\id REV - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Mulʼata \toc1 Mulʼata Yohannis \toc2 Mulʼata \toc3 Mul \mt1 Mulʼata \mt2 Yohannis \c 1 \s1 Seensa \p \v 1 Kun mulʼata Yesuus Kiristoos, kan akka inni waan dhiʼootti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee Waaqni isaaf kennee dha. Innis ergamaa isaa gara garbicha isaa Yohannisitti ergee akka mulʼanni sun beekamu godhe; \v 2 Yohannis isa waan arge hundumaa jechuunis dubbii Waaqaatii fi dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoos dhugaa baʼuu dha. \v 3 Namni dubbii raajii kana dubbisu eebbifamaa dha; warri waan raajii sana keessatti barreeffame dhagaʼanii eeganis eebbifamoo dha; barichi dhiʼaateeraatii. \b \s1 Nagaa Gaafachuu fi Waaqa Galateeffachuu \po \v 4 Yohannis irraa, \po Gara waldoota kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa keessa jiran torbaniitti: \po Isa jiru, isa ture, Isa dhufuuf jiruu fi Hafuurota torban fuula teessoo isaa dura jiran irraa, \v 5 akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. \p Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase, \v 6 isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen. \q1 \v 7 “Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa;\f + \fr 1:7 \fr*\ft \+xt Dan 7:13\+xt*\ft*\f* \q2 iji hundinuu, \q1 warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” \q2 saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.”\f + \fr 1:7 \fr*\ft \+xt Zak 12:10\+xt*\ft*\f* \qc Akkasuma taʼa! Ameen. \p \v 8 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha. \b \s1 Yohannis Mulʼataan Kiristoosin Arguu Isaa \p \v 9 Ani obboleessi keessan Yohannis dhiphina keessatti, mootummaa fi obsa Yesuus Kiristoos keessattis isin wajjin kan hirmaadhu sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoosiif Phaaximoos biyya bishaaniin marfamte irran ture. \v 10 Anis guyyaa Gooftaatti Hafuuraanin ture; dugda koo duubaanis sagalee guddaa akka malakataa tokko nan dhagaʼe; \v 11 sagaleen sunis, \wj “Waan argitu kitaaba maramaa irratti barreessiitii gara waldoota kiristaanaa torbaniitti jechuunis Efesoonitti, Samirnaatti, Phergaamoonitti, Tiyaatiraatti, Sardeesitti, Filaadelfiyaattii fi Lodooqiyaatti ergi”\wj* jedhe. \p \v 12 Anis sagalee natti dubbachaa ture sana ilaaluuf jedheen of irra gara gale. Ani yommuun of irra gara galetti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torba nan arge; \v 13 baattuuwwan ibsaa sana gidduus kan, “ilma namaa fakkaatu”\f + \cat dup\cat*\fr 1:13 \fr*\ft \+xt Dan 7:13\+xt*\ft*\f* tokkotu ture; innis uffata dheeraa miilla gaʼu uffatee, naannoo qoma isaatti immoo sabbata warqee hidhatee ture. \v 14 Mataan isaatii fi rifeensi mataa isaa adii akka rifeensa hoolaa, adii akka cabbii ture; iji isaas akka arraba ibiddaa turte. \v 15 Miilli isaas naasii boolla ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akkuma sagalee bishaan baayʼee ti. \v 16 Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture. \p \v 17 Ani yommuun isa argetti akka nama duʼee miilla isaa jalattin kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa narra kaaʼee akkana naan jedhe: \wj “Hin sodaatin. Ani kan Jalqabaatii fi kan Dhumaa ti.\wj* \v 18 \wj Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.\wj* \p \v 19 \wj “Kanaafuu ati waan argite, waan amma jiruu fi waan gara fuulduraatti taʼu barreessi.\wj* \v 20 \wj Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.\wj* \c 2 \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Efesoonitti \p \v 1 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonitti\wj*\f + \fr 2:1 \fr*\fq Efesoonitti \fq*\ft – Efesoon magaalaa guddoo fi beekamtuu biyya Asiyaa ti; Asiyaan immoo biyya Roomaa Keessatti argamti. Isheenis buufata doonii kan hojiin itti baayʼattuu fi kan daldalaan badhaatee dha; wiirtuu falfala waaqittii Arxeemis (\+xt Hoj 19:27,35\+xt* ilaalaa) akkasumas lafa hojiin falfalaa itti hojjetamu turte (\+xt Hoj 19:19\+xt*).\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 2 \wj Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.\wj* \v 3 \wj Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes.\wj* \v 4 \wj Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba.\wj* \v 5 \wj Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.\wj* \v 6 \wj Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita.\wj* \v 7 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.\wj* \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Samirneesitti \p \v 8 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaatti\wj*\f + \fr 2:8 \fr*\fq Samirnaatti \fq*\ft – Samirnees (amma Ismiir) magaalaa Soorettii fi buufata doonii kan Yihuudoonni hedduun keessa jiraatan turte. Samirnees mana qulqullummaa moofaa (dullacha) tokko waaqittii Roomaatiif qabdi turte; inni haaraan immoo mooticha Xibaariyoosiif kenname.\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 9 \wj Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti.\wj* \v 10 \wj Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.\wj* \v 11 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.\wj* \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Phergaamoonitti \p \v 12 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Phergaamoonitti\wj*\f + \fr 2:12 \fr*\fq Phergaamoonitti \fq*\ft – manneen qulqullummaa kanneen waaqeffannaa Ziyaasiitii fi waaqota biraa warra akka Asqelephoosiitiif kennaman qabdi turte. Asqelephoosis waaqa tolfamaa nama fayyisuu dha. Phergaamoonis handhuura mootonni Roomaa itti waaqeffatan turte. Isheenis magaalaa kutaa biyya Sanaa keessaa iddoo jalqabatti manni qulqullummaa Awugisxoos waaqichaa fi waaqittii Roomaa jedhamtuuf itti kennamee dha.\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 13 \wj Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.\wj* \v 14 \wj Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam\wj*\f + \fr 2:14 \fr*\fq Barsiisa Balaʼaam \fq*\ft – Balaʼaam falfaltuu Baabilon kan Baalaaq mootichi akka inni saba Israaʼel abaaruuf qaxaree dha. Akka seera \+xt Lak 31:16\+xt* irratti dubbatametti gorsi Balaʼaam akka sabni Israaʼel waaqota tolfamoo waaqeffatuu fi akka ejja raawwatuuf karaa irraa jalʼise (\+xt Lak 25:1‑3\+xt*).