\id LAM - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Faaruu \toc1 Faaruu Ermiyaas \toc2 Faaruu \toc3 Fru \mt1 Faaruu \mt2 Ermiyaas \c 1 \q1 \v 1 Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun \q2 akkamitti ontee hafte! \q1 Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte \q2 akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! \q1 Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun \q2 amma garbittii taateerti. \b \q1 \v 2 Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; \q2 maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. \q1 Michoota ishee hunda keessaa \q2 kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. \q1 Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; \q2 isaan diinota ishee taʼaniiru. \b \q1 \v 3 Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee \q2 Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. \q1 Isheen saboota gidduu jiraatti, \q2 lafa itti boqottu illee hin arganne. \q1 Warri ishee ariʼan hundi \q2 rakkina ishee keessatti ishee qabatan. \b \q1 \v 4 Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; \q2 namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu // tokko iyyuu hin jiruutii. \q1 Karrawwan ishee hundi onanii jiru; \q2 luboonni ishee ni aadu; \q1 shamarran ishee ni gaddu, \q2 isheenis dhiphina guddaa keessa jirti. \b \q1 \v 5 Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; \q2 diinota isheetti toleera. \q1 Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif \q2 \nd Waaqayyo\nd* gadda itti fideera. \q1 Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; \q2 fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru. \b \q1 \v 6 Intala Xiyoon irraa \q2 miidhaginni hundi fudhatameera. \q1 Ilmaan mootota ishee \q2 akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; \q1 isaan dadhabbiidhaan \q2 fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan. \b \q1 \v 7 Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa \q2 Yerusaalem qabeenya \q2 bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. \q1 Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti \q2 namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. \q1 Diinonni ishee ishee ilaalanii \q2 badiisa isheetti kolfan. \b \q1 \v 8 Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; \q2 akkasiinis xuroofte. \q1 Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; \q2 isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; \q1 isheen mataan ishee guungumtee \q2 of irra garagalti. \b \q1 \v 9 Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; \q2 isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; \q1 kufaatiin ishee nama rifachiisa; \q2 kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* rakkina koo ilaali; \q2 diinni moʼateeraatii!” \b \q1 \v 10 Qabeenya ishee hundatti \q2 diinni harka isaa diriirseera; \q1 isheen Namoota Ormaa \q2 warra ati akka isaan \q1 waldaa kee hin seenne dhowwite sana \q2 utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite. \b \q1 \v 11 Namoonni ishee hundinuu utuma \q2 aadanuu buddeena barbaaddatu; \q1 isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha \q2 qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* na ilaali, na yaadadhus; \q2 ani tuffatameeraatii.” \b \q1 \v 12 “Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? \q2 Naannoo keessan ilaalaatii argaa. \q1 Rakkinni akka rakkina koo \q2 kan ani ittiin rakkadhe, \q1 kan \nd Waaqayyo\nd* guyyaa dheekkamsa isaatti \q2 natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa? \b \q1 \v 13 “Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; \q2 ibidda sana lafee koo keessa seensisa. \q1 Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee \q2 dugda duubatti na deebise; \q1 inni kophaatti na hambisee \q2 guyyaa guutuu na dadhabsiise. \b \q1 \v 14 “Cubbuun koo waanjootti hidhameera; \q2 isaan harka isaatiin walitti foʼaman. \q1 Isaan morma kootti rarraafaman; \q2 gooftaan humna koo dadhabsiise. \q1 Inni warra ani of irraa deebisuu \q2 hin dandeenyetti dabarsee na kenneera. \b \q1 \v 15 “Gooftaan gootota na keessatti argaman \q2 hunda gateera; \q1 inni dargaggoota koo caccabsuuf \q2 yaaʼii waammate. \q1 Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti \q2 Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera. \b \q1 \v 16 “Wanni ani booʼee \q2 iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. \q1 Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; \q2 kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. \q1 Sababii diinni humna argateef \q2 ijoolleen koo harka duwwaa hafan.” \b \q1 \v 17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; \q2 garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. \q1 Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif \q2 \nd Waaqayyo\nd* Yaaqoobitti ajajeera; \q1 Yerusaalemis gidduu isaaniitti \q2 waan xuraaʼaa taateerti. \b \q1 \v 18 “\nd Waaqayyo\nd* qajeelaa dha; \q2 taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. \q1 Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; \q2 rakkina koos ilaalaa. \q1 Dargaggoonnii fi shamarran koo \q2 boojiʼamanii fudhatamaniiru. \b \q1 \v 19 “Ani tumsitoota koo nan waammadhe; \q2 isaan garuu