\id EXO - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Baʼuu \toc1 Seera Baʼuu \toc2 Baʼuu \toc3 Bau \mt2 Seera \mt1 Baʼuu \c 1 \s1 Israaʼeloonni Cunqurfaman \lh \v 1 Maqaan ilmaan Israaʼel kanneen maatii isaanii qabatanii Yaaqoob wajjin Gibxi dhaqanii kanaa dha: \b \li1 \v 2 Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii fi Yihuudaa; \li1 \v 3 Yisaakor, Zebuuloonii fi Beniyaam; \li1 \v 4 Daanii fi Niftaalem; \li1 Gaadii fi Aasheer. \b \lf \v 5 Namoonni sanyii Yaaqoob irraa dhalatan walumaa galatti torbaatama turan; Yoosef durumaanuu Gibxi ture. \b \p \v 6 Yoosefii fi obboloota isaa hundi, dhaloonni sun hundinuus, ni duʼan. \v 7 Israaʼeloonni garuu horanii akka malee baayʼatan; baayʼataniis akka malee jabaatan; biyyattii keessas ni guutan. \p \v 8 Ergasii mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe. \v 9 Innis saba isaatiin akkana jedhe; “Kunoo, Israaʼeloonni nu caalaa baayʼataniiru; nu caalaas jabaataniiru. \v 10 Kottaa akka isaan kana caalaa hin baayʼanneef, yoo waraanni kaʼes diinota keenya gargaaranii akka nu hin waraannee fi akka biyyattii keessaa baqatanii hin baaneef haxxummaadhaan isaan qabna.” \p \v 11 Kanaafuu itti gaafatamtoota isaan cunqursanii hojii humnaa hojjechiisan isaanitti muudan; Israaʼeloonnis Fiitoomii fi Raamsee magaalaawwan waa itti kuusan godhanii Faraʼooniif ijaaran. \v 12 Isaan garuu hamma cunqursaan isaanitti jabaachaa deeme sana baayʼatanii lafa guutan; kana irratti warri Gibxi saba Israaʼel sodaatan. \v 13 Warri Gibxis Israaʼelootatti gara jabinaan isaan hojjechiifatan. \v 14 Isaanis suphee fi xuubii hojjechiisuudhaan, lafa qotiisaa keessas hojii garaa garaa hunda hojjechiisuudhaan hojii itti cimsanii jireenya isaanitti hadheessan; warri Gibxi hojii jabaa jara hojjechiisan hunda keessatti garaa isaaniif hin laafan ture. \p \v 15 Mootiin Gibxi deessistoota Ibrootaa kanneen Siipaaraa fi Fuuhaa jedhamaniin akkana jedhe; \v 16 “Isin yommuu dubartoota Ibrootaa daʼumsa irratti gargaartanii fi barcuma daʼumsaa irratti isaan argitan, yoo dhiira taʼe ajjeesaa; yoo durba taate immoo haa jiraattuu dhiisaa.” \v 17 Deessistoonni sun garuu waan Waaqa sodaataniif, waan mootiin Gibxi isaanitti hime sana hin goone; ijoollee dhiiraas akka isaan jiraataniif dhiisan. \v 18 Mootiin Gibxis deessistoota sana ofitti waamee, “Isin maaliif waan kana gootan? Maaliifis ijoollee dhiiraa akka isaan jiraataniif dhiiftan?” jedhee isaan gaafate. \p \v 19 Deessistoonni sunis, “Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota warra Gibxi miti; isaan waan jajjaboo taʼaniif utuu deessistoonni isaan bira hin gaʼin daʼanii nama eegu” jedhanii Faraʼooniif deebisan. \p \v 20 Waaqnis deessistoota sanaaf waan gaarii godhe; Israaʼeloonnis baayʼatanii akka malee jabaatan. \v 21 Sababii isaan Waaqa sodaataniif Waaqni deessistoota sanaaf maatii ofii isaanii kenneef. \p \v 22 Kana irratti Faraʼoon, “Ilma dhalatu hunda laga Abbayyaa keessa buusaa; durbi hundi garuu haa jiraattuu dhiisaa” jedhee saba isaa hunda ajaje. \c 2 \s1 Dhalachuu Musee \p \v 1 Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe; \v 2 isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite. \v 3 Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse. \v 4 Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte. \p \v 5 Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite. \v 6 Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, “Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha” jette. \p \v 7 Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, “Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?” jette. \p \v 8 Isheenis, “Eeyyee, dhaqi” jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte. \v 9 Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, “Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa” jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte. \v 10 Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, “Ani bishaan keessaa isa nan baase” jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte. \s1 Museen Gara Midiyaanitti baqate \p \v 11 Museen erga guddatee booddee gaafa tokko lafa sabni isaa ture dhaqee utuu isaan hojii dadhabsiisaa hojjetanuu arge; utuu namni Gibxi tokkos Ibroota saba isaa keessaa nama tokko rukutuu arge. \v 12 Innis asii fi achi ilaalee akka namni tokko iyyuu hin jirre mirkaneeffate; namicha Gibxi sana ajjeesee cirracha keessa dhokse. \v 13 Guyyaa itti aanutti immoo gad baʼee utuu Ibroonni lama wal lolanuu arge. Ibricha balleessaa qabuunis, “Ati maaliif Ibricha akka keetii rukutta?” jedhee gaafate. \p \v 14 Namichi sunis, “Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? Akkuma namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?” jedheen. Kana irratti Museen, “Dhugumaan wanni ani hojjedhe sun beekameera jechuu dha” jedhee sodaate. \p \v 15 Faraʼoon yommuu waan kana dhagaʼetti Musee ajjeesuu yaale; Museen garuu Faraʼoon jalaa gara Midiyaanitti baqate; yommuu achi gaʼettis boolla tokko bira taaʼe. \v 16 Lubni Midiyaan tokko intallan torba qaba ture; isaanis dhufanii bushaayee abbaa isaanii obaasuuf bishaan budduuqsanii bidiruutti guutaa turan. \v 17 Tiksoonnis dhufanii isaan ariʼan; Museen garuu kaʼee isaan gargaaree bushaayee isaanii obaaseef. \p \v 18 Yeroo dubarri sun gara abbaa isaanii Reʼuuʼeelitti deebiʼanitti, inni, “Isin harʼa akkamiin daftanii deebitan?” jedhee isaan gaafate. \p \v 19 Isaanis, “Namicha Gibxi tokkotu tiksoota jalaa nu baase; inni bishaan iyyuu nuu budduuqsee bushaayee nuuf obaase” jedhanii deebisan. \p \v 20 Inni immoo intallan isaatiin, “Inni eessa jira? Isin maaliif isa dhiiftanii dhuftan? Akka inni waa nyaatuufis dhaqaatii waamaa” jedhe. \p \v 21 Museenis namicha bira jiraachuu jaallate; namichis intala isaa Ziphooraa Museetti heerumsiise. \v 22 Siipaaraan ilma deesse; Museenis, “Ani alagaa taʼee biyya ormaa jiraadheera” jechuudhaan maqaa isaa Geershoom jedhee moggaase. \p \v 23 Bara dheeraa sana keessa mootiin Gibxi ni duʼe. Namoonni Israaʼelis sababii garbummaa keessa turaniif ni aadan; ni iyyanis; iyyi isaan sababii garbummaa jala turaniif gargaarsa argachuuf iyyanis Waaqa bira gaʼe. \v 24 Waaqnis aaduu isaanii dhagaʼee kakuu isaa kan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin gale sana yaadate. \v 25 Waaqnis saba Israaʼel ilaale; Waaqni akka isaan itti jiran beeke. \c 3 \s1 Musee fi Daggala Bobaʼu \p \v 1 Museen bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Waaqaa gara Kooreeb dhufe. \v 2 Achittis Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge. \v 3 Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe. \p \v 4 \nd Waaqayyos\nd* yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame. \p Museenis, “Kunoo ani asan jira” jedhee deebise. \p \v 5 Waaqni immoo, “As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu” jedheen. \v 6 Itti fufees, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jedhe. Kana irratti Museen Waaqa ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka. \v 8 Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera. \v 9 Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera. \v 10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga.” \p \v 11 Museen garuu Waaqaan, “Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?” jedhe. \p \v 12 Waaqnis akkana jedhe; “Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa.” \p \v 13 Museen immoo Waaqaan, “Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Waaqni abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?” jedhe. \p \v 14 Waaqnis Museedhaan, “\nd ANI ANUMA\nd*; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni \nd ANI ANUMA\nd* jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen. \p \v 15 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob isinitti na ergeera.’ \q1 “Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti; \q2 maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti \q2 ittiin yaadatamuu dha. \p \v 16 “Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera. \v 17 Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera.” ’ \p \v 18 “Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun. \v 19 Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka. \v 20 Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama. \p \v 21 “Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan. \v 22 Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu.” \c 4 \s1 Mallattoo Museedhaaf Kenname \p \v 1 Museen, “Yoo isaan, ‘\nd Waaqayyo\nd* sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?” jedhee deebise. \p \v 2 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd*, “Wanti harka kee keessa jiru sun maali?” jedheen. \p Museen immoo, “Ulee dha” jedhee deebise. \p \v 3 \nd Waaqayyos\nd*, “Lafa buusi” jedheen. \p Museen lafa buufnaan uleen sun bofa taʼe; innis irraa baqate. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* garuu Museedhaan, “Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi” jedhe. Museenis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe. \v 5 \nd Waaqayyos\nd*, “kun akka isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii isaanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob sitti mulʼate akka amananiif” jedhe. \p \v 6 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe. Museenis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe. \p \v 7 Innis Museedhaan, “Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe; Museenis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe. \p \v 8 \nd Waaqayyos\nd* akkana jedhe; “Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa. \v 9 Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa.” \p \v 10 Museenis \nd Waaqayyoon\nd*, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe. \p \v 11 \nd Waaqayyos\nd* akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma \nd Waaqayyoo\nd* mitii? \v 12 Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.” \p \v 13 Museen garuu, “Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi” jedhe. \p \v 14 Dheekkamsi \nd Waaqayyoos\nd* Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada. \v 15 Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa. \v 16 Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akka Waaqaa ni taata. \v 17 Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu.” \s1 Museen Gibxitti Deebiʼe \p \v 18 Museen gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, “Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami” jedheen. \p Yootooris, “Nagaan dhaqi” jedheen. \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* Midiyaanitti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi” jedhee ture. \v 20 Kanaafuu Museen niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Waaqaa harkatti qabatee ture. \p \v 21 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha. \v 22 Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa; \v 23 anis, “Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi” jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’ ” \p \v 24 \nd Waaqayyo\nd* karaa irratti iddoo bultiitti Museetti dhufee isa ajjeesuu barbaade. \v 25 Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Musee tuqxe. Isheenis, “Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati” jette. \v 26 \nd Waaqayyos\nd* isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, “Misirricha dhiigaa ti” jette. \p \v 27 \nd Waaqayyos\nd* Arooniin, “Ati Musee simachuuf gara gammoojjii dhaqi!” jedhe. Innis dhaqee Tulluu Waaqaa irratti Musee argatee isa dhungate. \v 28 Yeroo sana Museen dubbii \nd Waaqayyo\nd* akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Aroonitti hime. \p \v 29 Musee fi Aroon maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban; \v 30 Aroonis waan \nd Waaqayyo\nd* Museetti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete; \v 31 isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka \nd Waaqayyo\nd* saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan. \c 5 \s1 Xuubii Cidii Hin qabne \p \v 1 Ergasii Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Akka inni gammoojjiitti ayyaana naa ayyaanessuuf saba koo gad dhiisi.’ ” \p \v 2 Faraʼoon immoo, “Akka ani isaaf ajajamee Israaʼelin gad dhiisuuf \nd Waaqayyo\nd* kun eenyu? Ani \nd Waaqayyo\nd* sana hin beeku; Israaʼelinis gad hin dhiisu” jedhe. \p \v 3 Isaanis akkana jedhan; “Waaqni Ibrootaa nutti dhufeera. Akka nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami; akkas taʼuu baannaan inni dhaʼichaan yookaan goraadeedhaan nu dhaʼa.” \p \v 4 Mootiin Gibxi garuu, “Yaa Musee fi Aroon, isin maaliif saba kana hojii dhowwitu? Hojii keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe. \v 5 Faraʼoonis ittuma fufee, “Kunoo sabni biyyattii amma baayʼateera; isin immoo hojii isaan dhowwaa jirtu” jedhe. \p \v 6 Guyyuma sana Faraʼoon akkana jedhee itti gaafatamtoota hojiitii fi qondaaltota sabaa ajaje; \v 7 “Siʼachi xuubii hojjechuudhaaf saba kanaaf cidii hin kenninaa; isaan ofuma isaaniitii dhaqanii cidii haa barbaaddatan. \v 8 Garuu akka isaan lakkoobsa xuubii kan duraan hojjechaa turan sana hojjetan godhaa; hamma isaanitti ramadame hin hirʼisinaa. Isaan dhibaaʼoo dha; kanaafuu, ‘Nu dhaqnee Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessina’ jedhanii iyyaa jiru. \v 9 Akka isaan hojiidhaan qabamanii dubbii sobaatiif xiyyeeffannoo hin kennineef hojii isaanitti cimsaa.” \p \v 10 Itti gaafatamtoonni hojiitii fi qondaaltonni sabaa gad yaaʼanii saba sanaan akkana jedhan; “Faraʼoon akkana jedha: ‘Ani siʼachi cidii isinii hin kennu. \v 11 Lafa itti argachuu dandeessan dhaqaatii ofii keessanii cidii barbaaddadhaa; hojiin keessan garuu gonkumaa hin hirʼatu.’ ” \v 12 Sabni sun qooda cidii, haafa walitti qabachuuf jedhee biyya Gibxii guutuu keessa faffacaʼe. \v 13 Itti gaafatamtoonni sunis, “Isin hojii keessan kan guyyaa guyyaa akkuma yeroo cidiin ture sanaatti hojjedhaa raawwadhaa” jedhanii isaan jarjarsaa turan. \v 14 Israaʼeloonni qondaaltota hojii taʼan kanneen itti gaafatamtoota garboota Faraʼooniin muudamanis reebamanii, “Isin kaleessaa fi harʼa maaliif qooda xuubii kan akka hojjettaniif isinii ramadame sana akkuma duriitti hin guuttanne?” jedhamanii gaafatamaa turan. \p \v 15 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼanis dhaqanii akkana jedhanii Faraʼoonitti iyyatan; “Ati maaliif tajaajiltoota kee akkas goota? \v 16 Cidiin tajaajiltoota keetiif hin kennamu; taʼus, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jedhan. Kunoo tajaajiltoonni kee reebamaa jiru; balleessaan garuu kanuma saba keetii ti.” \p \v 17 Faraʼoonis akkana jedhe; “Isin dhibaaʼoo dha; isin dhibaaʼoo dha! Kanaafuu isin, ‘Nu dhaqnee \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessina’ jettan. \v 18 Amma dhaqaatii hojjedhaa; cidiin isiniif hin kennamu; garuu xuubii isinitti ramadame hojjetanii guutuu qabdu.” \p \v 19 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼan yommuu, “Isin lakkoobsa xuubii kan guyyaa guyyaatti akka hojjettaniif isin irraa eegamu sana hirʼisuu hin qabdan” jedhamee isaanitti himametti akka rakkina keessa seenan hubatan. \v 20 Yeroo Faraʼoon biraa gad baʼanitti utuu Musee fi Aroon isaan eeganuu argatan; \v 21 isaanis, “Waan isin akka Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa nu xireeffatan gootanii akka isaan nu ajjeesaniif goraadee harka isaanii keessa keessaniif \nd Waaqayyo\nd* isinitti haa ilaalu; isinitti haa murus!” jedhan. \s1 Waaqni Furama Abdachiise \p \v 22 Museen gara \nd Waaqayyootti\nd* deebiʼee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ati maaliif saba kanatti rakkina fidde? Ati kanaaf na ergitee? \v 23 Gaafa ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon bira dhaqee jalqabee inni saba keetti rakkinuma fidaa jira; ati garuu gonkumaa saba kee hin furre.” \c 6 \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe. \p \v 2 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani \nd Waaqayyo\nd*. \v 3 Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo \nd Waaqayyoon\nd* isaanitti of hin beeksifne. \v 4 Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera. \v 5 Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera. \p \v 6 “Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani \nd Waaqayyo\nd*; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura. \v 7 Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu. \v 8 Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani \nd Waaqayyo\nd*.’ ” \p \v 9 Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 11 “Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.” \p \v 12 Museen garuu \nd Waaqayyoon\nd*, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe. \s1 Hidda Dhaloota Musee fi Aroon \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje. \b \lh \v 14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha: \b \li1 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: \li2 Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii. \lf Warri kunneen gosoota Ruubeen. \b \li1 \v 15 Ilmaan Simiʼoon: \li2 Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan. \lf Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon. \b \li1 \v 16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: \li2 Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. \lf Lewwiin waggaa 137 jiraate. \li2 \v 17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: \li3 Loobeenii fi Shimeʼii. \li2 \v 18 Ilmaan Qohaati: \li3 Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. \li2 Qohaati waggaa 133 jiraate. \li2 \v 19 Ilmaan Meraarii: \li3 Mahilii fi Muusii. \lf Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti. \b \li1 \v 20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef. \lf (Amraam waggaa 137 jiraate.) \li1 \v 21 Ilmaan Yizihaar: \li2 Qooraahi, Naafegii fi Zikrii. \li1 \v 22 Ilmaan Uziiʼeel: \li2 Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii. \li1 \v 23 Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef. \b \li1 \v 24 Ilmaan Qooraahi: \li2 Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf. \lf Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti. \b \li1 \v 25 Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef. \b \lf Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti. \b \p \v 26 Aroonii fi Museen warri \nd Waaqayyo\nd*, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana. \v 27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana. \s1 Aroon Qooda Musee Dubbachuu Isaa \p \v 28 \nd Waaqayyo\nd* yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana \v 29 akkana jedheen; “Ani \nd Waaqayyoo\nd* dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.” \p \v 30 Museen garuu \nd Waaqayyoon\nd*, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe. \c 7 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa. \v 2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima. \v 3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu, \v 4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa. \v 5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \p \v 6 Musee fi Aroonis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isaan ajaje godhan. \v 7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture. \s1 Uleen Aroon bofa taʼe \p \v 8 \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 9 “Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Arooniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa.” \p \v 10 Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma \nd Waaqayyo\nd* isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. \v 11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. \v 12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite. \v 13 Taʼus Faraʼoon akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide. \s1 Dhaʼicha Dhiigaa \p \v 14 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide. \v 15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi. \v 16 Akkanas jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta. \v 17 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama. \v 18 Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’ ” \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* immoo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.” \p \v 20 Musee fi Aroon akkuma \nd Waaqayyo\nd* isaan ajaje sana godhan. Aroon ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame. \v 21 Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame. \p \v 22 Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma \nd Waaqayyo\nd* jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide. \v 23 Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne. \v 24 Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan. \s1 Dhaʼicha Fattee \p \v 25 Erga \nd Waaqayyo\nd* Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe. \c 8 \nb \f + \fr 8 \fr*\ft Kutaan \+xt 8:1‑4\+xt* kitaaba Afaan Ibraayisxii keessatti 7:26‑29 jedhamee, kutaan \+xt 8:5‑32\+xt* immoo 8:1‑28 jedhama.\ft*\f* \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi. \v 2 Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga. \v 3 Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu. \v 4 Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’ ” \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’ ” \p \v 6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan. \v 7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan. \p \v 8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf \nd Waaqayyo\nd* kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe. \p \v 9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe. \p \v 10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen. \p Museenis akkana jedhee deebise; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa fakkaatu kan tokko iyyuu akka hin jirre akka beektuuf akkuma ati jettu taʼa. \v 11 Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.” \p \v 12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa \nd Waaqayyotti\nd* iyye. \v 13 \nd Waaqayyos\nd* akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman. \v 14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte. \v 15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide. \s1 Dhaʼicha Injiraanii \p \v 16 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Arooniin, ‘Ulee kee ol kaasiitii awwaara lafaa dhaʼi’ jedhi; awwaarri sunis biyya Gibxi guutuu keessatti injiraan taʼa” jedhe. \v 17 Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe. \v 18 Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban. \p Injiraanis namaa fi horii irra ture. \v 19 Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide. \s1 Dhaʼicha Tisiisaa \p \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi. \v 21 Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu. \p \v 22 “ ‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani \nd Waaqayyo\nd* biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu. \v 23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’ ” \p \v 24 \nd Waaqayyos\nd* akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame. \p \v 25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen. \p \v 26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree? \v 27 Akkuma inni nu ajajetti nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.” \p \v 28 Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe. \p \v 29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu \nd Waaqayyo\nd* nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.” \p \v 30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee \nd Waaqayyo\nd* kadhate; \v 31 \nd Waaqayyos\nd* akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne. \v 32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide. \c 9 \s1 Dhaʼicha Horiitti Dhufe \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqiitii akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Ibrootaa akkana jedha; “Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.” \v 2 Yoo ati gad dhiisuu diddee isaan danqite, \v 3 kunoo harki \nd Waaqayyoo\nd* horii kee kanneen dirree irra oolan fardeen, harrootaa fi gaalawwan keetti, loon, hoolotaa fi reʼoota keetti dhaʼicha hamaa ni fida. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* garuu akka horiin saba Israaʼel tokko iyyuu hin duuneef horii Israaʼelii fi horii warra Gibxi gidduutti garaa garummaa ni uuma.’ ” \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* yeroo murteessee, “\nd Waaqayyo\nd* bor waan kana biyyattii keessatti ni hojjeta” jedhe. \v 6 \nd Waaqayyos\nd* guyyaa itti aanutti waan kana hojjete: Horiin warra Gibxi hundi ni dhume; horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko iyyuu hin duune. \v 7 Faraʼoonis namoota qoratan ergee, kunoo akka horii saba Israaʼel keessaa tokko illee hin duʼin beeke. Taʼus Faraʼoon mata jabeessa taʼee saba sana gad dhiisuu dide. \s1 Dhaʼicha Dhullaa \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* immoo Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Daaraa harka guutuu iddoo ibiddaatii hammaaraa; Museenis daaraa sana fuula Faraʼoon duratti samiitti ol haa facaasu. \v 9 Innis biyya Gibxi guutuu keessatti awwaara taʼa; dhullaan malaa yaasu namaa fi horii guutuu biyyattii keessa jiranitti yaaʼa.” \p \v 10 Isaan boolla ibiddaa irraa daaraa hammaarratanii fuula Faraʼoon dura dhaabatan. Museenis daaraa sana samiitti ol facaase; dhullaan malaa yaasus namaa fi horiitti yaaʼe. \v 11 Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Musee dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii. \v 12 Garuu \nd Waaqayyo\nd* akkuma Museetti hime sana \nd Waaqayyo\nd* Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide. \s1 Dhaʼicha Cabbii \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon dura dhaabadhu; akkanas jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Ibrootaa akkana jedha; akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi; \v 14 yoo kanaa achii ani amma dhaʼicha koo hunda sitti, qondaaltota keetii fi saba keetti nan erga; kunis akka ati akka Waaqni akka koo lafa hunda irra hin jirre beektuuf. \v 15 Silaa amma ani harka koo ol fudhadhee siʼii fi saba kee dhukkuba hamaan dhaʼuu nan dandaʼa ture; atis lafa irraa badda turte. \v 16 Ani garuu humna koo sirratti argisiisuu fi akka maqaan koo lafa hunda irratti labsamuuf jedheen kaayyoo kanaaf si jiraachise. \v 17 Ati amma iyyuu saba koo irratti ol ol of qabda; jaras gad hin dhiiftu. \v 18 Kunoo ani bori yeroo akkanaatti cabbii hamaa erga Gibxi hundeeffamtee jalqabee hamma ammaatti takkumaa Gibxitti hin buʼin tokko nan buusa. \v 19 Egaa amma nama ergiitii horii keetii fi waan alaa qabdu hunda manatti galchisiisi; cabbiin sunis namaa fi horii manatti hin galin kanneen alatti hafan hundatti ni buʼa; isaanis ni dhumu.’ ” \p \v 20 Qondaaltota Faraʼoon keessaa warri dubbii \nd Waaqayyoo\nd* sodaatan garboota isaaniitii fi horii isaanii manatti galfachuuf ariifatanii sokkan. \v 21 Warri dubbii \nd Waaqayyootiif\nd* xiyyeeffannoo hin kennin immoo garboota isaaniitii fi horii isaanii alatti dhiisan. \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Akka cabbiin biyya Gibxi hundatti namatti, horii fi biqiltuu lafa qotiisaa Gibxi hunda irratti buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. \v 23 Yommuu Museen ulee isaa gara samiitti diriirsettis \nd Waaqayyo\nd* kakawwee fi cabbii erge; ibiddis gara lafaatti gad buʼe. \nd Waaqayyos\nd* biyya Gibxitti cabbii roobse; \v 24 cabbiin ni buʼe; ibiddis cabbii wajjin wal make. Cabbiin hamaan akkanaa erga Gibxi saba taatee beekamtee as takkumaa guutuu biyyattiitti hin buune. \v 25 Cabbiin sunis biyya Gibxi keessatti waan ala jiru hunda namas horiis ni dhaʼe; biqiltuu lafa qotiisaa hundas ni balleesse; muka hundas ni barbadeesse. \v 26 Lafti cabbiin itti hin buʼin biyya Gooshen iddoo Israaʼeloonni jiraatan qofa ture. \p \v 27 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedheen; “Ani amma cubbuu hojjedheera; \nd Waaqayyo\nd* qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa hojjenneerra. \v 28 Sababii bakakkaa fi cabbiin nutti baayʼateef isin \nd Waaqayyoon\nd* nuuf kadhadhaa. Anis gad isin nan dhiisa; isin hammana caalaa as turuu hin qabdan.” \p \v 29 Museenis akkana jedhee deebise; “Ani yommuu magaalaa kana keessaa baʼutti harka koo balʼisee \nd Waaqayyo\nd* nan kadhadha. Bakakkaan ni dhowwama; cabbiinis siʼachi hin jiraatu; kanaanis ati akka lafti kan \nd Waaqayyoo\nd* taate ni beekta. \v 30 Ani garuu akka atii fi qondaaltonni kee amma iyyuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa hin sodaanne nan beeka.” \p \v 31 Waan talbaan daraaree, garbuun immoo bilchaatee tureef talbaa fi garbuun ni badan. \v 32 Qamadii fi honboriin garuu waan turanii bilchaataniif hin badne. \p \v 33 Museenis Faraʼoon biraa deemee magaalaa keessaa gad baʼe; innis harka isaa gara \nd Waaqayyootti\nd* balʼise; bakakkaa fi cabbiin ni dhowwaman. Bokkaanis deebiʼee biyyattiitti hin roobne. \v 34 Faraʼoonis yommuu akka bokkaan, cabbii fi bakakkaan dhowwaman argetti ammas cubbuu hojjete; innii fi qondaaltonni isaa mata jabeeyyii taʼan. \v 35 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin dubbate sana, Faraʼoon mata jabeessa taʼe; saba Israaʼelis gad dhiisuu dide. \c 10 \s1 Dhaʼicha Hawwaannisaa \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera; \v 2 kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe akka beektaniif taʼe.” \p \v 3 Musee fi Aroonis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi. \v 4 Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida. \v 5 Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa. \v 6 Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’ ” Kana booddee Museen garagalee Faraʼoon biraa baʼe. \p \v 7 Qondaaltonni Faraʼoonis, “Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?” jedhaniin. \p \v 8 Musee fi Aroonin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, “Dhaqaatii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?” jedheen. \p \v 9 Museenis, “Nu sababii ayyaana \nd Waaqayyoo\nd* ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna” jedhee deebise. \p \v 10 Faraʼoonis akkana jedhe; “Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira. \v 11 Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii \nd Waaqayyo\nd* waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii.” Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman. \p \v 12 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi” jedhe. \p \v 13 Museenis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan \nd Waaqayyo\nd* guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe; \v 14 hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune. \v 15 Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne. \p \v 16 Faraʼoonis dafee Musee fi Aroonin waamee akkana jedheen; “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera. \v 17 Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan naa kadhadhaa.” \p \v 18 Museenis Faraʼoon biraa gad baʼee \nd Waaqayyo\nd* kadhate. \v 19 \nd Waaqayyos\nd* bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne. \s1 Dhaʼicha Dukkanaa \p \v 21 \nd Waaqayyo\nd* immoo Museedhaan, “Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. \v 22 Museen harka isaa gara samiitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge. \v 23 Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan. \p \v 24 Faraʼoonis Musee ofitti waamee, “Dhaqaatii \nd Waaqayyo\nd* waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa” jedheen. \p \v 25 Museen garuu akkana jedhe; “Ati akka nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda. \v 26 Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti \nd Waaqayyo\nd* waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu.” \p \v 27 \nd Waaqayyo\nd* garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide. \v 28 Faraʼoonis Museedhaan, “Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!” jedhe. \p \v 29 Museenis deebisee, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu” jedhe. \c 11 \s1 Dhaʼicha Hangafa Irra Gaʼe \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa. \v 2 Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.” \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture. \p \v 4 Museen akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. \v 5 Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. \v 6 Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. \v 7 Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka \nd Waaqayyo\nd* Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. \v 8 Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe. \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe. \v 10 Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; \nd Waaqayyo\nd* garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe. \c 12 \s1 Faasiikaa \r 12:14‑20 kwf – \xt Lew 23:4‑8; Lak 28:16‑25; KeD 16:1‑8\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe; \v 2 “Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu. \v 3 Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa. \v 4 Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu. \v 5 Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu. \v 6 Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu. \v 7 Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban. \v 8 Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan. \v 9 Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa. \v 10 Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa. \v 11 Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa \nd Waaqayyoo\nd* ti. \p \v 12 “Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani \nd Waaqayyo\nd*. \v 13 Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu. \p \v 14 “Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti \nd Waaqayyoof\nd* ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu. \v 15 Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu. \v 16 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma. \p \v 17 “Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa. \v 18 Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu. \v 19 Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu. \v 20 Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.” \p \v 21 Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa. \v 22 Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin. \v 23 \nd Waaqayyo\nd* yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf. \p \v 24 “Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa. \v 25 Isinis yeroo biyya \nd Waaqayyo\nd* akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa. \v 26 Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti, \v 27 akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa \nd Waaqayyoo\nd* ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’ ” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan. \v 28 Israaʼeloonnis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Aroonin ajaje sana godhan. \p \v 29 Halkan walakkaatti \nd Waaqayyo\nd* ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe. \v 30 Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture. \s1 Gibxii Baʼuu \p \v 31 Faraʼoonis halkan sanaan Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedhe; “Kaʼaa! Isinii fi Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattan sana dhaqaatii \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffadhaa. \v 32 Akkuma jettan sana bushaayee fi loon keessan fudhadhaatii deemaa; anas eebbisaa.” \p \v 33 Warri Gibxis akka sabni sun dafee biyya sanaa baʼu jarjarsan; isaanis, “Yoo kanaa achii nu hundi ni dhumnaa” jedhan. \v 34 Kanaafuu sabni sun bukoo isaanii utuu hin bukaaʼin fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin maranii gatiittiitti baadhatan. \v 35 Israaʼeloonnis akkuma Museen isaanitti hime sana godhan; isaanis miʼa meetiitii fi warqee, wayyaas warra Gibxi gaafatan. \v 36 Sababii \nd Waaqayyo\nd* fuula warra Gibxi duratti Israaʼelootaaf surraa kenneef, warri Gibxi waan isaan gaafatan hunda kennaniif; isaanis akkasiin qabeenya warra Gibxi boojiʼanii baʼan. \p \v 37 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukootitti qajeelan. Isaanis nadheenii fi ijoollee malee namoota lafoo gara kuma dhibba jaʼa turan. \v 38 Uummanni walitti makame hedduun, akkasumas horiin jechuunis bushaayee fi loon baayʼeen isaan wajjin baʼan. \v 39 Isaanis bukoo Gibxi fudhatanii dhufan sana irraa Maxinoo tolfatan. Sababii isaan jarjarsuudhaan Gibxi keessaa baafamanii yeroo itti nyaata qopheeffatan illee dhabaniif bukoon sun raacitii hin qabu ture. \p \v 40 Barri Israaʼeloonni Gibxi keessa jiraatan waggaa 430 ture. \v 41 Dhuma waggaa 430 sanaatti guyyuma sana raayyaan \nd Waaqayyoo\nd* hundi biyya Gibxiitii baʼe. \v 42 \nd Waaqayyo\nd* Gibxi keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun Israaʼeloota hundumaaf halkan itti \nd Waaqayyoof\nd* ulfina kennuudhaaf dammaqanii eeganii dha. \s1 Seera Faasiikaa \p \v 43 \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Seerri Faasiikaa kanaa dha: \p “Ormi tokko iyyuu isa irraa hin nyaatin. \v 44 Garbichi bitame kam iyyuu erga dhagna qabdanii booddee haa nyaatu; \v 45 keessummaan yookaan namni hojjetaan qacarame garuu hin nyaatin. \p \v 46 “Hoolaan sun manuma tokko keessatti haa nyaatamu; foon isaa tokko iyyuu manaa gad hin baasinaa. Lafee isaa keessaas tokko iyyuu hin cabsinaa. \v 47 Waldaan Israaʼel hundis ayyaana kana haa ayyaaneffatu. \p \v 48 “Ormi isin wajjin jiraatu yoo Faasiikaa \nd Waaqayyoo\nd* ayyaanessuu barbaade inni dhiirota mana isaa jiraatan hunda dhagna haa qabu; ergasiis akkuma dhalataa biyyaatti ayyaanicha haa ayyaanessu. Dhiirri dhagna hin qabatin tokko iyyuu garuu hoolaa sana hin nyaatin. \v 49 Dhalataa biyyaatiifis taʼu orma isin gidduu jiraatuuf seerri tokkuma.” \p \v 50 Israaʼeloonni hundis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee fi Aroonin ajaje sana godhan. \v 51 \nd Waaqayyos\nd* gaafuma sana kutaa kutaa isaaniitiin Israaʼeloota biyya Gibxi keessaa baase. \c 13 \s1 Hangafni Waaqaaf Addaan Baafamuu Isaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti.” \p \v 3 Yommus Museen uummataan akkana jedhe; “Sababii \nd Waaqayyo\nd* irree jabaadhaan achii isin baaseef guyyaa itti mana garbummaatii Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa. Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa. \v 4 Isin jiʼa Abiibii keessa guyyaa harʼaa baatan. \v 5 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, biyya Hiiwotaa fi Yebuusotaatti jechuunis biyya aannanii fi damma baasu kan inni akka siif kennu abbootii keetiif kakate sanatti si galchutti ati jiʼa kana keessa ayyaana kana ayyaaneffatta; \v 6 ati bultii torba Maxinoo nyaatta; guyyaa torbaffaatti immoo ayyaana \nd Waaqayyoo\nd* taʼa. \v 7 Guyyaa torban sana Maxinoo nyaadhu; wanni raacitii qabu tokko iyyuu si biratti hin argamin; daangaa kee hunda keessattis raacitiin hin argamin. \v 8 Gaafas, ‘Ani waan \nd Waaqayyo\nd* yeroo ani Gibxi keessaa baʼetti naa godhe sanaaf jedhee waan kana godha’ jedhiitii ilma keetti himi. \v 9 Sirni kunis akka seerri \nd Waaqayyoo\nd* arraba kee irra jiraatuuf harka kee irratti akka mallattoo, adda kee irratti immoo akka yaadannoo siif taʼa. \nd Waaqayyo\nd* harka isaa jabaa sanaan Gibxii si baaseetii. \v 10 Atis sirna kana wagguma waggaan yeroo isaatti eeguu qabda. \p \v 11 “Yommuu \nd Waaqayyo\nd* akkuma siʼii fi abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya Kanaʼaanotaatti si galchee biyyattii siif kennutti, \v 12 ati hangafa gadameessa banu hunda \nd Waaqayyoof\nd* kennita. Kormi horii keetii hangafni hundinuus kan \nd Waaqayyoo\nd* ti. \v 13 Harree hangafa kam iyyuu ilmoo hoolaatiin furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaas hangafa kam iyyuu furi. \p \v 14 “Bara dhufuuf jiru keessa yoo ilmi kee, ‘Kun maal jechuu dha?’ jedhee si gaafate ati akkana jedhiin; ‘\nd Waaqayyo\nd* harka jabaadhaan Gibxii, mana garbummaa keessaa nu baase. \v 15 Yommuu Faraʼoon mataa jabaatee gad nu dhiisuu didetti, \nd Waaqayyo\nd* hangafa Gibxi hunda namaa fi horii ajjeese. Sababiin ani korma hangafa gadameessa banu hunda \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuu fi sababiin ani ilmaan koo keessaa hangafa hunda furuuf kanuma.’ \v 16 \nd Waaqayyo\nd* irree jabaadhaan Gibxii nu baasuu isaatiif wanni kun harka kee irratti mallattoo, adda kee irrattis mallattoo taʼa.” \s1 Galaana Ceʼuu \p \v 17 Yeroo Faraʼoon saba sana gad dhiisetti karichi gabaabaa taʼu iyyuu Waaqni karaa biyya Filisxeem irra isaan hin qajeelchine; sababiin isaas Waaqni, “Isaan yoo waraanni isaan mudate yaada geeddarratanii Gibxitti deebiʼuu dandaʼan” jedhee ti. \v 18 Kanaafuu Waaqni karaa naannoo gammoojjiitiin gara Galaana Diimaatti saba sana qajeelche. Israaʼeloonnis waraanaaf qophaaʼanii biyya Gibxiitii baʼan. \p \v 19 Sababii Yoosef, “Waaqni dhugumaan isin gargaara; isinis gaafas lafee koo asii fuudhaa baʼaa” jedhee Israaʼeloonni kakachiisee tureef Museen lafee Yoosef fuudhee baʼe. \p \v 20 Isaanis Sukootii kaʼanii Eetaam keessa qarqara gammoojjii qubatan. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture. \v 22 Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture. \c 14 \p \v 1 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu. \v 3 Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade. \v 4 Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan. \p \v 5 Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan. \v 6 Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe. \v 7 Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe. \v 8 \nd Waaqayyos\nd* Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe. \v 9 Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban. \p \v 10 Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii \nd Waaqayyotti\nd* iyyatan. \v 11 Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti? \v 12 Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!” \p \v 13 Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu \nd Waaqayyoo\nd* kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* isiniif lola; isin gab jedhaa.” \p \v 15 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi. \v 16 Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi. \v 17 Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha. \v 18 Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beeku.” \p \v 19 Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate; \v 20 utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne. \p \v 21 Museenis harka isaa galaana irra diriirfate; \nd Waaqayyos\nd* halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame; \v 22 Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef. \p \v 23 Warri Gibxi isaan duukaa buʼanii fardeen Faraʼoon, gaariiwwan isaatii fi abbootiin fardaa isaa galaana seenan. \v 24 Yommuu lafti bariʼetti \nd Waaqayyo\nd* utubaa ibiddaatii fi duumessaa keessaa loltoota Gibxi sana gad ilaalee gara itti goran isaan wallaalchise. \v 25 Akka isaan rakkinaan oofaniifis gommaa gaariiwwan isaanii irraa baase. Warri Gibxis, “Waan \nd Waaqayyo\nd* gama Israaʼelootaa dhaabatee warra Gibxi lolaa jiruuf kottaa isaan duraa baqannaa” jedhan. \p \v 26 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Akka bishaanonni warra Gibxi irra, gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaanii irra garagalaniif harka kee galaana irratti diriirsi” jedhe. \v 27 Museenis harka isaa galaanicha irratti diriirse; yeroo lafti bariʼettis galaanni sun iddoo isaatti deebiʼe. Warri Gibxis bishaan sana jalaa baqatan; \nd Waaqayyos\nd* haxaaʼee galaanatti isaan naqe. \v 28 Bishaan sun iddoo isaatti deebiʼee gaariiwwanii fi abbootii fardaa jechuunis loltoota Faraʼoon kanneen Israaʼeloota duukaa buʼanii galaana seenan sana hunda liqimse. Isaan keessaas namni tokko iyyuu hin hafne. \p \v 29 Israaʼeloonni garuu bishaanichi karaa mirga isaaniitii fi karaa bitaa isaaniitiin keenyan taʼeefii galaanicha keessa lafa gogaa irra darban. \v 30 Gaafas \nd Waaqayyo\nd* harka warra Gibxi jalaa Israaʼeloota baase; warri Israaʼelis reeffa warra Gibxi qarqara galaanaatti argan. \v 31 Israaʼeloonnis yommuu humna guddaa kan \nd Waaqayyo\nd* warra Gibxi irratti mulʼise sana arganitti, \nd Waaqayyoon\nd* sodaatan; isaanis \nd Waaqayyoo\nd* fi tajaajilaa isaa Musee amanan. \c 15 \s1 Faarfannaa Museetii fi Maariyaam \p \v 1 Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana \nd Waaqayyoof\nd* faarfatan: \q1 “Ani \nd Waaqayyoof\nd* nan faarfadha; \q2 inni ol ol jedheeraatii. \q1 Inni fardaa fi namicha farda yaabbate \q2 galaanatti gad darbateera. \b \q1 \v 2 “\nd Waaqayyo\nd* jabina kootii fi faarfannaa koo ti; \q2 inni fayyina koo taʼeera. \q1 Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha; \q2 inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba. \q1 \v 3 \nd Waaqayyo\nd* goota waraanaa ti; \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 4 Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa \q2 galaanatti gad darbateera. \q1 Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni, \q2 Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru. \q1 \v 5 Tuujubni isaan irra gara gale; \q2 isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman. \q1 \v 6 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 harki kee mirgaa diina ni hurreessa. \b \q1 \v 7 “Ati guddina