\id JHN - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Yohannis \toc1 Wangeela Yohannis \toc2 Yohannis \toc3 Yoh \mt2 Wangeela \mt1 Yohannis \c 1 \s1 Dubbiin Foon Taʼuu Isaa \p \v 1 Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture. \v 2 Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture. \v 3 Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru. \v 4 Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture. \v 5 Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne. \p \v 6 Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture. \v 7 Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe. \v 8 Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre. \p \v 9 Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture. \v 10 Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne. \v 11 Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne. \v 12 Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. \v 13 Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne. \p \v 14 Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra. \p \v 15 Yohannisis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; “Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.” \v 16 Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra. \v 17 Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe. \v 18 Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise. \s1 Yohannis Cuuphaan Akka Ofii Isaatii Kiristoos Hin taʼin Dubbate \p \v 19 Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yohannisitti erganii, “Ati eenyu?” jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture. \v 20 Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; “Ani Kiristoos\f + \fr 1:20 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* miti” jedhee dhugaa baʼe. \p \v 21 Isaanis, “Yoos ati eenyu ree? Eeliyaas moo?” jedhanii isa gaafatan. \p Innis, “Lakki, ani isa miti” jedhee deebiseef. \p Isaanis, “Yoos ati Raajichaa ree?”\f + \fr 1:21 \fr*\ft \+xt KeD 18:15\+xt*\ft*\f* jedhaniin. \p Inni immoo, “Lakki” jedheen. \p \v 22 Isaanis, “Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?” jedhaniin. \p \v 23 Yohannisis dubbii Isaayyaas raajichi dubbate sanaan deebisee, “Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’\f + \fr 1:23 \fr*\ft \+xt Isa 40:3\+xt*\ft*\f* jedhee iyyu sanaa dha” jedheen. \p \v 24 Fariisonni ergaman tokko tokkos, \v 25 akkana jedhanii isa gaafatan; “Ati erga Kiristoos yookaan Eeliyaas yookaan raajicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?” \p \v 26 Yohannis immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata. \v 27 Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha.” \p \v 28 Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yohannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe. \s1 Yesuus Hoolaa Waaqaa \p \v 29 Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu! \v 30 Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana. \v 31 Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.” \p \v 32 Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge. \v 33 Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture. \v 34 Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.” \s1 Barattoonni Yohannis Yesuus Duukaa Buʼuu Isaanii \r 1:40‑42 kwf – \xt Mat 4:18‑22; Mar 1:16‑20; Luq 5:2‑11\xt* \p \v 35 Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture. \v 36 Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe. \p \v 37 Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan. \v 38 Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, \wj “Isin maal barbaaddu?”\wj* jedheen. \p Isaanis, “Rabbii, ati eessa jiraatta?” jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha. \p \v 39 Innis, \wj “Kottaatii ilaalaa”\wj* jedheen. \p Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture. \p \v 40 Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture. \v 41 Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha. \v 42 Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide. \p Yesuusis isa ilaalee, \wj “Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta”\wj* jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha. \s1 Yesuus Fiiliphoosii fi Naatnaaʼelin Waamuu Isaa \p \v 43 Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, \wj “Na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \p \v 44 Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture. \v 45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, “Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra” jedheen. \p \v 46 Naatnaaʼelis, “Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?” jedhee gaafate. \p Fiiliphoosis, “Kottuutii ilaali” jedheen. \p \v 47 Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, \wj “Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!”\wj* jedhee waaʼee isaa dubbate. \p \v 48 Naatnaaʼelis, “Ati eessatti na beekta?” jedheen. \p Yesuusis, \wj “Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 49 Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen. \p \v 50 Yesuus immoo akkana jedheen; \wj “Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta.”\wj* \v 51 Innis itti dabalee, \wj “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu”\wj* jedheen. \c 2 \s1 Yesuus Bishaan Gara Daadhii Wayiniitti Geeddaruu Isaa \p \v 1 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu\f + \fr 2:1 \fr*\fq Cidha gaaʼelaatu \fq*\ft – Cidhi gaaʼelaa torban tokko guutuu fudhata ture.\ft*\f* ture. Haati Yesuusiis achi turte; \v 2 Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan. \v 3 Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, “Jarri daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. \p \v 4 Yesuus immoo deebisee, \wj “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye”\wj* jedheen. \p \v 5 Haati isaas tajaajiltootaan, “Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa” jette. \p \v 6 Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture. \p \v 7 Yesuus tajaajiltootaan, \wj “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa”\wj* jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan. \p \v 8 Innis, \wj “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa”\wj* jedheen. \p Isaanis akkasuma godhan; \v 9 abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee \v 10 akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.” \p \v 11 Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan. \s1 Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa \r 2:14‑16 kwf – \xt Mat 21:12,13; Mar 11:15‑17; Luq 19:45,46\xt* \p \v 12 Kana booddees inni haadha isaa, obboloota isaatii fi barattoota isaa wajjin Qifirnaahomitti gad buʼe. Isaanis guyyoota muraasa achi turan. \p \v 13 Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. \v 14 Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. \v 15 Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. \v 16 Warra gugee gurguraniinis, \wj “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!”\wj* jedhe. \v 17 Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba”\f + \fr 2:17 \fr*\ft \+xt Far 69:9\+xt*\ft*\f* jedhamee akka barreeffame yaadatan. \p \v 18 Yihuudoonnis deebisanii, “Kana hunda hojjechuuf akka taayitaa qabdu mirkaneessuuf mallattoo maalii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 19 Yesuus, \wj “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 20 Yihuudoonnis deebisanii, “Mana qulqullummaa kana ijaaruun waggaa afurtamii jaʼa fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ol dhaabdaa?” jedhaniin. \v 21 Manni qulqullummaa kan inni waaʼee isaa dubbate sun garuu dhagna isaa ti. \v 22 Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Yesuus dubbate amanan. \p \v 23 Yeroo inni Ayyaana Faasiikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baayʼeen mallattoo inni hojjete arganii maqaa isaatti amanan. \v 24 Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne. \v 25 Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii. \c 3 \s1 Yesuus Niqoodemoosin Barsiisuu Isaa \p \v 1 Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture. \v 2 Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen. \p \v 3 Yesuusis deebisee, \wj “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu”\wj* jedheen. \p \v 4 Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate. \p \v 5 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.\wj* \v 6 \wj Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.\wj* \v 7 \wj Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’\wj* \v 8 \wj Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”\wj* \p \v 9 Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate. \p \v 10 Yesuus akkana jedhee deebiseef; \wj “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?\wj* \v 11 \wj Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.\wj* \v 12 \wj Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?\wj* \v 13 \wj Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.\wj* \v 14 \wj Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannise\wj*\f + \fr 3:14 \fr*\ft \+xt Lak 21:9\+xt*\ft*\f* \wj sana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.\wj* \v 15 \wj Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.”