\id MRK - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Maarqos \toc1 Wangeela Maarqos \toc2 Maarqos \toc3 Mar \mt2 Wangeela \mt1 Maarqos \c 1 \s1 Yohannis Cuuphaan Karaa Qopheessuu Isaa \r 1:2‑8 kwf – \xt Mat 3:1‑11; Luq 3:2‑16\xt* \p \v 1 Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa. \v 2 Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera: \q1 “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu,\f + \fr 1:2 \fr*\ft \+xt Mil 3:1\+xt*\ft*\f* \q2 si dura nan erga;” \q1 \v 3 “Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa; \q1 daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee \q2 gammoojjii keessaa iyyu tokkoo.”\f + \fr 1:3 \fr*\ft \+xt Isa 40:3\+xt*\ft*\f* \m \v 4 Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe. \v 5 Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan. \v 6 Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture. \v 7 Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa. \v 8 Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.” \s1 Cuuphamuu fi Qoramuu Yesuus \r 1:9‑11 kwf – \xt Mat 3:13‑17; Luq 3:21,22\xt* \r 1:12,13 kwf – \xt Mat 4:1‑11; Luq 4:1‑13\xt* \p \v 9 Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame. \v 10 Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge. \v 11 Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe. \p \v 12 Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase; \v 13 inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan. \s1 Barattoonni Jalqabaa Waamamuu Isaanii \r 1:16‑20 kwf – \xt Mat 4:18‑22; Luq 5:2‑11; Yoh 1:35‑42\xt* \p \v 14 Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene. \v 15 Innis, \wj “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!”\wj* jedhe. \p \v 16 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii. \v 17 Yesuusis, \wj “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga”\wj* jedheen. \v 18 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. \p \v 19 Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge. \v 20 Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan. \s1 Yesuus Hafuura Xuraaʼaa Baasuu Isaa \r 1:21‑28 kwf – \xt Luq 4:31‑37\xt* \p \v 21 Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise. \v 22 Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan. \v 23 Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee \v 24 akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” \p \v 25 Yesuus immoo, \wj “Calʼisii isa keessaa baʼi!”\wj* jedhee ifate. \v 26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe. \p \v 27 Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan. \v 28 Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe. \s1 Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa \r 1:29‑31 kwf – \xt Mat 8:14,15; Luq 4:38,39\xt* \r 1:32‑34 kwf – \xt Mat 8:16,17; Luq 4:40,41\xt* \p \v 29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. \v 30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. \v 31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde. \p \v 32 Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan. \v 33 Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame. \v 34 Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef. \s1 Yesuus Iddoo Namni Hin Jirretti Kadhachuu Isaa \r 1:35‑38 kwf – \xt Luq 4:42,43\xt* \p \v 35 Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate. \v 36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman; \v 37 isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin. \p \v 38 Yesuus immoo deebisee, \wj “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma”\wj* jedhe. \v 39 Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme. \s1 Namicha Lamxaaʼaa Tokko \r 1:40‑44 kwf – \xt Mat 8:2‑4; Luq 5:12‑14\xt* \p \v 40 Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate. \p \v 41 Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, \wj “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!”\wj* jedheen. \v 42 Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe. \p \v 43 Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise. \v 44 Akkanas jedheen; \wj “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”\wj* \v 45 Namichi garuu achii baʼee baayʼisee odeessuu jalqabe. Kanaafis Yesuus ergasii magaalaan ala, lafa namni hin jirre ture malee ifaan ifatti magaalattii seenuu hin dandeenye. Namoonni garuu iddoo hundatti isa bira dhufaa turan. \c 2 \s1 Yesuus Nama Dhagni Irratti Duʼe Tokko Fayyisuu Isaa \r 2:3‑12 kwf – \xt Mat 9:2‑8; Luq 5:18‑26\xt* \p \v 1 Yesuus guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan. \v 2 Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture. \v 3 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan. \v 4 Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan. \v 5 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, \wj “Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera”\wj* jedhe. \p \v 6 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti, \v 7 “Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii yaadan. \p \v 8 Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; \wj “Isin maaliif waan kana yaaddu?\wj* \v 9 \wj Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha?\wj* \v 10 \wj Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.”\wj* Kanaafuu inni namicha sanaan, \v 11 \wj “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali”\wj* jedhe. \v 12 Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, “Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!” jedhanii Waaqa jajan. \s1 Waamamuu Lewwii \r 2:14‑17 kwf – \xt Mat 9:9‑13; Luq 5:27‑32\xt* \p \v 13 Yesuus amma illee gara qarqara galaanichaatti gad baʼe. Namoonni baayʼeenis isa biratti walitti qabaman; innis isaan barsiisuu jalqabe. \v 14 Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, \wj “Na duukaa buʼi”\wj* jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe. \p \v 15 Yeroo Yesuus mana Lewwiitti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachaa turan; namoonni isa duukaa buʼan baayʼee turaniitii. \v 16 Barsiistonni seeraa warri Fariisota turan yommuu isaa cubbamootaa fi qaraxxoota wajjin nyaatu arganitti, “Inni maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. \p \v 17 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, \wj “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne”\wj* jedheen. \s1 Yesuus Waaʼee Soomaa Gaafatame \r 2:18‑22 kwf – \xt Mat 9:14‑17; Luq 5:33‑38\xt* \p \v 18 Barattoonni Yohannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Namoonni tokko tokko dhufanii, “Barattoonni Yohannisii fi barattoonni Fariisotaa ni soomu; barattoonni kee garuu maaliif hin soomne?” jedhanii Yesuusin gaafatan. \p \v 19 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu soomuu dandaʼu? Isaan hamma isa of biraa qabanitti soomuu hin dandaʼan.\wj* \v 20 \wj Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis gaafas ni soomu.\wj* \p \v 21 \wj “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, erbeen haaraan sun uffata sana irraa tarsaasa; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.\wj* \v 22 \wj Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin sun qalqalloo sana dhoosa; daadhichii fi qalqallichi horoomaa baʼu. Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.”\wj* \s1 Yesuus Gooftaa Sanbataa Taʼuu Isaa \r 2:23‑28 kwf – \xt Mat 12:1‑8; Luq 6:1‑5\xt* \r 3:1‑6 kwf – \xt Mat 12:9‑14; Luq 6:6‑11\xt* \p \v 23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu isa wajjin deemaa jiranuu asheetii midhaanii cirachuu jalqaban. \v 24 Fariisonnis, “Ilaa, isaan maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjetu?” jedhaniin. \p \v 25 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanii fi rakkatanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?\wj* \v 26 \wj Bara Abiyaataar luba ol aanaa ture keessa, inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame kan akka luboonni qofti nyaataniif eeyyamame sana nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis ni kenne.”\wj* \p \v 27 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Sanbatatu namaaf uumame malee namni Sanbataaf hin uumamne.\wj* \v 28 \wj Kanaafuu Ilmi Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”\wj* \c 3 \s1 Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa \p \v 1 Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture. \v 2 Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan. \v 3 Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, \wj “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu”\wj* jedhe. \p \v 4 Yesuusis, \wj “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?”\wj* jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan. \p \v 5 Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, \wj “Harka kee diriirfadhu!”