\ft*\f* \wj duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii.\wj* \v 15 \wj Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda.\wj* \v 16 \wj Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.\wj* \v 17 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.\wj* \s1 Gara Waldaa Kiristaana Tiyaaxiroonitti \p \v 18 \wj “Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraatti\wj*\f + \fr 2:18 \fr*\fq Tiyaatiraatti \fq*\ft – Tiyaaxiroon wiirtuu industirii turte. Industiroota Tiyaaxiroon gurguddoo keessaas tokko hojiin isaa qalamii dibuu fi uffata suufii hodhuu dha (\+xt Hoj 16:14\+xt*).\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 19 \wj Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka.\wj* \v 20 \wj Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.\wj* \v 21 \wj Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde.\wj* \v 22 \wj Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.\wj* \v 23 \wj Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna.\wj* \v 24 \wj Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu;\wj* \v 25 \wj isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’\wj* \v 26 \wj Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna.\wj* \v 27 \wj ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettis\wj*\f + \fr 2:27 \fr*\ft \+xt Far 2:9\+xt*\ft*\f* \wj isaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan.\wj* \v 28 \wj Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf.\wj* \v 29 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.\wj* \c 3 \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Sardeesitti \p \v 1 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Sardeesitti\wj*\f + \fr 3:1 \fr*\fq Sardeesitti \fq*\ft – Sardees magaalaa guddoo mootummaa Liidiyaa kan durii turte. Isheenis magaalaa Soorettii wiirtuu industirii beekamtuu iddoo uffanni suufii fi miʼoonni qalamii dibaman itti hojjetaman turte; taʼus magaalattiin kun sochii lafaa kan bara 17 (bara araaraa) keessa taʼee fi waraana garaa garaatiin moʼatamtee gad deebiteerti.\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Inni Hafuurota Waaqaa torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \wj Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta.\wj* \v 2 \wj Dammaqi! Ani fuula Waaqa kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi.\wj* \v 3 \wj Kanaafuu waan fudhattee fi waan dhageesse yaadadhu; waan dhageesse sanaaf ajajami; qalbiis jijjiirradhu. Yoo ati dammaquu baatte garuu ani akkuma hattuutti sitti nan dhufa; saʼaatii kamitti akka ani sitti dhufus ati hin beektu.\wj* \v 4 \wj Taʼu iyyuu ati namoota uffata isaanii hin xureessin muraasa Sardees keessaa qabda. Isaanis uffata adaadii uffatanii na wajjin ni deemu; isaan kanaaf warra malanii dha.\wj* \v 5 \wj Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.\wj* \v 6 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.\wj* \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Filaadelfiyaatti \p \v 7 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaatti\wj*\f + \fr 3:7 \fr*\fq Filaadelfiyaatti \fq*\ft – Filaadelfiyaan wiirtuu daldalaa kan hojii gogaatii fi jirbiitiin beekamte, kan lafa qotiisaa badhaadhaa isaatiin marfamtee dha; garuu sochii lafaatiif saaxilamtuu dha.\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Inni qulqulluun, inni dhugaan, inni furtuu Daawit harka isaatii qabu, kan waan inni banu eenyu iyyuu cufuu hin dandeenyee fi waan inni cufus eenyu iyyuu banuu hin dandeenye sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 8 \wj Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne.\wj* \v 9 \wj Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha.\wj* \v 10 \wj Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha.\wj* \v 11 \wj Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.\wj* \v 12 \wj Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.\wj* \v 13 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.\wj* \s1 Gara Waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti \p \v 14 \wj “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Lodooqiyaatti\wj*\f + \fr 3:14 \fr*\fq Lodooqiyaatti \fq*\ft – Lodooqiyaan magaalaa sooromtuu fi magaalaa daldalaa kan guddachaa jirtu turte. Isheenis iddoo jireenya hojjettoota miʼa suufii biyya sanaa irraa hojjetamee turte. Miʼi suufii kunis gurraacha cululuqaa taʼuu isaatiin beekamaa ture. Akkasumas magaalattiin wiirtuu hojii baankiitii fi iddoo Asqelephoos waaqichi tolfamaan itti waaqeffatamu turte.\ft*\f* \wj akkana jedhii barreessi:\wj* \b \pi1 \wj Ameen, inni amanamaan, dhuga baatuun dhugaatii fi jalqabaan uumama Waaqaa sun akkana jedha.\wj* \b \pi1 \v 15 \wj Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture.\wj* \v 16 \wj Kanaafuu ati waan laphii\wj*\f + \fr 3:16 \fr*\fq Laphii \fq*\ft – Lodooqiyaa bira burqaawwan hoʼaa bishaanonni isaanii fagoo deemanitu ture. Bishaan kunis laphii (bulluqoo) taʼee ergasii qilee (hallayyaa) fuula Lodooqiyaa duraatti dhangalaʼa ture. Bishaan sunis dhukkuba namatti fida ture.\ft*\f* \wj taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.\wj* \v 17 \wj Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.\wj* \v 18 \wj Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa.\wj* \v 19 \wj Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.\wj* \v 20 \wj Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.\wj* \v 21 \wj Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.\wj* \v 22 \wj Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”\wj* \c 4 \s1 Teessoo Samii Keessaa \p \v 1 Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, \wj “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa”\wj* jedhe. \v 2 Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture. \v 3 Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa\f + \fr 4:3 \fr*\fq Yaasphiidiitii \fq*\ft – Dhagaa gatii guddaa kan yeroo baayʼee magariisa taʼee dha. Bifa keelloo (daalacha), magaala yookaan diimaa qabaachuu dandaʼa.\ft*\f* yaasphiidiitii fi sardiyoon\f + \fr 4:3 \fr*\fq Sardiyoon \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan yeroo baayʼee diimatuu dha.