\wj* \p \v 16 Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. \v 17 Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. \v 18 Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera. \v 19 Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan. \v 20 Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu. \v 21 Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa. \s1 Yohannis Cuuphaan Waaʼee Yesuus Dhugaa Baʼe \p \v 22 Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes. \v 23 Yohannisis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan. \v 24 Kunis utuu Yohannis mana hidhaatti hin galfamin taʼe. \v 25 Yommus barattoota Yohannisii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame. \v 26 Isaanis Yohannis bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin. \p \v 27 Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu. \v 28 Akka ani, ‘Ani Kiristoos\f + \fr 3:28 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu. \v 29 Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera. \v 30 Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba. \p \v 31 “Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan samii irraa dhufu inni hundumaa oli. \v 32 Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu. \v 33 Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Waaqni dhugaa taʼe mirkaneesse. \v 34 Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii. \v 35 Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera. \v 36 Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” \c 4 \s1 Yesuusii fi Dubartii Samaariyaa Tokko \p \v 1 Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke; \v 2 taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine. \v 3 Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe. \p \v 4 Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture. \v 5 Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha. \v 6 Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture. \p \v 7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, \wj “Mee na obaasi”\wj* jedheen. \v 8 Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii. \p \v 9 Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii. \p \v 10 Yesuusis deebisee, \wj “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture”\wj* jedheen. \p \v 11 Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta? \v 12 Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.” \p \v 13 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota;\wj* \v 14 \wj garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”\wj* \p \v 15 Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen. \p \v 16 Yesuus immoo, \wj “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!”\wj* jedheen. \p \v 17 Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. \p Yesuusis akkana jedheen; \wj “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha;\wj* \v 18 \wj ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”\wj* \p \v 19 Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha. \v 20 Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.” \p \v 21 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa.\wj* \v 22 \wj Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.\wj* \v 23 \wj Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.\wj* \v 24 \wj Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”\wj* \p \v 25 Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen. \p \v 26 Yesuusis, \wj “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma”\wj* jedheen. \s1 Barattoonni Gara Yesuusitti Deebiʼuu Isaanii \p \v 27 Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre. \p \v 28 Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette; \v 29 “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos\f + \fr 4:29 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichaa\fqa*\f* taʼinnaa?” \v 30 Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan. \p \v 31 Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan. \p \v 32 Inni garuu, \wj “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba”\wj* jedheen. \p \v 33 Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan. \p \v 34 Yesuus immoo akkana jedheen; \wj “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.\wj* \v 35 \wj Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!\wj* \v 36 \wj Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif.\wj* \v 37 \wj Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha.\wj* \v 38 \wj Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”\wj* \s1 Namoonni Samaariyaa Baayʼeen amanuu Isaanii \p \v 39 Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan. \v 40 Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture. \v 41 Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan. \p \v 42 Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan. \s1 Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyisuu Isaa \p \v 43 Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe. \v 44 Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii. \v 45 Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan. \p \v 46 Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. \v 47 Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate. \p \v 48 Kana irratti Yesuus, \wj “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!”\wj* isaan jedhe. \p \v 49 Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen. \p \v 50 Yesuusis, \wj “Ilmi kee ni jiraataatii gali!”\wj* jedheen. \p Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme. \v 51 Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan. \v 52 Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, “Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise” jedhaniin. \p \v 53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, \wj “Ilmi kee ni jiraata”\wj* jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan. \p \v 54 Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha. \c 5 \s1 Yesuus Beetisayidaatti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa \p \v 1 Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe. \v 2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. \v 3 Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [ \v 4 Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]\f + \fr 5:4 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko kutaa walakkaa luqqisaa sadii irraa jalqabee hamma luqqisaa afuriitti jiru hin qaban.\ft*\f* \v 5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture. \v 6 Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, \wj “Ati fayyuu barbaaddaa?”\wj* jedhee isa gaafate. \p \v 7 Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen. \p \v 8 Kana irratti Yesuus, \wj “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi”\wj* jedheen. \v 9 Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. \p Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture; \v 10 Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin. \p \v 11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu \wj ‘Siree kee fudhadhuu deemi’\wj* naan jedhe” jedheen. \p \v 12 Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 13 Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne. \p \v 14 Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, \wj “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin”\wj* jedheen. \v 15 Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime. \s1 Jireenya Ilmi Kennu \p \v 16 Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban. \v 17 Yesuus garuu, \wj “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira”\wj* isaaniin jedhe. \v 18 Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine. \p \v 19 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.\wj* \v 20 \wj Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.\wj* \v 21 \wj Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.\wj* \v 22 \wj Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;\wj* \v 23 \wj kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.\wj* \p \v 24 \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.\wj* \v 25 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.\wj* \v 26 \wj Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.\wj* \v 27 \wj Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.\wj* \p \v 28 \wj “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.\wj* \v 29 \wj Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.\wj* \v 30 \wj Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.\wj* \s1 Dhuga baʼumsa Waaʼee Yesuus \p \v 31 \wj “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.\wj* \v 32 \wj Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.\wj* \p \v 33 \wj “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.\wj* \v 34 \wj Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.\wj* \v 35 \wj Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.\wj* \p \v 36 \wj “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.\wj* \v 37 \wj Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.\wj* \v 38 \wj Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.\wj* \v 39 \wj Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;\wj* \v 40 \wj isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.\wj* \p \v 41 \wj “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;\wj* \v 42 \wj garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.\wj* \v 43 \wj Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.\wj* \v 44 \wj Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?\wj* \p \v 45 \wj “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.\wj* \v 46 \wj Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.\wj* \v 47 \wj Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”\wj* \c 6 \s1 Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa \r 6:1‑13 kwf – \xt Mat 14:13‑21; Mar 6:32‑44; Luq 9:10‑17\xt* \p \v 1 Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe; \v 2 namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan. \v 3 Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe. \v 4 Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture. \p \v 5 Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, \wj “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?”\wj* jedhe. \v 6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii. \p \v 7 Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii\f + \fr 6:7 \fr*\ft Diinaariin tokko mindaa hojjetaan tokko guyyaatti argatu ture.\ft*\f* dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef. \p \v 8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen; \v 9 “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?” \p \v 10 Yesuusis, \wj “Namoota teessisaa”\wj* jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture. \v 11 Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe. \p \v 12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, \wj “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin”\wj* jedhe. \v 13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan. \p \v 14 Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan. \v 15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme. \s1 Yesuus Bishaan Irra Deemuu Isaa \r 6:16‑21 kwf – \xt Mat 14:22‑33; Mar 6:47‑51\xt* \p \v 16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan; \v 17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture. \v 18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame. \v 19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. \v 20 Inni garuu, \wj “Anumaatii hin sodaatinaa”\wj* jedheen. \v 21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe. \p \v 22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan. \v 23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan. \v 24 Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan. \s1 Yesuus Buddeena Jireenyaa \p \v 25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 26 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.