\id NEH - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Nahimiyaa \toc1 Kitaaba Nahimiyaa \toc2 Nahimiyaa \toc3 Nah \mt2 Kitaaba \mt1 Nahimiyaa \c 1 \s1 Kadhannaa Nahimiyaa \p \v 1 Dubbii Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa: \b \b \p Waggaa digdammaffaatti jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa utuu ani gamoo Suusaa keessa jiruu, \v 2 obboloota koo keessaa Hanaaniin namoota biraa wajjin Yihuudaadhaa dhufe; anis waaʼee hambaa Yihuudoota boojuu jalaa baʼanii fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe. \p \v 3 Isaanis akkana naan jedhan; “Warri boojuudhaa deebiʼanii kutaa biyyaa kana keessa jiraatan rakkinaa fi salphina guddaa keessa jiru. Dallaan Yerusaalem diigamee karraawwan ishees ibiddaan gubamaniiru.” \p \v 4 Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe. \v 5 Akkanas nan jedhe: \pm “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu, \v 6 akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima. \v 7 Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne. \pm \v 8 “Qajeelfama garbicha kee Museetti kennite sana yaadadhu; innis akkana jedha; ‘Yoo isin amanamuu baattan ani saboota keessa isin nan bittinneessa; \v 9 garuu yoo isin gara kootti deebitanii ajaja koo eegdan, yoo namoonni keessan kanneen boojiʼaman daarii lafaa jiraatan illee ani achii walitti isaanin qabee gara iddoo ani akka Maqaan koo achi jiraatuuf filadhe sanaatti isaan nan fida.’ \pm \v 10 “Isaan garboota kee fi saba kee warra ati humna kee guddaa fi harka kee jabaa sanaan furtee dha. \v 11 Yaa Gooftaa, gurri kee kadhannaa garbicha kee kanaa fi kadhannaa garboota kee warra maqaa kee sodaachuutti gammadanii sirriitti haa dhagaʼu. Fuula namicha kanaa duratti surraa isaaf kennuudhaan harʼa garbicha kee milkeessi.” \p Ani nama mootichaaf daadhii buusun ture. \c 2 \s1 Nahimiyaan Gara Yerusaalemitti Ergame \p \v 1 Waggaa digdammaffaa bara Arxeksis Mootichaatti jiʼa Niisaan keessa yeroo daadhiin wayinii isaaf dhiʼeeffametti ani daadhii wayinii sana fuudhee mootichaaf nan kenne. Ani fuula isaa duratti gaddee hin beeku; \v 2 kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin fuulli kee maaliif waan gadde fakkaata? Kun gadda garaa keessaati malee waan biraa miti” naan jedhe. \p Anis akka maleen sodaadhe; \v 3 mootichaanis, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Utuu magaalaan abbootiin koo keessatti awwaalaman barbadooftee jirtuu, utuu karrawwan ishees ibiddaan barbadeeffamanii jiranuu fuulli koo maaliif hin gaddu?” nan jedhe. \p \v 4 Mootichis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” naan jedhe. \p Kanaafuu ani Waaqa samii kadhadheen \v 5 akkana jedhee mootichaaf nan deebise; “Yoo wanni kun mooticha gammachiisee garbichi kee fuula kee duratti surraa argate, akka ani magaalattii deebisee ijaaruuf gara Yihuudaa, gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi.” \p \v 6 Kana irratti mootichi utuma mootittiin isa bira teessuu, “Karaan kee yeroo hammamii fudhata? Atis yoomi deebita?” jedhee na gaafate. Na erguun fedhii mootichaa taʼe; anis yeroo nan murteeffadhe. \p \v 7 Ammas ani akkanan isaan jedhe; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, akka isaan hamma ani Yihuudaa gaʼutti nagaadhaan na dabarsaniif bulchitoota Laga Efraaxiis Gamaatiif xalayaan anaaf haa kennamu. \v 8 Akkasumas akka inni laaxaa ani ittiin dareeraa karra daʼannoo mana qulqullummaa, dallaa magaalaa sanaa fi kan mana ani itti galuuf jiruu tolfadhu naaf kennuuf Aasaaf eegduu bosona mootichaaf xalayaan naaf haa barreeffamu.” Sababii harki Waaqa koo tolaan sun narra tureef mootichi waan ani kadhadhe naa kenne. \v 9 Kanaafuu ani gara bulchitoota Gama Laga Efraaxiis dhaqee xalayoota mootichaa isaanitti nan kenne. Mootichi ajajjoota waraanaa fi abbootii fardeenii na wajjin ergee ture. \p \v 10 Sanbalaax Hooroonichii fi Xoobbiyaan qondaaltichi Amoon sun yeroo waan kana dhagaʼanitti sababii namni Israaʼeliif waan tolaa yaadu tokko dhufeef akka malee ni raafaman. \s1 Nahimiyaan Dallaa Yerusaalem Irra Naannaʼee Ilaale \p \v 11 Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee \v 12 halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre. \p \v 13 Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale. \v 14 Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre; \v 15 kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene. \v 16 Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne. \p \v 17 Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.” \v 18 Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. \p Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban. \p \v 19 Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan. \p \v 20 Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.” \c 3 \s1 Ijaartota Dallaa \p \v 1 Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran. \v 2 Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare. \b \p \v 3 Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. \v 4 Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse. \v 5 Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne. \b \p \v 6 Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. \v 7 Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan. \v 8 Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran. \v 9 Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse. \v 10 Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse. \v 11 Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan. \v 12 Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan. \b \p \v 13 Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan. \b \p \v 14 Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. \b \p \v 15 Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse. \v 