\id PSA - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Faarfannaa \toc1 Kitaabota Faarfannaa \toc2 Faarfannaa \toc3 Far \mt2 Kitaabota \mt1 Faarfannaa \c 1 \ms Kitaaba Tokkoffaa \mr Faarfannaa 1–41 \cl Faarfannaa 1 \ms1 Karaa Lamaan \q1 \v 1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, \q2 yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, \q2 yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha. \q1 \v 2 Garuu inni seera \nd Waaqayyootti\nd* gammada; \q2 seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada. \q1 \v 3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee \q2 yeroo isaatti ija isaa kennu, \q1 kan baalli isaas hin coollagnee ti; \q2 wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf. \b \q1 \v 4 Hamoonni garuu akkana miti; \q2 isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti. \q1 \v 5 Kanaafuu hamoonni murtii dura, \q2 yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* karaa qajeeltotaa ni beekaatii; \q2 karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa. \c 2 \cl Faarfannaa 2 \ms1 Mooticha Waaqni Dibee Moosise \q1 \v 1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? \q2 Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? \q1 \v 2 Mootonni lafaa kaʼanii, \q2 bulchitoonnis \nd Waaqayyoo\nd* fi Masiihii isaatiin mormuuf \q2 walitti qabaman; \q1 \v 3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; \q2 hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. \b \q1 \v 4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; \q2 Gooftaanis isaanitti qoosa. \q1 \v 5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; \q2 dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa; \q1 \v 6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, \q2 mootii koo teessifadheera” jedha. \b \p \v 7 Ani seera \nd Waaqayyoo\nd* nan labsa: \b \q1 innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; \q2 ani harʼa si dhalcheera. \q1 \v 8 Na kadhadhu; \q2 ani saboota dhaala kee, \q2 handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. \q1 \v 9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; \q2 akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” \b \q1 \v 10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; \q2 bulchitoonni lafaas of eeggadhaa. \q1 \v 11 Sodaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilaa; \q2 hollachaas gammadaa. \q1 \v 12 Akka inni hin aarreef, \q2 isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; \q1 dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. \q2 Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha. \c 3 \cl Faarfannaa 3 \ms1 Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiruu \d Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, diinonni koo akkam baayʼatu! \q2 Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru! \q1 \v 2 Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii \q2 waaʼee koo dubbatu. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; \q2 ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma. \q1 \v 4 Ani guddisee \nd Waaqayyotti\nd* nan iyyadha; \q2 innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna. \b \q1 \v 5 Ani nan ciisa; nan rafas; \q2 waan \nd Waaqayyo\nd* ol na qabuuf nan dammaqa. \q1 \v 6 Saba kumaatama qixa hundaan \q2 kaʼee na marse ani hin sodaadhu. \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd* kaʼi! \q2 Yaa Waaqa koo na baraari! \q1 Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; \q2 ilkaan hamootaa illee caccabsi. \b \q1 \v 8 Fayyinni kan \nd Waaqayyoo\nd* ti. \q2 Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu. \c 4 \cl Faarfannaa 4 \ms1 Kadhannaa Galgalaa \d Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. \q1 \v 1 Yaa Waaqa qajeelumma kootii, \q2 yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. \q1 Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; \q2 araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi. \b \q1 \v 2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? \q2 Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu? \q1 \v 3 Isin akka \nd Waaqayyo\nd* warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa. \b \q1 \v 4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; \q2 yommuu siree keessan irra jirtanitti, \q2 garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas. \q1 \v 5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; \q2 \nd Waaqayyonis\nd* amanadhaa. \b \q1 \v 6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ifni fuula keetii nurratti haa ifu. \q1 \v 7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, \q2 ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta. \b \q1 \v 8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd* si qofatu, \q2 sodaa malee na jiraachisaatii. \c 5 \cl Faarfannaa 5 \ms1 Kadhannaa Ganamaa \d Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gurra kee dubbii kootti qabi; \q2 aaduu koo illee naa hubadhu. \q1 \v 2 Yaa mootii koo fi Waaqa ko, \q2 iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; \q2 ani sin kadhadhaatii. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; \q2 anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; \q2 abdiidhaanis nan eeggadha. \q1 \v 4 Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; \q2 hamaanis si wajjin hin jiraatu. \q1 \v 5 Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. \q2 Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita; \q2 \v 6 Ati warra soba dubbatan ni balleessita. \q1 \nd Waaqayyo\nd* warra dhiiga dheebotanii fi \q2 warra nama gowwoomsan ni xireeffata. \q1 \v 7 Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; \q2 si sodaachuudhaanis gad jedhee \q2 gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sababii diinota kootiif jedhiitii \q2 qajeelummaa keetiin na dura buʼi; \q2 karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi. \q1 \v 9 Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; \q2 garaan isaanii badiisaan guutameera. \q1 Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; \q2 arraba isaaniitiin ni sobu. \q1 \v 10 Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi! \q2 Daba isaaniitiinis haa kufan. \q1 Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi; \q2 isaan sitti fincilaniiruutii. \q1 \v 11 Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; \q2 bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. \q1 Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif \q2 ati eegumsa kee isaan irra diriirsi. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati qajeeltota ni eebbiftaatii; \q2 akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita. \c 6 \cl Faarfannaa 6 \ms1 Kadhannaa Yeroo Dhiphinaa \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna \tl Shamiiniitiitti\tl* faarfatamu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* aarii keetiin na hin hifatin; \q2 yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. \q1 \v 2 Naa gameeraatii yaa \nd Waaqayyo\nd* naaf araarami; \q2 lafeen koos jeeqameeraatii yaa \nd Waaqayyo\nd* na fayyisi. \q1 \v 3 Lubbuun koo akka malee jeeqameera; \q2 kun hamma yoomiitti? Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hamma yoomiitti? \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; \q2 araara keetiif jedhiitii na fayyisi. \q1 \v 5 Namni duʼe si hin yaadatu. \q2 Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata? \b \q1 \v 6 Ani aaduu kootiin bututeera. \b \q1 Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; \q2 imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa. \q1 \v 7 Iji koo gaddaan fajajeera; \q2 sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera. \b \q1 \v 8 Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii. \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* waammata koo dhagaʼeera; \q2 \nd Waaqayyo\nd* kadhannaa koo ni fudhata. \q1 \v 10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; \q2 qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan. \c 7 \cl Faarfannaa 7 \ms1 Kadhannaa Namni Qajeelaan Kadhatu \d \tl Shiigaayoonni\tl* Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee \nd Waaqayyoof\nd* faarfate. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; \q2 warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis; \q1 \v 2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, \q2 akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe \q2 yoo harka koo keessa yakki jiraate, \q1 \v 4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, \q2 yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe, \q1 \v 5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; \q2 jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; \q2 ulfina koos awwaara keessa haa buusu. \b \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd* aarii keetiin kaʼi; \q2 dheekkamsa diinota kootti kaʼi. \q2 Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi. \q1 \v 7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; \q2 atis ol gubbaadhaa isaan bulchi. \q2 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* sabootaaf murtii haa kennu. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka qajeelummaa kootiitti, \q2 akka amanamummaa kootiittis naa murteessi. \q1 \v 9 Yaa Waaqa qajeelaa, \q2 kan yaadaa fi garaa namaa qortu, \q1 fincila hamootaa balleessi; \q2 qajeeltota immoo jabeessii dhaabi. \b \q1 \v 10 Gaachanni koo Waaqa; \q2 inni gara toleeyyii ni oolcha. \q1 \v 11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; \q2 inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha. \q1 \v 12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, \q2 inni goraadee isaa ni qarata; \q2 iddaa isaas dabsee qopheeffata. \q1 \v 13 Inni meeshaa nama ajjeesu \q2 qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata. \b \q1 \v 14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; \q2 jalʼina garaatti baata; soba dhala. \q1 \v 15 Inni gad fageessee boolla qota; \q2 boolla qopheesse sana keessas ni buʼa. \q1 \v 16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; \q2 jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa. \b \q1 \v 17 Qajeelummaa isaatiif \nd Waaqayyoon\nd* nan galateeffadha; \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha. \c 8 \cl Faarfannaa 8 \ms1 Ulfina Waaqayyoo \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan \tl Gitiitiidhaan\tl* faarfatamu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa keenya, \q2 maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! \b \q1 Ati ulfina kee \q2 samiiwwan irratti diriirsiteerta. \q1 \v 2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu \q2 afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi \q2 mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta. \q1 \v 3 Yommuu ani hojii quba keetii, \q2 samiiwwan kee, \q2 jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti, \q1 \v 4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali? \q2 Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? \b \q1 \v 5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; \q2 ulfinaa fi kabajaan isa gonfite. \q1 \v 6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; \q2 waan hundas miilla isaa jala galchite; \q1 \v 7 bushaayee fi loon hunda, \q2 bineensota bosonaas, \q1 \v 8 simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, \q2 waan daandii galaanaatiin darbu \q2 hundas miilla isaa jala galchite. \b \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa keenya, \q2 maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa! \c 9 \cl Faarfannaa 9 \ms1 Murtii Waaqayyoo \d Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; \q2 waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa. \q1 \v 2 Ani sittin gammada; nan ililchas; \q2 yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha. \b \q1 \v 3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; \q2 ni gufatu; fuula kee duraas ni badu. \q1 \v 4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; \q2 atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta. \q1 \v 5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; \q2 maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta. \q1 \v 6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; \q2 ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; \q2 seenaan isaaniis barbadeeffameera. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* garuu bara baraan ni moʼa; \q2 teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera. \q1 \v 8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; \q2 sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha. \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* warra cunqurfamaniif irkoo dha; \q2 yeroo rakkinaattis daʼoo dha. \q1 \v 10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; \q2 hojii isaa illee saboota keessatti labsaa. \q1 \v 12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; \q2 iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! \q2 Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi; \q1 \v 14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti \q2 akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis \q2 baayʼisee gammaduuf. \b \q1 \v 15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; \q2 miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame. \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; \q2 hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu. \q1 \v 17 Namoonni hamoon, \q2 warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. \q1 \v 18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; \q2 abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. \b \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd* kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; \q2 fuula kee duratti sabootatti haa muramu. \q1 \v 20 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sodaa isaanitti buusi; \q2 saboonnis akka namuma taʼan haa beekan. \c 10 \cl Faarfannaa 10 \ms1 Murtii Qajeelaa Argachuuf Waaqa Kadhachuu \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? \q2 Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita? \b \q1 \v 2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; \q2 inni maluma malatuun haa qabamu. \q1 \v 3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* immoo ni arrabsa. \q1 \v 4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; \q2 yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru. \q1 \v 5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; \q2 seerri kees isa irraa fagoo dha; \q2 diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada. \q1 \v 6 Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; \q2 rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha. \b \q1 \v 7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; \q2 dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru. \q1 \v 8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata; \q2 iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. \q1 Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada. \q2 \v 9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. \q1 Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; \q2 hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata. \q1 \v 10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; \q2 humna nama hamaa jalattis ni kufa. \q1 \v 11 Innis, “Waaqa irraanfateera; \q2 fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd* kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. \q2 Rakkataas hin dagatin. \q1 \v 13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? \q2 Maaliifis garaa isaatti, \q2 “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha? \q1 \v 14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; \q2 harka keetiinis gatii baasifta. \q1 Deegaan dabarsee sitti of kenna; \q2 ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha. \q1 \v 15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; \q2 hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, \q2 hammina isaatti isa gaafadhu. \b \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; \q2 ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu. \q1 \v 17 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; \q2 isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta; \q1 \v 18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef \q2 ati ijoollee abbaa hin qabnee fi \q2 cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf. \c 11 \cl Faarfannaa 11 \ms1 Waaqa Amanachuu \d Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Ani \nd Waaqayyotti\nd* kooluu galeera. \q2 Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: \q2 “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi. \q1 \v 2 Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; \q2 isaan warra toloota taʼan, \q1 dukkana keessa waraanuuf jedhanii, \q2 xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru. \q1 \v 3 Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan \q2 maal gochuu dandaʼa?” \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; \q2 teessoon \nd Waaqayyoo\nd* samii irra jira. \q1 Inni ilmaan namootaa ni ilaala; \q2 iji isaas namoota ni qora. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; \q2 lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti. \q1 \v 6 Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi \q2 dinyii bobaʼu ni roobsa; \q2 qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* waan qajeelaa taʼeef, \q2 murtii qajeelaa jaallata; \q2 toloonnis fuula isaa ni argu. \c 12 \cl Faarfannaa 12 \ms1 Kadhannaa Gargaarsa Barbaachaaf Kadhatame \d Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna \tl Shamiiniitiitti\tl* faarfatamu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; \q2 ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii. \q1 \v 2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; \q2 isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* afaan nama saadu hunda, \q2 arraba of tuulu hundas haa kukkutu; \q1 \v 4 isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; \q2 hidhiin keenyas keenyuma; \q2 eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd*, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, \q2 sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. \q2 Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha. \q1 \v 6 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* hirʼina hin qabu; \q2 innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee \q2 yeroo torba qulqulleeffamee ti. \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd* ati nu eegda; \q2 dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita. \q1 \v 8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti \q2 hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu. \c 13 \cl Faarfannaa 13 \ms1 Iyyata Nama Waaqa Amanatee \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hamma yoomiitti? \q2 Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? \q2 Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita? \q1 \v 2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee \q2 guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? \q2 Hamma yoomiitti diinni koo narra aana? \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. \q2 Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni; \q1 \v 4 diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; \q2 amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu. \b \q1 \v 5 Ani garuu araara kee nan amanadha; \q2 garaan koos fayyisuu keetti ni gammada. \q1 \v 6 Ani \nd Waaqayyoof\nd* nan faarfadha; \q2 arjummaan isaa naa baayʼateeraatii. \c 14 \cl Faarfannaa 14 \ms1 Namoota Waaqaaf Hin Bulle \mr 14:1‑7 kwf – \xt Far 53:1‑6\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Gowwaan garaa isaatti, \q2 “Waaqni hin jiru” jedha. \q1 Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; \q2 namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* yoo namni waa hubatu, \q2 kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, \q2 samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. \q1 \v 3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; \q2 namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; \q2 tokkumti iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 4 Warri hammina hojjetan \q2 kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? \q1 \v 5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; \q2 Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii. \q1 \v 6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu daʼoo isaanii ti. \b \q1 \v 7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! \q2 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, \q2 Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu! \c 15 \cl Faarfannaa 15 \ms1 Nama Akkamiitu Mana Waaqaa Keessa Jiraachuu Dandaʼa? \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? \q2 Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? \b \q1 \v 2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi \q2 nama waan qajeelaa hojjetu, \q2 nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi \q1 \v 3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne, \q2 nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi \q2 nama ollaa isaa maqaa hin balleessine, \q1 \v 4 kan nama hamaa tuffatee warra \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan garuu kabaju, \q2 yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu, \q1 \v 5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi \q2 kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. \b \q1 Namni wantoota kanneen hojjetu, \q2 gonkumaa hin raafamu. \c 16 \cl Faarfannaa 16 \ms1 Waaqayyo Dhaala Koo ti \d \tl Miiktaamii\tl* Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, \q2 ati na eegi. \b \q1 \v 2 Anis \nd Waaqayyoon\nd*, “Ati Gooftaa koo ti; \q2 ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha. \q1 \v 3 Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; \q2 anis isaanitti baayʼee nan gammada. \q1 \v 4 Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, \q2 gaddi isaanii ni guddata. \q1 Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; \q2 yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; \q2 ixaa koos situ naa jiraachisa. \q1 \v 6 Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; \q2 dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* isa na gorsu sana ani nan jajadha; \q2 halkanis yaadni koo na qajeelcha. \q1 \v 8 Ani yeroo hunda fuula koo duraa \nd Waaqayyoon\nd* qaba. \q2 Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu. \b \q1 \v 9 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; \q2 foon koos nagaadhaan jiraata; \q1 \v 10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, \q2 yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. \q1 \v 11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis \q2 gammachuudhaan na guutta; \q2 gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira. \c 17 \cl Faarfannaa 17 \ms1 Iyyata Nama Qajeelaa \d Kadhannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; \q2 booʼicha koos dhaggeeffadhu. \q1 Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine \q2 keessaa baʼuufis gurra kenni. \q1 \v 2 Murtiin koo si biraa haa dhufu; \q2 iji kees waan qajeelaa haa argu. \b \q1 \v 3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, \q2 yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; \q2 ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii. \q1 \v 4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin \q2 karaa gooltotaa irraa of eeggadheera. \q1 \v 5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; \q2 miilli koos hin mucucaanne. \b \q1 \v 6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; \q2 gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi. \q1 \v 7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan \q2 harka kee mirgaatiin oolchitu, \q2 ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi. \q1 \v 8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi; \q2 gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi; \q1 \v 9 hamoota na dhiphisan jalaa, \q2 diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi. \b \q1 \v 10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; \q2 afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata. \q1 \v 11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; \q2 lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu. \q1 \v 12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; \q2 akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd* kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; \q2 goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi. \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, namoota akkanaa jalaa, \q2 namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa // harka keetiin na baraari. \q1 Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; \q2 ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; \q2 isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan. \b \q1 \v 15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; \q2 yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa. \c 18 \cl Faarfannaa 18 \ms1 Faarfannaa Moʼannaa \mr 18:1‑50 kwf – \xt 2Sm 22:1‑51\xt* \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha \nd Waaqayyoo\nd*; innis yommuu \nd Waaqayyo\nd* harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana \nd Waaqayyoof\nd* faarfate. Innis akkana jedhe: \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* jabina ko, ani sin jaalladha. \b \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; \q2 Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; \q2 inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha. \b \q1 \v 3 Ani \nd Waaqayyo\nd* galanni isaaf malu sana nan waammadha; \q2 diinota koo jalaas nan baraarama. \q1 \v 4 Funyoon duʼaa na xaxe; \q2 lolaan badiisaas na liqimseera. \q1 \v 5 Funyoon siiʼool natti marame; \q2 kiyyoon duʼaas natti dhufe. \b \q1 \v 6 Ani dhiphina koo keessatti \nd Waaqayyoon\nd* nan waammadhe; \q2 gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. \q1 Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; \q2 iyyi koos gurra isaa seene. \q1 \v 7 Lafti ni hollatte; ni sochootes; \q2 hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; \q2 sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan. \q1 \v 8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; \q2 ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; \q2 cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe. \q1 \v 9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; \q2 duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan. \q1 \v 10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; \q2 qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe. \q1 \v 11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan \q2 bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate. \q1 \v 12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi \q2 bakakkaadhaan tarsaasee baʼe. \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* samiidhaa ni qaqawweessaʼe; \q2 sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame. \q1 \v 14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; \q2 bakakkaas gad dhiisee isaan fixe. \q1 \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, dheekkamsa keetiin, \q2 humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, \q1 sululawwan galaanaa ifatti baafaman; \q2 hundeewwan lafaas qullaa hafan. \b \q1 \v 16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; \q2 bishaanota gad fagoo keessaas na baase. \q1 \v 17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo \q2 warra akka malee natti ciman jalaas na baase. \q1 \v 18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu gargaarsa koo ture. \q1 \v 19 Inni iddoo balʼaatti na baase; \q2 waan natti gammadeefis na oolche. \b \q1 \v 20 \nd Waaqayyo\nd* akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; \q2 akkuma qulqullina harka koottis na badhaase. \q1 \v 21 Ani karaa \nd Waaqayyoo\nd* eegeeraatii; \q2 Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne. \q1 \v 22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; \q2 anis labsii isaa irraa hin gorre. \q1 \v 23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; \q2 cubbuu irraas of eeggadheera. \q1 \v 24 \nd Waaqayyo\nd* akkuma qajeelumma kootti, \q2 akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera. \b \q1 \v 25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; \q2 nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata. \q1 \v 26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata; \q2 nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata. \q1 \v 27 Ati warra gad of qaban ni oolchita; \q2 ija of tuulu garuu gad deebifta. \q1 \v 28 Yaa \nd Waaqayyo\nd* ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; \q2 Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara. \q1 \v 29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; \q2 Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa. \b \q1 \v 30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* hirʼina hin qabu; \q2 warra isatti kooluu galan hundaaf \nd Waaqayyo\nd* gaachana taʼa. \q1 \v 31 \nd Waaqayyo\nd* malee Waaqni eenyu? \q2 Waaqa keenya malees kattaan eenyu? \q1 \v 32 Kan humna na hidhachiisu, \q2 kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa. \q1 \v 33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; \q2 iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa. \q1 \v 34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; \q2 irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa. \q1 \v 35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; \q2 harki kee mirgaa ol na qabeera; \q2 gargaarsi kees nama guddaa na godhe. \q1 \v 36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, \q2 miilla kootiif daandii balʼifteerta. \b \q1 \v 37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; \q2 hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine. \q1 \v 38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; \q2 isaanis miilla koo jalatti ni kufan. \q1 \v 39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; \q2 amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte. \q1 \v 40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; \q2 anis amajaajota koo barbadeesseera. \q1 \v 41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; \q2 gara \nd Waaqayyoottis\nd* ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef. \q1 \v 42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; \q2 akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite. \q1 \v 43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; \q2 mataa sabootaa na gooteerta; \q2 sabni ani hin beekne na tajaajila. \q1 \v 44 Namoonni ormaa na sossobatan; \q2 isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman. \q1 \v 45 Isaan hundi abdii kutatan; \q2 hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan. \b \q1 \v 46 \nd Waaqayyo\nd* jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! \q2 Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu! \q1 \v 47 Inni Waaqa haaloo naa baasu, \q2 kan sabootas na jalatti bulchuu dha; \q2 \v 48 diinota koo jalaas na baasa. \q1 Ati amajaajota kootii ol na goota; \q2 gooltota jalaas na baafte. \q1 \v 49 Kanaafuu yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani saboota gidduutti sin leellisa; \q2 faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha. \b \q1 \v 50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; \q2 dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, \q2 jaalala bara baraa ni argisiisa. \c 19 \cl Faarfannaa 19 \ms1 Waaqayyo Biiftuu Qajeelummaati \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; \q2 bantiin samiis hojii harka isaa labsa. \q1 \v 2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, \q2 halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa. \q1 \v 3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; \q2 sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu. \q1 \v 4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, \q2 dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. \q1 Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe; \q2 \v 5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi \q2 akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti. \q1 \v 6 Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee \q2 gara handaara kaaniitti naannofti; \q2 wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 7 Seerri \nd Waaqayyoo\nd* mudaa hin qabu; \q2 lubbuu namatti deebisa. \q1 Ajajni \nd Waaqayyoo\nd* amanamaa dha; \q2 nama wallaalaa beekaa godha. \q1 \v 8 Seerri \nd Waaqayyoo\nd* qajeelaa dha; \q2 garaadhaaf gammachuu kenna. \q1 Ajajni \nd Waaqayyoo\nd* qulqulluu dha; \q2 ijaafis ifa kenna. \q1 \v 9 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun qulqulluu dha; \q2 bara baraan jiraata. \q1 Murtiin \nd Waaqayyoo\nd* dhugaa dha; \q2 walumaa galattis qajeelaa dha. \q1 \v 10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame \q2 caalaa iyyuu gatii qabeessa; \q1 inni damma caalaa, \q2 nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha. \q1 \v 11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; \q2 isa eeguunis gatii guddaa qaba. \b \q1 \v 12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? \q2 Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi. \q1 \v 13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; \q2 cubbuun kunis na hin moʼatin. \q1 Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; \q2 dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa. \b \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Kattaa koo fi Furii ko, \q2 dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo \q2 fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu. \c 20 \cl Faarfannaa 20 \ms1 Kadhannaa Mootiif Kadhatame \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Guyyaa rakkinaatti \nd Waaqayyo\nd* deebii siif haa kennu; \q2 maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu. \q1 \v 2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; \q2 Xiyoon irraas jabina siif haa kennu. \q1 \v 3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; \q2 qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu. \q1 \v 4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu; \q2 karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu. \q1 \v 5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee \q2 maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. \b \q1 \nd Waaqayyo\nd* waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu. \b \q1 \v 6 Ani akka \nd Waaqayyo\nd* dibamaa isaa fayyisu amma beeka; \q2 Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan \q2 samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf. \q1 \v 7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; \q2 nu garuu maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa amananna. \q1 \v 8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; \q2 jabaannees ni dhaabanna. \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! \q2 Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni! \c 21 \cl Faarfannaa 21 \ms1 Galata Waaʼee Mootichaatiif Dhiʼaate \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. \q2 Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha! \b \q1 \v 2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; \q2 kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne. \q1 \v 3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte; \q2 gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse. \q1 \v 4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; \q2 bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef. \q1 \v 5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; \q2 atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte. \q1 \v 6 Ati eebba bara baraa kenniteef; \q2 akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote. \q1 \v 7 Mootichi \nd Waaqayyoon\nd* amanataatii; \q2 sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii \q2 kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu. \b \q1 \v 8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata; \q2 harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba. \q1 \v 9 Yeroo mulʼachuu keetiitti, \q2 akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. \q1 \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; \q2 ibiddis isaan fixa. \q1 \v 10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, \q2 ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita. \q1 \v 11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, \q2 yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan. \q1 \v 12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, \q2 akka isaan baqatan gootaatii. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, jabina keetiin ol ol jedhi; \q2 nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas. \c 22 \cl Faarfannaa 22 \ms1 Rakkinaa Fi Abdii Nama Qajeelaa \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? \q2 Ati na gargaaruu irraa, \q2 iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta? \q1 \v 2 Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; \q2 ati garuu deebii naaf hin deebiftu; \q2 halkan halkanis afaan hin qabadhu. \b \q1 \v 3 Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; \q2 ati galata Israaʼel. \q1 \v 4 Abbootiin keenya si amanatan; \q2 isaan si amanatan; atis isaan oolchite. \q1 \v 5 Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; \q2 si amanatan; hin qaanofnes. \b \q1 \v 6 Ani garuu raammoodha malee nama miti; \q2 ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha. \q1 \v 7 Warri na argan hundinuu natti kolfu; \q2 mataa isaanii raasanii na arrabsu. \q1 \v 8 Akkanas jedhu; “Inni \nd Waaqayyoon\nd* amanata; \q2 mee \nd Waaqayyo\nd* isa haa oolchu kaa. \q2 Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.” \b \q1 \v 9 Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; \q2 harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege. \q1 \v 10 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; \q2 erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti. \q1 \v 11 Ati narraa hin fagaatin; \q2 rakkinni dhiʼaateeraatii; \q2 namni na gargaarus hin jiru. \b \q1 \v 12 Korommiin baayʼeen na marsu; \q2 korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu. \q1 \v 13 Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu \q2 afaan isaanii balʼisanii natti banatu. \q1 \v 14 Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; \q2 lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. \q1 Onneen koo gara gagaatti geeddarame; \q2 na keessattis baqe. \q1 \v 15 Jabinni koo akka qiraacii goge; \q2 arrabni koo laagaatti na maxxane; \q2 awwaara duʼaa keessas na ciibsite. \q1 \v 16 Saroonni na marsaniiru; \q2 gareen namoota hamoo na marseera; \q2 isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru. \q1 \v 17 Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; \q2 isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu. \q1 \v 18 Isaan wayyaa koo hiratan; \q2 uffata koottis ixaa buufatan. \b \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu narraa hin fagaatin; \q2 yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu. \q1 \v 20 Lubbuu koo goraadee jalaa, \q2 jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi. \q1 \v 21 Afaan leencaa jalaa na miliqsi; \q2 gaanfa gafarsaa jalaas na baasi. \b \q1 \v 22 Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; \q2 waldaa keessattis sin jajadha. \q1 \v 23 Isin warri \nd Waaqayyoon\nd* sodaattan isa jajadhaa! \q2 Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! \q2 Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa! \q1 \v 24 Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne \q2 yookaan hin balfineetii; \q1 yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, \q2 ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne. \b \q1 \v 25 Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; \q2 warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa. \q1 \v 26 Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddatanis isa ni jajatu; \q2 garaan keessan bara baraan haa jiraatu! \q1 \v 27 Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; \q2 gara \nd Waaqayyoottis\nd* ni deebiʼa; \q1 maatiiwwan sabootaa hundinuus \q2 fuula isaa duratti ni sagadu; \q1 \v 28 mootummaan kan \nd Waaqayyootii\nd*; \q2 innis saboota hunda ni bulcha. \b \q1 \v 29 Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; \q2 warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi \q2 fuula isaa duratti ni jilbeenfatu. \q1 \v 30 Dhaloonni dhufu isa tajaajila; \q2 dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama. \q1 \v 31 Sababii inni waan kana hojjeteef, \q2 isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu. \c 23 \cl Faarfannaa 23 \ms1 Tiksee Gaarii \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu. \q2 \v 2 Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; \q1 gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; \q2 \v 3 inni lubbuu natti deebisa. \q1 Maqaa isaatiif jedhees \q2 karaa qajeelaa irra na deemsisa. \q1 \v 4 Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee \q2 ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; \q2 uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu. \b \q1 \v 5 Ati utuma diinonni koo ilaalanuu \q2 fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. \q1 Mataa koo zayitii dibda; \q2 xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha. \q1 \v 6 Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, \q2 bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; \q2 anis bara baraan, mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa nan jiraadha. \c 24 \cl Faarfannaa 24 \ms1 Faarfannaa Mootii Ulfinaatiif Faarfatame \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, \q2 addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q1 \v 2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; \q2 bishaan irras ishee dhaabeera. \b \q1 \v 3 Eenyutu tulluu \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼa? \q2 Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? \q1 \v 4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, \q2 nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne \q2 yookaan nama sobaan hin kakannee dha. \q1 \v 5 Inni \nd Waaqayyo\nd* biraa eebba, \q2 Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata. \q1 \v 6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; \q2 kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti. \b \q1 \v 7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; \q2 isinis balbalawwan durii, \q2 akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa. \q1 \v 8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? \q2 \nd Waaqayyo\nd* jabaa fi humna qabeessa, \q2 \nd Waaqayyo\nd* isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha. \q1 \v 9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; \q2 isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf \q2 mataa keessan ol qabadhaa. \q1 \v 10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu sun, \q2 inni Mootii ulfinaa ti. \c 25 \cl Faarfannaa 25 \ms1 Kadhannaa Yeroo Balaa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani lubbuu koo gara keetti \q2 ol nan qaba. \b \q1 \v 2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. \q2 Ati na hin qaanessin; \q2 akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin. \q1 \v 3 Namni si eeggatu tokko iyyuu \q2 yoom iyyuu hin qaaneffamu; \q1 warri sababii malee yakka hojjetan \q2 garuu ni qaaneffamu. