\id JOB - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Iyyoob \toc1 Kitaaba Iyyoob \toc2 Iyyoob \toc3 Iyo \mt2 Kitaaba \mt1 Iyyoob \c 1 \s1 Seensa \p \v 1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture. \v 2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture; \v 3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture. \p \v 4 Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture. \v 5 Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Iyyoob itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Waaqa abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Iyyoob yeroo hunda waan kana godha ture. \s1 Qorumsa Iyyoob Kan Jalqabaa \p \v 6 Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe. \v 7 \nd Waaqayyos\nd* seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe. \p Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee \nd Waaqayyoof\nd* deebise. \p \v 8 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe. \p \v 9 Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa? \v 10 Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf. \v 11 Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.” \p \v 12 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe. \p Sana booddee Seexanni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa baʼee deeme. \p \v 13 Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Iyyoob mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu, \v 14 ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu, \v 15 namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” \p \v 16 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee, “Ibiddi Waaqaa samiidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe. \p \v 17 Utuu inni dubbachaa jiruu ammas ergamaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe. \p \v 18 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan; \v 19 yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” \p \v 20 Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee \v 21 akkana jedhe: \q1 “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; \q2 qullaa koos nan deema. \q1 \nd Waaqayyotu\nd* kenne; \nd Waaqayyotu\nd* fudhate; \q2 maqaan \nd Waaqayyoo\nd* haa eebbifamu.” \p \v 22 Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob hojii dogoggoraatiin Waaqa himachuudhaan cubbuu hin hojjenne. \b \c 2 \s1 Qorumsa Iyyoob Isa Lammaffaa \p \v 1 Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaachuuf dhufe. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhe. \p Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooree asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee \nd Waaqayyoof\nd* deebise. \p \v 3 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan akkana jedhe; “Tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera.” \p \v 4 Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna. \v 5 Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.” \p \v 6 \nd Waaqayyos\nd* Seexanaan, “Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin” jedhe. \p \v 7 Kanaafuu Seexanni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa baʼee Iyyoobin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute. \v 8 Iyyoobis ittiin of hooquuf jedhee qiraacii fudhatee daaraa keessa taaʼe. \p \v 9 Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette. \p \v 10 Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe. \p Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob waan dubbateen cubbuu hin hojjenne. \s1 Michoota Iyyoob Sadan \p \v 11 Michoonni Iyyoob sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Iyyoob irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan. \v 12 Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan. \v 13 Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne. \c 3 \s1 Dubbii Iyyoob \p \v 1 Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare. \v 2 Innis akkana jedhe: \s1 Iyyoob \q1 \v 3 “Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu; \q2 halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu. \q1 \v 4 Guyyaan sun haa dukkanaaʼu; \q2 Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin; \q2 ifnis itti hin ifin. \q1 \v 5 Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan; \q2 duumessi isa irra haa buʼu; \q2 ifa isaa dukkanni haa liqimsu. \q1 \v 6 Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu; \q2 guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin \q2 yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin. \q1 \v 7 Halkan sun haa maseenu; \q2 ililleenis keessatti hin dhagaʼamin. \q1 \v 8 Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan, \q2 kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran. \q1 \v 9 Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu; \q2 ifa eeggatee haa dhabu; \q2 boruu baqaqus hin argin. \q1 \v 10 Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf, \q2 balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii. \b \q1 \v 11 “Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin? \q2 Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin? \q1 \v 12 Jilbawwan na simatan, \q2 harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman? \q1 \v 13 Ani silaa yoona nagaan nan ciisa; \q2 rafees nan boqodhan tureetii; \q1 \v 14 moototaa fi gorsitoota addunyaa \q2 warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin, \q1 \v 15 bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii \q2 meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture. \q1 \v 16 Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee, \q2 akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin? \q1 \v 17 Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu; \q2 dadhaboonnis achitti ni boqotu. \q1 \v 18 Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu; \q2 waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan. \q1 \v 19 Xinnaa fi guddaan achi jira; \q2 garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera. \b \q1 \v 20 “Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni \q2 warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama? \q1 \v 21 Warra duʼa hawwanii dhabaniif \q2 warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif \q1 \v 22 warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti \q2 gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama? \q1 \v 23 Nama karaan isaa duraa dhokateef \q2 nama Waaqni dallaa itti marse \q2 jireenyi maaliif kennama? \q1 \v 24 Gaddi buddeena naa taʼeera; \q2 aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa. \q1 \v 25 Wanni ani sodaadhe natti dhufeera; \q2 wanni na naasisus narra gaʼeera. \q1 \v 26 Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu; \q2 jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.” \c 4 \s1 Eliifaaz \p \v 1 Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? \q2 Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa? \q1 \v 3 Ati akka nama baayʼee barsiifte, \q2 akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu. \q1 \v 4 Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; \q2 atis jilba laafe jabeessiteerta. \q1 \v 5 Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; \q2 rakkinni si miidheera; atis rifatteerta; \q1 \v 6 Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, \q2 qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii? \b \q1 \v 7 “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? \q2 Qajeelonni eessatti badanii beeku? \q1 \v 8 Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, \q2 kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu. \q1 \v 9 Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; \q2 hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu. \q1 \v 10 Leenci ni aada; ni gururiʼas; \q2 ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba. \q1 \v 11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; \q2 ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu. \b \q1 \v 12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; \q2 gurri koos asaasa isaa dhagaʼe. \q1 \v 13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, \q2 yommuu hirribni cimaan nama qabatutti, \q1 \v 14 sodaa fi hollachuun na qabatee \q2 lafee koo hunda raase. \q1 \v 15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; \q2 rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate. \q1 \v 16 Innis ni dhaabate; \q2 ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. \q1 Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; \q2 anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe: \q1 \v 17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? \q2 Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa? \q1 \v 18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; \q2 ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata; \q1 \v 19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, \q2 warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, \q2 warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree? \q1 \v 20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; \q2 tasumas bara baraan ni badu. \q1 \v 21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif \q2 funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’ \b \c 5 \q1 \v 1 “Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? \q2 Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta? \q1 \v 2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa; \q2 raatuus hinaaffaatu galaafata. \q1 \v 3 Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; \q2 manni isaa garuu yoosuma abaarame. \q1 \v 4 Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; \q2 isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru. \q1 \v 5 Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; \q2 inni dheebotes qabeenya isaa hawwa. \q1 \v 6 Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; \q2 dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu. \q1 \v 7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu \q2 namni rakkinaaf dhalata. \b \q1 \v 8 “Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; \q2 dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture. \q1 \v 9 Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, \q2 hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta. \q1 \v 10 Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; \q2 lafa qotiisaas bishaan ni obaasa. \q1 \v 11 Warra gad qabaman ol baasa; \q2 warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa. \q1 \v 12 Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, \q2 inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa. \q1 \v 13 Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; \q2 malli jalʼootaa immoo dafee ni bada. \q1 \v 14 Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas \q2 akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu. \q1 \v 15 Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, \q2 harka nama jabaa jalaas ni baasa. \q1 \v 16 Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; \q2 jalʼinnis afaan isaa ni cufata. \b \q1 \v 17 “Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; \q2 kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin. \q1 \v 18 Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; \q2 harka isaatiinis deebisee ni fayyisa. \q1 \v 19 Balaa jaʼa jalaa si baasa; \q2 torba keessattis hin miidhamtu. \q1 \v 20 Bara beelaa duʼa jalaa, \q2 lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa. \q1 \v 21 Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; \q2 yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu. \q1 \v 22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita; \q2 bineensota lafaas hin sodaattu. \q1 \v 23 Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; \q2 bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu. \q1 \v 24 Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; \q2 qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu. \q1 \v 25 Ijoolleen kee akka baayʼatan, \q2 sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta. \q1 \v 26 Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, \q2 atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta. \b \q1 \v 27 “Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. \q2 Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.” \c 6 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoobis akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Utuu gaddi koo safaramee \q2 dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee! \q1 \v 3 Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf, \q2 ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture. \q1 \v 4 Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru; \q2 hafuurri koo summii isaanii dhuga; \q2 sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera. \q1 \v 5 Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa? \q2 Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa? \q1 \v 6 Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa? \q2 Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa? \q1 \v 7 Ani isa tuquu hin fedhu; \q2 nyaanni akkasii na dhukkubsa. \b \q1 \v 8 “Utuu kadhannaan koo deebii argatee, \q2 Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee, \q1 \v 9 utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee, \q2 utuu harki isaa hiikamee na galaafatee! \q1 \v 10 Silaa kun jajjabina naa taʼa ture; \q2 dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture; \q2 ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii. \b \q1 \v 11 “Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali? \q2 Akkan obsuufis humni koo maali? \q1 \v 12 Ani jabina dhagaa qabaa? \q2 Foon koos naasiidhaa? \q1 \v 13 Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa? \q2 Ogummaan na keessaa badeera mitii? \b \q1 \v 14 “Namni michuu isaatiif garaa hin laafne \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera. \q1 \v 15 Obboloonni koo garuu akka doloolloo, \q2 akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota; \q1 \v 16 isaan laga cabbiidhaan booraʼee \q2 yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti. \q1 \v 17 Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu; \q2 yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu. \q1 \v 18 Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu; \q2 gammoojjiitti namʼanii dhumu. \q1 \v 19 Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu; \q2 karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu. \q1 \v 20 Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan; \q2 achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan. \q1 \v 21 Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan; \q2 gidiraa koo argitanii sodaattan. \q1 \v 22 Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan \q2 ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa? \q1 \v 23 Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan, \q2 ‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa? \b \q1 \v 24 “Na barsiisaa; ani nan calʼisa; \q2 iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa. \q1 \v 25 Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha! \q2 Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa? \q1 \v 26 Isin waan ani jedhu qajeelchuu, \q2 dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu? \q1 \v 27 Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu; \q2 michoota keessaniifis boolla qottu. \b \q1 \v 28 “Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa. \q2 Ani fuula keessan duratti nan sobaa? \q1 \v 29 Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa; \q2 hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii. \q1 \v 30 