\id LEV - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Lewwota \toc1 Seera Lewwotaa \toc2 Lewwota \toc3 Lew \mt2 Seera \mt1 Lewwotaa \c 1 \s1 Aarsaa Gubamu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Musee waamee dunkaana wal gaʼii keessaa akkana jedhee itti dubbate; \v 2 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin keessaa namni kam iyyuu yommuu horii keessaa \nd Waaqayyoof\nd* kennaa dhiʼeessutti karra loonii yookaan bushaayee keessaa haa dhiʼeessu. \p \v 3 “ ‘Yoo kennaan sun qalma gubamu kan karra loonii taʼe, namichi sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. Akka aarsaan sun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti fudhatama argatuufis balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa dhiʼeessu. \v 4 Namichis mataa horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamu sanaa irra harka isaa haa kaaʼu; kunis araara isaaf buusuuf qooda isaa fudhatama argata. \v 5 Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti korma haa qalu; ilmaan Aroon luboonni dhiiga sana fuudhanii iddoo aarsaa kan balbala dunkaana wal gaʼii dura jirutti gama hundaan haa facaasan. \v 6 Innis aarsaa gubamu sana irraa gogaa baasee kutaa kutaatti murmura. \v 7 Ilmaan Aroon lubichaa immoo iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii qoraan irra haa naqan. \v 8 Ergasiis ilmaan Aroon luboonni kutaa murmurame, mataa fi cooma isaas qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼu irra tarree haa naqan. \v 9 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichis hunda isaa iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu dha. \p \v 10 “ ‘Yoo aarsaan sun qalma gubamu kan bushaayee jechuunis hoolaa yookaan reʼee taʼe namichi dhiʼeessu sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. \v 11 Innis gama kaaba iddoo aarsaatiin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa qalu; ilmaan Aroon luboonni immoo gama hundaan dhiiga isaa iddoo aarsaatti haa facaasan. \v 12 Namichi sunis kutaa kutaatti haa murmuru; lubichi immoo mataa fi cooma isaa qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼaa jiru irra tarree haa naqu. \v 13 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichi immoo hunda isaa fidee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu dha. \p \v 14 “ ‘Yoo aarsaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼaatu sun qalma gubamu kan simbirrootaa taʼe namichi sun gugee yookaan gugee sookkee haa dhiʼeessu. \v 15 Lubichi sun gara iddoo aarsaatti haa fidu; mataa isaas micciiree irraa haa kutu; ergasii immoo iddoo aarsaa irratti haa gubu; dhiigni isaa immoo iddoo aarsaa cinatti haa coccobu. \v 16 Miʼa garaa isaa baallee isaa wajjin baasee karaa baʼa biiftuutiin iddoo aarsaa cinatti lafa daaraan jirutti haa gatu. \v 17 Karaa qoochoo isaatiin haa baqaqsu; garuu guutumaan guutuutti gargar hin baasin; ergasii lubichi iddoo aarsaa irratti qoraan bobaʼaa jiru irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu dha. \c 2 \s1 Kennaa Midhaanii \p \v 1 “ ‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee, \v 2 ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. \v 3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \p \v 4 “ ‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu. \v 5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu. \v 6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti. \v 7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu. \v 8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame \nd Waaqayyoof\nd* fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni. \v 9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. \v 10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \p \v 11 “ ‘Kennaan midhaanii kan isin \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii. \v 12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu. \v 13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali. \p \v 14 “ ‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii \nd Waaqayyoof\nd* fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi. \v 15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti. \v 16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu godhee haa gubu. \c 3 \s1 Aarsaa Nagaa \p \v 1 “ ‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. \v 2 Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan. \v 3 Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, \v 4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa. \v 5 Ergasiis ilmaan Aroon waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban. \p \v 6 “ ‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. \v 7 Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. \v 8 Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan. \v 9 Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, \v 10 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi. \v 11 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \p \v 12 “ ‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. \v 13 Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan. \v 14 Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, \v 15 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi. \v 16 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan \nd Waaqayyoo\nd* ti. \p \v 17 “ ‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’ ” \c 4 \s1 Aarsaa Cubbuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee Museetti dubbate; \v 2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan \nd Waaqayyo\nd* dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete. \p \v 3 “ ‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee \nd Waaqayyoof\nd* haa dhiʼeessu. \v 4 Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa qalu. \v 5 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu. \v 6 Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa facaasu. \v 7 Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu. \v 8 Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, \v 9 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi; \v 10 waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu. \v 11 Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa, \v 12 jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu. \p \v 13 “ ‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa. \v 14 Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu. \v 15 Maanguddoonni waldaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa qalamu. \v 16 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu. \v 17 Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa facaasu. \v 18 Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu. \v 19 Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu; \v 20 dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu. \v 21 Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti. \p \v 22 “ ‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa. \v 23 Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu. \v 24 Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti. \v 25 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. \v 26 Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata. \p \v 27 “ ‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa. \v 28 Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu. \v 29 Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu. \v 30 Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. \v 31 Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata. \p \v 32 “ ‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu. \v 33 Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu. \v 34 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. \v 35 Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata. \c 5 \p \v 1 “ ‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama. \p \v 2 “ ‘Yookaan namni tokko yoo waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe jechuunis raqa bineensa xuraaʼaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan uumamawwan xuraaʼoo kanneen lafa irra munyuuqanii utuu hin beekin tuqe inni xuraaʼeera; yakka qabeessas taʼa. \v 3 Yookaan inni yoo xuraaʼummaa namaa jechuunis waan isa xureessu kam iyyuu utuu hin beekin tuqe, yommuu waan sana beeketti yakka qabeessa taʼa. \v 4 Yookaan namni yoo utuu itti hin yaadin waan gaarii yookaan hamaa gochuuf kakate, waaʼee waan utuu itti hin yaadin kakate sanaa beekuu baatu illee maalumaafuu yommuu waan sana beeketti inni yakka qabeessa taʼa. \v 5 Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu; \v 6 adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu \nd Waaqayyoof\nd* haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu. \p \v 7 “ ‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf \nd Waaqayyoof\nd* haa fidu. \v 8 Lubattis isaan haa fidu; lubni immoo kan aarsaa cubbuutiif taatu duraan dursee haa dhiʼeessu. Innis mataa ishee micciiree morma ishee haa cabsu; garuu irraa hin kutin. \v 9 Dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa fuudhee cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu; dhiigni hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaafamu; kun aarsaa cubbuu ti. \v 10 Ergasiis lubichi akkuma ajajametti kan lammaffaa sana aarsaa gubamu godhee cubbuu namichi hojjeteef aarsaa araaraa haa dhiʼeessu; innis dhiifama argata. \p \v 11 “ ‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin. \v 12 Innis lubatti haa fidu; lubichi immoo konyee tokko irraa fuudhee akka kutaa yaadannoo tokkootti aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffame gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa cubbuu ti. \v 13 Lubichis haala kanaan cubbuu namichi hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. Aarsaan hafe immoo akkuma aarsaa midhaaniitti kan lubichaa taʼa.’ ” \s1 Aarsaa Yakkaa \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 15 “Namni yoo seera cabsee utuu hin beekin waan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffame kam iyyutti cubbuu hojjete inni adabbii cubbuu isaatiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa kan hirʼina hin qabne kan gatiin isaa akka saqilii iddoo qulqulluutti meetiidhaan tilmaamame tokko aarsaa yakkaa godhee \nd Waaqayyoof\nd* haa fidu; kun aarsaa yakkaa ti. \v 16 Namichi sunis waan wantoota qulqulluu irraa hirʼise sana iddoo haa buusu; gatii waan sanaa illee harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa lubatti haa kennu; lubni sunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhiʼeeffame sanaan araara buusaaf; innis dhiifama argata. \p \v 17 “Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas. \v 18 Innis akka tilmaama keetiitti bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne tokko aarsaa yakkaa godhee lubatti haa fidu. Lubichis haaluma kanaan yakka namichi utuu hin beekin hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. \v 19 Kun aarsaa yakkaa ti; namichi sun \nd Waaqayyotti\nd* yakka hojjeteera.” \c 6 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee \nd Waaqayyoof\nd* amanamuu baate, \v 3 yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete, \v 4 yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana \v 5 yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu. \v 6 Ergasiis inni bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne kan gatiin isaa gatii adabbii yakka tokkootti tilmaamamu aarsaa yakka ofii isaa kan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu godhee lubatti haa fidu. \v 7 Lubichi haaluma kanaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.” \s1 Aarsaa Gubamu \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 9 “Aroonii fi ilmaan isaatiif ajaja kana kenni: ‘Seerri aarsaa gubamuu kanaa dha; aarsaan gubamu hamma lafti bariitutti halkan guutuu ibidda iddoo aarsaa irra jiru gubbaa haa turu; ibiddis ittuma fufee iddoo aarsaa irratti haa bobaʼu. \v 10 Lubni sunis uffata isaa kan quncee talbaa irraa hojjetamee fi uffata wayyaa jalaan dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa uffatu; ergasiis daaraa aarsaa gubamuu kan ibiddi iddoo aarsaa irratti gubee fixe sana haree iddoo aarsaa cina haa kaaʼu. \v 11 Ergasiis uffata sana of irraa baasee kan biraa haa uffatu; daaraa sanas baatee qubata keessaa gad baasee lafa akka seeraatti qulqulluu taʼetti haa geessu. \v 12 Ibiddi iddoo aarsaa irra jiru yeroo hunda bobaʼuu qaba; yoom iyyuus hin dhaamin. Lubichi ganama ganama ibidda sanatti qoraan haa naqu; aarsaa gubamu ibidda irratti haa qopheessu; kana irrattis cooma aarsaa nagaa haa gubu. \v 13 Iddoo aarsaa irratti ibiddi yeroo hunda haa bobaʼu; gonkumaas hin dhaamin. \s1 Kennaa Midhaanii \p \v 14 “ ‘Seerri kennaa midhaanii kanaa dha: Ilmaan Aroon waan kana fuullee iddoo aarsaatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessan. \v 15 Lubnis daakuu bullaaʼaa konyee tokkoo fi zayitii, ixaana kennaa midhaanii irra jiru hunda wajjin fuudhee urgaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhee akka kutaa yaadannootti iddoo aarsaa irratti haa gubu. \v 16 Aroonii fi ilmaan isaa immoo waan irraa hafe haa nyaatan; kun maxinoo iddoo qulqulluutti nyaatamuu qabuu dha; isaanis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti haa nyaatan. \v 17 Wanni kun raacitiidhaan tolfamuu hin qabu; ani kennaa ibiddaan naa dhiʼeeffamu keessaa akka qooda isaaniitti waan kana isaaniif kenneera. Kunis akkuma aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaatti waan hunda caalaa qulqulluu dha. \v 18 Sanyiin Aroon kan dhiira taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu dandaʼa. Kunis qooda kennaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu keessaa dhaloota keessan kan dhufutti bara baraan Arooniif kennamee dha; namni isa tuqu hundinuus ni qulqullaaʼa.’ ” \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 20 “Kennaan Aroonii fi ilmaan isaa guyyaa inni dibamutti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qaban kanaa dha: Daakuu bullaaʼaa iifii\f + \fr 6:20 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.\ft*\f* kudhan keessaa tokkoo jechuunis walakkaa isaa ganama, walakkaa immoo galgala yeroo hunda kennaa midhaanii godhanii haa dhiʼeessan. \v 21 Kunis zayitiidhaan eelee irratti haa tolfamu; akka gaariitti walitti makiitii kennaa midhaan sanaa caccabsii urgaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhii dhiʼeessi. \v 22 Ilmi isaa kan luba taʼee dibamee iddoo isaa buʼu waan kana haa qopheessu; kennaan kun sababii qooda \nd Waaqayyoo\nd* kan bara baraa taʼeef guutummaatti haa gubamu. \v 23 Kennaan midhaanii kan lubichi dhiʼeessu hundi guutummaatti haa gubamu; aarsaan sun nyaatamuu hin qabuutii.” \s1 Aarsaa Cubbuu \p \v 24 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 25 “Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhi: ‘Seerri aarsaan cubbuu ittiin dhiʼeeffamu kanaa dha: Aarsaan cubbuu iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa qalamu; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. \v 26 Lubni isa dhiʼeessu aarsaa kana haa nyaatu; kunis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba. \v 27 Namni foon sana tuqu kam iyyuu ni qulqullaaʼa; yoo dhiigni isaa tokko iyyuu uffatatti facaʼe uffata sana iddoo qulqulluutti miicuu qabda. \v 28 Okkoteen suphee kan foon sun itti affeelame haa cabsamu; yoo okkotee naasiitti affeelame garuu haqamee bishaaniin haa dhiqamu. \v 29 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu ni dandaʼa; kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. \v 30 Garuu aarsaan cubbuu kan araara buusuudhaaf dhiigni isaa gara dunkaana wal gaʼii Iddoo Qulqulluutti fidamu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu; inni gubamuu qaba. \c 7 \s1 Aarsaa Yakkaa \p \v 1 “ ‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana: \v 2 Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba. \v 3 Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu, \v 4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu. \v 5 Lubichis aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti. \v 6 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. \p \v 7 “ ‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu. \v 8 Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu. \v 9 Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu; \v 10 kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu. \s1 Aarsaa Nagaa \p \v 11 “ ‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qabu kana. \p \v 12 “ ‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu. \v 13 Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu. \v 14 Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu. \v 15 Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu. \p \v 16 “ ‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa. \v 17 Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba. \v 18 Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama. \p \v 19 “ ‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa. \v 20 Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu. \v 21 Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’ ” \s1 Moorrii fi Dhiigni Hin Sooratamu \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 23 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa. \v 24 Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan. \v 25 Namni horii ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu. \v 26 Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa. \v 27 Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’ ” \s1 Qooda Lubootaa \p \v 28 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 29 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa \nd Waaqayyoof\nd* haa dhiʼeessu. \v 30 Aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa sochoosu. \v 31 Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu. \v 32 Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa. \v 33 Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu. \v 34 Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ” \p \v 35 Gaafa isaan lubummaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana. \v 36 Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan \nd Waaqayyo\nd* ajajeera. \p \v 37 Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha; \v 38 kunis ajaja \nd Waaqayyo\nd* gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha. \c 8 \s1 Muudamuu Arooniitii fi Ilmaan Isaa \r 8:1‑36 kwf – \xt Bau 29:1‑37\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Aroonii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi; \v 3 waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.” \v 4 Museenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame. \p \v 5 Museenis waldaa sanaan, “Wanni \nd Waaqayyo\nd* akka hojjetamu ajaje kana” jedhe. \v 6 Ergasiis Museen Aroonii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe. \v 7 Innis Aroonitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef. \v 8 Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe. \v 9 Museenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti mataa Aroonitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche. \p \v 10 Ergasii Museen zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse. \v 11 Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe. \v 12 Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Aroon irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe. \v 13 Museenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti ilmaan Aroon gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe. \p \v 14 Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan. \v 15 Museenis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse. \v 16 Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube. \v 17 Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube. \p \v 18 Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan. \v 19 Museen immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase. \v 20 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube. \v 21 Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamee dha. \p \v 22 Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan. \v 23 Museenis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Aroon mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe. \v 24 Ilmaan Aroonis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase. \v 25 Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe. \v 26 Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe. \v 27 Innis wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoose. \v 28 Museenis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube. \v 29 Museenis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoose; kunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti qooda Museen korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha. \p \v 30 Ergasiis Museen zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Aroonii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse. \p \v 31 Museenis Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Aroonii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa. \v 32 Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa. \v 33 Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa. \v 34 Waan harʼa hojjetame kana \nd Waaqayyotu\nd* araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje. \v 35 Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan \nd Waaqayyo\nd* isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.” \p \v 36 Aroonii fi ilmaan isaa waan \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin ajaje hunda hojjetan. \c 9 \s1 Luboonni Tajaajila Isaanii Jalqaban \p \v 1 Museen bultii saddeettaffaatti Aroon, ilmaan Aroonii fi maanguddoota Israaʼel waame; \v 2 Arooniinis akkana jedhe; “Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko kanneen hirʼina hin qabne fuudhii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessi. \v 3 Ergasiis Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuuf immoo dibicha tokkoo fi korbeessa hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne, \v 4 aarsaa nagaatiif immoo sangaa tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, kennaa midhaanii kan zayitiidhaan sukkuumame wajjin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa gochuuf dhiʼeessi. Harʼa \nd Waaqayyo\nd* isinitti mulʼataatii.’ ” \p \v 5 Isaanis waan Museen isaan ajaje sana fuula dunkaana wal gaʼii duratti fidan; waldaan hundinuus dhufee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabate. \v 6 Museenis, “Akka ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* isinitti mulʼatuuf wanni \nd Waaqayyo\nd* akka isin gootan isin ajaje kana” jedhe. \p \v 7 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Gara iddoo aarsaa kottuutii aarsaa cubbuu keetiitii fi aarsaa kee kan gubamu dhiʼeeffadhuutii ofii keetii fi sabaaf araara buusi; akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajettis aarsaa sabaa dhiʼeessiitii araara isaaniif buusi.” \p \v 8 Aroon gara iddoo aarsaa dhufee dibicha aarsaa kan sababii cubbuu isaatiif dhiʼaate sana qale. \v 9 Ilmaan isaas dhiiga isatti fidan; inni immoo dhiiga sana keessa quba isaa cuuphee gaanfawwan iddoo aarsaa dibe; dhiiga hafe immoo miiloo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase. \v 10 Innis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti aarsaa cubbuu sana irraa moora, kaleewwanii fi haguuggii tiruu iddoo aarsaa irratti gube; \v 11 foonii fi gogaa isaa immoo qubata keessaa baasee gube. \p \v 12 Inni ergasii aarsaa gubamu qale. Ilmaan isaas dhiiga fidanii itti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase. \v 13 Isaanis aarsaa gubamu buʼaa buʼaadhaan, mataa wajjin isatti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gube. \v 14 Miʼa garaatii fi luka qalma sanaas dhiqee iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu gubbaatti gube. \p \v 15 Itti aansees Aroon aarsaa sabaa dhiʼeesse; reʼee aarsaa cubbuu sabaatiif dhiʼeeffamu sana fuudhee qale; akkuma duraan hojjetettis aarsaa cubbuu godhee dhiʼeesse. \p \v 16 Innis aarsaa gubamu fidee akkuma ajajametti dhiʼeesse. \v 17 Kennaa midhaaniis fidee konyee tokko irraa fuudhee aarsaa ganama ganama gubamu irratti dabalee iddoo aarsaa irratti gube. \p \v 18 Aroonis sangaa fi korbeessa hoolaa sana aarsaa nagaa kan sabaaf jedhamee dhiʼeeffamu godhee qale. Ilmaan isaa immoo dhiiga fidanii isatti kennan; innis dhiiga sana iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase. \v 19 Cooma sangaatii fi korbeessa hoolaa sanaa jechuunis duboo, moora miʼa garaa haguugu, kaleewwanii fi haguuggii tiruu, \v 20 handaraafota irra kaaʼan; Aroonis cooma sana iddoo aarsaa irratti gube. \v 21 Aroonis akkuma Museen isa ajajetti handaraafotaa fi tafa mirgaa aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoose. \p \v 22 Aroon harka isaa sabatti balʼisee isaan eebbise. Erga aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddees gad buʼe. \p \v 23 Musee fi Aroonis dunkaana wal gaʼii seenan; yommuu achii baʼanittis saba eebbisan; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* saba hundatti mulʼate. \v 24 Ibiddis \nd Waaqayyo\nd* biraa baʼee aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra ture sana fixe; sabni hundis waan kana argee ililche; adda isaatiinis gombifamee sagade. \c 10 \s1 Naadaabii fi Abiyuud Duʼan \p \v 1 Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessan. \v 2 Kanaafuu ibiddi \nd Waaqayyo\nd* biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhuman. \v 3 Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni \nd Waaqayyo\nd* dubbate kanaa dha: \q1 “ ‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti, \q2 qulqullina koo nan argisiisa; \q1 saba hunda durattis \q2 ani nan ulfaadha.’ ” \m Aroon immoo ni calʼise. \p \v 4 Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe. \v 5 Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan. \p \v 6 Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; \nd Waaqayyos\nd* saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra \nd Waaqayyo\nd* ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu. \v 7 Sababii zayitiin \nd Waaqayyoo\nd* kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan. \p \v 8 \nd Waaqayyos\nd* Arooniin akkana jedhe; \v 9 “Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa. \v 10 Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu; \v 11 seera \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.” \p \v 12 Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii. \v 13 Wanni kun aarsaawwan ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii. \v 14 Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii. \v 15 Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.” \p \v 16 Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate; \v 17 “Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname. \v 18 Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.” \p \v 19 Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ni fudhatama turee?” \v 20 Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade. \c 11 \s1 Nyaata Qulqulluu fi Nyaata Qulqulluu Hin Taʼin \r 11:1‑23 kwf – \xt KeD 14:3‑20\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 2 “Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha: \v 3 Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu. \p \v 4 “ ‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti. \v 5 Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti. \v 6 Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti. \v 7 Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti. \v 8 Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti. \p \v 9 “ ‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. \v 10 Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan. \v 11 Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu. \v 12 Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu. \p \v 13 “ ‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha, \v 14 culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa, \v 15 arraagessa gosa garaa garaa, \v 16 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa, \v 17 urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa, \v 18 urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa, \v 19 huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii. \p \v 20 “ ‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani. \v 21 Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha. \v 22 Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu. \v 23 Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan. \p \v 24 “ ‘Isin wantoota kanneeniin of xureessitu; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa dha. \v 25 Namni reeffa isaanii tokko illee lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 26 “ ‘Bineensi kottee baqaqaa qabu kan kotteen isaa guutumaan guutuutti gargar hin qoodamin yookaan alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa. \v 27 Bineensota miilla afuriin deeman hunda keessaa kanneen faanaan ejjetan isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 28 Namni raqa isaanii lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Isaanis isiniif xuraaʼoo dha. \p \v 29 “ ‘Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; isaanis: tuqaa, hantuuta, loccuu gurguddaa gosa gosaa, \v 30 loccuu cirrachaa, naacha, qarcoo, qarcabboo fi gaararraa dha. \v 31 Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 32 Uumamawwan sana keessaa tokko yoo duʼee miʼa wayii irra buʼe, miʼi sun faayidaan isaa waan fedhe iyyuu taʼu, inni muka irraa, huccuu irraa, gogaa irraa yookaan keeshaa irraa hojjetamu illee miʼi sun xuraaʼaa taʼa; miʼa sana bishaan keessa buusaa. Innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼee ergasii immoo qulqulluu taʼa. \v 33 Isaan keessaa tokko okkotee keessa yoo buʼe, wanni okkotee sana keessa jiru hundi xuraaʼaa taʼa; isinis okkotee sana cabsuu qabdu. \v 34 Nyaanni nyaatamuu dandaʼu kan garuu bishaan okkotee akkasii keessaa itti naqame kam iyyuu xuraaʼaa dha; dhugaatiin okkotee sana keessaa dhugamuu dandaʼu kam iyyuus xuraaʼaa dha. \v 35 Wanni raqa uumamawwan kanaa keessaa tokko iyyuu irra buʼu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; eeleen yookaan okkoteen waa itti bilcheessan cabsamuu qaba. Isaan xuraaʼoo dha; isinis akka miʼa xuraaʼaatti isaan ilaalaa. \v 36 Burqaan yookaan boolli bishaan itti kuufamu immoo qulqulluu taʼee tura; garuu namni raqa kana keessaa tokko illee tuqu xuraaʼaa dha. \v 37 Raqni tokko sanyii facaafamuuf jiru irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu taʼee hafa. \v 38 Garuu sanyii sana irratti bishaan naqamee raqni wayii yoo irra buʼe sanyiin sun isiniif xuraaʼaa dha. \p \v 39 “ ‘Horiin akka isin nyaattaniif isiniif eeyyamame tokko yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 40 Namni raqa sana irraa waa nyaatu wayyaa isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni raqa sana lafaa fuudhe wayyaa isaa miiccadhuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 41 “ ‘Uumamni lafa irra munyuuqu kam iyyuu xuraaʼaa dha; nyaatamuus hin qabu. \v 42 Uumama lafa irra looʼu kan garaadhaan lafa irra looʼu yookaan miilla afuriin yookaan miilla hedduun deemu kam iyyuu hin nyaatinaa; inni xuraaʼaa dha. \v 43 Uumamawwan kanneen keessaa tokkoon iyyuu of hin xureessinaa. Isin akka xuraaʼoo hin taaneef isaaniin of hin xureessinaa. \v 44 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa. \v 45 Ani \nd Waaqayyo\nd* kan Waaqa keessan taʼuuf jedhee biyya Gibxiitii isin baasee dha; kanaafuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu taʼaa. \p \v 46 “ ‘Seerri waaʼee horii, simbirroo, lubbuu qabeeyyii bishaan keessa munyuuqan hundaa fi uumama lafa irra munyuuqu hundaa kanaa dha. \v 47 Isin waan xuraaʼaa fi waan qulqulluu, uumama nyaatamuu fi kan hin nyaatamne addaan baaftanii beekuu qabdu.’ ” \c 12 \s1 Daʼumsa Booddee Qulqullaaʼuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati. \v 3 Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu. \v 4 Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin. \v 5 Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi. \p \v 6 “ ‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu. \v 7 Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti. \p “ ‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha. \v 8 Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’ ” \c 13 \s1 Seera Dhukkuba Gogaa kan Namatti Darbuu \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 2 “Namni yoo gogaa dhagna isaa irraa iitoo yookaan finniisa yookaan baarolee qabaatee wanni sun gogaa dhagna isaa irratti gara lamxiitti geeddarame, namichi sun gara Aroon lubichaatti yookaan ilmaan isaa luboota keessaa gara isa tokkootti haa geeffamu. \v 3 Lubni sun madaa gogaa dhagna namichaa irra jiru haa qoru; yoo rifeensi madaa sana irra jiru addaatee madaan sun gogaa keessa darbee foonitti gad seene, dhukkubni sun dhukkuba lamxii ti. Lubichis erga isa qoree booddee akka inni akka seeraatti xuraaʼaa taʼe haa labsu. \v 4 Yoo baaroleen gogaa namichaa irra jiru addaatee garuu gogaa keessa darbee foonitti gad hin seenin, yoo rifeensi madaa sana irra jirus hin addaatin, lubichi namicha madaaʼe sana bultii torba kophaatti baasee haa tursu. \v 5 Bultii torbaffaatti immoo lubichi isa haa qoru; lubni yoo akka madaan sun hin geeddaraminii fi akka inni gogaa namichaa irra hin faffacaʼin arge ammas bultii torba kophaatti baasee isa haa tursu. \v 6 Amma illee lubichi bultii torbaffaatti namicha haa qoru; kunoo, yoo madaan sun qooree gogaa irra hin faffacaʼin, lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni sun cittoo dha. Namichi wayyaa isaa haa miiccatu; inni ni qulqullaaʼa. \v 7 Garuu inni erga qulqulluu taʼuun isaa akka labsamuuf lubatti of argisiisee booddee yoo cittoon sun gogaa isaa irra faffacaʼe inni amma illee lubatti of argisiisuu qaba. \v 8 Lubichis isa haa qoru; yoo cittoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu; wanni kun lamxii dha. \p \v 9 “Namni yoo lamxii qabaate inni lubatti fidamuu qaba. \v 10 Lubichi isa haa qoru; kunoo yoo iiti adiin kan rifeensa addeesse gogaa irra jiraatee fi foon iita sanaa diimatee mulʼate, \v 11 wanni sun dhukkuba gogaa kan hin fayyinee dha; lubichis akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu. Waan inni duraanuu xuraaʼaa taʼeef lubichi kophaatti baasee isa tursuun barbaachisaa miti. \p \v 12 “Dhukkubni sun hamma lubni arguu dandaʼutti gogaa isaa irra yoo faffacaʼee gogaa namicha madaaʼe sanaa mataadhaa hamma miillaatti haguuge, \v 13 lubichi isa haa qoru; kunoo yoo dhukkubni sun guutumaan guutuutti dhagna namichaa wal gaʼe inni akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu. Waan dhagni isaa guutuun addaateef namichi sun qulqulluu dha. \v 14 Inni garuu yeroo iita foon isaa keessaan diimatee mulʼatu qabaatu xuraaʼaa dha. \v 15 Lubichi yeroo foon diimatee mulʼatu argutti akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; foon diimate xuraaʼaa dha; namichis lamxii qaba. \v 16 Yookaan yoo foon diimaan geeddaramee addaate namichi lubatti of argisiisuu haa dhaqu. \v 17 Lubnis isa haa qoru; yoo madaan sun addaate lubichi akka namichi madaaʼe sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichis ni qulqullaaʼa. \p \v 18 “Namni gogaa isaa irraa dhullaa yoo qabaatee dhullaan sun fayyee jiraate, \v 19 yoo iddoo dhullaan ture sanatti iiti adiin yookaan baaroleen diimaan adiin mulʼate inni lubatti of haa argisiisu. \v 20 Lubnis isa haa qoru; kunoo yoo wanni sun waan gogaa keessa darbee foon seene fakkaatee rifeensi isa keessaas addaate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu. Wanni kun dhukkuba lamxii iddoo dhullaan turetti baʼee dha. \v 21 Garuu yommuu lubni baarolee sana qorutti, kunoo yoo rifeensi adiin irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubni kophaatti baasee bultii torba isa haa tursu. \v 22 Yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼe, lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun dhukkuba namatti darbuu dha. \v 23 Garuu baaroleen sun yoo hin geeddaraminii fi yoo hin faffacaʼin, inni godaannisa dhullaa sanaa ti; lubnis akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu. \p \v 24 “Yoo namni gogaa isaa irraa gubaa qabaatee foon diimaa iddoo gubamaa sanaa irratti baaroleen diimaan adiin yookaan adiin mulʼate, \v 25 lubni baarolee sana haa qoru; kunoo yoo rifeensi achi irra jiru addaatee baaroleen sunis gogaa keessa darbee foon seene wanni kun lamxii iddoo gubate sana irratti baʼuu dha. Lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti. \v 26 Garuu yoo lubni iddoo gubate sana qoree rifeensi adiin baarolee sana irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa keessa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubichi namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu. \v 27 Guyyaa torbaffaatti lubichi isa haa qoru; yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubni sun akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti. \v 28 Taʼus yoo baaroleen sun hin geeddaraminii fi utuu gogaa irra hin faffacaʼin bade wanni kun iitoo gubaa sana keessa baʼee dha. Lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni kun godaannisa gubaa sanaa ti. \p \v 29 “Yoo dhiirri yookaan dubartiin mataa irraa yookaan areeda irraa madaa qabaatan, \v 30 lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo madaan sun gogaa keessa darbee foon seenee rifeensi achi irra jiru keelloo fakkaatee qaqalʼate, lubichi akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun hooqxoo mataa