\id ISA - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Isaayyaas \toc1 Raajii Isaayyaas \toc2 Isaayyaas \toc3 Isa \mt2 Raajii \mt1 Isaayyaas \c 1 \p \v 1 Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge. \b \s1 Saba Fincilaa Tokko \q1 \v 2 Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! \q2 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee dubbateeraatii: \q1 “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; \q2 isaan garuu natti fincilaniiru. \q1 \v 3 Qotiyyoon gooftaa isaa, \q2 harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; \q1 Israaʼel garuu hin beeku; \q2 sabni koo hin hubatu.” \b \q1 \v 4 Yaa saba cubbamaa, \q2 uummata balleessaan itti baayʼate, \q1 ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, \q2 ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! \q1 Isaan \nd Waaqayyoon\nd* dhiisaniiru; \q2 Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii \q2 dugda isaanii itti garagalfataniiru. \b \q1 \v 5 Isin siʼachi maaliif rukutamtu? \q2 Maaliif fincila keessa jiraatu? \q1 Mataan keessan guutuun miidhameera; \q2 garaan keessan guutuunis dadhabeera. \q1 \v 6 Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, \q2 fayyaa hin qabdan; \q1 madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, \q2 kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne \q2 yookaan zayitiidhaan hin laafne. \b \q1 \v 7 Biyyi keessan duwwaa hafteerti; \q2 magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; \q1 alagoonni fuuluma keessan duratti \q2 lafa qotiisaa keessan saamu; \q2 akkuma waan ormi ishee saameettis onti. \q1 \v 8 Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo \q2 dhaabaa wayinii keessaatti, \q1 akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, \q2 akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti. \q1 \v 9 Utuu \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, \q1 nu silaa akkuma Sodoom taanee, \q2 Gomoraas fakkaanna turre. \b \q1 \v 10 Yaa bulchitoota Sodoom \q2 dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa; \q1 yaa saba Gomoraa, \q2 Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa! \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” \q2 Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi // horii gabbifamanii baayʼeen qaba; \q1 ani dhiiga korommii looniitti, \q2 kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu. \q1 \v 12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, \q2 akka oobdii koo dhidhiittan \q2 eenyutu isin irraa barbaade? \q1 \v 13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! \q2 Ixaanni keessan na jibbisiisa. \q1 Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan \q2 jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu. \q1 \v 14 Ayyaana Baatii keessanii fi \q2 ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. \q1 Isaan baʼaa natti taʼaniiru; \q2 anis obsuu dadhabeera. \q1 \v 15 Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, \q2 ani ija koo isinan dhokfadha; \q2 yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. \b \q1 Harki keessan dhiigaan guutameera! \b \q1 \v 16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. \q2 Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! \q2 Yakka hojjechuus dhiisaa; \q1 \v 17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! \q2 Murtii qajeelaa barbaadaa; \q1 warra hacuucame jajjabeessaa. \q2 Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; \q2 haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa. \b \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Kottaa wal qorraa; \q1 cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, \q2 inni addaatee akka cabbii ni taʼa; \q1 yoo akka alalaa diimate iyyuu, \q2 akka suufii ni addaata. \q1 \v 19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, \q2 waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu; \q1 \v 20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” \q2 Afaan \nd Waaqayyoo\nd* waan kana dubbateeraatii. \b \q1 \v 21 Akka magaalaan amanamtuun sun \q2 sagaagaltuu taate ilaalaa! \q1 Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee \q2 qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; \q2 amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata! \q1 \v 22 Meetiin kee ligidaaʼeera; \q2 daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera. \q1 \v 23 Bulchitoonni kee finciltoota; \q2 michuu hattuuwwanii ti; \q1 isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; \q2 kennaas akka malee barbaadu. \q1 Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; \q2 himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan. \b \q1 \v 24 Kanaafuu Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: \q1 “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; \q2 diinota koos haaloo nan baafadha. \q1 \v 25 Ani harka koo sitti nan deebisa; \q2 ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; \q2 xurii kee hundas sirraa nan balleessa. \q1 \v 26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, \q2 akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. \q1 Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, \q2 magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.” \b \q1 \v 27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan, \q2 qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu. \q1 \v 28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* dhiisanis ni badu. \b \q1 \v 29 “Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; \q2 sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu. \q1 \v 30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, \q2 akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu. \q1 \v 31 Namni jabaan akkuma huubaa, \q2 hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; \q1 isaan lachuu walumaan gubatu; \q2 namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.” \c 2 \s1 Tulluu \nd Waaqayyoo\nd* \r 2:1‑4 kwf – \xt Mik 4:1‑3\xt* \p \v 1 Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha: \b \p \v 2 Bara dhumaa keessa, \q1 tulluun mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* \q2 tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; \q1 inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; \q2 saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu. \p \v 3 Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; \q1 “Kottaa gara tulluu \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. \q1 Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf \q2 karaa isaa nu barsiisa.” \q1 Seerri Xiyoon keessaa, \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* immoo // Yerusaalem keessaa ni baʼa. \q1 \v 4 Inni saboota gidduutti murtii kenna; \q2 namoota hedduudhaafis ni murteessa. \q1 Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; \q2 eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. \q1 Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; \q2 yookaan lolaaf nama hin leenjifatan. \b \q1 \v 5 Yaa mana Yaaqoob, \q2 kottaa ifa \nd Waaqayyoo\nd* keessa deddeebinaa. \s1 Guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 6 Kanaafuu saba kee, \q2 mana Yaaqoob dhiifteerta. \q1 Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; \q2 akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; \q2 duudhaa namoota ormaattis ni cichu. \q1 \v 7 Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; \q2 qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. \q1 Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; \q2 gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban. \q1 \v 8 Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; \q2 isaan hojiidhuma harka isaanii, \q2 waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu. \q1 \v 9 Kanaafuu namni gad qabama; \q2 ilmaan namaa gad deebifamu; \q2 ati isaaniif hin dhiisin. \b \q1 \v 10 Argamuu \nd Waaqayyoo\nd* isa sodaachisaa fi \q2 surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; \q2 lafa keessas dhokadhu! \q1 \v 11 Iji nama of tuuluu gad qabama; \q2 of jajuun namootaas gad deebifama; \q1 gaafas \nd Waaqayyo\nd* qofatu ol ol jedha. \b \q1 \v 12 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, \q1 warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; \q2 isaanis gad deebifamu. \q1 \v 13 Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi \q2 guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf, \q1 \v 14 tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, \q2 gaarran ol dhedheeroo hundaaf, \q1 \v 15 gamoo gurguddaa hundaaf, \q2 dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf, \q1 \v 16 doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf \q2 guyyaa murteeffate tokko qaba. \q1 \v 17 Of tuulummaan namaa gad qabama; \q2 of jajuun namootaas gad deebifama; \q1 gaafas \nd Waaqayyo\nd* qofatu ol ol jedha; \q2 \v 18 waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu. \b \q1 \v 19 Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, \q2 sodaachisa \nd Waaqayyootii\nd* fi \q1 surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa \q2 gara holqa kattaa keessaattii fi \q2 boolla lafa keessaatti ni baqatu. \q1 \v 20 Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo \q2 kanneen waaqeffachuuf jedhanii \q1 meetii fi warqee irraa tolfatan sana \q2 tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu. \q1 \v 21 Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti \q2 sodaachisa \nd Waaqayyootii\nd* fi \q1 surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa \q2 kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu. \b \q1 \v 22 Nama duʼa hin oolle, \q2 kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. \q2 Inni maalitti lakkaaʼama? \c 3 \s1 Murtii Yerusaalemii fi Yihuudaa Eeggatu \q1 \v 1 Kunoo Gooftaan, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q1 Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa \q2 kennaa fi gargaarsa isaa \q1 kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata; \q2 \v 2 gootaa fi loltuu, \q1 abbaa murtiitii fi raajii, \q2 hooda himaa fi maanguddoo, \q1 \v 3 ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu, \q2 gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi // ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata. \b \q1 \v 4 “Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha; \q2 ijoolleen isaan bulchu.” \b \q1 \v 5 Namoonni wal hacuucu; \q2 namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa. \q1 Dargaggeessi jaarsatti, \q2 tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa. \b \q1 \v 6 Namni tokko mana abbaa isaatti, \q2 obboloota isaa keessaa tokko qabee, \q1 “Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi; \q2 tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha. \q1 \v 7 Inni garuu gaafas, \q2 “Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu. \q1 Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu; \q2 bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya. \b \q1 \v 8 Yerusaalem gatantaraa jirti; \q2 Yihuudaan immoo kufteerti; \q1 dubbii isaaniitii fi gochi isaanii \nd Waaqayyoon\nd* mormuudhaan \q2 ulfina argamuu isaa xureessa. \q1 \v 9 Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa; \q2 isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu; \q2 isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan. \q1 Isaaniif wayyoo! \q2 Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru. \b \q1 \v 10 Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa; \q2 isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu. \q1 \v 11 Hamaadhaaf wayyoo! \q2 Badiisni isatti ni dhufa! \q1 Inni gatii harka isaa ni argata. \b \q1 \v 12 Dargaggoonni saba koo cunqursu; \q2 dubartoonni isaan bulchu. \q1 Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru; \q2 isaan irraa isin gorsaniiru. \b \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* murtii kennuuf taaʼeera; \q2 saba isaattis muruuf kaʼeera. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee \q2 maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: \q1 “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; \q2 wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira. \q1 \v 15 Isin saba koo caccabsuun keessan, \q2 fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \b \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Dubartoonni Xiyoon of tuulu; \q1 isaan morma dheereffatanii yaaʼu; \q2 ijaanis ni waammatu; \q2 faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu. \q1 \v 17 Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida; \q2 \nd Waaqayyo\nd* gubbee mataa isaanii moleessa.” \p \v 18 Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu, \v 19 amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa, \v 20 Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama, \v 21 qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii \v 22 wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa, \v 23 of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa. \q1 \v 24 Qooda urgaa, ajaa; \q2 qooda sabbataa, funyoo; \q1 qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu; \q2 qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa; \q2 qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa. \q1 \v 25 Namoonni keessan goraadeedhaan, \q2 loltoonni keessanis lola keessatti dhumu. \q1 \v 26 Karri Xiyoon faarsitee boossi; \q2 isheen ontee lafa teessi. \c 4 \q1 \v 1 Bara sana keessa dubartoonni torba \q2 nama tokkicha qabatanii, \q1 “Nu nyaatuma keenya nyaanna; \q2 uffata keenya uffanna; \q1 garuu maqaa keetiin haa waamamnu. \q2 Salphina keenya nurraa fageessi!” jedhuun. \s1 Damee \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 2 Bara sana keessa dameen \nd Waaqayyoo\nd* bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa. \v 3 Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu. \v 4 Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa. \v 5 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata. \v 6 Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa. \c 5 \s1 Faarfannaa Iddoo Dhaaba Wayinii \q1 \v 1 Ani naman jaalladhu sanaaf, \q2 faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: \q1 Michuun koo gaara gabbataa irraa \q2 iddoo dhaabaa wayinii qaba. \q1 \v 2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee \q2 wayinii filatamaa isa irra dhaabe. \q1 Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree \q2 boolla wayinii itti cuunfan illee qote. \q1 Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; \q2 inni garuu ija hamaa qofa kenne. \b \q1 \v 3 “Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, \q2 mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo // gidduu jiruuf murtii kennaa. \q1 \v 4 Waan ani godheef kana caalaa \q2 wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? \q1 Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti \q2 inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate? \q1 \v 5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru \q2 isinitti nan hima; \q1 ani dallaa isaa nan diiga; \q2 innis ni bada; \q1 dallaa isaa dhagaa nan jigsa; \q2 innis gad dhidhiitama. \q1 \v 6 Ani isa nan onsa; \q2 mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. \q1 Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. \q2 Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.” \b \q1 \v 7 Iddoon dhaabaa wayinii \q2 \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; \q1 namoonni Yihuudaa immoo \q2 iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. \q1 Inni murtii qajeelaa barbaade; \q2 garuu dhiiga dhangalaafamu arge; \q1 qajeelummaa barbaade; \q2 garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe. \s1 Wayyoo fi Murtii \q1 \v 8 Isin warra hamma iddoon \q2 tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, \q1 lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii \q2 kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo! \p \v 9 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: \q1 “Dhugumaan manneen hedduun ni onu; \q2 manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu. \q1 \v 10 Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii // baadoosii tokko qofatu galfama; \q2 sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.” \b \q1 \v 11 Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, \q2 kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti \q2 halkan dheereffataniif wayyoo. \q1 \v 12 Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, \q2 ulullee fi daadhii wayinii qabu; \q1 garuu hojii \nd Waaqayyootiif\nd* dhimma hin qaban; \q2 hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan. \q1 \v 13 Kanaafuu sabni koo \q2 sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; \q1 namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, \q2 uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu. \q1 \v 14 Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee \q2 afaan ofii isaa illee hamma malee banata; \q1 namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii \q2 warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu. \q1 \v 15 Kanaafuu namni gad qabama; \q2 ilmaan namaa gad deebifamu; \q2 iji of tuultotaas lafa ilaala. \q1 \v 16 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu garuu \q2 murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; \q1 Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin \q2 akka qulqulluu taʼe of argisiisa. \q1 \v 17 Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan // lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu; \q2 xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu. \b \q1 \v 18 Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, \q2 funyoo gaariitiinis hammina harkisan, \q1 \v 19 kanneen, “Waaqni haa ariifatu; \q2 akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, \q1 wanni kun haa dhiʼaatu; \q2 akka nu beeknuufis \q2 karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” // jedhaniif wayyoo. \b \q1 \v 20 Warra hamaadhaan gaarii, \q2 gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, \q1 kanneen ifaan dukkana, \q2 dukkanaan immoo ifa jedhaniif, \q1 warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, \q2 hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo. \b \q1 \v 21 Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, \q2 akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo. \b \q1 \v 22 Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, \q2 dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif, \q1 \v 23 warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, \q2 murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo. \q1 \v 24 Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, \q2 akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; \q2 daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; \q1 isaan seera \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu didanii \q2 dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii. \q1 \v 25 Kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* saba isaatti ni bobaʼa; \q2 harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. \q1 Tulluuwwan ni raafamu; \q2 reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. \b \q1 Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; \q2 harki isaas akkuma ol kaafametti jira. \b \q1 \v 26 Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; \q2 warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. \q2 Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu. \q1 \v 27 Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; \q2 namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; \q1 sabbanni mudhii isaanii hin laafu; \q2 hidhaan kophee isaaniis hin citu. \q1 \v 28 Xiyyi isaanii qaramaa dha; \q2 iddaan isaanii hundi qopheeffameera; \q1 kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; \q2 gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti. \q1 \v 29 Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; \q2 isaan akkuma saafela leencaa aadu; \q1 yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; \q2 isaan waan qabatan fudhatanii deemu; \q2 namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru. \q1 \v 30 Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa \q2 waan sana irraa huursu. \q1 Namni tokko yoo biyya sana ilaale, \q2 inni dukkanaa fi rakkina arga; \q2 aduunis duumessaan dukkaneeffama. \c 6 \s1 Ergama Isaayyaas \p \v 1 Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge. \v 2 Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan. \v 3 Isaanis: \q1 “\nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu // qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; \q2 lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” \m jedhanii walitti lallabaa turan. \v 4 Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame. \p \v 5 Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.” \p \v 6 Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise. \v 7 Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe. \p \v 8 Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. \p Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe. \p \v 9 Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: \q1 “ ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; \q2 arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’ \q1 \v 10 Qalbii saba kanaa doomsi; \q2 gurra isaanii cuqqaali; \q2 ija isaaniis cufi. \q1 Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii \q2 gurra isaaniitiin dhagaʼanii \q2 qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.” \p \v 11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe. \p Innis akkana jedhee deebise: \q1 “Hamma magaalaawwan diigamanii \q2 nama isaan keessa jiraatu dhabanitti, \q1 hamma manneen onanii lafti qotiisaas \q2 barbadaaʼee duwwaa hafutti, \q1 \v 12 hamma \nd Waaqayyo\nd* nama hunda fageessee \q2 lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa. \q1 \v 13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu, \q2 biyyi sun amma illee deebitee onti. \q1 Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu, \q2 yoo muran gufuun isaa latu sana \q2 akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.” \c 7 \s1 Mallattoo Amaanuʼel \p \v 1 Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye. \p \v 2 Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame. \p \v 3 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa. \v 4 Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin. \v 5 Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru; \v 6 “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.” \v 7 Taʼus \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Wanni kun hin raawwatu; \q2 wanni kun hin taʼu; \q1 \v 8 mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii; \q2 mataan Damaasqoo immoo Reziinii dha. \q1 Waggaa jaatamii shan keessatti, \q2 Efreem ni bittinnaaʼa; saba tokko taʼuun isaas ni hafa. \q1 \v 9 Mataan Efreem Samaariyaa dha; \q2 mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti. \q1 Isin yoo amantii keessaniin jabaattanii dhaabachuu baattan; \q2 yoom iyyuu hin dhaabattan.’ ” \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate; \v 11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee mallattoo gaafadhu.” \p \v 12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; \nd Waaqayyonis\nd* hin qoru” jedhe. \p \v 13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu? \v 14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti. \v 15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata. \v 16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona. \v 17 \nd Waaqayyo\nd* erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.” \s1 Asoor, Meeshaa \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 18 Bara sana keessa \nd Waaqayyo\nd* tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama. \v 19 Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu. \v 20 Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada. \v 21 Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata. \v 22 Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata. \v 23 Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata. \v 24 Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu. \v 25 Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu. \c 8 \s1 Isaayyaasii fi Ijoollee Isaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’\f + \fr 8:1 \fr*\fq Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz \fq*\ft jechuun \ft*\fqa dafii boojiʼi; ariifadhuu saami \fqa*\ft jechuu dha.\ft*\f* jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.” \v 2 Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha. \v 3 Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi. \v 4 Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.” \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* ammas akkana jedhee natti dubbate: \q1 \v 6 “Sabni kun bishaan Shilooʼaa \q2 kan suuta yaaʼu sana dhiisee \q1 Reziinii fi ilma Remaaliyaatti \q2 gammadeeraatii; \q1 \v 7 kanaafuu Gooftaan, \q2 lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor \q2 ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida. \q1 Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee \q2 ededa isaa hunda irra dhangalaʼa. \q1 \v 8 Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee \q2 keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa. \q1 Yaa Amaanuʼel!\f + \fr 8:8 \fr*\fq Amaanuʼel \fq*\ft jechuun \ft*\fqa Waaqni nu wajjin jira \fqa*\ft jechuu dha.\ft*\f* \q2 Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.” \b \q1 \v 9 Yaa saboota, burkutaaʼaa! \q2 Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa. \q1 Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! \q2 Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! \q1 \v 10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu; \q2 karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu; \q2 Waaqni nu wajjin jiraatii. \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii: \q1 \v 12 “Isin waan uummanni kun fincila jedhu \q2 hundaan fincila hin jedhinaa; \q1 waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; \q2 hin raafaminaa. \q1 \v 13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan // \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; \q2 kan isin sodaachuu qabdan isuma; \q2 kan isin hollachuufii qabdanis isuma. \q1 \v 14 Inni iddoo qulqulluu taʼa; \q2 manneen Israaʼel lamaaniif garuu \q1 inni dhagaa nama gufachiisu, \q2 kattaa nama kuffisu taʼa. \q1 Saba Yerusaalemitti garuu \q2 inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa. \q1 \v 15 Hedduun isaanii ni gufatu; \q2 isaan kufanii caccabu; \q2 futtaasaa seenanii qabamu.” \b \q1 \v 16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi; \q2 seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi. \q1 \v 17 \nd Waaqayyo\nd* mana Yaaqoob duraa \q2 fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha. \q1 Ani isa nan amanadha. \p \v 18 Anii fi ijoolleen \nd Waaqayyo\nd* naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya. \s1 Dukkanni Ifatti Jijjiirama \p \v 19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu? \v 20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha. \v 21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru. \v 22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu. \c 9 \s1 Mucaan Nuuf Dhalateera \p \v 1 Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja. \q1 \v 2 Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; \q2 warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera. \q1 \v 3 Ati saba baayʼiftee \q2 gammachuu isaanii illee guddifteerta; \q1 isaan akkuma uummanni yeroo \q2 midhaan haamamutti gammadu sana, \q1 akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti \q2 gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu. \q1 \v 4 Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, \q2 waanjoo isaanitti ulfaate \q1 somaa gatiittii isaanii irraa \q2 ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta. \q1 \v 5 Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, \q2 uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi \q1 ibiddaan gubama; \q2 qoraan ibiddaas taʼa. \q1 \v 6 Mucaan nuuf dhalateera; \q2 ilmi nuuf kennameera; \q2 mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. \q1 Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, \q2 Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa \q2 jedhamee ni waamama. \q1 \v 7 Babalʼinni mootummaa isaatii fi \q2 nagaan isaa dhuma hin qabu. \q1 Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan \q2 hundeessee jabeessee dhaabuudhaan \q1 yeroo sanaa jalqabee bara baraan \q2 teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. \q1 Hinaaffaan \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuus \q2 waan kana ni raawwata. \s1 \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelitti Dheekkame \q1 \v 8 Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; \q2 kunis Israaʼel irra buʼa. \q1 \v 9 Uummanni hundi, \q2 Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; \q2 isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu; \q1 \v 10 “Xuubiiwwan diigamaniiru; \q2 nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; \q1 mukkeen harbuu murmuramaniiru; \q2 nu garuu birbirsa iddoo buusna.” \q1 \v 11 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; \q2 diinota isaanii illee isaanitti kakaase. \q1 \v 12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, // Filisxeemonni immoo gama lixaatiin \q2 afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. \b \q1 Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; \q2 harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira. \b \q1 \v 13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine \q2 yookaan \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne. \q1 \v 14 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; \q2 damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa; \q1 \v 15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; \q2 raajonni soba barsiisan immoo eegee dha. \q1 \v 16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; \q2 warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu. \q1 \v 17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu \q2 yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi // haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; \q1 namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; \q2 afaan hundinuus hamaa dubbata. \b \q1 Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; \q2 harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira. \b \q1 \v 18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; \q2 inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, \q1 bosona gobbuus ni qabata; \q2 akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa. \q1 \v 19 Dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuutiin // lafti ni gubatti; \q2 namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; \q2 namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu. \q1 \v 20 Karaa mirgaatiin ni butatu; \q2 garuu beela hin baʼan; \q1 karaa bitaatiin ni nyaatu; \q2 garuu hin quufan. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata; \q2 \v 21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; \q2 isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. \b \q1 Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; \q2 harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira. \b \b \c 10 \q1 \v 1 Warra seera jalʼaa baasan, \q2 kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo; \q1 \v 2 isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; \q2 mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; \q1 haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; \q2 ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu. \q1 \v 3 Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufu \q2 guyyaa adabbiitti maal gootu? \q1 Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu? \q2 Qabeenya keessan eessatti dhiiftu? \q1 \v 4 Warra boojiʼaman jala gugguufuu \q2 yookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu. \b \q1 Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; \q2 harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira. \s1 Murtii Waaqni Asooritti Murteesse \q1 \v 5 “Asooricha isa ulee aarii kootii taʼeef, \q2 isa bokkuun dheekkamsa kootii harka isaa jiruuf wayyoo! \q1 \v 6 Ani akka inni isaan saamuu fi boojiʼuuf \q2 akka inni akkuma dhoqqee karaa irraa lafatti isaan dhidhiituuf \q1 saba Waaqatti hin bulletti isa nan erga; \q2 uummata na aarsuttis isa nan ajaja. \q1 \v 7 Garuu kun waan inni yaadu miti; \q2 yaadni akkasiis garaa isaa keessa hin jiru; \q1 kaayyoon isaa barbadeessuu dha; \q2 saba baayʼees fixuu dha. \q1 \v 8 Innis akkana jedha; ‘Ajajjoonni koo hundinuu mootota mitii? \q2 \v 9 Kaalnoon akkuma Karkemiish mitii? \q1 Hamaati akkuma Arfaad mitii? \q2 Samaariyaanis akkuma Damaasqoo mitii? \q1 \v 10 Akkuma harki koo mootummoota waaqota tolfamoo \q2 kanneen fakkiiwwan soofamoo kan Yerusaalemii fi // Samaariyaa caalan qabe sana, \q1 \v 11 ani waanan Samaariyaa fi fakkiiwwan ishee godhe sana \q2 Yerusaalemii fi waaqota ishee tolfamoo hin godhuu?’ ” \p \v 12 Gooftaan yeroo Tulluu Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojii isaa hunda fixatutti akkana jedha; “Ani sababii of jajuu garaa isaatii fi ilaalcha isaa kan of tuulummaan guutame sanaatiif jedhee mooticha Asoor nan adaba. \v 13 Inni akkana jedhaatii: \q1 “ ‘Ani jabina harka kootiin waan kana hojjedheera; \q2 ani sababiin hubannaa qabuuf, // ogummaa kootiin hojjedheera. \q1 Ani daangaa sabootaa iddoodhaa buqqiseera; \q2 qabeenya isaanii illee saameera. \q2 Akkuma nama jabaa tokkoo ani mootota isaanii // of jala galfadheera. \q1 \v 14 Akkuma namni tokko manʼee simbiraa keessa harka kaaʼu sana \q2 anis harka koo qabeenya sabootaa keessa nan kaaʼa; \q1 akkuma namoonni hanqaaquu dagatame \q2 walitti qaban sana, anis biyya hunda walitti nan qabe; \q1 kan qoochoo hurgufate, \q2 yookaan wacuuf afaan banate tokko iyyuu hin turre.’ ” \b \q1 \v 15 Qottoon nama ittiin waa murutti ni kooraa? \q2 Yookaan wanni ittiin waa muran nama itti fayyadamutti of jajaa? \q1 Kunis akka waan uleen tokko nama isa qabatutti of mirmirsuu ti; \q2 yookaan akkuma bokkuun tokko akka waan muka hin taʼiniitti ol of guddisuu ti! \q1 \v 16 Kanaafuu Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 loltoota gagabbatan kanatti dhukkuba nama huqqisu ni erga; \q1 ulfina isaa jalaanis ibiddi tokko \q2 akkuma arraba ibiddaa ni qabsiifama. \q1 \v 17 Ifni Israaʼel ibidda, \q2 Qulqullichi isaanii sunis arraba ibiddaa taʼa; \q1 ibiddi sun guyyuma tokkoon \q2 qoraattii isaatii fi sokorruu isaa gubee balleessa. \q1 \v 18 Akkuma namni tokko yeroo dhukkubsatu huqqatu sana, \q2 ibiddi sun ulfina bosonaa isaatii fi lafa qotiisaa gabbataa, \q2 lubbuu fi foonis ni barbadeessa. \q1 \v 19 Mukkeen bosona isaa keessatti hafan waan akka malee muraasa taʼaniif \q2 mucaan tokko galmeessuu ni dandaʼa. \s1 Hambaa Israaʼel \q1 \v 20 Bara sana keessa hambaan Israaʼel, \q2 mana Yaaqoob keessaa warri hafan, \q1 dhugumaan \nd Waaqayyo\nd* Qulqullicha Israaʼel abdatu malee \q2 lammata isa isaan dhaʼe sana hin abdatan. \q1 \v 21 Hambaan tokko, hambaan Yaaqoob \q2 gara Waaqa Jabaa sanaatti ni deebiʼa. \q1 \v 22 Yaa Israaʼel, yoo sabni kee \q2 akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, // hambaa qofatu deebiʼa. \q2 Badiisni qajeelummaadhaan guutame labsameera. \q1 \v 23 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 badiisa lafa hundatti labsame ni raawwata. \p \v 24 Kanaafuu Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Yaa saba koo warri Xiyoon keessa jiraattan, \q2 warra Asoor kanneen uleedhaan isin rukutan, \q2 kanneen akkuma warra Gibxi bokkuu ol isinitti fudhatan hin sodaatinaa. \q1 \v 25 Aariin ani isinitti aare dafee qabbanaaʼa; \q2 dheekkamsi koos isaan balleessuuf itti garagala.” \b \q1 \v 26 \nd Waaqayyon\nd* Waan Hunda Dandaʼu sun, \q2 akkuma kattaa Hereeb biratti Midiyaanin qacceen garafe sana, \q1 akkuma biyya Gibxi keessatti godhe sana, \q2 ulee isaa bishaan irratti ol fudhata. \q1 \v 27 Gaafas baʼaan isaanii gatiittii keessan irraa, \q2 waanjoon isaaniis morma keessan irraa fuudhama; \q2 waan isin akka malee gabbattaniif waanjoon ni caccaba. \b \q1 \v 28 Isaan gara Ayyati seenan; \q2 Migroon keessa baʼan; \q2 nyaataa fi hidhata isaaniis Mikmaas keessatti kuuftan. \q1 \v 29 Isaan karaa qalʼaa irra baʼanii, \q2 “Nu Gebaa qubannee bulla” jedhan. \q1 Raamaan ni sodaatti; \q2 Gibeʼaan Saaʼolis ni baqatti. \q1 \v 30 Yaa intala Galiim, iyyi! \q2 Yaa Laayishaa dhaggeeffadhu! \q2 Yaa Anaatoot deebii isheef kenni! \q1 \v 31 Maadmenaan baqataa jirti; \q2 uummanni Geebiimis baqachuuf walitti qabama. \q1 \v 32 Isaan harʼa Noob gaʼu; \q2 isaan tulluu Intala Xiyoonitti, \q2 gaara Yerusaalemitti harka isaanii raasu. \b \q1 \v 33 Kunoo Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 humna guddaadhaan dameewwan murmura; \q1 mukkeen gurguddaan ni cicciramu; \q2 mukkeen dhedheeroonis gad qabamu. \q1 \v 34 Inni bosona gobbuu qottoodhaan cira; \q2 Libaanoonis fuula Waaqa Jabaa duratti kufa. \c 11 \s1 Damee Isseey \q1 \v 1 Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata; \q2 hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata. \q1 \v 2 Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 Hafuurri ogummaatii fi hubannaa, \q2 Hafuurri gorsaatii fi humnaa, \q2 Hafuurri beekumsaatii fi kan \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu isa irra qubata; \q1 \v 3 inni \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuutti ni gammada. \b \q1 Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu; \q2 yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaʼuun hin murteessu; \q1 \v 4 garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa; \q2 hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna. \q1 Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta; \q2 hafuura afaan isaatii baʼuun hamoota ni fixa. \q1 \v 5 Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti; \q2 amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti. \b \q1 \v 6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata; \q2 qeerransi ilmoo reʼee bira ciisa; \q1 jabbiin, leencii fi horiin gabbataan walii wajjin bobbaʼu; \q2 mucaan xinnaan isaan bobbaasa. \q1 \v 7 Saan amaaketa wajjin soorata; \q2 ilmaan isaanii wal cina ciciisu; \q2 leencis akka sangaa cidii nyaata. \q1 \v 8 Daaʼimni boolla bofaa irra taphata; \q2 mucaan xinnaan boolla buutii keessa harka kaaʼa. \q1 \v 9 Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti \q2 waa hin miidhan yookaan waa hin balleessan; \q1 akkuma bishaan galaana guutu sana \q2 lafti \nd Waaqayyoon\nd* beekuudhaan guutamtiitii. \p \v 10 Bara sana keessa hiddi Isseey akkuma faajjiitti uummataaf dhaabata; saboonni gara isaatti walitti qabamu; lafti inni boqotus ulfina qabeessa taʼa. \v 11 Gaafas Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa diriirsee Asoor irraa, Gibxi Gadii irraa, Gibxi Olii irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaam irraa, Baabilon irraa, Hamaatii fi biyyoota bishaan gidduu galaanaa irraa hambaawwan saba isaa walitti qabata. \q1 \v 12 Inni sabootaaf faajjii ol kaasee \q2 boojiʼamtoota Israaʼel walitti qaba; \q1 inni roga laafaa afran irraa \q2 saba Yihuudaa kan bittinnaaʼee ture walitti qaba. \q1 \v 13 Hinaaffaan Efreem ni bada; \q2 diinonni Yihuudaas ni barbadeeffamu; \q1 Efreem gaafas Yihuudaatti hin hinaafu; \q2 yookaan Yihuudaan Efreemitti hin hammaatu. \q1 \v 14 Isaan karaa lixa biiftuutiin gatiittii Filisxeemitti gad buʼu; \q2 tokko taʼaniis uummata baʼa biiftuu saamu. \q1 Isaan Edoomii fi Moʼaabin qabatu; \q2 warri Amoonis isaan jalatti bulu. \q1 \v 15 \nd Waaqayyo\nd* guutumaan guutuutti, \q2 galoo galaana Gibxi ni gogsa; \q1 inni bubbee isaa kan nama waxaluun \q2 harka isaa laga Efraaxiis irra sochoosa. \q1 Akka namoonni kopheen ceʼaniifis \q2 inni laga torbatti gargar isa qooda. \q1 \v 16 Akkuma gaafa isaan Gibxii baʼan // Israaʼeliif taʼe sana, \q2 hambaa saba isaa kan Asoor irraa hafeef \q2 karaan guddaan ni argama. \c 12 \s1 Faarfannaa Galataa \p \v 1 Ati gaafas akkana jetta: \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati natti aartee turte; \q2 aariin kees narraa deebiʼeera; \q2 na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha. \q1 \v 2 Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; \q2 ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. \q1 \nd Waaqayyo\nd*, \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa, \q2 jabinaa fi faarfannaa koo ti; // inni fayyina koo taʼeera.” \q1 \v 3 Isin burqaa fayyinaa keessaa \q2 gammachuudhaan bishaan waraabbattu. \p \v 4 Isin bara sana keessa akkana jettu: \q1 “\nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; \q2 waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; \q2 akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa. \q1 \v 5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii \nd Waaqayyoon\nd* faarfadhaa; \q2 wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu. \q1 \v 6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel // isin gidduutti guddaadhaatii \q2 sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.” \c 13 \s1 Raajii Baabiloniin Mormu \p \v 1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge: \q1 \v 2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti \q2 faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; \q1 akka isaan karra namoota \q2 bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa. \q1 \v 3 Ani qulqulloota koo ajajeera; \q2 akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif \q2 ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan // waammadheera. \b \q1 \v 4 Waca tulluuwwan irraa, \q2 kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! \q1 Guungummii mootummootaa \q2 kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! \q1 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira! \q1 \v 5 Isaan biyya fagoodhaa \q2 daarii samiiwwaniitii dhufan; \q1 \nd Waaqayyoo\nd* fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin \q2 guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu. \b \q1 \v 6 Waan guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* dhiʼaateef booʼaa; \q2 guyyaan sun akkuma badiisa \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa. \q1 \v 7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; \q2 onneen nama hundaas ni baqa. \q1 \v 8 Sodaan isaan qabata; \q2 dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; \q2 akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. \q1 Isaan rifatanii wal ilaalu; \q2 fuulli isaanii akka ibiddaa diimata. \b \q1 \v 9 Kunoo guyyaan \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, \q1 lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan \q2 barbadeessuuf ni dhufa. \q1 \v 10 Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii \q2 ifa isaanii hin kennan. \q1 Aduun baatu ni dukkanoofti; \q2 jiʼis ifa ishee hin kennitu. \q1 \v 11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, \q2 hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. \q1 Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; \q2 of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa. \q1 \v 12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, \q2 warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha. \q1 \v 13 Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; \q2 gaafa aariin isaa bobaʼutti \q1 dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuutiin \q2 lafti iddoo isheetii ni raafamti. \b \q1 \v 14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, \q2 akkuma hoolota tiksee hin qabnee \q1 gara saba isaatti deebiʼa; \q2 namni kam iyyuu biyya isaatti baqata. \q1 \v 15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; \q2 kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa. \q1 \v 16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; \q2 manneen isaanii ni saamamu; // niitonni isaaniis humnaan gudeedamu. \b \q1 \v 17 Kunoo ani warra Meedee \q2 kanneen meetii irraa dhimma hin qabne \q2 warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa. \q1 \v 18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; \q2 isaan daaʼimmaniif hin naʼan; \q2 ijoolleefis garaa hin laafan. \q1 \v 19 Baabilon ulfinni moototaa, \q2 miidhaginni of jaja warra Baabilon \q1 akkuma Sodoomii fi Gomoraa \q2 irree Waaqaatiin garagalfamti. \q1 \v 20 Namni ishee keessa hin qubatu; \q2 yookaan dhaloota hunda keessatti // namni ishee keessa hin jiraatu; \q1 namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; \q2 tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu. \q1 \v 21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; \q2 waangoowwan mana ishee ni guutu; \q1 urunguun achi jiraatti; \q2 reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi. \q1 \v 22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; \q2 waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa // keessaa iyyiti. \q1 Yeroon ishee gaʼeera; \q2 barri ishees hin dheeratu. \b \b \c 14 \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Yaaqoobiif garaa ni laafa; \q2 inni amma illee Israaʼelin filatee \q2 biyya isaanii keessa isaan qubachiisa. \q1 Ormoonni isaanitti dabalamu; \q2 mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu. \q1 \v 2 Saboonni isaan fudhatu; \q2 iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu. \q1 Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti \q2 lafa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu. \q1 Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii \q2 warra isaan hacuucanis bulchu. \p \v 3 Guyyaa \nd Waaqayyo\nd* itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti, \v 4 akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: \q1 Cunqursichi akkamitti bade! \q2 Aariin isaas akkamitti isa irraa gale! \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* ulee hamootaatii fi \q2 bokkuu bulchitootaa, \q1 \v 6 kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin \q2 uummata rukute; \q1 kan gara laafina tokko malee ariʼee \q2 saboota dhaʼe sana caccabseera. \q1 \v 7 Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti; \q2 faarfachuuttis kaati. \q1 \v 8 Gaattiraawwanii fi birbirsawwan \q2 Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii, \q1 “Amma ati kufteerta; \q2 namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu. \b \q1 \v 9 Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; \q2 isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, \q1 warra addunyaa irratti hooggantoota \q2 turanii hunda dammaqsiteerti; \q1 isheen warra mootota sabootaa turan hunda \q2 teessoo isaanii irraa kaafti. \q1 \v 10 Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; \q2 “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; \q2 akkuma keenya taateerta.” \q1 \v 11 Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin \q2 awwaala keessa buufameera; \q1 ilmaan raammoo si jala afamanii \q2 raammoon si haguugdi. \b \q1 \v 12 Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, \q2 ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! \q1 Ati kan duraan saboota gad qabde, \q2 lafatti gad darbatamteerta! \q1 \v 13 Ati garaa keetti akkana jette; \q2 “Ani samiitti olin baʼa; \q1 ani urjiiwwan Waaqaatii olitti \q2 teessoo koo olin baafadha; \q1 ani tulluu wal gaʼii irra, \q2 fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa. \q1 \v 14 Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; \q2 ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.” \q1 \v 15 Garuu ati siiʼool keessa, \q2 boolla qilee keessa buufamteerta. \b \q1 \v 16 Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; \q2 akkana jedhaniis dinqisiifatu: \q1 “Kun namichuma lafa sochoosee \q2 akka mootummoonni raafaman godhe, \q1 \v 17 namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, \q2 kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee \q2 akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?” \b \q1 \v 18 Mootonni sabootaa hundi, \q2 ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru. \q1 \v 19 Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti, \q2 awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta; \q1 ati warra ajjeefamaniin, \q2 warra goraadeen waraanamaniin, \q2 warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta. \q1 Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta; \q2 \v 20 ati sababii biyya kee balleessitee \q1 namoota kee fixxeef, \q2 isaan gidduutti hin awwaalamtu. \b \b \q1 Maqaan sanyii hamootaa \q2 lammata hin dhaʼamu. \q1 \v 21 Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif \q2 iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa; \q1 isaan biyya dhaaluudhaaf, \q2 magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan. \b \q1 \v 22 “Ani isaanitti nan kaʼa,” \q2 jedha \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \q1 “Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee, \q2 ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 23 “Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi \q2 lafa caffee ishee nan godha; \q1 ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa” \q2 jedha \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \s1 Raajii Asooriin Mormu \p \v 24 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; \q1 “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana // wanni kun ni taʼa; \q2 akkuma ani yaade sanas ni dhaabata. \q1 \v 25 Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa; \q2 tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita. \q1 Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama; \q2 baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.” \b \q1 \v 26 Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha; \q2 kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha. \q1 \v 27 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha? \q1 Harki isaa diriirfameeraa; \q2 eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa? \s1 Raajii Filisxeemotaan Mormu \p \v 28 Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe: \q1 \v 29 Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, \q2 isin hundinuu hin gammadinaa; \q1 hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; \q2 iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa. \q1 \v 30 Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; \q2 rakkataanis nagaadhaan ciisa. \q1 Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; \q2 beellis hambaa kee ni fixa. \b \q1 \v 31 Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi! \q2 Filisxeemonni hundi baqaatii badaa! \q1 Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa; \q2 raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 32 Ergamoota saba sanaatiif \q2 deebii akkamiitu kennamuu mala? \q1 “\nd Waaqayyo\nd* jabeessee Xiyoonin dhaabeera; \q2 ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman // daʼannoo ni argatu.” \c 15 \s1 Raajii Moʼaabiin Mormu \r 16:6‑12 kwf – \xt Erm 48:29‑36\xt* \p \v 1 Raajii waaʼee Moʼaab: \q1 Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; \q2 halkanuma tokkottis baddeerti! \q1 Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; \q2 halkanuma tokkottis baddeerti! \q1 \v 2 Diiboon gara mana qulqullummaatti, \q2 iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; \q2 Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. \q1 Mataan hundinuu haadamaa dha; \q2 areedni hundinuus cicciramaa dha. \q1 \v 3 Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; \q2 bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti \q1 hundi isaanii ni booʼu; \q2 imimmaan isaaniis ni dhangalaasu. \q1 \v 4 Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; \q2 sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. \q1 Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; \q2 lubbuun isaaniis ni romʼite. \b \q1 \v 5 Garaan koo Moʼaabiif iyya; \q2 kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, \q2 hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. \q1 Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; \q2 karaa Hooronaayim irrattis, \q2 waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu. \q1 \v 6 Bishaanonni Niimriim goganiiru; \q2 margis coollageera; \q1 biqiltuuwwan lafaa badaniiru; \q2 wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne. \q1 \v 7 Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana \q2 Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu. \q1 \v 8 Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; \q2 wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti \q2 faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame. \q1 \v 9 Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; \q2 ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; \q1 warra Moʼaab keessaa baqatan \q2 kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga. \b \b \c 16 \q1 \v 1 Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa \q2 bulchaa biyyattiitiif, \q1 gara tulluu Intala Xiyoonitti \q2 xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa. \q1 \v 2 Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee \q2 asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis \q2 malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu. \b \q1 \v 3 “Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. \q2 Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan \q2 akkuma halkanii dukkaneessaa. \q1 Baqattootas dhoksaa; \q2 kooluu galtoota hin ganinaa. \q1 \v 4 Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; \q2 balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” \b \q1 Cunqursaan ni bada; \q2 badiisnis ni hafa; \q2 warri nama miidhan lafa irraa badu. \q1 \v 5 Teessoon jaalalaan hundeeffama; \q2 mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti \q2 murtii qajeelaa barbaadu, \q1 kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko \q2 amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa. \b \q1 \v 6 Nu of tuulummaa Moʼaab, \q2 of guddisuu fi kooruu ishee, \q1 of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; \q2 of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu. \q1 \v 7 Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; \q2 isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. \q1 Namoota Qiir Hareeshetiif \q2 faarsanii booʼuudhaan gaddu. \q1 \v 8 Lafti qotiisaa Heshboon, \q2 mukni wayinii Sibimaas coollageera. \q1 Bulchitoonni sabootaa \q2 mukkeen wayinii filatamoo \q1 kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii \q2 gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. \q2 Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire. \q1 \v 9 Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, \q2 mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. \q1 Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, \q2 ani imimmaan kootiin sin jiisa! \q1 Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi \q2 gammachuun yeroo midhaan siif // haamamu ture sun hafeera. \q1 \v 10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; \q2 namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti // hin faarfatu yookaan hin ililchu: \q1 sababii ani ilillee balleesseef \q2 namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru. \q1 \v 11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; \q2 keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa. \q1 \v 12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, \q2 isheen ofuma dadhabsiifti; \q1 yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe \q2 kunis faayidaa tokko illee hin qabu. \p \v 13 Kun dubbii \nd Waaqayyo\nd* duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.” \c 17 \s1 Raajii Damaasqoodhaan mormu \p \v 1 Raajii Damaasqoodhaan mormu: \q1 “Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati malee \q2 siʼachi magaalaa hin taatu. \q1 \v 2 Magaalaawwan Aroʼeer ni onu; \q2 bushaayeen achi ciciisu; \q2 wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 3 Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa, \q2 humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada; \q1 hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa” \q2 jedha \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \b \q1 \v 4 “Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa; \q2 furdinni dhagna isaas ni huqqata. \q1 \v 5 Akkuma namni midhaan haamu tokko, \q2 midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sana \q1 kunis akkuma yeroo namni tokko \q2 Sulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa. \q1 \v 6 Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti, \q2 qarmii guuruun amma iyyuu jira; \q1 fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa; \q2 damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*, Waaqni Israaʼel. \b \q1 \v 7 Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu; \q2 ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu. \q1 \v 8 Isaan gara iddoo aarsaa, \q2 gara hojii harka isaanii hin ilaalan; \q1 isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa, \q2 iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis // wayittuu hin lakkaaʼan. \p \v 9 Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu. \q1 \v 10 Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta; \q2 ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne. \q1 Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbattee \q2 muka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu, \q1 \v 11 yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuu \q2 ganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota; \q1 garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineetti \q2 wayinichi homaa hin fayyadu. \b \q1 \v 12 Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo! \q2 Isaan akkuma galaana aaruutti aaru! \q1 Saboota wacaniif wayyoo! \q2 Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu. \q1 \v 13 Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuu \q2 yoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu // isaan baqatanii badu; \q1 akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu, \q2 akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu // isaan ni bittinnaaʼu. \q1 \v 14 Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti! \q2 Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu! \q1 Kun qooda warra nu boojiʼee, \q2 hiree warra nu saamee ti. \c 18 \s1 Raajii Itoophiyaadhaan Mormu \q1 \v 1 Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa \q2 kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo; \q1 \v 2 isheen galaana irra, \q2 bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. \b \q1 Yaa ergamoota ariifattoota, \q1 gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, \q2 gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, \q1 saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne \q2 kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa. \b \q1 \v 3 Isin uummanni addunyaa hundi, \q2 warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti // ol qabamu ni argitu; \q2 yeroo malakanni afuufamus // inuma dhageessu. \q1 \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe: \q2 “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, \q1 akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti \q2 calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.” \q1 \v 5 Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree \q2 daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti \q1 inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; \q2 damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa. \q1 \v 6 Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi \q2 bineensota bosonaatiif dhiifamu; \q1 allaattiin bona guutuu, \q2 bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu. \p \v 7 Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, \q1 saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, \q2 saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne \q1 kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa \q2 \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; \m kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan \nd Waaqayyo\nd* Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama. \c 19 \s1 Raajii Gibxiin Mormu \p \v 1 Raajii Gibxiin mormu: \q1 kunoo \nd Waaqayyo\nd* duumessa \q2 saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira. \q1 Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu; \q2 garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa. \b \q1 \v 2 “Ani warra Gibxi walitti nan naqa; \q2 obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa, \q2 magaalaan tokko magaalaa kaan, \q2 mootummaanis mootummaa kaan lola. \q1 \v 3 Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; \q2 anis karoora isaanii nan fashaleessa; \q1 isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, \q2 ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu. \q1 \v 4 Anis dabarsee warra Gibxi \q2 humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna; \q1 mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \b \q1 \v 5 Bishaanonni galaanaa ni gogu; \q2 lagni isaas ni hirʼata; ni gogas. \q1 \v 6 Burqaawwan isaa ni ajaaʼu; \q2 lageen Gibxiis qalʼatanii gogu. \q1 Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu; \q2 \v 7 biqiltuuwwan ededa Abbayyaa, \q2 kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu. \q1 Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga; \q2 bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu. \q1 \v 8 Qurxummii qabdoonni, \q2 warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan // hundi aadanii booʼu; \q2 warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu. \q1 \v 9 Warri quncee talbaa iddame qopheessan, \q2 wayyaa dhooftonnis abdii kutatu. \q1 \v 10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu; \q2 warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu. \b \q1 \v 11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota; \q2 gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis // gorsa faayidaa hin qabne kennu. \q1 Isin akkamitti Faraʼooniin, \q2 “Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha; \q2 ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu? \b \q1 \v 12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru? \q2 Mee isaan waan \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q1 Gibxiin mormuudhaan karoorfate; \q2 isinitti haa himan; haa beeksisanis. \q1 \v 13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru; \q2 bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru; \q1 gurguddoonni saba ishee \q2 Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera; \q2 isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana \q2 biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti // gatantarsan. \q1 \v 15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii // yookaan shambaqqoon, \q2 Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru. \p \v 16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu. \v 17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa. \p \v 18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti. \p \v 19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko \nd Waaqayyoof\nd* ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo \nd Waaqayyoof\nd* ni dhaabama. \v 20 Kunis biyya Gibxi keessatti \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara \nd Waaqayyootti\nd* iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha. \v 21 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas \nd Waaqayyoon\nd* ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; \nd Waaqayyoofis\nd* ni wareegu; wareega sanas ni baafatu. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara \nd Waaqayyootti\nd* ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa. \p \v 23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu. \v 24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa. \v 25 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa. \c 20 \s1 Raajii Gibxii fi Itoophiyaadhaan Mormu \p \v 1 Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa, \v 2 yeroodhuma sanatti \nd Waaqayyo\nd* karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme. \p \v 3 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana, \v 4 akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha. \v 5 Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus. \v 6 Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ ” \c 21 \s1 Raajii Baabiloniin Mormu \p \v 1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: \q1 Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, \q2 weeraraan tokko gammoojjiidhaa, \q2 biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa. \b \q1 \v 2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: \q2 gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. \q1 Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! \q2 Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura. \b \q1 \v 3 Kana irratti dugdi na cite; \q2 akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; \q1 ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; \q2 waanan argeenis nan raafame. \q1 \v 4 Qalbiin koo ni raafame; \q2 sodaan na hollachiise; \q1 dimimmisni ani hawwe sun \q2 sodaatti na jalaa geeddarame. \b \q1 \v 5 Isaan maaddii qopheessu; \q2 afaa diriirsu; \q2 ni nyaatu, ni dhugu! \q1 Isin qondaaltonni kaʼaa; \q2 gaachanas zayitii dibaa. \p \v 6 Gooftaan akkana naan jedha: \q1 “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; \q2 innis waan argu haa himu. \q1 \v 7 Inni yommuu warra farda yaabbatan \q2 kanneen lama lamaan yaaʼan, \q1 warra harree yaabbatan \q2 yookaan warra gaala yaabbatan argutti, \q1 haa dammaqu; \q2 guutumaan guutuutti haa dammaqu.” \p \v 8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye; \q1 “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan \q2 qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; \q2 halkan hundas ani hojii koo irra nan tura. \q1 \v 9 Kunoo, warri farda yaabbatan, \q2 lama lamaan dhufaa jiru; \q1 inni akkana jedhee deebise: \q2 ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! \q1 Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu \q2 burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ” \b \q1 \v 10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, \q2 ani waan \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima. \s1 Raajii Edoomiin mormu \p \v 11 Raajii Duumaan mormu: \q1 Namni tokko Seeʼiirii na waamee, \q2 “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? \q2 Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe. \q1 \v 12 Eegduun sunis, \q2 “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. \q1 Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; \q2 garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa. \s1 Raajii Biyya Arabaatiin Mormu \p \v 13 Raajii biyya Arabaatiin mormu: \q1 Isin imaltoonni Dedaan \q2 kanneen bosona Arabaa keessa qubattan, \q2 \v 14 warra dheeboteef bishaan fidaa; \q1 isin warri Teemaa keessa jiraattan, \q2 baqattootaaf waan nyaatan fidaa. \q1 \v 15 Isaan goraadee jalaa, \q2 goraadee luqqifame jalaa, \q1 xiyya aggaamame jalaa, \q2 hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii. \p \v 16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. \v 17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel dubbateeraatii. \c 22 \s1 Raajii Waaʼee Yerusaalem \p \v 1 Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: \q1 Amma maaltu isin rakkisee \q2 isin hundi fiixee manaatti ol baatan? \q1 \v 2 Yaa magaalaa wacaan guutamte, \q2 yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, \q1 namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne \q2 yookaan waraana keessatti hin dhumne. \q1 \v 3 Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; \q2 isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. \q1 Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu \q2 warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu. \q1 \v 4 Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; \q2 ani hiqqifadhee nan booʼa. \q1 Badiisa saba koo irratti \q2 na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe. \b \q1 \v 5 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, \q2 dhidhiitamuutii fi burjaajii, \q1 akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi \q2 tulluuwwanittis iyyuu qaba. \q1 \v 6 Eelaam manʼee xiyyaa qabattee \q2 gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; \q2 Qiiris gaachana ishee qabatti. \q1 \v 7 Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; \q2 abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru. \b \q1 \v 8 Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. \q2 Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa \q2 keessa jiru sana abdatta. \q1 \v 9 Dallaan Magaalaa Daawit \q2 karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; \q1 Haroo Gad aanaa keessattis \q2 bishaan kuufattaniirtu. \q1 \v 10 Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; \q2 dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan. \q1 \v 11 Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti \q2 kuusaa bishaanii tolchitan; \q1 garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; \q2 yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef // ulfina hin kennine. \b \q1 \v 12 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 akka ati boossee wawwaattuuf, \q1 akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee \q2 wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame. \q1 \v 13 Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, \q2 loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, \q2 foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! \q1 Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; \q2 bor ni duunaatii!” jettu. \p \v 14 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \p \v 15 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, \q2 Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi: \q1 \v 16 Ati maal asii hojjetta? \q2 Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, \q1 akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, \q2 akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu // eenyutu eeyyama siif kenne? \b \q1 \v 17 “Yaa nama jabaa kunoo, \q2 \nd Waaqayyo\nd* jabeessee qabee si darbachuuf jira. \q1 \v 18 Inni akkuma kubbaa furuursee \q2 biyya balʼaa tokko keessa si buusa. \q1 Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; \q2 gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu! \q1 \v 19 Ani aangoo kee irraa sin buusa; \q2 atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta. \p \v 20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama. \v 21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa. \v 22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu. \v 23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. \v 24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.” \p \v 25 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” \nd Waaqayyo\nd* waan kana dubbateeraatii. \c 23 \s1 Raajii Waaʼee Xiiroos \p \v 1 Raajii waaʼee Xiiroos: \q1 Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa! \q2 Xiiroos barbadooftee \q2 mana yookaan buufata doonii malee hafteertii. \q1 Biyya Qophroos \q2 oduun isaan qaqqabeera. \b \q1 \v 2 Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi \q2 daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran \q2 isin sooromsan calʼisaa. \q1 \v 3 Midhaan Shihoor \q2 bishaanota gurguddaa irraan dhufe; \q1 oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture; \q2 isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate. \b \q1 \v 4 Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi; \q2 galaanni akkana jedhee dubbateeraatii: \q1 “Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye; \q2 ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.” \q1 \v 5 Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti \q2 isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu. \b \q1 \v 6 Isin gara Tarshiishitti ceʼaa; \q2 yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa. \q1 \v 7 Magaalaa dulloomtuun durii, \q2 kan miilli ishee ishee fuudhee, \q1 akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun, \q2 magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa? \q1 \v 8 Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu \q2 kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan \q1 kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti \q2 eenyutu waan kana karoorfate? \q1 \v 9 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi \q2 warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf // waan kana karoorfateera. \b \q1 \v 10 Yaa Intala Tarshiish, \q2 ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii, \q2 lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* harka isaa galaana irra qabee \q2 mootummoota hollachiiseera. \q1 Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif \q2 waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera. \q1 \v 12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa, \q2 ati kana caalaa hin fandalaltu! \b \q1 “Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi; \q2 ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.” \q1 \v 13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali; \q2 uummanni kun amma seenaa hin qabu! \q1 Warri Asoor akka isheen \q2 iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan; \q1 isaan siree eegumsaa ijaarratan; \q2 daʼannoowwan ishee qullaa hambisan; \q2 ishees ni barbadeessan. \b \q1 \v 14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa; \q2 daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii! \p \v 15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa: \q1 \v 16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu, \q2 baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi; \q1 ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti; \q2 sirba baayʼee sirbi.” \p \v 17 Dhuma waggaa torbaatamaatti \nd Waaqayyo\nd* Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti. \v 18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu \nd Waaqayyoof\nd* addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa. \c 24 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Lafa Ni barbadeessa \q1 \v 1 Kunoo, \nd Waaqayyo\nd* lafa ni onsa; \q2 ishees ni barbadeessa; \q1 inni ishee gaggaragalchee \q2 warra ishee irra jiraatan bittinneessa; \q1 \v 2 Kan saba irra gaʼu luba irra, \q2 kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra, \q2 kan garbittii irra gaʼu giiftii irra, \q2 kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra, \q2 kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra, \q2 kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii. \q1 \v 3 Lafti guutumaan guutuutti ni onti; \q2 guutumaan guutuuttis ni saamamti. \q1 \nd Waaqayyo\nd* waan kana dubbateeraatii. \b \q1 \v 4 Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama; \q2 addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama; \q2 gurguddoonni saba lafaas ni bututu. \q1 \v 5 Lafti saba isheetiin xuroofteerti; \q2 isaan seeraaf ajajamuu didan; \q1 sirnaan buluu didanii \q2 kakuu bara baraa sana cabsaniiru. \q1 \v 6 Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; \q2 sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. \q1 Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; \q2 nama muraasatu hafa. \q1 \v 7 Daadhiin wayinii haaraan ni goga; \q2 mukni wayiniis ni coollaga; \q2 warri gammadan hundinuu ni aadu. \q1 \v 8 Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa; \q2 wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera; \q2 baganaan nama gammachiisus calʼiseera. \q1 \v 9 Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan; \q2 dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa. \q1 \v 10 Magaalaan diigamte sun ontee hafti; \q2 akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama. \q1 \v 11 Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu; \q2 gammachuun hundi gaddatti geeddarama; \q2 ililchuun hundis lafa irraa dhabama. \q1 \v 12 Magaalaan sun diigamtee hafti; \q2 karri ishees ni caccaba. \q1 \v 13 Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi \q2 akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana, \q1 lafa irratti saboota gidduuttis \q2 akkasuma ni taʼa. \b \q1 \v 14 Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu; \q2 gama lixa biiftuutti ulfina \nd Waaqayyoo\nd* labsu. \q1 \v 15 Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa \nd Waaqayyoof\nd* ulfina kennaa; \q2 qarqara galaanaattis maqaa \nd Waaqayyo\nd* \q2 Waaqa Israaʼel leellisaa. \q1 \v 16 Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa, \q2 “Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya. \b \q1 Ani garuu akkanan jedhe; \q2 “Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo! \q1 Gantoonni ni ganu! \q2 Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!” \q1 \v 17 Yaa uummata lafa irraa, \q2 sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu. \q1 \v 18 Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu \q2 qilee keessa buʼa; \q1 namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu \q2 kiyyoodhaan qabama. \b \q1 Foddaan samiiwwanii banameeraatii \q2 hundeewwan lafaa ni raafamu. \q1 \v 19 Lafti baqaqxeerti; \q2 lafti gargar baateerti; \q2 lafti akka malee raafamteerti; \q1 \v 20 Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti; \q2 isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti; \q1 yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera; \q2 isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu. \b \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* gaafas \q2 humnoota samii, samii irratti, \q2 mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba. \q1 \v 22 Isaan akkuma hidhamtootaa \q2 boolla keessaatti walitti qabamu; \q1 manni hidhaa itti cufamee \q2 guyyaa hedduu booddee adabamu. \q1 \v 23 Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q1 Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti \q2 fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii. \c 25 \s1 \nd Waaqayyoof\nd* Galata Galchuu \q1 \v 1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati Waaqa koo ti; \q2 waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen \q1 wantoota dinqisiisoo \q2 bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, \q2 ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa. \q1 \v 2 Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, \q2 magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; \q1 magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun // siʼachi hin jiraattu; \q2 isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu. \q1 \v 3 Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; \q2 magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu. \q1 \v 4 Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, \q2 rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, \q1 bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, \q2 hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. \q1 Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, \q2 akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi \q2 \v 5 akkuma hoʼa gammoojjii ti. \q1 Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; \q2 akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, \q2 sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa. \b \q1 \v 6 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, \q1 affeerraa daadhii wayinii gogee, \q2 foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa. \q1 \v 7 Inni tulluu kana irratti, \q2 haguuggii uummata hundatti haguugame, \q1 golgaa saba hundatti golgame ni balleessa; \q2 \v 8 inni bara baraan duʼa ni liqimsa. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; \q2 inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. \q2 \nd Waaqayyo\nd* waan kana dubbateeraatii. \p \v 9 Isaan gaafas akkana jedhu; \q1 “Dhugumaan kun Waaqa keenya; \q2 nu isa amananne; innis nu oolche. \q1 Kun \nd Waaqayyoo\nd* dha; nu isa amananne; \q2 kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.” \b \q1 \v 10 Harki \nd Waaqayyoo\nd* tulluu kana irra ni boqota; \q2 Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana \q2 isa jalatti dhidhiitama. \q1 \v 11 Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, \q2 gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. \q1 Waaqnis of tuulummaa isaanii, \q2 ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa. \q1 \v 12 Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, \q2 akka inni duufu godha; \q2 lafatti gad jigsees biyyootti dabala. \c 26 \s1 Faarfannaa Galataa \p \v 1 Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: \q1 Nu magaalaa jabaa qabna; \q2 Waaqnis fayyina, \q2 dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa. \q1 \v 2 Akka sabni qajeelaan, \q2 sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, \q2 karrawwan banaa. \q1 \v 3 Inni sitti irkateeraatii, \q2 nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, \q2 ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda. \q1 \v 4 Sababii \nd Waaqayyo\nd*, \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa, \q2 Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan \nd Waaqayyoon\nd* amanadhaa. \q1 \v 5 Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; \q2 magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; \q2 lafatti gatees awwaaratti ishee maka. \q1 \v 6 Miilli, miilli warra hacuucamee, \q2 faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita. \b \q1 \v 7 Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; \q2 yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta. \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, \q1 maqaan keetii fi beekamuun kee \q2 hawwii garaa keenyaa ti. \q1 \v 9 Halkan lubbuun koo si yaaddi; \q2 ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. \q1 Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, \q2 uummanni addunyaa qajeelummaa barata. \q1 \v 10 Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, \q2 qajeelummaa hin baratu; \q1 biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; \q2 surraa \nd Waaqayyoos\nd* hin hubatu. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, harki kee ol kaafameera; \q2 isaan garuu isa hin argan. \q1 Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; \q2 ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu. \b \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati nagaa nuuf kenniteerta; \q2 ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii. \q1 \v 13 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, \q2 si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; \q2 nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina. \q1 \v 14 Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; \q2 isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. \q1 Ati isaan adabde; isaan balleessites; \q2 yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite. \q1 \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati saba baayʼisteerta; \q2 ati saba baayʼisteerta; \q1 ati ofii keetiif ulfina argatteerta; \q2 daarii biyyaa hunda balʼifteerta. \b \q1 \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; \q2 yeroo ati isaan adabdetti \q2 isaan kadhannaa gad roobsan. \q1 \v 17 Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, \q2 ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra. \q1 \v 18 Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; \q2 nu garuu bubbee deenye. \q1 Nu lafaaf fayyina hin fidne; \q2 nu uummata addunyaa hin deenye. \b \q1 \v 19 Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; \q2 dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. \q1 Isin warri biyyoo keessa jiraattan, \q2 dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. \q1 Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; \q2 laftis warra duʼan of keessaa baafti. \b \q1 \v 20 Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii \q2 duubaan balbala ofitti cufi; \q1 hamma dheekkamsi isaa darbutti, \q2 yeroo muraasaaf of dhoksi. \q1 \v 21 Kunoo, \nd Waaqayyo\nd* sababii cubbuu isaaniitiif \q2 uummata lafa irraa adabuuf // iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. \q1 Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; \q2 siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu. \c 27 \s1 Furamuu Israaʼel \p \v 1 Bara sana, \q1 \nd Waaqayyo\nd* goraadee isaatiin, \q2 goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, \q1 Lewaataan boficha mirmirfamu, \q2 Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; \q1 inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta. \p \v 2 Bara sana akkana jedhama; \q1 “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa; \q2 \v 3 ani \nd Waaqayyo\nd* isa nan eega; \q2 ani yeroo hunda bishaan nan obaasa; \q1 akka namni tokko iyyuu isa hin miineef \q2 ani halkanii fi guyyaa isa nan eega. \q2 \v 4 Ani hin aaru. \q1 Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii! \q2 Ani silaa isaanitti nan duula; \q2 walitti qabees isaan nan guba. \q1 \v 5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan; \q2 isaan na wajjin nagaa haa uuman; \q2 eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.” \b \q1 \v 6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa; \q2 Israaʼel latee daraara; \q2 ijaanis addunyaa hunda guuta. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* akkuma warra ishee rukutan sana rukute, \q2 ishee illee rukuteeraa? \q1 Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman, \q2 isheenis ajjeefamteertii? \q1 \v 8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite; \q2 inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti, \q2 bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa. \q1 \v 9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda \q2 akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti, \q1 siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu // dhaabatee hin hafu. \q2 Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf; \q2 kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa. \q1 \v 10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti; \q2 akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati; \q1 jabboonni achi dheeddi; \q2 achis ni ciciifti; \q2 jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu. \q1 \v 11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba; \q2 dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu. \q1 Uummanni kun hubannaa hin qabuutii; \q2 kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf; \q2 Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu. \p \v 12 Bara sana \nd Waaqayyo\nd* Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu. \v 13 Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffatu. \c 28 \s1 Hooggantoota Efreemiif Wayyoo \q1 \v 1 Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf, \q2 daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif, \q1 kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf, \q2 magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman // sanaatiif wayyoo! \q1 \v 2 Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba. \q2 Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu, \q1 akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu, \q2 humnaan lafatti gad ishee darbata. \q1 \v 3 Gonfoon of tuulummaa, \q2 machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu. \q1 \v 4 Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan, \q2 kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun, \q1 akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa; \q2 namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen // isa nyaatee fixa. \b \q1 \v 5 Bara sana \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 hambaa saba isaatiif, \q1 gonfoo ulfinaa, \q2 miʼa miidhaginaa ni taʼa. \q1 \v 6 Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa; \q2 warra karra irraa waraana deebisaniif immoo // madda jabinaa taʼa. \b \q1 \v 7 Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru; \q2 dhugaatii jabaadhaan dogoggoru; \q1 luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru; \q2 daadhii wayiniitiin fudhatamu; \q1 isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu; \q2 yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru; \q2 yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru. \q1 \v 8 Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera; \q2 iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 9 “Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu? \q2 Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira? \q1 Ijoollee aannan dhiifteef moo \q2 ijoollee harma guuteef? \q1 \v 10 Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; \q2 sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; \q2 asitti muraasa; achitti muraasa” taʼaatii. \b \q1 \v 11 Yoos Waaqni afaan alagootaatiin, \q2 afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata; \q1 \v 12 inni akkana isaaniin jedhe; \q2 “Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan; \q1 kun iddoo aara galfannaa ti.” \q2 Isaan garuu dhagaʼuu didan. \q1 \v 13 Yoo akkasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana isaanitti taʼa; \q2 ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; \q1 sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; \q2 asitti muraasa; achitti muraasa; \q1 kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi \q2 akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif. \b \q1 \v 14 Kanaafuu isin qoostonni \q2 warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii // \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \q1 \v 15 Isin akkana jettanii of tuultu; “Nu duʼa wajjin kakuu galleerra; \q2 siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra. \q1 Sababii nu soba daʼoo godhannee, \q2 sobas iddoo itti dhokannu godhanneef, \q1 balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti \q2 nu tuquu hin dandaʼu.” \p \v 16 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha; \q1 “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame, \q2 dhagaa golee gati jabeessa tokko \q1 hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa; \q2 namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu. \q1 \v 17 Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran, \q2 qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha; \q1 soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa; \q2 bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa. \q1 \v 18 Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama; \q2 walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis // ni barbadeeffama. \q1 Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti \q2 isin lafatti gad dhidhiitamtu. \q1 \v 19 Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema; \q2 ganama ganama halkanii fi guyyaas, // inni waa balleessa.” \b \q1 Ergaa kana hubachuun \q2 naasuu guddaa namatti fida. \q1 \v 20 Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha; \q2 uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha. \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf, \q2 gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf, \q1 akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa; \q2 akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa. \q1 \v 22 Amma qoosaa keessan dhiisaa; \q2 yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata; \q1 Gooftaan, \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera. \b \q1 \v 23 Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa; \q2 qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa. \q1 \v 24 Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti, // ittuma fufee qotaa? \q2 Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa? \q1 \v 25 Inni yeroo lafa wal qixxeessutti \q2 dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu? \q1 Inni qamadii toora tooraan, \q2 garbuu iddoo isaa irratti, \q2 honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu? \q1 \v 26 Waaqni isaa isa barsiisa; \q2 karaa qajeelaa irras isa buusa. \b \q1 \v 27 Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu; \q2 kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu; \q1 abasuudni uleedhaan, \q2 insilaalli immoo shimalaan dhaʼama. \q1 \v 28 Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba; \q2 kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu. \q1 Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu \q2 fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan. \q1 \v 29 Wanni kun hundinuu \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q2 isa mariidhaan dinqisiisaa, \q2 ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa. \c 29 \s1 Magaalaa Daawitiif Wayyoo \q1 \v 1 Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel, \q2 magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo! \q1 Waggaa irratti waggaa dabalaa; \q2 ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan. \q1 \v 2 Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba; \q2 isheen boossee ni wawwaatti; \q2 isheen anaaf akka Ariiʼeel taati. \q1 \v 3 Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha; \q2 gamoowwaniinis sin marsa; \q2 tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba. \q1 \v 4 Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta; \q2 haasaan kee biyyoo keessaa guunguma. \q1 Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa; \q2 haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa. \b \q1 \v 5 Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee, \q2 gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu. \q1 Akkuma tasaa utuu hin beekaminis, \q2 \v 6 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, \q1 bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan, \q2 bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa. \q1 \v 7 Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu, \q2 kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu, \q1 akkuma abjuu, \q2 akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa; \q1 \v 8 kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee \q2 yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana, \q1 yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee \q2 yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa. \q1 Tuuta saboota hundaa \q2 kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa. \b \q1 \v 9 Rifadhaa; dinqisiifadhaas; \q2 of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa; \q1 machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin; \q2 gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin. \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* hirriba cimaa isinitti buuseera; \q2 ija keessan raajota, cufeera; \q2 mataa keessan ilaaltootas, haguugeera. \p \v 11 Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa. \v 12 Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa. \p \v 13 Gooftaan akkana jedha: \q1 “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; \q2 hidhii isaatiinis na kabaja; \q2 garaan isaa garuu narraa fagoo jira. \q1 Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis \q2 seera namni barsiisu qofaan tolfame. \q1 \v 14 Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee \q2 uummata kana nan dinqisiisa; \q1 ogummaan nama ogeessaa ni bada; \q2 hubannaan hubattootaas ni dhokata.” \q1 \v 15 Warra karoora isaanii \q2 \nd Waaqayyo\nd* duraa dhokfachuuf jedhanii // qileetti gad buʼaniif, \q1 warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii, \q2 “Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?” // jedhanii yaadaniif wayyoo! \q1 \v 16 Kun jalʼina keessan, \q2 suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! \q1 Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen \q2 “Inni na hin tolchine” jedhaa? \q1 Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, \q2 “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa? \b \q1 \v 17 Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti // lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu? \q2 Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu? \q1 \v 18 Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa; \q2 iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga. \q1 \v 19 Namni gad of qabu ammas \nd Waaqayyotti\nd* ni gammada; \q2 rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu. \q1 \v 20 Gara jabeeyyiin ni badu; \q2 warri namatti qoosan ni barbadaaʼu; \q2 warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu; \q1 \v 21 warri dubbiin yakkamaa nama godhan, \q2 warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii \q1 sobaan dhugaa baʼuudhaan \q2 murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu. \p \v 22 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha: \q1 “Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu; \q2 fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu. \q1 \v 23 Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii \q2 hojii harka kootii sana arganitti, \q1 maqaa koo ni qulqulleessu; \q2 isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku; \q2 Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu. \q1 \v 24 Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; \q2 warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.” \c 30 \s1 Saba Fincilaadhaaf Wayyoo \q1 \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q2 “Ijoollee fincilan, \q1 kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan, \q2 kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman, \q2 kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo; \q1 \v 2 kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan, \q2 kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof, \q1 eegumsa Faraʼoon immoo \q2 gargaarsaaf abdataniif wayyoo. \q1 \v 3 Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa; \q2 gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida. \q1 \v 4 Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu, \q2 yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu, \q1 \v 5 tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne \q2 kanneen qaanii fi salphina malee \q1 gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine \q2 sanaatiif ni qaaneffamu.” \p \v 6 Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: \q1 Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, \q2 meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii \q2 biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, \q1 bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, \q2 lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii \q1 gara biyya homaa hin fayyadnee \q2 \v 7 gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu. \q1 Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne” \q2 jedhee ishee nan waama. \b \q1 \v 8 Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; \q2 kitaaba maramaa irratti katabiif; \q1 kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa \q2 dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf. \q1 \v 9 Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; \q2 ijoollee seera \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha. \q1 \v 10 Isaan mulʼata argitootaan, \q2 “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; \q1 raajotaanis akkana jedhu; \q2 “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! \q1 Waan nama gammachiisu nutti himaa; \q2 gowwoomsaa nuuf raajaa. \q1 \v 11 Karaa kana gad dhiisaa; \q2 daandii kana irraa jalʼadhaa; \q1 Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa \q2 dhabamsiisaa!” jedhu. \p \v 12 Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: \q1 “Sababii isin ergaa kana diddanii \q2 nama hacuucuu abdattanii \q2 gowwoomsaatti irkattaniif, \q1 \v 13 cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa \q2 dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose \q2 kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa. \q1 \v 14 Dallaan sun akkuma miʼa supheetti, \q2 hamma wanni ittiin cilee bobaʼu \q1 iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti \q2 yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa \q2 bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.” \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: \q1 “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu; \q2 tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu; \q2 isin garuu kana hin goone. \q1 \v 16 Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu. \q2 Kanaafuu isin ni baqattu! \q1 Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu. \q2 Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu! \q1 \v 17 Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata; \q2 doorsisa nama shaniitiin immoo, \q2 isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu, \q1 akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti \q2 hundi keessan ni baqattu.” \b \q1 \v 18 Taʼus \nd Waaqayyo\nd* isiniif arjoomuu barbaada; \q2 isiniif naʼuufis ni kaʼa: \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa murtii qajeelaa ti. \q2 Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha. \p \v 19 Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna. \v 20 Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita. \v 21 Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa. \v 22 Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan. \p \v 23 Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu. \v 24 Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu. \v 25 Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu. \v 26 Gaafa \nd Waaqayyo\nd* cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa. \q1 \v 27 Kunoo Maqaan \nd Waaqayyoo\nd* aarii bobaʼuu fi \q2 duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira; \q1 afaan isaa dheekkamsaan, \q2 arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera. \q1 \v 28 Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee \q2 hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti. \q1 Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha; \q2 inni luugama karaa irraa isaan balleessu \q2 haʼoo sabootaa keessa kaaʼa. \q1 \v 29 Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti, \q2 faarfannaa ni faarfattu; \q1 garaan keessan \q2 akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa \q1 gara tulluu \nd Waaqayyootti\nd*, \q2 gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada. \q1 \v 30 \nd Waaqayyo\nd* akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha; \q2 inni akka isaan irree isaa \q1 kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun, \q2 bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan // dhufaa jiru argan ni godha. \q1 \v 31 Sagaleen \nd Waaqayyoo\nd* Asoorin ni caccabsa; \q2 bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa. \q1 \v 32 Adabbiin ulee kan \nd Waaqayyo\nd* \q2 isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi \q1 sagalee kiraaraa of keessaa qaba; \q2 innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola. \q1 \v 33 Toofet dur qopheeffame; \q2 inni mootichaaf qopheeffame. \q1 Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame; \q2 innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera; \q1 hafuurri afaan \nd Waaqayyootii\nd* baʼus \q2 akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha. \c 31 \s1 Warra Gibxin Abdataniif Wayyoo \q1 \v 1 Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif, \q2 warra fardeen abdataniif \q1 warra gaariiwwan isaaniitii fi \q2 jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii \q1 garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle \q2 yookaan gargaarsa \nd Waaqayyoo\nd* hin barbaanneef wayyoo. \q1 \v 2 Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa; \q2 inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu. \q1 Inni mana hamootaatti, \q2 warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa. \q1 \v 3 Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti; \q2 fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti. \q1 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* harka isaa diriirfatutti, \q2 inni gargaaru ni gufata; \q2 inni gargaaramus ni kufa; \q2 isaan lachuu walii wajjin badu. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedha: \q1 “Akkuma leenci, \q2 leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana, \q2 tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu, \q1 inni iyya isaanii hin sodaatu; \q2 yookaan waca isaaniitiin hin raafamu; \q1 akkasuma \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu \q2 Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa. \q1 \v 5 Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu // Yerusaalemiif gaachana taʼa; \q1 inni gaachana taʼeefii ishee baraara; \q2 ishee bira darba; ishee oolchas.” \p \v 6 Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa. \v 7 Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii. \q1 \v 8 “Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti; \q2 goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa. \q1 Isaan goraadee duraa baqatu; \q2 dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu. \q1 \v 9 Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga; \q2 ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu” \q1 jedha \nd Waaqayyo\nd*, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, \q2 kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun. \c 32 \s1 Mootummaa Qajeelummaa \q1 \v 1 Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; \q2 bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu. \q1 \v 2 Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, \q2 akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, \q1 akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi \q2 akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa. \b \q1 \v 3 Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; \q2 gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata. \q1 \v 4 Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; \q2 arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata. \q1 \v 5 Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; \q2 addaggeenis baayʼee hin kabajamu. \q1 \v 6 Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf \q2 qalbiin isaa hammina hojjeta; \q1 inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; \q2 waaʼee \nd Waaqayyoos\nd* dogoggora odeessa; \q1 inni nama beelaʼe beela hin baasu; \q2 nama dheebote illee bishaan dhowwata. \q1 \v 7 Malli addaggee hammina; \q2 inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu \q2 sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada. \q1 \v 8 Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; \q2 hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata. \s1 Dubartoota Yerusaalem \q1 \v 9 Yaa dubartoota akka malee boontan \q2 kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; \q1 yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan \q2 waan ani jedhu dhagaʼaa! \q1 \v 10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan \q2 erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; \q1 wayiniin ija hin kennu; \q2 yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu. \q1 \v 11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; \q2 intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! \q1 Uffata keessan of irraa baasaatii \q2 wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa. \q1 \v 12 Lafa qotiisaa gaariif, \q2 muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa; \q1 \v 13 lafa uummata koo kan qoraattii fi \q2 sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; \q1 dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi \q2 magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa. \q1 \v 14 Daʼannoon ni ona; \q2 magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; \q1 magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; \q2 iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu; \q1 \v 15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun // gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi \q2 hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee \q2 lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa. \q1 \v 16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; \q2 qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata. \q1 \v 17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; \q2 faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin \q2 tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha. \q1 \v 18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, \q2 manneen bultii sodaa hin qabne \q2 iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata. \q1 \v 19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, \q2 magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti; \q1 \v 20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii \q2 loon keessanii fi harroota keessan \q2 nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha. \c 33 \s1 Dhiphinaa fi Gargaarsa \q1 \v 1 Yaa barbadeessaa, \q2 ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! \q1 Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! \q2 Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; \q2 yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta. \b \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, nu maari; nu si eeggannaa. \q2 Ati ganama ganama jabina keenya, \q2 yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi. \q1 \v 3 Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; \q2 yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu. \q1 \v 4 Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana \q2 boojuun keessan walitti qabama; \q2 namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu. \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; \q2 inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta. \q1 \v 6 Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, \q2 kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; \q2 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti. \b \q1 \v 7 Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; \q2 ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu. \q1 \v 8 Karaawwan gurguddaan onaniiru; \q2 namni karaa irra deemu hin jiru. \q1 Walii galteen diigameera; \q2 dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; \q2 namni tokko iyyuu hin kabajamu. \q1 \v 9 Lafti ni boossi; ni barbadoofti; \q2 Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; \q1 Shaaroon akka gammoojjii taati; \q2 Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu. \b \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; \q2 ani amma ol ol nan jedha; \q2 ani amma nan kabajama. \q1 \v 11 Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; \q2 hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha. \q1 \v 12 Namoonni akkuma nooraa gubamu; \q2 akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.” \b \q1 \v 13 Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; \q2 warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa! \q1 \v 14 Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; \q2 warri Waaqatti hin bulles hollachaa, \q2 “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? \q1 Nu keessaa eenyutu \q2 ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu. \q1 \v 15 Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, \q2 kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee \q2 harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, \q1 namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee \q2 jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu, \q1 \v 16 iddoo ol kaʼaa irra jiraata; \q2 daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. \q1 Buddeenni isaaf ni kennama; \q2 bishaanis isatti hin hirʼatu. \b \q1 \v 17 Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; \q2 biyya fagoo jirtu illee ni ilaala. \q1 \v 18 Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: \q2 “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? \q1 Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? \q2 Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?” \q1 \v 19 Ati siʼachi saba hamaa, \q2 kan haasaan isaa namaaf hin galle, \q2 kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu. \b \q1 \v 20 Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; \q2 iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, \q2 dunkaana hin buqqifamne arga; \q1 qofoon ishee hin buqqifamu; \q2 yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu. \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* achitti Humna keenya taʼa. \q2 Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. \q1 Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu \q2 isaan irra hin deemu; \q2 dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru. \q1 \v 22 \nd Waaqayyo\nd* abbaa murtii keenyaatii; \q2 \nd Waaqayyo\nd* seera nuuf kenna; \q1 \nd Waaqayyo\nd* mootii keenya; \q2 inni nu fayyisa. \b \q1 \v 23 Funyoon kee laafeera; \q2 utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; \q2 sharaanis hin diriirfamne. \q1 Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; \q2 okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata. \q1 \v 24 Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; \q2 cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf. \c 34 \s1 Murtii Saboota Eeggattu \q1 \v 1 Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa; \q2 yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa! \q1 Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis, \q2 addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan! \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* saboota hundatti aareera; \q2 dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. \q1 Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; \q2 inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna. \q1 \v 3 Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; \q2 reeffi isaanii ni ajaaʼa; \q2 tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru. \q1 \v 4 Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; \q2 samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; \q1 raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, \q2 akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu. \b \q1 \v 5 Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; \q2 kunoo inni Edoomitti muruuf, \q2 gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera. \q1 \v 6 Goraadeen \nd Waaqayyoo\nd* dhiiga keessa cuuphameera; \q2 inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, \q2 moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. \q1 \nd Waaqayyo\nd* Bozraa keessatti aarsaa, \q2 Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii. \q1 \v 7 Gafarsi isaan wajjin, \q2 jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. \q1 Lafti isaanii dhiigaan jiiti; \q2 biyyoon isaaniis moora quufa. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* guyyaa itti haaloo baʼu, \q2 waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii. \q1 \v 9 Burqaawwan Edoom leeleetti, \q2 biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; \q2 lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa! \q1 \v 10 Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; \q2 aarri isaas bara baraan ol baʼa. \q1 Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; \q2 namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu. \q1 \v 11 Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu; \q2 urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu. \q1 Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi \q2 madaalii badiisaa ni diriirsa. \q1 \v 12 Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu // achii hin qabaatan; \q2 ilmaan mootota ishee hundi ni badu. \q1 \v 13 Masaraa ishee qoraattii, \q2 daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala. \q1 Isheen boolla waangoo, \q2 iddoo urunguun jiraattu ni taati. \q1 \v 14 Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu; \q2 hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu; \q1 uumamawwan halkanii achi boqotan; \q2 ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu. \q1 \v 15 Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi; \q2 cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti; \q2 allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti. \p \v 16 Kitaaba \nd Waaqayyoo\nd* keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: \q1 Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu; \q2 tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu. \q1 Afaan Waaqaa ajajeeraatii; \q2 Hafuurri isaas walitti isaan qaba. \q1 \v 17 Isatu qooda isaanii hiraaf; \q2 harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda. \q1 Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu; \q2 dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu. \c 35 \s1 Gammachuu Warra Furamanii \q1 \v 1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; \q2 lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. \q1 Akka arfaasee, \v 2 baayʼinaan daraara; \q2 akka malee gammadees ililcha. \q1 Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi \q2 Shaaroon ni kennamaaf; \q1 isaan ulfina \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 surraa Waaqa keenyaas ni argu. \b \q1 \v 3 Harka dadhabe jajjabeessaa; \q2 jilba laafes cimsaa; \q1 \v 4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: \q2 “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; \q1 Waaqni keessan ni dhufa; \q2 inni haaloo baasuuf dhufa; \q1 gatii malu qabatee \q2 isin oolchuuf ni dhufa.” \b \q1 \v 5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama; \q2 gurri nama duudaas ni dhagaʼa. \q1 \v 6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; \q2 arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. \q1 Bishaan gammoojjii keessaa, \q2 burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa. \q1 \v 7 Lafti nama gubu haroo, \q2 lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. \q1 Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, \q2 shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila. \b \q1 \v 8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; \q2 innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; \q1 inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. \q2 “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; \q2 gowwoonni achiinuu hin baʼan. \q1 \v 9 Leenci achitti hin argamu; \q2 yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; \q2 isaan achitti hin argaman. \q1 Garuu warra furaman qofatu achi irra deema; \q2 \v 10 warri \nd Waaqayyo\nd* isaan fure ni deebiʼu. \q1 Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; \q2 gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. \q1 Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; \q2 gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu. \c 36 \s1 Senaaheriib Yerusaalemin Doorsise \r 36:1‑22 kwf – \xt 2Mt 18:13,17‑37; 2Sn 32:9‑19\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate. \v 2 Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate; \v 3 Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan. \p \v 4 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: \pm “ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte? \v 5 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta? \v 6 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma. \v 7 Yoo ati, “Nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii? \pm \v 8 “ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna! \v 9 Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa? \v 10 Ati waan ani dubbii \nd Waaqayyoo\nd* malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ” \p \v 11 Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan. \p \v 12 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?” \p \v 13 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa! \v 14 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu! \v 15 Hisqiyaas, ‘\nd Waaqayyo\nd* dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin \nd Waaqayyoon\nd* amanattaniif isin hin sossobin. \p \v 16 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu; \v 17 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa. \p \v 18 “Hisqiyaas, ‘\nd Waaqayyo\nd* nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa? \v 19 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu? \v 20 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos \nd Waaqayyo\nd* akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?” \p \v 21 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine. \p \v 22 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan. \c 37 \s1 Bilisoomuun Yerusaalem Himame \r 37:1‑13 kwf – \xt 2Mt 19:1‑13\xt* \p \v 1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti, uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seene. \v 2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge. \v 3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha: Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa dhagaʼee dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.” \p \v 5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas Mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti, \v 6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin. \v 7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ” \p \v 8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate. \p \v 9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Innis yommuu waan kana dhagaʼetti, akkana jedhee Hisqiyaasitti ergamoota erge: \v 10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin. \v 11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree? \v 12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu? \v 13 Mootiin Hamaati yookaan mootiin Arfaad eessa jira? Mootiin magaalaa Seefarwaayim, mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?” \s1 Kadhannaa Hisqiyaas \r 37:14‑20 kwf – \xt 2Mt 19:14‑19\xt* \p \v 14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼee xalayaa sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti diriirse. \v 15 Hisqiyaas akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate: \v 16 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta. \v 17 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa \nd Waaqayyo\nd*, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu. \p \v 18 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. \v 19 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii. \v 20 Kanaafuu yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.” \s1 Kufaatii Senaaheriib \r 37:21‑38 kwf – \xt 2Mt 19:20‑37; 2Sn 32:20‑21\xt* \p \v 21 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Sababii ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor na kadhatteef, \v 22 dubbiin \nd Waaqayyo\nd* isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: \q1 “Intalli Xiyoon durbi qulqullittiin \q2 si tuffattee sitti qoosti. \q1 Intalli Yerusaalem \q2 yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti. \q1 \v 23 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? \q2 Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee \q1 of tuulummaadhaan ija ol qabatte? \q2 Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii! \q1 \v 24 Ati karaa ergamoota keetiitiin, \q2 Gooftaatti qoosteerta. \q1 Ati akkanas jetteerta; \q2 ‘Ani gaariiwwan koo hedduudhaan \q1 fiixee tulluuwwaniitti, \q2 fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. \q1 Ani birbirsawwan isaa akka malee dhedheeroo, \q2 gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. \q1 Ani fiixeewwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, \q2 bosonoota akka malee mimmiidhagoo qaqqabeera. \q1 \v 25 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee \q2 achitti bishaan dhugeera. \q1 Ani faana miilla kootiin \q2 lageen Gibxi hunda gogseera.’ \b \q1 \v 26 “Ati waan kana hin dhageenyee? \q2 Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. \q1 Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; \q2 amma immoo hojii irra oolfadheera; \q1 kunis akka ati magaalaawwan \q2 dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa gootuu dha. \q1 \v 27 Namoonni isaanii humna dhabanii \q2 abdii kutataniis qaanaʼan. \q1 Isaan akkuma biqiltuu diidaa, \q2 akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, \q1 akkuma marga mana gubbaatti biqilu \q2 kan utuu hin guddatin gubatee ti. \b \q1 \v 28 “Ani garuu lafa ati jirtu, \q2 yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, \q2 akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka. \q1 \v 29 Sababii ati akka malee natti aartee \q2 of tuulummaan kees gurra koo seeneef, \q1 ani funyaan keetti hokkoo koo, \q2 afaan keetti immoo luugama koo kaaʼee \q2 akka ati karuma dhufte sanaan deebitu sin godha. \p \v 30 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: \q1 “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, \q2 waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. \q1 Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; \q2 muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. \q1 \v 31 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko, \q2 jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata. \q1 \v 32 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, \q2 Tulluu Xiyooniitii immoo // gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. \q1 Hinaaffaan \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu \q2 waan kana ni raawwata. \p \v 33 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: \q1 “Inni magaalaa kana hin seenu, \q2 yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. \q1 Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu \q2 yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu. \q1 \v 34 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; \q2 magaalaa kanas hin seenu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 35 “Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee \q2 magaalaa kana nan eega; nan oolchas!” \p \v 36 Ergasii ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture. \v 37 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate. \p \v 38 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa Waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii gara biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 38 \s1 Hisqiyaas Dhukkubsachuu Isaa \r 38:1‑8 kwf – \xt 2Mt 20:1‑11; 2Sn 32:24‑26\xt* \p \v 1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen. \p \v 2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate; \v 3 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe. \p \v 4 Ergasiis dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe: \v 5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. \v 6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega. \p \v 7 “ ‘Kun mallattoo \nd Waaqayyoo\nd* kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf \nd Waaqayyo\nd* biraa siif kennamee dha: \v 8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’ ” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe. \p \v 9 Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse: \q1 \v 10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, \q2 ani siiʼool seenuun qabaa? \q2 Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe. \q1 \v 11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, \q2 lammata \nd Waaqayyoon\nd* hin argu; \q1 ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, \q2 yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu. \q1 \v 12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa \q2 buqqifamee narraa fudhatameera. \q1 Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; \q2 inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; \q2 ati halkanii guyyaa na balleessita. \q1 \v 13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; \q2 inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; \q2 ati halkanii guyyaas na balleessita. \q1 \v 14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; \q2 akka gugee boossuus nan aade; \q1 iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; \q2 yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!” \b \q1 \v 15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa? \q2 Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. \q1 Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif \q2 umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha. \q1 \v 16 Yaa Gooftaa, namoonni \q2 waanuma akkasiitiin jiraatu; \q1 hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. \q2 Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte. \q1 \v 17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. \q2 Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; \q2 cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte. \q1 \v 18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; \q2 duutis si jajachuu hin dandaʼu. \q1 Warri qileetti gad buʼan, \q2 amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan. \q1 \v 19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, \q2 yaa jiraataa jedhanii si jajatu; \q1 abbootiin waaʼee amanamummaa keetii \q2 ijoollee isaaniitti ni odeessu. \b \q1 \v 20 \nd Waaqayyo\nd* na baraara; \q2 nus bara jireenya keenyaa guutuu, \q1 mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti \q2 miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna. \p \v 21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture. \p \v 22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate. \c 39 \s1 Ergamoota Baabilonii Dhufan \r 39:1‑8 kwf – \xt 2Mt 20:12‑19\xt* \p \v 1 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef. \v 2 Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre. \p \v 3 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. \p Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa na bira dhufan” jedhee deebise. \p \v 4 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. \p Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen. \p \v 5 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi: \v 6 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 7 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.” \p \v 8 Hisqiyaasis, “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii. \c 40 \s1 Sabni Waaqaa Jajjabeeffame \q1 \v 1 Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; \q2 jedha Waaqni keessan. \q1 \v 2 Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa; \q2 hojiin garbummaa ishee akka dhume, \q1 gatiin cubbuu ishee akka baafameef, \q2 isheen cubbuu ishee hundaaf \q1 harka \nd Waaqayyootii\nd* adabbii dachaa \q2 akka fudhatte isheetti labsaa. \b \q1 \v 3 Sagalee akkana jedhee iyyu tokko: \q1 “Gammoojjii keessatti \q2 \nd Waaqayyoof\nd* karaa qopheessaa; \q1 gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf \q2 karaa guddicha qajeelchaa. \q1 \v 4 Sululli hundi ni guutama; \q2 tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama; \q1 lafti wal caalu, wal qixxeeffama; \q2 lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa. \q1 \v 5 Ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* ni mulʼata; \q2 sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. \q1 Afaan \nd Waaqayyoo\nd* dubbateeraatii.” \b \q1 \v 6 Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. \q2 Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. \b \q1 “Namni hundi akkuma margaa ti; \q2 ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti. \q1 \v 7 Sababii hafuurri \nd Waaqayyo\nd* baafatu isaanitti bubbisuuf margi \q2 ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. \q2 Dhugumaan namni marguma. \q1 \v 8 Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; \q2 dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.” \b \q1 \v 9 Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu, \q2 tulluu dheeraatti ol baʼi. \q1 Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu, \q2 sagalee kee ol fudhuutii iyyi; \q1 ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin; \q2 magaalaawwan Yihuudaatiinis, \q2 “Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi. \q1 \v 10 Kunoo, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan humnaan ni dhufa; \q2 irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha. \q1 Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira; \q2 gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira. \q1 \v 11 Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; \q2 xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; \q1 ofitti qabees qoma isaatti hammata; \q2 haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa. \b \q1 \v 12 Bishaanota konyee isaatiin kan safare \q2 yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? \q1 Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe \q2 yookaan tulluuwwan madaaliidhaan \q2 gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu? \q1 \v 13 Eenyutu Hafuura \nd Waaqayyoo\nd* qajeelchuu dandaʼe? \q2 Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu? \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate? \q2 Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise? \q1 Eenyutu beekumsa isaaf kennee \q2 yookaan daandii hubannaa isa argisiise? \b \q1 \v 15 Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; \q2 isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; \q2 inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala. \q1 \v 16 Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu, \q2 yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan. \q1 \v 17 Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman; \q2 isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman; \q2 gatiis hin qaban. \b \q1 \v 18 Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu? \q2 Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu? \q1 \v 19 Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha; \q2 tumtuun warqees warqee itti uffisa; \q2 foncaa meetiitiinis ni miidhagsa. \q1 \v 20 Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu \q2 hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata. \q1 Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis \q2 nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata. \b \q1 \v 21 Isin hin beektanii? \q2 Isin hin dhageenyee? \q1 Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? \q2 Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee? \q1 \v 22 Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; \q2 uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. \q1 Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; \q2 akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa. \q1 \v 23 Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa; \q2 bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa. \q1 \v 24 Akkuma isaan dhaabamaniin, \q2 akkuma isaan facaafamaniin, \q2 akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, // inni isaanitti bubbise; \q1 isaanis ni coollagan; \q2 obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe. \b \q1 \v 25 “Isin eenyutti na fakkeessitu? \q2 Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi. \q1 \v 26 Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: \q2 Eenyutu kanneen hunda uume? \q1 Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee \q2 tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. \q1 Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif \q2 isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu. \b \q1 \v 27 Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif, \q2 “Karaan koo \nd Waaqayyo\nd* duraa dhokateera; \q1 haajaan koos fuula Waaqa koo duratti \q2 tuffatameera” jettee guungumta? \q1 \v 28 Ati hin beektuu? \q2 Ati hin dhageenyee? \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa bara baraa ti; \q2 inni Uumaa handaara lafaa ti. \q1 Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; \q2 hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru. \q1 \v 29 Inni dadhabdootaaf jabina kenna; \q2 nama laafaaf immoo humna dabala. \q1 \v 30 Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; \q2 dargaggoonnis gufatanii kufu; \q1 \v 31 Warri \nd Waaqayyoon\nd* abdatan garuu \q2 humna isaanii ni haaromfatu. \q1 Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; \q2 ni fiigu; hin dadhaban; \q2 ni deemu; hin bututan. \c 41 \s1 Gargaaraa Israaʼel \q1 \v 1 Waaqayyo akkana jedha; \q2 “Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa! \q1 Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan! \q2 Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan; \q2 walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu. \b \q1 \v 2 “Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee \q2 qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu? \q1 Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna; \q2 moototas isa jalatti bulcha. \q1 Inni goraadee isaatiin daaraa, \q2 xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan // bittinnaaʼu isaan godha. \q1 \v 3 Inni isaan ariʼee, \q2 daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba. \q1 \v 4 Jalqabaa kaasee dhaloota waamee \q2 waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu? \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd* isa duraa ti; \q2 isa dhumaatiifis ani isuma.” \b \q1 \v 5 Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu; \q2 daariiwwan lafaa ni hollatu. \q1 Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu; \q2 \v 6 tokkoon tokkoon namaa wal gargaara; \q2 obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha. \q1 \v 7 Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa; \q2 inni burruusaan wal qixxeessus, \q2 isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa. \q1 Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha. \q2 Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana // mismaaraan walitti qabsiisa. \b \q1 \v 8 “Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel, \q2 yaa Yaaqoob kan ani filadhe, \q2 sanyii Abrahaam michuu kootii, \q1 \v 9 ani handaara lafaatii si fudhadhe; \q2 golee fagoodhaan si waammadhe. \q1 Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe; \q2 ani si filadheera; si hin gannes, \q1 \v 10 Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; \q2 hin raafamin; ani Waaqa keetii. \q1 Ani sin jabeessa; sin gargaaras; \q2 ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba. \b \q1 \v 11 “Kunoo, warri sitti aaran hundi, \q2 ni qaanaʼu; ni salphatus; \q2 warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus. \q1 \v 12 Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu. \q2 Warri waraana sitti banan, \q2 guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan. \q1 \v 13 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee \q2 harka kee mirgaa nan qabaatii; \q1 inni, ‘Hin sodaatin; \q2 ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma. \q1 \v 14 Yaa Yaaqoob raammoo nana, \q2 Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin; \q1 ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*, \q2 Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun. \q1 \v 15 “Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan, \q2 meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa. \q1 Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita; \q2 gaarran immoo akka habaqii goota. \q1 \v 16 Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata; \q2 bubbeen jabaan isaan bittinneessa. \q1 Ati garuu \nd Waaqayyotti\nd* ni gammadda; \q2 Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta. \b \q1 \v 17 “Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; \q2 garuu homaa hin argatan; \q2 arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd* garuu deebii nan kennaaf; \q2 ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu. \q1 \v 18 Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa; \q2 sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa. \q1 Gammoojjii haroo bishaaniitti, \q2 lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara. \q1 \v 19 Gammoojjii keessatti \q2 gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha. \q1 Lafa onaa keessatti immoo, \q2 Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba. \q1 \v 20 Kunis akka namoonni \q2 akka harki \nd Waaqayyoo\nd* waan kana hojjete, \q1 akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif, \q2 akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif. \b \q1 \v 21 “Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q2 “Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob. \q1 \v 22 “Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif, \q2 waaqota keessan tolfamoo fidadhaa. \q1 Akka nu isaan hubannee \q2 waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf, \q1 wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa. \q2 Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa; \q1 \v 23 akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf, \q2 waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa. \q1 Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf, \q2 waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa. \q1 \v 24 Kunoo isin wayittuu hin hedamtan; \q2 hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu; \q2 kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha. \b \q1 \v 25 “Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa; \q2 inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata. \q1 Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana, \q2 bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita. \q1 \v 26 Akka nu beekuu dandeenyuuf \q2 eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate? \q1 Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf \q2 eenyutu duraan dursee waan kana dubbate? \q1 Eenyu iyyuu waan kana hin himne; \q2 namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne; \q2 namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye. \q1 \v 27 Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’ \q2 jedhee Xiyoonitti hime ana ture. \q2 Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera. \q1 \v 28 Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; \q2 isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; \q2 yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 29 Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! \q2 Hojiin isaaniis gatii hin qabu; \q2 fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha. \c 42 \s1 Garbicha \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 1 “Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, \q2 filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; \q1 ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; \q2 inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna. \q1 \v 2 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; \q2 yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu. \q1 \v 3 Shambaqqoo buruqe hin cabsu; \q2 foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. \q1 Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida; \q2 \v 4 hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, \q1 inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. \q2 Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.” \b \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni samiiwwan uumee diriirse, \q1 inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, \q2 inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee \q2 warra ishee irra jiraataniifis \q2 jireenya kenne sun akkana jedha: \q1 \v 6 “Ani \nd Waaqayyo\nd* qajeelummaadhaan si waameera; \q2 harka kees nan qaba. \q1 Ani si eegee sabootaaf kakuu, \q2 Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa; \q1 \v 7 atis ija jaamotaa ni banta; \q2 mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; \q2 warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta. \b \q1 \v 8 “Ani \nd Waaqayyo\nd*; maqaan koos kanaa dha! \q2 Ani ulfina koo kan biraatiif, \q2 galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu. \q1 \v 9 Kunoo wanni duraanii raawwatameera; \q2 anis waan haaraa nan dubbadha; \q1 utuu isaan hin biqilin, \q2 ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.” \s1 Faarfannaa Galataa \q1 \v 10 Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, \q2 biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, \q1 faarfannaa haaraa \nd Waaqayyoof\nd* faarfadhaa; \q2 handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa. \q1 \v 11 Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; \q2 gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. \q1 Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; \q2 fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan. \q1 \v 12 Isaan \nd Waaqayyoof\nd* ulfina haa kennan; \q2 biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan. \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akka nama jabaa tokkootti ni duula; \q2 akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; \q1 sagalee ol fudhatees ni dhaadata; \q2 diinota isaa irrattis ol aantummaa argata. \b \q1 \v 14 “Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; \q2 ani afaan qabadhee of dhowweera. \q1 Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; \q2 nan argana; hafuurris na cita. \q1 \v 15 Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; \q2 biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; \q1 ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; \q2 haroowwanis nan gogsa. \q1 \v 16 Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; \q2 daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; \q1 ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; \q2 lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. \q1 Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; \q2 ani isaan hin dhiisu. \q1 \v 17 Warri waaqota tolfamoo amanatan, \q2 kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu \q2 duubatti deebiʼu; ni salphatus. \s1 Israaʼel Jaamaa fi Duudaa dha \q1 \v 18 “Isin duudota nana, dhagaʼaa; \q2 jaamota nana, ilaalaa; argaas! \q1 \v 19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? \q2 Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? \q1 Jaamaan akka nama anaaf of kennee, \q2 jaamaan akka Garbicha \nd Waaqayyoo\nd* eenyu? \q1 \v 20 Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; \q2 gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.” \q1 \v 21 Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee \q2 seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun \q2 \nd Waaqayyoon\nd* gammachiiseera. \q1 \v 22 Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; \q2 hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; \q2 mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. \q1 Isaan fudhatamaniiru; \q2 kan isaan baraarus hin jiru; \q1 isaan boojiʼamaniiru; \q2 namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru. \b \q1 \v 23 Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? \q2 Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa? \q1 \v 24 Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, \q2 Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? \q1 Kan nu cubbuu itti hojjenne, \nd Waaqayyo\nd* mitii? \q2 Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, \q2 seera isaatiif hin ajajamne. \q1 \v 25 Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, \q2 waraana hamaas isaanitti erge. \q1 Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; \q2 ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne. \c 43 \s1 Fayyisaa Israaʼel Tokkicha \q1 \v 1 Amma garuu yaa Yaaqoob, \nd Waaqayyo\nd* inni si uume, \q2 yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: \q1 “Ani si fureeraatii hin sodaatin; \q2 ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti. \q1 \v 2 Yommuu ati bishaan keessa dabartu, \q2 ani si wajjinan jira; \q2 yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. \q1 Yommuu ibidda keessa deemtu, \q2 ati hin gubattu; \q2 arrabni ibiddaas si hin gubu. \q1 \v 3 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee, \q2 Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; \q1 ani biyya Gibxi furii keetiif, \q2 qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna. \q1 \v 4 Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, \q2 anis waanan si jaalladhuuf, \q1 qooda kee namoota \q2 qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna. \q1 \v 5 Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; \q2 ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; \q2 lixa biiftuutiis walitti sin qaba. \q1 \v 6 Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ \q2 Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. \q1 Ilmaan koo fagoodhaa, \q2 intallan koo immoo handaara lafaatii fidi; \q1 \v 7 kan maqaa kootiin waamame hunda, \q2 kanneen ani ulfina kootiif uume, \q2 warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.” \b \q1 \v 8 Warra utuu ija qabanuu jaamanii \q2 utuu gurra qabanuu duudan gad baasi. \q1 \v 9 Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; \q2 namoonnis wal haa gaʼan. \q1 Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee \q2 wantoota duraas nuuf labse eenyu? \q1 Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, \q2 akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf \q2 isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan. \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Akka isin beektanii na amantaniif \q1 akka ani isa taʼes akka hubattaniif \q2 isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. \q1 Anaan dura waaqni hin hojjetamne; \q2 anaan booddees hin jiraatu. \q1 \v 11 Ana, anuma qofatu \nd Waaqayyo\nd*; \q2 ana malees fayyisaan biraa hin jiru. \q1 \v 12 Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; \q2 ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. \q1 Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” // jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 \v 13 “Bara duriitii jalqabee ani isuma. \q1 Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. \q2 Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?” \s1 Araara Waaqaatii fi Amanamummaa Dhabuu Israaʼel \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Furiin kee, \q2 Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: \q1 “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee \q2 dooniiwwan isaan ittiin boonaniin \q2 namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida. \q1 \v 15 Ani \nd Waaqayyo\nd*, Qulqullicha keessan, \q2 Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.” \b \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* inni, galaana keessaan karaa, \q2 bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha; \q1 \v 17 inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii \q2 tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; \q1 isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; \q2 akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu; \q1 \v 18 “Wantoota durii irraanfadhaa; \q2 waan darbettis hin cichinaa. \q1 \v 19 Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! \q2 Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? \q1 Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; \q2 lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa. \q1 \v 20 Bineensonni bosonaa, \q2 waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; \q1 akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, \q2 ani gammoojjii keessatti bishaan, \q2 lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii; \q1 \v 21 sabni ani ofii kootiif filadhe \q2 akka na galateeffatuuf ture. \b \q1 \v 22 “Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; \q2 yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta. \q1 \v 23 Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; \q2 yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. \q1 Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; \q2 yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne. \q1 \v 24 Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; \q2 yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. \q1 Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; \q2 yakka keetiinis na dadhabsiifte. \b \q1 \v 25 “Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee \q2 cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma. \q1 \v 26 Mee waan darbe irra naa deebiʼi; \q2 walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; \q2 dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu. \q1 \v 27 Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; \q2 barsiistonni kee natti fincilan. \q1 \v 28 Kanaafuu ani itti gaafatamtoota // mana qulqullummaa keetii nan salphisa; \q2 Yaaqoobin badiisaaf, \q2 Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna. \c 44 \s1 Israaʼel Saba Filatamaa \q1 \v 1 “Amma garuu yaa Yaaqoob garbicha ko, \q2 yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* inni si uume, \q2 kan gadameessa keessatti si tolche, \q2 inni si gargaaru sun akkana jedha: \q1 Yaa garbicha koo Yaaqoob, \q2 yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin. \q1 \v 3 Ani lafa dheebote irratti bishaan, \q2 lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; \q1 ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, \q2 sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa. \q1 \v 4 Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi \q2 akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu. \q1 \v 5 Namni tokko, ‘Ani kan \nd Waaqayyoo\nd* ti’ ofiin jedha; \q2 kan biraa maqaa Yaaqoobiin of waama; \q1 kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan \nd Waaqayyoo\nd* ti’ // jedhee barreeffata; \q2 maqaa Israaʼeliinis of waama. \s1 \nd Waaqayyo\nd* Tokkichuma \q1 \v 6 “\nd Waaqayyo\nd* Mootii fi Furiin Israaʼel \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; \q2 ana malee Waaqni biraa hin jiru. \q1 \v 7 Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu. \q2 Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe, \q1 waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu; \q2 fuula koo durattis haa ibsu; \q2 waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu. \q1 \v 8 Hin rifatinaa; hin sodaatinaa. \q2 Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee? \q1 Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Waaqni biraa jiraa? \q2 Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku.” \b \q1 \v 9 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; \q2 wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. \q1 Warri isaaniif falmanis jaamota; \q2 isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu. \q1 \v 10 Eenyutu waaqa tolfamaa fi \q2 fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha? \q1 \v 11 Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; \q2 ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. \q1 Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; \q2 isaan ni naʼu; ni salphatus. \b \q1 \v 12 Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee \q2 cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; \q1 inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; \q2 irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. \q1 Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; \q2 bishaan hin dhugu; ni gaggabas. \q1 \v 13 Namni muka soofu funyoodhaan safara \q2 cilaattiidhaan mallattoo itti godha; \q1 qirixiidhaan qiriixee \q2 safartuudhaan mallattoo itti godha. \q1 Fakkii namaatiin hojjeta; \q2 akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis \q2 miidhagina namaa itti tolcha. \q1 \v 14 Inni birbirsa mura; \q2 gaattiraa yookaan qilxuu filata. \q1 Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; \q2 yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa. \q1 \v 15 Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; \q2 namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; \q2 ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. \q1 Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; \q2 waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf. \q1 \v 16 Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa; \q2 isa irratti nyaata bilcheeffata; \q2 foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata. \q1 Ibidda qaqqaammachaas, \q2 “Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga” jedha. \q1 \v 17 Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, // waaqa isaa tolfamaa tolfata; \q2 gad jedhees ni sagadaaf. \q1 Isa kadhatees, \q2 “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan. \q1 \v 18 Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; \q2 akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; \q2 akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera. \q1 \v 19 Namni tokko iyyuu itti hin yaadu; \q2 namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa // yookaan hubannaa hin qabu; \q1 “Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera; \q2 cilee isaa irratti buddeena tolfadhee \q2 foon ittiin waaddadhee nyaadheera. \q1 Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa? \q2 Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?” \q1 \v 20 Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera; \q2 inni of oolchuu yookaan, \q2 “Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?” // jechuu hin dandaʼu. \b \q1 \v 21 “Yaa Yaaqoob, ati waan kana yaadadhu; \q2 yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti. \q1 Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti; \q2 yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu. \q1 \v 22 Ani yakka kee akkuma duumessaa, \q2 cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. \q1 Ani si fureeraatii, \q2 ati gara kootti deebiʼi.” \b \q1 \v 23 Yaa samiiwwan, \nd Waaqayyo\nd* waan kana godheeraatii // gammachuudhaan faarfadhaa; \q2 yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. \q1 Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; \q2 \nd Waaqayyo\nd* Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii. \s1 Yerusaalem Lafa Jireenyaa Ni Taati \q1 \v 24 “\nd Waaqayyo\nd* Furiin kee, \q2 kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: \b \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd* Tolchaan waan hundaa \q2 isa samiiwwan diriirse, \q2 isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha; \q1 \v 25 isa mallattoo raajota sobaa \q2 busheessee ilaaltota raatessu, \q1 isa ogeeyyii duubatti deebisee \q2 beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha; \q1 \v 26 isa dubbii garboota isaa mirkaneessee \q2 raajii ergamoota isaa fiixaan baasu, \b \q1 isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee \q2 waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu, \q2 diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee \q2 waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha; \q1 \v 27 isa tuujubaan, ‘Ati gogi; \q2 ani lageen kee nan gogsa’ jedhu, \q1 \v 28 isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; \q2 fedhii koo hundas ni raawwata; \q2 inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” \q1 waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” \q2 jedhee dubbatu sun anuma.’ \b \b \c 45 \q1 \v 1 “\nd Waaqayyo\nd* dibamaa isaa Qiiros, \q2 kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi \q1 hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee \q2 harka isaa mirgaa qabee \q1 akka karrawwan hin cufamneef, \q2 balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha: \q1 \v 2 Ani fuula kee dura deemee \q2 tulluuwwan wal nan qixxeessa; \q1 karrawwan naasii nan caccabsa; \q2 danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta. \q1 \v 3 Ati akka ani \nd Waaqayyo\nd* \q2 Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, \q1 ani badhaadhummaa dukkana keessaa, \q2 qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna. \q1 \v 4 Ati na beekuu baattu iyyuu, \q2 ani garbicha koo Yaaqoobiif, \q1 Israaʼel filatamaa kootiif jedhee \q2 maqaa keetiin si waameera; \q2 maqaa ulfinaas siif kenneera. \q1 \v 5 Ani \nd Waaqayyo\nd*; ana malee kan biraa hin jiru; \q2 ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. \q2 Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa; \q1 \v 6 Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, \q2 ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif. \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd*; ana malee \q2 tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 7 Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma; \q2 badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma; \q2 ani \nd Waaqayyo\nd* wantoota kanneen hunda nan godha. \b \q1 \v 8 “Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa; \q2 duumessoonnis gad coccobsaa. \q1 Lafti haa banamtu; \q2 fayyinni haa biqilu; \q1 qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu; \q2 ani \nd Waaqayyo\nd* waan kana uumeera. \b \q1 \v 9 “Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee \q2 Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. \q1 Supheen, suphee dhooftuudhaan, \q2 ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? \q1 Hojiin ati hojjettus, \q2 ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa? \q1 \v 10 Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’ \q2 yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo. \b \q1 \v 11 “\nd Waaqayyo\nd*, Qulqullichi Israaʼel \q2 Uumaan ishee sun akkana jedha: \q1 Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, \q2 ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; \q2 yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’ \q1 \v 12 Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. \q2 Harki koo samiiwwan diriirseera; \q2 raayyaa isaanii hundas ajajeera. \q1 \v 13 Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa: \q2 Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa. \q1 Inni magaalaa koo deebisee ijaara; \q2 boojiʼamtoota koos bilisa baasa; \q1 garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti, \q2 jedha \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu.” \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa, \q2 namoonni dhedheeroon Saabaa, \q1 gara kee ni dhufu; \q2 kan kees ni taʼu; \q1 isaan foncaadhaan hidhamanii \q2 dugda duubaan si duukaa buʼu. \q1 Fuula kee durattis gad jedhanii \q2 ‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira; // isa malees tokko iyyuu hin jiru; \q1 isa malees Waaqni biraa hin jiru’ \q2 jedhanii si kadhatu.” \b \q1 \v 15 Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel, \q2 ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha. \q1 \v 16 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu; \q2 walii wajjinis salphina keessa buʼu. \q1 \v 17 Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin \q2 \nd Waaqayyo\nd* ni fayyifama; \q1 isin bara baraan hin qaanoftan; \q2 yookaan hin salphattan. \b \q1 \v 18 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q1 kan samiiwwan uume, inni Waaqa; \q2 inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; \q1 inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee \q2 akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; \q1 inni akkana jedha; \q2 “Ani \nd Waaqayyo\nd*; ana malee kan biraa hin jiru. \q1 \v 19 Ani biyya dukkanaa keessaa \q2 dhoksaadhaan hin dubbanne; \q1 ani sanyiiwwan Yaaqoobiin, \q2 ‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne. \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd* dhugaa nan dubbadha; \q2 waan qajeelaas nan labsa. \b \q1 \v 20 “Walitti qabamaa kottaa; \q2 isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. \q1 Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, \q2 kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan // homaa beekumsa hin qaban. \q1 \v 21 Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; \q2 isaanis walii wajjin haa mariʼatan. \q1 Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? \q2 Duruma iyyuu eenyutu labse? \q1 Anuma \nd Waaqayyo\nd* mitii? \q2 Ana malee Waaqni qajeelaa fi \q1 Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; \q2 ana malee tokko illee hin jiru. \b \q1 \v 22 “Isin warri handaara lafaa hundi, \q2 gara kootti deebiʼaatii fayyaa; \q2 ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii. \q1 \v 23 Ani mataa kootiin kakadheera; \q2 afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan \q2 dubbii hin geeddaramne dubbateera; \q1 ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; \q2 arrabni hundis anaan kakata.’ \q1 \v 24 Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni \nd Waaqayyo\nd* qofaan argama’ \q2 jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.” \q1 Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi, \q2 gara isaa dhufanii ni qaanaʼu. \q1 \v 25 Sanyiin Israaʼel hundi garuu, \q2 \nd Waaqayyoon\nd* qajeeltota taasifamu; \q2 ni kabajamus. \c 46 \s1 Waaqota Baabilon \q1 \v 1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; \q2 waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; \q1 fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; \q2 horii dadhabeef baʼaa dha. \q1 \v 2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; \q2 baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; \q2 isaan iyyuu ni boojiʼamu. \b \q1 \v 3 “Yaa mana Yaaqoob, \q2 isin hambaan mana Israaʼel hundi, \q1 warri ani gaafa isin gadameessa keessatti // uumamtanii jalqabee ol isin qabee \q2 gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa. \q1 \v 4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, \q2 ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. \q1 Ani isin uumeera; isinan baadhas; \q2 ani isinan jiraachisa; isinan baraaras. \b \q1 \v 5 “Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? \q2 Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu? \q1 \v 6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii \q2 madaalliidhaan meetii madaalu; \q1 Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; \q2 isaanis gad jedhanii sagaduuf. \q1 \v 7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; \q2 iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. \q2 Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. \q1 Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; \q2 inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu. \b \q1 \v 8 “Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; \q2 qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa. \q1 \v 9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; \q2 ani Waaqa; kan biraa hin jiru; \q2 ani Waaqa; kan akka koo hin jiru. \q1 \v 10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; \q2 waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. \q1 Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; \q2 waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha. \q1 \v 11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, \q2 lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. \q1 Ani waanan dubbadhe nan guuta; \q2 waanan karoorfadhes nan raawwadha. \q1 \v 12 Yaa mata jabeeyyii, \q2 isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa. \q1 \v 13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; \q2 innis fagoo hin jiru; \q2 fayyisuun koos hin barfatu. \q1 Ani Xiyooniif fayyina, \q2 Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna. \c 47 \s1 Kufaatii Baabilon \q1 \v 1 “Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii, \q2 gad buʼi; awwaara irra taaʼi; \q1 yaa Intala Baabilonotaa, \q2 teessoo malee lafa taaʼi! \q1 Ati siʼachi bareedduu \q2 yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu. \q1 \v 2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; \q2 haguuggii kee of irraa fuudhi. \q1 Wandaboo kee soqoladhu; \q2 gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi. \q1 \v 3 Qullaan kee ifatti ni baʼa; \q2 qaaniin kees hin dhokatu. \q1 Ani haaloo nan baʼa; \q2 ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.” \b \q1 \v 4 Furiin keenya maqaan isaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha; \q2 inni Qulqullicha Israaʼel. \b \q1 \v 5 “Yaa Intala Baabilonotaa, \q2 calʼisii taaʼiitii dukkana seeni; \q1 ati siʼachi \q2 mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu. \q1 \v 6 Ani saba kootti dheekkameera; \q2 handhuuraa koos xureesseera; \q1 ani dabarsee harka keetti isaan kenneera; \q2 atis garaa hin laafneef. \q1 Warra dullooman irra iyyuu \q2 waanjoo ulfaataa keesse. \q1 \v 7 Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee \q2 mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette. \q1 Ati garuu wantoota kana hin hubanne \q2 yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne. \b \q1 \v 8 “Ammas yaa ishee qananiituu, \q2 kan nagaan jiraattee \q1 garaa kee keessattis, \q2 ‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru; \q1 ani siʼachi haadha hiyyeessaa \q2 yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi. \q1 \v 9 Wantoonni kunneen lamaan, \q2 dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun \q2 akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu. \q1 Isaan baayʼina falfala keetiitii fi \q2 tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu \q2 humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu. \q1 \v 10 Ati hammina kee amanattee, \q2 ‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette. \q1 Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana; \q2 ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti, \q2 ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu. \q1 \v 11 Wanni hamaan sitti dhufa; \q2 ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu. \q1 Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa; \q2 badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa. \b \q1 \v 12 “Yoos ati tolcha keetii fi \q2 falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee \q2 itti dadhabde sana jabeessii eegi. \q1 Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; \q2 yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa. \q1 \v 13 Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! \q2 Urjii lakkooftonni kee \q1 warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, \q2 mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa. \q1 \v 14 Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; \q2 ibiddi isaan guba. \q1 Isaan mataa isaanii iyyuu, \q2 humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. \q1 Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu // tokko iyyuu hin jiru; \q2 ibiddi bira taaʼanis hin argamu. \q1 \v 15 Wanni warri ati wajjin dadhabdee \q2 ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun \q2 siif gochuu dandaʼan kanuma. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; \q2 kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \c 48 \s1 Mataa Jabaachuu Israaʼel \q1 \v 1 “Yaa mana Yaaqoob, \q2 isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan, \q2 kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan, \q1 isin warri maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* kakattanii \q2 garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin \q2 maqaa Waaqa Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa; \q1 \v 2 isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan, \q2 kanneen Waaqa Israaʼelitti irkattan, // waan kana dhaggeeffadhaa; \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha: \q1 \v 3 Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera; \q2 isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe; \q2 anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman. \q1 \v 4 Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii; \q2 ribuun morma keetii sibiila ture; \q2 addi kee naasii ture. \q1 \v 5 Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera; \q2 ani akka ati, ‘waaqota koo tolfamootu isaan hojjete; \q1 fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi \q2 waaqa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ // jechuu hin dandeenyeef \q2 utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera. \q1 \v 6 Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali. \q2 Ati isaan amantee hin fudhattuu? \b \q1 “Ani ammaa jalqabee waan haaraa, \q2 waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima. \q1 \v 7 Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti; \q2 ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye. \q1 Kanaafuu ati, \q2 ‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ // jechuu hin dandeessu. \q1 \v 8 Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu; \q2 gurri kee durumaa jalqabee hin banamne. \q1 Ani akka ati micciiramaa taate beeka; \q2 ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte. \q1 \v 9 Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa; \q2 ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee \q2 dheekkamsa koo duubatti harkisa. \q1 \v 10 Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu // si qulqulleesseera; \q2 ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera. \q1 \v 11 Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha. \q2 Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa? \q2 Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu. \s1 Israaʼel Bilisoomte \q1 \v 12 “Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, \q2 na dhaggeeffadhu: \q1 Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; \q2 ani kan dhumaa ti. \q1 \v 13 Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; \q2 harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; \q1 yommuu ani isaan waamutti, \q2 hundi isaanii walii wajjin dhaabatu. \b \q1 \v 14 “Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa; \q2 waaqota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee // wantoota kanneen dubbate? \q1 Michuun \nd Waaqayyoo\nd* filatamaan \q2 kaayyoo Waaqaa Baabilon irratti fiixaan baasa; \q2 irreen isaa Baabilonotatti kaʼa. \q1 \v 15 Ani, ani mataan koo dubbadheera; \q2 dhugumaan ani isa waameera. \q1 Ani isa nan fida; \q2 innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa. \p \v 16 “Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa: \q1 “Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne; \q2 yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture.” \b \q1 Ammas \nd Waaqayyo\nd* Gooftaanii fi \q2 Hafuurri isaa na erganiiru. \b \q1 \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Furiin kee, \q2 Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: \q1 “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee, \q2 kan waan siif tolu si barsiisu, \q2 kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha. \q1 \v 18 Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee, \q2 nagaan kee akka lagaa, \q2 qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture. \q1 \v 19 Sanyiin kee akkuma cirrachaa, \q2 ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture; \q1 maqaan isaanii hin haqamu; \q2 isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture.” \b \q1 \v 20 Baabilon keessaa baʼaa; \q2 Baabilonota duraa baqadhaa! \q1 Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas. \q2 Hamma handaara lafaatti dabarsaa; \q2 “\nd Waaqayyo\nd* garbicha isaa Yaaqoobin fureera” jedhaa. \q1 \v 21 Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti // hin dheebonne; \q2 inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef; \q1 inni kattaa dhoosee, \q2 bishaanis humnaan cabsee baʼe. \b \q1 \v 22 “Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 49 \s1 Tajaajilaa \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 1 Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; \q2 yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: \q1 Utuu ani hin dhalatin dura \nd Waaqayyo\nd* na waame; \q2 utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase. \q1 \v 2 Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; \q2 gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; \q1 xiyya cululuqfame na godhee, \q2 manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate. \q1 \v 3 Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo \q2 kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe. \q1 \v 4 Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; \q2 humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. \q1 Taʼus dhugaan koo harka \nd Waaqayyoo\nd*, \q2 gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe. \b \q1 \v 5 Waan ani fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ulfina argadhee \q2 Waaqni koo jabina naa taʼeef, \q1 \nd Waaqayyo\nd* inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, \q2 Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, \q1 akka ani garbicha isaa taʼuuf \q2 gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha; \q1 \v 6 Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, \q2 Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf \q2 garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. \q1 Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf \q2 ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha. \b \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Furii fi Qulqullichi Israaʼel, \q2 isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, \q2 tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: \q1 “Sababii \nd Waaqayyo\nd* amanamaa \q2 Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif \q1 jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; \q2 ilmaan moototaas arganii sagadu.” \s1 Deebifamtee Ijaaramuu Israaʼel \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; \q2 gaafa fayyinaattis sin gargaara; \q1 akka ati dhaala abbaa hin qabne \q2 deebiftee dhaalchiftuuf, \q1 ani sin eega; \q2 akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha; \q1 \v 9 akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ \q2 warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. \b \q1 “Isaan karaa irratti waa nyaatu; \q2 gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu. \q1 \v 10 Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; \q2 hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. \q1 Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; \q2 qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha. \q1 \v 11 Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; \q2 daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu. \q1 \v 12 Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; \q2 gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, \q2 kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.” \b \q1 \v 13 Yaa samiiwwan, ililchaa; \q2 yaa lafa gammadi; \q2 yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! \q1 \nd Waaqayyo\nd* saba isaa ni jajjabeessa; \q2 warra rakkataniifis garaa ni laafaatii. \b \q1 \v 14 Xiyoon garuu, “\nd Waaqayyo\nd* na gateera; \q2 Gooftaanis na irraanfateera” jette. \b \q1 \v 15 “Haati daaʼima ishee kan hoosiftu \q2 irraanfachuu ni dandeessii? \q1 Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? \q2 Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu! \q1 \v 16 Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; \q2 dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru. \q1 \v 17 Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; \q2 warri si diiganis sirraa baqatu. \q1 \v 18 Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; \q2 ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. \q1 Ani jiraataadhaatii” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q2 “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; \q2 akka misirroottis ittiin miidhagfamta. \b \b \q1 \v 19 “Ati diigamtee ontee \q2 biyyi kee barbadaaʼu iyyuu \q1 amma saba keetti lafti ni dhiphata; \q2 warri si liqimsan sirraa ni fagaatu. \q1 \v 20 Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, \q2 utuma gurri kee dhagaʼuu, \q1 ‘Lafti kun nutti dhiphateera; \q2 lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu. \q1 \v 21 Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; \q2 ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? \q1 Ani gaddituu fi maseentuun ture; \q2 ani baqattuu fi jibbamtuun ture. \q2 Isaan kanneen eenyutu guddise? \q1 Ani kophaatti hafeen ture; \q2 yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’ ” \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; \q2 faajjii koos uummataaf ol nan qaba; \q1 isaan ilmaan kee hammatanii fidu; \q2 intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu. \q1 \v 23 Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, \q2 niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. \q1 Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; \q2 awwaara miilla keetii illee ni arraabu. \q1 Ergasii ati akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beekta; \q2 warri na abdatan hin salphatan.” \b \q1 \v 24 Gootota harkaa boojuu fudhachuun, \q2 gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa? \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* garuu akkana jedha: \q1 “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; \q2 gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; \q1 warra siin falmaniin nan falma; \q2 ijoollee kees nan baraara. \q1 \v 26 Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; \q2 isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu // dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. \q1 Ergasii sanyiin namaa hundi, \q2 akka ani \nd Waaqayyo\nd*, Fayyisaan kee, \q2 Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.” \c 50 \s1 Cubbuu Israaʼelii fi Ajajamuu Tajaajiltichaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee \q2 of irraa ittiin ishee geggeesse meerre? \q1 Yookaan namni liqii narraa qabu \q2 kan ani itti isin gurgure eenyu? \q1 Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu; \q2 sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti. \q1 \v 2 Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin? \q2 Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame? \q1 Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa? \q2 Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa? \q1 Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa; \q2 lageenis gammoojjiitti nan geeddara; \q1 qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu; \q2 dheebuudhaanis ni dhumu. \q1 \v 3 Ani samiitti dukkana nan uffisa; \q2 wayyaa gaddaas itti nan haguuga.” \b \q1 \v 4 Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, \q2 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan arraba barate naa kenneera. \q1 Inni ganama ganama na dammaqsa; \q2 akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis // gurra koo dammaqsa. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan gurra koo naa baneera; \q2 anis fincilaa hin turre; \q2 ani dugda duubatti hin deebine. \q1 \v 6 Ani warra na rukutanitti dugda koo, \q2 warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; \q1 yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, \q2 ani fuula koo isaan hin dhokfanne. \q1 \v 7 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan na gargaaruuf, \q2 ani hin salphifamu. \q1 Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; \q2 ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka. \q1 \v 8 Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira. \q2 Yoos eenyutu na himata ree? \q2 Mee walitti gad haa baanu! \q1 Himataan koo eenyu? \q2 Inni mee natti gad haa baʼu! \q1 \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaatu na gargaara. \q2 Eenyutu natti mura? \q1 Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu; \q2 dholdholeenis isaan nyaatti. \b \q1 \v 10 Isin keessaa kan \nd Waaqayyoon\nd* sodaatee \q2 dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu? \q1 Namni dukkana keessa deddeebiʼu, \q2 kan ifa hin qabne, \q1 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* amanatee \q2 Waaqa isaatti haa irkatu. \q1 \v 11 Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii \q2 guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu \q1 ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca \q2 bobeessitanii keessa deemaa. \q1 Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha; \q2 isin dhiphinaan ni ciciiftu. \c 51 \s1 Fayyina Bara baraa Xiyooniif \q1 \v 1 “Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, \q2 warri \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddan na dhaggeeffadhaa: \q1 Isin kattaa irraa argamtan, \q2 boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa. \q1 \v 2 Abbaa keessan Abrahaamii fi \q2 Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa. \q1 Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture; \q2 ani isa nan eebbise; nan baayʼises. \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa; \q2 diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala; \q1 inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden, \q2 lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu \nd Waaqayyoo\nd* ni godha. \q1 Ililchuu fi gammaduun, \q2 galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama. \b \q1 \v 4 “Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa; \q2 yaa saba koo na dhagaʼaa; \q1 seerri na biraa baʼa; \q2 murtiin koos sabootaaf ifa taʼa. \q1 \v 5 Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata; \q2 fayyisuun koos dhufaa jira; \q2 irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida; \q1 biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu; \q2 irree koos ni abdatu. \q1 \v 6 Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa; \q2 lafas gad ilaalaa; \q1 samiiwwan akkuma aaraa ni badu; \q2 lafti akkuma wayyaa moofofti. \q2 Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan. \q1 Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata; \q2 qajeelummaan koos hin badu. \b \q1 \v 7 “Isin warri waan qajeelaa beektan \q2 namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa; \q1 tuffii namootaa hin sodaatinaa; \q2 yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa. \q1 \v 8 Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti; \q2 raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi. \q1 Garuu qajeelummaan koo bara baraan, \q2 fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.” \b \q1 \v 9 Yaa irree \nd Waaqayyoo\nd*, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu; \q2 akkuma baroota darbanii, \q2 akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi. \q1 Kan Raʼaabin kukkute, \q2 kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii? \q1 \v 10 Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha, \q2 bishaan tuujuba guddichaa gogse, \q2 kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii? \q1 \v 11 Warri \nd Waaqayyo\nd* isaan fure ni deebiʼu. \q2 Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; \q2 gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. \q1 Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; \q2 gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu. \b \q1 \v 12 “Kan isin jajjabeessu ana; anuma. \q2 Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, \q2 ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree? \q1 \v 13 Ati kan \nd Waaqayyo\nd* Tolchaa kee, \q2 isa samiiwwan diriirsee \q2 hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? \q1 Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa \q2 waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif \q2 utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? \q1 Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree? \q2 \v 14 Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu; \q1 isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan \q2 yookaan buddeena hin dhaban. \q1 \v 15 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee, \q2 kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha; \q2 maqaan isaas \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha. \q1 \v 16 Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe, \q2 kan hundee lafaa hundeessee \q1 Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun, \q2 dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera; \q2 gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.” \s1 Xoofoo Dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 17 Yaa Yerusaalem, ati kan harka \nd Waaqayyoo\nd* irraa, \q2 xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde, \q2 ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa \q1 siicoo isaa xuruurfattee dhugde, \q2 dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi. \q1 \v 18 Ilmaan isheen deesse hunda keessaa, \q2 kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre; \q1 ilmaan isheen guddifte hunda keessaas, \q2 kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre. \q1 \v 19 Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru; \q2 egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? \q1 Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru; \q2 eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? \q1 \v 20 Ijoolleen kee gaggabaniiru; \q2 akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo, \q2 roga karaa irra ciciisu. \q1 Isaan dheekkamsa \nd Waaqayyootiin\nd*, \q2 ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru. \b \q1 \v 21 Kanaafuu yaa ishee miidhamte, \q2 kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, // waan kana dhagaʼi. \q1 \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan kee, \q2 Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha: \q1 “Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu \q2 harka keetii fuudheera; \q1 ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo \q2 keessaa deebitee hin dhugdu. \q1 \v 23 Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan \q2 kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’ \q2 siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa. \q1 Ati immoo dugda kee akkuma lafaa, \q2 akkuma daandii namni irra deemuu goote.” \b \b \c 52 \q1 \v 1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; \q2 jabina kee uffadhu! \q1 Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, \q2 wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. \q1 Namoonni dhagna hin qabaminii fi \q2 xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan. \q1 \v 2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; \q2 kaʼiitii teessoo irra taaʼi. \q1 Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, \q2 foncaa morma keetii of irraa hiiki. \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: \q1 “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; \q2 amma immoo maallaqa malee furamtan.” \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: \q1 “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; \q2 ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse. \p \v 5 “Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Sabni koo sababii malee fudhatameera; \q2 warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Guyyaa guutuus, \q2 maqaan koo ittuma fufee arrabsama. \q1 \v 6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; \q2 kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate \q1 akka ana taʼe ni beeku. \q2 Eeyyee, inni anuma.” \b \q1 \v 7 Miilli warra wangeela fidanii, \q2 kan nagaa labsanii, \q1 kan oduu gammachiisaa fidanii, \q2 kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, \q1 “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii \q2 tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha! \q1 \v 8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; \q2 isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. \q1 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* Xiyoonitti deebiʼutti, \q2 isaan ijuma isaaniitiin ni argu. \q1 \v 9 Yaa diigamtoota Yerusaalem \q2 tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; \q1 \nd Waaqayyo\nd* uummata isaa jajjabeessee \q2 Yerusaaleminis fureeraa. \q1 \v 10 \nd Waaqayyo\nd* fuula saboota hundaa duratti, \q2 irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; \q1 handaarri lafaa hundis \q2 fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu. \b \q1 \v 11 Isin warri miʼa \nd Waaqayyoo\nd* baattan, addaan baʼaa; \q2 addaan baʼaa; achii fagaadhaa! \q1 Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! \q2 Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa. \q1 \v 12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; \q2 yookaan baqattanii hin deemtan; \q1 \nd Waaqayyo\nd* fuula keessan dura deemaatii; \q2 Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega. \s1 Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa \q1 \v 13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; \q2 inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata. \q1 \v 14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, \q2 fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; \q2 bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera; \q1 \v 15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; \q2 mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. \q1 Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; \q2 waan hin dhagaʼinis ni hubatu. \b \c 53 \q1 \v 1 Ergaa keenya eenyutu amane? \q2 Irreen \nd Waaqayyoos\nd* eenyutti mulʼate? \q1 \v 2 Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu, \q2 akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate. \q1 Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, // yookaan simboo hin qabu; \q2 akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu. \q1 \v 3 Inni nama biratti tuffatamee jibbame; \q2 inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. \q1 Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, \q2 inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef. \b \q1 \v 4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; \q2 gadda keenyas baate; \q1 nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, \q2 akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne. \q1 \v 5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; \q2 balleessaa keenyaafis caccabsame; \q1 nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; \q2 madaaʼuu isaatiin immoo fayyine. \q1 \v 6 Hundi keenya akka hoolaa \q2 karaa irraa badnee turre; \q1 tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; \q2 \nd Waaqayyos\nd* balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe. \b \q1 \v 7 Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; \q2 garuu afaan isaa hin saaqqanne; \q1 inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, \q2 akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, \q2 akkasuma afaan isaa hin saaqqanne. \q1 \v 8 Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. \q2 Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? \q1 Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; \q2 dogoggora saba kootiifis rukutameera. \q1 \v 9 Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, \q2 yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu \q1 akka awwaalli isaa hamoota wajjin \q2 duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan. \b \q1 \v 10 Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii \nd Waaqayyoo\nd* ture; \q2 \nd Waaqayyo\nd* lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu \q1 inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; \q2 fedhiin \nd Waaqayyoos\nd* harka isaatti ni raawwatama. \q1 \v 11 Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, \q2 ifa ni arga; ni gammadas; \q1 garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee // qajeeltota taasisa; \q2 yakka isaaniis ni baata. \q1 \v 12 Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; \q2 innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; \q1 inni lubbuu isaa duʼaaf kennee \q2 yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. \q1 Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee \q2 yakkamtootaaf araara buuseera. \c 54 \s1 Ulfina Egeree Xiyoon \q1 \v 1 “Yaa dubartii dhabduu, \q2 kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu; \q1 ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu; \q2 guddisiitii ililchi. \q1 Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa \q2 ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 2 “Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu; \q2 golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi; \q2 walitti hin dachaasin; \q1 funyoo kee dheereffadhu; \q2 qofoo kees jabeeffadhu. \q1 \v 3 Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii; \q2 sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu; \q2 magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu. \b \q1 \v 4 “Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii. \q2 Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii; \q1 Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta; \q2 tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu. \q1 \v 5 Uumaan kee dhirsa keeti; \q2 maqaan isaas \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu dha; \q1 Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti; \q2 innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama. \q1 \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akka waan ati \q2 akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee, \q1 akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti \q2 deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee. \q1 \v 7 “Ani yeroo muraasaafan si dhiise; \q2 garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida. \q1 \v 8 Ani dheekkamsa guddaadhaan \q2 yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture; \q1 garuu jaalala bara baraatiin, \q2 garaa siifin laafa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Furiin kee. \b \q1 \v 9 “Wanni kun anaaf akkuma bara Nohi, \q2 yeroo ani itti bishaan Nohi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee // kakadhe sanaa ti. \q1 Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre, \q2 gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera. \q1 \v 10 Tulluuwwan raafamanii, \q2 gaarran buqqifaman iyyuu, \q1 jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu; \q2 yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* inni garaa siif laafu sun. \b \q1 \v 11 “Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee // nama si jajjabeessu dhabde, \q2 ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree \q2 sanpeeriidhaanis si hundeessa. \q1 \v 12 Ani fiixee kee lula diimaadhaan, \q2 karrawwan kee dooqa calaqqisuun, \q2 dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara. \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* ilmaan kee hunda ni barsiisa; \q2 nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa. \q1 \v 14 Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta; \q1 cunqurfamuun sirraa fagaata; \q2 wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \q1 Gooliin sirraa fageeffama; \q2 sitti iyyuu hin dhiʼaatu. \q1 \v 15 Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu; \q2 namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata. \b \q1 \v 16 “Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee \q2 ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee \q2 hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma. \q1 Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma; \q2 \v 17 meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; \q2 atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. \q1 Kun dhaala tajaajiltoota \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 55 \s1 Affeerraa Warra Dheebotaniif Godhame \q1 \v 1 “Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; \q2 gara bishaanii kottaa; \q1 isin warri maallaqa hin qabne, \q2 kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! \q1 Kottaatii maallaqaa fi gatii malee \q2 daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa. \q1 \v 2 Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? \q2 Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? \q1 Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; \q2 lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu. \q1 \v 3 Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; \q2 akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. \q1 Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; \q2 innis jaalala amanamaa isa Daawit // abdachiifame sanaa dha; \q1 \v 4 kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; \q2 hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera. \q1 \v 5 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee, \q2 Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, \q1 ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; \q2 saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.” \b \q1 \v 6 Yeroo inni argamutti \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddadhaa; \q2 yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa. \q1 \v 7 Namni hamaan karaa isaa, \q2 namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. \q1 Inni gara \nd Waaqayyootti\nd* haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; \q2 gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii. \b \q1 \v 8 “Yaadni koo yaada keessan, \q2 karaan keessanis karaa koo miti” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 9 “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, \q2 karaan koo karaa keessan irraa, \q2 yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha. \q1 \v 10 Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, \q2 akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, \q1 isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee \q2 utuu ishee hin quubsin hin deebine sana, \q1 \v 11 dubbiin koo kan afaan kootii baʼus \q2 fedhii koo raawwata; \q1 kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee \q2 harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu. \q1 \v 12 Isin gammachuudhaan baatu; \q2 nagaadhaan geggeeffamtu; \q1 tulluuwwanii fi gaarran, \q2 fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; \q1 mukkeen dirree hundinuus \q2 harka walitti rukutu. \q1 \v 13 Qooda qoraattii birbirsi, \q2 qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. \q1 Kunis \nd Waaqayyoof\nd* yaadannoo, \q2 mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.” \c 56 \s1 Fayyina Warra Kaaniif Kenname \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi \q2 qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, \q1 “Murtii qajeelaa eegaa; \q2 waan qajeelaas hojjedhaa. \q1 \v 2 Namni waan kana hojjetu, \q2 kan waan kanattis cimu, \q1 kan Sanbata utuu hin xureessin // eeguu fi waan hamaa kam iyyuu \q2 hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.” \b \q1 \v 3 Alagaan \nd Waaqayyotti\nd* cichee tokko, \q2 “\nd Waaqayyo\nd* dhugumaan // saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. \q1 Xuʼaashiin kam iyyuus, \q2 “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: \q1 “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, \q2 kanneen waan na gammachiisu \q2 filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif, \q1 \v 5 ani mana qulqullummaa kootii fi \q2 dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa \q2 ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; \q1 ani maqaa bara baraa \q2 kan hin haqamne isaaniif nan kenna. \q1 \v 6 Alagoota isa tajaajiluuf, \q2 maqaa \nd Waaqayyoo\nd* jaallachuuf, \q1 isa waaqeffachuuf \q2 \nd Waaqayyotti\nd* cichan \q1 kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi \q2 kakuu koos cimsanii eegan hunda, \q1 \v 7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; \q2 mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. \q1 Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, \q2 iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; \q1 manni koo saboota hundaaf, \q2 mana sagadaa jedhamee waamamaatii.” \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan, \q2 inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: \q1 “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, \q2 warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.” \s1 Waaqni Dura Buʼoota Israaʼel himate \q1 \v 9 Bineensonni dirree hundi, \q2 bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa! \q1 \v 10 Eegdonni Israaʼel jaamota, \q2 isaan hundi beekumsa hin qaban; \q1 hundi isaanii saroota duudaa dha; \q2 dutuus hin dandaʼan; \q1 isaan ciisanii abjootu; \q2 rafuus ni jaallatu. \q1 \v 11 Isaan saroota albaadheyyii dha; \q2 nyaataniis hin quufan. \q1 Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; \q2 hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; \q2 tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu. \q1 \v 12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; // “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! \q2 Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! \q1 Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; \q2 yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.” \b \b \c 57 \q1 \v 1 Namni qajeelaan ni duʼa; \q2 kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru; \q1 warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu; \q2 akka qajeeltonni \q1 waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman \q2 namni tokko iyyuu hin hubatu. \q1 \v 2 Namni qajeelummaadhaan jiraatu, \q2 gara nagaa seena; \q2 isaan siree isaanii irra boqotu. \b \q1 \v 3 “Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii, \q2 isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa! \q1 \v 4 Isin eenyutti qoostu? \q2 Eenyutti afaan banattu? \q2 Eenyuttis arraba baaftu? \q1 Isin ilmaan finciltootaa, \q2 sanyii sobdootaa mitii? \q1 \v 5 Isin mukkeen qilxuu gidduutti, \q2 mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan; \q1 sululoota keessatti, \q2 holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan. \q1 \v 6 Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti; \q2 dhugumaan carraan kee isaanuma. \q1 Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte; \q2 aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta. \q2 Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa? \q1 \v 7 Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta; \q2 aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate. \q1 \v 8 Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan, \q2 yaadannoo kee fannifatteerta. \q1 Ana dhiiftee siree kee saaqqatte; \q2 yaabdees balʼiftee banattee keessa seente; \q1 ati warra siree isaanii jaallatte \q2 wajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte. \q1 \v 9 Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe; \q2 shittoo kee illee ni baayʼifatte. \q1 Ergamoota kee biyya fagootti ergite; \q2 siiʼoolittis gad ergite! \q1 \v 10 Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte; \q2 ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne. \q1 Jabina haaromfame argatte; \q2 kanaafuu ati hin dadhabne. \b \q1 \v 11 “Ati akka na sobduuf \q2 akka na hin yaadanneef, \q1 yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef, \q2 eenyuun sodaattee akkas naate? \q1 Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef, \q2 na sodaachuu dhiifte mitii? \q1 \v 12 Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa; \q2 isaan garuu si hin fayyadan. \q1 \v 13 Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti, \q2 mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan! \q1 Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada; \q2 hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa. \q1 Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu // biyyattii ni dhaala; \q2 tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.” \s1 Abdii Warra Gad Qabamaniif Kenname \p \v 14 Akkanas ni jedhama: \q1 “Tolchaa; tolchaa; daandii qopheessaa! \q2 Karaa saba kootii irraa gufuuwwan bubuqqisaa.” \q1 \v 15 Inni guddaanii fi ol ol jedhe, \q2 kan bara baraan jiraatuu fi // kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: \q1 “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; \q2 hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, \q1 garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi \q2 kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha. \q1 \v 16 Ani bara baraan namatti hin falmu; \q2 yookaan yeroo hunda hin dheekkamu; \q1 yoo akkas taʼe hafuurri namaa, \q2 hafuurri namni ani uume baafatu ni citaatii. \q1 \v 17 Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; \q2 isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; \q2 inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe. \q1 \v 18 Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa; \q2 ani isa nan qajeelcha; deebisees nan jajjabeessa; \q2 \v 19 arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis // galata nan uuma. \q1 Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu. \q2 Anis isaan nan fayyisa” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 20 Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu, \q2 kan boqochuu hin dandeenye, \q2 kan dambaliin isaa laaqii fi dhoqqee tufuu ti. \q1 \v 21 “Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo. \c 58 \s1 Sooma Waaqni itti Gammadu \q1 \v 1 “Guddisii iyyi; hin qusatin. \q2 Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. \q1 Saba kootti fincila isaanii, \q2 mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi. \q1 \v 2 Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; \q2 isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee \q1 ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti \q2 waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. \q1 Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; \q2 akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu. \q1 \v 3 Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, \q2 nu maaliif soomne? \q1 Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne \q2 nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. \b \q1 “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; \q2 hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan. \q1 \v 4 Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, \q2 aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. \q1 Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, \q2 akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu. \q1 \v 5 Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? \q2 Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? \q1 Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi \q2 wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? \q1 Wanni isin sooma jettaniin \q2 guyyaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti fudhatama qabu kanaa? \b \q1 \v 6 “Soomni ani itti gammadu, \q1 kan foncaa jalʼinaa furu, \q2 kan funyoo waanjoo hiiku, \q1 kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi \q2 waanjoo hunda caccabsu mitii? \q1 \v 7 Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi \q2 akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, \q1 akka ati yeroo nama daare argitutti // daara isa baaftuu fi \q2 akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti // dugda hin galle mitii? \q1 \v 8 Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; \q2 fayyinni kees dafee ni dhufa; \q1 qajeelummaan kee fuula kee dura deema; \q2 ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* immoo duubaan si eega. \q1 \v 9 Yeroo sana ati ni waammatta; \nd Waaqayyos\nd* deebii siif kenna; \q2 ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. \b \q1 “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi \q2 quba namatti qabuu of irraa fageessite, \q1 \v 10 ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, \q2 warra rakkatanis rakkinaa baafte, \q1 ifni kee dukkana keessa ni ibsa; \q2 halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa. \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* yeroo hunda si geggeessa; \q2 inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu // fedhii kee siif guuta; \q2 lafee kees ni jabeessa. \q1 Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, \q2 akka burqaa hin gognees ni taata. \q1 \v 12 Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; \q2 atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; \q1 atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, \q2 Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta. \b \q1 \v 13 “Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee \q2 guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, \q1 ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ \q2 guyyaa qulqullaaʼaa \nd Waaqayyootiin\nd* immoo, ‘Kabajamaa’ jette, \q1 yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu \q2 yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee // Sanbata ulfeessite, \q1 \v 14 yeroo sana \nd Waaqayyotti\nd* ni gammadda; \q2 anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, \q2 dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” \q1 Afaan \nd Waaqayyoo\nd* dubbateeraatii. \c 59 \s1 Cubbuu, Balleessaa Himachuu fi Furama \q1 \v 1 Dhugumaan harki \nd Waaqayyoo\nd* fayyisuuf gabaabaa miti; \q2 yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne. \q1 \v 2 Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin \q2 gargar isin baaseera; \q1 akka inni isin hin dhageenyeef, \q2 cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera. \q1 \v 3 Harki keessan dhiigaan, \q2 qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. \q1 Afaan keessan soba dubbata; \q2 arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma. \q1 \v 4 Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; \q2 kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu // tokko iyyuu hin jiru. \q1 Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; \q2 gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan. \q1 \v 5 Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan. \q2 Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa; \q1 yommuu tokkoon isaa cabutti \q2 buutiitu keessaa baʼa. \q1 \v 6 Foʼaan isaanii uffata hin taʼu; \q2 waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan. \q1 Hojiin isaanii hojii hamminaa ti; \q2 harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira. \q1 \v 7 Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga; \q2 isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan. \q1 Yaadni isaanii jalʼaa dha; \q2 diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti. \q1 \v 8 Isaan karaa nagaa hin beekan; \q2 murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru. \q1 Daandii isaanii jalʼisaniiru; \q2 namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku. \b \q1 \v 9 Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera; \q2 qajeelummaanis nu bira hin gaʼu. \q1 Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana; \q2 ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna. \q1 \v 10 Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna; \q2 akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna. \q1 Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne; \q2 namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra. \q1 \v 11 Nu hundi akka amaaketaa gururiina; \q2 akka gugees gaddaan aadna. \q1 Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne; \q2 fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera. \b \q1 \v 12 Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii; \q2 cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa. \q1 Yakki keenya nu wajjin jiraata; \q2 nus balleessaa keenya ni beekna; \q1 \v 13 nu fincillee \nd Waaqayyoon\nd* sobne; \q2 Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra; \q1 goolii fi fincila kakaafneerra; \q2 soba garaan keenya yaades dubbanneerra. \q1 \v 14 Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera; \q2 qajeelummaanis fagoo dhaabata; \q1 dhugaan karaatti gufate; \q2 tollis ol seenuu hin dandaʼu. \q1 \v 15 Dhugaan eessumattuu hin argamu; \q2 namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama. \b \q1 \nd Waaqayyo\nd* akka murtii qajeelaan hin jirre arge; \q2 kunis isa gaddisiise. \q1 \v 16 Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge; \q2 kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis // ni dinqisiifate. \q1 Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde; \q2 qajeelummaan ofii isaas isa utube. \q1 \v 17 Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee \q2 gonfoo fayyinaas mataatti gombifate; \q1 wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee \q2 akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate. \q1 \v 18 Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti, \q2 diinota isaatiif dheekkamsa, \q1 amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna; \q2 biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf. \q1 \v 19 Namoonni lixa biiftuu maqaa \nd Waaqayyoo\nd* sodaatu; \q2 warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju. \q1 Inni akkuma lolaa, \q2 kan bubbeen \nd Waaqayyoo\nd* oofuutti ni dhufaatii. \b \q1 \v 20 “Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa \q2 qalbii jijjiirratanii ni dhufa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 21 “Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 60 \s1 Ulfina Xiyoon \q1 \v 1 “Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; \q2 ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* siif baʼeera. \q1 \v 2 Kunoo, dukkanni lafa, \q2 dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga; \q1 \nd Waaqayyo\nd* garuu siif kaʼeera; \q2 ulfinni isaas sirraa mulʼata. \q1 \v 3 Saboonni gara ifa keetii, \q2 mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu. \b \q1 \v 4 “Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; \q2 hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu; \q1 ilmaan kee fagoodhaa, \q2 intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu. \q1 \v 5 Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; \q2 lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; \q1 qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; \q2 badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa. \q1 \v 6 Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi \q2 kan Eefaa biyya kee ni guutu. \q1 Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, \q2 galata \nd Waaqayyoo\nd* labsaa \q2 biyya Shebaatii ni dhufu. \q1 \v 7 Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu; \q2 korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu; \q1 isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu; \q2 anis mana ulfina kootii nan kabaja. \b \q1 \v 8 “Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan, \q2 kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi? \q1 \v 9 Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; \q2 sababii inni ulfina sitti uffiseef, \q1 maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii, \q2 Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii \q1 dooniiwwan Tarshiish dursanii, \q2 meetii fi warqee isaanii wajjin \q2 ilmaan kee fagoodhaa ni fidu. \b \b \q1 \v 10 “Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru; \q2 mootonni isaaniis si tajaajilu; \q1 Ani aariidhaan si dhaʼu illee, \q2 gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa. \q1 \v 11 Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, \q2 akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, \q1 karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; \q2 isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman; \q1 \v 12 Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille // ni barbadaaʼuutii; \q2 guutummaan guutuuttis ni balleeffamu. \b \q1 \v 13 “Ulfinni Libaanoon, \q2 gaattiraan, qararoo fi hadheessi, \q1 lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu; \q2 anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja. \q1 \v 14 Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu; \q2 warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu; \q1 isaanis Magaalaa \nd Waaqayyoo\nd* \q2 Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu. \b \q1 \v 15 “Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu \q2 si keessaan darbuu lagate iyyuu, \q1 ani boontuu bara baraatii fi \q2 gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa. \q1 \v 16 Ati aannan sabootaa ni dhugda; \q2 harma moototaas ni hoota. \q1 Yommus ani \nd Waaqayyo\nd* Jabaan Yaaqoob, \q2 Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta. \q1 \v 17 Ani qooda naasii warqee, \q2 qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida. \q1 Qooda mukaa naasii, \q2 qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida. \q1 Nagaa mootii kee, \q2 qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha. \q1 \v 18 Siʼachi biyya kee keessatti gooliin, \q2 daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni // hin dhagaʼamu; \q1 ati garuu dallaa kee Fayyina, \q2 karrawwan kee immoo Galata jettee waamta. \q1 \v 19 Siʼachi aduun guyyaadhaan, \q2 ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; \q1 \nd Waaqayyo\nd* ifa kee bara baraa taʼaatii; \q2 Waaqni kee ulfina kee ni taʼa. \q1 \v 20 Aduun kee deebitee hin dhiitu; \q2 jiʼi kee hin badu; \q1 \nd Waaqayyo\nd* ifa kee bara baraa ni taʼa; \q2 barri gadda kees ni raawwatama. \q1 \v 21 Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; \q2 bara baraanis lafa ni dhaala. \q1 Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; \q2 hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf // jedhee hojjedhee dha. \q1 \v 22 Maatiin muraasni kuma, \q2 gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa. \q1 Ani \nd Waaqayyoo\nd* dha; \q2 waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.” \c 61 \s1 Bara Tola \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* akka ani \q2 hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, \q2 Hafuurri \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa narra jira. \q1 Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, \q2 akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, \q2 warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera; \q1 \v 2 akka ani bara tola \nd Waaqayyootii\nd* fi \q2 guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, \q1 akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf, \q2 \v 3 akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, \q1 qooda daaraa miidhagina, \q2 qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, \q1 qooda abdii kutachuu immoo, \q2 wayyaa galataa kennuuf na erge. \q1 Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu \nd Waaqayyo\nd*, \q2 kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman. \b \q1 \v 4 Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru; \q2 iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis // akka duraatti deebisu; \q1 magaalaawwan diigaman, \q2 kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu. \q1 \v 5 Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu; \q2 ormoonnis lafa qotiisaa fi // iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu. \q1 \v 6 Isin luboota \nd Waaqayyoo\nd* jedhamtanii ni waamamtu; \q2 tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. \q1 Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; \q2 badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu. \b \q1 \v 7 Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; \q2 qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; \q1 kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; \q2 gammachuun bara baraas kan keessan. \b \q1 \v 8 “Ani \nd Waaqayyo\nd* murtii qajeelaa nan jaalladhaatii; \q2 saamichaa fi yakka nan jibba. \q1 Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa; \q2 kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala. \q1 \v 9 Sanyiin isaanii saboota gidduutti, \q2 ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu. \q1 Warri isaan argan hundi, \q2 akka isaan saba \nd Waaqayyo\nd* eebbise taʼan ni beeku.” \b \q1 \v 10 Ani \nd Waaqayyo\nd* itti guddaa nan gammada; \q2 lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. \q1 Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, \q2 misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, \q1 wayyaa fayyinaa natti uffiseera \q2 uffata qajeelummaa narra buuseeraatii. \q1 \v 11 Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee \q2 iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akka qajeelummaa fi \q2 galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha. \c 62 \s1 Maqaa Xiyoon Haaraa \q1 \v 1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa, \q2 fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti, \q1 ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu; \q2 waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu. \q1 \v 2 Saboonni qajeelummaa kee, \q2 mootonni hundinuus ulfina kee ni argu; \q1 ati maqaa haaraa, \q2 kan afaan \nd Waaqayyoo\nd* siif baasuun ni waamamta. \q1 \v 3 Ati harka \nd Waaqayyoo\nd* keessatti gonfoo ulfinaa, \q2 harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata. \q1 \v 4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu, \q2 yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu. \q1 Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta; \q2 biyyi kees “kan heerumte” jedhamti; \q1 \nd Waaqayyo\nd* sitti gammadaatii, \q2 biyyi kee ni heerumti. \q1 \v 5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, \q2 ilmaan kee si fuudhu; \q1 akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, \q2 Waaqni kees sitti gammada. \b \q1 \v 6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti // eegdota ramadeera; \q2 isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. \q1 Isin warri \nd Waaqayyoon\nd* waammattan, \q2 ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa; \q1 \v 7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree \q2 akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti // boqonnaa isaaf hin kenninaa. \b \q1 \v 8 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee \q2 harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera; \q1 “Ani lammata midhaan kee \q2 nyaata godhee diinota keetiif hin kennu; \q1 namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa \q2 kan ati itti dadhabde hin dhugan; \q1 \v 9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu; \q2 \nd Waaqayyoonis\nd* ni galateeffatu; \q1 warri ija wayinii guurratanis \q2 oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.” \b \q1 \v 10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa! \q2 Uummataaf karaa qopheessaa. \q1 Tolchaa; karaa guddaa tolchaa! \q2 Dhagaawwan bubuqqisaa. \q1 Sabootaafis faajjii ol qabaa. \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee \q2 hamma moggaa lafaatti labseera; \q1 “Intala Xiyooniin akkana jedhaa: \q2 ‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa! \q1 Badhaasni isaa kunoo isa harka jira; \q2 beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ” \q1 \v 12 Isaanis Saba Qulqulluu, \q2 Furamtoota \nd Waaqayyoo\nd* jedhamanii ni waamamu; \q1 atis barbaadamtuu, \q2 Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta. \c 63 \s1 Guyyaa \nd Waaqayyo\nd* Haaloo Baʼu \q1 \v 1 Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee \q2 Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu? \q1 Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin \q2 fuula duratti deemaa jiru kun eenyu? \b \q1 “Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu, \q2 kan oolchuufis humna qabu anaa dha.” \b \q1 \v 2 Uffanni kee maaliif akkuma uffata \q2 nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti // wayinii dhidhiitu tokkoo diimata? \b \q1 \v 3 “Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti // wayinii nan dhidhiite; \q2 saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre. \q1 Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee \q2 dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite; \q1 dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe; \q2 wayyaa koo hundas ni faale. \q1 \v 4 Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii; \q2 waggaan ani itti nama furus dhufeera. \q1 \v 5 Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe; \q2 gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe; \q1 kanaafuu irreen koo fayyina naa fide; \q2 dheekkamsi koos na utube. \q1 \v 6 Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite; \q2 dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse; \q2 dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.” \s1 Galateeffannaa fi Kadhannaa \q1 \v 7 Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti \q2 ani waaʼee jaalala \nd Waaqayyoo\nd* // kan hin geeddaramne sanaa \q2 hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; \q1 wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi \q2 arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee \q2 ani dhugumaan nan odeessa. \q1 \v 8 Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti; \q2 ijoollee hin sobnee dha” jedhe; \q2 kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe. \q1 \v 9 Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; \q2 ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. \q1 Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; \q2 bara durii hunda keessa, \q2 inni ol fuudhee isaan baate. \q1 \v 10 Isaan garuu fincilanii \q2 Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. \q1 Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; \q2 inni mataan isaas isaan lole. \b \q1 \v 11 Kana irratti sabni isaa bara durii, \q2 bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe: \q1 Inni tiksee bushaayee isaa wajjin // galaana keessaa isaan baase sun eessa jira? \q2 Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse, \q1 \v 12 kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun, \q2 harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge, \q1 kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf \q2 fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode, \q1 \v 13 kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira? \q2 Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne; \q1 \v 14 akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti, \q2 Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* boqonnaa isaaniif kenne. \q1 Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee \q2 saba kee qajeelchite kanaa dha. \b \q1 \v 15 Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi \q2 ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali. \q1 Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru? \q2 Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru. \q1 \v 16 Yoo Abrahaam nu beekuu baatee, \q2 yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu, \q2 ati dhugumaan abbaa keenya; \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati abbaa keenya; \q2 Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti. \q1 \v 17 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi \q2 akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota? \q1 Sababii garboota kee, \q2 gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi. \q1 \v 18 Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture; \q2 amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu // gad dhidhiitaa jiru. \q1 \v 19 Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti; \q2 ati garuu isaan hin bulchine; \q2 isaanis maqaa keetiin hin waamamne. \b \b \c 64 \q1 \v 1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, \q2 maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee! \q1 \v 2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, \q2 akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf \q1 gad buʼiitii akka saboonni fuula kee \q2 duratti hollatan godhi! \q1 \v 3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; \q2 tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan. \q1 \v 4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, \q2 bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; \q1 yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; \q2 iji tokko iyyuu hin argine. \q1 \v 5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan \q2 kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. \q1 Garuu yommuu nu ittuma fufnee \q2 cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. \q2 Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree? \q1 \v 6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; \q2 hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; \q1 hundi keenya akkuma baalaa coollagne; \q2 cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate. \q1 \v 7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; \q2 yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; \q1 ati fuula kee nu dhokfattee \q2 sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii. \b \q1 \v 8 Taʼus yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati Abbaa keenya. \q2 Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; \q2 hundi keenya hojii harka keetii ti. \q1 \v 9 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati akka malee hin dheekkamin; \q2 cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. \q1 Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; \q2 nu hundinuu saba keetii. \q1 \v 10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; \q2 Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti. \q1 \v 11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, \q2 iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; \q2 wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera. \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati wantoota kanneen hunda // calʼuma jettee ilaaltaa? \q2 Ati calʼistee akka malee nu adabdaa? \c 65 \s1 Murtii fi Fayyina \q1 \v 1 “Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe; \q2 warri na hin barbaadinis na argatan. \q1 Ani saba maqaa koo hin waammatiniin, \q2 ‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe. \q1 \v 2 Ani guyyaa guutuu gara uummata didaa taʼeetti, \q2 kan karaa gaarii hin taʼin irra deemu, \q1 kan yaada ofii isaa duukaa buʼuuf \q2 harka koo nan diriirfadhe; \q1 \v 3 Isaan saba iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiʼeessuudhaan, \q2 iddoo aarsaa kan xuubii irrattis ixaana aarsuudhaan, \q1 utuu gargar hin kutin, utuma ani arguu \q2 dheekkamsaaf na kakaasanii dha; \q1 \v 4 isaan warra awwaala gidduu tataaʼanii \q2 lafa dhoksaa bulanii dha; \q1 warra foon booyyee nyaatanii \q2 okkoteen isaanii bishaan foon xuraaʼaa baatuu dha; \q1 \v 5 isaan warra, ‘Achi fagaadhu; natti hin dhiʼaatin; \q2 ani si caalaa qulqulluudhaatii!’ jedhanii dha. \q1 Sabni akkasii funyaan koo keessatti akkuma aaraa, \q2 akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti. \b \q1 \v 6 “Kunoo, wanni kun akkana jedhamee fuula koo duratti barreeffameera: \q2 ani hin calʼisu; garuu gatii hojii isaanii guutuu nan kennaaf; \q2 dhugumaanis qomatti isaan nan baachisa. \q1 \v 7 Kunis cubbuu keessanii fi cubbuu abbootii keessanii ti” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Isaan tulluuwwan irratti aarsaa dhiʼeessanii, \q2 gaarran irratti waan na arrabsaniif, \q1 ani hojii isaanii kan duriitiif, \q2 kaffaltii guutuu isaaniifin kenna.” \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Akkuma yeroo hurbuu wayinii keessa cuunfaan jirutti, \q2 namoonni, ‘Amma iyyuu eebbatu keessa jiraatii, \q2 hin balleessinaa’ jedhan sana, \q1 anis tajaajiltoota kootiif akkasuma nan godha; \q2 isaan hundas hin balleessu. \q1 \v 9 Anis Yaaqoob keessaa sanyii tokko, \q2 Yihuudaa keessaa immoo warra tulluuwwan koo dhaalan nan biqilcha; \q1 sabni koo filatamaan tulluuwwan sana dhaala; \q2 tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu. \q1 \v 10 Saba koo kan na barbaaduuf \q2 Shaaroon lafa bushaayeen itti bobbaʼan, \q2 Sululli Aakoor immoo lafa loon boqotan ni taʼan. \b \q1 \v 11 “Garuu isin warra \nd Waaqayyoon\nd* dhiiftanii \q2 tulluu koo qulqulluu dagattan, \q1 kanneen waaqa ‘Milkii’ jedhamuuf // maaddii qopheessitanii, \q2 waaqa, ‘Hiree’ jedhamuuf immoo dhibaayyuu kubbaayyaatti guuttan, \q1 \v 12 ani irbaata goraadee isinan godha; \q2 isin hundis qalamuuf gad jettu; ani isin waameen ture; \q1 isin garuu na jalaa hin owwaanne; \q2 ani dubbadheen ture; isin garuu na hin dhaggeeffanne. \q1 Isin fuuluma koo duratti waan hamaa hojjettanii \q2 waan na hin gammachiifne filattan.” \p \v 13 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “Garboonni koo ni nyaatu; \q2 isin garuu ni beeloftu; \q1 garboonni koo ni dhugu; \q2 isin garuu ni dheebottu; \q1 garboonni koo ni gammadu; \q2 isin garuu ni qaanoftu. \q1 \v 14 Garboonni koo \q2 gammachuu garaa irraa maddeen ni faarfatu; \q1 isin garuu, \q2 waan garaan keessan miidhameef ni boossu; \q2 waan hafuurri keessan gaddeef ni wawwaattu. \q1 \v 15 Filatamtoonni koo maqaa isin dabarfattan sana \q2 abaarsaaf itti fayyadamu; \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan isin fixa; \q2 garboota isaatiif garuu maqaa biraa ni kenna. \q1 \v 16 Namni lafa irratti eebbifamu kam iyyuu, \q2 Waaqa dhugaatiin eebbifama; \q1 namni lafa irratti kakatus, \q2 Waaqa dhugaatiin kakata. \q1 Rakkinni durii ni irraanfatama; \q2 ija koo duraas ni dhokataatii. \s1 Samiiwwan Haaraa fi Lafa Haaraa \q1 \v 17 “Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi \q2 lafa haaraa nan uuma. \q1 Wanni durii hin yaadatamu; \q2 yookaan qalbii namaatti hin dhufu. \q1 \v 18 Isin garuu waan ani uumutti, \q2 bara baraan gammadaa ililchaa; \q1 ani Yerusaalemin gammachuuf, \q2 saba ishee immoo ililleef nan uumaatii. \q1 \v 19 Ani Yerusaalemitti nan gammada; \q2 saba koottis nan gammada; \q1 siʼachi sagaleen booʼichaatii fi \q2 iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu. \b \q1 \v 20 “Siʼachi, daaʼimni guyyaa muraasa qofa jiraatu, \q2 yookaan jaarsi umuriin isaa hanqatu tokko iyyuu \q2 ishee keessatti hin argamu; \q1 namni waggaa dhibbatti duʼu, \q2 akka waan dargaggummaan duʼeetti yaadama; \q1 namni waggaa dhibba hanqate tokko, \q2 akka waan abaarameetti hedama. \q1 \v 21 Namoonni mana ni ijaarratu; achi keessas ni jiraatu; \q2 wayinii dhaabbatu; ija isaas ni nyaatu. \q1 \v 22 Siʼachi isaan mana ijaaranii namoonni biraa keessa hin jiraatan; \q2 yookaan isaan biqiltuu dhaabanii namoonni biraa hin nyaatan. \q1 Umuriin saba koo, \q2 akkuma umurii mukaa ni taʼa; \q1 warri ani filadhe, \q2 hojii harka isaaniitiin bara dheeraa ni gammadu. \q1 \v 23 Isaan akkasumaan hin dadhaban \q2 yookaan ijoollee balaan eeggattu hin dhalchan; \q1 isaan sanyii isaanii wajjin \q2 saba \nd Waaqayyo\nd* eebbisu ni taʼu. \q1 \v 24 Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf; \q2 utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa. \q1 \v 25 Yeeyyii fi xobbaallaan hoolaa walii wajjin nyaatu; \q2 leenci akka sangaa okaa nyaata; \q2 biyyoon garuu soora bofaa taʼa. \q1 Isaan tulluu koo qulqulluu hunda irratti homaa hin miidhan \q2 yookaan homaa hin balleessan” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 66 \s1 Murtii fi Abdii \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Samiin teessoo koo ti; \q2 laftis ejjeta miilla kootii ti. \q1 Manni isin naaf ijaartan meerre? \q2 Lafti boqonnaa kootii eessa? \q1 \v 2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? \q2 Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 “Ani garuu nama gad of qabuu fi \q2 kan garaa isaa keessatti gaabbee \q2 dubbii kootiin hollatuu nan ilaala. \q1 \v 3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu \q2 akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti; \q1 namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu \q2 akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti; \q1 namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu \q2 akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti; \q1 namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus \q2 akkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti. \q1 Isaan karaa ofii isaanii filataniiru; \q2 lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi. \q1 \v 4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; \q2 waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. \q1 Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; \q2 yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu // hin dhaggeeffanneetii. \q1 Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii \q2 waan na hin gammachiifne illee filatan.” \b \q1 \v 5 Warri dubbii isaatiin hollattan \q2 dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa: \q1 “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii \q2 isin ariʼan sun akkana jedhan; \q1 ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, \q2 mee \nd Waaqayyo\nd* haa ulfaatu!’ \q2 Taʼus isaan ni qaanaʼu. \q1 \v 6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa; \q2 waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa! \q1 Wanni kun sagalee \nd Waaqayyoo\nd* kan yeroo inni \q2 gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti. \b \q1 \v 7 “Isheen utuu hin ciniinsifatin, \q2 ni deessi; \q1 utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin, \q2 ilma deessi. \q1 \v 8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe? \q2 Waan takkumaa akkasii eenyutu arge? \q1 Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii? \q2 Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa? \q1 Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen, \q2 ijoollee ishee deesse. \q1 \v 9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee \q2 daʼuu nan dhowwaa?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani daʼumsaan gaʼee \q2 gadameessa nan cufaa?” \q2 jedha Waaqni kee. \q1 \v 10 “Isin warri ishee jaallattan hundi, \q2 Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa; \q1 isin warri isheef boossan hundi, \q2 guddisaatii ishee wajjin gammadaa. \q1 \v 11 Isin harma ishee kan nama \q2 jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii; \q1 ulfina ishee guddaa sana irraas \q2 gammachuudhaan ni dhugdu.” \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: \q1 “Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa, \q2 badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu // isheef nan dhangalaasa; \q1 isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu; \q2 gudeeda ishee irra illee ni taphattu. \q1 \v 13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, \q2 anis isinan urursa; \q2 isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.” \b \q1 \v 14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada; \q2 lafeen keessan akka margaa ni haaromfama; \q1 harki \nd Waaqayyoo\nd* akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama; \q2 dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama. \q1 \v 15 Kunoo, \nd Waaqayyo\nd* ibiddaan ni dhufa; \q2 gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti; \q1 inni aarii isaa dhaʼichaan, \q2 ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa. \q1 \v 16 \nd Waaqayyo\nd* ibiddaa fi goraadee isaatiin \q2 namoota hunda irratti murtii raawwataatii; \q2 namoonni \nd Waaqayyoon\nd* ajjeefaman ni baayʼatu. \p \v 17 “Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 18 “Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu. \p \v 19 “Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu. \v 20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* fidan sanatti jara fidu. \v 21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 22 “Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 23 “Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 24 “Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”