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, karaa kee na argisiisi; \q2 daandii kees na barsiisi; \q1 \v 5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, \q2 dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; \q2 anis guyyaa guutuu sin eeggadha. \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; \q2 isaan durumaa jalqabanii jiruutii. \q1 \v 7 Cubbuu afaan kootii \q2 yookaan dogoggora koo hin yaadatin; \q1 yaa \nd Waaqayyo\nd*, gaarummaa keetiif jedhiitii \q2 akkuma araara keetiitti na yaadadhu. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* gaarii dha; tolaadhas; \q2 kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa. \q1 \v 9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; \q2 karaa isaas isaan barsiisa. \q1 \v 10 Karaan \nd Waaqayyoo\nd* hundinuu \q2 warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu \q2 maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi. \q1 \v 12 Namni \nd Waaqayyoon\nd* sodaatu eenyu? \q2 Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa. \q1 \v 13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; \q2 sanyiin isaas lafa dhaala. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; \q2 kakuu isaa illee isaan beeksisa. \q1 \v 15 Iji koo yeroo hunda gara \nd Waaqayyoo\nd* ilaala; \q2 inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii. \b \q1 \v 16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi; \q2 ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas. \q1 \v 17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; \q2 dhiphina koo keessaas na baasi. \q1 \v 18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; \q2 cubbuu koo hunda naa dhiisi. \q1 \v 19 Akka diinonni koo baayʼatan, \q2 hammam akka cimsanii na jibban argi! \q1 \v 20 Lubbuu koo eegi; na oolchis; \q2 sababii ani kooluu sitti galeef, \q2 akka ani qaanaʼu na hin godhin. \q1 \v 21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi \q2 qajeelummaan ana haa eegan. \b \q1 \v 22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa \q2 Israaʼelin furi! \c 26 \cl Faarfannaa 26 \ms1 Kadhannaa nama qajeelaa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sababii ani jireenya hirʼina \q2 hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; \q1 anis utuu asii fi achi hin raafamin, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* amanadheera. \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, qoriitii na ilaali; \q2 garaa koo fi qalbii koo qori; \q1 \v 3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; \q2 anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa. \b \q1 \v 4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, \q2 yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu; \q1 \v 5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; \q2 hamoota wajjinis hin taaʼu. \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; \q2 iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa. \q1 \v 7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; \q2 dinqii hojii keetii hunda nan odeessa. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, mana ati keessa jiraattu, \q2 iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha. \q1 \v 9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos \q2 warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin; \q1 \v 10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru \q2 kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin. \q1 \v 11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; \q2 ati na furi; araaras naa buusi. \b \q1 \v 12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; \q2 waldaa guddaa keessattis \nd Waaqayyoon\nd* nan jajadha. \c 27 \cl Faarfannaa 27 \ms1 Ija Jabina Nama Waaqayyoo \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* ibsaa kootii fi fayyina koo ti; \q2 ani eenyunan sodaadha? \q1 \nd Waaqayyo\nd* daʼoo jireenya kootii ti; \q2 eenyutu na sodaachisa? \q1 \v 2 Namoonni hamoon yommuu \q2 foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, \q1 diinonni koo fi amajaajonni koo \q2 yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu. \q1 \v 3 Yoo duulli na marse illee, \q2 garaan koo hin sodaatu; \q1 yoo waraanni natti baname illee \q2 ani hin raafamu. \b \q1 \v 4 Ani waan tokko \nd Waaqayyoon\nd* nan kadhadha; \q2 waan kanas nan barbaada: \q1 Kunis bara jireenya kootii guutuu \q2 mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa jiraachuu, \q1 miidhagina \nd Waaqayyoo\nd* ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa \q2 keessatti isa kadhachuu dha. \q1 \v 5 Inni guyyaa rakkinaa \q2 iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; \q1 daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; \q2 kattaa gubbaattis ol na baasa. \b \q1 \v 6 Yommus diinota na marsanii olitti \q2 mataan koo ol jedha; \q1 dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; \q2 \nd Waaqayyoof\nd* nan faarfadha; nan weeddisas. \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; \q2 naaf araarami; deebiis naaf kenni. \q1 \v 8 Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, \q2 garaan koo, “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha. \q1 \v 9 Fuula kee na duraa hin dhoksin; \q2 aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; \q2 ati gargaaraa koo taateerta. \q1 Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, \q2 na hin gatin; na hin dhiisinis. \q1 \v 10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, \q2 \nd Waaqayyo\nd* na simata. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, karaa kee na barsiisi; \q2 sababii ani diinota baayʼee qabuuf \q2 daandii qajeelaa irra na buusi. \q1 \v 12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; \q2 dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; \q2 isaanis hafuura jalʼinaa baafatu. \b \q1 \v 13 Anis biyya jiraattotaa keessatti \q2 gaarummaa \nd Waaqayyoo\nd* akkan argu \q2 amma iyyuu nan amana. \q1 \v 14 \nd Waaqayyoon\nd* eeggadhu; \q2 cimi; jabaadhus; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* eeggadhu. \c 28 \cl Faarfannaa 28 \ms1 Kadhannaa Fi Galata \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Kattaa ko, ani sin waammadha; \q2 ati na jalaa hin didin. \q1 Yoo ati na jalaa didde, \q2 ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa. \q1 \v 2 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee \q2 gara Iddoo Qulqullummaa kee \q1 kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe \q2 sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi. \b \q1 \v 3 Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, \q2 warra garaa isaaniitti hammina qabatanii \q1 olloota isaanii wajjin garuu \q2 nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin. \q1 \v 4 Akka hojii isaaniitti, \q2 akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; \q1 akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; \q2 gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi. \b \q1 \v 5 Sababii isaan hojii \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef \q1 inni isaan diiga; \q2 deebisees isaan hin ijaaru. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* haa eebbifamu! \q2 Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii. \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* jabina koo fi gaachana koo ti; \q2 garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. \q1 Garaan koo baayʼee gammada; \q2 anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* jabina saba isaa ti; \q2 dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti. \q1 \v 9 Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; \q2 tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu. \c 29 \cl Faarfannaa 29 \ms1 Faarfannaa Gooftaa Bubbeetiif Dhiʼaate \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Isin jajjabeeyyiin, \nd Waaqayyoof\nd* fidaa; \q2 ulfinaa fi jabina \nd Waaqayyoof\nd* fidaa. \q1 \v 2 Ulfina maqaa isaatiif malu \nd Waaqayyoof\nd* kennaa; \q2 iddoo qulqullummaa isaatti \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffadhaa. \b \q1 \v 3 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* bishaanota irra jira; \q2 Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa. \q1 \v 4 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* humna qaba; \q2 sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* surra qabeessa. \q1 \v 5 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* birbirsa ni cabsa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* birbirsa Libaanoon ni caccabsa. \q1 \v 6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti, \q2 Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa. \q1 \v 7 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* \q2 balaqqeessa bakakkaatiin rukuta. \q1 \v 8 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* gammoojjii sochoosa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Gammoojjii Qaadesh sochoosa. \q1 \v 9 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* qilxuu micciira; \q2 bosonas qullaatti hambisa. \q1 Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya. \b \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* saba isaatiif jabina kenna; \q2 \nd Waaqayyo\nd* saba isaa nagaadhaan eebbisa. \c 30 \cl Faarfannaa 30 \ms1 Galata Nama Afaan Duʼaatii Deebiʼee \d Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sababii ati ol na fuutee \q2 akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, \q2 ani sin jajadha. \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, \q2 ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte. \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; \q2 akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte. \b \q1 \v 4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* jajadhaa; \q2 maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa. \q1 \v 5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; \q2 gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; \q1 booʼichi galgala tokko qofaaf tura; \q2 ganama garuu ililleetu taʼa. \b \q1 \v 6 Anis yommuun nagaa argadhetti, \q2 “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe. \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati jaalala keetiin \q2 akka tulluu jabaatti na dhaabde; \q1 yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu \q2 naasuutu na qabate. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani sin waammadha; \q2 ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha: \q1 \v 9 “Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas \q2 faayidaa maaliitu argama? \q1 Biyyoon si galateeffataa? \q2 Amanamummaa kees ni odeessaa? \q1 \v 10 Yaa \nd Waaqayyo\nd* na dhagaʼi; na maaris; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gargaarsa naa taʼi.” \b \q1 \v 11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; \q2 wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte; \q1 \v 12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi // akka isheen hin calʼisneefii dha. \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha. \c 31 \cl Faarfannaa 31 \ms1 Kadhannaa Yeroo Rakkinaa \mr 31:1‑4 kwf – \xt Far 71:1‑3\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani kooluu sitti galeera; \q2 ati gonkumaa na hin qaanessin; \q2 qajeelummaa keetiin na oolchi. \q1 \v 2 Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; \q2 kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; \q2 na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi. \q1 \v 3 Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, \q2 maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi. \q1 \v 4 Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef, \q2 kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi. \q1 \v 5 Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa dhugaa, ati na furi. \b \q1 \v 6 Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* garuu nan amanadha. \q1 \v 7 Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas; \q2 ati dhiphina koo argiteertaatii; \q2 rakkina lubbuu kootii illee beekteerta. \q1 \v 8 Ati dabarsitee diinatti na hin kennine; \q2 miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta. \b \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; \q2 iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru. \q1 \v 10 Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera; \q2 jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera; \q2 lafeen koos xuuxameera. \q1 \v 11 Sababii diinota koo hundaatiif, \q2 ani olloota koo biratti waan sodaachisaa, \q1 michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera; \q2 warri karaa irratti na arganis na baqatu. \q1 \v 12 Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera; \q2 akkuma qodaa cabaas nan taʼe. \q1 \v 13 Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii; \q2 kallattii hundaan sodaatu jira! \q1 Isaan natti malatanii \q2 lubbuu koo balleessuuf mariʼatan. \b \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani garuu sin amanadha; \q2 “Ati Waaqa koo ti” nan jedha. \q1 \v 15 Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, \q2 warra na ariʼatan harkaas na baasi. \q1 \v 16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu; \q2 jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari. \q1 \v 17 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani hin qaaneffamin; \q2 ani si waammadheeraatii; \q1 warri hamoon garuu haa qaaneffaman; \q2 calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan. \q1 \v 18 Afaan soba dubbatu, \q2 kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, \q2 nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu. \b \q1 \v 19 Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, \q2 kan ati fuula namootaa duratti \q2 warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha! \q1 \v 20 Daʼoo fuula keetiitiin, \q2 waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; \q2 dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita. \b \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* haa eebbifamu; \q2 inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti, \q2 jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii. \q1 \v 22 Ani yeroon akka malee dhiphadhetti, \q2 “Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture. \q1 Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti, \q2 kadhannaa koo naa dhageesse. \b \q1 \v 23 Qulqulloonni isaa hundinuu, \nd Waaqayyoon\nd* jaalladhaa! \q2 \nd Waaqayyo\nd* amanamoota ni eega; \q2 of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf. \q1 \v 24 Warri \nd Waaqayyoon\nd* abdattan hundinuu jabaadhaa; \q2 garaan keessan hin sodaatin. \c 32 \cl Faarfannaa 32 \ms1 Cubbuu Himachuu \d Faarfannaa Daawit. \tl Maskiil.\tl* \q1 \v 1 Namni yakki isaa dhiifameef, \q2 kan cubbuun isaas haguugameef, \q2 eebbifamaa dha. \q1 \v 2 Namni \nd Waaqayyo\nd* cubbuu itti hin lakkoofne, \q2 kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, \q2 eebbifamaa dha. \b \q1 \v 3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, \q2 guyyaa guutuu aaduu kootiin, \q2 lafeen koo ni bosose. \q1 \v 4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; \q2 jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame. \q1 \v 5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; \q2 balleessaa koos si hin dhokfanne. \q1 Anis, “Irra daddarba koo, \nd Waaqayyootti\nd* nan himadha” nan jedhe; \q2 atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta. \b \q1 \v 6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, \q2 yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; \q2 lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu. \q1 \v 7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; \q2 rakkina irraa na eegda; \q2 faarfannaa moʼannaatiinis na marsita. \b \q1 \v 8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; \q2 ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. \q1 \v 9 Isin akka farda yookaan gaangoo \q2 hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; \q1 isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee \q2 gara kee hin dhufan. \q1 \v 10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; \q2 araarri \nd Waaqayyoo\nd* garuu nama isa amanatu ni marsa. \b \q1 \v 11 Yaa qajeeltota, isin \nd Waaqayyotti\nd* gammadaa; ililchaas; \q2 warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa. \c 33 \cl Faarfannaa 33 \ms1 Waaqa Jajachuu \q1 \v 1 Yaa qajeeltota, isin \nd Waaqayyotti\nd* gammadaa; \q2 isa jajuun tolootaaf ni mala. \q1 \v 2 Kiraaraan \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa; \q2 baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa. \q1 \v 3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; \q2 sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa. \b \q1 \v 4 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* qajeelaadhaatii; \q2 inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; \q2 laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti. \b \q1 \v 6 Samiiwwan dubbii \nd Waaqayyootiin\nd* hojjetaman; \q2 tuunni urjiiwwanii hundinuus // hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman. \q1 \v 7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba; \q2 bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa. \q1 \v 8 Lafti hundi \nd Waaqayyoon\nd* haa sodaatu; \q2 sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu. \q1 \v 9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe; \q2 inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate. \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* marii sabootaa ni fashaleessa; \q2 akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha. \q1 \v 11 Karoorri \nd Waaqayyoo\nd* garuu bara baraan, yaadni garaa isaas \q2 dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata. \b \q1 \v 12 Sabni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaf taʼe, \q2 namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha. \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* samii irraa gad ni ilaala; \q2 ilmaan namootaa hundas ni arga; \q1 \v 14 inni teessoo isaa irra taaʼee, \q2 warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala; \q1 \v 15 inni garaa nama hundumaa uumu sun, \q2 hojii isaanii hunda ni hubata. \q1 \v 16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu; \q2 jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu. \q1 \v 17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha; \q2 guddinni humna isaas nama hin oolchu. \q1 \v 18 Garuu iji \nd Waaqayyoo\nd* warra isa sodaatan irra, \q2 warra araara isaa abdatan irras jira; \q1 \v 19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa; \q2 bara beelaas isaan ni jiraachisa. \b \q1 \v 20 Lubbuun keenya abdiidhaan \nd Waaqayyoon\nd* eeggatti; \q2 innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya. \q1 \v 21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii; \q2 nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii. \q1 \v 22 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkuma nu abdii keenya \q2 sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu. \c 34 \cl Faarfannaa 34 \ms1 Waaqa Murtii Qajeelaa Jajachuu \d Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. \q1 \v 1 Ani yeroo hunda \nd Waaqayyoon\nd* nan eebbisa; \q2 galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu. \q1 \v 2 Lubbuun koo \nd Waaqayyoon\nd* boonti; \q2 cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan. \q1 \v 3 Na wajjin \nd Waaqayyoof\nd* ulfina kennaa; \q2 kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa. \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyoon\nd* nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; \q2 sodaa koo hunda keessaas na baase. \q1 \v 5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu; \q2 fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu. \q1 \v 6 Hiyyeessi kun ni iyye; \nd Waaqayyos\nd* isa dhagaʼe; \q2 rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase. \q1 \v 7 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* naannoo warra Waaqa sodaatanii \q2 ni qubata; isaan ni oolchas. \b \q1 \v 8 Akka \nd Waaqayyo\nd* gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; \q2 namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha. \q1 \v 9 Isin qulqulloonni isaa \nd Waaqayyoon\nd* sodaadhaa; \q2 warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii. \q1 \v 10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; \q2 namni \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddatu garuu // waan gaarii tokko illee hin dhabu. \b \q1 \v 11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; \q2 anis \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu isinan barsiisa. \q1 \v 12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis \q2 bara baayʼee hawwu eenyu? \q1 \v 13 Arraba kee waan hamaa irraa, \q2 afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu. \q1 \v 14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; \q2 nagaa barbaadi; duukaa buʼis. \b \q1 \v 15 Iji \nd Waaqayyoo\nd* qajeeltota irra jira; \q2 gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha; \q1 \v 16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, \q2 fuulli \nd Waaqayyoo\nd* warra hamaa hojjetanitti ni hammaata. \b \q1 \v 17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; \nd Waaqayyos\nd* isaan dhagaʼa. \q2 Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa. \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; \q2 warra abdii kutatanis ni fayyisa. \b \q1 \v 19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu hunda isaa jalaa isa baasa; \q1 \v 20 lafee isaa hunda ni eega; \q2 isaan keessaas tokko illee hin cabu. \b \q1 \v 21 Hamoota hamminatu ajjeesa; \q2 warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama. \q1 \v 22 \nd Waaqayyo\nd* lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; \q2 warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu. \c 35 \cl Faarfannaa 35 \ms1 Kadhannaa Nama Dhiphatee \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, warra anaan mormaniin mormi; \q2 warra na lolanis loli. \q1 \v 2 Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu; \q2 na gargaaruudhaafis kaʼi. \q1 \v 3 Warra na ariʼanitti \q2 eeboo fi bodee luqqifadhu. \q1 Lubbuu kootiinis, \q2 “Fayyinni kee ana” jedhi. \b \q1 \v 4 Warri lubbuu koo barbaadan, \q2 haa qaanaʼan; haa salphatanis; \q1 warri na balleessuuf mariʼatanis, \q2 abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan. \q1 \v 5 Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; \q2 ergamaan \nd Waaqayyoos\nd* isaan haa ariʼu. \q1 \v 6 Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; \q2 ergamaan \nd Waaqayyoos\nd* isaan haa ariʼu. \b \q1 \v 7 Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii // na dura kaaʼaniiruutii; \q2 sababii malees boolla naa qotaniiru; \q1 \v 8 utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu; \q2 kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu; \q2 boolluma qote sanattis haa kufu. \q1 \v 9 Yoos lubbuun ko, \nd Waaqayyotti\nd* gammaddi; \q2 fayyisuu isaattis ni ililchiti. \q1 \v 10 Lafeen koo hundi akkana siin jedha: \q2 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kan akka keetii eenyu? \q1 Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; \q2 hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.” \b \q1 \v 11 Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan; \q2 waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu. \q1 \v 12 Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu; \q2 lubbuu koos kophaatti hambisu. \q1 \v 13 Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, // wayyaa gaddaa nan uffadhe; \q2 lubbuu koos soomaan nan miidhe. \q1 Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis \q2 \v 14 ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti, \q2 gaddaan asii fi achi deddeebiʼe. \q1 Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis, \q2 gaddaan mataa koo nan buuse. \q1 \v 15 Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman; \q2 utuu ani hin beekin na marsan; \q2 utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan. \q1 \v 16 Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan; \q2 ilkaan isaanii illee natti qaratan. \q1 \v 17 Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta? \q2 Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa, \q2 jireenya koos leenca jalaa baasi. \q1 \v 18 Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha; \q2 tuuta guddaa keessatti sin jajadha. \b \q1 \v 19 Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin; \q2 warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin. \q1 \v 20 Isaan nagaa hin dubbatan; \q2 warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis, \q2 mala sobaa malatu. \q1 \v 21 Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine” \q2 jedhanii afaan natti banatu. \b \q1 \v 22 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin. \q2 Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin. \q1 \v 23 Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif, \q2 dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi! \q1 \v 24 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, \q2 akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi; \q2 akka isaan natti gammadanis hin godhin. \q1 \v 25 Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan, \q2 yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin. \b \q1 \v 26 Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu \q2 haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; \q1 warri natti kooran hundinuus, \q2 qaanii fi salphina haa uffatan. \q1 \v 27 Warri qajeelumma koo jaallatan, \q2 sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. \q1 Isaan yeroo hunda, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* inni nagaa garbicha isaatti gammadu // guddaa dha” haa jedhan. \b \q1 \v 28 Arrabni koo qajeelummaa kee, \q2 guyyaa guutuus galata kee odeessa. \c 36 \cl Faarfannaa 36 \ms1 Jalʼina Namaatii Fi Gaarummaa Waaqayyoo \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha \nd Waaqayyoo\nd*. \q1 \v 1 Ani waaʼee cubbamootaa, \q2 ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: \q2 Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru. \b \q1 \v 2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, \q2 isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu. \q1 \v 3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; \q2 isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru. \q1 \v 4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; \q2 karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan. \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, araarri kee samiiwwan bira, \q2 amanamummaan kees duumessa bira gaʼa. \q1 \v 6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; \q2 murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta. \q1 \v 7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! \q2 Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu. \q1 \v 8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; \q2 atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta. \q1 \v 9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; \q2 nu ifa keetiin ifa argina. \b \q1 \v 10 Jaalala kee warra si beekaniif, \q2 qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi. \q1 \v 11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; \q2 harki hamootaas dhiibee na hin fageessin. \q1 \v 12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; \q2 gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan! \c 37 \cl Faarfannaa 37 \ms1 Qooda Nama Qajeelaa Fi Hamaa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin \q2 yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin. \q1 \v 2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; \q2 akkuma biqiltuu misee dafanii gogu. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyoon\nd* amanadhu; waan gaariis hojjedhu; \q2 biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu. \q1 \v 4 \nd Waaqayyotti\nd* gammadi; \q2 innis hawwii garaa keetii siif guuta. \b \q1 \v 5 Karaa kee \nd Waaqayyotti\nd* kennadhu; \q2 isa amanadhu; inni siif milkeessa. \q1 \v 6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, \q2 murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* duratti calʼisi; \q2 obsaanis isa eeggadhu; \q1 nama karaan isaa qajeeleefitti, \q2 kan hammina hojjetuttis hin hinaafin. \b \q1 \v 8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; \q2 hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii. \q1 \v 9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* abdatan garuu lafa dhaalu. \b \q1 \v 10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; \q2 yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman. \q1 \v 11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; \q2 nagaa guddaadhaanis ni gammadu. \b \q1 \v 12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; \q2 ilkaan isaaniis isatti qaratu; \q1 \v 13 Gooftaan hamootatti ni kolfa; \q2 inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii. \b \q1 \v 14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi \q2 rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, \q1 warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, \q2 goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu. \q1 \v 15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; \q2 iddaan isaaniis ni caccaba. \b \q1 \v 16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, \q2 waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya; \q1 \v 17 humni hamootaa ni cabaatii; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba. \b \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* bara tolootaa ni beeka; \q2 dhaalli isaaniis bara baraan jiraata. \q1 \v 19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; \q2 bara beelaa keessas ni quufu. \b \q1 \v 20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; \q2 diinonni \nd Waaqayyoos\nd* akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; \q2 isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu. \b \q1 \v 21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu; \q2 garuu deebisanii of irraa hin baasan; \q2 qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu; \q1 \v 22 warri \nd Waaqayyo\nd* eebbisu lafa ni dhaalu; \q2 warri inni abaaru garuu ni balleeffamu. \b \q1 \v 23 Adeemsi nama \nd Waaqayyo\nd* biraa ajajama; \q2 inni karaa namicha sanaatti ni gammada. \q1 \v 24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* harka isaatiin qabee isa dhaabaatii. \b \q1 \v 25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; \q2 garuu qajeeltonni gatamuu isaanii \q2 yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine. \q1 \v 26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; \q2 ijoolleen isaaniis ni eebbifamu. \b \q1 \v 27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; \q2 yoos ati bara baraan ni jiraatta. \q1 \v 28 \nd Waaqayyo\nd* murtii qajeelaa jaallataatii; \q2 warra isaaf amanamanis hin gatu. \b \q1 Isaanis bara baraan ni eegamu; \q2 sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama. \q1 \v 29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu; \q2 bara baraanis ishee irra ni jiraatu. \b \q1 \v 30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; \q2 arrabni isaas murtii qajeelaa labsa. \q1 \v 31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; \q2 miilli isaas hin mucucaatu. \b \q1 \v 32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; \q2 isaan ajjeesuus ni barbaadu; \q1 \v 33 \nd Waaqayyo\nd* garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu \q2 yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, \q2 akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu. \b \q1 \v 34 \nd Waaqayyoon\nd* eeggadhu; karaa isaas eegi. \q2 Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; \q2 atis badiisa hamootaa ni argita. \b \q1 \v 35 Nama hamaa fi gara jabeessa, \q2 isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge. \q1 \v 36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; \q2 ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne. \b \q1 \v 37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; \q2 sanyiin nama nagaa hin baduutii. \q1 \v 38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; \q2 galgalli nama hamaas hin tolu. \b \q1 \v 39 Fayyinni qajeeltotaa \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufa; \q2 inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti. \q1 \v 40 \nd Waaqayyo\nd* isaan gargaara; isaan oolchas; \q2 harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; \q2 isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii. \c 38 \cl Faarfannaa 38 \ms1 Kadhannaa yeroo dhiphinaa \d Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, aarii keetiin na hin ifatin \q2 yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. \q1 \v 2 Xiyyooliin kee na waraananiiru; \q2 harki kees akka malee natti ulfaateera. \q1 \v 3 Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; \q2 sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera. \q1 \v 4 Cubbuun koo na liqimseeraatii; \q2 akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera. \b \q1 \v 5 Sababii gowwummaa kootiitiif, \q2 madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes. \q1 \v 6 Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; \q2 guyyaa guutuus gaddaan oola. \q1 \v 7 Dugdi koo na bobaʼa; \q2 dhagni koos fayyaa hin qabu. \q1 \v 8 Ani laafeera; akka malees bututeera; \q2 garaan koo dhiphatee ani aadaan jira. \b \q1 \v 9 Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; \q2 argansuun koo si duraa hin dhokatu. \q1 \v 10 Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; \q2 ifni ija kootiis badeera. \q1 \v 11 Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; \q2 firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu. \q1 \v 12 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; \q2 warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; \q2 guyyaa guutuus hammina natti yaadu. \b \q1 \v 13 Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, \q2 akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii. \q1 \v 14 Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, \q2 akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera. \q1 \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani sin eeggadha; \q2 yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita. \q1 \v 16 Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan \q2 yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan \q2 hin eeyyamin” jedheeraatii. \b \q1 \v 17 Ani kufuu gaʼeeraatii; \q2 dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne. \q1 \v 18 Ani balleessaa koo nan himadha; \q2 sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda. \q1 \v 19 Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; \q2 warri sababii malee na jibbanis hedduu dha. \q1 \v 20 Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; \q2 ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii. \b \q1 \v 21 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati na hin gatin; \q2 yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin. \q1 \v 22 Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, \q2 na gargaaruudhaaf ariifadhu! \c 39 \cl Faarfannaa 39 \ms1 Fuula Waaqaa Duratti Namni Xinnaa Dha \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; \q2 arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; \q1 hamma namni hamaan na bira jiruttis, \q2 afaan kootti luugama nan kaaʼadha.” \q1 \v 2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; \q2 waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; \q2 dhiphinni koo garuu ittuma caale; \q1 \v 3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; \q2 yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; \q2 anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe: \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; \q2 dheerina umurii kootiis na barsiisi; \q2 jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi. \q1 \v 5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; \q2 umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; \q2 jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti. \q1 \v 6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; \q2 dhugumaan inni akkasumaan goolama; \q2 namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku. \b \q1 \v 7 “Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? \q2 Abdiin koo suma irra jira. \q1 \v 8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; \q2 nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin. \q1 \v 9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; \q2 kan waan kana godhe sumaatii. \q1 \v 10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; \q2 dhaʼicha kee narraa fuudhi. \q1 \v 11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; \q2 akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; \q2 dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha. \b \q1 \v 12 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kadhannaa koo naa dhagaʼi; \q2 iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; \q2 booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. \q1 Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; \q2 akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti. \q1 \v 13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura \q2 akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.” \c 40 \cl Faarfannaa 40 \ms1 Faarfannaa Galataatii fi Kadhannaa \mr 40:13‑17 kwf – \xt Far 70:1‑5\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Ani obsaan \nd Waaqayyoon\nd* nan eeggadhe; \q2 innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe. \q1 \v 2 Inni boolla sodaachisaa keessaa, \q2 dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; \q1 miilla koo kattaa irra dhaabe; \q2 ejjeta koos naa jabeesse. \q1 \v 3 Innis faarfannaa haaraa, \q2 faarfannaa galataas afaan koo keessa // Waaqa keenyaaf kaaʼe. \q1 Namoonni baayʼeen arganii \nd Waaqayyo\nd* sodaatu; \q2 isas ni amanatu. \b \q1 \v 4 Namni \nd Waaqayyoon\nd* abdatu, \q2 kan gara of tuultotaa hin ilaalle, \q1 namni warra karaa irraa jalʼatanii \q2 waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle // eebbifamaa dha. \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, \q2 dinqiin ati hojjette baayʼee dha; \q1 waan ati nuuf yaadde, \q2 namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu \q2 tokko iyyuu hin jiru; \q1 yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee, \q2 baayʼinni isaanii hamma hin qabu. \b \q1 \v 6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene; \q2 gurra koo garuu naa banteerta; \q2 aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne. \q1 \v 7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; \q2 waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera. \q1 \v 8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; \q2 seerri kee garaa koo keessa jira.” \b \q1 \v 9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkuma ati beektu, \q2 ani afaan koo hin qabadhu. \q1 \v 10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; \q2 waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; \q1 jaalala keetii fi dhugaa kees \q2 yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu. \b \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd* araara kee na hin dhowwatin; \q2 jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan. \q1 \v 12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii; \q2 cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera; \q1 cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata; \q2 onneen koos na keessatti laafteerti. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, na fayyisuutti gammadi; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, na gargaaruudhaaf dafii kottu. \q1 \v 14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, \q2 haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis. \q1 Warri badii koo hawwan hundi, \q2 qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan. \q1 \v 15 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan, \q2 qaanii isaaniitiin haa rifatan. \q1 \v 16 Warri si barbaadan hundinuu garuu \q2 sitti gammadanii haa ililchan. \q1 Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* guddaa dha!” haa jedhan. \b \q1 \v 17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; \q2 taʼus Gooftaan naaf yaada. \q1 Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; \q2 yaa Waaqa ko, hin turin. \c 41 \cl Faarfannaa 41 \ms1 Kadhannaa Nama Dhukkubsatee \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; \q2 guyyaa rakkinaatti \nd Waaqayyo\nd* isa ni oolcha. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; \q2 lafa irratti isa eebbisa; \q2 hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; \q2 fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa. \b \q1 \v 4 Anis, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* na maari; \q2 ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe. \q1 \v 5 Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa \q2 lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu. \q1 \v 6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, \q2 utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; \q2 gad baʼees iddoo hundumatti odeessa. \b \q1 \v 7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; \q2 waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu. \q1 \v 8 Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; \q2 inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu. \q1 \v 9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu, \q2 inni ani amanadhe, \q1 inni buddeena koo nyaate \q2 koomee isaa natti ol fudhate. \b \q1 \v 10 Ati garuu yaa \nd Waaqayyo\nd* na baasi; \q2 akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi. \q1 \v 11 Akka ati natti gammaddu ani beeka; \q2 diinni koo narra hin aanuutii. \q1 \v 12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; \q2 baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda. \b \b \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel, \q2 bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu. \qc Ameen; Ameen. \c 42 \ms Kitaaba Lammaffaa \mr Faarfannaa 42–72 \cl Faarfannaa 42 \ms1 Waaqayyon Dheebochuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. \tl Maskiilii\tl* Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, \q2 yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi. \q1 \v 2 Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. \q2 Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga? \q1 \v 3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; \q2 namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii. \q1 \v 4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti, \q2 lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: \q1 ilillee fi faarfannaa galataatiin \q2 tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, \q1 hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa \q2 tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha. \b \q1 \v 5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? \q2 Na keessattis maaliif raafamta? \q1 Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; \q2 ani amma iyyuu isa nan jajadha. \q2 Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha. \b \q1 \v 6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; \q2 kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, \q1 fiixee Hermoonii fi \q2 Gaara Miizaarii irraa si yaadadha. \q1 \v 7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, \q2 tuujubni tuujuba waama; \q2 dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; \q2 halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; \q2 kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha. \b \q1 \v 9 Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; \q2 “Ati maaliif na dagatte? \q2 Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?” \q1 \v 10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu, \q2 “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, \q2 akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu. \b \q1 \v 11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? \q2 Na keessattis maaliif raafamta? \q1 Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; \q2 ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; \q2 Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha. \c 43 \cl Faarfannaa 43 \ms1 Tumsaa fi Furama Barbaachaaf Kadhachuu \q1 \v 1 Yaa Waaqi, naa murteessi; \q2 saba hin amanametti dubbii koo naa falmi; \q2 gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi. \q1 \v 2 Ati Waaqa jabina kootii ti. \q2 Maaliif na gatte? \q1 Ani maaliifin diinaan cunqurfamee \q2 gaddaan jiraadha? \q1 \v 3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; \q2 isaan na haa qajeelchan; \q1 gara tulluu kee qulqulluutti, \q2 gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan. \q1 \v 4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa, \q2 gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa. \q1 Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, \q2 ani baganaadhaan sin galateeffadha. \b \q1 \v 5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? \q2 Na keessattis maaliif raafamta? \q1 Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; \q2 ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; \q2 Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha. \c 44 \cl Faarfannaa 44 \ms1 Faaruu Booʼichaa \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. \tl Maskiilii\tl* Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, waan ati bara durii, \q2 jabana isaanii keessa hojjette sana, \q1 abbootiin keenya nutti himaniiru; \q2 nuus gurra keenyaan dhageenyeerra. \q1 \v 2 Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; \q2 abbootii keenya immoo ni dhaabde; \q1 namoota ni balleessite; \q2 abbootii keenya garuu bilisa baafte. \q1 \v 3 Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee \q2 isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; \q1 yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; \q2 ati isaan jaallatteertaatii. \b \q1 \v 4 Ati Mootii koo fi Waaqa koo \q2 kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha. \q1 \v 5 Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; \q2 maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna. \q1 \v 6 Ani iddaa koo hin amanadhu; \q2 goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu; \q1 \v 7 ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; \q2 warra nu jibban immoo ni qaanessita. \q1 \v 8 Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; \q2 maqaa kees bara baraan ni galateeffanna. \b \q1 \v 9 Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; \q2 ati loltoota keenya wajjin hin baane. \q1 \v 10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; \q2 warri nu jibbanis nu saamaniiru. \q1 \v 11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; \q2 ormoota keessas nu bittinneessiteerta. \q1 \v 12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; \q2 gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne. \b \q1 \v 13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa, \q2 warra naannoo keenyaa birattis // waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta. \q1 \v 14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; \q2 namoonnis mataa nutti raasan. \q1 \v 15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; \q2 fuulli koos qaaniidhaan haguugameera. \q1 \v 16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, \q2 sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe. \b \q1 \v 17 Kun hundi nutti dhufeera; \q2 taʼus nu si hin daganne; \q2 yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne. \q1 \v 18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; \q2 tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne. \q1 \v 19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; \q2 dukkana hamaadhaan nu haguugde. \b \q1 \v 20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, \q2 yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee, \q1 \v 21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? \q2 Inni icciitii garaa namaa beekaatii. \q1 \v 22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; \q2 akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra. \b \q1 \v 23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? \q2 Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin. \q1 \v 24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta? \q2 Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta? \b \q1 \v 25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; \q2 garaan keenyas lafatti maxxaneera. \q1 \v 26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee \q2 kan hin geeddaramneetiifis nu furi. \c 45 \cl Faarfannaa 45 \ms1 Faarfannaa Cidha Mootii \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. \tl Maskiil.\tl* Faarfannaa cidhaa. \q1 \v 1 Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, \q2 yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; \q2 arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti. \b \q1 \v 2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; \q2 hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; \q2 kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera. \q1 \v 3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; \q2 ulfinaa fi surraa uffadhu. \q1 \v 4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, \q2 miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; \q2 harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu. \q1 \v 5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; \q2 saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii. \q1 \v 6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; \q2 bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa. \q1 \v 7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; \q2 kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, \q2 zayitiidhaan gammachuu si dibeera. \q1 \v 8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, \q2 argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; \q1 masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis \q2 muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa. \q1 \v 9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; \q2 mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee \q2 karaa harka mirga keetii dhaabatti. \b \q1 \v 10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; \q2 saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu. \q1 \v 11 Mootiin miidhagina kee hawwa; \q2 waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji. \q1 \v 12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; \q2 sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu. \b \q1 \v 13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; \q2 uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame. \q1 \v 14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee // gara mootiitti geeffamti; \q2 durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii // gara keetti fidamu. \q1 \v 15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; \q2 masaraa mootichaas ni seenu. \b \q1 \v 16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; \q2 atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta. \q1 \v 17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; \q2 kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu. \c 46 \cl Faarfannaa 46 \ms1 Waaqayyo nu wajjin jira \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala \tl Alaamootiitiin\tl*. \q1 \v 1 Waaqni daʼoo fi jabina keenya; \q2 inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha. \q1 \v 2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee \q2 tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu. \q1 \v 3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee \q2 tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu. \b \q1 \v 4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu \q2 kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf // gammachuu kennu tokko jira. \q1 \v 5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; \q2 ganama barii Waaqni ishee gargaara. \q1 \v 6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; \q2 inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; \q2 Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya. \b \q1 \v 8 Kottaa, hojii \nd Waaqayyoo\nd* ilaalaa; \q2 badiisa inni lafa irratti fides argaa. \q1 \v 9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; \q2 iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; \q2 gaachanas ibiddaan guba. \q1 \v 10 “Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; \q2 ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; \q2 lafa irrattis ol ol nan jedha.” \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; \q2 Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya. \c 47 \cl Faarfannaa 47 \ms1 Waaqayyo Mootii Addunyaa ti \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; \q2 sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Waan Hundaa Olii, \q2 Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii! \q1 \v 3 Inni saboota nu jala, \q2 namootas miilla keenya jala galcheera. \q1 \v 4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, \q2 dhaala keenya nuu fileera. \b \q1 \v 5 Waaqni ililleedhaan, \nd Waaqayyo\nd* sagalee \q2 malakataatiin ol baʼe. \q1 \v 6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; \q2 faarfannaa galataa faarfadhaa; \q1 faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; \q2 faarfannaa galataa faarfadhaa. \b \q1 \v 7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti; \q2 faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa. \q1 \v 8 Waaqni saboota irratti Mootii dha; \q2 Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera. \q1 \v 9 Qondaaltonni sabootaa, \q2 akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; \q1 mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; \q2 innis guddisee ol ol jedheera. \c 48 \cl Faarfannaa 48 \ms1 Xiyoon Tulluu Waaqayyoo \d Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, \q2 tulluu isaa qulqulluu irrattis, \nd Waaqayyo\nd* guddaa dha; \q2 waan hundaa olittis galanni isaaf mala. \b \q1 \v 2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; \q2 dheerina isaatiinis ni bareeda. \q1 Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; \q2 magaalaa Mooticha Guddaatis. \q1 \v 3 Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; \q2 inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera. \b \q1 \v 4 Mootonni humna walitti daratanii \q2 tokkummaadhaan itti qajeelan. \q1 \v 5 Isaanis ishee arganii dinqifatan; \q2 sodaataniis baqatan. \q1 \v 6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, \q2 hollannaan isaan qabate. \q1 \v 7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin \q2 dooniiwwan Tarshiish caccabsite. \b \q1 \v 8 Akkuma dhageenye sana, \q2 magaalaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, \q1 magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; \q2 Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba. \b \q1 \v 9 Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, \q2 jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna. \q1 \v 10 Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii \q2 handaara lafaa gaʼa; \q2 harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera. \q1 \v 11 Sababii murtii keetiitiif, \q2 Tulluun Xiyoon haa gammaddu; \q2 intallan Yihuudaas haa ililchan. \b \q1 \v 12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; \q2 gamoowwan ishees lakkaaʼaa. \q1 \v 13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, \q2 dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; \q2 galma ishees ilaalaa. \b \q1 \v 14 Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; \q2 inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha. \c 49 \cl Faarfannaa 49 \ms1 Qabeenya abdachuun faayidaa hin qabu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; \q2 warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; \q1 \v 2 xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan \q2 dhaggeeffadhaa; kunis: \q1 \v 3 Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; \q2 wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna. \q1 \v 4 Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; \q2 hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha. \b \q1 \v 5 Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon \q2 na marsanitti, ani maaliifan sodaadha? \q1 \v 6 Isaan qabeenya isaanii amanatu; \q2 guddina sooruma isaaniitiinis boonu. \q1 \v 7 Namni lubbuu nama gara biraa furu, \q2 yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru; \q1 \v 8 furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; \q2 gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu; \q1 \v 9 silaa inni bara baraan ni jiraata; \q2 hin tortorus ture. \q1 \v 10 Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; \q2 gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; \q2 qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu. \q1 \v 11 Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, \q2 awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, \q2 dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa. \b \q1 \v 12 Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; \q2 inni akkuma bineensa duʼee baduu ti. \b \q1 \v 13 Wanni namoota ofitti amanatanii fi \q2 warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma. \q1 \v 14 Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; \q2 duuti tiksee isaanii ti; \q2 toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; \q1 dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; \q2 awwaallis mana jireenya isaanii ti. \q1 \v 15 Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; \q2 inni dhugumaan ofitti na fudhata. \b \q1 \v 16 Yommuu namni tokko sooromu, \q2 yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin. \q1 \v 17 Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; \q2 ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu. \q1 \v 18 Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, \q2 yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee, \q1 \v 19 inni gara dhaloota abbootii isaa, \q2 gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa. \b \q1 \v 20 Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, \q2 akkuma bineensaa duʼee bada. \c 50 \cl Faarfannaa 50 \ms1 Waaqeffannaa Dhugaa \d Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd*, Humna Qabeessi dubbatee \q2 baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti \q2 lafa waameera. \q1 \v 2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee \q2 hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa. \q1 \v 3 Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus; \q2 ibiddi hamaan fuula isaa dura, \q2 bubbeen jabaanis naannoo isaa jira. \q1 \v 4 Inni saba isaatti muruuf jedhee, \q2 samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama: \q1 \v 5 “Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan, \q2 gara kootti walitti naa qabaa.” \q1 \v 6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu; \q2 Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii. \b \q1 \v 7 “Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi; \q2 yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa: \q2 Ani Waaqni Waaqa kee ti. \q1 \v 8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu; \q2 aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira. \q1 \v 9 Ani dallaa kee keessaa korma, \q2 yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu. \q1 \v 10 Bineensi bosonaa hundinuu, \q2 horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii. \q1 \v 11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka; \q2 wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti. \q1 \v 12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture; \q2 addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii. \q1 \v 13 Ani foon korommii nan nyaadhaa? \q2 Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa? \b \q1 \v 14 “Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee \q2 Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi; \q1 \v 15 guyyaa rakkinaa na waammadhu; \q2 ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.” \p \v 16 Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: \q1 “Ati seera koo labsuudhaaf, \q2 kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf // mirga maalii qabda? \q1 \v 17 Ati adaba koo ni jibbita; \q2 dubbii koos of duubatti gatta. \q1 \v 18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta; \q2 ejjitoota wajjinis qooda qabaatta. \q1 \v 19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta; \q2 arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta. \q1 \v 20 Ati teessee obboleessa kee hamatta; \q2 ilma haadha kee maqaa balleessita. \q1 \v 21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise; \q2 ati akkuma ofii keetii na seete. \q1 Amma garuu ani sin ifadha; \q2 ifatti baasees sin himadha. \b \q1 \v 22 “Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa; \q2 yoo kanaa achii ani isin nan ciccira; \q2 namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; \q2 anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.” \c 51 \cl Faarfannaa 51 \ms1 Kadhannaa Dhiifama Cubbuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. \q1 \v 1 Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee \q2 kan hin geeddaramne sanaatti na maari; \q1 akkuma baayʼina araara keetiitti, \q2 yakka koo narraa haqi. \q1 \v 2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; \q2 cubbuu koo irraas na qulqulleessi. \b \q1 \v 3 Ani yakka koo beekaatii; \q2 cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira. \q1 \v 4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; \q2 waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; \q1 kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; \q2 yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu. \q1 \v 5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; \q2 yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture. \q1 \v 6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; \q2 kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi. \b \q1 \v 7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; \q2 na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha. \q1 \v 8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; \q2 lafeen ati caccabsites haa ililchu. \q1 \v 9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; \q2 yakka koo hundas narraa haqi. \b \q1 \v 10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; \q2 Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi. \q1 \v 11 Fuula kee duraa na hin balleessin; \q2 Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin. \q1 \v 12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; \q2 na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni. \b \q1 \v 13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; \q2 cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu. \q1 \v 14 Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, \q2 ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; \q2 arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata. \q1 \v 15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; \q2 afaan koos galata kee labsa. \q1 \v 16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; \q2 aarsaa gubamuttis hin gammaddu. \q1 \v 17 Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; \q2 Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu. \b \q1 \v 18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; \q2 dallaa Yerusaalem ijaari. \q1 \v 19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi \q2 qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; \q2 korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman. \c 52 \cl Faarfannaa 52 \ms1 Waan Nama Hamaa Eeggatu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. \tl Maskiilii\tl* Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. \q1 \v 1 Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? \q2 Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, \q2 maaliif guyyaa guutuu koorta? \q1 \v 2 Ati namni nama gowwoomsitu, \q2 arrabni kee badiisa qopheessa; \q2 arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti. \q1 \v 3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; \q2 dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta. \q1 \v 4 Yaa arraba gowwoomsituu nana, \q2 ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta. \b \q1 \v 5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: \q2 Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; \q2 biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa. \q1 \v 6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; \q2 isaanis akkana jedhanii isatti kolfan; \q1 \v 7 “Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, \q2 qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee \q2 jalʼina ofiitti ciche!” \b \q1 \v 8 Ani garuu akkuma ejersa \q2 mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; \q1 baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan \q2 hin geeddaramne sana nan amanadha. \q1 \v 9 Sababii ati waan kana gooteef \q2 ani bara baraan sin galateeffadha; \q1 sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. \q2 Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa. \c 53 \cl Faarfannaa 53 \ms1 Waan Warra Waaqatti Hin Bulle Eeggatu \mr 53:1‑6 kwf – \xt Far 14:1‑7\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa \tl maahilaati\tl* jedhamuun faarfatame. \tl Maskiilii\tl* Daawiti. \q1 \v 1 Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. \q2 Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; \q2 namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 2 Waaqni yoo namni waa hubatu, \q2 kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate \q1 arguuf jedhee, \q2 samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. \q1 \v 3 Hundinuu dogoggoraniiru; \q2 hundi isaaniis xuraaʼaniiru; \q1 namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; \q2 tokkumti iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 4 Warri hammina hojjetan, \q2 kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, \q2 warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? \b \q1 \v 5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, \q2 sodaadhaan liqimfamaniiru. \q1 Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; \q2 sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite. \b \q1 \v 6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! \q2 Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, \q2 Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu! \c 54 \cl Faarfannaa 54 \ms1 Waaqayyotti Abbaa Murtii Qajeelaatti Iyyachuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. \tl Maskiilii\tl* Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; \q2 humna keetiinis naa murteessi. \q1 \v 2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, \q2 dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu. \b \q1 \v 3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; \q2 warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; \q2 Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha. \b \q1 \v 4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; \q2 Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti. \b \q1 \v 5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; \q2 atis amanamummaa keetiin isaan balleessi. \b \q1 \v 6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani maqaa kee nan galateeffadha; \q2 inni gaariidhaatii. \q1 \v 7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; \q2 iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera. \c 55 \cl Faarfannaa 55 \ms1 Kadhannaa Yeroo Ariʼatamaa \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. \tl Maskiilii\tl* Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi; \q2 waammata koo jalaas hin didin. \q2 \v 2 Na dhagaʼiitii deebii naa kenni; \q1 komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera. \q2 \v 3 Sagalee diinaatiin, \q2 cunqursa namoota hamoos dhufe; \q1 isaan dhiphina natti fiduutii; \q2 aariidhaanis na jibbu. \b \q1 \v 4 Lapheen koo na keessatti dhiphatte; \q2 sodaan duʼaas na qabate. \q1 \v 5 Sodaa fi hollannaan natti dhufeera; \q2 naasuunis na fudhateera. \q1 \v 6 Anis akkana nan jedhe; // “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee! \q2 Silaa asii barrisee nan boqodhan ture. \q1 \v 7 Silaa fagootti baqadhee \q2 gammoojjii keessa nan bubbula ture; \q1 \v 8 silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee \q2 gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.” \b \q1 \v 9 Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi; \q2 dubbii isaaniis waliin dhaʼi; \q2 ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii. \q1 \v 10 Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu; \q2 jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira. \q1 \v 11 Ishee keessa badiisatu jira; \q2 nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu. \b \q1 \v 12 Utuu diinni na arrabsee, \q2 silaa obsuu nan dandaʼa ture; \q1 utuu amajaajiin natti kaʼee, \q2 silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture. \q1 \v 13 Garuu siʼi namuma akka kootii, \q2 hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe. \q1 \v 14 Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne; \q2 haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne. \b \q1 \v 15 Duuti tasa isaanitti haa dhufu; \q2 utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan; \q2 hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii. \b \q1 \v 16 Ani garuu Waaqa nan waammadha; \q2 \nd Waaqayyos\nd* jalaa na baasa. \q1 \v 17 Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; \q2 innis sagalee koo ni dhagaʼa. \q1 \v 18 Yoo namni baayʼeen anaan morme illee, \q2 inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa. \q1 \v 19 Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun, \q2 Namoota karaa isaanii hin geeddaranne, \q1 kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa; \q2 isaan qaanessas. \b \q1 \v 20 Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate; \q2 kakuu isaa illee ni cabse. \q1 \v 21 Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; \q2 garaa isaa keessa garuu lolatu jira; \q1 dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; \q2 garuu goraadee luqqifamee dha. \b \q1 \v 22 Yaaddoo kee \nd Waaqayyotti\nd* kennadhu; \q2 inni si jiraachisa; \q2 namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu. \q1 \v 23 Yaa Waaqayyo, ati garuu \q2 namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta; \q1 warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni, \q2 walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan. \b \q1 Ani garuu sin amanadha. \c 56 \cl Faarfannaa 56 \ms1 Waaqa Amanachuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. \tl Miiktaamii\tl* Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate. \q1 \v 1 Yaa Waaqi na maari; \q2 diinonni koo akka malee na ariʼu; \q2 guyyaa guutuus na cunqursu. \q1 \v 2 Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu; \q2 namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu. \b \q1 \v 3 Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha. \q2 \v 4 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, \q1 Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. \q2 Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa? \b \q1 \v 5 Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru; \q2 na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu. \q1 \v 6 Isaan ni mariʼatu; ni riphus; \q2 lubbuu koo galaafachuuf jedhanii \q2 tarkaanfii koo eeggatu. \q1 \v 7 Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin; \q2 yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi. \b \q1 \v 8 Gadadamu koo galmeessi; \q2 imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; \q2 isaan galmee kee keessa jiru mitii? \q1 \v 9 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti, \q2 diinonni koo dugda duuba deebiʼu. \q2 Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka. \b \q1 \v 10 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, \q2 \nd Waaqayyo\nd* ani dubbii isaa jajadhu, \q1 \v 11 Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu. \q2 Namni maal na gochuu dandaʼa? \b \q1 \v 12 Yaa Waaqi wareegni kee narra jira; \q2 aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa. \q1 \v 13 Akka ani fuula Waaqaa dura, \q2 ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf, \q1 ati lubbuu koo duʼa jalaa, \q2 miilla koos gufachuu oolchiteertaatii. \c 57 \cl Faarfannaa 57 \ms1 Diinota Gara Jabeeyyii Gidduutti \mr 57:7‑11 kwf – \xt Far 108:1‑5\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. \tl Miiktaamii.\tl* Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. \q1 \v 1 Na maari; yaa Waaqa na maari; \q2 lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. \q1 Anis hamma balaan darbutti, \q2 gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala. \b \q1 \v 2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, \q2 gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya. \q1 \v 3 Inni samii irraa ergee na oolcha; \q2 warra akka malee na ariʼan ni ifata; \q2 Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga. \b \q1 \v 4 Ani leencota gidduun jira; \q2 ani bineensota nama nyaatan, \q1 namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa \q2 kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera. \b \q1 \v 5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; \q2 ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu. \b \q1 \v 6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; \q2 lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. \q1 Isaan karaa koo irratti boolla qotan; \q2 garuu isaanumattu keessatti kufe. \b \q1 \v 7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; \q2 garaan koo hin raafamu; \q2 ani nan faarfadha; nan weeddisas. \q1 \v 8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! \q2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! \q2 Anis ganamaan nan dammaqa. \b \q1 \v 9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; \q2 namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha. \q1 \v 10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; \q2 amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba. \b \q1 \v 11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; \q2 ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu. \c 58 \cl Faarfannaa 58 \ms1 Abbaa Murtii Kan Abbootii Murtii Biyya Lafaa \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. \tl Miiktaamii.\tl* \q1 \v 1 Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? \q2 Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii? \q1 \v 2 Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; \q2 harki keessanis lafa irratti goolii kaasa. \b \q1 \v 3 Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; \q2 gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu. \q1 \v 4 Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; \q2 isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee \q1 \v 5 sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu \q2 hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti. \b \q1 \v 6 Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; \q2 qarriffaa leencotaas daaki, yaa \nd Waaqayyo\nd*! \q1 \v 7 Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; \q2 yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu. \q1 \v 8 Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, \q2 akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin. \b \q1 \v 9 Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, \q2 jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu. \q1 \v 10 Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; \q2 miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata. \q1 \v 11 Yommus namoonni akkana ni jedhu; \q2 “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; \q2 dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.” \c 59 \cl Faarfannaa 59 \ms1 Kadhannaa Diina Jalaa Baʼuuf Dhiʼaate \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. \tl Miiktaamii.