\id ROM - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Roomaa \toc1 Roomaa \toc2 Roomaa \toc3 Rom \mt1 Roomaa \c 1 \s1 Ergaa Phaawulos Warra Roomaatti Erge \po \v 1 Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa: \v 2 Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha. \v 3 Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee, \v 4 akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos. \v 5 Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra. \v 6 Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu. \po \v 7 Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf: \po Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. \s1 Phaawulos Roomaa Daawwachuuf Hawwuu Isaa \p \v 8 Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha. \v 9 Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti; \v 10 ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha. \p \v 11 Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa; \v 12 kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf. \v 13 Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu. \p \v 14 Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba. \v 15 Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma. \p \v 16 Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf. \v 17 Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata”\f + \fr 1:17 \fr*\ft \+xt Anb 2:4\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \s1 Dheekkamsa Waaqaa \p \v 18 Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu; \v 19 kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii. \v 20 Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. \p \v 21 Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe. \v 22 Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan; \v 23 ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran. \p \v 24 Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne. \v 25 Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen. \p \v 26 Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran. \v 27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan. \p \v 28 Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. \v 29 Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota, \v 30 warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha; \v 31 isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha. \v 32 Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu. \c 2 \s1 Murtii Waaqaa Qajeelaa \p \v 1 Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii. \v 2 Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna. \v 3 Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa? \v 4 Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa? \p \v 5 Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta. \v 6 Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.”\f + \fr 2:6 \fr*\ft \+xt Far 62:12; Fak 24:12\+xt*\ft*\f* \v 7 Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. \v 8 Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. \v 9 Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa. \v 10 Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa. \v 11 Waaqni nama wal hin caalchisuutii. \p \v 12 Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama. \v 13 Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti. \v 14 Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera. \v 15 Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu. \v 16 Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa. \s1 Yihuudootaa fi Seera \p \v 17 Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Waaqaanis of jajju taate, \v 18 yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte, \v 19 warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante, \v 20 karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte, \v 21 egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa? \v 22 Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa? \v 23 Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Waaqa ni salphiftaa? \v 24 “Sababii keessaniif maqaan Waaqaa Namoota Ormaa gidduutti arrabsama”\f + \fr 2:24 \fr*\ft \+xt Isa 52:5; His 36:22\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameeraatii. \p \v 25 Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta. \v 26 Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree? \v 27 Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura. \p \v 28 Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti. \v 29 Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Waaqa biratti malee nama biratti hin jajamu. \c 3 \s1 Amanamummaa Waaqaa \p \v 1 Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii? \v 2 Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname. \p \v 3 Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa? \v 4 Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, \q1 “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, \q2 yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf”\f + \fr 3:4 \fr*\ft \+xt Far 51:4\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \p \v 5 Yoo jalʼinni keenya qajeelina Waaqaa ifa baase garuu maal jenna ree? Waaqni dheekkamsa isaa nutti fiduun isaa qajeelina dhabeetii? Kanas ani akka namaattin dubbadha. \v 6 Gonkumaa hin taʼu! Utuu akkas taʼee silaa Waaqni akkamitti addunyaatti muruu dandaʼa ree? \v 7 Namni tokko, “Yoo soba kootiin dhuga qabeessummaan Waaqaa guddatee ulfinni isaas baayʼate maaliif hamma ammaatti akka cubbamaa tokkootti natti murama ree?” jedhee falma taʼa. \v 8 Kunis isa namoonni tokko tokko, “Isaan, ‘Akka wanni gaariin dhufuuf hammina haa hojjennu?’ jedhu” jedhanii nurratti odeessisanii dha. Murtiin isaanitti muramus waanuma maluu dha! \s1 Namni Kam iyyuu Qajeelaa miti \p \v 9 Egaa maal jenna ree? Nu Yihuudoonni warra kaan caallaa? Gonkumaa akkas miti! Akka Yihuudoonnii fi Giriikonni hundinuu cubbuu jala jiran duraan dursinee mirkaneessineerraatii. \v 10 Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: \q1 “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu; \q2 \v 11 namni hubannaa qabu, \q2 kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 12 Hundinuu dogoggoraniiru; \q2 walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; \q1 namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; \q2 tokkumti iyyuu hin jiru.”\f + \fr 3:12 \fr*\ft \+xt Far 14:1‑3; 53:1‑3; Lal 7:20\+xt*\ft*\f* \q1 \v 13 “Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; \q2 arraba isaaniitiin ni gowwoomsu.”\f + \fr 3:13 \fr*\ft \+xt Far 5:9\+xt*\ft*\f* \q1 “Hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.”\f + \fr 3:13 \fr*\ft \+xt Far 140:3\+xt*\ft*\f* \q2 \v 14 “Afaan isaanii abaarsaa fi hadhaaʼummaan guutame.”\f + \fr 3:14 \fr*\ft \+xt Far 10:7\+xt*\ft*\f* \q1 \v 15 “Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifata; \q2 \v 16 badiisaa fi gadadootu karaa isaanii irra jira; \q1 \v 17 karaa nagaas hin beekan.”\f + \fr 3:17 \fr*\ft \+xt Isa 59:7,8\+xt*\ft*\f* \q2 \v 18 “Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”\f + \fr 3:18 \fr*\ft \+xt Far 36:1\+xt*\ft*\f* \p \v 19 Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna. \v 20 Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii. \s1 Qajeelummaa Amantiin Argamu \p \v 21 Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera. \v 22 Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru; \v 23 sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii; \v 24 isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru. \v 25 Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti; \v 26 Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe. \s1 Seerri Kennamuu Isaa \p \v 27 Yoos of tuuluun eessa jira ree? Inni hafeera. Seera kamiin? Seera eeguudhaan moo? Miti; seera amantiitiin malee. \v 28 Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii. \v 29 Waaqni Waaqa Yihuudootaa qofa moo? Inni Waaqa Namoota Ormaas mitii? Eeyyee, inni Waaqa Namoota Ormaatis; \v 30 egaa kan dhagna qabates amantiin, kan dhagna hin qabatinis amantiidhuma sanaan qajeelaa kan taasisu Waaquma tokkicha. \v 31 Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee. \c 4 \s1 Abrahaam Amantiidhaan Qajeelaa Taʼe \p \v 1 Egaa Abrahaam inni fooniin abbaa keenya taʼe sun haala kanaan maal argate jenna ree? \v 2 Abrahaam utuu hojiin qajeelaa taasifamee jiraatee silaa waan ittiin of jaju qaba ture; fuula Waaqaa duratti garuu akkas miti. \v 3 Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”\f + \fr 4:3 \fr*\ft \+xt Uma 15:6\+xt*\ft*\f* \p \v 4 Nama hojjetu tokkoof Mindaan gatiidha malee akka kennaa tolaatti hin hedamu. \v 5 Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf. \v 6 Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha: \q1 \v 7 “Warri yakki isaanii dhiifameef, \q2 kanneen cubbuun isaanii \q2 haguugameef eebbifamoo dha. \q1 \v 8 Namni Gooftaan cubbuu isaa itti \q2 hin lakkoofne eebbifamaa dha.”\f + \fr 4:8 \fr*\ft \+xt Far 32:1,2\+xt*\ft*\f* \p \v 9 Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Abrahaamiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii. \v 10 Kun egaa akkamitti isaaf lakkaaʼame ree? Erga inni dhagna qabatee moo duraanii? Durumaan malee erga dhagna qabate miti! \v 11 Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha. \v 12 Akkasumas inni warra dhagna qabataniif, dhagna qabachuu qofas utuu hin taʼin warra karaa amantii abbaan keenya Abrahaam utuu dhagna hin qabatiniin dura fudhate sana duukaa buʼan hundaaf abbaa dha. \p \v 13 Abrahaamii fi sanyiin isaa waadaa akka inni dhaaltuu addunyaa taʼu kenname sana karaa qajeelummaa amantiin dhufuutiin argatan malee karaa seeraatiin miti. \v 14 Yoo warri seeratti bulan dhaaltota taʼan, amantiin gatii hin qabu; waadaanis homaa hin fayyaduutii; \v 15 kunis sababii seerri dheekkamsa fiduuf. Lafa seerri hin jirre yakki hin jiruutii. \p \v 16 Kanaafuu waadaan kun akka ayyaanaan taʼuu fi akka sanyii isaa hundaaf wabii taʼuuf amantii irratti hundeeffame; innis warra akka Abrahaam amananiif malee warra seeratti bulan qofaaf miti; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti. \v 17 Kunis akkuma, “Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera”\f + \fr 4:17 \fr*\ft \+xt Uma 17:5\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya. \p \v 18 Abrahaamis akkuma, “Sanyiin kee akkas ni taʼa”\f + \fr 4:18 \fr*\ft \+xt Uma 15:5\+xt*\ft*\f* jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe. \v 19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne. \v 20 Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine; \v 21 akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera. \v 22 Kanaafuu, “Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.” \v 23 Dubbiin, “Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhu kun Abrahaam qofaaf hin barreeffamne; \v 24 nuufis, warra Waaqa Gooftaa keenya Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama. \v 25 Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame. \c 5 \s1 Nagaa fi Gammachuu \p \v 1 Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna. \v 2 Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna. \v 3 Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; \v 4 obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida. \v 5 Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu. \p \v 6 Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe. \v 7 Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. \v 8 Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa. \p \v 9 Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree! \v 10 Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree! \v 11 Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ittiin amma araara arganne sanaan Waaqatti ni gammanna. \s1 Duuti Addaamiin, Jireenyi Immoo Kiristoosiin