\id NUM - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Lakkoobsa \toc1 Seera Lakkoobsaa \toc2 Lakkoobsa \toc3 Lak \mt2 Seera \mt1 Lakkoobsaa \c 1 \s1 Lakkoobsa Sabaa \p \v 1 Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti \nd Waaqayyo\nd* dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen; \v 2 “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa. \v 3 Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa. \v 4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba. \b \lh \v 5 “Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: \b \li1 “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur; \li1 \v 6 gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi; \li1 \v 7 gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab; \li1 \v 8 gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar; \li1 \v 9 gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon; \li1 \v 10 ilmaan Yoosef keessaa: \li2 gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; \li2 gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur; \li1 \v 11 gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon, \li1 \v 12 gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay; \li1 \v 13 gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan; \li1 \v 14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel; \li1 \v 15 gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.” \b \lf \v 16 Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan. \b \p \v 17 Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii, \v 18 guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame; \v 19 innis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe. \b \li1 \v 20 Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 21 Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture. \b \li1 \v 22 Sanyii Simiʼoon keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 23 Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture. \b \li1 \v 24 Sanyii Gaad keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 25 Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture. \b \li1 \v 26 Sanyii Yihuudaa keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 27 Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture. \b \li1 \v 28 Sanyii Yisaakor keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 29 Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture. \b \li1 \v 30 Sanyii Zebuuloon keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 31 Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture. \b \lh \v 32 Ilmaan Yoosef keessaa: \li1 Sanyii Efreem keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 33 Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture. \li1 \v 34 Sanyii Minaasee keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 35 Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture. \b \li1 \v 36 Sanyii Beniyaam keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 37 Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture. \b \li1 \v 38 Sanyii Daan keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 39 Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture. \b \li1 \v 40 Sanyii Aasheer keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 41 Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture. \b \li1 \v 42 Sanyii Niftaalem keessaa: \li2 Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. \v 43 Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture. \b \lf \v 44 Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan. \v 45 Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman. \v 46 Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture. \b \p \v 47 Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne. \v 48 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhee ture: \v 49 “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin. \v 50 Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan. \v 51 Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu. \v 52 Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan. \v 53 Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.” \p \v 54 Israaʼeloonni akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan. \c 2 \s1 Gosa Gosaan Qubachuu Isaanii \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe: \v 2 “Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.” \b \lh \v 3 Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin: \li1 kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti. \v 4 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600. \li1 \v 5 Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture. \v 6 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400. \li1 \v 7 Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti. \v 8 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400. \lf \v 9 Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu. \b \lh \v 10 Gama kibbaatiin: \li1 kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti. \v 11 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500. \li1 \v 12 Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti. \v 13 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300. \li1 \v 14 Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti. \v 15 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650. \lf \v 16 Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu. \b \li1 \v 17 Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman. \b \lh \v 18 Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan. \li1 Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti. \v 19 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500: \li1 \v 20 Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti. \v 21 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200. \li1 \v 22 Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti. \v 23 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400: \lf \v 24 Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman. \b \lh \v 25 Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan. \li1 Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti. \v 26 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700. \li1 \v 27 Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti. \v 28 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500: \li1 \v 29 Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti. \v 30 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400: \lf \v 31 Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman. \b \lf \v 32 Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550. \v 33 Lewwonni garuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne. \b \p \v 34 Akkasiin Israaʼeloonni waan \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman. \c 3 \s1 Lewwota \p \v 1 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha. \b \p \v 2 Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar. \v 3 Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti. \v 4 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 6 “Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi. \v 7 Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan. \v 8 Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan. \v 9 Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha. \v 10 Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.” \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 12 “Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti; \v 13 hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani \nd Waaqayyo\nd*.” \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe; \v 15 “Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.” \v 16 Museen akkuma dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* isa ajajetti isaan lakkaaʼe. \b \li1 \v 17 Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti: \li2 Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. \li1 \v 18 Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti: \li2 Loobeenii fi Shimeʼii. \li1 \v 19 Balbalawwan Qohaatotaa: \li2 Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. \li1 \v 20 Balbalawwan Meraarotaa: \li2 Mahilii fi Muusii. \b \lf Kunneen akkuma maatii isaaniitti balbalawwan Lewwotaa ti. \b \lh \v 21 Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti. \li1 \v 22 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture. \li1 \v 23 Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan. \li1 \v 24 Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture. \li1 \v 25 Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru, \v 26 golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture. \b \lh \v 27 Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan. \li1 \v 28 Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture. \li1 Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan. \li1 \v 29 Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan. \li1 \v 30 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture. \li1 \v 31 Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan. \li1 \v 32 Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame. \b \lh \v 33 Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti. \li1 \v 34 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture. \li1 \v 35 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti; \li1 isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan. \li1 \v 36 Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda, \v 37 akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman. \b \li1 \v 38 Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan. \li1 Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan. \li1 Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu. \b \lf \v 39 Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan. \b \p \v 40 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi. \v 41 Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani \nd Waaqayyo\nd*.” \p \v 42 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe. \v 43 Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan. \p \v 44 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 45 “Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \v 46 Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf, \v 47 tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama. \v 48 Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.” \p \v 49 Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe. \v 50 Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe. \v 51 Museenis akkuma dubbii \nd Waaqayyootti\nd*, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne. \c 4 \s1 Qohaatota \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe: \v 2 “Lewwota keessaa gosa Qohaatotaa balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi. \v 3 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi. \p \v 4 “Hojiin Qohaatonni wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniin wal qabatee dunkaana wal gaʼii keessatti hojjetan kanaa dha. \v 5 Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan. \v 6 Waan kanattis gogaa duugame uffisanii huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraan haa afan. Danqaraawwanis iddoo iddoo isaanii keessa haa galchan. \p \v 7 “Isaanis huccuu bifa cuquliisaa tokko minjaala Buddeena Ilaalchaatti uffisanii gabatee, caabii fi waciitii akkasumas okkotee ittiin dhibaayyuu dhiʼeessan isa irra haa kaaʼan; buddeenni yeroo hunda achii hin dhabamne sunis isa irra haa kaaʼamu. \v 8 Huccuu bildiimaa isaan irra haa diriirsan; gogaa duugame itti haa uwwisan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan. \p \v 9 “Huccuu bifti isaa cuquliisaa fuudhanii baattuu ibsaa kan ibsuuf tolchame ibsaa isaa wajjin, waan ittiin foʼaa ibsaa kutanii fi baattuu daaraa, meeshaawwan zayitii kanneen hojii kanaaf oolan hundas ittiin haa haguugan. \v 10 Ergasiis waan kanaa fi miʼa isaa hunda gogaa duugameen maranii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan. \p \v 11 “Huccuu biftii isaa cuquliisa taʼes iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetametti uffisanii gogaa duugame itti haa haguugan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan. \p \v 12 “Meeshaawwan ittiin iddoo qulqulluu keessa tajaajilan hundas fuudhanii huccuu bifa cuquliisaatiin maranii gogaa duugameen haguuganii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan. \p \v 13 “Isaanis iddoo aarsaa irraa daaraa haranii huccuu diimaa dhiilgee itti haa uffisan. \v 14 Ergasiis miʼa iddoo aarsaa ittiin tajaajilan hunda, baattuu ibiddaa, qabduuwwan foonii, meeshaa ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii isa irra haa kaaʼan. Gogaa duugamee isa irraan haa afan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan. \p \v 15 “Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan. \p \v 16 “Eleʼaazaar ilmi Aroon lubichaa itti gaafatamaa zayitii ibsaa, ixaana urgaaʼaa, kennaa midhaanii kan yeroo baayʼee dhiʼeeffamuu fi zayitii ittiin dibanii haa taʼu. Inni dunkaana qulqulluu hundaa fi waan isa keessa jiru hundatti, miʼaa fi meeshaawwan isaa qulqulluuttis itti gaafatamaa haa taʼu.” \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 18 “Balbalawwan gosa Qohaatii Lewwota keessaa hin balleessinaa. \v 19 Akka isaan yommuu wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaatanitti, akka lubbuun jiraatan malee hin duuneef waan kana isaaniif godhaa: Aroonii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu seenanii waan tokkoon tokkoon namaa hojjetuu fi baatu haa qoqqoodan. \v 20 Qohaatonni garuu akka hin duuneef yeroo xinnaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluudhaaf ol seenuu hin qaban.” \s1 Geershoonota \p \v 21 \nd Waaqayyo\nd* Museen akkana jedhe; \v 22 “Geershoonotas maatii maatii isaanii fi balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼi. \v 23 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu dhufan hunda lakkaaʼi. \p \v 24 “Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha: \v 25 Isaan golgaa dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii, uffata isaa fi irra buusaa isaa kan gogaa duugame irraa hojjetame, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii, \v 26 golgaawwan dallaa dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru sanaa, golgaa balbala isaa, funyoo fi miʼa tajaajila kanaaf fayyadu hunda baatu. Geershoononni waan wantoota kanaan hojjetamuu qabu hunda haa hojjetan. \v 27 Tajaajilli Geershoonotaa hundi baʼaa baachuus taʼu hojiin biraa ajaja Aroonii fi ilmaan isaa kennaniin haa adeemsifamu. Waan isaan baachuu qaban hundas akkuma itti gaafatama isaaniitti qoqoodaafii. \v 28 Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa dunkaana wal gaʼiitti kennan kanaa dha. Hojiin isaaniis Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin haa qajeelfamu. \s1 Meraarota \p \v 29 “Meraarota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi. \v 30 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi. \v 31 Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii, \v 32 utuboota oobdiitti naannaʼanii jiran miillawwan isaanii wajjin, qofoowwan dunkaanaa, funyoowwan, miʼa isaanii hundaa fi wantoota hojii kanaaf fayyadan hunda baachuu dha. Isinis waan tokkoon tokkoon namaa baatu addaan baasaatii ramadaafii. \v 33 Tajaajilli balbalawwan Meraarotaa qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala dunkaana wal gaʼii keessatti kennan kanaa dha.” \s1 Lakkaaʼamuu Gosa Lewwotaa \li1 \v 34 Museen, Aroonii fi hooggantoonni waldaas Qohaatota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan. \li2 \v 35 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessaa sana keessa hojjechuuf dhufan hundi \v 36 balbala balbalaan lakkaaʼamanii 2,750 turan. \v 37 Kun lakkoobsa balbalawwan Qohaatota warra dunkaana wal gaʼii keessa hojjechaa turanii ti. Musee fi Aroon akkuma ajaja \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa Museetiin kennameetiin isaan lakkaaʼan. \b \li1 \v 38 Geershoononni balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman. \li2 \v 39 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjechuuf dhufan hundi \v 40 balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼamanii 2,630 turan. \v 41 Balbalawwan Geershoonotaa, warri hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjetan kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja \nd Waaqayyootti\nd* lakkaaʼan hundi kanneenii dha. \b \li1 \v 42 Meraaronnis balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman. \li2 \v 43 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa tajaajiluu dhufan hundi \v 44 balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼamanii 3,200 turan. \v 45 Warri balbalawwan Meraarotaa keessaa lakkaaʼaman kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa Museetiin kenname sanaatti lakkaaʼan kanneenii dha. \b \lf \v 46 Museen, Aroonii fi hooggantoonni Israaʼel Lewwota hunda balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan. \v 47 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii tajaajilaa hojjechuu fi dunkaana wal gaʼii baachuu dhufanii \v 48 lakkaaʼaman hundi 8,580 turan. \v 49 Isaanis akkuma ajaja \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa Museetiin kennameetiin tokkoon tokkoon isaanii waan hojjechuu qabanitti ramadaman; wanni isaan baachuu qabanis isaanitti himame. \b \p Akkasiin isaan akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti lakkaaʼaman. \c 5 \s1 Qulqullina Qubataa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Nama dhukkuba gogaa kan namatti darbu qabu yookaan nama dhangalaʼaa dhagnaa qabu yookaan nama sababii waan duʼe tokkootiin xuraaʼaa taʼe kam iyyuu akka qubata keessaa baasaniif saba Israaʼel ajaji. \v 3 Dhiiras dubartiis gad baasaa; akka isaan qubata isaanii iddoo ani gidduu isaanii jiraadhu sana hin xureessineef qubata keessaa isaan baasaa.” \v 4 Israaʼeloonnis akkanuma godhanii qubata keessaa isaan baasan. Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Museetti hime sana godhan. \s1 Kiisii Yakkaaf Baafamu \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 6 “Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan \nd Waaqayyo\nd* duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha; \v 7 cubbuu hojjetes himachuu qaba. Yakka isaatiifis guutumaan guutuutti haa kiisu. Kiisii sana irrattis harka shan keessaa harka tokko dabalee namicha miidhame sanaaf haa kennu. \v 8 Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu. \v 9 Buusiiwwan qulqulluun Israaʼeloonni lubatti fidan hundi kan isaa ti. \v 10 Wantoonni qulqulluun kanuma abbootii isaanii ti; wanni isaan lubichaaf kennan garuu kanuma lubichaa ti.’ ” \s1 Niitii Dhirsaaf Hin Amanamne \p \v 11 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 12 “Akkana jedhiitii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Yoo niitiin nama kamii iyyuu karaa irraa baduudhaan isaaf amanamuu baattee \v 13 dhiira biraa wajjin ciifte, yoo dhirsi ishees waan kana beekuu baate, yoo xuraaʼummaan ishee akkuma dhokatetti hafe, yoo namni ishee irratti dhugaa baʼu hin argamin, isheen yoo waan kana irratti hin qabamin, \v 14 yoo dhirsa ishee hafuurri hinaaffaa qabatee inni niitii isaa shakke, yoo isheen xurooftuu taate yookaan yoo inni hinaafee ishee shakkee isheen xurooftuu hin taʼin, \v 15 inni niitii isaa lubatti haa geessu. Akkasumas inni kennaa daakuu garbuu iifii\f + \fr 5:15 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 1.6.\ft*\f* harka kudhan keessaa harka tokko qooda ishee haa geessu. Kennaan midhaanii kan sababii hinaaffaatiif dhiʼeeffamu kun waan kennaa yaadannoo kan yakka yaadachiisu taʼeef, inni zayitii fi ixaana itti naquu hin qabu. \p \v 16 “ ‘Lubichis ishee fidee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura ishee haa dhaabu. \v 17 Ergasii inni bishaan qulqulluu okkotee supheetti haa naqu; lafa dunkaana qulqulluu irraa biyyoo fuudhee bishaan sana keessa haa buusu. \v 18 Lubichis erga dubartii sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabee booddee rifeensa mataa ishee hiikee kennaa yaadannoo jechuunis kennaa midhaanii kan hinaaffaaf dhiʼeeffamu sana harka ishee keessa kaaʼa; bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sanas harka ofiitti qabata. \v 19 Lubichis dubartii sana ni kakachiisa; akkanas jedhaan; “Yoo utuu ati dhirsa qabduu namni biraa si wajjin hin ciisinii fi yoo ati karaa irraa baddee hin xuraaʼin bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun si hin miidhin. \v 20 Garuu ati yoo karaa irraa baddee utuu dhirsa qabduu nama dhirsa kee hin taʼin wajjin ciiftee of xureessitee argamte;” \v 21 kana irratti lubichi kakaa abaarsaa ishee kakachiisa; akkanas jedhaan; “\nd Waaqayyo\nd* gudeeda kee tortorsee garaa kee illee bokoksee saba kee gidduutti kakaa fi abaarsaaf si haa godhu. \v 22 Akka garaan kee bokokuu fi akka gudeedni kee tortoruuf bishaan abaarsa fidu kun dhagna kee haa seenu.” \p “ ‘Dubartiin sunis, “Ameen, ameen” haa jettu. \p \v 23 “ ‘Lubichis abaarsawwan sana kitaaba maramaa irratti haa barreessu; ergasiis bishaan hadhaaʼaa sanatti irraa haa dhiqu. \v 24 Innis akka dubartiin sun bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dhugdu haa godhu; bishaan abaarsaa fi dhiphina hamaa fidu sunis ishee seena. \v 25 Lubichis kennaa midhaanii kan hinaaffaa sana ishee harkaa fuudhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoosee gara iddoo aarsaa fida. \v 26 Lubni sunis kennaa midhaanii sana irraa konyee tokko kennaa yaadannootiif fuudhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; ergasiis akka dubartiin sun bishaan sana dhugdu haa godhu. \v 27 Yoo isheen of xureessitee dhirsa isheetiif amanamuu baatte, yommuu isheen bishaan abaarsa fidu sana dhugdutti bishaan sun ishee seenee dhiphina hamaa isheetti fida; garaan ishee ni bokoka; gudeedni ishee ni tortora; isheenis saba ishee biratti abaaramtuu taati. \v 28 Garuu yoo dubartiin sun of xureessuu baattee fi yoo qulqulluu taate isheen yakka irraa bilisa taati; daʼuus ni dandeessi. \p \v 29 “ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite \v 30 yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu. \v 31 Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’ ” \c 6 \s1 Seera Naazirummaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo \nd Waaqayyoof\nd* addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan, \v 3 daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu. \v 4 Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu. \p \v 5 “ ‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti \nd Waaqayyoof\nd* addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu. \p \v 6 “ ‘Naazirichi bara \nd Waaqayyoof\nd* addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu. \v 7 Sababii mallattoon inni ittiin \nd Waaqayyoof\nd* addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin. \v 8 Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffamee dha. \p \v 9 “ ‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu. \v 10 Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu. \v 11 Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu. \v 12 Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas \nd Waaqayyoof\nd* addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman. \p \v 13 “ ‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu. \v 14 Achitti aarsaa isaa \nd Waaqayyoof\nd* haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif, \v 15 kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu. \p \v 16 “ ‘Lubichis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu. \v 17 Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee \nd Waaqayyoof\nd* haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu. \p \v 18 “ ‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu. \p \v 19 “ ‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu. \v 20 Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa. \p \v 21 “ ‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa \nd Waaqayyoof\nd* wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’ ” \s1 Eebba Lubootaa \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 23 “Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii: \q1 \v 24 “ ‘ “\nd Waaqayyo\nd* si haa eebbisu; \q2 si haa eegus; \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* fuula isaa siif haa ibsu; \q2 garaa siif haa laafu. \q1 \v 26 \nd Waaqayyo\nd* fuula isaa gara keetti haa deebisu; \q2 nagaas siif haa kennu.” ’ \p \v 27 “Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.” \c 7 \s1 Sirna Eebba Dunkaana Qulqulluu \p \v 1 Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse. \v 2 Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan. \v 3 Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 5 “Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.” \p \v 6 Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne. \v 7 Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne; \v 8 gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan. \v 9 Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine. \p \v 10 Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan. \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii. \b \lh \v 12 Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture. \li1 \v 13 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 14 cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 15 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 16 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 17 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture. \lf Kennaan Nahishoon ilmi Amiinaadaab dhiʼeesse kana ture. \b \lh \v 18 Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide. \li1 \v 19 Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, \li2 waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 20 caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 21 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 22 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 23 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Kennaan Naatnaaʼel ilma Zuuwaar kana ture. \b \lh \v 24 Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide. \li1 \v 25 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 26 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 27 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 28 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 29 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Eliiyaab ilma Heeloon kana ture. \b \lh \v 30 Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide. \li1 \v 31 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 32 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 33 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 34 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 35 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Eliizuur ilma Shedeeʼuur kana ture. \b \lh \v 36 Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide. \li1 \v 37 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 38 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 39 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 40 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 41 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. \lf Egaa kennaan Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi kana ture. \b \lh \v 42 Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide. \li1 \v 43 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman, \li2 \v 44 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 45 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 46 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 47 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel kana ture. \b \lh \v 48 Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide. \li1 \v 49 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman, \li2 \v 50 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 51 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 52 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 53 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. \lf Egaa kennaan Eliishaamaa ilma Amiihuud kana ture. \b \lh \v 54 Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide. \li1 \v 55 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 56 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame, \li2 \v 57 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe, \li2 \v 58 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 59 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur kana ture. \b \lh \v 60 Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide. \li1 \v 61 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 62 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame, \li2 \v 63 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 64 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 65 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Abiidaan ilma Gaadeyoon kana ture. \b \lh \v 66 Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide. \li1 \v 67 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 68 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame, \li2 \v 69 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 70 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 71 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Ahiiʼezer ilma Amiishadaay kana ture. \b \lh \v 72 Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide. \li1 \v 73 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 74 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame, \li2 \v 75 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 76 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 77 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Fagiʼeel ilma Okraan kana ture. \b \lh \v 78 Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide. \li1 \v 79 Kennaan isaas \li2 gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman, \li2 \v 80 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko, \li2 \v 81 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko, \li2 \v 82 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko, \li2 \v 83 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. \lf Egaa kennaan Ahiiraa ilma Eenaan kana ture. \b \li1 \v 84 Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; \li2 isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama: \v 85 Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture. \v 86 Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan. \li2 \v 87 Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan. \li2 \v 88 Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture. \b \lf Kennaawwan erga iddoon aarsaa dibamee booddee sirna eebba isaatiif dhiʼeeffaman kanneen turan. \b \p \v 89 Museen yommuu \nd Waaqayyo\nd* wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin dubbate. \c 8 \s1 Ibsaawwan Kaaʼuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’ ” \p \v 3 Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise. \v 4 Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya \nd Waaqayyo\nd* Museetti argisiise sanaatti hojjetame. \s1 Addaan Baafamuu Lewwotaa \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe: \v 6 “Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi. \v 7 Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi. \v 8 Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi. \v 