yookaan areedaa kan namatti darbuu dha. \v 31 Garuu yeroo lubni madaa akkanaa qorutti kunoo yoo madaan sun waan gogaa darbee foon seene hin fakkaatinii fi yoo rifeensi gurraachi tokko iyyuu madaa sana irra hin jiraatin lubni sun namicha hooqxoon qabe sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu. \v 32 Guyyaa torbaffaatti lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun hin faffacaʼin, yoo rifeensi keelloon achi irra hin jiraatinii fi hooqxoon sun waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin, \v 33 namichi sun iddoo madaaʼe sana qofa dhiisee mataa isaa haa haadatu; lubni sunis ammas namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu. \v 34 Guyyaa torbaffaattis lubni sun hooqxoo sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra hin faffacaʼinii fi waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin lubichi akka namichi sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichi wayyaa isaa haa miiccatu; innis ni qulqullaaʼa. \v 35 Garuu erga akka namichi qulqulluu taʼe labsamee booddee yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼe, \v 36 lubni isa haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi rifeensa keelloo sakattaʼuu hin qabu; namichi sun xuraaʼaa dha. \v 37 Garuu akka hubannaa lubichaatti hooqxoon sun geeddaramuu baatee rifeensi gurraachi irratti biqillaan hooqxoon sun fayyeera; namichis qulqulluu dha; lubnis akka inni qulqulluu taʼe haa labsu. \p \v 38 “Yommuu dhiirri yookaan dubartiin gogaa dhagna isaa irraa baarolee qabaatanitti, \v 39 lubni isaan haa qoru; kunoo yoo baaroleen sun adii daalacha taʼe kun cittoo gogaa irratti baʼe kan nama hin miinee dha; namichis qulqulluu dha. \p \v 40 “Namni yoo rifeensi mataa isaa dhumee molaaʼe inni qulqulluu dha. \v 41 Yoo rifeensi mataa isaa fuula duraan irraa dhumee molaaʼes inni qulqulluu dha. \v 42 Garuu inni yoo moluu mataa isaa irraa yookaan moluu adda isaa irraa madaa adii diimatu qabaate wanni kun lamxii moluu mataa isaa yookaan moluu adda isaa keessaa baʼuu dha. \v 43 Lubni isa haa qoru; kunoo yoo madaan iitaʼe kan mataa isaa irraa yookaan adda isaa irraa sun akkuma lamxii gogaa irratti baʼee adii diimatu taʼe, \v 44 namichi dhukkubsataa fi xuraaʼaa dha. Sababii madaa mataa namichaa irra jiru sanaatiifis akka namichi xuraaʼaa taʼe lubni sun haa labsu. \p \v 45 “Namni lamxii akkasii qabu uffata tatarsaʼaa haa uffatu; rifeensa mataa isaatti waa hin maratin; afaan isaas haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu. \v 46 Inni hamma dhukkubni sun irra jirutti xuraaʼaa dha; kophaa isaa haa jiraatu; qubata keessaas baʼee ala haa jiraatu. \s1 Lamxii Uffata Irratti Mulʼatu \p \v 47 “Yoo uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame kam iyyuu, \v 48 uffanni quncee talbaa irraa yookaan suufii irraa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame kam iyyuu, gogaan yookaan wanni gogaa irraa hojjetame kam iyyuu lamxii qabaate, \v 49 yoo dhukkubni uffata irra yookaan gogaa irra yookaan uffata dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irra jiru sun magariisa taʼe yookaan diimate wanni kun waan lamxii taʼeef lubatti haa argisiifamu. \v 50 Lubnis lamxii sana qoree miʼa dhukkubaan faalame sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu. \v 51 Guyyaa torbaffaatti lubichi lamxii sana haa qoru; yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan uffata wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan gogaa waan kamiif iyyuu fayyadu irra faffacaʼe wanni kun lamxii hamaa dha; miʼi sunis xuraaʼaa dha. \v 52 Sababii lamxiin sun hamaa taʼeef lubichi uffata yookaan wayyaa suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kan dhukkuba sanaan faalame kam iyyuu haa gubu; miʼi sunis gubamuu qaba. \p \v 53 “Garuu yeroo lubni lamxii sana qorutti kunoo yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame irra faffacaʼuu baate, \v 54 lubichi akka miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamu haa ajaju. Ergasii immoo miʼa sana kophaatti baasee ammas bultii torba haa tursu. \v 55 Erga miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamee booddee lubichi miʼa sana haa qoru; lamxiin sun yoo faffacaʼu baate illee bifti isaa geeddaramuu baannaan uffanni sun xuraaʼaa dha. Yoo lamxiin sun gama tokkoon yookaan gama kaaniin miʼa sana faalee jiraate, miʼi sun ibiddaan haa gubamu. \v 56 Erga miʼi sun miiccamee booddee yeroo lubni qorutti yoo lamxiin sun badee jiraate lubichi iddoo lamxiidhaan faalame sana uffata yookaan gogaa yookaan wayyaa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame irraa haa tarsaasu. \v 57 Garuu yoo lamxiin sun deebiʼee uffata irratti yookaan wayyaa dhaʼame irratti yookaan wal keessa loofame hojjetame irratti yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kam iyyuu irratti argame, lamxiin sun faffacaʼaa jira; wanni lamxii qabu ibiddaan haa gubamu. \v 58 Uffanni yookaan wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetame kan miiccamee lamxiin irraa bade kam iyyuu ammas haa miiccamu; innis ni qulqullaaʼa.” \p \v 59 Wanni kun seera akka uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame, wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetamee lamxiidhaan faalame kam iyyuu xuraaʼaa taʼee fi akka hin taʼin labsuuf kennamee dha. \c 14 \s1 Dhukkuba Lamxii Irraa Qulqullaaʼuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Kun seera nama lamxii qabu tokkoof guyyaa inni itti qulqulleeffamuuf kennamee dha; namichi lubatti haa fidamu. \v 3 Lubni sun iddoo qubataa keessaa gad baʼee namicha haa qoru. Kunoo, yoo namichi lamxii qabu sun fayyee jiraate, \v 4 lubichi akka sababii namicha qulqulleeffamu sanaatiif simbirroonni lubbuu qaban qulqulluun lamaa fi mukni birbirsaa, kirriin bildiimaa fi hiisophiin fidaman haa ajaju. \v 5 Lubni sunis ergasii akka simbirroota sana keessaa isheen tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti qalamtu haa ajaju. \v 6 Innis simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii wajjin dhiiga simbirroo bishaan yaaʼu irratti qalamte sanaa keessa haa cuuphu. \v 7 Lubichi namicha lamxii irraa qulqulleeffamu sanatti yeroo torba faffacaasee akka inni qulqulluu taʼe haa labsu; ergasii simbirroo lubbuu qabdu sana dirreetti gad haa dhiisu. \p \v 8 “Namichi qulqulleeffamu sun uffata isaa miiccachuu, rifeensa isaa hunda haaddachuu fi dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; akkasiin inni akka seeraatti qulqulluu taʼa. Ergasii iddoo qubataatti ol galuu dandaʼa; garuu bultii torba dunkaana isaatiin ala turuu qaba. \v 9 Guyyaa torbaffaattis rifeensa isaa hunda haaddachuu qaba; mataa isaa, areeda isaa, nyaara isaatii fi rifeensa isaa biraa haa haaddatu. Uffata isaas miiccatee dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; innis ni qulqullaaʼa. \p \v 10 “Guyyaa saddeettaffaattis namichi sun korbeeyyii hoolaa kanneen hirʼina hin qabne lamaa fi hoolaa dhalaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne tokko, daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo kan zayitiidhaan sukkuumame irraa harka kudhan keessaa harka sadii kan kennaa midhaaniitiif taʼuu fi zayitii loogii tokkoo haa fidu. \v 11 Lubni akka namichi qulqulluu taʼe labsu sun namicha qulqulleefamu sanaa fi kennaawwan isaa balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. \p \v 12 “Ergasiis lubichi korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fuudhee aarsaa yakkaa godhee loogii zayitii tokko wajjin haa dhiʼeessu; innis aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa sochoosu. \v 13 Xobbaallaa hoolaa sanas iddoo aarsaan cubbuutii fi aarsaan gubamu itti qalamanitti haa qalu. Akkuma aarsaa cubbuu sana aarsaan yakkaas kan lubaa ti; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. \v 14 Lubichis dhiiga aarsaa yakkaa sana irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu. \v 15 Lubni sun zayitii loogii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaatti haa naqu; \v 16 quba harka isaa mirgaas zayitii barruu harka isaa irra jiru keessa cuuphee quba isaatiin yeroo torba fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa facaasu. \v 17 Lubni sun zayitii barruu isaa irratti hafe irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamuu qabu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa, dhiiga aarsaa yakkaa sana irratti dabalee haa dibu. \v 18 Lubichi zayitii barruu harka isaa irratti hafe immoo mataa namicha qulqulleeffamuu sanaatti naqee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara haa buusuuf. \p \v 19 “Ergasiis lubichi aarsaa cubbuu dhiʼeessee namicha xuraaʼummaa ofii irraa qulqulleeffamu sanaaf araara haa buusu. Sana booddee lubni sun aarsaa gubamu haa qalu; \v 20 kanas kennaa midhaanii wajjin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessee araara isaaf haa buusu; namichis qulqulluu taʼa. \p \v 21 “Taʼus namichi sun yoo hiyyeessa taʼee waan kana dhiʼeessuu hin dandeenye, akka sochoofamee araarri isaaf buufamuuf inni xobbaallaa hoolaa tokko aarsaa yakkaa godhee daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame kan kennaa midhaaniitiif taʼu iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko zayitii loogii tokko wajjin haa fidu; \v 22 akkasumas waan fiduu dandaʼu jechuunis gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa fidu. \p \v 23 “Guyyaa saddeettaffaatti inni qulqullaaʼummaa isaatiif balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan kana lubatti haa fidu. \v 24 Lubni sunis xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaa sana zayitii loogii tokko wajjin fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa sochoosu. \v 25 Xobbaallaa hoolaa sanas aarsaa yakkaatiif qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu. \v 26 Lubichis zayitii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaa irratti haa naqu; \v 27 quba harka isaa mirgaatiinis zayitii barruu isaa irra jiru sana irraa yeroo torba fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa facaasu. \v 28 Zayitii barruu isaa irra jiru irraa fuudhee idduma dhiiga aarsaa yakkaa ittiin tuqe sana jechuunis fiixee gurra namicha qulqulleeffamu sanaa mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu. \v 29 Lubichis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara isaaf buusuuf zayitii barruu isaa irratti hafe sana mataa namicha qulqulleeffamu sanaa irratti haa naqu. \v 30 Lubni sunis gugeewwan yookaan gugee sosookkee namichi dhiʼeessuu dandaʼu haa dhiʼeessu; \v 31 isaan kanneen keessaas tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf, kennaa midhaanii wajjin haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubichi namicha qulqulleeffamu sanaaf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara ni buusa.” \p \v 32 Kun seera nama lamxii qabaatee waan ittiin qulqulleeffamu baasuu hin dandeenyeef kennamee dha. \s1 Lamxii Irraa Qulqulleessuu \p \v 33 \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 34 “Yommuu isin biyya Kanaʼaan kan ani akka dhaalaatti isiniif kennu sana seentanii anis mana biyya sanaa keessaa tokkotti dhukkuba lamxii facaasutti, \v 35 abbaan mana sanaa deemee, ‘Ani mana koo keessatti waan lamxii fakkaatu tokko argeera’ jedhee lubatti haa himu. \v 36 Lubichis akka wanni mana sana keessa jiru tokko iyyuu xuraaʼaa dha jedhamee hin labsamneef utuu lamxii sana qoruuf ol hin seenin dura akka mana sana keessaa miʼi gad baafamu haa ajaju. Ergasii lubichi ol seenee manicha haa qoru. \v 37 Innis lamxii keenyan manaa irra jiru haa qoru; yoo wanni sun dhooqa magariisa yookaan diimatu qabaatee keenyan manaa keessa gad seene, \v 38 lubichi mana sana keessaa balbalaan gad baʼee bultii torbaaf mana sana haa cufu. \v 39 Guyyaa torbaffaatti lubichi mana sana qoruuf haa deebiʼu. Kunoo yoo lamxiin sun keenyan manaa irratti babalʼatee jiraate, \v 40 lubichi akka dhagaawwan faalaman achi keessaa baafamanii lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gataman haa ajaju. \v 41 Akka keenyan mana sanaa karaa keessaatiin guutummaatti soqamee wanni irraa hooqame sunis lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gad gatamu haa godhu. \v 42 Iddoo dhagaawwan sun hooqamanii baʼan sanas dhagaawwan haaraa fidanii iddoo haa buusan; dhoqqee haaraadhaanis manicha haa maragan. \p \v 43 “Yoo lamxiin sun erga dhagaawwan baʼanii manichi hooqamee maragamee booddee deebiʼee mana keessatti mulʼate, \v 44 lubichi dhaqee haa qoru; lamxiin sun kunoo yoo mana keessa babalʼatee jiraate, kun lamxii hamaa dha; manichis xuraaʼaa dha. \v 45 Manni sun haa diigamu; dhagaan isaa, mukni