\id HEB - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Ibroota \toc1 Ibroota \toc2 Ibroota \toc3 Ibr \mt1 Ibroota \c 1 \s1 Dubbii Waaqayyoo Kan Xumuraa: Ilma Isaa \p \v 1 Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture; \v 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. \v 3 Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. \v 4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha. \s1 Ilmi Ergamoota Caaluu Isaa \p \v 5 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, \q1 “Ati Ilma koo ti; \q2 ani harʼa si dhalcheera”\f + \fr 1:5 \fr*\ft \+xt Far 2:7\+xt*\ft*\f* \m Yookaan isa kamiin, \q1 “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; \q2 innis Ilma naa taʼa”\f + \fr 1:5 \fr*\ft \+xt 2Sm 7:14; 1Sn 17:13\+xt*\ft*\f* \m jedhee beeka? \v 6 Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, \q1 “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan”\f + \fr 1:6 \fr*\ft \+xt Far 104:4\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 7 Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, \q1 “Inni ergamoota isaa hafuurota, \q2 tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha”\f + \fr 1:7 \fr*\ft \+xt Far 104:4\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; \q1 “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; \q2 bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa. \q1 \v 9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite; \q2 kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee, \q2 hiriyoota kee si caalchise.”\f + \fr 1:9 \fr*\ft \+xt Far 45:6,7\+xt*\ft*\f* \m \v 10 Akkasumas inni akkana jedha; \q1 “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; \q2 samiiwwanis hojii harka keetii ti. \q1 \v 11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; \q2 hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu; \q1 \v 12 ati akkuma wayyaatti isaan marta; \q2 isaan akkuma uffataatti geeddaramu; \q1 ati garuu sanuma; \q2 umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”\f + \fr 1:12 \fr*\ft \+xt Far 102:25‑27\+xt*\ft*\f* \m \v 13 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, \q1 “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, \q2 gara mirga koo taaʼi”\f + \fr 1:13 \fr*\ft \+xt Far 110:1\+xt*\ft*\f* \m jedhe? \v 14 Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii? \c 2 \s1 Akeekkachiisa \p \v 1 Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. \v 2 Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, \v 3 yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame. \v 4 Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera. \s1 Yesuus Guutummaatti Nama Taasifame \p \v 5 Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine. \v 6 Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; \q1 “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? \q2 Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? \q1 \v 7 Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; \q2 ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; // hojii harka keetii irrattis isa muudde. \q2 \v 8 Waan hundas miilla isaa jala galchite.”\f + \fr 2:8 \fr*\ft \+xt Far 8:4‑6\+xt*\ft*\f* \m Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu. \v 9 Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina. \p \v 10 Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture. \v 11 Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu. \v 12 Inni, \q1 “Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; \q2 waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha”\f + \fr 2:12 \fr*\ft \+xt Far 22:22\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 13 Akkasumas, \q1 “Ani isa nan amanadha”\f + \fr 2:13 \fr*\ft \+xt Isa 8:17\+xt*\ft*\f* \m jedha. Ammas inni, \q1 “Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti”\f + \fr 2:13 \fr*\ft \+xt Isa 8:18\+xt*\ft*\f* \m jedha. \p \v 14 Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; \v 15 innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe. \v 16 Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti. \v 17 Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture. \v 18 Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa. \c 3 \s1 Yesuus Musee Caala \p \v 1 Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa. \v 2 Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture. \v 3 Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba. \v 4 Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa. \v 5 Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.\f + \fr 3:5 \fr*\ft \+xt Lak 12:7\+xt*\ft*\f* \v 6 Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti. \s1 Akeekkachiisa Amantii Dhabuu Irratti Kenname \p \v 7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: \q1 “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, \q2 \v 8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii \q1 keessatti finciluun gootan sana, \q2 mataa hin jabaatinaa; \q1 \v 9 abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; \q2 waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan. \q1 \v 10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, \q2 ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; \q2 isaan karaa koo hin beekne’ jedhe. \q1 \v 11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, \q2 ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”\f + \fr 3:11 \fr*\ft \+xt Far 95:7‑11\+xt*\ft*\f* \p \v 12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa. \v 13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa. \v 14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii. \v 15 Kunis akkuma, \q1 “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, \q2 akka