\id HOS - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Hooseʼaa \toc1 Raajii Hooseʼaa \toc2 Hooseʼaa \toc3 Hos \mt2 Raajii \mt1 Hooseʼaa \c 1 \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha: \b \s1 Niitii fi Ijoollee Hooseʼaa \p \v 2 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti \nd Waaqayyo\nd* akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin \nd Waaqayyo\nd* irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.” \v 3 Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef. \p \v 4 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa. \v 5 Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.” \p \v 6 Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. \nd Waaqayyo\nd* Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi. \v 7 Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii isaan nan oolcha.” \p \v 8 Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse. \v 9 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi. \p \v 10 “Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu. \v 11 Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu. \c 2 \p \v 1 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa. \s1 Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel \q1 \v 2 “Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; \q2 isheen niitii koo mitiitii; \q2 anis dhirsa ishee miti. \q1 Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; \q2 amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu. \q1 \v 3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee \q2 akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; \q1 akkuma gammoojjii ishee nan godha; \q2 lafa goggogaatti ishee nan geeddara; \q2 dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa. \q1 \v 4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, \q2 ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu. \q1 \v 5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee \q2 karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. \q1 Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, \q2 warra nyaata koo fi bishaan koo, \q1 warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, \q2 warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan \q2 duukaa nan buʼa’ jette. \q1 \v 6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; \q2 akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara. \q1 \v 7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; \q2 isaan barbaaddi; garuu hin argitu. \q1 Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa \q2 gara dhirsa kootti nan deebiʼa; \q2 amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti. \q1 \v 8 Isheen akka ani midhaan, \q2 daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, \q1 meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis \q2 kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne. \b \q1 \v 9 “Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, \q2 daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti // irraa nan fudhadha. \q1 Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame \q2 kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis // amma ishee irraa nan fudhadha. \q1 \v 10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti \q2 addaggummaa ishee nan saaxila; \q2 namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu. \q1 \v 11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, \q2 ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, \q1 ayyaana ishee kan Sanbataatii fi \q2 ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa. \q1 \v 12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee \q2 kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. \q1 Ani daggala isaan nan godha; \q2 bineensi bosonaa isaan dheeda. \q1 \v 13 Ani guyyoota isheen itti \q2 Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; \q1 isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin \q2 of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 14 “Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; \q2 gara lafa gammoojjiitti ishee geessee \q2 jaalalaan itti nan dubbadha. \q1 \v 15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; \q2 Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. \q1 Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, \q2 akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti. \b \q1 \v 16 “Ati gaafa sana” jedha \nd Waaqayyo\nd*; \q2 “ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; \q2 ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu. \q1 \v 17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; \q2 maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu. \q1 \v 18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, \q2 uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin \q2 isaaniif kakuu nan gala. \q1 Ani akka isin nagaadhaan bultaniif \q2 xiyya, goraadee fi waraana \q2 lafa irraa nan balleessa. \q1 \v 19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; \q2 ani qajeelummaa fi dhugaadhaan \q2 jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha. \q1 \v 20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; \q2 atis \nd Waaqayyoon\nd* ni beekta.” \b \q1 \v 21 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; \q2 “Ani gaafas deebii siif nan kenna; \q1 ani samiif deebii nan kenna; \q2 samiinis lafaaf deebii ni kenna; \q1 \v 