\wj* jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. \v 6 Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban. \s1 Namoonni Yesuus Duukaa Buʼan \r 3:7‑12 kwf – \xt Mat 12:15,16; Luq 6:17‑19\xt* \p \v 7 Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe. \v 8 Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan. \v 9 Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime. \v 10 Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan. \v 11 Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan. \v 12 Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje. \s1 Filatamuu Ergamoota Kudha Lamaanii \r 3:16‑19 kwf – \xt Mat 10:2‑4; Luq 6:14‑16; Hoj 1:13\xt* \p \v 13 Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan. \v 14 Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase; \v 15 akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef. \b \lh \v 16 Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana: \b \li1 Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase, \li1 \v 17 Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha; \li1 \v 18 Indiriiyaas, \li1 Fiiliphoos, \li1 Bartaloomewoos, \li1 Maatewos, \li1 Toomaas, \li1 Yaaqoob ilma Alfewoos, \li1 Taadewoos, \li1 Simoon Hinaafticha, \li1 \v 19 Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne. \s1 Yesuusii fi Biʼeelzebuul \r 3:23‑27 kwf – \xt Mat 12:25‑29; Luq 11:17‑22\xt* \p \v 20 Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye. \v 21 Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii. \p \v 22 Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan. \p \v 23 Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: \wj “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa?\wj* \v 24 \wj Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu.\wj* \v 25 \wj Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.\wj* \v 26 \wj Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii.\wj* \v 27 \wj Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa.\wj* \v 28 \wj Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa;\wj* \v 29 \wj namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.”\wj* \p \v 30 Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate. \s1 Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa \r 3:31‑35 kwf – \xt Mat 12:46‑50; Luq 8:19‑21\xt* \p \v 31 Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. \v 32 Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan. \p \v 33 Inni immoo, \wj “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 34 Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; \wj “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti!\wj* \v 35 \wj Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”\wj* \c 4 \s1 Fakkeenya Nama Sanyii Facaasuu \r 4:1‑12 kwf – \xt Mat 13:1‑15; Luq 8:4‑10\xt* \r 4:13‑20 kwf – \xt Mat 13:18‑23; Luq 8:11‑15\xt* \p \v 1 Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe. \v 2 Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe: \v 3 \wj “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.\wj* \v 4 \wj Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.\wj* \v 5 \wj Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.\wj* \v 6 \wj Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.\wj* \v 7 \wj Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne.\wj* \v 8 \wj Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”\wj* \p \v 9 Yesuusis, \wj “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu”\wj* jedhe. \p \v 10 Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan. \v 11 Innis akkana jedheen; \wj “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama;\wj* \v 12 \wj kunis,\wj* \q1 \wj “ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef,\wj* \q2 \wj arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan;\wj* \q1 \wj dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’\wj*\f + \fr 4:12 \fr*\ft \+xt Isa 6:9,10\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 13 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree?\wj* \v 14 \wj Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa.\wj* \v 15 \wj Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.\wj* \v 16 \wj Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu.\wj* \v 17 \wj Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.\wj* \v 18 \wj Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha;\wj* \v 19 \wj garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.\wj* \v 20 \wj Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”\wj* \s1 Ibsaa Gombisaa Jalaa \p \v 21 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii?\wj* \v 22 \wj Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii.\wj* \v 23 \wj Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”\wj* \p \v 24 Innis itti fufee akkana jedheen; \wj “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama.\wj* \v 25 \wj Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”\wj* \s1 Fakkeenya Sanyii Guddatuu \p \v 26 Ammas akkana jedhe; \wj “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata.\wj* \v 27 \wj Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas.\wj* \v 28 \wj Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti.\wj* \v 29 \wj Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”\wj* \s1 Fakkeenya Sanyii Sanaaficaa \r 4:30‑32 kwf – \xt Mat 13:31,32; Luq 13:18,19\xt* \p \v 30 Ammas inni akkana jedhe; \wj “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina?\wj* \v 31 \wj Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata.\wj* \v 32 \wj Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”\wj* \p \v 33 Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate. \v 34 Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse. \s1 Yesuus Bubbee Gab Gochuu Isaa \r 4:35‑41 kwf – \xt Mat 8:18,23‑27; Luq 8:22‑25\xt* \p \v 35 Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, \wj “Kottaa gama ceenaa”\wj* isaaniin jedhe. \v 36 Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. \v 37 Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. \v 38 Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin. \p \v 39 Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, \wj “Calʼisi! Gab jedhis!”\wj* jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe. \p \v 40 Innis barattoota isaatiin, \wj “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?”\wj* jedhe. \p \v 41 Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan. \c 5 \s1 Yesuus Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise \r 5:1‑17 kwf – \xt Mat 8:28‑34; Luq 8:26‑37\xt* \r 5:18‑20 kwf – \xt Luq 8:38,39\xt* \p \v 1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. \v 2 Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe. \v 3 Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. \v 4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. \v 5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture. \p \v 6 Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. \v 7 Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen. \v 8 Yesuusis, \wj “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!”\wj* jedheenii tureetii. \p \v 9 Yesuusis, \wj “Maqaan kee eenyu?”\wj* jedhee isa gaafate. \p Innis, “Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon\f + \fr 5:9 \fr*\ft Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata.\ft*\f*” jedhee deebise. \v 10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate. \p \v 11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. \v 12 Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Yesuusin kadhatan. \v 13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame. \p \v 14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. \v 15 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. \v 16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. \v 17 Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban. \p \v 18 Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. \v 19 Yesuus garuu, \wj “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!”\wj* jedheen malee hin eeyyamneef. \v 20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan. \s1 Durba Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte Tokko \r 5:22‑43 kwf – \xt Mat 9:18‑26; Luq 8:41‑56\xt* \p \v 21 Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture. \v 22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee, \v 23 “Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate. \v 24 Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe. \p Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan. \v 25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. \v 26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. \v 27 Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. \v 28 Isheen, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii. \v 29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte. \p \v 30 Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, \wj “Eenyutu uffata koo tuqe?