\id JAS - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Yaaqoob \toc1 Yaaqoob \toc2 Yaaqoob \toc3 Yaq \mt1 Yaaqoob \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Yaaqoob garbicha Waaqaatii fi kan Yesuus Kiristoos Gooftichaa irraa, \po Gara gosoota kudha lamaan bibittinnaaʼaniitti: \po Nagaan isiniif haa taʼu. \s1 Qorumsaa fi Dhiibbaa \p \v 2 Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa; \v 3 amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii. \v 4 Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu. \v 5 Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama. \v 6 Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti. \v 7 Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin; \v 8 inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu. \p \v 9 Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju. \v 10 Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii. \v 11 Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada. \p \v 12 Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii. \p \v 13 Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru; \v 14 tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. \v 15 Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti. \p \v 16 Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa. \v 17 Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa. \v 18 Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche. \s1 Dhagaʼuu fi Hojii Irra Oolchuu \p \v 19 Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; \v 20 aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii. \v 21 Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa. \p \v 22 Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa. \v 23 Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata; \v 24 innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata. \v 25 Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama. \p \v 26 Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu. \v 27 Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha. \c 2 \s1 Nama Wal caalchisuun Dhowwaa dha \p \v 1 Yaa obboloota ko, isin waan Gooftaa keenya kan ulfinaa Yesuus Kiristoositti amantaniif nama wal hin caalchisinaa. \v 2 Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu. \v 3 Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan, \v 4 isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee? \p \v 5 Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii? \v 6 Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii? \v 7 Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii? \p \v 8 Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu”\f + \fr 2:8 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu. \v 9 Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama. \v 10 Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii. \v 11 Inni, “Hin ejjin”\f + \fr 2:11 \fr*\ft \+xt Bau 20:14; KeD 5:18\+xt*\ft*\f* jedhe sun akkasuma immoo, “Hin ajjeesin”\f + \fr 2:11 \fr*\ft \+xt Bau 20:13; KeD 5:17\+xt*\ft*\f* jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta. \p \v 12 Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas; \v 13 nama namaaf hin araaramnetti murtii araara hin qabnetu murama. Araarri murtii moʼa. \s1 Amantii fi Hojii \p \v 14 Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, “Ani amantii qaba” jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree? \v 15 Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. \v 16 Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? \v 17 Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha. \p \v 18 Namni tokko garuu, “Ati amantii qabda; ani immoo hojii qaba” jedha. \p Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa. \v 19 Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu. \p \v 20 Yaa namicha gowwaa nana, ati akka amantiin hojii of keessaa hin qabne duʼaa taʼe beekuu barbaaddaa? \v 21 Abbaan keenya Abrahaam yommuu ilma isaa Yisihaaqin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessetti waan hojjete sanaaf qajeelaa taʼee hin lakkaaʼamnee ree? \v 22 Akka amantiin isaatii fi hojiin isaa tokkummaan hojjechaa turan ni argita; waan inni hojjeteenis amantiin isaa guutuu taʼe. \v 23 Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef”\f + \fr 2:23 \fr*\ft \+xt Uma 15:6\+xt*\ft*\f* jedhu ni raawwatame; innis michuu Waaqaa jedhame. \v 24 Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu. \p \v 25 Akkasuma immoo sagaagaltuun Rahaab jedhamtu yommuu basaastota simattee karaa kaaniin isaan geggeessitetti waan hojjetteen qajeeltuutti hin lakkaaʼamnee ree? \v 26 Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha. \c 3 \s1 Arraba Leenjifachuu \p \v 1 Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii. \v 2 Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa. \p \v 3 Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya. \v 4 Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa. \v 5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. \v 6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama. \p \v 7 Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus; \v 8 arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha. \p \v 9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra. \v 10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu. \v 11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa? \v 12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu. \s1 Ogummaa Gosa Lamaa \p \v 13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu. \v 14 Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa. \v 15 Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti. \v 16 Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira. \p \v 17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu. \v 18 Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama. \c 4 \s1 Waaqaaf Bulaa \p \v 1 Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii? \v 2 Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan. \v 3 Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan. \p \v 4 Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa. \v 5 Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree? \v 6 Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, \q1 “Waaqni of tuultotaan ni morma; \q2 warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna”\f + \fr 4:6 \fr*\ft \+xt Fak 3:34\+xt*\ft*\f* \m jedhuufis kanuma. \p \v 7 Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. \v 8 Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa. \v 9 Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu. \v 10 Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa. \p \v 11 Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu. \v 12 Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu? \s1 Waaʼee Boriitiif of jajuu \p \v 13 Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa. \v 14 Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. \v 15 Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu. \v 16 Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha. \v 17 Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa. \c 5 \s1 Sooreyyii Nama Cunqursaniif Akeekkachiisa Kennuu \p \v 1 Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. \v 2 Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera. \v 3 Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu. \v 4 Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera. \v 5 Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu. \v 6 Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu. \s1 Dhiphina Keessatti Obsa Qabaachuu \p \v 7 Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. \v 8 Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii. \v 9 Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera. \p \v 10 Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa. \v 11 Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha. \p \v 12 Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; samiin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, “Eeyyee” yookaan “waawuu” haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama. \s1 Kadhannaa Amantii \p \v 13 Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu. \v 14 Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif. \v 15 Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. \v 16 Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta. \p \v 17 Eeliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne. \v 18 Ammas deebiʼee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte. \p \v 19 Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise, \v 20 inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.