9 Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi. \v 10 Lewwotas fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan. \v 11 Aroonis akka Lewwonni \nd Waaqayyo\nd* tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan haa dhiʼeessu. \p \v 12 “Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessi. \v 13 Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii \nd Waaqayyotti\nd* isaan dhiʼeessi. \v 14 Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan. \p \v 15 “Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan. \v 16 Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera. \v 17 Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe. \v 18 Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera. \v 19 Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.” \p \v 20 Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sana Lewwotas godhan. \v 21 Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse. \v 22 Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sana Lewwotas godhan. \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 24 “Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan; \v 25 umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin. \v 26 Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.” \c 9 \s1 Faasiikaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate; \v 2 “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan. \v 3 Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.” \p \v 4 Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime; \v 5 isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti waan hunda godhe. \p \v 6 Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii, \v 7 Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* dhiʼeessuu dhowwamne?” \p \v 8 Museenis, “Hamma ani waan \nd Waaqayyo\nd* waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen. \p \v 9 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 10 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa \nd Waaqayyoo\nd* ayyaaneffachuu ni dandaʼa. \v 11 Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan. \v 12 Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu. \v 13 Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata. \p \v 14 “ ‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa \nd Waaqayyoo\nd* ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’ ” \s1 Duumessa Dunkaana Qulqulluudhaan Olii \p \v 15 Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture. \v 16 Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture. \v 17 Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu. \v 18 Israaʼeloonni ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan. \v 19 Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera \nd Waaqayyootiif\nd* waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture. \v 20 Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu. \v 21 Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu. \v 22 Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu. \v 23 Isaan ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* qubatu; ajajuma \nd Waaqayyootiinis\nd* kaʼanii deemu. Akkuma ajaja \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu. \c 10 \s1 Malakatawwan Meetii \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe: \v 2 “Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami. \v 3 Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu. \v 4 Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman. \v 5 Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman. \v 6 Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha. \v 7 Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin. \p \v 8 “Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. \v 9 Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa. \v 10 Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.” \s1 Israaʼeloonni Siinaadhaa Baʼan \p \v 11 Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe. \v 12 Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman. \v 13 Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman. \p \v 14 Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture. \v 15 Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture; \v 16 Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture. \v 17 Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman. \p \v 18 Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture. \v 19 Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture; \v 20 Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture. \v 21 Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture. \p \v 22 Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture. \v 23 Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture; \v 24 Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture. \p \v 25 Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture. \v 26 Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture; \v 27 Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture. \v 28 Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan. \p \v 29 Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; \nd Waaqayyo\nd* waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.” \p \v 30 Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise. \p \v 31 Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa. \v 32 Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii \nd Waaqayyo\nd* nuu kennu si wajjin qoodanna.” \p \v 33 Isaan tulluu \nd Waaqayyoo\nd* irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu \nd Waaqayyoos\nd* iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme. \v 34 Duumessi \nd Waaqayyoo\nd* sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture. \p \v 35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture; \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kaʼi! \q2 Diinonni kee haa bittinneeffaman; \q2 warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.” \p \v 36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture; \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.” \c 11 \s1 Ibidda \nd Waaqayyo\nd* Biraa Gad Buʼe \p \v 1 Sabni sun utuma \nd Waaqayyo\nd* isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi \nd Waaqayyoo\nd* isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube. \v 2 Sabni Museetti iyye; Museen immoo \nd Waaqayyoon\nd* kadhatee ibiddi sun dhaame. \v 3 Sababii ibiddi \nd Waaqayyo\nd* biraa gad buʼee gidduu isaaniitti bobaʼeef, iddoon sun “Tabeeraa”\f + \fr 11:3 \fr*\fq Tabeeraa \fq*\ft Tabeeraa jechuun \ft*\fqa bobaʼuu \fqa*\ft jechuu.\ft*\f* jedhamee waamame. \s1 Dimbiriqqee \nd Waaqayyo\nd* Kenne \p \v 4 Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; “Nu utuu foon nyaannu argannee! \v 5 Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna. \v 6 Amma garuu fedhiin nyaataa nurraa badeera; mannaa kana malees waan tokko illee hin arginu!” \p \v 7 Mannaan sun akka sanyii dinbilaalaa taʼee bifti isaa haphee fakkaata ture. \v 8 Namoonnis mannaa sana nanaannaʼanii walitti qabanii dhagaa daakuutti daakachaa yookaan mooyyeetti tumachaa turan. Isaanis mannaa sana okkoteetti affeelu yookaan maxinoo isaa tolfatu turan. Innis akka waan zayitii ejersaatiin qopheeffameetti miʼaawa ture. \v 9 Galgala yommuu fixeensi qubata irra buʼetti mannaan sunis gad buʼe. \p \v 10 Museen utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. \nd Waaqayyos\nd* akka malee aare; Museen immoo ni dhiphate. \v 11 Innis akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate; “Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti? \v 12 Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja? \v 13 Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu. \v 14 Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata. \v 15 Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin.” \p \v 16 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi. \v 17 Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu. \p \v 18 “Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* yeroo isin, “Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!” jettanii boossan dhagaʼeeraatii. \nd Waaqayyo\nd* amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu. \v 19 Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan; \v 20 garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin \nd Waaqayyo\nd* gidduu keessan jiru sana diddanii, “Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?” jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’ ” \p \v 21 Museen garuu akkana jedhe; “Kunoo ani namoota lafoo kuma dhibba jaʼa gidduun jira; ati immoo, ‘Ani foon isaan jiʼa guutuu nyaatan kennaaf!’ jetta. \v 22 Utuma bushaayee fi karri loonii isaaniif qalamanii iyyuu gaʼaa laata? Utuma qurxummiin galaana keessaa hundi isaanii qabamee iyyuu gaʼaa laata?” \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Harki \nd Waaqayyoo\nd* gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita.” \p \v 24 Museen dhaqee waan \nd Waaqayyo\nd* jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe. \v 25 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne. \p \v 26 Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan. \v 27 Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, “Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru” jedhee Museetti hime. \p \v 28 Iyyaasuun ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Musee ture sun kaʼee, “Yaa Musee, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!” jedhee dubbate. \p \v 29 Museen garuu akkana jedhee deebise; “Ati anaaf hinaaftaa? Ani utuu sabni \nd Waaqayyoo\nd* hundinuu raajota taʼanii \nd Waaqayyos\nd* Hafuura isaa isaan irra kaaʼee nan hawwa!” \v 30 Ergasiis Musee fi maanguddoonni Israaʼel gara qubataatti deebiʼan. \p \v 31 Bubbeen tokkos \nd Waaqayyo\nd* biraa baʼee galaana keessaa dimbiriqqee gara qubataatti oofe. Bubbeen sunis dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaatti gama hundaan hamma deemsa guyyaa tokkoo fagaatu harcaasee hamma dhundhuma lamaa oli tuule. \v 32 Guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu, guyyaa itti aanu guutuus sabni sun gad baʼee dimbiriqqee sana walitti qabate; isaan keessaas namni homeerii kudhanii gad walitti qabate hin turre. Ergasii dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaa afatan. \v 33 Garuu utuma foon sun amma illee gidduu ilkaan isaanii jiruu, utuu hin alanfatin \nd Waaqayyo\nd* isaanitti aaree dhaʼicha hamaadhaan isaan dhaʼe. \v 34 Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti awwaalaniif maqaan iddoo sanaa, “Qiibrooti Haataaʼabaa”\f + \fr 11:34 \fr*\fq Qiibrooti Haataaʼabaa \fq*\ft jechuun \ft*\fqa awwaala dharraatotaa \fqa*\ft jechuu dha.\ft*\f* jedhame. \p \v 35 Sabni sunis Qiibrooti Haataaʼabaadhaa kaʼee gara Haxerooti dhaqee achi jiraate. \c 12 \s1 Maariyaamii fi Aroon Museedhaan Morman \p \v 1 Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii. \v 2 Isaanis, “\nd Waaqayyo\nd* karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. \nd Waaqayyos\nd* dubbii kana dhagaʼe. \p \v 3 Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture. \p \v 4 \nd Waaqayyos\nd* yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan. \v 5 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan, \v 6 inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa: \q1 “Yoo raajiin \nd Waaqayyoo\nd* gidduu keessan jiraate, \q2 ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa; \q2 abjuudhaanis isatti nan dubbadha. \q1 \v 7 Garuu garbichi koo Museen akkana miti; \q2 inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha. \q1 \v 8 Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin, \q2 ifaan ifatti isatti nan dubbadha; \q2 inni bifa \nd Waaqayyoo\nd* ni arga. \q1 Yoos isin maaliif \q2 garbicha koo Museedhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?” \p \v 9 Aariin \nd Waaqayyos\nd* isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme. \p \v 10 Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge; \v 11 innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin. \v 12 Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.” \p \v 13 Museen \nd Waaqayyotti\nd* booʼee, “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, maaloo ishee fayyisi!” jedhe. \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.” \v 15 Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne. \p \v 16 Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate. \c 13 \s1 Basaastonni Gara Kanaʼaanitti Ergaman \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.” \p \v 3 Museen ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan. \b \lh \v 4 Maqaan isaanii kanneenii dha: \b \li1 Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur; \li1 \v 5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii; \li1 \v 6 gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee; \li1 \v 7 gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef; \li1 \v 8 gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni; \li1 \v 9 gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu; \li1 \v 10 gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii; \li1 \v 11 gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus; \li1 \v 12 gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal; \li1 \v 13 gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel; \li1 \v 14 gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii; \li1 \v 15 gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti. \b \lf \v 16 Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase. \b \p \v 17 Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa. \v 18 Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa. \v 19 Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu? \v 20 Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture. \p \v 21 Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan. \v 22 Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte. \v 23 Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan. \v 24 Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame. \v 25 Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan. \s1 Gabaasa Basaastonni Fidan \p \v 26 Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Musee fi Aroon, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan. \v 27 Isaanis akkana jedhanii Museetti himan: “Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana. \v 28 Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra. \v 29 Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu.” \p \v 30 Kaalebis fuula Musee duratti saba calʼisiisee, “Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii” jedhe. \p \v 31 Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, “Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha” jedhan. \v 32 Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; “Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha. \v 33 Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane.” \c 14 \s1 Sabni Finciluu Isaa \p \v 1 Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. \v 2 Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee! \v 3 \nd Waaqayyo\nd* maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?” \v 4 Isaanis, “Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu” waliin jedhan. \p \v 5 Kana irratti Musee fi Aroon fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman. \v 6 Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Iyyaasuun ilmi Nuuniitii fi Kaaleb ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii, \v 7 guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; “Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha. \v 8 \nd