\id EZR - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Izraa \toc1 Kitaaba Izraa \toc2 Izraa \toc3 Izr \mt2 Kitaaba \mt1 Izraa \c 1 \s1 Labsii Qiiros \r 1:1‑3 kwf – \xt 2Sn 36:22‑23\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akka dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha: \pmo \v 2 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: \pm “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. \v 3 Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru. \v 4 Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ” \p \v 5 Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana \nd Waaqayyoo\nd* kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan. \v 6 Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran. \p \v 7 Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase. \v 8 Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe. \b \lh \v 9 Miʼoonni sunis: \b \li1 saanii warqee 30, \li1 saanii meetii 1,000, \li1 distii meetii 29, \li1 \v 10 waciitii warqee 30, \li1 waciitii meetii kan qadaada qabu 410, \li1 miʼa gosa biraa 1,000. \b \lf \v 11 Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 5,400 ture. \b \p Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme. \c 2 \s1 Maqaa Namoota Boojuudhaa Deebiʼanii \r 2:1‑70 kwf – \xt Nah 7:6‑73\xt* \lh \v 1 Egaa isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee Baabilonitti isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; \v 2 isaanis: Zarubaabel, Yeeshuuʼaa, Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaayi, Bilshaan, Misphaar, Baguwaayi, Rehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. \b \lh Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii: \li1 \v 3 sanyiin Phaarosh 2,172, \li1 \v 4 sanyiin Shefaaxiyaa 372, \li1 \v 5 sanyiin Aaraa 775, \li1 \v 6 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,812, \li1 \v 7 sanyiin Eelaam 1,254, \li1 \v 8 sanyiin Zaatuu 945, \li1 \v 9 sanyiin Zakaayi 760, \li1 \v 10 sanyiin Baanii 642, \li1 \v 11 sanyiin Beebay 623, \li1 \v 12 sanyiin Azgaad 1,222, \li1 \v 13 sanyiin Adooniiqaam 666, \li1 \v 14 sanyiin Baguwaay 2,056, \li1 \v 15 sanyiin Aadiin 454, \li1 \v 16 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98, \li1 \v 17 sanyiin Beesaay 323, \li1 \v 18 sanyiin Yooraa 112, \li1 \v 19 sanyiin Haashum 223, \li1 \v 20 sanyiin Gibaar 95, \li1 \v 21 namoonni Beetlihem 123, \li1 \v 22 namoonni Netoofaa 56, \li1 \v 23 namoonni Anaatoot 128, \li1 \v 24 namoonni Azmaawet 42, \li1 \v 25 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743, \li1 \v 26 namoonni Raamaa fi Gebaa 621, \li1 \v 27 namoonni Mikmaas 122, \li1 \v 28 Namoonni Beetʼeelii fi Aayi 223, \li1 \v 29 namoonni Neboo 52, \li1 \v 30 namoonni Magbiish 156, \li1 \v 31 namoonni Eelaam kaan 1,254, \li1 \v 32 namoonni Haariim 320, \li1 \v 33 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 725, \li1 \v 34 namoonni Yerikoo 345, \li1 \v 35 namoonni Senaaʼaa 3,630. \b \lh \v 36 Luboota: \li1 Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaan dhufan 973, \li1 \v 37 sanyiin Imeer 1,052, \li1 \v 38 sanyiin Phaashihuur 1,247, \li1 \v 39 sanyiin Haariim 1,017. \b \lh \v 40 Lewwota: \li1 Sanyiin Yeeshuuʼaa fi Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74. \b \lh \v 41 Faarfattoota: \li1 sanyiin Asaaf 128. \b \lh \v 42 Eegdota karra mana qulqullummaa: \li1 sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, \li1 sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, \li1 sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 139. \b \lh \v 43 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: \li1 sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa fi sanyii Xabaaʼoot, \li1 \v 44 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon; \li1 \v 45 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa fi sanyii Aquub; \li1 \v 46 sanyii Haagaab, sanyii Shalmaayi, sanyii Haanaan; \li1 \v 47 sanyii Gideel, sanyii Gahar, sanyii Reʼaayaa; \li1 \v 48 sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, sanyii Gazaam; \li1 \v 49 sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, sanyii Beesaay; \li1 \v 50 sanyii Asinaa, sanyii Meʼuunimii fi sanyii Nefuusiim; \li1 \v 51 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur, \li1 \v 52 sanyii Bazluut, sanyii Mihiidaa fi sanyii Harshaa; \li1 \v 53 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa fi sanyii Teemahi; \li1 \v 54 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa \lh \v 55 Sanyii tajaajiltoota Solomoon: \li1 Sanyii Soxaayi, \li1 sanyii Sofereetii fi sanyii Firuudaa; \li1 \v 56 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoonii fi sanyii Gideel; \li1 \v 57 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, \li1 sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamii; \lf \v 58 tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. \b \lh \v 59 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adaanii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: \li1 \v 60 sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 652. \b \lh \v 61 Luboota keessaa immoo: \li1 Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame. \lf \v 62 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. \v 63 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko argamutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje. \b \lf \v 64 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; \v 65 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 200 qabu ture. \v 66 Isaan farda 736, gaangolii 245, \v 67 gaala 435 fi harree 6,720 qabu ture. \b \p \v 68 Yommuu isaan mana \nd Waaqayyoo\nd* kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan. \v 69 Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii\f + \fr 2:69 \fr*\ft Daariikiin tokko giraamii 8.\ft*\f* 61,000, meetii minnaanii\f + \fr 2:69 \fr*\ft Minnaaniin tokko giraamii 600.\ft*\f* 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan. \p \v 70 Luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokko wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan; Israaʼeloonni kaan magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan. \c 3 \s1 Iddoo Aarsaa Deebisanii Tolchuu \p \v 1 Yeroo jiʼi torbaffaan dhufee Israaʼeloonni magaalaawwan isaanii keessa qubatanitti uummanni akkuma nama tokkootti Yerusaalem keessatti walitti qabame. \v 2 Ergasiis Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaq firoota isaa luboota wajjin, Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel firoota isaa wajjin akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti barreeffametti aarsaa gubamu achi irratti dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ijaaran. \v 3 Isaanis sababii namoota naannoo isaanii sodaataniif iddoo aarsaa sana hundee isaa irratti ijaaranii achi irratti aarsaa gubamu \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan; aarsaa kanas ganamaa fi galgala dhiʼeessan. \v 4 Ergasii akkuma barreeffametti Ayyaana Daasii ni ayyaaneffatan; akkuma baayʼina aarsaa guyyaa guyyaaf ramadameettis aarsaa gubamu ni dhiʼeessan. \v 5 Kana booddees isaan aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamu, aarsaa Baatii Haaraa fi aarsaawwan ayyaanota \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffaman hundaaf, akkasumas kanneen fedhiidhaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffaman ni kennan. \v 6 Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaattis aarsaa gubamu \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu jalqaban; garuu hundeen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* amma illee hin buufamne ture. \s1 Mana Qulqullummaa Deebisanii Ijaaruu \p \v 7 Ergasii isaan warra dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaatiif maallaqa kennan; warra Siidoonaa fi Xiiroosiif immoo akka isaan akkuma Qiiros mootichi Faares ajaje sanatti Libaanoonii gara Yoopheetti galaana irra birbirsa gad erganiif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan. \p \v 8 Isaanis erga mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sana gaʼanii booddee jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaqii fi obboloonni isaanii kaan jechuunis luboonni, Lewwonnii fi warri boojuudhaa Yerusaalemitti deebiʼan hundinuu akka isaan ijaarsa mana \nd Waaqayyoo\nd* toʼataniif Lewwota umuriin isaanii Waggaa digdamaa fi hammasii olii muudanii hojii sana jalqaban. \v 9 Yeeshuuʼaan ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin, Qadmiiʼeelii fi ilmaan isaa, ilmaan Yihuudaa, ilmaan Heenaadaadii fi Lewwota, ilmaan isaanii fi firoota isaanii wajjin warra mana Waaqaa ijaaran toʼachuuf tokko taʼan. \p \v 10 Yommuu ijaartonni sun hundee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* buusanitti luboonni uffata isaanii uffatanii malakata qabatan; Lewwonni immoo jechuunis ilmaan Asaaf kilillee qabatanii akkuma Daawit Mootichi Israaʼel ajajetti \nd Waaqayyoon\nd* jajachuuf iddoo ofii isaanii qabatan. \v 11 Isaanis, \q1 “Inni gaarii dha; \q2 jaalalli inni Israaʼeliif qabu bara baraan jiraata” \m jedhanii leellisuu fi galateeffachuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* faarfatan. Sabni hundinuu sababii hundeen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* buufameef iyyee sagalee guddaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* galateeffate. \v 12 Garuu luboonni, Lewwonnii fi hangafoonni maatii warri durii kanneen mana qulqullummaa isa duraa sana argan hedduun yeroo hundeen mana qulqullummaa kanaa buufamu arganitti sagalee ol fudhatanii booʼan; warri kaan hedduun immoo gammachuudhaan iyyan. \v 13 Sababii namoonni akka malee wacaniif namni tokko iyyuu iyya gammachuu fi iyya booʼichaa gargar baasuu hin dandeenye; sagaleen sunis fagootti dhagaʼama ture. \c 4 \s1 Mormii Ijaarsa Mana Qulqullummaa Mudate \p \v 1 Diinonni Yihuudaa fi Beniyaam yeroo akka warri boojuudhaa deebiʼan sun \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa jiran dhagaʼanitti, \v 2 gara Zarubaabelii fi gara hangafoonni maatiiwwanii dhufanii akkana jedhaniin; “Sababii nus akkuma keessan Waaqa keessan barbaannee bara Eesarhadoon mooticha Asoor kan as nu fide sanaatii jalqabnee aarsaa dhiʼeessafii turreef nus isin wajjin haa ijaarru.” \p \v 3 Zarubaabel, Yeeshuuʼaa fi hangafoonni maatii Israaʼel kaan garuu, “Isin mana Waaqa keenyaa nu wajjin ijaaruuf qooda hin qabdan. Numa qofatu akkuma Qiiros Mootichi Faares nu ajaje sanatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaara” jedhanii deebisan. \p \v 4 Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan. \v 5 Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan. \s1 Mormii Bara Ahashweroosii fi Arxeksis Keessa Ture \p \v 6 Isaanis jalqaba bara mootummaa Ahashweroositti saba Yihuudaa fi kan Yerusaalem himatan. \p \v 7 Bara Arxeksis mooticha Faares keessa Biishlaam, Mitredaat, Xaabiʼeelii fi michoota isaa biraa xalayaa tokko Arxeksisitti barreessan. Xalayaan sunis qubee Araamaayikii fi afaan Araamaayikiin barreeffame. \p \v 8 Rehuum ajajaan qondaaltichii fi Shiimshaayi barreessaan sun Yerusaalemiin mormuudhaan akkana jedhanii xalayaa tokko Arxeksis mootichatti barreessan: \pmo \v 9 Rehuum ajajaan qondaaltichi, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kaan wajjin jechuunis abbootii murtii fi qondaaltota namoota Tiripooliis, Faaresi, Arkii fi Baabilon dhufan, akkasumas warra Elaamota Suusaa dhufan bulchanii fi \v 10 namoota Osnaapher guddichii fi kabajamaan sun biyyaa baasee magaalaa Samaariyaa keessaa fi Laga Efraaxiis gama qubachiise kaan wajjin barreessan. \p \v 11 Kun garagalcha xalayaa jarri isaaf erganii ti. \pmo Gara Arxeksis Mootichaa, \pmo tajaajiltoota kee warra Laga Efraaxiisiin Gamaa irraa: \pm \v 12 Mootichi akka Yihuudoonni si biraa gara keenya dhufan sun Yerusaalem dhaqanii magaalaa finciltuu fi hamtuu sana deebisanii ijaaraa jiran beekuu qaba. Isaan dallaa dhagaa deebisanii ijaaruudhaan hundeewwan ishee jajjabeessaa jiru. \pm \v 13 Kana malee iyyuu mootichi akka yoo