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 31 Barattoonni isaas deebisanii, “Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, \wj ‘Eenyutu na tuqe?’\wj* jettee gaafattaa?” jedhan. \p \v 32 Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. \v 33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. \v 34 Innis, \wj “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi”\wj* jedheen. \p \v 35 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan. \p \v 36 Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, \wj “Amani malee hin sodaatin!”\wj* jedhe. \p \v 37 Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. \v 38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. \v 39 Innis ol seenee, \wj “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune”\wj* jedheen. \v 40 Isaan garuu isatti kolfan. \p Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. \v 41 Innis harka ishee qabee, \tl \+wj “Xaaliitaa quumii!”\+wj*\tl* jedheen; kunis, \wj “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!”\wj* jechuu dha. \v 42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. \v 43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime. \c 6 \s1 Raajii Kabaja Dhabe \r 6:1‑6 kwf – \xt Mat 13:54‑58\xt* \p \v 1 Yesuus achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan. \v 2 Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan. \p Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali? \v 3 Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan. \p \v 4 Yesuus immoo, \wj “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu”\wj* jedheen. \v 5 Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye. \v 6 Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate. \s1 Yesuus Jara Kudha Lamaan Erguu Isaa \r 6:7‑11 kwf – \xt Mat 10:1,9‑14; Luq 9:1,3‑5\xt* \p Yesuusis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture. \v 7 Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef. \p \v 8 Akkana jedhees isaan ajaje: \wj “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa.\wj* \v 9 \wj Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa.\wj* \v 10 \wj Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa.\wj* \v 11 \wj Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”\wj* \p \v 12 Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban. \v 13 Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan. \s1 Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa \r 6:14‑29 kwf – \xt Mat 14:1‑12\xt* \r 6:14‑16 kwf – \xt Luq 9:7‑9\xt* \p \v 14 Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan. \p \v 15 Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. \p Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan. \p \v 16 Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe. \p \v 17 Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe. \v 18 Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii. \v 19 Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye; \v 20 Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade. \p \v 21 Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse. \v 22 Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. \p Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe. \v 23 Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef. \p \v 24 Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. \p Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef. \p \v 25 Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen. \p \v 26 Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne. \v 27 Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute; \v 28 mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite. \v 29 Barattoonni Yohannisis waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala keessa kaaʼan. \s1 Yesuus Namoota Kuma Shan Sooruu Isaa \r 6:32‑44 kwf – \xt Mat 14:13‑21; Luq 9:10‑17; Yoh 6:5‑13\xt* \r 6:32‑44 kwi – \xt Mar 8:2‑9\xt* \p \v 30 Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan. \v 31 Innis, \wj “Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa”\wj* jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii. \p \v 32 Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan. \v 33 Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan. \v 34 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe. \p \v 35 Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. \v 36 Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi.” \p \v 37 Inni garuu, \wj “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii”\wj* jedhee deebise. \p Isaanis, “Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?” jedhaniin. \p \v 38 Innis, \wj “Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!”\wj* jedheen. \p Isaanis yommuu arganitti, “Buddeena shanii fi qurxummii lama” jedhan. \p \v 39 Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. \v 40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. \v 41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. \v 42 Isaan hundi nyaatanii quufan; \v 43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. \v 44 Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan. \s1 Yesuus Galaana Irra Deemuu Isaa \r 6:45‑51 kwf – \xt Mat 14:22‑32; Yoh 6:15‑21\xt* \r 6:53‑56 kwf – \xt Mat 14:34‑36\xt* \p \v 45 Yesuus yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise. \v 46 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf gaaratti ol baʼe. \p \v 47 Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Yesuus immoo kophaa isaa lafa irra ture. \v 48 Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate; \v 49 isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; \v 50 isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii. \p Inni immoo, \wj “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa”\wj* jedhee yommusuma isaanitti dubbate. \v 51 Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan; \v 52 isaan waaʼee buddeennan sanaa hin hubanneetii; mata jabeeyyiis turan. \p \v 53 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan. \v 54 Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Yesuusin beekan. \v 55 Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Yesuus achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban. \v 56 Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan. \c 7 \s1 Waan Qulqulluu fi Waan Xuraaʼaa \r 7:1‑23 kwf – \xt Mat 15:1‑20\xt* \p \v 1 Fariisotaa fi barsiistota seeraa keessaa warri Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabamanii \v 2 barattoota isaa keessaa tokko tokko harka, “Hin qulqulleeffaminiin” jechuunis utuu harka hin dhiqatin buddeena nyaachuu isaanii argan. \v 3 Sababiin isaas Fariisonni, Yihuudoonni hundinuus duudhaa maanguddootaa eeguuf jedhanii utuu harka hin dhiqatin hin nyaataniitii. \v 4 Yommuu gabaadhaa galanittis utuu of hin qulqulleessin hin nyaatan. Dudhaa biraa baayʼees kan akka xoofoo dhiquu, okkotee fi huuroo dhiquu ni eegu. \p \v 5 Kanaafuu Fariisonnii fi barsiistonni seeraa, “Barattoonni kee qooda harka ‘Hin qulqulleeffaminiin’ nyaatan maaliif akkuma duudhaa maanguddootaatti hin jiraanne?” jedhanii Yesuusin gaafatan. \p \v 6 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha:\wj* \q1 \wj “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja;\wj* \q2 \wj garaan isaa garuu narraa fagoo jira.\wj* \q1 \v 7 \wj Isaan akkanumaan na waaqeffatu;\wj* \q2 \wj barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’\wj*\f + \fr 7:7 \fr*\ft \+xt Isa 29:13\+xt*\ft*\f* \m \v 8 \wj Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.”\wj* \p \v 9 Innis ittuma fufee akkana jedheen; \wj “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!\wj* \v 10 \wj Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;\wj*\f + \fr 7:10 \fr*\ft \+xt Bau 20:12; KeD 5:16\+xt*\ft*\f* \wj namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’\wj*\f + \fr 7:10 \fr*\ft \+xt Bau 21:17; Lew 20:9\+xt*\ft*\f* \wj jedheeraatii.\wj* \v 11 \wj Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate,\wj* \v 12 \wj isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif.\wj* \v 13 \wj Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”\wj* \p \v 14 Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; \wj “Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa.\wj* \v 15 \wj Waan nama keessaa baʼutu nama ‘xureessa’ malee wanni alaa namatti seenee nama ‘xureessuu’ dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.