\id GEN - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Uumama \toc1 Seera Uumamaa \toc2 Uumama \toc3 Uma \mt2 Seera \mt1 Uumamaa \c 1 \s1 Jalqaba \p \v 1 Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume. \v 2 Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture. \b \p \v 3 Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe. \v 4 Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase. \v 5 Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa. \b \p \v 6 Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe. \v 7 Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe. \v 8 Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa. \b \p \v 9 Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe. \v 10 Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. \p \v 11 Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe. \v 12 Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. \v 13 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa. \b \p \v 14 Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan; \v 15 isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe. \v 16 Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume. \v 17 Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe; \v 18 kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. \v 19 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa. \b \p \v 20 Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe. \v 21 Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. \v 22 Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise. \v 23 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa. \b \p \v 24 Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe. \v 25 Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge. \p \v 26 Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe. \q1 \v 27 Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; \q2 akka bifa Waaqaatti isa uume; \q2 innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume. \p \v 28 Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen. \p \v 29 Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera. \v 30 Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe. \p \v 31 Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa. \b \c 2 \p \v 1 Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame. \b \p \v 2 Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote. \v 3 Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse. \s1 Addaamii fi Hewaan \p \v 4 Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha. \b \p \v 5 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture. \v 6 Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture. \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe. \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe. \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture. \p \v 10 Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe. \v 11 Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa. \v 12 Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu. \v 13 Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa. \v 14 Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama. \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe. \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa; \v 17 garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.” \p \v 18 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe. \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef. \v 20 Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. \p Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne. \v 21 Kanaafis \nd Waaqayyo\nd* Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse. \p \v 23 Namichis akkana jedhe; \q1 “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; \q2 foon kunis foon foon kootii ti; \q1 isheen waan dhiira irraa argamteef \q2 ‘dubartii’ jedhamti.” \m \v 24 Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu. \p \v 25 Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture. \c 3 \s1 Kufaatii Namaa \p \v 1 Bineensa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe. \p \v 2 Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya; \v 3 garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.” \p \v 4 Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan. \v 5 Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.” \p \v 6 Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate. \v 7 Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan. \p \v 8 Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa duraa dhokatan. \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen. \p \v 10 Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen. \p \v 11 Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen. \p \v 12 Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe. \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. \p Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette. \p \v 14 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, \q1 “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas \q2 kan abaaramte ni taata! \q1 Bara jireenya keetii guutuu \q2 garaa keetiin lafa irra loota; \q2 biyyoo illee ni nyaatta. \q1 \v 15 Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi \q2 sanyii ishee gidduutti \q2 diinummaa nan uuma; \q1 inni mataa kee ni tuma; \q2 atis koomee isaa ni iddita.” \p \v 16 Dubartittiidhaanis akkana jedhe; \q1 “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; \q2 ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. \q1 Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; \q2 innis sirratti ol aantummaa qabaata.” \p \v 17 Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, \q1 “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; \q2 atis bara jireenya keetii guutuu \q2 dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta. \q1 \v 18 Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; \q2 atis biqiltuu lafaa ni nyaatta. \q1 \v 19 Ati waan lafa irraa argamteef, \q2 hamma lafatti deebitutti \q1 dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; \q2 waan biyyoo taateefis, \q2 gara biyyootti deebita.” \p \v 20 Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase. \p \v 21 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe. \v 23 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe. \v 24 Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe. \c 4 \s1 Qaayinii fi Abeel \p \v 1 Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa \nd Waaqayyootiin\nd* ilma tokko argadheera” jette. \v 2 Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. \p Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture. \v 3 Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeesse. \v 4 Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. \nd Waaqayyo\nd* faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. \v 5 Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe. \p \v 6 \nd Waaqayyos\nd* Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe? \v 7 Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.” \p \v 8 Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese. \p \v 9 \nd Waaqayyos\nd*, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. \p Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira. \v 11 Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta. \v 12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.” \p \v 13 Qaayin immoo \nd Waaqayyoon\nd* akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol. \v 14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.” \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. \nd Waaqayyos\nd* akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe. \v 16 Ergasiis Qaayin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate. \p \v 17 Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame. \v 18 Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche. \p \v 19 Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe. \v 20 Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture. \v 21 Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti. \v 22 Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte. \p \v 23 Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; \q1 “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; \q2 yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. \q1 Nama tokko waan inni na madeesseef, \q2 dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera. \q1 \v 24 Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame \q2 Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.” \p \v 25 Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte. \v 26 Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. \p Bara sana namoonni maqaa \nd Waaqayyoo\nd* waammachuu jalqaban. \c 5 \s1 Addaamii Jalqabee Hamma Nohiitti \p \v 1 Kun galmee sanyii Addaam. \b \p Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche. \v 2 Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame. \b \li1 \v 3 Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef. \v 4 Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 5 Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe. \li1 \v 6 Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche. \v 7 Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 8 Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe. \li1 \v 9 Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche. \v 10 Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 11 Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe. \li1 \v 12 Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche. \v 13 Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 14 Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe. \li1 \v 15 Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche. \v 16 Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 17 Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe. \li1 \v 18 Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche. \v 19 Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture. \v 20 Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe. \li1 \v 21 Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche. \v 22 Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 23 Walumatti Henook waggaa 365 jiraate. \v 24 Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne. \li1 \v 25 Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche. \v 26 Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 27 Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe. \li1 \v 28 Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche. \v 29 Innis, “Hojii nu lafa \nd Waaqayyo\nd* abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase. \v 30 Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \v 31 Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe. \li1 \v 32 Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche. \c 6 \s1 Bishaan Badiisaa \p \v 1 Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, \v 2 Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. \v 3 Yommus \nd Waaqayyo\nd*, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe. \p \v 4 Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan. \p \v 5 \nd Waaqayyos\nd* akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge. \v 6 \nd Waaqayyos\nd* waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde. \v 7 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd*, “Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii” jedhe. \v 8 Nohi garuu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti surraa argate. \p \v 9 Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha. \b \p Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture. \v 10 Nohi ilmaan sadii dhalche; isaanis: Seem, Haamii fi Yaafet. \p \v 11 Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte. \v 12 Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge. \v 13 Kanaafuu Waaqni Nohiin akkana jedhe; “Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa. \v 14 Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi. \v 15 Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi. \v 16 Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu. \v 17 Kunoo, ani uumamawwan lubbu qabeeyyii hunda samii jalaa balleessuuf bishaan badiisaa lafatti nan fida; wanni lafa irra jiraatu hundinuus ni bada. \v 18 Si wajjin garuu kakuu nan gala; atis doonii seenta; atii fi ilmaan kee, niitiin keetii fi niitonni ilmaan keetiis ni seentu. \v 19 Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi. \v 20 Simbirroota keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, horii keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaas akkuma gosa gosa isaaniitti, lama lama taʼanii jiraachuuf gara kee dhufu. \v 21 Waan nyaatamu hunda keessaa waa fuudhii of biratti walitti qabi! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaanii ni taʼa.” \p \v 22 Nohi akkuma Waaqni isa ajajetti waan hunda hojjete. \c 7 \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni. \v 2 Bineensa qulqulluu gosa hunda keessaa kormaa fi dhalaa cimdii torba, bineensa qulqulluu hin taʼin gosa hunda keessaa cimdii tokko, \v 3 gosa simbirrootaa hunda keessaa illee akka sanyiin lafa hunda irratti hafee jiraatuuf kormaa fi dhalaa cimdii torba fudhadhuu seeni. \v 4 Ani guyyaa torba booddee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama bokkaa nan roobsa; uumama jiraataa ani mataan koo uume hunda lafa irraa nan haxaaʼa.” \p \v 5 Nohis waan \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje hunda ni hojjete. \p \v 6 Yeroo bishaan badiisaa dhufetti Nohi nama waggaa dhibba jaʼa ture. \v 7 Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan. \v 8 Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan, \v 9 kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan. \v 10 Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute. \p \v 11 Bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa keessa, jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha torbaffaatti burqaawwan tuujuba gurguddaa hundi ni dhoʼan; foddaawwan bishaan samiis ni banaman. \v 12 Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafatti roobe. \p \v 13 Guyyuma sana Nohii fi ilmaan isaa, Seem, Haamii fi Yaafet, niitii isaatii fi niitota ilmaan isaa sadanii wajjin doonicha seenan. \v 14 Isaanis bineensota hunda, akkuma gosa isaaniitti, horii hunda akkuma gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundaa fi simbirroota hunda akkuma gosa isaaniitti, waan qoochoo qabu hundas of faana fudhatanii seenan. \v 15 Uumamawwan hafuura jireenyaa of keessaa qaban hundinuus cimdii cimdiidhaan gara Nohi dhufanii doonicha seenan. \v 16 Bineensonni akkuma Waaqni Nohin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo \nd Waaqayyo\nd* alaan itti cufe. \p \v 17 Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase. \v 18 Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme. \v 19 Bishaanichis akka malee ol kaʼaa deemee tulluuwwan samii jala jiran hunda haguuge. \v 20 Bishaanichi dhundhuma kudha shan caalaa ol kaʼuudhaan tulluuwwan dhokse. \v 21 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundi jechuunis, simbirroonni, horiin, bineensonni, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundii fi namoonni hundi ni barbadaaʼan. \v 22 Wanni lafa gogaa irra jiraatu kan funyaan isaatiin hafuura jireenyaa baafatu hundinuu ni duʼe. \v 23 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni samii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nohii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe. \p \v 24 Bishaan sunis bultii dhibba tokkoo fi shantama lafa irra lolaʼe. \c 8 \p \v 1 Waaqni garuu Nohin, bineensotaa fi horii isa wajjin doonii keessa turan hunda yaadate. Innis bubbee lafatti erge; bishaanichis gad gale. \v 2 Burqaawwan tuujubawwaniitii fi foddaawwan samiiwwanii ni cufaman; bokkaan samii keessaa gad roobus ni caame. \v 3 Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe. \v 4 Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate. \v 5 Bishaanichi hamma jiʼa kurnaffaatti gaduma galaa deeme. Guyyaa jalqaba jiʼa kurnaffaattis mataawwan tulluuwwanii mulʼatan. \p \v 6 Guyyaa afurtama booddee Nohi foddaa dooniitti baasee ture sana bane; \v 7 innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture. \v 8 Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge. \v 9 Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nohi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche. \v 10 Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge. \v 11 Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nohi akka bishaanichi gad hirʼate beeke. \v 12 Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine. \p \v 13 Umurii Nohii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nohis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge. \v 14 Guyyaa digdamii torbaffaa jiʼa lammaffaatti lafti guutummaan guutuutti gogde. \p \v 15 Waaqnis Nohiin akkana jedhe; \v 16 “Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa. \v 17 Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi.” \p \v 18 Kanaafuu Nohi ilmaan isaatii fi niitii isaa, niitota ilmaan isaa wajjin gad baʼe. \v 19 Bineensonni hundii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundinuu, simbirroonni hundi jechuunis wanni lafa irra jiraatu hundi gosuma gosaan doonii sana keessaa gad baʼan. \p \v 20 Nohis \nd Waaqayyoof\nd* iddoo aarsaa ijaare; horii fi simbirroota qulqulluu hunda keessaa fuudhee iddoo aarsaa sana irratti aarsaa gubamu dhiʼeesse. \v 21 \nd Waaqayyos\nd* foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu. \q1 \v 22 “Hamma lafti jirtutti, \q1 midhaan facaasuu fi walitti qabuun, \q1 dhaamochii fi hoʼi, \q1 bonnii fi ganni, \q1 halkanii fi guyyaan \q1 gonkumaa hin hafan.” \c 9 \s1 Kakuu Waaqni Nohi wajjin Gale \p \v 1 Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa. \v 2 Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru. \v 3 Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna. \p \v 4 “Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa. \v 5 Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada. \q1 \v 6 “Nama dhiiga namaa dhangalaasu, \q2 dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; \q1 Waaqni bifa Waaqaatiin \q2 nama uumeetii. \m \v 7 Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.” \p \v 8 Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe; \v 9 “Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa. \v 10 Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa. \v 11 Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.” \p \v 12 Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha. \v 13 Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa. \v 14 Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, \v 15 ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan. \v 16 Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.” \p \v 17 Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe. \s1 Ilmaan Nohi \p \v 18 Ilmaan Nohi warri doonii keessaa baʼan Seem, Haamii fi Yaafet turan. Haam abbaa Kanaʼaanii ti. \v 19 Ilmaan Nohi jara kana sadan turan; sanyiin namaa kan lafa hunda irra bittinneeffames isaanuma irraa argame. \p \v 20 Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture. \v 21 Innis daadhii wayinii sanaa dhugee machaaʼe; qullaa isaas dunkaana isaa keessa ciise. \v 22 Haam abbaan Kanaʼaan qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan ala turanitti hime. \v 23 Seemii fi Yaafeti garuu wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii dugda duubaan deemanii qullaa abbaa isaaniitti uffisan. Waan fuulli isaanii achi garagalee tureef isaan qullaa abbaa isaanii hin argine. \p \v 24 Nohis yeroo machiin isaa irraa galetti waan ilmi isaa inni xinnaan isatti hojjete beekee \v 25 akkana jedhe; \q1 “Kanaʼaan abaaramaa haa taʼu! \q2 Inni obboloota isaatiif \q2 garba garbootaa haa taʼu.” \p \v 26 Akkanas jedhe; \q1 “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Seem haa eebbifamu! \q2 Kanaʼaan immoo garbicha Seem haa taʼu. \q1 \v 27 Waaqni biyya Yaafet haa balʼisu; \q2 Yaafet dunkaanota Seem keessa haa jiraatu; \q2 Kanaʼaan immoo garbicha isaa haa taʼu.” \p \v 28 Bishaan badiisaa booddee Nohi waggaa 350 jiraate. \v 29 Walumatti Nohi waggaa 950 jiraatee duʼe. \c 10 \s1 Sanyii Ilmaan Nohi \lh \v 1 Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan. \s2 Sanyii Yaafeti \r 10:2‑5 kwf – \xt 1Sn 1:5‑7\xt* \li1 \v 2 Ilmaan Yaafet: \li2 Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan. \li1 \v 3 Ilmaan Goomer: \li2 Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan. \li1 \v 4 Ilmaan Yaawaan: \li2 Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan. \v 5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan. \s2 Sanyii Kaam \r 10:6‑20 kwf – \xt 1Sn 1:8‑16\xt* \li1 \v 6 Ilmaan Haam: \li2 Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan. \li1 \v 7 Ilmaan Kuushi: \li2 Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. \li1 Ilmaan Raʼimaa: \li2 Shebaa fi Dedaan turan. \lf \v 8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe. \v 9 Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame. \v 10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture. \v 11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare; \v 12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha. \li1 \v 13 Misrayim immoo abbaa \li2 Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, \v 14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti. \li1 \v 15 Kanaʼaan abbaa Siidoon \li2 ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa, \v 16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, \v 17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, \v 18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. \li2 Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan; \v 19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate. \lf \v 20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha. \s2 Sanyii Seem \r 10:21‑31 kwi – \xt Uma 11:10‑27; 1Sn 1:17‑27\xt* \lh \v 21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture. \li1 \v 22 Ilmaan Seem \li2 Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan. \li1 \v 23 Ilmaan Arraam \li2 Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan. \li1 \v 24 Arfaakshad Sheelaa dhalche; \li2 Sheelaan immoo Eeberin dhalche. \li1 \v 25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef \li2 maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame. \li1 \v 26 Yooqxaan immoo \li2 Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa, \v 27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, \v 28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, \v 29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti. \li2 \v 30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata. \lf \v 31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha. \b \lf \v 32 Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan. \c 11 \s1 Gamoo Baabel \p \v 1 Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture. \v 2 Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan. \p \v 3 Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman. \v 4 Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. \v 6 \nd Waaqayyos\nd* akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. \v 7 Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!” \p \v 8 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. \v 9 Waan \nd Waaqayyo\nd* achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; \nd Waaqayyo\nd* iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse. \s1 Seemii Jalqabee Hamma Abraamitti \r 11:10‑27 kwf – \xt Uma 10:21‑31; 1Sn 1:17‑27\xt* \p \v 10 Seenaan maatii Seem kana. \b \li1 Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche. \v 11 Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 12 Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche. \v 13 Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 14 Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche. \v 15 Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 16 Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche. \v 17 Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 18 Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche. \v 19 Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche. \li1 \v 20 Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche. \v 21 Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 22 Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche. \v 23 Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 24 Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche. \v 25 Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche. \li1 \v 26 Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. \s1 Maatii Abraam \p \v 27 Seenaan maatii Taaraa kana. \b \p Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche. \v 28 Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe. \v 29 Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture. \v 30 Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye. \p \v 31 Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan. \p \v 32 Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe. \c 12 \s1 Waamamuu Abraam \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi. \q1 \v 2 “Ani saba guddaa sin taasisa; \q2 sin eebbisas; \q1 maqaa kee illee guddaa nan taasisa; \q2 atis eebba taataa. \q1 \v 3 Ani warra si eebbisan nan eebbisa; \q2 warra si abaaran nan abaara; \q1 sabni lafa irraa hundinuu \q2 karaa keetiin eebbifama.” \p \v 4 Kanaafuu Abraam akkuma \nd Waaqayyo\nd* isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture. \v 5 Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan. \p \v 6 Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan. \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti \nd Waaqayyo\nd* isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare. \p \v 8 Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti \nd Waaqayyoof\nd* iddoo aarsaa ijaaree maqaa \nd Waaqayyoo\nd* waammate. \p \v 9 Abraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe. \s1 Abraam Biyya Gibxi Keessatti \r 12:10‑20 kwi – \xt Uma 20:1‑18; 26:1‑11\xt* \p \v 10 Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Abraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe. \v 11 Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; “Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka. \v 12 Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu. \v 13 Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi.” \p \v 14 Yeroo Abraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Sooraan dubartii baayʼee bareedduu taate argan. \v 15 Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte. \v 16 Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Abraamin haala tolaadhaan ilaale; Abraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate. \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe. \v 18 Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin? \v 19 Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!” \v 20 Faraʼoonis waaʼee Abraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Abraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan. \c 13 \s1 Abraamii fi Loox Gargar Baʼuu Isaanii \p \v 1 Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme. \v 2 Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome. \p \v 3 Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe; \v 4 iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa \nd Waaqayyoo\nd* waammate. \p \v 5 Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture. \v 6 Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye. \v 7 Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan. \p \v 8 Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin. \v 9 Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.” \p \v 10 Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu \nd Waaqayyoo\nd* akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu \nd Waaqayyo\nd* Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture. \v 11 Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan. \v 12 Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate. \v 13 Warri Sodoom jalʼoota fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti akka malee cubbuu hojjetan turan. \p \v 14 Erga Loox isa biraa godaanee booddee \nd Waaqayyo\nd* Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali. \v 15 Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna. \v 16 Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa. \v 17 Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.” \p \v 18 Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* tolche. \c 14 \s1 Looxi Harka Diinaatii Baafame \p \v 1 Bara sana keessa Amraafel mootiin Shineʼaar, Ariyook mootiin Elaasaar, Kedoorlaaʼomer mootiin Eelaamii fi Tidiʼaal mootiin Sabootaa kaʼanii, \v 2 Beraa mooticha Sodoom, Birishaa mooticha Gomoraa, Shinaab mooticha Adimaa, Shemeeber mooticha Zebooʼiimii fi mooticha Belaa ishee Zoʼaar jedhamtu sanaa loluu dhaqan. \v 3 Mootonni shanan kunneen hundi sulula Siidiim isa Galaana Soogiddaa jedhamu keessatti wal gaʼanii humna tokkummaa uummatan. \v 4 Isaanis waggaa kudha shan Kedoorlaaʼomer jalatti bulan; waggaa kudha sadaffaatti garuu ni fincilan. \p \v 5 Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti, \v 6 warra Hoori immoo lafa gaara Seeʼiiriitii jalqabanii hamma Eel Phaaraan kan gammoojjiitti dhiʼoo jiru sanaatti moʼatan. \v 7 Ergasii of irra deebiʼanii Een Mishiphaati jechuunis Qaadesh dhaqanii biyya warra Amaaleq hundaa fi warra Amoor kanneen Hazezoon Taamaar keessa jiraatan humnaan qabatan. \p \v 8 Mootichi Sodoom, mootichi Gomoraa, mootichi Adimaa, mootichi Zebooʼiimii fi mootichi Belaa jechuunis Zoʼaar baʼanii Sulula Siidiim keessatti loluuf hiriiran. \v 9 Isaanis Kedoorlaaʼomer mootii Eelaam, Tidiʼaal mootii Sabootaa, Amraafel mootii Shineʼaariitii fi Ariyook mootii Elaasaar lolan; mootonni afran kunneen mootota shananiin morman. \v 10 Sululli Siidiim boolla leeleetiin guutamee ture; mootonni Sodoomii fi mootonni Gomoraas baqatanii namoonni tokko tokko boolla sana keessa buʼan; warri hafan immoo gara gaarraniitti baqatan. \v 11 Mootonni afran sun miʼaa fi nyaata warra Sodoomii fi Gomoraa hunda saamanii sokkan. \v 12 Waan Loox ilmi obboleessa Abraam Sodoom keessa jiraachaa tureef mootonni sun isa illee qabeenyuma isaa wajjin boojiʼanii deeman. \p \v 13 Namichi baqatee baʼe tokko dhufee oduu kana Abraam Ibrichatti hime. Abraamis qilxuuwwan Mamree kan namicha Amoorii sana bira jiraachaa ture; Mamreen kun obboleessa Eshkoolii fi Aaneer ture; isaan Abraam wajjin kakuu galanii turan. \v 14 Abraam akka firri isaa boojiʼame dhageenyaan namoota mana isaatti dhalatanii leenjifaman 318 walitti waammatee hidhachiisee hamma Daaniitti faana buʼe. \v 15 Abraamis isaan loluuf jedhee halkaniin namoota isaa gargari qoode; hamma Hoobaa ishee kaaba Damaasqootti argamtu sanaattis faana buʼee isaan dhaʼe. \v 16 Innis miʼa hunda deebifate; fira ofii isaa Looxii fi qabeenya isaa, dubartootaa fi namoota kaanis deebifate. \p \v 17 Abraam Kedoorlaaʼomeri fi mootota isa wajjin turan moʼatee deebinaan mootiin Sodoom Sulula Shaawii kan Sulula Mootii jedhamu keessatti isa simachuu baʼe. \p \v 18 Malkiiseedeq mootiin Saaleemis buddeenaa fi daadhii wayinii fideef; innis luba Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii ture; \v 19 innis akkana jedhee Abraamin eebbise; \q1 “Abraam, Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, \q2 isa samii fi lafa uume sanaan haa eebbifamu. \q1 \v 20 Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, \q2 inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” \m Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. \p \v 21 Mootiin Sodoomis Abraamiin, “Namoota naa kenniitii qabeenya immoo ofii keetii fudhadhu” jedhe. \p \v 22 Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira; \v 23 akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu. \v 24 Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.” \c 15 \s1 Kakuu Waaqni Abraam Wajjin Gale \p \v 1 Kana booddee dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe; \q1 “Yaa Abraam hin sodaatin; \q2 ani gaachana keetii fi \q2 gatii kee guddicha.” \p \v 2 Abraam garuu, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe. \v 3 Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe. \p \v 4 Kunoo dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe. \v 5 Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen. \p \v 6 Abraam \nd Waaqayyotti\nd* amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef. \p \v 7 Innis, “Ani \nd Waaqayyo\nd* isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha” jedheen. \p \v 8 Abraam garuu, “Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?” jedhe. \p \v 9 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd*, “Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi” jedheen. \p \v 10 Abraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne. \v 11 Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Abraam garuu irraa ariʼe. \p \v 12 Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Abraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe. \v 13 \nd Waaqayyos\nd* akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki. \v 14 Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu. \v 15 Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee awwaalamta. \v 16 Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii.” \p \v 17 Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe. \v 18 Gaafa sanas \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee Abraam wajjin kakuu gale; “Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna; \v 19 kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas, \v 20 kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa, \v 21 Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha.” \c 16 \s1 Aggaarii fi Ishmaaʼeel \p \v 1 Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte; \v 2 Saaraanis Abraamiin, “Kunoo \nd Waaqayyo\nd* ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii” jette. \p Abraamis waan Sooraan jette fudhate. \v 3 Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite. \v 4 Abraamis Aggaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. \p Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde. \v 5 Saaraan immoo Abraamiin, “Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa \nd Waaqayyo\nd* sii fi ana gidduutti murtii haa kennu” jette. \p \v 6 Abraamis, “Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi” jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Aggaar fuula ishee duraa sokkite. \p \v 7 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Aggaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture. \v 8 Ergamaan sunis, “Yaa Aggaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?” jedhe. \p Isheenis, “Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira” jetteen. \p \v 9 Kana irratti ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun, “Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli” jedheen. \v 10 Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe. \p \v 11 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sun amma illee akkana isheen jedhe; \q1 “Kunoo ati ulfoofteerta; \q2 ilmas ni deessa. \q1 Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; \q2 \nd Waaqayyo\nd* dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii. \q1 \v 12 Inni nama akka harree diidaa taʼa; \q2 harki isaa nama hunda irratti kaʼa; \q2 harki nama hundaas isa irratti kaʼa; \q1 obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.” \p \v 13 Isheenis maqaa \nd Waaqayyo\nd* isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii. \v 14 Sababiin boolli bishaanii sun, “Beʼeer Lahaayirooʼii” jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira. \p \v 15 Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis ilma isheen deesse sana Ishmaaʼeel jedhee moggaase. \v 16 Yeroo Aggaar Ishmaaʼeelin isaaf deessetti Abraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture. \c 17 \s1 Kakuu Dhagna qabaa \p \v 1 Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti \nd Waaqayyo\nd* isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin. \v 2 Ani kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba; guddaas sin baayʼisa.” \p \v 3 Abraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Waaqnis akkana isaan jedhe; \v 4 “Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata. \v 5 Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa. \v 6 Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu. \v 7 Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba. \v 8 Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.” \p \v 9 Waaqni Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu. \v 10 Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu. \v 11 Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa. \v 12 Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu. \v 13 Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa. \v 14 Dhiirri dhagna hin qabatin, kan qola foon isaa dhagna hin qabatin kam iyyuu saba ofii isaa keessaa balleeffama; inni kakuu koo cabseeraatii.” \p \v 15 Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa. \v 16 Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.” \p \v 17 Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade. \v 18 Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe. \p \v 19 Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba. \v 20 Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha. \v 21 Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.” \v 22 Waaqni erga Abrahaam wajjin haasaʼee fixatee booddee isa biraa ol baʼe. \p \v 23 Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe. \v 24 Abrahaam