\id RUT - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Ruut \toc1 Kitaaba Ruut \toc2 Ruut \toc3 Rut \mt2 Kitaaba \mt1 Ruut \c 1 \s1 Naaʼomiinii fi Ruut \p \v 1 Bara abbootiin murtii bulchaa turanitti beelli biyyatti buʼe; namichi Beetlihem Yihuudaa keessa jiraatu tokko niitii isaatii fi ilmaan isaa lamaan fudhatee biyya Moʼaab jiraachuu dhaqe. \v 2 Maqaan namichaa Eliimelek, maqaan niitii isaa Naaʼomiin, maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Mahiloonii fi Kiliiyoon jedhama ture. Isaanis namoota Efraataa kan biyya Yihuudaa Beetlihem keessa jiraatan turan. Jarris biyya Moʼaab dhaqanii achi jiraatan. \p \v 3 Eliimelek dhirsi Naaʼomiin ni duʼe; isheenis ilmaan ishee lamaan wajjin hafte. \v 4 Isaanis dubartoota Moʼaab fuudhan; isheen tokko Orphaa kaan immoo Ruut jedhamti. Erga isaan waggaa kudhan achi jiraatanii booddee, \v 5 Mahiloonii fi Kiliiyoon ni duʼan. Naaʼomiinis ilmaan ishee lamaanii fi dhirsa ishee dhabdee kophaa hafte. \p \v 6 Isheenis utuu Moʼaab jirtuu akka \nd Waaqayyo\nd* saba isaa yaadatee nyaata kenneef dhageesse; Naaʼomiinii fi Niitonni ilmaan ishees gara biyya isheetti deebiʼuuf qophaaʼan. \v 7 Isheenis iddoo jiraachaa turtee kaatee niitota ilmaan ishee wajjin gara biyya Yihuudaatti deebiʼuuf karaa qabatte. \p \v 8 Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; “Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana \nd Waaqayyo\nd* isiniif haa arjoomu. \v 9 \nd Waaqayyo\nd* tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu.” \p Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii \v 10 “Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina” jedhaniin. \p \v 11 Naaʼomiin garuu akkana jette; “Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa? \v 12 Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee, \v 13 isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki \nd Waaqayyoo\nd* natti garagaleeraatii!” \p \v 14 Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite. \p \v 15 Naaʼomiinis, “Kunoo, waarsaan kee gara saba isheetii fi waaqota isheetti deebiʼaa jirti. Atis ishee wajjin deebiʼi” jetteen. \p \v 16 Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa. \v 17 Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme \nd Waaqayyo\nd* na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu.” \v 18 Naaʼomiinis yeroo akka Ruut ishee wajjin deemuuf murteessite hubattetti ishee dirqisiisuu dhiifte. \p \v 19 Kanaafuu dubartoonni lachuu hamma Beetlihemitti deeman. Yommuu isaan Beetlihem gaʼanittis sababii isaaniitiif guutummaan magaalattii raafamte; dubartoonnis, “Isheen kun Naaʼomiinii?” jedhan. \p \v 20 Isheenis akkana isaaniin jette; “Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa. \v 21 Ani harka guutuudhaan baʼe; \nd Waaqayyo\nd* garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? \nd Waaqayyo\nd* na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii.” \p \v 22 Kanaafuu Naaʼomiin, niitii ilma ishee Ruut Moʼaabittii wajjin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Moʼaabii gara Beetlihemitti deebite. \c 2 \s1 Ruut Lafa qotiisaa Boʼeez Keessatti \p \v 1 Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte. \p \v 2 Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. \p Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen. \v 3 Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture. \p \v 4 Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “\nd Waaqayyo\nd* isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. \p Isaanis deebisanii, “\nd Waaqayyo\nd* si haa eebbisu!” jedhaniin. \p \v 5 Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate. \p \v 6 Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte. \v 7 Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.” \p \v 8 Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi. \v 9 Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.” \p \v 10 Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte. \p \v 11 Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera. \v 12 \nd Waaqayyo\nd* waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.” \p \v 13 Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.” \p \v 14 Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. \p Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef. \v 15 Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa. \v 16 Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.” \p \v 17 Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii\f + \fr 2:17 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 40.\ft*\f* tokkoo taʼe. \v 18 Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef. \p \v 19 Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. \p Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette. \p \v 20 Naaʼomiinis, “\nd Waaqayyo\nd* inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette. \p \v 21 Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen. \p \v 22 Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette. \p \v 23 Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte. \c 3 \s1 Ruutii fi Boʼeez Oobdii Midhaanii Irratti \p \v 1 Gaaf tokko Naaʼomiin haati dhirsa ishee akkana isheedhaan jette; “Yaa intala ko, ani akka ati itti boqottuuf mana mijaaʼaa siif barbaaduu hin qabuu? \v 2 Boʼeez namichi ati tajaajiltoota isaa dubarran sana wajjin turte sun fira keenya mitii? Inni edana oobdiitti garbuu qulleeffata. \v 3 Kanaafuu dhidhiqadhuutii shittoo dibadhu; uffata kee isa bareedaa illee uffadhu. Ergasiis gara oobdichaa dhaqi; inni garuu hamma nyaatee dhugee raawwatutti akka ati achi jirtu hin beekin. \v 4 Yeroo inni rafutti iddoo inni rafe hubadhu. Ergasii dhaqiitii wayyaa miilla isaa irraa saaqii ciisi. Innis waan ati gochuu qabdu sitti hima.” \p \v 5 Ruutis, “Ani waan ati jettu hunda nan godha” jettee deebifte. \v 6 Kanaafuu Ruut gara oobdii sanaatti gad buutee waan haati dhirsa ishee godhi jetteen hundumaa goote. \p \v 7 Boʼeezis erga nyaatee dhugee gammadee booddee achi fagaatee tuulaa midhaanii bira rafuu dhaqe. Ruutis suuta jettee dhaqxee miilla isaa irraa wayyaa saaqxee rafte. \v 8 Halkan walakkaatti wanni tokko namicha rifachiise; innis yommuu of irra garagalee ilaaletti dubartii miilla isaa jala ciiftu tokko arge. \p \v 9 Innis, “Ati eenyu?” jedhee gaafate. \p Isheenis, “Ana Ruut tajaajiltuu kee ti. Ati sababii na dhaaluuf fira dhiʼoo taateef handaara wayyaa keetii narra buusi” jetteen. \p \v 10 Innis deebisee akkana jedheen; “Yaa intala too, \nd Waaqayyo\nd* si haa eebbisu; arjummaan kun arjummaa ati kanaan dura goote sana caala; ati dargaggeessa yookaan sooressa yookaan hiyyeessa faana hin deemneetii. \v 11 Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka. \v 12 Akka ani fira dhiʼoo taʼe beekamaa dha; taʼus namni dhaaluudhaaf ana caalaa fira dhiʼoo taʼe jira. \v 13 Asuma buli; bori ganama namichi yoo si dhaaluu barbaade gaarii dha; inni si haa dhaalu. Yoo inni si dhaaluu hin barbaanne garuu dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani sin dhaala. Hamma lafti bariitutti asuma ciisi.” \p \v 14 Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti miilla isaa jala ciifte; garuu utuu namni tokko iyyuu hin beekin dursitee kaate; Boʼeez, “Dubartiin gara oobdii kanaa dhufuun ishee beekamuu hin qabu” jedheeraatii. \p \v 15 Akkasumas, “Wayyaa irraan uffatte ofi irraa fuudhii diriirsii qabi” jedheen. Isheenis ni diriirsite; inni garbuu safartuu jaʼa safaree ishee baachise. Ergasiis gara magaalaatti deebite. \p \v 16 Yommuu Ruut gara haadha dhirsa isheetti deebitetti Naaʼomiin, “Yaa intala ko, wanni sun akkam taʼe?” jettee ishee gaafatte. \p Isheenis waan Boʼeez isheef godhe hunda itti himte; \v 17 itti dabaltees, “ ‘Gara haadha dhirsa keetti harka