Waaqayyo\nd* yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna. \v 9 Isin garuu \nd Waaqayyotti\nd* hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; \nd Waaqayyo\nd* nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa.” \p \v 10 Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate. \v 11 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu? \v 12 Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha.” \p \v 13 Museen \nd Waaqayyoon\nd* akkana jedhe; “Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii. \v 14 Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Yaa \nd Waaqayyo\nd*, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa \nd Waaqayyo\nd* isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumessi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru. \v 15 Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan, \v 16 ‘\nd Waaqayyo\nd* biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu. \p \v 17 “Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu: \v 18 ‘\nd Waaqayyo\nd* dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’ \v 19 Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif.” \p \v 20 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee deebiseef; “Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera. \v 21 Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* dhugumaan lafa hunda guute sana, \v 22 namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu, \v 23 tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu. \v 24 Garbicha koo Kaaleb garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala. \v 25 Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa.” \p \v 26 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe: \v 27 “Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera. \v 28 Akkana jedhii isaanitti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha: \v 29 Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa. \v 30 Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan. \v 31 Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku. \v 32 Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa. \v 33 Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu. \v 34 Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’ \v 35 Ani \nd Waaqayyo\nd* waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu.” \p \v 36 Namoonni Museen akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Museetti guungumu godhan jechuunis \v 37 namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhuman. \v 38 Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Iyyaasuu ilma Nuunitii fi Kaaleb ilma Yefunee qofatu duʼa oole. \p \v 39 Museen waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan. \v 40 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, “Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa \nd Waaqayyo\nd* waadaa nuu gale sanaa dhaqna” jedhan. \p \v 41 Museen garuu akkana jedhe; “Isin maaliif ajaja \nd Waaqayyoo\nd* cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu! \v 42 Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin hin jiruutii; \v 43 Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin \nd Waaqayyo\nd* irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu.” \p \v 44 Isaan garuu utuu Musee fi taabonni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan. \v 45 Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan. \c 15 \s1 Aarsaa Dabalamaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Saba Israaʼelitti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yommuu biyya ani akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu sana seentanii \v 3 aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu, loon keessaa yookaan bushaayee keessaa fuutanii aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa fedhii keessanii yookaan aarsaa ayyaana waggaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitu, \v 4 namni aarsaa dhiʼeessu sun daakuu bullaaʼaa iifii\f + \fr 15:4 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.\ft*\f* harka kudhan keessaa harka tokko kan zayitii iinii\f + \fr 15:4 \fr*\ft Iiniin tokko liitirii 4.\ft*\f* harka afur keessa harka tokkootiin sukkuumame kennaa midhaanii godhee \nd Waaqayyoof\nd* haa dhiʼeessu. \v 5 Tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa kan aarsaa gubamuuf yookaan qalmaaf dhiʼeeffamu wajjinis daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuudhaaf qopheessi. \p \v 6 “ ‘Korbeessa hoolaa tokko wajjinis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka lama kan zayitii iinii harka sadii keessaa harka tokkoon sukkumameen kennaa midhaanii qopheessi. \v 7 Daadhii wayinii iinii harka sadii keessaa harka tokko dhibaayyuu urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhii dhiʼeessi. \p \v 8 “ ‘Ati yommuu dibicha loonii tokko aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa nagaatiif \nd Waaqayyoof\nd* qopheessitutti, \v 9 dibicha sana wajjin kennaa midhaanii fidi; kennaan sunis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka sadii kan zayitii walakkaa iiniitiin sukkuumame haa taʼu. \v 10 Akkasumas daadhii wayinii iinii walakkaa dhibaayyuu godhii fidi. Wanni kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu taʼa. \v 11 Tokkoon tokkoon dibicha loonii yookaan korbeessa hoolaa, tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa yookaan korbeessa reʼee xinnaa haaluma kanaan haa qopheeffaman. \v 12 Akkuma baayʼina waan qopheessitan sanaatti akkuma lakkoobsa isaaniitti, tokkoo tokkoo isaaniitiif akkanuma godhaa. \p \v 13 “ ‘Namni dhalataa biyya sanaa taʼe hundinuu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu fidutti wantoota kanneen haaluma kanaan haa hojjetu. \v 14 Dhaloota dhufu keessattis alagaan yookaan namni gidduu keessan jiraatu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu dhiʼeessutti akkuma isin gootan kana haa godhu. \v 15 Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti wal qixxee dha. \v 16 Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’ ” \p \v 17 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 18 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Isin yeroo biyya ani itti isin galchu sana seentanii \v 19 midhaan ishee nyaattanitti, nyaata sana irraa \nd Waaqayyoof\nd* kennaa dhiʼeessaa. \v 20 Bukoo keessan kan jalqabaa irraa maxinoo tokko kennaa dhiʼeessaa; isas akka aarsaa oobdii irraa fuudhameetti dhiʼeessaa. \v 21 Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo keessan kan jalqabaa irraa \nd Waaqayyoof\nd* kennaa kennuu qabdu. \s1 Aarsaa Cubbuu Tasa Hojjetamee \p \v 22 “ ‘Yoo isin utuu hin beekin ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Museetti kenne kanneen keessaa tokko illee \v 23 jechuunis yoo isin ajaja \nd Waaqayyoo\nd* kan gaafa \nd Waaqayyo\nd* ajaja kana kennee jalqabee dhaloota dhufu keessa illee ittuma fufuudhaan karaa Museetiin isin ajaje kam iyyuu cabsitan, \v 24 yoo wanti kun dogoggoraan utuu waldaan hin beekin hojjetamee jiraate waldaan sun hundi dibicha loonii aarsaa gubamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu ajajame wajjin, aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee haa dhiʼeessan. \v 25 Lubnis waldaa saba Israaʼel hundaaf araara haa buusu; isaanis waan utuu hin beekin cubbuu hojjetaniif, balleessaa isaaniitiifis waan aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu fi aarsaa cubbuu \nd Waaqayyoof\nd* fidaniif dhiifama ni argatu. \v 26 Sababii sabni hundi balleessaa dogoggoraan hojjetame sana keessatti hirmaateefis waldaan saba Israaʼel hundii fi alagaawwan isaan gidduu jiraatan dhiifama ni argatu. \p \v 27 “ ‘Garuu yoo namni tokko qofti utuu hin beekin cubbuu hojjete inni goromtii reʼee kan umuriin ishee waggaa tokkoo aarsaa cubbuutiif haa fidu. \v 28 Lubni sunis namicha utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete sanaaf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara haa buusu; erga araarri isaaf buʼee booddee immoo namichi sun dhiifama ni argata. \v 29 Dhalataa Israaʼeliifis taʼu yookaan alagaa isin gidduu jiraatuuf, nama utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete hundaaf seerri tokkuma haa taʼu. \p \v 30 “ ‘Garuu dhalataa biyyaas taʼu yookaan alagaan, namni beekaa cubbuu hojjetu \nd Waaqayyoon\nd* arrabsuu isaa ti; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu. \v 31 Namichi sun sababii dubbii \nd Waaqayyoo\nd* tuffatee fi sababii ajaja isaa cabseef inni haa balleeffamu; balleessaa isaattis isatu gaafatama.’ ” \s1 Namni Sanbata Cabse Tokko Ajjeefame \p \v 32 Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame. \v 33 Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan; \v 34 sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan. \v 35 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe. \v 36 Waldaan sun akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti namicha sana qubata keessaa gad baasee dhagaadhaan tumee ajjeese. \s1 Handaara Wayyaa \p \v 37 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 38 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Dhaloota dhufu hunda keessa qarqara wayyaa keessanii irratti handaara tolfadhaa; tokkoon tokkoon handaara sanaas foʼaa bifa cuquliisaa haa qabaatu. \v 39 Isin handaara kana ilaaltanii ajaja \nd Waaqayyoo\nd* hunda yaadattu; kunis akka ajaja kana eegdanii hawwii garaa keessaniitii fi hawwii ija keessanii duukaa buʼuudhaan hin sagaagalleef. \v 40 Yoos isin ajaja koo hunda yaadattanii ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulloota ni taatu. \v 41 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan Waaqa isinii taʼuuf jedhee biyya Gibxii isin baasee dha. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.’ ” \c 16 \s1 Qooraahi, Daataanii fi Aberoon \p \v 1 Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii \v 2 Museedhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture. \v 3 Isaanis Musee fi Arooniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; \nd Waaqayyos\nd* isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa \nd Waaqayyoo\nd* irratti of tuultu ree?” \p \v 4 Museen dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame. \v 5 Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama \nd Waaqayyo\nd* nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha. \v 6 Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii \v 7 bori fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni \nd Waaqayyo\nd* filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!” \p \v 8 Museenis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa! \v 9 Waaqni Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu \nd Waaqayyoo\nd* hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu? \v 10 Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan. \v 11 Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii \nd Waaqayyoon\nd* mormitan. Aroon isin itti guungumtan kun eenyuu dha?” \p \v 12 Museenis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu! \v 13 Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa? \v 14 Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!” \p \v 15 Museen akka malee aaree \nd Waaqayyoon\nd*, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe. \p \v 16 Museen Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Aroon bori fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti argamaa. \v 17 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Aroon girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.” \v 18 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Musee fi Aroon wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate. \v 19 Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* waldaa guutuutti mulʼate. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 21 “Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.” \p \v 22 Musee fi Aroon garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?” \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 24 “Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.” \p \v 25 Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan. \v 26 Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe. \v 27 Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan. \p \v 28 Ergasii Museen akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf \nd Waaqayyo\nd* akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu: \v 29 Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe \nd Waaqayyo\nd* na hin ergine. \v 30 Garuu yoo \nd Waaqayyo\nd* waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen \nd Waaqayyoon\nd* tuffatan ni beektan.” \p \v 31 Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe; \v 32 lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite. \v 33 Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman. \v 34 Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan. \p \v 35 Ibiddi \nd Waaqayyo\nd* biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe. \p \v 36 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 37 “Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii. \v 38 Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.” \p \v 39 Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume. \v 40 Kanas akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Aroon malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif. \p \v 41 Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba \nd Waaqayyoo\nd* fixxan” jedhanii Musee fi Aroonitti guunguman. \p \v 42 Garuu yeroo waldaan sun Musee fi Arooniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* ni mulʼate. \v 43 Musee fi Aroon gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan; \v 44 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 45 “Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman. \p \v 46 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.” \v 47 Aroon akkuma Museen jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Aroon garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse. \v 48 Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate. \v 49 Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume. \v 50 Aroon sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Museetti deebiʼe. \c 17 \s1 Uleen Aroon Late \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. \v 3 Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi. \v 4 Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. \v 5 Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.” \p \v 6 Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture. \v 7 Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura kaaʼe. \p \v 8 Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. \v 9 Museen ulee sana hunda fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.” \v 11 Museenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana godhe. \p \v 12 Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra! \v 13 Namni dunkaana qulqulluu \nd Waaqayyootti\nd* dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?” \c 18 \s1 Hojii Lubootaatii fi Lewwotaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Arooniin akkana jedhe; “Ati, ilmaan keetii fi maatiin abbaa keetii si wajjin yakka iddoo qulqulluutti hojjetametti ni gaafatamtu. Yakka lubummaatti hojjetame siʼii fi ilmaan kee qofatu itti gaafatama. \v 2 Akka isaan yeroo atii fi ilmaan kee fuula dunkaana dhuga baʼumsaa duratti tajaajiltanitti sitti dabalamanii si gargaaraniif obboloota kee warra gosa Lewwii, warra gosa abbaa keetii sana fidi. \v 3 Isaanis ajaja kee dhagaʼuudhaan hojiiwwan dunkaana keessaa hunda haa hojjetan; garuu miʼa iddoo qulqulluutti yookaan iddoo aarsaatti dhiʼaachuu hin qaban. Yoo akkas taʼe