yeroo fincilaa sana, \q2 mataa hin jabaatinaa”\f + \fr 3:15 \fr*\ft \+xt Far 95:7,8\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \p \v 16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii? \v 17 Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii? \v 18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree? \v 19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina. \c 4 \s1 Boqonnaa Guyyaa Sanbataa \p \v 1 Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu. \v 2 Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine. \v 3 Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, \q1 “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, \q2 ‘Isaan boqonnaa kootti \q2 hin galan’ jedhee kakadhe”\f + \fr 4:3 \fr*\ft \+xt Far 95:11\+xt*\ft*\f* \m jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera. \v 4 Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote”\f + \fr 4:4 \fr*\ft \+xt Uma 2:2\+xt*\ft*\f* jedhee dubbate. \v 5 Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan”\f + \cat dup\cat*\fr 4:5 \fr*\ft \+xt Far 95:11\+xt*\ft*\f* jedha. \p \v 6 Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle. \v 7 Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin, \q1 “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, \q2 mataa hin jabaatinaa”\f + \cat dup\cat*\fr 4:7 \fr*\ft \+xt Far 95:7,8\+xt*\ft*\f* jedha. \m \v 8 Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii. \v 9 Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera; \v 10 namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.\f + \cat dup\cat*\fr 4:10 \fr*\ft \+xt Uma 2:2\+xt*\ft*\f* \v 11 Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa. \p \v 12 Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. \v 13 Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna. \s1 Yesuus Luba Ol Aanaa Guddicha \p \v 14 Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. \v 15 Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne. \v 16 Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa. \c 5 \p \v 1 Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Waaqa ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama. \v 2 Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa. \v 3 Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba. \v 4 Nama akkuma Aroonitti Waaqaan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu. \p \v 5 Kiristoosis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Waaqni garuu, \q1 “Ati Ilma koo ti; \q2 ani harʼa si dhalcheera”\f + \fr 5:5 \fr*\ft \+xt Far 2:7\+xt*\ft*\f* \m jedheen. \v 6 Iddoo biraattis, \q1 “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, \q2 ati luba bara baraa ti”\f + \fr 5:6 \fr*\ft \+xt Far 110:4\+xt*\ft*\f* \m jedha. \p \v 7 Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef. \v 8 Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate; \v 9 erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe. \v 10 Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Waaqaan waamame. \s1 Akeekkachiisa \p \v 11 Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha. \v 12 Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa. \v 13 Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku. \v 14 Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa. \c 6 \p \v 1 Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu; \v 2 akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu. \v 3 Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona. \p \v 4 Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan, \v 5 warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii \v 6 ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu. \v 7 Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti. \v 8 Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha. \p \v 9 Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra. \v 10 Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii. \v 11 Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna. \v 12 Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu. \s1 Waadaan Waaqaa Amanamaa Taʼuu Isaa \p \v 13 Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate. \v 14 Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa”\f + \fr 6:14\fr*\ft \+xt Uma 22:17\+xt*\ft*\f* jedha. \v 15 Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate. \p \v 16 Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha. \v 17 Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse. \v 18 Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna. \v 19 Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena; \v 20 iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera. \c 7 \s1 Malkiiseedeq Lubicha \p \v 1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise; \v 2 Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha. \v 3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata. \p \v 4 Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa! \v 5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja. \v 6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise. \v 7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu. \v 8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama. \v 9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama; \v 10 Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii. \s1 Yesuus Akka Malkiiseedeqiiti \p \v 11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii. \v 12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii. \v 13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille. \v 14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne. \v 15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa; \v 