16 Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse. \p \v 17 Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse. \v 18 Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan. \v 19 Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse. \v 20 Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaayi roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse. \v 21 Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse. \p \v 22 Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse. \v 23 Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse. \v 24 Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse; \v 25 Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi \v 26 tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan. \v 27 Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan. \b \p \v 28 Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan. \v 29 Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse. \v 30 Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse. \v 31 Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse; \v 32 tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan. \c 4 \s1 Deebisanii Ijaaruu Irratti Mormiin Kaʼuu Isaa \p \v 1 Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee \v 2 fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; “Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?” \p \v 3 Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, “Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!” jedhe. \b \p \v 4 Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni. \v 5 Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif. \b \p \v 6 Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii. \p \v 7 Garuu Sanbalaaxi, Xoobbiyaan, Araboonni, Amoononnii fi namoonni Ashdood yommuu akka haaromfamuun dallaa Yerusaalem ittuma fufaa jiruu fi akka qaawwi isaa duuchamaa jiru dhagaʼanitti akka malee aaran. \v 8 Isaan hundinuu dhufanii Yerusaalemin loluu fi rakkina itti fiduudhaaf tokkummaadhaan malatan. \v 9 Nu garuu Waaqa keenya kadhannee doorsisa kana of irraa ittisuuf jennee waardiyyaa halkanii fi guyyaa eegu tokko kaaʼanne. \p \v 10 Sabni Yihuudaas, “Humni hojjettootaa laafeera; sababii diigamni isaa akka malee guddaa taʼeef nu dallaa kana deebifnee ijaaruu hin dandeenyu” jedhe. \p \v 11 Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookaan nu hin argin isaan gidduu seennee isaan fixnee hojii sana dhaabbachiifna” jedhan. \p \v 12 Yihuudoonni isaanitti dhiʼoo jiraatan dhufanii, “Yoo isin eessa illee dhaqxan isaan inuma nu lolu” jedhanii yeroo kudhan nutti himan. \p \v 13 Kanaafuu ani namoota sana keessaa tokko tokko dachaa dallaa duubaan jiru keessa, iddoo ol kaʼaa irratti ramadee akka isaan goraadee, eeboo fi iddaa qabatanii dhaabatan nan godhe. \v 14 Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.” \p \v 15 Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine. \p \v 16 Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan; \v 17 warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan; \v 18 tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture. \p \v 19 Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra. \v 20 Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!” \p \v 21 Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne. \v 22 Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.” \v 23 Anis, obboloonni koos, namoonni koos, eegdonni na wajjin turanis uffata keenya hin baafanne; tokkoon tokkoon namaa yeroo bishaan barbaacha deemu illee miʼa isaa kan waraanaa harkatti qabata ture. \c 5 \s1 Nahimiyaan Hiyyeeyyii Gargaare \p \v 1 Yeroo kanatti namoonnii fi niitonni isaanii obboloota isaanii Yihuudootatti guddisanii iyyan. \v 2 Isaan keessaa namoonni tokko tokko, “Nu, ilmaan keenyaa fi intallan keenya baayʼee hedduu dha; nu akka nyaannee jiraannuuf midhaan argachuu qabna” jechaa turan. \p \v 3 Warri kaan immoo, “Nu yeroo beelaatti midhaan argachuudhaaf jennee lafa qotiisaa keenya, iddoo dhaabaa wayinii keenyaa fi manneen keenya qabsiisaa jirra” jechaa turan. \p \v 4 Ammas namoonni biraa akkana jedhan; “Nu lafa qotiisaa keenyaa fi iddoo dhaabaa wayinii keenyaatiif gibira mootichaa baasuudhaaf maallaqa liqeeffachuu qabna turre. \v 5 Nu namoota biyya keenyaatiin foonii fi dhiiga tokko taanee ilmaan keenyas akkuma ilmaan isaanii gaarii taʼan illee, nu ilmaan keenyaa fi intallan keenya dabarsinee garbummaaf kennineerra. Intallan keenya keessaa tokko tokko amma iyyuu garboomfamanii jiru; garuu lafti qotiisaa keenyaa fi iddoon dhaabaa wayinii keenyaa kan namoota biraa waan taʼaniif nu humna hin qabnu.” \p \v 6 Anis yommuun iyya isaaniitii fi dubbii kana dhagaʼetti baayʼee nan aare. \v 7 Anis ofiin mariʼadhee namoota bebeekamoo fi qondaaltota sana nan ifadhe; akkanas nan jedheen; “Isin hiiqiidhaan liqeessuudhaan namootuma biyya keessanii saamaa jirtu!” Kanaafuu ani yaaʼii guddaa isaanitti waameen \v 8 akkana isaaniin jedhe; “Nu hamma nuu dandaʼametti obboloota keenya Yihuudoota saba ormaatti gurguramanii turan sana deebifnee bitanneerra. Isin amma illee akka isaan deebifamanii nutti gurguramaniif jettanii obboloota keessaan gurguraa jirtu!” Isaan immoo waan jedhan dhabanii calʼisan. \p \v 9 Kanaafuu ani ittuma fufeen akkana jedheen; “Wanni isin hojjechuutti jirtan kun sirrii miti. Isin tuffii diinota keenya Namoota Ormaa jalaa baʼuuf, Waaqa keenya sodaachuudhaan jiraachuu hin qabdanii? \v 10 Ani, obboloota koo fi namoonni koos maallaqaa fi midhaan saba kanaaf liqeessaa jirra. Garuu hiiqiidhaan liqeessuudhaan nama saamuu dhiisaa! \v 11 Amma dafaatii lafa qotiisaa isaanii, iddoo dhaabaa wayinii isaanii, mukkeen ejersaatii fi manneen isaanii akkasumas waan hiiqiidhaan liqeessitanii dhibbantaan