duwwaa hin deebiʼin’ jedhee garbuu safartuu jaʼaa kana naa kenne” jetteen. \p \v 18 Naaʼomiin immoo, “Yaa intala ko, hamma waan dhufu argitutti obsi. Namichi hamma dubbiin kun harʼa fala argatutti hin boqotu” isheedhaan jette. \c 4 \s1 Boʼeez Ruutin Fuudhuu Isaa \p \v 1 Boʼeez gara karra magaalaatti baʼee achi taaʼe. Innis yommuu namichi dhaaluuf isa caalaa fira dhiʼoo taʼe sun dhufetti, “Yaa michuu ko, as kottuutii na bira taaʼi” jedheen. Kanaafuu inni dhaqee taaʼe. \p \v 2 Boʼeezis maanguddoota magaalaa keessaa kudhan waamee, “As taaʼaa” jedheen; isaanis ni tataaʼan. \v 3 Kana irratti namicha dhaaluuf aantummaa qabu sanaan akkana jedhe; “Naaʼomiin isheen Moʼaabii deebite sun lafa obboleessa keenya Eliimelek gurguruuf jirti. \v 4 Kanaafuu akka ati fuula warra as tataaʼaniitii fi fuula maanguddoota saba kootii duratti lafa kana bittuuf ani waan kana sitti himuu yaade. Yoo ofii keetiif dhaaluu barbaadde dhaali. Yoo dhaaluu baatte garuu akka ani beekuuf natti himi. Waan kana gochuuf si malee namni mirga qabu tokko iyyuu hin jiruutii; namni sitti aanee aantummaa qabu ana.” \p Namichis, “Ani nan dhaala” jedhe. \p \v 5 Boʼeezis, “Egaa gaafa Naaʼomiinii fi Ruuti Moʼaabittii irraa lafa bittutti ati maqaa namicha duʼe sanaa qabeenya isaatiin waamsisuudhaaf niitii isaa illee fudhachuu qabda” jedheen. \p \v 6 Kana irratti firri dhiʼoo sun, “Yoos ani qabeenya mataa kootti rakkina fiduu dandaʼaatii dhaaluu hin dandaʼu. Ati mataan kee mirga dhaaluu kootii fudhadhuutii dhaali. Ani waan kana gochuu hin dandaʼu” jedheen. \p \v 7 Bara durii biyya Israaʼeliitti dhaalaa fi qabeenya walitti dabarsuun gareen tokko kophee isaa of irraa baasee garee kaaniif kennuudhaan mirkaneeffama ture. Israaʼel keessatti bituu fi gurguruun haaluma kanaan mirkaneeffama ture. \p \v 8 Kanaafuu namichi dhaaluuf fira dhiʼoo ture sun Boʼeeziin, “Ati mataan kee bitadhu” jedhee kophee of irraa baase. \p \v 9 Boʼeezis maanguddootaa fi saba hundaan akkana jedhe; “Akka ani qabeenya Eliimelek, qabeenya Kiliiyooniitii fi qabeenya Mahiloon hunda Naaʼomiin irraa bite isin harʼa dhugaa baatota. \v 10 Akkasumas akka maqaan isaa maatii isaa keessaa yookaan biyya isaa keessaa hin badneef ani qabeenya isaatiin maqaa isaa waamsisuudhaaf Ruuti Moʼaabittii niitii Mahiloon kana niitii godhadhee fuudhuu kootiif isin harʼa dhugaa baatota!” \p \v 11 Maanguddoonnii fi namoonni karra sana dura turan hundinuu akkana jedhan; “Nu dhugaa baatota. \nd Waaqayyo\nd* dubartii mana kee dhufaa jirtu kana akka Raahelii fi Liyaa warra tokkummaadhaan mana Israaʼel ijaaran sanaa haa godhu. Ati Efraataa keessatti nama jabaa, Beetlihem keessatti immoo beekamaa taʼi. \v 12 Karaa sanyii \nd Waaqayyo\nd* dubartii dargaggeettii kana irraa siif kennuutiin maatiin kee akkuma maatii Faares isa Taamaar Yihuudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.” \s1 Hidda Dhaloota Daawit \r 4:18‑22 kwf – \xt 1Sn 2:5‑15; Mat 1:3‑6; Luq 3:31‑33\xt* \p \v 13 Kanaafuu Boʼeez Ruutin fudhatee niitii godhate. Ishee wajjinis ciise; \nd Waaqayyos\nd* akka isheen ulfooftee ilma deessu ishee gargaare. \v 14 Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; “\nd Waaqayyo\nd* inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu! \v 15 Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii.” \p \v 16 Naaʼomiinis mucicha fuutee hammatte; guddiftuu isaa illee taate. \v 17 Dubartoonni ollaas, “Naaʼomiin mucaa argatte” jedhan. Maqaa isaas Oobeedi jedhan. Inni akaakayyuu Daawit, abbaa Isseey. \b \lh \v 18 Egaa hiddi dhaloota Faares kanaa dha: \b \li1 Faares abbaa Hezroon; \li1 \v 19 Hezroon immoo abbaa Raam; \li1 Raam abbaa Amiinaadaab; \li1 \v 20 Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon; \li1 Nahishoon abbaa Salmoon; \li1 \v 21 Salmoon immoo abbaa Boʼeez; \li1 Boʼeez immoo abbaa Oobeedi; \li1 \v 22 Oobeedi immoo abbaa Isseey; \li1 Isseey immoo abbaa Daawit.