16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe. \v 17 Waaʼee isaas, \q1 “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, \q2 ati luba bara baraa ti”\f + \fr 7:17 \fr*\ft \+xt Far 110:4\+xt*\ft*\f* \m jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii. \p \v 18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera. \v 19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera. \p \v 20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan; \v 21 inni garuu yeroo Waaqni, \q1 “Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’ \q2 jedhee kakateera; \q2 inni yaada isaa hin geeddaru”\f + \fr 7:21 \fr*\ft \+xt Far 110:4\+xt*\ft*\f* \m isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe. \v 22 Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera. \p \v 23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan; \v 24 Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. \v 25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa. \p \v 26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. \v 27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii. \v 28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda. \c 8 \s1 Luba Ol aanaa Kakuu Haaraa \p \v 1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna. \v 2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila. \p \v 3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba. \v 4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture. \v 5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!”\f + \fr 8:5 \fr*\ft \+xt Bau 25:40\+xt*\ft*\f* jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf. \v 6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii. \p \v 7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture. \v 8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha; \q1 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, \q2 mana Yihuudaa wajjinis, \q1 kakuu haaraa galu ni dhufa \q2 jedha Gooftaan. \q1 \v 9 Kakuun kunis kakuu ani, \q2 yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee \q1 harka isaanii qabe sana \q2 abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti; \q1 isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif, \q2 ani isaan irraa gara galeera, \q2 jedha Gooftaan. \q1 \v 10 Kakuun ani yeroo sana booddee \q2 mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. \q1 Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; \q2 garaa isaanii keessattis nan barreessa. \q1 Ani Waaqa isaanii nan taʼa; \q2 isaanis saba koo ni taʼu. \q1 \v 11 Sababii hundi isaanii, \q2 xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, \q1 siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee, \q2 ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu. \q1 \v 12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf; \q2 cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”\f + \fr 8:12 \fr*\ft \+xt Erm 31:31‑34\+xt*\ft*\f* \p \v 13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada. \c 9 \s1 Iddoo Qulqulluu Isa Lafaa Keessatti Waaqeffachuu \p \v 1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture. \v 2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture. \v 3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture. \v 4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame. \v 5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu. \p \v 6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan. \v 7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture. \v 8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture. \v 9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa. \v 10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa. \s1 Dhiiga Kiristoos \p \v 11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe. \v 12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene. \v 13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee, \v 14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree! \p \v 15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii. \p \v 16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha; \v 17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii. \v 18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma. \v 19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase. \v 20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha”\f + \fr 9:20 \fr*\ft \+xt Bau 24:8\+xt*\ft*\f* jedhe. \v 21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase. \v 22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru. \p \v 23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa. \v 24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne. \v 25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne. \v 26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. \v 27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana \v 28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata. \c 10 \s1 Kiristoos Aarsaa Taʼuu Isaa \p \v 1 Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu. \v 2 Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture. \v 3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu. \v 4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii. \p \v 5 Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe: \q1 “Ati aarsaa fi kennaa hin feene; \q2 garuu dhagna naa qopheessite; \q1 \v 6 ati aarsaa gubamuu fi \q2 kennaa sababii cubbuutiif \q2 dhiʼeeffamutti hin gammanne. \q1 \v 7 Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti; \q2 waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera; \q2 yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe.”