\id EZK - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Hisqiʼeel \toc1 Raajii Hisqiʼeel \toc2 Hisqiʼeel \toc3 His \mt2 Raajii \mt1 Hisqiʼeel \c 1 \s1 Uumamawwan Jiraatoo fi Ulfina \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 1 Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge. \p \v 2 Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti, \v 3 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki \nd Waaqayyoo\nd* isa irra ture. \p \v 4 Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture; \v 5 ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture; \v 6 tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan. \v 7 Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture. \v 8 Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan; \v 9 qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture. \p \v 10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture. \v 11 Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture. \v 12 Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan. \v 13 Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture. \v 14 Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture. \p \v 15 Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge. \v 16 Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture. \v 17 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture. \v 18 Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan. \p \v 19 Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan. \v 20 Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan. \v 21 Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan. \p \v 22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture. \v 23 Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan. \v 24 Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture. \p \v 25 Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe. \v 26 Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture. \v 27 Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture. \v 28 Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. \p Kunis bifa fakkaattii ulfina \nd Waaqayyoo\nd* ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe. \c 2 \s1 Waamamuu Hisqiʼeel \p \v 1 Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe. \v 2 Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe. \p \v 3 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru. \v 4 Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha’ jedhiin. \v 5 Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku. \v 6 Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin. \v 7 Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda. \v 8 Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.” \p \v 9 Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture; \v 10 innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan. \c 3 \p \v 1 Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe. \v 2 Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne. \p \v 3 Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe. \p \v 4 Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi. \v 5 Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne; \v 6 ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture. \v 7 Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii. \v 8 Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera. \v 9 Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.” \p \v 10 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu. \v 11 Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.” \p \v 12 Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* iddoo jireenya isaatti haa eebbifamu!” jedhu tokko of duubaan nan dhagaʼe. \v 13 Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture. \v 14 Hafuurris ol na kaasee na fudhatee deeme; anis hadheeffadhee utuma hafuurri koo aaree gubatuu nan deeme; harki \nd Waaqayyoo\nd* jabaan sunis ana irra ture. \v 15 Anis gara boojiʼamtoota Teel Abiib keessa Laga Kebaar bira jiraatan sanaan dhufe. Achittis waanan godhu wallaalee guyyaa torba isaan gidduu nan taaʼe. \s1 Akeekkachiisa Israaʼeliif Kenname \p \v 16 Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 17 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni. \v 18 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. \v 19 Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta. \p \v 20 “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha. \v 21 Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.” \p \v 22 Achittis harki \nd Waaqayyoo\nd* narra ture; innis, “Kaʼiitii gara dirreetti baʼi; anis achitti sitti nan dubbadhaa” naan jedhe. \v 23 Kanaafuu ani kaʼee gara dirreetti nan baʼe. Ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* achi dhaabatee ture; innis ulfina ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame. \p \v 24 Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi. \v 25 Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta. \v 26 Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa. \v 27 Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha’ isaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii. \c 4 \s1 Marfamuu Yerusaalem \p \v 1 “Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi. \v 2 Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi. \v 3 Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa. \p \v 4 “Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta. \v 5 Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta. \p \v 6 “Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera. \v 7 Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu. \v 8 Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha. \p \v 9 “Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta. \v 10 Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu. \v 11 Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi. \v 12 Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.” \v 13 \nd Waaqayyos\nd* “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe. \p \v 14 Anis akkanan jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.” \p \v 15 Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe. \p \v 16 Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga; \v 17 hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu. \c 5 \p \v 1 “Yaa ilma namaa, goraadee qara qabu fudhadhuutii akkuma qarabaa ittiin haaddatanitti mataa keetii fi areeda kee ittiin haaddadhu. Rifeensa sanas madaaliidhaan madaaliitii gargar qoodi. \v 2 Yeroo barri marfamuu keetii dhumatutti rifeensa sana keessaa harka sadii keessaa harka tokko magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Harka sadii keessaa harka tokko fuudhii magaalattii marsiitii goraadeen cicciri. Harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbeetti bittinneessi. Ani goraadee luqqifameen isaanan ariʼaatii. \v 3 Rifeensa sana irraa xinnoo fuudhiitii handaara wayyaa keetiitti guduunfadhu. \v 4 Ammas kanneen keessaa xinnoo fuudhiitii ibiddatti naqi; gubis. Ibiddi achii kaʼee guutummaa mana Israaʼel keessa faffacaʼa. \p \v 5 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yerusaalem isheen ani biyyoota itti naannessee saboota walakkaa teessise sun ishee kanaa dha. \v 6 Isheenis sabootaa fi biyyoota naannoo ishee jiraatan caalaa hammina isheetiin seera kootii fi ajaja kootti fincilteerti; isheen seera koo gatteerti; ajaja koos duukaa hin buune. \p \v 7 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Isin saboota naannoo keessan jiraatan caalaa warra hin ajajamne taataniirtu; isin ajaja koo duukaa hin buune yookaan seera koo hin eegne. Isin seera saboonni naannoo keessan jiraatan eegani iyyuu hin eegne. \p \v 8 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa Yerusaalem, ani mataan koo sittan kaʼa; fuula sabootaa durattis sin adaba. \v 9 Ani sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatiif waanan kanaan dura takkumaa godhee hin beekin, waanan siʼachis gonkumaa hin goone sitti nan fida. \v 10 Kanaafuu si keessatti abbootiin ijoollee isaanii ni nyaatu; ijoolleen immoo abbootii isaanii ni nyaatu. Ani sin adaba; hambaawwan kee hundas bubbeetti nan bittinneessa. \v 11 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; sababii ati fakkiiwwan kee kanneen faayidaa hin qabne hundaa fi gochawwan kee jibbisiisoo sanaan mana qulqullummaa koo xureessiteef ani fuula koo sirraa nan deebiffadha; ani si hin baraaru yookaan garaa siif hin laafu. \v 12 Uummanni kee harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichaan duʼa yookaan beelaan si keessatti dhuma; harka sadii keessaa harki tokko dallaa keetiin alatti goraadeedhaan galaafatama; harka sadii keessaa harka tokko immoo anatu bubbeetti bittinneessa; goraadee luqqifameenis ariʼa. \p \v 13 “Ergasii aariin koo narraa gala; dheekkamsi koo kan isaanitti dhufe sun ni qabbanaaʼa; anis haaloo nan baafadha. Yeroo ani dheekkamsa koo isaanitti fidetti isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* hinaaffaa kootiin dubbadhe ni beeku. \p \v 14 “Saboota naannoo kee jiraatan gidduutti fuula warra achiin darban hundaa duratti onaa fi waan fafaa sin godha. \v 15 Yeroo ani aariidhaan, dheekkamsaa fi adabbiidhaan si adabutti, ati fuula saboota naannoo kee jiraatanii duratti waan fafaa, waan kolfaa, waan ilaalanii quba itti qabanii fi waan sodaa ni taata. Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera. \v 16 Ani yeroon xiyya beelaa kan nama ajjeesuu fi nama barbadeessu isinitti darbadhutti isin balleessuuf jedheen darbadha. Ani beela irratti beela isinittin fida; madda nyaata keessaniis nan gogsa. \v 17 Ani beelaa fi bineensa isinittan erga; isaanis ijoollee malee isin hambisu. Dhaʼichii fi dhangalaafamuun dhiigaa isin haxaaʼa; ani goraadee isinittin fida. Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera.” \c 6 \s1 Adabbii Tulluuwwan Israaʼel Eeggatu \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara tulluuwwan Israaʼelitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raajii dubbadhu; \v 3 akkanas jedhi; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa dhagaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, hallayyaawwanii fi sululawwaniin akkana jedha: Ani goraadee isinitti fiduufan jira; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoo ol kaʼaa irraa illee nan balleessa. \v 4 Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu; iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa ni caccabu; anis namoota keessan fuula waaqota keessan tolfamoo duratti nan gorraʼa. \v 5 Reeffa Israaʼelootaa fuula waaqota isaanii tolfamoo dura nan ciciibsa; lafee keessanis naannoo iddoo aarsaa keessaniitti nan bittinneessa. \v 6 Akka iddoowwan aarsaa keessanii diigamanii barbadeeffamaniif, akka waaqonni keessan tolfamoon caccabanii hunkutaaʼaniif, akka iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa burkuteeffamanii fi akka hojiin harka keessanii balleeffamuuf iddoo isin jiraattan hunda keessatti magaalaawwan keessan ni onu; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoowwan ol kaʼoo irraas ni barbadeeffamu. \v 7 Namoonni keessan qalamanii gidduu keessanitti harcaʼu; isinis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \p \v 8 “ ‘Ani garuu yommuu isin biyyootaa fi saboota gidduutti bittinnooftanitti sababii isin keessaa gariin goraadee jalaa miliqxaniif, namoota muraasa nan hambisa. \v 9 Warri miliqan sun saboota itti boojiʼaman sana keessa taaʼanii yaada isaanii ejjaa isa narraa garagalee fi ija isaanii isa waaqota isaanii tolfamoo dharraʼe sanaan hammam akka na gaddisiisan ni yaadatu. Isaanis hammina hojjetanii fi gochawwan isaanii jibbisiisoo hundaaf of jibbu. \v 10 Isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku; ani waan hamaa kana isaanittin fida jedhee akkasumaan hin dubbanne. \p \v 11 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii hamminaatii fi gochaawwan jibbisiisoo mana Israaʼel hundaatiif isaan goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumuutii harka kee walitti rukutii, miilla keetiinis lafa dhiitii, “Ani bade!” jedhii booʼi. \v 12 Inni fagoo jiru dhaʼichaan ni duʼa; kan dhiʼoo jirus goraadeedhaan ni galaafatama; kan hafee fi kan miliqe immoo beelaan duʼa. Anis haala kanaan dheekkamsa koo isaanitti nan roobsa. \v 13 Isaan yeroo namoonni isaanii naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti, waaqota isaanii tolfamoo gidduutti, gaarran ol dhedheeroo hunda irratti, fiixee tulluuwwanii hunda irratti, mukkeen lalisoo hunda jalattii fi qilxuu baala baayʼatu hunda jalatti jechuunis iddoowwan isaan itti waaqota isaanii tolfamoo sanaaf ixaana urgaaʼaa aarsan hundatti gorraʼamanii ciciisanitti, akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \v 14 Anis harka koo isaanitti nan kaasa; iddoo isaan jiraatan hundatti jechuunis gammoojjiidhaa jalqabee hamma Diblaatiitti biyyattii nan onsa. Isaanis akka ani Waaqa taʼe ni beeku.’ ” \c 7 \s1 Dhumni Dhufeera \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: \q1 “ ‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti \q2 dhumni dhufeera. \q1 \v 3 Ammas dhumni kee gaʼeera; \q2 dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; \q1 ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura; \q2 gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba. \q1 \v 4 Ani gara laafinaan si hin ilaalu \q2 yookaan si hin baasu; \q1 ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti, \q2 amala keetiif sin adaba. \m “ ‘Ergasiis isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu.’ \b \p \v 5 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin \q2 tokko dhufaa jira. \q1 \v 6 Dhumni dhufeera! \q2 Dhumni dhufeera! \q1 Inni mataan isaa isinitti kaʼeera. \q2 Inni dhufeera! \q1 \v 7 Yaa warra biyyattii keessa jiraattan, \q2 badiin isinitti dhufeera. \q1 Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera; \q2 tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa. \q1 \v 8 Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira; \q2 aarii koo illee sitti nan baʼa; \q1 akkuma amala keetiittis sitti nan mura; \q2 gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba. \q1 \v 9 Ani gara laafinaan si hin ilaalu \q2 yookaan si hin baraaru. \q1 Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti \q2 ani akkuma amala keetiitti sin adaba. \b \m “ ‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana \nd Waaqayyo\nd* taʼe isin ni beektu. \q1 \v 10 “ ‘Guyyaan sun kunoo ti! \q2 Inni dhufeera! \q1 Badiin cabsee dhufeera; \q2 uleen lateera; \q2 of tuulummaan daraareera! \q1 \v 11 Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera; \q2 isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu; \q1 waldaa isaanii keessaa, \q2 qabeenya isaaniitii fi \q1 waan faayidaa qabu keessaa \q2 tokko iyyuu hin hafu. \q1 \v 12 Yeroon sun dhufeera; \q2 guyyaan sun gaʼeera. \q1 Inni bitu hin gammadin; \q2 kan gurgurus hin gaddin; \q2 dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii. \q1 \v 13 Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti \q2 inni lafa gurgure hin deebifatu; \q1 mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate \q2 duubatti hin deebiʼuutii. \q1 Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu \q2 lubbuu ofii isaa hin oolfatu. \b \q1 \v 14 “ ‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf \q2 isaan malakata afuufanii \q1 waan hunda qopheeffatan iyyuu, \q2 namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu. \q1 \v 15 Alaan goraadeetu jira; \q2 keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira; \q1 warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu; \q2 warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu. \q1 \v 16 Baqattoonni warri miliqan \q2 tulluuwwanitti baqatu. \q1 Tokkoon tokkoon isaanii \q2 akkuma gugeewwan sululaa \q2 sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu. \q1 \v 17 Harki hundi ni naafata; \q2 jilbi hundinuus bishaan taʼa. \q1 \v 18 Isaan wayyaa gaddaa uffatanii \q2 sodaadhaan haguugamu. \q1 Fuulli isaanii qaanii uffata; \q2 mataan isaaniis ni haadama. \b \q1 \v 19 “ ‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu; \q2 warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa. \q1 Guyyaa dheekkamsa \nd Waaqayyootti\nd* meetii fi \q2 warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu. \q1 Isaan nyaatanii beela hin baʼan \q2 yookaan garaa isaanii hin guuttatan; \q1 meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee \q2 cubbuutti isaan galcheeraatii. \q1 \v 20 Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii \q2 waaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana \q2 tolchuuf itti fayyadaman. \q1 Kanaafuu ani wantoota kanneen \q2 gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara. \q1 \v 21 Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf, \q2 hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna; \q2 isaanis isa ni xureessu. \q1 \v 22 Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha; \q2 isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu; \q2 saamtonnis itti seenanii ni xureessu. \b \q1 \v 23 “ ‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, \q2 magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef \q2 foncaa qopheessi. \q1 \v 24 Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif \q2 warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida; \q1 of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa; \q2 manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa. \q1 \v 25 Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu; \q2 garuu tokko illee hin argatan. \q1 \v 26 Badiin badii irratti, \q2 oduunis, oduu irratti ni dhufa. \q1 Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu; \q2 seerri luboota biraa, \q2 gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama. \q1 \v 27 Mootiin ni booʼa; \q2 ilmi mootii abdii kutata; \q2 harki uummata biyyattii ni hollata. \q1 Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf; \q2 akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf. \b \m “ ‘Ergasiis isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ ” \c 8 \s1 Mana Qulqullummaa keessatti Waaqa Tolfamaa Waaqessuu \p \v 1 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa narra buʼe. \v 2 Anis milʼadhee fakkaattii akka fakkaattii namaa tokko nan arge. Innis waan mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibidda fakkaata ture; achii olitti immoo bifti isaa sibiila ibiddaan diimeffamee ifu fakkaata ture. \v 3 Innis waan harka fakkaatu tokkoon hiixatee rifeensa mataa kootii qabe. Hafuurris lafaa fi samii gidduutti ol na fuudhee mulʼata Waaqaatiin gara Yerusaalem, gara karra balbala kaabaa kan oobdii gara keessaatti, iddoo waaqni tolfamaan hinaaffaaf nama kakaasu sun dhaabatee jiruutti na geesse. \v 4 Ulfinni Waaqa Israaʼel kan ani mulʼataan dirree keessatti argee ture sun achittis fuula koo dura ture. \p \v 5 Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge. \p \v 6 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.” \p \v 7 Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge. \v 8 Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge. \p \v 9 Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe. \v 10 Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge. \v 11 Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture. \p \v 12 Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘\nd Waaqayyo\nd* nu hin argu; \nd Waaqayyo\nd* biyyattii dhiiseera’ jedhan.” \v 13 Ammas inni, “Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼan kan isaan hojjetan iyyuu ni argita” jedhe. \p \v 14 Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana \nd Waaqayyootti\nd* na fide; achittis dubartoota tataaʼanii waaqa tolfamaa Tamuuz jedhamuuf booʼaa jiran nan arge. \v 15 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argitaa? Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼani iyyuu ni argita” naan jedhe. \p \v 16 Ergasii immoo gara oobdii mana \nd Waaqayyoo\nd* isa gara keessaatti na fide; achis balbala mana qulqullummaa dura gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduu namoota gara digdamii shaniitu ture. Isaanis dugda isaanii mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd*, fuula isaanii immoo gara baʼa biiftuutti deebifatanii, gara baʼaatti garagalanii aduuf sagadaa turan. \p \v 17 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru! \v 18 Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.” \c 9 \s1 Waaqeffattoonni waaqota tolfamoo Ajjeefamuu Isaanii \p \v 1 Ergasis ani isaa, “Warra tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii magaalattii balleessan as dhiʼeessi” jedhee gurra kootti iyyu nan dhagaʼe. \v 2 Anis utuu namoonni jaʼa kallattii karra ol aanuu kan gara kaabaa ilaaluun tokkoon tokkoon isaanii meeshaa nama ajjeesu harkatti qabatanii dhufaa jiranuu nan arge. Isaan wajjinis nama uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate kan mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate tokkotu ture. Isaanis ol seenanii iddoo aarsaa naasii bira dhaabatan. \p \v 3 Ulfinni Waaqa Israaʼelis iddoo irra buʼee ture kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* namicha wayyaa quncee talbaa irraa tolfame uffatee mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate sana waame; \v 4 innis akkana jedheen; “Guutummaa magaalaa Yerusaalem keessa deemiitii adda namoota sababii wantoota jibbisiisoo ishee keessatti hojjetaman hundaatiif gaddanii booʼan irratti mallattoo godhi.” \p \v 5 Inni utuma ani dhagaʼuu warra kaaniin akkana jedhe; “Magaalattii keessa isa faana deemaatii utuu garaa hin laafin yookaan utuu hin mararfatin ajjeesaa. \v 6 Jaarsota, dargaggeeyyii, shamarran, dubartootaa fi ijoollee ajjeesaa; nama mallattoo qabu kam iyyuu garuu hin tuqinaa. Iddoo qulqullummaa koo irraa jalqabaa.” Kanaafuu isaan jaarsota fuula mana qulqullummaa dura jiran irraa jalqaban. \p \v 7 Innis, “Mana qulqullummaa xureessaa; waltajjichas reeffaan guutaa. Itti baʼaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad baʼanii magaalattii guutuu keessatti ajjeesuu jalqaban. \v 8 Utuu isaan ajjeesaa jiranii, ani kophaa koo hafee addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa! Ati dheekkamsa kee Yerusaalem irratti roobsuudhaan hambaawwan Israaʼel hunda balleessuuf jirtaa?” jedheen iyye. \p \v 9 Innis akkana jedhee naaf deebise; “Cubbuun mana Israaʼelii fi Yihuudaa akka malee guddaa dha; biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalaan immoo jalʼinaan guutamteerti. Isaan, ‘\nd Waaqayyo\nd* biyyattii gateera; \nd Waaqayyo\nd* hin argu’ jedhu. \v 10 Kanaafuu ani ija gara laafinaatiin isaan hin ilaalu yookaan hin hiluufis; garuu ani waanuma isaan hojjetan mataa isaaniitti nan fida.” \p \v 11 Ergasii namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee korojoo katabbii mudhii isaatti hidhate sun deebiʼee dhufee, “Ani akkuma ati na ajajje sana godheera” jedhe. \c 10 \s1 Ulfinni Waaqaa Mana Qulqullummaa Dhiisee Deeme \p \v 1 Anis milʼadhee bantii samii gubbaatti mataa kiirubeeliitiin olitti fakkaattii teessoo sanpeer tokko nan arge. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaan akkana jedhe; “Geengoowwan kiirubeelii jalaan jiran gidduu seeni. Barbadaa cilee bobaʼuu kan kiirubeelii gidduu jiru sana irraa harka kee guuttadhuutii magaalattii keessa faffacaasi.” Innis utuma ani ilaaluu ol seene. \p \v 3 Yeroo namichi ol seenetti kiirubeeliin karaa kibba mana qulqullummaatiin dhaabatanii turan; duumessi oobdii gara keessaa guutee ture. \v 4 Ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Duumessis mana qulqullummaa guute; waltajjichis ifa ulfina \nd Waaqayyootiin\nd* guutame. \v 5 Sagaleen qoochoowwan kiirubeelii hamma oobdii gara alaatti akkuma sagalee yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu dubbatu dhagaʼamu sanaa fagootti dhagaʼama ture. \p \v 6 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatu sanaan, “Geengoowwan gidduudhaa, kiirubeelii gidduudhaas ibidda fudhi” jedhee ajajetti namichi ol seenee geengoo bira dhaabate. \v 7 Ergasii kiirubeelii keessaa inni tokko harka isaa gara ibidda isaan gidduu jiruutti hiixate. Innis ibidda sana irraa xinnoo fuudhee harka namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaa keessa kaaʼe; namichis ibidda sana fudhatee baʼe. \v 8 Qoochoowwan kiirubeelii jalaanis wanni harka namaa fakkaatu tokko ni mulʼata ture. \p \v 9 Anis milʼadhee geengoowwan afur kiirubeelii biratti nan arge; geengoowwan sunis tokkoo tokkoo kiirubeelii bira turan; geengoowwan sunis akka biiralee calaqqisu turan. \v 10 Bifti afranuu wal fakkaata ture; tokkoon tokkoon geengoo sanaa geengoo kaanitti waan dirame fakkaata ture. \v 11 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kiirubeeliin itti gara galan kamiin iyyuu deeman; geengoowwanis yeroo kiirubeeliin deemanitti asii fi achi hin sochoʼan ture. Kiirubeeliin qixa mataan isaanii itti gara gale kamiin iyyuu utuu of irra hin milʼatin deeman. \v 12 Dhagni isaanii guutuun, dugda isaanii, harka isaaniitii fi qoochoo isaanii dabalatee akkuma geengoowwan isaanii afran sanaatti akkuma jiraniin ijaan guutamanii turan. \v 13 Geengoowwan sunis utuma ani dhagaʼuu, “Geengoowwan konkolaatan” jedhamanii waamaman. \v 14 Tokkoon tokkoon kiirubeelii fuula afur afur qabu ture: fuulli tokkoffaan fuula kiirubeelii, fuulli lammaffaan fuula namaa, fuulli sadaffaan fuula leencaa, fuulli afuraffaan immoo fuula risaa ture. \p \v 15 Ergasiis kiirubeeliin ol baʼan; isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha. \v 16 Yeroo kiirubeeliin deemanitti geengoowwan isaan cina jiranis ni deeman; yeroo kiirubeeliin lafa irraa ol kaʼuuf qoochoowwan isaanii diriirfatanitti geengoowwanis isaan biraa hin hafan ture. \v 17 Yeroo kiirubeeliin dhaabatanitti isaanis ni dhaabatu turan; yeroo kiirubeeliin ol kaʼanittis isaanuma wajjin ol kaʼu turan; hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa isaan keessa tureetii. \p \v 18 Ergasiis ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* gulantaa mana qulqullummaa irraa kaʼee kiirubeelii gubbaadhaan dhaabate. \v 19 Kiirubeeliin utuma ani arguu qoochoowwan isaanii diriirffatanii lafaa ol kaʼan; yeroo isaan deemanittis geengoowwan isaan wajjin deeman. Isaan karra balbala mana \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa baʼaa irra dhaabatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaadhaan ture. \p \v 20 Isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti argee turee dha; anis akka isaan kiirubeelii taʼan nan hubadhe. \v 21 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur, qoochoowwan isaanii jalaan immoo waan harka namaa fakkaatu qabu ture. \v 22 Bifti fuula isaaniis akkuma bifa uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti arge sanaa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman. \c 11 \s1 Murtii Yerusaalemin Eeggatu \p \v 1 Hafuurri ol na fuudhee gara balbala mana \nd Waaqayyoo\nd* kan gara baʼaa ilaaluutti na fide. Achis karra balbala sanaa dura namoota digdamii shantu ture; anis isaan gidduutti hooggantoota sabaa Yaazaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, isaan kunneen namoota magaalaa kana keessatti hammina malanii fi gorsa hamaa gorsanii dha. \v 3 Isaanis, ‘Yeroon itti manneen ijaaraman gaʼeera mitii? Magaalattiin kun okkotee waa itti affeelanii dha; nu immoo ishee keessatti foon’ jedhan. \v 4 Kanaafuu isaanitti raajii dubbadhu; yaa ilma namaa raajii dubbadhu.” \p \v 5 Ergasii Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* narra buʼee akkana naan jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Yaa mana Israaʼel isin akkas jettu; ani garuu waan isin qalbii keessanitti yaaddan nan beeka. \v 6 Isin magaalaa kana keessatti namoota hedduu ajjeeftanii daandii ishee reeffaan guuttaniirtu. \p \v 7 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Reeffi isin achitti gattan foon; magaalaan kun immoo okkotee dha; ani garuu magaalaa kana keessaa isinan baasa. \v 8 Isin goraadee sodaattu; wanni ani isinitti fidu immoo goraadeedha, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 9 Ani magaalaa keessaa isin baasee alagaatti dabarsee isin kennee isinan adaba. \v 10 Isin goraadeedhaan dhumtu; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti mura. Kanaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 11 Magaalaan kun okkotee isinii hin taatu yookaan isin achi keessatti foon hin taatan; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti nan mura. \v 12 Isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu; sirna saboota naannoo keessan jiraatanii duukaa buutan malee seera koo hin eegne yookaan naamusa koo hin eegneetii.” \p \v 13 Utuma ani raajii dubbachaa jiruu Phelaatiyaan ilmi Benaayaa duʼe. Kana irratti ani addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa! Ati hambaa Israaʼel guutumaan guutuutti balleessitaa?” jedheen sagalee guddaadhaan iyye. \s1 Abdii Deebiʼuu Israaʼel \p \v 14 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 15 “Yaa ilma namaa, obboloota kee jechuunis obboloota kee kanneen firoota kee dhiigaatii fi manni Israaʼel guutuun kanneen namoonni Yerusaalem, ‘Isaan \nd Waaqayyo\nd* irraa fagaataniiru; biyyi kunis akka handhuuraatti nuuf kennamteerti’ jedhaniinii dha. \p \v 16 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani saboota gidduutti fageessee isaan ergee biyyoota keessa isaan faffacaasu iyyuu, amma illee yeroo xinnoof biyyoota isaan dhaqan keessatti isaaniif iddoo qulqullummaa taʼeera.’ \p \v 17 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani saboota keessaa walitti isin qabee biyyoota itti bittinnooftan keessaa deebisee isin nan fida; biyya Israaʼelis deebisee isiniif nan kenna.’ \p \v 18 “Isaan biyyattiitti deebiʼanii wantoota ishee jibbisiisoo hundaa fi wantoota ishee balfamoo hunda ishee keessaa ni balleessu. \v 19 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf. \v 20 Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa. \v 21 Warra qalbiin isaanii fakkiiwwan isaanii kanneen faayidaa hin qabnee fi waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo sanaan fudhatame garuu ani waan isaan hojjetan matuma isaaniitti nan deebisa jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \p \v 22 Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Waaqa Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture. \v 23 Ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* magaalaa keessaa ol baʼee tulluu baʼa magaalattiitiin jiru gubbaadhaan dhaabate. \v 24 Hafuurri ol na fuudhee mulʼata Hafuura Waaqaatiin gara boojiʼamtoota biyya Baabilon jiraniitti na fide. \p Ergasiis mulʼanni ani argee ture sun na dhiisee ol baʼe; \v 25 anis waan \nd Waaqayyo\nd* na argisiise hunda boojiʼamtootatti nan hime. \c 12 \s1 Fakkeennoo Boojiʼamuu \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, ati uummata fincilaa gidduu jiraatta. Isaan arguudhaaf ija qabu; garuu hin argan; dhagaʼuudhaafis gurra qabu; garuu hin dhagaʼan; isaan uummata fincilaadhaatii. \p \v 3 “Kanaafuu yaa ilma namaa, utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan waan qabdu qopheeffadhuutii boojiʼamuuf iddoo jirtuu baʼiitii iddoo biraa deemi. Isaan mana fincilaa taʼani iyyuu tarii ni hubatu taʼa. \v 4 Miʼa kee kan boojiʼamuuf qopheeffatte sana utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan baafadhu. Utuma isaan arganuus galgalaan akkuma warra boojiʼamuuf deemaniitti baʼii deemi. \v 5 Utuma isaan arganuus dallaa uriitii miʼa kee achi keessaan baafadhu. \v 6 Utuma isaan arganuus dimimmisa galgalaa keessa miʼa sana ol fuudhii gatiittii keetti baadhuu baʼi. Ati akka biyyattii hin argineef fuula kee haguuggadhu; ani mana Israaʼeliif mallattoo si godheeraatii.” \p \v 7 Anis akkuman ajajame nan godhe. Miʼa koos boojuuf qopheeffadhee guyyaa adiidhaan baafadhe. Galgalaanis dallaa sana harkuma kootiin nan ure. Utuma isaan arganuus miʼa koo gatiittii irratti baadhadhee dimimmisaan nan baʼe. \p \v 8 Guyyaa itti aanu ganamas dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 9 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel fincilaan sun, ‘Ati maal gochaa jirta?’ jedhee si hin gaafannee? \p \v 10 “Akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Raajiin kun waaʼee ilma mootii isa Yerusaalem keessa jiraatuu fi guutummaa mana Israaʼel kan achi jiraatuu ti.’ \v 11 Atis, ‘Ani mallattoo keessan’ isaaniin jedhi. \p “Wanni ani hojjedhe sun isaan irra ni gaʼa. Isaan boojiʼamanii ni fudhatamu. \p \v 12 “Ilmi mootii inni gidduu isaanii jiraatu miʼa isaa gatiittii isaatti baadhatee dimimmisaan ni deema; akka inni keessaan baʼuuf dallaan ni uramaaf. Akka biyyattii hin argineefis fuula isaa ni haguuggata. \v 13 Ani kiyyoo koo nan diriirsaaf; innis kiyyoo kootiin ni qabama; ani gara Baabilon, biyya Kaldootaatti isa nan geessa; inni garuu biyyattii hin argu; achittis ni duʼa. \v 14 Ani warra isa wajjin jiran hunda gargaartota isaatii fi loltoota isaa hunda bubbeetti nan bittinneessa; goraadee luqqifameenis isaan nan ariʼa. \p \v 15 “Isaan yommuu ani saboota gidduutti isaan bittinneessee biyyoota keessa isaan faffacaasutti, akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \v 16 Ani garuu akka isaan saboota itti geeffaman sana keessatti gochawwan isaanii jibbisiisoo hunda himataniif isaan keessaa namoota muraasa goraadee irraa, beelaa fi dhaʼicha irraa nan hambisa. Isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \p \v 17 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 18 “Yaa ilma namaa, raafamuudhaan nyaata kee nyaadhu; sodaadhaan hollachaa bishaan kee dhugi. \v 19 Saboota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan waaʼee warra Yerusaalem keessaa fi biyya Israaʼel keessa jiraatanii akkana jedha: Sababii jeequmsa namoota achi jiraatan hundaatiif biyyattiin waan ontuuf isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu; bishaan isaanii immoo sodaadhaan dhugu. \v 20 Magaalaawwan namoonni keessa jiraatan ni barbadaaʼu; biyyattiin immoo ni onti. Sana booddee isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu.’ ” \p \v 21 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 22 “Yaa ilma namaa, fakkeenyi isin biyya Israaʼel keessatti, ‘Barri dheerateera; mulʼannis faayidaa dhabeera’ jettan kun maali? \v 23 Akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani fakkeenya kana nan balleessa; isaan siʼachi Israaʼel keessatti itti hin fayyadaman.’ Atis, ‘Barri itti mulʼanni hundi fiixaan baʼu dhiʼaateera, isaaniin jedhi. \v 24 Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii. \v 25 Ani \nd Waaqayyo\nd* garuu waanan fedhe nan dubbadha; dubbiin sunis utuu hin turin ni raawwatama. Isin yaa mana fincilaa nana, ani waanan dubbadhu hunda bara keessan keessa nan raawwadha, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \p \v 26 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 27 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waan bara dheeraa booddee raawwatamuu dha; wanni inni raajus waan bara fagootti guutamuu dha.’ \p \v 28 “Kanaafuu ati akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Siʼachi dubbiin koo tokko iyyuu lafa irra hin harkifatu; wanni ani jedhu kam iyyuu ni raawwatama, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \c 13 \s1 Raajonni Sobaa Balaaleffataman \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa! \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Raajota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo! \v 4 Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti. \v 5 Isin akka dallaan sun guyyaa waraana \nd Waaqayyootti\nd* jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane. \v 6 Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu \nd Waaqayyo\nd* isaan hin ergin, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha” jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu. \v 7 Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha” jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii? \p \v 8 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 9 Harki koo raajota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa taʼe ni beektu. \p \v 10 “ ‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, “Nagaa dha” jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif, \v 11 ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa. \v 12 Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, “Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira” jedhanii isin hin gaafatanii? \p \v 13 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba. \v 14 Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼes ni beektu. \v 15 Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; “Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu; \v 16 raajonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” ’ \p \v 17 “Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji; \v 18 akkanas jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu? \v 19 Isin garbuu konyee tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii uummata koo gidduutti na xureessitaniirtu. Uummata koo isa soba keessan dhagaʼuttis sobuudhaan warra duʼuu hin qabne ajjeeftanii warra jiraachuu hin qabne immoo baraartaniirtu. \p \v 20 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa. \v 21 Ani haguuggii keessan tarsaasee saba koo harka keessan keessaa nan baasa; isaan siʼachi harka keessan jalatti hin bulan. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 22 Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif, \v 23 isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu.’ ” \c 14 \s1 Warri Waaqa Tolfamaa waaqeffatan Balaaleffatamuu Isaanii \p \v 1 Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan. \v 2 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 3 “Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa? \v 4 Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani \nd Waaqayyo\nd* akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf. \v 5 Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’ \p \v 6 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa! \p \v 7 “ ‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani \nd Waaqayyo\nd* mataan koo deebii nan kennaaf. \v 8 Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \p \v 9 “ ‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani \nd Waaqayyo\nd* raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa. \v 10 Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa. \v 11 Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \s1 Murtii Namni Jalaa Hin baane \p \v 12 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 13 “Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa; \v 14 yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 15 “Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one, \v 16 ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti. \p \v 17 “Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe, \v 18 ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama. \p \v 19 “Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse, \v 20 ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu. \p \v 21 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree! \v 22 Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu. \v 23 Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 15 \s1 Yerusaalem Wayinii Faayidaa Hin qabne \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala? \v 3 Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu? \v 4 Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa? \v 5 Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree? \p \v 6 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha. \v 7 Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 8 Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 16 \s1 Yerusaalem Niitii Ejjituu \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, hojii ishee jibbisiisaa sana Yerusaalemitti himi; \v 3 akkanas jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan Yerusaalemiin akkana jedha: Sanyii fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa ti; abbaan kee nama Amoor; haati kee immoo nama Heet. \v 4 Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne yookaan akka qulqullooftuuf bishaaniin hin dhiqamne yookaan soogiddaan hin sukkuumamne yookaan huccuudhaan hin maramne. \v 5 Namni tokko iyyuu ija gara laafinaatiin si hin ilaalle yookaan wantoota kanneen siif gochuuf garaa siif hin laafne. Qooda kanaa ati dirreetti gatamte; ati gaafa dhalatte tuffatamtee turteetii. \p \v 6 “ ‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe. \v 7 Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate. \p \v 8 “ ‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; atis kan koo taate. \p \v 9 “ ‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe. \v 10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse. \v 11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera; \v 12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera. \v 13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate. \v 14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 15 “ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef. \v 16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu. \v 17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte. \v 18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite. \v 19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 20 “ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? \v 21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. \v 22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne. \p \v 23 “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo, \v 24 ofii keetiif waltajjii qopheeffatte; oobdiiwwan uummataa hundatti galma waaqeffannaa ol dheeraa hojjette. \v 25 Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite. \v 26 Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte. \v 27 Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera. \v 28 Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane. \v 29 Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane. \p \v 30 “ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 31 Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre. \p \v 32 “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta! \v 33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf. \v 34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti. \p \v 35 “ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi! \v 36 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef, \v 37 ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu. \v 38 Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa. \v 39 Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu. \v 40 Isaan jeeqxota sitti kakaasu; jarris dhagaadhaan si tuman; goraadeedhaanis si kukkutu. \v 41 Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu. \v 42 Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru. \p \v 43 “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii? \p \v 44 “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka. \v 45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan. \v 46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti. \v 47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde. \v 48 Ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; obboleettiin kee Sodoomii fi intallan ishee iyyuu takkumaa waan atii fi intallan kee hojjettan kana hin hojjenne. \p \v 49 “ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre. \v 50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse. \v 51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite. \v 52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii. \p \v 53 “ ‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa; \v 54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf. \v 55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu. \v 56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne; \v 57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta. \v 58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 59 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii ati kakuu cabsuudhaan walii galtee koo tuffatteef, ani akkuma siif malutti sin adaba. \v 60 Taʼus ani kakuun yeroo ijoollummaa keetiitti si wajjin gale sana nan yaadadha; kakuu bara baraan hin diigamnes si wajjin nan gala. \v 61 Ati gaafas yeroo obboleettota kee hangafaa fi quxisuu simattutti, karaa kee yaadattee ni qaanofta. Ani intallan taasisee isaan siifan kenna; garuu kun akka kakuu ani si wajjin gale sanaa miti. \v 62 Ani si wajjin kakuu nan gala; atis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beekta. \v 63 Yeroo ani waan ati hojjette hunda siif dhiisutti, ati sababii salphina keetiitiif yaadattee ni qaanofta; lammatas afaan hin saaqattu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \c 17 \s1 Risaa Lamaa fi Muka Wayinii Tokko \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, hibboo dubbadhuutii mana Israaʼelitti fakkeenya himi. \v 3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Risaan guddaan qoochoo jabaa, baallee dhedheeraa fi bifa adda addaa qabu tokko gara Libaanoon dhufe. Innis mataa muka birbirsaa fudhatee \v 4 lataa fiixee isaa irraa cabsee biyya daldaltootaatti geesse; magaalaa daldaltootaa keessas dhaabe. \p \v 5 “ ‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe; \v 6 innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate. \p \v 7 “ ‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate. \v 8 Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’ \p \v 9 “Akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu. \v 10 Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’ ” \p \v 11 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 12 “Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe. \v 13 Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme; \v 14 kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf. \v 15 Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa? \p \v 16 “ ‘Ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa. \v 17 Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu. \v 18 Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu. \p \v 19 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa. \v 20 Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura. \v 21 Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadhe ni beektu. \p \v 22 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba. \v 23 Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu. \v 24 Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani \nd Waaqayyo\nd* muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha. \p “ ‘Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera; waan kana nan raawwadha.’ ” \c 18 \s1 Lubbuun Cubbuu Hojjettu Ni duuti \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Isin yeroo, \q1 “ ‘Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan, \q2 ilkaan ijoollee hadoode’ \m jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan? \p \v 3 “Ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan. \v 4 Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. \q1 \v 5 “Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi \q2 waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu. \q1 \v 6 Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu \q2 yookaan waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu. \q1 Inni niitii ollaa isaa hin xureessu \q2 yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu. \q1 \v 7 Inni nama tokko illee hin cunqursu; \q2 garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa. \q1 Inni nama hin saamu; \q2 garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna; \q2 uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa. \q1 \v 8 Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu \q2 yookaan dhala nama irraa hin fudhatu. \q1 Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata; \q2 nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna. \q1 \v 9 Inni qajeelfama koo duukaa buʼee \q2 seera koos amanamummaadhaan eega. \q1 Namni akkasii qajeelaa dha; \q2 inni dhugumaan ni jiraata, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 10 “Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu; \v 11 abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu, \q1 “Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata. \q1 Niitii ollaa isaa xureessa. \q1 \v 12 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa. \q1 Nama saama. \q1 Waan qabsiisaan qabate hin deebisu. \q1 Gara waaqota tolfamoo ilaala. \q1 Wantoota jibbisiisoo hojjeta. \q1 \v 13 Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata. \m Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa. \p \v 14 “Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu: \q1 \v 15 “Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu \q2 yookaan gara waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu. \q1 Niitii ollaa isaas hin xureessu. \q1 \v 16 Nama tokko illee hin cunqursu \q2 yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu. \q1 Inni nama hin saamu; \q2 garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna; \q2 nama daares daara baasa. \q1 \v 17 Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata; \q2 hiiqii yookaan dhala hin fudhatu. \q1 Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa. \m Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata. \v 18 Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa. \p \v 19 “Isin garuu, ‘Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?’ jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. \v 20 Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa. \p \v 21 “Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. \v 22 Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata. \v 23 Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu? \p \v 24 “Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa. \p \v 25 “Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii? \v 26 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa. \v 27 Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata. \v 28 Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus. \v 29 Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii? \p \v 30 “Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. \v 31 Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? \v 32 Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa! \c 19 \s1 Faaruu Booʼichaa \p \v 1 “Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi; \v 2 akkanas jedhi: \q1 “ ‘Haati kee leencota gidduutti, \q2 leenca akkamii turte! \q1 Isheen leencota gidduu ciiftee \q2 ilmoolee ishee guddifatte. \q1 \v 3 Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte; \q2 innis leenca jabaa taʼe. \q1 Inni waa adamsee ciccirachuu barate; \q2 namootas nyaate. \q1 \v 4 Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan; \q2 inni boolla isaanii keessatti qabame. \q1 Isaan hokkoodhaan harkisanii \q2 gara biyya Gibxitti isa geessan. \b \q1 \v 5 “ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin, \q2 akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti, \q1 ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee \q2 leenca jabaa gootee guddifte. \q1 \v 6 Inni leencota gidduu biddiiqe; \q2 leenca jabaa taʼeeraatii. \q1 Inni waa adamsee ciccirachuu barate; \q2 namootas nyaate. \q1 \v 7 Inni daʼannoo isaanii diige; \q2 magaalaawwan isaaniis onse. \q1 Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi \q2 aaduu isaatiin raafaman. \q1 \v 8 Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo \q2 sanaa jiran isatti kaʼan. \q1 Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan; \q2 innis boolla isaanii keessatti qabame. \q1 \v 9 Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan; \q2 gara mootii Baabilonitti isa fidan. \q1 Mana hidhaatti isa galchan; \q2 kanaafuu aaduun isaa \q2 tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne. \b \q1 \v 10 “ ‘Haati kee akkuma wayinii \q2 lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti; \q1 biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef \q2 mistee damee hedduu baaffatte. \q1 \v 11 Dameewwan isaas jajjaboo \q2 bokkuu bulchaatiif taʼan turan. \q1 Isheen baalawwan gobbatan gidduutti \q2 ol dheerina isheetii fi \q1 baayʼina dameewwan isheetiin \q2 ol dheerattee mulʼatti turte. \q1 \v 12 Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee \q2 lafatti gatamte. \q1 Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee \q2 ija ishee irraa harcaase; \q1 dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan; \q2 ibiddis isaan fixe. \q1 \v 13 Amma isheen gammoojjii keessa, \q2 lafa gogaa dheebote irra dhaabamte. \q1 \v 14 Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee \q2 ija ishee fixe. \q1 Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu \q2 tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’ \m Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.” \c 20 \s1 Israaʼel Finciltuu \p \v 1 Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan \nd Waaqayyo\nd* jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan. \p \v 2 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 3 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ \p \v 4 “Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi; \v 5 akkanas isaaniin jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan” isaaniin jedheera. \v 6 Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe. \v 7 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan.” \p \v 8 “ ‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture. \v 9 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe. \v 10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide. \v 11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise. \v 12 Akkasumas akka isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne. \p \v 13 “ ‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture. \v 14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe. \v 15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe; \v 16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii. \v 17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne. \v 18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa. \v 19 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa. \v 20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan taʼe ni beektu.” \p \v 21 “ ‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture. \v 22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe. \v 23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe; \v 24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe. \v 25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne; \v 26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe beekaniifan godhe.’ \p \v 27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan; \v 28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan. \v 29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama. \s1 Murtii fi Araara \p \v 30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii? \v 31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu. \p \v 32 “ ‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu. \v 33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha. \v 34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba. \v 35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura. \v 36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha. \v 38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \p \v 39 “ ‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan. \v 40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada. \v 41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa. \v 42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu. \v 44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \s1 Raajii Negeebiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 45 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu. \v 47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi. \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama. \v 48 Namni hundinuus akka ani \nd Waaqayyo\nd* ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’ ” \p \v 49 Anis, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe. \c 21 \s1 Baabilon Goraadee Murtii Waaqaa ti \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu; \v 3 akkanas isheen jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa. \v 4 Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama. \v 5 Akka ani \nd Waaqayyo\nd* goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’ \p \v 6 “Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi. \v 7 Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \p \v 8 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: \q1 “ ‘Goraadee! Goraadee! \q2 Goraadee qaramee cululuqfame, \q1 \v 10 kan ajjeesuuf qarame, \q2 akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! \p “ ‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata. \q1 \v 11 “ ‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf \q2 cululuqfamuuf ramadameera; \q1 harka warra nama qaluutti kennamuuf \q2 qaramee cululuqfameera. \q1 \v 12 Yaa ilma namaa, kun saba kootti, \q2 ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, \q2 iyyii wawwaadhu. \q1 Isaan saba koo wajjin \q2 goraadeedhaaf kennamaniiru. \q1 Kanaafuu ati laphee kee rukuti. \p \v 13 “ ‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ \q1 \v 14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; \q2 harka kees walitti rurrukuti. \q1 Goraadeen yeroo lama, \q2 yeroo sadiis haa dhaʼu. \q1 Goraadeen kun goraadee nama fixu, \q2 goraadee akka malee nama fixu, \q2 kan qixa hundaan isaan marsuu dha. \q1 \v 15 Kunis akka onneen baqxee \q2 hedduun isaanii barbadeeffamaniif \q1 ani balbala isaanii hunda dura \q2 ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. \q1 Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; \q2 inni nama ajjeesuuf cululuqfame. \q1 \v 16 Yaa goraadee, \q2 kallattii qara keetii hundaan \q2 karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti. \q1 \v 17 Anis harka koo walitti nan rurrukuta; \q2 dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. \q1 Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheeraa.” \p \v 18 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 19 “Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi. \v 20 Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu. \v 21 Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata. \v 22 Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe. \v 23 Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata. \p \v 24 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu. \p \v 25 “ ‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe, \v 26 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama. \v 27 Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’ \p \v 28 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: \q1 “ ‘Goraadee, goraadee, \q2 kan ajjeesuuf luqqifame, \q1 akka fixuu fi akka calaqqisuuf \q2 kan haxaaʼame! \q1 \v 29 Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, \q2 raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, \q1 inni morma hamoota ajjeefamuu qaban \q2 kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, \q1 warra yeroon adabbii isaanii \q2 gaʼe irra ni kaaʼama. \q1 \v 30 Goraadee manʼee isaatti deebisi; \q2 iddoo ati itti dhalattetti, \q1 biyya akaakayyuu keetiitti, \q2 ani sitti nan mura. \q1 \v 31 Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; \q2 ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; \q1 ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti \q2 dabarsee sin kenna. \q1 \v 32 Ati qoraan ibiddaa taata; \q2 dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; \q2 siʼachi hin yaadatamtu; \q1 ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheeraatii.’ ” \c 22 \s1 Cubbuu Yerusaalem \p \v 1 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \b \p \v 2 “Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi; \v 3 akkanas jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu, \v 4 ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa. \v 5 Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu. \p \v 6 “ ‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali. \v 7 Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman. \v 8 Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite. \v 9 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru. \v 10 Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru. \v 11 Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa. \v 12 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 13 “ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta. \v 14 Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera; waan kanas nan godha. \v 15 Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa. \v 16 Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beekta.’ ” \p \v 17 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 18 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel udaan sibiilaa natti taʼeera; hundi isaanii naasii, qorqorroo, sibiilaa fi dilaalii boolla ibiddaa keessatti dhiifame natti taʼaniiru. Isaan udaanuma meetiiti malee homaa miti. \v 19 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* gooftaan akkana jedha: ‘Sababii hundi keessan udaan sibiilaa taataniif, ani Yerusaalem keessatti walittan isin qaba. \v 20 Akkuma namoonni meetii, naasii, sibiila, dilaalii fi qorqorroo baqsuuf jedhanii boolla ibiddaatti guuran sana, anis aarii fi dheekkamsa kootiin walitti isin qabee magaalaa keessatti isinan baqsa. \v 21 Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis ishee keessatti ni baqfamtu. \v 22 Akkuma meetiin boolla ibiddaa keessatti baqfamu sana, isinis ishee keessatti ni baqfamtu; akka ani \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa koo isinitti roobses ni beektu.’ ” \p \v 23 Ammas dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 24 “Yaa ilma namaa biyya sanaan, ‘Ati biyya hin qulqulleeffamin yookaan kan bara dheekkamsaa keessa bokkaan itti hin roobinii dha’ jedhi. \v 25 Ilmaan mootota ishee akkuma leenca waan adamsate ciccirachaa aaduu ti; isaan saba nyaatu; qabeenyaa fi miʼoota gatii guddaa saamuudhaan dubartoota hedduu dhirsa malee hambisu. \v 26 Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu. \v 27 Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu. \v 28 Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma \nd Waaqayyo\nd* hin dubbatin, ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha’ jedhu. \v 29 Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu. \p \v 30 “Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne. \v 31 Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 23 \s1 Obboleettota Sagaagaltoota Lamaan \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture. \v 3 Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame. \v 4 Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha. \p \v 5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte; \v 6 isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan. \v 7 Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite. \v 8 Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan. \p \v 9 “Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne. \v 10 Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame. \p \v 11 “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte. \v 12 Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate. \v 13 Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu. \p \v 14 “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame, \v 15 kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture. \v 16 Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte. \v 17 Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte. \v 18 Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale. \v 19 Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte. \v 20 Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate. \v 21 Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte. \p \v 22 “Kanaafuu yaa Oholiibaa, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani michoota kee kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sana sitti kaasee qixa hundaan sitti nan fida. \v 23 Isaan kunneenis Baabilonotaa fi Kaldoota hunda, namoota Pheqood kan Shooʼaatii fi Qoʼaa turan; isaan wajjinis Asoorota hundattu ture; Asooronni kunneenis dargaggeeyyii mimmiidhagoo hundi isaanii bulchitootaa fi ajajjoota waraanaa, ajajjoota gaarii waraanaatii fi namoota sadarkaa ol aanaa kanneen hundi isaanii fardaan deeman turan. \v 24 Isaanis miʼa lolaatii fi gaarii waraanaa, gaariiwwan biraatii fi tuuta uummataa wajjin sitti dhufu; isaanis gaachana guddaa fi xinnaan, gonfoo sibiilaatiin qixa hundaan sitti hiriiru; ani dabarsee isaanitti adabbiif sin kenna; isaan akkuma seera isaaniitti si adabu. \v 25 Ani dheekkamsa koo sitti nan erga; isaanis aariidhaan sirra yaaʼu. Funyaanii fi gurra kee sirraa kutu; warri si keessaa hafan iyyuu goraadeedhaan dhumu. Isaan ilmaan keetii fi intallan kee fudhatanii deemu. Warri si keessaa hafan immoo ibiddaan barbadeeffamu. \v 26 Akkasumas wayyaa kee sirraa baafatanii faaya kee miidhagaa fudhatu. \v 27 Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu. \p \v 28 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna. \v 29 Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee, \v 30 waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii. \v 31 Ati karaa obboleettiin kee deemte irra deemteerta; kanaafuu ani harka kee keessa xoofoo ishee nan kaaʼa. \p \v 32 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “Atis xoofoo guddaa fi gad fagoo, \q2 xoofoo obboleettii keetii ni dhugda; \q1 ati arrabsoo fi tuffii ni quufta; \q2 xoofoon sun dhugaatii baayʼee qabataatii. \q1 \v 33 Ati xoofoo obboleettii keetii kan Samaariyaatiin, \q2 xoofoo diigamuutii fi badiisaatiin, \q2 kan machiitii fi gaddaatiin ni guutamta. \q1 \v 34 Ati ni dhugda; keessaas ni fixxa; \q2 xoofoo sana ni caccabsita; \q2 harma kee of irraa ciccirta. \m Ani waan kana dubbadheera, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \b \p \v 35 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.” \p \v 36 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi; \v 37 isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru. \v 38 Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan. \v 39 Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha. \p \v 40 “Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte. \v 41 Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse. \p \v 42 “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif. \v 43 Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe. \v 44 Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan. \v 45 Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru. \p \v 46 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani jeeqxota itti nan kakaasa; raafamaa fi saamichaaf dabarsee isaan nan kenna. \v 47 Jeeqxonni sunis dhagaan isaan tumanii goraadee isaaniitiin isaan kukkutu; ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixanii manneen isaanii immoo ni gubu. \p \v 48 “Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa. \v 49 Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa taʼe ni beektu.” \c 24 \s1 Okkotee Itti Affeelan \p \v 1 Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii. \v 3 Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi; \q2 ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi. \q1 \v 4 Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda \q2 jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi. \q1 Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti; \q2 \v 5 bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi. \q1 Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi; \q2 akka gaariitti affeeli; \q2 lafee isaas bilcheessi. \b \m \v 6 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: \q1 “ ‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf, \q2 okkotee xuriin itti qabatee \q2 xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo! \q1 Utuu ixaa hin buusin \q2 gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi. \b \q1 \v 7 “ ‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii; \q2 isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte; \q1 isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf \q2 lafatti hin dhangalaafne. \q1 \v 8 Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee \q2 akka dhiigni sun hin haguugamneef \q2 dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase. \b \m \v 9 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo! \q2 Anis qoraan ibiddaa nan tuula. \q1 \v 10 Qoraan irra tuuli; \q2 ibiddas itti qabsiisi. \q1 Urgooftuu itti naqiitii \q2 foon isaa akka gaariitti affeeli; \q2 lafeen isaas haa gubamu. \q1 \v 11 Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee \q2 wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf, \q1 hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti, \q2 okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi. \q1 \v 12 Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe; \q2 ligidaaʼuun isaas \q2 ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne. \p \v 13 “ ‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu. \b \p \v 14 “ ‘Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \s1 Niitiin Hisqiʼeel Duʼuu Ishee \p \v 15 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 16 “Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin. \v 17 Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.” \p \v 18 Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe. \p \v 19 Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan. \p \v 20 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 21 Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu. \v 22 Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu. \v 23 Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan. \v 24 Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa taʼe ni beektu.’ \p \v 25 “Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti, \v 26 gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima. \v 27 Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \c 25 \s1 Raajii Amooniin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji. \v 3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa dhagaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii; \v 4 kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu. \v 5 Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii; \v 7 kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu.’ ” \s1 Raajii Moʼaabiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 8 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii; \v 9 kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa. \v 10 Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna; \v 11 anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ ” \s1 Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 12 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef, \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu. \v 14 Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \s1 Raajii Filisxeemiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 15 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif, \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa. \v 17 Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ ” \c 26 \s1 Raajii Xiiroosiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sana keessaa guyyaa jalqabaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, Xiiroos waaʼee Yerusaalem, ‘Baga! Karri sabootaa cabeera; balbalawwan ishees naaf banamaniiru; egaa amma waan isheen onteef ani nan sooroma’ jetteertii; \v 3 kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa Xiiroos, kunoo ani sitti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii isaa kaasu sana anis saboota baayʼee sitti nan kaasa. \v 4 Isaan dallaa Xiiroos ni diigu; gamoo ishees ni jigsu; ani biyyoo ishee irraa haxaaʼee kattaa qullaa hafe ishee nan godha. \v 5 Isheen galaana keessatti iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan ni taati; ani dubbadheeraatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Isheen sabootaaf boojuu taati; \v 6 intallan ishee kanneen walakkaa biyyaa jiranis goraadeedhaan ajjeefamu. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \p \v 7 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: Ani karaa kaabaatii Nebukadnezar mooticha Baabilon, mootii moototaa sana fardeenii fi gaariiwwan wajjin, abbootii fardaatii fi raayyaa waraanaa guddaa isaa wajjin Xiiroositti nan fida. \v 8 Innis intallan kee kanneen biyya walakkaa jiran goraadeedhaan fixa; dallaa ittiin si marsu ijaarrata; hamma dallaa keetiitti biyyoo ol tuula; gaachana isaas sitti ol kaafata. \v 9 Innis jirma ittiin waa diigan dallaa keetti garagalfata; gamoowwan kees miʼa lolaatiin diiga. \v 10 Fardeen isaas hamma awwaaraan si haguuguu dandaʼanitti gar malee baayʼee taʼu. Yeroo inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishee diigame seenaniitti karrawwan keetiin ol seenutti dallaan kee didichuu fardeen waraanaatiin, kan gaariiwwan waraanaatii fi kan gaariiwwan kaaniitiin ni raafama. \v 11 Kotteewwan fardeen isaa daandiiwwan kee hunda ni dhidhiitu; innis namoota kee goraadeedhaan ajjeesa; utubaawwan kee jajjaboonis ni jigu. \v 12 Isaan qabeenya kee boojiʼu; miʼa kee kan daldalaa ni saamu; dallaa kee ni jigsu; manneen kee mimmiidhagoo ni diigu; dhagaa kee, jirmaa fi biyyoo kee galaanatti naqu. \v 13 Ani sirba kee nan hambisa; sagaleen baganaa keetii siʼachi hin dhagaʼamu. \v 14 Ani kattaa qullaa hafe si taasisa; atis iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan taata. Ati gonkumaa deebifamtee hin ijaaramtu; ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheeraatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 15 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan Xiiroosiin akkana jedha: Yeroo warri madaaʼan aadanii fi yeroo namni si keessatti qalamutti biyyoonni qarqara galaanaa sagalee jiguu keetiitiin hin hollatanii? \v 16 Ilmaan moototaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi teessoo isaanii irraa ni buʼu; uffata isaanii lafa kaaʼu; wayyaa isaanii kan faayeffames of irraa baasu. Isaan sodaadhaan guutamanii daaraa irra taaʼanii utuu addaan hin kutin waan sirra gaʼe sanaan naasuudhaan hollatu. \v 17 Isaanis waaʼee keetiif akkana jedhanii faarsanii siif booʼu: \q1 “ ‘Yaa magaalaa beekamtuu, \q2 kan namoota galaanaatiin guutamte ati akkamitti barbadoofte! \q1 Ati lammiiwwan kee wajjin \q2 galaana irratti irree jabeettii turte; \q1 warra achi jiraatan hundas \q2 sodaa keetiin guutte. \q1 \v 18 Gaafa ati jigdutti, \q2 biyyoonni qarqara galaanaa ni hollatu; \q1 jigaatii keetiinis biyyoonni bishaan gidduu \q2 kanneen galaanaan marfaman akka malee sodaatan.’ \p \v 19 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yommuu ani akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee magaalaa onte si taasisutti, yommuu ani tujuba sirra garagalchee bishaan guddaadhaan si haguugutti, \v 20 ani gara namoota duriitti, warra boolla buʼan wajjin boolla sin buusa. Ani akkuma diigama duriitti, warra boolla buʼan wajjin akka ati lafa jala jiraattu sin godha; atis lammata hin deebitu yookaan biyya warra lubbuun jiranii keessatti iddoo hin argattu. \v 21 Anis dhuma kee suukaneessaa nan godha; atis siʼachi hin jiraattu. Ati ni barbaadamta; garuu siʼachi hin argamtu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 27 \s1 Faaruu Booʼichaa Xiiroosiif Godhame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi. \v 3 Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Yaa Xiiroos, \q2 ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta. \q1 \v 4 Daangaan kee garaa galaanaa keessa; \q2 warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru. \q1 \v 5 Isaan laaxaa doonii keetii \q2 birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; \q1 utubaa doonii siif tolchuufis \q2 Libaanoonii birbirsa fidan. \q1 \v 6 Qilxuu Baashaanii dhufeen \q2 batoo kee hojjetan; \q1 muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen \q2 lafa doonii keessaa ilka arbaatiin // miidhagsanii siif hojjetan. \q1 \v 7 Sharaan doonii keetii quncee talbaa \q2 kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; \q2 innis akka faajjiitti si fayyade; \q1 haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee \q2 kan qarqara Eliishaatii dhufe ture. \q1 \v 8 Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; \q2 yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan. \q1 \v 9 Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, \q2 qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. \q1 Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, \q2 si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan. \b \q1 \v 10 “ ‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, \q2 loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. \q1 Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi \q2 gonfoo isaanii si keessatti fannisan. \q1 \v 11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii \q2 dallaa kee qixa hundaan eegan; \q1 namoonni Gamaadii \q2 gamoowwan kee keessa turan. \q1 Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; \q2 isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan. \p \v 12 “ ‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan. \p \v 13 “ ‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan. \p \v 14 “ ‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture. \p \v 15 “ ‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan. \p \v 16 “ ‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan. \p \v 17 “ ‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan. \p \v 18 “ ‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti. \v 19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture. \p \v 20 “ ‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte. \p \v 21 “ ‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan. \p \v 22 “ ‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru. \p \v 23 “ ‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan. \v 24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan. \q1 \v 25 “ ‘Dooniiwwan Tarshiish, \q2 miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. \q1 Ati walakkaa galaanaatti \q2 feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta. \q1 \v 26 Mooqxonni kee, \q2 gara galaana guddaatti si geessan. \q1 Bubbeen baʼa biiftuu garuu \q2 galaana walakkaatti si caccabsa. \q1 \v 27 Gaafa dooniin kee caccabutti \q2 qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, \q1 namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, \q2 ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, \q2 daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi \q1 namni doonii irra jiru biraa hundi \q2 garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu. \q1 \v 28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti \q2 biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu. \q1 \v 29 Warri batoo qabatan hundi, \q2 warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, \q1 doonii isaanii irraa buʼanii \q2 qarqara galaanaa dhaabatu. \q1 \v 30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii \q2 hiqqifatanii siif booʼu; \q1 mataa isaaniittis awwaara firfirsanii \q2 daaraa keessa gangalatu. \q1 \v 31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii \q2 wayyaa gaddaa uffatu. \q1 Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii \q2 gadda guddaadhaan ni booʼu. \q1 \v 32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, \q2 “Kan akka Xiiroos \q1 galaanaan liqimfamee bade eenyu?” \q2 jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu. \q1 \v 33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, \q2 ati saboota hedduu quufsite; \q1 qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin \q2 mootota lafaa sooromsite. \q1 \v 34 Amma immoo ati galaana keessatti, \q2 tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; \q1 miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi \q2 suma wajjin liqimfamaniiru. \q1 \v 35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi \q2 waaʼee keetiin rifataniiru; \q1 mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii \q2 fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera. \q1 \v 36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; \q2 dhumni kee suukaneessaa taʼeera; \q2 ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ” \c 28 \s1 Raajii Mootii Xiiroosiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, \q2 “Ani waaqa; \q1 ani handhuura galaanaa keessa, \q2 teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. \q1 Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, \q2 ati nama malee waaqa miti. \q1 \v 3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? \q2 Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu? \q1 \v 4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin \q2 qabeenya argatteerta; \q1 warqee fi meetii \q2 mankuusaa kee keessatti kuufatteerta. \q1 \v 5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun \q2 qabeenya kee baayʼifatteerta; \q1 sababii qabeenya keetiitiif immoo \q2 garaan kee of tuulummaadhaan guutameera. \p \v 6 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Sababii ati qaroo akka waaqaa \q2 of seetuuf, \q1 \v 7 ani namoota biyya ormaa \q2 saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; \q1 isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii \q2 ulfina kee guddaa sana balleessu. \q1 \v 8 Isaan boolla keessa si buusu; \q2 atis garaa galaanaa keessatti \q2 duʼa hamaa duuta. \q1 \v 9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, \q2 “Ani waaqa” ni jettaa? \q1 Ati harka warra si gorraʼanii keessatti \q2 namuma malee waaqa miti. \q1 \v 10 Ati harka namoota biyya ormaatti \q2 duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. \m Ani dubbadheera, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \b \p \v 11 Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Ati fakkeenya guutummaa ti; \q2 ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu. \q1 \v 13 Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, \q2 Eeden keessa turte; \q1 dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: \q2 lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, \q2 kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, \q2 sanpeer, baluurii fi biiralee. \q1 Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; \q2 isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman. \q1 \v 14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; \q2 anis kanumaafan si muude. \q1 Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; \q2 dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite. \q1 \v 15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee \q2 hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti \q2 jireenyi kee hirʼina hin qabu ture. \q1 \v 16 Babalʼina daldala keetiitiin \q2 gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. \q1 Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, \q2 ani tulluu Waaqaa irraa \q1 dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa \q2 si salphisee ariʼeen si baase. \q1 \v 17 Sababii miidhagina keetiitiif, \q2 ati koorteerta; \q1 sababii ulfina keetiitiif, \q2 ogummaa kee balleessite. \q1 Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; \q2 fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe. \q1 \v 18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin \q2 iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. \q1 Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; \q2 innis gubee si fixe; \q1 anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti \q2 lafa irratti daaraan si taasise. \q1 \v 19 Saboonni si beekan hundinuu \q2 si arganii rifatan; \q1 dhumni kee suukaneessaa taʼeera; \q2 ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ” \s1 Raajii Siidoonaadhaan Mormuudhaan dubbatame \p \v 20 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 21 “Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu; \v 22 akkanas jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; \q2 si keessatti ulfina nan argadha. \q1 Yeroo ani ishee adabee \q2 akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, \q2 isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \q1 \v 23 Ani dhaʼicha isheetti ergee \q2 akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. \q1 Namoonni goraadee karaa hundaan \q2 ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. \q1 Ergasiis isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \p \v 24 “ ‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa taʼe ni beeku. \p \v 25 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu. \v 26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’ ” \c 29 \s1 Raajii Gibxiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 1 Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu. \v 3 Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, \q2 yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. \q1 Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; \q2 anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta. \q1 \v 4 Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee \q2 akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. \q1 Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis \q2 lageen kee keessaa harkiseen si baasa. \q1 \v 5 Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda \q2 gammoojjiitti nan gata. \q1 Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; \q2 walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. \q1 Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif \q2 nyaata godheen si kenna. \m \v 6 Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \b \p “ ‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta. \v 7 Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote. \p \v 8 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa. \v 9 Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \p “ ‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii; \v 10 kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha. \v 11 Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu. \v 12 Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa. \p \v 13 “ ‘Ammas \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba. \v 14 Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu. \v 15 Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa. \v 16 Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa taʼe ni beeku.’ ” \p \v 17 Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne. \v 19 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa. \v 20 Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 21 “Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \c 30 \s1 Faaruu Booʼichaa Gibxiif Faarsame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Wawwaadhuutii akkana jedhi; \q2 “Guyyaa sanaaf wayyoo!” \q1 \v 3 Guyyaan sun dhiʼoo dha; \q2 Guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* dhiʼoo dha; \q1 innis guyyaa duumessaa, \q2 sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa. \q1 \v 4 Gibxitti goraadeen ni dhufa; \q2 Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa. \q1 Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti, \q2 qabeenyi ishee saamamee fudhatama; \q2 hundeewwan ishee immoo ni diigamu. \m \v 5 Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu. \p \v 6 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu; \q2 humni isheen ittiin boontu ni dadhaba. \q1 Migdoolii hamma Aswaanitti, \q2 isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \q1 \v 7 Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu; \q2 magaalaawwan isaaniis \q1 magaalaawwan diigaman \q2 gidduutti argamu. \q1 \v 8 Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee \q2 warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti, \q2 isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \p \v 9 “ ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii. \b \p \v 10 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin \q2 namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa. \q1 \v 11 Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa // akka malee hamoo taʼan, \q2 akka biyyattii balleessaniif ni fidamu. \q1 Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii \q2 reeffaan biyyattii guutu. \q1 \v 12 Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa; \q2 biyyattiis namoota hamootti nan gurgura; \q1 harka alagootaatiin biyyattii fi \q2 waan ishee keessa jiru hunda nan onsa. \m Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera. \b \p \v 13 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa; \q2 fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa. \q1 Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu; \q2 biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa. \q1 \v 14 Phaxroosin nan onsa; \q2 Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa; \q2 Tebesiin immoo nan adaba. \q1 \v 15 Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis \q2 Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa; \q2 uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa. \q1 \v 16 Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa; \q2 Siin dhiphinaan raafamti. \q1 Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti; \q2 Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti. \q1 \v 17 Dargaggoonni Aawwenii fi \q2 Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu; \q2 magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu. \q1 \v 18 Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti, \q2 Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa; \q2 humni isheen ittiin boontus ni laafa. \q1 Isheen hurriidhaan haguugamti; \q2 gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu. \q1 \v 19 Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba; \q2 isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ ” \p \v 20 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 21 “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne. \v 22 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha. \v 23 Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. \v 24 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada. \v 25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \v 26 Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \c 31 \s1 Gaattiraa Libaanoon \p \v 1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: \q1 “ ‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata? \q1 \v 3 Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon \q2 kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi // bosonaaf gaaddisa taʼee \q1 akka malee ol dheeraa fi \q2 kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture. \q1 \v 4 Bishaan isa biqilche; \q2 burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; \q1 lageen isaanii \q2 hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii \q1 bishaan isaanii \q2 gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu. \q1 \v 5 Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti \q2 akka malee ol dheerate; \q1 lataan isaa ni baayʼate; \q2 dameen isaas ni guddate; \q2 inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii. \q1 \v 6 Simbirroonni samii hundi \q2 damee isaa irratti manʼee ijaarratan; \q1 bineensonni dirree hundi \q2 damee isaa jalatti dhalan; \q1 saboonni gurguddaan hundinuus, \q2 gaaddisa isaa jala jiraatan. \q1 \v 7 Inni sababii hidda isaa \q2 gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, \q1 dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin \q2 akka malee miidhagaa ture. \q1 \v 8 Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran \q2 isa gituu hin dandeenye; \q1 yookaan mukkeen birbirsaa \q2 dameewwan isaatiin hin qixxaatan; \q1 mukni waddeessaas \q2 dameewwan isaatiin hin qixxaatu; \q1 mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu \q2 miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu. \q1 \v 9 Ani dameewwan baayʼeedhaan \q2 isa nan miidhagse; \q1 mukkeen Eeden // kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi \q2 isatti hinaafan. \p \v 10 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef, \v 11 akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate; \v 12 alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman. \v 13 Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan. \v 14 Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera. \p \v 15 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. \v 16 Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. \v 17 Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan. \p \v 18 “ ‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. \p “ ‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \c 32 \s1 Faaruu Booʼichaa Faraʼooniif Faarsame \p \v 1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: \q1 “ ‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; \q2 galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; \q1 ati lageen borcita; \q2 miilla keetiin bishaan ni booressita; \q2 lageenis ni dhoqqeessita. \p \v 3 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “ ‘Gumii namoota baayʼee keessatti \q2 ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; \q2 isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu. \q1 \v 4 Ani lafatti sin gata; \q2 bakkeettis sin darbadha. \q1 Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, \q2 akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha. \q1 \v 5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; \q2 raqa keetiinis sululawwan nan guuta. \q1 \v 6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti \q2 dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; \q2 sululawwanis foon keetiin ni guutamu. \q1 \v 7 Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; \q2 urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; \q1 aduu duumessaan nan haguuga; \q2 jiʼis ifa isaa hin kennu. \q1 \v 8 Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; \q2 ani biyya kee irra dukkana nan buusa, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \q1 \v 9 Ani yeroon boojuu godhee \q2 saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti \q2 garaa saboota hedduu nan dhiphisa. \q1 \v 10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti \q2 akka namoonni hedduun si arganii naʼan, \q2 akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. \q1 Guyyaa kufaatii keetii \q2 tokkoon tokkoon isaanii \q2 yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru. \p \v 11 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: \q1 “ ‘Goraadeen mootii Baabilon \q2 sitti dhufa. \q1 \v 12 Ani akka namoonni kee hedduun \q2 goraadee namoota jajjabootiin jechuunis \q2 kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin // dhuman nan godha. \q1 Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; \q2 waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu. \q1 \v 13 Bishaanota baayʼee biraa \q2 loon ishee hunda nan fixa; \q1 siʼachi miilli namaa hin booressu \q2 yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu. \q1 \v 14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, \q2 lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \q1 \v 15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee \q2 biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, \q1 yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti \q2 isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ \p \v 16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \p \v 17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu. \v 19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’ \v 20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu. \v 21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu. \p \v 22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti. \v 23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. \p \v 24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru. \v 25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru. \p \v 26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha. \v 27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe. \p \v 