\id HAB - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Anbaaqoom \toc1 Raajii Anbaaqoom \toc2 Anbaaqoom \toc3 Anb \mt2 Raajii \mt1 Anbaaqoom \c 1 \p \v 1 Raajii Anbaaqoom raajichi arge. \b \s1 Guungummii Anbaaqoom \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf // sitti iyyadha? \q2 Ati garuu na hin dhaggeeffattu; \q1 yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!” \q2 jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu? \q1 \v 3 Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota? \q2 Ati maaliif balleessaa namaa obsita? \q1 Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru; \q2 lollii fi waldhabiinsi baayʼateera. \q1 \v 4 Kanaafuu seerri laamshaʼeera; \q2 murtiin qajeelaan dabsameera. \q1 Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf; \q2 namoonni hamoon qajeelota marsu. \s1 Deebii \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 5 “Saboota hubadhaa ilaalaa; \q2 akka malees dinqisiifadhaa. \q1 Ani bara keessan keessa \q2 waan isin yoo isinitti himame illee \q2 hin amanne tokko nan hojjedha. \q1 \v 6 Ani warra Baabilon, \q2 uummata gara jabeessaa fi ariifataa, \q1 kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf \q2 guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa. \q1 \v 7 Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha; \q2 isaan ofii isaaniitiifuu seera; \q2 ulfina isaaniis ni guddifatu. \q1 \v 8 Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu; \q2 yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu. \q1 Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan // ariitiidhaan gulufu; \q2 abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu. \q1 Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu; \q2 \v 9 isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu. \q1 Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela; \q2 namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba. \q1 \v 10 Isaan mootota tuffatanii \q2 bulchitootatti qoosu. \q1 Daʼannoo hundatti ni kolfu; \q2 biyyoos tuulanii isa qabatu. \q1 \v 11 Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii // waaqa isaanii godhatan, \q2 akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.” \s1 Gungummii Anbaaqoom isa Lammaffaa \q1 \v 12 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii? \q2 Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati akka isaan murtii kennaniif // isaan muuddeerta; \q2 yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta. \q1 \v 13 Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha; \q2 ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu. \q1 Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta? \q2 Ati maaliif yeroo namoonni hamoon \q2 warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa? \q1 \v 14 Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa, \q2 akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa // hin qabnee gooteerta. \q1 \v 15 Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa; \q2 kiyyoo isaatiinis isaan harkisa; \q1 kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata; \q2 kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas. \q1 \v 16 Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee \q2 nyaata isaa filatamaatti gammaduuf \q1 kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa; \q2 kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa. \q1 \v 17 Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan, \q2 gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa? \b \c 2 \q1 \v 1 Ani iddoo koo dhaabadhee \q2 dallaa eegumsaa irra nan tura; \q1 mee waan inni naan jedhu arguuf \q2 deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala. \s1 Deebii \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 2 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee deebii kenne: \q1 “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, \q2 mulʼata sana ifa godhii \q2 gabatee irratti barreessi. \q1 \v 3 Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; \q2 inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. \q1 Yoo tures isa eegi; \q2 inni dhugumaan ni dhufa; hin turus. \b \b \q1 \v 4 “Kunoo inni of bokokseera; \q2 hawwiin isaas sirrii miti; \q2 namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata; \q1 \v 5 dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; \q2 of tuula; boqonnaas hin qabu. \q1 Inni akkuma siiʼool sassata; \q2 akka duʼaas kan hin quufnee dha. \q1 Inni saboota hunda walitti qabata; \q2 uummata hundas boojiʼee fudhata. \p \v 6 “Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, \q1 “ ‘Nama miʼa hatame tuullatee \q2 saamichaan of sooromsuuf wayyoo! \q2 Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ // jedhanii itti hin qoosanii? \q1 \v 7 Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? \q2 Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? \q2 Ergasii ati harka isaanii jala galta. \q1 \v 8 Sababii ati saba hedduu saamteef \q2 namoonni hafan si saamu. \q1 Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; \q2 ati biyyoota, magaalaawwanii fi // namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta. \b \q1 \v 9 “Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu \q2 kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee \q2 lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo! \q1 \v 10 Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, \q2 waan nama qaanessu mana keetti malattee // lubbuu keetti