magaalaan kun ijaaramtee dallaan ishee jajjabeeffame akka siʼachi qaraxni, gibirri yookaan ashuuraan hin argamnee fi akka galiin mootummaas gad buʼu beekuu qaba. \v 14 Nu amma waan itti gaafatamummaa masaraa mootummaa qabnuu fi waan akka mootichi ulfina dhabu arguu hin feeneef akka mootichi beekuuf jennee ergaa kana itti ergineerra; \v 15 kunis akka manneen galmee abbootii keetii sakattaʼamaniif. Atis galmeewwan kana keessatti akka magaalaan kun durumaa jalqabdee magaalaa finciltuu, kan moototaa fi kutaalee biyyaa rakkiftu, iddoo finciltuu taate ni argita. Wanni magaalaan kun barbadeeffamteefis kanuma. \v 16 Yaa mooticha, yoo magaalaan kun ijaaramee dallaan isaas jajjabeeffame, akka ati Laga Efraaxiis Gamaa waan tokko illee hin qabaanne nu sitti himna. \p \v 17 Mootichis akkana jedhee deebii kana erge: \pmo Gara Rehuum ajajaa qondaaltichaa, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kanneen Samaariyaa keessaa fi Efraaxiisiin gama jiraatan kaaniitti: \pmo Nagaan keenya isin haa gaʼu. \pm \v 18 Xalayaan isin nuuf ergitan sun dubbifamee fuuluma koo duratti hiikameera. \v 19 Anis ajaja kennee galmeen qoratameera; magaalaan kunis akka durumaa jalqabee moototatti fincilaa turte, akka isheen holqa finciltootaa fi mormitootaa taates beekameera. \v 20 Yerusaalem mootota ciccimoo guutummaa Gama Laga Efraaxiis bulchan qabdi turte; qaraxni, gibirrii fi ashuuraan isaaniif kennama ture. \v 21 Akka magaalaan kun deebifamtee hin ijaaramne hamma ani labsii baasutti akka isaan hojii dhaabaniif isin amma namoota kanneenitti ajaja dabarsaa. \v 22 Akka waan kana hin tuffanneef of eeggadhaa. Maaliif hamma rakkoon kun guddatee fedhii mootummaatti gufuu taʼutti ittuma dhiiftuu? \p \v 23 Akkuma garagalchi xalayaa Arxeksis Mootichaa sun fuula Rehuum, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii duratti dubbifameen isaan yoosuma gara Yihuudoota Yerusaalem keessa jiraatanii dhaqanii humnaan hojii isaan dhaabsisan. \b \p \v 24 Akkasiin hojiin mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sun hamma waggaa lammaffaa bara Daariyoos mooticha Faaresitti ni dhaabatte. \c 5 \s1 Xalayaa Taatenaayi Daariyoositti Erge \p \v 1 Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan. \v 2 Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan. \p \v 3 Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan. \v 4 Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan. \v 5 Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne. \p \v 6 Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti. \v 7 Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: \pmo Gara Daariyoos Mootichaa: \pmo Nagaa ulfinaan guutame siif ergina. \pm \v 8 Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira. \pm \v 9 Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne. \v 10 Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture. \pm \v 11 Isaanis deebii kana nuu kennan: \b \pm “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra. \v 12 Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse. \pm \v 13 “Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse. \v 14 Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee \v 15 akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’ \pm \v 16 “Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.” \b \pm \v 17 Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu. \c 6 \s1 Labsii Daariyoos \p \v 1 Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan. \v 2 Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: \pmo Yaadachiisa: \pm \v 3 Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase: \b \pm Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee \v 4 dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba. \v 5 Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu. \b \pm \v 6 Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa. \v 7 Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran. \pm \v 8 Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: \pm Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu. \v 9 Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu; \v 10 kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha. \pm \v 11 Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa. \v 12 Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. \pm Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu. \s1 Manni Qulqullummaa Xumuramee Eebbifame \p \v 13 Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan. \v 14 Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran. \v 15 Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume. \p \v 16 Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan. \v 17 Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan. \v 18 Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan. \s1 Faasiikaa \p \v 19 Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan. \v 20 Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan. \v 21 Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan. \v 22 Sababii \nd Waaqayyo\nd* akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan. \c 7 \s1 Izraan Yerusaalem Dhufe \p \v 1 Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa, \v 2 ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub, \v 3 ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot, \v 4 ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii, \v 5 ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon lubicha ol aanaa \v 6 Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Musee kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa isa irra tureef mootichi waan inni kadhate hunda ni kenneef. \v 7 Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan. \p \v 8 Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe. \v 9 Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Waaqa isaa tolaan sun isa irra tureetii. \v 10 Izraan Seera \nd Waaqayyoo\nd* quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii. \s1 Xalayaa Arxeksis Mootichi Izraatti Erge \p \v 11 Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan \nd Waaqayyo\nd* Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti: \pmo \v 12 Arxeksis mootii moototaa irraa; \pmo Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Waaqa samiitti: \pmo Nagaan siif haa taʼu. \pm \v 13 Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera. \v 14 Ati akka akkuma Seera Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta. \v 15 Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi; \v 16 waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Waaqa isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi. \v 17 Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Waaqa keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa. \pm \v 18 Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Waaqa keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa. \v 19 Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Waaqa keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Waaqa Yerusaalem duratti dhiʼeessi. \v 20 Waan mana qulqullummaa Waaqa keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni. \pm \v 21 Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Waaqa samii kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera; \v 22 kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii\f + \fr 7:22 \fr*\ft Qoroosiin tokko liitirii 220.\ft*\f* dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii\f + \fr 7:22 \fr*\ft Baadoosiin tokko liitirii 22.