\id JOS - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Iyyaasuu \toc1 Kitaaba Iyyaasuu \toc2 Iyyaasuu \toc3 Iya \mt2 Kitaaba \mt1 Iyyaasuu \c 1 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuu Ajajuu Isaa \p \v 1 Erga Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* sun duʼee booddee \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate: \v 2 “Garbichi koo Museen duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa. \v 3 Anis akkuma Museef waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna. \v 4 Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti. \v 5 Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu. \v 6 Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus. \p \v 7 “Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. \v 8 Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas. \v 9 Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.” \p \v 10 Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje: \v 11 “Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’ ” \p \v 12 Iyyaasuun garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe: \v 13 “Ajaja garbichi \nd Waaqayyo\nd* Museen isinii kenne sana yaadadhaa; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’ \v 14 Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Museen gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu; \v 15 hamma \nd Waaqayyo\nd* akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Museen garbichi \nd Waaqayyo\nd* sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu.” \p \v 16 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna. \v 17 Nu akkuma Museedhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee garuu akkuma Musee wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu. \v 18 Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!” \c 2 \s1 Raʼaabii fi Basaastota \p \v 1 Ergasii Iyyaasuun ilmi Nuuni, “Dhaqaatii biyya sana, keessumattuu Yerikoo basaasaa” jedhee dhoksaan basaastota lama biyya Shixiimiitii erge. Isaanis deemanii mana sagaagaltittii Rahaab jedhamtu tokkoo seenanii achuma turan. \p \v 2 Mooticha Yerikoottis, “Kunoo! Israaʼeloota keessaa namoonni tokko tokko biyyattii basaasuuf galgala kana as dhufaniiru” jedhamee himame. \v 3 Kanaafuu mootichi Yerikoo, “Sababii isaan guutummaa biyyattii basaasuuf dhufaniif namoota gara kee dhufanii mana kee seenan sana gad baasi” jedhee dhaamsa kana Rahaabitti erge. \p \v 4 Dubartittiin garuu namoota lamaan fuutee dhoksite. Isheenis akkana jette; “Dhuguma namoonni gara koo dhufaniiru; ani garuu akka isaan eessaa dhufan hin beekne. \v 5 Isaanis galgala yommuu yeroon karri magaalattii cufamu gaʼetti baʼanii deeman. Karaa isaan deemanis ani hin beeku. Isaan qaqqabdu taʼaatii dafaa isaan duukaa buʼaa.” \v 6 Isheen garuu gara bantii manaatti ol isaan baaftee cidii talbaa kan bantii manaa irratti tuultee turte jala isaan dhoksite. \v 7 Kanaafuu namoonni basaastota sana duukaa buʼuudhaaf karaa gara malkaa Yordaanos geessu irra buʼanii qajeelan; karri sunis akkuma duukaa buutonni sun baʼaniin cufame. \p \v 8 Isheenis utuu basaastonni sun buluuf hin ciciisin gara bantii manaatti ol baatee \v 9 akkana isaaniin jette; “Ani akka \nd Waaqayyo\nd* biyya kana isinii kennee fi akka isin sodaachuun nurra buʼes nan beeka; namni biyya kana keessa jiraatu hundinuus sababii keessaniif fuula keessan duratti sodaadhaan hollachaa jira. \v 10 Yommuu isin Gibxii baatanitti akka itti \nd Waaqayyo\nd* Galaana Diimaa fuula keessan duratti gogse, waan isinis Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa kanneen gama baʼa Yordaanositti guutumaan guutuutti balleessitan sana lamaan gootan dhageenyeerra. \v 11 Nu yommuu waaʼee waan kanaa dhageenyetti sababii keessaniif onneen keenya baqxee abdii kutanne. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqaatii. \p \v 12 “Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa; \v 13 kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.” \p \v 14 Namoonnis, “Lubbuun keenya sababii lubbuu keessaniitiif haa badduu! Yoo isin waan nu hojjennu kana namatti himuu baattan nu yommuu \nd Waaqayyo\nd* biyya kana nuu kennutti gara laafinaa fi amanamummaadhaan si simanna” jedhanii ishee abdachiisan. \p \v 15 Kanaafuu isheen sababii manni isheen keessa jiraattu sun dallaa magaalattiitiin wal qabatuuf foddaa keessaan funyoodhaan gad isaan buufte. \v 16 Isheenis akkana isaaniin jette; “Akka warri isin duukaa buʼan sun isin hin argineef gara gaarraniitti baqadhaa. Hamma isaan deebiʼanitti guyyoota sadii achitti dhokadhaa; ergasii immoo karaa keessan deemaa.” \p \v 17 Namoonni sunis akkana jedhaniin; “Kakuun ati nu kakachiifte kun kan nu qabachuu dandaʼu, \v 18 yoo ati yommuu nu biyyattii seennutti funyoo bildiimaa kana foddaa ittiin gad nu buufte kanatti hiitee abbaa keetii fi haadha kee, obboloota keetii fi maatii kee hunda mana keetti galchite qofa. \v 19 Namni tokko iyyuu yoo mana kee keessaa gara daandii alaatti gad baʼe, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa; nu itti hin gaafatamnu. Nama si wajjin mana kee keessa jiru immoo yoo harki tokko iyyuu isa tuqe, dhiigni isaa mataa keenyatti deebiʼa. \v 20 Garuu yoo ati waan nu hojjennu kana namatti himte, nu kakuu ati nu kakachiifte sana jalaa bilisa baana.” \p \v 21 Isheenis, “Fudhadheera; akkuma isin jettan haa taʼu” jettee deebifte. \p Kanaafuu isheen isaan ergite; isaanis kaʼanii deeman. Isheen funyoo bildiimaa sana foddaa sanatti hiite. \p \v 22 Isaanis yommuu baʼanitti gara gaarranii deemanii hamma duukaa buutonni sun karaa irra barbaadanii isaan dhabanii deebiʼanitti guyyaa sadii achi turan. \v 23 Basaastonni lamaan sunis deebiʼanii gaarran keessaa baʼanii malkaadhaan laga ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuuni dhufan; waan isaan irra gaʼe hundas isatti himan. \v 24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “\nd Waaqayyo\nd* dhugumaan biyyattii guutuu harka keenyatti kenneera; namoonni hundinuus sababii keenyaaf sodaadhaan hollachaa jiru” jedhan. \c 3 \s1 Yordaanosiin Ceʼuu \p \v 1 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan. \v 2 Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii, \v 3 akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu. \v 4 Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.” \p \v 5 Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; \nd Waaqayyo\nd* bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe. \p \v 6 Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban. \p \v 7 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba. \v 8 Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.” \p \v 9 Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dhagaʼaa. \v 10 Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha. \v 11 Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena. \v 12 Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa. \v 13 Akkuma luboonni taabota \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.” \p \v 14 Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. \v 15 Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, \v 16 bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. \v 17 Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan. \c 4 \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Iyyaasuudhaan akkana jedhe; \v 2 “Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii \v 3 akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.” \p \v 4 Kanaafis Iyyaasuun, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee \v 5 akkana jedheen; “Taabota \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu. \v 6 Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti, \v 7 akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.” \p \v 8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuutti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan. \v 9 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru. \p \v 10 Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni \nd Waaqayyo\nd* akka inni namootatti himuuf Iyyaasuu ajaje hundi akkuma Museen Iyyaasuu ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan; \v 11 akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni \nd Waaqayyootii\nd* fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan. \v 12 Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan. \v 13 Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe. \p \v 14 \nd Waaqayyos\nd* guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Iyyaasuu nama guddaa godhe; isaanis akkuma Museef ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Iyyaasuufis ulfina kennan. \p \v 15 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; \v 16 “Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.” \p \v 17 Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje. \p \v 18 Luboonnis taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe. \p \v 19 Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan. \v 