\id MAT - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Maatewos \toc1 Wangeela Maatewos \toc2 Maatewos \toc3 Mat \mt2 Wangeela \mt1 Maatewos \c 1 \s1 Hidda Dhaloota Yesuus Kiristoos \r 1:1‑17 kwf – \xt Luq 3:23‑38\xt* \r 1:3‑6 kwf – \xt Rut 4:18‑22\xt* \r 1:7‑11 kwf – \xt 1Sn 3:10‑17\xt* \lh \v 1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha: \b \li1 \v 2 Abrahaam Yisihaaqin dhalche; \li1 Yisihaaq Yaaqoobin dhalche; \li1 Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche; \li1 \v 3 Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; \li1 Faares Hezroonin dhalche; \li1 Hezroon Arraamin dhalche; \li1 \v 4 Arraam Amiinaadaabin dhalche; \li1 Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; \li1 Nahishoon Salmoonin dhalche; \li1 \v 5 Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; \li1 Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; \li1 Yoobeed Isseeyin dhalche; \li1 \v 6 Isseey Daawit Mooticha dhalche. \b \li1 Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche; \li1 \v 7 Solomoon Rehooboʼaamin dhalche; \li1 Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; \li1 Abiyaan Asaafin dhalche; \li1 \v 8 Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; \li1 Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche; \li1 Yehooraam Uziyaan dhalche; \li1 \v 9 Uziyaan Yootaamin dhalche; \li1 Yootaam Akaazin dhalche; \li1 Akaaz Hisqiyaasin dhalche; \li1 \v 10 Hisqiyaas Minaasee dhalche; \li1 Minaaseen Aamoonin dhalche; \li1 Aamoon Yosiyaasin dhalche; \li1 \v 11 Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche. \b \lh \v 12 Boojuu Baabilon booddee, \li1 Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; \li1 Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche; \li1 \v 13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche; \li1 Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; \li1 Eliyaaqeem Azoorin dhalche; \li1 \v 14 Azoor Zaadoqin dhalche; \li1 Zaadoq Akiimin dhalche; \li1 Akiim Eliyuudin dhalche; \li1 \v 15 Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; \li1 Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; \li1 Maattaan Yaaqoobin dhalche; \li1 \v 16 Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti. \b \lf \v 17 Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture. \s1 Dhalachuu Yesuus Kiristoos \p \v 18 Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. \v 19 Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne. \p \v 20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. \v 21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.” \p \v 22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. \v 23 Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu”\f + \fr 1:23 \fr*\ft \+xt Isa 7:14\+xt*\ft*\f* jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha. \p \v 24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. \v 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase. \c 2 \s1 Beektonni Kiristoosin Daawwatan \p \v 1 Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan; \v 2 isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan. \p \v 3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte. \v 4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate. \v 5-6 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, \q1 “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, \q2 ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; \q1 bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu \q2 si keessaa ni baʼaatii’\f + \fr 2:6 \fr*\ft \+xt Mik 5:2,4\+xt*\ft*\f* \m jedhee barreesse sanaa dha.” \p \v 7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate. \v 8 Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge. \p \v 9 Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme. \v 10 Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan. \v 11 Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif. \v 12 Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan. \s1 Gibxitti Baqachuu Isaanii \p \v 13 Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen. \p \v 14 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele; \v 15 hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera”\f + \fr 2:15 \fr*\ft \+xt Hos 11:1\+xt*\ft*\f* jedhe sun raawwatamuuf taʼe. \p \v 16 Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise. \v 17 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha: \q1 \v 18 “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko \q2 Raamaa keessaa dhagaʼame; \q1 sababii isaan hin jirreef, \q2 Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; \q2 jajjabaachuus ni didde.”\f + \fr 2:18 \fr*\ft \+xt Erm 31:15\+xt*\ft*\f* \s1 Naazreetitti Deebiʼuu Isaanii \p \v 19 Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, \v 20 “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen. \p \v 21 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe. \v 22 Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme; \v 23 achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe. \c 3 \s1 Lallaba Yohannis Cuuphaa \r 3:1‑12 kwf – \xt Mar 1:3‑8; Luq 3:2‑17\xt* \p \v 1 Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; \v 2 innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe. \v 3 Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin, \q1 “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa; \q1 daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ \q2 jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo”\f + \fr 3:3 \fr*\ft \+xt Isa 40:3\+xt*\ft*\f* \m jedhamee dubbatame sanaa dha. \p \v 4 Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. \v 5 Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. \v 6 Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan. \p \v 7 Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? \v 8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. \v 9 Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. \v 10 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama. \p \v 11 “Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. \v 12 Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.” \s1 Cuuphamuu Yesuus \r 3:13‑17 kwf – \xt Mar 1:9‑11; Luq 3:21,22; Yoh 1:31‑34\xt* \p \v 13 Yesuus ergasii Yohannisiin cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe. \v 14 Yohannis garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe. \p \v 15 Yesuusis deebisee, \wj “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii”\wj* jedheen. Yohannisis isa dhowwuu dhiise. \p \v 16 Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. \v 17 Sagaleen tokkos samii irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe. \c 4 \s1 Yesuus Qoramuu Isaa \r 4:1‑11 kwf – \xt Mar 1:12‑13; Luq 4:1‑13\xt* \p \v 1 Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. \v 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. \v 3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen. \p \v 4 Yesuus immoo deebisee, \wj “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’\wj*\f + \fr 4:4 \fr*\ft \+xt KeD 8:3\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera”\wj* jedheen. \p \v 5 Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. \v 6 Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: \q1 “ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja; \q2 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, \q2 harka isaaniitiin ol si fuudhu.’\f + \fr 4:6 \fr*\ft \+xt Far 91:11,12\+xt*\ft*\f*” \p \v 7 Yesuus immoo deebisee, \wj “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’\wj*\f + \fr 4:7 \fr*\ft \+xt KeD 6:16\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera”\wj* jedheen. \p \v 8 Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. \v 9 Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.” \p \v 10 Yesuusis, \wj “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’\wj*\f + \fr 4:10 \fr*\ft \+xt KeD 6:13\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameeraatii”\wj* jedheen. \p \v 11 Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan. \s1 Yesuus Lallaba Jalqabuu Isaa \p \v 12 Yesuus yommuu akka Yohannis mana hidhaatti galfame dhagaʼetti Galiilaatti deebiʼe. \v 13 Innis Naazreetii baʼee gara Qifirnaahom ishee biyya Zebuuloonii fi Niftaalem keessatti qarqara galaanaatti argamtu sanaa dhaqee achi jiraate; \v 14 kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; dubbichis akkana jedha: \q1 \v 15 “Biyyi Zebuuloonii fi biyyi Niftaalem \q2 kanneen Yordaanos gama, \q1 qarqara Daandii Galaanaa irra jiran, \q2 Galiilaan Namoota Ormaas, \q1 \v 16 sabni dukkana keessa jiraatu, \q2 ifa guddaa argeera; \q1 warra biyya gaaddidduu duʼaa keessa jiraataniifis, \q2 ifni baʼeera.”\f + \fr 4:16 \fr*\ft \+xt Isa 9:1,2\+xt*\ft*\f* \p \v 17 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, \wj “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa”\wj* jedhee lallabuutti kaʼe. \s1 Waamamuu Barattoota Jalqabaa \r 4:18‑22 kwf – \xt Mar 1:16‑20; Luq 5:2‑11; Yoh 1:35‑42\xt* \p \v 18 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan. \v 19 Yesuusis, \wj “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga”\wj* jedheen. \v 20 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. \p \v 21 Innis utuu achii kaʼee deemuu obboloota gara biraa lama jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannisin arge. Isaanis abbaa isaanii Zabdewoos wajjin kiyyoo isaanii qopheeffachaa bidiruu keessa turan. Yesuusis isaan waame; \v 22 isaanis yommusuma bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. \s1 Yesuus Dhukkubsattoota Fayyisuu Isaa \p \v 23 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme. \v 24 Oduun waaʼee isaas Sooriyaa hunda keessatti dhagaʼame; namoonnis warra dhukkuba garaa garaatiin qabaman, warra dhukkuba hamaan dhiphatan, warra hafuura hamaan qabaman, warra dhukkuba gaggabdootiin dhiphatanii fi warra dhagni irratti duʼe isatti fidan; innis isaan fayyise. \v 25 Tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa, Magaalaa Kurnanii, Yerusaalemii, Yihuudaa fi biyya Yordaanos gamaatii isa duukaa buʼe. \c 5 \s1 Warra Eebbifamoo \r 5:3‑12 kwf – \xt Luq 6:20‑23\xt* \p \v 1 Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan; \v 2 innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe: \q1 \v 3 \wj “Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj mootummaan samii kan isaaniitii.\wj* \q1 \v 4 \wj Warri gaddan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj jajjabina ni argatuutii.\wj* \q1 \v 5 \wj Warri garraamiin eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj lafa ni dhaaluutii.\wj* \q1 \v 6 \wj Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj isaan ni quufuutii.\wj* \q1 \v 7 \wj Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj araara ni argatuutii.\wj* \q1 \v 8 \wj Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj Waaqa ni arguutii.\wj* \q1 \v 9 \wj Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.\wj* \q1 \v 10 \wj Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj mootummaan samii kan isaaniitii.\wj* \p \v 11 \wj “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.\wj* \v 12 \wj Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.\wj* \s1 Soogiddaa fi Ifa \p \v 13 \wj “Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.\wj* \p \v 14 \wj “Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.\wj* \v 15 \wj Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.\wj* \v 16 \wj Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.\wj* \s1 Raawwatamuu Seeraa \p \v 17 \wj “Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.\wj* \v 18 \wj Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.\wj* \v 19 \wj Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.\wj* \v 20 \wj Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.\wj* \s1 Nama Ajjeesuu \r 5:25,26 kwf – \xt Luq 12:58,59\xt* \p \v 21 \wj “Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’\wj*\f + \fr 5:21 \fr*\ft \+xt Bau 20:13\+xt*\ft*\f* \wj jedhame dhageessaniirtu.\wj* \v 22 \wj Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin \+tl ‘Raatuu’\+tl* jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata.\wj* \p \v 23 \wj “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,\wj* \v 24 \wj kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.\wj* \p \v 25 \wj “Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.\wj* \v 26 \wj Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.\wj* \s1 Ejja \p \v 27 \wj “Isin akka, ‘Hin ejjin’\wj*\f + \fr 5:27 \fr*\ft \+xt Bau 20:14\+xt*\ft*\f* \wj jedhame dhageessaniirtu.\wj* \v 28 \wj Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.\wj* \v 29 \wj Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii.\wj* \v 30 \wj Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.\wj* \s1 Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii \p \v 31 \wj “Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’\wj*\f + \fr 5:31 \fr*\ft \+xt KeD 24:1\+xt*\ft*\f* \wj jedhameera.