ulfina keetiitiin \q2 warra siin morman gad darbatte. \q1 Aarii kee bobaʼaa ni ergite; \q2 innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe. \q1 \v 8 Hafuura funyaan keetiitiin \q2 bishaanonni tuulaman. \q1 Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate; \q2 tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan. \q1 \v 9 Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba. \q2 Boojuu nan qoodadha; \q2 ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha. \q1 Goraadee koo nan luqqifadha; \q2 harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate. \q1 \v 10 Ati garuu bubbee kee itti bubbifte; \q2 galaanni immoo isaan irra gara gale. \q1 Isaanis akkuma sibiilaa \q2 bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, \q2 waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? \q1 Qulqullinaan simboo qabeessi, \q2 ulfinaan sodaachisaan, \q1 hojii dinqii hojjechuuttis \q2 kan akka keetii eenyu? \b \q1 \v 12 “Ati harka kee mirgaa diriirfannaan, \q2 lafti isaan liqimsite. \q1 \v 13 Ati saba furte sana, \q2 jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. \q1 Jabina keetiinis \q2 gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita. \q1 \v 14 Saboonni dhagaʼanii hollatu; \q2 muddamsuunis saba Filisxeem qabate. \q1 \v 15 Hangafoonni Edoom ni rifatu; \q2 bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata; \q1 warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu; \q2 \v 16 sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, hamma sabni kee darbutti, \q2 hamma sabni ati bitatte sun darbutti \q1 jabina harka keetiitiin \q2 isaan akkuma dhagaa calʼisu. \q1 \v 17 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati gara tulluu dhaala keetiitti, \q2 gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti, \q1 yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti \q2 ol galchitee isaan dhaabda. \b \q1 \v 18 “\nd Waaqayyo\nd*, \q2 bara baraa hamma bara baraatti moʼa.” \p \v 19 Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti \nd Waaqayyo\nd* bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban. \v 20 Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan. \v 21 Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* faarfadhaa; \q2 inni ulfinaan moʼateeraatii. \q1 Inni fardaa fi namicha farda yaabbate \q2 galaanatti gad darbateera.” \s1 Bishaan Maaraatii fi Bishaan Eelim \p \v 22 Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman. \v 23 Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma. \v 24 Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman. \p \v 25 Yommus Museen \nd Waaqayyotti\nd* iyyinaan, \nd Waaqayyo\nd* muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe. \p \nd Waaqayyos\nd* iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore. \v 26 Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani \nd Waaqayyo\nd* si fayyisuudhaatii.” \p \v 27 Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan. \c 16 \s1 Mannaa fi Dimbiriqqee \p \v 1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan. \v 2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Musee fi Aroonitti guunguman. \v 3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; “Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka \nd Waaqayyootti\nd* utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu.” \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* immoo Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, ani samii irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala. \v 5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu.” \p \v 6 Musee fi Aroon Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Kan biyya Gibxiitii isin baase \nd Waaqayyo\nd* akka taʼe galgala kana ni beektu. \v 7 Ganama immoo ulfina \nd Waaqayyoo\nd* argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?” \v 8 Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni \nd Waaqayyo\nd* taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin \nd Waaqayyotti\nd* guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.” \p \v 9 Yommus Museen, “Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼaadhaa’ jedhi” jedhee Aroonitti hime. \p \v 10 Yeroo Aroon guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* duumessa keessaan mulʼate. \p \v 11 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 12 “Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi.” \p \v 13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture. \v 14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan. \v 15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, “Wanni kun maali?” waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii. \p Museenis akkana isaaniin jedhe; “Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif \nd Waaqayyo\nd* isiniif kennee dha. \v 16 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’ ” \p \v 17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan. \v 18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate. \p \v 19 Museenis, “Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin” jedheen. \p \v 20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Musee hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Museen isaanitti aare. \p \v 21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade. \v 22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Museetti himan. \v 23 Innis akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata \nd Waaqayyoof\nd* qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’ ” \p \v 24 Jarris akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne. \v 25 Museenis akkana jedhe; “Waan guyyaan harʼaa sanbata \nd Waaqayyoo\nd* taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan. \v 26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu.” \p \v 27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne. \v 28 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu? \v 29 \nd Waaqayyo\nd* Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin.” \v 30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote. \p \v 31 Sabni Israaʼel buddeena sana “mannaa” jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti. \v 32 Museen akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’ ” \p \v 33 Museen Arooniin, “Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura kaaʼi” jedhe. \p \v 34 Aroonis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe. \v 35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan. \p \v 36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti. \c 17 \s1 Bishaan Kattaa Keessaa Burqe \p \v 1 Waldaan ijoollee Israaʼel hundi akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti Gammoojjii Siiniitii kaʼanii iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti darbaa dhaqanii Refiidiim qubatan. Garuu sabni sun bishaan dhugaatii hin arganne. \v 2 Kanaafuu isaan, “Bishaan dhugnu nuu kenni” jedhanii Musee lolan. \p Museen immoo deebisee, “Isin maaliif na loltu? \nd Waaqayyos\nd* maaliif qortu?” jedheen. \p \v 3 Jarris bishaan dheebotanii Museetti guunguman; akkanas jedhan; “Ati maaliif akka nu, ijoolleen keenyaa fi horiin keenya dheebuun dhumnuuf biyya Gibxiitii nu baafte?” \p \v 4 Kana irratti Museen gara \nd Waaqayyootti\nd* iyyee, “Ani saba kana maal godha? Isaan dhagaan na tumuuf xinnumatu hafe” jedhe. \p \v 5 \nd Waaqayyo\nd* immoo akkana jedhee Museef deebii kenne; “Saba kana dura darbii deemi. Maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko of faana fudhadhuutii ulee ittiin laga Abbayyaa dhoofte sana harkatti qabadhuu deemi. \v 6 Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa.” Kanaafuu Museen fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe. \v 7 Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, “\nd Waaqayyo\nd* nu wajjin jira moo hin jiru?” jechuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* qoraniif Museen iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase. \s1 Amaaleqoonni Moʼataman \p \v 8 Amaaleqoonni dhufanii Refiidiimitti Israaʼeloota lolan. \v 9 Museenis Iyyaasuudhaan, “Namoota keenya keessaa muraasa filadhuutii dhaqii Amaaleqoota loli. Ani bor ulee Waaqaa harka kootti qabadhee fiixee gaara irra nan dhaabadha” jedhe. \p \v 10 Yeroo Museen, Aroonii fi Huuri fiixee gaaratti ol baʼanitti, Iyyaasuun akkuma Museen ajajetti Amaaleqoota lola ture. \v 11 Yeroo Museen harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan. \v 12 Isaanis yeroo harki Musee dadhabaa deemetti dhagaa tokko fuudhanii isa jala kaaʼan; innis irra taaʼe. Aroonii fi Huuri inni tokko garanaan inni kaan immoo garasiin goranii akka harki isaa hamma aduun dhiitutti gad hin deebineef ol qabaniif. \v 13 Akkasiin Iyyaasuun loltoota Amaaleqootaa goraadeedhaan moʼate. \p \v 14 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Akka wanni kun yaadatamuuf kitaabatti barreessi; Iyyaasuun waan kana dhagaʼuu isaa mirkaneessi; ani guutumaan guutuutti yaadannoo Amaaleqootaa samii jalaa nan balleessaatii.” \p \v 15 Museenis iddoo aarsaa ijaaree, “\nd Waaqayyo\nd* Faajjii koo ti” jedhee moggaase. \v 16 Innis, “Harki gara teessoo \nd Waaqayyootti\nd* ol kaafameera. \nd Waaqayyos\nd* dhaloota tokkoo gara dhaloota kaaniitti Amaaleqoota ni lola” jedhe. \c 18 \s1 Yootoor Gara Musee Dhufe \p \v 1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka \nd Waaqayyo\nd* itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe. \p \v 2 Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi \v 3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii. \v 4 Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase. \p \v 5 Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe. \v 6 Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture. \p \v 7 Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan. \v 8 Museen waan \nd Waaqayyo\nd* sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti \nd Waaqayyo\nd* isaan oolche abbaa niitii isaatti hime. \p \v 9 Yetroonis waan gaarii \nd Waaqayyo\nd* harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade. \v 10 Innis akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu. \v 11 Ani amma akka \nd Waaqayyo\nd* waaqota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii.” \v 12 Yommus Yetroon abbaan niitii Musee sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Waaqaaf fide; Aroonis fuula Waaqaa duratti Musee fi abbaa niitii Musee wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe. \p \v 13 Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate. \v 14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe. \p \v 15 Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii. \v 16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.” \p \v 17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti. \v 18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. \v 19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. \v 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. \v 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. \v 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. \v 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.” \p \v 24 Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe. \v 25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate. \v 26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan. \p \v 27 Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale. \c 19 \s1 Gaara Siinaa Biratti \p \v 1 Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan. \v 2 Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan. \p \v 3 Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; \nd Waaqayyos\nd* tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi: \v 4 ‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu. \v 5 Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee, \v 6 isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.” \p \v 7 Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse. \v 8 Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan \nd Waaqayyo\nd* jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee \nd Waaqayyotti\nd* fide. \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe \nd Waaqayyotti\nd* hime. \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii \v 11 guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu \nd Waaqayyo\nd* Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii. \v 12 Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu. \v 13 Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.” \p \v 14 Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan. \v 15 Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe. \p \v 16 Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan. \v 17 Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan. \v 18 Tulluun Siinaa hundis sababii \nd Waaqayyo\nd* ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame; \v 19 sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef. \p \v 20 \nd Waaqayyo\nd* fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe; \v 21 \nd Waaqayyo\nd* immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan \nd Waaqayyo\nd* ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi. \v 22 Akka \nd Waaqayyo\nd* isaan hin balleessineef luboonni \nd Waaqayyotti\nd* dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.” \p \v 23 Museen immoo \nd Waaqayyoon\nd*, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe. \p \v 24 \nd Waaqayyos\nd*, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara \nd Waaqayyootti\nd* ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise. \p \v 25 Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime. \c 20 \s1 Ajajawwan Kurnan \r 20:1‑17 kwf – \xt KeD 5:6‑21\xt* \p \v 1 Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate: \b \lh \v 2 “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha. \b \li1 \v 3 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. \li1 \v 4 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin. \v 5 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee \v 6 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha. \li1 \v 7 Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; \nd Waaqayyo\nd* warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii. \li1 \v 8 Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu. \v 9 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; \v 10 guyyaan torbaffaan garuu sanbata \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. \v 11 \nd Waaqayyo\nd* guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Sanbata eebbisee qulqulleesse. \li1 \v 12 Akka biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni. \li1 \v 13 Hin ajjeesin. \li1 \v 14 Hin ejjin. \li1 \v 15 Hin hatin. \li1 \v 16 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin. \li1 \v 17 Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.” \b \p \v 18 Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii \v 19 Museedhaan, “Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Waaqni nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa” jedhan. \p \v 20 Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe. \p \v 21 Yeroo Museen dukkana limixii iddoo Waaqni turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan. \s1 Waaqota Tolfamoo fi Iddoowwan Aarsaa \p \v 22 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani samii irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu; \v 23 ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa. \p \v 24 “ ‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa. \v 25 Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii. \v 26 Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’ \c 21 \p \v 1 “Seerawwan ati isaan dura keessu kanneenii dha: \s1 Seera Waaʼee Garbootaa \r 21:2‑6 kwf – \xt KeD 15:12‑18\xt* \r 21:2‑11 kwi – \xt Lew 25:39‑55\xt* \p \v 2 “Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu. \v 3 Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu. \v 4 Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu. \p \v 5 “Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe, \v 6 gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila. \p \v 7 “Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin. \v 8 Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu. \v 9 Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu. \v 10 Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin. \v 11 Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi. \s1 Miidhaa Nama Irraan Gaʼuu \p \v 12 “Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu. \v 13 Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqatu harka isaa buuse yoo taʼe garuu iddoo ani ramadutti haa baqatu. \v 14 Garuu yoo namni tokko ittuma yaadee dabaan nama ajjeese iddoo aarsaa koo biraa fuudhaatii ajjeesaa. \p \v 15 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu. \p \v 16 “Namni nama hatee yoo gurgurate yookaan namichi hatame sun harka isaatti yoo argame hattichi haa ajjeefamu. \p \v 17 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu. \p \v 18 “Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe, \v 19 ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu. \p \v 20 “Yoo namni tokko uleedhaan garbicha isaa yookaan garbittii isaa dhaʼee garbichi sunis harka isaatti duʼe namichi haa adabamu; \v 21 garuu sababii garbichi sun qabeenya isaa taʼeef yoo garbichi sun bultii tokko yookaan bultii lama booddee kaʼe, namichi hin adabamu. \p \v 22 “Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba. \v 23 Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu; \v 24 qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla; \v 25 qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda buruqsuu, buruqsuu baafta. \p \v 26 “Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu. \v 27 Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu. \p \v 28 “Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu. \v 29 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu. \v 30 Taʼus inni yoo gumaa gaafatame waan gaafatame hunda kaffalee lubbuu isaa haa oolfatu. \v 31 Yoo qotiyyoon sun ilma yookaan intala tokko waraane illee seeruma kanatu hojjeta. \v 32 Yoo qotiyyoon sun garbicha yookaan garbittii waraane abbaan qotiyyoo sanaa gooftaa garba sanaatiif meetii saqilii\f + \fr 21:32 \fr*\ft Saqiliin tokko giraamii 345.\ft*\f* soddoma haa kaffalu; qotiyyoon sunis dhagaan rukutamee haa ajjeefamu. \p \v 33 “Namni tokko yoo boolla afaan banaa dhiise yookaan yoo boolla qotee utuu hin duuchin dhiisee sangaan yookaan harreen boolla sana keessa buʼe, \v 34 abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu. \p \v 35 “Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani. \v 36 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu. \c 22 \s1 Eegumsa Qabeenyaaf Godhamu \p \v 1 “Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu. \p \v 2 “Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu; \v 3 garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. \p “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu. \v 4 Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba. \p \v 5 “Namni tokko yoo utuu lafa qotiisaa yookaan dhaabaa wayinii keessa horii tikfatuu horii isaa gad lakkisee horiin sun dhaqee kaloo nama biraa dheede, inni lafa qotiisaa ofii isaa irraa yookaan dhaabaa wayinii ofii isaa irraa kan waan hunda caalu iddoo haa buusuuf. \p \v 6 “Yoo ibiddi kaʼee daggala seenee akkasiin midhaan tuulame yookaan midhaan dhaabatu yookaan lafa qotiisaa gube, namichi ibidda qabsiise sun gatii baasuu qaba. \p \v 7 “Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba. \v 8 Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. \v 9 Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu. \p \v 10 “Yoo namni tokko ollaa isaatiif harree, qotiyyoo, hoolaa yookaan horii biraa imaanaa kennatee horiin suni utuu namni hin argin duʼe yookaan miidhame yookaan hatame, \v 11 namichi sun akka qabeenya ollaa isaa hin tuqin mirkaneessuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis kakuu kana fudhachuu qaba; gatiis hin gaafatu. \v 12 Yoo horiin sun isa jalaa hatamee jiraate garuu namichi abbaa horii sanaatiif baasuu qaba. \v 13 Yoo horii sana bineensatu nyaate taʼe immoo akka ragaa taʼuuf waan bineensa irraa hafe haa dhiʼeessu malee horii nyaatame sanaaf gatii hin baasin. \p \v 14 “Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu. \v 15 Yoo abbaan horii sanaa achi jiraate garuu namichi ergifate sun gatii baasuu hin qabu. Yoo horiin sun kireeffamee jiraate immoo maallaqni baafame sun kiraa horii duʼe sanaa haa taʼu. \s1 Itti Gaafatama Hawaasummaa \p \v 16 “Namni tokko yoo durba hin kaadhimatamin gowwoomsee ishee wajjin ciise, inni gabbara misirrittiif malu baaseefii ishee haa fuudhu. \v 17 Yoo abbaan ishee intalattii namichaaf kennuu dide immoo namichi sun gabbara durbaaf malu baasuu qaba. \p \v 18 “Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin. \p \v 19 “Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba. \p \v 20 “Namni \nd Waaqayyo\nd* tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba. \p \v 21 “Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas. \p \v 22 “Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa. \v 23 Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa. \v 24 Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu. \p \v 25 “Ati yoo saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiraatu tokkoof maallaqa liqeessite, akka nama hiiqii argachuuf kennuu hin taʼin; dhalas hin gaafatin. \v 26 Ati yoo wayyaa nama biraa qabdii qabatte, utuu aduun hin dhiʼin deebisiif; \v 27 wanni inni dhagna isaatti uffatu wayuma sanaatii. Wanni inni uffatee rafu biraa maali? Ani waanan gara laafessa taʼeef, yoo inni natti ol iyyate nan dhagaʼa. \p \v 28 “Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin. \p \v 29 “Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. \p “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda. \v 30 Loon keetii fi hoolota kee akkanuma godhi. Isaanis bultii torba haadha isaanii bira haa turan; guyyaa saddeettaffaatti garuu naa kenni. \p \v 31 “Isin saba koo qulqulluu ni taatu. Kanaafuu foon horii bineensi alatti cabsee kam iyyuu hin nyaatinaa; foon akkanaa saree dura buusaa. \c 23 \s1 Seera Murtii Qajeelaa fi Araaraa \p \v 1 “Oduu sobaa hin odeessin; dhuga baʼuu jalʼaa kennuudhaan nama balleessaa hojjete hin gargaarin. \p \v 2 “Waan hamaa hojjechuuf jettee nama baayʼee faana hin buʼin. Fuula seeraa duratti yommuu dhugaa baatu, gara nama baayʼee gortee murtii hin jalʼisin; \v 3 murtii irratti hiyyeessaaf hin loogin. \p \v 4 “Yoo sangaa yookaan harree diina keetii kan baduutti jiru argite deebisii geessiif. \v 5 Yoo harree nama si jibbu tokkoo utuu isheen baʼaa baattee kuftee jirtuu argite achitti hin dhiisin; isa gargaarii ol kaasi. \p \v 6 “Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin. \v 7 Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin. \p \v 8 “Ati mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ogeeyyii ni jaamsaatii; dubbii qajeeltotaas jalʼisa. \p \v 9 “Alagaa hin cunqursin; isin waan biyya Gibxiitti alagaa turtaniif alagaa taʼuun maal akka taʼe isin mataan keessan ni beektuutii. \s1 Seera Sanbataa \p \v 10 “Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu; \v 11 waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi. \p \v 12 “Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin. \p \v 13 “Waan ani isinitti hime hunda eegaa; maqaa waaqota biraa hin waammatinaa; afaan keessanii iyyuu hin baʼin. \s1 Ayyaana Waggaa Sadan \p \v 14 “Ati waggaatti yeroo sadii ayyaana naa ayyaaneffadhu. \p \v 15 “Ayyaana Maxinoo Ayyaaneffadhu; akkuma ani si ajaje sana bultii torba Maxinoo nyaadhu. Waan kanas jiʼa Abiibii keessa yeroo murtaaʼetti godhi; ati jiʼa sana keessa Gibxii baateetii. \p “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin. \p \v 16 “Mataa midhaan keetii kan lafa qotiisaa keetti facaafatteen Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu. \p “Dhuma waggaatti yeroo midhaan kee lafa qotiisaa irraa walitti qabattutti Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu. \p \v 17 “Dhiirri hundi waggaatti yeroo sadii fuula \nd Waaqayyoo\nd* Gooftaa duratti haa dhiʼaatu. \p \v 18 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin. \p “Coomni aarsaa ayyaana koos hamma bariitti hin turin. \p \v 19 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii fidi. \p “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin. \s1 Ergamaan Waaqayyoo Karaa Qopheessuu Isaa \p \v 20 “Akka inni karaa irratti si eegee iddoo ani qopheessetti si galchuuf kunoo ani fuula kee dura ergamaa koo tokko nan erga. \v 21 Xiyyeeffadhuutii waan inni jedhu dhaggeeffadhu. Isatti hin fincilin; inni waan Maqaa koo of irraa qabuuf fincila kee siif hin dhiisuutii. \v 22 Yoo ati waan inni jedhu akka gaarii dhaggeeffatee waan ani dubbadhu hunda goote, ani diinota keetti diina nan taʼa; warra siin mormaniinis nan morma. \v 23 Ergamaan koos fuula kee dura deemee biyya Amoorotaatti, Heetotaatti, Feerzotaatti, Kanaʼaanotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti si galcha; anis jara nan balleessa. \v 24 Waaqota isaaniitiif hin sagadin; hin waaqeffatinis; hojii isaanii faanas hin buʼin. Ati isaan balleessitee soodduu waaqeffannaa isaanii illee caccabsuu qabda. \v 25 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa; \v 26 biyya kee keessatti dubartiin ulfi irraa baʼu yookaan dhabduun tokko iyyuu hin argamtu. Jireenya guutuus siif nan kenna. \p \v 27 “Ani sodaachisuu koo si dura ergee saba ati itti dhuftu hunda nan burjaajessa. Akka diinonni kee hundinuu dugda sitti galanii baqatanis nan godha. \v 28 Akka inni Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota karaa kee irraa ariʼuuf ani si duraan sonsa nan erga. \v 29 Akka lafti onee bineensi wal horee sitti hin baayʼanneef ani waggaa tokko keessatti saba kana si duraa ariʼee hin baasu. \v 30 Hamma ati baayʼattee biyyattii dhaaltutti ani xinnoo xinnoon fuula kee duraa isaan nan baasa. \p \v 31 “Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta. \v 32 Ati isaan wajjin yookaan waaqota isaanii wajjin kakuu tokko illee hin galin. \v 33 Akka isaan biyya kee keessa jiraatan hin eeyyamaniif; yoo akkas taʼe isaan akka ati cubbuu natti hojjettu si godhu; ati waaqota isaanii waaqeffannaan kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼaatii.” \c 24 \s1 Kakuun Jabeeffame \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara \nd Waaqayyotti\nd* ol baʼaa; alaalatti sagadaa; \v 2 garuu Museen qofti \nd Waaqayyotti\nd* haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.” \p \v 3 Museenis dhaqee dubbii fi seera \nd Waaqayyoo\nd* hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan \nd Waaqayyo\nd* jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise. \v 4 Ergasii Museen waan \nd Waaqayyo\nd* dubbatte hunda barreesse. \p Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe. \v 5 Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan. \v 6 Museenis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase. \v 7 Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan \nd Waaqayyo\nd* jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan. \p \v 8 Yommus Museen dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan \nd Waaqayyo\nd* akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe. \p \v 9 Musee fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii \v 10 Waaqa Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma samiitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture. \v 11 Waaqni garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Waaqa argan; ni nyaatan; ni dhuganis. \p \v 12 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe. \p \v 13 Ergasii Museen gargaaraa isaa Iyyaasuu wajjin kaʼee deeme; Museenis tulluu Waaqaatti ol baʼe. \v 14 Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Aroonii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.” \p \v 15 Yeroo Museen tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge; \v 16 ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo \nd Waaqayyo\nd* duumessicha keessaa Musee waame. \v 17 Ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture. \v 18 Museen tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture. \c 25 \s1 Kennaa Dunkaana Qulqulluuf Walitti Qabamu \r 25:1‑7 kwf – \xt Bau 35:4‑9\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa. \b \lh \v 3 “Kennaan isaan harkaa fuutanis: \b \li1 “Warqee, meetii fi naasii; \li1 \v 4 kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; \li1 rifeensa reʼee; \li1 \v 5 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, \li1 muka laaftoo, \li1 \v 6 ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, \li1 urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf; \li1 \v 7 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha. \b \p \v 8 “Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha. \v 9 Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa. \s1 Taabota \r 25:10‑20 kwf – \xt Bau 37:1‑9\xt* \p \v 10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. \v 11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi. \v 12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi. \v 13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi. \v 14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi. \v 15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban. \v 16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi. \p \v 17 “Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu. \v 18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi. \v 19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi. \v 20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan. \v 21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi. \v 22 Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima. \s1 Minjaala \r 25:23‑29 kwf – \xt Bau 37:10‑16\xt* \p \v 23 “Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi. \v 24 Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi. \v 25 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi. \v 26 Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi. \v 27 Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu. \v 