Dhufe \p \v 12 Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe. \p \v 13 Utuu seerri hin kennaminiin dura iyyuu cubbuun addunyaa keessa tureetii; yeroo seerri hin jirretti garuu cubbuun hin lakkaaʼamu. \v 14 Taʼus duuti bara Addaam irraa jalqabee hamma bara Museetti warra dogoggora akka Addaam hin hojjetin irratti illee moʼee ture; Addaamis Isa dhufuuf jiru sanaaf fakkeenya ture. \p \v 15 Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree! \v 16 Kennaan Waaqaa miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide. \v 17 Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree! \p \v 18 Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe. \v 19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu. \p \v 20 Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate; \v 21 kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf. \c 6 \s1 Cubbuuf Duʼuu, Kiristoosiin Immoo Jiraachuu \p \v 1 Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu? \v 2 Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna? \v 3 Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? \v 4 Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne. \p \v 5 Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. \v 6 Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; \v 7 namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii. \p \v 8 Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna. \v 9 Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. \v 10 Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata. \p \v 11 Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa. \v 12 Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. \v 13 Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa. \v 14 Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu. \s1 Garboota Qajeelummaa Taʼuu \p \v 15 Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu! \v 16 Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii? \v 17 Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu. \v 18 Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu. \p \v 19 Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa. \v 20 Isin yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa irraa bilisa turtan. \v 21 Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii! \v 22 Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. \v 23 Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti. \c 7 \s1 Fakkeenya Fuudhaa fi Heerumaa \p \v 1 Yaa obboloota, ani warra seera beekanitti nan dubbadhaatii; seerri nama tokko irratti taayitaa kan qabaatu hamma namichi sun lubbuun jiru qofa akka taʼe isin hin beektanii ree? \v 2 Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti. \v 3 Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti. \p \v 4 Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf. \v 5 Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. \v 6 Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf. \s1 Seeraa fi Cubbuu \p \v 7 Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri “Hin hawwin”\f + \fr 7:7 \fr*\ft \+xt Bau 20:17; KeD 5:21\+xt*\ft*\f* jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture. \v 8 Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii. \v 9 Ani dur seera malee jiraachaan ture; yommuu ajajni dhufetti garuu cubbuun ni bayyanatte; anis nan duʼe. \v 10 Ajajni jireenya fida jedhamee eegame sunis akka duʼa natti fide nan hubadhe. \v 11 Cubbuun carraa ajajni argamsiiseen na gowwoomse; ajajuma sanaanis na ajjeese. \v 12 Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas. \p \v 13 Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide. \p \v 14 Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha. \v 15 Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii. \v 16 Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala. \v 17 Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti. \v 18 Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu. \v 19 Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii. \v 20 Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti. \p \v 21 Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama. \v 22 Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii; \v 23 ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga. \v 24 Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa? \v 25 Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! \p Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti. \c 8 \s1 Hafuura Jireenyaa \p \v 1 Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru; \v 2 seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii. \v 3 Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure. \v 4 Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha. \p \v 5 Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. \v 6 Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. \v 7 Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu. \v 8 Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan. \p \v 9 Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti. \v 10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha. \v 11 Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna. \p \v 12 Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti. \v 13 Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu. \p \v 14 Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii. \v 15 Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “\tl Aabbaa,\tl* yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. \v 16 Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. \v 17 Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla. \s1 Ulfina Fuul duraa \p \v 18 Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada. \v 19 Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira. \v 20 Uumamni utuu filannoo isaatiin hin taʼin, fedhii isa dabarsee isa kenne sanaatiin