\wj* \v 32 \wj Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.\wj* \s1 Kakaa \p \v 33 \wj “Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’\wj*\f + \fr 5:33 \fr*\ft \+xt Lew 19:12; Lak 30:2\+xt*\ft*\f* \wj jedhame dhageessaniirtu.\wj* \v 34 \wj Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;\wj* \v 35 \wj yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.\wj* \v 36 \wj Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.\wj* \v 37 \wj Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.\wj* \s1 Qooda Ijaa, Ija \p \v 38 \wj “ ‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’\wj*\f + \fr 5:38 \fr*\ft \+xt Bau 21:24; Lew 24:20; KeD 19:21\+xt*\ft*\f* \wj akka jedhame dhageessaniirtu.\wj* \v 39 \wj Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.\wj* \v 40 \wj Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.\wj* \v 41 \wj Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.\wj* \v 42 \wj Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.\wj* \s1 Diina Jaallachuu \p \v 43 \wj “ ‘Ollaa kee jaalladhu;\wj*\f + \fr 5:43 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* \wj diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.\wj* \v 44 \wj Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;\wj* \v 45 \wj kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.\wj* \v 46 \wj Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?\wj* \v 47 \wj Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?\wj* \v 48 \wj Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.\wj* \c 6 \s1 Rakkataaf Waa Kennuu \p \v 1 \wj “Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.\wj* \p \v 2 \wj “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.\wj* \v 3 \wj Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;\wj* \v 4 \wj kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.\wj* \s1 Kadhannaa \r 6:9‑13 kwf – \xt Luq 11:2‑4\xt* \p \v 5 \wj “Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.\wj* \v 6 \wj Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.\wj* \v 7 \wj Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.\wj* \v 8 \wj Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.\wj* \p \v 9 \wj “Egaa akkana jedhaa kadhadhaa:\wj* \q1 \wj “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu,\wj* \q1 \wj maqaan kee haa qulqullaaʼu;\wj* \q1 \v 10 \wj mootummaan kee haa dhufu;\wj* \q1 \wj fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana,\wj* \q2 \wj lafa irrattis haa taʼu.\wj* \q1 \v 11 \wj Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.\wj* \q1 \v 12 \wj Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana,\wj* \q2 \wj atis yakka keenya nuuf dhiisi.\wj* \q1 \v 13 \wj Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’\wj*\f + \fr 6:13 \fr*\ft Akka Giriikotaatti \ft*\fq qoramatti \fq*\ft jechuun \ft*\fqa qormaatatti \fqa*\ft jechuu.\ft*\f* \q2 \wj Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.\wj* \qr \wj Ameen.\wj*\f + \fr 6:13 \fr*\ft Yookaan \ft*\fq isa hamaa jalaa \fq*\ft hiikkaawwan durii tokko tokko jecha \ft*\fqa isa / Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen \fqa*\ft jedhu hin qaban.\ft*\f* \m \v 14 \wj Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.\wj* \v 15 \wj Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.\wj* \s1 Sooma \p \v 16 \wj “Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.\wj* \v 17 \wj Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.\wj* \v 18 \wj Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.\wj* \s1 Badhaadhummaa Samii Irraa \r 6:22‑23 kwf – \xt Luq 11:34‑36\xt* \p \v 19 \wj “Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.\wj* \v 20 \wj Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.\wj* \v 21 \wj Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.\wj* \p \v 22 \wj “Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.\wj* \v 23 \wj Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!\wj* \p \v 24 \wj “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.\wj* \s1 Hin Yaaddaʼinaa \r 6:25‑33 kwf – \xt Luq 12:22‑31\xt* \p \v 25 \wj “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?\wj* \v 26 \wj Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?\wj* \v 27 \wj Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?\wj* \p \v 28 \wj “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.\wj* \v 29 \wj Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.\wj* \v 30 \wj Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?\wj* \v 31 \wj Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.\wj* \v 32 \wj Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.\wj* \v 33 \wj Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.\wj* \v 34 \wj Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.\wj* \c 7 \s1 Nama Kaanitti Muruu \r 7:3‑5 kwf – \xt Luq 6:41,42\xt* \p \v 1 \wj “Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa.\wj* \v 2 \wj Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.\wj* \p \v 3 \wj “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?\wj* \v 4 \wj Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa?\wj* \v 5 \wj Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.\wj* \p \v 6 \wj “Waan qulqulluu sarootaaf hin kenninaa; lula keessanis booyyee dura hin buusinaa. Yoo kana gootan isaan miilla isaaniitiin dhidhiitu; gara galanis isin cicciru.\wj* \s1 Kadhadhaa, Barbaadaa, Balbala Rurrukutaa \r 7:7‑11 kwf – \xt Luq 11:9‑13\xt* \p \v 7 \wj “Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.\wj* \v 8 \wj Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.\wj* \p \v 9 \wj “Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu?\wj* \v 10 \wj Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu?\wj* \v 11 \wj Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!\wj* \v 12 \wj Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.\wj* \s1 Karra Dhiphaa fi Karra Balʼaa \p \v 13 \wj “Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha.\wj* \v 14 \wj Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.\wj* \s1 Mukaa fi Ija Isaa \p \v 15 \wj “Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.\wj* \v 16 \wj Isin ija isaaniitiin isaan beektu. Namoonni qoraattii irraa wayinii yookaan sokorruu irraa harbuu ni ciruu?\wj* \v 17 \wj Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata.\wj* \v 18 \wj Mukni gaariin ija gadhee naqachuu hin dandaʼu; mukni gadheenis ija gaarii naqachuu hin dandaʼu.\wj* \v 19 \wj Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama.\wj* \v 20 \wj Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.\wj* \p \v 21 \wj “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.\wj* \v 22 \wj Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu.\wj* \v 23 \wj Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.\wj* \s1 Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota \r 7:24‑27 kwf – \xt Luq 6:47‑49\xt* \p \v 24 \wj “Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.\wj* \v 25 \wj Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne.\wj* \v 26 \wj Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.\wj* \v 27 \wj Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture.”\wj* \p \v 28 Yommuu Yesuus dubbii kana dubbatee raawwatetti namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan; \v 29 inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama taayitaa qabu tokkootti isaan barsiisa tureetii. \c 8 \s1 Namicha Lamxaaʼaa \r 8:2‑4 kwf – \xt Mar 1:40‑44; Luq 5:12‑14\xt* \p \v 1 Yeroo Yesuus gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe. \v 2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedheen. \p \v 3 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, \wj “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!”\wj* jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe. \v 4 Ergasiis Yesuus, \wj “Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi”\wj* jedheen. \s1 Amantii Ajajaa Dhibbaa \r 8:5‑13 kwf – \xt Luq 7:1‑10\xt* \p \v 5 Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; \v 6 “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira.” \p \v 7 Yesuusis, \wj “Ani dhufeen isa fayyisa”\wj* jedheen. \p \v 8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. \v 9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.” \p \v 10 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; \wj “Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne.\wj* \v 11 \wj Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.\wj* \v 12 \wj Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.”\wj* \p \v 13 Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, \wj “Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!”\wj* jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye. \s1 Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa \r 8:14‑16 kwf – \xt Mar 1:29‑34; Luq 4:38‑41\xt* \p \v 14 Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge. \v 15 Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde. \p \v 16 Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. \v 17 Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin, \q1 “Inni dhibee keenya nurraa fuudhe; \q2 dhukkuba keenyas ni baate”\f + \fr 8:17 \fr*\ft \+xt Isa 53:4\+xt*\ft*\f* \m jedhame sun raawwatamuuf taʼe. \s1 Gatii Yesuus Duukaa Buʼuun Nama Baasisu \r 8:19‑22 kwf – \xt Luq 9:57‑60\xt* \p \v 18 Yesuus yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje. \v 19 Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe. \p \v 20 Yesuusis deebisee, \wj “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu”\wj* jedhe. \p \v 21 Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen. \p \v 22 Yesuus garuu, \wj “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati immoo na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \s1 Yesuus Bubbee Jabaa Gab gochuu Isaa \r 8:23‑27 kwf – \xt Mar 4:36‑41; Luq 8:22‑25\xt* \r 8:23‑27 kwi – \xt Mat 14:22‑33\xt* \p \v 23 Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. \v 24 Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture. \v 25 Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan. \p \v 26 Innis deebisee, \wj “Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?”\wj* jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe. \p \v 27 Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan. \s1 Yesuus Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa \r 8:28‑34 kwf – \xt Mar 5:1‑17; Luq 8:26‑37\xt* \p \v 28 Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. \v 29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan. \p \v 30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. \v 31 Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan. \p \v 32 Innis, \wj “Dhaqaa!”\wj* jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. \v 33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. \v 34 Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate. \c 9 \s1 Yesuus Nama Dhagni Irratti Duʼe Fayyisuu Isaa \r 9:2‑8 kwf – \xt Mar 2:3‑12; Luq 5:18‑26\xt* \p \v 1 Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe. \v 2 Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, \wj “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii”\wj* jedhe. \p \v 3 Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan. \p \v 4 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; \wj “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?\wj* \v 5 \wj ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?\wj* \v 6 \wj Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.”\wj* Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, \wj “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali”\wj* jedhe. \v 7 Namichis kaʼee mana isaatti gale. \v 8 Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan. \s1 Waamamuu Maatewos \r 9:9‑13 kwf – \xt Mar 2:14‑17; Luq 5:27‑32\xt* \p \v 9 Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, \wj “Na duukaa buʼi”\wj* jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe. \p \v 10 Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan. \v 11 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. \p \v 12 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; \wj “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.\wj* \v 13 \wj Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’\wj*\f + \fr 9:13 \fr*\ft \+xt Hos 6:6\+xt*\ft*\f* \wj jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”\wj* \s1 Gaaffii Waaʼee Soomaa \r 9:14‑17 kwf – \xt Mar 2:18‑22; Luq 5:33‑39\xt* \p \v 14 Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 15 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.\wj* \p \v 16 \wj “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.\wj* \v 17 \wj Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”\wj* \s1 Intala Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte \r 9:18‑26 kwf – \xt Mar 5:22‑43; Luq 8:41‑56\xt* \p \v 18 Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen. \v 19 Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe. \p \v 20 Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe. \v 21 Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii. \p \v 22 Yesuusis garagalee ishee ilaalee, \wj “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!”