\ft*\f* fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi\f + \fr 4:3 \fr*\fq maragdi \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan magariisa taʼee dha.\ft*\f* fakkaatutu ture. \v 4 Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan. \v 5 Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha. \v 6 Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. \p Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan. \v 7 Uumamni lubbuu\f + \fr 4:7 \fr*\ft \+xt His 1:10\+xt*\ft*\f* qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa\f + \fr 4:7 \fr*\fq risaa \fq*\ft – (Leenca, sangaa, nama, risaa) afran isaanii iyyuu tokkummaadhaan guutummaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii tokko taʼanii Waaqa galateeffatan sanaa iddoo buʼu.\ft*\f* barrisu fakkaata ture. \v 8 Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, \qc “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’\f + \fr 4:8 \fr*\ft \+xt Isa 6:3\+xt*\ft*\f* \qc inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, \qc ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” \m jedhanii faarfachuu hin dhiisan. \v 9 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, \v 10 maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: \q1 \v 11 “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, \q2 ati waan hunda waan uumteef, \q1 isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, \q2 waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi \q2 humna fudhachuun siif ni mala.” \c 5 \s1 Kitaaba Maramaa fi Hoolaa Qalame \p \v 1 Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge. \v 2 Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge. \v 3 Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye. \v 4 Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe. \v 5 Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe. \p \v 6 Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba\f + \fr 5:6 \fr*\fq Gaanfa torbaa fi ija torba \fq*\ft – kitaaba Qulqulluu keessatti gaafni fakkeenya jabinaatii fi humnaa ti. “Gaanfi torba” Humna akka malee guddaa argisiisa; iji immoo dandeettii Waaqni ittiin waan hunda arguu fi beeku argisiisa.\ft*\f* qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha. \v 7 Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate. \v 8 Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti. \v 9 Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; \q1 “Kitaaba maramaa fuudhuun, \q2 chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; \q1 sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, \q2 afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, \q2 sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii. \q1 \v 10 Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; \q2 isaanis lafa irratti ni moʼu.” \p \v 11 Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan. \v 12 Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; \q1 “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, \q2 ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, \q2 galatas argachuun ni mala!” \p \v 13 Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, \q1 “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, \q2 galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, \qc bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” \m jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. \v 14 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan. \c 6 \s1 Chaappaawwan Torba \p \v 1 Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe. \v 2 Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin\f + \fr 6:2 \fr*\fq Fardi adiin \fq*\ft – fakkeenya boojuu fi moʼannaa ti.\ft*\f* tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe. \p \v 3 Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe. \v 4 Fardi biraa daamaan\f + \fr 6:4 \fr*\fq daamaan \fq*\ft – bifa ibiddaa kan waraana qofa utuu hin taʼin akka qalamuunis waraana keessa jiru argisiisuu dha.\ft*\f* tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef. \p \v 5 Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi\f + \fr 6:5 \fr*\fq Fardi gurraachi \fq*\ft – kun fakkeenya beelaa jechuunis duʼa beelli fiduu dha.\ft*\f* tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture. \v 6 Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, “Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!” jechuu isaa nan dhagaʼe. \p \v 7 Yommuu Hoolichi chaappaa afuraffaa banetti sagalee uumama jiraataa afuraffaa kan, “Kottu!” jedhu nan dhagaʼe. \v 8 Anis nan ilaale; kunoo, fardi daalachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus maqaan isaa Duʼa jedhama ture; Siiʼoolis dugda duubaan itti dhiʼaatee isa duukaa buʼaa ture. Isaanis goraadeen, beelaan, balaa fi bineensota lafaatiin akka ajjeesaniif kurmaana lafaa irratti humni ni kennameef. \p \v 9 Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge. \v 10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan. \v 11 Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame. \p \v 12 Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate; \v 13 urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan. \v 14 Samiin akkuma kitaaba maramaatti marame; tulluu fi biyyi bishaaniin marfamtes iddoo isaaniitii buqqifaman. \p \v 15 Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan. \v 16 Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa! \v 17 Guyyaan dheekkamsa isaa guddaan sun gaʼeeraatii; egaa eenyutu guyyaa sana dura dhaabachuu dandaʼa ree?” \c 7 \s1 Namoonni 144,000 Chaappeffaman \p \v 1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. \v 2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, \v 3 “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe. \v 4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture. \b \li1 \v 5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, \li1 gosa Ruubeen keessaa 12,000, \li1 gosa Gaad keessaa 12,000, \li1 \v 6 gosa Aasheer keessaa 12,000, \li1 gosa Niftaalem keessaa 12,000, \li1 gosa Minaasee keessaa 12,000, \li1 \v 7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000, \li1 gosa Lewwii keessaa 12,000, \li1 gosa Yisaakor keessaa 12,000, \li1 \v 8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000, \li1 gosa Yoosef keessaa 12,000, \li1 gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan. \s1 Tuuta Namoota Uffata Adaadii Uffatanii \p \v 9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. \v 10 Isaanis sagalee guddaadhaan, \q1 “Fayyinni kan Waaqa keenya \q1 isa teessoo irra taaʼuutii fi \q1 kan Hoolichaati” \m jedhanii iyyan. \v 11 Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan; \v 12 akkanas jedhan: \q1 “Ameen! \q1 Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, \q1 kabajni, humnii fi jabinni, \q1 bara baraa hamma bara baraatti \q1 Waaqa keenyaaf haa taʼu. \q1 Ameen!” \p \v 13 Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate. \p \v 14 Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. \p Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru. \v 15 Kanaafuu, \q1 “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; \q2 halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa // keessatti isa tajaajilu; \q1 inni teessicha irra taaʼee jiru sunis \q2 isaan gidduu jiraata. \q1 \v 16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; \q2 siʼachis gonkumaa hin dheebotan. \q1 Aduun isaan hin dhaʼu;’\f + \fr 7:16 \fr*\ft \+xt Isa 49:10\+xt*\ft*\f* \q2 hoʼi finiinaanis isaan hin gubu. \q1 \v 17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru \q2 tiksee isaanii ni taʼaatii; \q1 ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ \q2 ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ” \c 8 \s1 Chaappaa Torbaffaa \p \v 1 Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo samii keessa tasgabbiitu ture. \s1 Girgiraa Warqee \p \v 2 Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname. \p \v 3 Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname. \v 4 Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe. \v 5 Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame. \s1 Malakatawwan \p \v 6 Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan. \p \v 7 Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate. \p \v 8 Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe; \v 9 uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan. \p \v 10 Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe; \v 11 maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman. \p \v 12 Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe. \p \v 13 Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe. \c 9 \s1 Malakata Shanaffaa: Dhaʼicha Hawwaannisaa \p \v 1 Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname. \v 2 Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan. \v 3 Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname. \v 4 Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman. \v 5 Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti. \v 6 Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata. \p \v 7 Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture. \v 8 Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture. \v 9 Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture. \v 10 Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan. \v 11 Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture. \p \v 12 Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira. \p \v 13 Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe. \v 14 Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe. \v 15 Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman. \v 16 Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe. \p \v 17 Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii\f + \fr 9:17 \fr*\fq Sanpeerii \fq*\ft – Sanpeeriin dhagaa gatii guddaa gurraacha akka cuquliisaa ti.\ft*\f* fi keelloo akka dinyii\f + \fr 9:17 \fr*\fq dinyii \fq*\ft – dinyiin kemikaala keelloo fakkaatu kan hoʼa guddaadhaan gubamuu fi kan foolii namatti hin tolle qabuu dha.\ft*\f* qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe. \v 18 Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame. \v 19 Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan. \p \v 20 Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne. \v 21 Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine. \c 10 \s1 Ergamichaa fi Kitaaba Maramaa Xinnaa \p \v 1 Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture. \v 2 Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture; \v 3 innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan. \v 4 Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. \p \v 5 Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe. \v 6 Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! \v 7 Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.” \p \v 8 Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe. \p \v 9 Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’\f + \fr 10:9 \fr*\ft \+xt His 3:3\+xt*\ft*\f*” naan jedhe. \v 10 Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame. \v 11 Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame. \c 11 \s1 Dhuga Baatota Lamaan \p \v 1 Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi. \v 2 Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu. \v 3 Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa\f + \fr 11:3 \fr*\ft Uffanni gaddaa uffata raajonni yeroo hunda uffatanii dha (\+xt Isa 20:2; Zak 13:4\+xt* ilaalaa).