Jalʼinni arraba koo irra jiraa? \q2 Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu? \b \c 7 \q1 \v 1 “Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? \q2 Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii? \q1 \v 2 Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, \q2 yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo, \q1 \v 3 jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; \q2 halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman. \q1 \v 4 Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. \q2 Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala. \q1 \v 5 Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; \q2 gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira. \b \q1 \v 6 “Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; \q2 innis abdii malee dhuma. \q1 \v 7 Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo \q2 akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; \q2 iji koo lammata waan gaarii hin argu. \q1 \v 8 Iji amma na argu siʼachi na hin argu; \q2 ati na barbaadda; garuu ani hin jiru. \q1 \v 9 Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus \q2 namni awwaalame hin deebiʼu. \q1 \v 10 Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; \q2 iddoon isaas siʼachi isa hin beeku. \b \q1 \v 11 “Kanaafuu ani cal hin jedhu; \q2 ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; \q2 hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma. \q1 \v 12 Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo \q2 yookaan bineensa galaanaa ti? \q1 \v 13 Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; \q2 wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti, \q1 \v 14 ati abjuu keessa na sodaachifta; \q2 mulʼataanis na rifachiifta. \q1 \v 15 Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra \q2 of hudhee duʼuu nan filadha. \q1 \v 16 Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. \q2 Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii. \b \q1 \v 17 “Akka ati isa leelliftuuf, \q2 akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali? \q1 \v 18 Ati ganama ganama isa xiinxaltee \q2 yeroo yerootti isa qorta. \q1 \v 19 Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? \q2 Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu? \q1 \v 20 Yaa isa nama eegdu, \q2 yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? \q1 Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? \q2 Ani baʼaa sitti taʼeeraa? \q1 \v 21 Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee \q2 cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? \q1 Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; \q2 ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.” \c 8 \s1 Bildaad \p \v 1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? \q2 Dubbiin kee bubbee jabaa dha. \q1 \v 3 Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? \q2 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa? \q1 \v 4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, \q2 inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne. \q1 \v 5 Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte, \q1 \v 6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, \q2 inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; \q2 jireenya qajeelummaa kees siif deebisa. \q1 \v 7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, \q2 dhumni kee baayʼee guddaa taʼa. \b \q1 \v 8 “Dhaloota darbe gaafadhu; \q2 waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu; \q1 \v 9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; \q2 baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti. \q1 \v 10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? \q2 Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii? \q1 \v 11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? \q2 Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa? \q1 \v 12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, \q2 biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu. \q1 \v 13 Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; \q2 abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada. \q1 \v 14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; \q2 ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti. \q1 \v 15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; \q2 itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu. \q1 \v 16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, \q2 dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti. \q1 \v 17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; \q2 kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata. \q1 \v 18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, \q2 iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana. \q1 \v 19 Kunis dhuma jireenya isaa ti; \q2 biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu. \b \q1 \v 20 “Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; \q2 yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu. \q1 \v 21 Inni afaan kee kolfaan, \q2 arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta. \q1 \v 22 Warri si jibban salphina uffatu. \q2 Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.” \c 9 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. \q2 Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa? \q1 \v 3 Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade \q2 kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu. \q1 \v 4 Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. \q2 Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa? \q1 \v 5 Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; \q2 dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha. \q1 \v 6 Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; \q2 utubaawwan ishees ni raasa. \q1 \v 7 Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; \q2 urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa. \q1 \v 8 Isa qofatu samiiwwan diriirsa; \q2 dambalii galaanaa irras ni deema. \q1 \v 9 Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, \q2 Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume. \q1 \v 10 Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, \q2 dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta. \q1 \v 11 Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; \q2 yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu. \q1 \v 12 Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? \q2 Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa? \q1 \v 13 Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; \q2 warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu. \b \q1 \v 14 “Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? \q2 Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa? \q1 \v 15 Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, \q2 isaaf deebisuu hin dandaʼu; \q2 abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa. \q1 \v 16 Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, \q2 akka inni na dhagaʼu ani hin amanu. \q1 \v 17 Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; \q2 madaa koos sababii malee natti baayʼisa. \q1 \v 18 Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee \q2 akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine. \q1 \v 19 Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! \q2 Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa? \q1 \v 20 Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; \q2 utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima. \b \q1 \v 21 “Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, \q2 waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; \q2 jireenya koos nan tuffadha. \q1 \v 22 Wanni hundinuu tokkuma; \q2 kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, \q2 isa hamaas ni balleessa’ nan jedha. \q1 \v 23 Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, \q2 inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa. \q1 \v 24 Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, \q2 inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; \q2 kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree? \b \q1 \v 25 “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; \q2 utuu gammachuu tokko illee hin argin darba. \q1 \v 26 Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, \q2 akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata. \q1 \v 27 Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; \q2 nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe, \q1 \v 28 ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; \q2 akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii. \q1 \v 29 Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, \q2 ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree? \q1 \v 30 Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee \q2 handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu, \q1 \v 31 ati hamma uffanni koos na balfutti, \q2 boolla keessa na dhidhimsita. \b \q1 \v 32 “Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, \q2 inni akka koo nama foonii miti. \q1 \v 33 Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, \q2 kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee, \q1 \v 34 utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee \q2 silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture. \q1 \v 35 Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; \q2 haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu. \b \c 10 \q1 \v 1 “Ani jireenya koo akka malee jibbeera; \q2 kanaafuu caalchisee nan guunguma; \q2 hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha. \q1 \v 2 Waaqaanis akkana nan jedha: \q2 Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin. \q1 \v 3 Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee \q2 ana immoo yommuu cunqursitu, \q2 hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa? \q1 \v 4 Ati ija foonii qabdaa? \q2 Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa? \q1 \v 5 Barri kee akka bara namaatii? \q2 Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii? \q1 \v 6 Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee \q2 cubbuu koo qoratta? \q1 \v 7 Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi \q2 akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta. \b \q1 \v 8 “Harki kee tolchee na uume. \q2 Ati amma deebitee na balleessitaa? \q1 \v 9 Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. \q2 Ati amma gara biyyootti na deebiftaa? \q1 \v 10 Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? \q2 Akka baaduus na hin itichinee? \q1 \v 11 Ati gogaa fi foon natti uffifte; \q2 lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite. \q1 \v 12 Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; \q2 kunuunsi kees hafuura koo naa eege. \b \q1 \v 13 “Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; \q2 anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka. \q1 \v 14 Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; \q2 balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu. \q1 \v 15 Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! \q2 Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, // mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; \q1 ani salphina uffadhee \q2 dhiphina keessa seeneeraatii. \q1 \v 16 Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; \q2 humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta. \q1 \v 17 Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee \q2 dheekkamsa kee natti dabalta; \q2 loltuus natti fidda. \b \q1 \v 18 “Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? \q2 Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee. \q1 \v 19 Ani utuun dhalachuu baadhee \q2 yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee! \q1 \v 20 Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? \q2 Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi; \q1 \v 21 utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, \q2 biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura, \q1 \v 22 gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, \q2 biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, \q2 kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.” \c 11 \s1 Zoofaari \p \v 1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? \q2 Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa? \q1 \v 3 Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? \q2 Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu? \q1 \v 4 Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; \q2 ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta. \q1 \v 5 Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, \q2 utuu afaan isaas sitti saaqqatee \q1 \v 6 icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! \q2 Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. \q2 Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki. \b \q1 \v 7 “Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu \q2 yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa? \q1 \v 8 Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? \q2 Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa? \q1 \v 9 Safarri isaa lafa caalaa dheerata; \q2 galaana caalaa balʼata. \b \q1 \v 10 “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, \q2 yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? \q1 \v 11 Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; \q2 inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu? \q1 \v 12 Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee \q2 gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu. \b \q1 \v 13 “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee \q2 harka kees gara isaatti diriirsite, \q1 \v 14 cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, \q2 akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote, \q1 \v 15 ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; \q2 sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta. \q1 \v 16 Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; \q2 akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta. \q1 \v 17 Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; \q2 dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa. \q1 \v 18 Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; \q2 naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta. \q1 \v 19 Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; \q2 namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu. \q1 \v 20 Iji hamootaa ni dadhaba; \q2 karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; \q2 abdiin isaaniis duʼa qofa.” \c 12 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Nama jechuun dhugumaan isin; \q2 ogummaanis isin wajjin duuti! \q1 \v 3 Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba; \q2 ani isinii gad miti. \q2 Namni waan akkanaa hin beekne eenyu? \b \q1 \v 4 “Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee, \q2 michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera. \q2 Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera. \q1 \v 5 Warri itti tole rakkinatti qoosu; \q2 nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu. \q1 \v 6 Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu; \q2 warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran, \q2 warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu. \b \q1 \v 7 “Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu; \q2 yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu; \q1 \v 8 yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa; \q2 yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan. \q1 \v 9 Akka harki \nd Waaqayyoo\nd* waan kana hojjete, \q2 isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne? \q1 \v 10 Lubbuun uumama hundaa, \q2 hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira. \q1 \v 11 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, \q2 gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu? \q1 \v 12 Ogummaan jaarsolii biratti, \q2 hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii? \b \q1 \v 13 “Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti; \q2 gorsii fi hubannaanis kan isaa ti. \q1 \v 14 Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu; \q2 nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu. \q1 \v 15 Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa; \q2 yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa. \q1 \v 16 Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti; \q2 namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti. \q1 \v 17 Inni gorsitoota qullaa deemsisa; \q2 abbootii murtiis gowwoota godha. \q1 \v 18 Inni mootota irraa hidhaa hiikee, \q2 mudhii isaaniitti sabbata hidha. \q1 \v 19 Luboota qullaa deemsisa; \q2 jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha. \q1 \v 20 Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa; \q2 hubannaa jaarsoliis irraa fuudha. \q1 \v 21 Warra kabajamootti salphina fida; \q2 warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa. \q1 \v 22 Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa; \q2 dukkana limixiis ifatti geeddara. \q1 \v 23 Inni saboota ni guddisa; ni balleessas; \q2 saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas. \q1 \v 24 Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa; \q2 gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa. \q1 \v 25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu; \q2 inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha. \b \c 13 \q1 \v 1 “Waan kana hunda iji koo argeera; \q2 gurri koos dhagaʼee hubateera. \q1 \v 2 Waan isin beektan anis beeka; \q2 ani isinii gad miti. \q1 \v 3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; \q2 waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada. \q1 \v 4 Isin garuu sobaan nama faaltu; \q2 hundi keessan abbootii qorichaa \q2 kanneen faayidaa hin qabnee dha! \q1 \v 5 Isin yoo cal jettan maal qaba! \q2 Wanni sun ogummaa isiniif taʼa. \q1 \v 6 Amma falmii koo dhagaʼaa; \q2 kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa. \q1 \v 7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? \q2 Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu? \q1 \v 8 Isaaf ni loogduu? \q2 Waaqaafis ni falmituu? \q1 \v 9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? \q2 Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu? \q1 \v 10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, \q2 inni dhugumaan isinitti dheekkama. \q1 \v 11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu? \q2 Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu? \q1 \v 12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; \q2 daʼoon keessanis daʼoo suphee ti. \b \q1 \v 13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; \q2 ergasii wanni barbaade natti haa dhufu. \q1 \v 14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, \q2 lubbuu koos harka kootiin qabadha? \q1 \v 15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; \q2 waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha. \q1 \v 16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle \q2 fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii! \q1 \v 17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; \q2 waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu. \q1 \v 18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; \q2 akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka. \q1 \v 19 Namni na himatu jiraa? \q2 Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas. \b \q1 \v 20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee \q2 ani fuula kee duraa hin dhokadhu. \q1 \v 21 Harka kee narraa fageessi; \q2 sodaachisni kees na hin rifachiisin. \q1 \v 22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha; \q2 yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita. \q1 \v 23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? \q2 Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi. \q1 \v 24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee \q2 akka diinaatti na ilaalta? \q1 \v 25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? \q2 Habaqii gogaa ni ariitaa? \q1 \v 26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; \q2 cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta. \q1 \v 27 Miilla koo jirma gidduu galchita; \q2 faana miilla kootiitti mallattoo gootee \q2 karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta. \b \q1 \v 28 “Namnis akkuma waan bososeetti, \q2 akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma. \b \c 14 \q1 \v 1 “Nama dubartoota irraa dhalate, \q2 barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha. \q1 \v 2 Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; \q2 akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu. \q1 \v 3 Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa? \q2 Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa? \q1 \v 4 Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa? \q2 Namni tokko iyyuu hin dandaʼu! \q1 \v 5 Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; \q2 baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; \q2 daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta. \q1 \v 6 Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti, \q2 fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi. \b \q1 \v 7 “Mukni illee abdii qaba: \q2 Yoo murame deebiʼee ni lata; \q2 dameen isaa haaraanis hin gogu. \q1 \v 8 Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee \q2 gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu, \q1 \v 9 foolii bishaaniitiin lata; \q2 akka biqiltuuttis damee ni baafata. \q1 \v 10 Namni garuu duʼee awwaalama; \q2 lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu. \q1 \v 11 Akkuma bishaan galaanaa gogu \q2 yookaan lagnis dhumee gogu sana, \q1 \v 12 namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus; \q2 hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu \q2 yookaan hirribaa hin kaʼu. \b \q1 \v 13 “Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee \q2 hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee! \q1 Maaloo utuu beellama naa kennitee \q2 ergasii immoo na yaadattee! \q1 \v 14 Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa? \q2 Ani hamma haaromfamni koo dhufutti, \q2 bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha. \q1 \v 15 Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha; \q2 hojii harka keetiis ni hawwita. \q1 \v 16 Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta; \q2 cubbuu koo garuu hin toʼattu. \q1 \v 17 Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama; \q2 ati cubbuu koo ni haguugda. \b \q1 \v 18 “Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu, \q2 kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana, \q1 \v 19 akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu, \q2 akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana, \q2 atis akkasuma abdii namaa ni balleessita. \q1 \v 20 Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada; \q2 bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita. \q1 \v 21 Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku; \q2 yoo isaan salphatanis hin argu. \q1 \v 22 Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama; \q2 inni mataa isaa qofaaf booʼa.” \c 15 \s1 Eliifaaz \p \v 1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? \q2 Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa? \q1 \v 3 Inni dubbii faayidaa hin qabneen, \q2 haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa? \q1 \v 4 Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; \q2 Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita. \q1 \v 5 Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; \q2 atis afaan jalʼootaa filatta. \q1 \v 6 Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; \q2 arrabuma keetu ragaa sitti taʼa. \b \q1 \v 7 “Situ nama hunda dura dhalatee? \q2 Yookaan situ tulluuwwan dura argamee? \q1 \v 8 Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? \q2 Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa? \q1 \v 9 Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? \q2 Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali? \q1 \v 10 Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, \q2 warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru. \q1 \v 11 Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, \q2 dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee? \q1 \v 12 Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? \q2 Ijas maaliif babaafta? \q1 \v 13 Wanni akka ati Waaqatti aartu, \q2 akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali? \b \q1 \v 14 “Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? \q2 Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali? \q1 \v 15 Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee \q2 samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan, \q1 \v 16 yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, \q2 kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun // hammam hammasii gad haa taʼu ree! \b \q1 \v 17 “Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; \q2 waanan arges sitti nan hima; \q1 \v 18 waan namoonni ogeeyyiin \q2 waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin \q2 odeessan sana nan dubbadha; \q1 \v 19 biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; \q2 alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne. \q1 \v 20 Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, \q2 gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata. \q1 \v 21 Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; \q2 utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu. \q1 \v 22 Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; \q2 goraadeetu isa eeggata. \q1 \v 23 Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; \q2 akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka. \q1 \v 24 Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; \q2 akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu; \q1 \v 25 inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera; \q1 \v 26 gaachana yabbuu fi jabaa qabatee \q2 isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera. \b \q1 \v 27 “Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee \q2 mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu, \q1 \v 28 inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, \q2 manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, \q2 kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata. \q1 \v 29 Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; \q2 yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu. \q1 \v 30 Inni dukkana jalaa hin baʼu; \q2 arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; \q2 hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata. \q1 \v 31 Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, \q2 waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin. \q1 \v 32 Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; \q2 dameen isaas hin lalisu. \q1 \v 33 Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, \q2 akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa. \q1 \v 34 Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; \q2 ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba. \q1 \v 35 Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; \q2 garaan isaaniis jalʼina yaada.” \c 16 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoobis akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; \q2 hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha! \q1 \v 3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? \q2 Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali? \q1 \v 4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii \q2 silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; \q1 dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis \q2 mataa koo isinitti nan raasan ture. \q1 \v 5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee \q2 gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture. \b \q1 \v 6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; \q2 cal jedhus na hin dhiisu. \q1 \v 7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; \q2 warra mana koo jiru hundas balleessiteerta. \q1 \v 8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; \q2 akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile. \q1 \v 9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; \q2 ilkaan isaa natti qarate; \q2 diinni koo ija isaa natti babaase. \q1 \v 10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; \q2 tuffiidhaan maddii koo kabalan; \q2 tokko taʼanii natti kaʼan. \q1 \v 11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; \q2 harka jalʼootaa keessas na buuse. \q1 \v 12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; \q2 morma na qabee na caccabse. \q1 Xiyyeeffannaa isaas na godhate; \q2 \v 13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. \q1 Inni gara laafina malee kalee koo waraanee \q2 hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse. \q1 \v 14 Inni ammumaa amma na caccabsa; \q2 akkuma loltuu tokkootti natti fiiga. \b \q1 \v 15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; \q2 gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera. \q1 \v 16 Fuulli koo booʼichaan diimateera; \q2 dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera. \q1 \v 17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; \q2 kadhannaan koos qulqulluu dha. \b \q1 \v 18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; \q2 akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin! \q1 \v 19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; \q2 abukaattoon koos ol gubbaa jira. \q1 \v 20 Michoonni koo na tuffatu; \q2 iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa; \q1 \v 21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana \q2 utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee! \b \q1 \v 22 “Waggoota xinnoo booddee, \q2 ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema. \c 17 \q1 \v 1 Hafuurri koo dadhabeera; \q2 barri koo gabaabbateera; \q2 awwaallis naa qopheeffameera. \q1 \v 2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; \q2 iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala. \b \q1 \v 3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; \q2 si malee eenyutu wabii naa taʼa? \q1 \v 4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; \q2 kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu. \q1 \v 5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf \q2 michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama. \b \q1 \v 6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, \q2 nama namni fuula isaatti tufu na godheera. \q1 \v 7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; \q2 dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti. \q1 \v 8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; \q2 namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa. \q1 \v 9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; \q2 warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu. \b \q1 \v 10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! \q2 Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu. \q1 \v 11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; \q2 hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera. \q1 \v 12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; \q2 utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu. \q1 \v 13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, \q2 yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, \q1 \v 14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ \q2 raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ \q2 yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe, \q1 \v 15 egaa abdiin koo eessa jira? \q2 Eenyutus abdii tokko illee naa arga? \q1 \v 16 Inni na wajjin awwaala buʼaa? \q2 Nus walumaan biyyoo seennaa?” \c 18 \s1 Bildaad \p \v 1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? \q2 Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya. \q1 \v 3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? \q2 Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna? \q1 \v 4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, \q2 lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? \q2 Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa? \b \q1 \v 5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; \q2 arrabni ibidda isaa ifa hin kennu. \q1 \v 6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; \q2 ibsaan isa bira jirus ni dhaama. \q1 \v 7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; \q2 malli isaas isuma kuffisa. \q1 \v 8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; \q2 inni boolla kiyyeeffame irra ni joora. \q1 \v 9 Kiyyoon kottee isaa qaba; \q2 futtaasaanis jabeessee isa qaba. \q1 \v 10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; \q2 karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera. \q1 \v 11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; \q2 faana isaa buʼees isa ariʼa. \q1 \v 12 Badiisni afaan itti banateera; \q2 balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata. \q1 \v 13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; \q2 ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata. \q1 \v 14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee \q2 gara mootii sodaatti geeffama. \q1 \v 15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; \q2 dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa. \q1 \v 16 Jalaan hiddi isaa ni goga; \q2 irraan immoo dameen isaa ni coollaga. \q1 \v 17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; \q2 maqaan isaas lafa irraa ni dhabama. \q1 \v 18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; \q2 addunyaa irraas ni dhabama. \q1 \v 19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, \q2 biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu. \q1 \v 20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; \q2 warri baʼaas sodaadhaan guutamu. \q1 \v 21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; \q2 iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.” \c 19 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoobis akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii \q2 dubbiin na cabsitu? \q1 \v 3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; \q2 qaanii malees na miitaniirtu. \q1 \v 4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, \q2 dogoggorri koo anuma wajjin jiraata. \q1 \v 5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii \q2 na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan, \q1 \v 6 akka Waaqni na miidhee \q2 kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa. \b \q1 \v 7 “ ‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; \q2 sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus // murtiin qajeelaan hin jiru. \q1 \v 8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; \q2 daandii koottis dukkana haguugeera. \q1 \v 9 Ulfina koo narraa mulqeera; \q2 mataa koo irraas gonfoo fuudheera. \q1 \v 10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; \q2 abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa. \q1 \v 11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; \q2 akkuma diina isaattis na heda. \q1 \v 12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii \q2 naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; \q2 dunkaana koos ni marsan. \b \q1 \v 13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera; \q2 michoonni koos keessummaa natti taʼan. \q1 \v 14 Firoonni koo na dhiisaniiru; \q2 michuuwwan koos na dagataniiru. \q1 \v 15 Keessumoonni mana koo jiranii fi \q2 xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; \q2 akka nama ormaattis na hedan. \q1 \v 16 Hojjetaa koo nan waama; \q2 afaan kootiinis isa nan kadhadha; \q2 inni garuu na jalaa hin owwaatu. \q1 \v 17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; \q2 ani obboloota koottis xiraaʼaa dha. \q1 \v 18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; \q2 yommuu ani kaʼus natti qoosu. \q1 \v 19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; \q2 warri ani jaalladhus natti garagalan. \q1 \v 20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; \q2 gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe. \b \q1 \v 21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; \q2 harki Waaqaa na dhaʼeeraatii. \q1 \v 22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? \q2 Amma illee foon koo isin hin geenyee? \b \q1 \v 23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! \q2 Utuu kitaaba keessatti barreeffamee! \q1 \v 24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee \q2 yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee! \q1 \v 25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, \q2 akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka. \q1 \v 26 Erga gogaan koo badee booddee, \q2 ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga; \q1 \v 27 ani mataan koo isa nan arga; \q2 utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. \q2 Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi! \b \q1 \v 28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf \q2 nu akkamitti isa ariina?’ jettan, \q1 \v 29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf \q2 isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; \q2 kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.” \c 20 \s1 Zoofaari \p \v 1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Waan ani akka malee jeeqameef, \q2 yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa. \q1 \v 3 Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; \q2 qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa. \b \q1 \v 4 “Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee \q2 wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii? \q1 \v 5 Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; \q2 gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti. \q1 \v 6 Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee \q2 mataan isaa duumessawwan tuqus, \q1 \v 7 inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; \q2 warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu. \q1 \v 8 Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; \q2 akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama. \q1 \v 9 Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; \q2 iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu. \q1 \v 10 Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; \q2 harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba. \q1 \v 11 Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, \q2 isa wajjin biyyoo keessa ciisa. \b \q1 \v 12 “Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee \q2 inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu, \q1 \v 13 inni afaanii baafatee gatuu jibbee \q2 afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu, \q1 \v 14 nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; \q2 isa keessattis hadhaa bofaa taʼa. \q1 \v 15 Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; \q2 Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha. \q1 \v 16 Inni summii bofaa xuuxa; \q2 arrabni buutiis isa ajjeesa. \q1 \v 17 Inni laga yaaʼu, \q2 burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu. \q1 \v 18 Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; \q2 buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu. \q1 \v 19 Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; \q2 mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera. \b \q1 \v 20 “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; \q2 inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu. \q1 \v 21 Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; \q2 badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu. \q1 \v 22 Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; \q2 dhiphinni cimaanis isa qabata. \q1 \v 23 Yeroo inni garaa isaa guutatutti, \q2 Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; \q2 dhaʼicha isaa illee itti roobsa. \q1 \v 24 Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, \q2 xiyya naasiitu isa waraana. \q1 \v 25 Dudga isaa keessaa xiyya, \q2 tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. \q1 Sodaan guddaan isa qabata; \q2 \v 26 dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. \q1 Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; \q2 waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa. \q1 \v 27 Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; \q2 laftis isatti kaati. \q1 \v 28 Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, \q2 bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema. \q1 \v 29 Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, \q2 dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.” \c 21 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; \q2 kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu. \q1 \v 3 Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; \q2 erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu. \b \q1 \v 4 “Dhugumaan kan ani komadhu namaa? \q2 Ani maaliif obsa hin dhabne ree? \q1 \v 5 Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis \q2 afaan keessan irra kaaʼadhaa. \q1 \v 6 Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; \q2 hollannaanis na qabata. \q1 \v 7 Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? \q2 Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu? \q1 \v 8 Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, \q2 sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu. \q1 \v 9 Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; \q2 uleen Waaqaas isaan hin tuqxu. \q1 \v 10 Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; \q2 saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis. \q1 \v 11 Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; \q2 daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu. \q1 \v 12 Dibbee fi kiraaraan sirbu; \q2 sagalee ululleetiinis ni gammadu. \q1 \v 13 Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; \q2 nagaadhaanis ni awwaalamu. \q1 \v 14 Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! \q2 Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu. \q1 \v 15 Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? \q2 Nu isa kadhannee maal arganna?’ \q1 \v 16 Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; \q2 kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha. \b \q1 \v 17 “Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? \q2 Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? \q2 Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa? \q1 \v 18 Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; \q2 akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti. \q1 \v 19 Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. \q2 Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif \q2 gatii isaa haa kennu! \q1 \v 20 Iji isaa badiisa isaa haa argu; \q2 inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu. \q1 \v 21 Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, \q2 waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa // dhimma maalii qabaata? \b \q1 \v 22 “Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? \q2 Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii. \q1 \v 23 Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, \q2 utuma humna guutuu qabuu, \q1 \v 24 utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa \q2 dhukaan guutamee jiruu ni duʼa. \q1 \v 25 Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, \q2 jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa. \q1 \v 26 Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; \q2 lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa. \b \q1 \v 27 “Ani yaada keessanii fi \q2 mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka. \q1 \v 28 Isin, ‘Manni namicha guddaa, \q2 dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu. \q1 \v 29 Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? \q2 Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee? \q1 \v 30 Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, \q2 akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee? \q1 \v 31 Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? \q2 Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu? \q1 \v 32 Inni gara awwaalaatti geeffama; \q2 awwaalli isaas ni eegama. \q1 \v 33 Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; \q2 namoonni hundi isa duukaa buʼu; \q2 namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu. \b \q1 \v 34 “Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen // na jajjabeessuu dandeessu ree? \q2 Deebiin keessanis soba qofa!” \c 22 \s1 Eliifaaz \p \v 1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? \q2 Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada? \q1 \v 3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf // gammachuu maalii kenna? \q2 Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata? \b \q1 \v 4 “Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf \q2 waan ati isa sodaattuufii? \q1 \v 5 Hamminni kee guddaa dha mitii? \q2 Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii? \q1 \v 6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; \q2 namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta. \q1 \v 7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne; \q2 kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta; \q1 \v 8 namni humna qabu biyya qabaata; \q2 kan ulfina qabus keessa jiraata. \q1 \v 9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; \q2 irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite. \q1 \v 10 Kanaafuu kiyyoon si marseera; \q2 sodaan tasaas si qabateera. \q1 \v 11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; \q2 lolaan bishaaniis sirra garagala. \b \q1 \v 12 “Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? \q2 Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala! \q1 \v 13 Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? \q2 Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa? \q1 \v 14 Yommuu inni bantii samii irra deemu, \q2 akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’ \q1 \v 15 Ati daandii durii \q2 kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa? \q1 \v 16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; \q2 hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame. \q1 \v 17 Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu \q2 maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan. \q1 \v 18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; \q2 kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha. \q1 \v 