\wj* [ \v 16 \wj Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”\wj*]\f + \fr 7:16 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa kana hin qaban.\ft*\f* \p \v 17 Erga inni namoota biraa mana ol seenee booddee barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan. \v 18 Innis akkana jedhee gaafate; \wj “Isin hin hubattanii? Akka wanni alaa namatti seenu tokko iyyuu nama ‘xureessuu’ hin dandeenye hin qalbeeffattanii?\wj* \v 19 \wj Wanni sun garaa isaa seenee ergasii dhagna isaa keessaa gad baʼa malee yaada garaa\wj*\f + \fr 7:19 \fr*\ft Akka hubannaa Yihuudootaatti yaadni garaa eenyummaa nama tokkoo guutummaatti argisiisa.\ft*\f* \wj isaa hin seenuutii.”\wj* Yesuusis kana jechuudhaan akka nyaanni hundinuu qulqulluu taʼe labse. \p \v 20 Innis itti fufee akkana jedhe: \wj “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha.\wj* \v 21 \wj Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,\wj* \v 22 \wj doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa.\wj* \v 23 \wj Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ ”\wj* \s1 Amantii Dubartii Tokkoo \r 7:24‑30 kwf – \xt Mat 15:21‑28\xt* \p \v 24 Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye. \v 25 Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte. \v 26 Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte. \p \v 27 Innis, \wj “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti”\wj* jedheen. \p \v 28 Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef. \p \v 29 Yesuusis, \wj “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera”\wj* jedheen. \p \v 30 Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte. \s1 Namichi Duudaa fi Arrab-didaan Tokko Fayyuu Isaa \r 7:31‑37 kwf – \xt Mat 15:29‑31\xt* \p \v 31 Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe. \v 32 Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan. \p \v 33 Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe. \v 34 Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, \tl \+wj “Eftaah!”\+wj*\tl* jedheen; kana jechuunis \wj “Banami!”\wj* jechuu dha. \v 35 Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe. \p \v 36 Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan. \v 37 Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan. \c 8 \s1 Yesuus Nama Kuma Afur Sooruu Isaa \r 8:1‑9 kwf – \xt Mat 15:32‑39\xt* \r 8:1‑9 kwi – \xt Mar 6:32‑44\xt* \r 8:11‑21 kwf – \xt Mat 16:1‑12\xt* \p \v 1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; \v 2 \wj “Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa.\wj* \v 3 \wj Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”\wj* \p \v 4 Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan. \p \v 5 Yesuus immoo, \wj “Isin buddeena meeqa qabdu?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaanis, “Torba” jedhan. \p \v 6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. \v 7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. \v 8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. \v 9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee, \v 10 barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe. \p \v 11 Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan. \v 12 Innis hafuura dheeraa baafatee, \wj “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu”\wj* jedheen. \v 13 Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe. \s1 Raacitii Fariisotaa \p \v 14 Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan. \v 15 Yesuusis, \wj “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa”\wj* jedhee isaan akeekkachiise. \p \v 16 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan. \p \v 17 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; \wj “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii?\wj* \v 18 \wj Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii?\wj* \v 19 \wj Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?”\wj* \p Isaanis, “Kudha lama” jedhaniin. \p \v 20 Innis, \wj “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaanis, “Torba” jedhaniin. \p \v 21 Innis, \wj “Isin amma iyyuu hin hubattanii?”\wj* jedheen. \s1 Yesuus Beetisayidaatti Nama Jaamaa Fayyise \p \v 22 Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan. \v 23 Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, \wj “Waa arguu dandeessaa?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 24 Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe. \p \v 25 Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. \v 26 Yesuusis namichaan, \wj “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin”\wj* jedhee gara mana isaatti isa erge. \s1 Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise \r 8:27‑29 kwf – \xt Mat 16:13‑16; Luq 9:18‑20\xt* \p \v 27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, \wj “Namoonni anaan eenyu jedhu?”\wj* jedhee karaa irratti isaan gaafate. \p \v 28 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan. \p \v 29 Innis, \wj “Isin eenyu anaan jettu?”\wj* jedhee gaafate. \p Phexrosis, “Ati Kiristoos” jedhee deebise. \p \v 30 Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise. \s1 Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate \r 8:31–9:1 kwf – \xt Mat 16:21‑28; Luq 9:22‑27\xt* \p \v 31 Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe. \v 32 Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe. \p \v 33 Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, \wj “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii”\wj* jedhee ifate. \s1 Haala Karraa Fannoo \p \v 34 Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; \wj “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.\wj* \v 35 \wj Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.\wj* \v 36 \wj Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?\wj* \v 37 \wj Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?\wj* \v 38 \wj Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”\wj* \c 9 \p \v 1 Innis, \wj “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman”\wj* isaaniin jedhe. \s1 Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa \r 9:2‑8 kwf – \xt Luq 9:28‑36\xt* \r 9:2‑13 kwf – \xt Mat 17:1‑13\xt* \p \v 2 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa\f + \fr 9:2 \fr*\ft Akka hubannaa Yihuudootaatti tulluun ol dheeraan iddoo mijaaʼaa itti Waaqni namatti of mulʼisuu dha.\ft*\f* tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. \v 3 Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate. \v 4 Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan. \p \v 5 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. \v 6 Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii. \p \v 7 Duumessis\f + \fr 9:7 \fr*\ft Duumessi argamuu Waaqaa mulʼisa (\+xt Bau 13:21‑22; 16:10; 19:9; 2Sn 5:13‑14\+xt*).\ft*\f* dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. \p \v 8 Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine. \p \v 9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje. \v 10 Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan. \p \v 11 Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 12 Yesuus akkana jedhee deebise; \wj “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?\wj* \v 13 \wj Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”\wj* \s1 Gurbaan Hafuura Xuraaʼaadhaan Qabame Tokko Fayye \r 9:14‑28,30‑32 kwf – \xt Mat 17:14‑19,22,23; Luq 9:37‑45\xt* \p \v 14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan. \v 15 Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan. \p \v 16 Innis, \wj “Isin maal isaanitti falmitu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p \v 17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. \v 18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.” \p \v 19 Yesuusis deebisee, \wj “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa”\wj* jedhe. \p \v 20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate. \p \v 21 Yesuusis, \wj “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?”\wj* jedhee abbaa gurbichaa gaafate. \p Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti. \v 22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.” \p \v 23 Yesuusis, \wj “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama”\wj* jedheen. \p \v 24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye. \p \v 25 Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, \wj “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja”\wj* jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate. \p \v 26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan. \v 27 Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate. \p \v 28 Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan. \p \v 29 Innis deebisee, \wj “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu”\wj* jedheen. \p \v 30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne; \v 31 sababiin isaas, \wj “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa”\wj* jedhee barattoota isaa barsiisaa ture. \v 32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan. \s1 Namni Nama Hundumaa Caalu Eenyu? \r 9:33‑37 kwf – \xt Mat 18:1‑5; Luq 9:46‑48\xt* \p \v 33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, \wj “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?”