20 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe. \v 21 Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan, \v 22 ‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa. \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse. \v 24 Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki \nd Waaqayyoo\nd* jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan sodaattaniif waan kana hojjete.” \c 5 \s1 Gilgaalitti Dhagna Qabamuu \p \v 1 Mootonni Amoorotaa kanneen gama dhiʼa Yordaanos jiraatanii fi mootonni Kanaʼaanotaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi akka \nd Waaqayyo\nd* hamma nu ceenutti fuula saba Israaʼel duratti Yordaanos gogse yommuu dhagaʼanitti onneen isaanii ni baqxe; deebiʼaniis fuula Israaʼelootaa dura dhaabachuu sodaatan. \p \v 2 \nd Waaqayyo\nd* yeroo sana Iyyaasuudhaan, “Haaduu qara qabu tolchiitii ammas Israaʼeloota dhagna qabi” jedhe. \v 3 Kanaafuu Iyyaasuun haaduu qara qabu tolchee Gibeʼaat Aaralootitti Israaʼeloota dhagna qabe. \p \v 4 Sababiin Iyyaasuun waan kana hojjeteef kana: Warri biyya Gibxii baʼanii dhufan hundinuu jechuunis dhiironni lolan hundinuu erga Gibxii baʼanii booddee gammoojjii keessatti karaatti dhuman. \v 5 Namoonni Gibxii baʼan hundi dhagna qabatanii turan; warri yeroo Gibxii baʼanii gammoojjii keessa deemaa turanitti karaatti dhalatan garuu dhagna hin qabamne. \v 6 Israaʼeloonni sababii \nd Waaqayyoof\nd* ajajamuu didaniif hamma namoonni yeroo Gibxii baʼanitti loluu dandaʼan hundi dhumanitti waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran. \nd Waaqayyo\nd* akka isaan biyya inni nuu kennuuf abbootii isaanii abdachiisee ture, biyya aannanii fi damma baaftu sana hin argine isaanitti kakatee tureetii. \v 7 Kanaafuu inni qooda isaanii ilmaan isaanii kaase; isaanis warra Iyyaasuun dhagna qabee dha. Isaan sababii karaatti dhagna hin qabaminiif hamma harʼaatti utuu dhagna hin qabamin jiraatan. \v 8 Isaanis erga sabni guutuun dhagna qabamee booddee hamma fayyanitti lafuma jiran sana qubata keessa turan. \p \v 9 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan, “Ani harʼa arrabsoo Gibxi sana isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun hamma harʼaatti Gilgaal jedhamee waamama. \p \v 10 Galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa sanaatti sabni Israaʼel utuma dirree Yerikoo irra Gilgaal keessa qubatee jiruu Faasiikaa ayyaaneffate. \v 11 Isaanis guyyaa Faasiikaatti aanee dhufu, gaafuma sana midhaan biyyattii keessaa waa nyaatan; kunis Maxinoo fi asheetii waadamee dha. \v 12 Mannaanis guyyuma isaan midhaan biyya sanaa nyaatanitti aanu gad buʼuu dhiise; ergasii mannaan tokko iyyuu warra Israaʼeliif gad hin buune; garuu isaan waggaa sana keessa midhaan biyya Kanaʼaan nyaatan. \s1 Yerikoon Jiguu Isaa \p \v 13 Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate. \p \v 14 Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota \nd Waaqayyootti\nd* dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate. \p \v 15 Ajajaan loltoota \nd Waaqayyoos\nd* Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe. \c 6 \p \v 1 Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture. \p \v 2 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera. \v 3 Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa. \v 4 Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan. \v 5 Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena.” \p \v 6 Kanaafuu Iyyaasuun ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, “Taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman” jedheen. \v 7 Namootaanis, “Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota \nd Waaqayyoo\nd* dura haa deeman” jedhe. \p \v 8 Erga Iyyaasuun namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu \nd Waaqayyoos\nd* isaan duukaa buʼe. \v 9 Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture. \v 10 Iyyaasuun garuu namootaan, “Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!” jedhe. \v 11 Kanaafuu inni akka taabonni \nd Waaqayyoo\nd* baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan. \p \v 12 Iyyaasuun guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota \nd Waaqayyoo\nd* ol fuudhan. \v 13 Luboonni torban malakata torba baatanis taabota \nd Waaqayyoo\nd* dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota \nd Waaqayyoo\nd* duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture. \v 14 Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan. \p \v 15 Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan. \v 16 Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Iyyaasuun akkana jedhee namoota ajaje; “Iyyaa! \nd Waaqayyo\nd* magaalattii isinii kenneeraatii! \v 17 Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu \nd Waaqayyoof\nd* addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu. \v 18 Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu. \v 19 Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu.” \p \v 20 Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate. \v 21 Isaanis waan magaalaa sana \nd Waaqayyoof\nd* addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan. \p \v 22 Iyyaasuunis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, “Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa” jedhe. \v 23 Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan. \p \v 24 Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana \nd Waaqayyootti\nd* galchan. \v 25 Iyyaasuun garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti. \p \v 26 Iyyaasuunis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti abaaramaa haa taʼu: \q1 “Inni hundee ishee buusnaan, \q2 ilmi isaa hangafti haa duʼu; \q1 karra ishee ijaaruu jalqabnaan, \q2 ilmi isaa quxisuun haa duʼu.” \p \v 27 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuu wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame. \c 7 \s1 Cubbuu Aakaan \p \v 1 Israaʼeloonni garuu waan Waaqayyoof addaan baafame irratti amanamummaa dhaban; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa waan Waaqayyoof addaan baafame sana keessaa waan tokko tokko fudhate. Kanaafis dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Israaʼel irratti bobaʼe. \p \v 2 Kana irratti Iyyaasuun Yerikoodhaa gara Aayi kan Beet Aawwen bira gama baʼa Beetʼeelitti argamtu sanaatti nama ergee, “Dhaqaatii naannoo sana basaasaa” jedhe. Kanaafuu namoonni ol baʼanii Aayin basaasan. \p \v 3 Isaanis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namni hundinuu Aayitti ol baʼuu hin qabu. Sababii namni muraasni qofti achi jiruuf akka isaan dhaqanii biyyattii fudhataniif nama kuma lama yookaan kuma sadii taʼu ergi malee namoota hundumaa hin dadhabsiisin” jedhaniin. \v 4 Kanaafuu namoonni gara kuma sadii taʼan kaʼanii ol baʼan; isaan garuu namoota Aayi duraa baqatan; \v 5 namoonni Aayis gara nama soddomii jaʼa isaan jalaa fixan. Isaanis karra magaalattiitii jalqabanii hamma Shabaariimiitti Israaʼeloota ariʼanii ededa irratti isaan fixan; kanaanis onneen namootaa baqxee akka bishaanii taate. \p \v 6 Iyyaasuunis uffata isaa tarsaasee fuula taabota \nd Waaqayyoo\nd* duratti addaan lafatti gombifamee hamma galgalaatti achuma ture. Maanguddoonni saba Israaʼelis akkasuma godhanii mataa ofii isaanii irratti awwaara firfirsan. \v 7 Iyyaasuunis akkana jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati maaliif akka isaan nu fixaniif harka Amoorotaatti nu kennuuf jettee saba kana Yordaanosiin ceesifte? Silaa utuu Yordaanos gamatti hafnee nuuf wayya ture! \v 8 Yaa Gooftaa, erga sabni Israaʼel diinota isaa baqatee ani amma maal jechuu dandaʼa? \v 9 Kanaʼaanonnii fi saboonni biyya kanaa kan biraa waan kana dhagaʼanii nu marsanii maqaa keenya lafa irraa ni balleessu. Yoos ati maqaa kee guddaa sanaaf maal goota?” \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Ol kaʼi! Ati maaliif addaan gombifamte? \v 11 Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru. \v 12 Wanni Israaʼeloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenyeefis kanuma; isaan sababii badiisaaf ramadamaniif dugda duubatti garagalanii diinota isaanii baqatan. Ani hamma ati waan badiisaaf ajajame kam iyyuu gidduu keessanii balleessitutti siʼachi isin wajjin hin jiraadhu. \p \v 13 “Kaʼiitii saba qulqulleessi. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Boriif ofi qulqulleessaa; wanni \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel jedhu isa kanaatii; yaa Israaʼel, wanni hirmii taʼe tokko gidduu keessan jira. Isin hamma waan sana of keessaa baaftanitti diinota keessan of irraa ittisuu hin dandeessan. \p \v 14 “ ‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti \nd Waaqayyo\nd* filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi \nd Waaqayyo\nd* filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin \nd Waaqayyo\nd* filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu. \v 15 Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’ ” \p \v 16 Kanaafuu Iyyaasuun ganama bariin kaʼee saba Israaʼel gosa gosaan gara fuula duraatti baase; gosti Yihuudaas ni filatame. \v 17 Balballi Yihuudaa gara fuula duraatti baʼe; Iyyaasuunis balbala Zaaraa addaan baase. Balballi Zaaraas maatii maatiin gara fuula duraatti baʼe; Zabdiinis ni filatame. \v 18 Iyyaasuunis maatii isaa nama tokko tokkoon gara fuula duratti baase; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa ni filatame. \p \v 19 Kana irratti Iyyaasuun Aakaaniin akkana jedhe; “Yaa ilma ko, \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu; mee waan hojjette natti himi; na hin dhoksin.” \p \v 20 Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana: \v 21 Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.” \p \v 22 Kanaafuu Iyyaasuun ergamoota erge; isaanis gara dunkaana sanaatti fiigan; miʼi sunis dunkaanicha keessatti, meetii jala dhokfamee ture. \v 23 Isaan miʼa sana dunkaanicha keessaa guuranii gara Iyyaasuutii fi Israaʼeloota hundaatti fidanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti diriirsan. \p \v 24 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Aakaan ilma Zaaraa, meetii, waaroo, muraa warqee, ilmaan isaatii fi intallan isaa, loon isaa, harroota isaa, hoolota isaa, dunkaana isaatii fi waan inni qabu hunda guuranii Sulula Aakooritti geessan. \v 25 Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? \nd Waaqayyo\nd* harʼa rakkina sitti fida” jedheen. \p Israaʼeloonni hundinuus dhagaadhaan isa tuman; jara kaan illee erga dhagaadhaan tumanii booddee ibiddaan isaan guban. \v 26 Aakaan irratti tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaatti illee jiru tokko tuulan. \nd Waaqayyos\nd* dheekkamsa isaa guddaa sana irraa deebiʼe. Kanaafis iddoon sun hamma harʼaatti Sulula Aakoor jedhamee waamama. \c 8 \s1 Magaalaan Aayi Barbadeeffamte \p \v 1 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii. \v 2 Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi.” \p \v 3 Iyyaasuu fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge; \v 4 akkanas jedhee isaan ajaje: “Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa. \v 5 Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna. \v 6 Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti, \v 7 isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna. \v 8 Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera.” \p \v 9 Ergasii Iyyaasuun isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Iyyaasuun garuu halkan sana uummata wajjin bule. \p \v 10 Guyyaa itti aanu ganama barii Iyyaasuun namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan. \v 11 Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture. \v 12 Iyyaasuun nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise. \v 13 Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Iyyaasuun garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule. \p \v 14 Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne. \v 15 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan. \v 16 Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Iyyaasuu faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman. \v 17 Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan. \p \v 18 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan, “Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu” jedhe. Kanaafuu Iyyaasuun eeboo isaa gara Aayitti deebifate. \v 19 Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan. \p \v 20 Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan samiitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne. \v 21 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan. \v 22 Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan. \v 23 Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Iyyaasuutti fidan. \p \v 24 Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan. \v 25 Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan. \v 26 Iyyaasuun hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii. \v 27 Israaʼel garuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuu ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate. \p \v 28 Akkasitti Iyyaasuun Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti. \v 29 Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Iyyaasuun yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan. \s1 Tulluu Gebaal Irratti Kakuun Haaromfame \p \v 30 Ergasii Iyyaasuun Tulluu Eebaal irratti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare. \v 31 Iddoo aarsaa kanas akkuma Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas \nd Waaqayyoof\nd* qalan. \v 32 Iyyaasuunis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Museen barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche. \v 33 Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan. \p \v 34 Ergasiis Iyyaasuun akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise. \v 35 Dubbii Museen isa ajaje hunda keessaa wanni Iyyaasuun waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre. \c 9 \s1 Gowwoomsaa Warra Gibeʼoon \p \v 1 Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti, \v 2 Iyyaasuu fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman. \p \v 3 Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Iyyaasuun Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti, \v 4 isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan. \v 5 Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture. \v 6 Isaanis qubata Gilgaalitti Iyyaasuu bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhan. \p \v 7 Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, “Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?” jedhan. \p \v 8 Isaan garuu Iyyaasuudhaan, “Nu garboota kee ti” jedhan. \p Iyyaasuunis, “Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?” jedhee isaan gaafate. \p \v 9 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Nu garboonni kee sababii maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii; \v 10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra. \v 11 Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, “Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhaanii’ nuun jedhan. \v 12 Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa. \v 13 Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera.” \p \v 14 Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee \nd Waaqayyoon\nd* gorsa hin gaafanne. \v 15 Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan. \p \v 16 Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan. \v 17 Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan. \v 18 Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne. \p Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume; \v 19 hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu. \v 20 Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna.” \v 21 Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, “Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame. \p \v 22 Iyyaasuunis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; “Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan? \v 23 Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Waaqa kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan.” \p \v 24 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka Museen biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Musee ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma. \v 25 Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu.” \p \v 26 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne. \v 27 Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo \nd Waaqayyo\nd* filatutti iddoo aarsaa \nd Waaqayyootiif\nd* warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu. \c 10 \s1 Aduun Idduma Jirtu Dhaabatte \p \v 1 Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Iyyaasuun Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe. \v 2 Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan. \v 3 Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee, \v 4 “Sababii isheen Iyyaasuu fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa” jedheen. \p \v 5 Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan. \p \v 6 Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Iyyaasuutti ergaa erganii akkana jedhaniin; “Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari.” \p \v 7 Kanaafuu Iyyaasuun loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe. \v 8 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuudhaan, “Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan” jedhe. \p \v 9 Kanaafuu Iyyaasuun Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe. \v 10 \nd Waaqayyos\nd* fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan. \v 11 Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu \nd Waaqayyo\nd* samiidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata. \p \v 12 Gaafa \nd Waaqayyo\nd* Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Iyyaasuun