\wj* jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite. \p \v 23 Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti, \v 24 \wj “Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee”\wj* jedhe. Isaan garuu isatti kolfan. \v 25 Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte. \v 26 Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe. \s1 Yesuus Jaamota Lama Fayyisuu Isaa \p \v 27 Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan. \p \v 28 Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, \wj “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif. \p \v 29 Yesuusis ija isaanii qaqqabee, \wj “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu”\wj* jedheen. \v 30 Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, \wj “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa”\wj* jedhee jabeessee isaan akeekkachiise. \v 31 Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan. \p \v 32 Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan. \v 33 Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan. \p \v 34 Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan. \s1 Hojjettoonni Muraasa \p \v 35 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme. \v 36 Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii. \v 37 Barattoota isaatiinis akkana jedhe; \wj “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.\wj* \v 38 \wj Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”\wj* \c 10 \s1 Yesuus Barattoota Kudha Lamaan Erguu Isaa \r 10:2‑4 kwf – \xt Mar 3:16‑19; Luq 6:14‑16; Hoj 1:13\xt* \r 10:9‑15 kwf – \xt Mar 6:8‑11; Luq 9:3‑5; 10:4‑12\xt* \r 10:19‑22 kwf – \xt Mar 13:11‑13; Luq 21:12‑17\xt* \r 10:26‑33 kwf – \xt Luq 12:2‑9\xt* \r 10:34,35 kwf – \xt Luq 12:51‑53\xt* \p \v 1 Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef. \b \lh \v 2 Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana: \b \li1 Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas, \li1 Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis, \li1 \v 3 Fiiliphoos, Bartaloomewoos, \li1 Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu, \li1 Yaaqoob ilma Alfewoosii fi Taadewoos, \li1 \v 4 Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne. \b \p \v 5 Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; \wj “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa.\wj* \v 6 \wj Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa.\wj* \v 7 \wj Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.\wj* \v 8 \wj Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.\wj* \p \v 9 \wj “Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa;\wj* \v 10 \wj karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii.\wj* \v 11 \wj Magaalaa yookaan ganda seentan kam iyyuu keessa nama malu barbaadaa; hamma achii baatanittis manuma isaa turaa.\wj* \v 12 \wj Yommuu mana sana seentanittis nagaa gaafadhaa.\wj* \v 13 \wj Nagaan keessan yoo mana sanaaf male, mana sanaaf haa taʼu; yoo isaaf hin malin garuu nagaan keessan isiniif haa deebiʼu.\wj* \v 14 \wj Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.\wj* \v 15 \wj Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.\wj* \p \v 16 \wj “Kunoo, ani akka hoolotaa gara gidduu yeeyyiittin isin erga. Kanaafuu akka bofaa ogeeyyii, akka gugee garraamii taʼaa.\wj* \v 17 \wj Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu.\wj* \v 18 \wj Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu.\wj* \v 19 \wj Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama;\wj* \v 20 \wj Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.\wj* \p \v 21 \wj “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna; ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.\wj* \v 22 \wj Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.\wj* \v 23 \wj Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.\wj* \p \v 24 \wj “Barataan barsiisaa isaatii ol miti; garbichis gooftaa isaatii ol miti.\wj* \v 25 \wj Barataan tokko akka barsiisaa isaa taʼuun, garbichi tokko immoo akka gooftaa isaa taʼuun ni gaʼa. Erga abbaa manaatiin ‘Biʼeelzebuul’ jedhanii, warra mana isaa jiraataniin immoo hammam kana caalaa haa jedhan ree!\wj* \p \v 26 \wj “Kanaafuu isaan hin sodaatinaa. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.\wj* \v 27 \wj Waan ani dukkana keessatti isinitti himu guyyaa adiin odeessaa; waan gurratti isinitti hasaasan, bantii manaa irraa labsaa.\wj* \v 28 \wj Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.\wj* \v 29 \wj Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu.\wj* \v 30 \wj Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera.\wj* \v 31 \wj Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.\wj* \p \v 32 \wj “Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa.\wj* \v 33 \wj Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.\wj* \p \v 34 \wj “Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe hin seʼinaa. Ani goraadee fiduuf malee nagaa buusuuf hin dhufne.\wj* \v 35 \wj Ani,\wj* \q1 \wj “ ‘Nama abbaa isaatti,\wj* \q2 \wj intala immoo haadha isheetti,\wj* \q1 \wj niitii ilmaas amaatii isheetti kaasuuf dhufeeraatii;\wj* \q2 \v 36 \wj diinonni namaa, miseensotuma mana isaatii.’\wj*\f + \fr 10:36 \fr*\ft \+xt Mik 7:6\+xt*\ft*\f* \p \v 37 \wj “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu.\wj* \v 38 \wj Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.\wj* \v 39 \wj Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.\wj* \p \v 40 \wj “Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata.\wj* \v 41 \wj Namni raajii tokko sababii inni raajii taʼeef simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata; namni nama qajeelaa tokko sababii inni nama qajeelaa taʼeef simatu gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata.\wj* \v 42 \wj Ani dhuguman isinitti hima; namni kam iyyuu yoo warra xixinnaa kanneen keessaa isa tokkoof sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa budduuqsaa tokkoo illee kenne, inni dhugumaan gatii isaa hin dhabu.”\wj* \c 11 \s1 Yesuusii fi Yohannis Cuuphaa \r 11:2‑19 kwf – \xt Luq 7:18‑35\xt* \p \v 1 Yesuus erga barattoota isaa kudha lamaaniif ajaja kennuu raawwatee booddee magaalaawwan Galiilaa keessatti barsiisuu fi lallabuuf jedhee achii kaʼee karaa isaa itti fufe. \p \v 2 Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee, \v 3 “Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate. \p \v 4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa;\wj* \v 5 \wj jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.\wj* \v 6 \wj Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”\wj* \p \v 7 Akkuma barattoonni Yohannis baʼanii qajeelaniin, Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; \wj “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?\wj* \v 8 \wj Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru.\wj* \v 9 \wj Yoos maal arguu baatan ree? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.\wj* \v 10 \wj Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha.\wj* \q1 \wj “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan\wj* \q2 \wj karaa kee qopheessu, si dura nan erga.’\wj*\f + \fr 11:10 \fr*\ft \+xt Mil 3:1\+xt*\ft*\f* \m \v 11 \wj Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala.\wj* \v 12 \wj Mootummaan samii bara Yohannis Cuuphaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu.\wj* \v 13 \wj Raajonni hundinuu, Seerris hamma Yohannis Cuuphaatti raajii dubbataniiruutii.\wj* \v 14 \wj Isinis kana fudhachuuf yoo fedhii qabaattan, inni Eeliyaas isa dhufuuf jiruu dha.\wj* \v 15 \wj Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.\wj* \p \v 16 \wj “Ani dhaloota kana maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii warra kaan waamanii akkana jedhanii ti:\wj* \q1 \v 17 \wj “ ‘Nu ulullee isinii afuufne;\wj* \q2 \wj isin garuu hin sirbine;\wj* \q1 \wj faaruu booʼichaas faarsine;\wj* \q2 \wj isin garuu hin boonye.’\wj* \m \v 18 \wj Yohannis yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu.\wj* \v 19 \wj Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”\wj* \s1 Magaalaawwan Qalbii Hin Jijjiirranneef Wayyoo \r 11:21‑23 kwf – \xt Luq 10:13‑15\xt* \p \v 20 Ergasii Yesuus sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe. \v 21 \wj “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan.\wj* \v 22 \wj Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.\wj* \v 23 \wj Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte.\wj* \v 24 \wj Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata.”\wj* \s1 Boqonnaa Abdachiifame \r 11:25‑27 kwf – \xt Luq 10:21,22\xt* \p \v 25 Yesuus yeroo sana akkana jedhe; \wj “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha.\wj* \v 26 \wj Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.\wj* \p \v 27 \wj “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.\wj* \p \v 28 \wj “Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.\wj* \v 29 \wj Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.\wj* \v 30 \wj Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”\wj* \c 12 \s1 Gooftaa Sanbataa \r 12:1‑8 kwf – \xt Mar 2:23‑28; Luq 6:1‑5\xt* \r 12:9‑14 kwf – \xt Mar 3:1‑6; Luq 6:6‑11\xt* \p \v 1 Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban. \v 2 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin. \p \v 3 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee?\wj* \v 4 \wj Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture.\wj* \v 5 \wj Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee?\wj* \v 6 \wj Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira.\wj* \v 7 \wj Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’\wj*\f + \fr 12:7 \fr*\ft \+xt Hos 6:6\+xt*\ft*\f* \wj jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture.\wj* \v 8 \wj Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”\wj* \p \v 9 Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene; \v 10 kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 11 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa?\wj* \v 12 \wj Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.”\wj* \p \v 13 Namichaanis, \wj “Harka kee diriirfadhu”\wj* jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe. \v 14 Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan. \s1 Tajaajilaa Waaqni Filate \p \v 15 Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise; \v 16 akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje. \v 17 Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: \q1 \v 18 “Tajaajilaan koo inni ani filadhe, \q2 inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; \q1 ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; \q2 innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa. \q1 \v 19 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; \q2 namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu. \q1 \v 20 Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, \q2 shambaqqoo buruqe hin cabsu; \q1 foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. \q2 \v 21 Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.”\f + \fr 12:21 \fr*\ft \+xt Isa 42:1‑4\+xt*\ft*\f* \s1 Yesuusii fi Biʼeelzebuul \r 12:25‑29 kwf – \xt Mar 3:23‑27; Luq 11:17‑22\xt* \p \v 22 Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe. \v 23 Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan. \p \v 24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan. \p \v 25 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; \wj “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.\wj* \v 26 \wj Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree?\wj* \v 27 \wj Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.\wj* \v 28 \wj Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.\wj* \p \v 29 \wj “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa.\wj* \p \v 30 \wj “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.\wj* \v 31 \wj Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.\wj* \v 32 \wj Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu.\wj* \p \v 33 \wj “Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii.\wj* \v 34 \wj Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.\wj* \v 35 \wj Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.\wj* \v 36 \wj Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.\wj* \v 37 \wj Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.”\wj* \s1 Mallattoo Yoonaas \r 12:39‑42 kwf – \xt Luq 11:29‑32\xt* \r 12:43‑45 kwf – \xt Luq 11:24‑26\xt* \p \v 38 Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin. \p \v 39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; \wj “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf.\wj* \v 40 \wj Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.