abdiidhaan waan faayidaa hin qabnetti saaxilameeraatii; \v 21 kunis akka uumamni mataan isaa garbummaa tortoruu jalaa baʼee bilisummaa ulfina qabeessa ijoollee Waaqaatti galuuf. \p \v 22 Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna. \v 23 Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna. \v 24 Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? \v 25 Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna. \p \v 26 Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata. \v 27 Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Waaqaatti qulqullootaaf kadhataatii. \s1 Moʼattoota Caaluu \p \v 28 Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna. \v 29 Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Waaqni warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii. \v 30 Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne. \p \v 31 Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa? \v 32 Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree? \v 33 Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa. \v 34 Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha. \v 35 Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? \v 36 Kunis akkuma, \q1 “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; \q2 akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra”\f + \fr 8:36 \fr*\ft \+xt Far 44:22\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \v 37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. \v 38 Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, \v 39 ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera. \c 9 \s1 Filannoo Waaqaa \p \v 1 Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa; \v 2 ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba. \v 3 Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii; \v 4 isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti. \v 5 Abbootiin kan isaanii ti; Kiristoosis\f + \fr 9:5 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichis\fqa*\f* isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Waaqa; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen. \p \v 6 Kun garuu dubbiin Waaqaa diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti. \v 7 Yookaan isaan sababii sanyii Abrahaam taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama”\f + \fr 9:7 \fr*\ft \+xt Uma 21:12\+xt*\ft*\f* jedhameera. \v 8 Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti. \v 9 Dubbiin waadaa sunis kan, “Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi”\f + \fr 9:9 \fr*\ft \+xt Uma 18:10,14\+xt*\ft*\f* jedhu tureetii. \p \v 10 Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti, \v 11 ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Waaqaa raawwatamuuf, \v 12 utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Waaqaatiin, “Inni hangafni isa quxisuu tajaajila”\f + \fr 9:12 \fr*\ft \+xt Uma 25:23\+xt*\ft*\f* jedhamee isheetti himame. \v 13 Kunis akkuma, “Yaaqoobin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe”\f + \fr 9:13 \fr*\ft \+xt Mil 1:2,3\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \p \v 14 Egaa maal jenna ree? Waaqni jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti! \v 15 Inni Museedhaan, \q1 “Ani kanan maaru nan maara; \q2 kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa”\f + \fr 9:15 \fr*\ft \+xt Bau 33:19\+xt*\ft*\f* \m jedhaatii. \v 16 Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti. \v 17 Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, “Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera”\f + \fr 9:17 \fr*\ft \+xt Bau 9:16\+xt*\ft*\f* jedhaatii. \v 18 Kanaaf Waaqni kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha. \p \v 19 Isinis, “Yoos Waaqni maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jettu. \v 20 Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ ”\f + \fr 9:20 \fr*\ft \+xt Isa 29:16; 45:9\+xt*\ft*\f* jedhaa? \v 21 Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu? \p \v 22 Waaqni dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo? \v 23 Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo? \v 24 Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera. \v 25 Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha: \q1 “Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘saba koo’ nan jedha; \q2 ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, // ‘jaallatamtuu’ nan jedha.”\f + \fr 9:25 \fr*\ft \+xt Hos 2:23\+xt*\ft*\f* \m \v 26 Akkasumas isaan, \q1 “Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ \q2 isaaniin jedhame sanatti, ‘ilmaan Waaqa jiraataa’ \q2 jedhamanii ni waamamu.”\f + \fr 9:26 \fr*\ft \+xt Hos 1:10\+xt*\ft*\f* \m \v 27 Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya: \q1 “Baayʼinni ilmaan Israaʼel // yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, \q2 hambaa qofatu fayya. \q1 \v 28 Gooftaan utuu hin turin, \q2 yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii.” \m \v 29 Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha: \q1 “Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, \q2 sanyii nuuf hambisuu baatee, \q1 nu silaa akkuma Sodoom taanee, \q2 Gomoraas fakkaanna turre.”