\wj* \v 27 \wj Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”\wj* \p \v 28 Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 29 Yesuusis, \wj “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas? \v 31 ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”\f + \fr 6:31 \fr*\ft \+xt Bau 16:4; Nah 9:15; Far 78:24,25\+xt*\ft*\f* \p \v 32 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.\wj* \v 33 \wj Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”\wj* \p \v 34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin. \p \v 35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.\wj* \v 36 \wj Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.\wj* \v 37 \wj Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.\wj* \v 38 \wj Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.\wj* \v 39 \wj Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.\wj* \v 40 \wj Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”\wj* \p \v 41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, \wj “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha”\wj* jedheef isatti guungumuu jalqaban. \v 42 Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, \wj ‘Ani samii irraa gad buʼeera’\wj* jedha ree?” jedhan. \p \v 43 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; \wj “Walitti hin guunguminaa.\wj* \v 44 \wj Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.\wj* \v 45 \wj Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’\wj*\f + \fr 6:45 \fr*\ft \+xt Isa 54:13\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.\wj* \v 46 \wj Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.\wj* \v 47 \wj Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.\wj* \v 48 \wj Buddeenni jireenyaa ana.\wj* \v 49 \wj Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.\wj* \v 50 \wj Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.\wj* \v 51 \wj Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”\wj* \p \v 52 Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman. \p \v 53 Yesuus immoo akkana jedheen; \wj “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.\wj* \v 54 \wj Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.\wj* \v 55 \wj Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.\wj* \v 56 \wj Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.\wj* \v 57 \wj Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.\wj* \v 58 \wj Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”\wj* \v 59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate. \s1 Barattoonni Baayʼeen Yesuusin Dhiisanii Baqatan \p \v 60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan. \p \v 61 Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; \wj “Kun isin gufachiisaa ree?\wj* \v 62 \wj Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?\wj* \v 63 \wj Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.\wj* \v 64 \wj Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.”\wj* Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii. \v 65 Innis ittuma fufee, \wj “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma”\wj* jedhe. \p \v 66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne. \p \v 67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, \wj “Isinis deemuu barbaadduu?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. \v 69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.” \p \v 70 Yesuusis deebisee, \wj “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!”\wj* jedhe. \v 71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii! \c 7 \s1 Yesuus Ayyaana Daasii Irratti Argamuu Isaa \p \v 1 Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine. \v 2 Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture. \v 3 Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi. \v 4 Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.” \v 5 Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii. \p \v 6 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.\wj* \v 7 \wj Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.\wj* \v 8 \wj Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”\wj* \v 9 Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe. \p \v 10 Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe. \v 11 Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan. \p \v 12 Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. \p Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan. \v 13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne. \s1 Yesuus Ayyaana Irratti Barsiisuu Isaa \p \v 14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. \v 15 Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan. \p \v 16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.\wj* \v 17 \wj Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.\wj* \v 18 \wj Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.\wj* \v 19 \wj Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”\wj* \p \v 20 Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin. \p \v 21 Yesuusis deebisee akkana jedheen; \wj “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.\wj* \v 22 \wj Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.\wj* \v 23 \wj Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?\wj* \v 24 \wj Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”\wj* \s1 Yesuus Kun inni Kiristoosii dha? \p \v 25 Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii? \v 26 Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos\f + \fr 7:26 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* taʼe sirriitti beekaniiruu laata? \v 27 Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.” \p \v 28 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; \wj “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;\wj* \v 29 \wj ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”\wj* \p \v 30 Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne. \v 31 Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan. \p \v 32 Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan. \p \v 33 Yesuusis akkana jedheen; \wj “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.\wj* \v 34 \wj Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”\wj* \p \v 35 Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa? \v 36 \wj ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’\wj* jechuun isaas maal jechuu isaatii?” \p \v 37 Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; \wj “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.\wj* \v 38 \wj Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”\wj* \v 39 Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii. \p \v 40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan. \p \v 41 Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. \p Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa? \v 42 Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?” \v 43 Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame. \v 44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne. \s1 Amantii Dhabuu Dura Buʼoota Yihuudootaa \p \v 45 Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan. \p \v 46 Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan. \p \v 47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu? \v 48 Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa? \v 49 Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.” \p \v 50 Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe; \v 51 “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?” \p \v 52 Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin. \p [ \v 53 Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan. \c 8 \s1 Dubartii Ejja Irratti Qabamte \p \v 1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe. \p \v 2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise. \v 3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii, \v 4 Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. \v 5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?” \v 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. \p Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. \v 7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, \wj “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu”\wj* jedheen. \v 8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse. \p \v 9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. \v 10 Yesuusis ol jedhee, \wj “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?”\wj* jedheen. \p \v 11 Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. \p Yesuusis, \wj “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin”\wj* jedheen.]\f + \fr 8:11 \fr*\ft Waraabbileen durii hedduun kutaa (\+xt Yoh 7:53–8:11\+xt*) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo wangeelota biraa keessa seensisan.\ft*\f* \s1 Yesuus ifa addunyaa ti \p \v 12 Yesuus ammas, \wj “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu”\wj* jedhee isaanitti dubbate. \p \v 13 Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin. \p \v 14 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.\wj* \v 15 \wj Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.\wj* \v 16 \wj Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.\wj* \v 17 \wj Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.\wj* \v 18 \wj Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”\wj* \p \v 19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. \p Yesuus immoo deebisee, \wj “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan”\wj* jedhe. \v 20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne. \p \v 21 Yesuus amma illee, \wj “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 22 Yihuudoonnis, “ ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan. \p \v 23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; \wj “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.