fuula Israaʼelootaa duratti \nd Waaqayyoon\nd* akkana jedhe: \q1 “Yaa aduu, Gibeʼoon gubbaa dhaabadhu; \q2 yaa jiʼa, atis Sulula Ayaaloon gubbaa dhaabadhu.” \q1 \v 13 Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti \q2 aduun idduma jirtu dhaabatte; \q2 jiʼis ni dhaabate; \m wanni kun Kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera mitii? \p Aduun walakkaa samii keessa dhaabattee guyyaa tokko guutuu utuu hin dhiʼin turte. \v 14 Guyyaan \nd Waaqayyo\nd* nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. \nd Waaqayyo\nd* dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture! \p \v 15 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe. \s1 Mootonni Amoorotaa Shanan Ajjeefaman \p \v 16 Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan. \v 17 Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Iyyaasuutti himame; \v 18 innis akkana jedhe; “Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa. \v 19 Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa.” \p \v 20 Kanaafuu Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan. \v 21 Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Iyyaasuutti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne. \p \v 22 Iyyaasuunis, “Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa” jedhe. \v 23 Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan. \v 24 Yommuu isaan mootota kana shanan Iyyaasuutti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, “Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa” jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan. \p \v 25 Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni \nd Waaqayyo\nd* diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma” jedheen. \v 26 Iyyaasuun ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan. \p \v 27 Yeroo aduun dhiitetti Iyyaasuun ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan. \p \v 28 Iyyaasuunis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe. \s1 Magaalaawwan Kibbaa Qabaman \p \v 29 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan. \v 30 \nd Waaqayyos\nd* magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Iyyaasuun magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe. \p \v 31 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan. \v 32 \nd Waaqayyos\nd* Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Iyyaasuunis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe. \v 33 Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Iyyaasuun garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne. \p \v 34 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan. \v 35 Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. \p \v 36 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan. \v 37 Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan. \p \v 38 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan. \v 39 Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan. \p \v 40 Iyyaasuunis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne. \v 41 Iyyaasuun Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate. \v 42 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel Israaʼeliif loleef Iyyaasuun mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate. \p \v 43 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe. \c 11 \s1 Mootonni Kaabaa Moʼataman \p \v 1 Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate; \v 2 akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate; \v 3 Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate. \v 4 Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan. \v 5 Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan. \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.” \p \v 7 Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan; \v 8 \nd Waaqayyos\nd* dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan. \v 9 Iyyaasuunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube. \p \v 10 Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte. \v 11 Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube. \p \v 12 Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi \nd Waaqayyoo\nd* Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse. \v 13 Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne. \v 14 Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne. \v 15 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne. \p \v 16 Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin, \v 17 Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese. \v 18 Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture. \v 19 Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan. \v 20 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse \nd Waaqayyo\nd* mataa isaa ti. \p \v 21 Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse. \v 22 Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre. \p \v 23 Kanaafuu Iyyaasuun akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte. \c 12 \s1 Maqaa Mootota Moʼatamanii \lh \v 1 Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha: \b \li1 \v 2 Sihoon mootiin Amoorotaa, \li2 Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata. \li2 \v 3 Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture. \li1 \v 4 Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture. \li2 \v 5 Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture. \b \lf \v 6 Museen garbichi \nd Waaqayyootii\nd* fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne. \b \p \v 7 Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. \v 8 Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. \b \lh Mootonnis kanneenii dha: \b \li1 \v 9 Mootii Yerikoo, tokko \li1 mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko \li1 \v 10 mootii Yerusaalem, tokko \li1 mootii Kebroon, tokko \li1 \v 11 mootii Yarmuut, tokko \li1 mootii Laakkiish, tokko \li1 \v 12 mootii Egloon, tokko \li1 mootii Geezir, tokko \li1 \v 13 mooticha Debiir, tokko \li1 mootii Gaadeer, tokko \li1 \v 14 mootii Hormaa, tokko \li1 mootii Aaraad, tokko \li1 \v 15 mootii Libnaa, tokko \li1 mootii Adulaam, tokko \li1 \v 16 mootii Maqeedaa, tokko \li1 mootii Beetʼeel, tokko \li1 \v 17 mootii Tafuuʼaa, tokko \li1 mootii Heefer, tokko \li1 \v 18 mootii Afeeq, tokko \li1 mooticha Lashaaroon, tokko \li1 \v 19 mootii Maadoon, tokko \li1 mootii Haazoor, tokko \li1 \v 20 mootii Shimroon Meroon, tokko \li1 mootii Akshaaf, tokko \li1 \v 21 mootii Taʼanaak, tokko \li1 mootii Megidoo, tokko \li1 \v 22 mootii Qaadesh, tokko \li1 mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko \li1 \v 23 mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko \li1 mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko \li1 \v 24 mootii Tiirzaa, tokko. \b \lf Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan. \c 13 \s1 Biyya Qabatamuuf Jiru \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* yeroo Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloometti akkana jedheen; “Ati amma akka malee dulloomteerta; garuu amma iyyuu lafti dhaalamuu qabu baayʼeetu jira. \b \lh \v 2 “Lafti hafe sunis kanaa dha: \b \li1 “guutummaa biyya Filisxeemotaatii fi Geshuurotaa, \v 3 karaa baʼa Gibxiitiin laga Shihoorii hamma kaaba daarii Ashqaloonitti jiru hundi akka biyya Kanaʼaanotaatti hedama. Kunis biyya Awootaa kan kutaa biyyoota bulchitoota Filisxeemotaa shanan jechuunis \li1 Gaazaa, Ashdood, Eqroon, Gitii fi Eqroon; \v 4 karaa kibbaatiin immoo guutummaa \li1 biyya Kanaʼaanotaa, Meʼaaraa Siidoonaatii hamma Afeeqiitti biyya Amoorotaa \li1 \v 5 kan biyya Gebaalotaa ti; \li1 akkasumas karaa baʼaatiin guutummaa Libaanoon, Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jalaa hamma Leeboo Hamaatitti. \b \p \v 6 “Ani mataan koo jiraattota biyya gaaraa kanneen Libaanoonii hamma Misrefooti Maayimiitti jiraatan jechuunis Siidoonota hunda fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee nan baasa. Ati akkuma ani si ajajetti biyya kana akka dhaalaatti Israaʼelootaaf hiri; \v 7 kanas gosoota sagallanii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhii hiri.” \s1 Biyyi Baʼa Yordaanos Hiramuu Isaa \lh \v 8 Walakkaan gosa Minaasee kaan, gosti Ruubeenii fi gosti Gaad biyya Yordaanosiin gama baʼaa kan Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* isaaniif kennee ture sana akkuma inni isaaniif qoodetti fudhatan. \li1 \v 9 Biyyi sunis Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnooniitti, argamtuu fi magaalaa walakkaa sulula sanaa keessaatii jalqabee dirree Meedebaan dabalatee hamma Diibooniitti diriira; \v 10 akkasumas magaalaawwan Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanaa hunda dabalatee hamma daarii Amoonotaatti diriira ture. \li1 \v 11 Kana malees Giliʼaad, biyya Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaa, guutummaa Tulluu Hermoonii fi guutummaa Baashaan hamma Salkaatti \v 12 jechuunis guutummaa mootummaa Oogi kan Baashaan