\f + \fr 10:7 \fr*\ft \+xt Far 40:6‑8\+xt*\ft*\f* \m \v 8 Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, “Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne” jedhe. \v 9 Ergasiis inni, “Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise. \v 10 Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra. \p \v 11 Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa. \v 12 Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe. \v 13 Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata; \v 14 inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii. \p \v 15 Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha: \q1 \v 16 “Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, \q2 jedha Gooftaan. \q1 Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; \q2 garaa isaanii keessattis nan barreessa.”\f + \fr 10:16 \fr*\ft \+xt Erm 31:33\+xt*\ft*\f* \m \v 17 Ammas, \q1 “Ani cubbuu fi yakka isaanii \q2 siʼachi hin yaadadhu”\f + \fr 10:17 \fr*\ft \+xt Erm 31:34\+xt*\ft*\f* \m jedha. \v 18 Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu. \s1 Amantiidhaan Cimanii Dhaabachuu \p \v 19 Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf \v 20 karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan \v 21 waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf, \v 22 kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa. \v 23 Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa. \v 24 Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. \v 25 Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu. \p \v 26 Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu; \v 27 garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata. \v 28 Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama. \v 29 Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu? \v 30 Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa”\f + \fr 10:30 \fr*\ft \+xt KeD 32:35\+xt*\ft*\f* jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura”\f + \fr 10:30 \fr*\ft \+xt KeD 32:36; Far 135:14\+xt*\ft*\f* jedhe. \v 31 Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha. \p \v 32 Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa. \v 33 Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan. \v 34 Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu. \v 35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa. \p \v 36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii. \q1 \v 37 “Yeroo xinnoo keessatti, \q2 inni dhufuuf jiru ni dhufa; \q2 hin turus.”\f + \fr 10:37 \fr*\ft \+xt Isa 26:20; Anb 2:3\+xt*\ft*\f* \m \v 38 Akkasumas, \q1 “Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata. \q2 Kan duubatti harkifatu immoo \q2 ani itti hin gammadu.”\f + \fr 10:38 \fr*\ft \+xt Anb 2:3,4\+xt*\ft*\f* \m \v 39 Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti. \c 11 \s1 Hojii Amantiin Hojjetu \p \v 1 Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha. \v 2 Jaarsoliifis kanaan dhugaa baʼameetii. \p \v 3 Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna. \p \v 4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira. \p \v 5 Henook akka duʼa hin argineef amantiidhaan fudhatame; waan Waaqni isa fudhateef inni hin argamne.\f + \fr 11:5 \fr*\ft \+xt Uma 5:24\+xt*\ft*\f* Inni utuu hin fudhatamin dura akka nama Waaqa gammachiiseetti dhugaa baʼameefii tureetii. \v 6 Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba. \p \v 7 Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe. \p \v 8 Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme. \v 9 Innis akka keessummaa biyya ormaa jiruutti biyya isaaf waadaa galame sana keessa amantiidhaan qubate; akkuma warra isa wajjin waadaadhuma sana dhaalan, akkuma Yisihaaqii fi Yaaqoob dunkaana keessa jiraate. \v 10 Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii. \v 11 Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Waaqa waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse. \v 12 Kanaaf namicha akka waan duʼeetti ilaalamu tokkicha kana irraa sanyiin akka urjii samii baayʼattuu fi akka cirracha qarqara galaanaa kan hin lakkaaʼamne dhalate. \p \v 13 Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru. \v 14 Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu. \v 15 Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan. \v 16 Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii. \p \v 17 Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe; \v 18 innis isuma Waaqni, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama”\f + \fr 11:18 \fr*\ft \+xt Uma 21:12\+xt*\ft*\f* jedheen sana. \v 19 Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha. \p \v 20 Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise. \p \v 21 Yaaqoob yeroo duʼetti amantiidhaan ilmaan Yoosef tokko tokkoon eebbise; mataa ulee isaatti irkatees sagade. \p \v 22 Yoosefis yeroo duʼetti amantiidhaan waaʼee Gibxi keessaa baʼuu ijoollee Israaʼel dubbate; waaʼee lafee isaas ajaja kenne. \p \v 23 Yeroo Museen dhalatetti abbaa fi haati isaa mucaa miidhagaa taʼuu isaa arganii utuu labsii mootichaa hin sodaatin amantiidhaan jiʼa sadii isa dhoksan. \p \v 24 Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide. \v 25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate. \v 26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate. \v 27 Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate. \v 28 Akka ergamaan hangafa ajjeesu sun hangafoota saba Israaʼel hin tuqneefis amantiidhaan akka Faasiikaan ayyaaneffamu, dhiignis akka facaafamu godhe. \p \v 29 Sabni Israaʼel akkuma nama lafa gogaa irra deemuutti amantiin Galaana Diimaa ceʼe; warri Gibxi garuu yommuu akkuma sanatti ceʼuu yaalanitti ni liqimfaman. \p \v 30 Dallaan Yerikoo erga guyyaa torba marfamee booddee amantiidhaan