isaa akkasumas maraggiin isaa hundinuu lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti haa gatamu. \p \v 46 “Namni yoo utuu manichi cufamee jiruu ol seene, namni sun hamma galgalaatti xuraaʼaa dha. \v 47 Namni mana sana seenee rafe yookaan keessatti waa nyaate uffata isaa haa miiccatu. \p \v 48 “Garuu yoo lubni lamxii sana qoruudhaaf dhufee erga manichi maragamee booddee lamxiin sun babalʼachuu baate waan lamxiin sun badeef lubni sun akka manni sun qulqullaaʼe haa labsu. \v 49 Innis manicha qulqulleessuuf simbirroo lama, muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii haa dhiʼeessu. \v 50 Innis simbirroo sana keessaa tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti haa qalu. \v 51 Ergasiis birbirsaa, hiisophii, kirrii bildiimaa fi simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee dhiiga simbirroo qalamtee fi bishaan yaaʼu keessa cuuphee yeroo torba mana sanatti haa facaasu. \v 52 Innis dhiiga simbirrootiin, bishaan yaaʼuun, simbirroo jirtuun, birbirsaan, hiisophii fi kirrii bildiimaadhaan manicha haa qulqulleessu. \v 53 Simbirroo jirtuu immoo magaalaan alatti baasee dirreetti gad haa dhiisu. Haala kanaanis manichaaf araara buusa; manichis ni qulqullaaʼa.” \p \v 54 Kun seera dhukkuba lamxiitii fi hooqxoodhaaf, \v 55 lamxii wayyaa irratti yookaan mana keessatti mulʼatuuf, \v 56 iitoodhaaf, finniisaaf yookaan baaroleedhaaf, \v 57 akka wanni tokko qulqulluu yookaan xuraaʼaa taʼe addaan baasuuf kennamee dha. \p Kun seera lamxiidhaaf kennamee dha. \c 15 \s1 Dhangalaʼaa Dhagna Keessaa Baʼee Nama Xureessu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhaatii Israaʼelootatti himaa; ‘Namni kam iyyuu dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu yoo qabaate, inni sababii dhangalaʼaa sanaatiifuu xuraaʼaa dha. \v 3 Dhangalaʼaan sun ittuma fufee saala isaa keessaa baʼus dhaabatus namicha inuma xureessa. Akki itti dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun isa xureessus kanaa dha. \p \v 4 “ ‘Sireen namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irra ciisu hundinuu xuraaʼaa taʼa; wanni inni irra taaʼu hundinuus xuraaʼaa taʼa. \v 5 Namni siree namicha sanaa tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 6 Namni waan namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 7 “ ‘Namni nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sana tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 8 “ ‘Yoo namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun nama qulqullaaʼaa kamitti iyyuu tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 9 “ ‘Kooraan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼu hundinuu xuraaʼaa taʼa. \v 10 Namni waan isa jala ture tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni isaan kanneen lafaa fuudhu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 11 “ ‘Namni namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun utuu harka isaa bishaaniin hin dhiqatin tuqu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 12 “ ‘Okkoteen suphee kan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun tuqu haa caccabsamu; miʼi muka irraa hojjetame kam iyyuu bishaaniin haa dhiqamu. \p \v 13 “ ‘Namni yommuu dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irraa qulqulleeffamutti akka seeraatti qulqulleeffamuu isaatiif bultii torba haa lakkaaʼatu; uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaan yaaʼuun haa dhiqatu; innis ni qulqullaaʼa. \v 14 Innis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama qabatee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhufee balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa kennu. \v 15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubni sun sababii dhangalaʼaa nama sanaatiif fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara buusa. \p \v 16 “ ‘Namni tokko yommuu afeetaa dhangalaasutti dhagna isaa guutuu bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 17 Uffanni yookaan itilleen afeetaan tuqu kam iyyuu bishaaniin haa miiccamu; miʼi sun hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 18 Namni yoo niitii tokko wajjin ciisee afeetaa dhangalaase, lamaan isaanii iyyuu bishaaniin dhagna isaanii haa dhiqatan; isaan hamma galgalaatti xuraaʼoo taʼu. \p \v 19 “ ‘Dubartiin yoo dhangalaʼaa dhiigaa kan yeroo isaa eeggatee dhagna ishee keessaa baʼu qabaatte, isheen xuraaʼummaa xurii jiʼaa isheetiin bultii torba turti; namni ishee tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 20 “ ‘Wanni isheen yeroo xurii isheetti irra ciiftu xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa. \v 21 Namni siree ishee tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 22 Namni waan isheen irra teessu tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \v 23 Namni yoo sirees taʼu waan isheen irra taaʼaa turte kam iyyuu tuqe inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 24 “ ‘Namni yoo ishee wajjin ciisee xuraaʼummaan ishee isa tuqe, inni bultii torba xuraaʼaa taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa. \p \v 25 “ ‘Dubartiin tokko yoo yeroo xurii jiʼaa ishee malee guyyaa baayʼeedhaaf dhangalaʼa dhiigaa qabaatte yookaan yoo dhangalaʼa dhiigaa kan yeroo xurii ishee booddees ittuma fufu qabaatte isheen akkuma yeroo xurii ishee sanatti hamma dhangalaʼaan sun jirutti xurooftuu taati. \v 26 Sireen isheen yeroo dhangalaʼaan ishee ittuma fufee yaaʼutti irra ciiftu akkuma siree ishee kan yeroo xurii jiʼaa ishee sanaatti xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xurii isheetti xuraaʼaa taʼa. \v 27 Namni isaan tuqu kam iyyuu ni xuraaʼa; inni uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. \p \v 28 “ ‘Isheen erga dhangalaʼaa ishee irraa qulqullooftee booddee guyyaa torba haa lakkaaʼattu; ergasii immoo akka seeraatti ni qulqulloofti. \v 29 Isheenis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama fuutee, balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fiddu. \v 30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis sababii xuraaʼummaa dhangalaʼaa isheetiif fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara buusa. \p \v 31 “ ‘Isin akka Israaʼeloonni iddoo bultii koo kan gidduu isaanii jiru sana xureessuudhaan xuraaʼummaa isaaniitiin hin duuneef waan isaan xureessu irraa addaan isaan baasuu qabdu.’ ” \p \v 32 Wanni kun seera nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼuuf, nama afeetaan saala isaa keessaa baʼu xureessuuf, \v 33 dubartii xurii jiʼaa qabduuf, dhiira yookaan dubartii dhangalaʼaan saala keessaa baʼuu fi nama dubartii akka seeraatti qulqulluu hin taʼin tokko wajjin ciisu kamiif iyyuu kennamee dha. \c 16 \s1 Guyyaa Itti Araarri Buʼu \r 16:2‑34 kwf – \xt Lew 23:26‑32; Lak 29:7‑11\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* duʼa ilmaan Aroon kanneen yeroo fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaatanitti duʼan sana lamaanii booddee Museetti dubbate. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani teessoo araaraa gararraatti duumessaan mulʼadhuuf akka obboleessi kee Aroon yeruma fedhetti gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu kan golgaa keessa fuula teessoo araaraa dura taabota irra jiru sanaa ol hin seenne itti himi; yoo kanaa achii inni ni duʼa. \p \v 3 “Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu. \v 4 Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu. \v 5 Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu. \p \v 6 “Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu. \v 7 Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeessu. \v 8 Aroonis reʼoota sana lamaanitti ixaa haa buusu; ixaa tokko \nd Waaqayyoof\nd*, kaan immoo reʼee gad lakkifamuuf haa buusu. \v 9 Aroonis reʼee ixaan \nd Waaqayyoo\nd* irra buʼe sana fidee aarsaa cubbuu godhee haa dhiʼeessu. \v 10 Garuu reʼeen akka reʼee gad lakkifamu taʼuuf ixaadhaan filatame sun akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gammoojjiitti gad ariʼamuudhaan akka araara buusuuf utuu lubbuudhaan jiruu fuula \nd Waaqayyo\nd* duratti haa dhiʼeeffamu. \p \v 11 “Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu. \v 12 Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru irraa itti guutame tokko fuudhee ixaana urgaaʼaa daakamee bullaaʼes konyee lama fuudhee golgaa sana keessa haa seenu. \v 13 Innis akka hin duuneef, akka aarri ixaana sanaa teessoo araaraa kan dhuga baʼumsaa gubbaa jiru sana haguuguuf ixaana sana ibidda fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jirutti haa naqu. \v 14 Dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee karaa fuulduraatiin teessoo araaraatti quba isaatiin haa facaasu; ergasii immoo dhiiga isaa fuudhee fuula teessoo araaraa duratti yeroo torba quba isaatiin haa facaasu. \p \v 15 “Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu. \v 16 Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu. \v 17 Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin. \p \v 18 “Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sanatti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu. Innis dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee, dhiiga reʼee sanaa irraas fuudhee gaanfa iddoo aarsaa sanaa hunda irratti haa naqu. \v 19 Innis iddoo aarsaa sana xuraaʼummaa saba Israaʼel irraa qulqulleessee addaan baasuuf dhiiga sana irraa quba isaatiin yeroo torba iddoo aarsaa irratti haa facaasu. \p \v 20 “Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu. \v 21 Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu. \v 22 Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa. \p \v 23 “Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu. \v 24 Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu. \v 25 Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu. \p \v 26 “Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa. \v 27 Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu. \v 28 Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa. \p \v 29 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin. \v 30 Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu. \v 31 Kun waan sanbata boqonnaa taʼeef isin gad of deebisuu qabdu; innis seera bara baraa ti. \v 32 Lubni iddoo abbaa isaa buʼee luba ol aanaa taʼuuf dibamee muudamu araara buusuu qaba; innis wayyaa qulqulluu kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, \v 33 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluuf, dunkaana wal gaʼiitiif, iddoo aarsaatiif, lubootaa fi miseensota waldaa hundaafis araara haa buusu. \p \v 34 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.” \p Wanni sunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti hojjetame. \c 17 \s1 Dhiiga Nyaachuun Dhowwaa dha \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni \nd Waaqayyo\nd* ajaje kunoo kana: \v 3 Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee \v 4 dunkaana qulqulluu \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa godhee \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu. \v 5 Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana \nd Waaqayyoof\nd* fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan. \v 6 Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu godhee haa gubu. \v 7 Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’ \p \v 8 “Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee \v 9 balbala dunkaana wal gaʼii duratti \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu. \p \v 10 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa. \v 11 Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga. \v 12 Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha. \p \v 13 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu; \v 14 jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma. \p \v 15 “ ‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa. \v 16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’ ” \c 18 \s1 Wal Bira Gaʼuu Seeraan Alaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \v 3 Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa. \v 4 Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dha. \v 5 Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 6 “ ‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 7 “ ‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin. \p \v 8 “ ‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa. \p \v 9 “ ‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin. \p \v 10 “ ‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa. \p \v 11 “ ‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti. \p \v 12 “ ‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti. \p \v 13 “ ‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti. \p \v 14 “ ‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti. \p \v 15 “ ‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin. \p \v 16 “ ‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa. \p \v 17 “ ‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina. \p \v 18 “ ‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin. \p \v 19 “ ‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin. \p \v 20 “ ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin. \p \v 21 “ ‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 22 “ ‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha. \p \v 23 “ ‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha. \p \v 24 “ ‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa. \v 25 Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti. \v 26 Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin. \v 27 Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte. \v 28 Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti. \p \v 29 “ ‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu. \v 30 Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.’ ” \c 19 \s1 Seera Adda Addaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa. \p \v 3 “ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 4 “ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 5 “ ‘Yommuu aarsaa nagaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa. \v 6 Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu. \v 7 Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu. \v 8 Namni waan sana nyaatu sababii waan \nd Waaqayyoon\nd* qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu. \p \v 9 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa. \v 10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 11 “ ‘Hin hatinaa. \p “ ‘Hin sobinaa. \p “ ‘Walis hin gowwoomsinaa. \p \v 12 “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 13 “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. \p “ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin. \p \v 14 “ ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 15 “ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni. \p \v 16 “ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. \p “ ‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 17 “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami. \p \v 18 “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 19 “ ‘Sirna koo eegaa. \p “ ‘Horii gosa gosaa walitti hin diqaalomsinaa. \p “ ‘Midhaan gosa lama lafa qotiisaa keessanitti hin facaasinaa. \p “ ‘Wayyaa waan lama irraa hojjetame hin uffatinaa. \p \v 20 “ ‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin. \v 21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti \nd Waaqayyoof\nd* haa fidu. \v 22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf. \p \v 23 “ ‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin. \v 24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; \nd Waaqayyoofis\nd* aarsaa galataa taʼa. \v 25 Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 26 “ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa. \p “ ‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa. \p \v 27 “ ‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa. \p \v 28 “ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 29 “ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin. \p \v 30 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 31 “ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 32 “ ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 33 “ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa. \v 34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 35 “ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa. \v 36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii\f + \fr 19:36 \fr*\ft Iifiin tokko liitirii 22.\ft*\f* fi iinii\f + \fr 19:36 \fr*\ft Iiniin tokko liitirii 4.\ft*\f* dhugaatti fayyadamaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha. \p \v 37 “ ‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \c 20 \s1 Adabbii Cubbuun Fidu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu. \v 3 Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa. \v 4 Sabni biyya sanaa yeroo namichi sun ilmaan isaa keessaa tokko Moolekiif kennutti yoo fuula irraa deebifatee isa ajjeesuu dhiise, \v 5 ani namicha sanaa fi maatii isaatti fuula hammaadhee isaa fi warra isa faana buʼanii sagaagaluudhaan Moolekitti of kennan hunda saba isaanii keessaa nan balleessa. \p \v 6 “ ‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa. \p \v 7 “ ‘Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniitii. \v 8 Sirna koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani \nd Waaqayyo\nd* isa isin qulqulleessuu dha. \p \v 9 “ ‘Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare kam iyyuu haa ajjeefamu. Inni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaareeraatii dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. \p \v 10 “ ‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman. \p \v 11 “ ‘Namni yoo niitii abbaa isaa wajjin ciise inni abbaa isaa salphiseera. Namichis, dubartiin sunis haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. \p \v 12 “ ‘Yoo namni niitii ilma isaa wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman. Isaan haraamuu dha; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. \p \v 13 “ ‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. \p \v 14 “ ‘Namni tokko yoo intalaa fi haadha ishee fuudhe, wanni kun xuraaʼummaa dha. Akka isin gidduutti xuraaʼummaan akkasii hin argamneef namichii fi dubartoonni lamaan ibiddaan haa gubaman. \p \v 15 “ ‘Namni tokko yoo horii wajjin wal bira gaʼe haa ajjeefamu; horii sana illee ajjeesaa. \p \v 16 “ ‘Yoo dubartiin horii kamitti iyyuu dhiʼaattee horii sana wajjin wal bira geesse, dubartiin sunii fi horiin sun haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. \p \v 17 “ ‘Namni tokko yoo obboleettii isaa jechuunis intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa fuudhee wal bira gaʼan wanni kun salphina. Isaan utuma sabni isaanii arguu saba isaanii keessaa haa balleeffaman; namichi kun obboleettii isaa salphiseera; itti gaafatamas. \p \v 18 “ ‘Namni tokko yoo yeroo dubartiin tokko xurii jiʼaa of irraa qabdutti ishee bira gaʼe, inni madda dhangalaʼaa ishee ifatti baaseera; isheenis madda dhangalaʼa ishee mulʼifteerti. Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman. \p \v 19 “ ‘Obboleettii haadha keetii yookaan abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun fira dhiigaa salphisaatii; isin lamaanuus itti gaafatamtu. \p \v 20 “ ‘Namni tokko yoo niitii eessuma isaa wajjin wal bira gaʼe inni eessuma isaa salphiseera. Isaan itti gaafatamu; utuu ijoollee hin argatinis duʼu. \p \v 21 “ ‘Namni tokko yoo niitii obboleessa isaa fuudhe, wanni kun hojii xuraaʼummaa ti; innis obboleessa isaa salphiseera. Isaan ijoollee malee hafu. \p \v 22 “ ‘Akka lafti ani akka isin keessa jiraattaniif itti isin fidu sun isin hin tufneef ajajaa fi seera koo hunda eegaa; duukaa buʼaas. \v 23 Isin bartee saboota ani fuula keessan duraa ariʼee baasuuf jiru kanneenii duukaa hin buʼinaa; sababii isaan wantoota kanneen hunda hojjetaniif ani isaan jibbeera. \v 24 Ani garuu, “Isin lafa isaanii ni dhaaltu; anis lafa aannanii fi damma baasu dhaala godhee isiniifin kenna” jedheera. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan saboota kaan irraa addaan isin baasee dha. \p \v 25 “ ‘Kanaafuu isin bineensa qulqullaaʼaa fi xuraaʼaa, simbirroo xuraaʼaa fi qulqullaaʼaa addaan baasaa. Bineensa yookaan simbirroo yookaan waan lafa irra munyuuqu kanneen ani isiniif xuraaʼota jedhee addaan baase kamiin iyyuu of hin xureessinaa. \v 26 Sababii ani \nd Waaqayyo\nd* qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa. \p \v 27 “ ‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’ ” \c 21 \s1 Seera Lubootaaf Kenname \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhiitii ilmaan Aroon luboota sanatti dubbadhu: ‘Lubni tokko nama fira isaa keessaa duʼeef jedhee of hin xureessin; \v 2 garuu firoota dhiigaatiif jechuunis haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa, \v 3 yookaan obboleettii isaa kan sababii hin heeruminiif isa wajjin jiraattuuf jedhee of xureessuu dandaʼa. \v 4 Garuu namoota karaa fuudhaa fi heerumaatiin firoota isaa taʼaniif jedhee of hin xureessin; akkasiinis xuraaʼaa hin taʼin. \p \v 5 “ ‘Luboonni mataa isaanii yookaan qarqara areeda isaanii hin haadatin yookaan dhagna isaanii hin madeessin. \v 6 Isaan Waaqa isaaniitiif qulqulloota haa taʼan; maqaa Waaqa isaaniis hin xureessin. Isaan waan aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu, nyaata Waaqa isaanii sana dhiʼeessaniif qulqulloota taʼuu qabu. \p \v 7 “ ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban. \v 8 Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Waaqa keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani \nd Waaqayyo\nd* inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii. \p \v 9 “ ‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu. \p \v 10 “ ‘Lubni obboloota isaa keessaa luba ol aanaa taʼee zayitiin ittiin diban mataa isaa irratti naqame kan akka uffata lubummaa uffatuuf muudame tokko mataa isaa filachuu hin dhiisin yookaan uffata ofii hin tarsaasin. \v 11 Inni iddoo reeffi jiru hin seenin. Abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif iyyuu jedhee of hin xureessin; \v 12 yookaan sababii zayitiin ittiin diban kan Waaqa isaa isa irra jiruuf inni iddoo qulqulluu sana keessaa hin baʼin yookaan iddoo qulqulluu Waaqa isaa hin xureessin. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 13 “ ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi. \v 14 Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu; \v 15 kunis akka inni gosa isaa keessatti sanyii isaa hin xureessineef. Ani \nd Waaqayyo\nd* isa qulqulleessuu dha.’ ” \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 17 “Arooniin akkana jedhi: ‘Dhaloota itti aanu keessatti sanyii kee keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. \v 18 Namni hirʼina kam iyyuu qabu tokko iyyuu jechuunis namni jaamaan yookaan naafni, namni bifaa fi dhagna hin tolle, \v 19 namni miilla yookaan harka cabaa qabu, \v 20 yookaan namni dugda goophoo yookaan ooluun yookaan namni dhibee ijaa qabu yookaan namni madaa malaʼu qabu, yookaan namni cittoo qabuu fi namni kolaafame hin dhiʼaatin. \v 21 Sanyii Aroon lubichaa keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. Inni waan hirʼina qabuuf nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. \v 22 Innis nyaata Waaqa isaa kan nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼee fi nyaata qulqulluu nyaachuu dandaʼa. \v 23 Garuu inni sababii hirʼina qabuuf akka iddoo qulqulluu koo hin xureessineef golgaa keessa hin seenin yookaan iddoo aarsaatti hin dhiʼaatin. Ani \nd Waaqayyo\nd* isa isaan qulqulleessuu dha.’ ” \p \v 24 Museen Aroonitti, ilmaan Aroonittii fi Israaʼeloota hundatti waan kana hime. \c 22 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Aroonii fi ilmaan isaatti himi. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 3 “Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni \nd Waaqayyoof\nd* addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 4 “ ‘Sanyii Aroon keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe, \v 5 yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan, \v 6 namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin. \v 7 Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa. \v 8 Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 9 “ ‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani \nd Waaqayyo\nd* isaan qulqulleessuu dha. \p \v 10 “ ‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu. \v 11 Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu. \v 12 Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu. \v 13 Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu. \p \v 14 “ ‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu. \v 15 Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan hin xureessin \v 16 yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani \nd Waaqayyo\nd* isaan qulqulleessuu dha.’ ” \s1 Aarsaa Fudhatama Hin Qabne \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 18 “Aroonitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessutti, \v 19 isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu. \v 20 Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa \v 21 Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu. \v 22 Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu \nd Waaqayyoof\nd* hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa. \v 23 Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu. \v 24 Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko \nd Waaqayyoof\nd* hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa; \v 25 horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Waaqa keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’ ” \p \v 26 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 27 “Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata. \v 28 Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa. \p \v 29 “Gaafa aarsaa galataa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa. \v 30 Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 31 “Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \v 32 Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani \nd Waaqayyo\nd* kan isin qulqulleessu \v 33 kanan Waaqa keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani \nd Waaqayyo\nd*.” \c 23 \s1 Ayyaanota Murtaaʼoo \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota \nd Waaqayyoo\nd* kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha. \s2 Sanbata \p \v 3 “ ‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata \nd Waaqayyoo\nd* ti. \s2 Ayyaana Faasiikaatii fi Ayyaana Maxinoo \r 23:4‑8 kwf – \xt Bau 12:14‑20; Lak 28:16‑25; KeD 16:1‑8\xt* \p \v 4 “ ‘Isaan kunneen ayyaanota \nd Waaqayyoo\nd* murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha; \v 5 Faasiikaan \nd Waaqayyoo\nd* galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama. \v 6 Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana \nd Waaqayyoo\nd* kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa. \v 7 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. \v 8 Bultii torba aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ” \s2 Kennaa Hangafa \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 10 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa. \v 11 Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu. \v 12 Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa; \v 13 kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii\f + \fr 23:13 \fr*\ft Iifiin tokko liitirii 22.\ft*\f* tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii\f + \fr 23:13 \fr*\ft Iiniin tokko liitirii 4.\ft*\f* tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa. \v 14 Isin hamma gaafa kennaa kana \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. \s2 Ayyaana Torbanootaa \r 23:15‑22 kwf – \xt Lak 28:26‑31; KeD 16:9‑12\xt* \p \v 15 “ ‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa. \v 16 Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaa. \v 17 Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii \nd Waaqayyoof\nd* fidaa. \v 18 Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa \nd Waaqayyotti\nd* toluu dha. \v 19 Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa. \v 20 Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis. \v 21 Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. \p \v 22 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.’ ” \s2 Ayyaana Malakataa \r 23:23‑25 kwf – \xt Lak 29:1‑6\xt* \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 24 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa. \v 25 Aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ” \s2 Guyyaa Araarri Buʼu \r 23:26‑32 kwf – \xt Lew 16:2‑34; Lak 29:7‑11\xt* \p \v 26 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 27 “Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; \nd Waaqayyoofis\nd* aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. \v 28 Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa. \v 29 Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama. \v 30 Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa. \v 31 Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. \v 32 Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.” \s2 Ayyaana Daasii \r 23:33‑43 kwf – \xt Lak 29:12‑39; KeD 16:13‑17\xt* \p \v 33 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 34 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu \nd Waaqayyootu\nd* jalqabama; kunis bultii torba tura. \v 35 Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. \v 36 Guyyaa torba aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. \p \v 37 “ ‘Kunneen ayyaanota \nd Waaqayyoo\nd* murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha. \v 38 Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata \nd Waaqayyootiif\nd* dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii \nd Waaqayyoof\nd* fiddanii dha. \p \v 39 “ ‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba \nd Waaqayyoof\nd* ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti. \v 40 Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti gammadaa. \v 41 Wagguma waggaan ayyaana \nd Waaqayyoo\nd* guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa. \v 42 Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu; \v 43 ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.’ ” \p \v 44 Museenis ayyaanota \nd Waaqayyoo\nd* murtaaʼoo Israaʼelootatti labse. \c 24 \s1 Zayitii fi Buddeena Fuula \nd Waaqayyoo\nd* Duratti Dhiʼeeffamu \r 24:1‑3 kwf – \xt Bau 27:20‑21\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji. \v 3 Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu. \v 4 Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu. \p \v 5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii\f + \fr 24:5 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 40.\ft*\f* tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu. \v 6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru irra toora lamaan kaaʼi. \v 7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi. \v 8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura haa kaaʼamu. \v 9 Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan.” \s1 Namni Waaqa Arrabsu Dhagaadhaan Tumama \p \v 10 Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe. \v 11 Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Waaqaa arrabse; ni abaares; kanaafuu Museetti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti. \v 12 Isaanis hamma fedhiin \nd Waaqayyoo\nd* isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan. \p \v 13 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe: \v 14 “Namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu. \v 15 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Waaqa isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama; \v 16 namni Maqaa \nd Waaqayyoo\nd* arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Waaqaa arrabse haa ajjeefamu. \p \v 17 “ ‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu. \v 18 Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu. \v 19 Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu; \v 20 kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu. \v 21 Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu. \v 22 Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.’ ” \p \v 23 Museen waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje godhan. \c 25 \s1 Boqonnaa Waggaa Torbaffaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Gaara Siinaa irratti Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Yommuu biyya ani isinii kennutti galtan, biyyattiin mataan ishee sanbata \nd Waaqayyoo\nd* haa kabajju. \v 3 Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; waggaa jaʼa immoo wayinii kee irraa qori; ija isaas walitti qabadhu. \v 4 Waggaa torbaffaatti garuu lafti sanbata boqonnaa haa qabaatu; kunis sanbata \nd Waaqayyoof\nd* kabajamuu dha. Lafa qotiisaa kee hin facaafatin yookaan wayinii kee irraa hin qorin. \v 5 Waan ofiin biqile hin haammatin yookaan wayinii hin qoramin irraa ija walitti hin qabatin. Lafti boqonnaa waggaa tokkoo haa argattu. \v 6 Wanni lafti waggaa sanbataatti kennitu nyaata kee haa taʼu jechuunis siʼi mataa keetiif, garboota kee dhiiraa fi dubartiidhaaf, warra qaxaramanii hojjetanii fi alagoota yeroodhaaf si wajjin jiraataniif nyaata haa taʼu; \v 7 akkasumas horii keetii fi bineensa daggalaa kanneen biyya kee keessa jiraataniif nyaata haa taʼu. Wanni lafti baaftu kam iyyuu haa nyaatamu. \s1 Waggaa Iyyoobeeliyyuu \r 25:8‑38 kwi – \xt KeD 15:1‑11\xt* \r 25:39‑55 kwi – \xt Bau 21:2‑11; KeD 15:12‑18\xt* \p \v 8 “ ‘Waggoota sanbataa torba jechuunis waggoota torba yeroo torba lakkaaʼi; waggoonni sanbataa torban waggoota afurtamii sagal taʼu. \v 9 Guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti immoo guutummaa biyya keessanii keessatti malakata dhageessisi; Guyyaa Araarri Buʼuttis guutummaa biyyaa keessatti malakata dhageessisaa. \v 10 Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu. \v 11 Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa. \v 12 Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa. \p \v 13 “ ‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu. \p \v 14 “ ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa. \v 15 Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru. \v 16 Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti. \v 17 Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 18 “ ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu. \v 19 Lafti ija ni kenniti; isinis hamma quuftanitti nyaattu; nagaadhaanis ni jiraattu. \v 20 Isinis, “Nu yoo facaafachuu yookaan midhaan keenya walitti qabachuu baanne waggaa torbaffaatti maal nyaanna?” jettanii gaafattu taʼa. \v 21 Akka lafti midhaan waggaa sadiif gaʼu isinii kennituuf ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan erga. \v 22 Yeroo waggaa saddeettaffaatti facaafattanittis waanuma duraan galfattan irraa nyaattu; hamma midhaan waggaa saglaffaa walitti qabattanitti midhaanuma kana nyaattu. \p \v 23 “ ‘Lafti sababii kanuma koo taateef bara baraan hin gurguramin; isin anaaf alagaa fi keessummoota. \v 24 Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa. \p \v 25 “ ‘Obboleessi kee tokko hiyyoomee lafa isaa yoo gurgure, namni fira isaa kan dhiʼoo taʼe dhufee waan firri isaa gurgure sana haa furuuf. \v 26 Garuu yoo namichi sun fira lafa isaa furuuf dhabee inni mataan isaa waan ittiin lafa isaa furatu argate, \v 27 waggoota yeroo inni lafa isaa gurgure sanaa as jiran lakkaaʼee namicha itti gurgure sanaaf maallaqa isaa haa deebisu; innis gara lafa ofiitti haa deebiʼu. \v 28 Garuu yoo waan namicha sanaaf deebisu dhabee, wanni inni gurgure sun hamma waggaa iyyoobeeliyyuutti harkuma namicha bite sanaa haa turu. Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa ni deebiʼaaf; innis gara qabeenya isaatti ni deebiʼa. \p \v 29 “ ‘Namni yoo magaalaa dallaa qabdu keessatti mana jireenyaa gurgurate, gaafa gurguratee jalqabee waggaa tokko keessatti furachuu dandaʼa. Mirgi furachuu isaas hamma waggaa tokkootti tura. \v 30 Yoo utuu waggaan tokko hin guutin furamuu baate manni magaalaa dallaa qabdu keessatti argamu sun qabeenya namicha biteetii fi kan sanyii isaa taʼee hafa. Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis hin deebiʼu. \v 31 Manneen gandoota dallaan itti hin ijaaramin keessa jiran garuu waan akka lafa baadiyyaatti hedamaniif furamuu dandaʼu. Bara Iyyoobeeliyyuuttis ni deebifamu. \p \v 32 “ ‘Lewwonni garuu manneen isaanii kanneen magaalaawwan isaanii keessatti argaman furachuuf yeroo kam iyyuu mirga qabu. \v 33 Qabeenyi Lewwotaa furamuu ni dandaʼa; manneen magaalaa isaan qabatan keessatti gurguraman bara Iyyoobeeliyyuutti ni deebifamu; manneen magaalaa Lewwotaa keessatti argaman Israaʼeloota gidduutti qabeenya Lewwotaatii. \v 34 Lafti dheedaa kan naannoo magaalaa isaaniitti argamu garuu sababii qabeenya isaanii kan bara baraa taʼeef hin gurguramin. \p \v 35 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar. \v 36 Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin. \v 37 Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif. \v 38 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan biyya Kanaʼaan isiniif kennuu fi Waaqa keessan taʼuuf biyya Gibxii isin baasee dha. \p \v 39 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin. \v 40 Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu. \v 41 Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu. \v 42 Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin. \v 43 Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin. \p \v 44 “ ‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu. \v 45 Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan. \v 46 Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa. \p \v 47 “ ‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure, \v 48 inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa. \v 49 Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa. \v 50 Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama. \v 51 Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba. \v 52 Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu. \v 53 Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin. \p \v 54 “ ‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu; \v 55 Israaʼeloonni garboota kootii. Isaan garboota koo kanneen ani biyya Gibxii baasee fidee dha. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \c 26 \s1 Eebba Ajajamuudhaan Argamu \p \v 1 “ ‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan. \p \v 2 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 3 “ ‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan, \v 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu. \v 5 Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu. \p \v 6 “ ‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu. \v 7 Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu. \v 8 Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu. \p \v 9 “ ‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa. \v 10 Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu. \v 11 Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu. \v 12 Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. \v 13 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera. \s1 Adabbii Ajajamuu Diduun Fidu \p \v 14 “ ‘Garuu yoo na dhagaʼuu diddanii ajajawwan kanneen hunda eeguu baattan, \v 15 yoo sirna koo tuffattanii seera koo balfitan, yoo ajajawwan kanneen hunda eeguu baattanii kakuu koo cabsitan, \v 16 ani wantoota kanneen isinittin fida: Isaanis naasuu, dhukkuba nama huqqisu, dhukkuba dhagna nama gubu kan agartuu namaa balleessee jireenya namaa gogsu isinitti nan fida. Isin akkasumaan midhaan facaafattu; diinota keessantu nyaataatii. \v 17 Akka isin diinota keessaniin moʼamtaniif ani fuula isinittan hammaadha; warri isin jibban isin bulchu; isin utuu eenyu iyyuu isin hin ariʼin ni baqattu. \p \v 18 “ ‘Yoo isin wantoota kanneen hunda booddee naa ajajamuu diddan ani cubbuu keessaniif dachaa torba isin adaba. \v 19 Of tuulummaa humna keessanii nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa, lafa keessan immoo akka naasii nan godha. \v 20 Humni keessan akkasumaan bada; lafti keessan midhaan isaa, mukkeenis ija isaanii hin kennaniitii. \p \v 21 “ ‘Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida. \v 22 Anis bineensota bosonaa isinittan erga; isaanis ijoollee keessan isin jalaa ni butatu; horii keessan ni barbadeessu; baayʼinni keessan ni xinnaata; daandiiwwan keessanis duwwaa hafu. \p \v 23 “ ‘Yoo isin waan kanneeniin deebiʼuu diddanii naan mormuu keessan itti fuftan garuu, \v 24 ani mataan koo isiniinan morma; sababii cubbuu keessaniitiifis dachaa torba isin nan miidha. \v 25 Kakuu cabsuu keessaniifis goraadee isinitti fidee haaloo isin nan baafadha. Yommuu isin gara magaalaawwan keessaniitti baqattanitti ani gidduu keessanitti dhaʼicha nan erga; isinis dabarfamtanii harka diinotaatti kennamtu. \v 26 Yommuu ani madda buddeena keessanii gogsutti, dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena tolchu, isaanis buddeena sana madaalanii isinii kennu; isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. \p \v 27 “ ‘Yoo isin waan kanaanis na dhagaʼuu diddanii garuu naan mormuutti fuftan, \v 28 anis aaree isiniin nan morma; ani mataan koo sababii cubbuu keessaniitiif dachaa torba isiniinan adaba. \v 29 Isin foon ilmaan keessaniitii fi foon intallan keessanii ni nyaattu. \v 30 Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa. \v 31 Magaalaawwan keessan nan diiga; iddoowwan qulqulluu keessan nan onsa; urgaa keessan gammachiisaas hin urgeeffadhu. \v 32 Ani akka diinonni keessan kanneen achi jiraatan rifataniif biyyattii nan onsa; \v 33 ani saboota gidduu isin nan bittinneessa; goraadee koo luqqifadhees isin nan ariʼa. Biyyi keessan ni ona; magaalaawwan keessan immoo ni diigamu. \v 34 Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi. \v 35 Biyyattiin yeroo onte kana hunda boqonnaa sanbatootaa kan yeroo isin ishee irra jiraattanitti hin argatin ni argatti. \p \v 36 “ ‘Warra isin keessaa hafan, ani utuma isaan biyya diinota isaanii jiranuu garaa isaaniitti naasuu nan buusa. Sagaleen baala qilleensi raasuu isaan ariʼa; utuma namni isaan ariʼu tokko illee hin jiraatin isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti fiigu; ni kukkufus. \v 37 Namni isaan ariʼu jiraachuu baatu illee isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti wal gufachiisu. Isin fuula diinota keessanii dura dhaabachuu hin dandeessan. \v 38 Isin saboota ormaa gidduutti dhumtu; lafti diinota keessaniis isin liqimsiti. \v 39 Warri isin keessaa hafan immoo sababii cubbuu isaaniitiif lafa diinota isaanii keessatti badu; sababii cubbuu abbootii isaaniitiinis ni badu. \p \v 40 “ ‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan \v 41 kan akka ani isaaniin mormuu fi akka ani biyya diinota isaaniitti isaan ergu himatan, yoo garaan isaanii kan dhagna hin qabatin sun gad of deebisee isaan gatii cubbuu isaaniitiif malu baasan, \v 42 ani kakuu koo kanan Yaaqoob wajjin gale, kakuu koo kanan Yisihaaq wajjin gale, kakuu koo kanan Abrahaam wajjin gale sana nan yaadadha; biyyattiis nan yaadadha. \v 43 Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu. \v 44 Taʼus utuu isaan biyya diinota isaanii keessa jiranuu ani kakuu koo kanan isaan wajjin gale sana cabsee guutumaan guutuutti isaan balleessuuf jedhee isaan hin tuffadhu yookaan isaan hin balfu. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii ti. \v 45 Garuu ani isaaniif jedhee kakuu ani abbootii isaanii warra ani Waaqa isaanii taʼuuf utuu saboonni arganuu biyya Gibxiitii baasee fide sana wajjin gale nan yaadadha. Ani \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \p \v 46 Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha \nd Waaqayyo\nd* Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha. \c 27 \s1 Waan Qooda \nd Waaqayyoo\nd* Taʼe Furuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Namni yoo gatii wal madaalu kennuudhaan \nd Waaqayyoof\nd* nama kennuuf wareega addaa godhe, \v 3 dhiira umuriin isaa waggaa digdamaa hamma jaatamaa taʼeef, akka safartuu saqilii iddoo qulqulluutti herregni isaa meetii saqilii shantama haa taʼu. \v 4 Yoo dubartii taate immoo herregni ishee meetii saqilii soddoma haa taʼu. \v 5 Yoo nama umuriin isaa waggaa shanii fi digdama gidduu taʼe, herregni dhiiraa meetii saqilii digdamatti, kan dubartii immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu. \v 6 Nama umuriin isaa jiʼa tokkoo hamma waggaa shanii taʼe immoo herregni isaa, dhiiraaf meetii saqilii shan, durbaaf immoo meetii saqilii sadii haa taʼu. \v 7 Namni umuriin isaa waggaa jaatama yookaan sanaa ol taʼe dhiirri meetii saqilii kudha shanitti, dubartiin immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu. \v 8 Namni wareega wareegu hiyyoomee gatii murtaaʼe sana yoo baasuu dadhabe, Museen nama sana lubatti haa fidu; lubni immoo akkuma dandeettii namicha wareega wareege sanaatti gatii isaa haa herreguuf. \p \v 9 “ ‘Wanni namichi sun wareege horii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa fudhatama qabu yoo taʼe horiin \nd Waaqayyoof\nd* kenname kan akkasii hundi ni qulqullaaʼa. \v 10 Namichis horii sana geeddaruu yookaan horii gaarii horii jibbamaan yookaan horii jibbamaa horii gaarii iddoo hin buusin; yoo inni horii tokko horii biraa iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu. \v 11 Yoo horiin inni wareege sun akka seeraatti xuraaʼaa jechuunis kan \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa taʼee dhiʼaachuu hin dandeenye taʼe namichi sun horii sana gara lubatti haa fidu; \v 12 lubichis akka horiin sun gaarii yookaan jibbamaa taʼe haa madaalu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu. \v 13 Namichi sun yoo horii sana furachuu barbaade gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba. \p \v 14 “ ‘Yoo namni tokko mana ofii \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleesse, akka manni sun gaarii yookaan gadhee taʼe lubichi gatii isaa haa herregu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu. \v 15 Namichi mana isaa Waaqaaf qulqulleesse sun yoo mana ofii furachuu barbaade, gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba; manni sunis deebiʼee kan isaa taʼa. \p \v 16 “ ‘Yoo namni lafa dhaalaan argate irraa \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleesse gatiin lafa sanaa akkuma baayʼina sanyii lafa sanaaf barbaachisuutti jechuunis garbuun safartuun homeerii tokko meetii saqilii shantamatti herregama. \v 17 Yoo inni lafa qotiisaa isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa qulqulleesse gatiin duraan hedame sun hin geeddaramu. \v 18 Garuu yoo inni waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee lafa qotiisaa isaa qulqulleesse lubichi akkuma baayʼina waggoota hamma waggaa Iyyoobeeliyyuu itti aanuutti jiraniitti herrega; gatiin shallagame gad buʼa. \v 19 Yoo namichi lafa qotiisaa isaa Waaqaaf addaan baasu sun lafa qotiisaa isaa furachuu barbaade, inni gatii hedametti harka shan keessaa harka tokko haa dabalu; lafti qotiisaa sunis deebiʼee kan isaa taʼa. \v 20 Taʼus yoo inni lafa qotiisaa sana furachuu baate, yookaan dabarsee nama biraatti gurgure, lafti qotiisaa sun deebiʼee furamuu hin dandaʼu. \v 21 Lafti qotiisaa sun yommuu Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa gad dhiifamutti akkuma lafa qotiisaa \nd Waaqayyoof\nd* kennameetti addaan baafama; kunis qabeenya lubootaa taʼa. \p \v 22 “ ‘Yoo namni tokko lafa qotiisaa dhaalaan hin argatin kan ofii isaatii bitate \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleesse, \v 23 lubni gatii lafa qotiisaa sanaa hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti herrega; namichis gatii herregame sana gaafuma sana kan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffame godhee haa baasu. \v 24 Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis lafti qotiisaa sun namichuma irraa bitame kan abbaa lafa qotiisaa sanaa tureef ni deebiʼa. \v 25 Gatiin hundinuu akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti jechuunis geeraan digdamni saqilii tokkootti herregama. \p \v 26 “ ‘Taʼus namni tokko iyyuu horii hangafa qulqulleessuu hin dandaʼu; hangafti duraanuu \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffameeraatii; sangaas taʼu hoolaan hangafni kan \nd Waaqayyoo\nd* ti. \v 27 Yoo horiin sun xuraaʼaa taʼe inni gatii herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee deebisee bitachuu dandaʼa. Yoo inni furachuu baate immoo horiin sun gatii isaaf herregametti gurgurama. \p \v 28 “ ‘Garuu wanni namni qabu kan inni \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleessu tokko illee jechuunis namas taʼu horiin yookaan lafti dhaalaan argame hin gurguramu yookaan hin furamu. Wanni akkasiin qulqulleeffame hundinuu akka malee \nd Waaqayyoof\nd* qulqulluudhaatii. \p \v 29 “ ‘Namni akka ajjeefamuuf murteeffame tokko illee hin furamu; inni ajjeefamuu qaba. \p \v 30 “ ‘Wanni lafti baaftu kam iyyuu sanyiis taʼu ija mukaa harka kudhan keessaa harki tokko kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; kun waan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffamee dha. \v 31 Namni yoo kennaa isaa kan harka kudhan keessaa harka tokko taʼe sana furachuu barbaade inni gatii kennaa sanaaf herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa baasu. \v 32 Kennaan karra loonii fi bushaayee guutuu keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe jechuunis horiin ulee tiksee jala baʼee darbu hunda keessaa harka kudhan keessaa harki tokko \nd Waaqayyoof\nd* qulqullaaʼa. \v 33 Inni horii jibbamaa keessaa horii gaarii hin filatin yookaan iddoo hin buusin; yoo inni iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu; furamuus hin dandaʼu.’ ” \p \v 34 Kunneen ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Gaara Siinaa irratti karaa Museetiin Israaʼelootaaf kennee dha.