\tl* Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; \q2 warra natti kaʼan jalaas na furi. \q1 \v 2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; \q2 namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari. \b \q1 \v 3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, namoonni hamoon, \q2 utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu. \q1 \v 4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; \q2 isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. \q2 Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali! \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, \q2 yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; \q2 warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin. \b \q1 \v 6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, \q2 akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu. \q1 \v 7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; \q2 hidhii isaanii irra goraadeetu jira; \q2 isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu. \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu isaanitti kolfita; \q2 saboota sana hundumattis ni qoosta. \b \q1 \v 9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; \q2 yaa Waaqi ati daʼoo koo, \q2 \v 10 Waaqa na jaallatuu dha. \b \q1 Waaqni fuula koo dura deema; \q2 akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha. \q1 \v 11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, \q2 ati garuu isaan hin ajjeesin; \q1 yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. \q2 Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis. \q1 \v 12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, \q2 sababii dubbii hidhii isaaniitiif, \q2 isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. \q1 Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif, \q2 \v 13 dheekkamsaan isaan balleessi; \q2 akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. \q1 Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, \q2 hamma handaara lafaatti ni beekama. \b \q1 \v 14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, \q2 akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu. \q1 \v 15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; \q2 yoo quufuu baatan immoo ni iyyu. \q1 \v 16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; \q2 ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; \q1 ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis \q2 ati iddoo ani itti kooluu galuu dha. \b \q1 \v 17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; \q2 yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; \q2 ati Waaqa ani abdadhuu dha. \c 60 \cl Faarfannaa 60 \ms1 Kadhannaa Moʼamuu Booddee Dhiʼeeffame \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. \tl Miiktaamii\tl* Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas; \q2 nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi! \q1 \v 2 Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta; \q2 caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii. \q1 \v 3 Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta; \q2 daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta. \q1 \v 4 Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif, \q2 ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta. \b \q1 \v 5 Akka warri ati jaallattu furamaniif, \q2 harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris. \q1 \v 6 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera; \q2 “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; \q2 Sulula Sukootis nan safara. \q1 \v 7 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti. \q2 Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; \q2 Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti. \q1 \v 8 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; \q2 Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; \q2 Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.” \b \q1 \v 9 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? \q2 Eenyutu Edoomitti na geessa? \q1 \v 10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii? \q2 Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii? \q1 \v 11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar; \q2 gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii. \q1 \v 12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; \q2 innis diinota keenya gad dhidhiita. \c 61 \cl Faarfannaa 61 \ms1 Faarfannaa Nama Boojiʼamee \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; \q2 kadhannaa koos dhaggeeffadhu. \b \q1 \v 2 Yeroo garaan koo citetti, \q2 ani handaara lafaatii sin waammadha; \q2 ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi. \q1 \v 3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; \q2 fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. \b \q1 \v 4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, \q2 gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa. \q1 \v 5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; \q2 dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta. \b \q1 \v 6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee \q2 dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi. \q1 \v 7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; \q2 akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi. \b \q1 \v 8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; \q2 guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha. \c 62 \cl Faarfannaa 62 \ms1 Waaqa Qofa Abdachuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; \q2 fayyinni koos isa biraa naa dhufa. \q1 \v 2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; \q2 inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu. \b \q1 \v 3 Isin hamma yoomiitti nama miitu? \q2 Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, \q2 akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu? \q1 \v 4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, \q2 guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; \q2 isaan sobatti ni gammadu. \q1 Afaan isaaniitiin ni eebbisu; \q2 garaa isaaniitiin garuu ni abaaru. \b \q1 \v 5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; \q2 abdiin koo isa biraa dhufaatii. \q1 \v 6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; \q2 inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu. \q1 \v 7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; \q2 kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa. \q1 \v 8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; \q2 garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; \q2 Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii. \b \q1 \v 9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; \q2 gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; \q1 yoo madaaliidhaan madaalaman \q2 lachanuu qilleensa caalaa salphatu. \q1 \v 10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; \q2 waan hatameenis hin koorinaa. \q1 Yoo qabeenyi keessan guddate illee, \q2 qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa. \b \q1 \v 11 Waaqni yeroo tokko dubbate; \q2 ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; \q1 kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha. \q2 \v 12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. \q1 Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa \q2 akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf. \c 63 \cl Faarfannaa 63 \ms1 Waaqa Barbaacha \d Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; \q2 ani dhugumaan sin barbaadadha; \q1 lafa gogaa fi gammoojjii, \q2 lafa bishaan hin jirretti, \q1 lubbuun koo si dheebotti; \q2 foon koos sitti gaggaba. \b \q1 \v 2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; \q2 humna keetii fi ulfina kees nan ilaale. \q1 \v 3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, \q2 hidhiin koo si jajatti. \q1 \v 4 Ani hamman jirutti sin eebbisa; \q2 maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha. \q1 \v 5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; \q2 afaan koos hidhii ililleetiin si jajata. \b \q1 \v 6 Ani siree koo irratti sin yaadadha; \q2 halkan guutuus waaʼee kee nan yaada. \q1 \v 7 Waan ati gargaarsa koo taateef, \q2 ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha. \q1 \v 8 Lubbuun koo sitti maxxanti; \q2 harki kee mirgaa ol na qaba. \b \q1 \v 9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu \q2 boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu. \q1 \v 10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; \q2 nyaata waangoos ni taʼu. \b \q1 \v 11 Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; \q2 namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; \q2 afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama. \c 64 \cl Faarfannaa 64 \ms1 Warri Nama Arrabsan Adabamuu Isaanii \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; \q2 lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi. \q1 \v 2 Marii jalʼootaa duraa, \q2 mala namoota hamoo duraas na dhoksi. \b \q1 \v 3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; \q2 dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu. \q1 \v 4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; \q2 akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu. \b \q1 \v 5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; \q2 waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; \q2 “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu. \q1 \v 6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan, \q2 “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; \q2 yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii. \b \q1 \v 7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; \q2 isaanis akkuma tasaa madaaʼu. \q1 \v 8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; \q2 warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu. \b \q1 \v 9 Namoonni hundinuu ni sodaatu; \q2 isaan hojii Waaqaa ni labsu; \q2 waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu. \q1 \v 10 Namni qajeelaan \nd Waaqayyotti\nd* gammada; \q2 isattis kooluu gala; \q2 gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu. \c 65 \cl Faarfannaa 65 \ms1 Sababii Kennaa Isaatiif Waaqayyon Jajachuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; \q2 wareegni keenyas siif galfama. \q1 \v 2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, \q2 namni hundinuu gara kee ni dhufa. \q1 \v 3 Yeroo cubbuun na moʼattetti, \q2 ati yakka keenya nuu dhiifteerta. \q1 \v 4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif \q2 ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! \q1 Nus waan gaarii mana keetiitiin, \q2 kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna. \b \q1 \v 5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, \q2 ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan // deebii nuu kennita; \q1 daarii lafaa hundumaaf, \q2 galaana fagootti argamuufis ati abdii dha; \q1 \v 6 ati humna uffatteerta; \q2 jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite; \q1 \v 7 ati huursaa galaanaa, \q2 huursaa dhaʼaa bishaanii, \q2 raafama uummataas ni calʼisiifte. \q1 \v 8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; \q2 ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, \q2 akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota. \b \q1 \v 9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; \q2 akka malees ni gabbifta; \q1 akka namootaaf midhaan kennaniifis \q2 lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; \q2 ati kanumaaf qopheessiteertaatii. \q1 \v 10 Boʼoo isaa bishaan quubsita; \q2 biyyoo isaas wal qixxeessita; \q1 tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; \q2 biqila isaas ni eebbifta. \q1 \v 11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; \q2 daandiiwwan kees cooma coccobsu. \q1 \v 12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; \q2 gaarranis gammachuudhaan guutamu. \q1 \v 13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; \q2 sululoonni midhaaniin haguugamu; \q2 isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu. \c 66 \cl Faarfannaa 66 \ms1 Waaqa Galateeffachuu \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. \q1 \v 1 Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa! \q2 \v 2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; \q2 galata isaatiifis ulfina kennaa! \q1 \v 3 Waaqaan akkana jedhaa; \q2 “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! \q1 Sababii humni kee guddaa taʼeef, \q2 diinonni kee fuula kee duratti hollatu. \q1 \v 4 Lafti hundinuu siif sagadu; \q2 faarfannaa galataa siif faarfatu; \q2 maqaa keetiifis faarfatu.” \b \q1 \v 5 Kottaatii waan Waaqni hojjete, \q2 hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa! \q1 \v 6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare; \q2 isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; \q2 kottaa isatti haa gammannu! \q1 \v 7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; \q2 iji isaas saboota ilaala; \q2 finciltoonni ol ol of hin qabin. \b \q1 \v 8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; \q2 sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu; \q1 \v 9 inni lubbuu keenya jiraachiseera; \q2 miilla keenyas mucucaachuu oolcheera. \q1 \v 10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; \q2 akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta. \q1 \v 11 Ati kiyyootti nu galchiteerta; \q2 dugda keenya irras baʼaa keesseerta. \q1 \v 12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; \q2 nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; \q2 ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde. \b \q1 \v 13 Anis qalma gubamu qabadhee // mana qulqullummaa kee nan seena; \q2 wareega koos siif nan galcha; \q1 \v 14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti \q2 arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha. \q1 \v 15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, \q2 korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; \q2 jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa. \q1 \v 16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; \q2 anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima. \q1 \v 17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye; \q2 galanni isaas arraba koo irra ture. \q1 \v 18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, \q2 silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture; \q1 \v 19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; \q2 sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera. \q1 \v 20 Waaqni kadhannaa koo hin didin \q2 yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu! \c 67 \cl Faarfannaa 67 \ms1 Faarfannaa Yeroo Midhaan Galfamuu \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. \q1 \v 1 Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; \q2 fuula isaas nurratti haa ibsu; \q1 \v 2 kunis akka karaan kee lafa irratti, \q2 fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf. \b \q1 \v 3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; \q2 saboonni hundii si haa jajatan. \q1 \v 4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, \q2 saboota lafa irraas waan geggeessituuf, \q2 saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan. \q1 \v 5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; \q2 saboonni hundii si haa jajatan. \b \q1 \v 6 Lafti midhaan kenniteerti; \q2 Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera. \q1 \v 7 Waaqni nu eebbiseera; \q2 handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu. \c 68 \cl Faarfannaa 68 \ms1 Faarfannaa Moʼannoo \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan; \q2 warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan. \q1 \v 2 Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi; \q2 akkuma gagaan ibidda duratti baqu, \q2 hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan. \q1 \v 3 Qajeelonni garuu haa gammadan; \q2 fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; \q2 isaan gammachuudhaan haa ililchan. \b \q1 \v 4 Waaqaaf faarfadhaa; \q2 faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; \q2 isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; \q1 maqaan isaa \nd Waaqayyoo\nd* dha; \q2 fuula isaa durattis baayʼee gammadaa. \q1 \v 5 Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, \q2 niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun \q2 iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira. \q1 \v 6 Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; \q2 warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; \q2 finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu. \b \q1 \v 7 Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate, \q2 gaafa ati gammoojjii keessa dabarte, \q1 \v 8 fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti, \q2 fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti, \q2 lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan. \q1 \v 9 Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite; \q2 dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite. \q1 \v 10 Sabni kee achi qubate; \q2 yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa // hiyyeeyyii soorte. \b \q1 \v 11 Gooftaan dubbii isaa kenne; \q2 dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha: \q1 \v 12 “Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan; \q2 dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan. \q1 \v 13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee, \q2 isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee \q2 baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.” \q1 \v 14 Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu \q2 mootota achitti bittinneessetti, // Zalmoon irratti cabbiin buʼe. \b \q1 \v 15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa, \q2 yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu, \q1 \v 16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu, \q2 ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate, \q2 iddoo \nd Waaqayyo\nd* bara baraan jiraatu sana // hinaaffaadhaan ilaalta? \q1 \v 17 Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; \q2 isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; \q2 Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera. \q1 \v 18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti \q2 boojuu baayʼee fudhate; \q1 yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee, \q2 namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte. \b \q1 \v 19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu, \q2 Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu. \q1 \v 20 Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis \q2 \nd Waaqayyo\nd* Goofticha biraa dhufa. \q1 \v 21 Waaqni dhugumaan mataa diina isaa, \q2 gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii // kan rifeensa qabu ni caccabsa. \q1 \v 22 Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida; \q2 tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida; \q1 \v 23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf; \q2 arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.” \b \q1 \v 24 Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera; \q2 hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera. \q1 \v 25 Fuula duraan faarfattoota, \q2 dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture; \q2 dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan. \q1 \v 26 Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa; \q2 yaaʼii Israaʼel keessattis \nd Waaqayyoon\nd* jajadhaa. \q1 \v 27 Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema; \q2 tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan; \q2 ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan. \b \q1 \v 28 Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji; \q2 yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana // jabina kee nu argisiisi. \q1 \v 29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif \q2 mootonni kennaa siif fidu. \q1 \v 30 Bineensota shambaqqoo keessaa, \q2 karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu. \q1 Warra meetii fidan gad deebisi. \q2 Warra waraanatti gammadanis bittinneessi. \q1 \v 31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu; \q2 Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti. \b \q1 \v 32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa; \q2 faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa; \q1 \v 33 isa samiiwwan durii keessa gulufu, \q2 isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa. \q1 \v 34 Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru, \q2 isa miidhaginni isaa \q2 samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa. \q1 \v 35 Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha; \q2 Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna. \b \q1 Waaqni haa eebbifamu! \c 69 \cl Faarfannaa 69 \ms1 Faaruu Booʼichaa \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, ati na baasi; \q2 bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii. \q1 \v 2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan \q2 hin jirre keessa seeneera. \q1 Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; \q2 lolaanis narra garagaleera. \q1 \v 3 Ani iyyuudhaan dadhabeera; \q2 laagaan koo babbaqaqeera; \q2 iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera. \q1 \v 4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban \q2 rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; \q1 warri na ajjeesuu barbaadan, \q2 warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. \q1 Ani akkan waan hin hatin \q2 deebisu dirqameera. \b \q1 \v 5 Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; \q2 yakki koos si duraa hin dhokatu. \b \q1 \v 6 Yaa Gooftaa, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 warri abdii sirra kaaʼatan, \q2 sababii kootiif hin qaanaʼin; \q1 yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, \q2 sababii kootiif hin qaaneffamin. \q1 \v 7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; \q2 qaaniinis fuula koo haguugeera. \q1 \v 8 Ani obboloota kootti keessummaa, \q2 ilmaan haadha kootiittis alagaa dha; \q1 \v 9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; \q2 arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera. \q1 \v 10 Booʼuu fi soomuun koo, \q2 arrabsoo natti taʼe. \q1 \v 11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, \q2 namoonni natti qoosu. \q1 \v 12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; \q2 machooftonnis waaʼee kootiin sirbu. \b \q1 \v 13 Ani garuu yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 yeroo ati filattutti sin kadhadha; \q1 yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan \q2 fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni. \q1 \v 14 Akka ani hin liqimfamneef, \q2 raaree keessaa na baasi; \q1 warra na jibban jalaa, \q2 bishaanota gad fagoo keessaas na baasi. \q1 \v 15 Ati akka lolaan na hin fudhanne, \q2 akka tuujubni na hin liqimsine, \q2 akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi. \q1 \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gaarummaa jaalala keetiitiin // deebii naaf kenni; \q2 araara kee guddichaanis natti garagali. \q1 \v 17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; \q2 waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni. \q1 \v 18 Natti dhiʼaadhuutii na furi; \q2 xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi. \b \q1 \v 19 Ati akka ani hammam tuffatamee, \q2 salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; \q2 diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru. \q1 \v 20 Arrabsoon garaa koo cabse; \q2 anis abdii kutadheera. \q1 Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; \q2 nama na jajjabeessus nan barbaade; // garuu tokko illee hin arganne. \q1 \v 21 Nyaata kootti hadhooftuu makan; \q2 akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan. \b \q1 \v 22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; \q2 adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu. \q1 \v 23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; \q2 dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu. \q1 \v 24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; \q2 aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu. \q1 \v 25 Qeʼeen isaanii haa onu; \q2 namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin. \q1 \v 26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; \q2 waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu. \q1 \v 27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali; \q2 isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin. \q1 \v 28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; \q2 qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin. \b \q1 \v 29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; \q2 yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu. \b \q1 \v 30 Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; \q2 galataanis ulfina nan kennaaf. \q1 \v 31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi \q2 kottee qabu dhiʼeessuu caalaa \nd Waaqayyoon\nd* gammachiisa. \q1 \v 32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; \q2 isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu! \q1 \v 33 \nd Waaqayyo\nd* rakkattoota ni dhagaʼa; \q2 namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu. \b \q1 \v 34 Samii fi lafti, galaanonnii fi \q2 wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan. \q1 \v 35 Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; \q2 magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. \q1 Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas. \q2 \v 36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; \q2 warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu. \c 70 \cl Faarfannaa 70 \ms1 Iyya Dhiphinaa \mr 70:1‑5 kwf – \xt Far 40:13‑17\xt* \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, na gargaaruuf dafii kottu. \q1 \v 2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan \q2 hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; \q1 warri badii koo hawwan hundi \q2 qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan. \q1 \v 3 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan \q2 qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan. \q1 \v 4 Warri si barbaadan hundinuu garuu \q2 sitti gammadanii haa ililchan; \q1 warri fayyisuu kee jaallatan, \q2 yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan. \b \q1 \v 5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; \q2 yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. \q1 Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd* hin turin. \c 71 \cl Faarfannaa 71 \ms1 Kadhannaa Jaarsaa \mr 71:1‑3 kwf – \xt Far 31:1‑4\xt* \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani kooluu sitti galeera; \q2 ati gonkumaa na hin qaanessin. \q1 \v 2 Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis; \q2 gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis. \q1 \v 3 Ati kattaa ani kooluu itti galu, \q2 iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi; \q1 ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, \q2 na baraaruuf ajaja kenni. \q1 \v 4 Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa, \q2 qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi. \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati abdii kootii; \q2 ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha. \q1 \v 6 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; \q2 gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. \q2 Ani yeroo hunda sin galateeffadha. \q1 \v 7 Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera; \q2 ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha. \q1 \v 8 Afaan koo guyyaa guutuu, \q2 galataa fi ulfina keetiin guutama. \b \q1 \v 9 Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin; \q2 yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin. \q1 \v 10 Diinonni koo natti mariʼatuutii; \q2 warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu. \q1 \v 11 Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera; \q2 namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii \q2 faana buʼaatii qabaa” jedhu. \q1 \v 12 Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin; \q2 yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu. \q1 \v 13 Warri na himatan qaanaʼanii haa badan; \q2 warri na miidhuu barbaadanis \q2 tuffii fi salphina haa uffatan. \b \q1 \v 14 Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba; \q2 ittuma caalchisees sin galateeffadha. \q1 \v 15 Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee, \q2 afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi \q2 waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa. \q1 \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ani dhufee \q2 hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa; \q2 ani qajeelummaa kee qofa labsa. \q1 \v 17 Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta; \q2 anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa. \q1 \v 18 Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee, \q2 hamma ani humna kee dhaloota kanatti, \q1 jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti, \q2 ati na hin dhiisin. \b \q1 \v 19 Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa; \q2 ati waan gurguddaa hojjetteerta; \q2 yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu? \q1 \v 20 Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta; \q2 taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita, \q2 qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta. \q1 \v 21 Ulfina koo ni guddifta; \q2 amma illee na jajjabeessita. \b \q1 \v 22 Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif, \q2 kiraaraan sin faarfadha; \q1 Yaa Qulqullicha Israaʼel \q2 ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha. \q1 \v 23 Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo, \q2 lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu. \q1 \v 24 Warri na miidhuu barbaadan, \q2 waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif \q1 arrabni koo guyyaa guutuu \q2 qajeelummaa kee odeessa. \c 72 \cl Faarfannaa 72 \ms1 Mooticha Abdiin Eegamu \d Faarfannaa Solomoon. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, \q2 qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni. \q1 \v 2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; \q2 hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna. \b \q1 \v 3 Tulluuwwan badhaadhummaa, \q2 gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan. \q1 \v 4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; \q2 ijoollee rakkattootaa ni oolcha; \q2 cunqursituu immoo ni barbadeessa. \q1 \v 5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, \q2 dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu. \q1 \v 6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, \q2 akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa. \q1 \v 7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; \q2 nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata. \b \q1 \v 8 Innis galaanaa hamma galaanaatti, \q2 Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha. \q1 \v 9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; \q2 diinonni isaas biyyoo arraabu. \q1 \v 10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni \q2 biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; \q2 mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf. \q1 \v 11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; \q2 saboonni hundinuus isa ni tajaajilu. \b \q1 \v 12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, \q2 hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. \q1 \v 13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; \q2 nama rakkataas duʼa jalaa baasa. \q1 \v 14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; \q2 dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii. \b \q1 \v 15 Umuriin isaa haa dheeratu; \q2 warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. \q1 Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; \q2 guyyaa guutuus isa haa eebbisan. \q1 \v 16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; \q2 fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. \q1 Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; \q2 akka marga lafaas haa misu. \q1 \v 17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; \q2 Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. \b \q1 Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; \q2 jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu. \b \b \q1 \v 18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu. \q1 \v 19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; \q2 lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu. \qc Ameen; Ameen. \b \b \q1 \v 20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame. \c 73 \ms Kitaaba Sadaffaa \mr Faarfannaa 73–89 \cl Faarfannaa 73 \ms1 Moʼannoo Murtii Qajeelaa \d Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, \q2 warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha. \b \q1 \v 2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, \q2 faanni koos mucucaachuu gaʼee ture. \q1 \v 3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, \q2 of tuultotatti hinaafeen tureetii. \b \q1 \v 4 Isaan hin dhiphatan; \q2 dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas. \q1 \v 5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; \q2 isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman. \q1 \v 6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; \q2 fincilas akka wayyaatti uffatu. \q1 \v 7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama; \q2 hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu. \q1 \v 8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; \q2 of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu. \q1 \v 9 Afaan isaanii samii falmata; \q2 arrabni isaaniis lafa dhaala. \q1 \v 10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee \q2 bishaan baayʼee dhuga. \q1 \v 11 Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? \q2 Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu. \b \q1 \v 12 Egaa namoonni hamoon akkana; \q2 isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; \q2 badhaadhummaanis guddachaa deemu. \b \q1 \v 13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee \q2 harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa! \q1 \v 14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; \q2 ganama ganamas adabameera. \b \q1 \v 15 Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee \q2 silaa ijoollee kee nan yakkan ture. \q1 \v 16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, \q2 wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe. \q1 \v 17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; \q2 ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe. \b \q1 \v 18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; \q2 akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte. \q1 \v 19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii \q2 akkuma tasaa barbadaaʼan! \q1 \v 20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, \q2 atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, \q2 hawwii garaa isaanii ni busheessita. \b \q1 \v 21 Yommuu lubbuun koo gadditee \q2 onneen koos waraanamtetti, \q1 \v 22 ani gowwaa fi wallaalaan ture; \q2 fuula kee durattis akka horii nan taʼe. \b \q1 \v 23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; \q2 atis harka koo mirgaa ni qabda. \q1 \v 24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita; \q2 ergasii immoo ulfinatti na galchita. \q1 \v 25 Ani samii keessaa eenyunan qaba? \q2 Lafa irraas si malee homaa hin fedhu. \q1 \v 26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; \q2 Waaqni garuu jabina garaa koo ti; \q2 bara baraanis inni qooda koo. \b \q1 \v 27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu; \q2 atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita. \q1 \v 28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa daʼoo koo godhadheera; \q2 ani hojii kee hunda nan labsa. \c 74 \cl Faarfannaa 74 \ms1 Booʼicha Waaʼee Diigamuu Mana Qulqullummaa \d \tl Maskiilii\tl* Asaaf. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte? \q2 Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa? \q1 \v 2 Saba ati dur filatte, \q2 gosa dhaala keetii, warra ati furte, \q2 Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu. \q1 \v 3 Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu; \q2 diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera. \b \q1 \v 4 Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan; \q2 mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan. \q1 \v 5 Isaan nama bosona keessatti muka muruuf \q2 qottoo ol fudhatu fakkaatu. \q1 \v 6 Isaanis waan soofame hunda, \q2 qottoo fi burrusaan caccabsan. \q1 \v 7 Isaan mana qulqullummaa kee guban; \q2 lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan. \q1 \v 8 Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti // isaan barbadeessina!” jedhan. \q2 Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban. \q1 \v 9 Mallattoon dinqii nuu hin kennamne; \q2 siʼachi raajiin tokko illee hin jiru; \q2 wanni kun hamma yoomiitti akka turu // nu keessaa namni beeku hin jiru. \b \q1 \v 10 Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa? \q2 Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa? \q1 \v 11 Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta? \q2 Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi! \b \q1 \v 12 Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; \q2 lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta. \q1 \v 13 Situ humna keetiin galaana gargar qoode; \q2 ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite. \q1 \v 14 Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee \q2 uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne. \q1 \v 15 Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane; \q2 ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta. \q1 \v 16 Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma; \q2 ati aduu fi jiʼa uumteerta. \q1 \v 17 Situ daarii lafaa hunda dhaabe; \q2 ati bonaa fi ganna uumteerta. \b \q1 \v 18 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkamitti akka diinni sitti qoosu, \q2 akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu. \q1 \v 19 Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin; \q2 jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin. \q1 \v 20 Kakuu kee eegi; \q2 iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu // gooliidhaan guutameeraatii. \q1 \v 21 Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; \q2 hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan. \b \q1 \v 22 Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu; \q2 akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu. \q1 \v 23 Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii \q2 kan gargar hin cinne sana hin dagatin. \c 75 \cl Faarfannaa 75 \ms1 Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; \q2 sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; \q2 namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu. \b \q1 \v 2 Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; \q2 kan qajeelummaadhaan muru ana. \q1 \v 3 Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, \q2 kan utubaa ishee jabeessee qabu ana. \q1 \v 4 Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ \q2 Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa. \q1 \v 5 Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; \q2 morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ” \b \q1 \v 6 Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii \q2 yookaan lafa onaatii hin dhufuutii. \q1 \v 7 Garuu kan murtii kennu Waaqa; \q2 inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa. \q1 \v 8 Harka \nd Waaqayyoo\nd* keessa, \q2 xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame \q2 kan hoomachaan guutame tokkotu jira; \q1 inni wayinii sana gad naqa; \q2 hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin // xuruurfatanii dhugu. \b \q1 \v 9 Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; \q2 Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha. \q1 \v 10 Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; \q2 gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha. \c 76 \cl Faarfannaa 76 \ms1 Faarfannaa Waaqa Sodaatamuu Qabuuf Faarfatame \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; \q2 maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha. \q1 \v 2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, \q2 iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira. \q1 \v 3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi \q2 meeshaawwan waraanaa caccabse. \b \q1 \v 4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; \q2 ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa. \q1 \v 5 Gootonni boojiʼamaniiru; \q2 hirribaanis fudhatamaniiru; \q1 duultota keessaas namni tokko iyyuu \q2 harka sochoofachuu hin dandeenye. \q1 \v 6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii \q2 fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru. \b \q1 \v 7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. \q2 Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa? \q1 \v 8 Ati samii irraa murtii kennite; \q2 laftis ni sodaatte; ni calʼiftes; \q1 \v 9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, \q2 rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe. \q1 \v 10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; \q2 warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; \q2 warri naannoo isaa jiraatan hundinuus \q2 Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan. \q1 \v 12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; \q2 mootonni lafaas isa sodaatu. \c 77 \cl Faarfannaa 77 \ms1 Seenaa Israaʼel Yaaduu \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; \q2 ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe. \q1 \v 2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe; \q2 halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe; \q2 lubbuun koos jajjabaachuu didde. \b \q1 \v 3 Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada; \q2 ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe. \q1 \v 4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote; \q2 ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe. \q1 \v 5 Ani waaʼee bara durii, \q2 waaʼee waggoota durii duriis nan yaade; \q1 \v 6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe. \q2 Ani irra deddeebiʼee na yaade; // hafuurri koos akkana jedhee qorate: \b \q1 \v 7 “Gooftaan bara baraan nama gataa? \q2 Inni deebiʼee garaa hin laafuu? \q1 \v 8 Araarri isaa bara baraan badee? \q2 Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee? \q1 \v 9 Waaqni arjoomuu irraanfateeraa? \q2 Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?” \b \q1 \v 10 Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii \q2 jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe. \q1 \v 11 Ani hojii \nd Waaqayyoo\nd* nan yaadadha; \q2 dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa. \q1 \v 12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; \q2 waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha. \b \q1 \v 13 Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha. \q2 Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira? \q1 \v 14 Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha; \q2 saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta. \q1 \v 15 Irree kee cimaadhaan saba