yeroo dhagna qabatetti nama waggaa sagaltamii sagalii ture. \v 25 Ilmi isaa Ishmaaʼeel immoo yeroo dhagna qabatetti nama waggaa kudha sadii ture. \v 26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaaʼeel guyyuma sana dhagna qabatan. \v 27 Dhiirri mana Abrahaam hundinuu, warri mana isaatti dhalatan yookaan warri orma irraa maallaqaan bitamanis isa wajjin dhagna qabatan. \c 18 \s1 Keessummoota Sadan \p \v 1 Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu \nd Waaqayyo\nd* isatti mulʼate. \v 2 Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe. \p \v 3 Innis akkana jedheen; “Gooftaa ko, yoo ani si duratti fudhatama argadhe, garbicha kee bira hin darbin. \v 4 Bishaan xinnoo isiniif haa fidan; miilla dhiqadhaatii muka kana jala boqodhaa. \v 5 Erga isin gara garbicha keessanii dhuftanii, ani akka isin dadhabbii baatanii karaa keessan itti fuftaniif waan isin nyaattan isiniifin kenna.” \p Isaanis, “Akkuma jette sana godhi” jedhanii deebisan. \p \v 6 Kanaafuu Abrahaam dafee Saaraatti dunkaana seenee, “Dafii daakuu bullaaʼaa safartuu sadii sukkuumiitii maxinoo tolchi” jedheen. \p \v 7 Innis gara saawwaniitti fiigee jabbii gabbatee itti tole tokko filatee hojjetaa tokkotti kenne; hojjetaan sunis qopheessuuf ariifate. \v 8 Abrahaamis itittuu fi aannan, foon jabbii qopheeffame sanas geessee isaanii dhiʼeesse; yeroo isaan nyaachaa turanittis Abrahaam muka tokko jala isaan bira dhaabachaa ture. \p \v 9 Isaanis, “Niitiin kee Saaraan eessa jirti?” jedhanii isa gaafatan. \p Innis, “Kuunnoo dunkaana keessa jirti” jedheen. \p \v 10 Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe. \p Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte. \v 11 Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte. \v 12 Kanaafuu Saaraan, “Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?” jettee of keessatti kolfite. \p \v 13 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* Abrahaamiin akkana jedhe; “Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite? \v 14 Wanni \nd Waaqayyoof\nd* hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi.” \p \v 15 Saaraanis waan sodaatteef sobdee, “Ani hin kolfine” jette. \p Inni garuu, “Lakkii kolfiteertaa” jedhe. \s1 Abrahaam Sodoomiif Kadhachuu Isaa \p \v 16 Namoonni sun yommuu deemuuf kaʼanitti gara Sodoom gad ilaalan; Abrahaamis isaan geggeessuuf jedhee isaan wajjin baʼe. \v 17 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Ani waanan gochuuf jiru Abrahaamin nan dhoksaa? \v 18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa taʼa; sabni lafa irraa hundinuu karaa isaatiin eebbifama. \v 19 Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa \nd Waaqayyoo\nd* eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka \nd Waaqayyo\nd* waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.” \p \v 20 \nd Waaqayyos\nd* akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef \v 21 ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.” \p \v 22 Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu \nd Waaqayyo\nd* dura dhaabatee hafe. \v 23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa? \v 24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu? \v 25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?” \p \v 26 \nd Waaqayyos\nd*, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe. \p \v 27 Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera; \v 28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?” \p Innis, “Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhe. \p \v 29 Abrahaam amma illee, “Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?” jedhee isatti dubbate. \p Gooftaanis, “Ani warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa” jedhe. \p \v 30 Abrahaamis, “Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. \p Gooftaanis, “Ani yoon nama soddoma achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhee deebise. \p \v 31 Abrahaamis, “Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. \p Gooftaanis, “Ani sababii namoota digdama sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe. \p \v 32 Abrahaamis, “Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?” jedhe. \p Gooftaan immoo, “Ani sababii namoota kurnan sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe. \p \v 33 \nd Waaqayyos\nd* erga Abrahaam wajjin dubbatee fixee booddee achii deeme. Abrahaam immoo iddoo ofii isaatti deebiʼe. \c 19 \s1 Badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa \p \v 1 Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame. \v 2 Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. \p Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin. \p \v 3 Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan. \v 4 Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan. \v 5 Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan. \p \v 6 Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe; \v 7 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa! \v 8 Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.” \p \v 9 Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan. \p \v 10 Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan. \v 11 Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan. \p \v 12 Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu; \v 13 nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.” \p \v 14 Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii \nd Waaqayyo\nd* magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan. \p \v 15 Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin. \p \v 16 Inni garuu duubatti harkifate; waan \nd Waaqayyo\nd* isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan. \v 17 Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe. \p \v 18 Loox garuu akkana isaaniin jedhe; “Yaa gooftota ko, maaloo akkas miti! \v 19 Kunoo garbichi kee fuula kee duratti fudhatama argateera; ati lubbuu koo oolchitee gara laafina guddaa na argisiifteerta. Ani garuu gara tulluutti ol baqachuu hin dandaʼu; balaan kun na argata; anis nan duʼa. \v 20 Kunoo, magaalaan itti baqachuun dandaʼamu tokko as dhiʼoo jirti; isheen xinnoo dha. Ani gara isheetti nan baqadha; isheen baayʼee xinnoo dha mitii? Akkasitti lubbuun koo ni baraaramti.” \p \v 21 Ergamaan sunis akkana jedheen; “Kunoo, ani kadhaa kana siif nan dhagaʼa; magaalaa ati waaʼee ishee dubbattu kana ani hin balleessu. \v 22 Garuu sababii ani hamma ati achi geessutti homaa gochuu hin dandeenyeef dafii achitti baqadhu!” Wanni magaalaan sun Zoʼaar jedhamteefis kanuma. \p \v 23 Yeroo Loox Zoʼaar gaʼetti aduun baatee turte. \v 24 \nd Waaqayyo\nd* samiiwwan keessaa \nd Waaqayyo\nd* biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse. \v 25 Innis akkasiin magaalaawwan kanneenii fi dirreewwan sana guutuu, warra magaalaawwan sana keessa jiraatan hundaa fi biqiltuu biyya sanaa balleesse. \v 26 Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte. \p \v 27 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee iddoo duraan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabachaa ture sanatti deebiʼe. \v 28 Innis gara magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraa, gara lafa dirree sanaa hundaas ilaalee aara akka aara boolla ibiddaa keessaa baʼuu tokko isaa biyya sana keessaa ol kaʼu arge. \p \v 29 Waaqni yeroo magaalaawwan dirree sanaa balleessetti Abrahaamin yaadate; kanaafuu yommuu magaalaawwan Loox keessa jiraachaa ture balleessetti Looxin balaa sana keessaa baase. \s1 Looxii fi Intallan Isaa \p \v 30 Loox waan Zoʼaar keessa jiraachuu sodaateef intallan isaa lamaan wajjin Zoʼaarii baʼee gaarran irra qubate. Innis intallan isaa lamaan wajjin holqa tokko keessa jiraate. \v 31 Gaaf tokko intalli isaa isheen hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Abbaan keenya dulloomeera; akka bartee lafa hunda irra jiruutti dhiirri nu wajjin ciisu tokko iyyuu naannoo kan hin jiru. \v 32 Kottu mee abbaa keenya daadhii wayinii obaasnee isa wajjin ciifnaa; akkasiin sanyiin abbaa keenyaa lafa irratti akka hafu goona.” \p \v 33 Isaanis halkan sana abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli isheen hangafti ol seentee isa wajjin ciifte. Inni yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne. \p \v 34 Guyyaa itti aanutti intalli hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Kunoo ani eda abbaa koo wajjin ciiseera. Kottu edanas daadhii wayinii isa obaasnaa; atis ol seenii isa wajjin ciisi; akkasitti sanyiin abbaa keenyaa akka hafu goona.” \v 35 Isaan halkan sanas abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli quxisuun dhaqxee isa wajjin ciiste. Inni ammas yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne. \p \v 36 Akkasiin intallan Loox lamaanuu abbaa isaaniitiif ulfaaʼan. \v 37 Intalli isheen hangafti ilma deessee maqaa isaa Moʼaab jettee moggaafte. Inni abbaa Moʼaabota harʼaa ti. \v 38 Intalli isheen quxisuunis ilma deessee maqaa isaa Ben-Amii jettee moggaafte; inni immoo abbaa Amoonota harʼaa ti. \c 20 \s1 Abrahaamii fi Abiimelek \r 20:1‑18 kwi – \xt Uma 12:10‑20; 26:1‑11\xt* \p \v 1 Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture. \v 2 Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate. \p \v 3 Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen. \p \v 4 Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa? \v 5 Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.” \p \v 6 Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma. \v 7 Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.” \p \v 8 Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan. \v 9 Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.” \v 10 Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate. \p \v 11 Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture. \v 12 Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate. \v 13 Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.” \p \v 14 Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef. \v 15 Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen. \p \v 16 Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe. \p \v 17 Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan. \v 18 \nd Waaqayyo\nd* sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii. \c 21 \s1 Dhalachuu Yisihaaq \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; \nd Waaqayyo\nd* waan waadaa galeef sana ni raawwateef. \v 2 Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Waaqni waadaa isaaf seene sanatti Abrahaamiif ilma deesse. \v 3 Abrahaamis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase. \v 4 Abrahaam akkuma Waaqni isa ajaje sanatti Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna isa qabe. \v 5 Yeroo ilmi isaa Yisihaaq dhalateefitti Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture. \p \v 6 Saaraanis, “Waaqni kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa” jette. \v 7 Ittuma fuftees, “Silaa eenyutu Abrahaamiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef” jette. \s1 Aggaarii fi Ishmaaʼeel Manaa Ariʼamuu Isaanii \p \v 8 Mucichi guddatee harma guufame; Abrahaam gaafa Yisihaaq harma guufame sana cidha guddaa qopheesse. \v 9 Saaraan garuu yeroo ilmi Aggaar Gibxittiin Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti qoosu argite; \v 10 isheenis Abrahaamiin, “Garbittii kanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii kanaa kun ilma koo Yisihaaq wajjin hin dhaaluutii” jette. \p \v 11 Wanni kunis sababii ilma isaatiif Abrahaamin akka malee rakkise. \v 12 Waaqni garuu akkana jedheen; “Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi. \v 13 Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa.” \p \v 14 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Aggaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte. \p \v 15 Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse. \v 16 Isheenis, “Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu” jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse. \p \v 17 Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; “Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii. \v 18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi.” \p \v 19 Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite. \p \v 20 Waaqnis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture. \v 21 Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef. \s1 Walii Galtee Bersheebaatti Godhame \p \v 22 Yeroo sana Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa Abrahaamiin akkana jedhan; “Waan ati hojjettu hunda keessatti Waaqni si wajjin jira. \v 23 Ati akka ana yookaan ijoollee koo yookaan sanyii koo hin gowwoomsine amma as fuula Waaqaa duratti naa kakadhu. Akkuma ani garaa siif laafe sana atis anaa fi biyya amma orma taatee keessa jiraattu kanaaf garaa laafi.” \p \v 24 Abrahaamis, “Ani nan kakadha” jedhe. \p \v 25 Ergasii Abrahaam waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate. \v 26 Abiimelek immoo, “Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe” jedhe. \p \v 27 Kanaafuu Abrahaam hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan. \v 28 Abrahaam gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase; \v 29 Abiimelekis, “Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?” jedhee Abrahaamin gaafate. \p \v 30 Abrahaamis, “Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu” jedhee deebise. \p \v 31 Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame. \p \v 32 Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan. \v 33 Abrahaamis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Bara Baraa waammate. \v 34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate. \c 22 \s1 Abrahaam Qorame \p \v 1 Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. \p Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. \p \v 2 Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.” \p \v 3 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele. \v 4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge. \v 5 Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe. \p \v 6 Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu, \v 7 Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. \p Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. \p Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe. \p \v 8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan. \p \v 9 Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse. \v 10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate. \v 11 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. \p Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. \p \v 12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe. \p \v 13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse. \v 14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “\nd Waaqayyo\nd* ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu \nd Waaqayyoo\nd* irratti, ni kennama” jedhama. \p \v 15 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee \v 16 akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha; \v 17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu. \v 18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.” \p \v 19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate. \s1 Ilmaan Naahoor \li1 \v 20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti; \li2 \v 21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz, \li2 abbaan Arraam immoo Qamuʼeel, \li2 \v 22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.” \li3 \v 23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche. \lf Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Abrahaamiif deesse. \b \li1 \v 24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture; \li2 isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef. \c 23 \s1 Saaraan Duʼuu ishee \p \v 1 Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture. \v 2 Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe. \p \v 3 Abrahaam reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe; \v 4 “Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.” \p \v 5 Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan; \v 6 “Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.” \p \v 7 Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe. \v 8 Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa. \v 9 Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.” \p \v 10 Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne; \v 11 “Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.” \p \v 12 Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee, \v 13 utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe. \p \v 14 Efroonis akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne; \v 15 “Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti awwaalladhu.” \p \v 16 Abrahaamis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture. \p \v 17 Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi, \v 18 fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame. \v 19 Ergasii Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa Awwaallate. \v 20 Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa awwaalaa taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame. \c 24 \s1 Yisihaaqii fi Ribqaa \p \v 1 Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; \nd Waaqayyos\nd* waan hundumaan isa eebbise. \v 2 Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi. \v 3 Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef \nd Waaqayyo\nd* Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada; \v 4 garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.” \p \v 5 Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate. \p \v 6 Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu. \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga. \v 8 Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.” \v 9 Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef. \p \v 10 Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe. \v 11 Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture. \p \v 12 Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi. \v 13 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru. \v 14 Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.” \p \v 15 Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti. \v 16 Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite. \p \v 17 Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen. \p \v 18 Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef. \p \v 19 Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette. \v 20 Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde. \v 21 Namichi sunis akka \nd Waaqayyo\nd* karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture. \p \v 22 Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee, \v 23 “Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate. \p \v 24 Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette. \v 25 Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen. \p \v 26 Namichis gad jedhee \nd Waaqayyoof\nd* sagade; \v 27 akkanas jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. \nd Waaqayyo\nd* anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.” \p \v 28 Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte. \v 29 Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe. \v 30 Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture. \v 31 Namicha sanaanis, “Yaa namicha \nd Waaqayyo\nd* eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe. \p \v 32 Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne. \v 33 Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe. \p Laabaanis, “Himadhukaa” jedheen. \p \v 34 Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti. \v 35 \nd Waaqayyo\nd*, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera. \v 36 Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera. \v 37 Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin; \v 38 garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’ \p \v 39 “Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe. \p \v 40 “Innis akkana naan jedhe; ‘\nd Waaqayyo\nd* inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda. \v 41 Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’ \p \v 42 “Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi. \v 43 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii, \v 44 isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan \nd Waaqayyo\nd* ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’ \p \v 45 “Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen. \p \v 46 “Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte. \p \v 47 “Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe. \p “Ishee immoo, ‘Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha’ jette. \p “Anis funyaan isheetti amartii, harka isheetti immoo bitawoo nan kaaʼe. \v 48 Anis gad jedhee \nd Waaqayyoof\nd* nan sagade; \nd Waaqayyo\nd* Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise. \v 49 Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.” \p \v 50 Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu. \v 51 Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.” \p \v 52 Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee \nd Waaqayyoof\nd* sagade. \v 53 Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne. \v 54 Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan. \p Yommuu isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti tajaajilaan sun, “Akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” jedhe. \p \v 55 Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan. \p \v 56 Inni garuu, “Erga \nd Waaqayyo\nd* karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe. \p \v 57 Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan. \v 58 Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan. \p Isheenis, “Ani nan deema” jette. \p \v 59 Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan. \v 60 Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan; \q1 “Yaa obboleettii keenya, \q2 kumaa kumaatama taʼi; \q1 sanyiin kee \q2 karra diinota isaa haa dhaalu.” \p \v 61 Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme. \p \v 62 Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture. \v 63 Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge. \v 64 Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee \v 65 tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte. \p Tajaajilaan sunis, “Inni gooftaa koo ti” jedhee deebiseef. Kanaafuu haguuggii ishee fudhattee ofitti haguugde. \p \v 66 Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime. \v 67 Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate. \c 25 \s1 Abrahaam Duʼuu Isaa \r 25:1‑4 kwf – \xt 1Sn 1:32‑33\xt* \p \v 1 Abrahaamis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe. \v 2 Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse. \v 3 Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan. \v 4 Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti. \p \v 5 Abrahaam waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne. \v 6 Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge. \p \v 7 Abrahaam waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate. \v 8 Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame. \v 9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa awwaalan. \v 10 Lafti qotiisaa sunis kan Abrahaam Heetota irraa bitatee dha; Abrahaamis achitti niitii isaa Saaraa biratti awwaalame. \v 11 Erga Abrahaam duʼee booddee Waaqni ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate. \s1 Ilmaan Ishmaaʼeel \r 25:12‑16 kwf – \xt 1Sn 1:29‑31\xt* \p \v 12 Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana. \b \lh \v 13 Maqaan ilmaan Ishmaaʼeel kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana: \b \li1 Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, \li1 Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami, \li1 \v 14 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, \li1 \v 15 Hadaad, Teemaa, Yexuur, \li1 Naafiishii fi Qeedmaa. \b \lf \v 16 Jarri kunneen ilmaan Ishmaaʼeel; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti. \b \p \v 17 Ishmaaʼeel waggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraate; innis hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame. \v 18 Sanyiin isaa immoo daangaa Gibxi bira, karaa Asooritti geessu irra, lafa Hawiilaa jalqabee hamma Shuuriitti jiru irra jiraatan. Isaanis obboloota isaanii hundatti diina taʼanii jiraatan. \s1 Yaaqoobii fi Esaawu \p \v 19 Seenaan maatii Yisihaaq ilma Abrahaam kana. \b \p Abrahaam Yisihaaqin dhalche; \v 20 Yisihaaq yeroo Ribqaa fuudhetti nama waggaa afurtamaa ture; Ribqaan kunis intala Betuuʼeel namicha Arraam kan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii fi obboleettii Laabaa namicha Arraam sanaa ti. \p \v 21 Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef \nd Waaqayyo\nd* isheef kadhate. \nd Waaqayyos\nd* kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte. \v 22 Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jette; kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* gaafachuu dhaqxe. \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* immoo akkana jedheen; \q1 “Saboota lamatu gadameessa kee keessa jira; \q2 uummanni lamaan ati deessus gargari baʼu; \q1 sabni tokko saba kaan irra ni jabaata; \q2 inni hangafni isa quxisuu tajaajila.” \p \v 24 Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture. \v 25 Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan. \v 26 Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture. \p \v 27 Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaqoob garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe. \v 28 Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte. \p \v 29 Gaaf tokko utuu Yaaqoob ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe. \v 30 Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma. \p \v 31 Yaaqoob immoo deebisee, “Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa” jedhe. \p \v 32 Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe. \p \v 33 Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate. \p \v 34 Ergasiis Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme. \p Esaawus akkasiin mirga hangafummaa isaa tuffate. \c 26 \s1 Yisihaaqii fi Abiimelek \r 26:1‑11 kwi – \xt Uma 12:10‑20; 20:1‑18\xt* \p \v 1 Beela isa bara Abrahaam biyyichatti buʼe sana malee beelli biraa tokko ammas biyya sanatti buʼe; Yisihaaqis gara Geraaraa gara Abiimelek mooticha Filisxeem dhaqe. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* Yisihaaqitti mulʼatee akkana jedhe; “Biyya ani akka ati keessa jiraattuuf sitti himu keessa jiraadhu malee Gibxitti gad hin buʼin. \v 3 Biyyuma kana jiraadhu; ani si wajjin nan taʼa; sin eebbisas; biyya kana hunda sii fi sanyii keetiif nan kennaatii. Ani kakuun abbaa kee Abrahaamiif kakadhe sana nan guuta. \v 4 Ani akkuma urjiiwwan samii sanyii kee nan baayʼisa; biyya kana hundas isaaniif nan kenna; saboonni lafa irra jiran hundinuus karaa sanyii keetiitiin eebbifamu. \v 5 Kunis waan Abrahaam dubbii koo dhagaʼee fedhii koo, ajaja koo, labsii kootii fi seera koo eegeef.” \v 6 Yisihaaqis Geraaraa keessa jiraate. \p \v 7 Innis yommuu namoonni biyya sanaa waaʼee niitii isaa isa gaafatanitti waan Ribqaan bareedduu taateef, “Namoonni naannoo kanaa sababii isheetiif na ajjeesu taʼa” jedhee yaaduudhaan, “Isheen niitii koo ti” jechuu sodaatee, “Isheen obboleettii koo ti” jedhe. \p \v 8 Erga Yisihaaq yeroo dheeraa achi jiraatee booddee, Abiimelek mootichi Filisxeemii foddaa keessaan gad ilaale; utuu Yisihaaq niitii isaa Ribqaa hooqsuu arge. \v 9 Abiimelekis Yisihaaqin ofitti waamee, “Isheen dhugumaan niitii kee ti! Yoos ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jette ree?” jedheen. \p Yisihaaqis, “Waan ani sababii isheetiif lubbuu koo nan dhaba taʼa jedhee yaadeef” jedhee deebiseef. \p \v 10 Abiimelek immoo, “Wanni ati nutti hojjette kun maali? Utuu namoota kanneen keessaa tokko niitii kee wajjin ciisee jiraatee silaa ati yakka nutti fiddee turte” jedheen. \p \v 11 Kana irratti Abiimelek, “Namni namicha kana yookaan niitii isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ajjeefamuu qaba” jedhee nama hundaaf ajaja kenne. \p \v 12 Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan \nd Waaqayyo\nd* isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate. \v 13 Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate. \v 14 Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan. \v 15 Kanaafuu Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotan hundatti biyyoo naqanii duuchan. \p \v 16 Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe. \p \v 17 Yisihaaq achii kaʼee sulula Geraaraa keessa qubatee achi jiraate. \v 18 Yisihaaqis boollawwan bishaanii bara abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotaman kanneen Filisxeemonni erga Abrahaam duʼee booddee duuchan sana deebisee bane; innis maquma abbaan isaa kenneefii ture sanaan isaan waame. \p \v 19 Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula sana keessatti lafa qotanii boolla bishaan burquu argatan. \v 20 Tiksoonni Geraaraa, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksoota Yisihaaq wajjin wal lolan. Kanaafuu inni sababii wal falmaniif boolla bishaanii sana, “Eeseeq” jedhee moggaase. \v 21 Ergasiis boolla bishaanii biraa qotan; isaan garuu boolla bishaanii sana irrattis wal lolan; kana irratti Yisihaaq boolla bishaanii sana “Sixinaa” jedhee moggaase. \v 22 Innis achii kaʼee iddoo biraa dhaqee boolla bishaanii biraa achitti qote; namni tokko iyyuu isa irratti wal hin lolle. Innis, “\nd Waaqayyo\nd* amma iddoo balʼaa nuu kenneera; nu biyyattii keessatti ni baayʼanna” jechuudhaan Rehooboot jedheen. \p \v 23 Innis achii kaʼee gara Bersheebaatti ol baʼe. \v 24 \nd Waaqayyos\nd* halkanuma sana isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaam; ani waan si wajjin jiruuf hin sodaatin. Garbicha koo Abrahaamiif jedhees ani sin eebbisa; sanyii kees nan baayʼisa.” \p \v 25 Yisihaaq achitti iddoo aarsaa ijaaree maqaa \nd Waaqayyoo\nd* waammate. Dunkaana isaas achi dhaabbate; tajaajiltoonni isaas iddoo sanatti boolla bishaanii qotatan. \p \v 26 Ergasiis Abiimelek gorsaa isaa Ahuzaatii fi ajajaa loltoota isaa Fiikool wajjin Geraaraadhaa kaʼee gara Yisihaaq dhufe. \v 27 Yisihaaq immoo, “Isin erga na jibbitanii of biraa na ariitanii maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe. \p \v 28 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu akka \nd Waaqayyo\nd* si wajjin jiru ifaan ifatti argineerra; kanaafuu nu, ‘Kakuun walii galtee gidduu keenya jechuunis nuu fi si gidduu jiraachuu qaba’ jenne; mee kottu si wajjin walii galtee godhannaa. \v 29 Kunis akkuma nu utuu waan gaarii malee waan hamaa sirraan hin gaʼin nagaan of irraa si geggeessine sana akka atis nu hin miineef. Ati amma illee nama \nd Waaqayyo\nd* eebbisee dha.” \p \v 30 Yisihaaqis nyaata isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan; ni dhuganis. \v 31 Namoonni sun guyyaa itti aanu ganama barraaqa kaʼanii walii kakatan. Yisihaaqis isaan geggeesse; jarris nagumaan isa biraa deeman. \p \v 32 Guyyuma sana hojjettoonni Yisihaaq dhufanii waaʼee boolla bishaanii qotan sanaa isaatti himan. Isaanis, “Nu bishaan arganneerra!” jedhan. \v 33 Innis boolla bishaanii sana, “Shibeʼaa” jedhee moggaase. Hamma harʼaatti maqaan magaalaa sanaa Bersheebaa jedhama. \p \v 34 Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa afurtama guuteetti Yoodiiti intala Biʼeer namicha gosa Heeti akkasumas Baasmati intala Eeloon namicha gosa Heeti fuudhe. \v 35 Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa gaddisiisan. \c 27 \s1 Yisihaaq Yaaqoobin Eebbise \p \v 1 Yisihaaq dulloomee yeroo iji isaa arguu dadhabetti ilma isaa hangafa Esaawun ofitti waamee, “Yaa ilma koo” jedheen. \p Innis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. \p \v 2 Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku. \v 3 Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi. \v 4 Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.” \p \v 5 Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti, \v 6 Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera; \v 7 innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen. \v 8 Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi. \v 9 Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi. \v 10 Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.” \p \v 11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu. \v 12 Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.” \p \v 13 Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen. \p \v 14 Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef. \v 15 Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte. \v 16 Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte. \v 17 Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite. \p \v 18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe. \p Innis, “Yaa ilma ko, kunoo asan jira; ati eenyu?” jedhee deebise. \p \v 19 Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.” \p \v 20 Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe. \p Yaaqoob immoo, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetu na milkoomse” jedhee deebise. \p \v 21 Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe. \p \v 22 Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe. \v 23 Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise. \v 24 Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate. \p Inni immoo, “Eeyyee ani isuma” jedhee deebise. \p \v 25 Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe. \p Yaaqoob ni dhiʼeesseef; innis ni nyaate; daadhii wayiniis ni fideef; innis ni dhuge. \v 26 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Yaa ilma koo as kottuu na dhungadhu” jedheen. \p \v 27 Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe; \q1 “Ilaa, fooliin ilma koo, \q2 akkuma foolii lafa qotiisaa \q2 \nd Waaqayyo\nd* eebbisee ti. \q1 \v 28 Waaqni fixeensa samii, \q2 lafa gabbataa, midhaanii fi \q2 wayinii akka malee baayʼatu siif haa kennu. \q1 \v 29 Saboonni si haa tajaajilan; \q2 uummannis siif haa sagadan. \q1 Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; \q2 ilmaan haadha keetiis siif haa sagadan. \q1 Warri si abaaran haa abaaraman; \q2 warri si eebbisan immoo haa eebbifaman.” \p \v 30 Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale. \v 31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe. \p \v 32 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate. \p Innis, “Ani ilma kee Esaawu hangafticha” jedhe. \p \v 33 Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe. \p \v 34 Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe. \p \v 35 Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe. \p \v 36 Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate. \p \v 37 Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?” \p \v 38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe. \p \v 39 Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef; \q1 “Iddoon jireenya keetii \q2 lafa gabbataa irraa ni fagaata; \q2 fixeensa samii gubbaa irraas ni fagaata. \q1 \v 40 Ati goraadeedhaan jiraatta; \q2 obboleessa kees ni tajaajilta. \q1 Yeroo isaan mormitutti garuu \q2 waanjoo isaa cabsitee \q2 morma kee irraa buufta.” \s1 Yaaqoob gara Laabaatti baqate \p \v 41 Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, “Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa” jedhee yaade. \p \v 42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada. \v 43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu. \v 44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi. \v 45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?” \p \v 46 Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!” \c 28 \p \v 1 Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin. \v 2 Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi. \v 3 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu. \v 4 Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.” \v 5 Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu. \p \v 6 Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti; \v 7 Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe. \v 8 Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate. \v 9 Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe. \s1 Abjuu Yaaqoob Beetʼeelitti Abjoote \p \v 10 Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe. \v 11 Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise. \v 12 Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan. \v 13 Kunoo \nd Waaqayyo\nd* yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna. \v 14 Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama. \v 15 Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.” \p \v 16 Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan \nd Waaqayyo\nd* iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe. \v 17 Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe. \p \v 18 Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase. \v 19 Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture. \p \v 20 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne, \v 21 yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo ni taʼa; \v 22 dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.” \c 29 \s1 Yaaqoob Phaadaan Arraam Gaʼe \p \v 1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe. \v 2 Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture. \v 3 Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan. \p \v 4 Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate. \p Isaanis, “Nu warra Kaaraaniiti” jedhanii deebisan. \p \v 5 Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen. \p Jarris, “Eeyyee, beekna” jedhanii deebisan. \p \v 6 Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate. \p