\wj* \v 24 \wj Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”\wj* \p \v 25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. \p Yesuus immoo akkana jedhee deebise; \wj “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.\wj* \v 26 \wj Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”\wj* \p \v 27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne. \v 28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; \wj “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.\wj* \v 29 \wj Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”\wj* \v 30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan. \s1 Ijoollee Abrahaam \p \v 31 Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; \wj “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.\wj* \v 32 \wj Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”\wj* \p \v 33 Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin. \p \v 34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.\wj* \v 35 \wj Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.\wj* \v 36 \wj Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.\wj* \v 37 \wj Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.\wj* \v 38 \wj Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”\wj* \p \v 39 Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. \p Yesuus immoo akkana jedhe; \wj “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.\wj* \v 40 \wj Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.\wj* \v 41 \wj Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.”\wj* \p Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin. \s1 Ijoollee Diiyaabiloos \p \v 42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; \wj “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.\wj* \v 43 \wj Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.\wj* \v 44 \wj Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.\wj* \v 45 \wj Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!\wj* \v 46 \wj Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?\wj* \v 47 \wj Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”\wj* \s1 Yesuus Waaʼee Ofii Isaa Dubbate \p \v 48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin. \p \v 49 Yesuus immoo akkana jedhe; \wj “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.\wj* \v 50 \wj Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.\wj* \v 51 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”\wj* \p \v 52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. \v 53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?” \p \v 54 Yesuus akkana jedhee deebise; \wj “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.\wj* \v 55 \wj Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.\wj* \v 56 \wj Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”\wj* \p \v 57 Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin. \p \v 58 Yesuusis, \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma”\wj* isaaniin jedhe. \v 59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme. \c 9 \s1 Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa \p \v 1 Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. \v 2 Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 3 Yesuusis akkana jedhee deebise; \wj “Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti.\wj* \v 4 \wj Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa.\wj* \v 5 \wj Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”\wj* \p \v 6 Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. \v 7 Innis namicha sanaan, \wj “Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu”\wj* jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe. \p \v 8 Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, “Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?” jedhan. \v 9 Namoonni tokko tokko, “Eeyyee, isa” jedhan. \p Kaan immoo, “Miti, isa fakkaata malee” jedhan. \p Inni garuu, “Namichi sun anuma” jedhe. \p \v 10 Jarris, “Iji kee akkamitti baname ree?” jedhaniin. \p \v 11 Innis deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe.” \p \v 12 Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. \p Inni immoo, “Ani hin beeku” jedheen. \s1 Fariisonni Waaʼee Fayyuu Namichaa Qorachuu Isaanii \p \v 13 Isaanis namicha jaamaa ture sana Fariisotatti geessan. \v 14 Guyyaan itti Yesuus dhoqqee tolchee ija namichaa bane Sanbata ture. \v 15 Fariisonnis namichi akkamitti akka arguu dandaʼe isa gaafatan; namichis, “Inni dhoqqee tolchee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges” jedheen. \p \v 16 Fariisota keessaas tokko tokko, “Namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Waaqa biraa hin dhufne” jedhan. \p Warri kaan garuu, “Cubbamaan tokko akkamitti dinqii akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. Garaa garummaanis isaan gidduutti uumame. \p \v 17 Isaanis amma illee namicha jaamaa ture sanaan, “Waaʼee namicha ija kee siif bane sanaa maal jetta?” jedhan. \p Namichis deebisee, “Inni raajii dha” jedhe. \p \v 18 Yihuudoonnis hamma abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate amma illee hin amanne. \v 19 Isaanis, “Inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa taʼee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan. \p \v 20 Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; “Akka inni ilma keenya taʼee fi akka inni jaamaa taʼee dhalate ni beekna. \v 21 Garuu amma akkamitti akka arguu dandaʼe yookaan ija isaa eenyu akka baneef nu hin beeknu. Inni nama gaʼaa dha; waaʼee mataa isaa dubbachuu ni dandaʼa; isuma gaafadhaa.” \v 22 Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudoota sodaataniif waan kana jedhan; namni kam iyyuu yoo Yesuus inni Kiristoos\f + \fr 9:22 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* jedhee dhugaa baʼe akka mana sagadaa keessaa ariʼamu Yihuudoonni kanaan dura walii galanii murteessanii turaniitii. \v 23 Kanaafuu abbaa fi haati isaa, “Inni nama gaʼaa dha; isuma gaafadhaa” jedhan. \p \v 24 Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii, “Waaqaaf ulfina kenni. Namichi kun cubbamaa taʼuu isaa nu ni beekna” jedhaniin. \p \v 25 Innis, “Cubbamaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku. Ani waan tokkon beeka. Ani jaamaan ture; amma garuu nan arga!” jedhee deebise. \p \v 26 Isaanis, “Inni maal siif godhe? Ija kees akkamitti siif bane?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 27 Inni immoo, “Ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye. Ammas maaliif dhagaʼuu barbaaddu? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaadduu?” jedheen. \p \v 28 Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; “Barataan namicha kanaa siʼi! Nu barattoota Musee ti! \v 29 Akka Waaqni Museetti dubbate nu beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe iyyuu hin beeknu.” \p \v 30 Namichis deebisee akkana jedhe; “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; garuu inni ija koo naa bane. \v 31 Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa. \v 32 Eenyu iyyuu ija nama jaamaa taʼee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee hin dhagaʼamne. \v 33 Namichi kun utuu Waaqa biraa taʼuu baatee silaa homaa gochuu hin dandaʼu ture.” \p \v 34 Isaanis deebisanii, “Ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, situ nu barsiisaa?” jedhaniin. Alattis gad isa baasan. \s1 Jaamummaa Hafuuraa \p \v 35 Yesuusis akka isaan gad isa baasan dhagaʼe; yommuu isa argettis, \wj “Ati Ilma Namaatti ni amantaa?”\wj* jedheen. \p \v 36 Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe. \p \v 37 Yesuusis, \wj “Ati amma isa argiteerta; inni si wajjin haasaʼaa jiru isuma”\wj* jedheen. \p \v 38 Namichi sunis, “Yaa Gooftaa, ani nan amana” jedhe; ni sagadeefis. \p \v 39 Yesuus immoo, \wj “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera”\wj* jedhe. \p \v 40 Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan. \p \v 41 Yesuusis, \wj “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata”\wj* jedheen. \c 10 \s1 Tiksee Gaarii fi Hoolota Isaa \p \v 1 \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.\wj* \v 2 \wj Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.\wj* \v 3 \wj Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.\wj* \v 4 \wj Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.\wj* \v 5 \wj Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”\wj* \v 6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne. \p \v 7 Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; \wj “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.\wj* \v 8 \wj Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.\wj* \v 9 \wj Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.\wj* \v 10 \wj Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.\wj* \p \v 11 \wj “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.\wj* \v 12 \wj Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.\wj* \v 13 \wj Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.\wj* \p \v 14 \wj “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;\wj* \v 15 \wj kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.\wj* \v 16 \wj Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.\wj* \v 17 \wj Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.\wj* \v 18 \wj Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”\wj* \p \v 19 Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame. \v 20 Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan. \p \v 21 Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan. \s1 Amantii Dhabuu Yihuudootaa \p \v 22 Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu\f + \fr 10:22 \fr*\fq Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu \fq*\fqa Hanukkaa\fqa*\ft jedhamee beekama \ft*\ft – Jiʼi Hanukkaa Sadaasaa wajjin tokkuma. Ayyaanni kunis guyyaa itti Yihuudaa Maqaabiis (dhaloota Kiristoos dura bara 164 keessa) mana qulqullummaa kan namoonni Sooriyaa waggaa sadii xureessan sana haaromse yaadachuuf godhame. Ayyaanichis guyyaa digdamii shanaffaa jiʼa sanaa irraa jalqabee hamma guyyaa saddeetiitti ayyaaneffama ture. Yeroon kun Yihuudootaaf yeroo gammachuu guddaa ture.\ft*\f* Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture; \v 23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture. \v 24 Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos\f + \fr 10:24 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin. \p \v 25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.