saamtan kanneen akka maallaqaa, midhaanii, daadhii wayinii haaraatii fi zayitii sana deebisaafii.” \p \v 12 Isaanis, “Nu waan sana deebifnee ni kennina; deebinee waan tokko illee isaan irraa hin barbaannu. Akkuma ati jette goona” jedhan. \p Kana irratti ani luboota ofitti waamee akka namoonni bebeekamoonii fi qondaaltonni waan waadaa galan sana raawwatan nan kakachiise. \v 13 Ammas ani dachaa uffata koo hurgufeen akkana jedhe; “Waaqayyo nama waadaa kana hin eegne kamiin iyyuu mana isaatii fi qabeenya isaa irraa akkana haa hurgufu. Namni akkanaa kun akkasuma hurgufamee harka duwwaa haa hafu!” \p Kana irratti waldaan hundi, “Ameen” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* galateeffate. Uummannis akkuma waadaa gale sana godhe. \p \v 14 Kana caalaas yeroo ani bara Arxeksis mootichaa keessa waggaa digdammaffaatti bulchaa biyya Yihuudaa taʼee muudamee jalqabee hamma waggaa soddomii lammaffaa mootummaa isaatti jechuunis waggaa kudha lamaaf, anis obboloonni koos nyaata bulchaaf ramadame hin nyaanne. \v 15 Garuu bulchitoonni durii kanneen anaan dura turan baʼaa guddaa saba baachisanii nyaataa fi daadhii wayinii malee iyyuu meetii saqilii afurtama isaan irraa fudhachaa turan. Gargaartonni isaaniis akkasuma saba cunqursan. Ani garuu waanan Waaqa sodaadhuuf akkas hin goone. \v 16 Qooda kanaa ani hojii dallaa ijaaruu kanaaf of nan kenne. Namoonni koo hundinuu achitti hojiidhaaf walitti qabaman; nu lafa tokko illee hin arganne. \p \v 17 Amma illee namoota saba naannoo keenya jiraatan keessaa dhufan malee Yihuudoonni dhibba tokkoo shantamnii fi qondaaltonni maaddii koo irraa nyaachaa turan. \v 18 Guyyaa guyyaadhaan sangaan tokko, hoolonni gagabbatoon jaʼaa fi indaanqoowwan muraasni, guyyaa kudhan kudhaniin immoo daadhiin wayinii kan gosa hundaa baayʼinaan naa qopheeffama ture. Kana hunda malees ani takkumaa nyaata bulchaaf ramadamuu qabu hin gaafanne; gaaffiin kun saboota kanneenitti baʼaa guddaa tureetii. \p \v 19 Yaa Waaqa koo waan ani saba kanaaf godhe hunda tolaatti naa lakkaaʼi. \c 6 \s1 Mormiin Ijaarsaa Ittuma Fufe \p \v 1 Ani hamma yeroo sanaatti cuftuu balbalaa itti galchuu baadhu illee Sanbalaax, Xoobbiyaan, Gesheem namicha Arabaa sanaa fi diinonni keenya biraan akka ani dallaa sana deebisee ijaaree iddoon hin ijaaramin tokko iyyuu hin hafin dhageenyaan \v 2 Sanbalaaxii fi Gesheem, “Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa” jedhanii ergaa kana natti ergan. \p Isaan garuu na miidhuuf malachaa turan; \v 3 kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?” \v 4 Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef. \p \v 5 Sanbalaaxis ergaadhuma sana garbicha isaa tokkoon yeroo shanaffaa natti erge; garbichi sunis xalayaa hin cufamin tokko harkaa qaba ture. \v 6 Xalayichis akkana jedha: \pm “Akka atii fi Yihuudoonni finciluu barbaaddan uummata keessatti odeeffameera; Gesheemis kanuma mirkaneessa. Wanni isin dallaa ijaartaniifis kanuma; akka oduu kanaatti ati mootii isaanii taʼuu barbaadda; \v 7 ati akka isaan, ‘Yihuudaa keessa mootii tokkotu jira!’ jedhanii waaʼee kee Yerusaalem keessatti labsaniif raajota muudatteerta. Oduun kun gara mootichaatti ni deebiʼa; kanaafuu kottu wajjin ni mariʼannaa.” \p \v 8 Kana irratti ani, “Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa” jedheen deebiseef. \p \v 9 Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan. \p Ani garuu, “Amma harka koo naa jajjabeessi” jedheen Waaqa kadhadhe. \p \v 10 Anis gaaf tokko mana Shemaaʼiyaa ilma Delaayaa, ilma Maheexabiʼeel kan manuma ofii isaa keessatti itti cufame sanaa nan dhaqe. Innis akkana jedhe; “Sababii namoonni si ajjeesuuf dhufaa jiraniif, sababii isaan si ajjeesuuf halkaniin dhufaa jiraniif kottu mana Waaqaatti, mana qulqullummaa keessatti wal arginee balbalawwan mana qulqullummaa haa cufannu.” \p \v 11 Ani immoo, “Namni akka kootii kun baqachuu qabaa? Yookaan namni na fakkaatu tokko lubbuu ofii isaa oolfachuudhaaf jedhee mana qulqullummaa seenuu qabaa? Ani hin deemu!” jedheen. \v 12 Ani akka Waaqni isa natti hin ergin beekkadheera; inni garuu sababii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxi isa bitataniif waaʼee koo waan hamaa raaje. \v 13 Inni na sodaachisee akka ani waan kana hojjechuudhaan cubbuu hojjedhuuf, akka isaanis akkasiin maqaa hamaa naa kennanii maqaa na balleessaniif bitame. \b \p \v 14 Yaa Waaqa ko, sababii waan isaan hojjetan sanaaf jedhiitii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxin yaadadhu; raajjuu Nooʼadiyaa jedhamtuu fi raajota na sodaachisuu yaalan kaanis yaadadhu. \v 15 Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume. \s1 Ijaarsi Dallaa Xumuramuu Isaa \p \v 16 Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii. \p \v 17 Bara sana keessa namoonni Yihuudaa bebeekamoon xalayoota hedduu gara Xoobbiyaatti ergaa turan; Xoobbiyaanis deebii isaaniif ni erga ture. \v 18 Sababii inni soddaa Shekaaniyaa ilma Aaraa tureef namoonni Yihuudaa keessa jiraatan hedduun isaaf kakatan; akkasumas ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiyaa fuudhee ture. \v 19 Kana malees isaan hojii isaa gaarii natti odeessaa, waan ani jedhe illee isatti himaa turan. Xoobbiyaan immoo na sodaachisuuf jedhee xalayoota natti ergaa ture. \c 7 \p \v 1 Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman. \v 2 Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii. \v 3 Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.” \s1 Maqaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii \r 7:6‑73 kwf – \xt Izr 2:1‑70\xt* \p \v 4 Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne. \v 5 Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha: \b \lh \v 6 Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; \v 7 isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. \b \lh Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii: \li1 \v 8 Sanyiin Phaarosh 2,172 \li1 \v 9 sanyiin Shefaaxiyaa 372 \li1 \v 10 sanyiin Aaraa 652 \li1 \v 11 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818 \li1 \v 12 sanyiin Eelaam 1,254 \li1 \v 13 sanyiin Zaatuu 845 \li1 \v 14 sanyiin Zakaayi 760 \li1 \v 15 sanyiin Binuuyii 648 \li1 \v 16 sanyiin Beebay 628 \li1 \v 17 sanyiin Azgaad 2,322 \li1 \v 18 sanyiin Adooniiqaam 667 \li1 \v 19 sanyiin Baguwaay 2,067 \li1 \v 20 sanyiin Aadiin 655 \li1 \v 21 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98 \li1 \v 22 sanyiin Haashum 328 \li1 \v 23 sanyiin Beesaay 324 \li1 \v 24 sanyiin Haariif 112 \li1 \v 25 sanyiin Gibeʼoon 95 \li1 \v 26 namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188 \li1 \v 27 namoonni Anaatoot 128 \li1 \v 28 namoonni Beet Azmaawet 42 \li1 \v 29 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743 \li1 \v 30 namoonni Raamaa fi Gebaa 621 \li1 \v 31 namoonni Mikmaas 122 \li1 \v 32 namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123 \li1 \v 33 namoonni Neboo kaan 52 \li1 \v 34 namoonni Eelaam kaan 1,254 \li1 \v 35 namoonni Haariim 320 \li1 \v 36 namoonni Yerikoo 345 \li1 \v 37 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721 \li1 \v 38 namoonni Senaaʼaa 3,930. \b \lh \v 39 Luboota: \li1 Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973 \li1 \v 40 sanyiin Imeer 1,052 \li1 \v 41 sanyiin Phaashihuur 1,247 \li1 \v 42 sanyiin Haariim 1,017. \b \lh \v 43 Lewwota: \li1 Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74. \b \lh \v 44 Faarfattoota: \li1 Sanyiin Asaaf 148. \b \lh \v 45 Eegdota karra mana qulqullummaa: \li1 Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, \li1 sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138. \b \lh \v 46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: \li1 Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot, \li1 \v 47 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon, \li1 \v 48 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi, \li1 \v 49 sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar, \li1 \v 50 sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, \li1 \v 51 sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, \li1 \v 52 sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim, \li1 \v 53 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur, \li1 \v 54 sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa, \li1 \v 55 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi, \li1 \v 56 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa. \lh \v 57 Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: \li1 Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa, \li1 \v 58 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel, \li1 \v 59 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, \li1 sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon. \lf \v 60 Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. \b \lh \v 61 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: \li1 \v 62 Sanyiin \li1 Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642. \b \lh \v 63 Luboota keessaa immoo: \li1 Sanyii Habayaa, \li2 sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame. \lf \v 64 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. \v 65 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje. \b \lf \v 66 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; \v 67 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture. \v 68 Isaan farda 736, gaangolii 245, \v 69 gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture. \b \pm \v 70 Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii\f + \fr 7:70 \fr*\ft Daariikiin tokko giraamii 8.\ft*\f* 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. \v 71 Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii\f + \fr 7:71 \fr*\ft Minnaaniin tokko giraamii 600.\ft*\f* 2,200 mankuusatti galii godhan. \v 72 Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan. \pm \v 73 Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan. \c 8 \s1 Izraan Seera Dubbise \p \v 1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan \nd Waaqayyo\nd* Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan. \p \v 2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide. \v 3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate. \p \v 4 Izraan barsiisaan seeraa sun waltajjii mukaa kan kaayyoo kanaaf hojjetame irra dhaabate. Isa biras karaa mirga isaa Matiitiyaa, Shemaa, Anaayaa, Uuriyaa, Hilqiyaa fi Maʼaseyaatu dhaabate; karaa bitaa isaa immoo Phedaayaa, Miishaaʼeel, Malkiyaa, Haashum, Hashbadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meshulaamitu dhaabatee ture. \p \v 5 Izraan Kitaabicha bane. Sababii inni isaanii ol dhaabachaa tureef namoonni hundi isa arguu dandaʼan; akkuma inni kitaabicha baneenis sabni hundi kaʼee dhaabate. \v 6 Izraanis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii \nd Waaqayyoof\nd* sagadan. \p \v 7 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Sheereebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaayi, Hoodiyaa, Maʼaseyaan, Qeliixaa, Azaariyaa, Yoozaabaad, Haanaanii fi Phelaayaan utuma waldaan achi dhaabatee jiruu seera sana ibsaniif. \v 8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan. \p \v 9 Achii immoo Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan lubichi barsiisaan seeraa sunii fi Lewwonni uummataaf ibsa kennaa turan sun hunda isaaniitiin, “Guyyaan kun guyyaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif qulqulleeffamee dha. Hin gaddinaa yookaan hin booʼinaa” jedhan. Sabni hundi yeroo dubbii seera sanaa dhagaʼetti booʼaa