\wj* jedhee isaan gaafate. \v 34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan. \p \v 35 Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, \wj “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba”\wj* jedheen. \p \v 36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; \v 37 \wj “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”\wj* \s1 Namni Nuun Hin Mormine Kam iyyuu Garee keenya \r 9:38‑40 kwf – \xt Luq 9:49,50\xt* \p \v 38 Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe. \p \v 39 Yesuus garuu akkana jedhe; \wj “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.\wj* \v 40 \wj Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.\wj* \v 41 \wj Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.\wj* \s1 Cubbuu Nama Hojjechiisuu \p \v 42 \wj “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.\wj* \v 43 \wj Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya.\wj* [ \v 44 \wj Gahaannamis iddoo,\wj* \q1 \wj “ ‘raammoon isaanii hin duune,\wj* \q2 \wj ibiddis hin dhaamnee dha.’\wj*]\f + \fr 9:44 \fr*\ft Kutaan kun waraabbilee tokko tokko keessatti hin argamu.\ft*\f* \m \v 45 \wj Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya.\wj* [ \v 46 \wj Gahaannamis iddoo,\wj* \q1 \wj “ ‘raammoon isaanii hin duune,\wj* \q2 \wj ibiddis hin dhaamnee dha.’\wj*]\f + \cat dup\cat*\fr 9:46 \fr*\ft Kutaan kun waraabbilee tokko tokko keessatti hin argamu.\ft*\f* \m \v 47 \wj Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya.\wj* \v 48 \wj Gahaannamis iddoo,\wj* \q1 \wj “ ‘raammoon isaanii hin duune,\wj* \q2 \wj ibiddis hin dhaamnee dha.’\wj*\f + \fr 9:48 \fr*\ft \+xt Isa 66:24\+xt*\ft*\f* \m \v 49 \wj Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.\wj*\f + \fr 9:49 \fr*\fq Miʼeeffama \fq*\fqa (qulqulleeffama) \fqa*\ft – jechi kun miʼaa soogidda irraa argamu mulʼisa. Namoonni durii akka aarsaan tokko fuula Waaqaa duratti fudhatama argatuuf jechuunis aarsaa qulqulleessuuf soogiddatti fayyadamaa turan (\+xt Lew 2:13; His 43:24\+xt*).\ft*\f* \p \v 50 \wj “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”\wj* \c 10 \s1 Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii \r 10:1‑12 kwf – \xt Mat 19:1‑9\xt* \p \v 1 Yesuusis achii kaʼee gara biyya Yihuudaatii fi Yordaanos gamaa dhaqe. Amma illee namoonni isa biratti walitti qabaman; innis akkuma bartee isaatti isaan barsiise. \p \v 2 Fariisonni dhufanii, “Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafachuudhaan isa qoran. \p \v 3 Innis deebisee, \wj “Museen maal isin ajaje?”\wj* jedheen. \p \v 4 Isaanis, “Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera” jedhan. \p \v 5 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse.\wj* \v 6 \wj Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’\wj*\f + \fr 10:6 \fr*\ft \+xt Uma 1:27\+xt*\ft*\f* \v 7 \wj ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa;\wj* \v 8 \wj lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’\wj*\f + \fr 10:8 \fr*\ft \+xt Uma 2:24\+xt*\ft*\f* \wj Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti.\wj* \v 9 \wj Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”\wj* \p \v 10 Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Yesuusin gaafatan. \v 11 Innis akkana jedhee deebiseef; \wj “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata.\wj* \v 12 \wj Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”\wj* \s1 Yesuus Ijoollee Eebbisuu Isaa \r 10:13‑16 kwf – \xt Mat 19:13‑15; Luq 18:15‑17\xt* \p \v 13 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. \v 14 Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; \wj “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.\wj* \v 15 \wj Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”\wj* \v 16 Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise. \s1 Dargaggeessa Sooressa Tokko \r 10:17‑31 kwf – \xt Mat 19:16‑30; Luq 18:18‑30\xt* \p \v 17 Akkuma Yesuus deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. \p \v 18 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.\wj* \v 19 \wj Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’\wj*\f + \fr 10:19 \fr*\ft \+xt Bau 20:12; KeD 5:16‑20\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 20 Namichis, “Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe. \p \v 21 Yesuus namicha ilaalee isa jaallatee, \wj “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \p \v 22 Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii. \p \v 23 Yesuusis naannoo isaa ilaalee barattoota isaatiin, \wj “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!”\wj* jedhe. \p \v 24 Barattoonnis dubbii isaa ni dinqisiifatan. Yesuus garuu ammas akkana jedheen; \wj “Ijoolle, mootummaa Waaqaatti galuun akkam rakkisaa dha!\wj* \v 25 \wj Namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”\wj* \p \v 26 Barattoonnis akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” waliin jedhan. \p \v 27 Yesuusis isaan ilaalee, \wj “Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii”\wj* jedhe. \p \v 28 Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!” jedhe. \p \v 29 Yesuusis deebisee akkana jedheen; \wj “Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi wangeelaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu,\wj* \v 30 \wj kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.\wj* \v 31 \wj Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa, warri dhumaa immoo warra jalqabaa ni taʼu.”\wj* \s1 Yesuus Ammas Waaʼee Duʼa Isaa Duraan Dursee Dubbate \r 10:32‑34 kwf – \xt Mat 20:17‑19; Luq 18:31‑33\xt* \p \v 32 Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Yesuus immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Yesuus amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime. \v 33 Akkanas jedhe; \wj “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu;\wj* \v 34 \wj isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”\wj* \s1 Kadhaa Yaaqoobii fi Yohannis \r 10:35‑45 kwf – \xt Mat 20:20‑28\xt* \p \v 35 Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis gara Yesuus dhufanii, “Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna” jedhan. \p \v 36 Innis, \wj “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?”\wj* jedheen. \p \v 37 Isaanis deebisanii, “Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami” jedhanii deebisan. \p \v 38 Yesuusis, \wj “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?”\wj* jedheen. \p \v 39 Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan. \p Yesuusis akkana jedheen; \wj “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu;\wj* \v 40 \wj garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti.”\wj* \p \v 41 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaqoobii fi Yohannisitti aaran. \v 42 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; \wj “Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.\wj* \v 43 \wj Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;\wj* \v 44 \wj namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba.\wj* \v 45 \wj Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”\wj* \s1 Iji Barxiimewos Banamuu Isaa \r 10:46‑52 kwf – \xt Mat 20:29‑34; Luq 18:35‑43\xt* \p \v 46 Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Yesuus barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture. \v 47 Barxiimewosis yommuu akka inni Yesuus isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, “Yesuus, yaa ilma Daawit na maari!” jedhee iyyuu jalqabe. \p \v 48 Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye. \p \v 49 Yesuusis dhaabatee, \wj “Isa waamaa”\wj* jedhe. \p Isaanis, “Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii” jedhanii namicha jaamaa sana waaman. \v 50 Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe. \p \v 51 Yesuusis, \wj “Akka ani maal siif godhu barbaadda?”\wj* jedhee isa gaafate. \p Namichi jaamaan sunis, “Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada” jedheen. \p \v 52 Yesuusis, \wj “Amantiin kee si fayyiseeraa deemi”\wj* jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe. \c 11 \s1 Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa \r 11:1‑10 kwf – \xt Mat 21:1‑9; Luq 19:29‑38\xt* \r 11:7‑10 kwf – \xt Yoh 12:12‑15\xt* \p \v 1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge; \v 2 akkanas isaaniin jedhe; \wj “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa.\wj* \v 3 \wj Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.”\wj* \p \v 4 Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis, \v 5 namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. \v 6 Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan. \v 7 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. \v 8 Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. \v 9 Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; \q1 “Hoosaaʼinaa!”\f + \fr 11:9 \fr*\fq Hoosaaʼinaa! \fq*\ft Hosaaʼinaa jechuun, \ft*\fqa “Amma fayyisi!” \fqa*\ft yookaan \ft*\fqa “Maaloo \fqa*\ft fayyisi!” \ft*\ft jechuu dha.\ft*\f* \b \q1 “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”\f + \fr 11:9 \fr*\ft \+xt Far 118:25,26\+xt*\ft*\f* \b \q1 \v 10 “Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!” \b \q1 “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” \p \v 11 Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe. \s1 Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa \r 11:12‑14 kwf – \xt Mat 21:18‑22\xt* \r 11:15‑18 kwf – \xt Mat 21:12‑16; Luq 19:45‑47; Yoh 2:13‑16\xt* \p \v 12 Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe. \v 13 Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne. \v 14 Yesuusis muka sanaan, \wj “Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin”\wj* jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan. \p \v 15 Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. \v 16 Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne. \v 17 Innis akkana jedhee isaan barsiise; \wj “ ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’\wj*\f + \fr 11:17 \fr*\ft \+xt Isa 56:7\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’\wj*\f + \fr 11:17 \fr*\ft \+xt Erm 11:7\+xt*\ft*\f* \wj gootaniirtu.”\wj* \p \v 18 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii. \p \v 19 Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan. \s1 Mukti Harbuu Goguu Isaa \r 11:20‑24 kwf – \xt Mat 21:19‑22\xt* \p \v 20 Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan. \v 21 Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe. \p \v 22 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Waaqatti amanaa.\wj* \v 23 \wj Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.\wj* \v 24 \wj Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.\wj* \v 25 \wj Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii.\wj* [ \v 26 \wj Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”\wj*]\f + \fr 11:26 \fr*\ft Waraabbileen tokko tokko luqqisaa 26 hin qaban.\ft*\f* \s1 Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume \r 11:27‑33 kwf – \xt Mat 21:23‑27; Luq 20:1‑8\xt* \p \v 27 Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan. \v 28 Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin. \p \v 29 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.\wj* \v 30 \wj Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”\wj* \p \v 31 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata; \v 32 Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan. \p \v 33 Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. \p Yesuus immoo, \wj “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu”\wj* jedheen. \c 12 \s1 Fakkeenya Qottuuwwanii \r 12:1‑12 kwf – \xt Mat 21:33‑46; Luq 20:9‑19\xt* \p \v 1 Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; \wj “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.\wj* \v 2 \wj Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate.\wj* \v 3 \wj Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.\wj* \v 4 \wj Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan.\wj* \v 5 \wj Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.\wj* \p \v 6 \wj “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.\wj* \p \v 7 \wj “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.\wj* \v 8 \wj Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.\wj* \p \v 9 \wj “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.\wj* \v 10 \wj Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha:\wj* \q1 \wj “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan,\wj* \q2 \wj dhagaa golee taʼeera;\wj* \q1 \v 11 \wj kanas Gooftaatu godhe;\wj* \q2 \wj kunis ija keenyatti dinqii dha.’\wj*\f + \fr 12:11 \fr*\ft \+xt Far 118:22,23\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan. \s1 Waaʼee Gibira Baasuu \r 12:13‑17 kwf – \xt Mat 22:15‑22; Luq 20:20‑26\xt* \p \v 13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan. \v 14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne? \v 15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?” \p Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, \wj “Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii\wj*\f + \fr 12:15 \fr*\ft Hiikkaan tokko tokko saantima jedha. Saantimni maallaqaa kunis saantima mootummaa Roomaa ture. Innis fakkii fuula mootii Roomaa qofa utuu hin taʼin mormii mootiin sun amantii irratti qabus ni mulʼisa. Fakkeenyaaf Xibaariyoos mootichi bara sana saantima isaa irratti katabbii, “Xibaariyoos Qeesaar, ilma Awugisxoos Waaqichaa” jedhu qaba ture (\+xt Luq 3:1\+xt*). Fakkii fuula namaa saantima irratti qabaachuun fuula Yihuudoota amantii qabanii duratti jibbisiisaa ture. Kitaaba qulqulluu keessattis dhowwameera (\+xt Bau 20:4; KeD 5:8\+xt*).\ft*\f* \wj tokko natti fidaa nan ilaalaa”\wj* jedheen. \v 16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, \wj “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. \p \v 17 Kana irratti Yesuus, \wj “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa”\wj* jedheen. \p Isaanis isa dinqifatan. \s1 Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu \r 12:18‑27 kwf – \xt Mat 22:23‑33; Luq 20:27‑38\xt* \p \v 18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan; \v 19 “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera. \v 20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. \v 21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe. \v 22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. \v 23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” \p \v 24 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?\wj* \v 25 \wj Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.\wj* \v 26 \wj Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’\wj*\f + \fr 12:26 \fr*\ft \+xt Bau 3:6\+xt*\ft*\f* \wj jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?\wj* \v 27 \wj Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”\wj* \s1 Ajaja Ajaja Hundumaa Caalu \r 12:28‑34 kwf – \xt Mat 22:34‑40\xt* \p \v 28 Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Yesuus deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate. \p \v 29 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.\wj* \v 30 \wj Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’\wj*\f + \fr 12:30 \fr*\ft \+xt KeD 6:4,5\+xt*\ft*\f* \v 31 \wj Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’\wj*\f + \fr 12:31 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* \wj Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”\wj* \p \v 32 Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii. \v 33 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.” \p \v 34 Yesuusis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, \wj “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu”\wj* jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne. \s1 Kiristoos Ilma Eenyuu ti? \r 12:35‑37 kwf – \xt Mat 22:41‑46; Luq 20:41‑44\xt* \r 12:38‑40 kwf – \xt Mat 23:1‑7; Luq 20:45‑47\xt* \p \v 35 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; \wj “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu?\wj* \v 36 \wj Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe:\wj* \q1 \wj “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin,\wj* \q2 \wj “Hamma ani diinota kee,\wj* \q1 \wj miilla kee jala siif galchutti,\wj* \q2 \wj gara mirga koo taaʼi.” ’\wj*\f + \fr 12:36 \fr*\ft \+xt Far 110:1\+xt*\ft*\f* \m \v 37 \wj Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”\wj* \p Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe. \s1 Barsiistota Seeraa Irraa of Eeggachuu \p \v 38 Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; \wj “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu;\wj* \v 39 \wj manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.\wj* \v 40 \wj Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”\wj* \s1 Kennaa Haadha Hiyyeessaa \r 12:41‑44 kwf – \xt Luq 21:1‑4\xt* \p \v 41 Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan. \v 42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte. \p \v 43 Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti.\wj* \v 44 \wj Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”\wj* \c 13 \s1 Mallattoo Dhuma Baraa \r 13:1‑37 kwf – \xt Mat 24:1‑51; Luq 21:5‑36\xt* \p \v 1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen. \p \v 2 Yesuusis, \wj “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu”\wj* jedheen. \p \v 3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan; \v 4 “Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?” \p \v 5 Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; \wj “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.\wj* \v 6 \wj Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.\wj* \v 7 \wj Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.\wj* \v 8 \wj Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.\wj* \p \v 9 \wj “Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.\wj* \v 10 \wj Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.\wj* \v 11 \wj Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.\wj* \p \v 12 \wj “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.\wj* \v 13 \wj Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.\wj* \p \v 14 \wj “ ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’\wj*\f + \fr 13:14 \fr*\ft \+xt Dan 9:27; 11:31; 12:11\+xt*\ft*\f* \wj sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.\wj* \v 15 \wj Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin.\wj* \v 16 \wj Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.\wj* \v 17 \wj Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!\wj* \v 18 \wj Kunis akka ganna\wj*\f + \fr 13:18 \fr*\ft Ganni yeroo bokkaan cimaan roobee lagni guutee rakkina uumuu dha. Akkasumas akka ganna keessa hirʼinni nyaataa jiru argisiisuu dandaʼa.\ft*\f* \wj keessa hin taaneef kadhadhaa.\wj* \v 19 \wj Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.\wj* \p \v 20 \wj “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.\wj* \v 21 \wj Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa.\wj* \v 22 \wj Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu.\wj* \v 23 \wj Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.\wj* \p \v 24 \wj “Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee,\wj* \q1 \wj “ ‘Aduun ni dukkanoofti;\wj* \q2 \wj jiʼis ifa ishee hin kennitu;\wj* \q1 \v 25 \wj urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;\wj* \q2 \wj humnoonni samiis ni raafamu.’\wj*\f + \fr 13:25 \fr*\ft \+xt Isa 13:10; 34:4\+xt*\ft*\f* \p \v 26 \wj “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu.\wj* \v 27 \wj Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.\wj* \p \v 28 \wj “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.\wj* \v 29 \wj Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.\wj* \v 30 \wj Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.\wj* \v 31 \wj Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.\wj* \s1 Guyyaa fi Saʼaatiin Sun Hin beekamu \p \v 32 \wj “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.\wj* \v 33 \wj Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.\wj* \v 34 \wj Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.\wj* \p \v 35 \wj “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii.\wj* \v 36 \wj Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef.\wj* \v 37 \wj Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”\wj* \c 14 \s1 Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibame \r 14:1‑11 kwf – \xt Mat 26:2‑16\xt* \r 14:1,2,10,11 kwf – \xt Luq 22:1‑6\xt* \r 14:3‑8 kwi – \xt Yoh 12:1‑8\xt* \p \v 1 Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan. \v 2 Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan. \p \v 3 Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. \p \v 4 Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif? \v 5 Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii\f + \fr 14:5 \fr*\ft Diinaariin dhibba sadii mindaa waggaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu.\ft*\f* olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman. \p \v 6 Yesuus garuu akkana jedhe; \wj “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.\wj* \v 7 \wj Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.\wj* \v 8 \wj Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.\wj*\f + \fr 14:8 \fr*\ft Yihuudoonni yommuu reeffa tokko awwaalaaf qopheessanitti shittootti fayyadamu ture (\+xt Mar 16:1\+xt*).\ft*\f* \v 9 \wj Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”\wj* \p \v 10 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe. \v 11 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture. \s1 Irbaata Gooftaa \r 14:12‑26 kwf – \xt Mat 26:17‑30; Luq 22:7‑23\xt* \r 14:22‑25 kwf – \xt 1Qr 11:23‑25\xt* \p \v 12 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Yesuus, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 13 Innis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; \wj “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.\wj* \v 14 \wj Abbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.\wj* \v 15 \wj Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”\wj* \p \v 16 Barattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan. \p \v 17 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe. \v 18 Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, \wj “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna”\wj* jedheen. \p \v 19 Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban. \p \v 20 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.\wj* \v 21 \wj Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”\wj* \p \v 22 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, \wj “Fudhadhaa; kun foon koo ti”\wj* jedhee isaaniif kenne. \p \v 23 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan. \p \v 24 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.\wj* \v 25 \wj Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Waaqaa keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”\wj* \p \v 26 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan. \s1 Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate \r 14:27‑31 kwf – \xt Mat 26:31‑35\xt* \p \v 27 Yesuus akkana isaaniin jedhe; \wj “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:\wj* \q1 \wj “ ‘Ani tiksee nan rukuta;\wj* \q2 \wj hoolonnis ni bittinneeffamu.’\wj*\f + \fr 14:27 \fr*\ft \+xt Zak 13:7\+xt*\ft*\f* \m \v 28 \wj Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”\wj* \p \v 29 Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen. \p \v 30 Yesuus immoo deebisee, \wj “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta”\wj* jedheen. \p \v 31 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan. \s1 Geetesemaanee \r 14:32‑42 kwf – \xt Mat 26:36‑46; Luq 22:40‑46\xt* \p \v 32 Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, \wj “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa”\wj* jedhe. \v 33 Innis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe. \v 34 Innis, \wj “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa”\wj* jedheen. \p \v 35 Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate. \v 36 Innis, \wj “\+tl Aabbaa,\+tl*\wj*\f + \fr 14:36 \fr*\ft Afaan Araamaayikiitiin \ft*\fqa abbaa \fqa*\ft jechuu dha.\ft*\f* \wj yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin”\wj* jedhe. \p \v 37 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; \wj “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?\wj* \v 38 \wj Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”\wj* \p \v 39 Ammas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate. \v 40 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne. \p \v 41 Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; \wj “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.\wj* \v 42 \wj Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”\wj* \s1 Yesuus Qabamuu Isaa \r 14:43‑50 kwf – \xt Mat 26:47‑56; Luq 22:47‑50; Yoh 18:3‑11\xt* \p \v 43 Utuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. \p \v 44 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture. \v 45 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate. \v 46 Namoonni sun Yesuusin qabanii hidhan. \v 47 Warra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute. \p \v 48 Yesuusis akkana jedhe; \wj “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?