si ulfoofte; \q2 achumattis ciniinsifattee si deesse. \q1 \v 6 Akkuma chaappaatti laphee kee irra, \q2 akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; \q1 jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; \q2 hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. \q1 Inni akkuma ibidda balaliʼuu, \q2 akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. \q1 \v 7 Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; \q2 lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. \q1 Namni tokko qabeenya mana isaa hunda \q2 yoo jaalalaaf kenne \q2 qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama. \sp Michoota \q1 \v 8 Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; \q2 isheen guntuta iyyuu hin baafne. \q1 Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti \q2 nu obboleettii keenyaaf maal goona? \q1 \v 9 Utuu isheen dallaa dhagaa taatee \q2 nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. \q1 Utuu isheen balbala taatee \q2 nu silaa birbirsaan ishee marsina. \sp Ishee \q1 \v 10 Ani dallaa dhagaa ti; \q2 guntunni koos akkuma gamoo ti. \q1 Kanaafuu ani fuula isaa duratti \q2 akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture. \q1 \v 11 Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; \q2 innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. \q1 Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa \q2 meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture. \q1 \v 12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; \q2 yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; \q2 dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti. \sp Isa \q1 \v 13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, \q2 michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; \q2 mee anis nan dhagaʼa! \sp Ishee \q1 \v 14 Yaa michuu ko, dafii kottu; \q2 akka kuruphee \q1 yookaan akka korma gadamsaa \q2 kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.