Isaanis, “Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti” jedhaniin. \p \v 7 Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen. \p \v 8 Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan. \p \v 9 Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte. \v 10 Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase. \v 11 Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe. \v 12 Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte. \p \v 13 Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime. \v 14 Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen. \s1 Yaaqoob Liyaa fi Raahelin Fuudhe \p Yaaqoob erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee, \v 15 Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.” \p \v 16 Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture. \v 17 Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte. \v 18 Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen. \p \v 19 Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe. \v 20 Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan. \p \v 21 Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe. \p \v 22 Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse. \v 23 Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe. \v 24 Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne. \p \v 25 Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe. \p \v 26 Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti. \v 27 Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.” \p \v 28 Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise. \v 29 Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne. \v 30 Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete. \s1 Ijoollee Yaaqoob \p \v 31 \nd Waaqayyo\nd* yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte. \v 32 Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “\nd Waaqayyo\nd* dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte. \p \v 33 Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “\nd Waaqayyo\nd* sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte. \p \v 34 Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame. \p \v 35 Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma \nd Waaqayyo\nd* nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte. \c 30 \p \v 1 Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette. \p \v 2 Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen. \p \v 3 Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette. \p \v 4 Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe; \v 5 isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse. \v 6 Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte. \p \v 7 Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse. \v 8 Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte. \p \v 9 Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite. \v 10 Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse. \v 11 Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte. \p \v 12 Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse. \v 13 Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte. \p \v 14 Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette. \p \v 15 Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen. \p Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen. \p \v 16 Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule. \p \v 17 Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse. \v 18 Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte. \p \v 19 Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse. \v 20 Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte. \p \v 21 Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte. \p \v 22 Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef. \v 23 Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette. \v 24 Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “\nd Waaqayyo\nd* ilma biraa naaf haa dabalu” jette. \s1 Yaaqoob Hoolota Hore \p \v 25 Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi. \v 26 Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.” \p \v 27 Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka \nd Waaqayyo\nd* sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.” \v 28 Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe. \p \v 29 Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta. \v 30 Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu \nd Waaqayyo\nd* si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?” \p \v 31 Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. \p Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas; \v 32 ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu. \v 33 Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.” \p \v 34 Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe. \v 35 Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne. \v 36 Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe. \p \v 37 Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise. \v 38 Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii \v 39 ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan. \v 40 Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne. \v 41 Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture; \v 42 dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan. \v 43 Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture. \c 31 \s1 Yaaqoob Laabaa Jalaa Baqate \p \v 1 Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe. \v 2 Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle. \p \v 3 \nd Waaqayyos\nd* Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe. \p \v 4 Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge. \v 5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira. \v 6 Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu; \v 7 taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef. \v 8 Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan. \v 9 Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne. \p \v 10 “Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge. \v 11 Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise. \v 12 Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii. \v 13 Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’ ” \p \v 14 Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa? \v 15 Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera. \v 16 Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.” \p \v 17 Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate; \v 18 horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe. \p \v 19 Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte. \v 20 Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse. \v 21 Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele. \s1 Laabaan Yaaqoob Duukaa Buʼe \p \v 22 Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame. \v 23 Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe. \v 24 Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe. \p \v 25 Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan. \v 26 Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti? \v 27 Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde? \v 28 Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete. \v 29 Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe. \v 30 Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?” \p \v 31 Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme. \v 32 Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture. \p \v 33 Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene. \v 34 Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne. \p \v 35 Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne. \p \v 36 Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti? \v 37 Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan. \p \v 38 “Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne. \v 39 Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte. \v 40 Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade. \v 41 Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte. \v 42 Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.” \p \v 43 Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa? \v 44 Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.” \p \v 45 Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe. \v 46 Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan. \v 47 Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen. \p \v 48 Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf. \v 49 Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti \nd Waaqayyo\nd* sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu. \v 50 Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.” \p \v 51 Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali. \v 52 Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha. \v 53 Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” \p Yaaqoobis akkasitti maqaa Sodaa abbaa isaa Yisihaaqiin kakate. \v 54 Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan. \p \v 55 Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe. \c 32 \s1 Yaaqoob Esaawuun Wal arguuf Qophaaʼe \p \v 1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan. \v 2 Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase. \p \v 3 Yaaqoobis gara obboleessa isaa Esaawu kan biyya Edoom lafa Seeʼiir jedhamu keessa jiraatuutti ergamoota of dura erge. \v 4 Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture. \v 5 Ani loonii fi harroota, hoolotaa fi reʼoota, hojjettoota dhiiraatii fi dubartootas qaba. Ammas ani fuula kee duratti surraa akkan argadhuuf ergaa kana gooftaa kootti nan erga.’ ” \p \v 6 Ergamoonni sunis gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Nu obboleessa kee Esaawu bira dhaqneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni dhibba afur isa wajjin jiru” jedhaniin. \p \v 7 Yaaqoobis akka malee sodaatee dhiphate; namoota isa wajjin turanis garee lamatti qoode; bushaayee, loowwanii fi gaalawwan illee akkasuma garee lamatti qoode. \v 8 Innis, “Yoo Esaawu dhufee garee tokko dhaʼe, gareen kaan jalaa baʼa” jedhee yaade. \p \v 9 Yaaqoob akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqa abbaa koo Abrahaam, Waaqa abbaa koo Yisihaaq, yaa \nd Waaqayyo\nd*, isa ‘Ati gara biyya keetii fi gara firoota keetiitti deebiʼi, ani waan gaarii siifin godhaa’ naan jette sun, \v 10 ani gaarummaa fi amanamummaa ati ana garbicha kee argisiifte kana hundaaf hin malu. Ani yeroo Yordaanos kana ceʼetti ulee koo qofa qaban ture; amma garuu garee lama taʼeen jira. \v 11 Ani akka ati harka obboleessa koo Esaawu jalaa na baastu sin kadhadha. Ani, ‘Inni dhufee na ajjeesa; haadhotas ijoollee isaanii wajjin ni ajjeesa’ jedhee sodaadheeraatii. \v 12 Ati garuu, ‘Ani dhugumaan waan gaarii siifin godha; sanyii kees akka cirracha galaanaa kan lakkaaʼamuu hin dandeenye sanaa nan godha’ jetteerta.” \p \v 13 Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate; \v 14 isaanis reʼoota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii reʼee digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama, \v 15 gaalawwan dhalaa soddoma ilmaan isaanii wajjin, saawwan afurtama, jiboota loonii kudhan, harroota dhaltuu digdama, wadala harrootaa kudhan turan. \v 16 Innis karra karraan addaan baasee tajaajiltoota isaatti kennee, “Na dura darbaa deemaa; karrawwan horii gidduuttis lafa hambisaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje. \p \v 17 Namicha fuula duraan jiru sanaanis akkana jedhe: “Yoo Esaaw obboleessi koo sitti dhufe, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin fuula kee dura jiru kun kan eenyuu ti?’ jedhee si gaafate, \v 18 ati, ‘Kan garbicha kee Yaaqoob. Isaanis kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamanii dha; kunoo, Yaaqoobis nu duubaan dhufaa jira’ jechuu qabda.” \p \v 19 Namicha lammaffaa, sadaffaa fi warra karrawwan sana faana deeman hundas akkana jedhee ajaje; “Isinis yoo Esaawun argitan waanuma kana isatti himaa. \v 20 Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii. \v 21 Kennaan Yaaqoobiis isa dura darbe; Yaaqoob garuu halkan sana qubata sana keessa bule. \s1 Yaaqoob Waaqa Walʼaansoo Qabe \p \v 22 Halkanuma sana Yaaqoob kaʼee niitota isaa lamaan, xomboreewwan isaa lamaanii fi ilmaan isaa kudha tokko fudhatee malkaa Yaaboq ceʼe. \v 23 Innis erga laga isaan ceesisee booddee qabeenya isaa hunda erge. \v 24 Yaaqoob immoo kophaa isaa hafe; namichi tokkos hamma lafti bariitutti walʼaansoo isa qabe. \v 25 Namichis yommuu akka Yaaqoobin moʼachuu hin dandeenye argetti, buusaa luqqeettuu Yaaqoob tuqe; yeroo inni namicha wajjin walʼaansoo qabettis luqqeettuun Yaaqoob ni adoode. \v 26 Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. \p Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise. \p \v 27 Namichis, “Maqaan kee eenyu” jedhee isa gaafate. \p Inni immoo, “Yaaqoob” jedhee deebise. \p \v 28 Namichis, “Ati sababii Waaqaa fi namoota wajjin walʼaansoo qabdee moʼatteef siʼachi Israaʼel jedhamta malee Yaaqoob hin jedhamtu” jedhe. \p \v 29 Yaaqoobis, “Maaloo maqaa kee natti himi” jedheen. \p Inni garuu, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta?” jedheen. Ergasiis inni achumatti isa eebbise. \p \v 30 Yaaqoobis, “Ani ifaan ifatti Waaqa argeeraatii; lubbuun koo garuu oolfamteerti” jedhee iddoo sana Pheniiʼeel jedhee moggaase. \p \v 31 Akkuma inni Phenuuʼeelin darbeen aduun isatti baate; innis sababii luqqeettuu isaatiif okkolaa ture. \v 32 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti ribuu tafaa hin nyaatan; inni buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tafaan wal qabatu tuqee tureetii. \c 33 \s1 Yaaqoobii fi Esaawu Wal argan \p \v 1 Yaaqoobis ol jedhee ilaalee kunoo Esaawu namoota dhibba afur wajjin utuu dhufaa jiruu arge; innis Liyaatti, Raahelii fi xomboreewwan lamaanitti ijoollee gargari hire. \v 2 Xomboreewwanii fi ijoollee isaanii dura aanse; Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoosefin immoo dugda duuba buuse. \v 3 Ofii isaatii immoo isaan dura darbee hamma obboleessa isaa bira gaʼutti yeroo torba lafatti gad jedhee harka fuudhe. \p \v 4 Esaawu garuu Yaaqoobin simachuuf itti fiigee isa hammate; morma isaattis marmee isa dhungate. Isaan lachanuu walitti booʼan. \v 5 Esaawus ol jedhee ilaalee dubartootaa fi ijoollee argee, “Warri si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate. \p Yaaqoobis deebise, “Isaan ijoollee Waaqni arjummaadhaan ana garbicha keetiif kennee dha” jedhe. \p \v 6 Xomboreewwanii fi ijoolleen isaanii dhiʼaatanii gad jedhanii harka fuudhan. \v 7 Itti aansaniis Liyaa fi ijoolleen ishee dhufanii gad jedhanii harka fuudhan. Dhuma irratti immoo Yoosefii fi Raahel dhufanii gad jedhani harka fuudhan. \p \v 8 Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. \p Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe. \p \v 9 Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen. \p \v 10 Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii. \v 11 Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate. \p \v 12 Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe. \p \v 13 Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu. \v 14 Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.” \p \v 15 Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe. \p Yaaqoob immoo, “Kun maaliif barbaachisaa? Fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuun qofti na gaʼa” jedhe. \p \v 16 Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe. \v 17 Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame. \p \v 18 Yaaqoob erga kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee nagaan magaalaa Sheekem ishee biyya Kanaʼaan keessaa sana gaʼee fuula magaalattii dura qubate. \v 19 Innis lafa dunkaana isaa irra dhaabate sana ilmaan Hamoor irraa meetii dhibbaan bitate; Hamoor immoo abbaa Sheekem. \v 20 Yaaqoobis achitti iddoo aarsaa ijaaree El Elohee Israaʼel jedhee moggaase. \c 34 \s1 Diinaan Gudeedamte \p \v 1 Diinaan intalli Liyaan Yaaqoobiif deesse sun dubartoota biyyattii ilaaluudhaaf gad baate. \v 2 Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede. \v 3 Qalbiin isaas Diinaa intala Yaaqoobiin fudhatame; innis ishee jaallatee afaan tolaa itti dubbate. \v 4 Sheekemis abbaa isaa Hamooriin, “Intala kana na fuusisi” jedhe. \p \v 5 Yaaqoob yommuu intalli isaa Diinaan akka gudeedamte dhagaʼetti, ilmaan isaa dirree irra horii tiksu turan; kanaafuu Yaaqoob hamma isaan galanitti ni calʼise. \p \v 6 Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoob wajjin dubbachuu dhaqe. \v 7 Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran. \p \v 8 Hamoor garuu akkana isaaniin jedhe; “Qalbiin ilma koo Sheekem intala keessan irra buʼeera. Maaloo isatti ishee heerumsiisaa. \v 9 Fuudhaa fi heerumaan walitti firoomnaa; intallan keessan nuu kennaa; intallan keenyas fuudhaa. \v 10 Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.” \p \v 11 Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna. \v 12 Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.” \p \v 13 Ilmaan Yaaqoob immoo waan Sheekem obboleettii isaanii Diinaa gudeedeef yeroo Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriif deebii kennanitti haxxummaadhaan dubbatan. \v 14 Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina. \v 15 Nu waan tokko qofaan tole isiniin jenna; kunis yoo isin dhiira keessan hunda dhagna qabdanii akkuma keenya taatanii dha. \v 16 Ergasii nu intallan keenya isinii kennina; intallan keessan immoo ni fuuna. Gidduu keessan ni jiraanna; isin wajjinis saba tokko ni taana. \v 17 Garuu yoo isin dhagna qabachuu diddan nu obboleettii keenya fudhannee deemna.” \p \v 18 Dubbiin isaanii Hamoorii fi Sheekem ilma Hamoor ni gammachiise. \v 19 Sheekem namoota mana abbaa isaa jiraatan hunda caalaa kabajamaa ture; inni sababii intala Yaaqoobitti gammadeef waan kana lafa irra hin harkifne; \v 20 Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalaa isaanii dhufanii namoota magaalaa isaaniitiin akkana jedhan; \v 21 “Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan. \v 22 Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa. \v 23 Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.” \p \v 24 Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan. \p \v 25 Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan. \v 26 Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan. \v 27 Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman. \v 28 Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan. \v 29 Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan. \p \v 30 Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.” \p \v 31 Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan. \c 35 \s1 Yaaqoob Beetʼeelitti Deebiʼe \p \v 1 Waaqni Yaaqoobiin, “Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Waaqa yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi” jedhe. \p \v 