\wj* \v 41 \wj Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru;\wj*\f + \fr 12:41 \fr*\ft \+xt Yon 3:5\+xt*\ft*\f* \wj isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira.\wj* \v 42 \wj Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira.\wj* \p \v 43 \wj “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.\wj* \v 44 \wj Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata.\wj* \v 45 \wj Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”\wj* \s1 Haadhaa fi Obboloota Yesuus \r 12:46‑50 kwf – \xt Mar 3:31‑35; Luq 8:19‑21\xt* \p \v 46 Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan. \v 47 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime. \p \v 48 Innis deebiseefii, \wj “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?”\wj* jedheen. \v 49 Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; \wj “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti.\wj* \v 50 \wj Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”\wj* \c 13 \s1 Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu \r 13:1‑15 kwf – \xt Mar 4:1‑12; Luq 8:4‑10\xt* \r 13:16,17 kwf – \xt Luq 10:23,24\xt* \r 13:18‑23 kwf – \xt Mar 4:13‑20; Luq 8:11‑15\xt* \p \v 1 Guyyuma sana Yesuus manaa baʼee galaana bira taaʼe. \v 2 Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe. \v 3 Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; \wj “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.\wj* \v 4 \wj Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.\wj* \v 5 \wj Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.\wj* \v 6 \wj Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.\wj* \v 7 \wj Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe.\wj* \v 8 \wj Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate.\wj* \v 9 \wj Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”\wj* \p \v 10 Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 11 Innis akkana jedhee deebiseef; \wj “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.\wj* \v 12 \wj Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.\wj* \v 13 \wj Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana:\wj* \q1 \wj “Isaan utuma ilaalanuu hin argan;\wj* \q2 \wj utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.\wj* \m \v 14 \wj Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha:\wj* \q1 \wj “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;\wj* \q2 \wj ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.\wj* \q1 \v 15 \wj Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;\wj* \q2 \wj gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;\wj* \q2 \wj ija isaaniis dunuunfataniiru.\wj* \q1 \wj Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,\wj* \q2 \wj gurra isaaniitiin dhagaʼanii,\wj* \q2 \wj qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;\wj* \q1 \wj anis isaan nan fayyisa ture.’\wj*\f + \fr 13:15 \fr*\ft \+xt Isa 6:9,10\+xt*\ft*\f* \m \v 16 \wj Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.\wj* \v 17 \wj Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye.\wj* \p \v 18 \wj “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa:\wj* \v 19 \wj Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.\wj* \v 20 \wj Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha.\wj* \v 21 \wj Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.\wj* \v 22 \wj Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.\wj* \v 23 \wj Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”\wj* \s1 Fakkeenya Aramaa \p \v 24 Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; \wj “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata.\wj* \v 25 \wj Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme.\wj* \v 26 \wj Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.\wj* \p \v 27 \wj “Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.\wj* \p \v 28 \wj “Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe.\wj* \p \wj “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.\wj* \p \v 29 \wj “Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa.\wj* \v 30 \wj Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, “Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa” jedhee isaanitti nan hima.’ ”\wj* \s1 Fakkeenya Raacitiitii fi Sanyii Sanaaficaa \r 13:31,32 kwf – \xt Mar 4:30‑32\xt* \r 13:31‑33 kwf – \xt Luq 13:18‑21\xt* \p \v 31 Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; \wj “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata.\wj* \v 32 \wj Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”\wj* \p \v 33 Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; \wj “Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”\wj* \p \v 34 Yesuus waan kana hundumaa fakkeenyaan namootatti dubbate; innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. \v 35 Kunis akka wanni raajichi, \q1 “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; \q2 waan gaafa addunyaan uumamee jalqabee dhokfames nan dubbadha”\f + \fr 13:35 \fr*\ft \+xt Far 78:2\+xt*\ft*\f* \m jedhe sun raawwatamuuf taʼe. \s1 Hiikkaa Fakkeenya Inkirdaadaa \p \v 36 Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi” jedhaniin. \p \v 37 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.\wj* \v 38 \wj Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti;\wj* \v 39 \wj diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti.\wj* \p \v 40 \wj “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa.\wj* \v 41 \wj Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.\wj* \v 42 \wj Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.\wj* \v 43 \wj Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.\wj* \s1 Fakkeenya Qabeenya Dhokfameetii fi Lulaa \p \v 44 \wj “Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.\wj* \p \v 45 \wj “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata.\wj* \v 46 \wj Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.\wj* \s1 Fakkeenya Kiyyoo \p \v 47 \wj “Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata.\wj* \v 48 \wj Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan.\wj* \v 49 \wj Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu;\wj* \v 50 \wj boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”\wj* \p \v 51 Yesuusis, \wj “Waan kana hunda hubattaniirtuu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Eeyyee” jedhanii deebisan. \p \v 52 Innis, \wj “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata”\wj* jedheen. \s1 Raajii Tuffatame \r 13:54‑58 kwf – \xt Mar 6:1‑6\xt* \p \v 53 Yesuus erga fakkeenya kana dubbatee raawwatee booddee achii kaʼee deeme. \v 54 Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate? \v 55 Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii? \v 56 Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?” \v 57 Isaanis isatti gufatan. \p Yesuus garuu, \wj “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu”\wj* jedheen. \p \v 58 Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne. \c 14 \s1 Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa \r 14:1‑12 kwf – \xt Mar 6:14‑29\xt* \p \v 1 Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe; \v 2 innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe. \p \v 3 Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii. \v 4 Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef. \v 5 Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate. \p \v 6 Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte; \v 7 kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale. \v 8 Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette. \v 9 Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje; \v 10 innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute. \v 11 Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite. \v 12 Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan. \s1 Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa \r 14:13‑21 kwf – \xt Mar 6:32‑44; Luq 9:10‑17; Yoh 6:1‑13\xt* \r 14:13‑21 kwi – \xt Mat 15:32‑38\xt* \p \v 13 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan. \v 14 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef. \p \v 15 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin. \p \v 16 Yesuus garuu, \wj “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii”\wj* jedhee deebise. \p \v 17 Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan. \p \v 18 Yesuusis, \wj “Isuma natti fidaa”\wj* jedhe. \v 19 Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. \v 20 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. \v 21 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan. \s1 Yesuus Bishaan irra Deeme \r 14:22‑33 kwf – \xt Mar 6:45‑51; Yoh 6:15‑21\xt* \r 14:34‑36 kwf – \xt Mar 6:53‑56\xt* \p \v 22 Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise. \v 23 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture; \v 24 yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte. \p \v 25 Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. \v 26 Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan. \p \v 27 Yesuus garuu yommusuma, \wj “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa”\wj* jedhee isaanitti dubbate. \p \v 28 Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef. \p \v 29 Yesuusis, \wj “Kottu”\wj* jedheen. \p Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe. \v 30 Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye. \p \v 31 Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, \wj “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?”\wj* jedheen. \p \v 32 Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe. \v 33 Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan. \p \v 34 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan. \v 35 Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan; \v 36 akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan. \c 15 \s1 Wantoota Nama Xureessan \r 15:1‑20 kwf – \xt Mar 7:1‑23\xt* \p \v 1 Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii, \v 2 “Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan. \p \v 3 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu?\wj* \v 4 \wj Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;\wj*\f + \fr 15:4 \fr*\ft \+xt Bau 20:12; KeD 5:16\+xt*\ft*\f* \wj namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’\wj*\f + \fr 15:4 \fr*\ft \+xt Bau 21:17; Lew 20:9\+xt*\ft*\f* \wj jedheeraatii.\wj* \v 5 \wj Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate,\wj* \v 6 \wj inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.\wj* \v 7 \wj Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:\wj* \q1 \v 8 \wj “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja;\wj* \q2 \wj garaan isaa garuu narraa fagoo jira.\wj* \q1 \v 9 \wj Isaan akkanumaan na waaqeffatu;\wj* \q2 \wj barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’\wj*\f + \fr 15:9 \fr*\ft \+xt Isa 29:13\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 10 Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; \wj “Dhagaʼaa; hubadhaas.\wj* \v 11 \wj Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.”\wj* \p \v 12 Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan. \p \v 13 Innis deebisee akkana jedhe; \wj “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama.\wj* \v 14 \wj Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”\wj* \p \v 15 Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen. \p \v 16 Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; \wj “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii?\wj* \v 17 \wj Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii?\wj* \v 18 \wj Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa.\wj* \v 19 \wj Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.\wj* \v 20 \wj Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”\wj* \s1 Amantii Dubartii Kanaʼaan Tokkoo \r 15:21‑28 kwf – \xt Mar 7:24‑30\xt* \p \v 21 Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele. \v 22 Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette. \p \v 23 Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan. \p \v 24 Inni immoo, \wj “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame”\wj* jedhee deebise. \p \v 25 Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette. \p \v 26 Innis, \wj “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti”\wj* jedhee deebise. \p \v 27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef. \p \v 28 Yesuusis, \wj “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu”\wj* jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite. \s1 Yesuus Nama Kuma Afur Soore \r 15:29‑31 kwf – \xt Mar 7:31‑37\xt* \r 15:32‑39 kwf – \xt Mar 8:1‑10\xt* \r 15:32‑39 kwi – \xt Mat 14:13‑21\xt* \p \v 29 Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe. Gaarattis ol baʼee taaʼe. \v 30 Namoonni hedduunis warra okkolan, warra jaaman, warra naafatan, warra arrabni isaanii dubbachuu didee fi kanneen biraa hedduu fidanii miilla Yesuus jala kaaʼan; innis isaan fayyise. \v 31 Namoonni sunis yommuu akka warri arrabni hin dubbanne dubbatan, warri naafatan fayyan, warri okkolan deeman, warra jaamaniif immoo akka iji isaanii baname arganitti ni dinqifatan. Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan. \p \v 32 Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, \wj “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu”\wj* jedhe. \p \v 33 Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan. \p \v 34 Yesuus immoo, \wj “Isin buddeena meeqa qabdu?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan. \p \v 35 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. \v 36 Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan. \v 37 Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. \v 38 Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture. \v 39 Yesuus erga tuuta sana of irraa geggeessee booddee bidiruu yaabbatee naannoo Magadaan dhaqe. \c 16 \s1 Mallattoon Gaafatamuu Isaa \r 16:1‑12 kwf – \xt Mar 8:11‑21\xt* \p \v 1 Fariisonnii fi Saduuqonni gara Yesuus dhufanii akka inni samii irraa mallattoo isaan argisiisu gaafachuudhaan isa qoran. \p \v 2 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Isin yeroo galgalaaʼutti, ‘Samiin diimateera; caama taʼa’ jettu;\wj* \v 3 \wj ganama immoo, ‘Samiin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa samii addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.\wj* \v 4 \wj Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon hin kennamuuf.”\wj* Yesuusis isaan dhiisee deeme. \s1 Raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa \p \v 5 Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan. \v 6 Yesuusis, \wj “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 7 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif” jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan. \p \v 8 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; \wj “Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu?\wj* \v 9 \wj Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?\wj* \v 10 \wj Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?\wj* \v 11 \wj Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.”\wj* \v 12 Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan. \s1 Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise \r 16:13‑16 kwf – \xt Mar 8:27‑29; Luq 9:18‑20\xt* \p \v 13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, \wj “Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?”\wj* jedhee barattoota isaa gaafate. \p \v 14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu” jedhanii deebisan. \p \v 15 Innis, \wj “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 16 Simoon Phexrosis, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti” jedhee deebise. \p \v 17 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; \wj “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.\wj* \v 18 \wj Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu.\wj* \v 19 \wj Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”\wj* \v 20 Ergasiis akka isaan akka inni Kiristoos taʼe nama tokkotti illee hin himneef barattoota isaa akeekkachiise. \s1 Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate \r 16:21‑28 kwf – \xt Mar 8:31–9:1; Luq 9:22‑27\xt* \p \v 21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe. \p \v 22 Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe. \p \v 23 Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, \wj “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii”\wj* jedhe. \p \v 24 Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.\wj* \v 25 \wj Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.\wj* \v 26 \wj Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?\wj* \v 27 \wj Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.\wj* \p \v 28 \wj “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”\wj* \c 17 \s1 Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa \r 17:1‑8 kwf – \xt Luq 9:28‑36\xt* \r 17:1‑13 kwf – \xt Mar 9:2‑13\xt* \p \v 1 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase. \v 2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate. \v 3 Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan. \p \v 4 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe. \p \v 5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe. \p \v 6 Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman. \v 7 Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, \wj “Kaʼaa! Hin sodaatinaa”\wj* jedheen. \v 8 Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine. \p \v 9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, \wj “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa”\wj* jedhee isaan seerrate. \p \v 10 Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 11 Yesuus akkana jedhee deebise; \wj “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa.\wj* \v 12 \wj Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.”\wj* \v 13 Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan. \s1 Gurbaa Gaggabdoodhaan Qabame Tokko \r 17:14‑19 kwf – \xt Mar 9:14‑28; Luq 9:37‑42\xt* \p \v 14 Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate; \v 15 akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa. \v 16 Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.” \p \v 17 Yesuusis deebisee, \wj “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!”\wj* jedhe. \v 18 Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye. \p \v 19 Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 20 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru.\wj* [ \v 21 \wj Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi kadhannaadhaan malee hin baʼu.”\wj*]\f + \fr 17:21 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa 21 hin qaban.\ft*\f* \p \v 22 Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; \wj “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.\wj* \v 23 \wj Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama.”\wj* Barattoonnis akka malee gaddan. \s1 Gibira Mana Qulqullummaa \p \v 24 Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan. \p \v 25 Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen. \p Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, \wj “Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 26 Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe. \p Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Yoos ijoolleen isaanii bilisa.\wj* \v 27 \wj Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”\wj* \c 18 \s1 Nama Mootummaa Samii Keessatti Nama Hunda Caalu \r 18:1‑5 kwf – \xt Mar 9:33‑37; Luq 9:46‑48\xt* \p \v 1 Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?” jedhanii gaafatan. \p \v 2 Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. \v 3 Akkanas jedhe: \wj “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.\wj* \v 4 \wj Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.\wj* \v 5 \wj Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.\wj* \p \v 6 \wj “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.\wj* \v 7 \wj Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo!\wj* \v 8 \wj Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya.\wj* \v 9 \wj Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.\wj* \s1 Fakkeenya Hoolaa Badee \r 18:12‑14 kwf – \xt Luq 15:4‑7\xt* \p \v 10 \wj “Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii.\wj* [ \v 11 \wj Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.\wj*]\f + \fr 18:11 \fr*\ft Hiikkaawwan tokko tokko dubbii \+xt Luq 19:10\+xt* irra jiru dabalatu.\ft*\f* \p \v 12 \wj “Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu?\wj* \v 13 \wj Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada.\wj* \v 14 \wj Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.\wj* \s1 Cubbuu Walitti Hojjechuu \p \v 15 \wj “Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.\wj* \v 16 \wj Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi.\wj* \v 17 \wj Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.\wj* \p \v 18 \wj “Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.\wj* \p \v 19 \wj “Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa.\wj* \v 20 \wj Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”\wj* \s1 Tajaajilaa Dhiifama Hin Goone Tokko \p \v 21 Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate. \p \v 22 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.\wj* \p \v 23 \wj “Kanaafuu mootummaan samii mootii herrega garboota isaa harka jiru toʼachuu barbaade tokko fakkaata.\wj* \v 24 \wj Akkuma inni herrega isaa toʼachuu jalqabeenis nama mootichi taalaantii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidan.\wj* \v 25 \wj Namichi sun waan baasu dhabnaan gooftaan isaa akka inni, niitiin isaa, ijoolleen isaatii fi wanni inni qabu hundinuu gurguramanii gatiin sun kaffalamu ajaje.\wj* \p \v 26 \wj “Garbichi sunis miilla isaatti kufee, ‘Yaa gooftaa, naaf obsi; hunduma isaa iyyuu siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.\wj* \v 27 \wj Gooftaan garbicha sanaas garaa laafeef; gatii isa irraa qabus dhiiseefii gad isa lakkise.\wj* \p \v 28 \wj “Garbichi sun garuu akkuma achii baʼeen garbicha akka isaa kan gatii diinaarii\wj*\f + \fr 18:28 \fr*\ft Diinaariin mindaa guyyaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu ture.\ft*\f* \wj dhibbaa irraa qabu tokko arge. Innis morma namichaa hudhee qabee, ‘Waan ani sirraa qabu naa kaffali’ jedheen.\wj* \p \v 29 \wj “Garbichi akka isaa sunis miilla isaatti kufee, ‘Naaf obsi; waan narra jiru siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.\wj* \p \v 30 \wj “Inni garuu ni dide; qooda kanaa hamma inni gatii isaa kaffalutti mana hidhaatti isa galchisiise.\wj* \v 31 \wj Garboonni kaan yommuu waan taʼe sana arganitti akka malee gaddan; dhaqaniis waan taʼe hundumaa gooftaa isaaniitti himan.\wj* \p \v 32 \wj “Gooftichis garbicha sana ofitti waamee akkana jedheen; ‘Yaa garbicha hamaa! Ani sababii ati na kadhatteef gatii sirra ture hunda siif dhiise.\wj* \v 33 \wj Akkuma ani garaa siif laafe sana atis garbicha akka keetiitiif garaa laafuu hin qabduu?’\wj* \v 34 \wj Gooftaan isaas aariidhaan hamma inni gatii sana hunda kaffalutti warra isa dhiphisanitti dabarsee isa kenne.\wj* \p \v 35 \wj “Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha.”\wj* \c 19 \s1 Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii \r 19:1‑9 kwf – \xt Mar 10:1‑12\xt* \p \v 1 Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe. \v 2 Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise. \p \v 3 Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan. \p \v 4 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’\wj*\f + \fr 19:4 \fr*\ft \+xt Uma 1:27\+xt*\ft*\f* \wj hin dubbifnee?\wj* \v 5 \wj Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’\wj*\f + \fr 19:5 \fr*\ft \+xt Uma 2:24\+xt*\ft*\f* \v 6 \wj Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”\wj* \p \v 7 Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 8 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre.\wj* \v 9 \wj Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”\wj* \p \v 10 Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin. \p \v 11 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu.\wj* \v 12 \wj Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”\wj* \s1 Yesuus Daaʼimman Xixinnoo Eebbise \r 19:13‑15 kwf – \xt Mar 10:13‑16; Luq 18:15‑17\xt* \p \v 13 Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan. \p \v 14 Yesuusis, \wj “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii”\wj* jedhe. \v 15 Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme. \s1 Dargaggeessa Sooressa Tokko \r 19:16‑29 kwf – \xt Mar 10:17‑30; Luq 18:18‑30\xt* \p \v 16 Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate. \p \v 17 Yesuus immoo, \wj “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi”\wj* jedhee deebise. \p \v 18 Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. \p Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “ ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin;\wj* \v 19 \wj abbaa keetii fi haadha kee kabaji;\wj*\f + \fr 19:19 \fr*\ft \+xt Bau 20:12‑16; KeD 5:16‑20\+xt*\ft*\f* \wj ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’\wj*\f + \fr 19:19 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 20 Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen. \p \v 21 Yesuusis, \wj “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 22 Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii. \p \v 23 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha.\wj* \v 24 \wj Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”\wj* \p \v 25 Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan. \p \v 26 Yesuusis isaan ilaalee, \wj “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama”\wj* jedhe. \p \v 27 Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise. \p \v 28 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; \wj “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.