\id LUK - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Luqaas \toc1 Wangeela Luqaas \toc2 Luqaas \toc3 Luq \mt2 Wangeela \mt1 Luqaas \c 1 \s1 Seensa \r 1:1‑4 kwi – \xt Hoj 1:1\xt* \p \v 1 Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru; \v 2 kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. \v 3 Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. \v 4 Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf. \s1 Dhalachuu Yohannis Cuuphaa \p \v 5 Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon. \v 6 Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan. \v 7 Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan. \p \v 8 Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu, \v 9 akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame. \v 10 Yeroo ixaanni aarfamuttis\f + \fr 1:10 \fr*\ft Yeroo itti aarsaan galgalaa dhiʼeeffamuu dha. Yeroon isaas guyyaa keessaa gara saʼaatii sagalii ti.\ft*\f* namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan. \p \v 11 Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate. \v 12 Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. \v 13 Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. \v 14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; \v 15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu;\f + \fr 1:15 \fr*\ft Kun dirqama addaa kan namni kakuu Naazirummaa of irraa qabu tokko guutuu qabuu dha.\ft*\f* utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. \v 16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. \v 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.” \p \v 18 Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate. \p \v 19 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. \v 20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.” \p \v 21 Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture. \v 22 Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye. \p \v 23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe. \v 24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane. \v 25 Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette. \s1 Dhalachuu Yesuus \p \v 26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; \v 27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee\f + \fr 1:27 \fr*\ft Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma.\ft*\f* dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. \v 28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe. \p \v 29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. \v 30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. \v 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. \v 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; \v 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” \p \v 34 Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte. \p \v 35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. \v 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. \v 37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.” \p \v 38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme. \s1 Maariyaam Elsaabeexin Dubbisuu Dhaqxe \p \v 39 Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe. \v 40 Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte. \v 41 Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. \v 42 Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. \v 43 Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? \v 44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera. \v 45 Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!” \s1 Faarfannaa Maariyaam \p \v 46 Maariyaamis akkana jette: \q1 “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti; \q2 \v 47 hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada; \q1 \v 48 inni salphina garbittii isaa argeeraatii. \q2 Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha; \q2 \v 49 Inni humna qabeessi sun // waan guddaa naa godheeraatii; \q2 maqaan isaa qulqulluu dha. \q1 \v 50 Araarri isaas warra isa sodaataniif \q2 dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa. \q1 \v 51 Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; \q2 of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera. \q1 \v 52 Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; \q2 gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera. \q1 \v 53 Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; \q2 sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera. \q1 \v 54 Inni araara qabeessa taʼuu isaa \q2 yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera; \q1 \v 55 kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, \q2 Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.” \p \v 56 Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite. \s1 Dhalachuu Yohannis Cuuphaa \p \v 57 Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse. \v 58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan. \p \v 59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. \v 60 Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette. \p \v 61 Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin. \p \v 62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. \v 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. \v 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe. \v 65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame. \v 66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii. \s1 Faarfannaa Zakkaariyaas \p \v 67 Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate: \q1 \v 68 “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, \q2 Waaqni Israaʼel haa eebbifamu. \q1 \v 69 Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti \q2 gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera; \q1 \v 70 akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti \q1 \v 71 diinota keenya jalaa, \q2 harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee \q1 \v 72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, \q2 kakuu isaa qulqulluu, \q2 \v 73 inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf, \q1 \v 74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, \q2 akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf, \q2 \v 75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, \q2 fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe. \b \b \q1 \v 76 “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; \q2 ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii; \q1 \v 77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa \q2 saba isaatiif kennituuf; \q1 \v 78 sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame \q2 kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu, \q1 \v 79 warra dukkana keessa, \q2 gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; \q1 miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.” \p \v 80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate. \c 2 \s1 Dhalachuu Yesuus \p \v 1 Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe. \v 2 Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame. \v 3 Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe. \p \v 4 Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. \v 5 Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. \v 6 Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. \v 7 Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite. \s1 Tiksootaa fi Ergamoota Waaqaa \p \v 8 Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture. \v 9 Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan. \v 10 Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii. \v 11 Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha. \v 12 Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.” \p \v 13 Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan; \q1 \v 14 “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, \q2 lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.” \p \v 15 Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan. \p \v 16 Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan. \v 17 Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan; \v 18 warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan. \v 19 Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte. \v 20 Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii. \s1 Yesuus Mana Qulqullummaatti Dhiʼeeffame \p \v 21 Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame. \p \v 22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. \v 23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”\f + \fr 2:23 \fr*\ft \+xt Bau 13:2,12\+xt*\ft*\f* \v 24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama”\f + \fr 2:24 \fr*\ft \+xt Lew 12:8\+xt*\ft*\f* aarsaa dhiʼeessuu dhaqan. \p \v 25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture. \v 26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture. \v 27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti, \v 28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate: \q1 \v 29 “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, \q2 ati garbicha kee amma nagaan geggeessis. \q1 \v 30 Iji koo fayyina kee isa ati \q2 \v 31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera; \q1 \v 32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; \q2 saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.” \p \v 33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan. \v 34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera; \v 35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.” \p \v 36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte; \v 37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte. \v 38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite. \p \v 39 Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan. \v 40 Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture. \s1 Yesuus Mucichi Mana Qulqullummaa Keessatti \p \v 41 Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan. \v 42 Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama\f + \fr 2:42 \fr*\ft Ijoolleen dhiiraa Yihuudootaa yommuu umuriin isaanii waggaa kudha sadii guututti itti gaafatama ofii isaanii fudhatu. Taʼus yeroo sanaan dura utuu gargaarsa haadhaatii fi abbaa hin barbaadin ajajawwan tokko tokko eeguu qabu. Ajajawwan kanneen keessaas tokko waggaa waggaatti Yerusaalem dhaqanii waaqeffachuu dha.\ft*\f* guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan. \v 43 Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne. \v 44 Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban. \v 45 Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan. \v 46 Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan. \v 47 Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan. \v 48 Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen. \p \v 49 Innis deebisee, \wj “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?”\wj* isaaniin jedhe. \v 50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne. \p \v 51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte. \v 52 Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme. \c 3 \s1 Lallaba Yohannis Cuuphaa \r 3:2‑10 kwf – \xt Mat 3:1‑10; Mar 1:3‑5\xt* \r 3:16,17 kwf – \xt Mat 3:11,12; Mar 1:7,8\xt* \p \v 1 Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan; \v 2 yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe. \v 3 Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme. \v 4 Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: \q1 “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: \q1 ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; \q2 daandii isaas qajeelchaa. \q1 \v 5 Sululli hundi ni guutama; \q2 tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. \q1 Karaan jalʼaan ni qajeela; \q2 daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama. \q1 \v 6 Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ”\f + \fr 3:6 \fr*\ft \+xt Isa 40:3‑5\+xt*\ft*\f* \p \v 7 Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? \v 8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. \v 9 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.” \p \v 10 Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 11 Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen. \p \v 12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 13 Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen. \p \v 14 Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. \p Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen. \p \v 15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos\f + \fr 3:15 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan. \v 16 Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. \v 17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.” \v 18 Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe. \p \v 19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate, \v 20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe. \s1 Cuuphamuu Yesuus \r 3:21,22 kwf – \xt Mat 3:13‑17; Mar 1:9‑11\xt* \r 3:23‑38 kwf – \xt Mat 1:1‑17\xt* \p \v 21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee, \v 22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe. \s1 Hidda Dhaloota Isaa \p \v 23 Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: \b \li1 ilma Eelii, \v 24 ilma Maataat, \li1 ilma Lewwii, ilma Melkii, \li1 ilma Yaanaa, ilma Yoosef, \li1 \v 25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, \li1 ilma Naahoom, ilma Asiiliim, \li1 ilma Naagee, \v 26 ilma Maaʼat, \li1 ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, \li1 ilma Yoosef, ilma Yoodaa, \li1 \v 27 ilma Yoonaan, ilma Resaa, \li1 ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, \li1 ilma Neeri, \v 28 ilma Melkii, \li1 ilma Hadii, ilma Qoosaam, \li1 ilma Elmaadaam, ilma Eer, \li1 \v 29 ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, \li1 ilma