\id MIC - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Miikiyaas \toc1 Raajii Miikiyaas \toc2 Miikiyaas \toc3 Mik \mt2 Raajii \mt1 Miikiyaas \c 1 \p \v 1 Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha. \b \b \q1 \v 2 Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa; \q2 lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftichi, \q2 Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa // dhugaa isinitti baʼa. \s1 Murtii Samaariyaa fi Yerusaalemin Eeggatu \q1 \v 3 Kunoo! \nd Waaqayyo\nd* iddoo jireenya isaatii dhufaa jira; \q2 inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta. \q1 \v 4 Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu, \q2 akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu \q1 tulluuwwan isa jalatti ni baqu; \q2 sululawwanis gargar baqaqu. \q1 \v 5 Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif, \q2 sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe. \q1 Dogoggorri Yaaqoob maali? \q2 Samaariyaa mitii? \q1 Iddoon sagadaa Yihuudaa maali? \q2 Yerusaalem mitii? \b \q1 \v 6 “Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa, \q2 lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha. \q1 Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee, \q2 hundee ishee qullaa nan hambisa. \q1 \v 7 Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu; \q2 kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu; \q2 ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa. \q1 Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef, \q2 kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.” \s1 Booʼuu fi Gadduu \q1 \v 8 Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha; \q2 ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema. \q1 Ani akkuma waangoo iyyee, \q2 akkuma urunguu nan aada. \q1 \v 9 Madaan ishee waan hin fayyineef, \q2 Yihuudaattis darbeera. \q1 Karra saba koo dura gaʼeera; \q2 Yerusaalemittis dhufeera. \q1 \v 10 Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; \q2 gonkumaa hin booʼinaa. \q1 Beet Leʼafraatti, \q2 awwaara keessa gangaladhaa. \q1 \v 11 Isin warri Shaafiir keessa jiraattan, \q2 qullaa fi qaaniidhaan darbaa. \q1 Warri Zanaan keessa jiraatan, \q2 gad hin baʼan. \q1 Beet Eezel booʼicha irra jirti; \q2 eegumsi ishee isin irraa fuudhameera. \q1 \v 12 Sababii balaan \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufee \q2 karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef, \q1 warri Maaroot keessa jiraatan \q2 gargaarsa argachuuf wixxirfatu. \q1 \v 13 Ati Laakkiish keessa kan jiraattu, \q2 fardeen gaariitti hidhadhu. \q1 Ati Intala Xiyooniif \q2 jalqaba cubbuu ti; \q1 dogoggorri Israaʼel \q2 siʼi keessatti argamaatii. \q1 \v 14 Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif \q2 kennaa kennita. \q1 Manneen Akziib mootota Israaʼeliif \q2 gowwoomsitoota taʼu. \q1 \v 15 Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti \q2 moʼataa tokko nan fida. \q1 Inni ulfina Israaʼel taʼe \q2 gara Adulaam ni dhufa. \q1 \v 16 Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii \q2 mataa kee haaddadhu; \q1 akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu; \q2 isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii. \c 2 \s1 Karoora Namaatii fi Karoora Waaqaa \q1 \v 1 Warra daba karoorfatan \q2 kanneen siree isaanii irra // ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! \q1 Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf \q2 isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu. \q1 \v 2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; \q2 manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. \q1 Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, \q2 dhaala isaas ni fudhatu. \p \v 3 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q1 “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko \q2 saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. \q1 Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; \q2 yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii. \q1 \v 4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; \q2 akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; \q1 ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; \q2 qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. \q1 Inni narraa fudhata! \q2 Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ” \b \q1 \v 5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee \q2 waldaa \nd Waaqayyoo\nd* keessaa hin qabaattu. \s1 Raajota Sobaa \q1 \v 6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; \q2 waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; \q2 salphinni nutti hin dhufu” jedhu. \q1 \v 7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? \q2 Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* obsa hin qabuu? \q2 Inni waan akkasii ni hojjetaa?” \b \q1 “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef \q2 dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu? \q1 \v 8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. \q2 Isin namoota yaaddoo malee achiin darban \q2 kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu. \q1 \v 9 Isin dubartoota saba kootii \q2 manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. \q1 Eebba koos bara baraan \q2 ijoollee isaanii irraa fudhattu. \q1 \v 10 Kaʼaatii asii deemaa! \q2 Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; \q2 isheen xurooftee diigamtee baddeerti. \q1 \v 11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, \q2 ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi \q2 dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; \q2 inni raajii saba kanaa taʼa! \s1 Furamni Waadaa Galame \q1 \v 12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan \q2 isin hunda walitti nan qaba; \q2 ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. \q1 Ani akkuma hoolota gola keessaatti, \q2 akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; \q2 lafti sunis tuuta namaatiin guutamti. \q1 \v 13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; \q2 isaan cabsanii karraan baʼu. \q1 Mootiin isaanii isaan dura baʼa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* fuula isaanii dura deema.” \c 3 \s1 Hooggantoonnii fi Raajonni Balaaleffataman \p \v 1 Ergasii ani akkanan jedhe; \q1 “Isin hooggantoonni Yaaqoob, \q2 bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. \q1 Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii? \q2 \v 2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, \q1 warri saba koo irraa gogaa, \q2 lafee isaanii irraa immoo foon baaftan, \q1 \v 3 warri foon saba koo nyaattan, \q2 kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii // lafee isaanii caccabsitan, \q1 isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi \q2 okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan \q2 murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?” \b \q1 \v 4 Ergasii isaan \nd Waaqayyotti\nd* iyyatu; \q2 inni garuu deebii hin kennuuf. \q1 Yeroo sanatti inni sababii cubbuu \q2 isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Waaʼee raajota \q2 saba koo karaa irraa jalʼisanii, \q1 yoo namni tokko nyaata kenneef \q2 isaan ‘Nagaa’ labsu; \q1 yoo inni akkas gochuu baate immoo \q2 lola isatti kaasuuf qophaaʼu. \q1 \v 6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, \q2 utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. \q1 Aduun raajotatti dhiiti; \q2 guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa. \q1 \v 7 Ilaaltonni ni qaanaʼu; \q2 warri hooda dubbatanis ni salphifamu. \q1 Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef \q2 isaan hundi fuula haguuggatu.” \b \q1 \v 8 Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, \q2 Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf \q2 humnaan guutameera; \q1 Hafuura \nd Waaqayyootiin\nd* \q2 murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera. \q1 \v 9 Isin hooggantoonni mana Yaaqoob \q2 bulchitoonni mana Israaʼel \q1 warri murtii qajeelaa tuffattanii \q2 waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa; \q1 \v 10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, \q2 hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa. \q1 \v 11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; \q2 luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; \q2 raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. \q1 Taʼus isaan \nd Waaqayyotti\nd* irkatanii, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* gidduu keenya jira mitii? \q2 Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu. \q1 \v 12 Kanaafuu sababii keessaniif, \q2 Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; \q1 Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; \q2 gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa. \c 4 \s1 Tulluu \nd Waaqayyoo\nd* \r 4:1‑3 kwf – \xt Isa 2:1‑4\xt* \p \v 1 Bara dhumaa keessa \q1 tulluun mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* \q2 tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; \q1 inni gaarran caalaa ol ol jedha; \q2 namoonnis itti yaaʼu. \p \v 2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; \q1 “Kottaa gara tulluu \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. \q1 Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf \q2 karaa isaa nu barsiisa.” \q1 Seerri Xiyoon keessaa, \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* immoo Yerusaalem keessaa dhufa. \q1 \v 3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee \q2 saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. \q1 Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, \q2 eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. \q1 Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu \q2 yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan. \q1 \v 4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi \q2 muka harbuu isaa jala taaʼa; \q1 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii \q2 namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 5 Saboonni hundinuu \q2 maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; \q1 nu immoo bara baraa hamma bara baraatti \q2 maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatiin deddeebina. \s1 Karoora \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Ani bara sana naafa walittin qaba; \q1 warra boojiʼamanii fi \q2 warra ani gaddisiises walittin qaba. \q1 \v 7 Ani warra naafa hambaa, \q2 warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. \q1 \nd Waaqayyo\nd* guyyaa sanaa jalqabee \q2 hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa. \q1 \v 8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee, \q2 yaa daʼoo Intala Xiyoon, \q1 ol aantummaan durii siif ni deebifama; \q2 mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.” \b \q1 \v 9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? \q2 Ati mootii hin qabduu? \q1 Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf \q2 gorsaan kee badeetii? \q1 \v 10 Yaa Intala Xiyoon, \q2 akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; \q1 ati amma