\ft*\f* uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.” \v 4 Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha. \v 5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha. \v 6 Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu. \p \v 7 Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. \v 8 Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha. \v 9 Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu. \v 10 Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu. \p \v 11 Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan. \v 12 Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan. \p \v 13 Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan. \p \v 14 Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa. \s1 Malakata Torbaffaa \p \v 15 Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, \q1 “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi \q2 mootummaa Kiristoos\f + \fr 11:15 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* taʼeera; \q2 innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” \m jedhu samii keessa ture. \v 16 Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan; \v 17 akkanas jedhan: \q1 “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, \q2 Kan jirtuu fi kan turte, \q1 ati humna kee isa guddaa fudhattee \q2 waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina. \q1 \v 18 Saboonni ni aaran; \q2 dheekkamsi kees dhufeera. \q1 Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; \q2 yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, \q1 qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan \q2 xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; \q1 yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.” \p \v 19 Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture. \c 12 \s1 Dubartittii fi Bineensa Jawwee Fakkaatu \p \v 1 Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture. \v 2 Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite. \v 3 Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture. \v 4 Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate. \v 5 Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame. \v 6 Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte. \p \v 7 Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii\f + \fr 12:7 \fr*\fq Miikaaʼelii \fq*\ft – hangafoota ergamootaa keessaa isa tokko; innis \+xt Dan 10:21\+xt* irratti eegduu saba Israaʼel kan addaa jedhamee ibsame. Ergamoonni Miikaaʼeliis warra ajaja isa jala jiranii dha.\ft*\f* fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan. \v 8 Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban. \v 9 Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman. \p \v 10 Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: \q1 “Amma fayyinni, humnii fi \q2 mootummaan Waaqa keenyaa, \q2 taayitaan Kiristoos\f + \fr 12:10 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* isaas dhufeera. \q1 Himataan obboloota keenyaa \q2 inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, \q2 isaan himatu sun gad darbatameeraatii. \q1 \v 11 Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, \q2 dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; \q1 isaan hamma duʼaatti illee taanaan \q2 lubbuu isaanii hin mararfanne. \q1 \v 12 Kanaafuu yaa samiiwwan, \q2 isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! \q1 Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo! \q2 Diiyaabiloos gara keessanitti gad buʼeeraatii! \q1 Innis akka yeroo gabaabaa qabu \q2 waan beekuuf baayʼee aareera.” \p \v 13 Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe. \v 14 Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname. \v 15 Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase. \v 16 Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte. \v 17 Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha. \c 13 \p \v 1 Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. \s1 Bineensa Galaana Keessaa Baʼe \p Bineensa tokkos utuu inni galaana keessaa baʼuu nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba ture; gaanfawwan isaa irratti gonfoo kudhan, tokkoo tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa arrabsoo qaba ture. \v 2 Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne. \v 3 Mataa bineensichaa torban keessaa inni tokko waan madaa duʼa fidu qabu fakkaata ture; madaan duʼa fidu sun garuu fayyee ture. Addunyaan guutuunis dinqisiifatee bineensicha duukaa buʼe. \v 4 Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan. \p \v 5 Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname. \v 6 Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate. \v 7 Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef. \v 8 Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu. \p \v 9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu. \q1 \v 10 “Namni boojiʼamuuf jiru kam iyyuu \q2 inni ni boojiʼama. \q1 Namni goraadeedhaan ajjeefamuuf jiru kam iyyuu \q2 goraadeedhaan ni ajjeefama.” \m Kunis obsaa fi amanamummaa qulqullootaa argisiisa. \s1 Bineensa Lafa Keessaa Baʼe \p \v 11 Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture. \v 12 Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe. \v 13 Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete. \v 14 Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje. \v 15 Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef. \v 16 Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; \v 17 kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. \p \v 18 Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666. \c 14 \s1 Hoolichaa fi Namoota 144,000 \p \v 1 Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan. \v 2 Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa samii irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture. \v 3 Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye. \v 4 Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Waaqaa fi Hoolichaaf ni furaman. \v 5 Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban. \s1 Ergamoota Sadan \p \v 6 Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. \v 7 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.” \p \v 8 Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe. \p \v 9 Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, \v 10 innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata. \v 11 Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.” \v 12 Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata. \p \v 13 Anis sagalee, “Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. \p Hafuurri Qulqulluunis, “Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu” jedha. \s1 Haamamuu Lafaatii fi Iddoon Cuunfaa Wayinii Dhidhiitamuu Isaa \p \v 14 Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni “ilma namaa fakkaatu”\f + \fr 14:14 \fr*\ft \+xt Dan 7:13\+xt*\ft*\f* tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture. \v 15 