\ft*\f* dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu. \v 23 Wanni Waaqni samii ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Waaqa samiitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa? \v 24 Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Waaqaa kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa. \pm \v 25 Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Waaqa keetii beekan muudi. Nama seera Waaqaa hin beekne kam iyyuus barsiisi. \v 26 Namni seera Waaqa keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba. \p \v 27 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana \nd Waaqayyoo\nd* kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu; \v 28 Waaqa fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe. \c 8 \s1 Maqaa Abbootii Maatii Kanneen Izraa Waliin Deebiʼanii \lh \v 1 Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha: \b \li1 \v 2 Sanyii Fiinehaas keessaa \li2 Geershoom; \li1 sanyii Iitaamaar keessaa \li2 Daaniʼel; \li1 sanyii Daawit keessaa \li2 Haxuush \v 3 sanyii Shekaaniyaa; \li1 sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas; \li2 warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan; \li1 \v 4 sanyii Fahat Moʼaab keessaa \li2 Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan; \li1 \v 5 sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 300 turan; \li1 \v 6 sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 50 turan; \li1 \v 7 sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 70 turan; \li1 \v 8 sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 80 turan; \li1 \v 9 sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 218 turan; \li1 \v 10 sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 160 turan; \li1 \v 11 sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 28 turan; \li1 \v 12 sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan; \li2 warri isa wajjin turanis namoota 110 turan; \li1 \v 13 sanyii Adooniiqaam keessaa \li2 warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan; \li1 \v 14 sanyii Baguwaay keessaa \li2 Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan. \s1 Gara Yerusaalemitti Deebiʼuu \p \v 15 Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe. \v 16 Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise; \v 17 ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime. \v 18 Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan; \v 19 akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan. \v 20 Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman. \p \v 21 Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse. \v 22 Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe. \v 23 Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne. \p \v 24 Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase; \v 25 anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode. \v 26 Ani meetii taalaantii\f + \fr 8:26 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* 650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100, \v 27 waciitii warqee 20 kan daariikii\f + \fr 8:27 \fr*\ft Daariikiin tokko giraamii 8.\ft*\f* 1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef. \p \v 28 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha. \v 29 Hamma kutaalee mana \nd Waaqayyoo\nd* kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.” \v 30 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan. \p \v 31 Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase. \v 32 Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne. \p \v 33 Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan. \v 34 Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame. \p \v 35 Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamee dha. \v 36 Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran. \c 9 \s1 Waaʼee fuudhaa fi Heeruma Walmakaa \p \v 1 Erga wanni kun hojjetamee booddee hooggantoonni gara koo dhufanii akkana jedhan; “Sabni Israaʼel lubootaa fi Lewwota illee dabalatee saboota ollaa isaanii kanneen hojii jibbisiisaa hojjetan jechuunis Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Yebuusota, Amoonota, Moʼaabota, warra Gibxii fi Amoorota irraa addaan baʼanii hin jiraanne. \v 2 Isaanis intallan jaraa ofii isaaniitiif fuudhanii ilmaan isaaniis fuusisanii sanyii qulqulluu sana saboota naannoo isaaniitti makan. Hooggantoonnii fi qondaaltonnis balleessaa kana hojjechuu keessatti dura aantota turan.” \p \v 3 Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe. \v 4 Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe. \p \v 5 Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootti balʼisee \v 6 akkana jedheen kadhadhe: \pm “Yaa Waaqa ko, sababii cubbuun keenya mataa keenya bira ol darbee yakki keenyas samii gaʼeef, yaa Waaqa koo ani fuula koo gara keetti deebiffachuu akka malee qaanaʼeera; saalfadheeras. \v 7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaan keenya guddaa dha. Sababii cubbuu keenyaaf nu, mootonni keenyaa fi luboonni keenya akkuma harʼaa kana harka mootota ormaa jalatti goraadee fi boojuutti, saamichaa fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra. \pm \v 8 “Amma garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya hambaa nuu hambisee iddoo isaa qulqulluu sana keessatti iddoo amansiisaa nuuf kennuudhaan yeroo gabaabaadhaaf garaa nuuf laafeera; akkasiinis Waaqni keenya ija keenyaaf ifa kenneera; garbummaa keenya keessattis xinnoo nu boqochiiseera. \v 9 Nu garboota taanu illee Waaqni keenya garbummaa keessatti nu hin ganne. Inni fuula mootota Faares duratti jaalala isaa kan hin geeddaramne sana nu argisiiseera. Inni akka nu mana Waaqa keenyaa deebifnee ijaarruu fi akka diigamaa isaa illee iddootti deebifnuuf jireenya haaraa nuuf kenneera; Yihuudaa fi Yerusaalem keessattis dallaa daʼannoo nuu kenneera. \pm \v 10 “Amma garuu yaa Waaqa keenya nu kana booddee maal jechuu dandeenya? Nu ajaja \v 11 ati karaa garboota kee raajotaan kennite sanaaf hin ajajamneetii; innis akkana jedha: ‘Biyyi isin dhaaluudhaaf seenuutti jirtan xuraaʼummaa saba biyya sanaan xuroofteerti. Isaan hojii jibbisiisaa isaaniitiin handaara tokkoo hamma handaara kaanitti xuraaʼummaa isaaniitiin biyyattii guutaniiru. \v 12 Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’ \pm \v 13 “Wanni nurra gaʼe kun gatii gochawwan hammina keenyaa fi yakka keenya guddaa sanaa ti; haa taʼuutii ati Waaqni keenya adaba cubbuu keenyaaf maluun gad nu adabdee hambaa akkanaa nuu kenniteerta. \v 14 Nu amma illee ajaja kee cabsinee saba hojiiwwan jibbisiisoo hojjetu kanaan wal haa fuunuu? Yoos ati akka malee nutti dheekkamtee hamma hambaan tokko iyyuu hin hafnetti nu hin balleessituu ree? \v 15 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha! Nu harʼa hambaa taanee jiraanneerra. Tokkoon keenya iyyuu sababii yakka keenyaaf fuula kee dura dhaabachuu dadhabnu illee nu kunoo yakkuma keenya wajjin fuula kee dura jirra.” \c 10 \s1 Uummanni Cubbuu Isaa Himate \p \v 1 Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan. \v 2 Ergasiis sanyii Eelaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehiiʼeel Izraadhaan akkana jedhe; “Nu waan saboota naannoo keenya jiraatan keessaa dubartoota ormaa fuuneef Waaqa keenyaaf hin amanamne. Wanni kun taʼu illee amma iyyuu Israaʼeliif abdiin jira. \v 3 Kanaafuu kottaa akkuma gorsa gooftaa koo fi kan warra ajaja Waaqa keenyaa sodaatanitti dubartoota kanneenii fi ijoollee isaanii hunda of irraa geggeessuuf fuula Waaqa keenyaa duratti kakuu ni galla. Kunis akkuma Seeraatti haa raawwatamu. \v 4 Kaʼi; wanni kun suma harka jira. Nu si deeggarra; egaa jabaadhuu hojjedhu.” \p \v 5 Kanaafuu Izraan kaʼee akka isaan waan jedhame sana raawwataniif luboota hangafoota, Lewwotaa fi Israaʼel hunda ni kakachiise; isaanis ni kakatan. \v 6 Ergasii Izraan fuula mana Waaqaa duraa kaʼee kutaa manaa kan Yehohaanaan ilma Eliyaashiib seene. Inni yeroo achi turetti nyaata tokko illee hin nyaanne; bishaanis hin dhugne; sababii amanamummaa dhabiisa warra boojuudhaa deebiʼaniif gaddaa tureetii. \p \v 7 Ergasii akka warri boojuudhaa deebiʼan hundi Yerusaalem keessatti walitti qabamaniif Yihuudaa fi Yerusaalem guutuu keessatti labsiin ni labsame. \v 8 Namni kam iyyuu bultii sadii keessatti yoo dhiʼaachuu baate akkuma murtii qondaaltotaa fi maanguddootaatti qabeenyi isaa hundi irraa ni fudhatama; inni mataan isaas waldaa warra boojuudhaa deebiʼee keessaa ni ariʼama. \b \p \v 9 Bultii sadan sana keessatti namoonni Yihuudaa fi Beniyaam