\wj* \v 26 \wj Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.\wj* \v 27 \wj Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.\wj* \v 28 \wj Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.\wj* \v 29 \wj Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.\wj* \v 30 \wj Anii fi Abbaan tokkuma.”\wj* \p \v 31 Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan. \v 32 Yesuusis, \wj “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?”\wj* jedheen. \p \v 33 Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif. \p \v 34 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; \wj “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’\wj*\f + \fr 10:34 \fr*\ft \+xt Far 82:6\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffameera mitii?\wj* \v 35 \wj Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,\wj* \v 36 \wj sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?\wj* \v 37 \wj Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.\wj* \v 38 \wj Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”\wj* \v 39 Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe. \p \v 40 Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture. \v 41 Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan. \v 42 Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan. \c 11 \s1 Duʼuu Alʼaazaar \p \v 1 Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. \v 2 Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. \v 3 Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman. \p \v 4 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, \wj “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu”\wj* jedhe. \v 5 Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. \v 6 Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. \v 7 Innis ergasii barattoota isaatiin, \wj “Kottaa Yihuudaatti deebinaa”\wj* jedhe. \p \v 8 Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin. \p \v 9 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu.\wj* \v 10 \wj Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”\wj* \p \v 11 Innis erga waan kana dubbatee booddee, \wj “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa”\wj* isaaniin jedhe. \p \v 12 Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin. \v 13 Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan. \p \v 14 Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; \wj “Alʼaazaar duʼeera;\wj* \v 15 \wj akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”\wj* \p \v 16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe. \s1 Yesuus Obboleettota Alʼaazaar Jajjabeessuu Isaa \p \v 17 Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke. \v 18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte; \v 19 Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. \v 20 Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse. \p \v 21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. \v 22 Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.” \p \v 23 Yesuusis, \wj “Obboleessi kee ni kaʼa”\wj* jedheen. \p \v 24 Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen. \p \v 25 Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; \wj “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;\wj* \v 26 \wj kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”\wj* \p \v 27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos\f + \fr 11:27 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen. \p \v 28 Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen. \v 29 Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe. \v 30 Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne. \v 31 Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan. \p \v 32 Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen. \p \v 33 Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates. \v 34 Innis, \wj “Eessa isa keessan?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuu ilaali” jedhaniin. \p \v 35 Yesuusis imimmaan dhangalaase. \p \v 36 Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan. \p \v 37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan. \s1 Yesuus Alʼaazaarin Duʼaa Kaase \p \v 38 Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. \v 39 Yesuusis, \wj “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!”\wj* jedhe. \p Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, “Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa” jetteen. \p \v 40 Yesuus immoo, \wj “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?”\wj* jedheen. \p \v 41 Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; \wj “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha.\wj* \v 42 \wj Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”\wj* \p \v 43 Yesuusis waan kana dubbatee, \wj “Alʼaazaar, as baʼi!”\wj* jedhee sagalee guddaadhaan iyye. \v 44 Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe. \p Yesuusis, \wj “Isa hiikaa, haa deemu”\wj* isaaniin jedhe. \s1 Mala Yesuusin Ajjeesuuf Malatame \p \v 45 Kanaafuu Yihuudoota gara Maariyaam dhufanii waan Yesuus hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan. \v 46 Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjete itti himan. \v 47 Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman. \p Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun mallattoo baayʼee argisiisaa jira. Maal haa goonu? \v 48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu.” \p \v 49 Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; “Isin waan tokko illee hin beektan! \v 50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan.” \p \v 51 Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; \v 52 kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti. \v 53 Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan. \p \v 54 Kanaafuu Yesuus ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture. \p \v 55 Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan. \v 56 Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, “Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?” waliin jedhan. \v 57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan. \c 12 \s1 Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibame \r 12:1‑8 kwi – \xt Mat 26:6‑13; Mar 14:3‑9; Luq 7:37‑39\xt* \p \v 1 Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe. \v 2 Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture. \v 3 Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame. \p \v 4 Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; \v 5 “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti\f + \fr 12:5 \fr*\ft Diinaariin dhibba sadii mindaa hojjetaan tokko waggaatti argatuu dha.\ft*\f* gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?” \v 6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture. \p \v 7 Yesuusis deebisee akkana jedhe; \wj “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.\wj* \v 8 \wj Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”\wj* \p \v 9 Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan. \v 10 Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan; \v 11 Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii. \s1 Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa \r 12:12‑15 kwf – \xt Mat 21:4‑9; Mar 11:7‑10; Luq 19:35‑38\xt* \p \v 12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. \v 13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; \q1 “Hoosaaʼinaa!”\f + \fr 12:13 \fr*\fq Hoosaaʼinaa \fq*\ft jechuun afaan Ibraayisxiitiin \ft*\fqa “Amma fayyisi” \fqa*\ft jechuu dha; kunis jecha galataa ti.\ft*\f* \b \q1 “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”\f + \fr 12:13 \fr*\ft \+xt Far 118:25,26\+xt*\ft*\f* \b \q1 “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!” \m \v 14 Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha; \q1 \v 15 “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; \q2 kunoo, mootiin kee, \q2 ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”\f + \fr 12:15 \fr*\ft \+xt Zak 9:9\+xt*\ft*\f* \p \v 16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan. \p \v 17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan. \v 18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan. \v 19 Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan. \s1 Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate \p \v 20 Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan. \v 21 Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin. \v 22 Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan. \p \v 23 Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; \wj “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.\wj* \v 24 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.\wj* \v 25 \wj Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.\wj* \v 26 \wj Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.\wj* \p \v 27 \wj “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.\wj* \v 28 \wj Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!”\wj* \p Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe. \v 29 Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan. \p \v 30 Yesuus akkana jedhee deebise; \wj “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.\wj* \v 31 \wj Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.\wj* \v 32 \wj Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”\wj* \v 33 Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe. \p \v 34 Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos\f + \fr 12:34 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichi\fqa*\f* bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, \wj ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’\wj* jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen. \p \v 35 Yesuus immoo akkana jedheen; \wj “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.\wj* \v 36 \wj Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.”\wj* Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate. \s1 Amantii Dhabuu Yihuudootaa \p \v 37 Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. \v 38 Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: \q1 “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? \q2 Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?”