Yoorim, ilma Maataat, \li1 ilma Lewwii, \v 30 ilma Simiʼoon, \li1 ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, \li1 ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem, \li1 \v 31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, \li1 ilma Maataataa, ilma Naataan, \li1 ilma Daawit, \v 32 ilma Isseey, \li1 ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, \li1 ilma Salmoon, ilma Nahishoon, \li1 \v 33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, \li1 ilma Hezroon, ilma Faares, \li1 ilma Yihuudaa, \v 34 ilma Yaaqoob, \li1 ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, \li1 ilma Taaraa, ilma Naahoor, \li1 \v 35 ilma Seruug, ilma Reʼuu, \li1 ilma Feleg, ilma Eeber, \li1 ilma Saalaa, \v 36 ilma Qaayinaam \li1 ilma Arfaaksaad, ilma Seem, \li1 ilma Nohi, ilma Laamehi, \li1 \v 37 ilma Matuuselaa, ilma Henook, \li1 ilma Yaared, ilma Mahalaleel, \li1 ilma Keenaan, \v 38 ilma Enoos, \li1 ilma Seeti, ilma Addaam, \li1 ilma Waaqaa. \c 4 \s1 Yesuus Qoramuu Isaa \r 4:1‑13 kwf – \xt Mat 4:1‑11; Mar 1:12,13\xt* \p \v 1 Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame; \v 2 achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe. \p \v 3 Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen. \p \v 4 Yesuus immoo deebisee, \wj “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’\wj*\f + \fr 4:4 \fr*\ft \+xt KeD 8:3\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera”\wj* jedheen. \p \v 5 Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise. \v 6 Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa. \v 7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.” \p \v 8 Yesuus immoo, \wj “ ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’\wj*\f + \fr 4:8 \fr*\ft \+xt KeD 6:13\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 9 Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu. \v 10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: \q1 “ ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, \q2 ergamoota isaa siif ni ajaja; \q1 \v 11 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, \q2 harka isaaniitiin ol si fuudhu.’\f + \fr 4:11 \fr*\ft \+xt Far 91:1,12\+xt*\ft*\f*” \p \v 12 Yesuus immoo deebisee, \wj “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’\wj*\f + \fr 4:12 \fr*\ft \+xt KeD 6:16\+xt*\ft*\f* \wj jedhameera”\wj* jedheen. \p \v 13 Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme. \s1 Yesuus Naazreetitti Fudhatama Dhabe \p \v 14 Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe. \v 15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje. \p \v 16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate; \v 17 kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate: \q1 \v 18 \wj “Hafuurri Gooftaa narra jira;\wj* \q2 \wj akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, // inni na dibeeraatii.\wj* \q1 \wj Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,\wj* \q2 \wj akka warri jaaman argan,\wj* \q1 \wj akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;\wj* \q2 \v 19 \wj inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera.”\wj*\f + \fr 4:19 \fr*\ft \+xt Isa 61:1,2\+xt*\ft*\f* \p \v 20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. \v 21 Innis, \wj “Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame”\wj* isaaniin jechuu jalqabe. \p \v 22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan. \p \v 23 Yesuusis, \wj “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 24 Innis itti fufee akkana jedhe; \wj “Ani dhuguma isinitti nan hima; raajiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu.\wj* \v 25 \wj Ani dhuguman isiniin jedha; bara Eeliyaas yeroo samiin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture.\wj* \v 26 \wj Taʼus Eeliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne.\wj* \v 27 \wj Bara Elsaaʼi raajichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture.”\wj* \p \v 28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran. \v 29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan. \v 30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme. \s1 Yesuus Hafuura Xuraaʼaa Baasuu Isaa \r 4:31‑37 kwf – \xt Mar 1:21‑28\xt* \p \v 31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise. \v 32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan. \p \v 33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; \v 34 “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” \p \v 35 Yesuus immoo, \wj “Calʼisii isa keessaa baʼi!”\wj* jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe. \p \v 36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan. \v 37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe. \s1 Yesuus Nama Baayʼee Fayyise \r 4:38‑41 kwf – \xt Mat 8:14‑17\xt* \r 4:38‑43 kwf – \xt Mar 1:29‑38\xt* \p \v 38 Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan. \v 39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde. \p \v 40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. \v 41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos\f + \fr 4:41\fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef. \p \v 42 Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan. \v 43 Inni garuu, \wj “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma”\wj* jedhe. \v 44 Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture. \c 5 \s1 Waamamuu Barattoota Jalqabaa \r 5:1‑11 kwf – \xt Mat 4:18‑22; Mar 1:16‑20; Yoh 1:40‑42\xt* \p \v 1 Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu, \v 2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan. \v 3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe. \p \v 4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, \wj “Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa”\wj* jedhe. \p \v 5 Simoonis deebisee, “Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha” jedhe. \p \v 6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan. \v 7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban. \p \v 8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe. \v 9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef; \v 10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan. \p Yesuusis Simʼooniin, \wj “Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa”\wj* jedhe. \v 11 Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan. \s1 Namicha Lamxaaʼaa Tokko \r 5:12‑14 kwf – \xt Mat 8:2‑4; Mar 1:40‑44\xt* \p \v 12 Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate. \p \v 13 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, \wj “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!”\wj* jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade. \p \v 14 Yesuusis, \wj “Nama tokkotti illee hin himin; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi”\wj* jedhee isa ajaje. \p \v 15 Haa taʼuu malee oduun waaʼee isaa ittuma caalee facaʼe; namoonni hedduunis isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf jedhanii gara isaa dhufaa turan. \v 16 Yesuus garuu yeroo baayʼee lafa namni hin jirre dhaqee kadhachaa ture. \s1 Yesuus Nama Laamshaʼaa tokko Fayyisuu Isaa \r 5:18‑26 kwf – \xt Mat 9:2‑8; Mar 2:3‑12\xt* \p \v 17 Gaaf tokko Yesuus utuu barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa warri gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa hunda keessaa akkasumas Yerusaalemii dhufan achi tataaʼaa turan. Akka inni dhukkubsattoota fayyisuufis humni Gooftaa isa wajjin ture. \v 18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan. \v 19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan. \p \v 20 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti, \wj “Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera”\wj* jedhe. \p \v 21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban. \p \v 22 Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; \wj “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu?\wj* \v 23 \wj ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?\wj* \v 24 \wj Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.”\wj* Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, \wj “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali”\wj* jedhe. \v 25 Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Waaqa jajachaa mana ofii isaatti qajeele. \v 26 Hundi isaaniis dinqifatanii Waaqa jajan. Sodaadhaanis guutamanii, “Nu harʼa waan takkumaa hin taʼin argine” jedhan. \s1 Waamamuu Lewwii \r 5:27‑32 kwf – \xt Mat 9:9‑13; Mar 2:14‑17\xt* \p \v 27 Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, \wj “Na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \v 28 Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe. \p \v 29 Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan. \v 30 Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman. \p \v 31 Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; \wj “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.\wj* \v 32 \wj Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”\wj* \s1 Yesuus Waaʼee Soomaa Gaafatamuu Isaa \r 5:33‑39 kwf – \xt Mat 9:14‑17; Mar 2:18‑22\xt* \p \v 33 Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin. \p \v 34 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Isin utuu inni isaan wajjin jiruu michoota misirrichaa soomsisuu ni dandeessuu?\wj* \v 35 \wj Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.”\wj* \p \v 36 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \wj “Namni uffata moofaa erbuuf jedhee huccuu uffata haaraa tarsaasu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, isaan uffata haaraa sana tarsaasaniiru; erbeen haaraan sunis uffata moofaa wajjin wal hin fudhatu.\wj* \v 37 \wj Namni daadhii wayinii haaraa\wj*\f + \fr 5:37 \fr*\fq Daadhii wayinii haaraa \fq*\ft – Daadhii wayinii kan amma illee danfaa jiru yookaan kan hin bilchaatin jechuu dha.\ft*\f* \wj qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; daadhiin sun ni dhangalaʼa; qalqallichis horoomaa baʼa.\wj* \v 38 \wj Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo daadhii wayinii haaraatti naqamuu qaba.\wj* \v 39 \wj Namni kam iyyuu erga daadhii wayinii kan goge dhugee booddee daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; isaan, ‘Daadhii wayinii kan goge wayya’ jedhuutii.”\wj* \c 6 \s1 Yesuus Gooftaa Sanbataa ti \r 6:1‑11 kwf – \xt Mat 12:1‑14; Mar 2:23–3:6\xt* \p \v 1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban. \v 2 Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan. \p \v 3 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?\wj* \v 4 \wj Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame\wj*\f + \fr 6:4 \fr*\ft Buddeena kudha lamaan guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa minjaala warqee dibame irra kaaʼamuu dha. Buddeenni kun achitti Gooftaaf dhiʼeeffama. Sanbata itti aanutti immoo lubootaaf kennama. Luboonnis iddoo qulqulluu tokkotti nyaachuu qabu.\ft*\f* \wj kan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.”\wj* \v 5 Yesuusis, \wj “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 6 Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture. \v 7 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan. \v 8 Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, \wj “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu”\wj* jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate. \p \v 9 Yesuusis, \wj “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 10 Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, \wj “Harka kee diriirfadhu”\wj* jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. \v 11 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban. \s1 Ergamoota Kudha Lamaan \r 6:13‑16 kwf – \xt Mat 10:2‑4; Mar 3:16‑19; Hoj 1:13\xt* \p \v 12 Yesuusis guyyoota sana keessaa gaaf tokko kadhannaadhaaf tulluutti ol baʼe; halkan guutuus Waaqa kadhachaa bule. \v 13 Innis yommuu lafti bariʼetti barattoota isaa ofitti waamee nama kudha lama isaan keessaa filate; ergamoota jedhees isaan moggaase. \b \li1 \v 14 Isaanis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, obboleessa isaa Indiriiyaas, \li1 Yaaqoob, \li1 Yohannis, \li1 Fiiliphoos, \li1 Bartaloomewoos, \li1 \v 15 Maatewos, \li1 Toomaas, \li1 Yaaqoob ilma Alfewoos, \li1 Simoon isa Hinaafticha jedhamee waamame, \li1 \v 16 Yihuudaa ilma Yaaqoob, \li1 Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne. \s1 Eebbaa fi Wayyoowwan \r 6:20‑23 kwf – \xt Mat 5:3‑12\xt* \p \v 17 Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen, \v 18 warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan; \v 19 sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan. \p \v 20 Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: \q1 \wj “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.\wj* \q1 \v 21 \wj Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj ni quuftuutii.\wj* \q1 \wj Isin warri amma boossan eebbifamoo dha;\wj* \q2 \wj ni kolfituutii.\wj* \q1 \v 22 \wj Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban,\wj* \q2 \wj yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan,\wj* \q2 \wj yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan,\wj* \q3 \wj isin eebbifamoo dha.\wj* \p \v 23 \wj “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.\wj* \q1 \v 24 \wj “Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo;\wj* \q2 \wj isin jajjabina keessan argattaniirtuutii.\wj* \q1 \v 25 \wj Warri amma quuftan isiniif wayyoo,\wj* \q2 \wj beelaʼuuf jirtuutii,\wj* \q1 \wj warri amma kolfitan isiniif wayyoo;\wj* \q2 \wj wawwaachuu fi booʼuuf jirtuutii.\wj* \q1 \v 26 \wj Yommuu namni hundinuu isin saadu isiniif wayyoo;\wj* \q2 \wj abbootiin isaanii iyyuu akkanuma raajota sobaa saadaa turaniitii.\wj* \s1 Diina Ofii Jaallachuu \r 6:29,30 kwf – \xt Mat 5:39‑42\xt* \p \v 27 \wj “Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa;\wj* \v 28 \wj warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.