28 Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu. \v 29 Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi. \v 30 Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi. \s1 Baattuu Ibsaa \r 25:31‑39 kwf – \xt Bau 37:17‑24\xt* \p \v 31 “Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi. \v 32 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman. \v 33 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi. \v 34 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan. \v 35 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture. \v 36 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman. \p \v 37 “Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi. \v 38 Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman. \v 39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani. \v 40 Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu. \c 26 \s1 Dunkaana Qulqulluu \r 26:1‑37 kwf – \xt Bau 36:8‑38\xt* \p \v 1 “Golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu hojjedhu; golgaawwan sana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko kiirubeelii haa hojjetu. \v 2 Golgaawwan hundinuu wal qixxee haa taʼan; dheerinni tokkoo tokkoo golgaawwanii dhundhuma digdamii saddeeti, balʼinni isaa immoo dhundhuma afur haa taʼu. \v 3 Golgaawwan shan walitti qabsiisi; golgaawwan hafan shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisi. \v 4 Golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchi; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolchi. \v 5 Gurroowwan shantama golgaa tokko irratti tolchi; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa moggaa isa tokkootti tolchi. Gurroowwan sunis gamaa gamanatti haa tolfaman. \v 6 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchiitii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisi. \p \v 7 “Haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu irra jiru haguuguufis golgaawwan rifeensa reʼootaa kudha tokko hojjedhu. \v 8 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee haa taʼan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur haa taʼu. \v 9 Golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaawwan jaʼan kaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaa jaʼaffaa sanas fuula dunkaanichaa duraan iddoo lamatti ol dachaasi. \v 10 Golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi. \v 11 Ergasiis qabduuwwan naasii shantama tolchi; qabduuwwan sanas akka inni tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf gurroowwan keessa galchi. \v 12 Wanni golgaawwan dunkaanichaa irraa hafe, walakkaan golgaa hafe sanaa dugda dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu. \v 13 Akka dunkaana qulqulluu sana haguuguufis dheerina golgaawwan dunkaanicha irraa hafe keessaa dhundhumni tokko gama tokkoon, dhundhumni tokko immoo gama kaaniin bitaa fi mirgaan dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu. \v 14 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjedhu. \p \v 15 “Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjedhu. \v 16 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu; \v 17 tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama haa qabaatu; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchi. \v 18 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjedhu; \v 19 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchi. \v 20 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchi; \v 21 miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchi. \v 22 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa tolchi; \v 23 karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchi. \v 24 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti haa qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkasuma taʼuu qabu. \v 25 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu jira; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba. \p \v 26 “Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchi; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan, \v 27 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif dagaleewwan shan, shan tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchi. \v 28 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhi. \v 29 Tuggeewwan sana irras warqee itti uffisi. Akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchi; dagaleewwan sanas akkasuma warqee itti uffisi. \p \v 30 “Dunkaana qulqulluu kana akkuma karoora tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti dhaabi. \p \v 31 “Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tulchi; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii haa tolchu. \v 32 Golgaa kana hokkoo warqeetiin utubaawwan muka laaftoo kanneen warqeen itti uffifamee miilla meetii afur irra dhadhaabatan afuritti rarraasi. \v 33 Golgaa sana hokkoowwanitti rarraasiitii taabota kakuu seeraa immoo dugda isaa duubaan kaaʼi. Golgaan sunis Iddoo qulqulluu, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana irraa addaan baasa. \v 34 Teessoo araaraas Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana keessa taabota kakuu seeraa irra kaaʼi. \v 35 Minjaala sanas golgaadhaan ala, gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dhaabi; baattuu ibsaa immoo fuullee minjaala sanaa gama kibba dunkaanichatiin dhaabi. \p \v 36 “Balbala dunkaanichaatiif immoo golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessii tolchi. \v 37 Golgaa kanaafis hokkoo warqeetii fi utubaa muka laaftoo kan warqeen itti uffifame shan tolchi. Naasii tumiitii miilla shan tolchiif. \c 27 \s1 Iddoo Aarsaa Kennaa Gubamuu \r 27:1‑8 kwf – \xt Bau 38:1‑7\xt* \p \v 1 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu. \v 2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi. \v 3 Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi. \v 4 Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi. \v 5 Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi. \v 6 Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi. \v 7 Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman. \v 8 Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu. \s1 Oobdii \r 27:9‑19 kwf – \xt Bau 38:9‑20\xt* \p \v 9 “Dunkaana qulqulluu sanaaf oobdii hojjedhu. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu; innis golgaa quncee talbaa gaarii foʼame irraa hojjetamee \v 10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanneenis meetii irraa haa hojjetaman. \v 11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaawwan utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanaas meetii irraa haa tolfaman. \p \v 12 “Oobdiin kun gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan, utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaban haa qabaatu. \v 13 Oobdiin kun fiixee baʼaatiin karaa baʼa biiftuutiin akkasuma dhundhuma shantama haa balʼatu. \v 14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra haa jiraatan. \v 15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis gama kaaniin haa jiraatan. \p \v 16 “Balbala oobdii sanaatiifis golgaa dhundhuma digdama dheeratee utubaa afurii fi miilla afur qabu kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tokko tolchi. \v 17 Utuboonni naannoo oobdii sanaa hundinuu somaawwanii fi hokkoowwan meetiitii fi miillawwan naasii haa qabaatan. \v 18 Oobdiin sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma shantamaa haa qabaatu; golgaa quncee talbaa gaarii foʼamee dhundhuma shan ol dheeratuu fi miillawwan naasii irraa hojjetame haa qabaatu. \v 19 Miʼi tajaajila dunkaana qulqulluu sanaatiif fayyadu biraa hundi, tajaajila kam iyyuu taanaan, qofoo dunkaanichaatii fi qofoo oobdii sanaa hunda dabalatee naasii irraa haa hojjetamu. \s1 Zayitii Baattuu Ibsaa \r 27:20‑21 kwf – \xt Lew 24:1‑3\xt* \p \v 20 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersa cuunfame taliila isaa ibsaadhaaf siif fidan saba Israaʼel ajaji. \v 21 Aroonii fi ilmaan isaa dunkaana wal gaʼii keessatti golgaa fuula taabota kakuu seeraa dura jiruun alatti akka ibsaan sun galgalaa hamma ganamaatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti bobaʼuu haa godhan. Wanni kunis saba Israaʼel keessatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. \c 28 \s1 Uffata Lubummaa \p \v 1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroon, isa wajjinis ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin saba Israaʼel keessaa ofitti dhiʼeessi. \v 2 Akka inni ulfinaa fi miidhagina argatuufis obboleessa kee Arooniif uffata qulqulluu hodhi. \v 3 Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi. \v 4 Uffanni isaan hojjetanis: kiisii qomaa, dirata, wandaboo, kittaa miidhagfamee dhawame, marata mataatii fi sabbataa dha. Jarris akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroonii fi ilmaan isaatiif uffata qulqulluu kana haa hojjetan. \v 5 Ogeeyyiin sunis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼametti haa fayyadaman. \s1 Efuudii \r 28:6‑14 kwf – \xt Bau 39:2‑7\xt* \p \v 6 “Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi. \v 7 Diranni kunis akka walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii lama kanneen fiixee isaa lamaanitti rarraafaman haa qabaatu. \v 8 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen haa hojjetamu. \p \v 9 “Dhagaawwan sardooniksii lama fuudhiitii maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti soofii barreessi. \v 10 Akkuma toora dhaloota isaaniitti, maqaa jaʼa dhagaa tokko irratti, maqaa jaʼaan hafes dhagaa kaan irratti soofii barreessi. \v 11 Akkuma ogeessi faayaa tokko chaappaa soofee hojjetu sana atis dhagaa lamaan sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel soofii barreessi; ergasiis faaya warqee itti naannessiitii \v 12 akka inni ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisi. Aroonis maqaa sana yaadannoo godhee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gatiittii isaa lamaanitti haa baatu. \v 13 Ati immoo faaya warqee itti naannessiitii \v 14 foncaa warqee qulqulluu kan akka funyootti foʼame lama tolchi; foncaa foʼame sana illee faaya sanatti qabsiisi. \s1 Kiisii Qomaa \r 28:15‑28 kwf – \xt Bau 39:8‑21\xt* \p \v 15 “Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu. \v 16 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu. \v 17 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee; \v 18 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz; \v 19 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti, \v 20 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi. \v 21 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata. \p \v 22 “Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi. \v 23 Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi. \v 24 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi. \v 25 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi. \v 26 Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi. \v 27 Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi. \v 28 Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman. \p \v 29 “Aroon yeroo iddoo qulqulluu ol seenu hunda akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti yaadannoo bara baraa taʼuuf laphee isaa irratti kiisii qomaa kan murtiitiin maqaa ilmaan Israaʼel ni baata. \v 30 Akka isaan yeroo Aroon fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhufu hunda laphee isaa irra jiraataniif Uriimii fi Tumiimii akkasuma kiisii qomaa keessa kaaʼi. Akkasiinis Aroon yeroo hunda miʼa ittiin Israaʼelootaaf murtii kennu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti laphee isaa irratti baata. \s1 Uffata Lubummaa Kaan \r 28:31‑43 kwf – \xt Bau 39:22‑31\xt* \p \v 31 “Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi; \v 32 walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu. \v 33 Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi. \v 34 Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman. \v 35 Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama. \p \v 36 “Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii, \pc Kan \nd Waaqayyoof\nd* Qulqulleeffame, \m jedhiitii akkuma waan chaappaa irratti soofamuutti soofii barreessi. \v 37 Faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf funyoo bifa cuquliisaa itti hidhi; innis marata mataa fuula duraan haa taʼu. \v 38 Faayi kunis adda Aroon irra taaʼa; Aroonis yakka kennaawwan qulqulluu ilmaan Israaʼel dhiʼeessan keessatti argamu hunda ni baata. Kunis akka isaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti fudhatama argataniif adda Aroon irra jiraata. \p \v 39 “Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu. \v 40 Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif. \v 41 Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi. \p \v 42 “Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf. \v 43 Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu. \p “Kunis Aroonii fi sanyii isaatiif sirna bara baraa haa taʼu. \c 29 \s1 Qulqulleeffamuu Lubootaa \r 29:1‑37 kwf – \xt Lew 8:1‑36\xt* \p \v 1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi. \v 2 Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi. \v 3 Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi. \v 4 Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi. \v 5 Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi. \v 6 Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi. \v 7 Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi. \v 8 Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi; \v 9 mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. \p “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi. \p \v 10 “Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. \v 11 Atis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali. \v 12 Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi. \v 13 Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi. \v 14 Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti. \p \v 15 “Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. \v 16 Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. \v 17 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi. \v 18 Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma \nd Waaqayyoof\nd* gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \p \v 19 “Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. \v 20 Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. \v 21 Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu. \p \v 22 “Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha. \v 23 Gundoo Maxinoo baatu kan fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi. \v 24 Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoosi. \v 25 Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa \nd Waaqayyotti\nd* tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \v 26 Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sochoosi; kunis qooda kee ti. \p \v 27 “Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi. \v 28 Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa \nd Waaqayyoof\nd* kennuu dha. \p \v 29 “Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu. \v 