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami” jedhee iyye. \v 16 Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte. \p \v 17 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaa isa samii keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture. \v 18 Ammas ergamaan Waaqaa kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan ergamaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi” jedhe. \v 19 Ergamichis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqaa isa guddaatti darbate. \v 20 Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe. \c 15 \s1 Ergamoota Torba Kanneen Dhaʼichawwan Torba Harkaa Qaban \p \v 1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman. \v 2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan. \v 3 Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: \q1 “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, \q2 hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. \q1 Yaa Mootii sabootaa, \q2 karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha. \q1 \v 4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, \q2 kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? \q1 Si qofatu qulqulluudhaatii. \q1 Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, \q2 saboonni hundinuu ni dhufu; \q1 fuula kee durattis ni sagadu.” \p \v 5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname. \v 6 Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan. \v 7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne. \v 8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye. \c 16 \s1 Waciitiiwwan Dheekkamsa Waaqaa Torban \p \v 1 Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe. \p \v 2 Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe. \p \v 3 Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan. \p \v 4 Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan. \v 5 Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: \q1 “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, \q2 sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha; \q1 \v 6 Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, \q2 ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; \q2 kun isaaniif ni malaatii.” \m \v 7 Anis utuu iddoon aarsaa, \q1 “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, \q2 murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” \m jedhuu nan dhagaʼe. \p \v 8 Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname. \v 9 Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan. \p \v 10 Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan; \v 11 sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne. \p \v 12 Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge. \v 13 Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. \v 14 Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha. \b \mi \v 15 \wj “Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.”\wj* \b \m \v 16 Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban. \p \v 17 Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe. \v 18 Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture. \v 19 Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef. \v 20 Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye. \v 21 Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran. \c 17 \s1 Dubartittii Bineensicha Yaabbattu \p \v 1 Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. \v 2 Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.” \p \v 3 Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture. \v 4 Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. \v 5 Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: \pc Baabilon Guddittii, \pc Haadha Sagaagaltootaa fi, \pc Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa. \m \v 6 Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. \p Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe. \v 7 Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima. \v 8 Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa. \p \v 9 “Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha. \v 10 Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba. \v 11 Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa. \p \v 12 “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu. \v 13 Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu. \v 14 Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.” \p \v 15 Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota. \v 16 Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu. \v 17 Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii. \v 18 Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.” \c 18 \s1 Kufaatii Baabiloniitiif Booʼuu \p \v 1 Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte. \v 2 Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: \q1 “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ \q2 Lafa jireenya hafuurota hamoo, \q1 lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, \q2 iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, \q2 iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi // jibbisiisoo hundaa taateerti. \q1 \v 3 Saboonni hundinuus, \q2 daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. \q1 Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; \q2 daldaltoonni addunyaas qananii ishee // guddaa sanaan sooromaniiru.” \b \s1 Murtii Baabilon Jalaa Miliquu \p \v 4 Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: \q1 “ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, \q2 balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, \q2 kottaa ishee keessaa baʼaa;’\f + \fr 18:4 \fr*\ft \+xt Erm 51:45\+xt*\ft*\f* \q1 \v 5 cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii; \q2 Waaqnis yakka ishee yaadateera. \q1 \v 6 Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa; \q2 akkuma hojii isheettis dachaa lama godhaatii isheef deebisaa. \q2 Xoofoo isheen itti bulbultettis dachaa lama godhaatii isheef bulbulaa. \q1 \v 7 Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana, \q2 qixxeedhuma isaa dhiphinaa fi gadda isheef kennaa. \q1 Isheenis garaa ishee keessatti, \q2 ‘Ani akka mootittii