\wj* \v 29 \wj Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin.\wj* \v 30 \wj Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.\wj* \v 31 \wj Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.\wj* \p \v 32 \wj “Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii.\wj* \v 33 \wj Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii.\wj* \v 34 \wj Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii.\wj* \v 35 \wj Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.\wj* \v 36 \wj Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.\wj* \s1 Namatti Muruu \r 6:37‑42 kwf – \xt Mat 7:1‑5\xt* \p \v 37 \wj “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.\wj* \v 38 \wj Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”\wj* \p \v 39 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \wj “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii?\wj* \v 40 \wj Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.\wj* \p \v 41 \wj “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?\wj* \v 42 \wj Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.\wj* \s1 Mukaa fi Ija Isaa \r 6:43,44 kwf – \xt Mat 7:16,18,20\xt* \p \v 43 \wj “Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu.\wj* \v 44 \wj Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran.\wj* \v 45 \wj Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.\wj* \s1 Ijaartota Manaa Lamaan \r 6:47‑49 kwf – \xt Mat 7:24‑27\xt* \p \v 46 \wj “Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?\wj* \v 47 \wj Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa.\wj* \v 48 \wj Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye.\wj* \v 49 \wj Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”\wj* \c 7 \s1 Amantii Ajajaa Dhibbaa \r 7:1‑10 kwf – \xt Mat 8:5‑13\xt* \p \v 1 Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene. \v 2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. \v 3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. \v 4 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; \v 5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.” \v 6 Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme. \p Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Yesuusitti erge; “Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii. \v 7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. \v 8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.” \p \v 9 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, \wj “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne”\wj* jedhe. \v 10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege. \s1 Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Duʼaa Kaase \r 7:11‑16 kwi – \xt 1Mt 17:17‑24; 2Mt 4:32‑37; Mar 5:21‑24,35‑43; Yoh 11:1‑44\xt* \p \v 11 Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan. \v 12 Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan. \v 13 Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, \wj “Hin booʼin”\wj* jedheen. \p \v 14 Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, \wj “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!”\wj* jedheen. \v 15 Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne. \p \v 16 Hundi isaanii ni sodaatan; “Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Waaqaaf ulfina kennan. \v 17 Oduun waaʼee Yesuus kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe. \s1 Yesuusii fi Yohannis Cuuphaa \r 7:18‑35 kwf – \xt Mar 11:2‑19\xt* \p \v 18 Barattoonni Yohannis waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yohannisis isaan keessaa nama lama ofitti waamee, \v 19 “Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge. \p \v 20 Namoonni sunis yommuu gara Yesuus dhufanitti, “Yohannis cuuphaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin. \p \v 21 Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise. \v 22 Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; \wj “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.\wj* \v 23 \wj Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”\wj* \p \v 24 Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; \wj “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?\wj* \v 25 \wj Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru.\wj* \v 26 \wj Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.\wj* \v 27 \wj Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha:\wj* \q1 \wj “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu,\wj* \q2 \wj fuula kee dura nan erga.’\wj*\f + \fr 7:27 \fr*\ft \+xt Mil 3:1\+xt*\ft*\f* \m \v 28 \wj Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.”\wj* \p \v 29 Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan. \s1 Yesuusii fi Fariisota \p \v 30 Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan. \p \v 31 Yesuus itti fufee akkana jedhe; \wj “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu?\wj* \v 32 \wj Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:\wj* \q1 \wj “ ‘Nu ulullee isinii afuufne;\wj* \q2 \wj isin garuu hin sirbine;\wj* \q1 \wj faaruu booʼichaas faarsine;\wj* \q2 \wj isin garuu hin boonye.’\wj* \m \v 33 \wj Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu.\wj* \v 34 \wj Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.\wj* \v 35 \wj Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”\wj* \s1 Yesuus Shittoo Dibamuu Isaa \r 7:37‑39 kwi – \xt Mat 26:6‑13; Mar 14:3‑9; Yoh 12:1‑8\xt* \r 7:41,42 kwi – \xt Mat 18:23‑34\xt* \p \v 36 Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Yesuusin affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate. \v 37 Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte. \v 38 Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde. \p \v 39 Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu raajii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade. \p \v 40 Yesuus immoo, \wj “Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba”\wj* jedheen. \p Innis, “Yaa barsiisaa natti himi” jedhe. \p \v 41 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate.\wj* \v 42 \wj Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?”\wj* \p \v 43 Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen. \p Yesuusis, \wj “Ati dhugaa dubbatte”\wj* isaan jedhe. \p \v 44 Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; \wj “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.\wj* \v 45 \wj Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.\wj* \v 46 \wj Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.\wj* \v 47 \wj Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”\wj* \p \v 48 Yesuusis dubartittiidhaan, \wj “Cubbuun kee siif dhiifameera”\wj* jedhe. \p \v 49 Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, “Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban. \p \v 50 Yesuusis dubartittiidhaan, \wj “Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi”\wj* jedhe. \c 8 \s1 Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu \r 8:4‑15 kwf – \xt Mat 13:2‑23; Mar 4:1‑20\xt* \p \v 1 Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan; \v 2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan, \v 3 Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan. \p \v 4 Yeroo tuunni guddaan walitti qabamee namoonnis magaalaa gara garaatii gara isaa dhufanitti Yesuus akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime: \v 5 \wj “Namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼee irra ejjetame; simbirroonnis nyaatanii fixan.\wj* \v 6 \wj Kaan immoo lafa kattaa irra buʼe; innis waan jiidha hin qabneef yeroo biqiletti ni goge.\wj* \v 7 \wj Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe.\wj* \v 8 \wj Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ijas dachaa dhibba naqate.”\wj* \p Innis yommuu waan kana dubbatetti lallabee, \wj “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”\wj* jedhe. \p \v 9 Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya kanaa maal akka taʼe isa gaafatan. \v 10 Innis akkana jedhe; \wj “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis,\wj* \q1 \wj “ ‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef,\wj* \q2 \wj utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’\wj*\f + \fr 8:10 \fr*\ft \+xt Isa 6:9\+xt*\ft*\f* \p \v 11 \wj “Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti.\wj* \v 12 \wj Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.\wj* \v 13 \wj Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu.\wj* \v 14 \wj Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis.\wj* \v 15 \wj Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.\wj* \s1 Ibsaa fi Baattuu Isaa \p \v 16 \wj “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.\wj* \v 17 \wj Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.\wj* \v 18 \wj Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”\wj* \s1 Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa \r 8:19‑21 kwf – \xt Mat 12:46‑50; Mar 3:31‑35\xt* \p \v 19 Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye. \v 20 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime. \p \v 21 Innis, \wj “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha”\wj* jedhee deebise. \s1 Yesuus Bubbee Gab gochuu Isaa \r 8:22‑25 kwf – \xt Mat 8:23‑27; Mar 4:36‑41\xt* \r 8:22‑25 kwi – \xt Mar 6:47‑52; Yoh 6:16‑21\xt* \p \v 22 Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, \wj “Kottaa galaana gama ceenaa”\wj* jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan. \v 23 Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan. \p \v 24 Barattoonnis dhaqanii, “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!” jedhanii isa dammaqsan. \p Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe. \v 25 Barattoota isaas, \wj “Amantiin keessan eessa jira?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, “Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf” jedhanii wal gaafatan. \s1 Yesuus Hafuura Hamaa Baasuu Isaa \r 8:26‑37 kwf – \xt Mat 8:28‑34\xt* \r 8:26‑39 kwf – \xt Mar 5:1‑20\xt* \p \v 26 Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan. \v 27 Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture. \v 28 Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe. \v 29 Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture. \p \v 30 Yesuusis, \wj “Maqaan kee eenyu?”\wj* jedhee isa gaafate. \p Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise. \v 31 Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan. \p \v 32 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef. \v 33 Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame. \p \v 34 Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; \v 35 namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis. \v 36 Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan. \v 37 Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme. \p \v 38 Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise; \v 39 \wj “Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.”\wj* Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse. \s1 Mucattii Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte \r 8:40‑56 kwf – \xt Mat 9:18‑26; Mar 5:22‑43\xt* \p \v 40 Yommuu Yesuus deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii. \v 41 Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate; \v 42 sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte. \p Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan. \v 43 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye. \v 44 Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite. \p \v 45 Yesuusis, \wj “Eenyutu na tuqe?”\wj* jedhee gaafate. \p Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, “Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru” jedhe. \p \v 46 Yesuus garuu, \wj “Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa”\wj* jedhe. \p \v 47 Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate. \v 48 Kana irratti inni, \wj “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi”\wj* jedheen. \p \v 49 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin” jedhe. \p \v 50 Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, \wj “Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii”\wj* jedhe. \p \v 51 Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne. \v 52 Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, \wj “Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii”\wj* jedhe. \p \v 53 Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan. \v 54 Inni garuu harka ishee qabee, \wj “Intala ko, kaʼi!”\wj* jedhe. \v 55 Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime. \v 56 Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje. \c 9 \s1 Yesuus Barattoota Kudha Lamaan Erguu Isaa \r 9:3‑5 kwf – \xt Mat 10:9‑15; Mar 6:8‑11\xt* \r 9:7‑9 kwf – \xt Mat 14:1,2; Mar 6:14‑16\xt* \p \v 1 Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; \v 2 inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge. \v 3 Akkanas isaaniin jedhe; \wj “Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa.\wj* \v 4 \wj Mana seentan kam iyyuu keessa hamma magaalaa sanaa baatanitti achuma turaa.