\id PRO - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Fakkeenya \toc1 Kitaaba Fakkeenyaa \toc2 Fakkeenya \toc3 Fak \mt2 Kitaaba \mt1 Fakkeenyaa \c 1 \ms1 Kaayyoo Ijoo Dubbii Kitaabichaa \p \v 1 Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel: \q1 \v 2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf, \q2 dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf; \q1 \v 3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan, \q2 murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan // qajeelfama argachuudhaaf; \q1 \v 4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf, \q2 dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf, \q1 \v 5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; \q2 warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan; \q1 \v 6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa, \q2 jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun jalqaba ogummaa ti; \q2 gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu. \ms1 Gorsa Akka Namni Ogummaa Argatuuf Kenname \s1 Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu \q1 \v 8 Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; \q2 barsiisa haadha keetii illee hin gatin. \q1 \v 9 Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, \q2 morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa. \b \q1 \v 10 Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii \q2 ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif. \q1 \v 11 Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; \q2 riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; \q2 nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis // dhokannee eeggannaa; \q1 \v 12 kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; \q2 akkuma warra boolla keessa buufamaniis \q2 guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa; \q1 \v 13 nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; \q2 manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna; \q1 \v 14 ixaa kee nu wajjin buufadhu; \q2 nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan, \q1 \v 15 yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; \q2 miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin; \q1 \v 16 miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; \q2 isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru. \q1 \v 17 Utuma simbirroonni hundi arganuu, \q2 kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha! \q1 \v 18 Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu; \q2 lubbuma ofii isaanii gaadu! \q1 \v 19 Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; \q2 wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa. \s1 Akeekkachiisa Ogummaa Tuffachuu Irratti Kenname \q1 \v 20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti; \q2 iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti. \q1 \v 21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti; \q2 karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti: \b \q1 \v 22 “Isin warri homaa hin beekne \q2 kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? \q1 Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii \q2 gowwoonnis beekumsa jibbu? \q1 \v 23 Mormii koo qalbeeffadhaa; \q2 ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; \q2 dubbii koos isiniifin ibsa. \q1 \v 24 Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii \q2 yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif, \q1 \v 25 waan isin gorsa koo hunda tuffattanii \q2 dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif, \q1 \v 26 anis badiisa keessanitti nan kolfa, \q2 yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa; \q1 \v 27 yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, \q2 yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, \q2 yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa. \b \q1 \v 28 “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; \q2 isaan na barbaadu; garuu na hin argatan. \q1 \v 29 Isaan waan beekumsa jibbanii \q2 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu illee filachuu didaniif, \q1 \v 30 waan gorsa koo fudhachuu didanii \q2 dheekkamsa koos tuffataniif, \q1 \v 31 isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; \q2 buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu. \q1 \v 32 Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; \q2 quufni gowwootaa isaanuma balleessa; \q1 \v 33 namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata; \q2 inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.” \c 2 \s1 Badhaasa Ogummaa \q1 \v 1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee \q2 ajaja koos of keessatti kuufatte, \q1 \v 2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee \q2 yaada kee hubannaatti deebifatte, \q1 \v 3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee \q2 hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte, \q1 \v 4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee \q2 akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde, \q1 \v 5 ati \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu ni hubatta; \q2 Waaqa beekuus ni argatta. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* ogummaa namaa kennaatii; \q2 afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa. \q1 \v 7 Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; \q2 warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana; \q1 \v 8 inni daandii tolootaa ni eega; \q2 karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa. \b \q1 \v 9 Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, \q2 nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta. \q1 \v 10 Ogummaan garaa kee seena; \q2 beekumsis lubbuu kee gammachiisa. \q1 \v 11 Qalbeeffannaan si eega; \q2 hubannaanis si tiksa. \b \q1 \v 12 Ogummaan karaa hamootaa irraa, \q2 namoota daba dubbatan jalaas si baraara; \q1 \v 13 warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii \q2 daandii qajeelaa dhiisan, \q1 \v 14 warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, \q2 warra jalʼina hojjechuun itti tolu, \q1 \v 15 warra daandiin isaanii jalʼate, \q2 warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara. \b \q1 \v 16 Ogummaatu dubartii ganda labee, \q2 niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara; \q1 \v 17 niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee \q2 kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara. \q1 \v 18 Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo \q2 gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii. \q1 \v 19 Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu \q2 yookaan karaa jireenyaa hin argatu. \b \q1 \v 20 Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; \q2 daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu. \q1 \v 21 Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; \q2 warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu; \q1 \v 22 hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; \q2 warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu. \c 3 \s1 Eebba Ogummaa \q1 \v 1 Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; \q2 ajaja koos garaatti qabadhu; \q1 \v 2 isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, \q2 nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii. \b \q1 \v 3 Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; \q2 morma keetti hidhadhu; \q2 gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu. \q1 \v 4 Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi \q2 fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta. \b \q1 \v 5 Garaa kee guutuun \nd Waaqayyoon\nd* amanadhu; \q2 hubannaa kees hin abdatin; \q1 \v 6 karaa kee hunda keessatti isa dursi; \q2 innis daandii kee siif qajeelcha. \b \q1 \v 7 Ani ogeessa ofiin hin jedhin; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu. \q1 \v 8 Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; \q2 lafee kee illee ni haaromsa. \b \q1 \v 9 Qabeenya keetiin, \q2 mataa midhaan keetii hundaanis \nd Waaqayyoon\nd* kabaji; \q1 \v 10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; \q2 iddoon cuunfaa wayinii keetiis // daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa. \b \q1 \v 11 Yaa ilma ko, adabbii \nd Waaqayyoo\nd* hin tuffatin; \q2 dheekkamsa isaas hin jibbin. \q1 \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti \q2 warra jaallatu ni adabaatii. \b \q1 \v 13 Namni ogummaa argatu \q2 kan hubannaas argatu eebbifamaa dha; \q1 \v 14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; \q2 warqee caalaas buʼaa namaaf buusa. \q1 \v 15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; \q2 wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu. \q1 \v 16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; \q2 badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru. \q1 \v 17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; \q2 daandiin ishee hundis nagaa dha. \q1 \v 18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; \q2 warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu. \b \q1 \v 19 \nd Waaqayyo\nd* ogummaadhaan hundee lafaa buuse; \q2 hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe; \q1 \v 20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; \q2 duumessoonnis fixeensa coccobsan. \b \q1 \v 21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; \q2 isaanis fuula kee duraa hin dhabamin; \q1 \v 22 isaan jireenya siif taʼu; \q2 morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu. \q1 \v 23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; \q2 miilli kees hin gufatu; \q1 \v 24 ati yoo raftu hin sodaattu; \q2 hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa. \q1 \v 25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu \q2 yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin; \q1 \v 26 \nd Waaqayyo\nd* irkoo siif taʼaatii; \q2 akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega. \b \q1 \v 27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, \q2 warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin. \q1 \v 28 Utuu amma waa qabduu, \q2 ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; \q2 ani bori siifin kennaatii” hin jedhin. \q1 \v 29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee \q2 waan hamaa itti hin yaadin. \q1 \v 30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin \q2 akkasumaan hin miidhin. \b \q1 \v 31 Nama dabaatti hin hinaafin; \q2 yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin. \b \q1 \v 32 \nd Waaqayyo\nd* nama jalʼaa ni jibbaatii; \q2 nama qajeelaa garuu ofitti aanfata. \q1 \v 33 Abaarsi \nd Waaqayyoo\nd* mana nama hamaa irra buʼa; \q2 inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa. \q1 \v 34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; \q2 warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna. \q1 \v 35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu; \q2 gowwoota garuu inni ni qaanessa. \c 4 \s1 Ogummaan Waan Hunda Caalti \q1 \v 1 Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; \q2 qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa. \q1 \v 2 Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; \q2 kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa. \q1 \v 3 Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, \q2 yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti, \q1 \v 4 inni akkana jedhee na barsiise; \q2 “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; \q2 seera koo eegi; ati ni jiraattaatii. \q1 \v 5 Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; \q2 dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin. \q1 \v 6 Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; \q2 ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii. \q1 \v 7 Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. \q2 Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu. \q1 \v 8 Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; \q2 isa hammadhu; innis si kabajaatii. \q1 \v 9 Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; \q2 gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.” \b \q1 \v 10 Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; \q2 barri jireenya keetiis ni baayʼataa. \q1 \v 11 Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; \q2 daandii qajeelaa irras sin buusa. \q1 \v 12 Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; \q2 yoo fiigdu illee ati hin gufattu. \q1 \v 13 Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; \q2 waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu. \q1 \v 14 Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin \q2 yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin. \q1 \v 15 Irraa fagaadhu; irras hin deemin; \q2 irraa goriitii karaa kee irra qajeeli. \q1 \v 16 Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; \q2 isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan. \q1 \v 17 Isaan buddeena hamminaa nyaatu; \q2 daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu. \b \q1 \v 18 Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa \q2 kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti. \q1 \v 19 Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; \q2 isaan waan isaan gufachiisu hin beekan. \b \q1 \v 20 Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; \q2 dubbii kootiifis gurra kenni. \q1 \v 21 Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; \q2 garaa kee keessa ol kaaʼadhu; \q1 \v 22 inni warra isa argatuuf jireenya, \q2 dhagna namaa guutuufis fayyinaatii. \q1 \v 23 Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; \q2 burqaan jireenyaa achii baʼaatii. \q1 \v 24 Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; \q2 haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. \q1 \v 25 Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; \q2 atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. \q1 \v 26 Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; \q2 karaan kee hundinuu haa jabaatu. \q1 \v 27 Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; \q2 miilla kee hammina irraa eeggadhu. \c 5 \s1 Ejja Irraa Of Eeggachuu \q1 \v 1 Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu; \q2 hubannaa kootiif illee gurra kenni; \q1 \v 2 kunis akka ati hubannaa turfattee \q2 arrabni kees beekumsa kuufattuuf. \q1 \v 3 Hidhiin ejjituu damma coccobsa; \q2 haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa; \q1 \v 4 dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; \q2 akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha. \q1 \v 5 Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa; \q2 tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa. \q1 \v 6 Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu; \q2 daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu. \b \q1 \v 7 Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; \q2 waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa. \q1 \v 8 Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa; \q2 balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa; \q1 \v 9 kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif, \q2 umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef; \q1 \v 10 akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata; \q2 dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa. \q1 \v 11 Dhuma jireenya keetiitti, \q2 yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda. \q1 \v 12 Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee! \q2 Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate! \q1 \v 13 Ani barsiistota kootiif hin ajajamne \q2 yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne. \q1 \v 14 Ani waldaa guutuu gidduutti \q2 qarqara badiisaa gaʼeen ture.” \b \q1 \v 15 Eela kee keessaa bishaan, \q2 boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi. \q1 \v 16 Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus \q2 oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa? \q1 \v 17 Isaan kan kee haa taʼan; \q2 ormi si wajjin qooddachuu hin qabu. \q1 \v 18 Burqaan kee haa eebbifamu; \q2 niitii dargaggummaa keetiitti gammadi. \q1 \v 19 Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; \q2 harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; \q2 yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu. \q1 \v 20 Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? \q2 Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta? \b \q1 \v 21 Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiraatii; \q2 innis daandii namaa hunda ni toʼata. \q1 \v 22 Balleessaan nama hamaa isuma qabaata; \q2 funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba. \q1 \v 23 Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa; \q2 guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa. \c 6 \s1 Akeekkachiisa Waaʼee Gowwummaa Irratti Kenname \q1 \v 1 Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee \q2 harka dhooftee nama ormaatiif kakatte, \q1 \v 2 yoo waanuma dubbatteen qabamtee \q2 dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente, \q1 \v 3 yoos yaa ilma ko, // ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf \q2 ati of baasuudhaaf \q1 dafii dhaqiitii gad of qabii \q2 jabeessiitii ollaa kee kadhadhu! \q1 \v 4 Ija keetiif hirriba, \q2 baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin. \q1 \v 5 Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti, \q2 akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi. \b \q1 \v 6 Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; \q2 karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi! \q1 \v 7 Inni ajajaa hin qabu; \q2 toʼataa yookaan bulchaa hin qabu; \q1 \v 8 taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; \q2 yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata. \b \q1 \v 9 Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? \q2 Ati yoomi hirriba keetii kaata? \q1 \v 10 Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, \q2 xinnoo harka walitti marachuu, \q1 \v 11 hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; \q2 deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa. \b \q1 \v 12 Namni rakkisaan, namni hamaan, \q2 dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa; \q2 \v 13 inni ijaan dhaʼa; \q2 miilla isaatiinis mallattoo kenna; \q2 quba isaatiin argisiisa; \q2 \v 14 inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada; \q2 yeroo hundas lola kakaasa. \q1 \v 15 Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; \q2 inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu. \b \li1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* waan jaʼa jibba; \li2 waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: \li3 \v 17 Ija of tuulu, \li3 arraba sobu, \li3 harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, \li3 \v 18 garaa mala hamaa malu, \li3 miilla gara jalʼinaatti ariifatu, \li3 \v 19 dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, \li3 nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha. \s1 Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname \q1 \v 20 Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; \q2 barsiisa haadha keetii illee hin gatin. \q1 \v 21 Bara baraan garaa keetti qabadhu; \q2 morma keettis hidhadhu. \q1 \v 22 Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; \q2 yeroo ati raftu si eegu; \q2 yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu. \q1 \v 23 Ajajni kun ibsaadhaatii; \q2 barsiisni kunis ifa; \q2 sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti; \q1 \v 24 isaan dubartii hamtuu irraa, \q2 niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu. \b \q1 \v 25 Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; \q2 yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin. \b \q1 \v 26 Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; \q2 ejjituunis jireenyuma kee adamsiti. \q1 \v 27 Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee \q2 wayyaan isaa hin gubanne jiraa? \q1 \v 28 Namni ibidda cilee irra ejjetee \q2 miilli isaa hin gubanne jiraa? \q1 \v 29 Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; \q2 namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu. \b \q1 \v 30 Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, \q2 namoonni hin tuffatan. \q1 \v 31 Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; \q2 miʼa mana isaa hundas ni kenna. \q1 \v 32 Namni sagaagalu qalbii hin qabu; \q2 namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata. \q1 \v 33 Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha; \q2 qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu. \b \q1 \v 34 Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii; \q2 inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu. \q1 \v 35 Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu; \q2 hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida. \c 7 \s1 Sagaagaltuu Irraa Of Eeggachuu \q1 \v 1 Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii \q2 ajaja koos of keessatti kuufadhu. \q1 \v 2 Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; \q2 barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi. \q1 \v 3 Quba keetti isaan hidhadhu; \q2 gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu. \q1 \v 4 Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; \q2 hubannaa immoo, fira koo jedhii waami; \q1 \v 5 isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin \q2 nama harkiftu irraa si eegu. \b \q1 \v 6 Ani foddaa mana koo biraa keessaan, \q2 karaa qaawwaatiin ala ilaale. \q1 \v 7 Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, \q2 dargaggoota keessatti hubadhee \q2 dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge. \q1 \v 8 Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee \q2 daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture. \q1 \v 9 Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, \q2 yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture. \b \q1 \v 10 Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee \q2 yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate. \q1 \v 11 Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; \q2 miilli ishee mana hin dhaabatu; \q1 \v 12 takka daandii irratti, takka oobdii irratti, \q2 golee hundatti riphxee nama eeggatti. \q1 \v 13 Isheen qabdee isa dhungatti; \q2 fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin: \b \q1 \v 14 “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; \q2 harʼa wareega koo guuttadheera. \q1 \v 15 Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; \q2 ani barbaadee si argadheera! \q1 \v 16 Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, \q2 siree koo afee miidhagseera. \q1 \v 17 Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan \q2 siree koo urgeesseera. \q1 \v 18 Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; \q2 kottu jaalalaan of gammachiifnaa! \q1 \v 19 Dhirsi koo mana hin jiru; \q2 inni karaa dheeraa deemeera. \q1 \v 20 Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; \q2 hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.” \b \q1 \v 21 Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; \q2 haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte. \q1 \v 22 Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, \q2 akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis \q1 yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe; \q2 \v 23 akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, \q1 inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti \q2 akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku. \b \q1 \v 24 Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; \q2 waan ani jedhus qalbeeffadhaa. \q1 \v 25 Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; \q2 karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin. \q1 \v 26 Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; \q2 namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru. \q1 \v 27 Manni ishee karaa qileetti nama geessu, \q2 kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha. \c 8 \s1 Waamicha Ogummaa \q1 \v 1 Ogummaan hin iyyuu? \q2 Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu? \q1 \v 2 Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, \q2 iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti; \q1 \v 3 karra magaalaatti nama galchu bira, \q2 balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti: \q1 \v 4 “Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; \q2 ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha. \q1 \v 5 Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; \q2 isin warri gowwaan hubannaa argadhaa. \q1 \v 6 Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; \q2 waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha. \q1 \v 7 Afaan koo dhugaa dubbata; \q2 arrabni koo hammina jibbaatii. \q1 \v 8 Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; \q2 dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti. \q1 \v 9 Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; \q2 warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu. \q1 \v 10 Qooda meetii gorsa koo, \q2 warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu; \q1 \v 11 ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; \q2 wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu. \b \q1 \v 12 “Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; \q2 ani beekumsaa fi hubannaa qaba. \q1 \v 13 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun jibbuu dha; \q2 hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, \q2 amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba. \q1 \v 14 Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; \q2 ani hubannaa fi humna qaba. \q1 \v 15 Mootonni anaan moʼu; \q2 bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu. \q1 \v 16 Ilmaan moototaa anaan bulchu; \q2 namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu. \q1 \v 17 Ani warra na jaallatan nan jaalladha; \q2 warri na barbaadanis na argatu. \q1 \v 18 Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi \q2 badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru. \q1 \v 19 Iji koo warqee qulqulluu caala; \q2 buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala. \q1 \v 20 Ani karaa qajeelummaa irra, \q2 daandii qajeelaa irras nan deema; \q1 \v 21 warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; \q2 mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta. \b \q1 \v 22 “\nd Waaqayyo\nd* waan bara durii hojjeteen dura, \q2 hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate; \q1 \v 23 ani utuu addunyaan hin uumamin dura, \q2 jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame. \q1 \v 24 Ani utuu tuujubni hin jiraatin, \q2 utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe; \q1 \v 25 utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, \q2 ani gaarraniin dura nan dhaladhe; \q1 \v 26 utuu inni lafa yookaan dirree ishee \q2 yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu // hin uumin dura nan dhaladhe. \q1 \v 27 Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, \q2 yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture; \q1 \v 28 yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee \q2 madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture; \q1 \v 29 yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, \q2 galaanaaf daangaa dhaabetti, \q1 yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture. \q2 \v 30 Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. \q1 Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, \q2 guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture; \q1 \v 31 ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, \q2 ilmaan namaatti illee gammadaan ture. \b \q1 \v 32 “Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; \q2 warri karaa koo eegan eebbifamoo dha. \q1 \v 33 Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; \q2 isa hin tuffatinaa. \q1 \v 34 Namni na dhagaʼu, \q2 kan guyyaa hunda balbala koo eegu, \q2 kan karra koo dura turu eebbifamaa dha. \q1 \v 35 Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; \q2 \nd Waaqayyo\nd* biratti illee fudhatama argata. \q1 \v 36 Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; \q2 namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.” \c 9 \s1 Ogummaa fi Gowwummaa \q1 \v 1 Ogummaan mana ishee ijaarratte; \q2 utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate. \q1 \v 2 Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte; \q2 maaddii ishee illee qopheeffatte. \q1 \v 3 Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee \q2 fiixee magaalaa irraa lallabde. \q2 \v 4 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti; \q1 “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa! \q2 \v 5 Kottaatii nyaata koo nyaadhaa; \q2 daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa. \q1 \v 6 Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa; \q2 karaa hubannaa irra deemaa. \b \q1 \v 7 “Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama; \q2 namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata. \q1 \v 8 Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; \q2 nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii. \q1 \v 9 Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa; \q2 nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii. \b \q1 \v 10 “\nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun jalqaba ogummaa ti; \q2 isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha. \q1 \v 11 Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata; \q2 jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii. \q1 \v 12 Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa; \q2 yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.” \b \q1 \v 13 Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti; \q2 isheen raatuu homaa hin beeknee dha. \q1 \v 14 Isheen balbala mana ishee dura, \q2 fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee \q1 \v 15 warra achiin darban, kanneen qajeelanii \q2 daandii isaanii irra deeman waamti. \q2 \v 16 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti. \q1 “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa! \q2 \v 17 Bishaan hatan ni miʼaawa; \q2 nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!” \q1 \v 18 Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran, \q2 akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee // xinnuma beeku. \c 10 \ms1 Fakkeenyawwan Solomoon \p \v 1 Fakkeenyawwan Solomoon: \q1 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; \q2 ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa. \b \q1 \v 2 Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; \q2 qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. \b \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; \q2 hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa. \b \q1 \v 4 Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; \q2 harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. \b \q1 \v 5 Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; \q2 kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo // ilma nama qaanessuu dha. \b \q1 \v 6 Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; \q2 afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. \b \q1 \v 7 Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; \q2 maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada. \b \q1 \v 8 Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; \q2 gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. \b \q1 \v 9 Namni amanamaan sodaa malee deema; \q2 kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama. \b \q1 \v 10 Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; \q2 gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. \b \q1 \v 11 Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; \q2 afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. \b \q1 \v 12 Jibbi lola kakaasa; \q2 jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga. \b \q1 \v 13 Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; \q2 uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa. \b \q1 \v 14 Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; \q2 afaan gowwaa garuu badiisa waama. \b \q1 \v 15 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; \q2 hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti. \b \q1 \v 16 Mindaan qajeeltotaa jireenya; \q2 galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa. \b \q1 \v 17 Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; \q2 namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa. \b \q1 \v 18 Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, \q2 kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha. \b \q1 \v 19 Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; \q2 namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa. \b \q1 \v 20 Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; \q2 garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. \b \q1 \v 21 Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; \q2 gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu. \b \q1 \v 22 Eebbi \nd Waaqayyoo\nd* nama sooromsa; \q2 inni rakkina tokko illee itti hin dabalu. \b \q1 \v 23 Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; \q2 namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada. \b \q1 \v 24 Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; \q2 hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf. \b \q1 \v 25 Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; \q2 qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu. \b \q1 \v 26 Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, // aarris ija miidhu sana \q2 namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha. \b \q1 \v 27 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; \q2 umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata. \b \q1 \v 28 Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; \q2 wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada. \b \q1 \v 29 Karaan \nd Waaqayyoo\nd* nama qajeelaaf daʼoo dha; \q2 nama jalʼaaf garuu badiisa. \b \q1 \v 30 Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; \q2 hamoonni garuu lafa irratti hin hafan. \b \q1 \v 31 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; \q2 arrabni jalʼaan garuu ni kutama. \b \q1 \v 32 Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; \q2 afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata. \b \c 11 \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* madaalii hin amanamne ni balfa; \q2 madaalii dhugaatti immoo ni gammada. \q1 \v 2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; \q2 gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa. \b \q1 \v 3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; \q2 warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu. \b \q1 \v 4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; \q2 qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. \b \q1 \v 5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee // karaa qajeelaa baasaaf; \q2 hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu. \b \q1 \v 6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; \q2 warri hin amanamne garuu // hawwii hamaadhaan qabamu. \b \q1 \v 7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; \q2 wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama. \b \q1 \v 8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; \q2 rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa. \b \q1 \v 9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; \q2 namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa. \b \q1 \v 10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; \q2 yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama. \b \q1 \v 11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; \q2 afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama. \b \q1 \v 12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; \q2 kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa. \b \q1 \v 13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa; \q2 kan amanamu garuu icciitii eega. \b \q1 \v 14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; \q2 baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama. \b \q1 \v 15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; \q2 namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo // nagaan jiraata. \b \q1 \v 16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; \q2 namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu. \b \q1 \v 17 Namni gaariin of fayyada; \q2 gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida. \b \q1 \v 18 Namni hamaan mindaa sobaa argata; \q2 kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata. \b \q1 \v 19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; \q2 kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata. \b \q1 \v 20 \nd Waaqayyo\nd* warra yaada jalʼaa qaban balfa; \q2 warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada. \b \q1 \v 21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; \q2 qajeeltonni garuu bilisa baʼu. \b \q1 \v 22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne \q2 akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti. \b \q1 \v 23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; \q2 abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa. \b \q1 \v 24 Namni tokko toluma waa namaa kenna; \q2 taʼus ittuma caalchisee sooroma; \q2 kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; // taʼus inuma hiyyooma. \b \q1 \v 25 Namni arjaan ni badhaadha; \q2 namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa. \b \q1 \v 26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; \q2 kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf. \b \q1 \v 27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; \q2 hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa. \b \q1 \v 28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; \q2 qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa. \b \q1 \v 29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; \q2 gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa. \b \q1 \v 30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; \q2 namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa. \b \q1 \v 31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, \q2 namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan // hammam caalaa haa argatanii ree! \b \c 12 \q1 \v 1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; \q2 kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha. \q1 \v 2 Namni gaariin \nd Waaqayyo\nd* biratti fudhatama argata; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu nama hammina malatutti ni mura. \b \q1 \v 3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; \q2 qajeelaan garuu hin buqqifamu. \b \q1 \v 4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; \q2 niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti. \b \q1 \v 5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; \q2 gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha. \b \q1 \v 6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf // riphee nama eeggata; \q2 haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa. \b \q1 \v 7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; \q2 manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata. \b \q1 \v 8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; \q2 namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama. \b \q1 \v 9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, \q2 nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala. \b \q1 \v 10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; \q2 hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina. \b \q1 \v 11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; \q2 kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. \b \q1 \v 12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; \q2 hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa. \b \q1 \v 13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; \q2 namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa. \b \q1 \v 14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; \q2 hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa. \b \q1 \v 15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; \q2 namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa. \b \q1 \v 16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; \q2 namni hubataan garuu arrabsoo tuffata. \b \q1 \v 17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; \q2 dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti. \b \q1 \v 18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne // akkuma goraadee nama waraana; \q2 arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa. \b \q1 \v 19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; \q2 arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. \b \q1 \v 20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa // gowwoomsaatu jira; \q2 warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu. \b \q1 \v 21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; \q2 hamoonni rakkinaan guutamu. \b \q1 \v 22 \nd Waaqayyo\nd* arraba sobu ni jibba; \q2 warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. \b \q1 \v 23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; \q2 gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu. \b \q1 \v 24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; \q2 dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. \b \q1 \v 25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; \q2 dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa. \b \q1 \v 26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; \q2 karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa. \b \q1 \v 27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; \q2 kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. \b \q1 \v 28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; \q2 daandii sana irra duuti hin jiru. \b \c 13 \q1 \v 1 Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; \q2 qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu. \b \q1 \v 2 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; \q2 namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata. \b \q1 \v 3 Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; \q2 kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata. \b \q1 \v 4 Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; \q2 fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. \b \q1 \v 5 Namni qajeelaan soba jibba; \q2 namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. \b \q1 \v 6 Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; \q2 hamminni garuu cubbamaa galaafata. \b \q1 \v 7 Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; \q2 tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba. \b \q1 \v 8 Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; \q2 hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. \b \q1 \v 9 Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; \q2 ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama. \b \q1 \v 10 Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu \q2 warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. \b \q1 \v 11 Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; \q2 namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. \b \q1 \v 12 Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; \q2 hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti. \b \q1 \v 13 Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; \q2 kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata. \b \q1 \v 14 Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; \q2 kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. \b \q1 \v 15 Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; \q2 karaan warra hin amanamnee garuu // badiisatti isaan geessa. \b \q1 \v 16 Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; \q2 gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa. \b \q1 \v 17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; \q2 ergamaan amanamaan garuu fayyina fida. \b \q1 \v 18 Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; \q2 kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata. \b \q1 \v 19 Hawwiin guutame namatti miʼaawa; \q2 gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu. \b \q1 \v 20 Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, \q2 michuun gowwootaa garuu ni miidhama. \b \q1 \v 21 Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; \q2 badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti. \b \q1 \v 22 Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; \q2 qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama. \b \q1 \v 23 Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; \q2 murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa. \b \q1 \v 24 Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; \q2 kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba. \b \q1 \v 25 Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; \q2 garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa. \b \c 14 \q1 \v 1 Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; \q2 gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi. \b \q1 \v 2 Namni qajeelummaan jiraatu \nd Waaqayyoon\nd* sodaata; \q2 kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata. \b \q1 \v 3 Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; \q2 arrabni ogeeyyii garuu isaan eega. \b \q1 \v 4 Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; \q2 garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama. \b \q1 \v 5 Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; \q2 dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa. \b \q1 \v 6 Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; \q2 nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa. \b \q1 \v 7 Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; \q2 arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii. \b \q1 \v 8 Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; \q2 gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa. \b \q1 \v 9 Gowwoonni cubbuutti qoosu; \q2 qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama. \b \q1 \v 10 Garaan gadda ofii isaa ni beeka; \q2 namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu. \b \q1 \v 11 Manni nama hamaa ni bada; \q2 dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara. \b \q1 \v 12 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; \q2 dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa. \b \q1 \v 13 Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; \q2 gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa. \b \q1 \v 14 Namni hin amanamne gatii karaa isaa, \q2 namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata. \b \q1 \v 15 Namni homaa hin beekne waan hunda amana; \q2 namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata. \b \q1 \v 16 Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; \q2 gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu. \b \q1 \v 17 Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; \q2 namni daba hojjetu garuu ni jibbama. \b \q1 \v 18 Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; \q2 qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata. \b \q1 \v 19 Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, \q2 jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu. \b \q1 \v 20 Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; \q2 sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu. \b \q1 \v 21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; \q2 kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha. \b \q1 \v 22 Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? \q2 Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi // amanamummaa argatu. \b \q1 \v 23 Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; \q2 oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida. \b \q1 \v 24 Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; \q2 gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala. \b \q1 \v 25 Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; \q2 dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata. \b \q1 \v 26 Namni \nd Waaqayyoon\nd* sodaatu daʼannoo jabaa qaba; \q2 ijoolleen isaas daʼoo argatu. \b \q1 \v 27 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun burqaa jireenyaa ti; \q2 kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. \b \q1 \v 28 Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; \q2 yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada. \b \q1 \v 29 Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; \q2 kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa. \b \q1 \v 30 Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; \q2 hinaaffaan garuu lafee tortorsa. \b \q1 \v 31 Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; \q2 namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja. \b \q1 \v 32 Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; \q2 qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee // amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu. \b \q1 \v 33 Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; \q2 garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu. \b \q1 \v 34 Qajeelummaan saba ol guddisa; \q2 cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina. \b \q1 \v 35 Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; \q2 kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama. \b \c 15 \q1 \v 1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; \q2 jechi hamaan garuu aarii kakaasa. \q1 \v 2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; \q2 afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa. \b \q1 \v 3 Iji \nd Waaqayyoo\nd* idduma hunda jira; \q2 nama hamaa fi gaariis ni toʼata. \b \q1 \v 4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; \q2 arrabni sobu garuu hafuura cabsa. \b \q1 \v 5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; \q2 namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa. \b \q1 \v 6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; \q2 galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida. \b \q1 \v 7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; \q2 garaan nama gowwaa garuu akkas miti. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* aarsaa hamootaa ni balfa; \q2 kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa. \b \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* karaa hamootaa ni balfa; \q2 warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata. \b \q1 \v 10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; \q2 kan sirreeffama jibbu ni duʼa. \b \q1 \v 11 Duʼaa fi Badiisni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti beekamoo dha; \q2 yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree! \b \q1 \v 12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; \q2 nama ogeessaanis hin mariʼatu. \b \q1 \v 13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; \q2 gaddi garaa garuu hafuura cabsa. \b \q1 \v 14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; \q2 afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata. \b \q1 \v 15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; \q2 garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha. \b \q1 \v 16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya. \b \q1 \v 17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, \q2 jaalalaan raafuu nyaachuu wayya. \b \q1 \v 18 Namni dafee aaru lola kakaasa; \q2 namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa. \b \q1 \v 19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; \q2 daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha. \b \q1 \v 20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; \q2 namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata. \b \q1 \v 21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; \q2 namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema. \b \q1 \v 22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; \q2 garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa. \b \q1 \v 23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; \q2 dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha! \b \q1 \v 24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef \q2 gara jireenyaatti ol isa baasa. \b \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* mana nama of tuuluu ni diiga; \q2 daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba. \b \q1 \v 26 \nd Waaqayyo\nd* yaada nama hamaa ni balfa; \q2 yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa. \b \q1 \v 27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; \q2 kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata. \b \q1 \v 28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; \q2 afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa. \b \q1 \v 29 \nd Waaqayyo\nd* nama hamaa irraa fagoo jira; \q2 kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa. \b \q1 \v 30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa; \q2 oduun gaariinis lafee haaromsa. \b \q1 \v 31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, \q2 ogeeyyii gidduu jiraata. \b \q1 \v 32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; \q2 kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata. \b \q1 \v 33 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun ogummaa nama barsiisa; \q2 gad of qabuunis ulfina dura dhufa. \b \c 16 \q1 \v 1 Karoorri garaa kan namaa ti; \q2 deebiin arrabaa garuu \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufa. \q1 \v 2 Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; \q2 yaada namaa garuu \nd Waaqayyotu\nd* madaala. \b \q1 \v 3 Waan hojjettu hunda \nd Waaqayyotti\nd* kennadhu; \q2 karoorri kees siif milkaaʼa. \b \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; \q2 hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa. \b \q1 \v 5 Namni of tuulu kam iyyuu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti balfamaa dha; \q2 dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu. \b \q1 \v 6 Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuudhaanis hammina irraa cita. \b \q1 \v 7 Yoo karaan namaa \nd Waaqayyoon\nd* gammachiise, \q2 inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha. \b \q1 \v 8 Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa \q2 waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya. \b \q1 \v 9 Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa. \b \q1 \v 10 Hidhiin mootii hooda dubbata; \q2 afaan isaa illee murtii hin jalʼisu. \b \q1 \v 11 Madaallii fi safartuun qajeelaan kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti. \b \q1 \v 12 Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf \q2 mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu. \b \q1 \v 13 Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; \q2 isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu. \b \q1 \v 14 Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; \q2 namni ogeessi garuu ni qabbaneessa. \b \q1 \v 15 Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; \q2 surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti. \b \q1 \v 16 Ogummaa argachuun warqee caala; \q2 hubannaa argachuunis meetii caala! \b \q1 \v 17 Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; \q2 namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata. \b \q1 \v 18 Of tuuluun badiisaan dura, \q2 of bokoksuunis kufaatiin dura deema. \b \q1 \v 19 Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, \q2 hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya. \b \q1 \v 20 Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; \q2 kan \nd Waaqayyoon\nd* amanatus eebbifamaa dha. \b \q1 \v 21 Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; \q2 dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala. \b \q1 \v 22 Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; \q2 gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida. \b \q1 \v 23 Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; \q2 afaan isaas gorsa dabala. \b \q1 \v 24 Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; \q2 inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa. \b \q1 \v 25 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; \q2 dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa. \b \q1 \v 26 Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu \q2 hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima. \b \q1 \v 27 Namni faayidaa hin qabne hammina malata; \q2 haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti. \b \q1 \v 28 Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo \q2 michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti. \b \q1 \v 29 Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee \q2 karaa jalʼaatti isa geessa. \b \q1 \v 30 Namni ija qisu jalʼina karoorfata; \q2 kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida. \b \q1 \v 31 Arriin gonfoo ulfinaa ti; \q2 innis karaa qajeelaadhaan argama. \b \q1 \v 32 Goota waraanaa irra nama obsa qabu, \q2 nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya. \b \q1 \v 33 Ixaan gudeeda irratti buufama; \q2 murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufa. \b \c 17 \q1 \v 1 Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, \q2 iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya. \q1 \v 2 Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; \q2 obboloota gidduuttis dhaala qooddata. \b \q1 \v 3 Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu garaa namaa qora. \b \q1 \v 4 Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; \q2 sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna. \b \q1 \v 5 Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; \q2 kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu. \b \q1 \v 6 Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; \q2 haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina. \b \q1 \v 7 Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; \q2 hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree! \b \q1 \v 8 Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; \q2 inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa. \b \q1 \v 9 Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; \q2 namni waan tokko irra deddeebiʼu, // garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa. \b \q1 \v 10 Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa \q2 ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama. \b \q1 \v 11 Namni hamaan fincila qofa barbaada; \q2 ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama. \b \q1 \v 12 Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun \q2 walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee // jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya. \b \q1 \v 13 Nama qooda gaarii hamaa deebisu, \q2 hamminni mana isaa keessaa hin baʼu. \b \q1 \v 14 Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; \q2 kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi. \b \q1 \v 15 \nd Waaqayyo\nd* waan kana lachuu ni balfa; \q2 kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi // nama balleessaa hin qabnetti muruu dha. \b \q1 \v 16 Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, \q2 maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba? \b \q1 \v 17 Michuun yeroo hunda nama jaallata; \q2 obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata. \b \q1 \v 18 Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; \q2 fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa. \b \q1 \v 19 Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; \q2 namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama. \b \q1 \v 20 Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; \q2 kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena. \b \q1 \v 21 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; \q2 abbaan ilma gowwaas hin gammadu. \b \q1 \v 22 Garaan gammadu qoricha gaarii dha; \q2 hafuurri cabe immoo lafee gogsa. \b \q1 \v 23 Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee \q2 dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata. \b \q1 \v 24 Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; \q2 iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora. \b \q1 \v 25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; \q2 haadha isa deessettis jireenya hadheessa. \b \q1 \v 26 Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; \q2 qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti. \b \q1 \v 27 Namni beekaan of qusachaa dubbata; \q2 namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba. \b \q1 \v 28 Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; \q2 yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata. \b \c 18 \q1 \v 1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; \q2 murtii dhugaa hundaanis ni morma. \b \q1 \v 2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; \q2 garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. \b \q1 \v 3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; \q2 salphinnis qaanii wajjin dhufa. \b \q1 \v 4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; \q2 burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. \b \q1 \v 5 Gara nama hamaa goruun // yookaan nama balleessaa hin qabne \q2 murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. \b \q1 \v 6 Hidhiin gowwaa lola fida; \q2 afaan isaas rukutamuu itti waama. \b \q1 \v 7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti; \q2 hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. \b \q1 \v 8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; \q2 gara kutaa garaattis gad buʼa. \b \q1 \v 9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, \q2 obboleessa nama waa balleessuu ti. \b \q1 \v 10 Maqaan \nd Waaqayyoo\nd* gamoo jabaa dha; \q2 namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. \b \q1 \v 11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; \q2 isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. \b \q1 \v 12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; \q2 gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa. \b \q1 \v 13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, \q2 gowwummaa fi qaanii dha. \b \q1 \v 14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; \q2 hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? \b \q1 \v 15 Garaan nama hubataa beekumsa argata; \q2 gurri ogeessaas waan kana barbaada. \b \q1 \v 16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; \q2 fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. \b \q1 \v 17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, \q2 namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko // dhugaa qabeessa fakkaata. \b \q1 \v 18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; \q2 namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha. \b \q1 \v 19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun // magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; \q2 wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. \b \q1 \v 20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; \q2 dubbii arraba isaatiinis ni guuta. \b \q1 \v 21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; \q2 warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu. \b \q1 \v 22 Namni niitii argatu waan gaarii argata; \q2 fuula \nd Waaqayyoo\nd* durattis surraa argata. \b \q1 \v 23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; \q2 sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. \b \q1 \v 24 Namni michoota baayʼisu ni bada; \q2 garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira. \b \c 19 \q1 \v 1 Gowwaa daba dubbatuu mannaa \q2 hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. \q1 \v 2 Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; \q2 miilli jarjarus karaa irraa jalʼata. \b \q1 \v 3 Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; \q2 garaan isaa immoo \nd Waaqayyotti\nd* aara. \b \q1 \v 4 Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; \q2 hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. \b \q1 \v 5 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; \q2 namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. \b \q1 \v 6 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; \q2 namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. \b \q1 \v 7 Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; \q2 yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! \q1 Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu \q2 isaan eessattuu hin argaman. \b \q1 \v 8 Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; \q2 namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa. \b \q1 \v 9 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; \q2 namni soba odeessus ni bada. \b \q1 \v 10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; \q2 yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf // hammam caalaa haa hammaatu ree? \b \q1 \v 11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; \q2 balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. \b \q1 \v 12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, \q2 surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti. \b \q1 \v 13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; \q2 niitiin nyakkiftunis \q2 akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. \b \q1 \v 14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; \q2 niitii qalbii qabdu garuu \nd Waaqayyotu\nd* namaaf kenna. \b \q1 \v 15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; \q2 namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. \b \q1 \v 16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; \q2 kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa. \b \q1 \v 17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu \nd Waaqayyoof\nd* liqeessa; \q2 Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. \b \q1 \v 18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; \q2 akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin. \b \q1 \v 19 Namni dafee aaru adabamuu qaba; \q2 ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda. \b \q1 \v 20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; \q2 dhuma irratti ati nama ogeessa taata. \b \q1 \v 21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; \q2 garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo \nd Waaqayyoo\nd* ti. \b \q1 \v 22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; \q2 sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. \b \q1 \v 23 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun jireenyatti nama geessa; \q2 yoos namni boqonnaadhaan jiraata; // rakkinnis isa hin argatu. \b \q1 \v 24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; \q2 gara afaan isaattis hin deebifatu! \b \q1 \v 25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; \q2 nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii. \b \q1 \v 26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, \q2 ilma qaanii fi salphina fiduu dha. \b \q1 \v 27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; \q2 ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa. \b \q1 \v 28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; \q2 afaan hamootaa immoo hammina liqimsa. \b \q1 \v 29 Qoostotaaf adabbii, \q2 dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama. \b \c 20 \q1 \v 1 Daadhiin wayinii nama qoostuu, // dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; \q2 namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti. \b \q1 \v 2 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; \q2 namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba. \b \q1 \v 3 Lola irraa fagaachuun ulfina; \q2 gowwaan hundi garuu lolatti ariifata. \b \q1 \v 4 Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; \q2 kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee // homaa hin argatu. \b \q1 \v 5 Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; \q2 hubataan namaa garuu ni waraabbata. \b \q1 \v 6 Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; \q2 nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa? \b \q1 \v 7 Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; \q2 ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu. \b \q1 \v 8 Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, \q2 waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa. \b \q1 \v 9 Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; \q2 ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa? \b \q1 \v 10 Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa \q2 lamaanuu \nd Waaqayyo\nd* ni balfa. \b \q1 \v 11 Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi \q2 qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama. \b \q1 \v 12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu, \q2 lachanuu \nd Waaqayyotu\nd* uume. \b \q1 \v 13 Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; \q2 midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu. \b \q1 \v 14 Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; // wanni kun gaarii miti!” jedha; \q2 ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona. \b \q1 \v 15 Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; \q2 arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti. \b \q1 \v 16 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; \q2 yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu. \b \q1 \v 17 Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; \q2 dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta. \b \q1 \v 18 Gorsaan karoora baafadhu; \q2 qajeelfama ogummaatiin waraana bani. \b \q1 \v 19 Hamattuun icciitii baafti; \q2 kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin. \b \q1 \v 20 Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, \q2 ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama. \b \q1 \v 21 Dhaalli jalqabumatti dafee argame \q2 dhumni isaa eebba hin qabaatu. \b \q1 \v 22 Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf // ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* eeggadhu; inni si baasa. \b \q1 \v 23 \nd Waaqayyo\nd* madaalii jalʼaa ni balfa; \q2 safartuu sobaattis hin gammadu. \b \q1 \v 24 Adeemsi namaa \nd Waaqayyoon\nd* qajeelfama. \q2 Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree? \b \q1 \v 25 Namni utuu itti hin yaadin, // “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee \q2 ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa. \b \q1 \v 26 Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; \q2 geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa. \b \q1 \v 27 Ibsaan \nd Waaqayyoo\nd* hafuura namaa sakattaʼa; \q2 inni keessa namaa illee isumaan qora. \b \q1 \v 28 Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; \q2 teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama. \b \q1 \v 29 Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; \q2 arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti. \b \q1 \v 30 Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; \q2 garaffiin immoo keessa namaa geeddara. \b \c 21 \q1 \v 1 Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka \nd Waaqayyoo\nd* keessa jira; \q2 innis garuma fedhetti qajeelcha. \q1 \v 2 Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu yaada namaa madaala. \b \q1 \v 3 Fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa caalaa, \q2 waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba. \b \q1 \v 4 Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa \q2 kan hin qotaminii dha; // innis cubbuu dhala. \b \q1 \v 5 Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; \q2 namni ariifatu garuu ni hiyyooma. \b \q1 \v 6 Qabeenyi arraba sobuun argamu, \q2 urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti. \b \q1 \v 7 Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, \q2 fincilli hamootaa isaanuma balleessa. \b \q1 \v 8 Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; \q2 amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha. \b \q1 \v 9 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, \q2 golee bantii manaa irra jiraachuu wayya. \b \q1 \v 10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa; \q2 ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu. \b \q1 \v 11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, // wallaalaan ogummaa argata; \q2 namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata. \b \q1 \v 12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; \q2 hamootas ni balleessa. \b \q1 \v 13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, \q2 innis ni iyya; deebiis hin argatu. \b \q1 \v 14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; \q2 mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis // dheekkamsa guddaa gab godha. \b \q1 \v 15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; \q2 hamootatti immoo raafama fida. \b \q1 \v 16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu \q2 waldaa warra duʼaniitti dabalama. \b \q1 \v 17 Namni qananii jaallatu ni deega; \q2 kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu. \b \q1 \v 18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, \q2 kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa. \b \q1 \v 19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, \q2 gammoojjii keessa jiraachuu wayya. \b \q1 \v 20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; \q2 gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa. \b \q1 \v 21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, \q2 jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata. \b \q1 \v 22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee \q2 daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga. \b \q1 \v 23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, \q2 balaa irraa of eega. \b \q1 \v 24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” \q2 inni akka malee koora. \b \q1 \v 25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, \q2 hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida. \q1 \v 26 Inni guyyaa guutuu kajeela; \q2 namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna. \b \q1 \v 27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; \q2 yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse // hammam sana caalaa haa balfamu ree! \b \q1 \v 28 Dhuga baatuun sobaa ni bada; \q2 namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada. \b \q1 \v 29 Namni hamaan ija jabaata; \q2 namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata. \b \q1 \v 30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri \q2 \nd Waaqayyoon\nd* mormee milkaaʼuu hin jiru. \b \q1 \v 31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; \q2 moʼichi garuu kan \nd Waaqayyoo\nd* ti. \b \c 22 \q1 \v 1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; \q2 kabajamuunis meetii fi warqee caala. \b \q1 \v 2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: \q2 Uumaan hunda isaanii \nd Waaqayyoo\nd* dha. \b \q1 \v 3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; \q2 wallaalaan immoo ittuma deemee adabama. \b \q1 \v 4 Gad of qabiisnii fi \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun, \q2 qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu. \b \q1 \v 5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; \q2 namni lubbuu isaa eeggatu garuu // waan kana irraa fagaatee jiraata. \b \q1 \v 6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; \q2 inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu. \b \q1 \v 7 Sooressi hiyyeessa bulcha; \q2 liqeeffataan garbicha liqeessituu ti. \b \q1 \v 8 Namni hammina facaasu rakkina haammata; \q2 uleen aarii isaas ni hurraaʼaa. \b \q1 \v 9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf \q2 ofii isaatii ni eebbifama. \b \q1 \v 10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; \q2 wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu. \b \q1 \v 11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi \q2 dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa. \b \q1 \v 12 Iji \nd Waaqayyoo\nd* xiyyeeffatee beekumsa ilaala; \q2 inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa. \b \q1 \v 13 Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! \q2 Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha. \b \q1 \v 14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; \q2 namni dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* jala jiru achi keessa buʼa. \b \q1 \v 15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; \q2 uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa. \b \q1 \v 16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee \q2 hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega. \ms1 Jechoota Soddomman Nama Ogeessaa \s2 Jecha tokkoffaa \q1 \v 17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; \q2 yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu; \q1 \v 18 yoo ati qalbiitti qabattee // hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte \q2 wanni kun nama gammachiisaatii. \q1 \v 19 Akka abdiin kee \nd Waaqayyo\nd* taʼuuf \q2 ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa. \q1 \v 20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi \q2 beekumsaa siif hin barreessinee? \q1 \v 21 Kanas ani akka ati warra si erganiif \q2 deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi \q2 dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii? \s2 Jecha lammaffaa \q1 \v 22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; \q2 rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; \q1 \v 23 \nd Waaqayyo\nd* dubbii isaanii ni ilaalaaf; \q2 jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii. \s2 Jecha sadaffaa \q1 \v 24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin; \q2 nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis // tokkummaa hin qabaatin; \q1 \v 25 yoo kana goote karaa isaa baratta; \q2 ofii kees kiyyootti galchita. \s2 Jecha afraffaa \q1 \v 26 Nama harka dhaʼee waadaa galu \q2 yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin; \q1 \v 27 yoo ati waan baaftu dhabde, \q2 sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama. \s2 Jecha shanaffaa \q1 \v 28 Dhagaa daarii durii, \q2 kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin. \s2 Jecha jaʼaffaa \q1 \v 29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? \q2 Inni fuula moototaa dura dhaabata; \q2 fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu. \c 23 \s2 Jecha torbaffaa \q1 \v 1 Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, \q2 waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali; \q1 \v 2 ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, \q2 qoonqoo kee irra billaa kaaʼi. \q1 \v 3 Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, \q2 miʼaa isaatti hin gaggabin. \s2 Jecha saddeettaffaa \q1 \v 4 Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; \q2 of qabuufis ogummaa qabaadhu. \q1 \v 5 Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; \q2 inni dhugumaan Baallee baafatee \q2 akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii. \s2 Jecha saglaffaa \q1 \v 6 Buddeena doqnaa hin nyaatin; \q2 cidha isaas hin kajeelin; \q1 \v 7 inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. \q2 Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; \q2 garaan isaa garuu si wajjin hin jiru. \q1 \v 8 Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda; \q2 dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda. \s2 Jecha kurnaffaa \q1 \v 9 Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf \q2 ati nama gowwaatti hin dubbatin. \s2 Jecha kudha tokkoffaa \q1 \v 10 Dhagaa daangaa durii hin dhiibin \q2 yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin. \q1 \v 11 Furiin isaanii jabaadhaatii; \q2 inni gara isaanii goree sitti falma. \s2 Jecha kudha lammaffaa \q1 \v 12 Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo \q2 gara dubbii beekumsaatti deebifadhu. \s2 Jecha kudha sadaffaa \q1 \v 13 Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; \q2 yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan. \q1 \v 14 Arcummeedhaan isaan adabiitii \q2 lubbuu isaanii duʼa oolchi. \s2 Jecha kudha afraffaa \q1 \v 15 Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, \q2 garaan koo ni gammada; \q1 \v 16 yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, \q2 keessi koo baayʼee gammada. \s2 Jecha kudha shanaffaa \q1 \v 17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin; \q2 garuu yeroo hunda \nd Waaqayyoon\nd* sodaadhu. \q1 \v 18 Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda; \q2 abdiin kees hin citu. \s2 Jecha kudha jaʼaffaa \q1 \v 19 Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi; \q2 qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu. \q1 \v 20 Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti \q2 yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin; \q1 \v 21 machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; \q2 hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa. \s2 Jecha kudha torbaffaa \q1 \v 22 Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; \q2 haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin. \q1 \v 23 Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; \q2 ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu. \q1 \v 24 Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; \q2 namni ilma ogeessa qabu isatti gammada. \q1 \v 25 Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; \q2 isheen si deesse sun haa ililchitu! \s2 Jecha kudha saddeettaffaa \q1 \v 26 Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; \q2 iji kees karaa koo haa ilaalu; \q1 \v 27 sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, \q2 niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha. \q1 \v 28 Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; \q2 namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti. \s2 Jecha kudha saglaffaa \q1 \v 29 Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba? \q2 Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba? \q2 Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu? \q1 \v 30 Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan, \q2 warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha. \q1 \v 31 Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti, \q2 yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti \q2 daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin. \q1 \v 32 Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda; \q2 akkuma buutiis nama ciniina. \q1 \v 33 Iji kee waan haaraa arga; \q2 qalbiin kees jalʼina yaada. \q1 \v 34 Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti; \q2 akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata. \q1 \v 35 Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan; \q2 ani garuu hin miidhamne! \q1 Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne! \q2 Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?” \c 24 \s2 Jecha digdammaffaa \q1 \v 1 Hamootatti hin hinaafin; \q2 garee isaanii taʼuus hin hawwin; \q1 \v 2 garaan isaanii hammina malataatii; \q2 hidhiin isaaniis rakkina odeessa. \s2 Jecha digdamii tokkoffaa \q1 \v 3 Manni ogummaadhaan ijaarama; \q2 hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama; \q1 \v 4 kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi \q2 miidhagaadhaan guutamu. \s2 Jecha digdamii lammaffaa \q1 \v 5 Ogeessi humna guddaa qaba; \q2 beekaan namaa immoo jabina itti dabalata; \q1 \v 6 waraana banuuf qajeelfama, \q2 moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa. \s2 Jecha digdamii sadaffaa \q1 \v 7 Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; \q2 inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu. \s2 Jecha digdamii afraffaa \q1 \v 8 Namni hammina malu, \q2 “Maltee” jedhama. \q1 \v 9 Malli gowwummaa cubbuu dha; \q2 namoonnis qoostuu ni balfu. \s2 Jecha digdamii shanaffaa \q1 \v 10 Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, \q2 jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha! \q1 \v 11 Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; \q2 warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi. \q1 \v 12 Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, \q2 inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? \q1 Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? \q2 Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu? \s2 Jecha digdamii jaʼaffaa \q1 \v 13 Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; \q2 nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa. \q1 \v 14 Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; \q2 ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; \q2 abdiin kees hin citu. \s2 Jecha digdamii torbaffaa \q1 \v 15 Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa // riphxee hin eeggatin; \q2 mana jireenya isaas hin saamin. \q1 \v 16 Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; \q2 namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata. \s2 Jecha digdamii saddeettaffaa \q1 \v 17 Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; \q2 yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin; \q1 \v 18 yoo kanaa achii \nd Waaqayyo\nd* waan kanatti ni gaddaatii; \q2 dheekkamsa isaas isa irraa deebisa. \s2 Jecha digdamii saglaffaa \q1 \v 19 Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; \q2 hamootattis hin hinaafin. \q1 \v 20 Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; \q2 ibsaan hamootaas ni dhaama. \s2 Jecha soddommaffaa \q1 \v 21 Yaa ilma ko, \nd Waaqayyoo\nd* fi mootii sodaadhu; \q2 finciltootattis hin makamin; \q1 \v 22 badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; \q2 balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka? \ms1 Jecha Ogeessaa Kan Itti Fufe \p \v 23 Kunneenis jechoota ogeessaa ti: \q1 Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti: \q1 \v 24 Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” \q2 jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata. \q1 \v 25 Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; \q2 eebbi guddaanis ni dhufaaf. \b \q1 \v 26 Deebiin qajeelaan, \q2 akkuma hidhii dhungachuu ti. \b \q1 \v 27 Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii \q2 lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; \q2 ergasii mana kee ijaarradhu. \b \q1 \v 28 Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin \q2 yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin. \q1 \v 29 Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; \q2 waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin. \b \q1 \v 30 Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, \q2 iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe; \q1 \v 31 qoraattiin lafa hunda guuteera; \q2 laftis aramaadhaan fudhatameera; \q2 dallaan dhagaas diigameera. \q1 \v 32 Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; \q2 waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe: \q1 \v 33 hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; \q2 xinnoo harka walitti marachuu; \q1 \v 34 hiyyummaanis akkuma hattuutti, \q2 deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa. \c 25 \ms1 Fakkeenya Solomoon Dabalataa \p \v 1 Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha: \q1 \v 2 Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; \q2 waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti. \q1 \v 3 Akkuma samiiwwan ol dheeratanii \q2 laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu. \b \q1 \v 4 Meetii irraa xurii baasi; \q2 ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa. \q1 \v 5 Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; \q2 ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata. \b \q1 \v 6 Fuula mootii duratti ol of hin qabin; \q2 iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin; \q1 \v 7 inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, \q2 yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. \b \q1 Ati waan ija keetiin argite, \q2 \v 8 daftee mana murtiitti hin fidin; \q1 yoo ollaan kee si qaanesse, \q2 dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa? \b \q1 \v 9 Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; \q2 iccitii nama kaanii immoo hin baasin; \q1 \v 10 yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; \q2 maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu. \b \q1 \v 11 Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, \q2 akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti. \q1 \v 12 Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, \q2 lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti. \b \q1 \v 13 Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif \q2 akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; \q2 inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii. \q1 \v 14 Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko \q2 akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti. \b \q1 \v 15 Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; \q2 dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa. \b \q1 \v 16 Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; \q2 yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda. \q1 \v 17 Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; \q2 yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba. \b \q1 \v 18 Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan \q2 goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti. \q1 \v 19 Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun \q2 akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti. \q1 \v 20 Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun \q2 akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, \q2 yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti. \b \q1 \v 21 Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; \q2 yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif. \q1 \v 22 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; \q2 \nd Waaqayyos\nd* si badhaasa. \b \q1 \v 23 Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, \q2 arrabni hamatus fuula dheekkamu fida. \b \q1 \v 24 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, \q2 golee bantii manaa irra jiraachuu wayya. \b \q1 \v 25 Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, \q2 akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti. \q1 \v 26 Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, \q2 akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti. \b \q1 \v 27 Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; \q2 ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti. \b \q1 \v 28 Namni of hin qabne, \q2 akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti. \c 26 \q1 \v 1 Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa, \q2 nama gowwaaf ulfinni hin malu. \q1 \v 2 Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu \q2 abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu. \q1 \v 3 Alangaan fardaaf, luugamni harreef, \q2 uleen immoo dugda gowwaatiif mala! \q1 \v 4 Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin; \q2 yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata. \q1 \v 5 Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni; \q2 yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa. \q1 \v 6 Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun, \q2 akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti. \q1 \v 7 Afaan nama gowwaa keessatti, \q2 fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti. \q1 \v 8 Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, \q2 akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti. \q1 \v 9 Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti \q2 akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti. \q1 \v 10 Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu \q2 akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti. \q1 \v 11 Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana, \q2 gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa. \q1 \v 12 Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa? \q2 Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba. \b \q1 \v 13 Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; \q2 leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha. \q1 \v 14 Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, \q2 dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala \q1 \v 15 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; \q2 gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa. \q1 \v 16 Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan \q2 deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa. \b \q1 \v 17 Namni lola nama biraa keessa seenu, \q2 akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti. \b \q1 \v 18 Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya \q2 namatti gad dhiisu tokkoo \q1 \v 19 namni, “Ani nan qoose!” jedhee \q2 ollaa isaa gowwoomsus akkasuma. \b \q1 \v 20 Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; \q2 hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa. \q1 \v 21 Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee // qoraan ibidda qabsiisu sana \q2 namni lola jaallatu lola kakaasa. \q1 \v 22 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; \q2 gara kutaa garaattis gad buʼa. \b \q1 \v 23 Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu \q2 akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti. \q1 \v 24 Namni maqaa namaa balleessu tokko // arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa; \q2 garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata. \q1 \v 25 Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin; \q2 wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii. \q1 \v 26 Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa; \q2 hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa. \q1 \v 27 Namni boolla qotu boolla keessa buʼa; \q2 nama dhagaa gangalchus, // dhagaan sun isumatti deebiʼa. \q1 \v 28 Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; \q2 afaan saadu tokkos badiisa fida. \b \c 27 \q1 \v 1 Ati waaʼee boriitiin hin boonin; \q2 waan guyyaan fidu hin beektuutii. \b \q1 \v 2 Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; \q2 namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin. \b \q1 \v 3 Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; \q2 tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata. \b \q1 \v 4 Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; \q2 hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa? \b \q1 \v 5 Jaalala dhokfamee mannaa \q2 ifannaa ifatti baʼe wayya. \b \q1 \v 6 Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; \q2 dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha. \b \q1 \v 7 Namni quufe damma illee ni balfa; \q2 kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa. \b \q1 \v 8 Namni mana isaatii badu tokko, \q2 akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti. \b \q1 \v 9 Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; \q2 gorsi michuus garaa nama ciibsa. \b \q1 \v 10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; \q2 yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; \q2 obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya. \b \q1 \v 11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; \q2 ergasii ani nama na tuffatu hundaaf // deebii kennuu nan dandaʼa. \b \q1 \v 12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; \q2 wallaalaan immoo ittuma deemee adabama. \b \q1 \v 13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; \q2 yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu. \b \q1 \v 14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee // ollaa isaa yoo eebbise \q2 wanni sun akka abaarsaatti fudhatama. \b \q1 \v 15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa \q2 dhimmisaa ooluu ti; \q1 \v 16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti \q2 yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti. \b \q1 \v 17 Akkuma sibiilli sibiila qaru, \q2 namni tokko nama kaan qara. \b \q1 \v 18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; \q2 namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata. \b \q1 \v 19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana \q2 garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa. \b \q1 \v 20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; \q2 iji namaas akkasuma. \b \q1 \v 21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif; \q2 boolli ibiddaa immoo warqeef; \q2 namni immoo ulfina argatuun qorama. \b \q1 \v 22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, \q2 akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, \q2 ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu. \b \q1 \v 23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; \q2 loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni; \q1 \v 24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii; \q2 gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu. \q1 \v 25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee \q2 margi tulluu irraa walitti qabamutti, \q1 \v 26 xobbaallaawwaniin daara baata; \q2 reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu. \q1 \v 27 Ati ofii keetii fi maatii kee, // xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf \q2 aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta. \b \c 28 \q1 \v 1 Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; \q2 qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu. \b \q1 \v 2 Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; \q2 bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa. \b \q1 \v 3 Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko \q2 akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti. \b \q1 \v 4 Warri seera didan hamoota jaju; \q2 warri seera eegan garuu isaaniin mormu. \b \q1 \v 5 Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* barbaadan immoo // guutumaan guutuutti hubatu. \b \q1 \v 6 Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa \q2 hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya. \b \q1 \v 7 Namni seera eegu ilma ogeessa; \q2 michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa. \b \q1 \v 8 Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, \q2 nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba. \b \q1 \v 9 Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, \q2 