tokkootti nan taaʼa; \q1 ani haadha hiyyeessaa miti; \q2 gonkumaas hin gaddu’ jettee of jajji. \q1 \v 8 Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis, \q2 duuti, gaddii fi beelli guyyuma tokkotti ishee irra ni gaʼa. \q1 Waaqni Gooftaan isheetti murteessu sun waan jabaa taʼeef, \q2 isheen ibiddaan ni gubamti. \s1 Waaʼee Kufaatii Baabiloniitiif Wayyoo \p \v 9 “Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus. \v 10 Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii, \q1 “ ‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii, \q2 yaa Baabilon magaalattii jabduu! \q1 Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu. \p \v 11 “Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus. \v 12 Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi \v 13 qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa. \p \v 14 “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu. \v 15 Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas, \v 16 sagalee guddaadhaan akkana jedhu: \q1 “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii; \q2 yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, \q2 uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte, \q1 yaa ishee warqeedhaan, \q2 dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte! \q1 \v 17 Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’ \p “Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu. \v 18 Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu. \v 19 Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu: \q1 “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii, \q2 yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu \q2 qabeenya isheetiin sooroman! \q1 Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’ \b \q1 \v 20 “Yaa samii kufaatii isheetti gammadi! \q2 Isin sabni Waaqaa gammadaa! \q1 Ergamoonnii fi raajonni gammadaa! \q2 Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.” \s1 Xumura Badiisa Baabilon \p \v 21 Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: \q1 “Baabilon magaalaa guddittiin, \q2 akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; \q2 gonkumaas deebitee hin argamtu. \q1 \v 22 Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii, \q2 sagaleen warra ulullee fi malakata afuufanii \q2 siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu. \q1 Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu, \q2 siʼachi si keessatti hin argamu. \q1 Sagaleen dhagaa daakuus, \q2 siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu. \q1 \v 23 Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. \q2 Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, \q2 lammata si keessatti hin dhagaʼamu. \q1 Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. \q2 Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera. \q1 \v 24 Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa, \q2 dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas // ishee keessatti argame.” \c 19 \s1 Sababii Kufaatii Baabiloniitiif Galata Galchuu! \p \v 1 Kana booddee waan akka huursaa sagalee tuuta namootaa guddaa tokko samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: \q1 “Haalleluuyaa! \q1 Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti; \q2 \v 2 murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii. \q1 Inni sagaagaltittii guddoo, \q2 ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera; \q1 dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera.” \p \v 3 Ammas, \q1 “Haalleluuyaa! \q1 Aarri ishees bara baraa hamma bara baraatti ol ni baʼa” \m jedhanii iyyan. \p \v 4 Maanguddoonni digdamii afranii fi uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran kufanii Waaqa teessoo irra taaʼee jiru sanaaf sagadan; sagalee guddaadhaanis, \q1 “Ameen; Haalleluuyaa!” jedhan. \p \v 5 Ergasiis sagaleen, \q1 “Isin garboonni isaa hundinuu, \q2 warri isa sodaattan, \q1 xinnaanis guddaanis, \q2 Waaqa keenya jajadhaa” \m jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe. \p \v 6 Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe: \q1 “Haalleluuyaa! \q2 Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii. \q1 \v 7 Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas; \q2 ulfinas isaaf ni kennina! \q1 Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii; \q2 misirrittiin isaas of qopheessiteerti. \q1 \v 8 Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame, \q2 adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.” \m Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa. \b \p \v 9 Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe. \p \v 10 Anis isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu akkana naan jedhe; “Naaf hin sagadin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee warra Yesuusiif dhugaa baʼan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi! Dhuga baʼumsi Yesuus hafuura raajiitii.” \s1 Loltuun Samii Bineensicha Moʼachuu Isaa \p \v 11 Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. \v 12 Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. \v 13 Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. \v 14 Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. \v 15 Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.”