\f + \fr 12:38 \fr*\ft \+xt Isa 53:1\+xt*\ft*\f* \m jedhu sun akka raawwatamuuf ture. \p \v 39 Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii; \q1 \v 40 “Ija isaaniitiin akka hin argineef, \q2 qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, \q1 akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, \q2 inni ija isaanii jaamseeraatii; \q2 garaa isaaniis jabeesseera.”\f + \fr 12:40 \fr*\ft \+xt Isa 6:10\+xt*\ft*\f* \m \v 41 Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe. \p \v 42 Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; \v 43 isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii. \p \v 44 Yesuusis iyyee akkana jedhe; \wj “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.\wj* \v 45 \wj Kan na argus isa na erge sana arga.\wj* \v 46 \wj Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.\wj* \p \v 47 \wj “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.\wj* \v 48 \wj Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.\wj* \v 49 \wj Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.\wj* \v 50 \wj Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”\wj* \c 13 \s1 Yesuus Miilla Barattoota Isaa Dhiqe \p \v 1 Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate. \p \v 2 Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe. \v 3 Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture; \v 4 kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate. \v 5 Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe. \p \v 6 Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen. \p \v 7 Yesuus immoo deebisee, \wj “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta”\wj* jedheen. \p \v 8 Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. \p Yesuusis deebisee, \wj “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu”\wj* jedheen. \p \v 9 Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen. \p \v 10 Yesuusis, \wj “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti”\wj* jedheen. \v 11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, \wj “Qulqulluun hunda keessan miti”\wj* jedheefis kanuma. \p \v 12 Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; \wj “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii?\wj* \v 13 \wj Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.\wj* \v 14 \wj Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.\wj* \v 15 \wj Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.\wj* \v 16 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu.\wj* \v 17 \wj Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.\wj* \s1 Yesuus Akka Dabarfamee Kennamu Duraan Dursee Dubbate \p \v 18 \wj “Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’\wj*\f + \fr 13:18 \fr*\ft \+xt Far 41:9\+xt*\ft*\f* \wj jedhu sun akka guutamuuf.\wj* \p \v 19 \wj “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.\wj* \v 20 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”\wj* \p \v 21 Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, \wj “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna”\wj* jedhee dhugaa baʼe. \p \v 22 Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan. \v 23 Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture. \v 24 Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime. \p \v 25 Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate. \p \v 26 Yesuusis deebisee, \wj “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa”\wj* jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne. \v 27 Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. \p Yesuusis, \wj “Waan gochuuf jirtu dafii godhi”\wj* isaan jedhe. \v 28 Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne. \v 29 Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan. \v 30 Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture. \s1 Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee dubbate \r 13:37‑38 kwf – \xt Mat 26:33‑35; Mar 14:29‑31; Luq 22:33‑34\xt* \p \v 31 Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; \wj “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera.\wj* \v 32 \wj Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.\wj* \p \v 33 \wj “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.\wj* \p \v 34 \wj “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.\wj* \v 35 \wj Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”\wj* \p \v 36 Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. \p Yesuusis, \wj “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 37 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen. \p \v 38 Yesuusis deebisee, \wj “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta”\wj* jedheen. \c 14 \s1 Yesuus Barattoota Isaa Jajjabeesse \p \v 1 \wj “Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.\wj* \v 2 \wj Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.\wj* \v 3 \wj Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.\wj* \v 4 \wj Isinis karaa iddoo ani dhaquu ni beektu.”\wj* \s1 Yesuus Karaa Gara Abbaatti Geessu Taʼuu Isaa \p \v 5 Toomaasis, “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu nu hin beeknu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?” jedheen. \p \v 6 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.\wj* \v 7 \wj Utuu na beektanii silaa Abbaa koos akkasuma ni beektu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beektu; isas argitaniirtu.”\wj* \p \v 8 Fiiliphoos, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii” jedheen. \p \v 9 Yesuusis akkana isaan jedhe; \wj “Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree?\wj* \v 10 \wj Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.\wj* \v 11 \wj Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hojii sanaatiif na amanaa.\wj* \v 12 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.\wj* \v 13 \wj Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.\wj* \v 14 \wj Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.\wj* \s1 Yesuus Akka Hafuura Qulqulluu Erguu Abdachiise \p \v 15 \wj “Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.\wj* \v 16 \wj Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;\wj* \v 17 \wj inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.\wj* \v 18 \wj Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.\wj* \v 19 \wj Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.\wj* \v 20 \wj Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.\wj* \v 21 \wj Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”\wj* \p \v 22 Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, “Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?” jedheen. \p \v 23 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.\wj* \v 24 \wj Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.\wj* \p \v 25 \wj “Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera.\wj* \v 26 \wj Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.\wj* \v 27 \wj Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.\wj* \p \v 28 \wj “Isin akka ani, ‘Ani nan deema; deebiʼees gara keessan nan dhufa’ jedhe dhageessaniirtu. Utuu na jaallattanii silaa gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; Abbaan na caalaatii.\wj* \v 29 \wj Akka yommuu wanni kun taʼutti isin amantaniif utuu wanni kun hin taʼin ani amma duraan dursee isinitti himeera.\wj* \v 30 \wj Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;\wj* \v 31 \wj garuu akka ani Abbaa jaalladhu addunyaan akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan hojjedha.\wj* \p \wj “Kaʼaa, asii ni deemnaa.\wj* \c 15 \s1 Muka Wayiniitii fi Dameewwan Isaa \p \v 1 \wj “Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.\wj* \v 2 \wj Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.\wj* \v 3 \wj Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.\wj* \v 4 \wj Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.\wj* \p \v 5 \wj “Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.\wj* \v 6 \wj Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.\wj* \v 7 \wj Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.\wj* \v 8 \wj Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.\wj* \p \v 9 \wj “Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.\wj* \v 10 \wj Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.\wj* \v 11 \wj Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.\wj* \v 12 \wj Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.\wj* \v 13 \wj Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.\wj* \v 14 \wj Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.\wj* \v 15 \wj Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.\wj* \v 16 \wj Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.\wj* \v 17 \wj Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.\wj* \s1 Addunyaan Barattoota Jibbuu Isaa \p \v 18 \wj “Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.\wj* \v 19 \wj Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.\wj* \v 20 \wj Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’\wj*\f + \fr 15:20 \fr*\ft \+xt Yoh 13:16\+xt*\ft*\f* \wj jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu.\wj* \v 21 \wj Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.\wj* \v 22 \wj Utuu ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiʼeeffatan hin qaban.\wj* \v 23 \wj Namni na jibbu Abbaa koos ni jibba.\wj* \v 24 \wj Utuu ani hojii namni biraa tokko iyyuu hin hojjetin gidduu isaaniitti hojjechuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu utuma waan ani hojjedhe arganuu anas Abbaa koos jibbaniiru.\wj* \v 25 \wj Kunis akka dubbiin Seera isaanii keessatti, ‘Isaan akkasumaan na jibban’\wj*\f + \fr 15:25 \fr*\ft \+xt Far 35:19; 69:4\+xt*\ft*\f* \wj jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf taʼe.\wj* \p \v 26 \wj “Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.\wj* \v 27 \wj Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.\wj* \c 16 \p \v 1 \wj “Ani akka isin hin gufanneef jedhee wantoota kanneen isinitti himeera.\wj* \v 2 \wj Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa.\wj* \v 3 \wj Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.\wj* \v 4 \wj Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.