\id JER - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Ermiyaas \toc1 Raajii Ermiyaas \toc2 Ermiyaas \toc3 Erm \mt2 Raajii \mt1 Ermiyaas \c 1 \p \v 1 Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti. \v 2 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe; \v 3 akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture. \b \s1 Waamamuu Ermiyaas \p \v 4 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \q1 \v 5 “Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; \q2 utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; \q2 akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.” \p \v 6 Anis, “Wayyoo, yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. \v 8 Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 9 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera. \v 10 Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.” \p \v 11 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. \p Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe. \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe. \p \v 13 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. \p Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe. \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa. \v 15 Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura \q2 teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; \q1 isaan dallaawwan naannoo ishee \q2 hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu. \q1 \v 16 Sababii isaan na dhiisanii \q2 waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan \q1 waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif \q2 ani saba kootti murtii nan labsa. \p \v 17 “Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa. \v 18 Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera. \v 19 Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 2 \s1 Israaʼel Waaqa Gante \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 2 “Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi: \b \p “Waaqayyo akkana jedha: \q1 “ ‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa, \q2 akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee \q1 lafa gammoojjii keessa, \q2 lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute // nan yaadadha. \q1 \v 3 Israaʼel kan \nd Waaqayyoof\nd* qulqulloofte sun, \q2 mataa midhaan isaa turte; \q1 warri ishee nyaatan hundis \q2 akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture; \q2 badiisnis isaanitti dhufe’ ” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 4 Yaa mana Yaaqoob, \q2 isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus // dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan \q2 balleessaa maalii narratti arganiitii? \q1 Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii \q2 isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan. \q1 \v 6 Isaanis, ‘\nd Waaqayyo\nd* inni Gibxii nu baasee, \q2 gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan, \q1 lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan \q2 lafa hongee fi dukkanaa, \q1 biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi \q2 keessa hin jiraanne keessaan dabarsee \q2 nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne. \q1 \v 7 Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif \q2 gara lafa gabbataatti isin fideera. \q1 Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan; \q2 handhuuraa koos akka jibbamu gootan. \q1 \v 8 Luboonnis, ‘\nd Waaqayyo\nd* eessa jira?’ \q2 jedhanii hin gaafanne. \q1 Warri seera wajjin oolanis na hin beekne; \q2 bulchitoonni natti fincilan; \q1 raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii \q2 maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan. \b \q1 \v 9 “Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 “Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha. \q1 \v 10 Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa; \q2 gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa; \q2 yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa. \q1 \v 11 Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu \q2 sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa? \q1 Uummanni koo garuu \q2 ulfina isaa waaqota tolfamoo // faayidaa hin qabneen geeddareera. \q1 \v 12 Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa; \q2 naasuu guddaadhaanis holladhaa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 13 “Uummanni koo cubbuu lama hojjete: \q1 Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii \q2 boolla bishaanii ofii isaanii, \q1 boolla bishaanii baqaqaa \q2 bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru. \q1 \v 14 Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee? \q2 Yoos inni maaliif boojiʼame ree? \q1 \v 15 Leenconni aadaniiru; \q2 isattis gururiʼaniiru. \q1 Isaan biyya isaa onsaniiru; \q2 magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru. \q1 \v 16 Akkasumas namoonni Memfiisii fi \q2 Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru. \q1 \v 17 Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee dhiisuudhaan \q2 waan kana ofitti fiddeerta mitii? \q1 \v 18 Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee \q2 biyya Gibxi dhaqxa? \q1 Maaliifis bishaan laga Efraaxiis \q2 dhuguuf jettee Asoor dhaqxa? \q1 \v 19 Hamminni kee si adaba; \q2 duubatti deebiʼuun kees si ifata. \q1 Ati \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee dhiiftee \q2 na sodaachuu diduun kee \q1 hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu” \q2 jedha Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \b \q1 \v 20 “Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera; \q2 hidhaa kees sirraa kukkuteera. \q2 Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette! \q1 Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti \q2 tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi \q2 mukkeen lalisoo hunda jala ciifte. \q1 \v 21 Ani garuu muka wayinii filatamaa, \q2 kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee // si dhaabbadheen ture. \q1 Yoos ati akkamitti wayinii diidaa \q2 taatee natti geeddaramte ree? \q1 \v 22 Ati yoo daaraadhaan dhiqattee \q2 saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu, \q2 xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \q1 \v 23 “Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne; \q2 Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa? \q1 Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu; \q2 waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu. \q1 Ati gaala dhalaa asii fi \q2 achi fiigduu dha; \q1 \v 24 harree diidaa kan gammoojjii barattee \q2 fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko, \q2 maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa? \q1 Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu; \q2 inni yeroo gaanaatti ishee argata. \q1 \v 25 Miilla kee kophee malee deemuu irraa, \q2 laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu. \q1 Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha! \q2 Ani waaqota ormaa nan jaalladha; \q2 isaan faanas nan buʼa’ jette. \b \q1 \v 26 “Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana \q2 manni Israaʼel ni salphifama; \q1 isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, \q2 luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu. \q1 \v 27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’ \q2 dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu. \q1 Isaan dugda isaanii malee \q2 fuula isaanii natti hin deebifanneetii; \q1 taʼus isaan yeroo rakkatanitti, \q2 ‘Kottuu nu baasi!’ jedhu. \q1 \v 28 Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru? \q2 Isaan yoo si baasuu dandaʼan \q2 mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan! \q1 Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana \q2 waaqota hedduu qabdaatii. \b \q1 \v 29 “Isin maaliif na himattu? \q2 Isin hundinuu natti finciltaniirtu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 30 “Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe; \q2 isaan sirreeffama fudhachuu didan. \q1 Goraadeen keessan akkuma \q2 leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe. \p \v 31 “Isin dhaloonni ammaa dubbii \nd Waaqayyoo\nd* qalbeeffadhaa: \q1 “Ani Israaʼeliif gammoojjii \q2 yookaan biyya dukkana hamaan turee? \q1 Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya; \q2 siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha? \q1 \v 32 Durbi tokko faaya ishee, \q2 misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii? \q1 Sabni koo garuu, \q2 guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera. \q1 \v 33 Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha! \q2 Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta. \q1 \v 34 Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, \q2 dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee \q2 wayyaa kee irratti ni argama. \q1 Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu \q2 \v 35 ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; \q2 inni natti hin dheekkamu’ jetta. \q1 Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu \q2 hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura. \q1 \v 36 Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan, \q2 asii fi achi deemuu baayʼifta? \q1 Akkuma Asoor si qaanessite sana \q2 Gibxis si qaanessiti. \q1 \v 37 Ati mataa kee qabattee, \q2 iddoo sanaa baata; \q1 \nd Waaqayyo\nd* warra ati itti irkatte tuffateeraatii; \q2 ati isaaniin hin milkooftu. \b \b \c 3 \q1 \v 1 “Namni tokko yoo niitii isaa hiikee \q2 isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, \q1 inni lammata isheetti deebiʼaa? \q2 Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? \q1 Ati garuu akka sagaagaltuutti // sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; \q2 taʼus amma gara kootti deebiʼi?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 2 “Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. \q2 Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? \q1 Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti \q2 warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; \q1 sagaagaltummaa fi hammina keetiin \q2 biyyattii xureessiteerta. \q1 \v 3 Kanaafuu tiifuun ni ittifame; \q2 birraa keessa illee bokkaan hin roobne. \q1 Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; \q2 qaanaʼuus ni didde. \q1 \v 4 Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee? \q2 ‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo, \q1 \v 5 ati yeroo hunda ni aartaa? \q2 Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’ \q1 Ati akkasitti dubbatta; \q2 garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.” \s1 Israaʼel Amanamummaa Dhabde \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. \v 7 Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. \v 8 Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite. \v 9 Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite. \v 10 Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha. \v 12 Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi: \q1 “ ‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q2 ‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu; \q1 ani araara qabeessaatii’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 ‘Ani bara baraan hin dheekkamu. \q1 \v 13 Ati akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetti fincilte, \q2 akka mukkeen lalisoo hunda jalatti \q1 jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, \q2 balleessaa kee sana qofa himadhu’ ” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 14 “Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha \nd Waaqayyo\nd*; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. \v 15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. \v 16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha \nd Waaqayyo\nd*, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd*’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. \v 17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo \nd Waaqayyoo\nd* jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa \nd Waaqayyoo\nd* ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. \v 18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu. \p \v 19 “Ani mataan koo akkana nan jedhe; \q1 “ ‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti \q2 si fudhadhee biyya namatti toltu, \q2 dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu // siif nan kenna ture.’ \q1 Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf, \q2 waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture. \q1 \v 20 Yaa mana Israaʼel, \q2 ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, \q2 anaaf hin amanamne turte” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii waan irraanfataniif \q1 gaara duwwaa irratti iyyi, \q2 booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama. \b \q1 \v 22 “Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa; \q2 ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.” \b \q1 “Kunoo, nu gara kee ni dhufna; \q2 Ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatii. \q1 \v 23 Dhugumaan wacni gaarranii fi \q2 tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha; \q1 dhugumaan fayyinni Israaʼel \q2 harka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa jira. \q1 \v 24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan, \q2 buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa \q1 jechuunis bushaayee fi loon isaanii, \q2 ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru. \q1 \v 25 Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; \q2 salphinni keenyas nu haa haguugu. \q1 Nus abbootiin keenyas \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyatti \q2 cubbuu hojjenneerra; \q1 nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee // hamma ammaatti \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf hin ajajamne.” \b \c 4 \q1 \v 1 “Yaa Israaʼel, ati yoo deebite, \q2 gara kootti deebiʼi” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana // fuula koo duraa balleessitee \q2 siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte, \q1 \v 2 yoo ati, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa’ jettee \q2 dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte, \q1 saboonni isaan ni eebbifamu; \q2 isumaanis ni kabajamu.” \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: \q1 “Bajjii keessan qotadhaa; \q2 qoraattii keessas hin facaasinaa. \q1 \v 4 Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem \q2 \nd Waaqayyoof\nd* dhagna of qabaa; \q2 qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa; \q1 yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif \q2 dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa; \q2 namni isa dhaamsus hin jiru. \s1 Balaa Kaaba irraa Dhufu \q1 \v 5 “Yihuudaa keessatti beeksisaa; // Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa: \q2 ‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa! \q1 Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa: \q2 walitti qabamaa! \q2 Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’ \q1 \v 6 Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? \q2 Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! \q1 Ani karaa kaabaatiin balaa, \q2 badiisa suukaneessaas nan fidaatii.” \b \q1 \v 7 Leenci bosona isaatii baʼeera; \q2 barbadeessaan sabootaa karaa qabateera. \q1 Inni biyya kee onsuuf jedhee \q2 iddoo isaatii kaʼeera. \q1 Magaalaawwan kee onanii \q2 jiraattota malee ni hafu. \q1 \v 8 Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii \q2 booʼaa wawwaadhaa; \q1 dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* sodaachisaan sun \q2 nurraa hin deebineetii. \b \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q2 “Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu; \q1 luboonni akka malee naʼu; \q2 raajonnis ni raafamu.” \p \v 10 Anis akkana nan jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?” \p \v 11 Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti; \v 12 bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.” \q1 \v 13 Kunoo, inni akka duumessaatti, \q2 gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa; \q1 fardeen isaa risaa caalaa saffisu. \q2 Wayyoo nu baduu keenya! \q1 \v 14 Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf // qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. \q2 Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata? \q1 \v 15 Sagaleen tokko Daan irraa lallaba; \q2 tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa. \q1 \v 16 “Waan kana sabootatti himaa; \q2 Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa: \q1 ‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko // lafa fagoodhaa ni dhufu; \q2 isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu. \q1 \v 17 Sababii isheen natti fincilteef, \q2 isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti // ishee ni marsu,’ ” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 18 “Amalli keetii fi hojiin kee \q2 waan kana sitti fidaniiru. \q1 Adabbiin kee kanaa dha. \q2 Innis hammam hadhaaʼa! \q2 Onnees hammam waraana!” \b \q1 \v 19 Marʼumaan ko, marʼumaan ko! \q2 Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha. \q1 Onneen koo na keessaa waca; \q2 onneen koo na keessatti dhaʼata; \q2 ani calʼisuu hin dandaʼu. \q1 Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii; \q2 waca waraanaas dhagaʼeera. \q1 \v 20 Badiisni badiisa irraan dhufa; \q2 biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti. \q1 Dunkaanni koo akkuma tasaa, \q2 golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade. \q1 \v 21 Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala? \q2 Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa? \b \q1 \v 22 “Uummanni koo gowwaa dha; \q2 anas hin beekan. \q1 Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha; \q2 hubannaas hin qaban. \q1 Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha; \q2 waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.” \b \q1 \v 23 Ani lafa nan ilaale; \q2 isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte; \q1 samiiwwanis nan ilaale; \q2 ifni isaanii dhaamee ture. \q1 \v 24 Ani tulluuwwan nan ilaale; \q2 isaan sochoʼaa turan; \q2 gaarran hundinuus raafamaa turan. \q1 \v 25 Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre; \q2 simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan. \q1 \v 26 Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte; \q2 magaalaawwan ishee hundis, // fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti \q2 dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman. \p \v 27 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu \q2 biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti. \q1 \v 28 Kanaafuu lafti ni boossi; \q2 samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu; \q1 ani dubbadheeraatii hin gaabbu; \q2 murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.” \b \q1 \v 29 Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin, \q2 tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata. \q1 Garri tokko bosona gobbuu seena; \q2 kaan immoo kattaatti ol baʼa; \q1 magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru; \q2 namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu. \b \q1 \v 30 Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta? \q2 Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee \q2 faaya warqee kaaʼatte? \q1 Maaliif ija kee kuulatte? \q2 Ati akkasumaan of miidhagsita. \q1 Warri jaallatan si tuffatu; \q2 lubbuu kees balleessuu barbaadu. \b \q1 \v 31 Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo, \q2 miixuu akka miixuu dubartii mucaa \q2 hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe; \q1 ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee \q2 harka ishee facaasuudhaan, \q1 “Wayyoo! Ani bade; \q2 lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti \q2 dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe. \c 5 \s1 Namni Tolaan Tokko Iyyuu Hin jiru \q1 \v 1 “Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa; \q2 asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa; \q2 oobdiiwwan ishee sakattaʼaa. \q1 Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu, \q2 kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan \q2 ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha. \q1 \v 2 Isaan utuma ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa’ jedhanuu \q2 amma iyyuu sobaan kakatu.” \b \q1 \v 3 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, iji kee dhugaa hin barbaaduu? \q2 Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; \q2 ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. \q1 Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii \q2 qalbii jijjiirrachuu didan. \q1 \v 4 Anis akkana jedheen yaade; \q2 “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; \q1 isaan karaa \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 seera Waaqa isaanii hin beekaniitii. \q1 \v 5 Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha; \q2 dhugumaan isaan karaa \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 seera Waaqa isaanis ni beeku.” \q1 Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii \q2 hidhaas of irraa kukkutaniiru. \q1 \v 6 Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata; \q2 yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa; \q1 qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf \q2 magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata; \q1 fincilli isaanii akka malee guddate; \q2 duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii. \b \q1 \v 7 “Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? \q2 Ijoolleen kee na dhiisanii \q2 waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. \q1 Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; \q2 isaan garuu ni ejjan; \q2 gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan. \q1 \v 8 Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; \q2 tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu. \q1 \v 9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani mataan koo saba akka saba kanaa \q2 haaloo hin baʼuu? \b \q1 \v 10 “Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa; \q2 garuu guutumaan guutuutti miti. \q1 Dameewwan ishee irraa ciraa; \q2 sabni kun saba \nd Waaqayyoo\nd* miti. \q1 \v 11 Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, \q2 guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 12 Isaan waaʼee \nd Waaqayyoo\nd* soba dubbatan; \q2 akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! \q1 Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; \q2 goraadee yookaan beela hin arginu. \q1 \v 13 Raajonni bubbee malee homaa miti; \q2 dubbiin isaan keessa hin jiru; \q2 wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.” \p \v 14 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef, \q2 ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda, \q2 saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha. \q1 \v 15 Yaa mana Israaʼel,” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q2 “Ani saba duriitii fi jabaa, \q1 saba ati afaan isaa hin beekne, \q2 kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko \q2 biyya fagoodhaa sitti nan fida. \q1 \v 16 Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti; \q2 hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha. \q1 \v 17 Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu; \q2 ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu; \q1 bushaayee fi loon kee ni nyaatu; \q2 wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu. \q1 Magaalaawwan dallaa jabaa qaban \q2 kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu. \p \v 18 “Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 19 “Yommuu namoonni, ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta. \q1 \v 20 “Waan kana mana Yaaqoobitti himaa; \q2 Yihuudaa keessattis labsaa: \q1 \v 21 Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne, \q2 warri utuu ija qabdanuu hin argine \q2 kanneen utuu gurra qabdanuu // hin dhageenye waan kana dhagaʼa. \q1 \v 22 Isin na hin sodaattanii?