\id MAL - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Miilkiyaas \toc1 Raajii Miilkiyaas \toc2 Miilkiyaas \toc3 Mil \mt2 Raajii \mt1 Miilkiyaas \c 1 \p \v 1 Raajii dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe. \s1 Israaʼel Jaalala Waaqaa Shakke \p \v 2 “Ani isin jaalladheera” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. \p “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee, \v 3 Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.” \p \v 4 Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. \p Garuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* jala jiraatu jedhamanii ni waamamu. \v 5 Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu \nd Waaqayyo\nd* Guddaa dha!’ jettu. \s1 Aarsaa Mudaa Qabuun Kakuu Cabsuu \p \v 6 “Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. \p “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu. \p \v 7 “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. \p “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. \p “Maaddiin \nd Waaqayyoo\nd* tuffatamaa dha jechuudhaan. \v 8 Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 9 “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda dandaʼu. \p \v 10 “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 11 “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 12 “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu. \v 13 ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 14 “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \c 2 \s1 Akeekkachiisa Lubootaaf Kenname \p \v 1 “Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname. \v 2 Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera. \p \v 3 “Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu. \v 4 Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 5 “Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate. \v 6 Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise. \p \v 7 “Sababii inni ergamaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu. \v 8 Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 9 “Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.” \s1 Dhirsaa Niitiin Wal Hiikuudhaan Kakuu Cabsuu \p \v 10 Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Waaquma tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree? \p \v 11 Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu \nd Waaqayyo\nd* jaallatu xureesseera. \v 12 Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa \nd Waaqayyo\nd* isa haa balleessu. \p \v 13 Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus. \v 14 Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef \nd Waaqayyo\nd* siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha. \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin. \p \v 16 “Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa. \s1 Murtii Dabsuudhaan Kakuu Cabsuu \p \v 17 Isin dubbii keessaniin \nd Waaqayyoon\nd* dadhabsiiftaniirtu. \p “Nu akkamiin isa dadhabsiifne?” jettaniis gaafattu. \p “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada” yookaan “Waaqni murtii qajeelaa meerre?” jechuudhaan. \c 3 \p \v 1 “Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 2 Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti. \v 3 Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata; \v 4 akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem \nd Waaqayyoon\nd* ni gammachiisa. \p \v 5 “Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \s1 Kudhan Keessaa Tokko Dhowwachuudhaan Kakuu Cabsuu \p \v 6 “Ani \nd Waaqayyo\nd* hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne. \v 7 Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu. \p \v 8 “Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. \p “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. \p “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. \v 9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. \v 10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 11 “Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 12 “Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \s1 Israaʼel Of Tuulummaadhaan Waaqatti Dubbate \p \v 13 “Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu. \p \v 14 “Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne? \v 15 Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’ ” \p \v 16 Warri \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan walitti dubbatan; \nd Waaqayyos\nd* isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra \nd Waaqayyoon\nd* sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame. \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara. \v 18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu. \c 4 \s1 Dhufaatii Guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 1 “Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu. \v 2 Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu. \v 3 Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 4 “Seera garbicha koo Musee, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa. \p \v 5 “Kunoo ani, guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Eeliyaas raajicha isiniif nan erga. \v 6 Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”