\wj* \s1 Hojii Hafuura Qulqulluu \p \v 5 \wj “Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; taʼus isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu tokko iyyuu hin jiru.\wj* \v 6 \wj Garuu waan ani wantoota kanneen isinitti himeef garaan keessan gaddaan guutameera.\wj* \v 7 \wj Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.\wj* \v 8 \wj Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;\wj* \v 9 \wj waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;\wj* \v 10 \wj waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef;\wj* \v 11 \wj waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.\wj* \p \v 12 \wj “Ani amma iyyuu waanan isinitti himu baayʼee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeessan.\wj* \v 13 \wj Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.\wj* \v 14 \wj Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.\wj* \v 15 \wj Wanni Abbaan qabu hundinuu kan koo ti. Inni waanuma koo fuudhee isinitti beeksisa jechuun koos kanumaaf.\wj* \p \v 16 \wj “Isin yeroo muraasa booddee na hin argitan; yeroo muraasa booddee immoo deebitanii na argitu.”\wj* \s1 Gaddi Barattootaa Gammachuutti Ni Geeddarama \p \v 17 Barattoota isaa keessaas tokko tokko, “Inni, \wj ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’\wj* akkanumas \wj ‘Ani waanan gara Abbaa dhaquuf’\wj* nuun jechuun isaa maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan. \v 18 Isaanis, “ \wj ‘Yeroo muraasaaf’\wj* jechuun isaa maal jechuu isaa ti? Maal jechuu isaa akka taʼe nu hin beeknu” jedhan. \p \v 19 Yesuus immoo akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; \wj “Wanni ani, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ jedhe sun maal jechuu koo akka taʼe wal gaafachaa jirtuu?\wj* \v 20 \wj Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin ni boossu; ni gadittus. Addunyaan garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni geeddarama.\wj* \v 21 \wj Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.\wj* \v 22 \wj Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.\wj* \v 23 \wj Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna.\wj* \v 24 \wj Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.\wj* \p \v 25 \wj “Ani wantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebiʼee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; yommus ani waaʼee Abbaa koo ifaan ifatti isinittin hima.\wj* \v 26 \wj Isin gaafas maqaa kootiin ni kadhattu. Ani Abbaa isiniif nan kadhadha isiniin hin jedhu.\wj* \v 27 \wj Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.\wj* \v 28 \wj Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”\wj* \p \v 29 Barattoonni isaas akkana jedhan; “Kunoo, ati amma iyyuu fakkeenyaan utuu hin taʼin ifaan ifatti dubbachaa jirta. \v 30 Akka ati waan hunda beektuu fi akka namni tokko iyyuu gaaffii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma ni beekna. Kanaanis nu akka ati Waaqa biraa baate ni amanna.” \p \v 31 Yesuusis deebisee akkana jedheen; \wj “Isin amma ni amantuu?\wj* \v 32 \wj Kunoo yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii tokkoon tokkoon keessan gara feetanitti bittinnooftan tokko ni dhufa. Ammuma iyyuu dhufeera. Garuu waan Abbaan koo na wajjin jiruuf ani kophaa koo miti.\wj* \p \v 33 \wj “Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”\wj* \c 17 \s1 Yesuus Ofiif Kadhachuu Isaa \p \v 1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: \pm \wj “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.\wj* \v 2 \wj Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii.\wj* \v 3 \wj Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.\wj* \v 4 \wj Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.\wj* \v 5 \wj Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.\wj* \s1 Yesuus Barattoota Isaatiif Kadhachuu Isaa \pm \v 6 \wj “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.\wj* \v 7 \wj Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.\wj* \v 8 \wj Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.\wj* \v 9 \wj Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.\wj* \v 10 \wj Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.\wj* \v 11 \wj Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.\wj* \v 12 \wj Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.\wj* \pm \v 13 \wj “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.\wj* \v 14 \wj Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.\wj* \v 15 \wj Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.\wj* \v 16 \wj Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.\wj* \v 17 \wj Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.\wj* \v 18 \wj Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.\wj* \v 19 \wj Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.\wj* \s1 Yesuus Amantoota Hundaaf Kadhachuu Isaa \pm \v 20 \wj “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;\wj* \v 21 \wj kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.\wj* \v 22 \wj Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;\wj* \v 23 \wj kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.\wj* \pm \v 24 \wj “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.\wj* \pm \v 25 \wj “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.\wj* \v 26 \wj Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”\wj* \c 18 \s1 Yesuus Qabame \r 18:3‑11 kwf – \xt Mat 26:47‑56; Mar 14:43‑50; Luq 22:47‑53\xt* \p \v 1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan. \p \v 2 Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture. \v 3 Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan. \p \v 4 Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, \wj “Isin eenyun barbaaddu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p \v 5 Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. \p Yesuus immoo, \wj “Ani isaa dha”\wj* jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture. \v 6 Yommuu Yesuus, \wj “Ani isaa dha”\wj* isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan. \p \v 7 Inni ammas, \wj “Isin eenyun barbaaddu?”\wj* jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. \p \v 8 Yesuusis deebisee, \wj “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!”\wj* jedhe. \v 9 Kunis akka dubbiin inni, \wj “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne”\wj*\f + \fr 18:9 \fr*\ft \+xt Yoh 6:39\+xt*\ft*\f* jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe. \p \v 10 Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha. \p \v 11 Yesuusis Phexrosiin, \wj “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?”\wj* jedhe. \s1 Yesuus Haannaatti Geeffame \r 18:12,13 kwf – \xt Mat 26:57\xt* \p \v 12 Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan. \v 13 Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture. \v 14 Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha. \s1 Phexros Yeroo Jalqabaatiif Yesuusin Ganuu Isaa \r 18:16‑18 kwf – \xt Mat 26:69,70; Mar 14:66‑68; Luq 22:55‑57\xt* \p \v 15 Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene; \v 16 Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise. \p \v 17 Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. \p Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe. \p \v 18 Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture. \s1 Gaaffii Lubichi Ol aanaan Yesuusiif Dhiʼeesse \r 18:19‑24 kwf – \xt Mat 26:59‑68; Mar 14:55‑65; Luq 22:63‑71\xt* \p \v 19 Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate. \p \v 20 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; \wj “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.\wj* \v 21 \wj Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”\wj* \p \v 22 Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale. \p \v 23 Yesuusis deebisee, \wj “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?”\wj* jedhe. \v 24 Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge. \s1 Phexros Yeroo Lammaffaa fi Sadaffaa Yesuusin Ganuu Isaa \r 18:25‑27 kwf – \xt Mat 26:71‑75; Mar 14:69‑72; Luq 22:58‑62\xt* \p \v 25 Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin. \p Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale. \p \v 26 Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen. \v 27 Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye. \s1 Yesuus Fuula Phiilaaxoos Duratti \r 18:29‑40 kwf – \xt Mat 27:11‑18,20‑23; Mar 15:2‑15; Luq 23:2,3,18‑25\xt* \p \v 28 Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif. \v 29 Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate. \p \v 30 Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif. \p \v 31 Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. \p Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin. \v 32 Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe. \p \v 33 Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. \p \v 34 Yesuusis, \wj “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?”