keessaa isa Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture kan sanyii Refaayimootaa keessaa isa dhumaa taʼe sanaatti diriira. Museenis isaan moʼatee biyya isaanii fudhate. \v 13 Garuu sababii Israaʼeloonni ariʼanii isaan hin baasiniif Geshuuronnii fi Maʼakaatonni hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatu. \b \li1 \v 14 Gosa Lewwiitiif garuu inni dhaala tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti aarsaan ibiddaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif dhiʼeeffamu dhaala isaaniitii. \b \lh \v 15 Wanni Museen gosa Ruubeeniif, balbala balbalaan kenne kanaa dha: \li1 \v 16 Biyya Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoon, magaalattii walakkaa sululaatii jalqabee dirree Meedebaa bira jiru hunda \v 17 hamma Heshboonii fi magaalaawwan ishee kanneen dirree irra jiran hunda jechuunis Diiboon, Baamooti Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon, \v 18 Yaahizaa, Qidemoot, Meefiʼaat, \v 19 Kiriyaataayim, Sibimaa, Zeret Shahari ishee gaara sululaa irratti argamtu, \v 20 Beet Pheʼoor, tabba Phisgaatii fi Beet Yashiimoot \v 21 jechuunis magaalaawwan dirree irraa hundumaa fi guutummaa mootummaa Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraatee bulchaa ture hundaa ti. Museenis Sihoonii fi bulchitoota Midiyaanotaa kanneen Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaa moʼate; isaanis Sihooniin walii galanii biyya sana keessa jiraachaa turan. \v 22 Israaʼeloonni warra lola keessatti ajjeefaman irratti dabalanii Balaʼaam ilma Beʼoor falfalticha sanas goraadeedhaan ajjeesan. \lf \v 23 Daangaan Ruubeenotaa qarqara laga Yordaanos ture. Magaalaawwan kanneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Ruubeen. \b \lh \v 24 Wanni Museen gosa Gaadiitiif balbala balbalaan kenne kanaa dha: \li1 \v 25 Daangaan isaaniis Yaʼizeer, magaalaawwan Giliʼaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa kan hamma Aroʼeeritti diriiree gara baʼa Rabbaatti argamuu dha; \v 26 akkasuma Heshboonii jalqabee hamma Raamaatitti Miisphaa fi Betooniimitti, Mahanayiimii jalqabee hamma daangaa Debiiritti diriiruu dha; \v 27 amma illee sulula keessa, Beet Haaraam, Beet Niimraa, Sukooti, Zaafoonii fi biyya Sihoon mootichi Heshboon bulchu kan gara baʼa Yordaanos kan hamma dhuma Galaana Kinereetitti diriiree jiru sanaa dha. \lf \v 28 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Gaad. \b \lh \v 29 Wanni Museen walakkaa gosa Minaaseetiif jechuunis walakkaa maatii sanyii Minaaseetiif balbala balbalaan kenne kanaa dha: \li1 \v 30 Daangaa biyya Mahanayiimiitii jalqabee biyya Baashaan guutuu dabalatee naannoo bulchiinsa Oogi mooticha Baashaan jechuunis qubata Yaaʼiir kan Baashaan keessaa magaalaa jaatama, \v 31 walakkaa biyya Giliʼaad, Ashtaarotii fi Edreyii, magaalaa Oogi mootichi Baashaan jiraatuutti diriira. \lf Kunis qooda sanyii Maakiiriif ilma Minaasee jechuunis walakkaa ilmaan Maakiiriif balbala balbalaan kennamee dha. \b \lf \v 32 Kun dhaala Museen yeroo Yordaanos gama jechuunis gama baʼa Yerikoo dirree Moʼaab keessa ture sanatti qoodee dha. \v 33 Gosa Lewwiitiif garuu Museen waan tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti. \c 14 \s1 Biyyi Dhiʼa Yordaanos Hiramuu Isaa \p \v 1 Lafti Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan keessatti akka dhaalaatti argatan kan Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni balbala gosoota Israaʼel isaaniif qoodan kanaa dha. \v 2 Dhaalli isaanii kunis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti ixaadhaan gosa sagalii fi walakkaa gosa tokkootiif kenname. \v 3 Museen karaa baʼa Yordaanosiin gosoota lamaanii fi walakkaaf dhaala godhee kennee ture; gosa Lewwiitiif garuu warra kaan gidduutti dhaala tokko illee hin kennine; \v 4 ilmaan Yoosef gosa lama taʼanii turaniitii; isaanis Minaasee fi Efreem. Lewwonni garuu magaalaawwan keessa jiraatan, bushaayee fi loon isaanii bobbaafatan malee qooda lafaa tokko illee hin arganne. \v 5 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti biyya sana hiratan. \s1 Kebroon Kaalebiif Kennamte \p \v 6 Ergasiis namoonni Yihuudaa Gilgaalitti gara Iyyaasuu dhufan; Kaaleb ilmi Yefunee namichi gosa Qeneez sun akkana jedheen; “Ati waan \nd Waaqayyo\nd* Qaadesh Barnee keessatti waaʼee keetii fi waaʼee koo Musee nama Waaqaa sanatti dubbate ni beekta. \v 7 Yeroo Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* sun akka ani biyyattii basaasuuf Qaadesh Barneetii na erge umuriin koo waggaa afurtama ture. Anis gabaasa waan mirkaneeffadhe sanaa nan fideef; \v 8 obboloonni koo warri na wajjin achi dhaqan garuu akka onneen sabaa sodaadhaan baqxu godhan. Taʼus ani garaa koo guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo duukaa buʼe. \v 9 Kanaafuu Museen gaafas akkana jedhee naa kakate; ‘Sababii ati garaa kee guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo duukaa buuteef, lafti miilli kee tuqe sun hamma bara baraatti dhaala keetii fi dhaala ilmaan keetii taʼa.’ \p \v 10 “Egaa \nd Waaqayyo\nd* akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! \v 11 Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha. \v 12 Egaa amma biyya gaaraa kan \nd Waaqayyo\nd* gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo \nd Waaqayyo\nd* na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa.” \p \v 13 Iyyaasuunis Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef. \v 14 Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kaaleb ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte. \v 15 Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte. \p Ergasiis biyyattiin waraana irraa boqotte. \c 15 \s1 Qooda Gosa Yihuudaa \r 15:15‑19 kwf – \xt AbM 1:11‑15\xt* \lh \v 1 Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata. \b \li1 \v 2 Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee \v 3 kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora. \v 4 Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha. \li1 \v 5 Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema. \li1 Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee \v 6 gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema. \v 7 Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemeshi darbee Een Roogeelitti gad baʼa. \v 8 Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe. \v 9 Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe. \v 10 Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba. \v 11 Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate. \li1 \v 12 Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti. \b \lf Daariiwwan akkuma balbala gosa isaaniitti saba Yihuudaa marsanis kanneenii dha. \b \p \v 13 Iyyaasuun akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq. \v 14 Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase. \v 15 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule. \v 16 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe. \v 17 Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise. \p \v 18 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate. \p \v 19 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef. \b \lh \v 20 Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana: \b \li1 \v 21 Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha: \li2 Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur, \v 22 Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa, \v 23 Qaadesh, Haazoor, Yitinaan, \v 24 Ziif, Telem, Baʼaalooti, \v 25 Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana, \v 26 Amaam, Shemaa, Molaadaa, \v 27 Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi, \v 28 Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa, \v 29 Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem, \v 30 Eltolaad, Kisiil, Hormaa, \v 31 Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa, \v 32 Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan. \li1 \v 33 Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo: \li2 Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa, \v 34 Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami, \v 35 Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa, \v 36 Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan. \li2 \v 37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad, \v 38 Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel, \v 39 Laakkiish, Boozqaati, Egloon, \v 40 Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish, \v 41 Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan. \li2 \v 42 Libnaa, Eteeri, Ashaan, \v 43 Yiftaa, Ashinaa, Neziibi, \v 44 Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan. \li2 \v 45 Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin, \v 46 akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda, \v 47 Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha. \li1 \v 48 Biyya gaaraa keessatti immoo: \li2 Shaamiir, Yatiir, Sookoo, \v 49 Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir, \v 