30 Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu. \p \v 31 “Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli. \v 32 Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan. \v 33 Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin. \v 34 Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu. \p \v 35 “Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu. \v 36 Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi. \v 37 Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama. \p \v 38 “Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama; \v 39 tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi. \v 40 Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi. \v 41 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \p \v 42 “Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha; \v 43 saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama. \p \v 44 “Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Aroonii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa. \v 45 Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa. \v 46 Isaanis akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii ti. \c 30 \s1 Iddoo Aarsaa Ixaanaa \r 30:1‑5 kwf – \xt Bau 37:25‑28\xt* \p \v 1 “Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi. \v 2 Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman. \v 3 Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi. \v 4 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi. \v 5 Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi. \v 6 Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi. \p \v 7 “Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu. \v 8 Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu. \v 9 Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin. \v 10 Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis \nd Waaqayyoof\nd* waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.” \s1 Maallaqa Ittiin Araarri Buʼu \p \v 11 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 12 “Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa \nd Waaqayyoof\nd* haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu. \v 13 Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamuu dha. \v 14 Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu \nd Waaqayyoof\nd* kennaa haa dhiʼeessan. \v 15 Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii \nd Waaqayyoof\nd* kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin. \v 16 Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.” \s1 Caabii Itti Dhiqatan \p \v 17 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 18 “Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi. \v 19 Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. \v 20 Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti, \v 21 akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.” \s1 Zayitii Ittiin Dibaman \p \v 22 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 23 “Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250, \v 24 burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu. \v 25 Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa. \v 26 Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa, \v 27 minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa, \v 28 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi. \v 29 Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa. \p \v 30 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi. \v 31 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu. \v 32 Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu. \v 33 Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’ ” \s1 Ixaana \p \v 34 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii, \v 35 akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi. \v 36 Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu. \v 37 Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni \nd Waaqayyoof\nd* qulqulluu taʼes hubadhu. \v 38 Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.” \c 31 \s1 Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab \r 31:2‑6 kwf – \xt Bau 35:30‑35\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 2 “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; \v 3 ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; \v 4 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf; \v 5 akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. \v 6 Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. \b \lh “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera. \b \li1 \v 7 “Isaanis dunkaana wal gaʼii, \li1 taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, \li1 miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis \li2 \v 8 minjaalaa fi miʼa isaa, \li2 baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, \li2 iddoo aarsaa ixaanaa, \li2 \v 9 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, \li2 gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa, \li1 \v 10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, \li2 wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi \li2 wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan, \li1 \v 11 Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. \b \lf “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.” \s1 Sanbata \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; \v 13 “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani \nd Waaqayyo\nd* isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa. \p \v 14 “ ‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu. \v 15 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun \nd Waaqayyoof\nd* qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. \v 16 Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan. \v 17 Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; \nd Waaqayyo\nd* guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ” \p \v 18 \nd Waaqayyo\nd* akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne. \c 32 \s1 Jabbii Warqee Irraa Hojjetame \p \v 1 Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe. \p \v 2 Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef. \v 3 Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan. \v 4 Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan. \p \v 5 Aroonis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, “Bori \nd Waaqayyoof\nd* ayyaanni ni ayyaaneffama” jedhee labse. \v 6 Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi. \v 8 Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru. \p \v 9 “\nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera. \v 10 Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’ ” \p \v 11 Museen garuu fuula gargaarsa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? \v 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. \v 13 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu.” \v 14 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise. \p \v 15 Museenis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture. \v 16 Gabateewwan sanas Waaqatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Waaqaa kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha. \p \v 17 Iyyaasuunis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Museedhaan, “Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira” jedhe. \p \v 18 Museen immoo akkana jedhee deebise: \q1 “Sagaleen ani dhagaʼu kun \q2 sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu, \q2 yookaan sagalee moʼatamuu miti.” \p \v 19 Museenis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse. \v 20 Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase. \p \v 21 Museenis Arooniin, “Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?” jedhe. \p \v 22 Aroon immoo deebisee akkana jedhe; “Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta. \v 23 Isaan, ‘Musee namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan. \v 24 Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!” \p \v 25 Museen akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Aroonis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge. \v 26 Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara \nd Waaqayyo\nd* gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman. \p \v 27 Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’ ” \v 28 Lewwonnis akkuma Museen isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe. \v 29 Museenis, “Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa \nd Waaqayyoof\nd* addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera” jedhe. \p \v 30 Museen guyyaa itti aanutti saba sanaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara \nd Waaqayyootti\nd* ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa” jedhe. \p \v 31 Museenis deebiʼee gara \nd Waaqayyoo\nd* dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru. \v 32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi.” \p \v 33 \nd Waaqayyo\nd* immoo Museedhaan akkana jedhe; “Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa. \v 34 Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.” \p \v 35 Sababii balleessaa isaan jabbii Aroon tolche sanaan hojjetaniitiif \nd Waaqayyo\nd* balaadhaan saba sana dhaʼe. \c 33 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi sabni ati biyya Gibxiitii baaftee fidde kun asii baʼaatii gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Ani sanyii keetiif nan kenna’ jedhee kakadhe sanaa dhaqaa. \v 2 Ani ergamaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa. \v 3 Gara biyya aannanii fi dammi keessaa burquu dhaqi. Garuu waan ati saba mata jabeessa taateef ani akka karaatti si hin balleessineef si wajjin hin deemu.” \p \v 4 Jarri yommuu oduu hamaa kana dhagaʼanitti gadduu jalqaban; isaan keessaas namni tokko iyyuu faaya tokko illee hin kaaʼanne. \v 5 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedheeraatii; “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin saba mata jabeeyyii dha. Ani utuu yeruma muraasa illee isin wajjin deemee silaa isin balleessa ture; isin amma faayawwan keessan of irraa baasaa; anis waanan isin godhu nan murteessaa.’ ” \v 6 Kanaafuu Israaʼeloonni Gaara Kooreeb biratti faayawwan isaanii of irraa baasan. \s1 Dunkaana Wal gaʼii \p \v 7 Museen dunkaana tokko fuudhee iddoo qubataa sana keessaa baasee achi fageessee dhaaba ture; dunkaana sanas, “dunkaana wal gaʼii” jedhee moggaase. Namni \nd Waaqayyoon\nd* barbaadatu hundinuu iddoo qubataa sana keessaa baʼee gara dunkaana wal gaʼii sanaa dhaqa ture. \v 8 Yeroo Museen baʼee gara dunkaana sanaa dhaqu hunda sabni hundinuu kaʼee balbala dunkaana ofii isaa dura dhaabatee hamma inni dunkaanicha seenutti ilaala ture. \v 9 Yeroo Museen dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; \nd Waaqayyos\nd* Musee wajjin dubbata ture. \v 10 Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture. \v 11 \nd Waaqayyos\nd* akkuma nama michuu isaa wajjin haasaʼu tokkootti ifumaan ifatti Museetti dubbachaa ture. Ergasiis Museen iddoo qubataatti deebiʼa ture; gargaaraan isaa, Iyyaasuun ilmi Nuuni dargaggeessi suni garuu dunkaana sana biraa hin deemu ture. \s1 Musee fi Ulfina \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 12 Museen \nd Waaqayyoon\nd* akkana jedhe; “Ilaa, ati, ‘saba kana dura buʼii baasi’ naan jetteerta; garuu ana wajjin eenyun akka ergitu na hin beeksifne. Ati, ‘Ani maqaadhaan si beeka; ati na biratti fudhatama argateerta’ jette. \v 13 Ammas ani fuula kee duratti surraa argadhee yoon jiraadhe, akka ani si beekuu fi akka ani fuula kee duratti surraa argadhuuf karaa kee na barsiisi; akka sabni kun saba kee taʼes yaadadhu.” \p \v 14 \nd Waaqayyos\nd* deebisee, “Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna” jedhe. \p \v 15 Museen immoo akkana jedheen; “Yoo ati nu wajjin deemuu baate, asii nu hin baasin. \v 16 Ati nu wajjin deemuu baannaan namni akkamiin akka ati anaa fi saba keetti gammaddu beeka? Wanni anaa fi saba kee saboota lafa irraa kaan hunda irraa addaan baasu biraa maali ree?” \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* immoo Museedhaan, “Ani waan ati amma kadhatte kana nan godha; ati fuula koo duratti ayyaana argatteertaatii; anis maqaadhaan si beeka” jedhe. \p \v 18 Museenis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe. \p \v 19 \nd Waaqayyo\nd* immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa \nd Waaqayyoo\nd* fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa. \v 20 Garuu waan namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.” \p \v 21 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Kunoo as na bira iddoon ati kattaa irra dhaabachuu dandeessu jira. \v 22 Ani yeroo ulfinni koo darbuutti jiru holqa kattaa keessa si kaaʼee hamma ani darbutti harka kootiin si daʼeessa. \v 23 Ergasiis ani harka koo nan fudhadha; atis dugda koo ni argita; fuulli koo garuu argamuu hin qabu.” \c 34 \s1 Gabateewwan Dhagaa \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa. \v 2 Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi. \v 3 Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin.” \p \v 4 Museenis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe. \v 5 \nd Waaqayyo\nd* duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa \nd Waaqayyoos\nd* ni labse. \v 6 Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “\nd Waaqayyo\nd*, \nd Waaqayyo\nd* Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa, \v 7 kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.” \p \v 8 Museen yommuu suma lafatti gad jedhee sagade. \v 9 Innis, “Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu” jedhe. \p \v 10 Kana irratti \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhe; “Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani \nd Waaqayyo\nd* siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga. \v 11 Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa. \v 12 Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu. \v 13 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa. \v 14 Sababii \nd Waaqayyo\nd* maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin. \p \v 15 “Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta. \v 16 Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu. \p \v 17 “Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin. \p \v 18 “Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu. \p \v 19 “Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti. \v 20 Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. \p “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin. \p \v 21 “Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu. \p \v 22 “Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu. \v 23 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, fuula Waaqa Israaʼel duratti haa dhiʼaatan. \v 24 Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu. \p \v 25 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin. \p \v 26 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii fidi. \p “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.” \p \v 27 