\f + \fr 9:29 \fr*\ft \+xt Isa 1:9\+xt*\ft*\f* \s1 Amantii Dhabuu Israaʼel \p \v 30 Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru. \v 31 Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne. \v 32 Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan. \v 33 Kunis akkuma, \q1 “Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu, \q2 kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa; \q2 namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu”\f + \fr 9:33 \fr*\ft \+xt Isa 8:14; 28:16\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffame sanaa dha. \c 10 \p \v 1 Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif. \v 2 Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti. \v 3 Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle. \v 4 Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii. \p \v 5 Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata”\f + \fr 10:5 \fr*\ft \+xt Lew 18:5\+xt*\ft*\f* jedhee waan kana barreesseeraatii. \v 6 Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’\f + \fr 10:6 \fr*\ft \+xt KeD 30:13\+xt*\ft*\f* hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf; \v 7 “Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’\f + \fr 10:7 \fr*\ft \+xt KeD 30:13\+xt*\ft*\f* hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf. \v 8 Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;”\f + \fr 10:8 \fr*\ft \+xt KeD 30:14\+xt*\ft*\f* innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha; \v 9 kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. \v 10 Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya. \v 11 Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu”\f + \fr 10:11 \fr*\ft \+xt Isa 28:16\+xt*\ft*\f* jedhaatii. \v 12 Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa. \v 13 “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”\f + \fr 10:13 \fr*\ft \+xt Yoe 2:32\+xt*\ft*\f* \p \v 14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? \v 15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!”\f + \fr 10:15 \fr*\ft \+xt Isa 52:7\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \p \v 16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?”\f + \fr 10:16 \fr*\ft \+xt Isa 53:1\+xt*\ft*\f* jedhaatii. \v 17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama. \v 18 Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru: \q1 “Sagaleen isaanii lafa hunda, \q2 dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”\f + \fr 10:18 \fr*\ft \+xt Far 19:4\+xt*\ft*\f* \m \v 19 Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee, \q1 “Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha; \q2 saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa”\f + \fr 10:19 \fr*\ft \+xt KeD 32:21\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 20 Isaayyaasis ija jabinaan, \q1 “Warri na hin barbaadin na argatan; \q2 warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe”\f + \fr 10:20 \fr*\ft \+xt Isa 65:1\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 21 Waaʼee Israaʼel garuu, \q1 “Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti \q2 harka koo nan diriirfadhe”\f + \fr 10:21 \fr*\ft \+xt Isa 65:2\+xt*\ft*\f* \m jedha. \c 11 \s1 Hambaa Israaʼel \p \v 1 Anis, “Egaa Waaqni saba isaa ni gatee ree?” jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Abrahaam keessaa gosa Beniyaam. \v 2 Waaqni saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Eeliyaas, inni akkamitti Waaqa duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha: \v 3 “Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.”\f + \fr 11:3 \fr*\ft \+xt 1Mt 19:10,14\+xt*\ft*\f* \v 4 Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”\f + \fr 11:4 \fr*\ft \+xt 1Mt 19:18\+xt*\ft*\f* \v 5 Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru. \v 6 Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture. \p \v 7 Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan. \v 8 Kunis isa, \q1 “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, \q2 akka iji isaanii hin argineef, \q2 akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, \q1 hafuura nama dawweessu isaaniif kenne”\f + \fr 11:8 \fr*\ft \+xt KeD 29:4; Isa 29:10\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \v 9 Daawitis akkana jedha; \q1 “Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo, \q2 gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu. \q1 \v 10 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; \q2 dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.”\f + \fr 11:10 \fr*\ft \+xt Far 69:22,23\+xt*\ft*\f* \s1 Namoonni Ormaa Fayyina Argatan \p \v 11 Anis deebisee, “Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?” jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe. \v 12 Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree? \p \v 13 Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja. \v 14 Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti. \v 15 Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree? \v 16 Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota. \p \v 17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan, \v 18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu. \v 19 Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta. \v 20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin. \v 21 Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii. \p \v 22 Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta. \v 23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii. \v 24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree! \s1 Israaʼeloonni Hundinuu Ni fayyu \p \v 25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan. \v 26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: \q1 “Inni furu Xiyoonii ni dhufa; \q2 Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa. \q1 \v 27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti, \q2 kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”\f + \fr 11:27 \fr*\ft \+xt Isa 27:9; 59:20,21; Erm 31:33,34\+xt*\ft*\f* \p \v 28 Akka wangeelaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha; \v 29 kennaan Waaqaatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii. \v 30 Akkuma isin kanaan dura Waaqaaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana \v 31 isaanis akkasuma araara Waaqaa kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan. \v 32 Waaqni hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche. \s1 Waaqa Jajuu \q1 \v 33 Badhaadhummaan ogummaatii fi \q2 beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata! \q1 Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu! \q2 Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu! \q1 \v 34 “Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke? \q2 Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?”