\id NAM - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Naahoom \toc1 Raajii Naahoom \toc2 Naahoom \toc3 Nho \mt2 Raajii \mt1 Naahoom \c 1 \p \v 1 Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha. \b \s1 Dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* Nanawweetti Dheekkame \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; \q2 \nd Waaqayyo\nd* haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. \q1 \nd Waaqayyo\nd* diinota isaa haaloo ni baʼa; \q2 dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa. \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; \q2 \nd Waaqayyo\nd* nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. \q1 Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; \q2 duumessi immoo awwaara miilla isaa ti. \q1 \v 4 Inni galaanatti dheekkamee gogsa; \q2 akka lagni hundinuu gogu godha. \q1 Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; \q2 daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa. \q1 \v 5 Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; \q2 gaarranis baqanii badu. \q1 Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; \q2 addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu. \q1 \v 6 Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? \q2 Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? \q1 Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; \q2 fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* gaarii dha; \q2 yeroo rakkinaattis daʼoo dha. \q1 Inni warra isa amanatan ni beeka; \q2 \v 8 Garuu inni lolaa jabaadhaan \q1 Nanawwee ni balleessa; \q2 amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha. \b \q1 \v 9 Wanni isin \nd Waaqayyootti\nd* yaaddan maali? \q2 inni guutumaan guutuutti ni balleessa; \q2 rakkoonis lammata hin dhufu. \q1 \v 10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii \q2 daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; \q2 akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu. \q1 \v 11 Yaa Nanawwee, \q2 namni \nd Waaqayyotti\nd* hammina malatee \q2 waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera. \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu \q2 isaan ni barbadeeffamu; ni badus. \q1 Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee \q2 jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu. \q1 \v 13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; \q2 hudhaa kees sirraa nan kuta.” \b \q1 \v 14 Yaa Nanawwee, \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: \q2 “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. \q1 Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman \q2 kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. \q1 Waan ati akka malee balfamaa taateef \q2 ani awwaala siif nan qopheessa.” \b \q1 \v 15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, \q2 kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! \q1 Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; \q2 wareega kees baafadhu. \q1 Siʼachi hamaan si hin weeraru; \q2 inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama. \c 2 \s1 Kufaatii Nanawwee \q1 \v 1 Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. \q2 Daʼoo eeggadhu; \q2 karaa ilaalladhu. \q2 Mudhii kee hidhadhu; \q2 humna kee hunda walitti qabadhu! \b \q1 \v 2 Yoo balleessitoonni isaan onsanii \q2 mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, \q1 \nd Waaqayyo\nd* akkuma ulfina Israaʼel deebise sana \q2 ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa. \b \q1 \v 3 Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; \q2 gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. \q1 Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, \q2 sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; \q2 eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama. \q1 \v 4 Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; \q2 oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. \q1 Isaan guca bobaʼu fakkaatu; \q2 akkuma bakakkaas ni darbatamu. \b \q1 \v 5 Inni gootota isaa ni yaadata; \q2 isaan garuu karaatti gufatu. \q1 Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; \q2 daʼoonis qopheeffameefii jira. \q1 \v 6 Balballi lageenii banamaa dha; \q2 masaraan mootummaas ni jiga. \q1 \v 7 Magaalattiin qullaatti hambaa \q2 akka boojiʼamtu murteeffameera. \q1 Xomboreewwan ishee \q2 qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu. \q1 \v 8 Nanawween akkuma haroo ti; \q2 bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. \q1 Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; \q2 garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu. \q1 \v 9 Meetii saamaa! \q2 Warqee saamaa! \q1 Maddi ishee, badhaadhummaan \q2 kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu! \q1 \v 10 Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! \q2 Lapheen baqeera; jilbi laafeera; \q2 dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera. \b \q1 \v 11 Holqi leencotaa, \q2 iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, \q1 iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, \q2 saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa? \q1 \v 12 Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; \q2 leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; \q1 boolla isaa waan adamseen, \q2 holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate. \b \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; \q2 “Ani sitti kaʼeera; \q1 ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; \q2 goraadeen leenca kee saafela ni fixa. \q1 Ani waan ati adamsattu tokko illee \q2 lafa irratti siif hin hambisu. \q1 Sagaleen ergamoota keetii \q2 lammata hin dhagaʼamu.” \c 3 \s1 Nanawweef Wayyoo \q1 \v 1 Magaalattii dhiigaatiif, \q2 kan sobaan guutamteef, \q1 kan saamichaan guutamteef, \q2 kan warri hammina hojjetan keessaa // hin dhabamne sanaaf wayyoo! \q1 \v 2 Iyyi qaccee, \q2 kakaksuun gommaa, \q1 gulufuun fardaa, \q2 didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama! \q1 \v 3 Abbaan fardaa ni gulufa; \q2 goraadeen ni balaqqisa; \q2 eeboon ni calaqqisa! \q1 Balaan hedduun nama irra gaʼeera; \q2 namni baayʼeen duʼeera; \q1 reeffi lakkoobsa hin qabu; \q2 namoonnis reeffa isaaniitti gufatu; \q1 \v 4 kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, \q2 giiftii falfaltootaa, \q1 kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, \q2 tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q2 “Ani sitti kaʼeen jira. \q2 Ani uffata kee fuula keetti ol soqola. \q1 Ani sabootatti qullaa kee, \q2 mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa. \q1 \v 6 Ani xuriidhaan sin faala; \q2 akka malee sin tuffadha; \q2 waan kolfaa illee sin godha. \q1 \v 7 Namni si argu hundi sirraa baqatee, \q2 ‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha. \q2 Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?” \b \q1 \v 8 Ati, Nooʼi Amoon \q2 biyya laga Abbayyaa irraa \q2 kan bishaaniin marfamte sana caaltaa? \q1 Lagni daʼoo ishee ti; \q2 bishaanis dallaa ishee ti. \q1 \v 9 Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha; \q2 Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti. \q1 \v 10 Taʼus isheen boojiʼamtee \q2 biyya ormaatti geeffamte. \q1 Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti \q2 miciriqfamanii dhuman. \q1 Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii \q2 namoonni ishee gurguddoonni hundinuu // foncaadhaan hidhaman. \q1 \v 11 Atis ni machoofta; ni dhokattas; \q2 diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta. \b \q1 \v 12 Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu \q2 kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata; \q1 yeroo mukkeen sun hurgufamanitti \q2 iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa. \q1 \v 13 Mee raayyaawwan kee ilaali; \q2 isaan hundinuu dubartoota! \q1 Karrawwan biyya keetii diinota keetiif \q2 balʼatanii banamanii jiru; \q2 ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera. \b \q1 \v 14 Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu; \q2 humna hittisaa kee jajjabeeffadhu! \q1 Suphee tolfadhu; \q2 dhoqqee suphee dhiittadhu; \q2 xuubii tolfadhu. \q1 \v 15 Achitti ibiddi si fixa; \q2 goraadeenis si cicciree \q2 akkuma korophisaas si barbadeessa. \q1 Akka korophisaa hori; \q2 akkuma hawwaannisaa baayʼadhu. \q1 \v 16 Ati hamma isaan urjii samii caalaa \q2 baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta; \q1 isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii \q2 ergasii barrisanii deemu. \q1 \v 17 Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti; \q2 qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa \q2 kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti; \q1 yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu; \q2 namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku. \b \q1 \v 18 Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu; \q2 namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru. \q1 Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii \q2 tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru. \q1 \v 19 Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu; \q2 miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha. \q1 Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu \q2 kufaatii keetti harka walitti rurrukuta; \q1 gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan \q2 eenyutu hin miidhamin?