\wj* \v 29 \wj Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.\wj* \v 30 \wj Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.\wj* \c 20 \s1 Fakkeenya Warra Iddoo Dhaaba Wayinii Keessa Hojjetanii \p \v 1 \wj “Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.\wj* \v 2 \wj Innis guyyaatti diinaarii\wj*\f + \fr 20:2 \fr*\ft Diinaariin mindaa guyyaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu ture.\ft*\f* \wj tokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.\wj* \p \v 3 \wj “Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.\wj* \v 4 \wj ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.\wj* \v 5 \wj Isaanis ni dhaqan.\wj* \p \wj “Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe.\wj* \v 6 \wj Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.\wj* \p \v 7 \wj “Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan.\wj* \p \wj “Inni immoo, ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa’ jedheen.\wj* \p \v 8 \wj “Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.\wj* \p \v 9 \wj “Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.\wj* \v 10 \wj Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.\wj* \v 11 \wj Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.\wj* \v 12 \wj Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.\wj* \p \v 13 \wj “Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?\wj* \v 14 \wj Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.\wj* \v 15 \wj Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.\wj* \p \v 16 \wj “Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”\wj* \s1 Yesuus Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Duraan Dursee Dubbate \r 20:17‑19 kwf – \xt Mar 10:32‑34; Luq 18:31‑33\xt* \p \v 17 Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen: \v 18 \wj “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;\wj* \v 19 \wj akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”\wj* \s1 Gaaffii Haadha Ilmaan Zabdewoos \r 20:20‑28 kwf – \xt Mar 10:35‑45\xt* \p \v 20 Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte. \p \v 21 Yesuusis, \wj “Ati maal barbaadda?”\wj* jedheen. \p Isheenis, “Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi” jetteen. \p \v 22 Yesuus immoo, \wj “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?”\wj* jedheen. \p Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan. \p \v 23 Yesuusis, \wj “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti”\wj* jedheen. \p \v 24 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran. \v 25 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; \wj “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.\wj* \v 26 \wj Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;\wj* \v 27 \wj namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;\wj* \v 28 \wj Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”\wj* \s1 Jaamonni Lama Fayyifamuu Isaanii \r 20:29‑34 kwf – \xt Mar 10:46‑52; Luq 18:35‑43\xt* \p \v 29 Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe. \v 30 Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan. \p \v 31 Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. \p \v 32 Yesuusis dhaabatee isaan waamee, \wj “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p \v 33 Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan. \p \v 34 Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan. \c 21 \s1 Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa \r 21:1‑9 kwf – \xt Mar 11:1‑10; Luq 19:29‑38\xt* \r 21:4‑9 kwf – \xt Yoh 12:12‑15\xt* \p \v 1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge; \v 2 akkanas isaaniin jedhe; \wj “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa.\wj* \v 3 \wj Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.”\wj* \p \v 4 Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: \q1 \v 5 “Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa; \q2 ‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee, \q1 harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis \q2 harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ ”\f + \fr 21:5 \fr*\ft \+xt Zak 9:9\+xt*\ft*\f* \p \v 6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan. \v 7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe. \v 8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. \v 9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, \q1 “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!” \b \q1 “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”\f + \fr 21:9 \fr*\ft \+xt Far 118:26\+xt*\ft*\f* \b \q1 “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan. \p \v 10 Yommuu Yesuus Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, “Kun eenyu?” jette. \p \v 11 Tuunni sun immoo, “Kun Yesuus, raajicha Naazreeti Galiilaati” jedhee deebise. \s1 Yesuus Mana Qulqullummaa Keessatti \r 21:12‑16 kwf – \xt Mar 11:15‑18; Luq 19:45‑47\xt* \p \v 12 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. \v 13 Innis, \wj “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’\wj*\f + \fr 21:13 \fr*\ft \+xt Isa 56:7\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu”\wj*\f + \fr 21:13 \fr*\ft \+xt Erm 7:11\+xt*\ft*\f* isaaniin jedhe. \p \v 14 Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise. \v 15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran. \p \v 16 Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. \p Yesuus immoo, \wj “Eeyyee;” isin waan,\wj* \q1 \wj “ ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, // galata qopheessiteerta’\wj* \q2 \wj jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?”\wj*\f + \fr 21:16 \fr*\ft \+xt Far 8:2\+xt*\ft*\f* \m jedhee deebise. \p \v 17 Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule. \s1 Mukni Harbuu Goguu Isaa \r 21:18‑22 kwf – \xt Mar 11:12‑14,20‑24\xt* \p \v 18 Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe. \v 19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, \wj “Iji bara baraan sirratti hin argamin!”\wj* jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge. \p \v 20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan. \p \v 21 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.\wj* \v 22 \wj Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”\wj* \s1 Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume \r 21:23‑27 kwf – \xt Mar 11:27‑33; Luq 20:1‑8\xt* \p \v 23 Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan. \p \v 24 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.\wj* \v 25 \wj Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?”\wj* \p Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha. \v 26 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.” \p \v 27 Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. \p Inni immoo akkana jedhe; \wj “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”\wj* \s1 Fakkeenya Ilmaan Lamaanii \p \v 28 \wj “Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.\wj* \p \v 29 \wj “Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.\wj* \p \v 30 \wj “Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.\wj* \p \v 31 \wj “Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?”\wj* \p Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. \p Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu.\wj* \v 32 \wj Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.\wj* \s1 Fakkeenya Qottuuwwanii \r 21:33‑46 kwf – \xt Mar 12:1‑12; Luq 20:9‑19\xt* \p \v 33 \wj “Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.\wj* \v 34 \wj Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.\wj* \p \v 35 \wj “Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.\wj* \v 36 \wj Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan.\wj* \v 37 \wj Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.\wj* \p \v 38 \wj “Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan.\wj* \v 39 \wj Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.\wj* \p \v 40 \wj “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?”\wj* \p \v 41 Isaanis, “Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna” jedhanii deebisan. \p \v 42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti,\wj* \q1 \wj “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan,\wj* \q2 \wj dhagaa golee taʼeera;\wj* \q1 \wj kanas Gooftaatu godhe;\wj* \q2 \wj kun immoo ija keenyatti dinqii dha’\wj*\f + \fr 21:42 \fr*\ft \+xt Far 118:22,23\+xt*\ft*\f* \wj jedhu sana\wj* \q2 \wj gonkumaa hin dubbifnee?\wj* \p \v 43 \wj “Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama.\wj* \v 44 \wj Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”\wj* \p \v 45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Yesuus dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan. \v 46 Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Yesuusin akka raajiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan. \c 22 \s1 Fakkeenya Cidha Fuudhaa fi Heerumaa \r 22:2‑14 kwi – \xt Luq 14:16‑24\xt* \p \v 1 Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef: \v 2 \wj “Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.\wj* \v 3 \wj Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.\wj* \p \v 4 \wj “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’\wj* \p \v 5 \wj “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.\wj* \v 6 \wj Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.\wj* \v 7 \wj Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.\wj* \p \v 8 \wj “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.\wj* \v 9 \wj Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’\wj* \v 10 \wj Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.\wj* \p \v 11 \wj “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.\wj* \v 12 \wj Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.\wj* \p \v 13 \wj “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.\wj* \p \v 14 \wj “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”\wj* \s1 Qeesaariif Gibira Kaffaluu \r 22:15‑22 kwf – \xt Mar 12:13‑17; Luq 20:20‑26\xt* \p \v 15 Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan. \v 16 Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu. \v 17 Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?” \p \v 18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; \wj “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?\wj* \v 19 \wj Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.”\wj* Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; \v 20 inni immoo, \wj “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p \v 21 Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. \p Kana irratti inni, \wj “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa”\wj* jedheen. \p \v 22 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan. \s1 Waaʼee Duʼaa Kaʼuu \r 22:23‑33 kwf – \xt Mar 12:18‑27; Luq 20:27‑40\xt* \p \v 23 Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan. \v 24 Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera. \v 25 Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe. \v 26 Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe. \v 27 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. \v 28 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” \p \v 29 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.\wj* \v 30 \wj Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.\wj* \v 31 \wj Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;\wj* \v 32 \wj ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’\wj*\f + \fr 22:32 \fr*\ft \+xt Bau 3:6\+xt*\ft*\f* \wj Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”\wj* \p \v 33 Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan. \s1 Ajaja Ajajawwan Hunda Caalu \r 22:34‑40 kwf – \xt Mar 12:28‑31\xt* \p \v 34 Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman. \v 35 Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore: \v 36 “Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?” \p \v 37 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.\wj*\f + \fr 22:37 \fr*\ft \+xt KeD 6:5\+xt*\ft*\f* \v 38 \wj Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.\wj* \v 39 \wj Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’\wj*\f + \fr 22:39 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* \wj jedha.\wj* \v 40 \wj Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”\wj* \s1 Kiristoos Ilma Eenyuu ti? \r 22:41‑46 kwf – \xt Mar 12:35‑37; Luq 20:41‑44\xt* \p \v 41 Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate; \v 42 innis, \wj “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?”\wj* jedhe. \p Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan. \p \v 43 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:\wj* \q1 \v 44 \wj “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin:\wj* \q2 \wj “Hamma ani diinota kee\wj* \q1 \wj miilla kee jala siif galchutti\wj* \q2 \wj gara mirga koo taaʼi”\wj*\f + \fr 22:44 \fr*\ft \+xt Far 110:1\+xt*\ft*\f* \wj jedhe.’