\id GAL - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Galaatiyaa \toc1 Galaatiyaa \toc2 Galaatiyaa \toc3 Gal \mt1 Galaatiyaa \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulos ergamticha isa utuu namoota biraa yookaan namaan hin taʼin garuu Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa isa Yesuusin warra duʼan keessaa kaaseen ergamee fi \v 2 obboloota na wajjin jiran hundumaa irraa, \po Gara Waldoota Kiristaanaa Galaatiyaatti: \po \v 3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu; \v 4 inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Waaqa keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne; \v 5 ulfinni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen. \s1 Wangeelli Kan Biraa Hin jiru \p \v 6 Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; \v 7 wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru. \v 8 Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! \v 9 Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu! \p \v 10 Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture. \s1 Phaawulos Waamamuu Isaa \p \v 11 Yaa obboloota, wangeelli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada. \v 12 Ani wangeelicha mulʼataan Yesuus Kiristoos irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne. \p \v 13 Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Waaqaa akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu. \v 14 Ani amantii Yihuudootaatiin warra saba koo keessaa hiriyoota koo taʼan baayʼee nan caala ture; duudhaa abbootii kootiifis akka malee nan hinaafa ture. \v 15 Garuu yommuu Waaqni gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun, \v 16 akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne. \v 17 Ani warra anaan dura ergamoota turan arguuf Yerusaalemitti ol hin baane; garuu yeruma sana biyya Arabaan dhaqe. Ergasiis Damaasqoottin deebiʼe. \p \v 18 Ergasiis anis waggaa sadii booddee Keefaan wal baruuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼe; guyyaa kudha shanis isa biran ture. \v 19 Ani garuu Yaaqoob obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine. \v 20 Wanti ani isinii barreessu akka soba hin taʼin kunoo fuula Waaqaa duratti isiniifin mirkaneessa. \p \v 21 Ergasiis ani gara Sooriyaa fi biyya Kiilqiyaan dhaqe. \v 22 Waldoonni Kiristaanaa Yihuudaa kanneen Kiristoositti jiranis fuula koo arganii hin beekan. \v 23 Isaanis oduu, “Namichi duraan nu ariʼachaa ture sun amma immoo amantiidhuma dur balleessuuf yaalaa ture sana lallabaa jira” jedhu qofa dhagaʼan. \v 24 Isaanis sababii kootiif Waaqaaf ulfina kennan. \c 2 \s1 Phaawulos Fudhatama Argachuu Isaa \p \v 1 Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe. \v 2 Ani mulʼataanin ol baʼe; wangeela Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime. \v 3 Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne. \v 4 Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe. \v 5 Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne. \p \v 6 Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Waaqni fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe. \v 7 Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti wangeela lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti wangeela lallabuuf imaanaan natti kenname argan. \v 8 Waaqni akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii. \v 9 Yaaqoob, Keefaa fi Yohannis warri akka “Utubaatti” ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan. \v 10 Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha. \s1 Phaawulos Phexrosiin Mormuu Isaa \p \v 11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. \v 12 Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe. \v 13 Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture. \p \v 14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree? \p \v 15 “Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti; \v 16 namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii. \p \v 17 “Egaa nu utuu karaa Kiristoosiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Kiristoos tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti! \v 18 Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa. \p \v 19 “Ani akkan Waaqaaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii. \v 20 Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha. \v 21 Ani ayyaana Waaqaa gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Kiristoos akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!” \c 3 \s1 Amantii Yookaan Seera Eeguu \p \v 1 Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree? \v 2 Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan? \v 3 Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree? \v 4 Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree? \v 5 Wanni Waaqni Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif? \v 6 Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”\f + \fr 3:6 \fr*\ft \+xt Uma 15:6\+xt*\ft*\f* \s1 Muuxannoo Jireenya Abrahaam \p \v 7 Kanaafuu warri amanan ijoollee Abrahaam akka taʼan hubadhaa. \v 8 Katabbiin Qulqulluun akka Waaqni amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama”\f + \fr 3:8 \fr*\ft \+xt Uma 12:3; 18:18; 22:18\+xt*\ft*\f* jedhee duraan dursee Abrahaamitti wangeela lallabe. \v 9 Kanaaf warri amantii qaban, Abrahaam nama amantii sana wajjin eebbifaman. \s1 Abaarsa Seeraa \p \v 10 Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha”\f + \fr 3:10 \fr*\ft \+xt KeD 27:26\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameeraatii. \v 11 Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf”\f + \fr 3:11 \fr*\ft \+xt Anb 2:4\+xt*\ft*\f* akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa. \v 12 Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata”\f + \fr 3:12 \fr*\ft \+xt Lew 18:5\+xt*\ft*\f* jedha. \v 13 Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha”\f + \fr 3:13 \fr*\ft \+xt KeD 21:23\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure. \v 14 Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure. \s1 Seeraa fi Waadaa \p \v 15 Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu. \v 16 Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif”\f + \fr 3:16 \fr*\ft \+xt Uma 12:7; 13:15; 24:7\+xt*\ft*\f* jedha; innis Kiristoos. \v 17 Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu. \v 18 Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Waaqni garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Abrahaamiif dhaala kenne. \p \v 19 Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa ergamootaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame. \v 20 Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Waaqni garuu tokkichuma. \p \v 21 Kanaafuu seerri waadaa Waaqaatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii. \v 22 Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Yesuus Kiristoositti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa. \s1 Ilmaan Waaqaa \p \v 23 Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre. \v 24 Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture. \v 25 Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu. \p \v 26 Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti; \v 