isaanis, atis ni duutu. \v 4 Isaanis dunkaana wal gaʼii eeguudhaaf isinitti dabalamuu qabu; hojii dunkaana sanaa hundas haa hojjetan. Namni biraa iddoo isin jirtanitti dhiʼaachuu hin qabu. \p \v 5 “Isin akka dheekkamsi ammas Israaʼeloota irra hin buuneef eegumsa iddoo qulqulluutii fi eegumsa iddoo aarsaatti ni gaafatamtu. \v 6 Ani mataan koo obboloota keessan Lewwota kennaawwan isinii kennaman godhee saba Israaʼel keessaa filadheera; isaanis akka hojii dunkaana wal gaʼii keessaa hojjetaniif \nd Waaqayyoof\nd* kennamanii jiru. \v 7 Garuu hojii iddoo aarsaatii fi hojii golgaa keessaa hunda siʼii fi ilmaan kee qofatu hojjeta. Ani hojii lubummaa kennaa godhee isiniif nan kenna. Namni biraa kan iddoo qulqulluutti dhiʼaatu haa ajjeefamu.” \s1 Kennaawwan Lubootaa fi Lewwotaaf Kennaman \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera. \v 9 Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti. \v 10 Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu. \p \v 11 “Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. \p \v 12 “Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan siif nan kenna. \v 13 Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa \nd Waaqayyoof\nd* fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa. \p \v 14 “Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee \nd Waaqayyoof\nd* kenname hundinuu kee ti. \v 15 Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda. \v 16 Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi. \p \v 17 “Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhiitii gubi. \v 18 Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa. \v 19 Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.” \p \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti. \p \v 21 “Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera. \v 22 Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin. \v 23 Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan. \v 24 Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.” \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 26 “Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* godhaa dhiʼeessaa. \v 27 Aarsaan keessanis akkuma midhaan oobdii irraa yookaan akkuma cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfanii keessaa baʼeetti isiniif herregama. \v 28 Isinis haaluma kanaan kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan Israaʼeloota irraa argatan hunda keessaa \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa ni dhiʼeessitu; kennaawwan kanneen keessaas waan qooda \nd Waaqayyoo\nd* taʼe Aroon lubichaaf kennaa. \v 29 Waan isinii kenname hunda keessaa kutaa waan hunda caalaa gaarii fi qulqulluu taʼe qooda \nd Waaqayyoo\nd* godhaatii dhiʼeessaa.’ \p \v 30 “Lewwotaan akkana jedhi: ‘Yommuu isin kutaa waan hunda caalaa gaarii taʼe dhiʼeessitanitti kutaan sun akka midhaan oobdii irraa yookaan akka cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfan keessaa baʼeetti isinii herregama. \v 31 Sababii wanni kun mindaa hojii dunkaana wal gaʼii kan isin hojjettanii taʼeef isinii fi namoonni mana keessan jiraatan waan hafe sana iddoo barbaadan kamitti iyyuu nyaachuu dandeessu. \v 32 Qooda isaa kan waan hunda caalu sana dhiʼeessuudhaan isin waan kana keessatti yakka hin qabaattan; yoos isin aarsaa Israaʼelootaa qulqulluu sana hin xureessitan; hin duutanis.’ ” \c 19 \s1 Bishaan Ittiin Qulqullaaʼan \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe: \v 2 “Seerri \nd Waaqayyo\nd* ajaje kana: Akka Israaʼeloonni goromsa diimtuu hirʼina yookaan hanqina hin qabne kan takkumaa waanjoon morma ishee hin tuqin tokko siif fidan itti himi. \v 3 Goromsa sanas Eleʼaazaar lubichatti kennaa; raaddi sunis qubata keessaa gad baafamtee fuula isaa duratti haa qalamtu. \v 4 Eleʼaazaar lubichi quba isaatiin dhiiga goromsa sanaa irraa xinnoo fuudhee dunkaana wal gaʼii duratti yeroo torba haa facaasu. \v 5 Utuma inni ilaaluu gogaan, foon, dhiignii fi cumaan goromsa sanaa haa gubamu. \v 6 Lubni sun qoraan birbirsaa, hiisophii fi kirrii bildiimaa goromsa gubamtu sanatti haa darbatu. \v 7 Lubni sun ergasii wayyaa ofii isaa miiccatee dhagna ofii isaa illee bishaaniin dhiqachuu qaba. Innis qubatatti galuu dandaʼa; garuu hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa taʼee tura. \v 8 Namichi goromsa sana gubus wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; innis hamma galgalaatti xuraaʼee tura. \p \v 9 “Namni qulqulluun tokko daaraa goromsa sanaa walitti haree qubata keessaa baasee iddoo seeraan qulqulluu taʼe tokko haa kaaʼu. Daaraa kanas waldaan Israaʼel bishaan ittiin qulqulleessan wajjin itti fayyadamuudhaaf ol kaaʼata; innis cubbuu irraa qulqulleeffamuuf fayyada. \v 10 Namni daaraa goromsa sanaa walitti haru sunis wayyaa ofii isaa miiccachuu qaba; innis akkasuma hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Kunis Israaʼelootaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif seera bara baraa taʼa. \p \v 11 “Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqu bultii torba xuraaʼaa taʼa. \v 12 Inni guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti bishaaniin of qulqulleessuu qaba; ergasii qulqulluu taʼa. Garuu yoo guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti of qulqulleessuu baate inni hin qulqullaaʼu. \v 13 Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqee of hin qulqulleessin hundi dunkaana \nd Waaqayyoo\nd* qulqullicha sana xureessa. Namni sun saba Israaʼel keessaa ni balleeffama. Sababii bishaan ittiin qulqulleessan isatti hin facaafaminiif inni xuraaʼaa dha; xuraaʼummaan isaas isuma irratti hafa. \p \v 14 “Yeroo namni tokko dunkaana keessatti duʼutti seerri kana: Namni dunkaana sana seenu hundii fi namni dunkaana keessa jiru hundi bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa; \v 15 qodaan afaan banaa kan qadaadni jabeeffamee itti hin qadaadamin hundi xuraaʼaa taʼa. \p \v 16 “Namni alatti nama goraadeedhaan ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqu kam iyyuu yookaan namni lafee namaa yookaan awwaala tuqu kam iyyuu bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa. \p \v 17 “Nama xuraaʼaaf aarsaa ittiin qulqulleessuuf gubame sana irraa daaraa xinnaa isaa fuudhii okkotee tokkotti naqiitii bishaan yaaʼu itti dhangalaasi. \v 18 Ergasiis namni akka seeraatti qulqulluu taʼe hiisophii xinnaa isaa fuudhee bishaan sana keessa cuuphee dunkaanaa fi miʼa isaa hundatti, namoota achi turanittis haa faffacaasu. Akkasumas nama lafee namaa yookaan awwaala yookaan nama ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqetti haa faffacaasu. \v 19 Namichi qulqulluun sun guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti namicha xuraaʼaa sanatti haa faffacaasu; guyyaa torbaffaatti immoo isa qulqulleessuu qaba. Namichi qulqulleefamu sun wayyaa ofii isaa miiccachuu, dhagna ofii isaas bishaaniin dhiqachuu qaba; innis galgala sana qulqulluu taʼa. \v 20 Garuu namni xuraaʼaan yoo of qulqulleessuu baate, inni sababii iddoo qulqulluu \nd Waaqayyo\nd* xureesseef waldaa keessaa ni balleeffama. Bishaan ittiin qulqulleessan sun isatti hin facaafamneetii inni xuraaʼaa dha. \v 21 Kun isaaniif seera bara baraa ti. \p “Namichi bishaan ittiin qulqulleessan faffacaasu sun wayyaa ofii isaa haa miiccatu; namni bishaan ittiin qulqulleessan tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 22 Wanni namni xuraaʼaan tokko tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; namni waan sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.” \c 20 \s1 Bishaan Kattaa Keessaa Burqe \p \v 1 Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte. \p \v 2 Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame. \v 3 Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti duʼan sana duunee jiraannee! \v 4 Isin maaliif waldaa \nd Waaqayyoo\nd* gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii? \v 5 Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!” \p \v 6 Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* isaanitti mulʼate. \v 7 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 8 “Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.” \p \v 9 Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sana fuudhe. \v 10 Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe. \v 11 Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan. \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.” \p \v 13 Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti \nd Waaqayyoon\nd* wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti. \s1 Edoom Israaʼelin Karaa Darbuu Dhowwe \p \v 14 Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge: \pm “Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta. \v 15 Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan; \v 16 garuu nu \nd Waaqayyotti\nd* iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. \pm “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra. \v 17 Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.” \p \v 18 Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne: \pm “Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.” \p \v 19 Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan: \pm “Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.” \p \v 20 Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan: \pm “Isin asiin hin dabartan.” \p Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe. \v 21 Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan. \s1 Aroon Duʼuu Isaa \p \v 22 Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe. \v 23 \nd Waaqayyos\nd* Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 24 “Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu. \v 25 Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi. \v 26 Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.” \p \v 27 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan. \v 28 Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan; \v 29 yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef. \c 21 \s1 Aaraad Barbadoofte \p \v 1 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe. \v 2 Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii \nd Waaqayyoof\nd* wareegan. \v 3 \nd Waaqayyos\nd* iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame. \s1 Bofa Naasii Irraa Hojjetame \p \v 4 Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate; \v 5 isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!” \p \v 6 \nd Waaqayyos\nd* bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman. \v 7 Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo \nd Waaqayyoo\nd* fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka \nd Waaqayyo\nd* bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate. \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.” \v 9 Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture. \s1 Israaʼeloonni Biyya Moʼaabitti Qajeelan \p \v 10 Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan. \v 11 Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan. \v 12 Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan. \v 13 Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha. \v 14 Sababiin Kitaabni Waraana \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhuuf kana: \q1 “Waaheb Suufaa keessaa fi lageen, \q2 Arnoonii fi \v 15 irraan-gadee sululaa \q1 kan gara Aaritti geessuu fi \q2 daarii Moʼaab irratti argamu.” \m \v 16 Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan. \p \v 17 Israaʼelis faarfannaa kana faarfate: \q1 “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! \q2 Isinis waaʼee isaa faarfadhaa; \q1 \v 18 Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan, \q2 kan kabajamoonni sabaa, \q2 qajeelcha warra seera kennuutiin ulee isaaniitiin qotan faarfadhaa.” \m Isaan ergasii gammoojjii sana keessaa baʼanii Mataanaa dhaqan; \v 19 Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan; \v 20 Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan. \s1 Moʼatamuu Sihooniitii fi Oogi \p \v 21 Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate: \pm \v 22 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.” \p \v 23 Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole. \v 24 Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe. \v 25 Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate. \v 26 Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture. \p \v 27 Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana: \q1 “Gara Heshboon kottaa; isheen deebitee haa ijaaramtu; \q2 Magaalaan Sihoonis haa haaromfamtu. \b \q1 \v 28 “Heshboon keessaa ibiddi, \q2 magaalaa Sihoon keessaa arrabni ibiddaa baʼe. \q1 Ibiddi sun Aari magaalaa Moʼaab, \q2 jiraattota gaara Arnooniis gubee barbadeesse. \q1 \v 29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo! \q2 Yaa warra Kemoosh, isin barbadooftaniirtu! \q1 Inni ilmaan isaa akka baqattootaatti, \q2 intallan isaa immoo akka boojiʼamtootaatti, \q2 Sihoon mootii Amoorotaatti dabarsee kenneera. \b \q1 \v 30 “Nu garuu isaan garagalchineerra; \q2 Heshboon hamma Diiboonitti barbadoofteerti. \q1 Nus hamma Noofaa ishee gara Meedebaatti diriirtu sanaatti \q2 isaan barbadeessineerra.” \p \v 31 Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate. \p \v 32 Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan. \v 33 Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan. \p \v 34 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.” \p \v 35 Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan. \c 22 \s1 Baalaaq Balaʼaamin Waame \p \v 1 Israaʼeloonni gara dirree Moʼaabitti qajeelanii Yerikoon gama qarqara Yordaanos qubatan. \p \v 2 Baalaaq ilmi Ziphoori waan Israaʼel Amoorotatti hojjete hunda arge; \v 3 Moʼaabis waan sabni sun akka malee baayʼee taʼeef ni sodaate. Moʼaabis sababii Israaʼelootaatiif raafame. \p \v 4 Warri Moʼaabis maanguddoota Midiyaaniin, “Namoonni baayʼeen kunneen akkuma qotiyyoon marga bakkee dheedee fixu sana waan naannoo keenya jiru dheedee fixa” jedhan. \p Kana irratti Baalaaq ilmi Ziphoori kan yeroo sana mootii Moʼaab ture sun, \v 5 akka isaan Balaʼaam ilma Beʼoor kan biyyuma itti dhalate keessa laga Efraaxiis bira Phetoori keessa jiraachaa ture sana waamaniif ergamoota erge. Baalaaqis akkana jedhe: \pm “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii baʼee dhufeera; kunoo isaan lafa guutanii natti aananii qubataniiru. \v 6 Sababii isaan na caalaa humna qabaniif amma kottuutii isaan abaari. Yoos ani isaan moʼadhee biyya keessaa ariʼee isaan baasuu nan dandaʼa taʼa. Ani akka warri ati eebbiftu eebbifaman, warri ati abaartus abaaraman nan beekaatii.” \p \v 7 Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan. \p \v 8 Balaʼaamis, “Halkan kana asuma bulaa; anis deebii \nd Waaqayyo\nd* naaf kennu isinitti nan hima” jedheen. Qondaaltonni Moʼaab sun isuma bira turan. \p \v 9 Waaqni gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate. \p \v 10 Balaʼaamis akkana jedhee Waaqaaf deebii kenne; “Baalaaq ilmi Ziphoori, mootichi Moʼaab akkana jedhee ergaa kana natti erge: \v 11 ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii baʼee dhufe tokko lafa guuteera; ati amma kottuutii isaan naaf abaari. Yoos ani isaan lolee ariʼee biyyaa baasuu nan dandaʼa taʼaatii.’ ” \p \v 12 Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaan wajjin hin deemin. Sababii isaan eebbifamoo taʼaniif ati saba sana hin abaarin” jedhe. \p \v 13 Balaʼaam ganama itti aanu kaʼee qondaaltota Baalaaqiin, “Sababii \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin deemuu na dhowweef, isin amma kaʼaa biyya keessanitti deebiʼaa” jedhe. \p \v 14 Qondaaltonni Moʼaab gara Baalaaqitti deebiʼanii, “Balaʼaam nu wajjin dhufuu dide” jedhaniin. \p \v 15 Baalaaqis qondaaltota warra duraa sana caalaa baayʼee fi caalaa bebeekamoo kan biraa erge. \v 16 Isaanis dhufanii Balaʼaamiin akkana jedhan: \pm “Wanni Baalaaq ilmi Ziphoori jedhu kunoo kana: ‘Maaloo wanni tokko iyyuu gara koo dhufuu si hin dhowwin; \v 17 ani ulfina guddaa siif nan kennaatii; waan ati jettu hundas nan guuta. Kottuu saba kana naa abaari.’ ” \p \v 18 Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu. \v 19 Akka ani waan \nd Waaqayyo\nd* natti himu kan biraa beekuu dandaʼuuf isinis akkuma warra kaanii as bulaa.” \p \v 20 Halkan sana Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Sababii namoonni kunneen si waamuu dhufaniif, isaan wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa hojjedhu” jedheen. \s1 Harree Balaʼaam \p \v 21 Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee qondaaltota Moʼaab sana wajjin deeme. \v 22 Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan. \v 23 Harreen sun immoo ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute. \p \v 24 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate. \v 25 Harreen sun ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute. \p \v 26 Ergamaan \nd Waaqayyoos\nd* fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate. \v 27 Harreen sun ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute. \v 28 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette. \p \v 29 Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe. \p \v 30 Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?” \p Innis, “Lakkii” jedhee deebiseef. \p \v 31 Yommus \nd Waaqayyo\nd* ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade. \p \v 32 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe. \v 33 Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.” \p \v 34 Balaʼaamis ergamaa \nd Waaqayyootiin\nd*, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe. \p \v 35 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme. \p \v 36 Baalaaqis akka Balaʼaam dhufaa jiru dhageenyaan, magaalaa Moʼaab kan daarii Arnoon irratti argamtutti isa simachuudhaaf kaʼee deeme. \v 37 Baalaaqis Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani dhaamsa ariifachiisaa sitti hin erginee? Ati maaliif na bira hin dhufne? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin dandaʼuu?” \p \v 38 Balaʼaamis, “Kunoo ani si bira dhufeera. Garuu ani waanuman arge dubbachuu nan dandaʼaa? Ani waanuma Waaqni afaan koo keessa kaaʼu qofan dubbachuu qaba” jedhee deebise. \p \v 39 Balaʼaamis kaʼee Baalaaq wajjin Qiiriyaati Haxoti dhaqe. \v 40 Baalaaq loonii fi hoolaa aarsaa dhiʼeessee gara tokko Balaʼaamii fi qondaaltota isa wajjin turaniif kenne. \v 41 Ganama itti aanus Baalaaq, Balaʼaamin Baamooti Baʼaalitti ol baase; innis achi dhaabatee saba Israaʼel warra daangaa gamaa irra jiran arge. \c 23 \s1 Ergaa Balaʼaam Kan Jalqabaa \p \v 1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe. \v 2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan. \p \v 3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii \nd Waaqayyo\nd* anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe. \p \v 4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen. \p \v 6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. \v 7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate: \q1 “Baalaaq Arraam irraa, \q2 mootichi Moʼaab gaarran baʼaa irraa na fide. \q1 Innis, ‘Kottuutii Yaaqoobin naa abaari; \q2 kottuutii Israaʼelin naa balaaleffadhu’ jedhe. \q1 \v 8 Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin \q2 abaaruu dandaʼa? \q1 Ani akkamittan warra \nd Waaqayyo\nd* hin balaaleffatin \q2 balaaleffachuu dandaʼa? \q1 \v 9 Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga; \q2 tulluuwwan irraas isa nan ilaala. \q1 Saba kophaa isaa jiraatu, \q2 kan saba kaan keessatti of hin lakkoofne nan arga. \q1 \v 10 Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa? \q2 Eenyutu Israaʼel keessaa kurmaana isaa illee lakkaaʼa? \q1 Ani duʼa nama qajeelaa haa duʼu; \q2 dhumni koos akkuma dhuma isaa haa taʼu!” \p \v 11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe. \p \v 12 Innis, “Ani waan \nd Waaqayyo\nd* afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef. \s1 Ergaa Balaʼaam Kan Lammaffaa \p \v 13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen. \v 14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse. \p \v 15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe. \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen. \p \v 17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “\nd Waaqayyo\nd* maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate. \p \v 18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate: \q1 “Yaa Baalaaq, kaʼiitii dhaggeeffadhu; \q2 yaa ilma Ziphoori na dhagaʼi. \q1 \v 19 Waaqni nama miti; inni hin sobu; \q2 yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. \q1 Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? \q2 Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu? \q1 \v 20 Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera; \q2 inni eebbiseera; anis geeddaruu hin dandaʼu. \b \q1 \v 21 “Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine; \q2 rakkina tokko illee Israaʼel keessatti hin argine. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii isaan wajjin jira; \q2 ililleen Mootii isaan wajjin jira. \q1 \v 22 Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase; \q2 inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. \q1 \v 23 Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu; \q2 Israaʼel irrattis tolchi tokko iyyuu hin hojjetu. \q1 Amma Yaaqoobii fi Israaʼeliin, \q2 ‘Waan Waaqni hojjete ilaalaa!’ jedhama. \q1 \v 24 Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa; \q2 akkuma leencaattis ol jedha; \q1 inni hamma waan adamsate nyaatee fixutti, \q2 hamma dhiiga waan ajjeefate sanaa dhuguttis hin ciisu.” \p \v 25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe. \p \v 26 Balaʼaamis, “Ani akka waan \nd Waaqayyo\nd* jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise. \s1 Ergaa Balaʼaam Kan Sadaffaa \p \v 27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe. \v 28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase. \p \v 29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe. \v 30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse. \c 24 \p \v 1 Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun \nd Waaqayyoon\nd* gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate. \v 2 Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe; \v 3 innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: \q1 “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, \q2 ergaa nama iji isaa sirriitti arguu, \q1 \v 4 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu \q2 isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu \q2 kan kufee iji isaa banamu sanaa: \b \q1 \v 5 “Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, \q2 Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga! \b \q1 \v 6 “Isaan akkuma sulula diriiraa, \q2 akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, \q1 akkuma argeessa \nd Waaqayyo\nd* dhaabee, \q2 akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti. \q1 \v 7 Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; \q2 sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. \b \q1 “Mootiin isaa Agaag caala; \q2 mootummaan isaa ni kabajama. \b \q1 \v 8 “Waaqayyo Gibxii isa baase; \q2 inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. \q1 Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; \q2 lafee isaanii ni caccabsa; \q2 xiyya ofii isaatiin isaan waraana. \q1 \v 9 Inni akkuma leencaa ciiseera; \q2 akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? \b \q1 “Warri si eebbisan haa eebbifaman; \q2 warri si abaaranis haa abaaraman!” \p \v 10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte. \v 11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu \nd Waaqayyo\nd* akka ati ulfina hin arganne si godheera.” \p \v 12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii? \v 13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma \nd Waaqayyo\nd* jedhe qofan dubbadha malee ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’ \v 14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.” \s1 Ergaa Balaʼaam Kan Afuraffaa \p \v 15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: \q1 Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, \q2 ergaa nama iji isaa sirriitti arguu, \q1 \v 16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu \q2 kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu \q1 kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu \q2 kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa: \b \q1 \v 17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti; \q2 ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. \q1 Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; \q2 Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. \q1 Inni adda warra Moʼaab, \q2 buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa. \q1 \v 18 Edoom ni moʼatama; \q2 Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; \q2 Israaʼel garuu jabaachaa deema. \q1 \v 19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; \q2 warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.” \s1 Ergaa Balaʼaam Kan Dhumaa \p \v 20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: \q1 “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; \q2 dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.” \p \v 21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: \q1 “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; \q2 manni kees kattaa keessatti ijaarame; \q1 \v 22 taʼus isin warri Qeenotaa, \q2 gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.” \p \v 23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: \q1 “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu // eenyutu jiraachuu dandaʼa? \q2 \v 24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; \q1 isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; \q2 garuu isaanis ni barbadeeffamu.” \p \v 25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele. \c 25 \s1 Moʼaab Israaʼelin Gowwoomse \p \v 1 Israaʼeloonni yeroo Shixiim keessa turanitti dhiironni isaanii dubartoota Moʼaab wajjin sagaagaluu jalqaban. \v 2 Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade. \v 3 Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi \nd Waaqayyoos\nd* isaanitti bobaʼe. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Akka dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* jabaan sun saba Israaʼel irraa deebiʼuuf, hangafoota saba sanaa hunda fuudhiitii guyyaa adiidhaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan fannisi.” \p \v 5 Museen abbootii murtii Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan kanneen Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan fixaa” jedhe. \p \v 6 Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate. \v 7 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa waan kana arginaan waldaa sana keessaa baʼee eeboo harkatti qabatee \v 8 namicha Israaʼel sana duukaa buʼee dunkaana seene; namicha Israaʼelii fi dubartittiis walitti waraanee dhagna isheetti fullaase. Akkasiin dhaʼichi Israaʼelitti dhufe sun ni dhowwame. \v 9 Garuu baayʼinni namoota dhaʼicha sanaan dhumanii 24,000 gaʼee ture. \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 11 “Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii. \v 12 Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi. \v 13 Sababii inni ulfina Waaqa isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu.” \p \v 14 Maqaan namicha Israaʼel kan dubartii Midiyaan wajjin ajjeefame sanaa Zimrii ilma Saaluu ti; innis hoogganaa maatii Simiʼoon. \v 15 Maqaan dubartii Midiyaan kan ajjeefamte sanaa Kozbii intala Zuuri hangafa maatii Midiyaan tokkoo ti. \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 17 “Midiyaanota akka diinaatti ilaaliitii ajjeesi; \v 18 kunis waan isaan sababii Pheʼooriitii fi obboleettii isaanii Kozbii intala hoogganaa warra Midiyaan, dubartii guyyaa sababii Pheʼooriitiin dhaʼichi dhufe sana ajjeefamte sanaa irratti isin gowwoomsan sana akka diinaatti isin ilaalaniif.” \c 26 \s1 Sabni Yeroo Lammaffaa Lakkaaʼame \p \v 1 Dhaʼicha sana booddee \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe; \v 2 “Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.” \v 3 Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan; \v 4 “Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.” \b \lh Jarri kunneen Israaʼeloota biyya Gibxiitii baʼanii dha: \b \li1 \v 5 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: \li2 karaa Henookiitiin, balbala Hanookotaa; \li2 karaa Faluutiin, balbala Faluuwotaa; \li2 \v 6 karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa; \li2 karaa Karmiitiin, balbala Karmootaa. \lf \v 7 Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture. \li2 \v 8 Ilmi Faluus Eliiyaab; \v 9 ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa \nd Waaqayyotti\nd* fincilan sanas achi keessa turan. \v 10 Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan. \v 11 Ilmaan Qooraahi garuu hin duune. \b \li1 \v 12 Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Nemuuʼeel, balbala Nemuuʼeelotaa; \li2 karaa Yaamiin, balbala Yaamiinotaa; \li2 karaa Yaakiin, balbala Yaakiinotaa; \li2 \v 13 karaa Zeraan, balbala Zerootaa; \li2 karaa Shaawul, balbala Shaawulootaa ti. \lf \v 14 Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan. \b \li1 \v 15 Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Zefoon, balbala Zefoonotaa; \li2 karaa Hagii, balbala Hagootaa; \li2 karaa Shuunii, balbala Shuunotaa; \li2 \v 16 karaa Oznii, balbala Oznootaa; \li2 karaa Eerii, balbala Eerotaa; \li2 \v 17 karaa Arood, balbala Aroodotaa; \li2 karaa Ariʼeel, balbala Ariʼeelotaa ti. \lf \v 18 Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture. \b \lh \v 19 Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan. \li1 \v 20 Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Sheelaa, balbala Sheelaanotaa; \li2 karaa Faares, balbala Faaresotaa; \li2 karaa Zaaraa, balbala Zaarotaa ti. \li2 \v 21 Ilmaan Faaresis kanneenii dha: \li3 karaa Hezroon, balbala Hezroonotaa; \li3 karaa Hamuul, balbala Hamuulotaa ti. \lf \v 22 Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture. \b \li1 \v 23 Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Toolaa, balbala Toolotaa; \li2 karaa Fuwaa, balbala Fuuwotaa; \li2 \v 24 karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa; \li2 karaa Shimroon, balbala Shimroonotaa ti. \lf \v 25 Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture. \b \li1 \v 26 Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Sered, balbala Seredootaa; \li2 karaa Eeloon, balbala Eeloonotaa; \li2 karaa Yahiliʼeel, balbala Yahiliʼeelotaa ti. \lf \v 27 Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture. \b \lh \v 28 Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem. \lh \v 29 Ilmaan Minaasee: \li2 karaa Maakiir, balbala Maakiirotaa; Maakiir kun abbaa Giliʼaad; \li2 karaa Giliʼaad, balbala Giliʼaadotaa ti. \li2 \v 30 Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha: \li3 karaa Iiʼezer, balbala Iiʼezerootaa; \li3 karaa Heleq, balbala Heleqootaa; \li3 \v 31 karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa, \li3 karaa Sheekem, balbala Sheekemotaa; \li3 \v 32 karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa; \li3 karaa Heefer, balbala Heeferotaa ti. \li3 \v 33 Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha. \lf \v 34 Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture. \li1 \v 35 Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Shuutelaa, balbala Shuutelootaa; \li2 karaa Beker, balbala Bekerotaa; \li2 karaa Taahan, balbala Taahanotaa ti. \li2 \v 36 Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha: \li3 karaa Eeraan, balbala Eeraanotaa ti. \lf \v 37 Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture. \lf Isaan kunneen ilmaan Yoosef warra akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼamanii dha. \b \li1 \v 38 Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Belaa, balbala Belaaʼotaa; \li2 karaa Ashbeel, balbala Asbeelotaa; \li2 karaa Ahiiraam, balbala Ahiiraamotaa; \li2 \v 39 karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa; \li2 karaa Huufaam, balbala Huufaamotaa ti. \li2 \v 40 Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan: \li3 karaa Ardii, balbala Ardootaa; \li3 karaa Naʼamaan, balbala Naʼamaanotaa ti. \lf \v 41 Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture. \b \li1 \v 42 Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Shuuhaam, balbala Shuuhaamotaa ti. \lf Jarri kunneen balbalawwan Daan: \v 43 Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture. \b \li1 \v 44 Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Yimnaa, balbala Yuumnootaa; \li2 karaa Yishwii, balbala Yishwiiyotaa; \li2 karaa Beriiyaa, balbala Beriiyootaa; \li2 \v 45 karaa ilmaan Beriiyaa immoo: \li3 karaa Hebeer, balbala Hebeerotaa; \li3 karaa Malkiiʼeel, balbala Malkiiʼeelotaa ti. \lf \v 46 Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture. \lf \v 47 Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture. \b \li1 \v 48 Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: \li2 karaa Yahizeel, balbala Yahizeelotaa, \li2 karaa Guunii, balbala Guunotaa; \li2 \v 49 karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa; \li2 karaa Shiileem, balbala Shiileemotaa ti. \lf \v 50 Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture. \b \lf \v 51 Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture. \b \p \v 52 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 53 “Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu. \v 54 Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu. \v 55 Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu. \v 56 Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.” \b \li1 \v 57 Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha: \li2 karaa Geershoon, balbala Geershoonotaa; \li2 karaa Qohaati, balbala Qohaatotaa; \li2 karaa Meraarii, balbala Meraarotaa ti. \li1 \v 58 Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti: \li2 balbala Liibnotaa, \li2 balbala Kebroonotaa, \li2 balbala Mahelootaa, \li2 balbala Muusotaa, \li2 balbala Qooraahotaa. \li2 Qohaati abbaa Amraam; \v 59 maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse. \v 60 Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar. \v 61 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessan sana duʼan. \b \lf \v 62 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne. \b \p \v 63 Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha. \v 64 Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. \v 65 Sababii \nd Waaqayyo\nd* waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne. \c 27 \s1 Intallan Salaphaʼaad \r 27:1‑11 kwf – \xt Lak 36:1‑12\xt* \p \v 1 Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha. \v 2 Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan; \v 3 “Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen \nd Waaqayyotti\nd* fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture. \v 4 Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.” \p \v 5 Museen dubbii isaanii sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeesse; \v 6 \nd Waaqayyos\nd* akkana jedheen; \v 7 “Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi. \p \v 8 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa. \v 9 Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa. \v 10 Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa. \v 11 Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’ ” \s1 Iyyaasuun Iddoo Musee Buʼuu Isaa \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali. \v 13 Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta; \v 14 yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha. \p \v 15 Museenis \nd Waaqayyoon\nd* akkana jedhe; \v 16 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu; \v 17 namichi kunis akka sabni \nd Waaqayyoo\nd* akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.” \p \v 18 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi. \v 19 Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi. \v 20 Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif. \v 21 Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.” \p \v 22 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe. \v 23 Ergasiis akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude. \c 28 \s1 Aarsaa Guyyuma Guyyaan Dhiʼeeffamu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’ \v 3 Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa. \v 4 Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi. \v 5 Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii\f + \fr 28:5 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.\ft*\f* tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii\f + \fr 28:5 \fr*\ft Iiniin tokko liitirii 3.8.\ft*\f* tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi. \v 6 Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha. \v 7 Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti \nd Waaqayyoof\nd* dhangalaasi. \v 8 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu dha. \s1 Aarsaa Guyyaa Sanbataa \p \v 9 “ ‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi. \v 10 Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha. \s1 Aarsaa Jiʼa Jiʼaan Dhiʼeeffamu \p \v 11 “ ‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa. \v 12 Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba; \v 13 tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha. \v 14 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha. \v 15 Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama. \s1 Faasiikaa \r 28:16‑25 kwf – \xt Bau 12:14‑20; Lew 23:4‑8; KeD 16:1‑8\xt* \p \v 16 “ ‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan \nd Waaqayyoo\nd* ayyaaneffamuu qaba. \v 17 Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu. \v 18 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. \v 19 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa. \v 20 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, \v 21 xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi. \v 22 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi. \v 23 Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa. \v 24 Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu. \v 25 Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. \s1 Ayyaana Torbanootaa \r 28:26‑31 kwf – \xt Lew 23:15‑22; KeD 16:9‑12\xt* \p \v 26 “ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. \v 27 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu dhiʼeessaa. \v 28 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama, \v 29 Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. \v 30 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa. \v 31 Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa. \c 29 \s1 Ayyaana Malakataa \r 29:1‑6 kwf – \xt Lew 23:23‑25\xt* \p \v 1 “ ‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha. \v 2 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu dhiʼeessaa. \v 3 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii\f + \fr 29:3 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.\ft*\f* tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa. Korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, \v 4 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa. \v 5 Akkasumas akka araarri isinii buufamuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaatii aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \v 6 Aarsaawwan kunneen akkuma amala isaaniitti aarsaawwan gubaman kanneen jiʼa jiʼattii fi guyyaa guyyaatti dhiʼeeffamanii fi kennaawwan midhaaniittii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalamanii dhiʼeeffamanii dha. Isaanis aarsaawwan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffaman kanneen fooliin isaanii toluu dha. \s1 Guyyaa Araarri Itti Buufamu \r 29:7‑11 kwf – \xt Lew 16:2‑34; 23:26‑32\xt* \p \v 7 “ ‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa. \v 8 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhaa dhiʼeessaa. \v 9 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, \v 10 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa. \v 11 Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \s1 Ayyaana Dunkaana Qulqulluu \r 29:12‑39 kwf – \xt Lew 23:33‑43; KeD 16:13‑17\xt* \p \v 12 “ ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. \nd Waaqayyoofis\nd* bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa. \v 13 Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. \v 14 Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, \v 15 tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa. \v 16 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 17 “ ‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 18 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 19 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 20 “ ‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 21 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 22 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 23 “ ‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 24 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 25 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 26 “ ‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 27 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 28 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 29 “ ‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 30 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 31 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 32 “ ‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. \v 33 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 34 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 35 “ ‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. \v 36 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu dhiʼeessaa. \v 37 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. \v 38 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. \p \v 39 “ ‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa.’ ” \p \v 40 Museenis waan \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime. \c 30 \s1 Wareegawwan \p \v 1 Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni \nd Waaqayyo\nd* ajaje kanaa dha: \v 2 Namni tokko yoo \nd Waaqayyoof\nd* waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba. \p \v 3 “Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu \nd Waaqayyoof\nd* wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente, \v 4 yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu. \v 5 Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef \nd Waaqayyo\nd* ishee ni bilisoomsa. \p \v 6 “Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte, \v 7 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu. \v 8 Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; \nd Waaqayyos\nd* ishee bilisoomsa. \p \v 9 “Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata. \p \v 10 “Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite, \v 11 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu. \v 12 Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, \nd Waaqayyo\nd* ishee bilisoomsa. \v 13 Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa. \v 14 Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera. \v 15 Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.” \p \v 16 Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajee dha. \c 31 \s1 Midiyaanota Irratti Haaloo Baʼuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Saba Israaʼeliif jedhiitii warra Midiyaan irratti haaloo baʼi. Ergasii ati gara saba keetiitti walitti qabamta.” \p \v 3 Kana irratti Museen saba sanaan akkana jedhe; “Akka isaan warra Midiyaanitti duulanii haaloo \nd Waaqayyoo\nd* isaan irratti baʼaniif namoota keessan keessaa muraasa hidhachiisaa. \v 4 Tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa nama kuma tokko tokkoo duulatti ergaa.” \v 5 Akkasitti tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa namoonni kumni tokko tokko walitti buufamanii namni kumni kudha lama lolaaf hidhate. \v 6 Museenis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama kuma tokko tokko Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa isa miʼa iddoo qulqulluutii fi malakata afuufamu harkatti qabate sana wajjin gara waraanaatti erge. \p \v 7 Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti warra Midiyaan lolanii dhiira hunda ajjeesan. \v 8 Mootonni Midiyaan shanan jechuunis Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaanis warra ajjeefaman keessa turan. Akkasumas Balaʼaam ilma Beʼoor goraadeedhaan ajjeesan. \v 9 Israaʼeloonni dubartootaa fi ijoollee warra Midiyaan boojiʼan; loon, bushaayee fi qabeenya isaanii hundas ni saaman. \v 10 Magaalaawwan Midiyaanonni keessa jiraatan hundaa fi qubatawwan isaanii hunda ibiddaan guban. \v 11 Isaanis waan boojiʼanii fi waan saaman hunda namaa fi horii illee fuudhanii \v 12 warra boojiʼan, waan qabatanii fi waan saaman gara iddoo qubata isaanii kan fuula Yerikoo dura, Yordaanos cina, dirreewwan Moʼaab keessa jiruutti gara Museetti, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara waldaa Israaʼelitti fidan. \p \v 13 Museen, Eleʼaazaar lubichii fi hooggantoonni waldaa hundi qubataan alatti isaan simachuuf gad baʼan. \v 14 Museenis ajajjuuwwan loltootaa jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kanneen lolaa galanitti aare. \p \v 15 Innis akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif dubartoota hunda hambiftan? \v 16 Kunoo warri waan Pheʼooritti taʼe sana keessatti gorsa Balaʼaam fudhachuudhaan akka dhaʼichi saba \nd Waaqayyoo\nd* irra buʼuuf Israaʼeloota \nd Waaqayyo\nd* irraa deebisan isaan turan. \v 17 Ammas ilmaan dhiiraa hunda fixaa; akkasumas dubartii dhiira wajjin ciifte hunda ajjeesaa. \v 18 Garuu dubara takkumaa dhiira wajjin hin ciisin ofii keessaniif hambifadhaa. \p \v 19 “Isin keessaa namni nama ajjeese kam iyyuu yookaan namni nama ajjeefame tuqe kam iyyuu bultii torba qubataan ala haa turu. Bultii sadaffaa fi bultii torbaffaattis ofii keessanii fi boojuu keessan qulqulleessaa. \v 20 Uffata hunda akkasumas waan gogaa irraa, rifeensa reʼee irraa yookaan muka irraa hojjetame hunda qulqulleessaa.” \p \v 21 Ergasiis Eleʼaazaar lubichi loltoota duula dhaqanii turan sanaan akkana jedhe; “Qajeelfamni seeraa kan \nd Waaqayyo\nd* Museef kenne kanaa dha: \v 22 Warqee, meetii, naasii, sibiila, qorqorroo, dilaalii fi \v 23 wanni ibidda irraa hafuu dandaʼu kam iyyuu ibidda keessa dabarfamee qulqullaaʼuu qaba. Garuu wanni sun bishaan qulqullaaʼummaatiinis qulqulleeffamuu qaba. Wanni ibidda irra hafuu hin dandeenye kam iyyuu bishaan sanaan qulqulleeffama. \v 24 Guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaa; isinis ni qulqulleeffamtu. Ergasii qubatatti galuu dandeessu.” \s1 Boojuu Qooddachuu \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 26 “Ati, Eleʼaazaar lubichii fi abbootiin maatii waldaa sanaa namootaa fi horii boojiʼaman lakkaaʼaa. \v 27 Boojuu sanas loltoota duula dhaqanii