\wj* jedhee gaafate. \p \v 35 Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen. \p \v 36 Yesuusis, \wj “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti”\wj* jedhe. \p \v 37 Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. \p Yesuus immoo, \wj “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa”\wj* jedhee deebise. \p \v 38 Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne. \v 39 Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?” \p \v 40 Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture. \c 19 \s1 Fannifamuun Yesuusitti Murame \r 19:1‑16 kwf – \xt Mat 27:27‑31; Mar 15:16‑20\xt* \p \v 1 Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise. \v 2 Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii, \v 3 “Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan. \p \v 4 Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe. \v 5 Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe. \p \v 6 Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. \p Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen. \p \v 7 Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan. \p \v 8 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate. \v 9 Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef. \v 10 Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen. \p \v 11 Yesuus immoo, \wj “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba”\wj* jedhee deebiseef. \p \v 12 Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan. \p \v 13 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe. \v 14 Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. \p Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe. \p \v 15 Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. \p Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. \p Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif. \p \v 16 Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. \s1 Yesuus Fannifame \r 19:17‑24 kwf – \xt Mat 27:33‑44; Mar 15:22‑32; Luq 23:33‑43\xt* \p Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman. \v 17 Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin \tl Golgootaa\tl* jedhamutti ol baʼe. \v 18 Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan. \p \v 19 Phiilaaxoosis Katabbii, \pc Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, \m jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse. \v 20 Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame. \v 21 Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘ “Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan. \p \v 22 Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise. \p \v 23 Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture. \p \v 24 Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa”\f + \fr 19:24 \fr*\ft \+xt Far 22:18\+xt*\ft*\f* waliin jedhan. \p Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, \q1 “Isaan wayyaa koo hiratan; \q2 uffata koottis ixaa buufatan” \m jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma. \p \v 25 Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. \v 26 Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, \wj “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee”\wj* jedhe. \v 27 Barataa sanaan illee, \wj “Kunoo haadha kee”\wj* jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate. \s1 Duʼa Yesuus \r 19:29,30 kwf – \xt Mat 27:48,50; Mar 15:36,37; Luq 23:36\xt* \p \v 28 Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, \wj “Nan dheebodhe”\wj* jedhe. \v 29 Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban. \v 30 Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, \wj “Raawwateera”\wj* jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne. \p \v 31 Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee\f + \fr 19:31 \fr*\fq Akka miilli isaanii cabsame \fq*\ft – Miilla yakkamtootaa burrusa guddaadhaan cabsuun gosa adabbii hamaa ture. Walumaa galatti miilla qofatu cabsama ture. Yeroo tokko tokko garuu harkis ni cabsama ture. Adabbiin kun yommuu nama fannifamaa jiru irratti raawwatamutti mataa isaatiin gosa adabbii gara jabinaa ti. Garuu dhiphinni duʼa fannoo kan lubbuun daftee keessaa hin baane sun waan yeroo gabaabaa keessatti raawwatuuf akka gocha araaraatti ilaalama.\ft*\f* fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan. \v 32 Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Yesuus wajjin fannifame kaaniis cabsan. \v 33 Yommuu gara Yesuus dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine. \v 34 Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe. \v 35 Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata. \v 36 Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu”\f + \fr 19:36 \fr*\ft \+xt Bau 12:46; Lak 9:12; Far 34:20\+xt*\ft*\f* jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe. \v 37 Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, “Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu”\f + \fr 19:37 \fr*\ft \+xt Zak 12:10\+xt*\ft*\f* jedha. \s1 Awwaalamuu Yesuus \r 19:38‑42 kwf – \xt Mat 27:57‑61; Mar 15:42‑47; Luq 23:50‑56\xt* \p \v 38 Ergasii Yoosef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Yesuus ture sun reeffa Yesuus fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Yesuus fudhate. \v 39 Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Yesuus dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe. \v 40 Isaanis reeffa Yesuus fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti awwaaluuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. \v 41 Iddoo Yesuus itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo awwaalaa haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokkotu ture. \v 42 Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon awwaalaa sunis waan dhiʼoo tureef Yesuusin achi keessa kaaʼan. \c 20 \s1 Awwaala Duwwaa \r 20:1‑8 kwf – \xt Mat 28:1‑8; Mar 16:1‑8; Luq 24:1‑10\xt* \p \v 1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalaa dhaqxee akka dhagaan afaan awwaala sanaa irraa fuudhame argite. \v 2 Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Yesuus isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen. \p \v 3 Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara awwaalichaa dhaqan. \v 4 Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo awwaalaa sana gaʼe. \v 5 Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne. \v 6 Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge; \v 7 akkanumas huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre. \v 8 Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. \v 9 Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii. \s1 Yesuus Maariyaam Ishee Magdalaatti Mulʼate \p \v 10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan. \p \v 11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte; \v 12 isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite. \p \v 13 Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin. \p Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen. \v 14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne. \p \v 15 Yesuusis, \wj “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?”\wj* jedheen. \p Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, “Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen. \p \v 16 Yesuusis, \wj “Maariyaam!”\wj* jedheen. \p Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, \tl “Rabbuunii!”\tl* jetteen. Hiikkaan isaas “Barsiisaa” jechuu dha. \p \v 17 Yesuus immoo, \wj “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi”\wj* jedheen. \p \v 18 Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte. \s1 Yesuus Barattoota Isaatti Mulʼate \p \v 19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, \wj “Nagaan isiniif haa taʼu”\wj* jedheen. \v 20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan. \p \v 21 Yesuus amma illee, \wj “Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga”\wj* jedheen. \v 22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; \wj “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.\wj* \v 23 \wj Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”\wj* \s1 Yesuus Toomaasitti Mulʼate \p \v 24 Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre. \v 25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan. \p Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen. \p \v 26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, \wj “Nagaan isiniif haa taʼu!”\wj* jedheen. \v 27 Innis Toomaasiin, \wj “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin”\wj* jedhe. \p \v 28 Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen. \p \v 29 Yesuusis, \wj “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha”\wj* jedheen. \p \v 30 Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. \v 31 Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos\f + \fr 20:31 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame. \c 21 \s1 Yesuusii fi Dinqii Qurxummii Qabuu \p \v 1 Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture: \v 2 Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan. \v 3 Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne. \p \v 4 Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne. \p \v 5 Innis isaan waamee, \wj “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?”\wj* jedhee gaafate. \p Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan. \p \v 6 Innis, \wj “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu”\wj* jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban. \p \v 7 Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale. \v 8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan. \v 9 Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan. \p \v 10 Yesuusis, \wj “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!”\wj* isaaniin jedhe. \v 11 Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane. \v 12 Yesuusis, \wj “Kottaa ciree nyaadhaa!”\wj* isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii. \v 13 Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe. \v 14 Egaa Yesuus erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate. \s1 Yesuus Phexrosin Gaaffii Gaafate \p \v 15 Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, \wj “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?”\wj* jedhe. \p Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. \p Yesuusis, \wj “Ilmoolee hoolaa koo soori”\wj* jedheen. \p \v 16 Yesuus amma illee, \wj “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?”\wj* jedheen. \p Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. \p Yesuus immoo, \wj “Hoolota koo tiksi”\wj* jedheen. \p \v 17 Yeroo sadaffaas, \wj “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?”\wj* jedheen. \p Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, \wj “Ati na jaallattaa?”\wj* jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. \p Yesuusis akkana jedheen; \wj “Hoolota koo soori.\wj* \v 18 \wj Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”\wj* \v 19 Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, \wj “Na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \p \v 20 Phexrosis garagalee utuu barataan inni Yesuus isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Yesuusiitti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha. \v 21 Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Yesuusin gaafate. \p \v 22 Yesuusis deebisee, \wj “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi”\wj* jedheen. \v 23 Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, \wj “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?”\wj* jedhe malee, \wj “Inni hin duʼu”\wj* hin jenne. \p \v 24 Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna. \p \v 25 Kana malees Yesuus waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.