hundi Yerusaalem keessatti walitti qabaman. Bultii digdammaffaa jiʼa saglaffaatti namoonni hundi sababii waan kanaa fi sababii rooba guddaatiif akka malee raafamanii oobdii mana Waaqaa dura jiru irra ni tataaʼan. \v 10 Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu. \v 11 Egaa amma cubbuu keessan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.” \p \v 12 Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna. \v 13 Garuu nama hedduutu as jira; yeroon kunis yeroo roobaa ti; kanaafuu nu ala dhaabachuu hin dandeenyu. Sababii nu waan kana keessatti cubbuu guddaa hojjenneef wanni kun guyyaa tokkotti yookaan guyyaa lamatti fala argachuu hin dandaʼu. \v 14 Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.” \v 15 Yoonaataan ilma Asaaheelii fi Yahizeyaa ilma Tiqwaa qofatu waan kana morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichi immoo isaan deeggaran. \p \v 16 Warri boojuudhaa deebiʼan sunis akkasuma godhan. Izraan lubichis namoota hangafoota maatii taʼan tokkoo tokkoo garee maatii keessaa nama tokko filatee hunduma isaanii maqaa maqaan ramade. Isaanis bultii tokkoffaa jiʼa kurnaffaatti dhimma sana qorachuudhaaf tataaʼanii \v 17 guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti waaʼee namoota dubartoota ormaa fuudhan hundaa qoratanii fixan. \s1 Namoota Dubartoota Ormaa Fuudhan \lh \v 18 Sanyii lubootaa keessaa namoonni dubartoonni ormaa fuudhan kanneenii dha: \li1 Sanyii Iyyaasuu ilma Yoozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa: \li2 Maʼaseyaa, Eliiʼezer, Yaariibii fi Gedaaliyaas. \v 19 Isaan hundinuu niitota isaanii hiikuudhaaf waadaa ni galan; tokkoon tokkoon isaanii balleessaa ofii isaaniitiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif ni dhiʼeessan. \li1 \v 20 Sanyii Imeer keessaa: \li2 Hanaanii fi Zebaadiyaa. \li1 \v 21 Sanyii Haariim keessaa: \li2 Maʼaseyaa, Eeliyaas, Shemaaʼiyaa, Yehiiʼeelii fi Uziyaa. \li1 \v 22 Sanyii Phaashihuur keessaa: \li2 Eliiyooʼeenayi, Maʼaseyaa, Ishmaaʼeel, Naatnaaʼel, Yoozaabaadii fi Eleʼaasaa. \b \lh \v 23 Lewwota keessaa immoo: \li2 Yoozaabaad, Shimeʼii, Qeelaayaa isa Qeliixaa jedhamu sana, Phetaayaa, Yihuudaa fi Eliiʼezer. \li1 \v 24 Faarfattoota keessaa: \li2 Eliyaashiib. \li1 Warra karra eegan keessaa: \li2 Shaluum, Telemii fi Uuri. \b \lh \v 25 Israaʼeloota kaan keessaa: \li1 Sanyii Phaarosh keessaa: \li2 Raamiyaa, Yeziyaa, Malkiyaa, Miyaamiin, Eleʼaazaar, Malkiyaa fi Benaayaa. \li1 \v 26 Sanyii Eelaam keessaa: \li2 Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiiʼeel, Abdii, Yireemootii fi Eeliyaas. \li1 \v 27 Sanyii Zaatuu keessaa: \li2 Eliiyooʼeenayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yireemooti, Zaabaadii fi Aziizaa. \li1 \v 28 Sanyii Beebay keessaa: \li2 Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi. \li1 \v 29 Sanyii Baanii keessaa: \li2 Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaasuub, Sheʼaalii fi Raamoot. \li1 \v 30 Sanyii Fahat Moʼaab keessaa: \li2 Adinaa, Kelaal, Benaayaa, Maʼaseyaa, Mataaniyaa, Bezaliʼeel, Binuuyii fi Minaasee. \li1 \v 31 Sanyii Haariim keessaa: \li2 Eliiʼezer, Yishiyaa, Malkiyaa, Shemaaʼiyaa, Simiʼoon, \v 32 Beniyaam, Maluukii fi Shemaariyaa. \li1 \v 33 Sanyii Haashum keessaa: \li2 Matenaayi, Matataa, Zaabaadii, Eliiphelexi, Yereemaayi, Minaasee fi Shimeʼii. \li1 \v 34 Sanyii Baanii keessaa: \li2 Maʼadaay, Amraam, Uuʼeel, \v 35 Benaayaa, Beediyaa, Keluuhii, \v 36 Waaneyaa, Mereemooti, Eliyaashiib, \v 37 Mataaniyaa, Matenaayii fi Yaʼasaawuu, \li1 \v 38 Baanii, Binuuyii, \li2 Shimeʼii, \v 39 Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa, \v 40 Maknaadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi, \v 41 Azariʼeel, Shelemiyaa, Shemaariyaa, \v 42 Shaluum, Amariyaa fi Yoosef. \li1 \v 43 Sanyii Neboo keessaa: \li2 Yeʼiiʼeel, Matiitiyaa, Zaabaadii, Zebiinaa, Yaadaayi, Yooʼeelii fi Benaayaa. \b \lf \v 44 Warri kunneen hundinuu dubartoota ormaa ni fuudhan; isaan keessaas tokko tokko niitota kanneen irraa ijoollee ni dhalchan.