kee, \q2 sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta. \b \q1 \v 16 Yaa Waaqi, bishaanonni si argan; \q2 bishaanonni si arganii sodaatan; \q2 tuujubawwan ni hollatan. \q1 \v 17 Duumessi bishaan gad dhangalaase; \q2 samiiwwan ni qaqawweessaʼan; \q2 xiyyi kees qixa hundaan balaqqise. \q1 \v 18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame; \q2 balaqqeesi kee addunyaa ibse; \q2 laftis hollattee sochoote. \q1 \v 19 Daandiin kee galaana keessa, \q2 karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa; \q2 garuu faanni kee hin argamne. \b \q1 \v 20 Ati harka Museetii fi harka Arooniin, \q2 saba kee akka bushaayeetti geggeessite. \c 78 \cl Faarfannaa 78 \ms1 Seenaa Saba Israaʼel \d \tl Maskiilii\tl* Asaaf. \q1 \v 1 Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; \q2 dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa. \q1 \v 2 Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; \q2 waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha. \q1 \v 3 Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, \q2 waan abbootiin keenya nutti himanii dha. \q1 \v 4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; \q2 hojii \nd Waaqayyoo\nd* ulfina qabeessa sana, \q1 humna isaatii fi dinqii inni hojjete, \q2 dhaloota itti aanutti ni himna. \q1 \v 5 Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; \q2 Israaʼeliif immoo seera kenne; \q1 waan kana illee akka isaan // ijoollee isaanii barsiisaniif, \q2 abbootii keenya ajaje; \q1 \v 6 kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, \q2 akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, \q2 isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif. \q1 \v 7 Yoos isaan Waaqa amanatu; \q2 ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan. \q1 \v 8 Isaan akka abbootii isaanii, \q2 akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, \q1 warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, \q2 akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan. \b \q1 \v 9 Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; \q2 taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan. \q1 \v 10 Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; \q2 seera isaattis buluu didan. \q1 \v 11 Isaan hojii inni hojjete, \q2 dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan. \q1 \v 12 Inni fuula abbootii isaanii duratti, \q2 biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete. \q1 \v 13 Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; \q2 bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise. \q1 \v 14 Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo \q2 ifa ibiddaatiin isaan geggeesse. \q1 \v 15 Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee \q2 bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne. \q1 \v 16 Kattaa keessaa burqaa burqisiisee \q2 akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe. \b \q1 \v 17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; \q2 ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan. \q1 \v 18 Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan \q2 beekumsa Waaqaa qoran. \q1 \v 19 Akkana jedhanii Waaqa hamatan; \q2 “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa? \q1 \v 20 Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; \q2 burqaan guutee irraan dhangalaʼe. \q1 Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? \q2 Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?” \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; \q2 Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; \q2 dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe; \q1 \v 22 isaan Waaqa hin amananneetii; \q2 fayyisuu isaattis hin amanne. \q1 \v 23 Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; \q2 balbala samiis ni bane; \q1 \v 24 akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; \q2 midhaan samiis isaaniif kenne. \q1 \v 25 Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; \q2 inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef. \q1 \v 26 Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; \q2 bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe. \q1 \v 27 Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis \q2 akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse. \q1 \v 28 Innis akka isaan qubata isaanii keessatti \q2 naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe. \q1 \v 29 Isaanis nyaatanii quufan; \q2 inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii. \q1 \v 30 Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, \q2 utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu, \q1 \v 31 dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; \q2 innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; \q2 dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe. \b \q1 \v 32 Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; \q2 dinqii isaattis hin amanne. \q1 \v 33 Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, \q2 akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe. \q1 \v 34 Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, // isaan isa barbaaddatan; \q2 isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan. \q1 \v 35 Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, \q2 akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan. \q1 \v 36 Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; \q2 arraba isaaniitiinis isa soban; \q1 \v 37 garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; \q2 isaan kakuu isaatiif hin amanamne. \q1 \v 38 Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, \q2 cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. \q1 Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; \q2 dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne. \q1 \v 39 Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, \q2 qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate. \b \q1 \v 40 Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii \q2 gammoojjii keessattis isa gaddisiisan \q1 \v 41 Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; \q2 Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan. \q1 \v 42 Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti \q2 diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne. \q1 \v 43 Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, \q2 kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne. \q1 \v 44 Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; \q2 isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye. \q1 \v 45 Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, \q2 fattee isaan barbadeessu itti erge. \q1 \v 46 Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, \q2 buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne. \q1 \v 47 Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, \q2 harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe. \q1 \v 48 Loon isaanii cabbiif, \q2 horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne. \q1 \v 49 Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan \q2 aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, \q2 dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise. \q1 \v 50 Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; \q2 lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee \q2 duʼa isaan hin oolchine. \q1 \v 51 Hangafoota Gibxi hunda, \q2 ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe. \q1 \v 52 Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; \q2 akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse. \q1 \v 53 Inni nagaadhaan isaan geggeesse; // kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; \q2 diinota isaanii garuu galaanatu liqimse. \q1 \v 54 Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, \q2 gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche. \q1 \v 55 Inni ormoota isaan duraa ariʼe; \q2 lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; \q2 gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise. \b \q1 \v 56 Isaan garuu Waaqa qoran; \q2 Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; \q2 ajaja isaas hin eegne. \q1 \v 57 Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; \q2 akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan. \q1 \v 58 Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; \q2 waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan. \q1 \v 59 Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; \q2 guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate. \q1 \v 60 Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, \q2 dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise. \q1 \v 61 Humna isaa boojuutti, \q2 ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne. \q1 \v 62 Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; \q2 handhuuraa isaattis akka malee dheekkame. \q1 \v 63 Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; \q2 durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne; \q1 \v 64 luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; \q2 niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye. \b \q1 \v 65 Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, \q2 akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe. \q1 \v 66 Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; \q2 qaanii bara baraa keessas isaan buuse. \q1 \v 67 Dunkaanota Yoosef ni tuffate; \q2 gosa Efreemis hin filanne; \q1 \v 68 inni garuu gosa Yihuudaa, \q2 Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate. \q1 \v 69 Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, \q2 akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare. \q1 \v 70 Inni Daawit garbicha isaa ni filate; \q2 dallaa hoolotaa keessaas isa waammate; \q1 \v 71 akka inni saba isaa Yaaqoobin, \q2 handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee \q2 hoolota tiksuu irraa isa fide. \q1 \v 72 Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; \q2 ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe. \c 79 \cl Faarfannaa 79 \ms1 Faaruu Booʼichaa Biyyoolessaa \d Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru; \q2 mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru; \q2 Yerusaaleminis barbadeessaniiru. \q1 \v 2 Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif, \q2 reeffa garboota keetii allaattii samiitiif, \q2 foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru. \q1 \v 3 Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti \q2 akkuma bishaanii dhangalaasan; \q2 namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne. \q1 \v 4 Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera; \q2 warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane. \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kun hamma yoomiitti? \q2 Ati hamma bara baraatti aartaa? \q2 Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa? \q1 \v 6 Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti, \q2 mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti // gad dhangalaasi; \q1 \v 7 isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii; \q2 iddoo jireenya isaas balleessaniiru. \b \q1 \v 8 Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; \q2 waan nu baayʼee gad deebifamneef, \q2 araarri kee dafee nu bira haa gaʼu. \q1 \v 9 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, \q2 ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; \q1 maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; \q2 cubbuu keenya illee nuu dhiisi. \q1 \v 10 Ormoonni maaliif, \q2 “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree? \b \q1 Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf, \q2 akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi. \q1 \v 11 Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu; \q2 jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi. \q1 \v 12 Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan, \q2 dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi. \q1 \v 13 Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, \q2 bara baraan si jajanna; \q1 dhalootaa hamma dhalootaattis, \q2 galata kee ni odeessina. \c 80 \cl Faarfannaa 80 \ms1 Haaromfama Israaʼeliif Waaqa kadhachuu \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Yaa tiksee saba Israaʼel, \q2 kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; \q2 ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu. \q1 \v 2 Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti \q2 humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi. \b \q1 \v 3 Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi; \q2 akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, \q2 ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta? \q1 \v 5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; \q2 imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte. \q1 \v 6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote; \q2 diinonni keenyas nutti qoosu. \b \q1 \v 7 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, // iddoo keenyatti nu deebisi; \q2 akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi. \b \q1 \v 8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; \q2 ormootas ariitee muka sana dhaabde. \q1 \v 9 Mukichaafis lafa qopheessite; \q2 mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute. \q1 \v 10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin, \q2 birbirsawwan gurguddaanis // dameewwan isaatiin haguugaman. \q1 \v 11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti, \q2 lata isaas hamma Lagaatti diriirfate. \b \q1 \v 12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu \q2 ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree? \q1 \v 13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa; \q2 bineensi dirrees isa ni nyaata. \q1 \v 14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, // si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi! \q2 Samii irraa gad ilaalii argi! \q1 Muka wayinii kana eegi; \q2 \v 15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha; \q2 biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha. \b \q1 \v 16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera; \q2 sabni kees dheekkamsa keetiin bada. \q1 \v 17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra, \q2 ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu. \q1 \v 18 Yoos nu sirraa hin garagallu; \q2 jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa. \b \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hunda Dandeessu \q2 iddoo keenyatti nu deebisi; \q2 akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi. \c 81 \cl Faarfannaa 81 \ms1 Ayyaana Daasiitiif \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan \tl Gitiitiidhaan\tl* Faarfatamu. \q1 \v 1 Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa; \q2 Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa! \q1 \v 2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa; \q2 baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa. \b \q1 \v 3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti, \q2 guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa; \q1 \v 4 kun seera Israaʼeliif kenname, \q2 ajaja Waaqa Yaaqoob. \q1 \v 5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti, \q2 waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe. \b \q1 Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe. \b \q1 \v 6 Innis akkana jedhe; // “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera; \q2 harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe. \q1 \v 7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche; \q2 anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne; \q2 bishaan Mariibaa birattis sin qore. \b \q1 \v 8 “Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa; \q2 yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate! \q1 \v 9 Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin; \q2 ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin. \q1 \v 10 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee, \q2 kan Gibxii baasee isin fidee dha. \q2 Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa. \b \q1 \v 11 “Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne; \q2 Israaʼel anaaf hin bulle. \q1 \v 12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif \q2 dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne. \b \q1 \v 13 “Utuu sabni koo na dhaggeeffatee, \q2 utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee, \q1 \v 14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee \q2 harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture! \q1 \v 15 Warri \nd Waaqayyoon\nd* jibban fuula isaa duratti ni gugguufu; \q2 adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa. \q1 \v 16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora; \q2 damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa.” \c 82 \cl Faarfannaa 82 \ms1 Abbootii Murtii Kanneen Murtii Jalʼisan \d Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; \q2 “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha: \b \q1 \v 2 “Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? \q2 Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu? \q1 \v 3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; \q2 mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. \q1 \v 4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; \q2 harka jalʼootaatiis isaan baasaa. \b \q1 \v 5 “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. \q2 Isaan dukkana keessa jiraatu; \q2 hundeen lafaa hundinuu ni raafame. \b \q1 \v 6 “Anis, ‘Isin, “waaqota;” \q2 hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera. \q1 \v 7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; \q2 akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.” \b \q1 \v 8 Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; \q2 sabni hundinuu kan keetiitii. \c 83 \cl Faarfannaa 83 \ms1 Kadhannaa Diinota Israaʼel Irratti Dhiʼaate \d Faarfannaa Asaaf. \q1 \v 1 Yaa Waaqi gab hin jedhin; \q2 yaa Waaqi, hin calʼisin; \q2 akkasumattis hin dhiisin. \q1 \v 2 Diinonni kee akkam akka kakaʼan, \q2 warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali. \q1 \v 3 Isaan saba keetti daba karoorfatu; \q2 warra ati eegdutti mariʼatu. \q1 \v 4 Isaanis, “Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef, \q2 akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa” jedhu. \b \q1 \v 5 Isaan yaada tokkoon walii galu; \q2 sittis ni gurmaaʼu; \q1 \v 6 isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota, \q2 Moʼaabii fi gosa Aggaar, \q1 \v 7 Gebaal, Amoonii fi Amaaleq, \q2 Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan. \q1 \v 8 Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa \q2 taʼuudhaaf isaanitti makaman. \b \q1 \v 9 Ati akkuma Midiyaanin goote, \q2 akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi; \q1 \v 10 isaan Eendooritti dhumanii \q2 akkuma kosii lafaa taʼan. \q1 \v 11 Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb, \q2 ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi; \q1 \v 12 isaan warra, “Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee \q2 kan dhuunfaa keenyaa godhannaa” jedhanii dha. \b \q1 \v 13 Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu, \q2 akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi. \q1 \v 14 Akkuma ibiddi bosona balleessu, \q2 yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu, \q1 \v 15 atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi; \q2 bubbee keetiin isaan sodaachisi. \q1 \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif, \q2 fuula isaanii qaaniin haguugi. \b \q1 \v 17 Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan; \q2 salphinaanis haa badan. \q1 \v 18 Isaan akka ati kan maqaan kee \nd Waaqayyo\nd* taʼe sun qofti, \q2 lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan. \c 84 \cl Faarfannaa 84 \ms1 Faarfannaa Yeroo Mana Qulqullummaa Dhaqan Faarfatamu \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan \tl Gitiitiidhaan\tl* Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 iddoon ati jiraattu akkam namatti tola! \q1 \v 2 Lubbuun koo oobdiiwwan \nd Waaqayyoo\nd* hawwiti; \q2 akka malees itti gaggabdi; \q1 onneen koo fi foon koo \q2 Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu. \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 Mootii koo fi Waaqa ko, \q1 iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, \q2 girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti. \q1 \v 4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; \q2 isaan yeroo hundumaa si jajatuutii. \b \q1 \v 5 Warri sirraa jabina argatan, \q2 kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha. \q1 \v 6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, \q2 iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; \q2 bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa. \q1 \v 7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, \q2 jabina irraa gara jabinaatti ni darbu. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, // kadhannaa koo dhagaʼi; \q2 yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu. \q1 \v 9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; \q2 fuula dibamaa kee sanaas ilaali. \b \q1 \v 10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, \q2 guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; \q1 dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, \q2 eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni aduu fi gaachanaatii; \q2 \nd Waaqayyo\nd* surraa fi ulfina ni kenna; \q2 inni toloota waan gaarii hin dhowwatu. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 namni si amanatu eebbifamaa dha. \c 85 \cl Faarfannaa 85 \ms1 Kadhannaa Nagaaf Dhiʼaate \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati lafa keetiif arjoomteerta; \q2 boojuu Yaaqoobis deebifteerta. \q1 \v 2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; \q2 cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta. \q1 \v 3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; \q2 aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta. \b \q1 \v 4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; \q2 dheekkamsa kees nurraa qabi. \q1 \v 5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee \q2 dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa? \q1 \v 6 Akka sabni kee sitti gammaduuf, \q2 ati lubbuu nutti hin deebiftuu? \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, araara kee nutti mulʼisi; \q2 fayyina kees nuu kenni. \b \q1 \v 8 Ani waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; \q2 inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; \q2 isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin. \q1 \v 9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, \q2 fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira. \b \q1 \v 10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; \q2 qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan. \q1 \v 11 Amanamummaan lafa keessaa burqa; \q2 qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala. \q1 \v 12 \nd Waaqayyo\nd* dhugumaan waan gaarii ni kenna; \q2 lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti. \q1 \v 13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema; \q2 miilla isaatiifis karaa qopheessa. \c 86 \cl Faarfannaa 86 \ms1 Kadhannaa Yeroo Rakkinaa \d Kadhannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, \q2 na dhagaʼiitii deebii naa kenni. \q1 \v 2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. \q2 Ati Waaqa koo ti; \q2 garbicha kee kan si amanatu oolchi. \q1 \v 3 Yaa Gooftaa na maari; \q2 ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii. \q1 \v 4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; \q2 yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii. \b \q1 \v 5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; \q2 warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha. \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kadhannaa koo dhagaʼi; \q2 iyya waammata koos dhaggeeffadhu. \q1 \v 7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; \q2 ati deebii naa kennitaatii. \b \q1 \v 8 Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; \q2 hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, \q2 fuula kee duratti ni sagadu; \q2 maqaa keetiifis ulfina fidu. \q1 \v 10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; \q2 Waaqni suma qofa. \b \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, karaa kee na barsiisi; \q2 anis dhugaa keetiin nan bula; \q1 akka ani maqaa kee sodaadhuuf, \q2 garaa gargar hin qoodamne naa kenni. \q1 \v 12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; \q2 maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa. \q1 \v 13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; \q2 lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. \b \q1 \v 14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; \q2 tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne \q2 lubbuu koo galaafachuu barbaadu. \q1 \v 15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; \q2 daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu. \q1 \v 16 Gara kootti deebiʼiitii na maari; \q2 jabina kee tajaajilaa keetii kenni; \q2 ilma garbittii keetiis oolchi. \q1 \v 17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, \q2 mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii. \c 87 \cl Faarfannaa 87 \ms1 Xiyoon, Haadha Sabootaa \d Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. \q1 \v 1 Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, \q2 karrawwan Xiyoon jaallata. \b \q1 \v 3 Yaa magaalaa Waaqaa, \q2 waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama: \q1 \v 4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin \q2 warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; \q1 kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, \q2 ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.” \q1 \v 5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, \q2 “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; \q2 Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* yeroo saboota galmeessutti, \q2 “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa. \b \q1 \v 7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, \q2 “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu. \c 88 \cl Faarfannaa 88 \ms1 Kadhannaa Yeroo Rakkinaa \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan \tl maahilaati liinootiin\tl*\f + \fr 88:0 \fr*\ft Maahilaati liinootiin \+it gosa muuziiqaa ti.\+it*\ft*\f* Faarfatame. \tl Maskiilii\tl* Heemaan Izraahichaa. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa na fayyiftu, \q2 ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha. \q1 \v 2 Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu; \q2 atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi. \b \q1 \v 3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii; \q2 jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera. \q1 \v 4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame; \q2 akka nama humna hin qabnees nan taʼe. \q1 \v 5 Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti, \q2 akka nama ati deebitee hin yaadanneetti, \q1 akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti, \q2 warra duʼan wajjin gatameera. \b \q1 \v 6 Ati boolla gad fagoo keessa, \q2 dukkana hamaa keessas na buufteerta. \q1 \v 7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera; \q2 dambalii kee hundas narra garagalchiteerta. \q1 \v 8 Michoota koo narraa fageessiteerta; \q2 isaan biratti jibbamaa na gooteerta; \q1 akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera. \q2 \v 9 Iji koo gaddaan dadhabeera. \b \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; \q2 harka koo illee gara keetti nan balʼifadha. \q1 \v 10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa? \q2 Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu? \q1 \v 11 Jaalalli kee awwaala keessatti, \q2 amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa? \q1 \v 12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti, \q2 yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa? \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani garuu akka ati na gargaartuuf // gara keetti nan iyyadha; \q2 ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata. \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati maaliif na gatta? \q2 Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta? \b \q1 \v 15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture; \q2 naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera. \q1 \v 16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe; \q2 naasisuun kees na balleesseera. \q1 \v 17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu; \q2 guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru. \q1 \v 18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta; \q2 dukkana qofatu michuu naa taʼe. \c 89 \cl Faarfannaa 89 \ms1 Faarfannaa Fi Kadhannaa Amanamummaa Waaqaatiif Dhiʼaate \d \tl Maskiilii\tl* Eetaan Izraahichaa. \q1 \v 1 Ani waaʼee araara \nd Waaqayyoo\nd* bara baraan nan faarfadha; \q2 afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa. \q1 \v 2 Akka araarri kee bara baraan jiraatu, \q2 akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa. \b \q1 \v 3 Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera; \q2 Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera; \q1 \v 4 ‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba; \q2 teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ ” \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, samiiwwan dinqii kee jaju; \q2 yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju. \q1 \v 6 Samii keessatti eenyutu \nd Waaqayyoon\nd* qixxaachuu dandaʼa? \q2 Uumamawwan samii keessaa kan \nd Waaqayyoon\nd* fakkaatu eenyu? \q1 \v 7 Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; \q2 warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha. \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, // kan akka keetii eenyu? \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa. \b \q1 \v 9 Ati raafama galaanaa ni moota; \q2 yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita. \q1 \v 10 Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite; \q2 irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite. \q1 \v 11 Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; \q2 ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta. \q1 \v 12 Kaabaa fi kibba situ uume; \q2 Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan // maqaa kee galateeffatu. \q1 \v 13 Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha; \q2 harki kee mirgaas ol kaʼeera. \b \q1 \v 14 Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti; \q2 araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu. \q1 \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, warri siif ililchuu beekan, \q2 warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha. \q1 \v 16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; \q2 qajeelummaa keetiinis si jajatu. \q1 \v 17 Ati ulfina jabina isaanii ti; \q2 jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta. \q1 \v 18 Dhugumaan gaachanni keenya kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti. \b \q1 \v 19 Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti \q2 mulʼataan dubbatteerta: \q1 “Ani loltuu tokkoof humna kenneera; \q2 dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera. \q1 \v 20 Ani garbicha koo Daawitin argadheera; \q2 zayitii koo qulqulluunis isa dibeera. \q1 \v 21 Harki koo isa wajjin jira; \q2 irreen koos isa jajjabeessa. \q1 \v 22 Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu; \q2 namni hamaanis isa hin hacuucu. \q1 \v 23 Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa; \q2 warra isa jibbanis nan dhaʼa. \q1 \v 24 Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata; \q2 gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha. \q1 \v 25 Ani harka isaa galaana irra, \q2 harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa. \q1 \v 26 Innis, ‘Ati Abbaa koo ti; \q2 Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata. \q1 \v 27 Anis ilma koo hangafa, \q2 kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha. \q1 \v 28 Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa; \q2 kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu. \q1 \v 29 Hidda sanyii isaa bara baraan, \q2 teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba. \b \q1 \v 30 “Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan, \q2 yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan, \q1 \v 31 yoo isaan sirna koo cabsanii \q2 ajaja koo illee eeguu baatan, \q1 \v 32 ani cubbuu isaanii uleedhaan, \q2 yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba; \q1 \v 33 ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; \q2 yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru. \q1 \v 34 Ani kakuu koo hin cabsu; \q2 yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru. \q1 \v 35 Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera; \q2 ani Daawitin hin sobu. \q1 \v 36 Sanyiin isaa bara baraan itti fufa; \q2 teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata; \q1 \v 37 akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata; \q2 hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.” \b \q1 \v 38 Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas; \q2 isa dibde sanatti baayʼee aarteerta. \q1 \v 39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta; \q2 gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta. \q1 \v 40 Dallaa isaa hunda caccabsiteerta; \q2 daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta. \q1 \v 41 Warri achiin darban hundi isa saamu; \q2 olloonni isaas itti qoosu. \q1 \v 42 Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta; \q2 akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta. \q1 \v 43 Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta; \q2 waraana keessattis isa hin gargaarre. \q1 \v 44 Surraa isaa isa irraa balleessiteerta; \q2 teessoo isaas lafatti gatteerta. \q1 \v 45 Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta; \q2 qaaniidhaanis isa haguugdeerta. \b \q1 \v 46 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kun hamma yoomiitti? \q2 Ati bara baraan of dhoksitaa? \q2 Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa? \q1 \v 47 Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. \q2 Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte! \q1 \v 48 Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu \q2 yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu // kan dandaʼu nama akkamii ti? \q1 \v 49 Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin \q2 Daawitiif kakatte sun eessa jira? \q1 \v 50 Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame, \q2 akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa // bobaatti baadhe yaadadhu; \q1 \v 51 yaa \nd Waaqayyo\nd*, qoosaa diinonni kee natti qoosan, \q2 kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu. \b \b \q1 \v 52 Galanni bara baraan \nd Waaqayyoof\nd* haa taʼu! \qr Ameen; Ameen. \c 90 \ms Kitaaba Afuraffaa \mr Faarfannaa 90–106 \cl Faarfannaa 90 \ms1 Namni Dadhabaa Taʼuu Isaa \d Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa. \q1 \v 1 Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti \q2 iddoo jireenyaa nuu taateerta. \q1 \v 2 Utuu tulluuwwan hin dhalatin \q2 yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, \q2 baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa. \b \q1 \v 3 Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa” \q2 jettee namoota biyyootti deebista. \q1 \v 4 Fuula kee duratti waggaan kumni tokko, \q2 akkuma guyyaa kaleessa darbee ti; \q2 yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti. \q1 \v 5 Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita; \q2 isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti; \q1 \v 6 margi sun ganama ganama bayyanatu illee \q2 galgala galgala garuu coollagee goga. \b \q1 \v 7 Aariin kee nu fixeera; \q2 dheekkamsi kees nu naasiseera. \q1 \v 8 Yakka keenya fuula kee dura, \q2 cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta. \q1 \v 9 Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii; \q2 umurii keenyas aaduudhaan fixanna. \q1 \v 10 Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, \q2 yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; \q1 kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; \q2 inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina. \b \q1 \v 11 Humna aarii keetii eenyutu beeka? \q2 Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa // guddaadhaatii. \q1 \v 12 Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, \q2 bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa? \q2 Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi. \q1 \v 14 Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf, \q2 ganama ganama araara keetiin nu quufsi. \q1 \v 15 Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa, \q2 hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi. \q1 \v 16 Hojiin kee tajaajiltoota keetti, \q2 ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu. \b \q1 \v 17 Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; \q2 hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; \q2 eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi. \c 91 \cl Faarfannaa 91 \ms1 Eegumsa Waaqaa \q1 \v 1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, \q2 gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. \q1 \v 2 Anis \nd Waaqayyoon\nd*, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi // daʼannoo koo ti; \q2 Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha. \b \q1 \v 3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, \q2 dhukkuba nama fixu jalaas si baasa. \q1 \v 4 Inni baallee isaatiin si dhoksa; \q2 atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; \q2 amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa. \q1 \v 5 Atis naasuu halkanii, \q2 yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu; \q1 \v 6 golfaa dukkana keessa deemu, \q2 yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu. \q1 \v 7 Kumni tokko si cinatti, \q2 kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; \q2 garuu sitti hin dhiʼaatu. \q1 \v 8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta; \q2 adaba hamootatti dhufus ni argita. \b \q1 \v 9 Ati waan \nd Waaqayyoon\nd* iddoo kooluu itti galtu, \q2 Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef, \q1 \v 10 wanni hamaan si hin tuqu; \q2 dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu. \q1 \v 11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, \q2 ergamoota isaa siif ni ajaja; \q1 \v 12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef \q2 harka isaaniitiin ol si fuudhu. \q1 \v 13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; \q2 leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta. \b \q1 \v 14 \nd Waaqayyos\nd* akkana jedha; \q2 “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; \q2 waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega. \q1 \v 15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf; \q2 rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; \q2 isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf. \q1 \v 16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; \q2 fayyisuu koos isatti argisiisa.” \c 92 \cl Faarfannaa 92 \ms1 Gammachuu Nama Qajeelaa, \d Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. \q1 \v 1 \nd Waaqayyoon\nd*, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, \q2 maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha. \q1 \v 2 Jaalala kee ganamaan, \q2 amanamummaa kees halkaniin labsuun, \q1 \v 3 kiraara ribuu kudhaniitiin, \q2 sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; \q2 ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha. \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hojiin kee akkam guddaa dha; \q2 yaadni kees akkam gad fagoo dha! \q1 \v 6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; \q2 gowwaanis hin hubatu; \q1 \v 7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, \q2 jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, \q2 isaan bara baraan ni barbadaaʼu. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu bara baraan ol ol jetta. \b \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kunoo diinota kee, \q2 kunoo diinonni kee ni badu; \q2 warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu. \q1 \v 10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; \q2 zayitii haaraa natti dhangalaafte. \q1 \v 11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; \q2 gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera. \b \q1 \v 12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; \q2 akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu; \q1 \v 13 isaan mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa dhaabamanii jiru; \q2 oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran. \q1 \v 14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; \q2 gabbataniis dagaaganii jiraatu. \q1 \v 15 Isaanis, “\nd Waaqayyo\nd* tolaa dha; inni Kattaa koo ti; \q2 hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu. \c 93 \cl Faarfannaa 93 \ms1 Miidhagina \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* ni moʼa; surraas ni uffata; \q2 \nd Waaqayyo\nd* surra ni uffata; jabinas hidhata. \q2 Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus. \q1 \v 2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; \q2 ati durii duriitii jalqabdee jirta. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, galaanonni ol kaasaniiru; \q2 galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; \q2 galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru. \q1 \v 4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa, \q2 jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, \q2 \nd Waaqayyo\nd* ol gubbaa jiru sun humna qabeessa. \b \q1 \v 5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, qulqullummaan bara baraan \q2 faaya mana keetii ti. \c 94 \cl Faarfannaa 94 \ms1 Waaqa Murtii Qajeelaa \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa haaloo baaftu, \q2 Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu. \q1 \v 2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; \q2 of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni. \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hamma yoomiitti warri hamoon, \q2 warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu? \b \q1 \v 4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu; \q2 jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman. \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, isaan saba kee miidhu; \q2 handhuuraa kees ni hacuucu. \q1 \v 6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; \q2 ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu. \q1 \v 7 Isaan, “\nd Waaqayyo\nd* hin argu; \q2 Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu. \b \q1 \v 8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; \q2 isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu? \q1 \v 9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu? \q2 Inni ija uume hin argu? \q1 \v 10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu? \q2 Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu? \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* yaada namaa beeka; \q2 akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, namni ati adabdu, \q2 namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha; \q1 \v 13 hamma hamootaaf boolli qotamutti, \q2 guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* saba isaa hin gatuutii; \q2 inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu. \q1 \v 15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama; \q2 toloonni hundinuus isa faana buʼu. \b \q1 \v 16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa? \q2 Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma? \q1 \v 17 Utuu \nd Waaqayyo\nd* na gargaaruu baatee, \q2 silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti. \q1 \v 18 Yaa \nd Waaqayyo\nd* yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti, \q2 araarri kee ol qabee na dhaabe. \q1 \v 19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, \q2 jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise. \b \q1 \v 20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan \q2 si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu? \q1 \v 21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii \q2 nama yakka hin qabnetti duʼa muru. \q1 \v 22 \nd Waaqayyo\nd* garuu daʼoo, \q2 Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera. \q1 \v 23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; \q2 sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya isaan barbadeessa. \c 95 \cl Faarfannaa 95 \ms1 Faarfannaa Guyyaa Guyyaatti Faarfatamu \q1 \v 1 Kottaa \nd Waaqayyoof\nd* faarfannaa; \q2 Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa. \q1 \v 2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; \q2 faarfannaadhaanis isa haa leellifnu. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa guddaadhaatii; \q2 inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha. \q1 \v 4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; \q2 fiixeewwan tulluus kan isaa ti. \q1 \v 5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; \q2 lafa gogaa illee harka isaatu uume. \b \q1 \v 6 Kottaa gad jennee sagadnaa; \q2 Uumaa keenya \nd Waaqayyo\nd* duratti ni jilbeenfannaa; \q1 \v 7 inni Waaqa keenyaatii; \q2 nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; \q2 bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. \b \q1 Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan, \q1 \v 8 akka Mariibaatti gootan sana, \q2 akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa // mataa hin jabaatinaa; \q1 \v 9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, \q2 achitti qoranii na ilaalan. \q1 \v 10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; \q2 anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; \q2 isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen. \q1 \v 11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, \q2 “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe. \c 96 \cl Faarfannaa 96 \ms1 Waaqni Mootii Fi Abbaa Murtii ti \mr 96:1‑13 kwf – \xt 1Sn 16:23‑33\xt* \q1 \v 1 Faarfannaa haaraa \nd Waaqayyoof\nd* faarfadhaa; \q2 lafti hundinuu \nd Waaqayyoon\nd* faarfadhaa. \q1 \v 2 \nd Waaqayyoon\nd* faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa; \q2 fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa. \q1 \v 3 Ulfina isaa saboota gidduutti, \q2 hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa. \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; \q2 inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba. \q1 \v 5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu samiiwwan uume. \q1 \v 6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; \q2 jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru. \b \q1 \v 7 Yaa maatiiwwan sabootaa \nd Waaqayyoof\nd* kennaa; \q2 ulfinaa fi jabina \nd Waaqayyoof\nd* kennaa. \q1 \v 8 Ulfina maqaa isaatiif malu \nd Waaqayyoof\nd* kennaa; \q2 aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa. \q1 \v 9 Bareedina qulqullummaa isaatiin \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffadhaa; \q2 isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa. \q1 \v 10 Saboota gidduutti, “\nd Waaqayyo\nd* mootii dha” jedhaa; \q2 addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. \q2 Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna. \b \q1 \v 11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; \q2 galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu. \q1 \v 12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan. \q2 Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan. \q1 \v 13 Uumamni hundi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii; \q2 inni lafatti murteessuuf ni dhufa. \q1 Addunyaatti qajeelummaadhaan, \q2 sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura. \c 97 \cl Faarfannaa 97 \ms1 Moʼachuu \nd Waaqayyo\nd* \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* moʼeera; lafti haa gammaddu; \q2 biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan. \b \q1 \v 2 Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru; \q2 qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti. \q1 \v 3 Ibiddi fuula isaa dura deemee \q2 diinota isaa naannoo isaatii fixa. \q1 \v 4 Balaqqeen isaa addunyaa ibsa; \q2 laftis argitee hollatti. \q1 \v 5 Tulluuwwan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti, \q2 fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu. \q1 \v 6 Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu; \q2 saboonni hundinuus ulfina isaa argu. \b \q1 \v 7 Warri fakkii waaqeffatan, \q2 kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; \q2 isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa! \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sababii murtii keetiitiif, \q2 Xiyoon dhageessee ililchiti; \q2 gandoonni Yihuudaas ni gammadu. \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti; \q2 ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta. \b \q1 \v 10 Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee, \q2 harka hamootaa jalaa isaan baasuuf, \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* jaallatan hammina haa jibban. \q1 \v 11 Qajeeltota irratti ifni ni ifa; \q2 gara tolootaafis gammachuun ni dhufa. \q1 \v 12 Isin qajeeltonni \nd Waaqayyotti\nd* gammadaa; \q2 maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa. \c 98 \cl Faarfannaa 98 \ms1 Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa \d Faarfannaa. \q1 \v 1 \nd Waaqayyoof\nd* faarfannaa haaraa faarfadhaa; \q2 inni dinqii hojjeteeratii; \q1 harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, \q2 akka inni moʼannaa argatu godhaniiru. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akka fayyisuun isaa beekamu godheera; \q2 qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera. \q1 \v 3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa \q2 mana Israaʼeliif yaadateera; \q1 daariin lafaa hundinuu, \q2 fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru. \b \q1 \v 4 Lafti hundinuu \nd Waaqayyoof\nd* ililchaa; \q2 faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa; \q1 \v 5 baganaadhaan faarfannaa galataa, \q2 baganaa fi sagalee weedduutiin \nd Waaqayyoof\nd* faarfadhaa; \q1 \v 6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin, \q2 fuula \nd Waaqayyo\nd* mootichaa duratti ililchaa. \b \q1 \v 7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, \q2 addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan. \q1 \v 8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan; \q2 tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan; \q1 \v 9 isaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa faarfatan; \q2 inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. \q1 Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, \q2 namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna. \c 99 \cl Faarfannaa 99 \ms1 Waaqa Qajeelaa \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* moʼeera; \q2 saboonni haa hollatan; \q1 inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; \q2 lafti haa raafamtu. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Xiyoon keessatti guddaa dha; \q2 inni saboota hunda irra ol ol jedheera. \q1 \v 3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; \q2 inni qulqulluu dha. \b \q1 \v 4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; \q2 ati tola hundeessiteerta; \q1 Yaaqoob keessattis haqaa fi \q2 qajeelummaa hojjetteerta. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya leellisaa; \q2 ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; \q2 inni qulqulluu dha. \b \q1 \v 6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; \q2 Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; \q1 isaan \nd Waaqayyoon\nd* waammatan; \q2 innis deebii kenneef. \q1 \v 7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; \q2 isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, \q2 ati deebii isaanii kennite; \q1 ati balleessaa isaanii adabdu illee, \q2 Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte. \q1 \v 9 Waaqa keenya \nd Waaqayyoon\nd* leellisaa; \q2 tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii. \c 100 \cl Faarfannaa 100 \ms1 Gorsa Galata Galchuu \d Faarfannaa Galataa. \q1 \v 1 Lafti hundinuu \nd Waaqayyoof\nd* ililchaa. \q2 \v 2 Gammachuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffadhaa; \q2 faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. \q1 \v 3 Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa taʼe beekaa; \q2 isattu nu uume; nu kan isaa ti; \q2 nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha. \b \q1 \v 4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, \q2 jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; \q2 isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; \q2 amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa. \c 101 \cl Faarfannaa 101 \ms1 Bulchiinsa Qajeelaa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd* ani siif nan faarfadha. \q1 \v 2 Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; \q2 ati yoom gara koo dhufta? \b \q1 Ani garaa qulqulluudhaan, \q2 mana koo nan jiraadha. \q1 \v 3 Ani ija koo dura, \q2 waan hamaa hin kaaʼu. \b \q1 Hojii jalʼootaa nan jibba; \q2 nattis hin qabatu. \q1 \v 4 Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; \q2 ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu. \b \q1 \v 5 Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, \q2 ani afaan nan qabachiisa; \q1 nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, \q2 ani obsa hin qabaadhu. \b \q1 \v 6 Akka isaan na wajjin jiraataniif, \q2 iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; \q2 namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila. \b \q1 \v 7 Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu \q2 mana koo keessa hin jiraatu; \q1 namni soba dubbatu tokko iyyuu \q2 fuula koo dura hin dhaabatu. \b \q1 \v 8 Ani jalʼoota biyyattii hunda, \q2 ganama ganama nan barbadeessa; \q1 warra waan hamaa hojjetan \q2 magaalaa \nd Waaqayyoo\nd* keessaa nan balleessa. \c 102 \cl Faarfannaa 102 \ms1 Kadhannaa Yeroo Rakkinaa \d Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula \nd Waaqayyoo\nd* Duratti Dhiʼeeffatu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kadhannaa koo naa dhagaʼi; \q2 iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu. \q1 \v 2 Yeroo ani dhiphadhetti, \q2 fuula kee na duraa hin dhoksin. \q1 Gurra kee gara kootti deebisi; \q2 yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni. \b \q1 \v 3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; \q2 lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira. \q1 \v 4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; \q2 ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera. \q1 \v 5 Sababii ani guddisee aaduuf, \q2 lafeen koo gogaa kootti maxxaneera. \q1 \v 6 Ani akka urunguu gammoojjii, \q2 akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe. \q1 \v 7 Ani hirriba malee nan bula; \q2 akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera. \q1 \v 8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; \q2 warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu. \q1 \v 9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; \q2 dhugaatii koottis imimmaan makadheera; \q1 \v 10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; \q2 ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii. \q1 \v 11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; \q2 anis akkuma margaa gogeera. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati bara baraan teessoo irra jirta; \q2 yaadannoon kees dhaloota hundatti darba. \q1 \v 13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; \q2 yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; \q2 yeroon murteeffame sun gaʼeeraa. \q1 \v 14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; \q2 biyyoo ishees ni mararfatu. \q1 \v 15 Saboonni maqaa \nd Waaqayyoo\nd* ni sodaatu; \q2 mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju. \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* deebisee Xiyoonin ijaaraatii; \q2 ulfina isaatiinis ni mulʼata. \q1 \v 17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; \q2 waammata isaaniis hin tuffatu. \b \q1 \v 18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin \nd Waaqayyoon\nd* galateeffatuuf, \q2 wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu: \q1 \v 19 “\nd Waaqayyo\nd* iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; \q2 samii irraas gara lafaa gad milʼate; \q1 \v 20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi \q2 warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.” \q1 \v 21 Akkasiin maqaan \nd Waaqayyoo\nd* Xiyoon keessatti, \q2 galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama; \q1 \v 22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa. \b \q1 \v 23 Inni jabina koo karaatti hambise; \q2 umurii koos ni gabaabse. \q1 \v 24 Anis akkanan jedhe: \q2 “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; \q2 waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu. \q1 \v 25 Ati jalqabatti lafa hundeessite; \q2 samiiwwanis hojii harka keetii ti. \q1 \v 26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; \q2 hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. \q1 Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; \q2 isaanis ni badu. \q1 \v 27 Ati garuu sanuma; \q2 umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu. \q1 \v 28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; \q2 sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.” \c 103 \cl Faarfannaa 103 \ms1 Waaqni Jaalala \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa lubbuu ko, \nd Waaqayyoon\nd* eebbisi; \q2 keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa. \q1 \v 2 Yaa lubbuu koo \nd Waaqayyoon\nd* eebbisi; \q2 tola isaa hundas hin irraanfatin. \q1 \v 3 Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; \q2 dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa; \q1 \v 4 jireenya kee boolla irraa ni baraara; \q2 jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa; \q1 \v 5 akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, \q2 inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* warra cunqurfaman \q2 hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna. \b \q1 \v 7 Inni karaa isaa Museetti, \q2 hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise. \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* gara laafessaa fi arjaa dha; \q2 inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. \q1 \v 9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu; \q2 aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu; \q1 \v 10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; \q2 yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne. \q1 \v 11 Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, \q2 jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha; \q1 \v 12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, \q2 akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera. \q1 \v 13 Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, \q2 \nd Waaqayyo\nd* warra isa sodaataniif garaa ni laafa; \q1 \v 14 inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; \q2 akka nu biyyoo taanes ni yaadata. \q1 \v 15 Barri namaa akkuma margaa ti; \q2 akka abaaboo dirrees ni misa; \q1 \v 16 inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; \q2 iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu. \q1 \v 17 Jaalalli \nd Waaqayyoo\nd* garuu bara baraa hamma bara baraatti \q2 warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; \q2 qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba; \q1 \v 18 warra kakuu isaa eeganitti, \q2 warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba. \b \q1 \v 19 \nd Waaqayyo\nd* teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; \q2 mootummaan isaas waan hunda bulcha. \b \q1 \v 20 Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, \q2 warri dubbii isaatiif ajajamtanis \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa. \q1 \v 21 Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa \q2 warri fedhii isaa guuttan \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa. \q1 \v 22 Uumamawwan bulchiinsa isaa \q2 jala lafa hunda jirtan hundi \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa. \b \q1 Yaa lubbuu ko, \nd Waaqayyoon\nd* eebbisi. \c 104 \cl Faarfannaa 104 \ms1 Ulfina Uumamaa \q1 \v 1 Yaa lubbuu ko, \nd Waaqayyoon\nd* eebbisi. \b \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; \q2 miidhaginaa fi surraa uffatteerta. \b \q1 \v 2 Ati akkuma wayyaa ifa uffatta; \q2 samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita. \q2 \v 3 Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta. \q1 Duumessoota gaarii isaa godhata; \q2 qoochoo bubbee yaabbattee deema. \q1 \v 4 Inni ergamoota isaa hafuurota, \q2 tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha. \b \q1 \v 5 Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera; \q2 isheenis gonkumaa hin sochootu. \q1 \v 6 Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde; \q2 bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan. \q1 \v 7 Ati ifannaan bishaanonni baqatan; \q2 sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan. \q1 \v 8 Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan; \q2 gara iddoo ati isaanii qopheessitee, \q2 gara sululootaatti gad yaaʼan. \q1 \v 9 Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef \q2 ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde. \b \q1 \v 10 Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota; \q2 isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu. \q1 \v 11 Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu; \q2 harroonni diidaas dheebuu baʼu. \q1 \v 12 Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan; \q2 dameewwan gidduutti ni faarfatan. \q1 \v 13 Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta; \q2 laftis ija hojii keetiitiin quufti. \q1 \v 14 Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga, \q2 faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha; \q1 \v 15 akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu, \q2 akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi \q2 akka midhaan nama jajjabeessu ni goota. \q1 \v 16 Mukkeen \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru. \q1 \v 17 Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu; \q2 huummoonis birbirsa irraa mana qabdi. \q1 \v 18 Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti; \q2 holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti. \b \q1 \v 19 Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha; \q2 biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti. \q1 \v 20 Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa; \q2 bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu. \q1 \v 21 Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada; \q2 nyaata isaas Waaqa bira barbaada. \q1 \v 22 Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu; \q2 dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu. \q1 \v 23 Namni gara hojii isaatti, \q2 hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa. \b \q1 \v 24 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hojiin kee akkam baayʼee dha! \q2 Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette; \q2 laftis uumamawwan keetiin guutamte. \q1 \v 25 Galaanni guddaa fi balʼaan kun, \q2 uumamawwan hamma hin qabneen guutame; \q2 kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi // xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira. \q1 \v 26 Dooniiwwan as irra deddeebiʼu; \q2 lewaataan kan akka inni achi keessa // taphatuuf ati uumtes achi jira. \b \q1 \v 27 Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf, \q2 isaan hundi si eeggatu. \q1 \v 28 Yeroo ati isaaniif kennitutti, \q2 isaan walitti qabatu; \q1 yeroo ati harka kee balʼiftutti, \q2 isaan waan gaarii quufu. \q1 \v 29 Yeroo ati fuula kee dhokfattutti, \q2 isaan ni naʼu; \q1 yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti, \q2 isaan duʼanii biyyootti deebiʼu. \q1 \v 30 Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu; \q2 atis fuula lafaa ni haaromsita. \b \q1 \v 31 Ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* bara baraan haa jiraatu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* hojii isaatti haa gammadu; \q1 \v 32 inni ilaallaan lafti hollatte; \q2 inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe. \b \q1 \v 33 Bara jireenya koo guutuu ani \nd Waaqayyoof\nd* nan faarfadha; \q2 hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan // Waaqa koo nan galateeffadha. \q1 \v 34 Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu; \q2 ani \nd Waaqayyotti\nd* nan gammadaatii. \q1 \v 35 Cubbamoonni lafa irraa haa badan; \q2 hamoonnis siʼachi hin jiraatin. \b \q1 Yaa lubbuu koo \nd Waaqayyoon\nd* eebbisi. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 105 \cl Faarfannaa 105 \ms1 Seenaa Israaʼel Isa Dinqisiisaa \mr 105:1‑15 kwf – \xt 1Sn 16:8‑22\xt* \q1 \v 1 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; \q2 waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa. \q1 \v 2 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; \q2 waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa. \q1 \v 3 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; \q2 garaan warra \nd Waaqayyoon\nd* barbaadanii haa gammadu. \q1 \v 4 \nd Waaqayyoo\nd* fi humna isaa barbaaddadhaa; \q2 yeroo hunda fuula isaa barbaadaa. \b \q1 \v 5 Dinqii inni hojjete, \q2 hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa; \q1 \v 6 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, \q2 isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa. \q1 \v 7 Inni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya; \q2 murtiin isaas lafa hunda irra jira. \b \q1 \v 8 Inni kakuu isaa bara baraan, \q2 waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata; \q1 \v 9 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, \q2 kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata. \q1 \v 10 Kanas Yaaqoobiif seera, \q2 Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee // akkana jedhee mirkaneesseera: \q1 \v 11 “Ani biyya Kanaʼaan \q2 qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.” \b \q1 \v 12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, \q2 dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis // keessummoota turanitti, \q1 \v 13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara \q2 mootummaa biraatti jooran. \q1 \v 14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; \q2 sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate: \q1 \v 15 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; \q2 raajota koos hin miidhinaa.” \b \q1 \v 16 Inni beela biyyattiitti waame; \q2 midhaan nyaataa hundas ni balleesse; \q1 \v 17 innis Yoosef namicha akka garbaatti \q2 gurgurame tokko isaan dura erge. \q1 \v 18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; \q2 mormi isaas sibiila keessa galfame; \q1 \v 19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* isa qore. \q1 \v 20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; \q2 bulchaan sabaa isa hiiksise. \q1 \v 21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa, \q2 qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate; \q1 \v 22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, \q2 akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe. \b \q1 \v 23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; \q2 Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate. \q1 \v 24 \nd Waaqayyo\nd* saba isaa akka malee baayʼise; \q2 akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe; \q1 \v 25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi \q2 akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare. \q1 \v 26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi \q2 Aroon filatamaa isaa erge. \q1 \v 27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, \q2 biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan. \q1 \v 28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; \q2 isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii. \q1 \v 29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree \q2 akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe. \q1 \v 30 Fatteen biyya isaanii guutee \q2 diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe. \q1 \v 31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi \q2 bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte. \q1 \v 32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; \q2 bakakkaas biyya isaaniitti erge; \q1 \v 33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; \q2 mukkeen biyya isaaniis ni caccabse. \q1 \v 34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi \q2 korophisni hedduun dhufan; \q1 \v 35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; \q2 waan lafti isaanii baases ni fixan. \q1 \v 36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, \q2 jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe. \b \q1 \v 37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; \q2 gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne. \q1 \v 38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; \q2 isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii. \q1 \v 39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; \q2 akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef. \q1 \v 40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; \q2 buddeena samiitiinis isaan quufse. \q1 \v 41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; \q2 akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe. \b \q1 \v 42 Inni waadaa isaa qulqulluu, \q2 kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii. \q1 \v 43 Inni saba isaa gammachuun, \q2 warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera; \q1 \v 44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne; \q2 isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan; \q1 \v 45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii \q2 seera isaatiif bulaniif godhe. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 106 \cl Faarfannaa 106 \ms1 Uummanni Cubbuu Isaa Himate \mr 106:1,47‑48 kwf – \xt 1Sn 16:34‑36\xt* \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 2 Eenyutu hojii \nd Waaqayyoo\nd* jabaa sana labsuu, \q2 yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa? \q1 \v 3 Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, \q2 warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; \q2 yommuu isaan oolchituttis na gargaari; \q1 \v 5 akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, \q2 akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee \q2 dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu. \b \q1 \v 6 Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; \q2 yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra. \q1 \v 7 Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, \q2 dinqii kee hin hubanne; \q1 baayʼina araara keetiis hin yaadanne; \q2 isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan. \q1 \v 8 Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, \q2 maqaa isaatiif jedhee isaan oolche. \q1 \v 9 Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; \q2 akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse. \q1 \v 10 Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; \q2 humna diinaa jalaas isaan fure. \q1 \v 11 Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; \q2 tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. \q1 \v 12 Ergasii isaan dubbii isaa amananii \q2 faarfannaadhaan isa galateeffatan. \b \q1 \v 13 Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; \q2 gorsa isaas obsaan hin eegganne. \q1 \v 14 Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; \q2 lafa onaa keessattis Waaqa qoran. \q1 \v 15 Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; \q2 garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge. \b \q1 \v 16 Isaan qubata keessatti Musee fi \q2 Aroon qulqullicha \nd Waaqayyootti\nd* hinaafan. \q1 \v 17 Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; \q2 garee Abiiraamis gad fudhatte. \q1 \v 18 Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; \q2 arrabni ibiddaas hamoota fixe. \b \q1 \v 19 Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; \q2 fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan. \q1 \v 20 Isa Ulfina isaanii taʼe sana, \q2 fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran. \q1 \v 21 Waaqa isaan fayyise, \q2 isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan. \q1 \v 22 Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, \q2 hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan. \q1 \v 23 Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen \q2 akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef \q1 gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa \q2 Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture. \b \q1 \v 24 Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; \q2 waadaa Waaqni gales hin amanne. \q1 \v 25 Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; \q2 \nd Waaqayyoofis\nd* hin ajajamne. \q1 \v 26 Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti \q2 isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate; \q1 \v 27 sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, \q2 biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate. \b \q1 \v 28 Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii \q2 aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan. \q1 \v 29 Hojii isaanii hamaa sanaan // \nd Waaqayyoon\nd* dheekkamsaaf kakaasan; \q2 dhaʼichis isaan irra buʼe. \q1 \v 30 Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan \q2 dhaʼichi sun dhaabate. \q1 \v 31 Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, \q2 akka qajeelummaatti isaaf herregame. \b \q1 \v 32 Isaan bishaan Mariibaa biratti akka \nd Waaqayyo\nd* aaru godhan. \q2 Museenis sababii isaaniitiif rakkate; \q1 \v 33 sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif \q2 Museen utuu itti hin yaadin dubbate. \b \q1 \v 34 Isaan akka \nd Waaqayyo\nd* isaan ajajetti, \q2 saboota hin balleessine; \q1 \v 35 isaan garuu ormootatti makamanii \q2 duudhaa isaanii baratan. \q1 \v 36 Waaqota isaanii tolfamoo, \q2 kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan. \q1 \v 37 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii \q2 aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan. \q1 \v 38 Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, \q2 dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, \q1 kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif \q2 aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; \q2 biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte. \q1 \v 39 Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; \q2 hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan. \b \q1 \v 40 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* saba isaatti aare; \q2 handhuuraa isaas ni balfe. \q1 \v 41 Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; \q2 amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan. \q1 \v 42 Diinonni isaanii isaan cunqursan; \q2 humna isaanii jalas isaan galfatan. \q1 \v 43 Inni yeroo baayʼee isaan baraare; \q2 isaan garuu ittuma fufanii fincilan; \q2 ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan. \q1 \v 44 Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, \q2 rakkina isaanii hubate; \q1 \v 45 isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; \q2 sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef. \q1 \v 46 Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu \q2 garaa isaaniif laafaniif godhe. \b \q1 \v 47 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa keenya nu oolchi; \q2 akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, \q1 akka galata keetiin of jajnuufis, \q2 ormoota keessaa walitti nu qabi. \b \b \q1 \v 48 \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Israaʼeliitiif, \q2 bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. \b \q1 Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. \b \q1 Haalleluuyaa! \c 107 \ms Kitaaba Shanaffaa \mr Faarfannaa 107–150 \cl Faarfannaa 107 \ms1 Waaqa Rakkina Hunda Keessaa Nama Baasu \q1 \v 1 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 2 Warri \nd Waaqayyo\nd* isaan fure, \q2 warri inni harka diinaatii baase, \q1 \v 3 warri inni biyya gara garaatii, \q2 baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan. \b \q1 \v 4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; \q2 magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne. \q1 \v 5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; \q2 lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde. \q1 \v 6 Isaan rakkina isaanii keessatti \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan; \q2 innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase. \q1 \v 7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti \q2 karaa qajeelaa irra isaan qajeelche. \q1 \v 8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi \q2 hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif // \nd Waaqayyoon\nd* haa galateeffatan; \q1 \v 9 inni warra dheebotan dheebuu baasee \q2 warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii. \b \q1 \v 10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, \q2 dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan; \q1 \v 11 isaan dubbii Waaqaatti fincilanii \q2 gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii. \q1 \v 12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; \q2 isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne. \q1 \v 13 Isaan rakkina isaanii keessatti \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan; \q2 innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase. \q1 \v 14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; \q2 foncaa isaanis gargar kukkute. \q1 \v 15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi \q2 hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif // \nd Waaqayyoon\nd* haa galateeffatan; \q1 \v 16 inni balbalawwan naasii caccabsee \q2 danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii. \b \q1 \v 17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; \q2 sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan. \q1 \v 18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii \q2 afaan boolla duʼaa gaʼan. \q1 \v 19 Rakkina isaanii keessatti \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan; \q2 innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase. \q1 \v 20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; \q2 awwaala keessaas isaan baase. \q1 \v 21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi \q2 hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, // \nd Waaqayyoon\nd* haa galateeffatan! \q1 \v 22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; \q2 faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan. \b \q1 \v 23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii \q2 bishaanota gurguddaa irratti daldalan. \q1 \v 24 Isaanis hojii \nd Waaqayyootii\nd* fi \q2 hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan. \q1 \v 25 Inni dubbatee bubbee jabaa \q2 dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii. \q1 \v 26 Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; \q2 rakkina isaanii keessattis abdii kutatan. \q1 \v 27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran \q2 ogummaan isaanis faayidaa dhabe. \q1 \v 28 Isaan rakkina isaanii keessatti \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan; \q2 innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase. \q1 \v 29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf \q2 dhaʼaa galaanaa calʼisiise. \q1 \v 30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; \q2 haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse. \q1 \v 31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi \q2 hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif // \nd Waaqayyoon\nd* haa galateeffatan. \q1 \v 32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; \q2 wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan. \b \q1 \v 33 Innis lagoota gammoojjii taasisee \q2 burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare; \q1 \v 34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif, \q2 biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise. \q1 \v 35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, \q2 lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare; \q1 \v 36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; \q2 isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan. \q1 \v 37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; \q2 midhaan gaariis argatan. \q1 \v 38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; \q2 akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone. \b \q1 \v 39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi \q2 gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti, \q1 \v 40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee \q2 akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe. \q1 \v 