\id JON - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Yoonaas \toc1 Raajii Yoonaas \toc2 Yoonaas \toc3 Yon \mt2 Raajii \mt1 Yoonaas \c 1 \s1 Yoonaas \nd Waaqayyo\nd* Duraa Baqate \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Yoonaas ilma Amitaayi dhufe: \v 2 “Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.” \p \v 3 Yoonaas garuu \nd Waaqayyo\nd* duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee \nd Waaqayyo\nd* duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe. \v 5 Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaaniitti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan. \p Yoonaas garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe. \v 6 Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqa kee waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen. \p \v 7 Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yoonaas irra buʼe. \v 8 Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 9 Innis, “Ani Ibricha \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise. \p \v 10 Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni \nd Waaqayyo\nd* duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan. \p \v 11 Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 12 Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise. \p \v 13 Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye. \v 14 Kana irratti isaan, “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Yaa \nd Waaqayyo\nd* ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara \nd Waaqayyootti\nd* iyyatan. \v 15 Akkasiin Yoonaasin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe. \v 16 Kana irratti namoonni sun akka malee \nd Waaqayyoon\nd* sodaatanii aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan; wareegas wareeganiif. \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* garuu akka inni Yoonaasin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture. \c 2 \s1 Kadhannaa Yoonaas \p \v 1 Yoonaas garaa qurxummii keessaa \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa isaa kadhate. \v 2 Innis akkana jedhe: \q1 “Ani rakkina koo keessatti \nd Waaqayyoon\nd* waammadhe; \q2 innis deebii naaf kenne. \q1 Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; \q2 atis iyya koo naaf dhageesse. \q1 \v 3 Ati tuujubatti, \q2 garaa galaanaatti gad na darbatte; \q2 lolaanis na marse; \q1 dambalii fi dhaʼaan kee \q2 hundinuu narra garagalan. \q1 \v 4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; \q2 taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii \q2 qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe. \q1 \v 5 Bishaanonni na haguugan; \q2 tuujubni immoo na marse; \q2 aramaan galaanaas mataatti na marame. \q1 \v 6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; \q2 balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, \q2 ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte. \b \q1 \v 7 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yeroo lubbuun koo dadhabdetti \q2 ani sin yaadadhe; \q1 kadhannaan koos gara kee \q2 gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe. \b \q1 \v 8 “Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan \q2 araara Waaqaa irraa garagalu. \q1 \v 9 Ani garuu faarfannaa galataatiin \q2 aarsaa siif nan dhiʼeessa. \q1 Ani wareegan wareege sanas nan baasa. \q2 Anis, ‘Fayyinni \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufa’ ” nan jedha. \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe. \c 3 \s1 Yoonaas Nanawwee Dhaqe \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yoonaas dhufe: \v 2 “Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi.” \p \v 3 Yoonaasis dubbii \nd Waaqayyootiif\nd* ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture. \v 4 Yoonaas imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: “Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti.” \v 5 Warri Nanawwees Waaqatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan. \p \v 6 Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe. \v 7 Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse: \pmo “Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha: \pm Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa. \v 8 Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Waaqa isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan. \v 9 Maaltu beeka? Tarii Waaqni gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.” \p \v 10 Waaqnis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Waaqnis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise. \c 4 \s1 Yoonaas Gara Laafina \nd Waaqayyotti\nd* Aare \p \v 1 Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare. \v 2 Akkana jedhees \nd Waaqayyoon\nd* kadhate; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka. \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd* jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.” \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. \p \v 5 Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege. \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade. \v 7 Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge. \v 8 Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe. \p \v 9 Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. \p Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe. \v 11 Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”