turanii fi waldaa hunda gidduutti iddoo lamatti qoodi. \v 28 Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko \nd Waaqayyoof\nd* gibira fuudhi. \v 29 Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda \nd Waaqayyoo\nd* godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni. \v 30 Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana \nd Waaqayyoo\nd* taʼanitti kenni.” \v 31 Musee fi Eleʼaazaar lubichi akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sana godhan. \p \v 32 Wanti boojuu loltoonni fudhatan irraa hafe hoolota 675,000, \v 33 loon 72,000, \v 34 harroota 61,000, \v 35 dubartoonni takkumaa dhiira wajjin hin ciisin 32,000 turan. \b \lh \v 36 Qoodni walakkaa kan warra duulaniif qoodame: \b \li1 Hoolota 337,500 \v 37 keessaa gibirri \nd Waaqayyoo\nd* 675 ture; \li1 \v 38 loon 36,000 keessaa gibirri \nd Waaqayyoo\nd* 72 ture; \li1 \v 39 harroota 30,500 keessaa gibirri \nd Waaqayyoo\nd* 61 ture; \li1 \v 40 nama 16,000 keessaa gibirri \nd Waaqayyoo\nd* 32 ture. \b \p \v 41 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sanatti gibira sana qooda \nd Waaqayyoo\nd* godhee Eleʼaazaar lubichatti kenne. \p \v 42 Qooda walakkaa kan Museen warra duulan irraa Israaʼelootaaf qoode: \v 43 Walakkaan boojuu kan waldaa sanaa hoolota 337,500, \v 44 loon 36,000, \v 45 harroota 30,500, \v 46 nama 16,000 ture. \v 47 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sanatti walakkaa saba Israaʼel irraa namaa fi horii shantama keessaa tokko fuudhee Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana \nd Waaqayyoo\nd* taʼanitti kenne. \p \v 48 Ergasiis ajajjuuwwan loltoota kumaatama irratti aangoo qaban jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa gara Musee dhaqanii \v 49 akkana jedhaniin; “Nu garboonni kee loltoota ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; namni tokko iyyuu hin hirʼanne. \v 50 Kanaafuu nu waan tokkoon tokkoon keenya arganne jechuunis miʼa warqee, arboora, bitawoo, qubeelaa chaappaa, lootii fi amartii mormaa akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa araara nuu buusuuf kennaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu goonee fidneerra.” \p \v 51 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee fi faayawwan harkaan tolfaman hunda isaan harkaa fuudhan. \v 52 Warqeen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kennan kanneen Musee fi Eleʼaazaar akka kennaatti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan hundi saqilii 16,750 ulfaatu ture. \v 53 Tokkoon tokkoon loltootaa ofii isaaniitiif boojuu fudhatanii turan. \v 54 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee sana ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa harkaa fuudhanii akka Israaʼeloonni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ittiin yaadatamaniif dunkaana wal gaʼiitti ol galchan. \c 32 \s1 Gosoota Yordaanos Gamaa \p \v 1 Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan. \v 2 Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan; \v 3 “Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon, \v 4 biyyi \nd Waaqayyo\nd* fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna. \v 5 Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin.” \p \v 6 Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu? \v 7 Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya \nd Waaqayyo\nd* isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu? \v 8 Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha. \v 9 Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya \nd Waaqayyo\nd* isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan. \v 10 Dheekkamsi \nd Waaqayyoos\nd* guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate; \v 11 ‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sana hin argu. \v 12 Kaaleb ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* duukaa buʼaniiruutii.’ \v 13 Dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe. \p \v 14 “Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu. \v 15 Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu.” \p \v 16 Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra. \v 17 Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan. \v 18 Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu. \v 19 Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.” \p \v 20 Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hidhattanii duulaaf kaatan, \v 21 yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura Yordaanosin ceetan, \v 22 yeroo biyyattiin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama \nd Waaqayyoo\nd* fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhaala keessan taʼa. \p \v 23 “Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa. \v 24 Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa.” \p \v 25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona. \v 26 Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan. \v 27 Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti duuluuf ni ceena.” \p \v 28 Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne. \v 29 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii. \v 30 Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan.” \p \v 31 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan \nd Waaqayyo\nd* jedhe ni goona. \v 32 Nu miʼa lolaa hidhannee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu.” \p \v 33 Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne. \p \v 34 Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer, \v 35 Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa, \v 36 Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan. \v 37 Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim, \v 38 akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan. \p \v 39 Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan. \v 40 Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan. \v 41 Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase. \v 42 Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame. \c 33 \s1 Adeemsa Israaʼelootaa \p \v 1 Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana. \v 2 Museen ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti: \b \pi1 \v 3 Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman; \v 4 yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen \nd Waaqayyo\nd* isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti \nd Waaqayyo\nd* muree tureetii. \pi1 \v 5 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan. \pi1 \v 6 Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan. \pi1 \v 7 Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan. \pi1 \v 8 Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan. \pi1 \v 9 Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan. \pi1 \v 10 Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan. \pi1 \v 11 Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan. \pi1 \v 12 Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan. \pi1 \v 13 Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan. \pi1 \v 14 Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan. \pi1 \v 15 Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan. \pi1 \v 16 Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan. \pi1 \v 17 Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan. \pi1 \v 18 Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan. \pi1 \v 19 Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan. \pi1 \v 20 Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan. \pi1 \v 21 Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan. \pi1 \v 22 Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan. \pi1 \v 23 Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan. \pi1 \v 24 Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan. \pi1 \v 25 Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan. \pi1 \v 26 Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan. \pi1 \v 27 Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan. \pi1 \v 28 Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan. \pi1 \v 29 Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan. \pi1 \v 30 Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan. \pi1 \v 31 Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan. \pi1 \v 32 Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan. \pi1 \v 33 Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan. \pi1 \v 34 Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan. \pi1 \v 35 Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan. \pi1 \v 36 Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan. \pi1 \v 37 Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan. \v 38 Aroon lubichis ajaja \nd Waaqayyootiin\nd* Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe. \v 39 Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture. \pi1 \v 40 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe. \pi1 \v 41 Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan. \pi1 \v 42 Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan. \pi1 \v 43 Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan. \pi1 \v 44 Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan. \pi1 \v 45 Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan. \pi1 \v 46 Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan. \pi1 \v 47 Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan. \pi1 \v 48 Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan. \v 49 Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan. \b \p \v 50 \nd Waaqayyos\nd* dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe; \v 51 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti, \v 52 jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa. \v 53 Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa. \v 54 Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa. \p \v 55 “ ‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu. \v 56 Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’ ” \c 34 \s1 Daangaawwan Kanaʼaan \lh \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti: \b \li1 \v 3 “ ‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba; \v 4 daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba. \v 5 Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma. \li1 \v 6 Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa. \li1 \v 7 Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti, \v 8 Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee \v 9 hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa. \li1 \v 10 Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa. \v 11 Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema. \v 12 Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata. \b \lf “ ‘Egaa biyyi gama hundaan daarii qabu kun keessan taʼa.’ ” \b \p \v 13 Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; \nd Waaqayyo\nd* akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera; \v 14 maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii. \v 15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.” \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 17 “Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti. \v 18 Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa. \b \lh \v 19 “Maqaan isaaniis kanneenii dha: \b \li1 “Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee; \li1 \v 20 gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud; \li1 \v 21 gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon; \li1 \v 22 gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii; \li1 \v 23 gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi; \li1 \v 24 gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan; \li1 \v 25 gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak; \li1 \v 26 gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan; \li1 \v 27 gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii; \li1 \v 28 gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.” \b \lf \v 29 Namoonni kunneen warra \nd Waaqayyo\nd* akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha. \c 35 \s1 Magaalaawwan Lewwotaaf Kennaman \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif. \v 3 Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu. \p \v 4 “Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata. \v 5 Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu. \s1 Magaalaawwan Itti Baqatan \r 35:6‑34 kwi – \xt KeD 4:41‑43; 19:1‑14; Iya 20:1‑9\xt* \p \v 6 “Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa. \v 7 Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa. \v 8 Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.” \p \v 9 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe: \v 10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti, \v 11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa. \v 12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu. \v 13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu. \v 14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa. \v 15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu. \p \v 16 “ ‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba. \v 17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba. \v 18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba. \v 19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu. \v 20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese, \v 21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu. \p \v 22 “ ‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee \v 23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif \v 24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu. \v 25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu. \p \v 26 “ ‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee \v 27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu. \v 28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa. \p \v 29 “ ‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan. \p \v 30 “ ‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin. \p \v 31 “ ‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba. \p \v 32 “ ‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa. \p \v 33 “ ‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu. \v 34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’ ” \c 36 \s1 Dhaala Intallan Zelofehaad \r 36:1‑12 kwf – \xt Lak 27:1‑11\xt* \p \v 1 Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yoosef keessaa dhufan sun fuula Museetii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan; \v 2 akkanas jedhan; “Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera. \v 3 Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama. \v 4 Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama.” \p \v 5 Kana irratti Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: “Wanni gosti ilmaan Yoosef jedhu sirrii dha. \v 6 Wanni \nd Waaqayyo\nd* waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman. \v 7 Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin. \v 8 Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi. \v 9 Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.” \p \v 10 Intallan Zelofehaad akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sana godhan. \v 11 Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nohi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman. \v 12 Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoosef keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe. \b \p \v 13 Ajajawwanii fi murtiiwwan \nd Waaqayyo\nd* dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Museetiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.