\wj* \m \v 45 \wj Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”\wj* \v 46 Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne. \c 23 \s1 Akeekkachiisa Yesuus Kenne \r 23:1‑7 kwf – \xt Mar 12:38,39; Luq 20:45,46\xt* \r 23:37‑39 kwf – \xt Luq 13:34,35\xt* \p \v 1 Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe: \v 2 \wj “Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.\wj* \v 3 \wj Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.\wj* \v 4 \wj Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.\wj* \p \v 5 \wj “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.\wj* \v 6 \wj Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.\wj* \v 7 \wj Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.\wj* \p \v 8 \wj “Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.\wj* \v 9 \wj Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.\wj* \v 10 \wj ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.\wj* \v 11 \wj Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.\wj* \v 12 \wj Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.\wj* \s1 Wayyoowwan Torba \p \v 13 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan.\wj* [ \v 14 \wj Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.\wj*]\f + \fr 23:14 \fr*\ft Hiikkaawwan tokko tokko kutaa kana hin dabalan.\ft*\f* \p \v 15 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu.\wj* \p \v 16 \wj “Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.\wj* \v 17 \wj Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?\wj* \v 18 \wj Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.\wj* \v 19 \wj Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?\wj* \v 20 \wj Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.\wj* \v 21 \wj Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.\wj* \v 22 \wj Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.\wj* \p \v 23 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.\wj* \v 24 \wj Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.\wj* \p \v 25 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.\wj* \v 26 \wj Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.\wj* \p \v 27 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.\wj* \v 28 \wj Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.\wj* \p \v 29 \wj “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.\wj* \v 30 \wj Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.\wj* \v 31 \wj Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.\wj* \v 32 \wj Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!\wj* \p \v 33 \wj “Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu?\wj* \v 34 \wj Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.\wj* \v 35 \wj Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.\wj* \v 36 \wj Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.\wj* \p \v 37 \wj “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.\wj* \v 38 \wj Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.\wj* \v 39 \wj Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”\wj* \c 24 \s1 Mallattoo Dhuma Baraa \r 24:1‑51 kwf – \xt Mar 13:1‑37; Luq 21:5‑36\xt* \p \v 1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan. \v 2 Innis, \wj “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan. \p \v 4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.\wj* \v 5 \wj Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.\wj* \v 6 \wj Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.\wj* \v 7 \wj Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa.\wj* \v 8 \wj Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.\wj* \p \v 9 \wj “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.\wj* \v 10 \wj Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;\wj* \v 11 \wj raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.\wj* \v 12 \wj Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;\wj* \v 13 \wj namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.\wj* \v 14 \wj Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.\wj* \p \v 15 \wj “Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’\wj*\f + \fr 24:15 \fr*\ft \+xt Dan 9:27; 11:31; 12:11\+xt*\ft*\f* \wj kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu;\wj* \v 16 \wj yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.\wj* \v 17 \wj Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin.\wj* \v 18 \wj Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.\wj* \v 19 \wj Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!\wj* \v 20 \wj Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa.\wj* \v 21 \wj Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.\wj* \p \v 22 \wj “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.\wj* \v 23 \wj Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa.\wj* \v 24 \wj Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.\wj* \v 25 \wj Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.\wj* \p \v 26 \wj “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa.\wj* \v 27 \wj Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa.\wj* \v 28 \wj Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.\wj* \p \v 29 \wj “Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,\wj* \q1 \wj “ ‘Aduun ni dukkanoofti;\wj* \q2 \wj jiʼis ifa ishee hin kennitu;\wj* \q1 \wj urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;\wj* \q2 \wj humnoonni samiis ni raafamu.’\wj*\f + \fr 24:29 \fr*\ft \+xt Isa 13:10; 34:4\+xt*\ft*\f* \p \v 30 \wj “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.\wj* \v 31 \wj Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.\wj* \p \v 32 \wj “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.\wj* \v 33 \wj Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.\wj* \v 34 \wj Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.\wj* \v 35 \wj Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.\wj* \s1 Guyyaa fi Saʼaatiin Hin Beekamu \r 24:37‑39 kwf – \xt Luq 17:26,27\xt* \r 24:45‑51 kwf – \xt Luq 12:42‑46\xt* \p \v 36 \wj “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.\wj* \v 37 \wj Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.\wj* \v 38 \wj Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.\wj* \v 39 \wj Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.\wj* \v 40 \wj Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.\wj* \v 41 \wj Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.\wj* \p \v 42 \wj “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.\wj* \v 43 \wj Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.\wj* \v 44 \wj Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.\wj* \p \v 45 \wj “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu?\wj* \v 46 \wj Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.\wj* \v 47 \wj Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.\wj* \v 48 \wj Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee\wj* \v 49 \wj garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba.\wj* \v 50 \wj Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa.\wj* \v 51 \wj Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.\wj* \c 25 \s1 Fakkeenya Dubarran Kurnanii \p \v 1 \wj “Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata.\wj* \v 2 \wj Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan.\wj* \v 3 \wj Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne.\wj* \v 4 \wj Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan.\wj* \v 5 \wj Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.\wj* \p \v 6 \wj “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame.\wj* \p \v 7 \wj “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan.\wj* \v 8 \wj Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan.\wj* \p \v 9 \wj “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin.\wj* \p \v 10 \wj “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.\wj* \p \v 11 \wj “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin.\wj* \p \v 12 \wj “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.\wj* \p \v 13 \wj “Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.\wj* \s1 Fakkeenya Taalaantii \r 25:14‑30 kwi – \xt Luq 19:12‑27\xt* \p \v 14 \wj “Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate.\wj* \v 15 \wj Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme.\wj* \v 16 \wj Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate.\wj* \v 17 \wj Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate.\wj* \v 18 \wj Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.\wj* \p \v 19 \wj “Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate.\wj* \v 20 \wj Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen.\wj* \p \v 21 \wj “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.\wj* \p \v 22 \wj “Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen.\wj* \p \v 23 \wj “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.\wj* \p \v 24 \wj “Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka.\wj* \v 25 \wj Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’\wj* \p \v 26 \wj “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa?\wj* \v 27 \wj Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.\wj* \p \v 28 \wj “ ‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa.\wj* \v 29 \wj Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.\wj* \v 30 \wj Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’\wj* \s1 Hoolotaa fi Reʼoota \p \v 31 \wj “Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.\wj* \v 32 \wj Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa.\wj* \v 33 \wj Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.\wj* \p \v 34 \wj “Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa.\wj* \v 35 \wj Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;\wj* \v 36 \wj ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’\wj* \p \v 37 \wj “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine?\wj* \v 38 \wj Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne?\wj* \v 39 \wj Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’\wj* \p \v 40 \wj “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.\wj* \p \v 41 \wj “Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa.\wj* \v 42 \wj Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii;\wj* \v 43 \wj ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’\wj* \p \v 44 \wj “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu.\wj* \p \v 45 \wj “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha.\wj* \p \v 46 \wj “Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.”\wj* \c 26 \s1 Marii Yesuusitti Mariʼatame \r 26:2‑5 kwf – \xt Mar 14:1,2; Luq 22:1,2\xt* \p \v 1 Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe; \v 2 \wj “Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”\wj* \p \v 3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. \v 4 Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan. \v 5 Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan. \s1 Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibamuu Isaa \r 26:6‑13 kwf – \xt Mar 14:3‑9\xt* \r 26:6‑13 kwi – \xt Luq 7:37,38; Yoh 12:1‑8\xt* \p \v 6 Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, \v 7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. \p \v 8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif? \v 9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” \p \v 10 Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.\wj* \v 11 \wj Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.\wj* \v 12 \wj Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote.\wj* \v 13 \wj Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”\wj* \s1 Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuuf Walii Galuu Isaa \r 26:14‑16 kwf – \xt Mar 14:10,11; Luq 22:3‑6\xt* \p \v 14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, \v 15 “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. \v 16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture. \s1 Irbaata Gooftaa \r 26:17‑19 kwf – \xt Mar 14:12‑16; Luq 22:7‑13\xt* \r 26:20‑24 kwf – \xt Mar 14:17‑21\xt* \r 26:26‑29 kwf – \xt Mar 14:22‑25; Luq 22:17‑20; 1Qr 11:23‑25\xt* \p \v 17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan. \p \v 18 Innis deebisee akkana jedhe; \wj “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”\wj* \v 19 Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan. \p \v 20 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate. \v 21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, \wj “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna”\wj* jedhe. \p \v 22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban. \p \v 23 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna.\wj* \v 24 \wj Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”\wj* \p \v 25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe. \p Yesuusis, \wj “Atuu jette kaa!”