22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi \q2 zayitiif deebii kenniti; \q2 isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu. \q1 \v 23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; \q2 ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. \q1 Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; \q2 isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.” \c 3 \s1 Hooseʼaan Niitii Ofiitti Araarame \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma \nd Waaqayyoo\nd* utuma isaan waaqota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.” \p \v 2 Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe. \v 3 Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.” \p \v 4 Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii. \v 5 Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara \nd Waaqayyootii\nd* fi gara eebba isaa ni dhufu. \c 4 \s1 Himatamuu Israaʼel \q1 \v 1 Yaa Israaʼeloota, \nd Waaqayyo\nd* isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti \q2 himata dhiʼeeffatu waan qabuuf \q2 dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa: \q1 “Biyyattii keessa amanamummaan, \q2 jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru. \q1 \v 2 Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, \q2 hannaa fi ejja qofatu jira; \q1 isaan kakuu hunda ni cabsu; \q2 dhiiga dhangalaasuutu baayʼata. \q1 \v 3 Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; \q2 warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; \q1 bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi \q2 qurxummiin galaanaa dhumaa jiru. \b \q1 \v 4 “Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; \q2 namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; \q1 sabni keessan \q2 akkuma nama luba himatu tokkoo ti. \q1 \v 5 Ati halkanii fi guyyaa gufatta; \q2 raajonnis isin wajjin gufatu. \q1 Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa; \q2 \v 6 sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. \b \q1 “Waan ati beekumsa tuffatteef \q2 anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; \q1 sababii ati seera Waaqa keetii gatteef \q2 anis ilmaan kee nan gata. \q1 \v 7 Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, \q2 akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; \q2 isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru. \q1 \v 8 Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; \q2 hammina isaaniis ni hawwu. \q1 \v 9 Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. \q2 Anis sababii karaa isaaniitiif // lachan isaanii iyyuu nan adaba; \q2 hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa. \b \q1 \v 10 “Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; \q2 ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; \q1 kunis sababii isaan \nd Waaqayyoon\nd* dhiisanii \q2 dabarsanii \v 11 sagaagaltummaatti, \q1 daadhii wayinii moofaa fi \q2 haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif. \q1 \v 12 Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; \q2 uleen falfaltuus isaanitti dubbata. \q1 Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; \q2 isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman. \q1 \v 13 Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, \q2 aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, \q1 qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii \q2 gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. \q1 Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; \q2 niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu. \b \q1 \v 14 “Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii \q2 galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, \q1 yommuu intallan keessan \q2 sagaagaltummaatti deebiʼanitti \q1 yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii \q2 ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; \q2 sabni hubannaa hin qabne ni badaatii! \b \q1 \v 15 “Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee \q2 akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. \b \q1 “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; \q2 Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. \q2 ‘Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa. \q1 \v 16 Israaʼeloonni akkuma goromsa \q2 mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. \q1 Yoos \nd Waaqayyo\nd* akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti \q2 kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree? \q1 \v 17 Efreem waaqota tolfamootti galeera; \q2 isa ittuma dhiisaa! \q1 \v 18 Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu \q2 isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; \q2 bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu. \q1 \v 19 Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; \q2 aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida. \c 5 \s1 Murtii Israaʼelitti Murteeffame \q1 \v 1 “Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! \q2 Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! \q1 Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! \q2 Murtiin kun isinitti murama: \q1 Isin Miisphaatti kiyyoo, \q2 Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan. \q1 \v 2 Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. \q2 Ani isaan hunda nan adaba. \q1 \v 3 Ani waaʼee Efreem hunda beeka; \q2 Israaʼelis na duraa hin