28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta. \p \v 29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu. \p \v 30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu. \p \v 31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 33 \s1 Hisqiʼeel Eegduu Taʼe \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee, \v 3 eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti, \v 4 yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. \v 5 Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture. \v 6 Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’ \p \v 7 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni. \v 8 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. \v 9 Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta. \p \v 10 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?” ’ \v 11 Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’ \p \v 12 “Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’ \v 13 Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa. \v 14 Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis, \v 15 inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. \v 16 Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. \p \v 17 “Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti. \v 18 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa. \v 19 Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata. \v 20 Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.” \s1 Kufaatiin Yerusaalem Ibsame \p \v 21 Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe. \v 22 Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki \nd Waaqayyoo\nd* narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne. \p \v 23 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 24 “Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’ \v 25 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu? \v 26 Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’ \p \v 27 “Akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu. \v 28 Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu. \v 29 Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ \p \v 30 “Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu. \v 31 Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba. \v 32 Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii. \p \v 33 “Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.” \c 34 \s1 Tiksoota Israaʼel \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii? \v 3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan. \v 4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju. \v 5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan. \v 6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre. \p \v 7 “ ‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa: \v 8 Ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif \v 9 yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa: \v 10 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan. \p \v 11 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas. \v 12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha. \v 13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha. \v 14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu. \v 15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha. \p \v 17 “ ‘Isin garuu yaa bushaayee ko, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna. \v 18 Marga misaa keessa dheeduun keessan isin hin gaʼuu? Isin marga keessan kan hafe lafatti dhidhiituu qabduu? Bishaan qulqulluu dhuguun isinitti xinnaatee? Bishaan hafe immoo miilla keessaniin booressuu qabduu? \v 19 Bushaayeen koo waan isin lafatti dhidhiittan soorachuu, waan isin miilla keessaniin dhoqqeessitan immoo dhuguu qabuu? \p \v 20 “ ‘Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna. \v 21 Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif, \v 22 ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna. \v 23 Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa. \v 24 Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii nan taʼa; Daawit garbichi koo immoo gidduu isaaniitti bulchaa ni taʼa. Ani \nd Waaqayyo\nd* waan kana dubbadheera. \p \v 25 “ ‘Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa. \v 26 Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa. \v 27 Mukkeen bakkee ija naqatu; laftis midhaan ni baafti; namoonni biyya isaanii keessatti tasgabbiin ni jiraatu. Yeroo ani danqaraa waanjoo isaanii cabsee harka warra isaan garboomfataniitii isaan baasutti, isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \v 28 Isaan siʼachi sabootaan hin saamaman yookaan bineensota bosonaatiin hin nyaataman. Nagaadhaan jiraatu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. \v 29 Ani lafa midhaan baasuudhaan beekame isaaniif nan kenna; isaan biyyattii keessatti siʼachi beelaan hin miidhaman yookaan sabootaaf waan kolfaa hin taʼan. \v 30 Yommus akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaanii isaan wajjin jiruu fi akka manni Israaʼel saba koo taʼe isaan ni beeku, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 31 Isin hoolonni koo, hoolonni tika koo namoota; anis Waaqa keessan, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \c 35 \s1 Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu; \v 3 akkanas jedhiin: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha. \v 4 Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beekta. \p \v 5 “ ‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite; \v 6 kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. \v 7 Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta. \v 8 Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu. \v 9 Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \p \v 10 “ ‘Sababii ati, “\nd Waaqayyo\nd* achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna” jetteef, \v 11 ani jiraataadhaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa. \v 12 Ergasiis akka ani \nd Waaqayyo\nd* wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, “Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru” jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta. \v 13 Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa. \v 15 Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ ” \c 36 \s1 Abdii Tulluuwwan Israaʼeliif Dubbatame \p \v 1 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii tulluuwwan Israaʼeliitiif raaji; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Diinni waaʼee keessan, “Ishoo! Iddoowwan ol kaʼoon durii dhuunfaa keenya taʼaniiru” jedhe.’ \v 3 Kanaafuu raajiitii akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii isaan qixa hundaan marsanii isin waraananiif, isin saboota kaaniif dhuunfaa taatan; namootaafis waan mammaaksaatii fi waan qoosaa taatan; \v 4 kanaafuu yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa dhagaʼaa: \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin, onawwan diigamanii fi magaalaawwan duwwaa hafan kanneen saboota naannoo keessan jiraniin saamamanii waan qoosaa taʼaniin akkana jedha: \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani aarii koo kan bobaʼu sanaan saboota hafanii fi Edoom hunda irratti dubbadheera; isaan gammachuu fi tuffii garaadhaa qabaniin lafa dheeda ishee saamuuf jedhanii biyya koo handhuuraa ofii isaanii godhatan.’ \v 6 Kanaafuu waaʼee biyya Israaʼeliif raajii dubbadhuutii tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Sababii isin sabootaan tuffatamtaniif, ani hinaaffaa dheekkamsa kootiitiin nan dubbadha. \v 7 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani akka saboonni naannoo keessan jiraatani tuffatamaniif harka koo ol qabadhee nan kakadha. \p \v 8 “ ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, isin garuu saba koo Israaʼeliif dameewwanii fi ijawwan naqattu; isaan dhiʼeenyatti biyyatti ni deebiʼuutii. \v 9 Ani isiniif nan yaada; gara laafinaanis isinan ilaala; isin ni qotamtu; sanyiinis isinitti facaafama; \v 10 ani lakkoobsa uummataa kan guutummaa mana Israaʼel nan baayʼisa. Magaalaawwan namaan ni guutamu; wanni diigames deebiʼee ni ijaarama. \v 11 Ani lakkoobsa namootaatii fi horii irratti nan dabala; isaanis wal horanii baayʼatu. Ani akkuma bara durii sana namoota isin irra qubachiisee kan durii caalaa isinan sooromsa. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 12 Ani akka namoonni jechuunis sabni koo Israaʼel isin irra deemu nan godha. Isaan isin dhuunfatu; isinis dhaala isaanii ni taatu; lammatas warra ijoollee hin qabne isaan hin gootan. \p \v 13 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Namoonni, “Ati nama nyaatta; saba kees ijoollee malee hambifta” siin jedhu; \v 14 ati garuu siʼachi nama hin nyaattu yookaan saba kee ijoollee malee hin hambiftu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 15 Ani siʼachi akka ati doorsisa sabootaa dhageessu hin godhu; siʼachi ati tuffii namootaatiin hin dhiphattu yookaan akka sabni kee gufatu hin gootu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.’ ” \p \v 16 Ammas dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 17 “Yaa ilma namaa, namoonni Israaʼel yeroo biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti amala isaaniitii fi hojii isaaniitiin biyyattii xureessan. Amalli isaanii fuula koo duratti akkuma laguu dubartii kan jiʼa jiʼaan itti dhufu sanaa ture. \v 18 Sababii isaan biyyaattii keessatti dhiiga dhangalaasanii fi sababii waaqota isaanii tolfamoodhaan biyyattii xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaanitti nan roobse. \v 19 Ani saboota keessa isaan nan faffacaase; isaanis biyyoota keessa bittinnaaʼan; ani akkuma amala isaaniitii fi hojii isaaniitti isaanitti nan mure. \v 20 Iddoo dhaqan hundatti saboota keessatti maqaa koo qulqulluu sana xureessan; waaʼee isaanii, ‘Jarri kun saba \nd Waaqayyoo\nd* ti; isaan garuu biyya isaatii baʼaniiru’ jedhameeraatii. \v 21 Ani maqaa koo qulqulluu manni Israaʼel iddoo dhaqan hundatti saboota gidduutti xureessan sanaaf yaadeera. \p \v 22 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, ani waaʼee maqaa koo qulqulluu isin iddoo dhaqxanitti saboota gidduutti xureessitan sanaatiif malee isiniif jedhee wantoota kanneen hin godhu. \v 23 Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe saboonni ni beeku, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 24 “ ‘Ani saboota keessaa isinan baafadhaatii; ani biyyoota keessaa walitti isin qabee biyya keessanitti deebisee isinan fida. \v 25 Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa. \v 26 Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna. \v 27 Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa. \v 28 Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa. \v 29 Ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani midhaan nan waama; nan baayʼisas; beelas isinitti hin fidu. \v 30 Akka isin siʼachi sababii beelaatiin fuula sabootaa duratti hin salphanneef, ija mukkeeniitii fi midhaan lafa qotiisaa nan baayʼisa. \v 31 Ergasiis karaa hammina keessaniitii fi hojii jalʼina keessanii ni yaadattu; sababii cubbuu keessaniitii fi hojii keessan jibbisiisaa sanaatiifis of balfitu. \v 32 Akka ani waan kana isiniif jedhee hin hojjetin akka beektan nan barbaada, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Yaa mana Israaʼel, waaʼee amala keessaniitiif qaanaʼaa; saalfadhaas! \p \v 33 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan cubbuu keessan hunda irraa isin qulqulleessutti, akka magaalaawwan keessan deebiʼanii lafa jireenyaa taʼa nan godha; kanneen diigamanis deebiʼanii ijaaramu. \v 34 Lafti onee ture qooda fuula namoota karaa sanaan darban hunda duratti onee hafu ni qotama. \v 35 Isaan, “Lafti ona ture kun akka lafa biqiltuu Eeden taʼeera; magaalaawwan diigamanii, onanii barbadaaʼanis amma dallaan itti ijaaramee namaan guutamaniiru” jedhu. \v 36 Ergasii namoonni hafan kanneen naannoo kee jiraatan akka ani \nd Waaqayyo\nd* waan barbadaaʼe deebisee ijaaree waan ones deebisee dhaabe ni beeku. Ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadheera; nan raawwadhas.’ \p \v 37 “\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ammas kadhannaa mana Israaʼel dhagaʼee waan kana isaaniif nan godha: Namoota isaanii akkuma hoolotaa nan baayʼisa; \v 38 akkuma bushaayee yeroo ayyaanaa Yerusaalem keessatti aarsaaf dhiʼeeffamaniitti nan baayʼisa. Kanaafuu magaalaawwan diigamanii turan waldaa namootaatiin ni guutamu. Ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \c 37 \s1 Sulula Lafeewwan Goggogaa \p \v 1 Harki \nd Waaqayyoo\nd* narra ture; innis Hafuura \nd Waaqayyootiin\nd* na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture. \v 2 Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge. \v 3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate. \p Ani immoo, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe. \p \v 4 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa! \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. \v 6 Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu.’ ” \p \v 7 Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane. \v 8 Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture. \p \v 9 Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’ ” \v 10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan. \p \v 11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu. \v 12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida. \v 13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu. \v 14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \s1 Sabni Tokko Mootii Tokko Jalatti \p \v 15 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe; \v 16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. \v 17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis. \p \v 18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti, \v 19 akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’ \v 20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii \v 21 akkana isaaniin jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha. \v 22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu. \v 23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa. \p \v 24 “ ‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu. \v 25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa. \v 26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba. \v 27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu. \v 28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’ ” \c 38 \s1 Raajii Googiin Mormuun Dubbatame \p \v 1 Ergasii dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: \v 2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii \v 3 akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa. \v 4 Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa. \v 5 Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu; \v 6 akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa. \p \v 7 “ ‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi. \v 8 Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu. \v 9 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata. \p \v 10 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta \v 11 Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa. \v 12 Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.” \v 13 Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?” ’ \p \v 14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu? \v 15 Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu. \v 16 Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa. \p \v 17 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan. \v 18 Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 19 Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha. \v 20 Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga. \v 21 Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa. \v 22 Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa. \v 23 Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.’ \c 39 \p \v 1 “Yaa ilma namaa, Googiin mormuudhaan raajii dubbadhu; akkanas jedhi: ‘\nd Waaqayyo\nd* gooftaan akkana jedha: Yaa Goog, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal ani sitti kaʼeera. \v 2 Ani dugda duubatti si deebisee gara fuula duraatti sin oofa. Ani kaaba fagootii si fidee tulluuwwan Israaʼelitti sin erga. \v 3 Ergasii ani harka kee bitaa irraa iddaa kee dhaʼee harka kee mirgaa irraa immoo akka xiyyi kee buʼu nan godha. \v 4 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni si wajjin jiranis tulluuwwan Israaʼel irratti ni kuftu. Ani allaattii raqaa kan gosa hundaatii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna. \v 5 Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; ani dubbadheeraatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 6 Ani Maagoogii fi warra qarqara galaanaa irra nagaadhaan jiraatanitti ibidda nan erga; isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku. \p \v 7 “ ‘Ani akka saba koo Israaʼel gidduutti maqaan koo qulqulluun sun beekamu nan godha. Siʼachi akka maqaan koo qulqulluun sun xuraaʼu hin godhu; saboonnis akka ani \nd Waaqayyo\nd* Qulqullicha Israaʼel taʼe ni beeku. \v 8 Kunoo, wanni kun dhufaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. Guyyaan ani jedhes kanaa dha. \p \v 9 “ ‘Ergasii warri magaalaawwan Israaʼel keessa jiraatan baʼanii miʼa lolaa jechuunis gaachanawwan xixinnaa fi gurguddaa, iddaa fi xiyya, bokkuu lolaatii fi eeboo qoraan godhatanii bobeeffatu. Waggaa torbaafis akka qoraaniitti itti fayyadamu. \v 10 Isaan sababii meeshaalee waraanaa qoraan godhatanii itti fayyadamaniif, dirreedhaa qoraan funaanuun yookaan bosona keessaa qoraan cabsuun isaan hin barbaachisu. Isaan warra isaan saaman ni saamu; warra isaan boojiʼanis ni boojiʼu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 11 “ ‘Ani gaafas Israaʼel keessaa sulula karaa deemtotaa kan gama baʼa Galaanaatiin jiru sana keessatti Googiif lafa awwaalaa nan kenna. Sababii Googii fi tuunni isaa hundi achitti awwaalamaniif daandii imaltootaa ni cufu. Kanaafuu inni Sulula Hamoon Goog jedhamee waamama. \p \v 12 “ ‘Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf jedhanii jiʼa torba guutuu isaan awwaalu. \v 13 Namoonni biyyattii hundi isaan awwaalu; guyyaan ani itti ulfaadhus guyyaa yaadannoo isaaniif taʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 14 “ ‘Namoonnis akka biyyattii qulqulleessaniif yeroo yerootti ni qaxaramu. Namoonni tokko tokko guutummaa biyyattii keessa deemu; kaan immoo warra utuu hin awwaalamin hafan awwaalu. Dhuma jiʼa torbaffaattis sakattaʼuu jalqabu. \v 15 Yommuu isaan biyya keessa deemanitti namni lafee namaa arge kam iyyuu mallattoo itti godha; kunis hamma warri awwaala qotan sun Sulula Hamoon Googiitti awwaalanitti taʼa. \v 16 Magaalaan Hamoonaa jedhamtu tokko achi jirti; isaan akkasiin biyya sana qulqulleessu.’ \p \v 17 “Yaa ilma namaa, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Simbirroo gosa hundaa fi bineensota bosonaa hundatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Naannoo hundaa walitti qabamaatii gara aarsaa ani isiniif qopheessuu, aarsaa guddicha tulluuwwan Israaʼel irratti dhiʼaatu biratti wal gaʼaa. Achittis foon nyaattu; dhiigas ni dhugdu. \v 18 Akka waan isaan korbeeyyii fi xobbaallaa hoolaa, reʼootaa fi jiboota taʼaniitti, isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu; dhiiga bulchitoota lafaas ni dhugdu; hundi isaaniis horii Baashaan kanneen coomanii dha. \v 19 Aarsaa ani isiniif qopheessu irratti hamma quuftanitti cooma nyaattu; hamma machooftanitti illee dhiiga dhugdu. \v 20 Maaddii koo irraas hamma quuftanitti fardeenii fi warra fardeen yaabbatan, namoota jajjaboo fi loltoota gosa hundaa ni nyaattu’ jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 21 “Ani saboota gidduutti ulfina koo nan argisiisa; saboonni hundi adabbii ani isaan adabee fi harka koo kan ani isaan irra kaaʼe sana ni argu. \v 22 Gaafa sanaa jalqabees manni Israaʼel akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa taʼe ni beeka. \v 23 Saboonnis akka uummanni Israaʼel sababii cubbuu anaaf amanamuu diduu isaaniitiin hojjetan sanaatiif boojiʼaman ni beeku. Kanaafuu ani fuula koo isaan irraa garagalfadhee diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne; hundi isaanis goraadeedhaan dhuman. \v 24 Ani akkuma xuraaʼummaa isaaniittii fi yakka isaaniittis waan kana isaanitti nan fide; fuula koos isaan duraa dhokfadhe. \p \v 25 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaaqoobin boojuudhaa nan deebisa; uummata Israaʼel hundaaf garaa nan laafa; maqaa koo qulqullichaafis nan hinaafa. \v 26 Isaan yeroo utuu namni tokko iyyuu isaan hin sodaachisin nagaadhaan biyya isaanii keessa jiraatanitti qaanii isaaniitii fi naaf amanamuu diduu isaanii hunda ni irraanfatu. \v 27 Ani yeroon saboota keessaa isaan deebisee biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti, qulqulluu taʼuu koo karaa isaaniitiin fuula saboota baayʼee duratti nan argisiisa. \v 28 Ani akka isaan boojiʼamanii saboota gidduu jiraataniif isaan ergu iyyuu, utuu tokkoo isaanii illee duubatti hin hambisin biyya isaanii keessatti walitti isaan nan qaba; ergasiis isaan akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii taʼe ni beeku. \v 29 Siʼachi ani fuula koo isaan duraa hin dhokfadhu; ani Hafuura koo mana Israaʼel irratti nan dhangalaasaatii, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 40 \s1 Mana Qulqullummaa Haaraa \p \v 1 Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki \nd Waaqayyoo\nd* narra ture; innis achi na geesse. \v 2 Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture. \v 3 Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture. \v 4 Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.” \s2 Karra Baʼa Biiftuu \p \v 5 Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture. \p \v 6 Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture. \v 7 Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture. \p \v 8 Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare; \v 9 balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture. \p \v 10 Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan. \v 11 Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture. \v 12 Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan. \v 13 Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture. \v 14 Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame. \v 15 Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe. \v 16 Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan. \s2 Oobdii Alaan Jiru \p \v 17 Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture. \v 18 Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha. \v 19 Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture. \s2 Karra Kaabaa \p \v 20 Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare. \v 21 Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. \v 22 Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture. \v 23 Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture. \s2 Karra Kibbaa \p \v 24 Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture. \v 25 Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. \v 26 Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture. \v 27 Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture. \s2 Karrawwan Gara Oobdii Keessaatti Geessan \p \v 28 Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture. \v 29 Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. \v 30 Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture. \v 31 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan. \p \v 32 Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. \v 33 Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. \v 34 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan. \p \v 35 Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. \v 36 Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. \v 37 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan. \s2 Dareewwan Aarsaan Itti Qopheeffamu \p \v 38 Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture. \v 39 Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture. \v 40 Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture. \v 41 Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture. \v 42 Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan. \v 43 Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan. \s2 Dareewwan Lubootaaf Ramadaman \p \v 44 Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera. \v 45 Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha; \v 46 kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara \nd Waaqayyootti\nd* dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.” \p \v 47 Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture. \s1 Mana Qulqullummaa \p \v 48 Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture. \v 49 Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan. \c 41 \p \v 1 Ergasiis gara mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan isaa safare; balʼinni tuggeewwan sanaas qixa hundaanuu dhundhuma jaʼa jaʼa ture. \v 2 Balʼinni balbala isaa dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo karaa hundaan dhundhuma shan shan ture. Akkasumas inni karaa mana qulqullummaa kan gara alaa safare; innis dhundhuma afurtama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. \p \v 3 Sana booddee gara mana qulqullummaa isa gara keessaa seenee utubaawwan balbalaa safare; tokkoon tokkoon isaaniis dhundhuma lama lama babalʼatu ture. Balballi isaa dhundhuma jaʼa balʼatee qixa hundaanuu dhundhuma torba torba balʼata ture. \v 4 Lafa irra dheerina mana qulqullummaa isa gara keessaas ni safare; innis fiixee tokko irraa hamma fiixee kaaniitti dhundhuma digdama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Innis, “Kun Iddoo Qulqullummaa kan Hunda Caaluu dha” naan jedhe. \p \v 5 Ergasii immoo keenyan mana qulqullummaa safare; innis yabbinna dhundhuma jaʼa qaba ture; balʼinni dareewwanii kan naannoo mana qulqullummaa biraas dhundhuma afur afur ture. \v 6 Dareewwan sunis darbii sadiitti qoodamanii wal irratti ijaaraman; tokkoon tokkoon darbii immoo dareewwan soddoma soddoma qaba ture. Dareewwan sana deeggaruufis naannoo keenyan mana qulqullummaa tuggeewwantu ture; tuggeewwan sun garuu keenyan mana qulqullummaa deeggaruuf keessa hin suuqamne. \v 7 Dareewwan mana qulqullummaa bira jiran sunis darbiidhaa gara darbiitti babalʼachaa deemu turan. Ijaarsi mana qulqullummaa marsee jiru waan gadii gara oliitti ijaarameef dareewwan sun akkuma ol baʼaa deemaniin babalʼatu turan. Gulantaan tokkos darbii gadiitii jalqabee darbii walakkaa keessa baʼee gara darbii oliitti baasa ture. \p \v 8 Akkasumas manni qulqullummaa sun naannoo isaatii madabii ol kaʼaa akka qabu nan arge; madabiin sunis dareewwan sanaaf hundee taʼe. Hundeen sunis lafa irra dheerina ulee tokkoo jechuunis dhundhuma jaʼa qaba ture. \v 9 Keenyan dareewwan sanaa gara alaatiin dhundhuma shan yabbata ture. Iddoon duwwaan dareewwan mana qulqullummaatii fi \v 10 dareewwan lubootaa gidduu jiru kan naannoo mana qulqullummaa guutumaan guutuutti dhundhuma digdama balʼata ture. \v 11 Iddoo duwwaa sana irraa jalqabees balbalawwan dareewwan sanatti ol seensisan, tokko karaa kaabaa, kaan immoo karaa kibbaa turan; madabiin iddoo duwwaa sana marsee jiru dhundhuma shan balʼata ture. \p \v 12 Ijaarsi oobdii mana qulqullummaatti garagalee jiruu karaa dhiʼaatiin dhundhuma torbaatama balʼata. Keenyan ijaarsa sanaas dhundhuma shan yabbata; dheerinni isaas dhundhuma sagaltama ture. \p \v 13 Ergasii inni mana qulqullummaa safare; dheerinni isaas dhundhuma dhibba tokko ture; oobdiin mana qulqullummaatii fi ijaarsi sun keenyan isaa wajjin dhundhuma dhibba tokko dheerata ture. \v 14 Balʼinni oobdii mana qulqullummaa kan karaa baʼaatiin jiru iddoo fuullee mana qulqullummaa dabalatee dhundhuma dhibba tokko ture. \p \v 15 Ergasiis inni dheerina ijaarsaa kan gara oobdii isa mana qulqullummaa duubaatti garagalee jiru keenyan gama lamaanii dabalatee safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture. \p Manni qulqullummaa kan gara alaa, kan gara keessaatii fi gardaafoon gara oobdiitti garagalee jiru, \v 16 akkasumas waltajjiiwwan, foddaawwan dhidhiphoonii fi darbiiwwan naannoo sadan isaanii jiran kan waltajjiin oliitii fi waltajjiin mataan isaa mukaan haguugamee ture. Lafti isaa, keenyan hamma foddaawwaniitti jiruu fi foddaawwan haguugamanii turan. \v 17 Keessa iddoo balbala mana qulqullummaa gubbaan jiruu fi naannoo keenyan mana qulqullummaa kan gara keessaatii fi kan gara alaa irratti \v 18 fakkiin kiirubeelii fi mukkeen meexxii tolfamanii turan. Mukkeen meexxii sunis kiirubeel gidduutti tolfaman. Tokkoon tokkoon kiirubis fuula lama lama qaba ture: \v 19 Fuulli namaa tokko gara muka meexxii kan gama tokkoon jirutti garagalee ture; fuulli leencaa immoo gara muka meexxii kan gama kaaniitti garagalee ture. Isaanis guutumaan guutuutti mana qulqullummaa irratti marfamanii tolfamanii turan. \v 20 Lafa mana qulqullummaa keessaa hamma balbala gubbaa jiruutti kiirubeelii fi mukkeen meexxii keenyan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti tolfamanii turan. \p \v 21 Manni qulqullummaa karaa alaatiin hidhii balbalaa kan roga afurii qaba ture; hidhiin balbalaa kan Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe fuuldura jirus wal fakkaata ture. \v 22 Iddoo aarsaa kan muka irraa tolfame kan ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, lafa irra dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi balʼinni isaa immoo dhundhuma lamaatu ture; goleewwan isaa, madabiin isaatii fi cinaachi isaa muka irraa tolfame. Namichi sunis, “Maaddiin kun maaddii fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiruu dha” naan jedhe. \v 23 Manni qulqullummaa inni gara alaatii fi Iddoon Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sun balbala lama lama qabu turan. \v 24 Tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan lama lama qaba ture; tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan qabsiiftuu qaban lama lama qaba ture. \v 25 Balbalawwan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti kiirubeelii fi mukkeen meexxii akkuma keenyan manaa irratti tolfaman sana tolfamanii turan; gardaafoo sana fuula duraanis dibaabee mukaa tokkotu ture. \v 26 Keenyan bitaa fi mirgaa kan gardaafoo sanaa irra foddaawwan dhidhiphoo kanneen bitaa mirgaan mukkeen meexxiitiin faayeffamantu ture. Dareewwan mana qulqullummaa kanneen bitaa fi mirgaas dibaabeewwan qabu turan. \c 42 \s1 Dareewwan Lubootaaf Ramadaman \p \v 1 Sana booddee namichi sun karaa kaabaatiin gara oobdii alaatti na baasee gara fuullee dareewwan oobdii mana qulqullummaa fi gara fuullee ijaarsa alaa kan karaa kaabaa jiruutti na fide. \v 2 Ijaarsi balballi isaa gara kaabaatti garagalu sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma dhibba tokko qaba ture. \v 3 Kutaa oobdii isa gara keessaa kan dhundhuma digdamaa keessaa fi kutaa fuullee madabii oobdii kan gara alaa jiru keessa sadarkaa sadiin darbiin tokko darbii kaanitti garagalee ture. \v 4 Dareewwan sana fuula duraanis karaan mana keessaan nama baasu kan dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma dhibba tokko dheeratutu ture. Balbalawwan isaaniis karaa kaabaatiin turan. \v 5 Sababii darbiiwwan sun iddoo dareewwan kanneen gara gadii irraa fi gamoo isa gidduu irraa qabatan caalaa dareewwan olii jalaa qabataniif dareewwan olii dhidhiphoo dha. \v 6 Dareewwan darbii sadaffaa irra jiran akka oobdiiwwanii utubaawwan hin qaban ture; kanaafuu darbiiwwan gara gadiitii fi walakkaa jiran caalaa lafa xinnaa qabu ture. \v 7 Keenyan karaa alaa tokkos dareewwanii fi oobdii gara alaa fuullee jira ture; innis dareewwan sana fuula duraan dhundhuma shantamaa dheerata ture. \v 8 Dheerinni dareewwan oobdii alaatti aananii tarreedhaan jiranii dhundhuma shantama, tarreen mana qulqullummaatti aanee jiru immoo dhundhuma dhibba tokko dheerata ture. \v 9 Yommuu oobdii alaatii ol seenanitti, balballi karaa baʼaatiin gara dareewwan gadiitti nama seensisu tokko ni argama ture. \p \v 10 Karaa kibbaatiinis dheerina dallaa oobdii gara alaa qabatee, oobdii mana qulqullummaa qabatee fuullee dallaa gara alaatiin dareewwan \v 11 fuula isaanii duraan karaa namni irra darbu qabantu ture. Dareewwan kunneenis akkuma dareewwan karaa kaabaa sanaa turan; isaanis dheerinaa fi balʼina, karaa ittiin gad baʼanii fi guddina wal fakkaatu qabu turan. Balbalawwan karaa kaabaa \v 12 balbalawwan dareewwan karaa kibbaa wajjin wal fakkaatu turan. Karaa namni irra darbu kan dallaa gara baʼaatti ijaarameen wal cina deemuun fuullee jiru kan ittiin dareewwan seenan tokkotu jira ture. \p \v 13 Ergasiis inni akkana naan jedhe; “Dareewwan kaabaatii fi kibbaa kanneen gara oobdii mana qulqullummaatti garagalanii jiran sun dareewwan lubootaa, iddoo itti luboonni warri fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaatan aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe nyaatanii dha. Isaanis aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe jechuunis kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu; iddoon sun qulqulluudhaatii. \v 14 Luboonni iddoo qulqulluu sana takkaa seennaan hamma uffata ittiin tajaajilan sana of irraa baasanitti gara oobdii gara alaatti hin baʼan; wayyaan sun qulqulluudhaatii. Isaan utuu iddoo uummataaf ramadametti hin dhiʼaatin uffata biraa uffachuu qabu.” \p \v 15 Inni erga waan mana qulqullummaa keessa jiru safaree xumuree booddee karaa balbala baʼaatiin na baasee naannoo sana hunda safare. \v 16 Kallattii baʼaas ulee ittiin safaraniin safare; wanni inni safares dhundhuma dhibba shan taʼe. \v 17 Kallattii gara kaabaas safaree safarri sun ulee safaraatiin dhundhuma dhibba shan taʼe. \v 18 Kallattii kibbaatiinis safaree safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe. \v 19 Ergasii inni gara kallattii dhiʼaatti garagalee safaree, safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe. \v 20 Kanaafuu inni iddoo kallattii afraniin jiru safare. Iddoon sun dallaa iddoo qulqulluu, iddoo xuraaʼaa irraa addaan baasu kan dheerinni isaa dhundhuma dhibba shan, balʼinni isaas dhundhuma dhibba shan qaba ture. \c 43 \s1 Ulfinni Waaqaa Gara Mana Qulqullummaatti Deebiʼuu Isaa \p \v 1 Ergasii namichi sun gara balbala baʼa biiftuutti garagaluutti na fide; \v 2 anis utuu ulfinni Waaqa Israaʼel baʼa biiftuutii dhufuu nan arge. Sagaleen isaa akka sagalee huursaa bishaan yaaʼuu ture; laftis ulfina isaatiin ifte. \v 3 Mulʼanni ani arges mulʼata ani yommuu inni magaalaa barbadeesuuf dhufetti argee fi mulʼata ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame. \v 4 Ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* sun karaa balbala gara baʼa biiftuutti garagaluun mana qulqullummaa seene. \v 5 Ergasiis Hafuurri ol na fuudhee gara oobdii gara keessaatti na fide; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* mana qulqullummaa guute. \p \v 6 Utuu namichi sun na bira dhaabatee jiruu, nama wayii kan mana qulqullummaa keessaa natti dubbatu nan dhagaʼe. \v 7 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo kootii fi faanni miilla koo irra ejjetuu dha. Kunis iddoo ani bara baraan Israaʼeloota gidduu jiraadhuu dha. Manni Israaʼel jechuunis isaan yookaan mootonni isaanii sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaaniitiin lammata gaarran waaqeffannaa isaanii irratti maqaa koo qulqulluu sana hin xureessan. \v 8 Isaan yommuu anaa fi isaan gidduutti dallaa qofa hambisanii buusaa balbala isaanii buusaa balbala kootii bira, michichila balbala isaanii immoo michichila balbala kootii bira dhaabatanitti hojii isaanii jibbisiisaa sanaan maqaa koo qulqullicha xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin isaanan balleesse. \v 9 Isaan amma sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaanii sana narraa haa fageessani; anis bara baraan isaan gidduu nan jiraadha. \p \v 10 “Yaa ilma namaa, akka isaan cubbuu isaaniitiin qaanaʼaniif namoota Israaʼelitti mana qulqullummaa argisiisi. Isaan karoora isaa haa hubatan; \v 11 yoo isaan waan hojjetan hundatti qaanaʼan, karoora mana qulqullummaa jechuunis haala inni ittiin hojjetame, balbala ol seensisuu fi gad baasu, karoora isaa guutuu jechuunis sirna isaatii fi seera isaa hunda akka beekan godhi. Akka isaan karoora isaatii fi guutummaa sirna isaatiif amanamanii fi duukaa buʼaniifis fuula isaanii duratti waan kana barreessi. \p \v 12 “Seerri mana qulqullummaa kanaa dha: Lafti naannoo fiixee tulluu jiru hundi waan hunda caalaa qulqulluudhaa. Kun seera mana qulqullummaa ti. \s1 Iddoo Aarsaa \p \v 13 “Lafa irra dheerinni iddoo aarsaa dhundhuma dheeraadhaan isa kana: Innis dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokkoo dha; jalli isaa gad fageenya dhundhuma tokkootii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; naannoon isaa immoo xiyyoo taakkuu tokkoo qaba. Ol dheerinni iddoo aarsaa sanaa kana: \v 14 Jala isaatii kaasee hamma gulantaa gadiitti ol dheerina dhundhuma lamaatii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; gulantaa xinnaadhaa hamma gulantaa guddaatti ol dheerina dhundhuma afuriitii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba. \v 15 Iddoon ibiddaa kan iddoo aarsaa dhundhuma afur ol dheerata; badaan ibiddaa kun gaanfawwan ol babbaʼan afur qaba. \v 16 Iddoon ibiddaa kun roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha lama, balʼinni isaa immoo dhundhuma kudha lama: \v 17 Gulantaan ol aanus roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha afur, balʼinni isaas dhundhuma kudha afur; xiyyoon isaa walakkaa dhundhumaa, naannoon jala isaa immoo dhundhuma tokkoo dha. Gulantaawwan iddoo aarsaa sanaa gara baʼa biiftuutti garagalu.” \p \v 18 Inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon aarsaa ijaaramutti dambiiwwan ittiin aarsaan gubamu dhiʼeeffamuu fi dhiigni iddoo aarsaa irratti facaafamu kanaa dha: \v 19 luboota Lewwota maatii Zaadoq kanneen na tajaajiluuf fuula koo duratti dhiʼaataniif akka aarsaa cubbuu taʼuuf dibicha kennita, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 20 Atis dhiiga isaa irraa xinnoo fudhattee gaanfa afran kan iddoo aarsaa, goleewwan gulantaa ol aanuu afranii fi naannoo xiyyoo isaa hunda dibda; haala kanaanis iddoo aarsaa sana qulqulleessitee araara buufta. \v 21 Dibicha sanas aarsaa cubbuutiif fuutee iddoo qulqulluudhaan alatti, kutaa mana qulqullummaa kan waan kanaaf ramadame keessatti ni gubda. \p \v 22 “Guyyaa lammaffaatti korbeessa reʼee kan hirʼina hin qabne aarsaa cubbuutiif dhiʼeessita; iddoon aarsaas akkuma dibichaan qulqulleeffame sanatti qulqulleeffama. \v 23 Erga iddoo aarsaa sana qulqulleessitee booddee, horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kanneen lamaan isaani iyyuu hirʼina hin qabne dhiʼeessita. \v 24 Ati fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan dhiʼeessita; luboonni immoo soogidda itti facaasanii aarsaa gubamu godhanii \nd Waaqayyoof\nd* isaan dhiʼeessu. \p \v 25 “Ati guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan korbeessa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeessuu qabda; akkasumas horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kan hirʼina hin qabne dhiʼeessuu qabda. \v 26 Isaanis guyyaa torbaaf iddoo aarsaatiif araara buusanii isa qulqulleessuu qabu; akkasittis isa qulqulleessu. \v 27 Dhuma guyyoota kanaatti, guyyaa saddeettaffaa irraa jalqabee luboonni aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa iddoo aarsaa irratti dhiʼeessuu qabu. Ergasii ani isinan simadha, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan.” \c 44 \s1 Bulchaa, Lewwota, Luboota \p \v 1 Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Balballi kun cufamee hafa; inni banamuu hin qabu; namni tokko iyyuu achiin hin seenu. Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel karaa sanaan seeneef, balballi sun cufamee hafa. \v 3 Namni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waa nyaachuuf karra ittiin seenan keessa taaʼuu dandaʼu bulchaa sana qofa. Inni karra ittiin gardaafoo seenan sanaan ol galee achumaan gad baʼuu qaba.” \p \v 4 Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waaʼee danbiiwwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* waan ani sitti himu hunda hubadhuu ilaali; sirriitti dhaggeeffadhu; qalbeeffadhus. Waaʼee karra ittiin mana qulqullummaa seenaniitii fi karra ittiin iddoo qulqulluudhaa baʼanii hunda yaadatti qabadhu. \v 6 Mana Israaʼel fincilaa sanaan akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, hojiin keessan jibbisiisaan sun haa gaʼu! \v 7 Hojiiwwan keessan jibbisiisoo kaan hundatti dabaltanii alagoota yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo qulqulluu kootti galchitan; nyaata, coomaa fi dhiiga naaf dhiʼeessuudhaan mana qulqullummaa koo xureessitan; kakuu koos cabsitan. \v 8 Isin itti gaafatamummaa wantoota koo qulqulluu irratti qabdan fiixaan baasuu diddanii iddoo koo qulqulluu irratti alagoota muuddatan. \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Alagaan yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo koo qulqulluu sana seenuu hin qabu; alagoonni Israaʼeloota gidduu jiraatan iyyuu seenuu hin qaban. \p \v 10 “ ‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu. \v 11 Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu. \v 12 Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 13 Isaan luboota taʼanii na tajaajiluuf natti dhiʼaachuu hin qaban yookaan wantoota koo qulqulluu kamitti iyyuu yookaan aarsaawwan koo kanneen aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaachuu hin qaban; qaanii hojiiwwan isaanii jibbisiisoo baadhachuu qabu. \v 14 Taʼus ani akka isaan itti gaafatama mana qulqullummaa qabaataniif, akka isaan hojii isaa hunda hojjetanii fi waan achi keessatti hojjetamuu qabu hunda hojjetaniif isaan nan muuda. \p \v 15 “ ‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 16 Iddoo qulqulluu koo isaan qofatu seenuu qaba; isaan qofatu na tajaajiluu fi hojii koo hojjechuuf maaddii kootti dhiʼaachuu qaba. \p \v 17 “ ‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban. \v 18 Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban. \v 19 Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu. \p \v 20 “ ‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu. \v 21 Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu. \v 22 Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu. \v 23 Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu. \p \v 24 “ ‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu. \p \v 25 “ ‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa. \v 26 Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba. \v 27 Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 28 “ ‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa. \v 29 Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa \nd Waaqayyoof\nd* kenname hundi kan isaanii ni taʼa. \v 30 Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu. \v 31 Luboonni simbira yookaan horii, waan duʼee argame yookaan kan bineensi madeesse kam iyyuu nyaachuu hin qaban. \c 45 \s1 Biyyattii Hirachuu \p \v 1 “ ‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii \nd Waaqayyoof\nd* kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa. \v 2 Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu. \v 3 Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba. \v 4 Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa. \v 5 Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa. \p \v 6 “ ‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa. \p \v 7 “ ‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti. \v 8 Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan. \p \v 9 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 10 Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii\f + \fr 45:10 \fr*\ft Baadoosiin tokko liitiroo 40.\ft*\f* sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu. \v 11 Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii\f + \fr 45:11 \fr*\ft Homeeriin tokko kiiloo giraamii 400.\ft*\f* kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa. \v 12 Saqiliin\f + \fr 45:12 \fr*\ft Saqiliin tokko giraamii 11.5.\ft*\f* tokko geeraa\f + \fr 45:12 \fr*\ft Geeraan tokko giraamii 6.\ft*\f* digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii\f + \fr 45:12 \fr*\ft Minnaaniin tokko giraamii 600.\ft*\f* tokko taʼa. \s1 Aarsaawwanii fi Guyyoota Ayyaanaa \p \v 13 “ ‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko. \v 14 Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii\f + \fr 45:14 \fr*\ft Qoroosiin tokko kiiloo giraamii 400.\ft*\f* irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii. \v 15 Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \v 16 Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna. \v 17 Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa. \p \v 18 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita. \v 19 Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba. \v 20 Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu. \p \v 21 “ ‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu. \v 22 Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba. \v 23 Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qaba. \v 24 Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba. \p \v 25 “ ‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu. \c 46 \p \v 1 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba. \v 2 Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu. \v 3 Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sagaduu qaba. \v 4 Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin \nd Waaqayyoof\nd* fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu. \v 5 Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii\f + \fr 46:5 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 40.\ft*\f* tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin\f + \fr 46:5 \fr*\ft Iiniin tokko liitiroo 6.\ft*\f* tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba. \v 6 Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba. \v 7 Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba. \v 8 Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba. \p \v 9 “ ‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu. \v 10 Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa. \p \v 11 “ ‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba. \v 12 Yommuu bulchaan fedhii isaatiin \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama. \p \v 13 “ ‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita. \v 14 Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti. \v 15 Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu. \p \v 16 “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa. \v 17 Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti. \v 18 Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’ ” \p \v 19 Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise. \v 20 Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.” \p \v 21 Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge. \v 22 Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture. \v 23 Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture. \v 24 Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe. \c 47 \s1 Laga Mana Qulqullummaatii Yaaʼu \p \v 1 Namichi sun deebisee gara balbala mana qulqullummaatti na fide; anis bishaan gulantaa mana qulqullummaa jalaa baʼee gara baʼa biiftuutti yaaʼu nan arge; manni qulqullummaa sun gara baʼa biiftuutti garagala tureetii. Bishaan sunis kibba mana qulqullummaa jalaa baʼee kibba iddoo aarsaatiin gad yaaʼa ture. \v 2 Ergasii karaa balbala kaabaatiin na baasee ala keessa na naannessee gara karra alaa kan gara baʼa biiftuutti garagalee jiruutti na fide; bishaan sunis karaa kibbaatiin yaaʼa ture. \p \v 3 Namichi sunis funyoo ittiin safaru harkatti qabatee gara baʼa biiftuutti deemuudhaan dhundhuma kuma tokko safare; ergasiis bishaan koronyoo gaʼu keessa na deemsise. \v 4 Ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaan jilba gaʼu keessa na deemsise; itti aansees dhundhuma kuma tokko safaree bishaan mudhii gaʼu keessa na deemsise. \v 5 Ammas inni dhundhuma kuma tokko safare; sababii bishaan sun guutee tureef ani laga sana ceʼuu hin dandeenye; lagni sun daakuudhaaf akka malee gad fagoo waan taʼeef namni tokko iyyuu ceʼuu hin dandaʼu ture. \v 6 Innis, “Yaa ilma namaa, waan kana argitaa?” naan jedhe. \p Ergasii inni deebisee gara afaan lagaatti na fide. \v 7 Anis yommuun achi gaʼetti bitaa fi mirga laga sanaatti mukkeen hedduu nan arge. \v 8 Innis akkana naan jedhe; “Bishaan kun gara biyya baʼa biiftuutti yaaʼee gara Arabbaatti buʼee galaanatti makama. Yommuu galaanatti makamuttis bishaan sun ni qulqullaaʼa. \v 9 Iddoo lagni sun itti yaaʼu hunda uumamawwan lubbuu qabeeyyiin ni jiraatu ture. Sababii bishaan kun achi yaaʼee bishaan qulqulleessuuf, qurxummiin baayʼinaan argama; kanaafuu lafa bishaan sun itti yaaʼu wanni hundi ni jiraata. \v 10 Qurxummii qabdoonni qarqara bishaanii dhadhaabatu; lafti Een Gaadiidhaa hamma Een Eglayiimiitti jiru lafa itti kiyyoo diriirsan taʼa; qurxummiin isaas akkuma qurxummii Galaana Meeditiraaniyaan gosa adda addaa qabaata. \v 11 Raaree fi caffaan garuu hin qulqullaaʼu; isaanis soogidda taʼanii hafu. \v 12 Mukkeen ija naqatan gosti hundinuu bitaa fi mirga qarqara laga sanaatti ni guddatu. Baalawwan isaanii hin gogan yookaan ija hin dhaban. Sababii bishaan iddoo qulqulluudhaa gara isaaniitti yaaʼuuf mukkeen sun jiʼa jiʼaan ija naqatu. Iji isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo nama fayyisuuf fayyada.” \s1 Daangaawwan Biyyattii \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: “Daangaawwan kunneen daangaawwan isin ittiin biyyattii dhaala gootanii gosoota Israaʼel kudha lamaaniif qoqqoodanii dha; Yoosef qooda lama haa argatu. \v 14 Isin wal qixxeessitanii isaaniif qoqqooduu qabdu. Sababii ani abbootii keessanii kennuuf harka ol kaafameen kakadheef biyyattiin kun dhaala keessan ni taati. \b \lh \v 15 “Daangaan biyyattii kanaa dha: \b \li1 “Karaa kaabaatiin Galaana Meeditiraaniyaanii kaasee daandii Hetilooniitiin karaa Haamaat darbee hamma Zedaadi gaʼutti, \v 16 Beerootaanii fi Sibraayim isa daangaa Damaasqootii fi Hamaatii gidduutti argamu irraa hamma Hazeer Hatiikoon isa daangaa Hawiraanii irratti argamu sanaa gaʼa. \v 17 Daangaan kun galaana irraa kaʼee karaa kaabaatiin daangaa Damaasqoo qabatee, daangaa Hamaatis gara kaabaatti dhiisee hamma Hazar Eenooniitti deema. Kunis daangaa kaabaa taʼa. \li1 \v 18 Daangaan sun karaa baʼa biiftuutiin Hawiraanii fi Damaasqoo gidduu baʼee Yordaanosin qabatee Giliʼaadii fi biyya Israaʼel gidduudhaan karaa Galaana baʼa biiftuutiin hamma Taamaaritti deema. Kunis daangaa baʼa biiftuu ni taʼa. \li1 \v 19 Innis karaa kibbaatiin Taamaarii kaʼee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti deema; ergasiis laga Gibxi qabatee hamma Galaana Guddichaatti deema. Kun daangaa kibbaa taʼa. \li1 \v 20 Karaa lixaatiin immoo hamma iddoo fuullee Hamaati jiru tokkootti Galaanni Meeditiraaniyaan daangaa isaa ni taʼa. Kunis daangaa lixaa ni taʼa. \b \p \v 21 “Isinis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelitti biyya kana ni qoqqooddattu. \v 22 Isin ofii keessanii fi alagoota isin gidduu jiraatan kanneen ijoollee qabaniif biyyattii dhaala godhaatii ixaadhaan qoqoodaa. Akka dhalattoota Israaʼelittis isaan ilaalaa; isaanis isin wajjin gosoota Israaʼel gidduutti ixaadhaan dhaala qooddachuu qabu. \v 23 Isin alagaa gosa kam iyyuu keessa qubateef dhaala isaa kennuufii qabdu” jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \c 48 \s1 Qoqqoodamuu Biyyattii \lh \v 1 “Gosoonni maqaan isaanii galmeeffame kanneenii dha: \b \li1 “Karaa daarii kaabaatiin gosti Daan qooda tokko qabaata; kunis daandii Hetiloon qabatee hamma qaxxaamura Hamaatitti deema; Hazar Eenaanii fi daariin Damaasqoo kan gara kaabaa inni Hamaatitti aanee jiru daarii isaa kan karaa baʼaatii jalqabee hamma karaa lixa biiftuutti jiruu taʼa. \li1 \v 2 Gosti Aasheer qooda tokko qabaata; kunis biyya Daan kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \li1 \v 3 Gosti Niftaalem qooda tokko qabaata; kunis biyya Aasheer kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \li1 \v 4 Gosti Minaasee qooda tokko qabaata; kunis biyya Niftaalem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \li1 \v 5 Gosti Efreem qooda tokko qabaata; kunis biyya Minaasee kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \li1 \v 6 Gosti Ruubeen qooda tokko qabaata; kunis biyya Efreem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \li1 \v 7 Gosti Yihuudaa qooda tokko qabaata; kunis biyya Ruubeen kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa. \b \p \v 8 “Biyyi baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti Yihuudaa daangessu qooda isin kennaa addaa gootanii dhiʼeessuu qabdanii dha. Balʼinni isaas dhundhuma 25,000, dheerinni isaa immoo baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti qooda gosaa keessaa isa tokko wajjin wal qixxee taʼa; iddoon qulqulluun sunis biyya sana gidduutti argama. \p \v 9 “Qoodni addaa kan isin \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qabdan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa. \v 10 Kunis lubootaaf qooda qulqulluu taʼa. Innis karaa kaabaatiin dhundhuma 25,000 dheerata; karaa lixa biiftuutiin dhundhuma 10,000 balʼata; karaa baʼa biiftuun dhundhuma 10,000 balʼata; karaa kibbaatiin immoo dhundhuma 25,000 dheerata. Manni qulqullummaa \nd Waaqayyoos\nd* gidduu isaatti argama. \v 11 Kunis luboota qulqullaaʼoo jechuunis ilmaan Zaadoq kanneen amanamummaadhaan na tajaajilaa turan kanneen yeroo Israaʼeloonni karaa irraa badanitti akka Lewwonni karaa irraa badan sana karaa irraa hin badin sanaaf taʼa. \v 12 Innis qooda biyyattii isa qulqulluu irraa jechuunis qooda qulqulluu kan qooda hunda caalaa qulqulluu taʼe irraa kan biyya Lewwotaa daangessu sun isaaniif kennaa addaa taʼa. \p \v 13 “Biyya lubootaa biraan Lewwonni lafa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 qabaatu. Walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000 balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa. \v 14 Isaanis lafa sana irraa waan tokko illee gurguruu yookaan geeddaruu hin qaban. Lafti kun biyyattii keessaa filatamaa dha; sababii \nd Waaqayyoof\nd* qulqulluu taʼeefis harka nama biraatti darbuu hin qabu. \p \v 15 “Lafti hafe kan balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe faayidaa magaalattiitiif oola; kunis ijaarsa manneeniitii fi lafa dheedaatiif taʼa. Magaalattiin immoo isa gidduu jiraatti; \v 16 magaalattiinis karaa kaabaatiin dhundhuma 4,500, karaa kibbaatiin dhundhuma 4,500, karaa baʼaatiin dhundhuma 4,500 karaa lixaatiinis dhundhuma 4,500 balʼatti. \v 17 Magaalattiin kaabaan dhundhuma 250, kibbaan dhundhuma 250, baʼaan dhundhuma 250, dhiʼaanis dhundhuma 250 lafa dheedaa ni qabaatti. \v 18 Wanni lafa sana irraa hafe kan kutaa qulqulluu daangessuu fi dheerina lafa sanaa qabatee jiru karaa baʼaatiin dhundhuma 10,000, karaa dhiʼaatiin illee dhundhuma 10,000 ni taʼa. Oomishni lafa sanaas hojjettoota magaalattiitiif nyaata ni taʼa. \v 19 Hojjettoonni magaalattii kanneen lafa qotatan gosoota Israaʼel hunda keessaa dhufu. \v 20 Kutaan lafa sanaa hundi roga wal qixxee afur qabaata; tokkoon tokkoon roga sanaas dhundhuma 25,000 taʼa. Qabeenya magaalaa wajjinis akka kennaa addaa taʼuuf kutaa qulqulluu hambisaa. \p \v 21 “Wanni karaa kutaa qulqulluu lamaanii fi qabeenya magaalattii irraa hafe bulchaa sanaaf taʼa. Innis karaa baʼaa kutaa qulqulluu kan dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa baʼaatti, karaa dhiʼaa immoo lafa dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa dhiʼaatti balʼata. Lafti dheerina qoodawwan gosaa qabatee jiru sun lamaan bulchaa sanaaf taʼa; kutaan qulqulluun iddoo qulqulluu kan mana qulqullummaa wajjin jiru sun isaan gidduutti argama. \v 22 Kanaafuu qabeenyi Lewwotaatii fi qabeenyi magaalattii lafa bulchaa sanaaf kenname sana walakkaatti argama. Lafti bulchaa sanaaf kenname sunis daangaa Yihuudaatii fi daangaa Beniyaam gidduutti argama. \b \lh \v 23 “Qoodni gosoota hafanii kan armaan gad jiruu dha: \b \li1 “Gosti Beniyaam qooda tokko qabaata; kunis gara baʼaatii hamma gara dhiʼaatti balʼata. \li1 \v 24 Gosti Simiʼoon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Beniyaam daangessa. \li1 \v 25 Gosti Yisaakorii qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Simiʼoon daangessa. \li1 \v 26 Gosti Zebuuloon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Yisaakor daangessa. \li1 \v 27 Gosti Gaad qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Zebuuloon daangessa. \li1 \v 28 Daangaan Gaad kan karaa kibbaa sun Taamaarii jalqabee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti, ergasiis ededa Laga Gibxi irra hamma Galaana Guddichaatti gara Kaabaa deema. \b \lf \v 29 “Kunis biyya isin dhaala gootanii ixaadhaan gosoota Israaʼeliif qoqqooduu qabdanii dha; isaan kunneenis qoodawwan isaanii taʼan” jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \s1 Karrawwan Magaalaa Sanaa \lh \v 30 “Karrawwan magaalaa sana keessaa ittiin baʼan kanneenii dha: \b \li1 “Karaa kaabaatii jalqabee kan dhundhuma 4,500 dheeratu, \v 31 karrawwan magaalaa sanaa maqaa gosoota Israaʼeliin moggaafamu. Karrawwan sadan karaa kaabaatiin jiran karra gosa Ruubeen, karra gosa Yihuudaa fi karra gosa Lewwii taʼu. \li1 \v 32 Karaa baʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Yoosef, karra Beniyaamii fi karra Daan. \li1 \v 33 Karaa kibbaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Simiʼoon, karra Yisaakorii fi karra Zebuuloon. \li1 \v 34 Karaa dhiʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Gaad, karra Aasheerii fi karra Niftaalem. \b \lf \v 35 “Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa. \b \p “Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘\nd Waaqayyo\nd* achi jira taʼa.’ ”