41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; \q2 maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise. \q1 \v 42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; \q2 hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu. \b \q1 \v 43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; \q2 jaalala \nd Waaqayyoo\nd* kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu. \c 108 \cl Faarfannaa 108 \ms1 Faarfannaa Ganamaatii Fi Kadhannaa Biyyoolessaa \mr 108:1‑5 kwf – \xt Far 57:7‑11\xt* \mr 108:6‑13 kwf – \xt Far 60:5‑12\xt* \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; \q2 lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha. \q1 \v 2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! \q2 Anis ganamaan nan dammaqa. \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; \q2 namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha. \q1 \v 4 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii; \q2 amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba. \q1 \v 5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; \q2 ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu. \b \q1 \v 6 Akka warri ati jaallattu furamaniif, \q2 harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris; \q1 \v 7 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera: \q2 “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; \q2 Sulula Sukootis nan safara. \q1 \v 8 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti; \q2 Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; \q2 Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti. \q1 \v 9 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; \q2 Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; \q2 Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.” \b \q1 \v 10 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? \q2 Eenyutu Edoomitti na geessa? \q1 \v 11 Yaa Waaqi kan nu gatte, \q2 kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii? \q1 \v 12 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar, \q2 gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii. \q1 \v 13 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; \q2 innis diinota keenya gad dhidhiita. \c 109 \cl Faarfannaa 109 \ms1 Kadhannaa Haaloo Baasuuf Dhiʼaate \d Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqa ani galateeffadhu \q2 ati hin calʼisin; \q1 \v 2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni, \q2 afaan isaanii natti banatanii jiruutii; \q2 isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru. \q1 \v 3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan; \q2 sababii tokko malees na lolan. \q1 \v 4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan; \q2 ani garuu nan kadhadha. \q1 \v 5 Qooda waan gaarii hammina, \q2 qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan. \b \q1 \v 6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi; \q2 seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu. \q1 \v 7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu; \q2 kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu. \q1 \v 8 Umuriin isaa haa gabaabbatu, \q2 aangoo isaa namni biraa haa fudhatu. \q1 \v 9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan; \q2 niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu. \q1 \v 10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan; \q2 mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman. \q1 \v 11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu; \q2 buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman. \q1 \v 12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin, \q2 yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin. \q1 \v 13 Sanyiin isaa haa dhumu; \q2 maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu. \q1 \v 14 Balleessaan abbootii isaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa yaadatamu; \q2 cubbuun haadha isaas hin haqamin. \q1 \v 15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf, \q2 cubbuun isaanii yeroo hunda fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura haa jiraatu. \b \q1 \v 16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota, \q2 warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee \q2 garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii. \q1 \v 17 Inni abaaruu jaallate; \q2 abaarsi sun isumatti haa deebiʼu; \q1 inni eebbisuu hin jaallanne; \q2 eebbis isa irraa haa fagaatu. \q1 \v 18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata; \q2 abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena; \q2 akkuma zayitiis lafee isaa lixa. \q1 \v 19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu, \q2 sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu. \q1 \v 20 Kaffaltiin \nd Waaqayyo\nd* warra na himatanii fi \q2 warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu. \b \q1 \v 21 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, \q2 ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar; \q2 gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi. \q1 \v 22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; \q2 garaan koos na keessatti madaaʼeera. \q1 \v 23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera; \q2 akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera. \q1 \v 24 Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera; \q2 dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera. \q1 \v 25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera; \q2 isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu. \b \q1 \v 26 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, na gargaari; \q2 akkuma jaalala keetiittis na oolchi. \q1 \v 27 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka wanni kun harka kee taʼe, \q2 akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan. \q1 \v 28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta; \q2 yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu; \q2 tajaajilaan kee garuu ni gammada. \q1 \v 29 Himattoonni koo salphina haa uffatan; \q2 akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman. \b \q1 \v 30 Ani afaan kootiin guddisee \nd Waaqayyoon\nd* nan galateeffadha; \q2 waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha. \q1 \v 31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee, \q2 karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii. \c 110 \cl Faarfannaa 110 \ms1 \nd Waaqayyo\nd* Mootiidhaaf Ol aantummaa Kennuu Isaa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd*, gooftaa kootiin: \b \q1 “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, \q2 karaa mirga koo taaʼi” jedhe. \b \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd*, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee \q2 bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga. \q1 \v 3 Gaafa ati waraanaaf baatu, \q2 loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. \q1 Ati gadameessa ganamaa keessaa, \q2 surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta. \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd*, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, \q2 ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. \q2 Inni yaada isaa hin geeddaru. \b \q1 \v 5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; \q2 inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa. \q1 \v 6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa \q2 barbadeessuudhaan sabootatti mura. \q1 \v 7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; \q2 kanaafuu mataa ol qabata. \c 111 \cl Faarfannaa 111 \ms1 Hojii \nd Waaqayyoo\nd* Dinqisiifachuu \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, \q2 garaa koo guutuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* nan galateeffadha. \b \q1 \v 2 Hojiin \nd Waaqayyoo\nd* guddaa dha; \q2 warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan. \q1 \v 3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; \q2 qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. \q1 \v 4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; \q2 \nd Waaqayyo\nd* arjaa fi gara laafessa. \q1 \v 5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; \q2 kakuu isaas bara baraan ni yaadata. \b \q1 \v 6 Lafa saboota kaanii isaaniif \q2 kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera. \q1 \v 7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; \q2 ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. \q1 \v 8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; \q2 amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu. \q1 \v 9 Inni saba isaatiif furii ergeera; \q2 kakuu isaas bara baraan ajajeera; \q2 maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha. \b \q1 \v 10 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun jalqaba ogummaa ti; \q2 warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. \q2 Galanni isaa bara baraan jiraata. \c 112 \cl Faarfannaa 112 \ms1 Eebbifamuu Nama Qajeelaa \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Namni \nd Waaqayyoon\nd* sodaatu, \q2 kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha. \b \q1 \v 2 Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; \q2 dhaloonni tolootaa ni eebbifama. \q1 \v 3 Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; \q2 qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. \q1 \v 4 Nama tolaa fi arjaadhaaf, \q2 gara laafessaa fi qajeelaaf, // dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa. \q1 \v 5 Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, \q2 nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf // waan gaariitu taʼa. \q1 \v 6 Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; \q2 namni qajeelaan bara baraan yaadatama. \q1 \v 7 Inni oduu hamaa hin sodaatu; \q2 garaan isaas \nd Waaqayyoon\nd* amanachuudhaan // jabaatee dhaabata. \q1 \v 8 Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; \q2 dhuma irrattis diinota isaa moʼata. \q1 \v 9 Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; \q2 qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; \q2 gaanfi isaas ulfinaan ol qabama. \b \q1 \v 10 Namni hamaan waan kana argee aara; \q2 ilkaan isaa qara; baqees ni bada; \q2 hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa. \c 113 \cl Faarfannaa 113 \ms1 Galata \nd Waaqayyoof\nd* Dhiʼeeffame \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Yaa tajaajiltoota \nd Waaqayyoo\nd*, galata galchaa; \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* jajadhaa. \q1 \v 2 Ammaa hamma bara baraatti \q2 maqaan \nd Waaqayyoo\nd* haa eebbifamu. \q1 \v 3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, \q2 maqaan \nd Waaqayyoo\nd* haa jajamu. \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* saba hundaa ol jira; \q2 ulfinni isaas samiiwwanii ol. \q1 \v 5 Kan akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya \q2 isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu? \q1 \v 6 Kan gad jedhee \q2 samii fi lafa ilaalu eenyu? \b \q1 \v 7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; \q2 rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; \q1 \v 8 inni bulchitoota gidduu, \q2 bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa. \q1 \v 9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, \q2 dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 114 \cl Faarfannaa 114 \ms1 Faarfannaa Faasiikaaf Dhiʼeeffamu \q1 \v 1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis \q2 saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti, \q1 \v 2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, \q2 Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe. \b \q1 \v 3 Galaanni argee baqate; \q2 Yordaanosis duubatti deebiʼe; \q1 \v 4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, \q2 gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan. \b \q1 \v 5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte? \q2 Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite? \q1 \v 6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, \q2 yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu? \b \q1 \v 7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, \q2 fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu; \q1 \v 8 inni kattaa gara harootti, \q2 kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare. \c 115 \cl Faarfannaa 115 \ms1 Waaqa Dhugaa Tokkicha \mr 115:4‑11 kwf – \xt Far 135:15‑20\xt* \q1 \v 1 Nuuf miti; yaa \nd Waaqayyo\nd*, nuuf miti; \q2 garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii \q2 maqaa keetiif ulfina kenni. \b \q1 \v 2 Saboonni maaliif, \q2 “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu? \q1 \v 3 Waaqni keenya samii keessa jira; \q2 inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. \q1 \v 4 Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi \q2 warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. \q1 \v 5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; \q2 ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; \q1 \v 6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; \q2 funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; \q1 \v 7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; \q2 miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; \q2 laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. \q1 \v 8 Warri isaan tolchan \q2 kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu. \b \q1 \v 9 Yaa mana Israaʼel, \nd Waaqayyoon\nd* amanadhu; \q2 inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. \q1 \v 10 Yaa mana Aroon, \nd Waaqayyoon\nd* amanadhu; \q2 inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. \q1 \v 11 Isin warri isa sodaattan, \nd Waaqayyoon\nd* amanadhaa; \q2 inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. \b \q1 \v 12 \nd Waaqayyo\nd* nu yaadata; nu eebbisas; \q2 inni mana Israaʼel ni eebbisa; \q2 mana Aroonis ni eebbisa; \q1 \v 13 inni warra \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan, \q2 xinnaas guddaas ni eebbisa. \b \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd*, isinii fi \q2 ijoollee keessan haa baayʼisu. \q1 \v 15 \nd Waaqayyo\nd* samii fi \q2 lafa Uume sun isin haa eebbisu. \b \q1 \v 16 Samiin samiiwwanii oliis kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 lafa garuu inni namaaf kenneera. \q1 \v 17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan \q2 \nd Waaqayyoon\nd* galateeffachuu hin dandaʼan; \q1 \v 18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan \q2 \nd Waaqayyoon\nd* ni eebbifna. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 116 \cl Faarfannaa 116 \ms1 Haalleluuyaa \q1 \v 1 Ani \nd Waaqayyoon\nd* nan jaalladha; \q2 inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii. \q1 \v 2 Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, \q2 ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha. \b \q1 \v 3 Kiyyoon duʼaa na marse; \q2 dhiphinni Siiʼoolis na qabate; \q2 ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. \q1 \v 4 Anis, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* na oolchi!” jedhee \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* nan waammadhe. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* arjaa fi qajeelaa dha; \q2 Waaqni keenya gara laaffessa. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* garraamota ni eega; \q2 yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare. \b \q1 \v 7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; \q2 \nd Waaqayyo\nd* waan gaarii siif godheeraatii. \b \q1 \v 8 Ati yaa \nd Waaqayyo\nd* lubbuu koo duʼa irraa, \q2 ija koo imimmaan irraa, \q2 miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef, \q1 \v 9 ani biyya warra jiraatoo keessa, \q2 fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura nan jiraadha. \q1 \v 10 Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, \q2 amantii koo eeggadheera. \q1 \v 11 Ani yommuun burjaajaʼetti, \q2 “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe. \b \q1 \v 12 Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, \q2 ani \nd Waaqayyoof\nd* maalan deebisa? \q1 \v 13 Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* nan waammadha. \q1 \v 14 Fuula saba isaa hundumaa duratti, \q2 ani wareega koo \nd Waaqayyoof\nd* nan galcha. \b \q1 \v 15 Duuti qulqulloota isaa, \q2 fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ulfina qaba. \q1 \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; \q2 ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; \q2 ati foncaa koo narraa hiikteerta. \b \q1 \v 17 Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; \q2 maqaa \nd Waaqayyoos\nd* nan waammadha. \q1 \v 18 Iddoo sabni isaa hundi jirutti, \q2 ani wareega koo \nd Waaqayyoof\nd* nan galcha; \q1 \v 19 yaa Yerusaalem si keessatti, \q2 oobdii mana \nd Waaqayyoo\nd* irrattis nan galcha. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 117 \cl Faarfannaa 117 \ms1 Waamicha Galataa \q1 \v 1 Saboonni hundi \nd Waaqayyoon\nd* jajadhaa; \q2 isin namoonni hundinuu isa leellisaa. \q1 \v 2 Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii; \q2 amanamummaan \nd Waaqayyoo\nd* bara baraan jiraata. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 118 \cl Faarfannaa 118 \ms1 Faarfannaa Ayyaana Daasii \q1 \v 1 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa \q2 bara baraan jiraata” haa jedhu. \q1 \v 3 Manni Aroonis, \q2 “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu. \q1 \v 4 Warri \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan, \q2 “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan. \b \q1 \v 5 Dhiphina koo keessatti ani \nd Waaqayyotti\nd* nan iyyadhe; \q2 innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* na wajjin jira; ani hin sodaadhu; \q2 namni maal na gochuu dandaʼa? \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. \q2 Anis diinota koo nan moʼadha. \b \q1 \v 8 Nama amanachuu irra, \q2 \nd Waaqayyotti\nd* kooluu galuu wayya. \q1 \v 9 Qondaaltota amanachuu irra, \q2 \nd Waaqayyotti\nd* kooluu galuu wayya. \b \q1 \v 10 Saboonni hundinuu na marsan; \q2 ani garuu maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isaan nan barbadeesse. \q1 \v 11 Isaan karaa hundaan na marsan; \q2 ani garuu maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isaan nan barbadeesse. \q1 \v 12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; \q2 garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; \q2 anis maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isaan nan barbadeesse. \b \q1 \v 13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu na gargaare. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* jabina kootii fi faarfannaa koo ti; \q2 inni fayyina koo taʼeera. \b \q1 \v 15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota \q2 qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; \q1 “Harki \nd Waaqayyoo\nd* kan mirgaa waan jabaa hojjeteera! \q2 \v 16 Harki \nd Waaqayyo\nd* mirgaa ol qabameera; \q2 harki \nd Waaqayyoo\nd* mirgaa waan jabaa hojjeteera!” \b \q1 \v 17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu; \q2 waan \nd Waaqayyo\nd* hojjetes nan labsa. \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* jabeessee na adabeera; \q2 garuu dabarsee duʼatti na hin kennine. \b \q1 \v 19 Karra qajeelummaa naa banaa; \q2 anis ol galee \nd Waaqayyoof\nd* galata nan galcha. \q1 \v 20 Kun karra \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha. \q1 \v 21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; \q2 ati fayyina naa taateerta. \b \q1 \v 22 Dhagaan ijaartonni tuffatan, \q2 dhagaa golee taʼeera; \q1 \v 23 \nd Waaqayyo\nd* waan kana hojjeteera; \q2 kunis ija keenyatti dinqii dha. \q1 \v 24 Guyyaan kun guyyaa \nd Waaqayyo\nd* uumee dha; \q2 kottaa ni ililchina; itti gammannas. \b \q1 \v 25 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, si kadhannaa nu oolchi; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, si kadhannaa nu milkoomsi. \q1 \v 26 Kan maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* dhufu eebbifamaa dha. \q2 Nu mana \nd Waaqayyoo\nd* keessaa isin eebbifna. \q1 \v 27 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa; \q2 ifa isaas nuu irratti ibseera. \q1 Dameewwan harkatti qabadhaatii // warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; \q2 gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa. \b \q1 \v 28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; \q2 ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa. \b \q1 \v 29 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraata. \c 119 \cl Faarfannaa 119 \ms1 Seera Waaqaa Jajachuu \qa א Aleef \q1 \v 1 Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, \q2 kanneen akka seera \nd Waaqayyootti\nd* jiraattan eebbifamoo dha. \q1 \v 2 Warri ajajawwan isaa eegan, \q2 kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha. \q1 \v 3 Isaan balleessaa hin hojjetan; \q2 karaa isaa irras ni deemu. \q1 \v 4 Akka Seerri kee amanamummaadhaan \q2 eegamuuf ati ajajjeerta. \q1 \v 5 Akka ani ajaja kee eeguuf \q2 utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee! \q1 \v 6 Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee \q2 silaa hin qaanaʼun ture. \q1 \v 7 Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, \q2 garaa tolaadhaan sin galateeffadha. \q1 \v 8 Ani sirna keetiif nan bula; \q2 ati gonkumaa na hin dhiisin. \qa ב Beet \q1 \v 9 Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? \q2 Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan. \q1 \v 10 Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; \q2 akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin. \q1 \v 11 Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, \q2 dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera. \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, galanni siif haa taʼu; \q2 sirna kee na barsiisi. \q1 \v 13 Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, \q2 afaan kootiin nan dubbadha. \q1 \v 14 Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, \q2 ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada. \q1 \v 15 Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; \q2 karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu. \q1 \v 16 Ani sirna keetti nan gammada; \q2 dubbii kees hin dagadhu. \qa ג Giimeel \q1 \v 17 Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, \q2 garbicha keetiif waan gaarii godhi. \q1 \v 18 Akka ani seera kee keessatti \q2 waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani. \q1 \v 19 Ani lafa irratti keessummaa dha; \q2 ajajawwan kee na duraa hin dhoksin. \q1 \v 20 Lubbuun koo yeroo hunda \q2 seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti. \q1 \v 21 Ati of tuultota warra abaaramoo, \q2 kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta. \q1 \v 22 Waan ani seera kee eeguuf, \q2 arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi. \q1 \v 23 Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, \q2 tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada. \q1 \v 24 Ajajni kee gammachuu koo ti; \q2 gorsituu kootis. \qa ד Daalet \q1 \v 25 Lubbuun koo biyyootti maxxante; \q2 ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi. \q1 \v 26 Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, \q2 ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi. \q1 \v 27 Barsiisa seera keetii na hubachiisi; \q2 anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada. \q1 \v 28 Lubbuun koo gaddaan laafteerti; \q2 ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi. \q1 \v 29 Karaa sobaa irraa na fageessi; \q2 arjumaadhaanis seera kee na barsiisi. \q1 \v 30 Ani karaa dhugaa filadheera; \q2 seera kees of dura kaaʼadheera. \q1 \v 31 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani ajaja kee \q2 jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin. \q1 \v 32 Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef \q2 ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga. \qa ה Hee \q1 \v 33 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; \q2 anis hamma dhumaatti isa nan eega. \q1 \v 34 Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun \q2 isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni. \q1 \v 35 Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; \q2 anis achitti gammachuu nan argadhaatii. \q1 \v 36 Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, \q2 gara sirna keetiitti naa deebisi. \q1 \v 37 Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; \q2 akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi. \q1 \v 38 Ati akka sodaatamtuuf, \q2 waadaa kee garbicha keetiif guuti. \q1 \v 39 Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; \q2 seerri kee gaariidhaatii. \q1 \v 40 Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; \q2 qajeelummaa keetiin na jiraachisi. \qa ו Waw \q1 \v 41 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, \q2 fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu; \q1 \v 42 yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, \q2 warra na arrabsaniif deebii kenna. \q1 \v 43 Waan ani seera kee abdadheef, \q2 ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin. \q1 \v 44 Bara baraa hamma bara baraatti, \q2 ani yeroo hunda seera kee nan eega. \q1 \v 45 Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, \q2 bilisummaadhaan nan deddeebiʼa. \q1 \v 46 Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; \q2 hin qaaneffamus; \q1 \v 47 waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, \q2 isaanitti nan gammada. \q1 \v 48 Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti // harka koo ol nan fudhadha; \q2 labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada. \qa ז Zaayin \q1 \v 49 Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; \q2 ati isumaan abdii naa kenniteertaatii. \q1 \v 50 Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: \q2 Waadaan kee na jiraachisa. \q1 \v 51 Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; \q2 ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu. \q1 \v 52 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani seera kee durii sana nan yaadadha; \q2 isa keessattis jajjabina nan argadha. \q1 \v 53 Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, \q2 aariin na gugguba. \q1 \v 54 Iddoo keessummummaa koo hundatti \q2 seerri kee faarfannaa koo ti. \q1 \v 55 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; \q2 seera kees nan eega. \q1 \v 56 Waan ani ajaja kee eegeef, \q2 kun naaf taʼeera. \qa ח Heeti \q1 \v 57 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati qooda koo ti; \q2 anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera. \q1 \v 58 Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; \q2 ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami. \q1 \v 59 Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; \q2 tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera. \q1 \v 60 Ani ajajawwan kee eeguuf, \q2 nan ariifadha; hin barfadhus. \q1 \v 61 Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, \q2 ani seera kee hin irraanfadhu. \q1 \v 62 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, \q2 ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa. \q1 \v 63 Ani warra si sodaatan hundaaf, \q2 warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha. \q1 \v 64 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, lafti jaalala keetiin guutamteerti; \q2 sirna kee na barsiisi. \qa ט Teeti \q1 \v 65 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati akkuma dubbii keetiitti, \q2 tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta. \q1 \v 66 Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; \q2 ani ajajawwan keetti nan amanaatii. \q1 \v 67 Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; \q2 amma garuu dubbii kee nan eega. \q1 \v 68 Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; \q2 sirna kee na barsiisi. \q1 \v 69 Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, \q2 ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega. \q1 \v 70 Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; \q2 ani garuu seera keetti nan gammada. \q1 \v 71 Akka ani sirna kee baradhuuf, \q2 rakkachuun koo anaaf gaarii ture. \q1 \v 72 Meetii fi warqee kumaatama irra, \q2 seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha. \qa י Yood \q1 \v 73 Harki kee na uume; na tolches; \q2 akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni. \q1 \v 74 Sababii ani dubbii kee abdadheef, \q2 warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan. \q1 \v 75 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, \q2 akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka. \q1 \v 76 Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, \q2 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu. \q1 \v 77 Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; \q2 seerri kee gammachuu kootii. \q1 \v 78 Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; \q2 ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada. \q1 \v 79 Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan \q2 gara kootti haa deebiʼan. \q1 \v 80 Akka ani hin qaanofneef \q2 garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin. \qa כ Kaaf \q1 \v 81 Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; \q2 ani garuu dubbii kee nan abdadha. \q1 \v 82 Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; \q2 anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha. \q1 \v 83 Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture \q2 fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu. \q1 \v 84 Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? \q2 Ati warra na ariʼatanitti yoom murta? \q1 \v 85 Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, \q2 boolla naa qotaniiru. \q1 \v 86 Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; \q2 namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari. \q1 \v 87 Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; \q2 ani garuu sirna kee hin dhiifne. \q1 \v 88 Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; \q2 anis seera afaan keetii baʼu nan eega. \qa ל Laamed \q1 \v 89 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, dubbiin kee bara baraan jiraata; \q2 samii keessas jabaatee ni dhaabata. \q1 \v 90 Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; \q2 ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti. \q1 \v 91 Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, \q2 seerri kee hamma harʼaatti jiraateera. \q1 \v 92 Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, \q2 ani silaa rakkina kootiin badeen ture. \q1 \v 93 Sababii ati isaan na jiraachifteef, \q2 ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu. \q1 \v 94 Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; \q2 anis sirna kee barbaadeera. \q1 \v 95 Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; \q2 ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada. \q1 \v 96 Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; \q2 ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha. \qa מ Meem \q1 \v 97 Ani seera kee akkaman jaalladha! \q2 Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada. \q1 \v 98 Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, \q2 diinota koo caalaa ogeessa na godhan. \q1 \v 99 Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, \q2 barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba. \q1 \v 100 Ani sababiin ajaja kee eeguuf, \q2 maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba. \q1 \v 101 Ani akkan dubbii kee eeguuf, \q2 karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera. \q1 \v 102 Waan ati mataan kee na barsiifteef, \q2 ani seera kee irraa hin fagaanne. \q1 \v 103 Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; \q2 nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa! \q1 \v 104 Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; \q2 kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba. \qa נ Nuun \q1 \v 105 Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; \q2 daandii kootiif immoo ifa. \q1 \v 106 Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; \q2 kanas mirkaneesseera. \q1 \v 107 Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari. \q1 \v 108 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, // galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; \q2 seera kees na barsiisi. \q1 \v 109 Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, \q2 ani seera kee hin irraanfadhu. \q1 \v 110 Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; \q2 ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne. \q1 \v 111 Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; \q2 gammachuu garaa kootiitis. \q1 \v 112 Garaan koo hamma dhumaatti \q2 ajaja kee eeguuf kutateera. \qa ס Saamek \q1 \v 113 Ani nama yaada lamaa nan jibba; \q2 seera kee garuu nan jaalladha. \q1 \v 114 Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; \q2 ani dubbii kee abdadheera. \q1 \v 115 Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, \q2 isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa! \q1 \v 116 Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; // anis nan jiraadha; \q2 akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin. \q1 \v 117 Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; \q2 yeroo hunda seera kee nan kabaja. \q1 \v 118 Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; \q2 ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta. \q1 \v 119 Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; \q2 kanaafuu ani seera kee nan jaalladha. \q1 \v 120 Foon koo si sodaachuudhaan hollata; \q2 anis murtii kee nan sodaadha. \qa ע Aayin \q1 \v 121 Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; \q2 ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin. \q1 \v 122 Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; \q2 akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin. \q1 \v 123 Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, \q2 waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera. \q1 \v 124 Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; \q2 seera kees na barsiisi. \q1 \v 125 Ani tajaajilaa kee ti; \q2 akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni. \q1 \v 126 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; \q2 seerri kee cabsamaa jiraatii. \q1 \v 127 Kanaafuu ani warqee caalaa, \q2 warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha; \q1 \v 128 ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; \q2 daandii sobaa hundas nan jibba. \qa פ Pee \q1 \v 129 Sirni kee dinqisiisaa dha; \q2 kanaafuu ani isa nan eega. \q1 \v 130 Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; \q2 wallaalotaafis hubannaa kenna. \q1 \v 131 Ani ajajawwan kee hawwuudhaan \q2 afaan koo banee nan hargana. \q1 \v 132 Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, \q2 gara kootti garagalii na maari. \q1 \v 133 Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; \q2 cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin. \q1 \v 134 Akka ani ajaja kee eeguuf \q2 hacuuccaa namootaa jalaa na furi. \q1 \v 135 Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; \q2 sirna kees na barsiisi. \q1 \v 136 Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, \q2 iji koo imimmaan lolaasa. \qa צ Tsaade \q1 \v 137 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati qajeelaa dha; \q2 murtiin kees qajeelaa dha. \q1 \v 138 Seerri ati kennite qajeelaa dha; \q2 guutummaattis amanamaa dha. \q1 \v 139 Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, \q2 hinaaffaan ani qabu na guggubeera. \q1 \v 140 Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; \q2 tajaajilaan kees isa jaallata. \q1 \v 141 Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, \q2 ani ajaja kee hin irraanfadhu. \q1 \v 142 Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; \q2 seerri kees dhugaa dha. \q1 \v 143 Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; \q2 ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti. \q1 \v 144 Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; \q2 akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni. \qa ק Qoof \q1 \v 145 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; \q2 deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama. \q1 \v 146 Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; \q2 seera kees nan eega. \q1 \v 147 Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; \q2 ani dubbii kee abdadheera. \q1 \v 148 Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, \q2 iji koo halkan guutuu banamee bula. \q1 \v 149 Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari. \q1 \v 150 Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; \q2 seera kee irraa garuu fagoo jiru. \q1 \v 151 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu dhiʼoo jirta; \q2 ajajawwan kee hundis dhugaa dha. \q1 \v 152 Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, \q2 ani seera kee irraa dur baradheera. \qa ר Reesh \q1 \v 153 Dhiphina koo argiitii na oolchi; \q2 ani seera kee hin daganneetii. \q1 \v 154 Dubbii koo naa falmi; na furis; \q2 akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari. \q1 \v 155 Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, \q2 fayyinni hamoota irraa fagaateera. \q1 \v 156 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gara laafinni kee guddaa dha; \q2 akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari. \q1 \v 157 Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; \q2 ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne. \q1 \v 158 Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, \q2 ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala. \q1 \v 159 Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari. \q1 \v 160 Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; \q2 seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata. \qa ש Siinii fi Shiin \q1 \v 161 Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; \q2 garaan koo garuu dubbii kee // sodaachuudhaan hollata. \q1 \v 162 Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, \q2 dubbii keetti nan gammada. \q1 \v 163 Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; \q2 seera kee garuu nan jaalladha. \q1 \v 164 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, \q2 ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha. \q1 \v 165 Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; \q2 wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 166 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani fayyisuu kee nan abdadha; \q2 ajaja kee duukaas nan buʼa. \q1 \v 167 Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, \q2 ajaja kee nan eega. \q1 \v 168 Ati karaa koo hunda waan beektuuf, \q2 ani sirna keetii fi seera kee nan eega. \qa ת Taaw \q1 \v 169 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; \q2 ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni. \q1 \v 170 Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; \q2 akkuma waadaa keetiitti na baasi. \q1 \v 171 Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, \q2 hidhiin koo galata haa dhangalaasu. \q1 \v 172 Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; \q2 ajajni kee hundi qajeelaadhaatii. \q1 \v 173 Waan ani sirna kee filadheef, \q2 harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu. \q1 \v 174 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani fayyisuu kee nan hawwa; \q2 seerri kees gammachuu koo ti. \q1 \v 175 Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; \q2 seerri kees na haa gargaaru. \q1 \v 176 Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. \q2 Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, \q2 tajaajilaa kee barbaadi. \c 120 \cl Faarfannaa 120 \ms1 Farra Nagaa \d Faarfannaa Ol baʼuu. \q1 \v 1 Ani rakkina koo keessatti \nd Waaqayyotti\nd* nan iyyadha; \q2 innis deebii naa kenna. \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, afaan sobuu fi \q2 arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi. \b \q1 \v 3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? \q2 Kana caalaas maal godhamta? \q1 \v 4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, \q2 barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba. \b \q1 \v 5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee \q2 dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo! \q1 \v 6 Warra nagaa jibban gidduu, \q2 ani yeroo dheeraa jiraadheera. \q1 \v 7 Ani nama nagaa barbaadu dha; \q2 isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan. \c 121 \cl Faarfannaa 121 \ms1 Eegduu Israaʼel \d Faarfannaa Ol baʼuu. \q1 \v 1 Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; \q2 gargaarsi koo eessaa dhufa? \q1 \v 2 Gargaarsi koo \nd Waaqayyo\nd* \q2 samii fi lafa uume biraa dhufa. \b \q1 \v 3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; \q2 kan si eegu hin mugu; \q1 \v 4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu \q2 hin mugu; hin rafus. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* si eega; \q2 \nd Waaqayyo\nd* karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; \q1 \v 6 guyyaa aduun si hin gubu; \q2 halkanis jiʼi si hin miidhu. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* miidhaa hunda irraa si eega; \q2 inni lubbuu kee ni eega; \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* ammaa jalqabee \q2 hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega. \c 122 \cl Faarfannaa 122 \ms1 Yaa Yerusaalem Ililchi \d Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yommuu isaan, “Kottu gara mana \nd Waaqayyoo\nd* dhaqnaa” \q2 naan jedhanitti, ani nan gammade. \q1 \v 2 Yaa Yerusaalem, \q2 miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata. \b \q1 \v 3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee \q2 gobbatte tokkootti ijaaramte. \q1 \v 4 Kunis iddoo gosoonni, \q2 gosoonni \nd Waaqayyo\nd*, \q1 akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* galateeffachuuf itti ol baʼanii dha. \q1 \v 5 Teessoowwan murtii, \q2 teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu. \b \q1 \v 6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: \q2 “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan. \q1 \v 7 Dallaa kee keessa nagaan, \q2 masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.” \q1 \v 8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, \q2 “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha. \q1 \v 9 Mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatiif jedhee, \q2 ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa. \c 123 \cl Faarfannaa 123 \ms1 Kadhannaa Yeroo Rakkinaa \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Yaa isa teessoon kee samii irra jiru, \q2 ani ija koo gara keetti ol nan qabadha. \q1 \v 2 Akkuma iji garbootaa harka gooftaa isaanii, \q2 iji garbittii immoo harka giiftii ishee ilaalu sana, \q1 hamma inni araara nuu buusutti, \q2 iji keenyas gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa ni ilaala. \b \q1 \v 3 Nuu araarami; yaa \nd Waaqayyo\nd*, nuu araarami; \q2 tuffatamuun nutti baayʼateeraatii. \q1 \v 4 Arrabni warra of jajaniitii fi \q2 tuffiin warra of tuulanii nutti baayʼateera. \c 124 \cl Faarfannaa 124 \ms1 Fayyisaa Israaʼel \d Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Israaʼel akkana haa jedhu: \q2 Utuu \nd Waaqayyo\nd* garee keenya taʼuu baatee, \q1 \v 2 utuu \nd Waaqayyo\nd* garee keenya taʼuu baatee, \q2 yommuu namoonni nutti kaʼanitti, \q1 \v 3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, \q2 silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan; \q1 \v 4 lolaan nu liqimsee \q2 dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture; \q1 \v 5 bishaan hamaan \q2 nu fudhatee bada ture. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf \q2 dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu. \q1 \v 7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, \q2 nu isaan jalaa baaneerra; \q1 kiyyoon ni ciccite; \q2 nus jalaa baane. \q1 \v 8 Gargaarsi keenya maqaa \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 Uumaa samii fi lafa sanaa ti. \c 125 \cl Faarfannaa 125 \ms1 Waaqayyo Amanamtoota Isaa Ni eega \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Warri \nd Waaqayyoon\nd* amanatan akka Tulluu Xiyoon \q2 kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti. \q1 \v 2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, \q2 \nd Waaqayyo\nd* ammaa jalqabee hamma bara baraatti, \q2 saba isaa ni marsa. \b \q1 \v 3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf \q2 harka isaanii ol hin diriirfanneef, \q1 bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf \q2 ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, warra gaariif, \q2 warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi. \q1 \v 5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, \q2 \nd Waaqayyo\nd* akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. \b \q1 Nagaan Israaʼeliif haa taʼu. \c 126 \cl Faarfannaa 126 \ms1 Faarfannaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, \q2 nu akka warra abjuu abjootanii taane. \q1 \v 2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo \q2 faarfannaa gammachuutiin guutame. \q1 Kana irratti saboota gidduutti, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* waan guddaa isaaniif godheera” jedhame. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* waan guddaa nuuf godhe; \q2 nus ni gammanne. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akkuma lagoota Negeeb, \q2 boojuu keenya nuu deebisi. \q1 \v 5 Warri imimmaaniin facaasan, \q2 faarfannaa gammachuutiin ni haammatu. \q1 \v 6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, \q2 bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa. \c 127 \cl Faarfannaa 127 \ms1 Waaqa Amanachuu \d Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* mana ijaaruu baannaan, \q2 warri ijaaran akkasumaan dadhabu. \q1 \nd Waaqayyo\nd* magaalaa eeguu baannaan, \q2 warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu. \q1 \v 2 Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, \q2 barii barraaqaan kaʼuun keessan, \q1 turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; \q2 inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu // waan isaan barbaachisu ni kennaaf. \b \q1 \v 3 Kunoo, ijoolleen kennaa \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 iji gadameessaas badhaasa isaa ti. \q1 \v 4 Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, \q2 akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti. \q1 \v 5 Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. \q2 Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu. \c 128 \cl Faarfannaa 128 \ms1 Eebba Qajeeltonni Argatan \d Faarfannaa Ol Baʼuu. \q1 \v 1 Warri \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan, \q2 kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha. \q1 \v 2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; \q2 ni eebbifamta; jireenyis sitti tola. \q1 \v 3 Niitiin kee mana kee keessatti, \q2 akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; \q1 ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, \q2 akka lataa muka ejersaa ni taʼu. \q1 \v 4 Namni \nd Waaqayyoon\nd* sodaatu \q2 akkasitti eebbifama. \b \q1 \v 5 Bara jireenya keetii guutuu, \q2 \nd Waaqayyo\nd* Xiyoon irraa si haa eebbisu; \q2 atis badhaadhummaa Yerusaalem argi. \q1 \v 6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; \q2 nagaan Israaʼeliif haa taʼu. \c 129 \cl Faarfannaa 129 \ms1 Kadhannaa Diinota Xiyooniin Mormuuf Kadhatame \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Israaʼel akkana haa jedhu; \q2 “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; \q1 \v 2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; \q2 garuu na hin moʼanne. \q1 \v 3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; \q2 boʼoo isaaniis ni dheeressan. \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* garuu qajeelaa dha; \q2 funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.” \b \q1 \v 5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu, \q2 qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan. \q1 \v 6 Isaan akka marga bantii manaa irraa \q2 kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan; \q1 \v 7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, \q2 yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu. \q1 \v 8 Warri achiin darban, “Eebbi \nd Waaqayyoo\nd* isiniif haa taʼu; \q2 maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isin eebbifna” isaaniin hin jedhin. \c 130 \cl Faarfannaa 130 \ms1 Waamicha Gargaarsaaf Dhiʼaate \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani boolla gad fagoo keessaa // sitti nan iyyadha; \q2 \v 2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. \q1 Gurri kees sagalee waammata koo \q2 xiyyeeffatee haa dhagaʼu. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, utuu ati cubbuu lakkooftee, \q2 yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa? \q1 \v 4 Garuu dhiifamni si bira jira; \q2 kanaaf ati ni sodaatamta. \b \q1 \v 5 Ani \nd Waaqayyoon\nd* nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; \q2 dubbii isaas nan abdadha. \q1 \v 6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, \q2 dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa \q2 lubbuun koo Gooftaa eeggatti. \b \q1 \v 7 Yaa Israaʼel, ati \nd Waaqayyoon\nd* abdadhu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* bira jaalalli dhuma hin qabne, \q2 furiin guutuunis ni jiraatii. \q1 \v 8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii \q2 hundumaa irraa Israaʼelin ni fura. \c 131 \cl Faarfannaa 131 \ms1 Waaqa Amanachuu \d Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, garaan koo of hin jaju; \q2 iji koos of hin tuulu; \q2 ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu. \q1 \v 2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; \q2 akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, \q2 akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste. \b \q1 \v 3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* abdadhu. \c 132 \cl Faarfannaa 132 \ms1 Faarfannaa Deebifamuu Taabotaa \mr 132:8‑10 kwf – \xt 2Sn 6:41‑42\xt* \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Daawitii fi \q2 rakkina inni obse hundumaa yaadadhu. \b \q1 \v 2 Inni kakuu tokko \nd Waaqayyoof\nd* kakatee \q2 Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege: \q1 \v 3 “Ani mana koo ol hin seenu; \q2 yookaan siree kootti ol hin baʼu. \q1 \v 4 Ani ija kootiif hirriba, \q2 baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu; \q1 \v 5 kunis hamma ani \nd Waaqayyoof\nd* iddoo argutti, \q2 Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.” \b \q1 \v 6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; \q2 Yaaʼaarittis isa arganne: \q1 \v 7 “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; \q2 ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa. \q1 \v 8 ‘Yaa \nd Waaqayyo\nd* kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; \q2 atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. \q1 \v 9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; \q2 qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ” \b \q1 \v 10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, \q2 dibamaa kee hin gatin. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; \q2 inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: \q2 “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa; \q1 \v 12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, \q2 ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti // teessoo kee irra ni taaʼu.” \b \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Xiyoonin filateeraatii; \q2 akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera: \q1 \v 14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; \q2 kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha. \q1 \v 15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; \q2 hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. \q1 \v 16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa; \q2 qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu. \b \q1 \v 17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; \q2 dibamaa koofis ibsaa qopheesseera. \q1 \v 18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa; \q2 gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.” \c 133 \cl Faarfannaa 133 \ms1 Jaalala Obbolummaa \d Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, \q2 akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas! \b \q1 \v 2 Kun akka zayitii gatii guddaa \q2 kan mataa irratti dhangalaafamee, \q1 akka isa areeda irra gad yaaʼuu, \q2 areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti. \q1 \v 3 Innis akkuma fixeensa Hermoon, \q2 kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. \q1 Achi irratti \nd Waaqayyo\nd* hamma bara baraatti eebba isaa, \q2 jireenyas ajajeeraatii. \c 134 \cl Faarfannaa 134 \ms1 Faarfannaa Halkanii \d Faarfannaa ol baʼuu. \q1 \v 1 Isin tajaajiltoonni \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 warri halkan mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa tajaajiltan hundinuu, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa. \q1 \v 2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii \q2 \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* samii fi lafa uume sun \q2 Xiyoon irraa isin haa eebbisu. \c 135 \cl Faarfannaa 135 \ms1 Faarfannaa Galataa \mr 135:15‑20 kwf – \xt Far 115:4‑11\xt* \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Maqaa \nd Waaqayyoo\nd* jajadhaa; \q2 isin garboonni \nd Waaqayyoo\nd* isa galateeffadhaa. \q1 \v 2 Isin warri mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa, \q2 oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* gaariidhaatii, \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa; \q2 inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa. \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Yaaqoobin ofii isaatiif, \q2 Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii. \b \q1 \v 5 Ani akka \nd Waaqayyo\nd* guddaa taʼe, \q2 akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* samiiwwan keessattii fi lafa irratti, \q2 galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, \q2 waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. \q1 \v 7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; \q2 bokkaa wajjin balaqqee erga; \q2 gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa. \b \q1 \v 8 Inni hangafoota Gibxi, \q2 kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe. \q1 \v 9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, \q2 Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera. \q1 \v 10 Inni saboota baayʼee dhaʼee \q2 mootota jajjaboo ajjeese; \q1 \v 11 Sihoon mootii warra Amoorotaa, \q2 Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese; \q1 \v 12 lafa isaanii dhaala godhee \q2 akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne. \b \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, maqaan kee bara baraan jiraata; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* saba isaatiif ni falma; \q2 tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa. \b \q1 \v 15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi \q2 warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. \q1 \v 16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; \q2 ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; \q1 \v 17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; \q2 yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru. \q1 \v 18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi \q2 akkuma isaanii taʼu. \b \q1 \v 19 Yaa mana Israaʼel \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa; \q2 yaa mana Aroon \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa; \q1 \v 20 yaa mana Lewwii \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa; \q2 isin warri isa sodaattanis, \nd Waaqayyoon\nd* eebbisaa. \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, \q2 Xiyoon irraa haa eebbifamu. \b \q1 Haalleluuyaa! \c 136 \cl Faarfannaa 136 \ms1 Faarfannaa Wal jalaa Qabanii Faarfatan \q1 \v 1 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii. \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 6 inni bishaanota irratti lafa diriirse; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 7 inni ifa gurguddaa hojjete; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 10 inni hangafa Gibxi dhaʼe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 17 inni mootota gurguddaa dhaʼe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 18 inni mootota jajjaboo fixe; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 24 inni harka diinota keenyaatii nu baase, \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 25 inni uumama hundaaf soora kenna; \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \b \q1 \v 26 Waaqa samiitiif galata galchaa. \qr Jaalalli isaa bara baraan jiraata. \c 137 \cl Faarfannaa 137 \ms1 Faarfannaa Boojiʼamtootaa \q1 \v 1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, \q2 lageen Baabilon bira teenyee boonye. \q1 \v 2 Achittis kiraara keenya \q2 muka alaltuutti fannifne; \q1 \v 3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, \q2 “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” \q2 jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan. \b \q1 \v 4 Nu utuu biyya ormaa jirruu, \q2 akkamitti faarfannaa \nd Waaqayyoo\nd* faarfachuu dandeenya? \q1 \v 5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, \q2 harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu. \q1 \v 6 Yoo ani si yaadachuu baadhe, \q2 yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti \q1 Yerusaalemin ilaaluu baadhe, \q2 arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu. \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, waan warri Edoom \q2 gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; \q1 isaanis, “Ishee diigaa! \q2 Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan. \b \q1 \v 8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, \q2 inni waan ati nu goote sanaaf, \q2 gatii kee siif kennu eebbifamaa dha. \q1 \v 9 Inni daaʼimman kee qabee \q2 dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha. \c 138 \cl Faarfannaa 138 \ms1 Faarfannaa Galataa \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; \q2 fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha. \q1 \v 2 Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, \q2 ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif \q1 gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, \q2 maqaa kee nan leellisa. \q1 \v 3 Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; \q2 irree keetiinis na jabeessite. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, mootonni lafaa hundinuu, \q2 yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan. \q1 \v 5 Ulfinni \nd Waaqayyoo\nd*, guddaadhaatii, \q2 isaan waaʼee karaa \nd Waaqayyoo\nd* haa faarfatan. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* yoo ol fagoo jiraate iyyuu, // nama gad qabame ni ilaala; \q2 nama of tuulu immoo fagootti beeka. \q1 \v 7 Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, \q2 ati lubbuu koo ni eegda; \q1 aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; \q2 harka kee mirgaatiinis na oolchita. \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, jaalalli kee bara baraan jiraata; \q2 hojii harka keetii hin gatin. \c 139 \cl Faarfannaa 139 \ms1 Waaqa Waan Hunda Beeku \d Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati na qorteerta; \q2 na beekteertas. \q1 \v 2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; \q2 yaada koos fagootti hubatta. \q1 \v 3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; \q2 karaa koo hundas beekta. \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, \q2 ati guutumaan guutuutti ni beekta. \q1 \v 5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta; \q2 harka kees narra keesseerta. \q1 \v 6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha; \q2 hubachuufis akka malee narraa fagoo dha. \b \q1 \v 7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? \q2 Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa? \q1 \v 8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; \q2 yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. \q1 \v 9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin \q2 barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe, \q1 \v 10 achittis harki kee karaa na argisiisa; \q2 harki kee mirgaas jabeessee na qaba. \q1 \v 11 Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa; \q2 ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe, \q1 \v 12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu; \q2 halkanis akkuma guyyaa ifa; \q2 dukkanni siif akkuma ifaatii. \b \q1 \v 13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; \q2 gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. \q1 \v 14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef \q2 sin galateeffadha; \q1 hojiin kee dinqisiisaa dha; \q2 kanas ani akka gaariittan beeka. \q1 \v 15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, \q2 lafeen koo si duraa hin dhokanne. \q2 Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame, \q1 \v 16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. \q2 Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi // utuu hin jiraatin, \q2 kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru. \q1 \v 17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! \q2 Baayʼinni isaas akkam guddaa dha! \q1 \v 18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, \q2 silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. \q2 Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira. \b \q1 \v 19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee! \q2 Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa! \q1 \v 20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu; \q2 diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu. \q1 \v 21 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani warra si jibban hin jibbuu? \q2 Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu? \q1 \v 22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera; \q2 akka diina koottis isaan nan heda. \b \q1 \v 23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; \q2 qoriitii na ilaali; yaada koos beeki. \q1 \v 24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; \q2 karaa bara baraa irras na adeemsisi. \c 140 \cl Faarfannaa 140 \ms1 Kadhannaa Hamoota Irratti Dhiʼaate \d Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, namoota hamoo jalaa na baasi; \q2 namoota finciltoota \q1 \v 2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii \q2 guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi. \q1 \v 3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; \q2 hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira. \b \q1 \v 4 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, harka hamootaa narraa eegi; \q2 namoota finciltoota // warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi. \q1 \v 5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; \q2 ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; \q2 karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru. \b \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. \q2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, waammata koo dhagaʼi. \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, \q2 ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate. \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; \q2 akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin. \b \q1 \v 9 Mataan warra na marsanii, \q2 hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu. \q1 \v 10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; \q2 isaan ibiddatti illee haa darbataman; \q2 akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman. \q1 \v 11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; \q2 namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu. \b \q1 \v 12 \nd Waaqayyo\nd* rakkattootaaf falmee \q2 hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka. \q1 \v 13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; \q2 namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata. \c 141 \cl Faarfannaa 141 \ms1 Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamne Waaqa Kadhachuu \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. \q2 Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi. \q1 \v 2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; \q2 harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; \q2 balbala afaan kootiis naa eegi. \q1 \v 4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, \q2 hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, \q1 gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; \q2 akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin. \b \q1 \v 5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; \q2 inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. \q1 Mataan koo waan kana hin didu. \q2 Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha. \b \q1 \v 6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; \q2 isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii. \q1 \v 7 Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, \q2 lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; \q2 ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin. \q1 \v 9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, \q2 kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi. \q1 \v 10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; \q2 ani garuu nagumaan nan baʼa. \c 142 \cl Faarfannaa 142 \ms1 Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiru Tokkoo \d \tl Maaskiilii\tl* Daawit \q1 \v 1 Ani gara \nd Waaqayyotti\nd* nan iyya; \q2 sagalee kootiinis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti // waammata koo nan dhiʼeeffadha. \q1 \v 2 Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; \q2 dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha. \b \q1 \v 3 Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, \q2 situ karaa koo beeka. \q1 Namoonni daandii ani deemu irra, \q2 kiyyoo naa kaaʼaniiru. \q1 \v 4 Gara mirga koo ilaali; argis; \q2 namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; \q1 ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; \q2 namni jireenya kootiif yaadus hin jiru. \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, sitti nan iyyadha; \q2 “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; \q2 biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha. \q1 \v 6 Ani abdii kutadheeraatii, \q2 kadhannaa koo naa dhagaʼi; \q1 warra na ariʼatan jalaa na baasi; \q2 isaan akka malee natti cimaniiruutii. \q1 \v 7 Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, \q2 lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. \b \q1 Sababii ati waan gaarii naa gooteef, \q2 qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu. \c 143 \cl Faarfannaa 143 \ms1 Gad of qabanii Waaqa Kadhachuu \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kadhannaa koo naa dhagaʼi; \q2 gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; \q1 amanamummaa fi \q2 qajeelummaa keetiin, na gargaari. \q1 \v 2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; \q2 namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii. \q1 \v 3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; \q2 jireenya koos butuchee biyyootti make. \q1 Akkuma warra dur duʼaniittis \q2 dukkana keessa na jiraachiseera. \q1 \v 4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; \q2 onneen koos na keessatti rifatteerti. \b \q1 \v 5 Ani guyyoota durii nan yaadadha; \q2 waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; \q2 waan harki kee hojjete illee nan heda. \q1 \v 6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha; \q2 lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti. \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, dafii deebii naa kenni; \q2 hafuurri koo dadhabeera. \q1 Fuula kee na duraa hin dhoksin \q2 yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa. \q1 \v 8 Ani waanan si amanadheef, \q2 akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. \q1 Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, \q2 karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi. \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani akka ati na dhoksituuf // sitti nan baqadhaatii, \q2 diinota koo jalaa na baasi. \q1 \v 10 Ati sababii Waaqa koo taateef, \q2 akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; \q1 hafuurri kee gaariin sun \q2 karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu. \b \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; \q2 qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi. \q1 \v 12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; \q2 waan ani garbicha kee taʼeef, \q2 warra na cunqursan hunda barbadeessi. \c 144 \cl Faarfannaa 144 \ms1 Moʼannaa Argachuuf Kadhachuu \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* kattaa koo, \q2 isa harka koo waraanaaf, \q2 quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu. \q1 \v 2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; \q2 iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. \q1 Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, \q2 kan na jalatti saba naaf bulchuu dha. \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? \q2 Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali? \q1 \v 4 Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, \q2 barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti. \b \q1 \v 5 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; \q2 akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi. \q1 \v 6 Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; \q2 xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi. \q1 \v 7 Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii \q2 bishaan jabaa jalaa, \q1 harka alagaa duraas, \q2 na baasi; na oolchis; \q1 \v 8 warra afaan isaanii sobaan guutame, \q2 warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi. \b \q1 \v 9 Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; \q2 kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa; \q1 \v 10 isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin \q2 goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha. \b \q1 \v 11 Harka Ormootaa duraa, \q2 warra afaan isaanii sobaan guutame, \q1 warra harki isaanii mirgaa \q2 nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis. \b \q1 \v 12 Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, \q2 akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; \q1 intallan keenyas akka utubaa golee, \q2 kan masaraa mootummaa miidhagsuuf // soofamee haa taʼan. \q1 \v 13 Gombisaawwan keenya, \q2 midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. \q1 Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; \q2 dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin // haa baayʼatan; \q2 \v 14 loon keenya haa dorroban hin gatatin \q1 yookaan yeroo malee hin dhalin; \q2 boojiʼamuunis hin jiraatin; \q2 wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin. \b \q1 \v 15 Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; \q2 warri \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha. \c 145 \cl Faarfannaa 145 \ms1 Waaqayyo Mootichaaf Galata Galchuu \d Faarfannaa Daawit. \q1 \v 1 Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; \q2 bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha. \q1 \v 2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; \q2 bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; \q2 guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu. \q1 \v 4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; \q2 hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa. \q1 \v 5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa // surraa kee sanaa ni dubbatu; \q2 anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee // itti nan yaada. \q1 \v 6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; \q2 anis guddina kee nan labsa. \q1 \v 7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; \q2 waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* arjaa fi gara laafessa; \q2 inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd*, nama hundaaf gaarii dha; \q2 inni waan uume hundaaf garaa ni laafa. \q1 \v 10 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hojiin kee hundinuu si galateeffata; \q2 qulqulloonni kees si leellisu. \q1 \v 11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; \q2 waaʼee humna keetiis ni dubbatu; \q1 \v 12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, \q2 surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif. \q1 \v 13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; \q2 bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. \b \q1 \nd Waaqayyo\nd* dubbii isaa hundaan amanamaa dha; \q2 hojii isaa hundaanis arjaa dha. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* warra kufan hunda ol qaba; \q2 warra gad qabaman hundas ni kaasa. \q1 \v 15 Iji nama hundaa si eeggata; \q2 atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita. \q1 \v 16 Ati harka kee balʼiftee \q2 fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta. \b \q1 \v 17 \nd Waaqayyo\nd* karaa isaa hundaan qajeelaa dha; \q2 hojii isaa hundaanis arjaa dha. \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* warra isa waammatan hundatti, \q2 warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha. \q1 \v 19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; \q2 kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha. \q1 \v 20 \nd Waaqayyo\nd* warra isa jaallatan hunda ni eega; \q2 jalʼoota hunda garuu ni balleessa. \b \q1 \v 21 Afaan koo \nd Waaqayyoon\nd* galateeffachuudhaan ni dubbata. \q2 Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana \q2 bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu. \c 146 \cl Faarfannaa 146 \ms1 Waaqa Nama Gargaaru Faarfachuu \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Yaa lubbuu ko, \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhu. \b \q1 \v 2 Ani bara jireenya koo guutuu \nd Waaqayyoon\nd* nan galateeffadha; \q2 ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha. \q1 \v 3 Abdii keessan bulchitoota irra, \q2 namoota duʼa hin oolle // warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa. \q1 \v 4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; \q2 guyyuma sanas karoorri isaanii bada. \q1 \v 5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Uumaa samii fi lafaa, \q2 galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; \q2 inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata. \q1 \v 7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura; \q2 warra beelaʼaniif nyaata kenna. \q1 \nd Waaqayyo\nd* warra hidhaman illee ni hiika; \q2 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* jaamotaaf agartuu ni kenna; \q1 \nd Waaqayyo\nd* warra gad deebiʼan ol qaba; \q2 \nd Waaqayyo\nd* qajeeltota ni jaallata. \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* alagaadhaaf eegumsa ni godha; \q2 ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi \q1 dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; \q2 karaa jalʼootaa garuu ni balleessa. \b \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* bara baraan ni moʼa; \q2 Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 147 \cl Faarfannaa 147 \ms1 Faarfannaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; \q2 isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! \b \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Yerusaalemin ni ijaara; \q2 Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. \q1 \v 3 Warra garaan cabe ni fayyisa; \q2 madaa isaaniis walitti hodha. \q1 \v 4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; \q2 tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. \q1 \v 5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; \q2 hubannaan isaas dhuma hin qabu. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* warra gad qabaman ni jiraachisa; \q2 hamoota garuu lafatti darbata. \b \q1 \v 7 Galata galchaa \nd Waaqayyoon\nd* faarfadhaa; \q2 baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. \b \q1 \v 8 Inni samiiwwani duumessaan haguuga; \q2 lafaafis bokkaa kenna; \q2 tulluuwwan irrattis marga biqilcha. \q1 \v 9 Horiidhaaf waan isaan dheedan, \q2 yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti // nyaata isaaniif ni kenna. \b \q1 \v 10 Inni jabina fardaatti hin gammadu; \q2 yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* warra isa sodaatanitti, \q2 warra araara isaa abdatanitti ni gammada. \b \q1 \v 12 Yaa Yerusaalem, \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhu; \q2 Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu. \b \q1 \v 13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; \q2 ijoollee kees si keessatti eebbisa. \q1 \v 14 Daarii keetiif nagaa kenna; \q2 qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. \b \q1 \v 15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; \q2 dubbiin isaas ni ariifata. \q1 \v 16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; \q2 qorras akkuma daaraatti bittinneessa. \q1 \v 17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. \q2 Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? \q1 \v 18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; \q2 bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu. \b \q1 \v 19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, \q2 seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. \q1 \v 20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; \q2 isaan seera isaa hin beekan. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 148 \cl Faarfannaa 148 \ms1 Uumamni Hundi Waaqa Haa Galateeffatuu \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Samiiwwan irraa \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa; \q2 ol gubbaatti isa galateeffadhaa. \q1 \v 2 Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; \q2 raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa. \q1 \v 3 Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; \q2 urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa. \q1 \v 4 Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; \q2 bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa. \q1 \v 5 Isaan maqaa \nd Waaqayyoo\nd* haa galateeffatan; \q2 inni ajajnaan, isaan uumamaniitii. \q1 \v 6 Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; \q2 seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera. \b \q1 \v 7 Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, \q2 lafa irraa \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa; \q1 \v 8 bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, \q2 bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan, \q1 \v 9 tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, \q2 mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu, \q1 \v 10 bineensonnii fi loon hundinuu, \q2 uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan, \q1 \v 11 mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, \q2 ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu, \q1 \v 12 dargaggoonnii fi shamarran, \q2 jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa. \b \q1 \v 13 Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, \q2 isaan maqaa \nd Waaqayyoo\nd* haa galateeffatan; \q2 ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira. \q1 \v 14 Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; \q2 kunis qulqulloota isaa hundaaf, \q2 saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 149 \cl Faarfannaa 149 \ms1 Faarfannaa Moʼannoo \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Faarfannaa haaraa \nd Waaqayyoof\nd* faarfadhaa; \q2 waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa. \b \q1 \v 2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; \q2 sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu. \q1 \v 3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; \q2 dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu. \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* saba isaatti ni gammadaatii; \q2 warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa. \q1 \v 5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; \q2 siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan. \b \q1 \v 6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; \q2 goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu; \q1 \v 7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi \q2 namoota adabuudhaaf; \q1 \v 8 mootota isaanii foncaan, \q2 hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf, \q1 \v 9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. \q2 Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. \b \q1 Haalleluuyaa. \c 150 \cl Faarfannaa 150 \ms1 Faarfannaa Galataa \q1 \v 1 Haalleluuyaa. \b \q1 Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; \q2 samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. \q1 \v 2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; \q2 guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. \q1 \v 3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; \q2 baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; \q1 \v 4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; \q2 miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa. \q1 \v 5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; \q2 kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. \b \q1 \v 6 Wanni hafuura baafatu hundinuu \nd Waaqayyoon\nd* haa jajatu. \b \q1 Haalleluuyaa.