\f + \fr 11:34 \fr*\ft \+xt Isa 40:13\+xt*\ft*\f* \q1 \v 35 “Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee, \q2 eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?”\f + \fr 11:35 \fr*\ft \+xt Iyo 41:11\+xt*\ft*\f* \q1 \v 36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. \q2 Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. \c 12 \s1 Aarsaa Jiraataa \p \v 1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. \v 2 Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa. \p \v 3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa. \v 4 Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana \v 5 akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti. \v 6 Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu. \v 7 Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu; \v 8 yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru. \s1 Jaalala \p \v 9 Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa. \v 10 Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa. \v 11 Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa. \v 12 Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa. \v 13 Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa. \p \v 14 Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa. \v 15 Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa. \v 16 Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa. \p \v 17 Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa. \v 18 Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa. \v 19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa”\f + \fr 12:19 \fr*\ft \+xt KeD 32:35\+xt*\ft*\f* jedha, jedhamee barreeffameeraatii. \v 20 Garuu, \q1 “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; \q2 yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. \q1 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”\f + \fr 12:20 \fr*\ft \+xt Fak 25:21,22\+xt*\ft*\f* \m \v 21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin. \c 13 \s1 Abbootii Taayitaa Jalatti Buluu \p \v 1 Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. \v 2 Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. \v 3 Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. \v 4 Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha. \v 5 Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha. \p \v 6 Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii. \v 7 Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa. \s1 Wal jaalladhaa \p \v 8 Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii. \v 9 Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin”\f + \fr 13:9 \fr*\ft \+xt Bau 20:13‑15,17; KeD 5:17‑19; 5:21\+xt*\ft*\f* jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu”\f + \fr 13:9 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* jedhu kanaan walitti guduunfamu. \v 10 Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti. \p \v 11 Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii. \v 12 Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu. \v 13 Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti. \v 14 Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa. \c 14 \s1 Obboleessa Keetti Hin Murin \p \v 1 Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa. \v 2 Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata. \v 3 Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii. \v 4 Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata. \p \v 5 Namni tokko akka waan guyyaan tokko guyyaa kaan caaluutti yaada; namni kaan immoo guyyaan hundi tokkuma jedhee yaada. Namni kam iyyuu yaada ofii isaa guutummaatti amanee haa fudhatu. \v 6 Namni guyyicha kabaju Gooftaaf jedhee kabaja; kan guyyicha hin kabajnes Gooftaaf jedhee hin kabaju. Kan nyaatu Gooftaaf jedhee nyaata; inni Waaqa galateeffataatii; kan hin nyaannes Gooftaaf jedhee hin nyaatu; Waaqas ni galateeffata. \v 7 Nu keessaa namni mataa isaatiif jiraatu, kan mataa isaatiif duʼus hin jiruutii. \v 8 Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti. \v 9 Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe. \p \v 10 Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii. \v 11 Kunis: \q1 “ ‘Ani jiraataadhaatii; \q1 jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; \q2 arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan”\f + \fr 14:11 \fr*\ft \+xt Isa 45:23\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffameeraatii. \v 12 Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina. \p \v 13 Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa. \v 14 Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha. \v 15 Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin. \v 16 Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa. \v 17 Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii. \v 18 Namni haala kanaan Kiristoosin tajaajilu Waaqa gammachiisaatii; namoota birattis fudhatama argata. \p \v 19 Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu. \v 20 Nyaataaf jettee hojii Waaqaa hin balleessin. Nyaanni hundi qulqulluu dha; garuu waan nama biraa gufachiisu kam iyyuu nyaachuun nama tokkoof dogoggora. \v 21 Akka obboleessi kee hin gufanneef, foon nyaachuu dhiisuun yookaan daadhii wayinii dhuguu dhiisuun yookaan waan biraa kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha. \p \v 22 Kanaafuu ati amantii waan kana irratti qabdu kam iyyuu fuula Waaqaa duratti ofumaa keetii qabaadhu. Namni waan amanee fudhate irratti ofitti hin murre eebbifamaa dha. \v 23 Namni shakkii qabu garuu nyaachuun isaa waan amantiin hin taʼiniif yoo nyaate isatti murama; wanni amantiin hin taʼin kam iyyuu cubbuudhaatii. \c 