50 Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim, \v 51 Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan. \li2 \v 52 Araab, Duumaa, Eshiʼaan, \v 53 Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa, \v 54 Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan. \li2 \v 55 Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa, \v 56 Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa, \v 57 Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan. \li2 \v 58 Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor, \v 59 Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan. \li2 \v 60 Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan. \li1 \v 61 Gammoojjii keessatti immoo: \li2 Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa, \v 62 Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan. \b \p \v 63 Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu. \c 16 \s1 Qooda Gosa Efreemii fi Gosa Minaasee \li1 \v 1 Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa. \v 2 Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa. \v 3 Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata. \b \lf \v 4 Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan. \b \b \lh \v 5 Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana: \b \li1 Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee \v 6 hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela. \v 7 Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa. \v 8 Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha. \li1 \v 9 Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata. \b \p \v 10 Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu. \c 17 \p \v 1 Gosti Minaasees qooda argatte; inni ilma Yoosef hangafa tureetii. Maakiir ilmi Minaasee hangaftichi abbaan Giliʼaadotaa sun sababii loltuu jabaa taʼeef Giliʼaadii fi Baashaan isaaf kennaman. \v 2 Kanaafuu qoodni kun saba Minaasee warra hafaniif jechuunis balbala Abiiʼezer, Heleq, Asriiʼeel, Sheekem, Heeferii fi Shemiidaaf kenname. Kunneenis balbala balbala isaaniitiin ilmaan Minaasee ilma Yoosef kanneen biraa ti. \p \v 3 Zelofehaad ilmi Heefer, ilmi Giliʼaad, ilma Maakiir, ilmi Minaasee sun intallan malee ilmaan hin qabu ture. Maqaan intallan isaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa. \v 4 Isaanis gara Eleʼaazaar lubichaa, gara Iyyaasuu ilma Nuunitii fi gara hooggantootaa dhaqanii “\nd Waaqayyo\nd* akka inni obboloota keenya gidduutti dhaala nuu kennuuf Musee ajajeera” jedhan. Kanaafuu Iyyaasuun akkuma ajaja \nd Waaqayyootti\nd* obboloota abbaa isaanii wajjin dhaala kenneef. \v 5 Minaaseen Giliʼaadii fi Baashaan keessaa gama baʼa Yordaanositti lafa iddoo kudhanitti hiramu qaba ture. \v 6 Kunis sababii intallan gosa Minaasee sun ilmaan dhiiraa gidduutti qooda argataniif. Lafti Giliʼaad ilmaan Minaasee kanneen hafaniif kennamte. \b \li1 \v 7 Daangaan gosa Minaasee Aasheerii kaʼee hamma Mikmetaati kan karaa baʼa Sheekem jirtu sanaatti balʼata. Daangaan sunis achii kaʼee kibbaan gad buʼee saba Een Tafuuʼaa keessa jiraatus dabalata. \v 8 Biyyi Tafuuʼaa kan Minaasee turte; Tafuuʼaan mataan ishee garuu karaa daangaa Minaaseetiin kan ilmaan Efreem turte. \v 9 Daangaan sun karaa kibbaatiin ittuma fufee Laga Qaanaa bira gaʼa. Magaalaawwan Efreem kanneen magaalaawwan Minaasee gidduutti argamanitu ture; daangaan Minaasee garuu Kaaba lagichaa irra darbee galaana bira gaʼee dhaabata. \v 10 Biyyi sun karaa kibbaatiin kan gosa Efreemiiti; karaa kaabaatiin immoo kan gosa Minaasee ti. Biyyi Minaasee hamma galaanaatti deemee karaa kaabaatiin Aasheerin, karaa baʼaatiin immoo Yisaakorin daangeessa. \li1 \v 11 Minaaseenis Yisaakorii fi Aasheer keessaa Beet Sheʼaan, Yibleʼaamii fi saba Door, Eendoor, Taʼanaakii fi Megidoo qubatawwan naannoo isaanii jiran wajjin qaba ture; sadaffaan immoo Naafootii dha. \b \p \v 12 Taʼus sababii Kanaʼaanonni biyya sana jiraachuuf kutatanii turaniif gosti Minaasee magaalaawwan kanneen qabachuu hin dandeenye. \v 13 Garuu Israaʼeloonni yommuu jabina argachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan malee Kanaʼaanota achii hin baafne. \p \v 14 Namoonni Yoosefis Iyyaasuudhaan, “Ati maaliif ixaa tokkoo fi qooda tokko qofa dhaala nuu kennite? Nu saba akka malee baayʼee fi saba \nd Waaqayyo\nd* guddisee eebbisee dha” jedhan. \p \v 15 Iyyaasuunis, “Yoo isin akka malee baayʼattanii biyyi gaaraa Efreem kun isinitti dhiphatte bosona seenaatii biyya Feerzotaatii fi Refaayimootaa keessatti iddoo jireenyaa qopheeffadhaa” jedhee deebiseef. \p \v 16 Namoonni Yoosefis, “Biyyi gaaraa kun nu hin gaʼu; Kanaʼaanonni lafa diriiraa irra jiraatan hundi, warri Beet Sheʼaanii fi qubatawwan ishee akkasumas warri Sulula Yizriʼeel keessa jiraatan hundi gaariiwwan sibiilaa qaban” jedhanii deebisan. \p \v 17 Iyyaasuun garuu mana Yoosefiin jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe; “Isin saba akka malee baayʼee kan humna guddaa qabuu dha. Ixaa tokko qofa hin qabaattan. \v 18 Biyya gaaraa kan bosonaa garuu ni qabaattu; bosona ciraa; biyyattiinis hamma qarqara daangaa isheetti kanuma keessan taati; Kanaʼaanonni yoo gaariiwwan sibiilaa qabaatanii jajjaboo taʼanis isin ariitanii isaan baasuu dandeessu.” \c 18 \s1 Biyyi Hafte Qoodamuu Ishee \p \v 1 Guutummaan waldaa Israaʼel Shiilootti walitti qabamee dunkaana wal gaʼii achitti dhaabate. Biyyattiin harka isaanii jala galte; \v 2 taʼus amma illee gosoonni Israaʼel torba dhaala isaanii hin fudhanne ture. \p \v 3 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼelootaan akkana jedhe; “Isin utuu biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii isinii kenne kana hin fudhatin hamma yoomiitti turtu? \v 4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama sadii sadii kennadhaa. Anis akka isaan biyya sana ilaalanii akkuma dhaala gosa hundaatti waaʼee ishee barreessaniif isaan nan erga. Isaanis ergasii gara kootti deebiʼu. \v 5 Isin biyya sana iddoo torbatti qoodu qabdu. Yihuudaan biyya karaa Kibbaa keessatti hafee manni Yoosef immoo biyya karaa kaabaatti hafuu qaba. \v 6 Isin erga waaʼee biyya iddoo torbatti qoodamte sanaa barreessitanii booddee gabaasa natti fidaa; anis fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa duratti ixaa isinii buusa. \v 7 Gosti Lewwii garuu gidduu keessanitti qooda lafaa hin argatu; sababiin isaas tajaajilli lubummaa kan isaan \nd Waaqayyoof\nd* kennan sun dhaala isaanii ti. Gosti Gaad, kan Ruubeenii fi walakkaan gosa Minaasee duraanuu karaa baʼa Yordaanosiin qooda isaanii argatanii jiru. Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* sun isaaniif kennee ture.” \p \v 8 Kanaafuu jarri karaa isaanii qabatanii qajeelan; Iyyaasuunis warra haala biyyattii barreessuu dhaqaniin akkana jedhe; “Dhaqaatii biyya sana sakattaʼaatii waaʼee ishee galmeessaa. Ergasii immoo gara koo kottaa; anis asuma Shiilootti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ixaa isiniif nan buusa.” \v 9 Kanaafuu namoonni sun kaʼanii biyya sana keessa dedeemanii waaʼee haala ishees magaalaa magaalaadhaan iddoo torbatti qoodanii kitaaba maramaa irratti barreessanii qubata Shiilootti gara Iyyaasuutti deebiʼan. \b \lh \v 10 Iyyaasuun ergasii Shiiloo keessatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ixaa buuseef; akkuma qooda gosa isaaniittis Israaʼelootaaf biyyattii hire. \s1 Qooda Beniyaam \lh \v 11 Ixaan jalqabaa akkuma balbala balbala isaaniitti gosa Beniyaamiif baʼe. Biyyi isaan ixaadhaan argatanis gosa Yihuudaatii fi gosa Yoosef gidduutti argama. \li1 \v 12 Karaa kaabaatiin daariin isaanii Yordaanosii kaʼee kaaba tabba Yerikoo irra darbuudhaan karaa lixaatiin biyya gaaraatti gad buʼee gammoojjii Beet Aawweniitiin baʼa. \v 13 Achii kaʼee kibba tabba Luuzitti jechuunis Beetʼeelitti darbee gara Axaaroti Adaar kan gaara kibba Beet Horoon isa gadii sanaatti gad buʼa. \li1 \v 14 Daariin sunis karaa kibbaatiin gaara Beet Horoonitti garagalee jiru sanaa kaʼee karaa lixaatiin gara kibbaatti goree magaalaa ilmaan Yihuudaa kan Kiriyaati Baʼaal jechuunis Kiriyaati Yeʼaariim gaʼa. Kunis daangaa lixaa ti. \li1 \v 15 Daangaan kibbaa karaa lixaatiin qarqara Kiriyaati Yeʼaariimiitii jalqaba; daangaan isaa immoo gara bishaan Neftooʼaatti gad buʼa. \v 16 Daangaan sunis karaa kaaba Sulula Refaayimiitiin gara gaara Sulula Ben Hinoomitti garagalutti gad buʼa. Innis tabba kibba magaalaa Yebuusotaa biraan gara Sulula Hinoomitti itti fufee gara Een Roogeelitti gad buʼa. \v 17 Ergasii gara kaabaatti goree Een Shemeshi dhaqa; achii kaʼees gara Geliiloot kan Malkaa Adumiimitti gara galtee jirtu sanaa itti fufee hamma Dhagaa Boohan ilma Ruubeen sanaatti gad buʼa. \v 18 Ammas gara tabba kaaba Arabbaatti itti fufee gara Arabbaatti gad buʼa. \v 19 Ergasii tabba kaaba Beet Hoglaatti qajeelee karaa kaaba galoo Galaana Soogiddaa kan karaa kibbaatiin afaan Yordaanositti argamtuutiin baʼa. Kun daarii karaa kibbaa ti. \li1 \v 20 Lagni Yordaanosis karaa baʼaatiin daarii taʼa. \lf Isaan kunneen