jige. \p \v 31 Sagaagaltuun Rahaab jedhamtu basaastota simachuu isheetiin amantiidhaan hafte malee warra hin amanin wajjin hin ajjeefamne. \p \v 32 Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu; \v 33 isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan; \v 34 amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan. \v 35 Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan. \v 36 Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman. \v 37 Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran; \v 38 addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan. \p \v 39 Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne. \v 40 Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera. \c 12 \p \v 1 Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa; \v 2 kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe. \v 3 Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa. \s1 Waaqni Ilmaan Isaa ni Adaba \p \v 4 Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine. \v 5 Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha: \q1 “Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin; \q2 yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin; \q1 \v 6 Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; \q2 inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.”\f + \fr 12:6 \fr*\ft \+xt Fak 3:11,12\+xt*\ft*\f* \p \v 7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? \v 8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. \v 9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree! \v 10 Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba. \v 11 Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna. \p \v 12 Kanaafuu irree laafee fi jilba dadhabe jabeessaa. \v 13 Naafti akka fayyuuf malee akka karaa irraa hin jalʼanneef, “Miilla keessaniif daandii qajeelaa baafadhaa.”\f + \fr 12:13 \fr*\ft \+xt Fak 4:26\+xt*\ft*\f* \s1 Akeekkachiisa \p \v 14 Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii. \v 15 Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa. \v 16 Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa. \v 17 Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye. \p \v 18 Isin gara tulluu tuqamuu dandaʼuu fi ibiddi irraa bobaʼu, gara dukkanaa, gara dimimmisaa fi bubbee hin geenye; \v 19 gara sagalee malakataatii fi gara sagalee dubbii dubbatuu hin geenye; warri isa dhagaʼanis akka dubbiin biraa dabalamee isaanitti hin dubbatamne kadhatan. \v 20 Isaan waan, “Bineensi iyyuu yoo tulluu sana tuqe dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu”\f + \fr 12:20 \fr*\ft \+xt Bau 19:12,13\+xt*\ft*\f* jedhamee ajajame sana obsuu hin dandeenyeetii. \v 21 Wanti achitti mulʼates waan sodaachisaa taʼeef Museen, “Ani sodaadhaan hollachaan jira”\f + \fr 12:21 \fr*\ft \+xt KeD 9:19\+xt*\ft*\f* jedhe. \p \v 22 Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; \v 23 gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii, \v 24 gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu. \p \v 25 Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree? \v 26 Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose; amma garuu inni, “Ani ammas yeroo tokko lafa qofa utuu hin taʼin samiiwwanis nan sochoosa”\f + \fr 12:26 \fr*\ft \+xt Hag 2:6\+xt*\ft*\f* jedhee waadaa galeera. \v 27 Dubbiin, “Ammas yeroo tokko” jedhu kun akka wanni hin sochoofamne hafee jiraatuuf, wanni sochoofamu jechuunis wanni uumame baduu isaa argisiisa. \p \v 28 Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu; \v 29 Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.\f + \fr 12:29 \fr*\ft \+xt KeD 4:24\+xt*\ft*\f* \c 13 \s1 Gorsa Xumuraa \p \v 1 Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. \v 2 Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii. \v 3 Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa. \p \v 4 Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii. \v 5 Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, \q1 “Ani gonkumaa si hin dhiisu; \q2 gonkumaas si hin gatu”\f + \fr 13:5 \fr*\ft \+xt KeD 31:6\+xt*\ft*\f* \m jedheeraatii. \v 6 Kanaaf nu ija jabinaan, \q1 “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. \q2 Namni maal na gochuu dandaʼa?”\f + \fr 13:6 \fr*\ft \+xt Far 118:6,7\+xt*\ft*\f* jenna. \p \v 7 Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa. \v 8 Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. \p \v 9 Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu. \v 10 Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna. \p \v 11 Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama. \v 12 Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate. \v 13 Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu. \v 14 Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii. \p \v 15 Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha. \v 16 Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii. \p \v 17 Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii. \s1 Akka Kadhannaa Godhaniif Gaafachuu \p \v 18 Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra. \v 19 Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa. \s1 Eebbaa fi Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 20 Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, \v 21 akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen. \b \b \p \v 22 Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha. \b \p \v 23 Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa. \b \p \v 24 Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. \p Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu. \b \p \v 25 Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.