na ganan. \q1 Luboonni koo fi maanguddoonni koo \q2 utuu lubbuu isaanii oolfachuuf \q1 nyaata barbaadatanuu \q2 magaalaa keessatti dhuman. \b \q1 \v 20 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* akka ani dhiphadhe ilaali! \q2 Ani keessa kootti dhiphadheera; \q1 garaa koo keessatti raafameera; \q2 ani nama akka malee fincilun tureetii. \q1 Alaa goraadeen nama qala; \q2 mana keessa immoo duʼa qofatu jira. \b \q1 \v 21 “Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; \q2 kan na jajjabeessu garuu hin jiru. \q1 Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; \q2 isaan waan ati gootetti gammadaniiru. \q1 Akka isaan akkuma koo taʼaniif \q2 maaloo ati guyyaa jette sana fidi. \b \q1 \v 22 “Hamminni isaanii hundinuu \q2 fuula kee duratti haa dhiʼaatu; \q1 waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif \q2 natti fidde sana isaanitti illee fidi! \q1 Aaduun koo baayʼateeraatii; \q2 onneen koos dadhabdeerti.” \b \b \c 2 \q1 \v 1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin \q2 intala Xiyoon haguuge! \q1 Inni ulfina Israaʼel \q2 samiidhaa lafatti gad daddarbateera; \q1 inni guyyaa dheekkamsa isaatti \q2 ejjeta miilla isaa hin yaadanne. \b \q1 \v 2 Gooftaan gara laafina tokko malee \q2 iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; \q1 daʼannoo intala Yihuudaas \q2 dheekkamsa isaatiin diige. \q1 Inni mootummaa isheetii fi \q2 bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise. \b \q1 \v 3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan \q2 gaanfa Israaʼel hunda caccabse. \q1 Yommuu diinni dhiʼaatettis \q2 harka isaa mirgaa duubatti deebifate. \q1 Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa \q2 Yaaqoob keessatti bobaʼe. \b \q1 \v 4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; \q2 harki isaa mirgaa qophaaʼeera. \q1 Warra ijatti bareedan hunda \q2 akkuma amajaajiitti qale; \q1 dunkaana intala Xiyoonitti \q2 dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse. \b \q1 \v 5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe; \q2 inni Israaʼelin liqimseera. \q1 Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee \q2 daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. \q1 Inni Intala Yihuudaatti \q2 booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera. \b \q1 \v 6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; \q2 iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. \q1 \nd Waaqayyo\nd* akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi \q2 Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; \q1 inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan \q2 moototaa fi luboota akka malee tuffate. \b \q1 \v 7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; \q2 iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. \q1 Dallaawwan masaraawwan ishee \q2 dabarsee harka diinotaatti kenneera; \q1 isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti \q2 mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* dallaa naannoo \q2 Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. \q1 Inni safartuu diriirseera; \q2 barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. \q1 Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; \q2 isaanis tokkummaadhaan badan. \b \q1 \v 9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; \q2 inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. \q1 Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii // saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; \q2 seerri siʼachi hin jiraatu; \q1 raajonni ishees siʼachi \q2 \nd Waaqayyo\nd* biraa mulʼata hin argan. \b \q1 \v 10 Maanguddoonni Intala Xiyoon \q2 calʼisanii lafa tataaʼan; \q1 isaan daaraa mataatti firfirfatanii \q2 uffata gaddaas uffatan. \q1 Shamarran Yerusaalem \q2 mataa isaanii gad qabatan. \b \q1 \v 11 Iji koo booʼichaan dadhabeera; \q2 keessa kootti dhiphadheera; \q1 sababii sabni koo dhumeef \q2 sababii ijoollee fi daaʼimman \q1 daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif \q2 garaan koo gaddaan laafeera. \b \q1 \v 12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti \q2 akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, \q1 yommuu lubbuun isaanii \q2 hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti \q1 “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” \q2 jedhanii haadhota isaanii gaafatu. \b \q1 \v 13 Yaa intala Yerusaalem, \q2 ani maal siif jechuun dandaʼa? \q2 Maaliinan wal si qixxeessa? \q1 Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii \q2 ani akkan si jajjabeessuuf \q2 maalittin si fakkeessuu dandaʼa? \q1 Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. \q2 Eenyutu si fayyisuu dandaʼa? \b \q1 \v 14 Mulʼanni raajota keetii \q2 sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; \q1 isaan boojiʼamuu kee hambisuuf \q2 cubbuu kee ifa hin baafne. \q1 Raajiin isaan siif kennanis \q2 sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha. \b \q1 \v 15 Warri karaa keetiin darban hundinuu \q2 harka isaanii sitti rurrukutu; \q1 isaanis intala Yerusaalemitti \q2 qoosuu fi mataa raasuudhaan, \q1 “Magaalaan muummee miidhaginaa \q2 gammachuu guutuu lafaa \q2 jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu. \b \q1 \v 