dhokattu. \q1 Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; \q2 Israaʼelis xuraaʼeera. \b \q1 \v 4 “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti \q2 deebiʼan hin eeyyamuuf. \q1 Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; \q2 isaan \nd Waaqayyoon\nd* hin beekan. \q1 \v 5 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; \q2 Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu // cubbuu isaanii keessatti gufatu; \q2 Yihuudaanis isaan wajjin gufata. \q1 \v 6 Isaan yommuu \nd Waaqayyoon\nd* barbaaduudhaaf \q2 bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, \q1 isa hin argatan; \q2 inni isaan dhiisee deemeeraatii. \q1 \v 7 Isaan \nd Waaqayyoof\nd* amanamoo miti; \q2 seeraan ala ijoollee godhatu. \q1 Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti \q2 inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa. \b \q1 \v 8 “Gibeʼaa keessatti malakata, \q2 Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. \q1 Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; \q2 yaa Beniyaam, ati dura qajeeli. \q1 \v 9 Guyyaa ifannaatti \q2 Efreem ni ona. \q1 Ani gosoota Israaʼel gidduutti \q2 waan mirkanaaʼe nan labsa. \q1 \v 10 Bulchitoonni Yihuudaa \q2 akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. \q1 Ani akkuma lolaa bishaanii \q2 dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa. \q1 \v 11 Efreem sababii waaqota tolfamoo \q2 duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee \q2 murtiidhaan lafatti dhidhiitame. \q1 \v 12 Ani Efreemitti akka bilii, \q2 Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti. \b \q1 \v 13 “Yommuu Efreem dhukkuba isaa, \q2 Yihuudaanis madaa isaa argetti, \q1 Efreem gara Asooritti garagalee \q2 mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf // nama itti erge. \q1 Inni garuu isin fayyisuu, \q2 madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu. \q1 \v 14 Ani Efreemitti akkuma leencaa, \q2 Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. \q1 Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; \q2 ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru. \q1 \v 15 Ergasii ani hamma isaan \q2 balleessaa isaanii fudhatanitti \q2 iddoo kootti nan deebiʼa. \q1 Isaan fuula koo barbaaddatu; \q2 rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.” \c 6 \s1 Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde \q1 \v 1 “Kottaa gara \nd Waaqayyootti\nd* deebinaa. \q1 Inni nu ciccireera; \q2 garuu nu fayyisa; \q1 inni nu madeesseera; \q2 garuu madaa keenya ni waldhaana. \q1 \v 2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, \q2 guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; \q2 guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba. \q1 \v 3 Kottaa \nd Waaqayyoon\nd* haa beeknu; \q2 isa beekuufis haa tattaaffannu. \q1 Akkuma aduun dhugumaan baatu sana \q2 inni dhugumaan ni dhufa; \q1 inni akkuma bokkaa gannaa, \q2 akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti // gara keenya ni dhufa. \b \q1 \v 4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? \q2 Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? \q1 Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, \q2 akkuma fixeensa barii baduu ti. \q1 \v 5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree \q2 dubbii afaan kootiin isin fixe; \q2 murtiin koos akkuma aduu ni baʼa. \q1 \v 6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; \q2 aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha. \q1 \v 7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; \q2 achittis anaaf hin amanamne. \q1 \v 8 Giliʼaad magaalaa hamootaa \q2 kan dhiigaan faalamtee dha. \q1 \v 9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, \q2 gareen lubootaas akkasuma godhu; \q1 isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan \q2 karaa Sheekem irratti nama ajjeesu. \q1 \v 10 Ani mana Israaʼel keessatti \q2 waan suukaneessaa tokko argeera. \q1 Achitti Efreem ni sagaagale; \q2 Israaʼelis ni xuraaʼe. \b \q1 \v 11 “Yaa Yihuudaa sittis \q2 haamamuun murteeffameera. \b \q1 “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti, \c 7 \q2 \v 1 yeroo ani Israaʼelin fayyisutti \q1 cubbuun Efreem saaxilamee \q2 yakki Samaariyaas ifatti baafama. \q1 Isaan nama gowwoomsu; \q2 hattuun cabsitee mana seenti; \q2 saamtonni daandii irratti nama saamu; \q1 \v 2 isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda \q2 yaadadhu hin hubatan. \q1 Cubbuun isaanii isaan marseera; \q2 yeroo hundas fuula koo dura jira. \b \q1 \v 3 “Isaan hammina isaaniitiin mootii, \q2 soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu. \q1 \v 4 Isaan hundinuu ejjitoota, \q2 akkuma badaa ibiddaa \q1 kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee \q2 hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti. \q1 \v 5 Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti \q2 ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan; \q2 innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa. \q1 \v 6 Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru; \q2 isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu. \q1 Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu; \q2 ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa. \q1 \v 7 Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu; \q2 bulchitoota isaaniis ni fixu. \q1 Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu; \q2 tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan. \b \q1 \v 8 “Efreem sabootaan walitti makama; \q2 Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha. \q1 \v 9 Namoonni ormaa humna isaa nyaatan; \q2 inni garuu hin hubatu. \q1 Arriin isatti baʼe; \q2 inni garuu hin beeku. \q1 \v 10 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa; \q2 inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu, \q1 gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaatti hin deebiʼu \q2 yookaan isa hin barbaaddatu. \b \q1 \v 11 “Efreem akkuma gugee \q2 gowwaa sammuu hin qabnee ti; \q1 isaan Gibxin waammatu; \q2 isaan gara Asooritti deebiʼu. \q1 \v 12 Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa; \q2 ani akkuma simbirroo samii gad isaan nan harkisa. \q1 Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti, \q2 isaan nan qaba. \q1 \v 13 Waan narraa goraniif \q2 isaaniif wayyoo! \q1 Waan natti fincilaniif \q2 badiisni isaaniif mala! \q1 Ani isaan furuu nan barbaada; \q2 isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu. \q1 \v 14 Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan; \q2 garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu. \q1 Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu; \q2 garuu natti fincilu. \q1 \v 15 Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse; \q2 isaan garuu waan hamaa natti yaadu. \q1 \v 16 Isaan gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan; \q2 isaan akkuma xiyya jalʼatee ti. \q1 Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif \q2 goraadeedhaan dhumu. \q1 Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti \q2 ni tuffatamu. \c 8 \s1 Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata \q1 \v 1 “Malakata afaan keetti kaaʼadhu! \q2 Sababii namoonni kakuu koo cabsanii \q1 seera kootti fincilaniif \q2 risaan tokko mana \nd Waaqayyootiin\nd* ol jira. \q1 \v 2 Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee \q2 gara kootti iyyate. \q1 \v 3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; \q2 kanaafuu diinni isa ariʼa. \q1 \v 4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; \q2 utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. \q1 Isaan meetii fi warqee isaaniitiin \q2 badiisa isaaniitiif \q2 waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan. \q1 \v 5 Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! \q2 Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. \q1 Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu? \q2 \v 6 Isaan warra Israaʼel! \q1 Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; \q2 inni Waaqa miti. \q2 Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa. \b \q1 \v 7 “Isaan bubbee facaafatanii \q2 bubbee hamaa haammatu. \q1 Mukni isaa mataa hin qabu; \q2 daraaraas hin baasu. \q1 Utuu inni midhaan naqatee \q2 silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture. \q1 \v 8 Israaʼel liqimfameera; \q2 isaan amma saboota gidduutti \q2 akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti. \q1 \v 9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi \q2 achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; \q2 Efreemis michootatti of gurgureera. \q1 \v 10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu \q2 ani amma walitti isaan nan qaba. \q1 Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti \q2 ni sukkuumamu. \b \q1 \v 11 “Efreem aarsaa cubbuutiif // iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, \q2 lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf // qopheessan taʼeera. \q1 \v 12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; \q2 isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu. \q1 \v 13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; \q2 foon sanas ni nyaatu; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu isaanitti hin gammanne. \q1 Inni amma hammina isaanii yaadatee \q2 cubbuu isaanii adaba: \q2 Isaan gara Gibxitti deebiʼu. \q1 \v 14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee \q2 masaraawwan mootummaa ijaare; \q2 Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. \q1 Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii \q2 barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.” \c 9 \s1 Adabbii Israaʼelitti Dhufu \q1 \v 1 Yaa Israaʼel hin ililchin; \q2 akka saboota kaanii hin gammadin. \q1 Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; \q2 ati oobdii hunda irratti gatii \q2 sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta. \q1 \v 2 Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran; \q2 daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu. \q1 \v 3 Isaan biyya \nd Waaqayyoo\nd* keessatti hin hafan; \q2 Efreem gara Gibxitti deebiʼee \q2 Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata. \q1 \v 4 Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii \nd Waaqayyoof\nd* hin dhibaafatan; \q2 yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu. \q1 Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa; \q2 namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa. \q1 Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa; \q2 mana qulqullummaa \nd Waaqayyoos\nd* ol hin seenu. \b \q1 \v 5 Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti, \q2 guyyoota ayyaana \nd Waaqayyoo\nd* sanatti maal hojjetu? \q1 \v 6 Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu \q2 Gibxi walitti isaan qabdi; \q2 Memfiis immoo isaan awwaala. \q1 Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama; \q2 dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga. \q1 \v 7 Guyyoonni adabbii dhufaa jiru; \q2 guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru. \q2 Israaʼel waan kana haa beeku. \q1 Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee \q2 hamminni kees akka malee guddaa taʼeef, \q1 raajiin akka raatuutti ilaalame; \q2 namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo // akka maraatuutti hedame. \q1 \v 8 Raajichi Waaqa koo wajjin \q2 eegduu Efreem taʼe; \q1 taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata; \q2 mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata. \q1 \v 9 Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana \q2 xuraaʼummaa keessa dhidhiman. \q1 Waaqni hammina isaanii yaadatee \q2 sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba. \b \q1 \v 10 “Yeroo ani Israaʼelin argetti, \q2 inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture; \q1 yeroo ani abbootii keessan argetti, \q2 isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan. \q1 Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti, \q2 waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii \q2 akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan. \q1 \v 11 Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada; \q2 dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru. \q1 \v 12 Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu \q2 ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa. \q1 Gaafa ani isaan irraa garagalu \q2 isaaniif wayyoo! \q1 \v 13 Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos \q2 lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge. \q1 Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee \q2 warra gogorraʼutti kenna.” \b \q1 \v 14 Yaa \nd Waaqayyo\nd* isaaniif kenni; \q2 ati maal isaaniif kennita? \q1 Gadameessa ulfa hin baannee fi \q2 harma goggogaa kenniif. \b \q1 \v 15 “Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif, \q2 ani achitti isaan nan jibbe. \q1 Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif \q2 ani mana koo keessaa isaan ariʼa. \q1 Ani siʼachi isaan hin jaalladhu; \q2 bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota. \q1 \v 16 Efreem rukutameera; \q2 hiddi isaanii goggogeera; \q2 isaan ija tokko illee hin godhatan. \q1 Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu \q2 ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.” \b \q1 \v 17 Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif, \q2 Waaqni koo isaan dida; \q2 isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu. \b \c 10 \q1 \v 1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture; \q2 inni matuma isaatiif ija naqata. \q1 Akkuma iji isaa baayʼateen \q2 inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; \q1 akkuma lafti isaa gabbatteen \q2 utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate. \q1 \v 2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; \q2 isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. \q1 \nd Waaqayyo\nd* iddoo aarsaa isaanii ni diiga; \q2 utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa. \b \q1 \v 3 Ergasii isaan akkana jedhu; \q2 “Nu sababii \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuu didneef mootii hin qabnu. \q1 Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu \q2 inni silaa maal nuuf godha?” \q1 \v 4 Isaan waan hedduu waadaa galu; \q2 kakuu sobaas seenanii \q2 walii galtee uummatu; \q1 kanaafuu seera dhabeeyyiin \q2 akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu. \q1 \v 5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan \q2 sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii // kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. \q1 Sabni ishee isheedhaaf booʼa. \q2 Luboonni ishee ejjitoonni \q1 warri ulfina isheetiin gammadan sunis \q2 sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu. \q1 \v 6 Jabbichis akka harka fuudhaatti \q2 Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. \q1 Efreem ni salphifama; \q2 Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti. \q1 \v 7 Samaariyaa fi mootiin ishee \q2 akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu. \q1 \v 8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; \q2 kunis cubbuu Israaʼel. \q1 Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee \q2 iddoo aarsaa isaanii haguuga. \q1 Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” \q2 gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu. \b \q1 \v 9 “Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii // cubbuu hojjettaniirtu; \q2 ammas achumatti haftaniirtu. \q1 Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee \q2 jalʼoota hin fixuu? \q1 \v 10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba; \q2 sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif \q2 hidhaa keessa isaan buusuuf // saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu. \q1 \v 11 Efreem goromsa leenjifame \q2 kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; \q1 kanaafuu ani morma ishee irra \q2 waanjoo nan kaaʼa. \q1 Ani Efreemin nan oofa; \q2 Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; \q2 Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba. \q1 \v 12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii \q2 ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; \q1 lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; \q2 yeroon kun yeroo hamma inni dhufee \q1 qajeelummaa isinitti roobsutti \q2 \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddataniitii. \q1 \v 13 Isin garuu hammina facaafattanii \q2 jalʼina haammattan; \q2 isin ija sobaa nyaattaniirtu. \q1 Sababii ati jabina keetii fi \q2 loltoota kee baayʼee sana abdatteef, \q1 \v 14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee \q2 haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, \q1 daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; \q2 huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa. \q1 \v 15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, \q2 wanni akkasii sittis ni dhufti. \q1 Gaafa guyyaan sun bariʼutti \q2 mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama. \c 11 \s1 Jaalala Waaqni Israaʼeliif Qabu \q1 \v 1 “Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; \q2 ani Gibxii ilma koo waameera. \q1 \v 2 Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, \q2 isaan narraa fagaachaa deeman. \q1 Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii \q2 fakkiiwwaniif ixaana aarsan. \q1 \v 3 Kan irree isaanii qabee Efreemin \q2 miillaan deemuu barsiise anuma; \q1 isaan garuu akka ani \q2 isaan fayyise hin hubanne. \q1 \v 4 Ani funyoo gara laafina namaatiin, \q2 hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; \q1 ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee \q2 isaan sooruuf gadan jedhe. \b \q1 \v 5 “Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif \q2 Gibxitti hin deebiʼan; \q2 Asoor garuu isaan bulcha. \q1 \v 6 Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; \q2 raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; \q2 karoora isaaniis ni fashaleessa. \q1 \v 7 Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. \q2 Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu \q2 inni gonkumaa ol isaan hin qabu. \b \q1 \v 8 “Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? \q2 Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? \q1 Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? \q2 Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? \q1 Garaan koo na keessatti geeddarameera; \q2 gara laafinni ani siif qabu guddateera. \q1 \v 9 Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; \q2 yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. \q1 Ani Waaqa malee nama miti; \q2 ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. \q2 Ani dheekkamsaan hin dhufu. \q1 \v 10 Isaan \nd Waaqayyoon\nd* duukaa buʼu; \q2 inni akkuma leencaa aada; \q1 yommuu inni aadutti \q2 ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu. \q1 \v 11 Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, \q2 akkuma gugee ollachaa \q2 Asoor irraa dhufu. \q1 Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Cubbuu Israaʼel \q1 \v 12 Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo \q2 gowwoomsaadhaan na marse. \q1 Yihuudaanis Waaqatti, \q2 amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile. \c 12 \q1 \v 1 Efreem bubbee nyaata; \q2 inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; \q2 sobaa fi gooliis ni baayʼisa. \q1 Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee \q2 biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* waan Yihuudaa himatu qaba; \q2 inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; \q2 akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf. \q1 \v 3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; \q2 erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe. \q1 \v 4 Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; \q2 booʼees surraa kadhate. \q1 Inni Beetʼeelitti isa argatee \q2 achitti isa wajjin haasaʼe. \q1 \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd*! \q1 \v 6 Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; \q2 jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii \q2 yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu. \b \q1 \v 7 Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu \q2 nama gowwoomsuu jaallata. \q1 \v 8 Efreem akkana jedhee boona; \q2 “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. \q1 Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu \q2 balleessaa yookaan cubbuu tokko illee // narratti argachuu hin dandaʼan.” \b \q1 \v 9 “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee \q2 kan biyya Gibxii si baasee dha; \q1 ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee // kanneen murteeffaman sanaatti \q2 deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha. \q1 \v 10 Ani raajotatti dubbadhee \q2 mulʼata hedduu kenneefii \q2 karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.” \b \q1 \v 11 Giliʼaad hamaadhaa? \q2 Sabni ishee faayidaa hin qabu! \q1 Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? \q2 Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa \q2 kan qotame irra jiruu ni taʼa. \q1 \v 12 Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; \q2 Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; \q2 gabbara ishee baasuufis hoolota tikse. \q1 \v 13 \nd Waaqayyo\nd* biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf // raajiitti fayyadame; \q2 inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse. \q1 \v 14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; \q2 Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana // isumatti deebisa; \q2 arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa. \c 13 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelitti Dheekkame \q1 \v 1 Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan; \q2 inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture. \q2 Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe. \q1 \v 2 Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu; \q2 meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu; \q1 fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii \q2 harka ogeeyyiitiin hojjetaman. \q1 Waaʼee saba kanaas, \q2 “Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu; \q2 waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame. \q1 \v 3 Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa, \q2 akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii \q2 oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu \q2 akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu. \b \q1 \v 4 “Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee ti. \q1 Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu; \q2 ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu. \q1 \v 5 Ani gammoojjii keessatti, \q2 biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera. \q1 \v 6 Yeroo ani isaan sooretti ni quufan; \q2 isaan yeroo quufanitti of tuulan; \q2 ergasii immoo na irraanfatan. \q1 \v 7 Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa; \q2 akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha. \q1 \v 8 Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti \q2 isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa. \q1 Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha; \q2 bineensi bosonaa gargar isaan ciccira. \b \q1 \v 9 “Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee \q2 mormiteef ati baddeerta. \q1 \v 10 Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? \q2 Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa \q1 kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ \q2 jettee kadhatte sun eessa jiru? \q1 \v 11 Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; \q2 dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe. \q1 \v 12 Balleessaan Efreem walitti kuufamee \q2 cubbuun isaas galmeeffameera. \q1 \v 13 Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa; \q2 inni garuu daaʼima wallaalaa dha; \q1 inni yommuu yeroon gaʼutti, \q2 gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu. \b \q1 \v 14 “Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; \q2 duʼa jalaa isaan nan baasa. \q1 Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? \q2 Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? \b \q1 “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu; \q2 \v 15 Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu, \q1 bubbeen baʼaa \nd Waaqayyo\nd* biraa ni dhufa; \q2 lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa; \q1 burqaan isaa bishaan dhaba; \q2 boolli bishaan isaas ni goga. \q1 Mankuusni isaa, \q2 qabeenyi inni qabu hundis ni saamama. \q1 \v 16 Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef \q2 gatii balleessaa isaa ni argata. \q1 Isaan goraadeedhaan dhumu; \q2 daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu; \q2 dubartoonni isaanii kanneen // ulfa qabanis ni baqaqfamu.” \c 14 \s1 Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu \q1 \v 1 Yaa Israaʼel, gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiitti deebiʼi. \q2 Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii! \q1 \v 2 Dubbicha fudhadhuutii \q2 gara \nd Waaqayyoo\nd* deebiʼi. \q1 Akkanas jedhiin: \q2 “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; \q1 akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, \q2 arjummaadhaan nu simadhu. \q1 \v 3 Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; \q2 nu fardeen lolaa hin yaabbannu. \q1 Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, \q2 ‘Waaqota keenya’ hin jennu; \q2 daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.” \b \q1 \v 4 “Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, \q2 toluman isaan jaalladha; \q2 aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii. \q1 \v 5 Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; \q2 inni akkuma daraaraa ni daraara. \q1 Inni akkuma gaattiraa Libaanoon \q2 hidda isaa gad fageeffata; \q2 \v 6 dameen isaa ni guddata. \q1 Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; \q2 urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon. \q1 \v 7 Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. \q2 Inni akkuma midhaanii lalisa. \q1 Akkuma muka wayinii dagaaga; \q2 maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama. \q1 \v 8 Yaa Efreem, ani kana caalaa // waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? \q2 Kan deebii siif kennee si eegu anuma. \q1 Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; \q2 amanamummaan kee ana irraa dhufa.” \b \q1 \v 9 Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. \q2 Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. \q1 Karaan \nd Waaqayyoo\nd* qajeelaa dha; \q2 namni qajeelaan isa irra deema; \q2 finciltoonni garuu isa irratti gufatu.