daariiwwan dhaala ilmaan Beniyaamiitiif karaa hundaan dhaabamanii dha. \b \lh \v 21 Magaalaawwan gosti Beniyaam akkuma maatii maatii isaaniitti argatan kanneenii dha: \li1 Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeqi Qaziizi, \v 22 Beet Arabbaa, Zemaaraayim, Beetʼeel, \v 23 Aawiim, Faaraa, Ofraa, \v 24 Kefar Aamoonaay, Ofnii fi Gebaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha lama turan. \li1 \v 25 Gibeʼoon, Raamaa, Biʼeerooti, \v 26 Miisphaa, Kefiiraa, Moozaa, \v 27 Reqem, Yirphiʼeel, Taraalaa, \v 28 Zeelaa, Haaʼelef, magaalaa Yebuusotaa jechuunis Yerusaalem, \lf Gibeʼaa fi Qiiriyaati; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan. Dhaalli gosti Beniyaam balbala balbalaan argate kana ture. \c 19 \s1 Qooda Gosa Simiʼoon \r 19:2‑10 kwf – \xt 1Sn 4:28‑33\xt* \lh \v 1 Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama. \v 2 Kunis: \li1 Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa, \v 3 Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem, \v 4 Eltolaad, Betuul, Hormaa, \v 5 Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa, \v 6 Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan; \li1 \v 7 Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran, \v 8 akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma \lf Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha. \v 9 Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate. \s1 Qooda Gosa Zebuuloon \lh \v 10 Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: \li1 Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema. \v 11 Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema. \v 12 Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema. \v 13 Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora. \v 14 Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma. \li1 \v 15 Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan. \lf \v 16 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha. \s1 Qooda Yisaakor \lh \v 17 Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe. \v 18 Biyyi isaaniis: \li1 Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam, \v 19 Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat, \v 20 Rabiit, Kishoon, Ebezi, \v 21 Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex. \li1 \v 22 Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemeshi tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata. \li1 Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan. \lf \v 23 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha. \s1 Qooda Gosa Aseer \lh \v 24 Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe. \v 25 Biyyi isaaniis: \li1 Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf, \v 26 Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa. \v 27 Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela. \v 28 Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema. \v 29 Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata; \v 30 kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata. \li1 Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan. \lf \v 31 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha. \s1 Qooda Gosa Niftaalem \lh \v 32 Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis: \li1 \v 33 Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata. \v 34 Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa. \li1 \v 35 Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti, \v 36 Adaamaa, Raamaa, Haazoor, \v 37 Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor, \v 38 Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh. \li1 Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan. \lf \v 39 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha. \s1 Qooda Gosa Daan \lh \v 40 Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe. \v 41 Biyyi isaan Dhaalanis: \li1 Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemeshi, \v 42 Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa, \v 43 Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon, \v 44 Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati, \v 45 Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon, \v 46 Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha. \lf \v 47 Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan. \lf \v 48 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha. \s1 Qooda Iyyaasuu \li1 \v 49 Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan; \v 50 dhaala kanas akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate. \b \lf \v 51 Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran. \c 20 \s1 Magaalaawwan Itti Baqatan \r 20:1‑9 kwi – \xt Lak 35:9‑34; KeD 4:41‑43; 19:1‑14\xt* \p \v 1 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Iyyaasuudhaan akkana jedhe: \v 2 “Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi; \v 3 kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf. \v 4 Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu. \v 5 Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban. \v 6 Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa.” \p \v 7 Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan. \v 8 Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa Gaad keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan. \v 9 Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef. \c 21 \s1 Magaalaawwan Lewwotaaf Kennaman \r 21:4‑39 kwf – \xt 1Sn 6:54‑80\xt* \p \v 1 Hangafoonni maatii Lewwotaa Eleʼaazaar lubichatti, Iyyaasuu ilma Nuunittii fi hangafoota maatiiwwan gosoota Israaʼel kaanitti dhiʼaatanii \v 2 Shiiloo Kanaʼaan keessatti argamtu sana keessatti, “\nd Waaqayyo\nd* akka isin magaalaa nu keessa jiraannu lafa tikaa kan horii keenyaaf taʼu wajjin nuu kennitan karaa Museetiin ajajee ture” jedhaniin. \b \lh \v 3 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti dhaala ofii isaanii keessaa magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa Lewwotaaf kennan. \b \li1 \v 4 Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan. \li1 \v 5 Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan. \li1 \v 6 Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan. \li1 \v 7 Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan. \b \lf \v 8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan. \b \li1 \v 9 Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan; \v 10 sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman: \li2 \v 11 Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture. \v 12 Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan. \v 13 Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa, \v 14 Yatiir, Eshtimoʼaa, \v 15 Hooloon, Debiir, \v 16 Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha. \li1 \v 17 Gosa Beniyaam irraas \li2 Gibeʼoon, Gebaaʼi, \v 18 Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha. \lf \v 19 Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan. \b \lh \v 20 Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan: \li1 \v 21 Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis \li2 magaalaa namni nama ajjeesee himatamu itti baqatu sanaa fi Geezir, \v 22 Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan. \li1 \v 23 Akkasumas gosa Daan keessaa \li2 Elteqee, Gibetoon, \v 24 Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan. \li1 \v 25 Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo \li2 Taʼanaakii fi Gat Rimoon, magaalaawwan lama lafa tikaa wajjin fudhatan. \lf \v 26 Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman. \b \lh \v 27 Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo: \li1 Walakkaa gosa Minaasee keessaa, \li2 Goolaan ishee Baashaan keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatu sanaa fi Beʼeshitiraa, magaalaawwan lamaa fi lafa tikaa isaaniitu kennameef; \li1 \v 28 gosa Yisaakor keessaa \li2 Kishoon, Daaberaati, \v 29 Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef; \li1 \v 30 gosa Aasheer keessaa \li2 Mishiʼaal, Abdoon, \v 31 Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef; \li1 \v 32 gosa Niftaalem keessaa \li2 Qaadesh ishee Galiilaa keessaa, magaalaan namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galuu akkasumas Hamoot Doorii fi Qartaan, magaalaawwan sadii lafa tikaa isaanii wajjin kennameef. \lf \v 33 Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname. \b \lh \v 34 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif: \li1 gosa Zebuuloon keessaa, \li2 Yoqeniʼaam, Qartaa, \v 35 Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname; \li1 \v 36 gosa Ruubeen keessaa \li2 Bezer, Yaahizaa, \v 37 Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef; \li1 \v 38 gosa Gaad keessaa immoo, \li2 Raamooti ishee Giliʼaad keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galu, Mahanayiim, \v 39 Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef. \lf \v 40 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif walumaa galatti magaalaawwan kudha lamatu ixaadhaan kenname. \b \lf \v 41 Magaalaawwan Lewwotaa kanneen biyya Israaʼeloonni dhuunfatan keessatti argaman lafa tikaa wajjin walumaa galatti afurtamii saddeet turan. \v 42 Tokkoon tokkoon magaalaawwan kanneenii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; magaalaawwan hundinuu akkanuma. \b \p \v 43 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakate hunda saba Israaʼeliif kenne; isaanis biyya sana qabatanii achi jiraatan. \v 44 \nd Waaqayyo\nd* akkuma abbootii isaaniitiif kakate sana karaa hundaan boqonnaa isaanii kenne. Diinni isaanii tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye; \nd Waaqayyo\nd* diinota isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. \v 45 Waadaa gaarii \nd Waaqayyo\nd* mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera. \c 22 \s1 Gosoonni Gara Baʼa Biiftuu Biyyatti Deebiʼan \p \v 1 Ergasii Iyyaasuun gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee \v 2 akkana jedheen; “Isin waan Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu. \v 3 Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isinii kennes eegdaniirtu. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa. \v 5 Garuu akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* isinii kenne sana jabeessaa eegaa.” \p \v 6 Ergasiis Iyyaasuun eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan. \v 7 Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Iyyaasuun immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Iyyaasuun yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise; \v 8 akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.” \p \v 9 Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman. \p \v 10 Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan. \v 11 Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti, \v 12 guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman. \p \v 13 Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan. \v 14 Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel. \p \v 15 Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan: \v 16 “Guutummaan waldaa \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Waaqa Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti \nd Waaqayyo\nd* irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu? \v 17 Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba \nd Waaqayyoo\nd* irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine. \v 18 Isin ammas \nd Waaqayyo\nd* irraa garagaluu keessanii? \p “ ‘Yoo isin harʼa \nd Waaqayyotti\nd* finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama. \v 19 Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa \nd Waaqayyo\nd* iddoo dunkaanni \nd Waaqayyoo\nd* dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii \nd Waaqayyotti\nd* yookaan nutti hin fincilinaa. \v 20 Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’ ” \p \v 21 Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan; \v 22 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni waaqotaa, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni waaqotaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun \nd Waaqayyotti\nd* finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin. \v 23 Yoo nu \nd Waaqayyo\nd* irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa itti nu haa gaafatu. \p \v 24 “Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel irraa maali qabdu? \v 25 \nd Waaqayyo\nd* nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin \nd Waaqayyo\nd* irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu dhiisan godhu taʼa. \p \v 26 “Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma. \v 27 Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin \nd Waaqayyo\nd* irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan. \p \v 28 “Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’ \p \v 29 “Iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan \nd Waaqayyotti\nd* fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu.” \p \v 30 Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan. \v 31 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, “Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti \nd Waaqayyoof\nd* amanamummaa hin dhiisiniif akka \nd Waaqayyo\nd* nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka \nd Waaqayyoo\nd* jalaa baaftaniirtu” jedhe. \p \v 32 Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan. \v 33 Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Waaqa galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne. \p \v 34 Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha. \c 23 \s1 Haasaa Iyyaasuu Isa Dhumaa \p \v 1 Erga barri dheeraan darbee \nd Waaqayyos\nd* diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome; \v 2 innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera. \v 3 Isin mataan keessanuu waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessantu isiniif lole. \v 4 Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa. \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu. \p \v 6 “Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa. \v 7 Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa. \v 8 Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanitti maxxanaa. \p \v 9 “\nd Waaqayyo\nd* saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye. \v 10 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa. \v 11 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa. \p \v 12 “Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan, \v 13 akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu. \p \v 14 “Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne. \v 15 Garuu akkuma waadaan gaariin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii hundi guutame sana, \nd Waaqayyo\nd* akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida. \v 16 Yoo isin kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.” \c 24 \s1 Kakuun Sheekemitti Haaromfame \p \v 1 Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan. \p \v 2 Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan. \v 3 Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne; \v 4 Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan. \p \v 5 “ ‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase. \v 6 Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan. \v 7 Isaan gargaarsa barbaaduuf \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan. \p \v 8 “ ‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan. \v 9 Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate. \v 10 Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase. \p \v 11 “ ‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne. \v 12 Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine. \v 13 Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’ \p \v 14 “Egaa \nd Waaqayyoon\nd* sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilaa. \v 15 Isin garuu yoo \nd Waaqayyoon\nd* tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffanna.” \p \v 16 Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee \nd Waaqayyoon\nd* dhiisuun nurraa haa fagaatu! \v 17 Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege. \v 18 \nd Waaqayyo\nd* saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilla.” \p \v 19 Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin \nd Waaqayyoon\nd* tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu. \v 20 Yoo isin \nd Waaqayyoon\nd* dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.” \p \v 21 Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilla” jedhan. \p \v 22 Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka \nd Waaqayyoon\nd* tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen. \p Isaanis deebisanii, “Eeyyee, nu dhugaa baatota” jedhan. \p \v 23 Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen. \p \v 24 Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe. \p \v 25 Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase. \v 26 Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu \nd Waaqayyoo\nd* biratti qilxuu tokko jala dhaabe. \p \v 27 Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii \nd Waaqayyo\nd* nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.” \s1 Iyyaasuun Duʼuu Isaa \r 24:29‑31 kwf – \xt AbM 2:6‑9\xt* \p \v 28 Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge. \p \v 29 Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi \nd Waaqayyoo\nd* sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. \v 30 Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan. \p \v 31 Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan \nd Waaqayyo\nd* Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa \nd Waaqayyoon\nd* tajaajileera. \p \v 32 Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe. \p \v 33 Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.