19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; \q2 warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu; \q1 \v 20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; \q2 qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’ \b \q1 \v 21 “Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; \q2 haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa. \q1 \v 22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; \q2 dubbii isaa illee garaatti qabadhu. \q1 \v 23 Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, // ati ni haaromfamta; \q2 yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee \q1 \v 24 warqee kee biyyoo keessa buufte, \q2 yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte, \q1 \v 25 yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, \q2 meetii filatamaas siif taʼa. \q1 \v 26 Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; \q2 fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta. \q1 \v 27 Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; \q2 ati immoo wareega kee ni baafatta. \q1 \v 28 Wanni ati murteessite ni taʼa; \q2 ifnis karaa kee irratti ni ifa. \q1 \v 29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; \q2 innis warra gad qabaman ni baraara. \q1 \v 30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; \q2 ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.” \c 23 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; \q2 yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera. \q1 \v 3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, \q2 utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee! \q1 \v 4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee \q2 afaan koo falmiin guuttadha ture. \q1 \v 5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; \q2 waan inni naan jedhus nan hubadhan ture. \q1 \v 6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? \q2 Lakki, na dhaggeeffata malee. \q1 \v 7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; \q2 anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa. \b \q1 \v 8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; \q2 ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu. \q1 \v 9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; \q2 yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis \q2 ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu. \q1 \v 10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; \q2 yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha. \q1 \v 11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; \q2 ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera. \q1 \v 12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; \q2 nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha. \b \q1 \v 13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; \q2 kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? \q2 Inni waanuma jaallatu hojjeta. \q1 \v 14 Inni waan natti mure ni raawwata; \q2 amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba. \q1 \v 15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; \q2 ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha. \q1 \v 16 Waaqni garaa koo ni raase; \q2 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise. \q1 \v 17 Haa taʼu malee dukkanni, \q2 dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine. \b \c 24 \q1 \v 1 “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? \q2 Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine? \q1 \v 2 Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; \q2 bushaayee hataniis ni bobbaasu. \q1 \v 3 Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; \q2 sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu. \q1 \v 4 Rakkataa karaa irraa balleessu; \q2 hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu. \q1 \v 5 Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa \q2 nyaata barbaacha asii fi achi jooru; \q2 gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna. \q1 \v 6 Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; \q2 iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu. \q1 \v 7 Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; \q2 waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban. \q1 \v 8 Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; \q2 waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu. \q1 \v 9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; \q2 daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera. \q1 \v 10 Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; \q2 bissii baatu; garuu ni beelaʼu. \q1 \v 11 Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; \q2 wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu. \q1 \v 12 Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; \q2 lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. \q2 Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu. \b \q1 \v 13 “Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne \q2 yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru. \q1 \v 14 Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; \q2 innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; \q2 halkan immoo akkuma hattuu taʼa. \q1 \v 15 Iji ejjaan dimimmisa eeggata; \q2 innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; \q2 fuula isaas ni dhokfata. \q1 \v 16 Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; \q2 guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; \q2 isaan ifa hin beekan. \q1 \v 17 Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; \q2 isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu. \b \q1 \v 18 “Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; \q2 akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, \q2 qoodni lafa isaanii abaarameera. \q1 \v 19 Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, \q2 awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata. \q1 \v 20 Gadameessi isaan irraanfata; \q2 raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; \q1 namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; \q2 siʼachis hin yaadataman. \q1 \v 21 Isaan dubartii dhabduu ni saamu; \q2 haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan. \q1 \v 22 Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; \q2 isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban. \q1 \v 23 Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; \q2 iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata. \q1 \v 24 Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; \q2 gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; \q2 akkuma mataa midhaaniis ni muramu. \b \q1 \v 25 “Yoo kun akkas taʼuu baate \q2 eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?” \c 25 \s1 Bildaad \p \v 1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; \q2 inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa. \q1 \v 3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? \q2 Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa? \q1 \v 4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? \q2 Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa? \q1 \v 5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, \q2 yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan, \q1 \v 6 namni raammoo foonii taʼe, \q2 ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!” \c 26 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: \q1 \v 2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! \q2 Irree laafes hammam jajjabeessite! \q1 \v 3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! \q2 Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte! \q1 \v 4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? \q2 Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate? \b \q1 \v 5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi \q2 kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu. \q1 \v 6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; \q2 badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. \q1 \v 7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; \q2 lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa. \q1 \v 8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; \q2 duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu. \q1 \v 9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan \q2 fuula jiʼaa ni haguuga. \q1 \v 10 Inni fuula bishaanotaa irratti, \q2 ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe. \q1 \v 11 Utubaawwan samii ni hollatu; \q2 dheekkamsa isaatiinis ni rifatu. \q1 \v 12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; \q2 ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira. \q1 \v 13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; \q2 harki isaas bofa shawwisaa waraane. \q1 \v 14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; \q2 hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! \q2 Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?” \c 27 \p \v 1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: \q1 \v 2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa, \q1 \v 3 hamma lubbuun na keessa jirtutti, \q2 hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti, \q1 \v 4 afaan koo hammina hin dubbatu; \q2 arrabni koos nama hin gowwoomsu. \q1 \v 5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; \q2 ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu. \q1 \v 6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; \q2 bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu. \b \q1 \v 7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo \q2 akka nama jalʼaa haa taʼu! \q1 \v 8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, \q2 namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba? \q1 \v 9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti, \q2 Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa? \q1 \v 10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? \q2 Yeroo hundas Waaqa waammataa? \b \q1 \v 11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; \q2 waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu. \q1 \v 12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu; \q2 yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali? \b \q1 \v 13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, \q2 dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana: \q1 \v 14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; \q2 sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu. \q1 \v 15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; \q2 niitonni isaaniis hin booʼaniif. \q1 \v 16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee \q2 uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee, \q1 \v 17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; \q2 meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata. \q1 \v 18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; \q2 akkuma daasii eegduun ijaaruu ti. \q1 \v 19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; \q2 yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru. \q1 \v 20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; \q2 bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka. \q1 \v 21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; \q2 innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa. \q1 \v 22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; \q2 bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata. \q1 \v 23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; \q2 afuufees iddoo isaatii isa balleessa.” \c 28 \q1 \v 1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, \q2 lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. \q1 \v 2 Sibiilli lafa keessaa baafama; \q2 sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. \q1 \v 3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; \q2 moggaa akka malee fagoo dhaqees, \q2 dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. \q1 \v 4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee \q2 iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; \q2 namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. \q1 \v 5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; \q2 jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; \q1 \v 6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; \q2 biyyoon isaas warqee qaba. \q1 \v 7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; \q2 iji culullees karaa sana hin argine. \q1 \v 8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; \q2 leencis karaa sana hin darbine. \q1 \v 9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; \q2 hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. \q1 \v 10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; \q2 iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. \q1 \v 11 Madda lageenii ni sakattaʼa; \q2 waan dhokfames ifatti ni baasa. \b \q1 \v 12 Ogummaan garuu eessaa argamti? \q2 Hubannaanis eessa jiraata? \q1 \v 13 Namni gatii isaa hin beeku; \q2 inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. \q1 \v 14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; \q2 galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. \q1 \v 15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; \q2 gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. \q1 \v 16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti \q2 yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. \q1 \v 17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; \q2 inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. \q1 \v 18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; \q2 gatiin ogummaa lula diimaa caala. \q1 \v 19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; \q2 warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. \b \q1 \v 20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? \q2 Hubannaanis eessa jiraatti? \q1 \v 21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; \q2 simbirroota samii jalaas baddeerti. \q1 \v 22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa \q2 gurra keenyaan dhageenye” jedhu. \q1 \v 23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, \q2 lafa inni jiraatus beeka; \q1 \v 24 inni handaara lafaa ni ilaala; \q2 waan samii jala jiru hunda ni argaatii. \q1 \v 25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee \q2 bishaanota safaretti, \q1 \v 26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee \q2 bakakkaaf immoo daandii baasetti, \q1 \v 27 inni ogummaa ilaalee madaale; \q2 jabeessee dhaabee ishee qorate. \q1 \v 28 Ergasii ilmaan namaatiin, \q2 “Gooftaa sodaachuun ogummaa; \q2 waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe. \c 29 \p \v 1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: \q1 \v 2 “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana \q2 akkamin hawwa ture, \q1 \v 3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin \q2 dukkana keessa darbee yeroon deeme, \q1 \v 4 yeroo ani nama jabaa ture, \q2 yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise, \q1 \v 5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, \q2 yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan, \q1 \v 6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, \q2 yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase. \b \q1 \v 7 “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee \q2 oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe, \q1 \v 8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; \q2 maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture; \q1 \v 9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii \q2 harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture; \q1 \v 10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; \q2 arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture. \q1 \v 11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; \q2 kanneen na arganis na galateeffatu ture; \q1 \v 12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, \q2 nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii. \q1 \v 13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; \q2 ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera. \q1 \v 14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; \q2 murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture. \q1 \v 15 Ani nama jaameef ija, \q2 okkolaaf immoo miilla taʼeen ture. \q1 \v 16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture; \q2 nama ormaatiif illee nan falman ture. \q1 \v 17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse; \q2 waan inni qabates afaan isaatii buuseera. \b \q1 \v 18 “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; \q2 barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata. \q1 \v 19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; \q2 fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula. \q1 \v 20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; \q2 iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’ \b \q1 \v 21 “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa \q2 abdiidhaan na dhaggeeffatu. \q1 \v 22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; \q2 dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture. \q1 \v 23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; \q2 dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan. \q1 \v 24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; \q2 ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture. \q1 \v 25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; \q2 akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; \q2 ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe. \b \c 30 \q1 \v 1 “Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii, \q2 kanneen ani abbootii isaanii \q1 saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu \q2 madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu. \q1 \v 2 Warra humna dhaban, \q2 jabinni irree isaanii maal na fayyada? \q1 \v 3 Isaan rakkinaa fi beelaan laafan; \q2 lafa gogaa keessa, \q2 gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran. \q1 \v 4 Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan; \q2 nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture. \q1 \v 5 Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman; \q2 namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan. \q1 \v 6 Isaan akka laga gogaa keessa, \q2 kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman. \q1 \v 7 Bosona keessatti ni halaaku; \q2 daggala keessattis walitti tuutaʼu. \q1 \v 8 Isaan gowwoota maqaa hin qabne, \q2 kanneen biyyaa ariʼaman turan. \b \q1 \v 9 “Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan; \q2 ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera. \q1 \v 10 Isaan xireeffatanii narraa fagaatan; \q2 fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan. \q1 \v 11 Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef, \q2 isaan fuula koo duratti luugama baafatan. \q1 \v 12 Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru; \q2 miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru; \q2 biyyoos akka dallaa natti naannessan. \q1 \v 13 Isaan karaa koo natti cufu; \q2 na galaafachuufis ni milkaaʼu; \q2 namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 14 Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti, \q2 ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu. \q1 \v 15 Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan \q2 bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera; \q2 badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada. \b \q1 \v 16 “Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti; \q2 barri rakkinaas na qabateera. \q1 \v 17 Halkan keessa lafeen koo ni waraanama; \q2 dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu. \q1 \v 18 Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera; \q2 akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera. \q1 \v 19 Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa; \q2 anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera. \b \q1 \v 20 “Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu; \q2 ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta. \q1 \v 21 Ati gara jabinaan natti garagalta; \q2 irree kee jabaadhaanis na dhoofta. \q1 \v 22 Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta; \q2 bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata. \q1 \v 23 Ani akka ati gara duʼaatti, \q2 gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti // na geessitu nan beeka. \b \q1 \v 24 “Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti, \q2 namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 25 Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? \q2 Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee? \q1 \v 26 Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe; \q2 utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe. \q1 \v 27 Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne; \q2 barri gidiraas natti dhufeera. \q1 \v 28 Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa; \q2 waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya. \q1 \v 29 Ani obboleessa waangoo, \q2 michuu urunguus taʼeera. \q1 \v 30 Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera; \q2 dhagni koos hoʼaan bobaʼeera. \q1 \v 31 Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo \q2 sagalee iyyaatiif qopheeffameera. \b \c 31 \q1 \v 1 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera; \q2 yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree? \q1 \v 2 Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, \q2 dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali? \q1 \v 3 Hamootaaf badiisa, \q2 warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii? \q1 \v 4 Inni karaa koo hin arguu? \q2 Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu? \b \q1 \v 5 “Yoo ani karaa sobaa irra deemee \q2 yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate, \q1 \v 6 Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; \q2 akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku; \q1 \v 7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, \q2 garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate \q2 yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate, \q1 \v 8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; \q2 midhaan koos haa buqqifamu. \b \q1 \v 9 “Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, \q2 yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe, \q1 \v 10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; \q2 namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan. \q1 \v 11 Kun hammina; \q2 kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha. \q1 \v 12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; \q2 midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture. \b \q1 \v 13 “Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, \q2 tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii \q2 murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe, \q1 \v 14 yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? \q2 Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa? \q1 \v 15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? \q2 Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii? \b \q1 \v 16 “Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, \q2 yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe, \q1 \v 17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin \q2 kophaa koo nyaadhee jiraadhe, \q1 \v 18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; \q2 dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise. \q1 \v 19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, \q2 yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee \q1 \v 20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, \q2 yoo garaan isaa na hin eebbisin, \q1 \v 21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee \q2 ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe, \q1 \v 22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; \q2 irreen koo buusaa isaatti haa cabu. \q1 \v 23 Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi \q2 sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye. \b \q1 \v 24 “Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, \q2 ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe, \q1 \v 25 yoo ani qabeenya koo guddaatti, \q2 milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe, \q1 \v 26 yoo ani aduu iftu argee \q2 yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee, \q1 \v 27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee \q2 afaan koo harka koo dhungatee jiraate, \q1 \v 28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; \q2 ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii. \b \q1 \v 29 “Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee \q2 yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe, \q1 \v 30 ani jireenya isaa abaaruudhaan \q2 akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne. \q1 \v 31 Yoo namoonni mana koo jiraatan, \q2 takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin, \q1 \v 32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, \q2 keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture. \q1 \v 33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee \q2 cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe, \q1 \v 34 ani waldaa guddaa sodaadhee \q2 yookaan tuffiin gosaa na naasisee, \q2 calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa? \b \q1 \v 35 “Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! \q2 Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; \q1 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; \q2 himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu. \q1 \v 36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; \q2 akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture. \q1 \v 37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; \q2 akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture. \b \q1 \v 38 “Yoo lafti koo natti iyyitee \q2 boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe, \q1 \v 39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, \q2 yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe, \q1 \v 40 qooda qamadii qoraattiin, \q2 qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” \p Dubbiin Iyyoob xumurame. \c 32 \s1 Eeliihuu \p \v 1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan. \v 2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare. \v 3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare. \v 4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture. \v 5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale. \p \v 6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: \q1 “Ani umuriidhaan xinnaa dha; \q2 isin garuu jaarsolii dha; \q1 kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu \q2 nan saalfadhe; nan sodaadhes. \q1 \v 7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata; \q2 barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture. \q1 \v 8 Garuu hafuura nama keessa jiru, \q2 hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf. \q1 \v 9 Ogeessi jaarsa qofa miti; \q2 kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti. \b \q1 \v 10 “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; \q2 anis waanan beeku isinitti nan hima. \q1 \v 11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse; \q2 yeroo isin jechoota filattanitti illee \q1 ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe; \q2 \v 12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. \q1 Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore // Iyyoobin hin amansiifne; \q2 namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine. \q1 \v 13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; \q2 nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa. \q1 \v 14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; \q2 anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu. \b \q1 \v 15 “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; \q2 dubbiinis isaan harkaa badde. \q1 \v 16 Erga isaan calʼisanii, \q2 erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, // ani eeguun qabaa? \q1 \v 17 Ani deebii koo nan kenna; \q2 waanan beeku nan hima. \q1 \v 18 Dubbiin na keessa guuteeraatii; \q2 hafuurri na keessa jirus na kakaasa; \q1 \v 19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, \q2 akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii. \q1 \v 20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; \q2 afaan koo banadhees deebii kennuun qaba. \q1 \v 21 Ani nama wal hin caalchisu; \q2 yookaan nama tokko iyyuu hin saadu. \q1 \v 22 Utuu ani nama saaduu beekee, \q2 Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture. \b \c 33 \q1 \v 1 “Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu; \q2 waan ani jedhu hundas dhagaʼi. \q1 \v 2 Kunoo ani afaan koo nan banadha; \q2 dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira. \q1 \v 3 Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa; \q2 hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata. \q1 \v 4 Hafuura Waaqaatu na uume; \q2 hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna. \q1 \v 5 Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni; \q2 qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu. \q1 \v 6 Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; \q2 anis biyyoo irraan hojjetame. \q1 \v 7 Ati na sodaattee hin raafamin; \q2 harki koos sitti hin ulfaatin. \b \q1 \v 8 “Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta; \q2 anis dubbii kee dhagaʼeera. \q1 \v 9 Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu; \q2 ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne. \q1 \v 10 Waaqni garuu balleessaa narratti argeera; \q2 akka diina isaattis na ilaaleera. \q1 \v 11 Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha; \q2 karaa koo hundas ni eega.’ \b \q1 \v 12 “Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti; \q2 Waaqni nama caalaa guddaadhaatii. \q1 \v 13 Ati maaliif akka waan inni \q2 dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta? \q1 \v 14 Namni hubachuu baattu iyyuu, \q2 Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata. \q1 \v 15 Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu, \q2 yeroo hirribni cimaan isaan qabutti, \q2 abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis, \q1 \v 16 gurra isaaniitti ni dubbata; \q2 of eeggachiisaanis isaan rifachiisa; \q1 \v 17 jalʼina irraa nama deebisuuf, \q2 of jajuu irraas isa dhowwuuf, \q1 \v 18 lubbuu isaa boolla irraa, \q2 jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf. \b \q1 \v 19 “Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa \q2 kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa; \q1 \v 20 kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba; \q2 lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti. \q1 \v 21 Foon isaa nyaatamee dhuma; \q2 lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa. \q1 \v 22 Lubbuun isaa gara boollaatti, \q2 jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata. \q1 \v 23 Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko \q2 akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf, \q2 ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate, \q1 \v 24 yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche; \q2 ani furii isaaf argeen jira’ jedhe, \q1 \v 25 dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama; \q2 akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa. \q1 \v 26 Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata; \q2 fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas; \q2 Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa. \q1 \v 27 Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; \q2 ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; \q2 garuu waan naa malu hin arganne. \q1 \v 28 Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; \q2 anis jiraadhee ifa nan arga.’ \b \q1 \v 29 “Waaqni waan kana hunda \q2 yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha. \q1 \v 30 Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf, \q2 lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha. \b \q1 \v 31 “Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu; \q2 ati calʼisi; ani nan dubbadhaa. \q1 \v 32 Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni; \q2 dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii. \q1 \v 33 Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu; \q2 calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.” \c 34 \p \v 1 Eliihuun akkana jedhe: \q1 \v 2 “Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa; \q2 beektonnis na dhaggeeffadhaa. \q1 \v 3 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, \q2 gurris dubbii calalaatii. \q1 \v 4 Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu; \q2 waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu. \b \q1 \v 5 “Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha; \q2 Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate. \q1 \v 6 Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu, \q2 akka sobduuttin herregame; \q1 ani yakka qabaachuu baadhu illee \q2 xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’ \q1 \v 7 Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu, \q2 kan akka Iyyoob eenyu? \q1 \v 8 Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala; \q2 jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata. \q1 \v 9 Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun, \q2 namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii. \b \q1 \v 10 “Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa. \q2 Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa, \q2 dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu. \q1 \v 11 Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna; \q2 waan karaa isaatiif malus itti fida. \q1 \v 12 Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu; \q2 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu. \q1 \v 13 Eenyutu lafa irratti isa muude? \q2 Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne? \q1 \v 14 Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee, \q2 hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee, \q1 \v 15 silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; \q2 namnis biyyootti deebiʼa ture. \b \q1 \v 16 “Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi; \q2 waan ani jedhus dhaggeeffadhu. \q1 \v 17 Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? \q2 Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa? \q1 \v 18 Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee \q2 qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii? \q1 \v 19 Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; \q2 sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; \q2 hundi isaanii hojii harka isaatii. \q1 \v 20 Isaan halkan walakkaa tasa duʼu; \q2 namoonni hollatanii dhumu; \q2 jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu. \b \q1 \v 21 “Iji isaa karaa namootaa irra jira; \q2 inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga. \q1 \v 22 Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan, \q2 dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru. \q1 \v 23 Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf, \q2 Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu. \q1 \v 24 Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa; \q2 warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa. \q1 \v 25 Inni sababii hojii isaanii beekuuf, \q2 halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu. \q1 \v 26 Sababii jalʼina isaaniitiifis \q2 inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba; \q1 \v 27 kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii \q2 karaa isaa hunda dhiisaniif. \q1 \v 28 Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, \q2 akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru. \q1 \v 29 Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa? \q2 Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa? \q1 Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata; \q2 \v 30 kunis akka namni Waaqaaf hin bulle \q2 mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha. \b \q1 \v 31 “Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu; \q2 ‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu. \q1 \v 32 Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi; \q2 ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’ \q1 \v 33 Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf \q2 akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa? \q1 Situ murteessuu qaba malee ana miti; \q2 kanaafuu ati waan beektu natti himi. \b \q1 \v 34 “Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu; \q2 namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu; \q1 \v 35 ‘Iyyoob beekumsa malee dubbata; \q2 dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’ \q1 \v 36 Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef \q2 maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee! \q1 \v 37 Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala; \q2 tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa; \q2 Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.” \c 35 \p \v 1 Eliihuunis itti fufee akkana jedhe: \q1 \v 2 “Ati waan kana qajeelaa seetaa? \q2 Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta. \q1 \v 3 Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba? \q2 Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta. \b \q1 \v 4 “Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif \q2 deebii kennuu nan barbaada. \q1 \v 5 Ol jedhiitii samiiwwan ilaali; \q2 duumessoota siin ol jiranis argi. \q1 \v 6 Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita? \q2 Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha? \q1 \v 7 Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita? \q2 Yookaan inni harka kee irraa maal argata? \q1 \v 8 Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha; \q2 qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada. \b \q1 \v 9 “Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu; \q2 irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu. \q1 \v 10 Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu; \q2 ‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu, \q1 \v 11 kan bineensota lafa irraa caalaa beektota, \q2 simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’ \q1 \v 12 Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif \q2 yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu. \q1 \v 13 Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu; \q2 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu. \q1 \v 14 Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira; \q2 ani isa eeggachaan jira; \q1 garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette, \q2 inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree! \q1 \v 15 Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef, \q2 sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef, \q1 \v 16 Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana; \q2 beekumsa malees dubbii baayʼisa.” \c 36 \p \v 1 Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe: \q1 \v 2 “Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru \q2 sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi. \q1 \v 3 Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; \q2 qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa. \q1 \v 4 Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; \q2 kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira. \b \q1 \v 5 “Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; \q2 inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata. \q1 \v 6 Inni hamoota hin jiraachisu; \q2 warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna. \q1 \v 7 Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; \q2 mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; \q2 bara baraanis ol isaan guddisa. \q1 \v 8 Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, \q2 yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman, \q1 \v 9 inni hojii isaanii, \q2 daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima. \q1 \v 10 Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; \q2 akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja. \q1 \v 11 Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, \q2 bara jireenya isaanii badhaadhummaan, \q2 umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu. \q1 \v 12 Yoo ajajamuu baatan garuu, \q2 goraadeedhaan badu; \q2 beekumsa malees ni duʼu. \b \q1 \v 13 “Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; \q2 yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan. \q1 \v 14 Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; \q2 jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada. \q1 \v 15 Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; \q2 rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata. \b \q1 \v 16 “Inni dhiphina keessaa si baasee \q2 gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, \q2 maaddii coomaan guutametti si geessa. \q1 \v 17 Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; \q2 murtii fi haqni si qabataniiru. \q1 \v 18 Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; \q2 akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin. \q1 \v 19 Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi \q2 rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa? \q1 \v 20 Halkan itti namoonni \q2 mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin. \q1 \v 21 Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; \q2 qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii. \b \q1 \v 22 “Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; \q2 barsiisaan akka isaa eenyu? \q1 \v 23 Namni karaa isatti himu, \q2 yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu? \q1 \v 24 Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, \q2 leellisuu hin dagatin. \q1 \v 25 Namni hundinuu argeera; \q2 tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala. \q1 \v 26 Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; \q2 baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu. \b \q1 \v 27 “Inni copha bishaanii ol baasa; \q2 hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara. \q1 \v 28 Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; \q2 bokkaan guddaanis namatti rooba. \q1 \v 29 Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, \q2 akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa? \q1 \v 30 Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, \q2 akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali. \q1 \v 31 Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi \q2 nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha. \q1 \v 32 Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; \q2 akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja. \q1 \v 33 Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; \q2 looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu. \b \c 37 \q1 \v 1 “Kana irratti onneen koo ni dhikkifata; \q2 iddoo isaatiis ni uʼutaala. \q1 \v 2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa, \q2 guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa. \q1 \v 3 Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa; \q2 gara handaara lafaattis ni erga. \q1 \v 4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa; \q2 inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa. \q1 Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti, \q2 inni waan tokko illee hin qusatu. \q1 \v 5 Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa; \q2 inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha. \q1 \v 6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’ \q2 tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha. \q1 \v 7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf, \q2 inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa. \q1 \v 8 Bineensonni holqa isaaniitti galu; \q2 daʼannoo isaanii keessas ni turu. \q1 \v 9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa; \q2 dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa. \q1 \v 10 Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma; \q2 bishaanonni babalʼaanis ni ititu. \q1 \v 11 Inni duumessoota bishaan baachisa; \q2 bakakkaa isaas isaan keessa facaasa. \q1 \v 12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf, \q2 qajeelfama inni kennuun \q2 addunyaa hunda irra naannaʼu. \q1 \v 13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee \q2 jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida. \b \q1 \v 14 “Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii \q2 hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu. \q1 \v 15 Waaqni akkamitti duumessoota \q2 akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa? \q1 \v 16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan, \q2 hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa? \q1 \v 17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti \q2 hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu, \q1 \v 18 samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana \q2 diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa? \b \q1 \v 19 “Waan nu isaan jennu nutti himi; \q2 nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu. \q1 \v 20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa? \q2 Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa? \q1 \v 21 Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee, \q2 namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 22 Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; \q2 inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa. \q1 \v 23 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli; \q2 inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha; \q2 qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu. \q1 \v 24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu; \q2 inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.” \c 38 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Ni dubbata \p \v 1 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes: \q1 \v 2 “Namni dubbii beekumsa malee \q2 dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu? \q1 \v 3 Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; \q2 ani sin gaafadha; \q2 ati immoo deebii naa kenni. \b \q1 \v 4 “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? \q2 Yoo hubatte mee natti himi. \q1 \v 5 Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? \q2 Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise? \q1 \v 6 Hundeen ishee maal irra dhaabame? \q2 Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe? \q1 \v 7 Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, \q2 yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture. \b \q1 \v 8 “Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti \q2 eenyutu balbala itti cufee ittise? \q1 \v 9 Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee \q2 dukkana guddaan maretti, \q1 \v 10 yeroo ani daangaa isaa dhaabee \q2 balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti, \q1 \v 11 anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; \q2 dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen. \b \q1 \v 12 “Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee \q2 yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa? \q1 \v 13 Akka inni handaara lafaa qabatee \q2 namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa? \q1 \v 14 Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti; \q2 bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata. \q1 \v 15 Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru; \q2 irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera. \b \q1 \v 16 “Ati gara burqaa galaanaa gad buutee \q2 yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa? \q1 \v 17 Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa? \q2 Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa? \q1 \v 18 Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa? \q2 Yoo kana hunda beekte dubbadhu. \b \q1 \v 19 “Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami? \q2 Dukkannis eessa jiraata? \q1 \v 20 Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa? \q2 Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa? \q1 \v 21 Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii! \q2 Ati bara hedduu jiraatteerta! \b \q1 \v 22 “Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa \q2 dhagaa cabbii argiteertaa? \q1 \v 23 Kan ani yeroo rakkinaatiif, \q2 guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa? \q1 \v 24 Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti \q2 yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami? \q1 \v 25 Eenyutu lolaadhaaf boʼoo, \q2 bakakkaadhaaf immoo daandii baasee, \q1 \v 26 lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, \q2 gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf, \q1 \v 27 lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee \q2 margas itti biqilchu eenyu? \q1 \v 28 Roobni abbaa qabaa? \q2 Copha fixeensaa eenyutu dhalche? \q1 \v 29 Cabbiin garaa eenyuutii baʼa? \q2 Qorra samii eenyutu dhala? \q1 \v 30 Bishaanonni akka dhagaa jabaatu, \q2 fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa. \b \q1 \v 31 “Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa? \q2 Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa? \q1 \v 32 Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu \q2 yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa? \q1 \v 33 Seera samiiwwanii beektaa? \q2 Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa? \b \q1 \v 34 “Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee, \q2 lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa? \q1 \v 35 Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa? \q2 Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa? \q1 \v 36 Eenyutu yaada garaatiif ogummaa \q2 yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne? \q1 \v 37 Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba? \q2 Eenyutu okkotee bishaan samii \q1 \v 38 yeroo biyyoon jabaattutti, \q2 yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa? \b \q1 \v 39 “Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee \q2 saafela leencaas beela baaftee \q1 \v 40 yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti \q2 yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii // waa eeggatanitti beela ni baaftaa? \q1 \v 41 Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan, \q2 yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti, \q2 arraagessaaf nyaata kenna? \b \c 39 \s1 Iyyoob \q1 \v 1 “Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa? \q2 Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa? \q1 \v 2 Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa? \q2 Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa? \q1 \v 3 Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu; \q2 foolachuu isaaniis ni hobbaafatu. \q1 \v 4 Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu; \q2 baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis. \b \q1 \v 5 “Eenyutu harree diidaa gad dhiise? \q2 Funyoo isaas eenyutu hiike? \q1 \v 6 Ani gammoojjii mana isaa, \q2 lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef. \q1 \v 7 Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa; \q2 iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu. \q1 \v 8 Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba; \q2 waan lalisaa hundas ni barbaada. \b \q1 \v 9 “Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa? \q2 Dallaa kee keessas ni bulaa? \q1 \v 10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa? \q2 Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa? \q1 \v 11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa? \q2 Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa? \q1 \v 12 Akka inni midhaan kee walitti qabee \q2 oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa? \b \q1 \v 13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti; \q2 garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu. \q1 \v 14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti; \q2 akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti; \q1 \v 15 garuu akka miilli wayii caccabsu, \q2 akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu. \q1 \v 16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti; \q2 yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti; \q1 \v 17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii; \q2 yookaan hubannaa isheef hin qoodne. \q1 \v 18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti, \q2 isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti. \b \q1 \v 19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa? \q2 Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa? \q1 \v 20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa? \q2 Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha. \q1 \v 21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita; \q2 baʼees miʼa lolaatti qajeela. \q1 \v 22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu; \q2 goraadee irraas duubatti hin deebiʼu. \q1 \v 23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus \q2 cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha. \q1 \v 24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha; \q2 yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu. \q1 \v 25 Inni yommuu malakanni afuufamutti \q2 ‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa, \q2 foolii waraanaa illee fagoottu suufa. \b \q1 \v 26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee \q2 qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii? \q1 \v 27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee \q2 ol fagootti mana isaa ijaarrataa? \q1 \v 28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula; \q2 kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti. \q1 \v 29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa; \q2 iji isaas fagootti waan sana arga. \q1 \v 30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu; \q2 innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.” \c 40 \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Iyyoobiin akkana jedhe: \q1 \v 2 “Namni Waaqa Waan Hunda Dandaʼuun falmu tokko isa ni qajeelchaa? \q2 Namni Waaqa himatu deebii haa kennuuf!” \p \v 3 Iyyoobis akkana jedhee \nd Waaqayyoof\nd* deebise: \q1 \v 4 “Ani nama faayidaa hin qabnee dha; akkamittin deebii siif kenna? \q2 Harka koo afaan koo irra nan kaaʼadha. \q1 \v 5 Ani yeroo tokko dubbadheera; garuu ani waanan deebisu hin qabu; \q2 siʼa lama dubbadheera; kana caalaa garuu homaa hin jedhu.” \p \v 6 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate: \q1 \v 7 “Akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu; \q2 ani sin gaafadha; \q2 ati immoo deebii naa kennita. \b \q1 \v 8 “Ati murtii koo qajeelaa sana gatii dhabsiistaa? \q2 Ofii keetii qajeelaa taʼuuf na himattaa? \q1 \v 9 Irree akka irree Waaqaa qabdaa? \q2 Sagaleen kees akka sagalee isaa qaqawweessaʼuu dandaʼaa? \q1 \v 10 Ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi; \q2 kabajaa fi barreedina uffadhu. \q1 \v 11 Dheekkamsa kee kan guutee irra yaaʼu sana dhangalaasi; \q2 nama of tuulu kam iyyuu ilaalii qaanessi. \q1 \v 12 Nama of tuulu hunda ilaalii gad deebisi; \q2 hamoota illee iddoodhuma isaan dhaabatanitti caccabsi. \q1 \v 13 Isaan hunda walitti qabii biyyoo keessatti awwaali; \q2 fuula isaaniis awwaala keessa dhoksi. \q1 \v 14 Yoos ani mataan koo, akka harki kee mirgaa \q2 si oolchuu dandaʼu siifin mirkaneessa. \b \q1 \v 15 “Bihemootin ani akkuman si uumettin uume, \q2 kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali. \q1 \v 16 Jabinni isaa dugda isaa keessa, \q2 humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira! \q1 \v 17 Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama; \q2 ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha. \q1 \v 18 Lafeen isaa akka ujummoo naasii ti; \q2 harkii fi miilli isaa immoo akka ulee sibiilaa ti. \q1 \v 19 Inni uumamawwan Waaqaa keessaa hangafa; \q2 garuu inni isa uume goraadee isaatiin isatti dhiʼaachuu dandaʼa. \q1 \v 20 Gaarran marga ni kennuuf; \q2 bineensonni hundi naannoo isaa ni burraaqu. \q1 \v 21 Inni huuxxii qoraattii qabu jala ciisa; \q2 shambaqqoo lafa dhaqdhaqii keessa dhokata. \q1 \v 22 Gaaddisni huuxxii qoraattii qabuu isa haguuga; \q2 alaltuun lagaas isa marsa. \q1 \v 23 Yommuu lagni cabsee yaaʼutti iyyuu kunoo, inni hin rifatu. \q2 Lagni Yordaanos afaan isaa irra garagalu iyyuu inni hin shishu. \q1 \v 24 Namni utuma inni arguu isa qabuu \q2 yookaan kiyyoodhaan isa qabee funyaan isaa uruu dandaʼu tokko iyyuu jiraa? \b \c 41 \q1 \v 1 “Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuu \q2 yookaan arraba isaa funyoodhaan hidhuu ni dandeessaa? \q1 \v 2 Funyaan isaa keessa funyoo baasuu \q2 yookaan lafee mangaagaa isaa hokkoodhaan uruu ni dandeessaa? \q1 \v 3 Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa? \q2 Afaan nagaatiinis sitti ni dubbataa? \q1 \v 4 Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf \q2 inni si wajjin kakuu ni galaa? \q1 \v 5 Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa? \q2 Yookaan shamarran keetiif isa ni hiitaa? \q1 \v 6 Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu? \q2 Warra bitee gurguruufis isa ni qooduu? \q1 \v 7 Ati gogaa isaa xiyyaan, \q2 yookaan mataa isaa hokkoo ittiin qurxummii qabaniin // wawwaraanuu ni dandeessaa? \q1 \v 8 Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta; \q2 deebitees waan sana hin gootu! \q1 \v 9 Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba; \q2 ijumaan isa ilaaluunuu nama hollachiisa. \q1 \v 10 Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru. \q2 Egaa namni na dura dhaabachuu dandaʼu eenyu? \q1 \v 11 Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu? \q2 Wanni samii jala jiru hundinuu kanuma koo ti. \b \q1 \v 12 “Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa, \q2 waaʼee jabinaa fi dhaaba toluu isaa dubbachuu hin dhiisu. \q1 \v 13 Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa? \q2 Eenyutu luugama qabatee isatti dhiʼaata? \q1 \v 14 Eenyutu balbala afaan isaa \q2 isa ilkaan isaa sodaachisaa sanaan marfame banuu dandaʼa? \q1 \v 15 Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan, \q2 kanneen akka malee walitti maxxanfaman qaba; \q1 \v 16 tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa \q2 akka qilleensi gidduu isaanii hin baaneef baayʼee walitti maxxanu. \q1 \v 17 Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman; \q2 waan walitti fayyaniif gargar hin baafaman. \q1 \v 18 Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa; \q2 iji isaa immoo akkuma ifa biiftuu reefuu baatuu ti. \q1 \v 19 Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa; \q2 qaanqeenis afaan isaa keessaa ni faffacaʼa. \q1 \v 20 Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo \q2 irratti dafqu keessaa baʼuu funyaan isaatii aarri ni baʼa. \q1 \v 21 Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa; \q2 afaan isaa keessaas arrabni ibiddaa ni baʼa. \q1 \v 22 Morma isaa keessa jabinatu jira; \q2 sodaachisuunis fuula isaa dura ni utaala. \q1 \v 23 Dachaan foon isaa wal qabateera; \q2 dachaan sunis walitti fayyeera; hin sochoʼus. \q1 \v 24 Lapheen isaa akka kattaa jabaata; \q2 akka dhagaa daakuus jabaa dha. \q1 \v 25 Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu; \q2 yommuu inni lafa sochoosaa dhufutti isaan of irra garagalanii baqatu. \q1 \v 26 Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu; \q2 eeboon yookaan xiyyi yookaan ankaaseenis homaa isa hin godhu. \q1 \v 27 Inni sibiila akka cidiitti, \q2 naasii immoo akka muka tortoreetti heda. \q1 \v 28 Xiyyi isa hin baqachiisu; \q2 dhagaan furrisaa isaaf akkuma habaqii ti. \q1 \v 29 Bokkuun isaaf akkuma cidii ti; \q2 inni mirmirfamuu eebootti ni kolfa. \q1 \v 30 Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti; \q2 akka muka ittiin midhaan dhaʼaniittis dhoqqee baqaqsa. \q1 \v 31 Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa; \q2 galaanas akkuma bilqaaxxii dibataa raasa. \q1 \v 32 Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha; \q2 namni waan tuujubni sun rifeensa adii qabu seʼa. \q1 \v 33 Uumamni homaa hin sodaanne, \q2 kan isaan qixxaatu tokko iyyuu lafa irra hin jiru. \q1 \v 34 Inni warra of tuulu ni tuffata; \q2 warra of jaju hunda irratti mootii dha.” \c 42 \s1 Iyyoob \p \v 1 Iyyoobis akkana jedhee \nd Waaqayyoof\nd* deebii kenne: \q1 \v 2 “Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; \q2 karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu. \q1 \v 3 Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte. \q2 Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe \q2 kan ani hin beekin dubbadheera. \b \q1 \v 4 “Ati akkana jetteerta; \q2 ‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu; \q2 ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’ \q1 \v 5 Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; \q2 amma garuu iji koo si argeera. \q1 \v 6 Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi \q2 daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.” \s1 Xumura \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera. \v 8 Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.” \v 9 Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan \nd Waaqayyo\nd* isaanitti hime sana godhan; \nd Waaqayyos\nd* kadhannaa Iyyoob dhagaʼe. \p \v 10 Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee \nd Waaqayyo\nd* deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef. \v 11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina \nd Waaqayyo\nd* isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif. \p \v 12 \nd Waaqayyos\nd* kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture. \v 13 Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture. \v 14 Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase. \v 15 Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Iyyoob babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef. \p \v 16 Iyyoobis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge. \v 17 Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.