badiisa fidde. \q1 \v 11 Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; \q2 demdemoon mukaas jalaa qaba. \b \q1 \v 12 “Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, \q2 kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo! \q1 \v 13 Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, \q2 akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan \q2 \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii? \q1 \v 14 Akkuma bishaan galaana guutu sana \q2 lafti ulfina \nd Waaqayyoon\nd* beekuutiin guutamtiitii. \b \q1 \v 15 “Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee \q2 hamma inni machaaʼutti \q2 qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo. \q1 \v 16 Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. \q2 Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. \q1 Xoofoon mirga \nd Waaqayyoo\nd* sitti garagala; \q2 salphinnis ulfina kee haguuga. \q1 \v 17 Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; \q2 horii fixuun kee si rifachiisa. \q1 Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; \q2 ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan // hunda balleessiteerta. \b \q1 \v 18 “Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu \q2 yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? \q1 Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; \q2 inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha. \q1 \v 19 Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ \q2 yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. \q1 Inni barsiisuu ni dandaʼaa? \q2 Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; \q2 hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.” \b \q1 \v 20 \nd Waaqayyo\nd* garuu mana qulqullummaa isaa // qulqulluu sana keessa jira; \q2 lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu. \c 3 \s1 Kadhannaa Anbaaqoom \d \v 1 Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa \tl shigiyonootiidhaan\tl*.\f + \fr 3:1 \fr*\ft Shigiyootiin \+it gosa muuziiqaa ti.\+it*\ft*\f* \q1 \v 2 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani oduu kee dhagaʼeera; \q2 yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani gochawwan kee nan sodaadha. \q1 Bara keenya keessa isaan haaromsi; \q2 jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi; \q2 yeroo dheekamtutti araara yaadadhu. \b \q1 \v 3 Waaqni Teemaan irraa, \q2 Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. \q1 Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; \q2 galanni isaas lafa guute. \q1 \v 4 Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; \q2 gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; \q2 humni isaas achi dhokateera. \q1 \v 5 Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme; \q2 golfaanis isa duukaa buʼe. \q1 \v 6 Inni dhaabatee lafa raase; \q2 ilaalee akka saboonni hollatan godhe. \q1 Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan; \q2 gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman. \q2 Karaan isaa kan bara baraa ti. \q1 \v 7 Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge; \q2 golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu. \b \q1 \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati lageenitti aartee turtee? \q2 Burqaawwanittis dheekkamtee? \q1 Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti, \q2 yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti \q2 galaanatti dheekkamtee turtee? \q1 \v 9 Ati iddaa kee luqqifattee \q2 xiyya itti dhaabbatte. \q1 Lafas lageeniin gargar baqaqsite; \q2 \v 10 tulluuwwan si arganii hollattan. \q1 Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; \q2 tuujubni ni huurse; \q2 dambalii isaas ol kaase. \b \q1 \v 11 Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi \q2 sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi \q2 jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan. \q1 \v 12 Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte; \q2 aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte. \q1 \v 13 Ati saba kee furuuf, \q2 dibamaa kee oolchuuf dhufte. \q1 Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte; \q2 mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte. \q1 \v 14 Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii, \q2 akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran \q1 fixuu gaʼaniitti gammadanitti, \q2 ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante. \q1 \v 15 Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa \q2 hoomacheessaa galaana irra deemte. \b \q1 \v 16 Ani dhagaʼeen garaan koo raafame; \q2 hidhiin koo sagalee sanaan hollate; \q1 tortorri lafee koo seene; \q2 miilli koos ni hollate. \q1 Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa \q2 saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha. \q1 \v 17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee \q2 iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu, \q1 yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee \q2 lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu, \q1 yoo hoolonni gola keessaa, \q2 loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu, \q1 \v 18 ani garuu \nd Waaqayyotti\nd* nan gammada; \q2 Waaqa isa na fayyisutti nan gammada. \b \q1 \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan jabina koo ti; \q2 inni miilla koo akka miilla borofaa godha; \q2 lafa ol kaʼaa irras na deemsisa. \d Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.