\id HAG - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Haagee \toc1 Raajii Haagee \toc2 Haagee \toc3 Hag \mt2 Raajii \mt1 Haagee \c 1 \s1 Waamicha Mana \nd Waaqayyoo\nd* Ijaaruuf Godhame \p \v 1 Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe: \p \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni \nd Waaqayyoo\nd* ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.” \p \v 3 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe: \v 4 “Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?” \p \v 5 Ammas \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa. \v 6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.” \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa. \v 8 Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 9 “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif. \v 10 Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte. \v 11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.” \b \p \v 12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis \nd Waaqayyoon\nd* sodaate. \p \v 13 Ergasii Haageen ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun akkana jedhee ergaa \nd Waaqayyoo\nd* kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 14 Akkasiin \nd Waaqayyo\nd* hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban; \v 15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe. \c 2 \s1 Ulfina Manicha Haaraa \p \v 1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee karaa Haagee raajichaatiin dhufe; \v 2 “Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu; \v 3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu? \v 4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’ \p \v 6 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa. \v 7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. \v 9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu.” \s1 Qulqullummaa fi Xuraaʼummaa \p \v 10 Waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyoos keessa, bultii digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaatti, dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Haagee raajichaa dhufe; \v 11 “\nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Waan seerri jedhu luboota gaafadhu; \v 12 yoo namni tokko foon qulqulleeffamee Waaqaaf kenname fuudhee dachaa wayyaa isaa keessatti baatee wayyaan sun buddeena yookaan ittoo, daadhii wayinii, zayitii yookaan nyaata gosa biraa tuqe, nyaanni sun ni qulqulleeffamaa?’ ” \p Luboonnis, “Waawuu” jedhanii deebisaniif. \p \v 13 Ergasii Haageen akkana jedhe; “Namni reeffa tuqee xuraaʼe tokko yoo wantoota kanneen keessaa tokko tuqe wanni sun ni xuraaʼaa?” \p Luboonni sunis, “Eeyyee, wanni sun ni xuraaʼa” jedhanii deebisaniif. \p \v 14 Haageen akkana jedhe; “ ‘Uummanni kunii fi sabni kun fuula koo duratti akkasuma’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. ‘Wanni isaan hojjetan hundii fi wanni isaan achitti dhiʼeessan hundi xuraaʼaa dha. \p \v 15 “ ‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa. \v 16 Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate. \v 17 Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 18 Guyyaa kanaa jalqabaatii jechuunis guyyaa digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaa kanaa jalqabaatii hamma guyyaa hundeen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* buufameetti of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa. \v 19 Amma iyyuu sanyiin gombisaa keessatti hafe tokko iyyuu jiraa? Hamma ammaatti mukni wayiniitii fi mukni harbuu, roomaanii fi mukni ejersaa ija hin naqanne. \p “ ‘Ani guyyaa kanaa jalqabee isin nan eebbisa.’ ” \s1 Zarubaabel Qubeelaa Chaappaa \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 20 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti yeroo lammaffaa akkana jedhee gara Haagee dhufe; \v 21 “Akka ani samiiwwanii fi lafa raasuuf jiru Zarubaabel bulchaa Yihuudaatti himi. \v 22 Ani teessoo moototaa nan garagalcha; humna mootummoota biyya alaas nan barbadeessa. Ani gaariiwwanii fi ooftota isaanii nan garagalcha; fardeenii fi warra fardeen yaabbatan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu. \p \v 23 “ ‘Guyyaa sana’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu; ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel, ani sin fudhadha’ jedha \nd Waaqayyo\nd*; ‘Ani waanan si filadheef akka qubeelaa chaappaa koo sin godhadha’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu.”