16 Diinonni kee hundinuu \q2 afaan isaanii sitti banatu; \q1 isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan \q2 “Nu ishee liqimsineerra. \q1 Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; \q2 nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu. \b \q1 \v 17 \nd Waaqayyo\nd* waan karoorfate hojjeteera; \q2 dubbii isaa kan bara dheeraan dura \q2 dubbate sana guuttateera. \q1 Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; \q2 akka diinni kee sitti gammadu godheera; \q2 gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera. \b \q1 \v 18 Onneen namootaa \q2 gara Gooftaatti iyya. \q1 Yaa dallaa Intala Xiyoon \q2 halkanii guyyaa \q2 imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; \q1 boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; \q2 iji kees hin boqotin. \b \q1 \v 19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti \q2 kaʼiitii halkaniin iyyi; \q1 fuula Gooftaa duratti \q2 onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. \q1 Lubbuu ijoollee keetii \q2 kanneen fiixee daandii hundaatti \q1 beelaan gaggabaniitiif jedhiitii \q2 harka kee gara isaatti ol qabadhu. \b \q1 \v 20 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati ilaali; argis: \q2 Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? \q1 Haadhonni daaʼimman isaanii, \q2 ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? \q1 Lubnii fi raajiin, \q2 iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu? \b \q1 \v 21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni, \q2 walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; \q1 dargaggoonnii fi shamarran koo \q2 goraadeedhaan ajjeefamaniiru. \q1 Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; \q2 gara laafina tokko malee isaan qalte. \b \q1 \v 22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti \q2 nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. \q1 Guyyaa dheekkamsa \nd Waaqayyootti\nd*, \q2 homaa hin miliqne yookaan hin hafne; \q1 warra ani daʼee guddise \q2 diinni koo na jalaa balleesseera.” \b \b \c 3 \q1 \v 1 Namni ulee dheekkamsa isaatiin \q2 rakkina arge anaa dha. \q1 \v 2 Inni fuula isaa duraa na ariʼee \q2 akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe; \q1 \v 3 dhugumaan inni guyyaa guutuu, \q2 ammumaa amma harka isaa natti deebise. \b \q1 \v 4 Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera; \q2 lafee koo illee caccabseera. \q1 \v 5 Inni na marsee hadhaaʼummaa fi \q2 gidiraa natti naannesseera. \q1 \v 6 Akkuma warra dur dhumanii \q2 akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe. \b \q1 \v 7 Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare; \q2 foncaa ulfaatus natti feʼe. \q1 \v 8 Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee \q2 inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida. \q1 \v 9 Karaa koo dhagaa soofameen cufe; \q2 daandii koo illee ni jalʼisa. \b \q1 \v 10 Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu, \q2 akkuma leenca dhokatee jiruu \q1 \v 11 daandii irraa na harkisee na ciccire; \q2 kophaatti na gate. \q1 \v 12 Inni iddaa isaa luqqifatee \q2 xiyya isaa natti qabe. \b \q1 \v 13 Korojoo isaa keessaa xiyya baasee \q2 onnee koo waraane. \q1 \v 14 Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe; \q2 isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu. \q1 \v 15 Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise; \q2 hadhooftuu illee na quubse. \b \q1 \v 16 Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse; \q2 awwaara keessattis na dhidhiite. \q1 \v 17 Ani nagaa nan dhabe; \q2 gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe. \q1 \v 18 Kanaafuu ani “Ulfinni koo, \q2 abdiin ani \nd Waaqayyo\nd* irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe. \b \q1 \v 19 Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo, \q2 hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha. \q1 \v 20 Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi; \q2 na keessattis gad of qabdi. \q1 \v 21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; \q2 kanaafuu ani abdii qaba. \b \q1 \v 22 Nu sababii jaalala \nd Waaqayyoo\nd* guddaa sanaatiif hin badnu; \q2 gara laafinni isaa hin dhumuutii. \q1 \v 23 Isaan ganama hunda haaraa dha; \q2 amanamummaan kees guddaa dha. \q1 \v 24 Anis, “\nd Waaqayyo\nd* qooda koo ti; \q2 kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha. \b \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* warra isa abdataniif, \q2 kanneen isa barbaadaniif gaarii dha; \q1 \v 26 Fayyisuu \nd Waaqayyoo\nd* \q2 calʼisanii eeggachuun gaarii dha. \q1 \v 27 Yeroo dargaggummaa isaatti \q2 waanjoo baachuun namaaf gaarii dha. \b \q1 \v 28 Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* isa baachiseeraatii. \q1 \v 29 Amma illee abdiin ni jira taʼaatii, \q2 inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu. \q1 \v 30 Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu; \q2 salphinaanis haa guutamu. \b \q1 \v 31 Gooftaan bara baraan \q2 nama hin gatuutii. \q1 \v 32 Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; \q2 jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii. \q1 \v 33 Inni itti yaadee rakkina \q2 yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii. \b \q1 \v 34 Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi \q2 miilla jalatti dhidhiitaman, \q1 \v 35 yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti \q2 mirgi nama tokkoo dhiibamu, \q1 \v 36 yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, \q2 Gooftaan waan akkasii hin arguu? \b \q1 \v 37 Yoo Gooftaan ajajuu baate \q2 eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa? \q1 \v 38 Wanni hamaanii fi wanni gaariin \q2 afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii? \q1 \v 39 Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu \q2 maaliif yommuu cubbuu isaatiif // adabamutti guunguma ree? \b \q1 \v 40 Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; \q2 gara \nd Waaqayyoottis\nd* haa deebinu. \q1 \v 41 Nu onnee keenyaa fi harka keenya \q2 gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu: \q1 \v 42 “Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras; \q2 atis nuuf hin dhiifne. \b \q1 \v 43 “Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite; \q2 gara laafina malees nu fixxe. \q1 \v 44 Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef \q2 ati duumessaan of haguugde. \q1 \v 45 Ati saboota gidduutti \q2 xurii fi kosii nu goote. \b \q1 \v 46 “Diinonni keenya hundinuu, \q2 afaan nutti banataniiru. \q1 \v 47 Sodaa fi kiyyoon, \q2 diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.” \q1 \v 48 Sababii uummanni koo barbadaaʼeef \q2 lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa. \b \q1 \v 49 Iji koo boqonnaa malee \q2 utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa; \q1 \v 50 kunis hamma \nd Waaqayyo\nd* \q2 ol samiidhaa gad ilaalee argutti. \q1 \v 51 Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif \q2 wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa. \b \q1 \v 52 Warri sababii malee diina natti taʼan \q2 akkuma simbiraa na adamsan. \q1 \v 53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii \q2 dhagaa natti garagalchuu yaalan; \q1 \v 54 bishaan mataa koo irra gara gale; \q2 anis, “Baduu koo ti” nan jedhe. \b \q1 \v 55 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani boolla qilee keessaa \q2 maqaa kee nan waammadha. \q1 \v 56 Ati kadhannaa koo kan, // “Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu \q2 dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta. \q1 \v 57 Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee \q2 “Hin sodaatin” naan jette. \b \q1 \v 58 Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite; \q2 lubbuu koos ni baraarte. \q1 \v 59 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati daba natti hojjetame argiteerta; \q2 dubbii koo naa ilaali! \q1 \v 60 Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi \q2 natti malachuu isaanii hundas argiteerta. \b \q1 \v 61 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati arraba isaaniitii fi \q2 natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta; \q1 \v 62 kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi \q2 waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha. \q1 \v 63 Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii \q2 weedduu isaaniitiin natti qoosu. \b \q1 \v 64 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, waan isaaniif malu \q2 akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif. \q1 \v 65 Onnee isaanii haguugi; \q2 abaarsi kees isaan irra haa buʼu! \q1 \v 66 Samiiwwan \nd Waaqayyoo\nd* jalaa \q2 dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis. \b \b \c 4 \q1 \v 1 Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? \q2 Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! \q1 Dhagaawwan iddoo qulqulluu \q2 fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru. \b \q1 \v 2 Ilmaan Xiyoon kanneen akka \q2 warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun \q1 amma akkamitti akka okkotee supheetti, \q2 akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu! \b \q1 \v 3 Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf \q2 harma isaanii ni kennu; \q1 sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii \q2 gara jabeessa taʼeera. \b \q1 \v 4 Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii \q2 laagaatti maxxana; \q1 ijoolleen buddeena kadhatti: \q2 garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 5 Warri dur cidha nyaachaa turan, \q2 rakkatanii daandii irra jiru. \q1 Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan \q2 harʼa tuullaa dikee hammatu. \b \q1 \v 6 Adabbiin yakka saba koo \q2 adabbii yakka Sodoom \q1 kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin \q2 tasa badde sanaa caalaa guddaa ture. \b \q1 \v 7 Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, \q2 aannan caalaa adaadii turan; \q1 dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, \q2 bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture. \b \q1 \v 8 Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; \q2 daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. \q1 Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; \q2 akka mukaas gogeera. \b \q1 \v 9 Warra beelaan dhumanii mannaa, \q2 warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; \q1 Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii \q2 beelaan alatti goggoganii dhumu. \b \q1 \v 10 Yeroo sabni koo dhumetti \q2 dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin \q1 akka nyaata isaanii taʼaniif \q2 ijoollee ofii affeelan. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; \q2 aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. \q1 Xiyoon keessattis \q2 ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise. \b \q1 \v 12 Akka diinonni yookaan amajaajonni \q2 karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, \q1 mootonni biyya lafaa \q2 yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne. \b \q1 \v 13 Garuu wanni kun sababii cubbuu \q2 raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee \q1 kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa \q2 dhangalaasan sanaatiif taʼe. \b \q1 \v 14 Isaan akkuma jaamotaa \q2 daandii irra gatantaru. \q1 Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti \q2 akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru. \b \q1 \v 15 Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! \q2 Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. \q1 Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis \q2 saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, \q2 “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu. \b \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* mataa isaatu isaan bittinneesse; \q2 inni siʼachi isaan hin eegu. \q1 Luboonni hin kabajamne; \q2 maanguddoonni surraa hin arganne. \b \q1 \v 17 Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan \q2 iji keenya dadhabe; \q1 gamoo keenya irra teenyee \q2 saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne. \b \q1 \v 18 Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef \q2 namoonni tarkaanfii keenya eegu. \q1 Dhumni keenya dhiʼaateera; // guyyoonni keenyas gabaabataniiru; \q2 badiisni keenya dhufeeraatii. \b \q1 \v 19 Warri nu ariʼan \q2 risaa samii caalaa saffisu; \q1 isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii \q2 gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu. \b \q1 \v 20 Hafuurri lubbuu keenyaa kan \nd Waaqayyo\nd* dibe, \q2 kiyyoo isaaniitiin qabame. \q1 Nu waan gaaddidduu isaa jala, \q2 Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre. \b \q1 \v 21 Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu \q2 ati ililchi, gammadis. \q1 Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; \q2 atis machooftee qullaa kee hafta. \b \q1 \v 22 Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; \q2 inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. \q1 Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; \q2 hammina kees ifatti baasa. \b \b \c 5 \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, waan nurra gaʼe yaadadhu; \q2 ilaali; salphina keenyas argi. \q1 \v 2 Handhuuraan keenya alagootaaf, \q2 manneen keenyas Namoota Ormaatiif // dabarfamanii kennamaniiru. \q1 \v 3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; \q2 haadhonni keenya immoo // haadhota hiyyeessaa taʼaniiru. \q1 \v 4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; \q2 qoraan illee bittaa qofaan arganna. \q1 \v 5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; \q2 nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu. \q1 \v 6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee \q2 warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine; \q1 \v 7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; \q2 nu immoo adabbii isaanii baanne. \q1 \v 8 Garbootatu nu bulcha; \q2 namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin \q2 lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna. \q1 \v 10 Gogaan keenya sababii beelaatiin \q2 akkuma badaa ibiddaa hoʼa. \q1 \v 11 Xiyoon keessatti dubartoonni, \q2 magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun // humnaan gudeedaman. \q1 \v 12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; \q2 maanguddoonni ulfina hin arganne. \q1 \v 13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; \q2 ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran. \q1 \v 14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; \q2 dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru. \q1 \v 15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; \q2 shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera. \q1 \v 16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. \q2 Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii! \q1 \v 17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; \q2 sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe; \q1 \v 18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun \q2 lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii. \b \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati bara baraan bulchi; \q2 teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa. \q1 \v 20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? \q2 Maaliif bara dheeraas nu dhiifta? \q1 \v 21 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; \q2 bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi. \q1 \v 22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, \q2 yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.