kadhannaan isaa balfamaa dha. \b \q1 \v 10 Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu \q2 kiyyoo ofii isaa keessa seena; \q2 namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata. \b \q1 \v 11 Namni sooressi ogeessa of seʼa; \q2 hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa. \b \q1 \v 12 Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; \q2 yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu // namoonni ni dhokatu. \b \q1 \v 13 Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; \q2 kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata. \b \q1 \v 14 Namni yeroo hunda \nd Waaqayyoon\nd* sodaatu eebbifamaa dha; \q2 kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa. \b \q1 \v 15 Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, \q2 akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti. \b \q1 \v 16 Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; \q2 kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata. \b \q1 \v 17 Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, \q2 boollatti baqata; \q2 namni tokko iyyuu isa hin gargaarin. \b \q1 \v 18 Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; \q2 kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa. \b \q1 \v 19 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; \q2 kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu // hiyyumaan guutama. \b \q1 \v 20 Namni amanamaan eebba quufa; \q2 kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu. \b \q1 \v 21 Nama wal caalchisuun gaarii miti; \q2 namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta. \b \q1 \v 22 Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; \q2 inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku. \b \q1 \v 23 Namni nama ifatu dhuma irratti \q2 nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata. \b \q1 \v 24 Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, \q2 “Kun balleessaa miti” jedhu \q2 garee nama waa balleessuu ti. \b \q1 \v 25 Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; \q2 kan \nd Waaqayyoon\nd* amanatu garuu ni badhaadha. \b \q1 \v 26 Namni of amanatu gowwaa dha; \q2 kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata. \b \q1 \v 27 Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; \q2 kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata. \b \q1 \v 28 Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti // namoonni ni dhokatu; \q2 yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu. \b \c 29 \q1 \v 1 Namni ifannaa baayʼee booddee \q2 mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus. \b \q1 \v 2 Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; \q2 yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma. \b \q1 \v 3 Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; \q2 miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa. \b \q1 \v 4 Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; \q2 kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda. \b \q1 \v 5 Namni ollaa isaa jaju, \q2 miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa. \b \q1 \v 6 Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama; \q2 qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas. \b \q1 \v 7 Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; \q2 namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu. \b \q1 \v 8 Qoostonni magaalaa jeequ; \q2 ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu. \b \q1 \v 9 Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe, \q2 gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu. \b \q1 \v 10 Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu; \q2 nama tolaas ajjeesuu barbaadu. \b \q1 \v 11 Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; \q2 ogeessi garuu of qaba. \b \q1 \v 12 Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, \q2 qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu. \b \q1 \v 13 Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: \q2 \nd Waaqayyo\nd* ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna. \b \q1 \v 14 Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan // hiyyeeyyiif murtii kenne, \q2 teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata. \b \q1 \v 15 Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti \q2 gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa. \b \q1 \v 16 Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata; \q2 qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu. \b \q1 \v 17 Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; \q2 lubbuu kees ni gammachiisa. \b \q1 \v 18 Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa; \q2 namni seera eegu garuu eebbifamaa dha. \b \q1 \v 19 Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu; \q2 inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii. \b \q1 \v 20 Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? \q2 Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba. \b \q1 \v 21 Nama garbicha ofii isaa // ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu, \q2 galgalli isaa rakkina. \b \q1 \v 22 Namni aaru lola kakaasa; \q2 kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta. \b \q1 \v 23 Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; \q2 namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata. \b \q1 \v 24 Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; \q2 inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu. \b \q1 \v 25 Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; \q2 kan \nd Waaqayyoon\nd* amanatu garuu nagaadhaan jiraata. \b \q1 \v 26 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; \q2 murtiin qajeelaan garuu \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufa. \b \q1 \v 27 Qajeelaan sobduu xireeffata; \q2 hamaan immoo nama tolaa jibba. \c 30 \ms1 Jecha Aguur \p \v 1 Jecha Aguur ilma Yaaqee. \q1 Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: \b \q2 “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate: \q1 \v 2 Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; \q2 ani hubannaa namni qabu hin qabu. \q1 \v 3 Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa \q2 Isa Qulqulluu sanaa hin qabu. \q1 \v 4 Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? \q2 Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? \q1 Namni bishaan uffataan mare eenyu? \q2 Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? \q1 Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? \q2 Mee yoo beekte natti himi! \b \b \q1 \v 5 “Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; \q2 warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana. \q1 \v 6 Dubbii isaatti homaa hin dabalin; \q2 yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta. \b \q1 \v 7 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* ani wantoota lama sin kadhadha; \q2 isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin. \q1 \v 8 Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; \q2 hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; \q2 garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. \q1 \v 9 Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee \q2 ‘\nd Waaqayyo\nd* eenyuu dha?’ nan jedha; \q1 yookaan hiyyoomee hatee, \q2 akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa. \b \q1 \v 10 “Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, \q2 yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta. \b \q1 \v 11 “Dhaloota abbaa isaa abaaru \q2 kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira; \q1 \v 12 dhaloota qulqulluu of seʼu, \q2 kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru; \q1 \v 13 dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, \q2 kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira; \q1 \v 14 dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf \q2 rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf \q1 ilkaan isaa goraadee, \q2 haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira. \b \q1 \v 15 “Dhulaandhulli intallan, \q2 ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. \b \li1 “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; \li2 kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira: \li3 \v 16 isaanis Siiʼool, \li3 gadameessa maseene, \li3 lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi \li3 ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha. \b \q1 \v 17 “Ija abbaatti qoosu, \q2 kan ajaja haadhaa tuffatu \q1 arraagessa sululaatiin baafama; \q2 joobiraanis ni nyaatama. \b \q1 \v 18 “Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; \li2 afur immoo ani hin hubadhu; kunis: \li3 \v 19 Karaan risaa samii irra, \li3 karaan bofaa kattaa irra, \li3 karaan doonii galaana guddaa irra, \li3 karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti. \b \q1 \v 20 “Karaan ejjituu kana: \q2 Isheen waa nyaattee afaan haqatti; \q2 ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti. \b \li1 \v 21 “Lafti waan sadii jalatti hollatti; \li2 afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis: \li3 \v 22 Garbicha mootii taʼu, \li3 gowwaa nyaatee quufu, \li3 \v 23 dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, \li3 garbittii giiftii ishee dhaaltu. \b \li1 \v 24 “Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; \li2 taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis: \li2 \v 25 Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; \li3 taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban; \li2 \v 26 osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; \li3 garuu kattaa keessa jiraatu; \li2 \v 27 hawwaannisni mootii hin qabu; \li3 garuu tarree galee yaaʼa; \li2 \v 28 loccuun harkaan qabamuu dandeessi; \li3 garuu masaraa mootii keessatti argamti. \b \li1 \v 29 “Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; \li2 kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis: \li3 \v 30 Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine; \li3 \v 31 korma indaanqoo kan kooraa deemu, \li3 korbeessa reʼeetii fi, \li3 mootii loltoota isaa dura deemu. \b \q1 \v 32 “Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, \q2 yookaan yoo hammina malatte, \q2 harka kee afaan kee irra kaaʼadhu! \q1 \v 33 Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, \q2 funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, \q2 aarii kakaasuun lola fida.” \c 31 \ms1 Jecha Limuuʼel Mootichaa \p \v 1 Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte: \q1 \v 2 “Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, \q2 maali yaa ilma wareega ko, \q1 \v 3 humna kee dubartoota irratti, \q2 jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin. \b \q1 \v 4 “Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; \q2 daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; \q2 dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu; \q1 \v 5 kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii \q2 warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef. \q1 \v 6 Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, \q2 warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni; \q1 \v 7 isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; \q2 rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin. \b \q1 \v 8 “Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, \q2 mirga warra gatamaniitiifis falmi. \q1 \v 9 Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; \q2 mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.” \ms1 Xumura: Niitii Amala Gaarii Qabdu \q1 \v 10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? \q2 Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha. \q1 \v 11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; \q2 inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu. \q1 \v 12 Isheen bara jireenya ishee guutuu \q2 waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu. \q1 \v 13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee \q2 harka ishee kan hojii jaallatuun footi. \q1 \v 14 Isheen akkuma doonii daldalaatti \q2 lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti. \q1 \v 15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee \q2 maatii isheetiif nyaata kenniti; \q2 xomboreewwan isheefis hojii qooddi. \q1 \v 16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; \q2 waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi. \q1 \v 17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee \q2 hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti. \q1 \v 18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; \q2 ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu. \q1 \v 19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; \q2 quba isheetiin immoo calii qabatti. \q1 \v 20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; \q2 dhabaadhaaf illee harka balʼifti. \q1 \v 21 Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; \q2 isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii. \q1 \v 22 Isheen wayyaa siree dhaʼatti; \q2 uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa // hojjetames uffatti. \q1 \v 23 Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, \q2 jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama. \q1 \v 24 Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; \q2 daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti. \q1 \v 25 Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; \q2 bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi. \q1 \v 26 Afaan ishee ogummaadhaan banatti; \q2 gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira. \q1 \v 27 Isheen mana ishee toʼatti; \q2 isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu. \q1 \v 28 Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; \q2 dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja: \q1 \v 29 “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; \q2 ati garuu isaan hunda caalta.” \q1 \v 30 Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; \q2 dubartiin \nd Waaqayyoon\nd* sodaattu garuu galateeffamtuu dha. \q1 \v 31 Buʼaa harka ishee kennaafii; \q2 hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.