\id PHP - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Fiiliphisiyuus \toc1 Fiiliphisiyuus \toc2 Fiiliphisiyuus \toc3 Flp \mt1 Fiiliphisiyuus \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa, \po Gara warra karaa Kiristoos Yesuusiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti: \po \v 2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. \s1 Galataa Fi Kadhannaa \p \v 3 Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha. \v 4 Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha; \v 5 isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii; \v 6 inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana. \p \v 7 Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii. \v 8 Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti. \p \v 9 Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, \v 10 akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif, \v 11 akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif. \s1 Hidhamuun Phaawulos Wangeela Babalʼise \p \v 12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. \v 13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. \v 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru. \p \v 15 Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu. \v 16 Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu. \v 17 Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu. \v 18 Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada. \p Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada; \v 19 akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii. \v 20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. \v 21 Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha. \v 22 Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku! \v 23 Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii; \v 24 isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha. \v 25 Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka. \v 26 Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf. \s1 Jireenya Wangeelaaf Malu Jiraachuu \p \v 27 Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka. \v 28 Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti. \v 29 Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii; \v 30 kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha. \c 2 \s1 Gad Of qabuu Kiristoos Duukaa Buʼuu \p \v 1 Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, \v 2 gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. \v 3 Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. \v 4 Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa. \p \v 5 Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu. \q1 \v 6 Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, \q2 wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu // akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; \q1 \v 7 qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee \q2 fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe. \q1 \v 8 Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, \q2 gad of deebise; \q3 duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame! \b \q1 \v 9 Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; \q2 maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. \q1 \v 10 Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, \q2 lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. \q1 \v 11 Akka arrabni hundinuus // ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee \q2 Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf. \s1 Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu \p \v 12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; \v 13 akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii. \p \v 14 Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; \v 15 kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif, \v 16 yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa. \v 17 Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada. \v 18 Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu. \s1 Xiimotewosii fi Afrodiixuu \p \v 19 Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha. \v 20 Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu. \v 21 Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii. \v 22 Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu. \v 23 Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha. \v 24 Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha. \p \v 25 Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata. \v 26 Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira. \v 27 Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera. \v 28 Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa. \v 29 Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa; \v 30 inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii. \c 3 \s1 Foon Amanachuu Dhiisuu \p \v 1 Dhuma irrattis yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa! Ani waanuma kanaan duraa irra deebiʼee isinii barreessuun na hin dhibu; kun isiniif eegumsa. \v 2 Saroota irraa of eeggadhaa; namoota hammina hojjetan irraa of eeggadhaa; dhagna qabaa sobaa irraas of eeggadhaa. \v 3 Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii; \v 4 taʼus ani mataan koo amanachuu akkanaatiif sababii qaba. \p Namni biraa kam iyyuu foon amanachuuf waan sababii qabu yoo of seʼe, ani immoo isa caalaa qaba: \v 5 Ani dhaladhee guyyaa saddeettaffaattin dhagna qabadhe; sanyii Israaʼel keessaas gosa Beniyaam irraa dhaladhe; warra Ibrootaa keessaas Ibricha tokkoo dha; akka seeraattis ani Fariisota keessaa tokko dha; \v 6 waaʼee hinaaffaa, ani waldaa kiristaanaa ariʼachaan ture; waaʼee qajeelummaa seera eeguun argamuus ani mudaa hin qabu ture. \p \v 7 Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. \v 8 Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala; \v 9 kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf. \v 10 Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada; \v 11 akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa. \s1 Iddoo Yaadame Gaʼuuf Fiiguu \p \v 12 Kiristoos Yesuus waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti. \v 13 Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; \v 14 badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga. \p \v 15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Waaqni isinii ibsa. \v 16 Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu. \p \v 17 Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa. \v 18 Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii. \v 19 Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama. \v 20 Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; \v 21 innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara. \c 4 \s1 Jabaatanii Jiraachuu fi Tokkummaa \p \v 1 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa! \s1 Gorsa \p \v 2 Ani akka isaan Gooftaadhaan yaada tokko qabaataniif Ewoodiyaanin nan kadhadha; Sinxiikeenis nan kadhadha. \v 3 Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha. \p \v 4 Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa! \v 5 Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira. \v 6 Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. \v 7 Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega. \p \v 8 Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa. \v 9 Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa. \s1 Kennaa Isaaniitiif Galateeffachuu Isaa \p \v 10 Sababii isin dhuma irratti deebitanii naa yaaduu jalqabdaniif ani Gooftaatti baayʼee nan gammada. Dhugumaanuu carraa ittiin argisiiftan dhabdaniiti malee isin durumaanuu naa yaadaa turtan. \v 11 Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii. \v 12 Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. \v 13 Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa. \p \v 14 Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture. \v 15 Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne. \v 16 Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii. \v 17 Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti. \v 18 Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha. \v 19 Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta. \p \v 20 Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 21 Kiristoos Yesuusiin qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. \p Obboloonni na wajjin jiranis nagaa isinii dhaamu. \p \v 22 Qulqulloonni hundinuu, keessumattuu warri mana Qeesaarii jiraatan nagaa isinii dhaamu. \b \p \v 23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.