\wj* jedhee deebise. \p \v 26 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, \wj “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti”\wj* jedhee barattoota isaatiif kenne. \p \v 27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; \wj “Hundi keessan kana irraa dhugaa.\wj* \v 28 \wj Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.\wj* \v 29 \wj Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”\wj* \p \v 30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan. \s1 Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate \r 26:31‑35 kwf – \xt Mar 14:27‑31; Luq 22:31‑34\xt* \p \v 31 Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; \wj “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:\wj* \q1 \wj “ ‘Ani tiksee nan rukuta;\wj* \q2 \wj hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’\wj*\f + \fr 26:31 \fr*\ft \+xt Zak 13:7\+xt*\ft*\f* \m \v 32 \wj Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”\wj* \p \v 33 Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen. \p \v 34 Yesuus immoo deebisee, \wj “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta”\wj* jedheen. \p \v 35 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan. \s1 Geetesemaanee \r 26:36‑46 kwf – \xt Mar 14:32‑42; Luq 22:40‑46\xt* \p \v 36 Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, \wj “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa”\wj* jedheen. \v 37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe. \v 38 Ergasiis inni, \wj “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa”\wj* jedheen. \p \v 39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, \wj “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin”\wj* jedhee kadhate. \p \v 40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; \wj “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee?\wj* \v 41 \wj Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”\wj* \p \v 42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, \wj “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu”\wj* jedhee kadhate. \p \v 43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. \v 44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate. \p \v 45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; \wj “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.\wj* \v 46 \wj Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”\wj* \s1 Yesuus Qabamuu Isaa \r 26:47‑56 kwf – \xt Mar 14:43‑50; Luq 22:47‑53\xt* \p \v 47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. \v 48 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture. \v 49 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate. \p \v 50 Yesuusis deebisee, \wj “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!”\wj* jedhe. \p Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan. \v 51 Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute. \p \v 52 Yesuus immoo akkana jedheen; \wj “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.\wj* \v 53 \wj Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa Leegewoonii\wj*\f + \fr 26:53 \fr*\ft Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata.\ft*\f* \wj Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?\wj* \v 54 \wj Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”\wj* \p \v 55 Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; \wj “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.\wj* \v 56 \wj Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.”\wj* Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan. \s1 Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti \r 26:57‑68 kwf – \xt Mar 14:53‑65; Yoh 18:12,13,19‑24\xt* \p \v 57 Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan. \v 58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe. \p \v 59 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan. \v 60 Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. \p Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii, \v 61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan. \p \v 62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. \v 63 Yesuus garuu inuma calʼise. \p Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen. \p \v 64 Yesuusis deebisee, \wj “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu”\wj* jedhe. \p \v 65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu. \v 66 Maal isinitti fakkaata?” \p Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan. \p \v 67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, \v 68 “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin. \s1 Phexros Yesuusin Ganuu Isaa \r 26:69‑75 kwf – \xt Mar 14:66‑72; Luq 22:55‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27\xt* \p \v 69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen. \p \v 70 Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane. \p \v 71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte. \p \v 72 Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane. \p \v 73 Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan. \p \v 74 Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. \p Yommusuma indaanqoon iyye. \v 75 Phexrosis dubbii Yesuus, \wj “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta”\wj* jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe. \c 27 \s1 Yihuudaan Of Fannisuu Isaa \p \v 1 Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan. \v 2 Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan. \p \v 3 Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise. \v 4 Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. \p Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin. \p \v 5 Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise. \p \v 6 Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan. \v 7 Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan. \v 8 Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama. \v 9 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii, \v 10 akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.”\f + \fr 27:10 \fr*\ft \+xt Zak 11:12,13; Erm 19:1‑13; 32:6‑9\+xt*\ft*\f* \s1 Yesuus Fuula Phiilaaxoos Duratti \r 27:11‑26 kwf – \xt Mar 15:2‑15; Luq 23:2,3,18‑25; Yoh 18:29–19:16\xt* \p \v 11 Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. \p Yesuus immoo, \wj “Atuu jette kaa!”\wj* jedhee deebise. \p \v 12 Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine. \v 13 Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate. \v 14 Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate. \p \v 15 Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture. \v 16 Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture. \v 17 Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate. \v 18 Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii. \p \v 19 Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, “Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii” jettee itti dhaamte. \p \v 20 Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Yesuus immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban. \p \v 21 Bulchaan sun, “Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?” jedhee ammas gaafate. \p Isaanis, “Barabbaasin” jedhanii deebisan. \p \v 22 Phiilaaxoosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu immoo ani maal godhu ree?” jedhee gaafate. \p Hundi isaaniis, “Isa fannisi!” jedhanii deebisan. \p \v 23 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. \p Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. \p \v 24 Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, “Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!” jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate. \p \v 25 Namoonni hundinuus, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!” jedhanii deebisan. \p \v 26 Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne. \s1 Loltoonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii \r 27:27‑31 kwf – \xt Mar 15:16‑20\xt* \p \v 27 Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban. \v 28 Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; \v 29 gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan. \v 30 Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan. \v 31 Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman. \s1 Yesuus Fannifamuu Isaa \r 27:33‑44 kwf – \xt Mar 15:22‑32; Luq 23:33‑43; Yoh 19:17‑24\xt* \p \v 32 Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan. \v 33 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha. \v 34 Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide. \v 35 Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan. \v 36 Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan. \v 37 Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, \pc Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, \m jedha. \p \v 38 Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman. \v 39 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, \v 40 “Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan. \v 41 Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan; \v 42 “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii. \v 43 Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.” \v 44 Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan. \s1 Yesuus Duʼuu Isaa \r 27:45‑56 kwf – \xt Mar 15:33‑41; Luq 23:44‑49\xt* \p \v 45 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. \v 46 Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, \tl \+wj “Eloohee, Eloohee,\+wj*\tl* \f + \fr 27:46 \fr*\ft Waraabbileen tokko tokko \ft*\fqa Eelii, Eelii \fqa*\ft jedhu.\ft*\f* \tl \+wj laamaa sabaqtaanii?”\+wj*\tl* jedhee iyye; hiikkaan isaas, \wj “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?”\wj*\f + \fr 27:46 \fr*\ft \+xt Far 22:1\+xt*\ft*\f* jechuu dha. \p \v 47 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan. \p \v 48 Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne. \v 49 Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan. \p \v 50 Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne. \p \v 51 Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan. \v 52 Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman. \v 53 Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan. \p \v 54 Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan. \p \v 55 Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan. \v 56 Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan. \s1 Yesuus Awwaalamuu Isaa \r 27:57‑61 kwf – \xt Mar 15:42‑47; Luq 23:50‑56; Yoh 19:38‑42\xt* \p \v 57 Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture. \v 58 Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje. \v 59 Yoosefis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane; \v 60 innis awwaala ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee biraa deeme. \v 61 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan fuullee awwaala sanaa tataaʼaa turan. \s1 Eegduu Awwaalaa \p \v 62 Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman. \v 63 Isaanis akkana jedhan; “Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, \wj ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’\wj* jedhe nu ni yaadanna. \v 64 Kanaafuu akka awwaalli sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata.” \p \v 65 Phiilaaxoosis deebisee, “Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti awwaalicha eegsifadhaa” jedheen. \v 66 Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii awwaala sana eegsisan. \c 28 \s1 Duʼaa Kaʼuu Yesuus \r 28:1‑8 kwf – \xt Mar 16:1‑8; Luq 24:1‑10\xt* \p \v 1 Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan. \p \v 2 Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe. \v 3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture. \v 4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan. \p \v 5 Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. \v 6 Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa. \v 7 Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.” \p \v 8 Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan. \v 9 Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif. \v 10 Yesuusis, \wj “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu”\wj* jedheen. \s1 Gabaasa Waardiyyootaa \p \v 11 Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan. \v 12 Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan. \v 13 Akkanas jedhaniin; “ ‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa. \v 14 Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.” \v 15 Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira. \s1 Ergama Guddicha \p \v 16 Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan. \v 17 Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman. \v 18 Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; \wj “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.\wj* \v 19 \wj Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;\wj* \v 20 \wj akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.”\wj*