\wj* \v 5 \wj Yoo namoonni isin simachuu baatan, magaalaa isaaniitii baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”\wj* \v 6 Isaanis achii baʼanii iddoo hundatti wangeela lallabaa, namootas fayyisaa ganda tokko irraa gara ganda kaanii deemaa turan. \p \v 7 Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, \v 8 warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. \v 9 Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture. \s1 Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa \r 9:10‑17 kwf – \xt Mat 14:13‑21; Mar 6:32‑44; Yoh 6:5‑13\xt* \r 9:13‑17 kwi – \xt 2Mt 4:42‑44\xt* \p \v 10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Yesuusitti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan; \v 11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Waaqaa isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise. \p \v 12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, “Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin. \p \v 13 Inni immoo, \wj “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii”\wj* jedhee deebise. \p Isaanis, “Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna” jedhanii deebisan. \v 14 Dhiira gara kuma shantu achi ture. \p Inni garuu barattoota isaatiin, \wj “Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa”\wj* jedhe. \v 15 Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. \v 16 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. \v 17 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. \s1 Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise \r 9:18‑20 kwf – \xt Mat 16:13‑16; Mar 8:27‑29\xt* \r 9:22‑27 kwf – \xt Mat 16:21‑28; Mar 8:31–9:1\xt* \p \v 18 Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, \wj “Namoonni anaan eenyu jedhu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p \v 19 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan. \p \v 20 Innis, \wj “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?”\wj* jedhee gaafate. \p Phexrosis, “Ati Kiristoos\f + \fr 9:20\fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* Waaqaa ti” jedhee deebise. \p \v 21 Yesuusis akka isaan waan kana nama tokkotti illee hin himneef jabeessee isaan akeekkachiise. \v 22 Innis, \wj “Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba”\wj* jedhe. \p \v 23 Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; \wj “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.\wj* \v 24 \wj Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.\wj* \v 25 \wj Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata?\wj* \v 26 \wj Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.\wj* \p \v 27 \wj “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman.”\wj* \s1 Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa \r 9:28‑36 kwf – \xt Mat 17:1‑8; Mar 9:2‑8\xt* \p \v 28 Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. \v 29 Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. \v 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. \v 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan. \v 32 Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. \v 33 Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture. \p \v 34 Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan. \v 35 Sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. \v 36 Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Yesuus kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne. \s1 Yesuus Gurbaa Tokko Fayyise \r 9:37‑45 kwf – \xt Mat 17:14‑18,22,23; Mar 9:14‑27,30‑32\xt* \p \v 37 Guyyaa itti aanu, yommuu isaan tulluu irraa gad buʼanitti namoonni baayʼeen isatti dhufan. \v 38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. \v 39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. \v 40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye.” \p \v 41 Yesuusis deebisee, \wj “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?”\wj* jedhe. Namichaanis, \wj “Mee ilma kee as fidi”\wj* jedhe. \p \v 42 Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. \v 43 Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan. \p Utuu hundi isaanii waan Yesuus hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe; \v 44 \wj “Waan ani isinitti himuuf jiru of eeggannaadhaan dhaggeeffadhaa: Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.”\wj* \v 45 Isaan garuu dubbii kana hin hubanne. Akka isaaniif hin galleefis isaan jalaa dhokfamee ture; isaan waaʼee waan kanaa isa gaafachuus ni sodaatan. \s1 Namni Nama Hunda Caalu Eenyu? \r 9:46‑48 kwf – \xt Mat 18:1‑5\xt* \r 9:46‑50 kwf – \xt Mar 9:33‑40\xt* \p \v 46 Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. \v 47 Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; \v 48 akkanas isaaniin jedhe; \wj “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.”\wj* \p \v 49 Yohannisis, “Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe. \p \v 50 Yesuus garuu, \wj “Isa hin dhowwinaa; namni isiniin hin mormine kam iyyuu gara keessan jiraatii”\wj* jedhe. \s1 Mormii Warra Samaariyaa \p \v 51 Yesuusis yommuu yeroon inni itti gara samiitti ol fudhatamu gaʼetti Yerusaalem dhaquuf hidhatee kaʼe. \v 52 Innis ergamoota of dura erge; isaanis waan isa barbaachisu qopheessuudhaaf ganda Samaariyaa tokko seenan. \v 53 Namoonni naannoo sanaa garuu sababii inni fuula isaa Yerusaalemitti deebifatee deemaa tureef isa hin simanne. \v 54 Barattoonni isaa jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis yommuu waan kana arganitti, “Yaa Gooftaa, akka inni isaan balleessuuf, akka nu samii irraa ibidda gad waamnu barbaaddaa?” jedhan. \v 55 Yesuus garuu garagalee isaan ifate. \v 56 Isaanis darbanii ganda biraa dhaqan. \s1 Yesuus Duukaa Buʼuun Gatii Nama Baasisa \r 9:57‑60 kwf – \xt Mat 8:19‑22\xt* \p \v 57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, “Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe. \p \v 58 Yesuusis deebisee, \wj “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu”\wj* jedhe. \p \v 59 Nama biraatiinis, \wj “Na duukaa buʼi!”\wj* jedhe. \p Namichi garuu, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami” jedhee deebise. \p \v 60 Yesuusis, \wj “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi”\wj* jedheen. \p \v 61 Ammas namni biraa, “Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami” jedhe. \p \v 62 Yesuusis deebisee, \wj “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu”\wj* jedhe. \c 10 \s1 Yesuus Nama Torbaatamii Lama Erguu Isaa \r 10:4‑12 kwf – \xt Luq 9:3‑5\xt* \r 10:13‑15,21,22 kwf – \xt Mat 11:21‑23,25‑27\xt* \r 10:23,24 kwf – \xt Mat 13:16,17\xt* \p \v 1 Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge. \v 2 Akkanas isaaniin jedhe; \wj “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.\wj* \v 3 \wj Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga.\wj* \v 4 \wj Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa.\wj* \p \v 5 \wj “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa.\wj* \v 6 \wj Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa.\wj* \v 7 \wj Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa.\wj* \p \v 8 \wj “Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa.\wj* \v 9 \wj Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.\wj* \v 10 \wj Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa;\wj* \v 11 \wj ‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’\wj* \v 12 \wj Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.\wj* \p \v 13 \wj “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii kan isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraa keessas tataaʼanii qalbii jijjiirratu turan.\wj* \v 14 \wj Garuu guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.\wj* \v 15 \wj Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, Siiʼoolitti gad buuta.\wj* \p \v 16 \wj “Namni isin dhagaʼu kam iyyuu na dhagaʼa; namni isin dhagaʼuu didu anas dhagaʼuu dida; namni na dhagaʼuu didu immoo isa na erge sana dhagaʼuu dida.”\wj* \p \v 17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan. \p \v 18 Yesuusis deebisee akkana jedhe; \wj “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge.\wj* \v 19 \wj Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.\wj* \v 20 \wj Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”\wj* \p \v 21 Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; \wj “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.\wj* \p \v 22 \wj “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilmi eenyu akka taʼe hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaan eenyu akka taʼe hin beeku.”\wj* \p \v 23 Barattoota isaattis garagalee kophaatti akkana jedheen; \wj “Iji waan isin argitan argu eebbifamaa dha.\wj* \v 24 \wj Ani isinittin himaatii raajonnii fi mootonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu barbaadan; garuu hin argine. Waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu barbaadan; garuu hin dhageenye.”\wj* \s1 Fakkeenya Namicha Samaariyaa Tokkoo \r 10:25‑28 kwf – \xt Mat 22:34‑40; Mar 12:28‑31\xt* \p \v 25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. \p \v 26 Yesuusis deebisee, \wj “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?”\wj* jedheen. \p \v 27 Namichis, “ ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu;\f + \fr 10:27 \fr*\ft \+xt KeD 6:5\+xt*\ft*\f* ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’\f + \fr 10:27 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f*” jedhee deebise. \p \v 28 Yesuusis, \wj “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa”\wj* jedheen. \p \v 29 Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, “Ollaan koo eenyu?” jedhee Yesuusin gaafate. \p \v 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe; \wj “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.\wj* \v 31 \wj Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe.\wj* \v 32 \wj Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe.\wj* \v 33 \wj Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef.\wj* \v 34 \wj Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare.\wj* \v 35 \wj Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen.\wj* \p \v 36 \wj “Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?”\wj* \p \v 37 Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. \p Yesuusis, \wj “Atis dhaqiitii akkasuma godhi”\wj* jedheen. \s1 Yesuus mana Maartaatii fi Maariyaam Dhaquu Isaa \p \v 38 Utuu karaa deemaa jiranuu Yesuus ganda tokko seene; dubartiin Maartaa jedhamtu tokkos mana isheetti isa simatte. \v 39 Isheenis obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaamis miilla Gooftaa jala teessee waan inni jedhu dhaggeeffachaa turte. \v 40 Maartaan garuu baayʼina hojiitiin waan dadhabaa turteef gara isaa dhuftee, “Yaa Gooftaa, obboleettiin koo akka ani hojii hunda kophaa koo hojjedhu natti dhiisuun ishee si hin gaddisiisuu? Akka isheen na gargaartu itti himi!” jette. \p \v 41 Gooftaanis deebisee akkana jedheen; \wj “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee waan baayʼee yaaddofta; ni raafamtas.\wj* \v 42 \wj Wanni barbaachisu garuu waanuma tokko qofa; Maariyaam isa caalu filatteerti; innis ishee irraa hin fudhatamu.”\wj* \c 11 \s1 Yesuus Waaʼee Kadhannaa Barsiisuu Isaa \r 11:2‑4 kwf – \xt Mat 6:9‑13\xt* \r 11:9‑13 kwf – \xt Mat 7:7‑11\xt* \p \v 1 Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen. \p \v 2 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa:\wj* \q1 \wj “ ‘Yaa Abbaa,\wj* \q1 \wj maqaan kee haa qulqullaaʼu;\wj* \q1 \wj mootummaan kee haa dhufu.\wj* \q1 \v 3 \wj Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, // guyyuma guyyaan nuu kenni.\wj* \q1 \v 4 \wj Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana\wj* \q2 \wj atis cubbuu keenya nuu dhiisi;\wj* \q2 \wj qoramatti nu hin galchin.’ ”\wj* \p \v 5 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi;\wj* \v 6 \wj michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu.\wj* \v 7 \wj Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii?\wj* \v 8 \wj Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.\wj* \p \v 9 \wj “Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.\wj* \v 10 \wj Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.\wj* \p \v 11 \wj “Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu?\wj* \v 12 \wj Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu?\wj* \v 13 \wj Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”\wj* \s1 Yesuusii fi Biʼeelzebuul \r 11:14,15,17‑22,24‑26 kwf – \xt Mat 12:22,24‑29,43‑45\xt* \r 11:17‑22 kwf – \xt Mar 3:23‑27\xt* \p \v 14 Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan. \v 15 Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan. \v 16 Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran. \p \v 17 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; \wj “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga.\wj* \v 18 \wj Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif.\wj* \v 19 \wj Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.\wj* \v 20 \wj Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.\wj* \p \v 21 \wj “Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf.\wj* \v 22 \wj Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.\wj* \p \v 23 \wj “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.\wj* \p \v 24 \wj “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa\wj*\f + \fr 11:24 \fr*\ft Lafti gogaan akka waan jireenya hafuurota hamootiif mijaaʼaa taʼeetti herregama ture (\+xt Isa 13:21‑22; 34:14\+xt* ilaalaa).\ft*\f* \wj keessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.\wj* \v 25 \wj Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata.\wj* \v 26 \wj Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”\wj* \p \v 27 Utuu Yesuus waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, “Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha” jette. \p \v 28 Inni garuu deebisee, \wj “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha”\wj* jedhe. \s1 Mallattoo Yoonaas \r 11:29‑32 kwf – \xt Mat 12:39‑42\xt* \p \v 29 Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; \wj “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu.\wj* \v 30 \wj Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii.\wj* \v 31 \wj Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira.\wj* \v 32 \wj Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.\wj* \s1 Ibsaa Dhagnaa \r 11:34,35 kwf – \xt Mat 6:22,23\xt* \p \v 33 \wj “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu.\wj* \v 34 \wj Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama.\wj* \v 35 \wj Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu.\wj* \v 36 \wj Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata.”\wj* \s1 Fariisonnii fi Barsiistonni Seeraa Ifataman \p \v 37 Akkuma Yesuus haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Yesuus isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Yesuusis ol seenee maaddiitti dhiʼaate. \v 38 Fariisichi garuu akka Yesuus nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate. \p \v 39 Gooftaanis akkana isaan jedhe; \wj “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera.\wj* \v 40 \wj Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee?\wj* \v 41 \wj Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.\wj* \p \v 42 \wj “Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.\wj* \p \v 43 \wj “Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.\wj* \p \v 44 \wj “Isin sababii awwaala mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!”\wj* \p \v 45 Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, “Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!” jedheen. \p \v 46 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.\wj* \p \v 47 \wj “Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan.\wj* \v 48 \wj Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu.\wj* \v 49 \wj Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe.\wj* \v 50 \wj Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;\wj* \v 51 \wj dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.\wj* \p \v 52 \wj “Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu.”\wj* \p \v 53 Yommuu Yesuus achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban. \v 54 Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan. \c 12 \s1 Of eeggachiisa \r 12:2‑9 kwf – \xt Mat 10:26‑33\xt* \p \v 1 Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Yesuus duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; \wj “Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha.\wj* \v 2 \wj Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru.\wj* \v 3 \wj Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.\wj* \p \v 4 \wj “Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa.\wj* \v 5 \wj Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa.\wj* \v 6 \wj Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu.\wj* \v 7 \wj Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.\wj* \p \v 8 \wj “Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.\wj* \v 9 \wj Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.\wj* \v 10 \wj Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.\wj* \p \v 11 \wj “Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa.\wj* \v 12 \wj Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii.”\wj* \s1 Fakkeenya Sooressa Gowwaa \p \v 13 Tuuta sana keessaa namichi tokko, “Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu” jedheen. \p \v 14 Yesuus garuu deebisee, \wj “Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?”\wj* jedheen. \v 15 Innis, \wj “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii”\wj* jedheen. \p \v 16 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \wj “Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef.\wj* \v 17 \wj Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.\wj* \p \v 18 \wj “Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha.\wj* \v 19 \wj Lubbuu kootiinis, “Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis” nan jedha.’\wj* \p \v 20 \wj “Waaqni garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.\wj* \p \v 21 \wj “Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Waaqaa duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa.”\wj* \s1 Hin Yaaddaʼinaa \r 12:22‑31 kwf – \xt Mat 6:25‑33\xt* \p \v 22 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa.\wj* \v 23 \wj Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.\wj* \v 24 \wj Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!\wj* \v 25 \wj Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu?\wj* \v 26 \wj Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?\wj* \p \v 27 \wj “Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.\wj* \v 28 \wj Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree.\wj* \v 29 \wj Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa.\wj* \v 30 \wj Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.\wj* \v 31 \wj Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.\wj* \p \v 32 \wj “Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.\wj* \v 33 \wj Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.\wj* \v 34 \wj Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.\wj* \s1 Qophaaʼanii Eeguu \r 12:35,36 kwf – \xt Mat 25:1‑13; Mar 13:33‑37\xt* \r 12:39,40,42‑46 kwf – \xt Mat 24:43‑51\xt* \p \v 35 \wj “Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa;\wj* \v 36 \wj akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa.\wj* \v 37 \wj Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila.\wj* \v 38 \wj Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha.\wj* \v 39 \wj Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.\wj* \v 40 \wj Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”\wj* \p \v 41 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?” jedhee gaafate. \p \v 42 Gooftaanis akkana jedhee deebise; \wj “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu?\wj* \v 43 \wj Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.\wj* \v 44 \wj Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.\wj* \v 45 \wj Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe,\wj* \v 46 \wj gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.\wj* \p \v 47 \wj “Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.\wj* \v 48 \wj Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.\wj* \s1 Gargar Baʼuu Malee Nagaa miti \r 12:51‑53 kwf – \xt Mat 10:34‑36\xt* \p \v 49 \wj “Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa!\wj* \v 50 \wj Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha!\wj* \v 51 \wj Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne.\wj* \v 52 \wj Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.\wj* \v 53 \wj Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”\wj* \s1 Bara Ilaalanii Waa Himuu \p \v 54 Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; \wj “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba.\wj* \v 55 \wj Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa.\wj* \v 56 \wj Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?\wj* \p \v 57 \wj “Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine?\wj* \v 58 \wj Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.\wj* \v 59 \wj Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu.”\wj* \c 13 \s1 Qalbii Jijjiirrachuu Yookaan Baduu \p \v 1 Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan tokko tokko achi turan. \v 2 Yesuusis deebisee akkana jedheen; \wj “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu?\wj* \v 3 \wj Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.\wj* \v 4 \wj Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu?\wj* \v 5 \wj Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”\wj* \p \v 6 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; \wj “Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.\wj* \v 7 \wj Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.\wj* \p \v 8 \wj “Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu.\wj* \v 9 \wj Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’ ”\wj* \s1 Dubartiin Dugdi Ishee Goophate Tokko Fayyifamuu Ishee \p \v 10 Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture. \v 11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. \v 12 Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, \wj “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta”\wj* jedheen, \v 13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte. \p \v 14 Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe. \p \v 15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; \wj “Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa?\wj* \v 16 \wj Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”\wj* \p \v 17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan. \s1 Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatii fi Fakkeenya Raacitii \r 13:18,19 kwf – \xt Mar 4:30‑32\xt* \r 13:18‑21 kwf – \xt Mat 13:31‑33\xt* \p \v 18 Yesuusis akkana jedhee gaafate; \wj “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa?\wj* \v 19 \wj Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”\wj* \p \v 20 Amma illee akkana jedhee gaafate; \wj “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa?\wj* \v 21 \wj Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”\wj* \s1 Balbala Dhiphaa \p \v 22 Yesuusis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture. \v 23 Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. \p Innis akkana isaaniin jedhe; \v 24 \wj “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.\wj* \v 25 \wj Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu.\wj* \p \wj “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku’ isiniin jedha.\wj* \p \v 26 \wj “Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.\wj* \p \v 27 \wj “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.\wj* \p \v 28 \wj “Yommuu Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda mootummaa Waaqaa keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.\wj* \v 29 \wj Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.\wj* \v 30 \wj Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru.”\wj* \s1 Yesuus Yerusaalemiif Gadduu Isaa \r 13:34,35 kwf – \xt Mat 23:37‑39\xt* \r 13:34,35 kwi – \xt Luq 19:41\xt* \p \v 31 Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin. \p \v 32 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa.\wj* \v 33 \wj Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; raajiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!\wj* \p \v 34 \wj “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.\wj* \v 35 \wj Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’\wj*\f + \fr 13:35 \fr*\ft \+xt Far 118:26\+xt*\ft*\f* \wj jettanitti lammata na hin argitan.”\wj* \c 14 \s1 Yesuus Mana Fariisicha Tokkootti \p \v 1 Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. \v 2 Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture. \v 3 Yesuusis, \wj “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?”\wj* jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate. \v 4 Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise. \p \v 5 Innis, \wj “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \v 6 Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye. \p \v 7 Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \v 8 \wj “Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.\wj* \v 9 \wj Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.\wj* \v 10 \wj Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.\wj* \v 11 \wj Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”\wj* \p \v 12 Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; \wj “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.\wj* \v 13 \wj Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.\wj* \v 14 \wj Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”\wj* \s1 Fakkeenya Cidha Guddaa \r 14:16‑24 kwi – \xt Mat 22:2‑14\xt* \p \v 15 Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe. \p \v 16 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.\wj* \v 17 \wj Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.\wj* \p \v 18 \wj “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.\wj* \p \v 19 \wj “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.\wj* \p \v 20 \wj “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.\wj* \p \v 21 \wj “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.\wj* \p \v 22 \wj “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.\wj* \p \v 23 \wj “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.\wj* \v 24 \wj Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’ ”\wj* \s1 Gatii Barataa Yesuus Taʼuun Nama Baasisu \p \v 25 Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe; \v 26 \wj “Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.\wj* \v 27 \wj Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.\wj* \p \v 28 \wj “Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?\wj* \v 29 \wj Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.\wj* \v 30 \wj Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.\wj* \p \v 31 \wj “Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?\wj* \v 32 \wj Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.\wj* \v 33 \wj Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.\wj* \p \v 34 \wj “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?\wj* \v 35 \wj Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama.\wj* \p \wj “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”\wj* \c 15 \s1 Fakkeenya Hoolaa Badee \r 15:4‑7 kwf – \xt Mat 18:12‑14\xt* \p \v 1 Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan. \v 2 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman. \p \v 3 Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \v 4 \wj “Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu?\wj* \v 5 \wj Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,\wj* \v 6 \wj mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha.\wj* \v 7 \wj Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.\wj* \s1 Fakkeenya Saantima Badee \p \v 8 \wj “Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu?\wj* \v 9 \wj Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti.\wj* \v 10 \wj Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”\wj* \s1 Fakkeenya Ilma Badee \p \v 11 Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; \wj “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture.\wj* \v 12 \wj Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.\wj* \p \v 13 \wj “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse.\wj* \v 14 \wj Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe.\wj* \v 15 \wj Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge.\wj* \v 16 \wj Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.\wj* \p \v 17 \wj “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa.\wj* \v 18 \wj Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera.\wj* \v 19 \wj Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’\wj* \v 20 \wj Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe.\wj* \p \wj “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.\wj* \p \v 21 \wj “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen.\wj* \p \v 22 \wj “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa.\wj* \v 23 \wj Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus.\wj* \v 24 \wj Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.\wj* \p \v 25 \wj “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe.\wj* \v 26 \wj Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate.\wj* \v 27 \wj Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen.\wj* \p \v 28 \wj “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate.\wj* \v 29 \wj Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine.\wj* \v 30 \wj Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’\wj* \p \v 31 \wj “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti.\wj* \v 32 \wj Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’ ”\wj* \c 16 \s1 Fakkeenya Hojii Adeemsisaa Abshaala Tokkoo \p \v 1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Namicha sooressa nama hojii isaa adeemsisuuf qabu tokkotu ture; akka hojii adeemsisaan sun qabeenya isaa jalaa balleessaa jirus sooressa sanatti himan.\wj* \v 2 \wj Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen.\wj* \p \v 3 \wj “Hojii adeemsisaan sunis garaa isaa keessatti akkana jedhe; ‘Waan gooftaan koo hojii keessaa na baasuuf, maal naa wayya? Lafa qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa.\wj* \v 4 \wj Akka yeroo ani hojii keessaa ariʼamutti namoonni mana isaaniitti na simataniif waanan godhu anuu beeka.’\wj* \p \v 5 \wj “Innis warra gatiin gooftaa isaa irra jiru tokko tokkoon waamee, isa jalqabaatiin, ‘Idaan gooftaa koo hammamitu sirra jira?’ jedhee gaafate.\wj* \p \v 6 \wj “Namichis, ‘Zayitii ejersaa hubboo dhibba saddeeti’ jedhee deebise.\wj* \p \wj “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼu; dafii taaʼiitii dhibba afur jedhii barreessi’ jedheen.\wj* \p \v 7 \wj “Isa lammaffaadhaanis, ‘Sirra immoo hammamitu jira?’ jedhee gaafate.\wj* \p \wj “Innis, ‘Qamadii guuboo kuma tokkoo’ jedheen.\wj* \p \wj “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼuutii, 80 jedhii barreessi’ jedheen.\wj* \p \v 8 \wj “Hojii adeemsisaan hin amanamne sun waan abshaala taʼeef gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa kanaa warra akka isaanii wajjin haajaa isaanii guutachuu irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii.\wj* \v 9 \wj Ani isinittin hima; akka isaan yeroo qabeenyi sun dhumutti mana bara baraatti isin simataniif qabeenya addunyaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.\wj* \p \v 10 \wj “Namni waan xinnootti amanamu kam iyyuu waan baayʼeettis ni amanama; namni waan xinnootti hin amanamne kam iyyuu immoo waan baayʼeettis hin amanamu.\wj* \v 11 \wj Yoos isin yoo qabeenya addunyaatti hin amanamne, qabeenya dhugaatti immoo eenyutu isin amana ree?\wj* \v 12 \wj Yoo isin qabeenya nama biraa irratti hin amanamne, qabeenya mataa keessanii immoo eenyutu isinii kenna ree?\wj* \p \v 13 \wj “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.”\wj* \p \v 14 Fariisonni warri maallaqa jaallatan waan kana hunda dhagaʼanii Yesuusitti qoosan. \v 15 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin warra fuula namootaa duratti qajeeltota of gootanii dha; Waaqni garuu garaa keessan beeka. Wanni nama biratti akka malee kabajamu fuula Waaqaa duratti jibbisiisaadhaatii.\wj* \s1 Barsiisa Dabalame \p \v 16 \wj “Seerrii fi raajonni hamma Yohannisitti labsaman. Yeroo sanaa jalqabee wangeelli mootummaa Waaqaa lallabamaa jira; namni hundinuus itti galuuf wal dhiiba.\wj* \v 17 \wj Seera keessaa tuqaan hundumaa gadii dhabamuu irra samii fi lafti dhabamuutu salphata.\wj* \p \v 18 \wj “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.\wj* \s1 Namicha Sooressaa fi Alʼaazaar \p \v 19 \wj “Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture.\wj* \v 20 \wj Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture.\wj* \v 21 \wj Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan.\wj* \p \v 22 \wj “Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame.\wj* \v 23 \wj Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge.\wj* \v 24 \wj Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.\wj* \p \v 25 \wj “Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta.\wj* \v 26 \wj Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’\wj* \p \v 27 \wj “Dureessi sunis akkana jedhee deebise; ‘Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kootti Alʼaazaarin naa ergitu sin kadhadha;\wj* \v 28 \wj ani obboloota shan qabaatii; akka isaanis iddoo dhiphinaa kana hin dhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisu.’\wj* \p \v 29 \wj “Abrahaam garuu, ‘Isaan Musee fi raajota qabu; isaanuma haa dhagaʼan’ jedhe.\wj* \p \v 30 \wj “Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen.\wj* \p \v 31 \wj “Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen.”\wj* \c 17 \s1 Cubbuu, Amantii, Dirqama \p \v 1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo!\wj* \v 2 \wj Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture.\wj* \v 3 \wj Kanaafuu of eeggadhaa.\wj* \p \wj “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif.\wj* \v 4 \wj Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”\wj* \p \v 5 Ergamoonnis Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuu guddisi” jedhan. \p \v 6 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.\wj* \p \v 7 \wj “Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii?\wj* \v 8 \wj Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii?\wj* \v 9 \wj Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa?\wj* \v 10 \wj Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa.”\wj* \s1 Lamxaaʼonni Kudhan Fayyuu Isaanii \p \v 11 Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture. \v 12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, \v 13 sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!” jedhan. \p \v 14 Innis yommuu isaan argetti, \wj “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!”\wj* jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan. \p \v 15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. \v 16 Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture. \p \v 17 Yesuusis akkana jedhee gaafate; \wj “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan?\wj* \v 18 \wj Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?”\wj* \v 19 Yesuusis, \wj “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii”\wj* jedheen. \s1 Dhufaatii Mootummaa Waaqaa \r 17:26,27 kwf – \xt Mat 24:37‑39\xt* \p \v 20 Fariisonnis mootummaan Waaqaa yoom akka dhufu Yesuusin gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; \wj “Mootummaan Waaqaa namatti mulʼachaa hin dhufu;\wj* \v 21 \wj namoonnis, ‘Mootummaan Waaqaa kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Waaqaa isin gidduu jiraatii.”\wj* \p \v 22 Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; \wj “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan.\wj* \v 23 \wj Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa.\wj* \v 24 \wj Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii.\wj* \v 25 \wj Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.\wj* \p \v 26 \wj “Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.\wj* \v 27 \wj Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.\wj* \p \v 28 \wj “Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan.\wj* \v 29 \wj Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.\wj* \p \v 30 \wj “Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa.\wj* \v 31 \wj Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin.\wj* \v 32 \wj Niitii Looxi yaadadhaa!\wj* \v 33 \wj Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.\wj* \v 34 \wj Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.\wj* \v 35 \wj Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.\wj* [ \v 36 \wj Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”\wj*]\f + \fr 17:36 \fr*\ft Waraabbileen tokko tokko luqqisaa 36 hin qaban.\ft*\f* \p \v 37 Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan. \p Innis, \wj “Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu”\wj* jedhee deebiseef. \c 18 \s1 Fakkeenya Haadha Hiyyeessaa Tokkoo \p \v 1 Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime. \v 2 Innis akkana jedhe; \wj “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.\wj* \v 3 \wj Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.\wj* \p \v 4 \wj “Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,\wj* \v 5 \wj sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ ”\wj* \p \v 6 Gooftaanis akkana jedhe; \wj “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;\wj* \v 7 \wj Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?\wj* \v 8 \wj Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”\wj* \s1 Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu \p \v 9 Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. \v 10 \wj “Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.\wj* \v 11 \wj Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.\wj* \v 12 \wj Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’\wj* \p \v 13 \wj “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.\wj* \p \v 14 \wj “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”\wj* \s1 Yesuusii fi Ijoollee Xixinnoo \r 18:15‑17 kwf – \xt Mat 19:13‑15; Mar 10:13‑16\xt* \p \v 15 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan. \v 16 Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; \wj “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.\wj* \v 17 \wj Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”\wj* \s1 Fakkeenya Sooressaatii fi Mootummaa Waaqaa \r 18:18‑30 kwf – \xt Mat 19:16‑29; Mar 10:17‑30\xt* \p \v 18 Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate. \p \v 19 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.\wj* \v 20 \wj Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’\wj*\f + \fr 18:20 \fr*\ft \+xt Bau 20:12; KeD 5:16‑20\+xt*\ft*\f*\wj ”\wj* \p \v 21 Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe. \p \v 22 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, \wj “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \p \v 23 Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii. \v 24 Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; \wj “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!\wj* \v 25 \wj Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”\wj* \p \v 26 Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan. \p \v 27 Yesuusis, \wj “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama”\wj* jedhee deebise. \p \v 28 Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen. \p \v 29 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,\wj* \v 30 \wj bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”\wj* \s1 Yesuus Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate \r 18:31‑33 kwf – \xt Mat 20:17‑19; Mar 10:32‑34\xt* \p \v 31 Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; \wj “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.\wj* \v 32 \wj Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.\wj* \v 33 \wj Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”\wj* \p \v 34 Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle. \s1 Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa \r 18:35‑43 kwf – \xt Mat 20:29‑34; Mar 10:46‑52\xt* \p \v 35 Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. \v 36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. \v 37 Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan. \p \v 38 Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye. \p \v 39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye. \p \v 40 Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate; \v 41 \wj “Akka ani maal siif godhu barbaadda?”\wj* \p Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise. \p \v 42 Yesuusis, \wj “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa”\wj* jedheen. \v 43 Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan. \c 19 \s1 Yesuusii fi Zakkewoos \p \v 1 Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture. \v 2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. \v 3 Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye. \v 4 Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe. \p \v 5 Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, \wj “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi”\wj* jedheen. \v 6 Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate. \p \v 7 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban. \p \v 8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe. \p \v 9 Yesuus deebisee akkana jedheen; \wj “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.\wj* \v 10 \wj Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”\wj* \s1 Fakkeenya Minnaanii Kudhannanii \r 19:12‑27 kwi – \xt Mat 25:14‑30\xt* \p \v 11 Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate. \v 12 Innis akkana jedhe; \wj “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe.\wj* \v 13 \wj Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne.\wj* \p \v 14 \wj “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan.\wj* \p \v 15 \wj “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise.\wj* \p \v 16 \wj “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen.\wj* \p \v 17 \wj “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen.\wj* \p \v 18 \wj “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen.\wj* \p \v 19 \wj “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen.\wj* \p \v 20 \wj “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture.\wj* \v 21 \wj Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’\wj* \p \v 22 \wj “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii?\wj* \v 23 \wj Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’\wj* \p \v 24 \wj “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe.\wj* \p \v 25 \wj “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin.\wj* \p \v 26 \wj “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama;\wj* \v 27 \wj diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’ ”\wj* \s1 Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa \r 19:29‑38 kwf – \xt Mat 21:1‑9; Mar 11:1‑10\xt* \r 19:35‑38 kwf – \xt Yoh 12:12‑15\xt* \p \v 28 Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture. \v 29 Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge; \v 30 akkanas isaaniin jedhe; \wj “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa.\wj* \v 31 \wj Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.”\wj* \p \v 32 Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan. \v 33 Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. \p \v 34 Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan. \p \v 35 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan. \v 36 Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan. \p \v 37 Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban. \q1 \v 38 “Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”\f + \fr 19:38 \fr*\ft \+xt Far 118:26\+xt*\ft*\f* \b \q1 “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!” \p \v 39 Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan. \p \v 40 Innis deebisee, \wj “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu”\wj* jedheen. \p \v 41 Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef; \v 42 akkanas jedhe; \wj “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera.\wj* \v 43 \wj Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii.\wj* \v 44 \wj Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.”\wj* \s1 Yesuus Mana Qulqullummaa Keessatti \r 19:45,46 kwf – \xt Mat 21:12‑16; Mar 11:15‑18; Yoh 2:13‑16\xt* \p \v 45 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe. \v 46 Innis, \wj “ ‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu”\wj*\f + \fr 19:46 \fr*\ft \+xt Erm 7:11\+xt*\ft*\f* isaaniin jedhe. \p \v 47 Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan. \v 48 Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii. \c 20 \s1 Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume \r 20:1‑8 kwf – \xt Mat 21:23‑27; Mar 11:27‑33\xt* \p \v 1 Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan. \v 2 Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan. \p \v 3 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:\wj* \v 4 \wj Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”\wj* \p \v 5 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata. \v 6 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.” \p \v 7 Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan. \p \v 8 Yesuus immoo, \wj “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu”\wj* jedheen. \s1 Fakkeenya Qottuuwwanii \r 20:9‑19 kwf – \xt Mat 21:33‑46; Mar 12:1‑12\xt* \p \v 9 Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; \wj “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.\wj* \v 10 \wj Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.\wj* \v 11 \wj Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.\wj* \v 12 \wj Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.\wj* \p \v 13 \wj “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.\wj* \p \v 14 \wj “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.\wj* \v 15 \wj Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.\wj* \p \wj “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?\wj* \v 16 \wj Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.”\wj* \p Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan. \p \v 17 Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; \wj “Egaa inni,\wj* \q1 \wj “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan\wj* \q2 \wj dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’\wj*\f + \fr 20:17 \fr*\ft \+xt Far 118:22\+xt*\ft*\f*\wj ?\wj* \m \v 18 \wj Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”\wj* \p \v 19 Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan. \s1 Qeesaariif Gibira Kaffaluu \r 20:20‑26 kwf – \xt Mat 22:15‑22; Mar 12:13‑17\xt* \p \v 20 Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan. \v 21 Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna. \v 22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”\f + \fr 20:22 \fr*\fq Qeesaariif gibira kaffaluun \fq*\ft – Mootummaan Roomaa biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudoonni hin beekan ture. Utuu Yesuus hin dhufin waggaa digdamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti mormiin guddaan tokko kaʼee ture. Kanaaf gaaffiin kun gaaffii micciiramaa dha. Yesuus yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme immoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti kennama.\ft*\f* \p \v 23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; \v 24 \wj “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?”\wj* \p Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan. \p \v 25 Kana irratti inni, \wj “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa”\wj* jedheen. \p \v 26 Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan. \s1 Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu \r 20:27‑40 kwf – \xt Mat 22:23‑33; Mar 12:18‑27\xt* \p \v 27 Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan; \v 28 akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera. \v 29 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe. \v 30 Inni lammaffaan, \v 31 inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan. \v 32 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. \v 33 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” \p \v 34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus.\wj* \v 35 \wj Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.\wj* \v 36 \wj Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.\wj* \v 37 \wj Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’\wj*\f + \fr 20:37 \fr*\ft \+xt Bau 3:6\+xt*\ft*\f* \wj jedhee waamaatii.\wj* \v 38 \wj Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”\wj* \p \v 39 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan. \v 40 Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne. \s1 Kiristoos Ilma Eenyuu ti? \r 20:41‑47 kwf – \xt Mat 22:41–23:7; Mar 12:35‑40\xt* \p \v 41 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isaan akkamitti Kiristoos\wj*\f + \fr 20:41 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichi\fqa*\f* \wj ilma Daawit jechuu dandaʼu?\wj* \v 42 \wj Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha;\wj* \q1 \wj “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe;\wj* \q2 \wj “Karaa mirga koo taaʼi;\wj* \q1 \v 43 \wj hamma ani diinota kee,\wj* \q2 \wj ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’\wj*\f + \fr 20:43 \fr*\ft \+xt Far 110:1\+xt*\ft*\f* \m \v 44 \wj Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”\wj* \p \v 45 Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; \v 46 \wj “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.\wj* \v 47 \wj Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”\wj* \c 21 \s1 Buusii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo \r 21:1‑4 kwf – \xt Mar 12:41‑44\xt* \p \v 1 Yesuusis ol milʼatee sooreyyii kennaa isaanii miʼa buusii keessa buusaa jiran arge. \v 2 Akkasumas haadha hiyyeessaa hiyyeettii tokko saantima sibiila diimaa xixinnoo lama buusuu ishee arge. \v 3 Innis akkana jedhe; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti.\wj* \v 4 \wj Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.”\wj* \s1 Mallattoo Dhuma Baraa \r 21:5‑36 kwf – \xt Mat 24; Mar 13\xt* \r 21:12‑17 kwf – \xt Mat 10:17‑22\xt* \p \v 5 Barattoota isaa keessaas tokko tokko waaʼee mana qulqullummaa, haala manni qulqullummaa sun dhagaawwan babbareedanii fi kennaawwan Waaqaaf kennamaniin itti miidhagfame dudubbachaa turan. Yesuus garuu akkana jedhe; \v 6 \wj “Yeroon itti wanni isin ilaaltan kun hundinuu, utuu dhagaan tokko iyyuu wal irratti hin hafin diigamu tokko ni dhufa.”\wj* \p \v 7 Isaanis, “Yaa barsiisaa, wanni kun yoom taʼa? Mallattoon yeroo wanni kun itti fiixaan baʼuu gaʼuu maali?” jedhanii gaafatan. \p \v 8 Innis akkana jedhee deebise; \wj “Isin akka hin gowwoomfamneef of eeggadha. Namoonni hedduun, ‘Ani isa; yeroon sun dhiʼaateera’ jechaa maqaa kootiin ni dhufuutii. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.\wj* \v 9 \wj Yommuu waaʼee waraanaatii fi waaʼee fincilaa dhageessanitti, hin sodaatinaa. Wanni kun duraan dursee taʼuu qabaatii; dhumni garuu yeruma sana hin taʼu.”\wj* \p \v 10 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa.\wj* \v 11 \wj Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.\wj* \p \v 12 \wj “Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu.\wj* \v 13 \wj Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu.\wj* \v 14 \wj Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa.\wj* \v 15 \wj Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.\wj* \v 16 \wj Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu.\wj* \v 17 \wj Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba.\wj* \v 18 \wj Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu.\wj* \v 19 \wj Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.\wj* \p \v 20 \wj “Isin yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argitanitti akka badiin ishee dhiʼaate beekaa.\wj* \v 21 \wj Yommus warri Yihuudaa keessa jiran gaarranitti haa baqatan; warri magaalaa keessa jiranis achii haa baʼan; warri baadiyyaa jiran immoo magaalaa hin seenin.\wj* \v 22 \wj Akka wanni barreeffame hundinuu raawwatamuuf yeroon kun yeroo haaloo baasuutii.\wj* \v 23 \wj Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Lafa irratti dhiphinni guddaan, saba kanatti immoo dheekkamsi ni dhufaatii.\wj* \v 24 \wj Isaanis goraadeedhaan ajjeefamu; boojiʼamaniis biyyoota ormaa hundatti ni geeffamu; hamma barri Namoota Ormaa dhumutti Yerusaalem Namoota Ormaatiin dhidhiitamti.\wj* \p \v 25 \wj “Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu.\wj* \v 26 \wj Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.\wj* \v 27 \wj Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.\wj* \v 28 \wj Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii.”\wj* \p \v 29 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; \wj “Mee muka harbuutii fi muka hunda ilaalaa.\wj* \v 30 \wj Yommuu isaan baala baafatanitti isin mataan keessan iyyuu ilaaltanii akka bonni dhiʼaate beekuu dandeessu.\wj* \v 31 \wj Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka mootummaan Waaqaa dhiʼaate ni beektu.\wj* \p \v 32 \wj “Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.\wj* \v 33 \wj Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.\wj* \p \v 34 \wj “Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata.\wj* \v 35 \wj Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii.\wj* \v 36 \wj Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas.”\wj* \p \v 37 Yesuus guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; halkan halkan immoo tulluu Gaara Ejersaa jedhamu irra bula ture. \v 38 Namoonni hundinuus isa dhaggeeffachuuf jedhanii barii barraaqaan mana qulqullummaa dhufu turan. \c 22 \s1 Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuu Isaa \r 22:1,2 kwf – \xt Mat 26:2‑5; Mar 14:1,2,10,11\xt* \p \v 1 Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture; \v 2 luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan. \v 3 Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. \v 4 Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate. \v 5 Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan. \v 6 Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture. \s1 Irbaata Gooftaa \r 22:7‑13 kwf – \xt Mat 26:17‑19; Mar 14:12‑16\xt* \r 22:17‑20 kwf – \xt Mat 26:26‑29; Mar 14:22‑25; 1Qr 11:23‑25\xt* \r 22:21‑23 kwf – \xt Mat 26:21‑24; Mar 14:18‑21; Yoh 13:21‑30\xt* \r 22:25‑27 kwf – \xt Mat 20:25‑28; Mar 10:42‑45\xt* \r 22:33,34 kwf – \xt Mat 26:33‑35; Mar 14:29‑31; Yoh 13:37,38\xt* \p \v 7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture. \v 8 Yesuusis, \wj “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa”\wj* jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge. \p \v 9 Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 10 Inni immoo deebisee akkana jedhe; \wj “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii,\wj* \v 11 \wj abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa.\wj* \v 12 \wj Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”\wj* \p \v 13 Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan. \p \v 14 Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan. \v 15 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture.\wj* \v 16 \wj Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”\wj* \p \v 17 Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; \wj “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa.\wj* \v 18 \wj Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu”\wj* jedhe. \p \v 19 Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, \wj “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa”\wj* jedheen. \p \v 20 Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; \wj “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.\wj* \v 21 \wj Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira.\wj* \v 22 \wj Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!”\wj* \v 23 Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban. \p \v 24 Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe. \v 25 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu.\wj* \v 26 \wj Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.\wj* \v 27 \wj Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.\wj* \v 28 \wj Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.\wj* \v 29 \wj Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna;\wj* \v 30 \wj kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.\wj* \p \v 31 \wj “Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera.\wj* \v 32 \wj Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”\wj* \p \v 33 Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe. \p \v 34 Yesuus, \wj “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta”\wj* jedhee deebise. \p \v 35 Yesuusis, \wj “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan. \p \v 36 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; \wj “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa.\wj* \v 37 \wj Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’\wj*\f + \fr 22:37 \fr*\ft \+xt Isa 53:12\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”\wj* \p \v 38 Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan. \p Innis, \wj “Ni gaʼa”\wj* jedhee deebiseef. \s1 Yesuus Tulluu Ejersaa Irratti kadhachuu Isaa \r 22:40‑46 kwf – \xt Mat 26:36‑46; Mar 14:32‑42\xt* \p \v 39 Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan. \v 40 Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, \wj “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa”\wj* isaaniin jedhe. \v 41 Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate; \v 42 \wj “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”\wj* \v 43 Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse. \v 44 Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture. \p \v 45 Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge. \v 46 Innis, \wj “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa”\wj* isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Qabamuu Isaa \r 22:47‑53 kwf – \xt Mat 26:47‑56; Mar 14:43‑50; Yoh 18:3‑11\xt* \p \v 47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate; \v 48 Yesuus garuu, \wj “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 49 Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan. \v 50 Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. \p \v 51 Yesuusis deebisee, \wj “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa”\wj* jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise. \p \v 52 Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; \wj “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii?\wj* \v 53 \wj Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”\wj* \s1 Phexros Yesuusin Ganuu Isaa \r 22:55‑62 kwf – \xt Mat 26:69‑75; Mar 14:66‑72; Yoh 18:16‑18,25‑27\xt* \p \v 54 Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture. \v 55 Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe. \v 56 Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette. \p \v 57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane. \p \v 58 Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe. \p Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise. \p \v 59 Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate. \p \v 60 Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye. \v 61 Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, \wj “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta”\wj* isaan jedhee ture sana yaadate. \v 62 Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe. \s1 Eegdonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii \r 22:63‑65 kwf – \xt Mat 26:67,68; Mar 14:65; Yoh 18:22,23\xt* \p \v 63 Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. \v 64 Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan. \v 65 Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan. \s1 Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti Dhiʼaachuu Isaa \r 22:67‑71 kwf – \xt Mat 26:63‑66; Mar 14:61‑63; Yoh 18:19‑21\xt* \r 23:2,3 kwf – \xt Mat 27:11‑14; Mar 15:2‑5; Yoh 18:29‑37\xt* \r 23:18‑25 kwf – \xt Mat 27:15‑26; Mar 15:6‑15; Yoh 18:39–19:16\xt* \p \v 66 Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii, \v 67 “Ati yoo Kiristoos\f + \fr 22:67 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* taate mee nutti himi” jedhaniin. \p Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;\wj* \v 68 \wj yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan.\wj* \v 69 \wj Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”\wj* \p \v 70 Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan. \p Innis deebisee, \wj “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!”\wj* jedhe. \p \v 71 Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan. \c 23 \p \v 1 Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse. \v 2 Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos\f + \fr 23:2 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban. \p \v 3 Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate. \p Yesuus immoo, \wj “Atuu jette kaa!”\wj* jedhee deebise. \p \v 4 Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe. \p \v 5 Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan. \p \v 6 Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate. \v 7 Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture. \p \v 8 Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture. \v 9 Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. \v 10 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan. \v 11 Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan. \v 12 Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii. \p \v 13 Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee, \v 14 akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine. \v 15 Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne. \v 16 Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [ \v 17 Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]\f + \fr 23:17 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa kana hin dabalatan.\ft*\f* \p \v 18 Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan. \v 19 Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture. \p \v 20 Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate. \v 21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan. \p \v 22 Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe. \p \v 23 Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate. \v 24 Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse. \v 25 Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne. \s1 Yesuus Fannifamuu Isaa \r 23:33‑43 kwf – \xt Mat 27:33‑44; Mar 15:22‑32; Yoh 19:17‑24\xt* \p \v 26 Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan. \v 27 Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan. \v 28 Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; \wj “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa.\wj* \v 29 \wj Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii.\wj* \v 30 \wj Yeroo sana,\wj* \q1 \wj “ ‘Namoonni gaarraniin, “Nurratti jigaa!”\wj* \q2 \wj tulluuwwaniin immoo, “Nu dhoksaa!”\wj*\f + \fr 23:30 \fr*\ft \+xt Hos 10:8\+xt*\ft*\f* \wj ni jedhu.’\wj* \m \v 31 \wj Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”\wj* \p \v 32 Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman. \v 33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. \v 34 Yesuusis, \wj “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi”\wj* jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan. \p \v 35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan. \p \v 36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, \v 37 “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan. \p \v 38 Katabbiin, \pc Kun Mooticha Yihuudootaa ti, \m jedhu tokkos mataa isaatii ol ture. \p \v 39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse. \p \v 40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? \v 41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.” \p \v 42 Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe. \p \v 43 Yesuusis deebisee, \wj “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta”\wj* jedheen. \s1 Duʼuu Yesuus \r 23:44‑49 kwf – \xt Mat 27:45‑56; Mar 15:33‑41\xt* \p \v 44 Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe; \v 45 aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe. \v 46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, \wj “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha”\wj* jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate. \p \v 47 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe. \v 48 Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman. \v 49 Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan. \s1 Awwaalamuu Yesuus \r 23:50‑56 kwf – \xt Mat 27:57‑61; Mar 15:42‑47; Yoh 19:38‑42\xt* \p \v 50 Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture; \v 51 innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture. \v 52 Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate. \v 53 Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe. \v 54 Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera. \p \v 55 Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan. \v 56 Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan. \c 24 \s1 Yesuus Duʼaa Kaʼuu Isaa \r 24:1‑10 kwf – \xt Mat 28:1‑8; Mar 16:1‑8; Yoh 20:1‑8\xt* \p \v 1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan. \v 2 Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan; \v 3 yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne. \v 4 Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. \v 5 Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? \v 6 Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. \v 7 \wj ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’\wj* jedhee tureetii.” \v 8 Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan. \p \v 9 Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. \v 10 Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. \v 11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. \v 12 Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe. \s1 Karaa Gara Emaahuus Geessu Irratti \p \v 13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. \v 14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. \v 15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. \v 16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture. \p \v 17 Innis, \wj “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan. \v 18 Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen. \p \v 19 Innis, \wj “Maal faatu taʼe?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture. \v 20 Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis. \v 21 Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha. \v 22 Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii, \v 23 reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan. \v 24 Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.” \p \v 25 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!\wj* \v 26 \wj Kiristoos\wj*\f + \fr 24:26\fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichi\fqa*\f* \wj waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?”\wj* \v 27 Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse. \p \v 28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. \v 29 Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore. \p \v 30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. \v 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. \v 32 Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan. \p \v 33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. \v 34 Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan. \v 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan. \s1 Yesuus Barattootatti Mulʼachuu Isaa \p \v 36 Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, \wj “Nagaan isiniif haa taʼu”\wj* jedheen. \p \v 37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. \v 38 Innis akkana isaaniin jedhe; \wj “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama?\wj* \v 39 \wj Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”\wj* \p \v 40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. \v 41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, \wj “Isin waan nyaatamu asii qabduu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \v 42 Isaanis qurxummii waadame kennaniif; \v 43 innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate. \p \v 44 Innis, \wj “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana”\wj* jedheen. \p \v 45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. \v 46 Akkanas isaaniin jedhe; \wj “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa;\wj* \v 47 \wj maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’\wj* \v 48 \wj Isinis dhuga baatota waan kanaa ti.\wj* \v 49 \wj Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”\wj* \s1 Yesuus Samiitti Ol Baʼe \p \v 50 Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. \v 51 Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame. \v 52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. \v 53 Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.