27 isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii. \v 28 Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii. \v 29 Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota. \c 4 \p \v 1 Wanni ani jedhu kana; dhaaltuun yoo qabeenyi hundi kan isaa taʼe iyyuu inni hamma daaʼima taʼee jirutti garba irraa adda miti. \v 2 Inni hamma guyyaan abbaan isaa murteesse sun gaʼutti warra isa eeganii fi warra isa guddisan jala jira. \v 3 Nus akkasuma bara daaʼimman turretti garbummaa sirna addunyaa jala turre. \v 4 Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; \v 5 kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. \v 6 Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “\tl Aabbaa,\tl* yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge. \v 7 Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Waaqni dhaaltuu si taasiseera. \s1 Phaawulos Warra Galaatiyaatiif Yaaduu Isaa \p \v 8 Isin utuu Waaqa hin beekiniin dura, waaqota uumama isaaniitiin waaqota hin taʼiniif garboomtanii turtan. \v 9 Amma garuu isin erga Waaqa beektanii, keessumattuu erga Waaqa biratti beekamtanii booddee akkamitti gara sirnoota dadhaboo fi sirnoota faayidaa hin qabneetti deebitu ree? Isin ammas isaaniif garboomuu barbaadduu? \v 10 Isin guyyoota, jiʼoota, waqtiilee fi waggoota addaa kabajju! \v 11 Ani akkasumaan isinitti dadhabe jedheen isiniif sodaadha. \s1 Garbummaa Seeraa Jalaa Baʼuu \p \v 12 Yaa obboloota, akkuma ani isin fakkaadhe, isinis akka na fakkaattan isin kadhadha. Isin balleessaa tokko illee natti hin hojjenne. \v 13 Yeroo jalqabaatti akka ani sababii dhukkubaatiin wangeela isinitti lallabe ni beektu; \v 14 yoo dhukkubni koo qoramsa isinitti taʼe iyyuu, isin akka waan ani ergamaa Waaqaa taʼeetti, akka waan ani Kiristoos Yesuus matuma isaa taʼeetti na simattan malee na hin tuffanne yookaan na hin balfine. \v 15 Eebbi keessan sun hundi eessa jira? Utuu dandaʼamee ija keessan illee akka of keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan ture ani dhugaa baʼuu nan dandaʼa. \v 16 Egaa ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan taʼee ree? \p \v 17 Namoonni sun ofitti isin deebisuuf hinaafu; garuu waan gaariif miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif nurraa gargar isin baasuu barbaadu. \v 18 Yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin yeroo hundumaa kaayyoo gaariif hinaaffaa qabaachuun gaarii dha. \v 19 Yaa ijoollee ko, ani hamma Kiristoos isin keessatti mulʼatutti ammas isiniif jedhee nan ciniinsifadha; \v 20 ani waaʼee keessaniif waan shakkii keessa jiruuf utuu isin biratti argamee sagalee koo geeddaradhee akkam hawwan ture! \s1 Aggaarii fi Saaraa \p \v 21 Warri seera jala jiraachuu barbaaddan mee natti himaa; isin waan seerri jedhu hin dhageenyee? \v 22 “Abrahaam ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbittii irraa, kaan immoo dubartii birmaduu irraa dhalate” jedhamee barreeffameeraatii. \v 23 Ilmi isaa inni dubartii garbittii irraa dhalate akka fedhii fooniitti dhalate; inni dubartii birmaduu irraa dhalate immoo akka waadaatti dhalate. \p \v 24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Aggaar. \v 25 Egaa Aggaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii. \v 26 Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya. \v 27 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: \q1 “Yaa dubartii dhabduu \q2 kan ijoollee tokko illee hin daʼin ati gammadi; \q1 atis kan ciniinsifattee hin beekne \q2 guddisiitii ililchi; \q1 ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa, \q2 ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu.”\f + \fr 4:27 \fr*\ft \+xt Isa 54:1\+xt*\ft*\f* \p \v 28 Yaa obboloota, isinis akkuma Yisihaaq ijoollee waadaa ti. \v 29 Yeroo sana ilmi akka fedhii fooniitti dhalate sun ilma humna Hafuuraatiin dhalate ariʼate. Amma illee akkasuma. \v 30 Garuu Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Garbittii sanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii sun ilma dubartittii birmaduu wajjin hin dhaaluutii”\f + \fr 4:30 \fr*\ft \+xt Uma 21:10\+xt*\ft*\f* jedha. \v 31 Kanaafuu yaa obboloota, nu ilmaan dubartii birmaduu sanaati malee ilmaan garbittii miti. \c 5 \s1 Bilisummaa Kiristoosiin Argamu \p \v 1 Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa. \p \v 2 Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima. \v 3 Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf. \v 4 Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu. \v 5 Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna. \v 6 Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa. \p \v 7 Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree? \v 8 Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu. \v 9 “Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.” \v 10 Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata. \v 11 Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture! \v 12 Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa! \s1 Hafuuraan Jiraachuu \p \v 13 Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa. \v 14 Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu”\f + \fr 5:14 \fr*\ft \+xt Lew 19:18\+xt*\ft*\f* jedhuun xumurameeraatii. \v 15 Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa. \p \v 16 Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. \v 17 Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. \v 18 Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan. \p \v 19 Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, \v 20 waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, \v 21 weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa. \p \v 22 Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, \v 23 garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru. \v 24 Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru. \v 25 Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu. \v 26 Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu. \c 6 \s1 Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu \p \v 1 Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. \v 2 Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu. \v 3 Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa. \v 4 Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa; \v 5 tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii. \v 6 Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu. \p \v 7 Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. \v 8 Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata. \v 9 Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii. \v 10 Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa. \b \s1 Uumama Haaraa Taʼuu \p \v 11 Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa! \b \p \v 12 Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu. \v 13 Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu. \v 14 Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu. \v 15 Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu. \v 16 Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu. \b \p \v 17 Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin. \b \p \v 18 Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.