2 Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa. \v 3 Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Waaqa gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha.” \v 4 Isaanis waaqota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti awwaale. \v 5 Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Waaqaa magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe. \p \v 6 Yaaqoobii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan. \v 7 Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Waaqni achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame. \p \v 8 Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti awwaalamte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame. \p \v 9 Erga Yaaqoob kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Waaqni ammas isatti mulʼatee isa eebbise. \v 10 Waaqni, “Maqaan kee Yaaqoob; siʼachi garuu ati Yaaqoob hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama” jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame. \p \v 11 Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu. \v 12 Ani biyya Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna.” \v 13 Waaqnis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe. \p \v 14 Yaaqoob iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase. \v 15 Yaaqoobis iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase. \s1 Duʼa Raahelii fi Yisihaaq \r 35:23‑26 kwi – \xt 1Sn 2:1‑2\xt* \p \v 16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte. \v 17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, “Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin” jetteen. \v 18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Beniyaam jedhee isa moggaase. \p \v 19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti awwaalamte; Efraataan kun immoo Beetlihem. \v 20 Yaaqoobis awwaala ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu awwaala Raahel argisiisa. \p \v 21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate. \v 22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe. \b \lh Yaaqoob ilmaan kudha lama qaba ture; isaanis: \b \li1 \v 23 Ilmaan Liyaa: \li2 Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob isa hangafa, \li2 Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakorii fi Zebuuloon. \li1 \v 24 Ilmaan Raahel: \li2 Yoosefii fi Beniyaam. \li1 \v 25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel: \li2 Daanii fi Niftaalem. \li1 \v 26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa: \li2 Gaadii fi Aasheer. \b \lf Isaan kunneen ilmaan Yaaqoob kanneen kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti isaaf dhalatanii dha. \b \p \v 27 Yaaqoobis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Abrahaamii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe. \v 28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate. \v 29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan. \c 36 \s1 Sanyiiwwan Esaawu \r 36:10‑14 kwf – \xt 1Sn 1:35‑37\xt* \r 36:20‑28 kwf – \xt 1Sn 1:38‑42\xt* \p \v 1 Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana. \b \p \v 2 Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii, \v 3 akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti. \p \v 4 Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse. \v 5 Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha. \p \v 6 Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe. \v 7 Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye. \v 8 Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha. \b \lh \v 9 Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana. \b \li1 \v 10 Maqaan ilmaan Esaawu: \li2 Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti. \li1 \v 11 Ilmaan Eliifaaz: \li2 Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz. \v 12 Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu. \li1 \v 13 Ilmaan Reʼuuʼeel: \li2 Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu. \li1 \v 14 Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf: \li2 Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. \b \lh \v 15 Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan: \li1 Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa: \li2 Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha, \v 16 Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti. \li1 \v 17 Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu: \li2 Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu. \li1 \v 18 Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu: \li2 Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha. \lf \v 19 Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan. \b \li1 \v 20 Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis: \li2 Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, \v 21 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan. \li1 \v 22 Ilmaan Looxaan: \li2 Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan. \li1 \v 23 Ilmaan Sobaal: \li2 Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami. \li1 \v 24 Ilmaan Zibeʼoon: \li2 Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha. \li1 \v 25 Ijoollee Aannaa: \li2 Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa. \li1 \v 26 Ilmaan Diishoon: \li2 Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan. \li1 \v 27 Ilmaan Eezeri: \li2 Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. \li1 \v 28 Ilmaan Diishaan: \li2 Uuzii fi Araan. \li1 \v 29 Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti: \li2 Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa, \v 30 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. \lf Isaan kunneen biyya Seeʼiiri keessatti akkuma gosa gosa isaaniitti hangafootaa Hoorotaa turan. \s1 Mootota Edoom \r 36:31‑43 kwf – \xt 1Sn 1:43‑54\xt* \lh \v 31 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: \li1 \v 32 Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame. \li1 \v 33 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 34 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 35 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame. \li1 \v 36 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 37 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 38 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 39 Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte. \b \lh \v 40 Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha: \li1 Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti, \li1 \v 41 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon, \li1 \v 42 Qenaz, Teemaan, Mibzaar, \li1 \v 43 Magidiiʼeelii fi Iiraam. \lf Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan. \b \lf Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti. \c 37 \s1 Abjuu Yoosef \p \v 1 Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate. \b \p \v 2 Seenaan maatii Yaaqoob kana. \b \p Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide. \p \v 3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef. \v 4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye. \p \v 5 Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban. \v 6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa: \v 7 Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.” \p \v 8 Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban. \p \v 9 Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.” \p \v 10 Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame. \v 11 Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate. \s1 Yoosef Obboloota Isaatiin Gurgurame \p \v 12 Gaaf tokko obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii Sheekem bira dheechisuu dhaqan; \v 13 Israaʼelis Yoosefiin, “Akkuma ati beektu obboloonni kee Sheekem bira bushaayee dheechisaa jiru. Mee kottu ani gara isaaniitti si ergaa” jedhe. \p Yoosefis, “Kunoo asan jira” jedheen. \p \v 14 Israaʼel immoo, “Mee dhaqiitii akka obboloonni kee, bushaayeenis nagaa taʼanii fi akka hin taʼin ilaaliitii deebiʼii natti himi” jedheen. Innis akkasiin Sulula Kebrooniitii Sheekemitti isa erge. \p Yoosefis Sheekem gaʼe; \v 15 namichi tokko isa arge; kunoo inni dirree irra jooraa ture; namichi sunis, “Ati maal barbaadda?” jedhee isa gaafate. \p \v 16 Yoosefis deebisee, “Ani obboloota koon barbaada. Ati iddoo isaan bushaayee isaanii dheechisan mee natti himi” jedheen. \p \v 17 Namichis deebisee, “Isaan asii deemaniiru; ani ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ jechuu isaanii dhagaʼeera” jedhe. \p Yoosefis obboloota isaa duukaa buʼee Dotaayin biratti isaan argate. \v 18 Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan. \p \v 19 Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira! \v 20 Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.” \p \v 21 Ruubeen waan kana dhageenyaan isaan harkaa isa baase. Innis akkana jedhe; “Lakkii isa hin ajjeefnu; \v 22 dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe. \p \v 23 Yeroo Yoosef obboloota isaa bira gaʼetti isaan qoloo inni uffate, qoloo miidhagaa sana isa irraa baasanii, \v 24 isa fuudhanii boollatti gad darbatan. Boolli sunis duwwaa ture; bishaanis hin qabu ture. \p \v 25 Obboloonni isaa buddeena nyaachuuf tataaʼan; ol jedhaniis kunoo, daldaltoota warra Ishmaaʼeel kanneen Giliʼaadii dhufaa jiran argan. Isaanis urgooftuu, haphee dibataatii fi qumbii gaalawwan isaaniitti feʼatanii Gibxitti geessaa turan. \p \v 26 Yihuudaanis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun buʼaa maalii nuu qaba? \v 27 Kottaa Ishmaaʼeelootatti isa gurgurra malee harka keenyaan isa hin tuqnuu; inni obboleessa keenyaa fi foon keenya.” Obboloonni isaas yaada kana fudhatan. \p \v 28 Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan. \p \v 29 Ruubeen gara boolla sanaatti deebiʼe; Yoosef boolla sana keessa hin turre; innis uffata ofii isaa tarsaase. \v 30 Innis gara obboloota isaa dhaqee, “Gurbichi achi hin jiru! Egaa ani eessan dhaqa?” jedheen. \p \v 31 Isaanis qoloo Yoosef fuudhanii reʼee tokko qalanii qoloo sana dhiiga keessa cuuphan. \v 32 Qoloo miidhagaa sanas abbaa isaaniitti geessanii, “Nu qoloo kana arganneerra; mee qoloo ilma keetii taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ilaali” jedhan. \p \v 33 Innis qoloo sana beekee, “Kun qoloo ilma kootii ti! Bineensa hamaatu isa nyaate. Dhugumaan Yoosef ciccirameera” jedhe. \p \v 34 Kana irratti Yaaqoob uffata ofii isaa tarsaase; wayyaa gaddaa mudhiitti hidhatee guyyaa baayʼee ilma isaatiif gadde. \v 35 Ilmaan isaatii fi intallan isaa hundinuu isa jajjabeessuuf kaʼan; inni garuu jajjabaachuu didee, “Lakkii ani gaddaa gara ilma koo siiʼoolitti gad buʼa” jedhe. Akkasiin abbaan isaa ni booʼeef. \p \v 36 Gidduu sana warri Midiyaan sun Gibxi keessatti Phoxiifaaraa namicha qondaaltota Faraʼoon keessaa tokko ture kan ajajaa waardiyyaa taʼe tokkotti Yoosefin gurguratan. \c 38 \s1 Yihuudaa fi Taamaar \p \v 1 Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe. \v 2 Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe; \v 3 isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame. \v 4 Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte. \v 5 Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse. \p \v 6 Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture. \v 7 Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hamaa ture; kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* isa ajjeese. \p \v 8 Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe. \v 9 Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture. \v 10 Wanni inni hojjete sun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hamaa ture; kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* isas ni ajjeese. \p \v 11 Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe. \p \v 12 Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme. \p \v 13 Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti, \v 14 wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii. \p \v 15 Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe. \v 16 Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. \p Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte. \p \v 17 Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. \p Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen. \p \v 18 Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. \p Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. \v 19 Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte. \p \v 20 Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine. \v 21 Namichis, “Sagaagaltuun\f + \fr 38:21 \fr*\fq Sagaagaltuun \fq*\ft dubartii waaqeffannaa waaqa sobaatiif jettee mana sagadaa keessatti gocha sagaagalummaa hojjettuu dha.\ft*\f* Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. \p Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan. \p \v 22 Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen. \p \v 23 Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe. \p \v 24 Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. \p Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe. \p \v 25 Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen. \p \v 26 Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye. \p \v 27 Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture. \v 28 Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite. \v 29 Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame. \v 30 Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame. \c 39 \s1 Yoosefii fi Niitii Phoxiifaaraa \p \v 1 Yeroo kanatti Yoosef Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ishmaaʼeeloota achi isa geessan irraa isa bitate. \p \v 2 Yoosefis waan \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate. \v 3 Gooftaan isaas akka \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin jiruu fi akka \nd Waaqayyo\nd* waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge; \v 4 Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne. \v 5 Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee \nd Waaqayyo\nd* sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi \nd Waaqayyoos\nd* waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture. \v 6 Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. \p Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture; \v 7 niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen. \p \v 8 Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. \v 9 Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?” \v 10 Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide. \p \v 11 Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre. \v 12 Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe. \p \v 13 Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti, \v 14 hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye. \v 15 Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.” \p \v 16 Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse. \v 17 Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene. \v 18 Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.” \p \v 19 Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate. \v 20 Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. \p Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti, \v 21 \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe. \v 22 Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yoosefin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe. \v 23 Sababii \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yoosef jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture. \c 40 \s1 Yoosef Abjuu Hiikuu Isaa \p \v 1 Kana booddee namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu gooftaa isaanii mootii Gibxi sana gaddisiisan. \v 2 Faraʼoonis qondaaltota isaa lamaanitti jechuunis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa tolchaa buddeenaatti aare; \v 3 innis mana ajajaa waardiyyaa keessa mana hidhaa iddoo Yoosef itti hidhamee ture keessa isaan buuse. \v 4 Ajajaan waardiyyaa Yoosefitti isaan kenne; Yoosefis isaan tajaajilaa ture. \p Jarris guyyaa baayʼee mana hidhaa turan; \v 5 isaan lachanuu jechuunis namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu tokkoon tokkoon isaanii halkanuma tokko keessatti abjuu abjootan; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture. \p \v 6 Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge. \v 7 Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate. \p \v 8 Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin. \p Kana irratti Yoosef, “Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa” jedheen. \p \v 9 Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture; \v 10 mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte. \v 11 Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.” \p \v 12 Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii. \v 13 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita. \v 14 Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi. \v 15 Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.” \p \v 16 Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan. \v 17 Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.” \p \v 18 Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii. \v 19 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.” \p \v 20 Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse: \v 21 Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne. \v 22 Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase. \p \v 23 Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne. \c 41 \s1 Abjuu Faraʼoon \p \v 1 Erga waggaan lama guutuun darbee booddee Faraʼoon abjuu tokko abjoote. Kunoo inni qarqara laga Abbayyaa dhaabachaa ture. \v 2 Kunoo, saawwan babbareedoo fi gagabbatoon torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼan; isaanis shambaqqoo keessa dheedaa turan. \v 3 Ammas kunoo, saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon kanneen biraa torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼanii saawwan ededa lagaa turan sana bira dhadhaabatan. \v 4 Saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon sunis saawwan babbareedoo fi gagabbatoo torban sana nyaatan. Faraʼoonis hirribaa dammaqe. \p \v 5 Ammas deebiʼee rafee abjuu lammaffaa abjoote; kunoo mataan midhaanii torba misee tolee somaa tokko irratti guddachaa ture. \v 6 Ergasii immoo kunoo mataan midhaan qaqancaroo hobombolettii baʼaa biiftuutiin gubatanii torba biraa bibbiqilan. \v 7 Mataan midhaan qaqancaroo sanaas mataa misee tole torban sana lilliqimse; Faraʼoonis hirribaa dammaqe; kunoo wanni sunis abjuu ture. \p \v 8 Ganama sana yaadni isaa ni jeeqame; inni nama ergee tolfattootaa fi beektota Gibxi hunda waamsifate. Faraʼoonis abjuu isaa isaanitti hime; garuu namni abjuu sana isaaf hiikuu dandaʼu tokko illee hin argamne. \p \v 9 Ergasii itti gaafatamaan dhugaatii sun Faraʼooniin akkana jedhe; “Ani harʼa balleessaa koo yaadadheera. \v 10 Yeroo tokko Faraʼoon tajaajiltoota isaatti aaree anaa fi itti gaafatamaa buddeenaa sana mana ajajaa waardiyyaa keessatti hidhe. \v 11 Tokkoon tokkoon keenya halkanuma tokkoon abjuu abjoonne; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture. \v 12 Ibrichi dargaggeessi tokko nu wajjin achi ture; innis tajaajilaa ajajaa eegumsaa ture. Nu abjuu keenya itti himannaan inni tokkoo tokkoo keenyaaf akkuma abjuu keenyaatti hiikkaa isaa nutti hime. \v 13 Akkuma inni nuu hiike sana taʼe; ani iddoo kootti nan deebiʼe; namichi kaanis ni fannifame.” \p \v 14 Faraʼoonis nama ergee Yoosefin waamsise; boolla hidhaa keessaa baasaniis dafanii isa fidan. Innis haaddatee uffata isaas geeddarratee fuula Faraʼoon duratti dhiʼaate. \p \v 15 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera” jedhe. \p \v 16 Yoosef immoo, “Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna” jedhee Faraʼooniif deebise. \p \v 17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa irra dhaabachaan ture; \v 18 Kunoo saawwan gagabbatoo fi babbareedoon torba lagicha keessaa ol baʼanii shambaqqoo keessa dheedaa turan. \v 19 Isaan duubaan immoo saawwan huhuqqatoo, baayʼee fofokkisoo fi qaqalloon biraa torba ol baʼan; ani takkumaa saawwan fofokkisoo akkanaa guutummaa biyya Gibxi keessatti hin argine. \v 20 Saawwan huhuqqatoo fi fofokkisoon sun saawwan gagabbatoo duraan ol baʼan torban sana nyaatan. \v 21 Garuu erga isaan nyaatanii booddee namni tokko illee akka isaan saawwan sana nyaatan beekuu hin dandeenye; isaan akkuma utuu hin nyaatiniin dura turan sana fofokkisoo turaniitii. Anis hirribaa nan dammaqe. \p \v 22 “Akkasumas ani abjuu kootiin mataa midhaanii torba kan misee fi gaggaarii somaa tokko irratti guddachaa jiru nan arge. \v 23 Isaan duubaanis kunoo mataan midhaanii cocoollagaan, qaqallaan kan hobombolettii baʼa biiftuutiin gubate torba ol baʼe. \v 24 Mataawwan midhaanii qaqalʼaan sun mataa midhaanii gaggaarii torban sana liqimsan; anis waan kana tolchitootatti nan hime; garuu namni tokko iyyuu naa ibsuu hin dandeenye.” \p \v 25 Yoosef immoo Faraʼooniin akkana jedhe; “Abjuun Faraʼoon lamaanuu tokkuma. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti mulʼiseera. \v 26 Saawwan babbareedoon torba waggaa torba; mataawwan midhaanii gaggaarii torbas waggaa torba; abjuun sun tokkuma. \v 27 Saawwan qaqalloo fi fofokkisoon torban duubaan ol baʼanis waggaa torba; mataawwan midhaanii qaqancaroon hobombolettii baʼa biiftuutiin gubatan torban immoo waggoota beelaa torba. \p \v 28 “Wanni kun akkuma ani Faraʼoonitti himee dha. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti argisiiseera. \v 29 Barri quufaa guddaan isaa torba biyya Gibxi guutuutti ni dhufa; \v 30 isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba ni dhufu. Quufni biyya Gibxi hundi ni irraanfatama; beelli sunis biyya balleessa. \v 31 Waan beelli duubaan dhufu sun baayʼee hamaa taʼuuf quufni biyyattii hin yaadatamu. \v 32 Abjuun kun bifa lamaan Faraʼoonitti kennamuun isaa waan dubbichi Waaqaan murteeffameef dha; Waaqnis waan kana dafee ni raawwata. \p \v 33 “Kanaafuu Faraʼoon nama hubataa fi beekaa tokko filatee biyya Gibxi irratti haa muudu. \v 34 Faraʼoon akka isaan waggoota quufaa torban keessa midhaan biyya Gibxiitii galfamu harka shan keessaa harka tokko walitti qabaniif qondaaltota biyya irratti haa muudu. \v 35 Isaanis waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa midhaan hunda walitti haa qaban; akka nyaataaf taʼuufis midhaan kana taayitaa Faraʼoon jalatti magaalaawwan keessatti haa kuusan; haa eeganis. \v 36 Midhaan kunis akka biyyattiin beelaan hin badneef waggoota beelaa torban Gibxitti dhufuuf jiru keessa akka fayyaduuf biyyattiidhaaf ol haa kaaʼamu.” \p \v 37 Dubbichis Faraʼoonii fi qondaaltota isaa hunda biratti gaarii ture. \v 38 Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan Hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate. \p \v 39 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Erga Waaqni waan kana hunda sitti mulʼise, namni akka kee hubataa fi beekaa taʼe tokko iyyuu hin jiru. \v 40 Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.” \s1 Yoosef Gibxi Irratti Muudame \p \v 41 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe. \v 42 Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe. \v 43 Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude. \p \v 44 Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe. \v 45 Faraʼoonis Yoosefiif maqaa Zaafenaat-Phaneʼaa jedhamu baase; intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni kan Aasenati jedhamtu illee itti heerumsiise. Yoosefis biyya Gibxi hunda keessa naannaʼe. \p \v 46 Yoosef yeroo tajaajila Faraʼoon mooticha Gibxi jalqabetti nama waggaa soddomaa ture; innis fuula Faraʼoon duraa baʼee deemee biyya Gibxi hunda keessa nanaannaʼe. \v 47 Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan akka malee baayʼatu kennite. \v 48 Yoosefis midhaan waggoota torban sana keessa Gibxii galfame hunda walitti qabee magaalaawwan keessatti kuuse. Midhaan lafa qotiisaa naannoo magaalaas tokkoo tokkoo magaalaa sanaa keessatti kuuse. \v 49 Yoosefis midhaan baayʼinni isaa guddaa akka cirracha galaanaa taʼe kuuse. Waan midhaan sun safaramuu hin dandaʼaminiif inni safaruu dhiise. \p \v 50 Yoosef utuu waggoonni beelaa sun hin dhufin dura Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni irraa ilmaan lama dhalche. \v 51 Yoosefis, “Waaqni rakkina koo hundaa fi mana abbaa koo hunda na irraanfachiiseera” jedhee maqaa ilma isaa hangaftichaa Minaasee jedhee moggaase. \v 52 “Waaqni biyya ani itti rakkadhe keessatti na baayʼiseera” jedhee ilma isaa isa lammaffaa immoo Efreem jedhee moggaase. \p \v 53 Gibxi keessatti waggoonni quufaa torban sun darbee, \v 54 akkuma Yoosef dubbate sana waggoonni beelaa torba jalqabe. Biyyoota biraa hunda keessa beelatu ture; biyya Gibxi guutuu keessa garuu midhaanitu ture. \v 55 Yeroo Gibxi guutuun beelaʼuu jalqabetti namoonni midhaan barbaadanii Faraʼoonitti iyyatan; Faraʼoon immoo warra Gibxi hundumaan, “Yoosef bira dhaqaatii waan inni isinitti himu godhaa” jedhe. \p \v 56 Beelli guutuummaa biyyattii keessa babalʼannaan Yoosef mankuusaalee hundumaa banee namoota Gibxitti midhaan gurgure; beelli Gibxi hunda keessatti hammaatee tureetii. \v 57 Waan guutuu addunyaa irratti beelli hammaateef biyyoonni hundinuu Yoosef irraa midhaan bitachuuf gara Gibxi dhufaa turan. \c 42 \s1 Obboloonni Yoosef Gibxi Dhaqan \p \v 1 Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe. \v 2 Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe. \p \v 3 Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan. \v 4 Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine. \v 5 Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman. \p \v 6 Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif. \v 7 Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate. \p Jarris, “Midhaan bitachuuf jennee Kanaʼaanii dhufne” jedhanii deebisan. \p \v 8 Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne. \v 9 Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen. \p \v 10 Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne. \v 11 Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.” \p \v 12 Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen. \p \v 13 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.” \p \v 14 Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota! \v 15 Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan. \v 16 Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!” \v 17 Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse. \p \v 18 Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii. \v 19 Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa. \v 20 Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan. \p \v 21 Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.” \p \v 22 Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe. \v 23 Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne. \p \v 24 Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise. \p \v 25 Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee \v 26 jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan. \p \v 27 Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate. \v 28 Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe. \p Kana irratti isaan naʼanii walitti garagalanii hollachaa, “Wanni Waaqni nutti hojjete kun maali?” jedhan. \p \v 29 Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan; \v 30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe. \v 31 Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti. \v 32 Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’ \p \v 33 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa. \v 34 Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’ ” \p \v 35 Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan. \v 36 Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen. \p \v 37 Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe. \p \v 38 Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.” \c 43 \s1 Obboloonni Yoosef Lammata Gibxitti Deebiʼan \p \v 1 Amma illee beelli biyyattiitti baayʼee hammaatee ture. \v 2 Erga isaan midhaan biyya Gibxiitii fidan sana nyaatanii fixanii booddee abbaan isaanii, “Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa” jedheen. \p \v 3 Yihuudaan immoo akkana isaan jedhe; “Namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ jedhee of eeggannoo cimaa nuu kenne. \v 4 Yoo ati obboleessa keenya nu wajjin ergite nu dhaqnee midhaan siif binna. \v 5 Sababii namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ nuun jedheef, yoo ati isa ergite malee nu gad hin buunu.” \p \v 6 Israaʼel immoo, “Isin maaliif akka obboleessa biraa qabdan namichatti himuudhaan rakkina natti fiddan?” jedhee gaafate. \p \v 7 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namichi waaʼee mataa keenyaatii fi waaʼee maatii keenyaa jabeessee nu gaafate. Innis, ‘Abbaan keessan amma iyyuu jiraa? Obboleessa biraa qabduu?’ jedhee nu gaafate; nu gaaffiidhuma isaa deebifneef. Yoos akka inni, ‘Obboleessa keessan as fidaa’ nuun jedhu akkamiin beekuu dandeenya ree?” \p \v 8 Yihuudaanis abbaa isaa Israaʼeliin akkana jedhe; “Akka nu, atii fi ijoolleen keenya duʼa jalaa baanee jiraannuuf gurbicha na wajjin ergi; nu kaanee deemnaatii. \v 9 Ani wabii isaafin taʼa; waaʼee isaas anuma mataa koo gaafachuu ni dandeessa. Yoo ani deebisee isa siif fidee fuula kee dura dhaabuu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula kee duratti balleessaa kanatti nan gaafatama. \v 10 Utuu turuu baannee silaa yoona yeroo lama dhaqnee deebineerra ture.” \p \v 11 Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa. \v 12 Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii. \v 13 Obboleessa keessanis fudhadhaatii dafaa gara namichaatti deebiʼaa. \v 14 Akka inni obboleessa keessan kaanii fi Beniyaam illee isin wajjin deebisee erguuf Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akka namichi garaa isinii laafu haa godhu. Ani yoo ijoollee dhabe illee ijoollee nan dhaba.” \p \v 15 Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan. \v 16 Yoosefis yommuu Beniyaamin isaan biratti argetti hangafa hojjettoota mana isaatiin, “Namoota kana mana kootti geessi; horii tokko qalii nyaata qopheessi; isaan saʼaatii jaʼatti na wajjin nyaatuutii” jedhe. \p \v 17 Namichi sunis akkuma Yoosef isa ajaje godhe; jara sanas mana Yoosefitti geesse. \v 18 Namoonni sun yeroo mana Yoosefitti geeffamanitti sodaatanii akkana jedhan; “Nu sababii meetii yeroo jalqabaa deebiʼee afaan qalqalloo keenyaa keessatti argame sanaatiif as fidamne; inni nu rukutee, nu moʼatee, akka garbootaatti nu qabatee harroota keenya fudhachuu barbaada.” \p \v 19 Kanaafuu jarri gara hangafa hojjettoota Yoosefitti ol baʼanii balbala manaa duratti itti dubbatan. \v 20 Akkanas jedhan; “Yaa gooftaa, nu yeroo jalqabaa midhaan bitachuuf as gad buunee turre. \v 21 Nus yeroo iddoo bullu geenyee qalqalloo keenya bannetti tokkoon tokkoon keenya afaan qalqalloo keenyaa keessatti meetii keenya akkuma jirutti arganne. Kanaafuu meetii sana deebifnee fidnee dhufneerra. \v 22 Meetii biraas ittiin midhaan bitachuuf fidnee dhufneerra. Eenyu akka meetii keenya qalqalloo keenya keessa nuu kaaʼes hin beeknu.” \p \v 23 Innis deebisee, “Homaa miti; hin sodaatinaa. Waaqni keessan, Waaqni abbaa keessanii qalqalloo keessanitti badhaadhummaa isinii naqeera; meetiin keessan na gaʼee jira” jedheen. Ergasiis Simiʼoonin gara isaaniitti gad baase. \p \v 24 Hangafni hojjettootaa sunis jara sana mana Yoosefitti geessee akka isaan miilla isaanii dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniitiif immoo okaa kenne. \v 25 Isaanis achitti akka nyaatan waan dhagaʼaniif dhufaatii Yoosef kan saʼaatii jaʼaatiif kennaa isaanii qopheeffatan. \p \v 26 Yeroo Yoosef manatti galetti isaan kennaa manatti ol galchanii turan sana kennaniif; fuula isaa durattis lafatti gombifamanii harka fuudhan. \v 27 Innis nagaa isaan gaafatee, “Abbaan keessan jaarsi isin waaʼee isaa natti himtan sun akkam? Inni amma iyyuu jiraa?” jedheen. \p \v 28 Jarris, “Tajaajilaan kee abbaan keenya amma iyyuu ni jira; nagumas” jedhanii deebisan. Ulfina isaaf kennuufis gad jedhan. \p \v 29 Innis ol ilaalee obboleessa isaa, ilma haadha isaa Beniyaamin argee, “Inni kun obboleessa keessan quxisuu isin waaʼee isaa natti himtan sanaa?” jedhee gaafate. Itti fufees, “Ilma ko, Waaqni si haa eebbisu” jedheen. \v 30 Yoosef yommuu obboleessa isaa argetti garaan raafamee dafee gad baʼe; booʼuu barbaadees kutaa mana isaa seenee achitti booʼe. \p \v 31 Ergasiis fuula isaa dhiqatee gad baʼe; of jajjabeessees, “Nyaanni haa dhiʼaatu” jedhe. \p \v 32 Jarris sababii warri Gibxi Ibroota wajjin hin nyaanneef Yoosefiif kophaatti, obboloota isaatiif kophaatti, warra Gibxi kanneen isa wajjin nyaataniifis kophaatti dhiʼeessan; Ibroota wajjin nyaachuun warra Gibxi biratti jibbisiisaa tureetii. \v 33 Namoonni sunis akkuma umurii isaaniitti hangafaa jalqabanii hamma quxisuutti fuula isaa dura tataaʼanii dinqifatanii wal ilaalan. \v 34 Maaddii Yoosef irraas nyaanni qoodameef; qoodni Beniyaam garuu qooda tokko tokko isaaniitiif kenname dachaa shan taʼa ture. Jarris akkasiin Yoosef wajjin dhuganii itti hoʼe. \c 44 \s1 Xoofoo Meetii Qalqalloo Keessaa \p \v 1 Yoosefis akkana jedhee hangafa hojjettoota mana isaa ajaje; “Qalqalloo jara kanaa hamma baachuu dandaʼutti midhaan itti guuti; meetii tokkoo tokkoo isaaniis afaan qalqalloo isaanii keessa kaaʼi. \v 2 Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame immoo meetii inni ittiin midhaan bitachuu dhufe wajjin afaan qalqalloo isa quxisuu sanaa keessa kaaʼi.” Namichis akkuma Yoosef isa ajaje godhe. \p \v 3 Namoonni sun akkuma lafti bariiteen harroota isaanii wajjin geggeeffaman. \v 4 Utuma isaan magaalaa sana irraa hin fagaatin Yoosef hangafa hojjettoota isaatiin akkana jedhe; “Dafii jara kana duukaa buʼi; yommuu qaqqabdutti immoo akkana jedhiin; ‘Isin maaliif waan gaarii waan hamaadhaan deebiftu? \v 5 Xoofoon kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi ittiin waa himu mitii? Isin waan kana gochuudhaan waan hamaa hojjettan.’ ” \p \v 6 Innis yommuu isaan qaqqabetti waanuma kana isaanitti dubbate. \v 7 Jarris akkana isaan jedhan; “Gooftaan koo maaliif dubbii akkanaa dubbata? Waan akkanaa hojjechuun tajaajiltoota kee irraa haa fagaatu! \v 8 Kunoo nu meetii afaan qalqalloo keenyaa keessatti arganne iyyuu biyya Kanaʼaaniitii deebifnee siif fidne. Yoos nu maaliif mana gooftaa keetiitii meetii yookaan warqee hanna ree? \v 9 Tajaajiltoota kee keessaa namni wanni kun biratti argame kam iyyuu haa duʼu; nu warri hafne immoo garboota gooftaa koo ni taana.” \p \v 10 Inni immoo jaraan, “Amma akkuma isin jettan haa taʼu; abbaan wanti kun biratti argame garbicha naaf taʼa; isin warri kaan immoo gad dhiifamtu” jedhe. \p \v 11 Tokkoon tokkoon isaanii dafanii qalqalloo isaanii lafa keeyyatanii hiikan. \v 12 Hangafni hojjettootaa sunis hangafaa jalqabee hamma quxisuutti sakattaʼe. Xoofoon sunis qalqalloo Beniyaam keessatti argame. \v 13 Kana irratti isaan uffata isaanii tarsaasan. Hundi isaanii harroota isaanii feʼatanii magaalattiitti deebiʼan. \p \v 14 Yoosef yeroo Yihuudaa fi obboloonni isaa ol seenanitti amma iyyuu mana keessa ture; isaanis fuula isaa duratti kukkufan. \v 15 Yoosefis, “Wanti isin hojjettan kun maal? Akka namni akka kootii hooda himuudhaan waa arguu dandaʼu isin hin beektanii?” isaaniin jedheen. \p \v 16 Yihuudaan immoo akkana jedhee deebise; “Nu gooftaa kootiin maal jechuu dandeenya? Nu maal dubbachuu dandeenya? Nu qulqulluu taʼuu keenya akkamiin mirkaneessuu dandeenya? Waaqni balleessaa garboota keetii ifatti baaseera. Kunoo nu garboota gooftaa koo ti; nu hundi keenya, namni xoofoon sun biratti argames garboota kee ti.” \p \v 17 Yoosef garuu, “Waan akkanaa hojjechuun narraa haa fagaatu! Nama xoofoon biratti argame qofatu garbicha koo taʼa. Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe. \p \v 18 Yihuudaan immoo Yoosefitti dhiʼaatee akkana jedhe: “Maaloo gooftaa ko, akka garbichi kee waan tokko gooftaa kootti dubbatu eeyyamiif. Ati akkuma Faraʼoon taatus garbicha keetti hin aarin. \v 19 Gooftaan koo, ‘Isin abbaa yookaan obboleessa qabduu?’ jedhee garboota isaa gaafatee ture. \v 20 Nus, ‘Abbaa dulloomaa tokko qabna; ilmi quxisuun bara dulluma isaa keessa isaaf dhalate tokkos jira. Obboleessi isaas duʼeera; ijoollee haati isaa deesse keessaa isa qofatu hafe; abbaan isaa isa jaallata’ jennee turre. \p \v 21 “Atis garboota keetiin, ‘Akka ani ija kootiin isa arguuf naa fidaa’ jette. \v 22 Nus gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu; yoo inni isa dhiisee biraa deeme abbaan isaa ni duʼa’ jenne. \v 23 Ati immoo garboota keetiin, ‘Yoo obboleessi keessan inni quxisuun isin wajjin dhufuu baate, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette. \v 24 Nus yeroo gara garbicha kee abbaa kootti deebinetti waan gooftaan koo jedhe isatti himne. \p \v 25 “Abbaan keenya, ‘Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa’ nuun jedhe. \v 26 Nu garuu, ‘Nu dhaquu hin dandeenyu; yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin jiraate qofa dhaqna. Yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin dhaquu baate nu fuula namichaa arguu hin dandeenyu’ jenne. \p \v 27 “Abbaan koo garbichi kee immoo akkana nuun jedhe; ‘Akka niitiin koo ilmaan lama naa deesse isin ni beektu. \v 28 Isaan keessaas inni tokko na biraa baʼe; anis, “Inni dhugumaan ciccirameera” nan jedhe. Ani ergasii isa hin argine. \v 29 Yoo isin isa kanas na duraa fuutanii balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.’ \p \v 30 “Kanaafuu amma yeroo ani gara garbicha kee abbaa kootti deebiʼutti, yoo mucichi nu wajjin jiraachuu baate abbaan koo kan jireenyi isaa jireenya mucichaatiin walitti hidhame sun, \v 31 akka mucichi nu wajjin hin jirre argee duʼa. Nu garboonni kees akka arriin abbaa keenya garbicha keetii gaddaan awwaala seenu goona. \v 32 Ani garbichi kee akka mucaan kun nagaadhaan deebiʼu abbaa koo duratti wabii taʼee, ‘Yaa abbaa ko, yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula abbaa koo duratti balleessaa kanatti nan gaafatama!’ jedhe. \p \v 33 “Egaa amma ani garbichi kee iddoo mucichaa garbicha gooftaa koo taʼee asitti nan hafa; mucichi immoo obboloota isaa wajjin haa deebiʼu. \v 34 Yoo mucichi na wajjin hin jiraatin ani akkamittin gara abbaa kootii deebiʼuu dandaʼa? Waawuu; akka ani gadda abbaa kootti dhufu argu na hin godhin.” \c 45 \s1 Yoosef Of Beeksise \p \v 1 Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre. \v 2 Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame. \p \v 3 Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye. \p \v 4 Yoosefis obboloota isaatiin, “Mee as natti dhiʼaadhaa” jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; “Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha! \v 5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii. \v 6 Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru. \v 7 Waaqni lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge. \p \v 8 “Waaqatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe. \v 9 Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis. \v 10 Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu. \v 11 Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’ \p \v 12 “Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Beniyaamis ni arga. \v 13 Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.” \p \v 14 Ergasiis morma obboleessa isaa Beniyaamitti marmee booʼe; Beniyaamis booʼaa isa hammate. \v 15 Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan. \p \v 16 Yommuu akka obboloonni Yoosef dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan. \v 17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii \v 18 abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’ \p \v 19 “Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa. \v 20 Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’ ” \p \v 21 Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef. \v 22 Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Beniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne. \v 23 Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge. \v 24 Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, “Karaatti wal hin lolinaa!” jedheen. \p \v 25 Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhaqan. \v 26 Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya. \v 27 Garuu yeroo jarri waan Yoosef isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yoosef isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaqoob ni bayyanatte. \v 28 Israaʼelis, “Na gaʼa! Ilmi koo Yoosef amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga” jedhe. \c 46 \s1 Yaaqoob Biyya Gibxi Dhaqe \p \v 1 Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Waaqa abbaa isaa Waaqa Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse. \p \v 2 Waaqnis halkan mulʼataan, “Yaaqoob! Yaaqoob!” jedhee Israaʼelitti dubbate. \p Innis, “Kunoo ani as jira” jedhee deebise. \p \v 3 Waaqnis akkana jedhe; “Ani Waaqayyo, Waaqa abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii. \v 4 Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yooseftu ija kee walitti siif qaba.” \p \v 5 Yaaqoobis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaqoob, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaqoobin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan. \v 6 Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan. \v 7 Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane. \b \lh \v 8 Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaqoobii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha: \b \li1 Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob hangafticha. \li1 \v 9 Ilmaan Ruubeen: \li2 Henook, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii. \li1 \v 10 Ilmaan Simiʼoon: \li2 Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zooharii fi Shaawul ilma dubartii Kanaʼaan sanaa. \li1 \v 11 Ilmaan Lewwii: \li2 Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. \li1 \v 12 Ilmaan Yihuudaa: \li2 Eeri, Oonaan, Sheelaa, Faaresii fi Zaaraa. Eerii fi Oonaan garuu biyya Kanaʼaanitti duʼan. \li2 Ilmaan Faares: \li3 Hezroonii fi Hamuul. \li1 \v 13 Ilmaan Yisaakor: \li2 Toolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimroon. \li1 \v 14 Ilmaan Zebuuloon: \li2 Sered, Eeloonii fi Yahiliʼeel. \lf \v 15 Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaqoobiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan. \b \li1 \v 16 Ilmaan Gaad: \li2 Ziifiyon, Hagii, Shuunii, Esboon, Eerii, Aroodii fi Ariʼeel. \li1 \v 17 Ilmaan Aasheer: \li2 Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaaniis Seraa dha. \li2 Ilmaan Beriiyaa: \li3 Hebeerii fi Malkiiʼeel. \lf \v 18 Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaqoobiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan. \b \li1 \v 19 Ilmaan Raahel niitii Yaaqoob: \li2 Yoosefii fi Beniyaam. \li3 \v 20 Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yoosefiif dhalatan. \li1 \v 21 Ilmaan Beniyaam: \li2 Belaa, Beker, Ashbeel, Geeraa, Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muufiim, Hufiimii fi Ardi. \lf \v 22 Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaqoobiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan. \b \li1 \v 23 Ilmi Daan: \li2 Hushiimii dha. \li1 \v 24 Ilmaan Niftaalem: \li2 Yahizeel, Guunii, Yeexerii fi Shiileem. \lf \v 25 Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaqoobiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan. \b \lf \v 26 Namoonni Yaaqoob wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan. \v 27 Ilmaan Gibxitti Yoosefiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaqoob warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan. \b \p \v 28 Yaaqoobis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yoosefitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti, \v 29 Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe. \p \v 30 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu” jedhe. \p \v 31 Yoosefis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; “Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru. \v 32 Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’ \v 33 Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate, \v 34 ‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa.” \c 47 \p \v 1 Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime. \v 2 Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse. \p \v 3 Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate. \p Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif. \v 4 Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.” \p \v 5 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru; \v 6 lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.” \p \v 7 Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee, \v 8 Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate. \p \v 9 Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.” \v 10 Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe. \p \v 11 Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne. \v 12 Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne. \s1 Yoosefii fi Beela \p \v 13 Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman. \v 14 Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche. \v 15 Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan. \p \v 16 Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe. \v 17 Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore. \p \v 18 Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu. \v 19 Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.” \p \v 20 Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe; \v 21 Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche. \v 22 Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre. \p \v 23 Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa. \v 24 Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.” \p \v 25 Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan. \p \v 26 Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe. \p \v 27 Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan. \p \v 28 Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture. \v 29 Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin; \v 30 yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.” \p Innis, “Akkuma ati jette nan godha” jedhe. \p \v 31 Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade. \c 48 \s1 Minaasee fi Efreem \p \v 1 Yeroo muraasa booddee, “Kunoo, abbaan kee dhukkubsateera” jedhanii Yoosefitti himan. Innis ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee dhaqe. \v 2 Yaaqoob yeroo, “Ilmi kee Yoosef gara kee dhufeera” jedhanii itti himanitti, Israaʼel of jajjabeessee kaʼee siree irra taaʼe. \p \v 3 Yaaqoobis Yoosefiin akkana jedhe; “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee achitti na eebbise; \v 4 akkanas naan jedhe; ‘Ani akka ati hortuu fi akka ati baayʼattu nan godha. Tuuta sabaa sin godha; ani biyya kana dhaala bara baraa godhee sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna.’ \p \v 5 “Egaa amma ilmaan kee lamaan warri utuu ani as gara kee hin dhufin dura Gibxitti siif dhalatan sun akkuma ilmaan kootti ilaalamu; akkuma Ruubeenii fi Simiʼoon kan koo taʼan sana Efreemii fi Minaaseenis kanuma koo taʼu. \v 6 Ijoolleen isaan booddeen siif dhalatan kan kee taʼu. Dhaala qoodachuu keessatti immoo maqaa obboloota isaanii jalatti lakkaaʼamu. \v 7 Yeroo ani kaaba dhiʼa Phaadaaniitii deebiʼaa turetti utuma Efraataa gaʼuuf xinnuma nuu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti na jalaa duunaan achumatti karaa Efraataa dhaqu biratti awwaalladhe.” Efraataan kunis Beetlihemii dha. \p \v 8 Israaʼel yeroo ilmaan Yoosef argetti, “Isaan kunneen eenyu?” jedhee gaafate. \p \v 9 Yoosef immoo abbaa isaatiin, “Isaan kunneen ilmaan biyya kanatti Waaqni naaf kennee dha” jedhe. \p Kana irratti Israaʼel, “Akka ani isaan eebbisuuf natti fidi” jedhe. \p \v 10 Yeroo kanatti Israaʼel dulloomee iji isaa dadhabee ture; innis waa hubachuu hin dandaʼu ture. Kanaafuu Yoosef ilmaan isaa Israaʼelitti dhiʼeesse; Israaʼelis isaan dhungate; isaan hammates. \p \v 11 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani fuuluma kee iyyuu nan arga jedhee hin yaadne; Waaqni garuu akka ani ijoollee kee iyyuu argu naa eeyyame” jedhe. \p \v 12 Yoosefis jilba Israaʼel irraa achi isaan butee fuula isaatiin lafatti gad gombifame. \v 13 Innis ergasii lamaan isaanii iyyuu fuudhee Efreemin karaa mirga isaatiin gara harka Israaʼel isa bitaatti, Minaasee immoo bitaa isaatiin gara harka Israaʼel isa mirgaatti fidee isatti dhiʼeesse. \v 14 Israaʼel garuu utuma Efreem quxisuu taʼee jiruu harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe; Minaaseen immoo utuma hangafa taʼee jiruu Israaʼel harka isaa wal qaxxaamursee harka isaa bitaa mataa Minaasee irra kaaʼe. \p \v 15 Innis akkana jedhee Yoosefin eebbise; \q1 “Waaqni inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq \q2 fuula isaa dura jiraatan, \q1 Waaqni inni bara jireenya koo guutuu \q2 hamma harʼaatti tiksee koo ture sun, \q1 \v 16 Ergamaan Waaqayyoo kan balaa hunda jalaa na baase sun \q2 ilmaan kanneen haa eebbisu. \q1 Isaan maqaa kootiin, \q2 maqaa abbootii koo Abrahaamii fi \q1 Yisihaaqiin haa waamaman; \q2 isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan.” \p \v 17 Yoosef yommuu akka abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe argetti ni gadde; kanaafuu inni harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf jedhee kaase. \v 18 Yoosef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, akkas miti; inni kun hangafa; harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe. \p \v 19 Abbaan isaa garuu didee akkana jedheen; “Ani nan beeka; yaa ilma koo nan beeka. Innis saba taʼa; saba guddaa isaa taʼa. Taʼus obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa taʼa; sanyiin isaas tuuta saba baayʼee ni taʼa.” \v 20 Innis gaafa sana akkana jedhee isaan eebbise; \q1 “Israaʼel maqaa keetiin eebba kana kenna; \q2 ‘Waaqni akka Efreemii fi akka Minaasee isin haa taasisu.’ ” \m Yoosefis akkasiin Minaasee dura Efreemin dabarse. \p \v 21 Ergasii Israaʼel Yoosefiin akkana jedhe; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; Waaqni garuu isin wajjin taʼee biyya abbaa keessaniitti isin deebisa. \v 22 Ani qooda obboloota keetii caalchisee qooda tokko siifin kenna; kunis lafa ol kaʼaa ani Amoorota irraa goraadee koo fi iddaa kootiin fudhadhe sanaa dha.” \c 49 \s1 Yaaqoob Ilmaan Isaa Eebbise \r 49:1‑28 kwi – \xt KeD 33:1‑29\xt* \p \v 1 Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa. \q1 \v 2 “Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa; \q2 abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa. \b \q1 \v 3 “Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa; \q2 humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti; \q2 ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta. \q1 \v 4 Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu; \q2 ati siree abbaa keetiitti ol baatee, \q2 afata kootti ol baatee xureessiteertaatii. \b \q1 \v 5 “Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota; \q2 goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti. \q1 \v 6 Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin; \q2 ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin; \q1 isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii; \q2 fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru. \q1 \v 7 Aariin isaanii inni hamaan, \q2 dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu! \q1 Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa; \q2 Israaʼel keessas isaan nan facaasa. \b \q1 \v 8 “Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu; \q2 harki kee morma diina keetii qaba; \q2 ilmaan abbaa keetii siif sagadu. \q1 \v 9 Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti; \q2 yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita. \q1 Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa; \q2 eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree? \q1 \v 10 Hamma bulchaan dhufutti \q2 bokkuun harka Yihuudaatii, \q1 uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu; \q2 saboonnis isaaf ni ajajamu. \q1 \v 11 Inni harree isaa muka wayiniitti, \q2 ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata; \q1 wayyaa isaa daadhii wayiniitiin, \q2 wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata. \q1 \v 12 Iji isaa daadhii wayinii irra diimata; \q2 ilkaan isaa immoo aannan irra addaata. \b \q1 \v 13 “Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata; \q2 buufata dooniiwwaniis taʼa; \q2 daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata. \b \q1 \v 14 “Yisaakor harree jabaa \q2 feʼiisa lama gidduu ciisuu dha. \q1 \v 15 Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi \q2 akka lafti isaa tolaa taʼe argutti \q1 baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata; \q2 hojii humnaa hojjechuuf of kenna. \b \q1 \v 16 “Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti, \q2 saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna. \q1 \v 17 Daan bofa qarqara karaa ti; \q2 akka buutii daandii irraa, \q1 kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf \q2 kottee fardaa idduu ni taʼa. \b \q1 \v 18 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani fayyisuu kee nan eeggadha. \b \q1 \v 19 “Gaad weerartootaan ni dhaʼama; \q2 inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa. \b \q1 \v 20 “Aasheer buddeenni isaa furdaa dha; \q2 inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna. \b \q1 \v 21 “Niftaalem borofa hiikamtee dha; \q2 dubbii gaariis ni dubbata. \b \q1 \v 22 “Yoosef muka wayinii ija qabeessa, \q2 muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha; \q2 dameen isaa dallaa irra yaaʼa. \q1 \v 23 Warri iddaa qabatan waraana isatti banan; \q2 isatti futtaasan; isa jibbanis. \q1 \v 24 Garuu iddaan isaa jabaatee hafe; \q2 irreen harka isaa, \q1 harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame. \q2 Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin, \q1 \v 25 Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun, \q2 Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa \q1 eebba samii gubbaatiin, \q2 eebba gadi fagoo isa jalaatiin, \q2 eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan // ni eebbifamta. \q1 \v 26 Eebbi abbaa keetii, \q2 eebba tulluuwwan durii, \q2 arjummaa gaarran durii caala. \q1 Kun hundi mataa Yoosefiitti, \q2 gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa // hoogganaa taʼeetti haa qabatu. \b \q1 \v 27 “Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha; \q2 ganama waan adamse itti gaggabee nyaata; \q2 galgala immoo boojuu hira.” \p \v 28 Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha. \s1 Yaaqoob Duʼuu Isaa \p \v 29 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa. \v 30 Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha. \v 31 Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale. \v 32 Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.” \p \v 33 Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame. \c 50 \p \v 1 Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates. \v 2 Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman; \v 3 waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan. \p \v 4 Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa: \v 5 ‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’ ” \p \v 6 Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen. \p \v 7 Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman. \v 8 Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe. \v 9 Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture. \p \v 10 Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe. \v 11 Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama. \p \v 12 Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan; \v 13 isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan. \v 14 Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe. \s1 Yoosef Obboloota Isaa Jajjabeesse \p \v 15 Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan. \v 16 Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje; \v 17 ‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe. \p \v 18 Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan. \p \v 19 Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa? \v 20 Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade. \v 21 Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse. \s1 Yoosef Duʼuu Isaa \p \v 22 Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate. \v 23 Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan. \p \v 24 Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.” \v 25 Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.” \p \v 26 Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.