\wj* \v 49 \wj Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”\wj* \v 50 Isaan hundinuus isa dhiisanii baqatan. \p \v 51 Dargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Yesuus faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis, \v 52 dargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe. \s1 Yesuus Yaaʼii Duratti \r 14:53‑65 kwf – \xt Mat 26:57‑68; Yoh 18:12,13,19‑24\xt* \r 14:61‑63 kwf – \xt Luq 22:67‑71\xt* \p \v 53 Isaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman. \v 54 Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture. \p \v 55 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne. \v 56 Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane. \p \v 57 Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan: \v 58 “ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.” \v 59 Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane. \p \v 60 Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. \v 61 Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. \p Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate. \p \v 62 Yesuusis, \wj “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu”\wj* jedhe. \p \v 63 Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? \v 64 Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” \p Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran. \v 65 Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan. \s1 Phexros Yesuusin Ganuu Isaa \r 14:66‑72 kwf – \xt Mat 26:69‑75; Luq 22:56‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27\xt* \p \v 66 Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte. \v 67 Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. \p Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen. \p \v 68 Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye. \p \v 69 Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette. \v 70 Inni garuu ammas ni gane. \p Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin. \p \v 71 Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. \p \v 72 Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, \wj “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta”\wj* isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe. \c 15 \s1 Yesuus Fuula Phiilaaxoos Duratti \r 15:2‑15 kwf – \xt Mat 27:11‑26; Luq 23:2,3,18‑25; Yoh 18:29–19:16\xt* \p \v 1 Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan. \p \v 2 Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. \p Yesuus immoo, \wj “Atuu jette kaa!”\wj* jedhee deebise. \p \v 3 Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan. \v 4 Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate. \p \v 5 Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate. \p \v 6 Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture. \v 7 Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture. \v 8 Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate. \p \v 9 Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate; \v 10 inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii. \v 11 Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Yesuus Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan. \p \v 12 Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate. \p \v 13 Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. \p \v 14 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. \p Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. \p \v 15 Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne. \s1 Loltoonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii \r 15:16‑20 kwf – \xt Mat 27:27‑31\xt* \p \v 16 Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis \tl Piraayitooriyoonitti\tl* ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman. \v 17 Uffata dhiilgee\f + \fr 15:17 \fr*\ft Uffata loltoota Roomaa kan wayyaa kaan irratti uffatamu.\ft*\f* itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan. \v 18 Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban. \v 19 Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif. \v 20 Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman. \s1 Yesuus Fannifamuu Isaa \r 15:22‑32 kwf – \xt Mat 27:33‑44; Luq 23:33‑43; Yoh 19:17‑24\xt* \p \v 21 Isaanis namicha Qareenaa\f + \fr 15:21 \fr*\ft Qareenaan magaalaa Giriik kan qarqara kaaba Afriikaa naannoo harʼa Liibiyaa jedhamutti argamuu dha.\ft*\f* kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Yesuus baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti. \v 22 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha. \v 23 Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide. \v 24 Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan. \p \v 25 Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture. \v 26 Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, \pc Mooticha Yihuudootaa, \m jedhu mataa isaatiin ol ture. \p \v 27 Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [ \v 28 Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]\f + \fr 15:28 \fr*\ft Waraabbileen tokko tokko luqqisaa 28 hin qaban.\ft*\f* \v 29 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, \v 30 mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan. \v 31 Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! \v 32 Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan. \s1 Yesuus Duʼuu Isaa \r 15:33‑41 kwf – \xt Mat 27:45‑56; Luq 23:44‑49\xt* \p \v 33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. \v 34 Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, \tl \+wj “Eloohee! Eloohee!\+wj*\tl*\f + \fr 15:34 \fr*\ft Waraabbileen tokko tokko \ft*\fqa Eelii, Eelii \fqa*\ft jedhu.\ft*\f* \tl \+wj Laamaa Sabaqtaanii?”\+wj*\tl* jedhee iyye. Hiikkaan isaas, \wj “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?”\wj*\f + \fr 15:34 \fr*\ft \+xt Far 22:1\+xt*\ft*\f* jechuu dha. \p \v 35 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan. \p \v 36 Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe. \p \v 37 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate. \p \v 38 Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. \v 39 Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe. \p \v 40 Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan. \v 41 Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan. \s1 Yesuus Awwaalamuu Isaa \r 15:42‑47 kwf – \xt Mat 27:57‑61; Luq 23:50‑56; Yoh 19:38‑42\xt* \p \v 42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis, \v 43 Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate. \v 44 Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate. \v 45 Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne. \v 46 Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe. \v 47 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan. \c 16 \s1 Yesuus Duʼaa Kaʼuu Isaa \r 16:1‑8 kwf – \xt Mat 28:1‑8; Luq 24:1‑10\xt* \p \v 1 Erga Sanbanni darbee booddee Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Yesuus dibuuf jedhanii urgooftuu bitan. \v 2 Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara awwaalaa dhaqan; \v 3 isaanis, “Eenyutu balbala awwaalaa irraa dhagaa sana nuu gangalcha?” waliin jedhan. \p \v 4 Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan awwaalaa irraa gangalfame argan. \v 5 Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan. \p \v 6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa. \v 7 Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.” \p \v 8 Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii awwaalicha biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne. \p [ \v 9 Yesuusis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Maariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Maariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha. \v 10 Isheenis dhaqxee utuu warri isa wajjin turan wawwaachuu fi booʼuutti jiranuu isaanitti himte. \v 11 Isaan garuu yommuu akka Yesuus jiraataa taʼee fi akka isheen isa argite dhagaʼanitti waan sana hin amanne. \p \v 12 Ergasiis isaan keessaa utuu namoonni lama baadiyyaa dhaqaa jiranuu Yesuus bifa biraatiin isaanitti mulʼate. \v 13 Jarris deebiʼanii warra hafanitti himan; isaan garuu warra kanas hin amanne. \p \v 14 Ergasiis Yesuus utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu warra Kudha Tokkotti mulʼate; innis sababii isaan warra erga inni duʼaa kaʼe isa argan sana amanuu didaniif, amantii dhabuu isaaniitii fi mata jabina isaaniitiif isaan ifate. \p \v 15 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.\wj* \v 16 \wj Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.\wj* \v 17 \wj Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu;\wj* \v 18 \wj harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu.”\wj* \p \v 19 Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe. \v 20 Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]\f + \fr 16:9‑20 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko kutaa luqqisaa 9 fi 20 gidduu jiru hin qaban.\ft*\f*