15 \p \v 1 Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu. \v 2 Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna. \v 3 Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera”\f + \fr 15:3 \fr*\ft \+xt Far 69:9\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \v 4 Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii. \p \v 5 Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru. \v 6 Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif. \p \v 7 Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa. \v 8 Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii; \v 9 kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, \q1 “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; \q2 maqaa keetiifis nan faarfadha”\f + \fr 15:9 \fr*\ft \+xt 2Sm 22:50; Far 18:49\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \v 10 Amma illee, \q1 “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa”\f + \fr 15:10 \fr*\ft \+xt KeD 32:43\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 11 Amma illee, \q1 “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; \q2 namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa”\f + \fr 15:11 \fr*\ft \+xt Far 117:1\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 12 Akkasumas Isaayyaas, \q1 “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf \q2 kaʼu tokko ni dhufa; \q2 Namoonni Ormaas isa abdatu”\f + \fr 15:12 \fr*\ft \+xt Isa 11:10\+xt*\ft*\f* \m jedha. \p \v 13 Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu. \s1 Phaawulos Tajaajilaa Namoota Ormaa Taʼuu Isaa \p \v 14 Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera. \v 15 Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera; \v 16 kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf. \p \v 17 Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona. \v 18 Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu; \v 19 kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera. \v 20 Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera. \v 21 Kunis isa, \q1 “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; \q2 warri hin dhagaʼinis ni hubatu”\f + \fr 15:21 \fr*\ft \+xt Isa 52:15\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \v 22 Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma. \s1 Phaawulos Roomaa dhaquuf Karoorfate \p \v 23 Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef, \v 24 yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha. \v 25 Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira. \v 26 Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii. \v 27 Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti. \v 28 Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa. \v 29 Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka. \p \v 30 Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha. \v 31 Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa; \v 32 kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf. \v 33 Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen. \b \c 16 \s1 Phaawulos Nagaa Dhaamuu Isaa \p \v 1 Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha. \v 2 Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa. \b \p \v 3 Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa. \v 4 Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu. \p \v 5 Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa. \p Biyya Asiyaa keessaa Kiristoositti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa. \p \v 6 Maariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa. \p \v 7 Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Kiristoositti amananii dha. \p \v 8 Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa. \p \v 9 Urbaanos isa Kiristoosin nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa. \p \v 10 Apheelees isa Kiristoositti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa. \p Warra mana Arisxoobuluu jiraatanittis nagaa naa himaa. \p \v 11 Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa. \p Warra mana Naarkisoos jiraatan kanneen Gooftaatti amananittis nagaa naa himaa. \p \v 12 Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa. \p Pharsiis jaallatamtuu hojii Gooftaatti amantee baayʼee dhamaatettis nagaa naa himaa. \p \v 13 Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa. \p \v 14 Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa. \p \v 15 Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa. \p \v 16 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. \p Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu. \b \p \v 17 Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa. \v 18 Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu. \v 19 Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada. \b \p \v 20 Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. \b \p Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu. \b \p \v 21 Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu. \p \v 22 Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama. \p \v 23 Gaayoos inni anaa fi waldaa Kiristaanaa guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama. \p Bulchaan maallaqaa kan magaalaa kanaa Erisxoos, akkasumas obboleessi keenya Quʼasxiroos nagaa isinii dhaamu. [ \v 24 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.]\f + \fr 16:24 \fr*\ft Luqqisaan 24 waraabbilee tokko tokko qofa keessatti argama.\ft*\f* \b \p \v 25 Egaa Waaqni akka wangeela koottii fi lallaba waaʼee Yesuus Kiristoositti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa; \v 26 amma garuu akka saboonni hundinuu Waaqatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Waaqa bara baraatiin katabbiiwwan raajotaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras. \v 27 Waaqa kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Yesuus Kiristoosiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.