bakkee keessa qubachuuf \q2 magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. \q1 Ati Baabilon dhaqxa; \q2 achitti ni baraaramta. \q1 \nd Waaqayyo\nd* achitti \q2 harka diina keetii keessaa si fura. \b \q1 \v 11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. \q2 Isaanis, “Isheen haa xurooftu; \q1 iji keenya xiyyeeffatee \q2 Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu. \q1 \v 12 Isaan garuu yaada \nd Waaqayyoo\nd* hin beekan; \q2 isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii \q2 oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan. \b \q1 \v 13 “Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; \q2 ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; \q1 ani kottee naasii siif nan kenna; \q2 atis saboota baayʼee caccabsita.” \q1 Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan \nd Waaqayyoof\nd* kennita; \q2 qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita. \c 5 \s1 Bulchaa Beetlihemii Dhufu \q1 \v 1 Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi; \q2 nu marfamneerraatii. \q1 Isaan uleedhaan \q2 maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu. \q1 \v 2 “Garuu yaa Beetlihem Efraataa, \q2 ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, \q1 kan bulchaa Israaʼel taʼu, \q2 kan jiraachuun isaa durumaa, \q1 kan bara duriitii jalqabee ture tokko \q2 si keessaa baʼee naaf dhufa.” \b \q1 \v 3 Kanaafuu Israaʼel \q2 hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee \q1 obboloonni isaa warri hafan \q2 Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti. \b \q1 \v 4 Inni jabina \nd Waaqayyootiin\nd* \q2 surraa maqaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa isaatiin \q2 dhaabatee bushaayee isaa tikfata. \q1 Yeroo sanatti surraan isaa \q2 waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu. \b \q1 \v 5 Inni nagaa keenya taʼa; \q2 yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii \q2 daʼannoo keenya keessa baʼanitti \q1 nu tiksoota torbaa fi \q2 ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna. \q1 \v 6 Isaan biyya Asoor goraadeedhaan \q2 biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu. \q1 Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii \q2 daarii keenya keessa baʼanitti, \q2 inni warra Asoor sana jalaa nu baasa. \b \q1 \v 7 Hambaan Yaaqoob \q2 namoota hedduu gidduutti \q1 akkuma fixeensa \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufuu, \q2 akkuma tiifuu marga irraa \q1 kan nama hin eegnee \q2 yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa. \q1 \v 8 Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti, \q2 uummata hedduu gidduuttis, \q1 akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu, \q2 akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru \q1 kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi \q2 kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa. \q1 \v 9 Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa; \q2 amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q1 “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa; \q2 gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa. \q1 \v 11 Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa; \q2 daʼannoowwan keessan hundas nan diiga. \q1 \v 12 Ani falfaltoota keessan nan balleessa; \q2 isinis deebitanii hin mortan. \q1 \v 13 Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii \q2 gidduu keetii nan balleessa; \q1 ati siʼachi gad jettee \q2 hojii harka keetiitiif hin sagaddu. \q1 \v 14 Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee \q2 magaalaawwan kees nan barbadeessa. \q1 \v 15 Ani saboota naaf hin ajajamin irratti \q2 aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.” \c 6 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Israaʼel Irraa Dubbii Qaba \p \v 1 Waan \nd Waaqayyo\nd* jedhu dhaggeeffadhaa: \q1 “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; \q2 gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan. \b \q1 \v 2 “Yaa tulluuwwan himata \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa; \q2 hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. \q1 \nd Waaqayyo\nd* saba isaa irraa dubbii qabaatii; \q2 inni Israaʼel wajjin falmii qaba. \b \q1 \v 3 “Yaa saba ko, ani maalan si godhe? \q2 Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni. \q1 \v 4 Ani biyya Gibxii sin baasee \q2 biyya garbummaa keessaa sin fure. \q1 Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, \q2 akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge. \q1 \v 5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi \q2 deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. \q1 Ati akka hojii qajeelummaa \nd Waaqayyoo\nd* beektuuf \q2 karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.” \b \q1 \v 6 Ani maaliinan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhufee \q2 fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? \q1 Ani aarsaa gubamuun, \q2 jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu? \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, \q2 zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? \q1 Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, \q2 sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu? \q1 \v 8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. \q2 \nd Waaqayyo\nd* maal sirraa barbaada? \q1 Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, \q2 akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu // sirraa barbaada mitii? \s1 Yakkaa fi Adabamuu Israaʼel \q1 \v 9 Isin dhaggeeffadhaa! \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee magaalattii waama: \q2 Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; \q2 “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa. \q1 \v 10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi \q2 madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa? \q1 \v 11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi \q2 kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa? \q1 \v 12 Sooreyyiin ishee jalʼoota; \q2 uummanni ishee sobdoota; \q2 arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata. \q1 \v 13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, \q2 isin balleessuu jalqabeera. \q1 \v 14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; \q2 garaan kee amma illee duwwaa dha. \q1 Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; \q2 waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii. \q1 \v 15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; \q2 ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; \q2 ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu. \q1 \v 16 Ati sirna Omriitii fi \q2 hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; \q2 gorsa isaaniis duukaa buuteerta. \q1 Kanaafuu ani si balleessee, \q2 uummata kee nan salphisa; \q2 isin tuffii sabootaa ni baattu.” \c 7 \s1 Dhiphachuu Israaʼel \q1 \v 1 Anaaf wayyoo! \q1 Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti \q2 wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; \q1 hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; \q2 iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 2 Namni gaariin lafa irraa badeera; \q2 namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. \q1 Namoonni hundinuu dhiiga // dhangalaasuuf riphanii eeggatu; \q2 tokkoon tokkoon namaa // kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata. \q1 \v 3 Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; \q2 bulchaan kennaa barbaada; \q1 abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; \q2 namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; \q2 hundi isaanii walii wajjin malatu. \q1 \v 4 Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; \q2 inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. \q1 Guyyaan eegdota keetii, \q2 guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. \q2 Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha. \q1 \v 5 Ollaa hin amanatin; \q2 michuus hin abdatin. \q1 Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu \q2 arraba kee eeggadhu. \q1 \v 6 Ilmi abbaa isaa tuffata; \q2 intalli haadha isheetti, \q1 niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; \q2 diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii. \b \q1 \v 7 Ani garuu abdiidhaan \nd Waaqayyoon\nd* nan eeggadha; \q2 fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; \q2 Waaqni koo na dhagaʼa. \s1 Israaʼel ni Kaati \q1 \v 8 Yaa diina koo natti hin gammadin! \q2 Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. \q1 Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu \q2 \nd Waaqayyo\nd* ifa naaf taʼa. \q1 \v 9 Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, \q2 hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti \q2 dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. \q1 Inni ifatti na baasa; \q2 anis qajeelummaa isaa nan arga. \q1 \v 10 Ergasii diinni koo isheen, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun \q2 waan kana argitee qaaniin haguugamti. \q1 Iji koo kufaatii ishee ni arga; \q2 Isheen amma iyyuu miilla jalatti \q2 akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti. \b \q1 \v 11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, \q2 guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa. \q1 \v 12 Gaafas namoonni \q2 Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, \q1 Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, \q2 galaanaa hamma galaanaatti, \q2 tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu. \q1 \v 13 Sababii jiraattota isheetii fi \q2 sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti. \s1 Kadhannaa fi Galata \q1 \v 14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii \q2 kanneen ofumaan bosona keessa, \q1 lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan \q2 ulee keetiin tikfadhu. \q1 Isaan akkuma bara duriitti \q2 Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan. \b \q1 \v 15 “Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa \q2 dinqii koo isaan nan argisiisa.” \b \q1 \v 16 Saboonni arganii ni qaanaʼu; \q2 humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. \q1 Isaan afaan isaanii qabatu; \q2 gurri isaaniis ni duuda. \q1 \v 17 Isaan akkuma bofaa, \q2 akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. \q1 Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; \q2 Isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya sodaachuudhaan \q2 deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu. \q1 \v 18 Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee \q2 balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? \q1 Ati araara gochuutti gammadda malee \q2 bara baraan hin dheekkamtu. \q1 \v 19 Ati deebitee garaa nuu laafta; \q2 cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee \q2 balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti // gad darbatta. \q1 \v 20 Ati akkuma bara durii \q2 abbootii keenyaaf kakatte sana \q1 Yaaqoobiif amanamaa taata; \q2 Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.