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 “Fuula koo duratti hin hollattanii? \q1 Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni \q2 qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera. \q1 Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu; \q2 galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu. \q1 \v 23 Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha; \q2 innis karaa irraa jalʼatee badeera. \q1 \v 24 Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan; \q2 ‘Kottaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi // bokkaa birraa waqtiidhaan kennu, \q1 isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu \q2 yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’ \q1 \v 25 Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera; \q2 cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera. \b \q1 \v 26 “Saba koo gidduu namoota hamoo \q2 akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti, \q2 akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti // riphanii eeggatantu jira. \q1 \v 27 Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, \q2 manneen isaanii sobaan guutamu; \q1 isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii, \q2 \v 28 gabbatanii bareedaniiru; \q1 hamminni isaanii dhuma hin qabu; \q2 isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. \q1 Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; \q2 mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan. \q1 \v 29 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani saba akkasii \q2 haaloo hin baafadhuu? \b \q1 \v 30 “Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko \q2 biyyattii keessatti taʼeera: \q1 \v 31 Raajonni raajii sobaa dubbatu; \q2 luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; \q1 sabni koos waan akkasii jaallata; \q2 isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu? \c 6 \s1 Yerusaalem Marfamte \q1 \v 1 “Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! \q2 Yerusaalem keessaa baqadhaa! \q1 Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! \q2 Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! \q1 Karaa kaabaatiin balaan, \q2 badiisni suukaneessaan ni dhufaatii. \q1 \v 2 Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi \q2 qananiituu sana nan galaafadha. \q1 \v 3 Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; \q2 dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. \q2 Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.” \b \q1 \v 4 “Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! \q2 Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! \q1 Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; \q2 gaaddisni galgalaas dheerateera. \q1 \v 5 Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee \q2 daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!” \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; \q1 “Mukkeen ishee ciraa; \q2 naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; \q1 magaalaan kun adabamuu qabdi; \q2 isheen cunqursaadhaan guutamteertii. \q1 \v 7 Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, \q2 isheenis hammina ishee gad yaafti; \q1 jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. \q2 Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran. \q1 \v 8 Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; \q2 yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, \q1 akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu \q2 hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.” \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, \q2 isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; \q1 akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; \q2 ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.” \b \q1 \v 10 Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? \q2 Eenyutu na dhaggeeffata? \q1 Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; \q2 dhagaʼuus hin dandaʼan. \q1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* isaanitti hin tolu; \q2 ittis hin gammadan. \q1 \v 11 Ani garuu dheekkamsa \nd Waaqayyootiin\nd* guutameera; \q2 obsuus hin dandaʼu. \b \q1 “Ijoollee daandii irra jiran irratti, \q2 dargaggoota walitti qabaman irratti, \q1 dhirsaa fi niitii irratti, \q2 warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa. \q1 \v 12 Yeroo ani harka koo \q2 warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti \q1 manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi \q2 niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 13 “Xinnaadhaa hamma guddaatti \q2 hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; \q1 raajonnii fi luboonnis akkasuma \q2 hundi isaanii nama gowwoomsu. \q1 \v 14 Isaan madaa saba kootii \q2 akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. \q1 Utuu nagaan hin jiraatinis \q2 ‘Nagaa, nagaa’ jedhu. \q1 \v 15 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? \q2 Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; \q2 qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. \q1 Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; \q2 yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; \q2 daandii durii iyyaafadhaa; \q1 karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; \q2 lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. \q2 Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan. \q1 \v 17 Ani eegdota isinitti ramadeen \q2 ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, \q2 isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan. \q1 \v 18 Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; \q2 yaa waldaa, \q2 waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa. \q1 \v 19 Yaa lafaa dhagaʼi: \q2 Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii \q2 seera koos tuffataniif, \q1 saba kanatti badiisa nan fida; \q2 kunis ija daba isaanii ti. \q1 \v 20 Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, \q2 yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? \q1 Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; \q2 qalmi keessanis hin tolu.” \p \v 21 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. \q2 Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; \q2 olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.” \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q1 “Kunoo, gareen loltootaa tokko \q2 biyya kaabaatii dhufaa jira; \q1 sabni guddaan tokkos \q2 andaara lafaatii sosochoʼaa jira. \q1 \v 23 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; \q2 isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. \q1 Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti \q2 gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; \q1 yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota \q2 duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.” \b \q1 \v 24 Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; \q2 harki keenyas ni laafe. \q1 Dhiphinni nu qabateera; \q2 miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe. \q1 \v 25 Sababii diinni goraadee qabatee fi \q2 sababii iddoo hunda gooliin jiruuf \q1 isin diidatti gad hin baʼinaa; \q2 yookaan karaa irra hin deemnaa. \q1 \v 26 Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii \q2 daaraa keessa gangaladhaa; \q1 akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti \q2 hiqqifadhaa booʼaa; \q1 inni nama balleessu sun \q2 akkuma tasaa nutti dhufaatii. \b \q1 \v 27 “Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf \q2 ani saba koo gidduutti qorataa si godheera. \q1 \v 28 Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii \q2 maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. \q1 Isaan naasii fi sibiila; \q2 isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu. \q1 \v 29 Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf \q2 humna guddaan buufa; \q1 hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; \q2 namoonni hamoon hin balleeffamneetii. \q1 \v 30 Sababii \nd Waaqayyo\nd* isaan gateef \q2 isaan meetii gatamaa jedhamu.” \c 7 \s1 Amantiin Sobaa Faayidaa Hin Qabu \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha; \v 2 “Balbala mana \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabadhuutii akkana jedhii ergaa kana labsi: \p “ ‘Isin sabni Yihuudaa warri \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffachuuf balbalawwan kanneeniin ol seentan hundi dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; anis akka isin iddoo kana jiraattan nan godha. \v 4 Isin dubbii sobaa amanattanii, “Kun mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ti; mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ti; mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ti!” hin jedhinaa. \v 5 Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii, \v 6 utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii, \v 7 silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha. \v 8 Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu. \p \v 9 “ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, \v 10 ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu? \v 11 Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 12 “ ‘Mee gara Shiiloo iddoo ani jalqabatti iddoo jireenya Maqaa kootiif godhadhe sanaa dhaqaatii waan ani sababii hammina saba koo Israaʼeliif ishee godhe ilaalaa. \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Yeroo isin waan kana hunda gootanitti, ani ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Ani isinan waame; isin garuu hin owwaanne. \v 14 Kanaafuu ani waanan Shiilootti fide sana amma mana Maqaa kootiin waamamu, mana Qulqullummaa kan isin amanattan, iddoo ani isinii fi abbootii keessaniif kenne kanattis nan fida. \v 15 Ani akkuman obboloota keessan jechuunis saba Efreem hunda fuula koo duraa ariʼe sana isiniinis nan ariʼa.’ \p \v 16 “Kanaafuu ati saba kanaaf hin kadhatin; yookaan waaʼee isaaniitiif hin booʼin yookaan waammata hin dhiʼeessin; ani si hin dhagaʼuutii na hin kadhatin. \v 17 Ati waan isaan magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjetan hin argituu? \v 18 Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu. \v 19 Garuu kan isaan dheekkamsaaf kakaasan anaa? jedha \nd Waaqayyo\nd*. Isaan ofuma miidhanii qaanaʼan mitii? \p \v 20 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Aarii fi dheekkamsi koo iddoo kana irratti, namaa fi horii irratti, mukkeen diidaattii fi waan lafti baaftu irratti ni dhangalaʼa; inni inuma bobaʼa malee hin dhaamu. \p \v 21 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Aarsaa keessan kan gubamu qalma keessanitti dabalaatii foon nyaadhaa! \v 22 Ani yeroon biyya Gibxii abbootii keessan baasetti waaʼee aarsaa gubamuutii fi qalmaa isaanitti hin dubbanne yookaan isaan hin ajajne; \v 23 ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa. \v 24 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne. \v 25 Gaafa abbootiin keessan biyya Gibxii baʼanii jalqabee hamma ammaatti ani guyyuma guyyaan, ammumaa amma tajaajiltoota koo raajota isiniif ergeera. \v 26 Isaan garuu na hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne. Isaan mataa jabaatanii abbootii isaanii caalaa waan hamaa hojjetan.’ \p \v 27 “Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan. \v 28 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Sabni kun saba \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaatiif hin ajajamne, kan adabbii isaa illee hin fudhannee dha. Dhugaan badeera; afaan isaanii keessaas dhabameera. \p \v 29 “ ‘Rifeensa mataa keetii of irraa cirii gati; iddoo ol kaʼaa qullaatti ol baʼii booʼi; \nd Waaqayyo\nd* dhaloota dheekkamsa isaa jala jiru kana tuffatee gateeraatii. \s1 Sulula Qalmaa \p \v 30 “ ‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha \nd Waaqayyo\nd*. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru. \v 31 Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha. \v 32 Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 33 Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru. \v 34 Ani magaalaawwan Yihuudaa keessaa fi daandiiwwan Yerusaalem irra sagalee kolfaatii fi gammachuu, sagalee misirrichaatii fi misirrittii nan balleessa; biyyattiin ni ontiitii. \c 8 \p \v 1 “ ‘Bara sana lafeen moototaatii fi qondaaltota Yihuudaa, lafeen lubootaatii fi raajotaa, lafeen namoota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni baafama’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 2 ‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman. \v 3 Hambaan saba hamaa kanaa hundi lafa ani itti isaan ariʼu hundatti jireenya irra duʼa filata’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \s1 Cubbuu fi Adabbii \p \v 4 “Ati akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Namoonni yoo kufan hin kaʼanii? \q2 Namni tokko yoo karaa irraa bade hin deebiʼuu? \q1 \v 5 Yoos sabni kun maaliif karaa irraa jalʼata? \q2 Yerusaalem maaliif yeroo hunda karaa irraa jalʼatti? \q1 Isaan gowwoomsaatti cichu; \q2 deebiʼuus ni didu. \q1 \v 6 Ani qalbeeffadhee dhaggeeffadheera; \q2 isaan garuu waan qajeelaa hin dubbatan. \q1 Namni tokko iyyuu, “Ani maalan balleesse?” jedhee \q2 hammina isaa irraa hin deebiʼu. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii akkuma farda lolatti gulufuu \q2 karaa ofii isaanii irra qajeelu. \q1 \v 7 Huummoon samii keessaa iyyuu \q2 waqtii isheef murtaaʼe ni beekti; \q1 gugeen, daalotee fi cuquliisnis \q2 yeroo godaansa isaanii ni eegu. \q1 Sabni koo garuu \q2 seera \nd Waaqayyoo\nd* hin beeku. \b \q1 \v 8 “ ‘Isin akkamitti, “Nu seera \nd Waaqayyoo\nd* \q2 waan qabnuuf ogeeyyii dha” jechuu dandeessu? \q1 Garuu kunoo, qalamni sobaa \q2 kan barreessitootaa sobee barreesseera. \q1 \v 9 Namoonni ogeeyyiin ni qaaneffamu; \q2 isaan naʼanii kiyyoodhaan ni qabamu; \q1 isaan erga dubbii \nd Waaqayyoo\nd* tuffatanii, \q2 ogummaa akkamii qabu ree? \q1 \v 10 Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, \q2 lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. \q1 Xinnaadhaa hamma guddaatti \q2 hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; \q1 raajonnii fi luboonnis akkasuma \q2 hundi isaanii nama gowwoomsu. \q1 \v 11 Isaan madaa saba kootii, \q2 akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. \q1 Utuu nagaan hin jiraatinis \q2 “Nagaa, nagaa” jedhu. \q1 \v 12 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? \q2 Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; \q2 qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. \q1 Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; \q2 yeroo adabamanitti gad gatamu \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 13 “ ‘Ani guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 Wayinii irratti iji hin argamu. \q1 Iji harbuu muka harbuu irratti hin argamu. \q2 Baalli isaaniis ni coollaga. \q1 Wanni ani isaaniif kenne \q2 isaan irraa ni fudhatama.’ ” \b \q1 \v 14 Nu maaliif as teenya? \q2 Walitti qabamaa! \q1 Kottaa gara magaalaawwan \q2 dallaa jabaa qabaniitti baqannee achitti haa dhumnu! \q1 Waan nu cubbuu isatti hojjenneef \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya badiisatti // dabarsee nu kenneeraatii; \q2 akka dhugnuufis bishaan summaaʼaa nuu kenneera. \q1 \v 15 Nu nagaa abdanne; \q2 garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; \q1 nu yeroo fayyinaa abdanne; \q2 garuu goolii qofatu ture. \q1 \v 16 Daan keessaa korrisuu fardeen diinaatu dhagaʼama; \q2 guutuun biyyattii himimsuu korommii fardeen isaaniitiin hollatti. \q1 Isaan biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda, \q2 magaalaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda, \q2 balleessuuf dhufaniiru. \b \q1 \v 17 “Ani kunoo bofa hadhaa qabu, \q2 buutii falfalli dawweessuu hin dandeenye isinitti nan erga; \q2 isaanis isin iddu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 18 Yaa isa gadda keessatti na Jajjabeessitu, \q2 onneen koo na keessatti gaggabdeerti. \q1 \v 19 Kunoo, iyyi saba kootii \q2 biyya fagoodhaa ni dhagaʼama: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* Xiyoon keessa hin jiruu? \q2 Mootiin ishee achi hin jiruu?” \b \q1 “Isaan maaliif fakkiiwwan isaaniitiin, \q2 waaqota isaanii tolfamoo biyya ormaatiin // dheekkamsaaf na kakaasu?” \b \q1 \v 20 “Yeroon itti midhaan galfamu darbeera; \q2 bonnis hobbaʼeera; \q2 nu garuu hin fayyine.” \b \q1 \v 21 Sabni koo waan miidhameef anis miidhameera; \q2 Ani nan booʼe; sodaan guddaanis na qabate. \q1 \v 22 Qorichi dibatan Giliʼaad keessa hin jiruu? \q2 Abbaan qorichaa tokko iyyuu achi hin jiruu? \q1 Yoos madaan intala saba kootii \q2 maaliif hin fayyu ree? \c 9 \q1 \v 1 Akka ani halkanii guyyaa, \q2 saba koo dhume sanaaf booʼuuf, \q1 maaloo utuu mataan koo madda bishaanii \q2 iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe! \q1 \v 2 Ani akkan saba koo dhiisee \q2 biraa fagaadhuuf, \q1 maaloo utuu gammoojjii keessaa \q2 lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee! \q1 Hundi isaanii sagaagaltoota, \q2 tuuta saba hin amanamne tokkoo ti. \b \q1 \v 3 “Isaan soba darbachuuf \q2 arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; \q1 isaan biyyattii keessatti \q2 dhugaadhaan hin moʼanne. \q1 Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; \q2 anaanis hin beekan” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 4 “Michoota keessan irraa of eegaa; \q2 obboleessa hin amaninaa. \q1 Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, \q2 michuun hundis maqa balleessituudhaatii. \q1 \v 5 Michuun michuu gowwoomsa; \q2 namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. \q1 Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; \q2 cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru. \q1 \v 6 Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; \q2 isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 7 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; \q2 ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa? \q1 \v 8 Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; \q2 inni gowwoomsaa dubbata. \q1 Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; \q2 garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf. \q1 \v 9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, \q2 haaloo hin baʼuu ree?” \b \q1 \v 10 Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa; \q2 lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa. \q1 Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu; \q2 marʼachuun looniis hin dhagaʼamu. \q1 Simbirroonni samii achii baqataniiru; \q2 bineensonnis godaananiiru. \b \q1 \v 11 “Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi \q2 boolla waangoo nan godha; \q1 akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef \q2 magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.” \p \v 12 Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni \nd Waaqayyoon\nd* qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte? \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune. \v 14 Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.” \v 15 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha. \v 16 Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.” \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Mee qalbeeffadhaa! \q2 Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa; \q2 isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti // nama ergaa waamsisaa. \q1 \v 18 Isaan dafanii dhufanii \q2 hamma iji keenya imimmaan yaasee \q1 bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti \q2 iyyanii nuuf haa booʼan. \q1 \v 19 Sagaleen booʼichaa kan, \q2 ‘Nu hammam badneerra! \q2 Qaaniin keenyas hammam guddaa dha! \q1 Sababii manneen keenya diigamaniif \q2 nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko // Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.” \b \q1 \v 20 Yaa dubartoota, egaa dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa; \q2 dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa. \q1 Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa; \q2 faaruus wal barsiisaa. \q1 \v 21 Duuti foddaa keenyaan ol lixeera; \q2 daʼannoowwan keenyas seeneera; \q1 innis daandiiwwan irraa ijoollee \q2 oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera. \p \v 22 Ati akkana jedhi: “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Reeffi namootaa \q2 akkuma kosii diidatti gatamee, \q1 akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee \q2 nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’ ” \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; \q2 yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin \q2 yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin; \q1 \v 24 namni boonu garuu, \q2 akka ani \nd Waaqayyo\nd* garaa namaaf laafu, \q1 kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe \q2 hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; \q2 ani waan kanatti nan gammadaatii,” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis: \v 26 Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.” \c 10 \s1 \nd Waaqayyoo\nd* fi Waaqota Tolfamoo \r 10:12‑16 kwf – \xt Erm 51:15‑19\xt* \p \v 1 Yaa mana Israaʼel, waan \nd Waaqayyo\nd* isiniin jedhu dhagaʼaa. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa; \q2 saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu \q2 isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa. \q1 \v 3 Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; \q2 isaan bosona keessaa muka muru; \q2 ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa. \q1 \v 4 Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; \q2 akka inni hin sochooneef \q2 burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu. \q1 \v 5 Waaqonni isaanii tolfamoon \q2 akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan \q1 kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; \q2 isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. \q1 Sababii isaan nama miidhuu \q2 yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef \q2 isaan hin sodaatinaa.” \b \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd* kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; \q2 ati guddaa dha; \q2 maqaan kees humna guddaa qaba. \q1 \v 7 Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne? \q2 Kun siif ni malaatii. \q1 Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa, \q2 mootummoota isaanii hunda keessaas \q2 kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 8 Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas; \q2 isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu. \q1 \v 9 Meetiin tumame Tarshiishii, \q2 warqeen immoo Uufaazii fidama. \q1 Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan, \q2 wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi \q2 halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru. \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* garuu Waaqa dhugaa ti; \q2 inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. \q1 Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; \q2 saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan. \p \v 11 “Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ” \q1 \v 12 Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; \q2 ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; \q2 hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse. \q1 \v 13 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; \q2 inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. \q1 Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga; \q2 mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida. \b \q1 \v 14 Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; \q2 tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. \q1 Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; \q2 isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban. \q1 \v 15 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. \q2 Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu. \q1 \v 16 Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; \q2 inni Uumaa waan hundumaa ti, \q1 Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; \q2 maqaan isaas \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha. \s1 Badiisa Dhufaa Jiru \q1 \v 17 Ati kan marfamtee jirtu, \q2 biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee // walitti qabadhu. \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii; \q2 “Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan \q2 furguggisee nan baasa; \q1 akka isaan dhiphataniifis \q2 rakkina isaanitti nan fida.” \b \q1 \v 19 Waan ani miidhameef anaaf wayyoo! \q2 Madaan koo kan hin fayyinee dha! \q1 Taʼus ani ofii kootiin, \q2 “Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe. \q1 \v 20 Dunkaanni koo diigameera; \q2 funyoon isaa hundis cicciteera. \q1 Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru; \q2 isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu, \q2 yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 21 Tiksoonni qalbii hin qaban; \q2 \nd Waaqayyonis\nd* hin barbaaddatan; \q1 kanaafuu isaan hin milkaaʼan; \q2 bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru. \q1 \v 22 Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko \q2 biyya kaabaatii dhufaa jira! \q1 Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee \q2 iddoo waangoonni jiraatan godha. \s1 Kadhannaa Ermiyaas \q1 \v 23 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani akka jireenyi namaa // kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; \q2 namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru. \q1 \v 24 Yaa \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin, \q2 murtii qajeelaadhaan na sirreessi; \q2 yoo kanaa achii ati na balleessitaatii. \q1 \v 25 Saboota si hin beeknetti \q2 uummata maqaa kee hin waammannetti \q2 dheekkamsa kee dhangalaasi. \q1 Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii; \q2 guutumaan guutuuttis isa nyaatanii; \q2 iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru. \c 11 \s1 Kakuun Cabee Jira \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: \v 2 “Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu. \v 4 Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa. \v 5 Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” \p Anis “Ameen, Yaa \nd Waaqayyo\nd*” nan jedhe. \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa. \v 7 Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture. \v 8 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’ ” \p \v 9 Ammas \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame. \v 10 Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru. \v 11 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu. \v 12 Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan. \v 13 Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’ \p \v 14 “Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif. \q1 \v 15 “Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa \q2 mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? \q2 Foon qulqulleeffamee addaan baafame // adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? \q1 Gaafa waan hamaa hojjettu, \q2 ati ni gammaddaatii.” \b \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* duraan, Muka ejersaa lalisaa \q2 miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. \q1 Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin \q2 ibidda itti qabsiisa; \q2 dameewwan isaas ni caccabsamu. \m \v 17 Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera. \s1 Marii Ermiyaasitti Mariʼatame \p \v 18 Sababii \nd Waaqayyo\nd* mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii. \v 19 Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, \q1 “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; \q2 akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, \q2 kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan \q2 natti malatan ani hin hubannen ture. \q1 \v 20 Garuu yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, \q1 ani dhimma koo sitti kennadheeraatii \q2 ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi. \p \v 21 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata. \v 22 Kanaafuu \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu. \v 23 Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’ ” \c 12 \s1 Gungummii Ermiyaas \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti \q2 ati yeroo hunda qajeelaa dha. \q1 Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; \q2 karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? \q2 Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu? \q1 \v 2 Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; \q2 ni guddatu; ijas ni naqatu. \q1 Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; \q2 garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta. \q1 \v 3 Taʼus yaa \nd Waaqayyo\nd* ati na beekta; \q2 na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta. \q1 Akka hoolaa qalamuuf deemuutti // harkisii isaan geessi! \q2 Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi! \q1 \v 4 Biyyattiin hamma yoomiitti boossee \q2 margi dirree hundis goga? \q1 Sababii hammina warra biyyattii \q2 keessa jiraataniitii fi sababii namoonni, \q1 “Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif \q2 horii fi simbirroonni dhumaniiru. \s1 Deebii Waaqayyoo \q1 \v 5 “Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga \q2 isaan si dadhabsiisanii, \q2 fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree? \q1 Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte, \q2 bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree? \q1 \v 6 Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii, \q2 isaan iyyuu si gananiiru; \q2 isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu. \q1 Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu, \q2 ati isaan hin amanin. \b \q1 \v 7 “Ani mana koo dhiiseera; \q2 handhuuraa koos gateera; \q1 ani ishee garaan koo jaallatu sana \q2 harka diinota isheetti dabarsee kenneera. \q1 \v 8 Handhuuraan koo \q2 akkuma leenca bosonaa natti taateerti. \q1 Isheen natti aadde; \q2 kanaafuu ani ishee jibbeera. \q1 \v 9 Handhuuraan koo akka allaattii burree \q2 kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan \q2 tokkoo natti hin taanee? \q1 Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa; \q2 akka ishee nyaataniifis isaan fidaa. \q1 \v 10 Tiksoonni hedduun \q2 iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu; \q1 qooda koos ni dhidhiitu; \q2 qooda natti tolus ni onsu. \q1 \v 11 Isaan isa onsu; \q2 inni onee gara kootti iyya; \q1 namni dhimma isaa qabus \q2 waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa. \q1 \v 12 Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii \q2 keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu; \q1 goraadeen \nd Waaqayyoo\nd* // moggaa biyyattii tokko irraa \q2 hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii; \q2 namni tokko iyyuu hin hafu. \q1 \v 13 Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu; \q2 ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan. \q1 Sababii dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* isa cimaa sanaatiif \q2 midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.” \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa. \v 15 Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa. \v 16 Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu. \v 17 Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 13 \s1 Sabbata Quncee Talbaa Irraa Hojjetame \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.” \v 2 Kanaafuu ani akkuma \nd Waaqayyo\nd* na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe. \p \v 3 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe: \v 4 “Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.” \v 5 Kanaafuu ani akkuma \nd Waaqayyo\nd* na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse. \p \v 6 Bultii hedduu booddee \nd Waaqayyo\nd*, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe. \v 7 Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture. \p \v 8 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 9 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa. \v 10 Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa. \v 11 Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Qalqalloo Daadhii Wayinii \p \v 12 “Ati akkana isaaniin jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan, \v 13 ati akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta. \v 14 Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha \nd Waaqayyo\nd*. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’ ” \s1 Akeekkachiisa Of tuulummaa Irratti Kenname \q1 \v 15 Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas; \q2 of hin tuulinaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* dubbateeraatii. \q1 \v 16 Utuu inni dukkana hin fidin, \q2 utuu miilli keessan \q1 tulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatin \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif ulfina kennaa. \q1 Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sana \q2 dimimmisatti deebisee \q2 dukkana duudaatti geeddara. \q1 \v 17 Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu, \q2 sababii of tuulummaa keessaniitiif \q2 lubbuun koo dhoksaatti ni boossi; \q1 sababii bushaayeen \nd Waaqayyoo\nd* boojuun fuudhamaniif \q2 iji koo akka malee boossee \q2 imimmaan ishee keessaa ni rooba. \b \q1 \v 18 Mootichaa fi haadha mootichaatiin, \q2 “Teessoo keessan irraa buʼaa; \q1 gonfoon keessan ulfina qabeessi sun \q2 mataa keessan irraa ni buʼaatii” jedhi. \q1 \v 19 Magaalaawwan Negeeb ni cufamu; \q2 namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru. \q1 Yihuudaan hundi ni boojiʼamti; \q2 guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti. \b \q1 \v 20 Ija keessan ol fudhadhaatii \q2 warra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa. \q1 Bushaayeen imaanaa sitti kennaman, \q2 hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru? \q1 \v 21 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana \q2 sirratti muudutti ati maal jetta? \q1 Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo \q2 dhiphinni si hin qabuu? \q1 \v 22 Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” \q2 jettee of gaafatte \q1 wanni wandaboon kee sirraa mulqamee \q2 dhagni kee salphifameef \q2 sababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif. \q1 \v 23 Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa \q2 yookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa? \q1 Isin warri hammina hojjechuu barattanis \q2 waan gaarii hojjechuu hin dandeessan. \b \q1 \v 24 “Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana \q2 anis isin nan bittinneessa. \q1 \v 25 Sababii ati na irraanfattee \q2 waaqota sobaa amanatteef, \q1 kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 26 “Akka qaaniin kee mulʼatuuf \q2 ani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola. \q1 \v 27 Ejjummaa fi himimsuun kee, \q2 sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata! \q1 Ani hojii kee jibbisiisaa sana \q2 gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera. \q1 Yaa Yerusaalem, siif wayyoo! \q2 Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?” \c 14 \s1 Hongee, Beela, Goraadee \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \q1 \v 2 “Yihuudaan ni boossi; \q2 magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru; \q1 isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu; \q2 iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira. \q1 \v 3 Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu; \q2 isaanis gara boolla bishaanii dhaqu; \q2 garuu bishaan hin argatan. \q1 Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu; \q2 isaan qaanaʼanii abdii kutatanii \q2 mataa isaanii haguuggatu. \q1 \v 4 Sababii biyyattii keessaa \q2 bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe; \q1 qonnaan bultoonnis abdii kutatanii \q2 mataa isaanii haguuggatu. \q1 \v 5 Sababii margi hin jirreef, \q2 borofni bakkee iyyuu \q2 ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti. \q1 \v 6 Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii \q2 akkuma waangotaa arganu; \q1 sababii waan dheedan dhabaniif \q2 iji isaanii waa arguu dadhabe.” \b \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu \q2 ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. \q1 Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; \q2 nu cubbuu sitti hojjenneerra. \q1 \v 8 Yaa abdii Israaʼel, \q2 Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa, \q1 ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu \q2 biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata? \q1 \v 9 Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo, \q2 akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata? \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati nu gidduu jirta; \q2 nu maqaa keetiin waamamna; \q2 ati nu hin gatin. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* waaʼee saba kanaa akkana jedha: \q1 “Isaan jooruu jaallatu; \q2 miilla isaanii hin ittifatan. \q1 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* isaanitti hin gammadu; \q2 inni amma hammina isaanii ni yaadata; \q2 cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.” \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin. \v 12 Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.” \p \v 13 Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.” \p \v 14 Amma illee \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu. \v 15 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu. \v 16 Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii. \b \p \v 17 “Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu: \q1 “ ‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar \q2 hin kutin imimmaan haa lolaasu; \q1 intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii \q2 akka malee madooftee \q2 dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte. \q1 \v 18 Ani yoon baadiyyaa dhaqe, \q2 warra goraadeedhaan dhuman nan arga; \q1 yoon magaalaa seene immoo, \q2 warra beelaan dhuman nan arga. \q1 Raajonnii fi luboonni \q2 biyya hin beekne keessa jooru.’ ” \b \q1 \v 19 Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa? \q2 Xiyooniinis ni tuffattaa? \q1 Ati maaliif \q2 akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita? \q1 Nu nagaa abdanne; \q2 garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; \q1 nu yeroo fayyinaa abdanne; \q2 garuu raafama qofatu jira. \q1 \v 20 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, nu hammina keenyaa fi \q2 yakka abbootii keenyaa ni beekna; \q2 nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra. \q1 \v 21 Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin; \q2 teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin. \q1 Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu; \q2 isas hin cabsin. \q1 \v 22 Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa // tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa? \q2 Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu? \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya suma mitii? \q2 Kanaafuu abdiin keenya suma; \q2 situ waan kana hunda hojjetaatii. \c 15 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman! \v 2 Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa, \q1 namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee, \q1 namni beelaaf ramadame gara beelaa, \q1 namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’ \p \v 3 “Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga. \v 4 Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha. \q1 \v 5 “Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa? \q2 Eenyutu siif booʼa? \q2 Eenyutu si dubbisuuf sitti gora? \q1 \v 6 Ati na dhiifteerta; \q2 ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa; \q2 ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu. \q1 \v 7 Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti, \q2 qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna. \q1 Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida; \q2 isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii. \q1 \v 8 Ani haadhota hiyyeessaa isaanii \q2 cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa. \q1 Ani haadhota dargaggoota isaaniitti, \q2 guyyuma saafaadhaan // waan isaan balleessu tokko nan fida; \q1 ani goolii fi naasuu \q2 akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa. \q1 \v 9 Haati ilmaan torbaa gaggabdee \q2 hafuura dhumaa baafatti. \q1 Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti; \q2 isheenis salphattee namaa gad taati. \q1 Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti \q2 goraadeef dabarsee nan kenna” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 10 Wayyoo yaa haadha ko, \q2 kan ana nama biyyattii guutuu // loluu fi falmu deesse? \q1 Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne; \q2 namni hundi garuu na abaara. \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; \q1 “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara; \q2 Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti, \q2 akka diinonni kee si kadhatan nan godha. \b \q1 \v 12 “Namni kam iyyuu sibiila, \q2 sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa? \b \q1 \v 13 “Sababii cubbuu kee hunda \q2 kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif \q1 ani badhaadhummaa keetii fi \q2 qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna. \q1 \v 14 Sababii dheekkamsi koo \q2 ibidda ishee gubu qabsiisuuf, \q1 ani biyya ati hin beekne keessatti \q2 diinota keetiif sin garboomsa.” \b \q1 \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd* situ beeka; \q2 na yaadadhu; na tiksis. \q2 Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi. \q1 Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin; \q2 akka ani siif jedhee tuffatamu beeki. \q1 \v 16 Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; \q2 innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; \q1 yaa \nd Waaqayyo\nd*, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, \q2 ani maqaa keetiin nan waamamaatii. \q1 \v 17 Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye; \q2 gonkumaa isaan wajjin hin gammanne; \q1 sababii harki kee narra turee fi \q2 sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe. \q1 \v 18 Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe? \q2 Madaan koos maaliif fayyuu dide? \q1 Ati akka laga nama gowwoomsuu \q2 akka burqaa goguus natti taataa? \p \v 19 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Yoo ati qalbii jijjiirratte, \q2 ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba; \q1 Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne \q2 dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata. \q1 Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee \q2 ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu. \q1 \v 20 Ani saba kanaaf dallaa dhagaa, \q2 dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa; \q1 isaan si lolu; \q2 garuu si hin moʼatan; \q1 ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 21 “Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa; \q2 harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.” \c 16 \s1 Guyyaa Badiisaa \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.” \v 3 \nd Waaqayyo\nd* waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii: \v 4 “Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.” \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 6 “Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu. \v 7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu. \p \v 8 “Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin. \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa. \p \v 10 “Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘\nd Waaqayyo\nd* maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti, \v 11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne. \v 12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii. \v 13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’ \p \v 14 “Taʼus” jedha \nd Waaqayyo\nd*, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa, \v 15 isaan garuu, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii. \p \v 16 “Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha \nd Waaqayyo\nd*; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu. \v 17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu. \v 18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.” \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, jabina kootii fi daʼannoo ko, \q2 daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, \q1 ormoonni handaara lafaatii \q2 gara kee dhufanii akkana jedhu, \q1 “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne \q2 kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee // homaa hin dhaalle. \q1 \v 20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? \q2 Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!” \b \q1 \v 21 “Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; \q2 yeroo kanatti ani humna koo fi \q2 jabina koo isaan nan barsiisa. \q1 Yoos isaan \q2 akka maqaan koo \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \b \c 17 \q1 \v 1 “Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; \q2 qara dhagaatiinis \q1 gabatee garaa isaanii irrattii fi \q2 gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera. \q1 \v 2 Ijoolleen isaanii iyyuu \q2 iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa \q1 kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi \q2 gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan. \q1 \v 3 Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif \q2 tulluu koo kan biyya keessaa, \q1 qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda \q2 iddoo ol kaʼaa kee wajjin \q2 dabarsee boojuuf nan kenna. \q1 \v 4 Ati dogoggora mataa keetiitiin \q2 dhaala ani siif kenne ni dhabda. \q1 Ani biyya ati hin beekne keessatti \q2 diinota keetiif sin garboomsa; \q1 ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; \q2 innis bara baraan ni bobaʼa.” \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Namni nama amanatu, \q2 kan jabina foonii irree isaa godhatu, \q2 kan garaan isaa \nd Waaqayyo\nd* irraa garagalu abaaramaa dha. \q1 \v 6 Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; \q2 yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. \q1 Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa \q2 biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata. \b \q1 \v 7 “Namni \nd Waaqayyoon\nd* amanatu, \q2 kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha. \q1 \v 8 Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, \q2 kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. \q1 Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; \q2 baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. \q1 Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; \q2 ija naqachuus hin dhiisu.” \b \q1 \v 9 Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; \q2 garmalees hamaa dha. \q2 Eenyutu isa hubachuu dandaʼa? \b \q1 \v 10 “Ani \nd Waaqayyo\nd* nama hundaaf akkuma amala isaatti, \q2 akkuma waan hojii isaatiif maluutti \q1 gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; \q2 qalbii isaas nan qora.” \b \q1 \v 11 Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu \q2 akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. \q1 Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; \q2 dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama. \b \q1 \v 12 Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, \q2 iddoo qulqullummaa keenyaa ti. \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, abdii Israaʼel, \q2 warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. \q1 Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; \q2 isaan \nd Waaqayyoon\nd* \q2 burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii. \b \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd* na fayyisi; anis nan fayyaa; \q2 na oolchi, anis nan oolfama; \q2 kan ani jajadhu sumaatii. \q1 \v 15 Isaan ittuma fufanii, \q2 “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* eessa jira? \q2 Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu. \q1 \v 16 Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; \q2 ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. \q2 Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira. \q1 \v 17 Ati na hin rifachiisin; \q2 guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti. \q1 \v 18 Warri na adamsan haa qaaneffaman; \q2 ana garuu qaanii irraa na oolchi; \q1 isaan haa rifatan; \q2 ana garuu rifaatii irraa na eegi. \q1 Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; \q2 badiisa dachaatiin isaan balleessi. \s1 Sanbata Kabajuu \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu. \v 20 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa. \v 22 Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa. \v 23 Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan. \v 24 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan, \v 25 mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa. \v 26 Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana \nd Waaqayyoo\nd* ni dhufu. \v 27 Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’ ” \c 18 \s1 Mana Namicha Suphee Dhaʼu Tokkootti \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: \v 2 “Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.” \v 3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture. \v 4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete. \p \v 5 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 6 “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu. \v 7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti, \v 8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa. \v 9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse, \v 10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa. \p \v 11 “Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’ \v 12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’ ” \p \v 13 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Mee saboota keessa iyyaafadhaa: \q2 Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka? \q1 Israaʼel Durbi Qulqullittiin \q2 waan suukaneessaa tokko hojjetteerti. \q1 \v 14 Cabbiin Libaanoon \q2 takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa? \q1 Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun \q2 takkumaa citee beekaa? \q1 \v 15 Sabni koo garuu na irraanfateera; \q2 isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne \q1 kanneen karaawwan isaanii irrattii fi \q2 daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif // ixaana aarsu. \q1 Isaan karaa hin tolfamne irra \q2 daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru. \q1 \v 16 Biyyi isaanii ni ona; \q2 bara baraanis biyya qoosaa taʼa; \q1 warri achiin darban hundi ni naʼu; \q2 mataa isaaniis ni raasu. \q1 \v 17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu, \q2 ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa; \q1 bara badiisa isaanii keessa, \q2 ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu. \p \v 18 “Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’ ” jedhan. \q1 \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, na dhaggeeffadhu; \q2 waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi! \q1 \v 20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa? \q2 Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru. \q1 Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa \q2 deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee \q2 iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu. \q1 \v 21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni; \q2 jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni. \q1 Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman; \q2 dhiironni isaanii haa ajjeefaman; \q2 dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman. \q1 \v 22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti, \q2 iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu; \q1 isaan na qabuuf boolla qotanii, \q2 miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii. \q1 \v 23 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf \q2 malatan hunda ni beekta. \q1 Yakka isaanii hin dhiisiniif; \q2 yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin. \q1 Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman; \q2 yeroo dheekkamtuttis isaan adabi. \c 19 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; “Dhaqiitii suphee dhooftuu irraa okkotee suphee bitadhu. Maanguddoota sabaatii fi luboota keessaa namoota muraasa fudhadhuutii, \v 2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi; \v 3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida. \v 4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru. \v 5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha. \v 6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 7 “ ‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna. \v 8 Ani magaalaa kana onsee waan sodaa fi qoosaa nan godha; kan achiin darbu hundi sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa. \v 9 Ani akka isaan foon ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii nyaatan nan godha; isaanis yeroo diinonni isaanii kanneen lubbuu isaanii galaafachuu barbaadan sun marsanii isaan dhiphisanitti foon walii isaanii nyaatu.’ \p \v 10 “Ergasii okkotee sana fuula warra si wajjin deemanii duratti cabsiitii \v 11 akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Akkuma okkoteen suphee dhooftuu kun erga caccabee booddee deebiʼee haaromfamuu hin dandeenye sana ani saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; sababii iddoon itti nama awwaalan biraa hin jirreef namoonni Toofetitti reeffa awwaalu. \v 12 Ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti waan kana nan fida, jedha \nd Waaqayyo\nd*. Magaalaa kanas akkuma Toofet nan godha. \v 13 Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’ ” \p \v 14 Ermiyaasis ergasii Toofet iddoo \nd Waaqayyo\nd* akka inni achitti raajii dubbatuuf itti isa erge sanaa deebiʼee oobdii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa dhaabatee saba hundaan akkana jedhe; \v 15 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’ ” \c 20 \s1 Ermiyaasii fi Phaashihuur \p \v 1 Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti, \v 2 akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana \nd Waaqayyoo\nd* biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe. \v 3 Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan \nd Waaqayyo\nd* siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa. \v 5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan. \v 6 Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’ ” \s1 Gungummii Ermiyaas \q1 \v 7 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati na gowwoomsite; // anis nan gowwoomfame; \q2 ati humnaan na caaltee na moʼatte. \q1 Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe; \q2 namni hundis natti qoosa. \q1 \v 8 Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya; \q2 “Goolii, badiisa” jedhees nan labsa. \q1 Kanaafuu dubbiin \nd Waaqayyo\nd* \q2 guyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide. \q1 \v 9 Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu \q2 yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe, \q1 dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa, \q2 akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera. \q1 Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe; \q2 dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu. \q1 \v 10 Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa! \q2 Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!” \q2 jedhu hedduu nan dhagaʼa. \q1 Michoonni koo hundi, \q2 “Inni ni gowwoomfama taʼa; \q1 nus ergasii isa ni moʼanna; \q2 haaloo keenya illee ni baafanna” jechaa \q2 kufaatii koo eeggatu. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti // na wajjin jira; \q2 kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan. \q1 Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii; \q2 salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu. \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, \q2 kan nama qajeelaa qortu, \q2 kan garaa fi yaada namaa keessa argitu, \q1 ani falmii koo sitti kennadheeraatii \q2 ati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi. \b \q1 \v 13 \nd Waaqayyoof\nd* faarfadhaa! \q2 \nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa! \q1 Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii \q2 harka hamootaatii ni baasa. \b \q1 \v 14 Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu! \q2 Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin! \q1 \v 15 Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis \q2 ilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fidee \q2 akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu! \q1 \v 16 Namichi sun akkuma magaalaawwan \q2 \nd Waaqayyo\nd* gara laafina malee garagalchee haa taʼu. \q1 Inni ganamaan wawwaannaa, \q2 saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu. \q1 \v 17 Akka haati koo awwaala naa taatuuf, \q2 akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf \q2 inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii. \q1 \v 18 Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf \q2 jireenya koos qaaniin fixuuf \q2 gadameessa keessaa baʼe? \c 21 \s1 Deebii Zedeqiyaaf Kenname \p \v 1 Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan; \v 2 “Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf \nd Waaqayyoon\nd* nuu gaafadhu. Tarii \nd Waaqayyo\nd* akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.” \p \v 3 Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa; \v 4 ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba. \v 5 Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana. \v 6 Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu. \v 7 Anis ergasii, jedha \nd Waaqayyo\nd*, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’ \p \v 8 “Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa. \v 9 Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata. \v 10 Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha \nd Waaqayyo\nd*. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’ \p \v 11 “Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa; \v 12 Yaa mana Daawit, \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; \q2 nama saamame tokko \q2 harka nama isa cunqursuutii baasaa; \q1 yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif \q2 dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; \q2 namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu. \q1 \v 13 Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu, \q2 ani sitti kaʼeen jira, jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa? \q2 Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan, \q1 \v 14 ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu \q2 bosona keessanitti nan qabsiisa.’ ” \c 22 \s1 Murtii Mootota Hamootti Murame \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi; \v 2 ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa. \v 4 Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu. \v 5 Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii: \q1 “Ati akka Giliʼaad, \q2 akka fiixee Libaanoon naaf taate iyyuu, \q1 ani dhugumaan akka gammoojjii, \q2 akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee sin taasisa. \q1 \v 7 Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii \q2 miʼa lolaa qabatan, sitti nan erga; \q1 isaanis birbirsa kee filatamaa ni ciru; \q2 ibiddattis ni naqu. \p \v 8 “Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘\nd Waaqayyo\nd* maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu. \v 9 Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.” \q1 \v 10 Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa; \q2 qooda kanaa nama boojiʼameef hiqqifadhaa booʼaa; \q1 inni lammata hin deebiʼu \q2 yookaan biyya itti dhalate hin arguutii. \m \v 11 \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu. \v 12 Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.” \q1 \v 13 “Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif \q2 akkasumaan hojjechiifachuudhaan \q1 mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin, \q2 kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin // ijaarratuuf wayyoo. \q1 \v 14 Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko, \q2 kutaa mana gubbaa balʼaa isaa wajjin // ofii kootiif nan ijaarradha’ jedha. \q1 Kanaafuu inni foddaawwan itti baasee \q2 muka birbirsaatiin bareechee \q2 halluu diimaadhaan miidhagsa. \b \q1 \v 15 “Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa? \q2 Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee? \q1 Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete; \q2 kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef. \q1 \v 16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; \q2 kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. \q1 Na beekuu jechuun kanuma mitii?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 17 Iji keetii fi garaan kee garuu \q2 buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, \q1 dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, \q2 cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera. \m \v 18 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: \q1 “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo! \q2 Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ // jedhanii hin booʼaniif. \q1 Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo! \q2 Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ // jedhanii hin booʼaniif. \q1 \v 19 Inni awwaala harree argata, \q2 jechuunis lafa irra harkifamee \q2 karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.” \b \q1 \v 20 “Libaanoonitti ol baʼii iyyi; \q2 sagaleen kee Baashaan keessatti haa dhagaʼamu; \q1 Abaariim keessaas iyyi; \q2 michoonni kee hundi barbadeeffamaniiruutii. \q1 \v 21 Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture; \q2 ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette. \q1 Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture; \q2 ati naaf hin ajajamne. \q1 \v 22 Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka; \q2 michoonni kees ni boojiʼamu. \q1 Sababii hammina kee hundaatiif \q2 ati ni qaanofta; ni salphattas. \q1 \v 23 Ati kan Libaanoon keessa jiraattu, \q2 kan muka birbirsaatiin mana ijaarrattu, \q1 yeroo dhiphinni si qabee akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo \q2 miixattutti ati akkam aadda! \p \v 24 “Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha \nd Waaqayyo\nd*; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata. \v 25 Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna. \v 26 Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu. \v 27 Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.” \q1 \v 28 Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame, \q2 miʼa namni tokko iyyuu hin barbaanneedhaa? \q1 Ijoolleen isaatii fi inni maaliif \q2 darbatamanii biyya hin beeknetti gatamani? \q1 \v 29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, \q2 dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi! \q1 \v 30 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Namicha kana akka nama ijoollee hin qabne tokkootti, \q2 akka nama bara jireenya isaa keessa hin milkoofne tokkootti galmeessaa; \q1 sanyii isaa keessaa namni tokko iyyuu hin milkaaʼu, \q2 namni tokko iyyuu teessoo Daawit irra hin taaʼu, \q2 yookaan siʼachi Yihuudaa hin bulchuutii.” \c 23 \s1 Damee Qajeelaa \p \v 1 “Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 2 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 3 “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus. \v 4 Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 5 “Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko, \q2 mootii ogummaadhaan bulchuu fi \q1 waan sirrii fi qajeelaa taʼe \q2 biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa” // jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 6 Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya; \q2 Israaʼelis nagaan jiraata; \q1 maqaan inni ittiin waamamus: \q2 \nd Waaqayyo\nd* Qajeelummaa Keenya jedhama. \m \v 7 “Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \v 8 “Isaan garuu, ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.” \s1 Raajota Sobduu \p \v 9 Waaʼee raajotaa, \q1 onneen koo na keessatti cabeera, \q2 lafeen koo hundi ni hollata; \q1 sababii \nd Waaqayyootii\nd* fi \q2 sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif \q1 ani akkuma nama machaaʼee \q2 akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe. \q1 \v 10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti, \q2 sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi; \q2 kaloon gammoojjii keessaas ni goga. \q1 Raajonni karaa hamaa duukaa buʼu; \q2 aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu. \b \q1 \v 11 “Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; \q2 ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 12 “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa; \q2 isaan dukkanatti gad darbatamu; \q2 achittis ni kufu. \q1 Bara isaan adabaman keessa, \q2 ani badiisa isaanitti nan fida” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 13 “Raajota Samaariyaa gidduutti, \q2 ani waan jibbisiisaa kana argeera: \q1 Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii \q2 saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan. \q1 \v 14 Raajota Yerusaalem gidduutti \q2 ani waan nama suukaneessu tokko argeera; \q2 isaan ni ejju; sobaan jiraatus. \q1 Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef \q2 isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. \q1 Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; \q2 sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.” \p \v 15 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha: \q1 “Sababii raajota Yerusaalemiif, \q2 waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef \q1 ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa \q2 nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.” \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; \q2 isaan abdii sobaatiin isin guutu. \q1 Isaan utuu afaan \nd Waaqayyootii\nd* hin taʼin \q2 mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; \q2 yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu. \q1 \v 17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin, \q2 ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu. \q1 Warra mata jabina yaada ofii isaanii \q2 duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu. \q1 \v 18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf \q2 waldaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa dhaabate eenyu? \q2 Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu? \q1 \v 19 Kunoo bubbeen \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 dheekkamsaan ni buʼa; \q1 bubbeen hamaanis \q2 mataa hamootaa irratti gad bubbisa. \q1 \v 20 Dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* \q2 hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa \q2 guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu. \q1 Isin bara dhumaa keessa \q2 waan kana akka gaariitti ni hubattu. \q1 \v 21 Ani raajota kanneen hin ergine; \q2 isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru; \q1 ani isaanitti hin dubbanne; \q2 isaan garuu raajii dubbataniiru. \q1 \v 22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii \q2 silaa dubbii koo saba kootti labsanii, \q1 karaa isaanii jalʼaa sanaa fi \q2 hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture. \b \q1 \v 23 “Ani Waaqa fagootis malee \q2 Waaqa dhiʼoo qofaa?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 24 “Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef \q2 iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 25 “Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu. \v 26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata? \v 27 Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu. \v 28 Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 30 “Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 31 “Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 32 “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha \nd Waaqayyo\nd*, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Raajii Sobaa \p \v 33 “Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan \nd Waaqayyoo\nd* maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha \nd Waaqayyo\nd*’ jedhiin. \v 34 Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan \nd Waaqayyoo\nd* kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba. \v 35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin \nd Waaqayyo\nd* kenne maali?’ Yookaan, ‘\nd Waaqayyo\nd* maal dubbata?’ jechuu qaba. \v 36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa \nd Waaqayyoo\nd*,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii. \v 37 Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin \nd Waaqayyo\nd* siif kenne maali?’ Yookaan ‘\nd Waaqayyo\nd* maal dubbate?’ jetta. \v 38 Isin, ‘Baʼaan \nd Waaqayyo\nd* kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ani ‘Baʼaan \nd Waaqayyoo\nd* kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan \nd Waaqayyoo\nd* kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu. \v 39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata. \v 40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.” \c 24 \s1 Ijaa Harbuu Guuboo Lama \p \v 1 Erga Nebukadnezar mootichi Baabilon Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa ilma Yehooyaaqiimii fi qondaaltota Yihuudaa, ogeeyyii hojii harkaatii fi tumtuuwwan Yihuudaa boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti geessee booddee \nd Waaqayyo\nd* ija harbuu guuboo lama fuula mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* duratti na argisiise. \v 2 Guuboon tokko ija harbuu akka malee gaarii kan ijaa duraan bilchaate fakkaatu qaba ture; guuboon kaan immoo ija harbuu akka malee tortoree, sababii tortoruu isaatiif nyaatamuu hin dandeenye qaba ture. \p \v 3 \nd Waaqayyos\nd*, “Yaa Ermiyaas, ati maal argita?” naan jedhe. \p Anis, “Ija harbuu nan arga; ija gaariin akka malee gaarii dha; inni tortoraan immoo sababii akka malee tortoreef nyaatamuu hin dandaʼu” jedheen deebise. \p \v 4 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 5 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani boojiʼamtoota Yihuudaa warra ani iddoo kanaa baasee biyya Baabilonotaatti erge sana akkuma ija gaarii kanaatti ija gaariin nan ilaala. \v 6 Ani faayidaa isaaniitiif ija koo isaan irra buufadhee biyya kanatti deebisee isaan nan fida; ani isaanan ijaara malee isaan hin diigu; ani isaanan dhaaba malee isaan hin buqqisu. \v 7 Ani akka isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii. \p \v 8 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ani garuu Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi hambaawwan Yerusaalem kanneen biyya kana keessatti hafanii fi warra Gibxi keessa jiraatan akkuma ija harbuu kan waan akka malee tortoreef namni nyaachuu hin dandeenye sanaatti nan dhiisa. \v 9 Ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti balfamoo fi jibbamoo isaan nan godha; iddoo ani itti isaan bittinneessu hundattis tuffatamoo, waan kolfaa, waan qoosaatii fi waan abaarsaa isaan nan godha. \v 10 Ani hamma isaan biyya ani isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa barbadaaʼanitti goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga.’ ” \c 25 \s1 Waggaa Torbaatamaaf Boojiʼamuu \p \v 1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha. \v 2 Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe: \v 3 Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne. \p \v 4 Yoo \nd Waaqayyo\nd* raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef. \v 5 Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya \nd Waaqayyo\nd* isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu. \v 6 Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.” \p \v 7 “Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 8 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif, \v 9 ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 10 “Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa. \v 11 Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu. \p \v 12 “Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 13 “Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida. \v 14 Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.” \s1 Xoofoo Dheekkamsa Waaqaa \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi. \v 16 Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.” \v 17 Kanaafuu ani xoofoo sana harka \nd Waaqayyootii\nd* fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe: \b \li1 \v 18 Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha; \li1 \v 19 Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi, \v 20 namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi, \li1 mootonni Uuzi hundi, \li1 mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi, \li1 \v 21 Edoom, Moʼaabii fi Amoon, \li1 \v 22 mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi, \li1 mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan, \li1 \v 23 Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi, \li1 \v 24 mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi, \li1 \v 25 mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi, \li1 \v 26 mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. \li1 Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga. \b \p \v 27 “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’ \v 28 Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu! \v 29 Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu.’ \p \v 30 “Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin: \q1 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* ol gubbaadhaa guunguma; \q2 iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee \q2 biyya isaattis guddisee ni guunguma. \q1 Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti \q2 warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba. \q1 \v 31 Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama; \q2 \nd Waaqayyo\nd* sabootatti ni muraatii; \q1 inni sanyii namaa hundatti murtii fida; \q2 hamoota immoo goraadeedhaan fixa’ ” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 32 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Ilaa! Sabaa gara sabaatti \q2 balaan babalʼachaa jira; \q1 bubbeen hamaan jabaan tokko \q2 daarii lafaatii kaʼaa jira.” \m \v 33 Gaafas warri \nd Waaqayyo\nd* fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman. \q1 \v 34 Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; \q2 eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. \q1 Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; \q2 isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu. \q1 \v 35 Tiksoonni iddoo itti baqatan, \q2 eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban. \q1 \v 36 Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa \q2 eegdota bushaayee dhagaʼaa! \q2 \nd Waaqayyo\nd* lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii. \q1 \v 37 Sababii dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* jabaa sanaatiif, \q2 lafti nagaa qabu ni ona. \q1 \v 38 Sababii goraadee cunqursitootaatii fi \q2 sababii dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* hamaa sanaatiif, \q1 inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa; \q2 biyyi isaaniis ni onti. \c 26 \s1 Ermiyaas Duʼaan Doorsifame \p \v 1 Jalqaba bara mootummaa Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa sanaatti dubbiin kun \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufe: \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Oobdii mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa dhaabadhuutii namoota magaalaawwan Yihuudaa keessaa baʼanii mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti waaqeffachuu dhufan hundatti dubbadhu. Waan ani si ajaju hunda itti himi; jecha tokko illee hin hambisin. \v 3 Tarii isaan dhagaʼanii tokkoon tokkoon namaa karaa isaa hamaa sana irraa ni deebiʼa taʼa. Anis gaabbee badiisa sababii hammina isaaniitiif isaanitti fiduuf yaadaa ture sana nan hambisa. \v 4 Atis akkana jedhiin; \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan, \v 5 amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo raajota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan, \v 6 ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’ ” \p \v 7 Luboonni, raajonnii fi sabni hundi Ermiyaasii dubbii kana mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dubbatu dhagaʼan. \v 8 Garuu akkuma Ermiyaas waan \nd Waaqayyo\nd* akka inni dubbatuuf isa ajaje hunda namoota hundatti, himee raawwateen luboonni, raajonnii fi namoonni hundi isa qabanii akkana jedhaniin; “Ati duʼuu qabda! \v 9 Ati maaliif akka manni kun akkuma Shiiloo taʼuu fi akka magaalaan kunis onee duwwaa hafu maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* raajii dubbatta?” Namoonni hundis mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti Ermiyaasin marsan. \p \v 10 Qondaaltonni Yihuudaa yommuu waan kana dhagaʼanitti mana Mootii keessaa gara mana \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼanii balbala karra Haaraa kan mana \nd Waaqayyoo\nd* dura tataaʼan. \v 11 Kana irratti luboonnii fi raajonni sun qondaaltotaa fi namoota hundaan, “Waan namichi kun magaalaa kana irratti raajii dubbateef duuti isatti muramuu qaba. Isin waan kana gurruma keessaniin dhageessaniirtu!” jedhan. \p \v 12 Ermiyaas qondaaltota hundaa fi namoota hundaan akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akka ani waan isin dhageessan kana hunda mana kanaa fi magaalaa kana irratti raajii dubbadhuuf na erge. \v 13 Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif illee ajajamaa. Yoos \nd Waaqayyo\nd* gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa. \v 14 Ani garuu harkuma keessan keessa nan jira; isin tarkaanfii gaarii fi qajeelaa isinitti fakkaate narratti fudhadhaa. \v 15 Garuu isin yoo na ajjeeftan akka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu keessaniin ofitti, magaalaa kanattii fi warra ishee keessa jiraatanitti balaa fiddan beekkadhaa; \nd Waaqayyo\nd* dhugumaan akka ani dubbii isin dhageessan kana hunda dubbadhuuf isinitti na ergeeraatii.” \p \v 16 Kana irratti qondaaltonnii fi namoonni hundi, lubootaa fi raajotaan, “Namicha kanatti duuti muramuu hin qabu! Inni maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatiin nutti dubbatee jiraa” jedhan. \p \v 17 Maanguddoota biyyaa keessaas tokko tokko kaʼanii waldaa sabaa guutuudhaan akkana jedhan; \v 18 “Bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa Miikiyaas namni biyya Mooresheet akkana jedhee saba Yihuudaa hundatti raajii dubbate; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “ ‘Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; \q2 Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; \q2 gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.’ \m \v 19 “Hisqiyaas mootichi Yihuudaa yookaan saba Yihuudaa keessaa namni tokko iyyuu isa ajjeeseeraa? Hisqiyaas \nd Waaqayyoon\nd* sodaatee araara isaa hin kadhannee? \nd Waaqayyos\nd* gaabbee badiisa isaanitti fiduu yaade sana hin dhiifnee? Nus badiisa hamaa ofitti fiduu geenyeerra!” \p \v 20 Namni maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* raajii dubbate kan biraa immoo Uuriyaa ilma Shemaaʼiyaa nama biyya Kiriyaati Yeʼaariim ture; innis akkuma Ermiyaas magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii dubbate. \v 21 Yommuu Yehooyaaqiim mootichi, ajajjoonnii fi qondaaltonni isaa hundi dubbii Uuriyaa dhagaʼanitti mootichi isa ajjeesisuu barbaade; Uuriyaan garuu waan kana dhageenyaan sodaatee gara Gibxitti baqate. \v 22 Yehooyaaqiim mootichi garuu Elnaataan ilma Akboor namoota biraa wajjin gara Gibxitti erge. \v 23 Isaanis Uuriyaa Gibxii fidanii Yehooyaaqiim mootichatti kennan; mootichis goraadeedhaan isa ajjeese; reeffa isaa immoo iddoo namoonni ulfina hin qabne itti awwaalamanitti gate. \p \v 24 Ahiiqaam ilmi Shaafaan garuu Ermiyaasin deeggare; kanaafuu Ermiyaas ajjeefamuuf dabarfamee namootatti hin kennamne. \c 27 \s1 Yihuudaan Nebukadnezar Tajaajila \p \v 1 Jalqaba bara Zedeqiyaa ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti dubbiin kun \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe: \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Teephaa fi danqaraadhaan waanjoo tolchiitii morma keetti kaaʼadhu. \v 3 Ergasii karaa ergamoota Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa bira gara Yerusaalem dhufaniitiin gara mootii Edoom, mootii Moʼaab, mootii Amoon, mootii Xiiroosii fi mootii Siidoonaatti dhaamsa ergi. \v 4 Gooftota isaaniitiif dhaamsa kana dabarsii akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; “Waan kana gooftota keessanitti himaa. \v 5 Ani humna koo guddaa fi irree koo diriirfameen lafa, uummata isheetii fi bineensota ishee irra jiraatan uumeera; abbaa fedheef illee nan kenna. \v 6 Ani amma biyyoota keessan hunda harka garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabiloniitti dabarsee nan kenna. Akka bineensonni bosonaa iyyuu isa jalatti bulan nan godha. \v 7 Hamma guyyaan biyya isaa gaʼutti saboonni hundi isa, ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa tajaajilu; ergasii immoo saboonni hedduunii fi mootonni gurguddaan isa garboomfatu. \p \v 8 “ ‘ “Garuu yoo sabni yookaan mootummaan kam iyyuu Nebukadnezar mooticha Baabilon hin tajaajille yookaan yoo morma isaa waanjoo mootichaatiif gad hin qabanne ani hamman harkuma isaatiin isaan balleessutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 9 Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa. \v 10 Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu. \v 11 Garuu yoo sabni kam iyyuu morma isaa waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabatee isa tajaajile, ani akka sabni sun biyya ofii isaa keessatti hafee lafa qotatee achi jiraatu nan dhiisa, jedha \nd Waaqayyo\nd*.” ’ ” \p \v 12 Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti ergaadhuma kana nan hime. Akkanan jedheen; “Morma keessan waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabadhaa; isaa fi saba isaa tajaajilaa; isinis ni jiraattu. \v 13 Atii fi sabni kee maaliif goraadee, beelaa fi dhaʼicha \nd Waaqayyo\nd* ittiin saba mootii Baabilon hin tajaajille kam iyyuu sodaachiseen duutu? \v 14 Dubbii raajota, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhanii hin dhagaʼinaa; isaan raajii sobaa isinitti dubbatuutii. \v 15 ‘Ani isaan hin ergine’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. ‘Jarri maqaa kootiin soba raaju. Kanaafuu ani isinii fi raajota isinii raajan illee ariʼee nan baasa; isinis ni baddu.’ ” \p \v 16 Anis lubootaa fi namoota kana hundaan akkanan jedhe, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: raajota, ‘Miʼi mana \nd Waaqayyoo\nd* ammuma Baabilonii ni deebifama’ jedhan hin dhagaʼinaa. Isaan soba isiniif raaju. \v 17 Isin jara hin dhaggeeffatinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa; ni jiraattuutii. Magaalaan kun maaliif diigamti? \v 18 Isaan yoo raajota taʼanii fi yoo dubbii \nd Waaqayyoo\nd* of keessaa qabaatan mee akka miʼi mana \nd Waaqayyoo\nd* kan masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafe sun gara Baabilonitti hin fudhatamneef \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu haa kadhatan. \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu waaʼee utubootaa, waaʼee miʼa bishaan itti kuusanii, waaʼee baattuuwwaniitii fi waaʼee miʼoota magaalaa kanatti hafan kanneen biraa akkana jedhaatii; \v 20 Nebukadnezar mootiin Baabilon sun gaafa Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sana namoota Yihuudaatii fi Yerusaalem ulfaatoo hunda wajjin Yerusaalemii gara Baabilonitti boojiʼe sana miʼoota kanneen hin fudhanne. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee miʼoota mana \nd Waaqayyootii\nd* fi masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafanii akkana jedha: \v 22 ‘Isaan Baabilonitti ni geeffamu; hamma guyyaan ani isaaniif dhufu gaʼuttis achuma turu’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. ‘Ergasii ani deebisee iddoo kanatti isaan nan fida.’ ” \c 28 \s1 Hanaaniyaan Raajii Sobaa \p \v 1 Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe: \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa. \v 3 Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana \nd Waaqayyoo\nd* kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida. \v 4 Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha \nd Waaqayyo\nd*.” \p \v 5 Ermiyaas raajichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa raajichaaf deebii kenne; \v 6 “Ameen! \nd Waaqayyo\nd* waan kana haa godhu! \nd Waaqayyo\nd* miʼa mana \nd Waaqayyootii\nd* fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu. \v 7 Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi: \v 8 Raajonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru. \v 9 Raajiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka \nd Waaqayyo\nd* biraa ergame beekama.” \p \v 10 Ergasii Hanaaniyaan raajichi morma Ermiyaas raajichaa irraa waanjoo fuudhee cabse; \v 11 innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’ ” Kana irratti Ermiyaas raajichi karaa isaa qabatee qajeele. \p \v 12 Erga Hanaaniyaan raajichi waanjoo morma Ermiyaas raajichaa irraa cabsee booddee dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 13 “Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’ ” \p \v 15 Ermiyaas raajichis Hanaaniyaa raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! \nd Waaqayyo\nd* si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta. \v 16 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan \nd Waaqayyo\nd* irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’ ” \p \v 17 Hanaaniyaa raajichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe. \c 29 \s1 Xalayaa Boojiʼamtootaaf Ergame \p \v 1 Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, raajotattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha. \v 2 Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe. \v 3 Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha: \pm \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha: \v 5 “Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. \v 6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa. \v 7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf \nd Waaqayyoon\nd* kadhadhaa.” \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa. \v 9 Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \pm \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: “Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha. \v 11 Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 12 “Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa. \v 13 Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu. \v 14 Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \pm \v 15 Sababii isin, “\nd Waaqayyo\nd* Baabilon keessatti raajota nuu kaaseera” jettaniif \v 16 \nd Waaqayyo\nd* waaʼee mootii teessoo Daawit irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha; \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha. \v 18 Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha. \v 19 Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo raajotaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii” jedhan \nd Waaqayyo\nd*. “Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \pm \v 20 Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: “Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa. \v 22 Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘\nd Waaqayyo\nd* akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru. \v 23 Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Dhaamsa Shemaaʼiyaatti Ergame \p \v 24 Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi: \v 25 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta; \v 26 ‘\nd Waaqayyo\nd* akka ati mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda. \v 27 Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree? \v 28 Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’ ” \p \v 29 Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas raajichaaf dubbise. \v 30 Kana irratti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 31 “Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘\nd Waaqayyo\nd* waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef \v 32 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha \nd Waaqayyo\nd*.” \c 30 \s1 Sabni Israaʼel Boojuudhaa Deebiʼe \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi. \v 3 Barri tokko ni dhufa’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha \nd Waaqayyo\nd*.” \p \v 4 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha: \v 5 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama; \q2 kun raafama malee nagaa miti. \q1 \v 6 Mee iyyaafadhaa ilaalaa: \q2 Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa? \q1 Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu, \q2 harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee, \q2 fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree? \q1 \v 7 Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! \q2 Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. \q1 Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; \q2 inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa. \b \q1 \v 8 “ ‘Guyyaa sana’ jedha \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 ‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa; \q1 hidhaa isaanii illee nan kukkuta; \q2 ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan. \q1 \v 9 Qooda kanaa isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitii fi \q2 Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu. \b \q1 \v 10 “ ‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin; \q2 yaa Israaʼel hin rifatin’ \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 ‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa, \q2 sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii \q2 itti geeffamanii nan baasa. \q1 Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; \q2 namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’ \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 ‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana \q2 guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu \q2 siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu. \q1 Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba; \q2 utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’ \p \v 12 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Madaan kee hin fayyu; \q2 miidhamni kee waldhaansa hin qabu. \q1 \v 13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru; \q2 madaa keetiif qorichi hin jiru; \q2 ati hin fayyitu. \q1 \v 14 Michoonni kee hundi si dagataniiru; \q2 isaan dhimma kee hin qaban. \q1 Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee \q2 cubbuun kees baayʼateef \q1 ani akkuma diinaatti si dhaʼee \q2 akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera. \q1 \v 15 Ati maaliif madaa keetii fi \q2 dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita? \q1 Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef, \q2 ani wantoota kanneen sitti fideera. \b \q1 \v 16 “ ‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu; \q2 diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu. \q1 Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu; \q2 warri si saaman hundis ni saamamu. \q1 \v 17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa; \q2 madaa kees siif nan fayyisa’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 ‘Ati Xiyoon gatamtuu \q2 kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’ \p \v 18 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba; \q2 iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa; \q1 magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti; \q2 masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata. \q1 \v 19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu \q2 isaan keessaa ni dhagaʼama. \q1 Ani isaan nan baayʼisa; \q2 isaaniis hin xinnaatan; \q1 ani ulfina nan kennaaf; \q2 isaanis hin tuffataman. \q1 \v 20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu; \q2 waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata; \q2 ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba. \q1 \v 21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa; \q2 bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa. \q1 Ani isa ofitti nan dhiʼeessa; \q2 innis natti dhiʼaata; \q2 yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’ \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu; \q2 anis Waaqa keessan nan taʼa.’ ” \b \q1 \v 23 Kunoo, bubbeen \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa; \q1 bubbeen hamaanis \q2 mataa hamootaa irratti gad bubbisa. \q1 \v 24 Aariin \nd Waaqayyoo\nd*, sodaachisaan sun \q2 hamma inni kaayyoo yaada isaa \q2 guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu. \q1 Isin bara dhumaa keessa \q2 waan kana ni hubattu. \c 31 \p \v 1 “Yeroo sanatti” jedha \nd Waaqayyo\nd*, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.” \p \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Namoonni goraadee irraa hafan \q2 gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; \q2 anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.” \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: \q1 “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; \q2 kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera. \q1 \v 4 Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; \q2 atis deebitee ni ijaaramta. \q1 Ati amma illee dibbee kee fudhattee \q2 warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata. \q1 \v 5 Ati amma illee gaarran \q2 Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; \q1 qotee bulaanis wayinii dhaabbatee \q2 ija isaa ni nyaata. \q1 \v 6 Guyyaa itti eegdonni \q2 gaarran Efreem irra dhaabatanii, \q1 ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatti ol baanaa’ \q2 jedhanii iyyan tokko ni dhufa.” \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; \q2 hangafa sabootaatiif ililchaa. \q1 Galata keessan dhageessisaatii, \q2 ‘Yaa \nd Waaqayyo\nd* saba kee, \q2 hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa. \q1 \v 8 Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; \q2 handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. \q1 Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, \q2 haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; \q2 saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu. \q1 \v 9 Isaanis booʼaa dhufu; \q2 yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. \q1 Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi \q2 Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, \q1 ani qarqara burqaa bishaanii irra, \q2 daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha. \b \q1 \v 10 “Yaa saboota, dubbii \nd Waaqayyo\nd* dhagaʼaa; \q2 isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee \q1 akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii \q2 biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Yaaqoobin fureera, \q2 warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii. \q1 \v 12 Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; \q2 isaan arjummaa \nd Waaqayyootti\nd* jechuunis \q1 midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi \q2 zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. \q1 Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; \q2 isaan siʼachi hin gaddan. \q1 \v 13 Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; \q2 dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. \q1 Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; \q2 qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf. \q1 \v 14 Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; \q2 sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko \q2 Raamaa keessaa dhagaʼame; \q1 sababii isaan hin jirreef, \q2 Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; \q2 jajjabaachuus ni didde.” \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Sagalee kee booʼicha irraa, \q2 ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; \q1 hojiin kee ni badhaafamaatii” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu. \q1 \v 17 Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu. \b \q1 \v 18 “Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: \q2 ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin \q2 tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. \q1 Ati sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo taateef, \q2 na deebisi; anis nan deebiʼa. \q1 \v 19 Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, \q2 qalbii jijjiirradheera; \q1 ani ergan hubadhee booddee, \q2 qoma koo nan dhaʼe. \q1 Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, \q2 nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’ \q1 \v 20 Efreem ilma koo jaallatamaa, \q2 mucaa ani itti gammadu mitii? \q1 Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu \q2 amma illee isa nan yaadadha. \q1 Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; \q2 garaas nan laafaaf” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 21 “Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; \q2 waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. \q1 Karaa irra deemtu, \q2 daandii guddaa sana hubadhu. \q1 Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; \q2 magaalaawwan keetti deebiʼi. \q1 \v 22 Yaa intala hin amanamne, \q2 ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? \q1 \nd Waaqayyo\nd* waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; \q2 dubartiin dhiira marsiti.” \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, \nd Waaqayyo\nd* si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu. \v 24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu. \v 25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.” \p \v 26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture. \p \v 27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 29 “Bara sana keessa namoonni lammata, \q1 “ ‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan \q2 ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan. \m \v 30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda. \q1 \v 31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, \q2 mana Yihuudaa wajjinis \q1 kakuu haaraa galu ni dhufa,” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 32 “Kakuun kunis kakuu ani, \q2 yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee \q2 harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, \q1 kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu \q2 isaan cabsan sanaan tokko miti” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 33 “Kakuun ani yeroo sana booddee \q2 mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; \q2 garaa isaanii keessattis nan barreessa. \q1 Ani Waaqa isaanii nan taʼa; \q2 isaanis saba koo taʼu. \q1 \v 34 Sababii hundi isaanii, \q2 xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, \q1 siʼachi namni kam iyyuu, ‘\nd Waaqayyoon\nd* beeki’ jedhee \q2 ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; \q2 cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.” \p \v 35 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q1 inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, \q2 inni akka isaan halkaniin ibsaniif, \q2 jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, \q1 inni akka dambaliin isaa huursuuf \q2 galaana raasu sun maqaan isaa \q2 \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha: \q1 \v 36 “Yoo seerri kun fuula koo \q2 duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, \q1 fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 37 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi \q2 hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa \q1 ani sanyii Israaʼel hunda \q2 sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 38 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa. \v 39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama. \v 40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi \nd Waaqayyoof\nd* ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.” \c 32 \s1 Ermiyaas Lafa qotiisaa Bitate \p \v 1 Bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudhannaffaatti bara mootummaa Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, dubbiin kun \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe. \v 2 Yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemin marsanii turan; Ermiyaas raajichi immoo masaraa mootii Yihuudaa keessatti oobdii eegumsaa keessatti itti cufamee ture. \p \v 3 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa akkana jedheenii isa hiisisee ture; “Ati maaliif akkana jettee raajii dubbatta? ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ni qabata. \v 4 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa dabarfamee mootii Baabilonitti ni kennama malee harka warra Baabilon jalaa hin baʼu; fuula mootichaa dura dhaabatees isa wajjin dubbata; ija isaatiinis isa ni arga. \v 5 Innis Zedeqiyaa gara Baabilonitti geessa; Zedeqiyaan hamma ani isa Yaadadhutti achuma tura, jedha \nd Waaqayyo\nd*. Isin yoo Baabilonota loltan hin milkooftan.’ ” \p \v 6 Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 7 Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha. \p \v 8 “Ergasii akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe. \p “Kana irratti ani akka wanni kun dubbii \nd Waaqayyoo\nd* ture nan beeke; \v 9 kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef. \v 10 Anis walii galtee sana mallatteessee, chaappaa itti godhee, dhuga baatota waamee meetii sana madaaliitti safareef. \v 11 Walii galtee bittaa fi gurgurtaa jechuunis garagalchaa chaappaa qabu kan akka seeraa fi barteetti hojjetamee fi kan chaappaa hin qabnee illee nan fudhadhe; \v 12 geessees fuula durbii koo Hananiʼeelii fi fuula dhuga baatota walii galtee sana irratti mallatteessaniitii fi fuula Yihuudoota oobdii eegumsaa keessa tataaʼaa turan hundaa duratti Baaruk ilma Neeriyaa ilma Mahiseyaatti kenne. \p \v 13 “Anis fuuluma isaanii duratti qajeelcha kana Baarukiif kenne; \v 14 ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: walii galtee bittaa fi gurgurtaa kan chaappaa qabuu fi kan chaappaa hin qabne fuudhiitii akka isaan bara dheeraa turuu dandaʼaniif lachuu okkotee suphee keessa kaaʼi. \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; biyya kana keessatti manneen, lafa qotiisaa fi iddoon dhaabaa wayinii amma illee ni bitamu.’ \p \v 16 “Anis erga walii galtee bittaa fi gurgurtaa sana Baaruk ilma Neeriyaatti kennee booddee akkana jedheen \nd Waaqayyoon\nd* kadhadhe: \pm \v 17 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru. \v 18 Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu dha; \v 19 kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita. \v 20 Ati Gibxi keessatti mallattoo fi dinqii hojjettee hamma harʼaatti illee Israaʼelii fi sanyii namaa hunda keessatti waan kana ittuma fuftee maqaa hamma ammaatti qabdu kana argatte. \v 21 Saba kee Israaʼeliin mallattoo fi dinqiidhaan, harka humna qabeessaan, irree diriirfamaa fi haala akka malee nama sodaachisuun Gibxi keessaa baafte. \v 22 Biyya aannanii fi damma baasu kan ati abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte kana isaaniif kennite. \v 23 Isaanis biyyattii seenanii dhaalan; garuu siif hin ajajamne yookaan seera kee duukaa hin buune. Waan ati akka isaan hojjetan ajajjes hin hojjenne. Kanaafuu ati badiisa kana hunda isaanitti fidde. \pm \v 24 “Kunoo magaalaa fudhachuuf tuullaan biyyoo itti marfameera. Sababii goraadee, beelaatii fi dhaʼichaatiif magaalaan kun Baabilonota amma isa lolaa jiranitti dabarfamee ni kennama. Wanni ati dubbatte sun akkuma ati amma argitu kana fiixaan baʼeera. \v 25 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati yoo magaalattiin kun dabarfamtee Baabilonotatti kennamte iyyuu ‘Meetiidhaan lafa qotiisaa bitadhuutii bittaa fi gurgurtaa isaa illee ragaa qabaachisi’ naan jetta.” \p \v 26 Ergasiis dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 27 “Ani \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa? \v 28 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee Baabilonotaa fi Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kennuuf jira; innis ishee ni qabata. \v 29 Baabilononni magaalaa kana lolaa jiran kunneen magaalattii seenanii ibidda itti qabsiisu; isaanis manneen namoonni bantii isaanii irratti Baʼaaliif ixaana aarsuu fi waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan sana illee walumaan ni gubu. \p \v 30 “Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabanii fuula koo duratti waan hamaa malee homaa hin hojjenne; dhugumaan sabni Israaʼel waan harkuma isaaniitiin hojjetaniin dheekkamsaaf na kakaasan malee homaa hin hojjenne, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 31 Magaalattiin kun gaafa ijaaramtee jalqabdee hamma ammaatti akka ani fuula koo duraa ishee balleessuuf na aarsitee dheekkamsaaf na kakaaste. \v 32 Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa jechuunis isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii, namoonni Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem hammina hojjetan hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniiru. \v 33 Isaan fuula isaanii dhiisanii dugda isaanii natti garagalfatan; yoo ani ammumaa amma isaan barsiise iyyuu isaan na hin dhaggeeffanne yookaan qajeelfama kootiin hin geeddaramne. \v 34 Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan. \v 35 Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre. \p \v 36 “Ati waaʼee magaalattii kanaa, ‘Isheen goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan dabarfamtee mooticha Baabilonitti kennamti’ jetta; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: \v 37 Ani dhugumaan biyyoota ani aarii koo sodaachisaa fi dheekkamsa koo guddaadhaan itti isaan ariʼe hunda keessaa walitti isaan nan qaba; iddoo kanattis isaan deebisee nagaan isaan jiraachisa. \v 38 Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa. \v 39 Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna. \v 40 Ani kakuu bara baraa isaan wajjin nan gala; akka isaan gonkumaa narraa hin garagalleef ani waan gaarii isaaniif gochuu hin dhiisu; akka isaan na sodaataniifis isaan nan kakaasa. \v 41 Ani waan gaarii isaaniif gochuutti nan gammada; garaa koo fi lubbuu koo guutuudhaan, amanamummaadhaanis biyya kana keessa isaan nan dhaaba. \p \v 42 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani akkuman badiisa guddaa kana hunda saba kanatti fide sana waan gaarii waadaa isaaniif seene sana hunda nan kennaaf. \v 43 Biyya isin, ‘Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru; isheen dabarfamtee Baabilonotatti kennamteertiitii’ jettanii waaʼee ishee dubbattan kana keessatti lafti qotiisaa amma illee ni bitama. \v 44 Biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalem keessatti, magaalaawwan Yihuudaatii fi magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, magaalaawwan gaarran dhiʼaatii fi kan Negeeb keessatti lafti qotiisaa meetiidhaan ni bitama; walii galteen bittaa gurgurtaa isaas mallatteeffamee chaappaan itti godhamee dhuga baatotaan ni rageeffama; ani boojuu isaanii iddoo duriitti nan deebisaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd*.” \c 33 \s1 Waadaa Biyyatti Deebiʼuu \p \v 1 Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe: \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* inni lafa uume, \nd Waaqayyo\nd* inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd* jedhamu sun akkana jedha; \v 3 ‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’ \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii; \v 5 Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii. \p \v 6 “ ‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha. \v 7 Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara. \v 8 Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf. \v 9 Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’ \p \v 10 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, “Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru” jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee, \v 11 sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana \nd Waaqayyootti\nd* aarsaa dhiʼeessanii kan, \q1 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu galateeffadhaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” \m jedhu ni dhagaʼama. Ani boojiʼamtoota biyyattii akkuma isaan duraan turanittin deebisaatii’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 12 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata. \v 13 Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 14 “ ‘Barri ani’ jedha \nd Waaqayyo\nd* ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’ \q1 \v 15 “ ‘Bara sana keessa, yeroo sanatti \q2 ani akka dameen qajeelaan tokko sanyii Daawit keessaa latu nan godha; \q2 inni waan qajeelaa fi sirrii taʼe biyyattii keessatti ni hojjeta. \q1 \v 16 Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya; \q2 Yerusaalemis nagaan jiraatti. \q1 Maqaan isheen ittiin waamamtus, \q2 \nd Waaqayyo\nd* qajeelummaa keenya’ jedhama. \m \v 17 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: ‘Daawit gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu; \v 18 yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’ ” \p \v 19 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 20 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan, \v 21 kakuun ani garbicha koo Daawit wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawitis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu. \v 22 Ani sanyii garbicha koo Daawitii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’ ” \p \v 23 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 24 “Ati akka uummanni kun, ‘\nd Waaqayyo\nd* mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan. \v 25 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, samii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee, \v 26 silaa sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit gatee akka inni sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaqoob bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’ ” \c 34 \s1 Akeekkachiisa Zedeqiyaaf Kenname \p \v 1 Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe; \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba. \v 3 Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta. \p \v 4 “ ‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi. \nd Waaqayyo\nd* waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu; \v 5 garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina awwaala abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, “Wayyoo yaa Gooftaa!” jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \p \v 6 Ermiyaas raajichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime; \v 7 yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii. \s1 Garboota Bilisoomsuu \p \v 8 Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe. \v 9 Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu. \v 10 Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan. \v 11 Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan. \p \v 12 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 13 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale; \v 14 ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine. \v 15 Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu. \v 16 Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu. \p \v 17 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha. \v 18 Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha. \v 19 Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda, \v 20 dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa. \p \v 21 “Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna. \v 22 Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha \nd Waaqayyo\nd*. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.” \c 35 \s1 Rekaabota \p \v 1 Dubbiin bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe akkana jedha: \v 2 “Gara mana Rekaabotaa dhaqiitii gara mana \nd Waaqayyootti\nd* isaan waami; kutaa manaa tokkotti ol isaan galchiitii akka dhuganiif daadhii wayinii kenniif.” \p \v 3 Anis dhaqeen Yaazaniyaa ilma Ermiyaas, ilma Habazneyaa, obboloota isaatii fi ilmaan isaa hunda jechuunis maatii Rekaabotaa guutuu waame. \v 4 Anis gara mana \nd Waaqayyootti\nd* isaan fidee kutaa mana ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa nama Waaqaa sanaatti ol galche. Kutaan sunis kutaa qondaaltotaa kan kutaa Maʼaseyaa ilma Shaluum namicha balbala eegu sanaatii ol jirutti aana ture. \v 5 Anis waciitiiwwan daadhii wayiniitiin guutamanii fi xoofoo fuula Rekaabotaa duratti dhiʼeesseen, “Daadhii wayinii kana dhugaa” jedheen. \p \v 6 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan: “Nu sababii abbaan keenya Yoonaadaab ilmi Rekaab akkana jedhee nu ajajeef daadhii wayinii hin dhugnu: ‘Isin yookaan sanyiin keessan gonkumaa daadhii wayinii hin dhuginaa. \v 7 Akkasumas isin mana ijaarrachuu, sanyii facaafachuu yookaan wayinii dhaabbachuu hin qabdan; isin yeroo hunda dunkaanota keessa jiraachuu qabdu malee waan kanneen keessaa tokko illee qabaachuu hin qabdan. Yoos isin biyya itti keessummaa taatan keessa bara dheeraa ni jiraattu.’ \v 8 Nu waan abbaan keenya Yehoonaadaab ilmi Rekaab nu ajaje hunda eegneerra. Nu yookaan niitonni keenya yookaan ilmaanii fi intallan keenya daadhii wayinii hin dhugne. \v 9 Yookaan mana keessa jiraannu yookaan wayinii, lafa qotiisaa yookaan midhaan hin qabnu. \v 10 Nu dunkaana keessa jiraannee waan abbaan keenya Yoonaadaab nu ajaje hunda eegneerra. \v 11 Garuu yeroo Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya kana qabatetti nu, ‘Kottaa; nu Baabilonotaa fi loltoota Sooriyaa duraa baqannee Yerusaalemitti galuu qabna’ waliin jenne. Akkasiinis nu Yerusaalem keessatti hafne.” \p \v 12 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 13 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaqiitii namoota Yihuudaatii fi saba Yerusaalemiin ‘Isin gorsa koo fudhattanii naaf hin ajajamtanii?’ jedhi, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 14 ‘Yehoonaadaab ilmi Rekaab akka ilmaan isaa daadhii wayinii hin dhugne ajaje; ajajni kunis eegameera. Isaan sababii ajaja abbaa isaanii eeganiif hamma harʼaatti daadhii wayinii hin dhugan. Ani garuu ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin immoo naaf hin ajajamne. \v 15 Ani tajaajiltoota koo raajota hunda ammumaa amma isinitti erge. Isaan akkana isiniin jedhan; “Tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa sana irraa deebitanii hojii keessan qajeelfachuu qabdu. Isaan tajaajiluuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa. Yoos isin biyya ani isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu.” Isin gurra keessan naaf hin kennine, yookaan na hin dhaggeeffanne. \v 16 Sanyiin Yehoonaadaab ilma Rekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne eeganiiru; sabni kun garuu naaf hin ajajamne.’ \p \v 17 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaggeeffadhaa! Ani Yihuudaattii fi nama Yerusaalem keessa jiraatu hundatti balaa nan fida jedhee labse sana hunda nan fida. Ani isaanitti dubbadheen ture; isaan garuu hin dhaggeeffanne. Ani isaan waameen ture; isaan garuu hin owwaanne.’ ” \p \v 18 Ermiyaasis maatii Rekaabotaatiin akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Isin ajaja abbaa keessan Yehoonaadaab eegdanii gorsa isaa hunda illee duukaa buutaniirtu; waan inni isin ajaje hundas hojjettaniirtu.’ \v 19 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoonaadaab ilmi Rekaab gonkumaa nama fuula koo dura dhaabatee na tajaajilu hin dhabu.’ ” \c 36 \s1 Barreeffama Kitaaba Maramaa Irraa \p \v 1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti dubbiin akkana jedhu \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe: \v 2 “Kitaaba maramaa fudhadhuutii dubbii ani bara mootummaa Yosiyaasii jalqabee hamma ammaatti waaʼee Israaʼelii fi waaʼee Yihuudaa, waaʼee saboota kaan hundaas sitti dubbadhe sana hunda irratti barreessi. \v 3 Tarii sabni Yihuudaa yeroo waaʼee badiisa ani isaanitti fiduuf yaade hundaa dhagaʼanitti tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; yoos ani hammina isaaniitii fi cubbuu isaanii nan dhiisaaf.” \p \v 4 Ermiyaasis Baaruk ilma Neeriyaa waame; Baaruk immoo dubbii \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana Ermiyaas irraa dhagaʼee kitaaba maramaa irratti barreesse. \v 5 Ermiyaas akkana jedhee Baarukin ajaje; “Ani mana \nd Waaqayyoo\nd* seenuu dhowwameera. \v 6 Kanaafuu ati guyyaa soomaa tokko mana \nd Waaqayyoo\nd* dhaqiitii dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan narraa dhageessee barreessite sana kitaaba maramaa irraa sabaaf dubbisi. Namoota Yihuudaa warra magaalaawwan isaanii irraa dhufan hundaaf dubbii sana dubbisi. \v 7 Tarii isaan kadhannaa isaanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeeffatanii tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; aarii fi dheekkamsi \nd Waaqayyo\nd* saba kana irratti labse guddadhaatii.” \p \v 8 Baaruk ilmi Neeriyaas waan Ermiyaas raajichi isatti hime hunda ni hojjete; mana \nd Waaqayyoo\nd* keessattis kitaaba maramaa sana irraa dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dubbise. \v 9 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaasi mootii Yihuudaa ture keessa jiʼa saglaffaa waggaa shanaffaatti guyyaan fuula \nd Waaqayyo\nd* duratti sooman tokko saba Yerusaalem keessa jiraatuu fi warra magaalaawwan Yihuudaatii dhufan hundaaf ni labsame. \v 10 Baarukis kutaa Gemaariyaa ilma Shaafaan barreessaa sanaa kan oobdii ol aanaa keessa balbala mana qulqullummaa, kan Karra Haaraa jedhamu biraa sana keessa dhaabatee saba mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa ture hundaaf dubbii Ermiyaas sana kitaaba maramaa irraa dubbise. \p \v 11 Miikiyaas ilmi Gemaariyaa ilma Shaafaan yeroo dubbii \nd Waaqayyoo\nd* hunda kitaaba maramaa irraa dhagaʼetti, \v 12 gara kutaa barreessaa kan masaraa mootummaa keessaa, iddoo qondaaltonni hundi tataaʼaa turanitti gad buʼe; isaanis Eliishaamaa barreessaa, Delaayaa ilma Shemaaʼiyaa, Elnaataan ilma Akboor, Gemaariyaa ilma Shaafaan, Zedeqiyaas ilma Hanaaniyaatii fi qondaaltota biraa hundaa dha. \v 13 Miikiyaas waan yeroo Baaruk kitaaba maramaa irraa uummataaf dubbisetti dhagaʼe sana hunda isaaniitti hime. \v 14 Qondaaltonni hundis akka inni Baarukiin, “Kitaaba maramaa uummataaf dubbifte sana fidii kottu” jedhuuf Yehuudii ilma Naataaniyaa, ilma Shelemiyaa, ilma Kuushii ergan. Kanaafuu Baaruk ilmi Neeriyaa kitaaba maramaa sana harkatti qabatee gara isaanii dhaqe. \v 15 Jarris, “Maaloo, taaʼiitii kitaabicha nuu dubbisi” jedhaniin. \p Kanaafuu Baaruk kitaaba sana isaaniif dubbise. \v 16 Isaanis yommuu dubbii kana hunda dhagaʼanitti sodaadhaan wal ilaalanii Baarukiin, “Nu waan kana hunda mootichatti himuu qabna” jedhan. \v 17 Ergasii isaan Baarukiin, “Mee nutti himi; ati akkamitti waan kana hunda barreessite? Ermiyaasitu sitti himee?” jedhanii gaafatan. \p \v 18 Baarukis, “Eeyyee, Ermiyaasitu dubbii kana hunda natti hime; ani immoo qalamiidhaan kitaaba maramaa irratti barreesse” jedhee deebise. \p \v 19 Kana irratti qondaaltonni sun Baarukiin, “Atii fi Ermiyaas dhaqaa dhokadhaa. Namni tokko iyyuu iddoo isin jirtan hin beekin” jedhan. \p \v 20 Isaanis kitaaba maramaa sana kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessa kaaʼanii mooticha bira gara oobdii dhaqanii waan hunda isatti himan. \v 21 Mootichis akka inni kitaabicha fiduuf Yihuudii erge; Yehuudiinis kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessaa kitaabicha fidee mootichaa fi qondaaltota isa bira dhaabachaa turan hundaaf dubbise. \v 22 Yeroon sun jiʼa saglaffaa ture; mootichis mana itti yeroo gannaa dabarsu keessa taaʼaa ture; ibiddi girgiraa guddaa irratti bobaʼus fuula isaa dura ture. \v 23 Yommuu Yehuudiin kitaaba maramaa sana keessaa boʼoo sadii yookaan afur dubbisutti, mootichi hamma kitaabni sun guutumaan guutuutti gubatee dhumutti haaduu barreessaatiin kukkutee girgiraa ibiddaatti darbachaa ture. \v 24 Taʼu illee mootichii fi tajaajiltoonni isaa kanneen dubbii kana hunda dhagaʼan hundi homaa hin sodaanne yookaan uffata isaanii hin tarsaafne. \v 25 Mootichi yoo Elnaataan, Delaayaa fi Gemaariyaan akka inni kitaabicha hin gubneef isa kadhatan iyyuu isaan hin dhageenye. \v 26 Qooda kanaa mootichi akka isaan Baaruk barreessaa sanaa fi Ermiyaas raajicha hidhaniif Yeramiʼeel ilma mootii, Seraayaa ilma Azriiʼeeliitii fi Shelemiyaa ilma Abdiʼeel ajaje. \nd Waaqayyo\nd* garuu isaan dhoksee ture. \p \v 27 Erga mootichi kitaaba maramaa kan Baaruk dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe itti barreesse sana gubee booddee dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 28 “Kitaaba maramaa biraa fuudhiitii dubbii kitaabicha duraa kan Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa gube irra ture sana hunda itti barreessi. \v 29 Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaatiinis akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ati kitaaba maramaa sana gubdee, “Ati maaliif akka mootiin Baabilon dhugumaan dhufee biyya kana balleessee namaa fi horii keessaa hobbaasu kitaabicha irratti barreessite?” jettee gaafatte. \v 30 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa akkana jedha: Inni nama teessoo Daawit irra taaʼu hin qabaatu; reeffi isaas gad darbatamee hoʼa guyyaatii fi qorra halkaniitti ni saaxilama. \v 31 Ani sababii hammina isaaniitiif isa, ijoollee isaatii fi tajaajiltoota isaa nan adaba; sababii isaan na dhaggeeffachuu didaniif ani balaa isaanittin fida jedhee labse sana hunda isaanitti, namoota Yerusaalem keessa jiraatanii fi namoota Yihuudaatti nan fida.’ ” \p \v 32 Ergasii Ermiyaas kitaaba maramaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neeriyaa barreessaa sanatti kenne; Baarukis akkuma Ermiyaas itti himetti dubbii kitaaba maramaa Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa ibiddaan gube sana irra ture hunda itti barreesse. Dubbiin dubbii kana fakkaattu hedduunis itti dabalameera. \c 37 \s1 Ermiyaas Hidhamuu Isaa \p \v 1 Nebukadnezar mootichi Baabilon Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mootii Yihuudaa taasise; innis iddoo Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim buʼee mootii taʼe. \v 2 Garuu inni yookaan tajaajiltoonni isaa yookaan sabni biyya sanaa dubbii \nd Waaqayyo\nd* karaa Ermiyaas raajichaatiin dubbate sana hin qalbeeffanne. \p \v 3 Taʼus Zedeqiyaa mootichi, “Maaloo \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya nuu kadhadhu” jedhee Yehuukal ilma Shelemiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaas raajichaatti erge. \p \v 4 Ermiyaas waan yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfaminiif sodaa malee saba gidduu ni deddeebiʼa ture. \v 5 Loltoonni Faraʼoon Gibxii baʼanii turan; Baabilononni Yerusaalemin marsanii turanis yommuu waan kana dhagaʼanitti Yerusaalemin dhiisanii baʼan. \p \v 6 Kana irratti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe: \v 7 “\nd Waaqayyo\nd*, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Mooticha Yihuudaa isa akka isin waa na gaafattaniif isin erge sanaan akkana jedhaa; ‘Loltoonni Faraʼoon kanneen isin gargaaruuf dhufan sun gara biyya isaanii, gara Gibxitti ni deebiʼu. \v 8 Ergasii Baabilononni deebiʼanii magaalaa kana ni dhaʼu; ni qabatu; ni gubus.’ \p \v 9 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Baabilononni dhugumaan nu dhiisanii deemu’ jettanii yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa; isaan hin deemaniitii! \v 10 Utuu isin loltoota Baabilonotaa kanneen isin lolaa jiran kana hunda moʼattanii warri madaaʼan qofti dunkaana isaanii keessatti hafanii iyyuu isaan gad baʼanii magaalaa kana ni gubu.” \p \v 11 Erga loltoonni Baabilonotaa sababii waraana Faraʼooniif jedhanii Yerusaalemin dhiisanii baʼanii as, \v 12 Ermiyaas saba achi jiraatu keessaa qooda qabeenyaa kan isa gaʼu argachuuf jedhee Yerusaalemii kaʼee biyya Beniyaam dhaqe. \v 13 Garuu yeroo inni karra Beniyaam bira gaʼetti Yiriyaan ilmi Shelemiyaa, ilmi Hanaaniyaa itti gaafatamaan eegumsaa sun, “Ati gara Baabilonotaatti sokkaa jirta!” jedhee Ermiyaas raajicha qabee hidhe. \p \v 14 Ermiyaas immoo, “Kun dhugaa miti! Ani gara Baabilonotaatti sokkuutti hin jiru” jedhe. Yiriyaan garuu isa dhagaʼuu dide; qooda kanaa Ermiyaasin qabee qondaaltotatti dhiʼeesse. \v 15 Isaanis Ermiyaasitti aaranii isa tuman; mana Yoonaataan barreessaa sanaa kan mana hidhaa godhatan sana keessatti isa hidhan. \p \v 16 Ermiyaasis kutaa mana boollaa keessa buufame; achis yeroo dheeraa ture. \v 17 Ergasii Zedeqiyaa Mootichi nama itti ergee gara masaraa ofii isaatti isa fichisiise. Achittis kophaatti baasee, “Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufe tokko iyyuu jiraa?” jedhee isa gaafate. \p Ermiyaasis, “Eeyyee; ati dabarfamtee mootii Baabiloniitti ni kennamta” jedhee deebise. \p \v 18 Ergasiis Ermiyaas, Zedeqiyaas mootichaan akkana jedhe; “Ani sitti yookaan qondaaltota keetti yookaan saba kanatti balleessaa maalii hojjennaan isin mana hidhaa keessa na buuftan? \v 19 Raajonni kee warri, ‘Mootiin Baabilon siʼi yookaan biyya kana hin lollu’ jedhanii raajii siif dubbatan sun eessa jiru? \v 20 Amma garuu gooftaa koo yaa mootichaa, maaloo na dhagaʼi. Ani iyyata koo fuula kee duratti nan dhiʼeeffadhaatii, mana Yoonaataan barreessaa sanaatti deebiftee na hin ergin; yoo ati na ergite ani achumatti duʼaatii.” \p \v 21 Kana irratti Zedeqiyaa Mootichi akka Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa kaaʼamuu fi akka isaan hamma buddeenni magaalaa sanaa dhumutti guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko warra buddeena tolchan irraa fuudhanii isaaf kennan ajaje. Akkasiin Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa ture. \c 38 \s1 Ermiyaas Boolla Bishaaniitti Darbatame \p \v 1 Shefaaxiyaa ilmi Mataan, Gedaaliyaas ilmi Phaashihuur, Yuukaal ilmi Shelemiyaatii fi Phaashihuur ilmi Malkiyaa waan Ermiyaas akkana jedhee saba hundatti hime dhagaʼan; \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeen, beelaan yookaan dhaʼichaan ni duʼa; namni gara Baabilonotaatti baqatu kam iyyuu garuu ni jiraata. Inni lubbuu isaatiin ni baʼa; ni jiraatas.’ \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan dabarfamtee harka waraana mootii Baabilonitti ni kennamti; innis ishee qabata.’ ” \p \v 4 Kana irratti qondaaltonni sun mootichaan akkana jedhan; “Namichi kun ajjeefamuu qaba. Inni waan isaanitti dubbatuun loltoota magaalaa kana keessatti hafanii fi namoota hunda onnee dhabsiisa. Namichi kun saba kanaaf badiisa malee waan gaarii hin hawwu.” \p \v 5 Zedeqiyaa Mootichi immoo, “Inni harkuma keessan keessa jira; mootiin isiniin mormee homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise. \p \v 6 Kanaafuu isaan Ermiyaasin fuudhanii boolla bishaanii kan Malkiyaa ilma mootichaa keessa buusan; boolli bishaanii sunis oobdii eegumsaa keessa ture. Isaan funyoodhaan Ermiyaasin boolla sana keessa buusan; boolli sun dhoqqee malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee keessa dhidhime. \p \v 7 Garuu Ebeed-Melek qondaalli Itoophiyaa kan masaraa mootii keessa ture sun akka isaan Ermiyaasin boolla bishaanii keessa buusan dhagaʼe. Utuma mootichi Karra Beniyaam bira taaʼee jiruus, \v 8 Ebeed-Melek masaraadhaa baʼee dhaqee akkana isaan jedhe; \v 9 “Yaa gooftaa koo mooticha, jarri kun waan Ermiyaas raajicha godhan hundaan waan hamaa hojjetaniiru. Isaan akka inni beelaan duʼuuf yeroo buddeenni tokko iyyuu magaalaa keessa hin jirretti boolla bishaanii keessa isa buusan.” \p \v 10 Mootichis ergasii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan, “Nama soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii utuu inni hin duʼin Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa baasi” jedhee ajaje. \p \v 11 Kanaafuu Ebeed-Melek namoota sana fudhatee gara kutaa mankuusaa masaraa mootichaa keessaatiin jala jiru sanaa dhaqe. Innis darsaa fi wayyaa moofaa achii fudhatee funyoon gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buuse. \v 12 Ebeed-Melek namichi Itoophiyaa sunis Ermiyaasiin, “Akka funyoon si hin luqqisneef darsaa fi wayyaa moofaa bobaa kee jala kaaʼadhu” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe; \v 13 isaanis funyoo sanaan ol harkisanii boolla bishaanii keessaa isa baasan. Ermiyaasis oobdii eegumsaa keessa ture. \s1 Zedeqiyaa Ammas Ermiyaasin Gaaffii Gaafate \p \v 14 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasitti nama ergee gara balbala sadaffaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* isa fichisiise. Mootichis Ermiyaasiin, “Ani waa sin gaafadha; ati waan tokko illee na hin dhoksin” jedhe. \p \v 15 Ermiyaasis Zedeqiyaadhaan, “Yoo ani deebii siif kenne, ati na hin ajjeeftuu? Yoo ani si gorse iyyuu ati na hin dhageessu” jedhe. \p \v 16 Zedeqiyaa Mootichi garuu, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa jireenya nuu kenne sanaa ani si hin ajjeesu; warra lubbuu kee balleessuu barbaadanittis dabarsee si hin kennu” jedhee kakuu kana dhoksaatti Ermiyaasiif kakate. \p \v 17 Kana irratti Ermiyaas deebisee Zedeqiyaadhaan akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni, inni Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennatte lubbuun kee duʼa ni oolfamti; magaalaan kunis hin gubamtu; atii fi maatiin kee ni jiraattu. \v 18 Garuu yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennachuu baatte magaalaan kun dabarfamtee Baabilonotatti ni kennamti; isaanis ishee gubu; ati mataan kee iyyuu isaan jalaa hin baatu.’ ” \p \v 19 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasiin, “Ani Yihuudoota Baabilonotatti galan nan sodaadha; Baabilononni dabarsanii isaanitti na kennanii isaan immoo natti taphatuutii” jedhe. \p \v 20 Ermiyaasis akkana jedhee deebise; “Isaan dabarsanii si hin kennan; ati waan ani sitti himu gochuudhaan \nd Waaqayyoof\nd* ajajami. Yoos ati milkooftee lubbuun kees duʼa oolfamti. \v 21 Garuu yoo ati harka kennachuu didde, \nd Waaqayyo\nd* waan kana naa ibseera: \v 22 Dubartoonni mana mootii Yihuudaa keessatti hafan hundi gara qondaaltota mootii Baabilonitti geeffamu. Dubartoonni sunis akkana jedhu: \q1 “ ‘Michoonni kee kanneen ati amanatte sun, \q2 si gowwoomsanii; si moʼatan. \q1 Miilli kee dhoqqee keessa lixe; \q2 michoonni kees si dhiisanii deeman.’ \p \v 23 “Niitonni keetii fi ijoolleen kee hundi Baabilonotatti geeffamu. Ati mataan kee iyyuu mootii Baabiloniin qabamta malee isaan harkaa hin baatu; magaalaan kunis ni gubamti.” \p \v 24 Zedeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii nu amma dubbanne kana namni tokko iyyuu hin beekin; yoo kanaa achii ati ni duutaa. \v 25 Yoo qondaaltonni akka ani si wajjin haasaʼe dhagaʼanii si bira dhufanii, ‘Waan ati mootiidhaan jettee fi waan mootiin siin jedhe nutti himi; nu hin dhoksin; yoo kanaa achii nu si ajjeefnaa’ siin jedhan, \v 26 ‘Ani akka inni gara mana Yoonaataanitti deebisee na ergee anis achitti hin duuneef mooticha kadhachaa ture’ jedhiin.” \p \v 27 Ergasii qondaaltonni hundi dhufanii Ermiyaasin gaafatan; innis waan mootichi akka inni dubbatu isa ajaje hunda isaanitti hime. Sababii namni waan inni mooticha wajjin dubbate dhagaʼe tokko iyyuu hin turiniif, jarri waan kana caalaa homaa isatti hin dubbanne. \p \v 28 Ermiyaasis hamma gaafa Yerusaalem qabamteetti oobdii eegumsaa sana keessa ture. \c 39 \s1 Kufaatii Yerusaalem \r 39:1‑10 kwf – \xt 2Mt 25:1‑12; Erm 52:4‑16\xt* \p \v 1 Akki Yerusaalem itti fudhatamte kana ture: Bara Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa keessa jiʼa kurnaffaa waggaa saglaffaatti, Nebukadnezar mootichi Baabilon loltoota isaa hunda wajjin duulee Yerusaalemin marse. \v 2 Bara Zedeqiyaa keessa bultii saglaffaa jiʼa afuraffaa waggaa kudha tokkoffaatti, dallaan magaalaa sanaa ni cabsame. \v 3 Ergasii qondaaltonni mootii Baabilon hundi dhufanii Karra Giddu Galeessa dura tataaʼan; isaanis Nergaal-Sharezer namicha Samgaar, Neboo-Sarsekiim ajajaa hangafa, Nergaal-Sharezer shuumii hangafaa fi qondaaltota mootii Baabilon hundaa dha. \v 4 Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaatii fi loltoonni hundi yommuu jara arganitti ni baqatan; isaanis halkaniin karaa biqiltuu mootichaatiin magaalaa keessaa baʼanii karra dallaa lamaan gidduutiin gara Arabbaatti qajeelan. \p \v 5 Loltoonni Baabilonotaa garuu isaan ariʼanii dirree Yerikoo irratti Zedeqiyaa in qaqqaban. Isaanis isa qabanii Riiblaa Hamaati keessatti gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti geessan; mootichis achitti isatti mure. \v 6 Mootiin Baabilonis achuma Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼee namoota Yihuudaa bebeekamoo hundas ajjeese. \v 7 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee Baabilonitti isa geessuuf foncaa naasiitiin isa hidhe. \p \v 8 Baabilononnis masaraa mootiitii fi manneen sabaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan. \v 9 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa, namoota magaalaa keessatti hafan, namoota isatti harka kennatanii fi namoota kaan wajjin boojiʼee Baabilonitti geesse. \v 10 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef. \p \v 11 Nebukadnezar mootichi Baabilon akkana jedhee karaa Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaatiin waaʼee Ermiyaas ajaja kenne: \v 12 “Isa fuudhiitii akka gaarii kunuunsi; waan inni barbaadu kam iyyuu godhiif malee isa hin miidhin.” \v 13 Kanaafuu Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Nebuushazbaan shuumiin hangafti, Nergaal-Sharezer shuumiin ol aanaan, akkasumas qondaaltonni mootii Baabilon kaan hundi \v 14 ergamanii oobdii eegumsaa keessaa Ermiyaasin baasisan. Isaanis akka Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam mana isaatti isa geessuuf imaanaa itti kennan. Ermiyaasis akkasiin saba ofii isaa keessa jiraate. \p \v 15 Utuma Ermiyaas oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara isaa dhufe: \v 16 “Dhaqiitii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani dubbii koo waan tolaadhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf magaalaa kana irratti fiixaan nan baasa. Yeroo sanatti wanni kun ijuma kee duratti fiixaan baʼa. \v 17 Ani garuu gaafas sin oolcha, jedha \nd Waaqayyo\nd*; ati dabarfamtee warra sodaattu sanatti hin kennamtu. \v 18 Ani sin baasa; ati waan na amanattuuf lubbuu keetiin baata malee goraadeedhaan hin duutu, jedha \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \c 40 \s1 Ermiyaas Gad Dhiifame \p \v 1 Erga Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Raamaatti gad isa dhiisee booddee dubbiin kun \nd Waaqayyo\nd* biraa gara Ermiyaas dhufe. Ajajaan sun isaa boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihuudaadhaa boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaa turan hunda gidduutti foncaan hidhamee jiru Ermiyaasin arge. \v 2 Ajajaan eegumsaa sunis yommuu Ermiyaasin argetti akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee badiisa kana iddoo kanatti labseera. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* amma iyyuu waan kana fideera; inni akkuma dubbate sana godheera. Sababii isin \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjettanii fi isaaf hin ajajaminiif wanni kun hundi taʼe. \v 4 Ani garuu harʼa foncaa harka keetii sirraa hiikeera. Ati yoo na wajjin Baabilon dhaquu feete kottu; anis sin kunuunsaa; yoo fedhuu baatte garuu hin dhufin. Kunoo biyyattiin guutumaan guutuutti fuula kee dura jirti; iddoo jaallatte dhaqi.” \v 5 Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen. \p Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise. \v 6 Kanaafuu Ermiyaas gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kan Miisphaa jiraatu sanaa dhaqee isa wajjin saba biyya sanatti hafe gidduu jiraate. \s1 Ajjeefamuu Gedaaliyaas \r 40:7‑9; 41:1‑3 kwf – \xt 2Mt 25:22‑26\xt* \p \v 7 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti, \v 8 Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan. \v 9 Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii. \v 10 Ani mataan koo fuula Baabilonota gara keenya dhufanii duratti iddoo keessan buʼuuf Miisphaa keessa nan tura; isin garuu wayinii, ija bonaatii fi zayitii walitti qabaatii gombisaatti naqadhaa; magaalaawwan qabattan keessas jiraadhaa.” \p \v 11 Yihuudoonni Moʼaab, Amoon, Edoomii fi biyyoota biraa hunda keessa jiraatan hundi yommuu akka mootiin Baabilon Yihuudaa keessatti hambaa hambisee fi akka inni Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam bulchaa godhee isaan irratti muude dhagaʼanitti, \v 12 hundi isaanii biyyoota itti bittinnaaʼan hunda keessaa baʼanii Yihuudaatti deebiʼanii Miisphaatti Gedaaliyaas bira dhufan. Isaanis wayinii fi ija bonaa baayʼee walitti qabatan. \p \v 13 Yeroo kanatti Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota ala turanii hundi Gedaaliyaas bira Miisphaa dhaqanii, \v 14 akkana jedhaniin; “Ati akka mootiin Amoonotaa Baʼaaliis jedhamu sun si ajjeesuuf jedhee, Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa erge hin beektuu?” Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu isaan hin amanne. \p \v 15 Kana irratti Yoohaanaan ilmi Qaareyaa Miisphaa keessatti Gedaaliyaasin kophaatti baasee akkana jedheen; “Akka ani dhaqee Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa sana ajjeesu naa eeyyami; namni tokko iyyuu waan kana hin beeku. Inni maaliif si ajjeesee akka Yihuudoonni naannoo keetti walitti qabaman hundi bittinneeffamanii hambaan Yihuudaas barbadaaʼu godha?” \p \v 16 Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu, Yoohaanaan ilma Qaareyaatiin, “Ati waan akkasii hin hojjetin! Wanni ati waaʼee Ishmaaʼeel dubbattu kun dhugaa mitii” jedhe. \c 41 \p \v 1 Jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu \v 2 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan. \v 3 Ishmaaʼeel akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe. \p \v 4 Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin, \v 5 namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana \nd Waaqayyoo\nd* dhufan. \v 6 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas jara simachuuf Miisphaadhaa booʼaa gad baʼe. Yommuu isaan argettis “Gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kottaa” jedheen. \v 7 Yeroo isaan magaalaa sana seenanitti immoo Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni isa wajjin turan jara sana gogorraʼanii boolla bishaaniitti gad darbatan. \v 8 Namoonni utuu hin ajjeefamin hafan kudhan garuu Ishmaaʼeeliin, “Nu hin ajjeesin! Nu qamadii fi garbuu, zayitii fi damma lafa qotiisaa keessa dhokfanne qabnaatii” jedhan. Kanaafuu inni gad isaan dhiise; warra kaan wajjinis isaan hin ajjeefne. \v 9 Boolli bishaanii Ishmaaʼeel reeffa namoota Gedaaliyaas wajjin ajjeefaman sanaa hunda itti naqe sun boolla bishaanii Aasaan Mootichi ittiin Baʼishaan mooticha Israaʼel of irraa dhowwuuf hojjetate ture. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa boolla bishaanii sana reeffa namaatiin guute. \p \v 10 Ishmaaʼeel namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele. \p \v 11 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti \v 12 namoota isaanii hunda fudhatanii Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban. \v 13 Namoonni Ishmaaʼeel wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan. \v 14 Namoonni Ishmaaʼeel Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan. \v 15 Garuu Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan. \s1 Gara Gibxitti Baqachuu \p \v 16 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha. \v 17 Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan; \v 18 kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan. \c 42 \p \v 1 Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii \v 2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan; “Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee kadhadhu. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe. \v 3 Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf nuu kadhadhu.” \p \v 4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan nan kadhadha. Waan \nd Waaqayyo\nd* dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu” jedhee deebise. \p \v 5 Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; “Yoo nu akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu. \v 6 Akka yeroo nu dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna.” \p \v 7 Dubbiin \nd Waaqayyoos\nd* guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe. \v 8 Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame. \v 9 Innis akkana isaaniin jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha: \v 10 ‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii. \v 11 Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 12 Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’ \p \v 13 “Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif ajajamuu diddan, \v 14 amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan, \v 15 egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan, \v 16 goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu. \v 17 Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’ \v 18 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’ \p \v 19 “Yaa hambaa Yihuudaa \nd Waaqayyo\nd*, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii; \v 20 Isin gaafa ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya nuu kadhadhu; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan. \v 21 Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif hin ajajamne. \v 22 Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu.” \c 43 \p \v 1 Erga Ermiyaas dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii kan \nd Waaqayyo\nd* akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee, \v 2 Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; “Ati ni sobda! \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine. \v 3 Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira.” \p \v 4 Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja \nd Waaqayyo\nd* akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan. \v 5 Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman. \v 6 Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman. \v 7 Isaanis akkasiin \nd Waaqayyoof\nd* ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan. \p \v 8 Tahiphaanheesittis dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: \v 9 “Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti awwaali. \v 10 Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti awwaale kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata. \v 11 Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida. \v 12 Inni manneen waaqeffannaa waaqota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema. \v 13 Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqota Gibxii illee ni guba.’ ” \c 44 \s1 Badiisa waaqota tolfamoo waaqeffachuun fide \p \v 1 Dubbiin waaʼee Yihuudoota biyya Gibxi keessa jechuunis Migdool, Tahiphaanhees, Memfiisii fi Phaxroos keessa jiraatan hundaa dubbatu kun akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe; \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa hundatti fide sana argitaniirtu. Kunoo, isaan harʼa onaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu; \v 3 kunis sababii hammina isaan hojjetaniitiif taʼe. Isaan ixaana aarsuu fi waaqota isaan yookaan isin yookaan abbootiin keessan hin beekin biraa waaqeffachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan. \v 4 Anis, ‘Waan jibbisiisaa ani hin jaallanne kana hin hojjetinaa!’ jedhee tajaajiltoota koo raajota ammumaa amma isaanitti erge. \v 5 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan gurra hin kennineef; isaan hammina isaanii irraa hin deebine yookaan waaqota biraatiif ixaana aarsuu hin dhiifne. \v 6 Kanaafuu dheekkamsi koo sodaachisaan sun dhangalaʼee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti bobaʼe; isaanis akkuma harʼa taʼee jiru kana ni barbadaaʼan; ni onanis. \p \v 7 “Ammas \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin maaliif dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼimman Yihuudaa irraa kuttanii badiisa guddaa akkanaa ofitti fiduudhaan hambaa malee of hambiftu? \v 8 Isin maaliif biyya Gibxi, lafa keessa jiraachuuf dhuftanitti waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftu? Isin ofuma balleessitanii saboota lafa irraa hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan fafaa of gootu. \v 9 Isin hammina abbootiin keessan, mootonni Yihuudaatii fi niitonni isaanii hojjetan, akkasumas hammina isinii fi niitonni keessan biyya Yihuudaattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjettan sana ni irraanfattanii? \v 10 Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne yookaan na hin sodaanne yookaan seera kootii fi qajeelfama koo kan ani fuula keessanii fi fuula abbootii keessanii dura kaaʼe sana duukaa hin buune. \p \v 11 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani badiisa isinitti fiduu fi Yihuudaa hunda balleessuuf kutadheera. \v 12 Ani hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi dhaqanii achi jiraachuu murteeffatan nan balleessa. Isaan hundi Gibxitti dhumu; isaan goraadeedhaan kukkufu yookaan beelaan dhumu. Xinnaa guddaan isaanii goraadeedhaan yookaan beelaan duʼa. Isaan waan abaarsaatii fi waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa taʼu. \v 13 Ani akkuma Yerusaalemin adabe sana warra Gibxi keessa jiraatan illee goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba. \v 14 Hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuu dhaqan keessaa namni miliqu yookaan biyya Yihuudaa kan achi jiraachuuf hawwan sanatti deebiʼu tokko iyyuu hin jiru; baqattoota tokko tokko malee isaan hin deebiʼaniitii.” \p \v 15 Ergasiis namoonni akka niitonni isaanii waaqota biraatiif ixaana aarsan beekan hundii fi dubartoonni achi turan, walumatti waldaan guddaan tokkoo fi namoonni biyya Gibxi keessa Phaxroos jiraatan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; \v 16 “Nu dubbii ati maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* nutti dubbatte sana hin dhageenyu! \v 17 Nu waan ni hojjenna jenne hunda dhugumaan ni hojjenna: Akkuma nuu fi abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi qondaaltonni keenya magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti goone sana nu Mootittii Samiitiif ixaana ni aarsina; dhibaayyuus ni dhibaafanna. Nu yeroo sanatti nyaata akka malee baayʼee qabna turre; haala tolaa keessa jiraanne malee hin miidhamne. \v 18 Erga Mootittii Samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu dhibaafachuu dhiifne garuu nu goraadee fi beelaan dhumaa jirra malee homaa hin arganne.” \p \v 19 Dubartoonnis kana irratti, “Yeroo nu Mootittii Samiitiif ixaana aarsinee dhibaayyuu illee dhibaafanneef sana akka nu fakkii isheetiin keekii tolchinee dhibaayuu dhibaafannuuf dhirsoonni keenya ni beeku mitii?” jedhan. \p \v 20 Ermiyaas uummata deebii isaaf kennaa ture dhiiraa dubartii hundaan akkana jedhe; \v 21 “\nd Waaqayyo\nd* waaʼee ixaana isinii fi abbootiin keessan, mootonni keessanii fi qondaaltonni keessan, sabni biyyattiis magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti aarsitan sanaa yaadatee garaatti hin qabannee? \v 22 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* hojii keessan hamaa fi waan jibbisiisaa isin hojjettan sana argee obsuu dadhabetti biyyi keessan akkuma amma jirtu kana waan abaarsaatii fi ona duwwaa namni keessa hin jiraanne taʼee hafe. \v 23 Sababii isin ixaana aarsitanii \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjettanii fi isaaf ajajamuu diddaniif yookaan seera isaa yookaan labsii isaa yookaan qajeelfama isaa illee duukaa buʼuu diddaniif balaan kun akkuma isin amma argitan kana isinitti dhufe.” \p \v 24 Ermiyaasis saba hundaa fi dubartoota hundaan akkana jedhe; “Isin sabni Yihuudaa warri biyya Gibxi keessa jiraattan hundi dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 25 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isinii fi niitonni keessan waan, ‘Nu dhugumaan wareega waaqittii samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu illee dhibaafachuuf wareegne sana ni guunna’ jettanitti waadaa galtan sana hojiidhaan argisiiftaniirtu. \p “Egaa ittuma fufaatii waan waadaa galtan sana raawwadhaa! Wareega keessanis guutadhaa! \v 26 Isin Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraattan hundi garuu dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa: \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Akka namni Yihuudaadhaa dhufee biyya Gibxi keessa eessa iyyuu jiraatu tokko iyyuu lammata maqaa koo hin dhoofne yookaan, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* Goofticha jiraataa” jedhee hin kakanneen ani maqaa koo guddaadhaan nan kakadha. \v 27 Ani waan hamaaf isaan ilaalaan jira malee waan tolaaf isaan ilaalaa hin jiruutii; Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraatan hamma hundi isaanii barbadeeffamanitti goraadee fi beelaan dhumu. \v 28 Warri goraadee jalaa miliqanii biyya Gibxii gara Yihuudaatti deebiʼan akka malee xinnoo taʼu. Gaafas hambaawwan Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuuf dhufan guutuun akka dubbiin kootii fi kan isaanii keessaa kan eenyuu fiixaan baʼu ni beeku. \p \v 29 “ ‘Akka ani iddoo kanatti isin adabu wanni kun mallattoo isiniif taʼa;’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; ‘kunis akka isin akka dubbiin koo dhugumaan isiniin mormee dhaabatu beektaniif.’ \v 30 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Ani akkuma Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa dabarsee diina lubbuu isaa galaafachuu barbaadutti Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kenne sana Faraʼoon Hofraa mooticha Gibxi illee dabarsee diinota isaa warra lubbuu isaa galaafachuu barbaadanitti nan kenna.’ ” \c 45 \s1 Dhaamsa Baarukitti Ergame \p \v 1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha: \v 2 “Yaa Baaruk, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana siin jedha: \v 3 ati, ‘Anaaf wayyoo! \nd Waaqayyo\nd* dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. \v 5 Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \c 46 \s1 Ergaa Waaʼee Gibxi \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha: \b \p \v 2 Waaʼee Gibxi: \b \p Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe: \q1 \v 3 “Gaachana keessan xinnaa fi \q2 guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa! \q1 \v 4 Fardeen feʼadhaa; \q2 isaan yaabbadhaas! \q1 Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii \q2 iddoo iddoo keessan qabadhaa. \q1 Eeboo keessan qaradhaa; \q2 qomee sibiilaa illee uffadhaa! \q1 \v 5 Ani maal argaan jira? \q2 Isaan naʼanii jiru; \q1 dugda duubatti deebiʼaa jiru; \q2 gootonni isaanii moʼatamaniiru. \q1 Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu; \q2 qixa hundaanuu gooliitu jira” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 6 “Fiigaan baqachuu hin dandaʼu; \q2 yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu. \q1 Isaan karaa kaabaatiin \q2 Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu. \b \q1 \v 7 “Kan akka Abbayyaa, \q2 akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu? \q1 \v 8 Gibxi akkuma Abbayyaa, \q2 akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati. \q1 Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga; \q2 magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti. \q1 \v 9 Yaa fardeen, isin garmaamaa! \q2 Yaa gaariiwwan, isinis guulaa! \q1 Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan, \q2 yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii // fuula duratti qajeelaa. \q1 \v 10 Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, // kan \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu, \q2 guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha. \q1 Goraadeen hamma quufutti, \q2 hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata. \q1 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii. \b \q1 \v 11 “Yaa Gibxi durba qulqullittii, \q2 Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu. \q1 Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta; \q2 garuu hin fayyitu. \q1 \v 12 Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu; \q2 booʼichi kee lafa guuta. \q1 Goonni tokko goota kaanitti gufata; \q2 isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.” \p \v 13 “Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha: \q1 \v 14 “Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi; \q2 Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa: \q1 ‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii \q2 isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’ \q1 \v 15 Gootonni kee maaliif kufanii diriiru? \q2 Sababii \nd Waaqayyo\nd* gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan. \q1 \v 16 Isaan ammumaa amma gufatu; \q2 wal irrattis kukkufu. \q1 Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa \q2 jalaa baanee gara saba keenyaattii fi \q2 biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu. \q1 \v 17 Isaan achitti, \q2 ‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa; \q2 inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu. \b \q1 \v 18 “Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa \q2 \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun \q1 “kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu, \q2 inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa. \q1 \v 19 Ati kan Gibxi keessa jiraattu, \q2 waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi; \q1 Memfiis ontee diigamtee \q2 jiraattota malee haftiitii. \b \q1 \v 20 “Gibxi goromsa bareedduu dha; \q2 garuu qarxaasaan \q2 biyya kaabaatii isheetti ni dhufa. \q1 \v 21 Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis \q2 akkuma jiboota cocoomanii ti. \q1 Sababii guyyaan badiisaa, \q2 yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef \q1 isaanis garagalanii walumaan ni baqatu; \q2 iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan. \q1 \v 22 Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti \q2 akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti; \q1 isaan akkuma namoota muka muraniitti \q2 qottoo qabatanii isheetti dhufu. \q1 \v 23 Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu, \q2 isaan bosona ishee ciranii balleessu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu; \q2 lakkaaʼamuus hin dandaʼan. \q1 \v 24 Intalli Gibxi ni qaaneffamti; \q2 dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.” \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida. \v 26 Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 27 “Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin; \q2 yaa Israaʼel atis hin naʼin. \q1 Ani lafa fagootii sin baasa; \q2 sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida. \q1 Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; \q2 namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 28 Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin; \q2 anis si wajjinan jiraatii” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana \q2 guutumaan guutuutti balleesse iyyuu \q2 ani guutumaan guutuutti si hin balleessu. \q1 Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan; \q2 akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.” \c 47 \s1 Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha: \b \p \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; \q2 bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. \q1 Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, \q2 magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. \q1 Uummanni ni booʼa; \q2 warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu; \q1 \v 3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, \q2 girrisa gaariiwwan diinaatii fi \q2 qaqawweessa goommaa isaaniitiif. \q1 Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; \q2 harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa. \q1 \v 4 Filisxeemota hunda balleessuuf \q2 hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa \q1 gargaaruuf hafan hundas balleessuuf \q2 guyyaan sun dhufeeraatii. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Filisxeemota, \q2 hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera. \q1 \v 5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; \q2 Ashqaloon ni calʼisti. \q1 Yaa hambaa dirree irraa \q2 isin hamma yoomiitti of ciccirtu? \b \q1 \v 6 “Isin, ‘Yaa goraadee \nd Waaqayyoo\nd* \q2 ati hamma yoomiitti hin boqonne? \q1 Manʼee keetti deebiʼi; \q2 calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu. \q1 \v 7 Garuu utuu \nd Waaqayyo\nd* isa ajajuu, \q2 yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi \q1 qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti \q2 inni akkamitti boqochuu dandaʼa?” \c 48 \s1 Ergaa Waaʼee Moʼaab \r 48:29‑36 kwf – \xt Isa 16:6‑12\xt* \p \v 1 Waaʼee Moʼaab: \b \p \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: \q1 “Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii. \q2 Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti; \q2 daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus. \q1 \v 2 Moʼaab siʼachi hin jajamtu; \q2 namoonni Heshboon keessatti, \q2 ‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ // jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu. \q1 Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista; \q2 goraadeen si ariʼaatii. \q1 \v 3 Iyya Hooronaayimii dhufu, \q2 iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa! \q1 \v 4 Moʼaab ni cabdi; \q2 ijoolleen ishees ni booʼu. \q1 \v 5 Isaan akka malee booʼaa, \q2 Luuhiitiitti ol baʼu; \q1 karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti \q2 iyya badiisaa dhagaʼu. \q1 \v 6 Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa; \q2 akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa. \q1 \v 7 Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, \q2 boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; \q1 Kemooshis luboota isaatii fi \q2 qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama. \q1 \v 8 Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa; \q2 magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu. \q1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* dubbateef sululli ni bada; \q2 dirreenis ni barbadeeffama. \q1 \v 9 Moʼaabitti soogidda firfirsi; \q2 isheen ni baddiitii; \q1 magaalaawwan ishees \q2 nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu. \b \q1 \v 10 “Namni garaa hirʼuudhaan hojii \nd Waaqayyoo\nd* hojjetu abaaramaa haa taʼu! \q2 Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu! \b \q1 \v 11 “Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe \q2 kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii \q1 ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte; \q2 boojiʼamtees hin fudhatamne. \q1 Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti; \q2 urgaan ishees hin geeddaramne. \q1 \v 12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan // ergu tokko ni dhufa. \q1 Isaanis gad ishee naqu; \q2 okkotee ishee duwwaa hambisanii \q2 gaanii ishee cabsu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 13 “Yoos akkuma manni Israaʼel \q2 yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana \q2 Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa. \b \q1 \v 14 “Isin akkamiin ‘Nu gootota; \q2 nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu? \q1 \v 15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu; \q2 dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu” \q2 jedha Mootichi maqaan isaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun. \q1 \v 16 “Kufaatiin Moʼaab gaʼeera; \q2 badiisni ishees dafee ni dhufa. \q1 \v 17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi, \q2 warri maqaa ishee beektan hundi \q1 ‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe! \q2 Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii. \b \q1 \v 18 “Yaa jiraattuu Diiboon, \q2 ulfina kee irraa gad buʼiitii \q2 lafa goggogaa irra taaʼi! \q1 Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee \q2 magaalaawwan kee kanneen \q2 dallaa jabaan marfaman ni diigaatii. \q1 \v 19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu, \q2 karaa cina dhaabadhuutii ilaali. \q1 Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu; \q2 ‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu. \q1 \v 20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti. \q2 Wawwaadhuu booʼi! \q1 Arnoon biratti \q2 akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi. \q1 \v 21 Murtiin dirree ol kaʼaatti: \q2 Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti, \q2 \v 22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti, \q2 \v 23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti, \q2 \v 24 Keriiyoottii fi Bozraatti, \q2 magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi // dhiʼoo jiran hundatti dhufeera. \q1 \v 25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera; \q2 irreen ishees caccabeera” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 26 “Waan isheen \nd Waaqayyotti\nd* koorteef \q2 dhugaatiidhaan ishee macheessaa. \q1 Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu; \q2 waan qoosaas haa taatu. \q1 \v 27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree? \q2 Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda \q1 tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf \q2 isheen hattoota gidduutti qabamtee? \q1 \v 28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan, \q2 magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa. \q1 Akkuma gugee mana ishee \q2 afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa. \b \q1 \v 29 “Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab \q2 jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee, \q1 of tuuluu fi of jajuu ishee, \q2 of bokoksuu ishee dhageenyeerra. \q1 \v 30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka; // garuu faayidaa hin qabaatu” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q2 “Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf” \q1 \v 31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha; \q2 Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa; \q2 ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda. \q1 \v 32 Yaa muka wayinii Sibimaa, \q2 ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa. \q1 Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte; \q2 isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti. \q1 Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi \q2 hurbuu wayinii keetii irra buʼeera. \q1 \v 33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa \q2 midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera. \q1 Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera; \q2 namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu. \q1 Wacni yoo jiraatee illee \q2 inni waca gammachuu miti. \b \q1 \v 34 “Sababii bishaan Niimriim gogeef, \q2 sagaleen iyya isaanii ol kaʼee, \q1 Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti, \q2 Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti // ni dhagaʼama ture. \q1 \v 35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti \q2 aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan \q2 Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 36 “Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa; \q2 akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa. \q2 Qabeenyi isaan horatan duraa badeera. \q1 \v 37 Mataan hundinuu haadamee \q2 hareedni hundinuu cirameera; \q1 harki hundinuu muramee mudhiin hundis \q2 wayyaa gaddaatiin hidhameera. \q1 \v 38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti \q2 Moʼaabin caccabseef \q1 bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa \q2 booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 39 “Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu! \q2 Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte! \q1 Moʼaab waan kolfaa taatee, \q2 warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.” \p \v 40 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti \q2 qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. \q1 \v 41 Keriiyooti ni qabamti; \q2 daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu. \q1 Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab \q2 akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa. \q1 \v 42 Moʼaab sababii \nd Waaqayyoon\nd* tuffatteef \q2 barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa. \q1 \v 43 Yaa saba Moʼaab sodaan, \q2 boollii fi kiyyoon si eeggata” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 44 “Namni sodaa sana duraa baqatu \q2 kam iyyuu boolla keessa buʼa; \q1 namni boolla sana keessaa ol baʼu \q2 kam iyyuu kiyyoodhaan qabama; \q1 ani Moʼaabitti \q2 waggaa adabamuu ishee nan fidaatii” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 45 “Baqattoonni waan taʼan dhabanii \q2 gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu; \q1 Heshboon keessaa ibiddi tokko, \q2 Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii; \q1 inni adda Moʼaab guba, \q2 buqqee mataa of tuultotaas ni guba. \q1 \v 46 Yaa Moʼaab siif wayyoo! \q2 Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera; \q1 Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru; \q2 intallan kees boojiʼamaniiru. \b \q1 \v 47 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa \q2 hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma. \c 49 \s1 Ergaa Waaʼee Amoon \p \v 1 Waaʼee Amoonotaa: \b \p \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Israaʼel ilmaan hin qabuu? \q2 Inni nama isa dhaalu hin qabuu? \q1 Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? \q2 Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu? \q1 \v 2 Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti \q1 sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; \q2 gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. \q1 Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana \q2 ariitee biyyaa ni baafti,” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 3 “Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! \q2 Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! \q1 Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; \q2 dallaa keessa asii fi achi fiigaa; \q1 Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin \q2 boojiʼamee ni fudhatamaatii. \q1 \v 4 Ati maaliif sulula keetiin boonta? \q2 Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? \q1 Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, \q2 ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta. \q1 \v 5 Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa \q2 sodaa sitti nan fida” \q2 jedha Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \q1 “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; \q2 namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 6 “Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Ergaa Waaʼee Edoom \r 49:9‑10 kwf – \xt Abd 5–6\xt* \r 49:14‑16 kwf – \xt Abd 1–4\xt* \p \v 7 Waaʼee Edoom: \b \p \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? \q2 Hubattoota duraa gorsi badeeraa? \q2 Ogummaan isaanii sameeraa? \q1 \v 8 Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, \q2 baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; \q1 ani yeroo Esaawun adabutti \q2 badiisa isatti nan fidaatii. \q1 \v 9 Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa \q2 qarmii wayii hin hambisanii? \q1 Hattuun yoo halkan dhufte, \q2 Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? \q1 \v 10 Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; \q2 akka inni itti hin daʼanneef \q2 ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. \q1 Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; \q2 innis siʼachi hin jiraatu. \q1 \v 11 ‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; // anatu isaan jiraachisaatii. \q2 Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’ ” \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu. \v 13 Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.” \q1 \v 14 Ani ergaa tokko \nd Waaqayyo\nd* irraa dhagaʼeera: \q2 Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; \q1 “Ishee loluuf walitti qabamaa! \q2 Waraanaafis baʼaa!” \b \q1 \v 15 “Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; \q2 namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha. \q1 \v 16 Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee \q2 fiixee tulluu qabattee jirtu, \q1 sodaan ati odeessituu fi \q2 of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. \q1 Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee \q2 mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 17 “Edoom waan sodaa taati; \q2 namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif \q2 dinqisiifatee isheetti kolfa. \q1 \v 18 Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan \q2 magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*, \q1 “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, \q2 sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu. \b \q1 \v 19 “Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee \q2 gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo \q1 dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. \q2 Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? \q1 Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? \q2 Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?” \b \q1 \v 20 Kanaafuu waan \nd Waaqayyo\nd* Edoomitti karoorfate, \q2 waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. \q1 Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; \q2 innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa. \q1 \v 21 Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; \q2 iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama. \q1 \v 22 Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee \q2 furguggifamaa gad buʼaa jira. \q1 Bara sana keessa garaan loltota Edoom \q2 akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa. \s1 Ergaa Waaʼee Damaasqoo \p \v 23 Waaʼee Damaasqoo: \q1 “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; \q2 isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. \q1 Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa \q2 hin qabne tokkoo jeeqamaniiru. \q1 \v 24 Damaasqoon dadhabdeerti; \q2 isheen baqachuuf gara galteerti; \q2 sodaan guddaan ishee qabateera; \q1 akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, \q2 rakkinaa fi miixuun isa qabeera. \q1 \v 25 Magaalaan beekamaan, \q2 magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti! \q1 \v 26 Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; \q2 loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 27 “Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; \q2 ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.” \s1 Ergaa Waaʼee Qeedaariitii fi Haazoor \p \v 28 Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: \b \p \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii \q2 saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa. \q1 \v 29 Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; \q2 golgaawwan isaanii miʼaa fi \q2 gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. \q1 Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ \q2 jedhanii iyyu. \b \q1 \v 30 “Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! \q2 Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; \q2 inni daba isinitti yaadeera. \b \q1 \v 31 “Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu \q2 saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; \q1 uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 32 “Gaalawwan isaanii ni hatamu, \q2 horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. \q1 Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee \q2 gama hundaan balaa isaanitti nan fida” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 33 “Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, \q2 lafa bara baraan onte taati. \q1 Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; \q2 namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.” \s1 Ergaa Waaʼee Eelaam \p \v 34 Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe: \b \p \v 35 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Kunoo ani madda jabina isaanii, \q2 iddaa Eelaam nan cabsa. \q1 \v 36 Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa \q2 bubbee afran Eelaamittan fida; \q1 ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; \q2 sabni baqattoonni Eelaam \q2 itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu. \q1 \v 37 Ani fuula diinota isaanii, \q2 fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti // Eelaamin nan barbadeessa; \q1 ani balaa isaanittan fida; \q2 dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; \q1 ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 38 “Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee \q2 mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 39 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa \q2 hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 50 \s1 Ergaa Waaʼee Baabilon \r 51:15‑19 kwf – \xt Erm 10:12‑16\xt* \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* karaa Ermiyaas raajichaatiin waaʼee Baabilonii fi waaʼee biyya Baabilonotaa dubbate kanaa dha: \q1 \v 2 “Saboota gidduutti lallabaatii labsaa; \q2 faajjii ol qabaatii labsaa; \q2 utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa; \q1 ‘Baabilon ni qabamti; \q2 Beel ni salphifama; \q2 Meroodak gooliidhaan guutama. \q1 Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu; \q2 waaqonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’ \q1 \v 3 Sabni Kaabaa dhufu tokko ishee lolee \q2 lafa ishee duwwaa hambisa. \q1 Namni tokko iyyuu ishee keessa hin jiraatu; \q2 namaa fi horiin baqatee keessaa baʼa. \b \q1 \v 4 “Bara sana keessa, yeroo sanatti, \q1 sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa \q2 imimmaaniin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii barbaacha \q2 tokkummaadhaan ni dhufu” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 \v 5 “Isaan karaa gara Xiyoon geessu ni gaafatu; \q2 fuula isaaniis garasitti garagalfatu. \q1 Isaan dhufanii kakuu bara baraa \q2 kan gonkumaa hin irraanfatamneen \q2 \nd Waaqayyotti\nd* of maxxansu. \b \q1 \v 6 “Sabni koo hoolota badan taʼaniiru; \q2 tikseen isaanii isaan dogoggorsee \q2 akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe. \q1 Isaan tulluu fi gaara irra jooranii \q2 lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan. \q1 \v 7 Kan isaan argu hundi isaan liqimse; \q2 diinonni isaaniis, ‘Nu balleessaa hin qabnu; \q1 isaan \nd Waaqayyo\nd* iddoo jireenya isaanii kan dhugaa taʼe, \q2 \nd Waaqayyo\nd* abdii abbootii isaaniitti cubbuu hojjetaniiruutii’ jedhan. \b \q1 \v 8 “Baabilonii baqadhaa baʼaa; \q2 biyya Baabilonotaa keessaa baʼaa; \q2 akkuma korbeessa reʼee kan bushaayee qajeelchuu taʼaa. \q1 \v 9 Ani biyya kaabaatii garee saboota gurguddaa kaasee \q2 Baabilonitti nan ergaatii. \q1 Isaanis hiriiranii isheetti dhufu; \q2 isheenis karaa kaabaatiin ni qabamti. \q1 Xiyyi isaanii akkuma loltoota ogeeyyii \q2 harka duwwaa hin deebinee ti. \q1 \v 10 Baabilonis ni saamamti; \q2 warri ishee saaman hundis ni quufu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 11 “Isin warri handhuuraa koo saamtan \q2 waan gammaddanii fi ililchitaniif, \q1 akkuma raadaa marga keessaa burraaqxanii \q2 akka korma fardaa imimsitan illee, \q1 \v 12 haati keessan akka malee qaanofti; \q2 kan isin deesses ni salphatti. \q1 Isheen saboota hunda keessaa gad aantuu, \q2 lafa onaa, lafa gogaa fi gammoojjii taati. \q1 \v 13 Isheen sababii dheekkamsa \nd Waaqayyootiif\nd* guutumaan guutuutti \q2 ni onti malee namni ishee keessa hin jiraatu. \q1 Sababii madaa ishee hundaatiif \q2 namni Baabilon keessa darbu hundi ni dinqisiifata; itti qoosas. \b \q1 \v 14 “Isin warri iddaa luqqifattan hundinuu, \q2 naannoo Baabilonitti hiriiraa. \q1 Sababii isheen \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjetteef, \q2 xiyyawwan itti darbadhaa! Homaa hin hambisinaa. \q1 \v 15 Karaa hundaan isheetti iyyaa! \q2 Isheen harka kennatti; gamoon ishee ni jiga; \q2 dallaan ishee diigameera. \q1 Kun haaloo \nd Waaqayyoo\nd* waan taʼeef \q2 isheetti haaloo baʼaa; \q2 waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheetti hojjedhaa. \q1 \v 16 Nama sanyii facaasuu fi kan yeroo midhaan haamamutti \q2 haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa. \q1 Sababii goraadee cunqursaatiin \q2 tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti haa deebiʼu; \q2 tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaattis haa baqatu. \b \q1 \v 17 “Israaʼel hoolaa bittinnaaʼee dha; \q2 leenconni isa ariʼan. \q1 Kan jalqabatti isa nyaate mootii Asoor; \q2 kan dhuma irratti lafee isaa caccabse immoo \q2 Nebukadnezar mooticha Baabilon ture.” \p \v 18 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: \q1 “Ani akkuma mootii Asoor adabe sana \q2 mootii Baabilonii fi biyya isaa nan adaba. \q1 \v 19 Israaʼelin garuu lafa tika isaatti nan deebisa; \q2 innis Qarmeloosii fi Baashaan irra ni dheeda; \q2 tulluu Efreemii fi Giliʼaad irra dheedee ni quufa. \q1 \v 20 Bara sana keessa, yeroo sanatti, \q2 yakki Israaʼel ni barbaadama” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 “garuu tokko iyyuu hin jiru; \q2 cubbuun Yihuudaas ni barbaadama; \q1 garuu tokko iyyuu hin argamu; \q2 ani hambaan baraare sanaaf \q2 dhiifama nan godhaatii. \b \q1 \v 21 “Biyya Meraataayimii fi \q2 jiraattota Pheqood lolaa. \q1 Ariʼaa, ajjeesaa, guutumaan guutuutti isaan balleessaa,” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 “Waan ani isin ajaje hunda godhaa. \q1 \v 22 Sagaleen waraanaa, \q2 sagaleen badiisa guddaas biyya sana keessa jira! \q1 \v 23 Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe! \q2 Akkamittis bullaaʼe! \q1 Baabilon saboota gidduutti, \q2 akkam onte! \q1 \v 24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif diriirseera; \q2 atis utuu hin beekin qabamte; \q1 ati sababii \nd Waaqayyoon\nd* mormiteef, \q2 argamtee qabamte. \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* mankuusaa miʼa lolaa isaa banee \q2 miʼa lola dheekkamsa isaa gad baafateera; \q1 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 waan biyya Baabilonotaatti hojjetu qabaatii. \q1 \v 26 Biyya fagootii isheetti kottaa. \q2 Gombisaawwan ishee diigaa; \q2 akkuma tuullaa midhaaniitti ishee tuulaa. \q1 Guutumaan guutuutti ishee balleessaa; \q2 waan tokko illee isheef hin hambisinaa. \q1 \v 27 Korommii ishee hunda qalaa; \q2 isaan gara qalmaatti haa geeffaman! \q1 Isaaniif wayyoo! Yeroon isaan itti adabaman, \q2 guyyaan isaanii dhufeeraatii. \q1 \v 28 Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya haaloo baʼe, \q2 akka inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼe, \q1 kooluu galtootaa fi baqattoota Baabilonii dhufanii \q2 Xiyoon keessatti lallaban irraa dhagaʼaa. \b \q1 \v 29 “Namoota Xiyyaan lolan \q2 kanneen iddaa luqqifatan hunda Baabilonitti waamaa. \q1 Naannoo ishee hunda marsaa; \q2 namni tokko iyyuu hin miliqin. \q1 Gatii hojii ishee kennaafii; \q2 waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheettis hojjedhaa. \q1 Isheen Qulqullicha Israaʼel, \q2 \nd Waaqayyotti\nd* koorteertii. \q1 \v 30 Kanaafuu dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; \q2 gaafas loltoonni ishee hundi ni barbadaaʼu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 31 “Yaa koortuu nana, kunoo ani sitti kaʼeera” \q2 jedha Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda dandaʼu; \q1 “yeroon ati itti adabamtu, \q2 guyyaan kee dhufeeraatii. \q1 \v 32 Koortuun sun gufattee lafa dhoofti; \q2 namni gargaaree ol ishee qabu tokko iyyuu hin jiru; \q1 ani magaalaawwan ishee keessatti \q2 ibidda warra naannoo ishee jiru hunda // gubee fixu nan qabsiisa.” \p \v 33 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Sabni Israaʼel cunqurfameera; \q2 sabni Yihuudaas akkasuma cunqurfameera. \q1 Warri isaan boojiʼan hundi jabeessanii isaan qabataniiru; \q2 isaan gad dhiisuus didaniiru. \q1 \v 34 Taʼu illee Furaan isaanii jabaa dha; \q2 maqaan isaas \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha. \q1 Inni biyya isaaniitiif boqonnaa kenne; \q2 warra Baabilon keessa jiraatan garuu boqonnaa dhowwuuf \q2 dhimma isaaniitiif jabeessee ni falma. \b \q1 \v 35 “Goraadeen tokko Baabilonotatti dhufe!” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 “warra Baabilon keessa jiraatanitti, \q2 qondaaltotaa fi namoota ishee ogeeyyiitti dhufeera! \q1 \v 36 Goraadeen raajota ishee sobdootatti, dhufeera! \q2 Isaan gowwoota taʼu. \q1 Goraadeen gootota isheetti dhufeera! \q2 Isaanis sodaadhaan guutamu. \q1 \v 37 Goraadeen fardeenii fi gaariiwwan isheetti, \q2 Namoota Ormaa kanneen gidduu ishee jiraatan hundatti dhufe! \q2 Isaan dadhaboo taʼu. \q1 Goraadeen qabeenya isheetti dhufe! \q2 Isaan ni saamamu. \q1 \v 38 Caamsaan bishaan isheetti ni dhufa! \q2 Isaanis ni gogu. \q1 Isheen biyya waaqota tolfamoo, \q2 kan waaqota tolfamoo sodaadhaan maraataniitii. \b \q1 \v 39 “Kanaafuu uumamawwan gammoojjiitii fi // waraabeyyiin achi jiraatu; \q2 urunguunis achi jiraatti. \q1 Lammata namni ishee keessa hin jiraatu; \q2 yookaan dhalootaa hamma dhalootaatti // namni keessa jiraatu hin jiru. \q1 \v 40 Akkuma Waaqni Sodoomii fi Gomoraa, \q2 magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleesse sana” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q1 “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; \q2 sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu. \b \q1 \v 41 “Kunoo! Gareen loltootaa tokko kaaba irraa dhufaa jira; \q2 sabni guddaan tokkoo fi mootonni baayʼeen \q2 moggaa lafaatii sosochoʼaa jiru. \q1 \v 42 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; \q2 isaan gara jabeeyyii namaafis naasuu hin qabnee dha. \q1 Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti \q2 gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; \q1 yaa intala Baabilon, \q2 isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu. \q1 \v 43 Mootiin Baabilon oduu waaʼee isaanii dhagaʼe; \q2 harki isaas irratti duʼe. \q1 Dhiphinni isa qabateera; \q2 miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu isa qabeera. \q1 \v 44 Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee \q2 gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo \q2 dafee Baabilonin biyya isheetii nan ariʼa. \q1 Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? \q2 Kan akka koo eenyu? \q1 Eenyutus naan morkuu dandaʼa? \q2 Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?” \b \q1 \v 45 Kanaafuu waan \nd Waaqayyo\nd* Baabilonitti karoorfate, \q2 waan inni biyya Baabilonotaatti yaades dhagaʼaa; \q1 Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; \q2 innis sababii isaaniitiif lafa dheeda isaanii // guutumaan guutuutti ni barbadeessa. \q1 \v 46 Waca qabamuu Baabiloniitiin lafti ni raafamti; \q2 iyyi ishees saboota gidduutti ni dhagaʼama. \c 51 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti \q2 bubbee waa balleessu nan kaasa. \q1 \v 2 Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif \q2 ormoota Baabilonitti nan erga; \q1 isaan gaafa badiisa ishee, \q2 karaa hundaanuu isheen mormu. \q1 \v 3 Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin, \q2 yookaan miʼa lolaa hin hidhatin. \q1 Dargaggoota ishee hin baasinaa; \q2 loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa. \q1 \v 4 Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu; \q2 daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu. \q1 \v 5 Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti \q2 yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu \q1 Waaqni isaanii, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne. \b \q1 \v 6 “Baabilon keessaa baqadhaa! \q2 Lubbuu keessan oolfadhaa! \q2 Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. \q1 Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; \q2 innis gatii isheef malu ni kennaaf. \q1 \v 7 Baabilon harka \nd Waaqayyoo\nd* keessatti xoofoo warqee turte; \q2 isheen guutummaa lafaa ni macheessite. \q1 Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; \q2 kanaafuu amma maraataniiru. \q1 \v 8 Baabilon akkuma tasaa \q2 kuftee caccabdi; isheef booʼaa! \q1 Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii; \q2 tarii isheen ni fayyiti taʼaatii. \b \q1 \v 9 “ ‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra; \q2 isheen garuu fayyuu hin dandeessu; \q1 kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee \q2 gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu; \q1 murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee, \q2 hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’ \b \q1 \v 10 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera; \q2 kottaa, waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya hojjete \q2 Xiyoon keessatti haa odeessinu.’ \b \q1 \v 11 “Xiyya qaradhaa; \q2 gaachana illee fudhadhaa! \q1 Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef \q2 \nd Waaqayyo\nd* mootota Meedee kakaaseera. \q1 \nd Waaqayyo\nd* haaloo ni baʼa; \q2 mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa. \q1 \v 12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa! \q2 Eegumsa jajjabeessaa; \q1 eegduu dhaabaa; \q2 warra riphee eeggatu qopheessaa! \q1 \nd Waaqayyo\nd* kaayyoo isaa \q2 waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata. \q1 \v 13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu, \q2 kan qabeenyaanis badhaate, \q1 dhumni kee dhufeera; \q2 yeroon ati itti baddu gaʼeera. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera: \q2 Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa // sitti gad dhiisa; \q2 isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu. \b \q1 \v 15 “Inni humna isaatiin lafa uume; \q2 ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; \q2 hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse. \q1 \v 16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; \q2 inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. \q1 Bokkaa wajjin balaqqee ni erga; \q2 mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida. \b \q1 \v 17 “Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; \q2 tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. \q1 Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; \q2 isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban. \q1 \v 18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; \q2 yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu. \q1 \v 19 Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; \q2 inni uumaa waan hundumaa ti; \q1 Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; \q2 maqaan isaas \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha. \b \q1 \v 20 “Ati bokkuu koo kan duulaa \q2 miʼa lolaa kootii ti; \q1 ani siin saboota nan caccabsa; \q2 siin mootummoota nan barbadeessa; \q1 \v 21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa; \q2 siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa; \q1 \v 22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa; \q2 siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa; \q2 siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa; \q1 \v 23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa; \q2 siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa; \q2 siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa. \p \v 24 “Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 25 “Yaa tulluu barbadeessaa, \q2 ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera; \q2 ani harka koo sitti nan kaafadha; \q1 ededa irraa gad gangalchee \q2 tulluu gubamaa sin godha” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 26 “Waan ati bara baraan ontuuf, \q2 kattaan dhagaa golee taʼu, \q1 yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 27 “Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa! \q2 Saboota gidduuttis malakata afuufaa! \q1 Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa; \q2 mootummoota Araaraat, \q2 kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa. \q1 Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa; \q2 fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa. \q1 \v 28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis, \q2 mootota Meedee \q1 bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda, \q2 biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa. \q1 \v 29 Sababii wanni \nd Waaqayyo\nd* \q2 akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef \q1 biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun \q2 jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis. \q1 \v 30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru; \q2 isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru. \q1 Jabinni isaanii dhumeera; \q2 isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru. \q1 Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera; \q2 danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru. \q1 \v 31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte \q2 mootii Baabilonitti himuuf, \q1 fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf, \q2 ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga; \q1 \v 32 kunis akka malkaan qabame, \q2 akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi \q2 akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.” \p \v 33 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: \q1 “Intalli Baabilon akkuma oobdii ti; \q2 yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti; \q2 yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.” \b \q1 \v 34 “Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera; \q2 inni barbadeesseera; \q2 akkuma okkotee duwwaa na godhe. \q1 Inni akkuma jawwee na liqimse; \q2 qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate; \q2 ergasii immoo na tufe.” \q1 \v 35 Jiraattonni Xiyoon, \q2 “Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan. \q1 Yerusaalemis, “Dhiigni keenya \q2 warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti. \p \v 36 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Kunoo, ani dubbii kee siif falmee \q2 haaloo siifin baʼa; \q1 ani galaana ishee nan gogsa; \q2 burqaa ishee illee nan kuta. \q1 \v 37 Baabilon tuullaa diigame, \q2 iddoo waangoonni keessa burraaqan, \q1 waan naasuutii fi qoosaa, \q2 lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati. \q1 \v 38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada; \q2 isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu. \q1 \v 39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti, \q2 ani akka isaan kolfaa gammadanii \q2 bara baraan rafanii hin dammaqneef \q1 cidha isaaniif qopheessee \q2 akka isaan machaaʼan nan godha” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 40 “Ani akka ilmoolee hoolaa, \q2 akkuma korbeeyyii hoolaatii fi \q2 reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa. \b \q1 \v 41 “Sheeshaak akkamitti boojiʼamti! \q2 Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame! \q1 Baabilon saba gidduutti \q2 akkam waan sodaa taati! \q1 \v 42 Baabilon irra galaanni garagala; \q2 dambaliin galaanaas ishee haguuga. \q1 \v 43 Magaalaawwan ishee onanii \q2 biyya gogaa fi gammoojjii, \q1 biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, \q2 kan namni keessa hin dabarre ni taʼu. \q1 \v 44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba; \q2 waan inni liqimse illee nan tufsiisa. \q1 Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan; \q2 dallaan Baabilonis ni jiga. \b \q1 \v 45 “Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa! \q2 Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa! \q2 Dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* sodaachisaa sana jalaa baqadhaa. \q1 \v 46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti \q2 garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin; \q1 akka gooliin biyya keessa jiru, \q2 akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu, \q2 oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama. \q1 \v 47 Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu \q2 dhugumaan ni dhufaatii; \q1 biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti; \q2 qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu. \q1 \v 48 Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis, \q2 gammadanii Baabilonitti ililchu; \q1 barbadeessitoonni kaabaa baʼanii \q2 ishee waraanuutii” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 49 “Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi \q2 sababii Baabiloniif harcaʼan sana \q2 Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi. \q1 \v 50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, \q2 deemaa; lafa irra hin harkifatinaa! \q1 Biyya fagootti illee \nd Waaqayyoon\nd* yaadadhaa; \q2 waaʼee Yerusaalemis yaadaa.” \b \q1 \v 51 “Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa \q2 mana \nd Waaqayyootti\nd* qalaniif, \q2 nu salphifamneerra; \q1 waan arrabsamneefis \q2 qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.” \b \q1 \v 52 “Garuu barri ani itti, \q2 waaqota ishee tolfamoo adabuu fi \q1 yeroon guutummaa lafa ishee irratti \q2 warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 53 “Yoo Baabilon samiitti ol baatee \q2 daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, \q2 ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 54 “Baabilonii iyyi, \q2 lafa Baabilonotaatii immoo \q2 sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama. \q1 \v 55 \nd Waaqayyos\nd* Baabilonin ni barbadeessa; \q2 inni waca ishee ni calʼisiisa, \q1 dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa; \q2 sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama. \q1 \v 56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa; \q2 gootonni ishee ni qabamu; \q2 futtaaftuun isaaniis ni caccaba; \q1 \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa haaloo baʼuudhaatii; \q2 inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf. \q1 \v 57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, \q2 akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi // gootota ishee nan macheessa; \q1 isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” \q2 jedha mootichi maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, // jedhamu sun. \p \v 58 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; \q1 “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; \q2 karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; \q1 namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; \q2 dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.” \p \v 59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha. \v 60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture. \v 61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin. \v 62 Akkanas jedhi: ‘Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’ \v 63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu. \v 64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’ ” \b \b \p Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama. \b \c 52 \s1 Kufaatii Yerusaalem \r 52:1‑3 kwf – \xt 2Mt 24:18‑20; 2Sn 36:11‑16\xt* \r 52:4‑16 kwf – \xt Erm 39:1‑10\xt* \r 52:4‑21 kwf – \xt 2Mt 25:1‑21; 2Sn 36:17‑20\xt* \p \v 1 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. \v 2 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana, fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa ni hojjete. \v 3 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa \nd Waaqayyootiif\nd* Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. \p Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile. \p \v 4 Bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule; isaanis magaalattiin ala qubatanii naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marsan. \v 5 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte. \p \v 6 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe. \v 7 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus baʼanii baqatan. Isaanis utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan; \v 8 loltoonni Baabilon garuu Zedeqiyaa Mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban; loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan; \v 9 innis ni qabame. \p Gara mootii Baabilonitti Riiblaa biyya Hamaati keessaatti geeffame. Achittis itti murame. \v 10 Mootiin Baabilonis Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼe; qondaaltota Yihuudaa hundas fixe. \v 11 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee foncaa naasiitiin hidhee Baabilonitti isa geesse; hamma gaafa inni duʼuuttis manuma hidhaa keessa isa tursiise. \p \v 12 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa shanaffaatti Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa inni mootii Baabilon tajaajilu sun gara Yerusaalem dhufe. \v 13 Innis mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd*, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise; manneen gurguddaa hundas ni gube. \v 14 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan hunda diigan. \v 15 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota hiyyeeyyii tokko tokkoo fi warra magaalaa keessatti hafan, warra ogummaa harkaa qabanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate. \v 16 Nebuzaradaan garuu hiyyeeyyii biyyattii warra hafan akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise. \p \v 17 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa ture caccabsanii naasii sana hunda immoo Baabilonitti geessan. \v 18 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan. \v 19 Ajajaan eegumsaa sunis miʼoota warqee qulqulluu fi meetii irraa hojjetaman hunda jechuunis caabii dhooqaa, girgiraawwan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, okkoteewwan, baattuuwwan ibsaa, caabiiwwanii fi waciitiiwwan ittiin dhibaafatan fudhatee deeme. \p \v 20 Ulfinni naasii kan Solomoon Mootichi ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi jiboota kudha lamaan isa jala jiranii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan. \v 21 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheeratee marsaan isaa immoo dhundhuma kudha lama ture; yabbinni isaa quba afur taʼee keessi isaas banaa ture. \v 22 Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma shan ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis roomaanii naasii wajjin kanuma fakkaata ture. \v 23 Roomaanoonni bitaa mirgaan turan sagaltamii sagal turan; walumatti faaya naannoo utubichaa gubbaan jiru wajjin roomanoota dhibba tokkootu ture. \p \v 24 Ajajaan eegumsaa sun Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme. \v 25 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii torba fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate. \v 26 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse. \v 27 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. \p Yihuudaanis akkasiin boojiʼamee biyya isheetii baate. \b \lh \v 28 Baayʼinni namoota Nebukadnezar boojuudhaan fudhatee kanaa dha: \b \li1 Waggaa torbaffaa keessa \li2 Yihuudoota 3,023; \li1 \v 29 bara Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, \li2 Yerusaalemii namoota 832; \li1 \v 30 waggaa digdamii sadaffaa isaa keessa Yihuudoonni 745, \li2 Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaan boojuudhaan fudhataman. \b \lf Isaanis walumatti namoota 4,600 turan. \s1 Yehooyaakiin Hiikamuu Isaa \r 52:31‑34 kwf – \xt 2Mt 25:27‑30\xt* \p \v 31 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii shanaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiisee bilisa isa baase. \v 32 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef. \v 33 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate. \v 34 Mootiin Baabilonis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.