\f + \fr 19:15 \fr*\ft \+xt Far 2:9\+xt*\ft*\f* Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. \v 16 Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: \pc Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa. \p \v 17 Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa; \v 18 kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif.” \p \v 19 Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge. \v 20 Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman. \v 21 Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan. \c 20 \s1 Waggaa Kuma \p \v 1 Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. \v 2 Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe. \v 3 Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. \p \v 4 Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan. \v 5 Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti. \v 6 Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu. \s1 Seexanatti Muramuu Isaa \p \v 7 Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama; \v 8 innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti. \v 9 Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe. \v 10 Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. \s1 Warra Duʼanitti Muramuu Isaa \p \v 11 Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. \v 12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. \v 13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. \v 14 Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. \v 15 Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. \c 21 \s1 Samii Haaraa fi Lafa Haaraa \p \v 1 Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa\f + \fr 21:1 \fr*\ft \+xt Isa 65:17; 2Ph 3:13\+xt*\ft*\f* nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. \v 2 Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge. \v 3 Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. \v 4 Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” \p \v 5 Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. \p \v 6 Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna. \v 7 Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa. \v 8 Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.” \s1 Yerusaalem Misirrittii Hoolichaa \p \v 9 Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe. \v 10 Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise. \v 11 Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture. \v 12 Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture. \v 13 Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture. \v 14 Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture. \p \v 15 Ergamaan natti dubbate sunis magaalattii, karrawwan isheetii fi dallaawwan ishee safaruudhaaf ulee safartuu kan warqee qaba ture. \v 16 Magaalaan sunis golee afur qabdi turte; dheerinni isheetii fi garaan ishee wal qixxee ture. Ergamaan sunis ulee isaatiin magaalattii safare; balʼinni ishees gara kiiloo meetira 2,200 taʼe; dheerinni ishee, garaan isheetii fi ol dheerinni ishees wal qixxee ture. \v 17 Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe. \v 18 Dallaan sun dhagaa yaasphiidiitiin ijaarame; magaalaan sun immoo warqee qulqulluu akka bilillee qulqulluu taʼeen ijaaramte. \v 19 Hundeewwan dallaa magaalaa sanaas dhagaa gatii guddaa gosa hundumaatiin miidhagfaman. Hundeen jalqabaa yaasphiidiin, lammaffaan sanpeeriin,\f + \fr 21:19 \fr*\fq Sanpeeriin \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan bifa cuquliisaa qabu.\ft*\f* sadaffaan keelqedooniin,\f + \fr 21:19 \fr*\fq Keelqedooniin \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan bifa adda addaa, yeroo baayʼee magariisaa (hadhoo).\ft*\f* afuraffaan immoo maragdiin\f + \fr 21:19 \fr*\fq maragdiin \fq*\ft – dhagaa magariisa gatii guddaa.\ft*\f* miidhagfame; \v 20 Inni shanaffaan sardooniksiin,\f + \fr 21:20 \fr*\fq Sardooniksiin \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan bifa adda addaa, yeroo baayʼee diimaa.\ft*\f* jaʼaffaan sardiyooniin,\f + \fr 21:20 \fr*\fq sardiyooniin \fq*\ft – dhagaa gatii guddaa kan yeroo baayʼee diimaa.\ft*\f* torbaffaan kiristolobeen,\f + \fr 21:20 \fr*\fq Kiristolobeen \fq*\ft – dhagaa warqee fakkaatu.\ft*\f* saddeettaffaan biiraleen,\f + \fr 21:20 \fr*\fq Biiraleen \fq*\ft – yeroo baayʼee bifa cuquliisa akka magariisaa ti; akkasumas bifa adda addaa qaba.\ft*\f* saglaffaan wuraawureen,\f + \fr 21:20 \fr*\fq wuraawureen \fq*\ft – yeroo baayʼee biftii isaa keelloo fakkaata.\ft*\f* kurnaffaan kirisphiraasisiin,\f + \fr 21:20 \fr*\fq Kirisphiraasisiin \fq*\ft – dhagaa magariisa.\ft*\f* kudha tokkoffaan yaakintiin,\f + \fr 21:20 \fr*\fq yaakintiin \fq*\ft – dhagaa diimaa burtukaana fakkaatu.\ft*\f* kudha lammaffaan immoo ametiisxinosiin\f + \fr 21:20 \fr*\fq Ametiisxinosiin \fq*\ft – dhagaa dhiilgee yookaan gurraacha.\ft*\f* miidhagfame. \v 21 Karrawwan kudha lamaan lula kudha lama turan; tokkoon tokkoon karra sanaas lula tokko irraa hojjetame. Daandiin magaalaa sanaas warqee qulqulluu akkuma bilillee keessaan waa argamuu ti. \p \v 22 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine. \v 23 Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti. \v 24 Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu. \v 25 Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman. \v 26 Ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishee ni fidu. \v 27 Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu. \c 22 \s1 Eedin Lagni Jireenyaa Iddoo Isaatti Deebifamuu Isaa \p \v 1 Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; \v 2 bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. \v 3 Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. \v 4 Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. \v 5 Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu. \s1 Yohannisii fi Ergamaa \p \v 6 Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe. \s1 Yesuus Ni Dhufa \p \v 7 \wj “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.”\wj* \b \p \v 8 Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. \v 9 Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe. \p \v 10 Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin. \v 11 Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.” \b \s1 Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa \p \v 12 \wj “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.\wj* \v 13 \wj Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.\wj* \b \p \v 14 \wj “Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.\wj* \v 15 \wj Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.\wj* \b \p \v 16 \wj “Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”\wj* \b \p \v 17 Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu. \b \p \v 18 Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. \v 19 Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa. \b \p \v 20 Inni waan kana dhugaa baʼus, \wj “Eeyyee, ani dafee nan dhufa”\wj* jedha. \p Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu. \b \p \v 21 Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.