tureetii. \p \v 10 Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun \nd Waaqayyoo\nd* jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.” \p \v 11 Lewwonnis, “Calʼisaa; guyyaan kun guyyaa qulqulluudhaatii hin gaddinaa” jedhanii uummata hunda ni tasgabbeessan. \p \v 12 Ergasiis sabni hundi sababii dubbii itti himame sana hubateef nyaatee dhuguuf, nyaata isaa irraa qoodee warra kaaniif illee erguu fi gammachuu guddaan ayyaaneffachuudhaaf kaʼee deeme. \p \v 13 Bultii lammaffaa jiʼa sanaatti abbootiin maatiiwwanii hundinuu dubbii Seera sanaa qalbeeffachuuf lubootaa fi Lewwota wajjin Izraa barsiisaa sana biratti walitti qabaman. \v 14 Isaanis akka ajajni \nd Waaqayyo\nd* karaa Museen kenne kan, Israaʼeloonni yeroo ayyaana jiʼa torbaffaatti daasii keessa turuu qabu jedhu sun seera keessatti barreeffamee jiru argatan; \v 15 akkasumas akka isaan akkuma barreeffamee jirutti, “Daasii ijaaruudhaaf biyya gaaraatti ol baʼaatii damee ejersaa fi damee ejersa bosonaa, damee kusaayee, damee meexxii fi damee mukkeen baala qabanii fidaa” jedhanii magaalaawwan isaanii fi Yerusaalem keessatti labsuu qaban ni argatan. \p \v 16 Kanaafuu uummanni sun gad baʼee dameelee fidee tokkoon tokkoon isaanii bantii mana ofii isaanii irratti, oobdii ofii isaanii irratti, oobdii mana Waaqaa irratti, oobdii Karra Bishaanii fi oobdii Karra Efreem bira jiru irratti daasii ijaarratan. \v 17 Waldaan boojuudhaa deebiʼe hundi daasii ijaarratee keessa jiraate. Bara Iyyaasuu ilma Nuuniitii jalqabee hamma gaafasitti Israaʼeloonni akkasitti hin ayyaaneffanne. Gammachuun isaaniis akka malee guddaa ture. \p \v 18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan. \c 9 \s1 Israaʼeloonni Cubbuu Isaanii Himatan \p \v 1 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti Israaʼeloonni wayyaa gaddaa uffatanii, daaraa mataatti firfirfatanii soomaaf walitti qabaman. \v 2 Warri sanyii Israaʼel taʼanis namoota ormaa hunda irraa kophaa of baasan. Isaanis kaʼanii cubbuu ofii isaaniitii fi hammina abbootii isaanii himatan. \v 3 Isaanis idduma turan sana dhaabatanii kurmaana guyyaatiif Kitaaba Seera \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii keessaa dubbifatan; kurmaana biraa immoo cubbuu isaanii himachaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii waaqeffatan. \v 4 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Qadmiiʼeel, Shebaniyaan, Buniin, Sheereebiyaan, Baanii fi Kenaan waltajjiiwwan irra dhaabatanii sagalee ol fudhatanii \nd Waaqayyo\nd* isaanii waammatan. \v 5 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, “Kaʼaatii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa” jedhan. \pm “Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu. \v 6 Suma qofatu \nd Waaqayyo\nd*. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu. \pm \v 7 “Ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Abraamin filattee biyya Kaldootaa Uuri keessa isa baaftee Abrahaam jettee isa moggaaftee dha. \v 8 Ati akka ati yaadni isaa amanamaa siif taʼe argitee biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Yebuusotaatii fi biyya Girgaashotaa sanyiiwwan isaatiif kennuuf kakuu isaaf galte. Ati waan qajeelaa taateef waadaa kee eegdeef. \pm \v 9 “Ati rakkina abbootiin keenya biyya Gibxi keessatti rakkatan argite; booʼicha isaan Galaana Diimaa biratti booʼan illee ni dhageesse. \v 10 Ati sababii warri Gibxi of tuulummadhaan hammam akka isaan dhiphisan beekteef Faraʼoonitti, qondaaltota isaa hundattii fi saba biyya isaa hundatti mallattoo fi dinqiiwwan argisiifte. Ati maqaa hamma harʼaatti illee jiru ofii keetiif baafatte. \v 11 Ati akka isaan lafa gogaa irra darbaniif fuuluma isaanii duratti galaana gargar qoodde; warra isaan ariʼu garuu akkuma dhagaa bishaan guddaatti gad darbatamuu tokkootti tuujubatti gad isaan darbatte. \v 12 Guyyaa guyyaa utubaa duumessaatiin isaan qajeelchite; halkan halkan immoo karaa isaan deeman irratti ifa isaaniif kennuuf jettee utubaa ibiddaatiin isaan qajeelchite. \pm \v 13 “Ati Tulluu Siinaa irratti gad buute; samii irraas isaanitti dubbate. Ajajawwanii fi seerawwan dhugaa fi qajeelaa, labsiiwwanii fi ajajawwan gaariis isaaniif kennite. \v 14 Sanbata kee qulqulluu sana isaan beeksiftee karaa garbicha kee Museetiin ajajawwan, labsiiwwanii fi seerawwan isaaniif kennite. \v 15 Yeroo isaan beelaʼanitti samiidhaa buddeena kenniteefii yeroo isaan dheebotanitti immoo kattaa keessaa bishaan baafteef; akka isaan biyya ati isaaniif kennuuf kakatte sanatti galanii dhaalanis isaanitti himte. \pm \v 16 “Abbootiin keenya garuu of tuulan; mataa jabaataniis ajaja kee eeguu didan. \v 17 Jarris ajajamuu didan; dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne. Garbummaa isaaniitti deebiʼuuf jedhaniis mataa jabaatanii fincila isaaniitiin hoogganaa muuddatan. Ati garuu Waaqa namaaf araaramu, arjaa fi gara laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa dhuma hin qabnee dha. Kanaafuu ati isaan hin ganne; \v 18 yeroo isaan ofii isaaniitiif fakkii jabbii tolfatanii, ‘Kun Waaqa keessan kan biyya Gibxii isin baasee dha’ jedhanii Waaqa arrabsanitti illee ati isaan hin ganne. \pm \v 19 “Sababii gara laafina kee guddaa sanaatiif ati gammoojjii keessatti isaan hin ganne. Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa karaa isaanii irratti isaan geggeessuu hin dhiifne; utubaan ibiddaa immoo halkan halkan karaa isaanii irratti isaaniif ibsuu hin dhiifne. \v 20 Isaan barsiisuuf jettee Hafuura kee gaarii sana kennite. Ati mannaa afaan isaaniitii hin dhabamsiifne; dheebuu isaaniitiifis bishaan kenniteef. \v 21 Waggaa afurtama gammoojjii keessatti isaan soorte; isaan waan tokko illee hin dhabne; wayyaan isaanii hin dhumne; miilli isaaniis hin iitofne. \pm \v 22 “Ati daangaa hunda qooddeefii mootummootaa fi saboota isaaniif kennite. Isaanis akkasiin biyya Sihoon mooticha Heshboonii fi biyya Oogi mooticha Baashaanii fudhatan. \v 23 Ati ilmaan isaanii akkuma urjiiwwan samii baayʼifte; biyya akka isaan seenanii dhaalaniif abbootii isaaniitti himte sanatti isaan galchite. \v 24 Ilmaan isaanii itti galanii biyya sana dhaalan. Atis Kanaʼaanota biyya sana turan isaan jala galchite; akka jarri waanuma fedhan isaan godhaniif Kanaʼaanota mootota isaaniitii fi saba biyya sanaatiin walitti qabdee dabarsitee harka isaaniitti kennite. \v 25 Isaanis magaalaawwan daʼannoo qabanii fi lafa gabbataa qabatan; manneen miʼa gaggaarii gosa hundaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, iddoo dhaabaa wayinii, lafa qotiisaa mukkeen ejersaatii fi mukkeen ija baasan hedduu dhaalan. Isaan nyaatanii quufanii gabbatan; arjummaa kee guddaa sanaanis ni gammadan. \pm \v 26 “Isaan garuu ajajamuu didanii sitti fincilan; seera kees of duubatti gatan. Raajota kee kanneen gara keetti isaan deebisuuf jedhanii isaan seeran illee ni fixan; Waaqas ni arrabsan. \v 27 Kanaafuu ati diinota isaanii warra isaan cunqursanitti dabarsitee isaan kennite. Isaan garuu yeroo cunqurfamanitti sitti iyyatan. Atis samiidhaa isaan dhageessee gara laafina kee guddaa sanaan namoota harka diinota isaanii jalaa isaan baasan kenniteef. \pm \v 28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin amma illee fuula kee duratti waan hamaa hojjetan. Kana irratti ati akka warri sun isaan bulchaniif jettee harka diinota isaaniitti dabarsitee isaan kennite. Yommuu isaan amma illee gara keetti ol iyyatanitti ati samii irraa dhageessee gara laafina keetiin yeroo hedduu isaan furte. \pm \v 29 “Ati akka isaan gara seera keetiitti deebiʼaniif isaan akeekkachiifte; isaan immoo of tuulanii ajaja kee eeguu didan. Ajajawwan kee kanneen ‘namni tokko yoo ajajameef ittiin jireenya argachuu dandaʼutti illee’ cubbuu hojjetan. Finciluudhaan dugda isaanii sitti garagalchan; mataa jabaataniis si dhagaʼu didan. \v 30 Ati bara hedduu isaaniif obsite. Karaa raajota keetiitiin Hafuura keetiin isaan akeekkachiifte. Taʼus isaan gurra hin kennine; kanaafuu ati dabarsitee saba biyya sanaatti isaan kennite. \v 31 Ati garuu sababii Waaqa arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne. \pm \v 32 “Kanaafuu amma yaa Waaqa keenya, Waaqa guddicha, jabaa fi sodaachisaa, kan kakuu jaalala keetii eegdu, ati rakkina nutti dhufe kana hunda jechuunis rakkina bara mootota Asoorii jalqabee hamma harʼaatti nutti, mootota keenyaa fi hooggantoota keenyatti, luboota keenyaa fi raajota keenyatti, abbootii keenyaa fi saba kee hundatti dhufe kana akka waan salphaatti hin ilaalin. \v 33 Waan nurra gaʼe hunda keessatti ati qajeelaa dha; nu yoo hamaa hojjenne iyyuu ati waan qajeelaa hojjette. \v 34 Mootonni keenya, hooggantoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya seera kee duukaa hin buune; isaan ajaja keetiif yookaan akeekkachiisa ati isaaniif kenniteef xiyyeeffannoo hin kennine. \v 35 Isaan yeroo ati biyya balʼaa fi lafa gabbataa keessatti waan gaarii isaaniif kennite sana keessatti gammadaa, mootummaa ofii isaanii keessa turanitti illee si hin tajaajille yookaan karaa isaanii hamaa sana irraa hin deebine. \pm \v 36 “Kunoo nu harʼa garboota; biyyuma ati akka isaan midhaan isheetii fi waan gaggaarii isheen baaftu nyaataniif jettee abbootii keenyaaf kennite keessatti garboomneerra. \v 37 Sababii cubbuu keenyaatiif midhaan ishee baayʼeen sun gara mootota ati nutti muudde sanaa dhaqa. Isaan nuu fi loon keenya illee akkuma fedhan godhu. Nu rakkina guddaa keessa jirra. \s1 Walii Galtee Sabaa \p \v 38 “Sababii waan kana hundaatiif nu walii galtee walitti nu hidhu tokko barreeffamaan qopheessine. Hooggantoonni keenya, Lewwonni keenyaa fi luboonni keenya chaappaawwan isaanii itti rukutan.” \b \c 10 \p \v 1 Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha: \b \li1 Bulchaa biyyaa \li2 jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa. \b \li2 Zedeqiyaa, \v 2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas, \li2 \v 3 Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa, \li2 \v 4 Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk, \li2 \v 5 Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa, \li2 \v 6 Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk, \li2 \v 7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin, \li2 \v 8 Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa. \li1 Warri kunneen luboota turan. \b \li1 \v 9 Lewwonni: \li2 Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi \li2 \v 10 obboloota isaanii: Shebaniyaa, \li2 Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan, \li2 \v 11 Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa, \li2 \v 12 Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa, \li2 \v 13 Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu. \b \li1 \v 14 Bulchitoota sabaa: \li2 Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii, \li2 \v 15 Bunii, Azgaad, Beebay, \li2 \v 16 Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin, \li2 \v 17 Ateer, Hisqiyaas, Azuri, \li2 \v 18 Hoodiyaa, Haashum, Beesaay, \li2 \v 19 Haariif, Anaatoot, Nebaayi, \li2 \v 20 Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir, \li2 \v 21 Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa, \li2 \v 22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa, \li2 \v 23 Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub, \li2 \v 24 Haloheesh, Philihaa, Soobeq, \li2 \v 25 Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa, \li2 \v 26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan, \li2 \v 27 Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa. \b \pm \v 28 “Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin \v 29 obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan. \pm \v 30 “Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla. \pm \v 31 “Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna. \pm \v 32 “Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna; \v 33 kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha. \pm \v 34 “Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra. \pm \v 35 “Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana \nd Waaqayyoo\nd* fiduuf itti gaafatama fudhanneerra. \pm \v 36 “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina. \pm \v 37 “Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina. \v 38 Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu. \v 39 Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. \pm “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.” \c 11 \s1 Jiraattota Yerusaalem Warra Haaraa \r 11:3‑19 kwf – \xt 1Sn 9:1‑17\xt* \p \v 1 Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan. \v 2 Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise. \b \lh \v 3 Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon; \v 4 ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. \b \li1 Sanyii Yihuudaa Keessaa: \li2 Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas \li2 \v 5 Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa. \li2 \v 6 Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan. \li1 \v 7 Sanyii Beniyaam keessaa: \li2 Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa, \v 8 duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan. \li2 \v 9 Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture. \li1 \v 10 Luboota keessaa: \li2 Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin; \li2 \v 11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa, \v 12 obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. \li2 Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi \v 13 obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. \li2 Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi \v 14 obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. \li2 Toʼataan isaanii Zabdiiʼeel ilma Hagdoolim ture. \li1 \v 15 Lewwota Keessaa: \li2 Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii; \li2 \v 16 hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan. \li2 \v 17 Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; \li2 Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; \li2 Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun. \li2 \v 18 Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan. \li1 \v 19 Eegdota karraa: \li2 Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan. \b \p \v 20 Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan. \p \v 21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan. \p \v 22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture. \v 23 Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan. \p \v 24 Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture. \p \v 25 Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa, \v 26 Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa, \v 27 Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa, \v 28 Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa, \v 29 Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa, \v 30 Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan. \p \v 31 Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa, \v 32 Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa, \v 33 Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa, \v 34 Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa, \v 35 Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan. \p \v 36 Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan. \c 12 \s1 Lubootaa fi Lewwota \lh \v 1 Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha: \b \li1 Seraayaa, Ermiyaas, Izraa, \li1 \v 2 Amariyaa, Maluuk, Haxuush, \li1 \v 3 Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti, \li1 \v 4 Iddoo, Ginetoon, Abiyaa, \li1 \v 5 Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa, \li1 \v 6 Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa, \li1 \v 7 Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa. \b \lf Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan. \b \p \v 8 Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan. \v 9 Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan. \b \li1 \v 10 Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; \li1 Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; \li1 Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti; \li1 \v 11 Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; \li1 Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti. \b \b \lh \v 12 Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan: \b \li1 Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; \li1 maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa; \li1 \v 13 maatii Izraa keessaa Meshulaam; \li1 maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan; \li1 \v 14 maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; \li1 maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef; \li1 \v 15 maatii Haariim keessaa Adinaa; \li1 maatii Meraayoot keessaa Helqaayi; \li1 \v 16 maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; \li1 maatii Ginetoon keessaa Meshulaam; \li1 \v 17 maatii Abiyaa keessaa Zikrii; \li1 maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi; \li1 \v 18 maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; \li1 maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan; \li1 \v 19 maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; \li1 maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii; \li1 \v 20 maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; \li1 maatii Aamoq keessaa Eeber; \li1 \v 21 maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; \li1 maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel. \b \p \v 22 Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman. \v 23 Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman. \v 24 Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan. \p \v 25 Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan. \v 26 Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan. \s1 Eebba Dallaa Yerusaalem \p \v 27 Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman. \v 28 Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii, \v 29 Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii. \v 30 Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan. \p \v 31 Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe. \v 32 Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan, \v 33 Azaariyaa, Izraa, Meshulaam, \v 34 Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan; \v 35 akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan; \v 36 amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture. \v 37 Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan. \p \v 38 Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe; \v 39 akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan. \p \v 40 Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe; \v 41 amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii \v 42 Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan. \v 43 Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame. \p \v 44 Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii. \v 45 Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan. \v 46 Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii. \v 47 Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan. \c 13 \s1 Geeddarama Nahimiyaan Dhuma Irratti Fide \p \v 1 Guyyaa sana Kitaabni Musee fuuluma sabaa duratti dubbifame; achi keessattis akka namni Amoon yookaan namni Moʼaab tokko yoom iyyuu waldaa Waaqaatti dabalamuu hin qabne barreeffamee argame; \v 2 isaan akka inni saba Israaʼel abaaruuf Balaʼaamin qaxaratan malee midhaanii fi bishaaniin Israaʼeloota hin simanne. Taʼus Waaqni keenya abaarsa sana eebbatti geeddare. \v 3 Sabnis seera kana dhageenyaan nama sanyii ormaa hunda Israaʼel keessaa kophaatti baase. \p \v 4 Kanaan dura Eliyaashiib lubichi itti gaafatamaa mankuusaalee mana Waaqaa ture. Innis Xoobbiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture; \v 5 innis kutaa manaa balʼaa isaan duraan kennaa midhaanii, ixaana miʼa mana qulqullummaa, akkasumas kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi zayitii Lewwotaaf, faarfattootaa fi eegdota karraatiif ajajame harka kudhan keessaa tokkoo fi buusii lubootaaf kennamu itti kuusan tokko Xoobbiyaadhaaf kennee ture. \p \v 6 Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee \v 7 Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke. \v 8 Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe. \v 9 Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche. \p \v 10 Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke. \v 11 Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise. \p \v 12 Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan. \v 13 Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture. \b \p \v 14 Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin. \b \p \v 15 Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere. \v 16 Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan. \v 17 Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal? \v 18 Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.” \p \v 19 Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe. \v 20 Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru. \v 21 Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne. \v 22 Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje. \b \p Yaa Waaqa koo waan kanaaf jedhii na yaadadhu; akkuma jaalala kee guddaa sanaattis naa araarami. \b \p \v 23 Kana caalaa iyyuu ani bara sana keessa namoota Yihuudaa kanneen dubartoonni Ashdood, kan Amooniitii fi kan Moʼaab fuudhan nan arge. \v 24 Ilmaan isaanii keessaa walakkaan afaan Ashdood yookaan afaan saboota biraa dubbatan malee afaan Yihuudaa dubbachuu hin dandeenye. \v 25 Ani isaan ifadheen isaan nan abaare. Ani namoota tokko tokko rukutee rifeensa isaanii irraa nan bubuqqise. Ani akkana jedheen maqaa Waaqaatiin isaan nan kakachiise: “Isin intallan keessan ilmaan isaaniitti heerumsiisuu yookaan intallan isaanii ilmaan keessan fuusisuu yookaan ofii keessaniis fuudhuu hin qabdan. \v 26 Solomoon mootichi Israaʼel fuudha akkasiitiin cubbuu hojjete mitii? Saboota baayʼee keessa mootiin akka isaa tokko iyyuu hin turre. Waaqni isa jaallatee Israaʼel hunda irratti mootii isa godhe; taʼus dubartoonni ormaa cubbuu isa hojjechiisan. \v 27 Nu amma akka isinis dubartoota ormaa fuudhuudhaan waan akka malee hamaa kana hunda hojjettanii Waaqa keenyaaf amanamuu diddan dhagaʼuu qabnaa?” \p \v 28 Ilmaan Yooyaadaa ilma Eliyaashiib lubicha ol aanaa sanaa keessaa tokko dhirsa intala Sanbalaax namicha Hooroon ture. Anis of biraa isa nan ariʼe. \b \p \v 29 Yaa Waaqa koo ati isaan yaadadhu; isaan lubummaa, kakuu lubummaatii fi Lewwotaa xureessaniiruutii. \b \p \v 30 Kanaafuu ani waan alaa dhufe hunda irraa lubootaa fi Lewwota qulqulleessee akka tokkoon tokkoon namaa hojii ofii isaa hojjetuuf hojiitti isaan nan ramade. \v 31 Akkasumas kennaa qoraaniitii fi kennaa mataa midhaanii kan yeroo murtaaʼetti dhiʼeeffamuuf haala nan mijeesse. \b \p Yaa Waaqa koo ati arjummaadhaan na yaadadhu.