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan, “Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii” jedhe. \v 28 Museenis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama \nd Waaqayyo\nd* bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse. \s1 Calaqqisuu Fuula Musee \p \v 29 Museen gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii \nd Waaqayyo\nd* wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture. \v 30 Yommuu Aroonii fi sabni Israaʼel hundi Musee arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan. \v 31 Museen garuu isaan waame; Aroonii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate. \v 32 Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan \nd Waaqayyo\nd* Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje. \p \v 33 Museen yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate. \v 34 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti, \v 35 isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Museen hamma \nd Waaqayyo\nd* wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture. \c 35 \s1 Sirna Sanbataa \p \v 1 Museen waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; “Wanni \nd Waaqayyo\nd* akka isin hojjettan isin ajaje kana: \v 2 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; \nd Waaqayyoof\nd* immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. \v 3 Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa.” \s1 Miʼa Dunkaana Qulqulluu \r 35:4‑9 kwf – \xt Bau 25:1‑7\xt* \r 35:10‑19 kwf – \xt Bau 39:32‑41\xt* \p \v 4 Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni \nd Waaqayyo\nd* ajaje kana: \v 5 Waan qabdan irraa \nd Waaqayyoof\nd* kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: \b \li1 “kennaa warqee, meetii fi naasii \nd Waaqayyoof\nd* haa fidu. \li1 \v 6 Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii, \li1 rifeensa reʼee, \li1 \v 7 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame, \li1 muka laaftoo, \li1 \v 8 ibsaadhaaf zayitii ejersaa, \li1 zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan, \li1 \v 9 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu. \b \p \v 10 “Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan \nd Waaqayyo\nd* ajaje hunda haa hojjetan: \b \li1 \v 11 “Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa, \li1 \v 12 taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus, \li1 \v 13 minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa; \li1 \v 14 baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii, \li1 \v 15 iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu, \li1 karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa, \li1 \v 16 iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, \li1 caabii naasii miilla isaa wajjin, \li1 \v 17 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa, \li1 \v 18 dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii, \li1 \v 19 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.” \b \p \v 20 Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Musee biraa baʼanii deeman; \v 21 namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa \nd Waaqayyoof\nd* fide. \v 22 Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan. \v 23 Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide. \v 24 Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide. \v 25 Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan. \v 26 Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan. \v 27 Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan. \v 28 Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan. \v 29 Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin \nd Waaqayyoof\nd* kennaa fidan. \s1 Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab \r 35:30‑35 kwf – \xt Bau 31:2‑6\xt* \p \v 30 Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa \nd Waaqayyo\nd* gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera; \v 31 Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera. \v 32 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf, \v 33 akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. \v 34 Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne. \v 35 Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute. \c 36 \nb \v 1 Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni \nd Waaqayyo\nd* ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti hojii kana haa hojjetan.” \p \v 2 Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa \nd Waaqayyo\nd* dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame. \v 3 Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan. \v 4 Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii \v 5 Museedhaan, “Sabni kun waan hojii \nd Waaqayyo\nd* akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan. \p \v 6 Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman. \v 7 Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii. \s1 Dunkaana Qulqulluu \r 36:8‑38 kwf – \xt Bau 26:1‑37\xt* \p \v 8 Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan. \v 9 Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture. \v 10 Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan. \v 11 Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman. \v 12 Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan. \v 13 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan. \p \v 14 Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan. \v 15 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture. \v 16 Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan. \v 17 Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan. \v 18 Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan. \v 19 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan. \p \v 20 Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan. \v 21 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture. \v 22 Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan. \v 23 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan; \v 24 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan. \v 25 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan. \v 26 Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan. \v 27 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan. \v 28 Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan. \v 29 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan. \v 30 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture. \p \v 31 Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan, \v 32 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan. \v 33 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan. \v 34 Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan. \p \v 35 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche. \v 36 Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan. \v 37 Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan. \v 38 Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan. \c 37 \s1 Taabota \r 37:1‑9 kwf – \xt Bau 25:10‑20\xt* \p \v 1 Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. \v 2 Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche. \v 3 Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe. \v 4 Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise. \v 5 Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose. \p \v 6 Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture. \v 7 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche. \v 8 Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche. \v 9 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan. \s1 Minjaala \r 37:10‑16 kwf – \xt Bau 25:23‑29\xt* \p \v 10 Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan. \v 11 Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan. \v 12 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan. \v 13 Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan. \v 14 Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman. \v 15 Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture. \v 16 Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan. \s1 Baattuu Ibsaa \r 37:17‑24 kwf – \xt Bau 25:31‑39\xt* \p \v 17 Baattuu ibsaa, somaa isaatii fi damee isaa wajjin warqee qulqulluu irraa tumanii tolchan; waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa illee warqeedhuma tokko irraa tolchan. \v 18 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon sadii immoo gama kaaniin baafaman. \v 19 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchan. Dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchan. \v 20 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin tolfaman afur baattuu ibsaa sana irra turan. \v 21 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture; walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture. \v 22 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa tolfaman. \p \v 23 Ibsaa torban sana, waan ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi baattuu daaraa sana baattu illee warqee qulqulluu irraa tolchan. \v 24 Baattuu ibsaatii fi miʼa isaa hunda warqee qulqulluu taalaantii tokko irraa tolchan. \s1 Iddoo Aarsaa Ixaanaa \r 37:25‑28 kwf – \xt Bau 30:1‑5\xt* \p \v 25 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa tolchan; iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkoo fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. Gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walumatti hojjetaman. \v 26 Isaanis gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee naannessanii tolchan. \v 27 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchan; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchan. \v 28 Isaanis danqaraawwan muka laaftoo tolchanii warqee itti uffisan. \p \v 29 Akkasumas akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti zayitii ittiin diban qulqulluu fi ixaana urgaaʼaa makaa hin qabne tolchan. \c 38 \s1 Iddoo Aarsaa Qalma Gubamuu \r 38:1‑7 kwf – \xt Bau 27:1‑8\xt* \p \v 1 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu kan dhundhuma sadii ol dheeratu ijaaran; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. \v 2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchan; gaanfaa fi iddoo aarsaa sana mukuma tokko irraa tolchan; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisan. \v 3 Isaanis miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchan. \v 4 Iddoo aarsaa sanaafis naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjetanii akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol baʼee marsaa isaa jalaan jiraatu godhan. \v 5 Akka isaan danqaraawwan qabataniifis goleewwan gingilchaa naasii sanaa afraniif qubeelaawwan naasii hojjetan. \v 6 Danqaraawwan muka laaftoos tolchanii naasii itti uffisan. \v 7 Iddoo aarsaa sana ittiin baachuufis danqaraawwan sana qubeelaawwan gamaa gamanaan iddoo aarsaa irra jiran keessa galchan. Iddoo aarsaa sanas keessa isaa duwwaa godhanii saanqaa irraa tolchan. \s1 Gabatee Itti Dhiqatan \p \v 8 Isaanis gabatee itti dhiqatan kan naasii miilla isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin of ilaaleewwan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii dura tajaajilanii irraa tolchan. \s1 Oobdii \r 38:9‑20 kwf – \xt Bau 27:9‑19\xt* \p \v 9 Kanatti aansanii oobdii tolchan. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame irraa hojjetames qaba ture; \v 10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan kunneenis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa hojjetaman qabu ture. \v 11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan sunis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa tolfaman qabu turan. \p \v 12 Gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaba ture; hokkoowwanii fi somaawwan utuboota sanaas meetii irraa hojjetaman. \v 13 Fiixee baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin dhundhuma shantama balʼata ture. \v 14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra turan. \v 15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis balbala oobdii sana irra gama kaaniin turan. \v 16 Golgaawwan naannoo oobdii sanaa hundi quncee talbaa kan qaldhifamee foʼame irraa tolfaman. \v 17 Miillawwan utuboota sanaa naasii irraa tolfaman. Hokkoowwanii fi somaawwan utubootaa immoo meetii irraa tolfamanii fiixee utuboota sanaatti meetii uffisan. Utuboonni oobdii sanaa hundinuus somaawwan meetii qabu turan. \p \v 18 Golgaan balbala oobdii sanaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tolfame. Innis dhundhuma digdama dalga dheeratee akkuma oobdichaa dhundhuma shan ol dheerata ture; \v 19 utubaa afurii fi miilla naasii afuris qaba ture. Hokkoowwanii fi somaawwan isaanii meetii irraa tolfamanii fiixee isaaniitti meetiin uffifamee ture. \v 20 Qofoon dunkaana qulqulluutii fi qofoon naannoo oobdii sanaa hundi naasii irraa tolfaman. \s1 Miʼa Dunkaanni Ittiin Hojjetame \p \v 21 Baayʼinni miʼa dunkaanni qulqulluun jechuunis dunkaanni dhuga baʼumsaa ittiin hojjetamee kan Lewwonni ajaja Museetiin qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin galmeessan kanaa dha. \v 22 Bezaliʼeel ilmi Uuri jechuunis ilmi ilma Huur namichi gosa Yihuudaa sun waan \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje hunda hojjete. \v 23 Oholiiyaab ilmi Ahiisaamaak namichi gosa Daan sunis isa wajjin ture; innis ogeessa hojii harkaa, ogeessa bifa baasuu fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen waa faayessu ture. \v 24 Baayʼinni warqee aarsaa sochoofamuu kan hojii iddoo qulqulluu sanaa hunda irra oole walumaa galatti akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 29 fi saqilii 730 ture. \p \v 25 Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaaʼaman irraa argames akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 100 fi saqilii 1,775 ture. \v 26 Namoonni warra duraan lakkaaʼamanii jiranitti dabalaman kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan hammanaa ol taʼe 603,550 turan. Isaan kunneenis akka madaalii iddoo qulqulluutti matuma mataan beekaa\f + \fr 38:26 \fr*\ft Beekaan tokko giraamii 7.\ft*\f* tokko tokko jechuun walakkaa saqilii tokko tokkoo baasan. \v 27 Meetii taalaantii 100 sanaan miillawwan iddoo qulqulluutii fi miillawwan golgaatu hojjetame; taalaantii 100 fi miilla 100 hojjetame; miilla tokkoof taalaantii tokkotu barbaachise jechuu dha. \v 28 Isaanis saqilii 1,775 sana hokkoo utubaawwanii tolchuuf, fiixee utubaawwaniitti uffisuu fi somaawwan isaanii tolchuuf itti fayyadaman. \p \v 29 Naasiin aarsaa sochoofamuus taalaantii 70 fi saqilii 2,400 ture. \v 30 Isas miilla balbala dunkaana wal gaʼii, iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetamee fi miʼa isaa hunda tolchuuf itti fayyadaman; \v 31 akkasumas miilli naannoo oobdii, miilli balbala oobdii, qofoowwan dunkaana qulqulluu hundii fi qofoowwan naannoo oobdii hundi naasii irraa hojjetaman. \c 39 \s1 Uffata Lubummaa \p \v 1 Isaanis uffata kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan dhaʼame kan iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf fayyadu hojjetan. Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajettis uffata qulqulluu Arooniif hojjetan. \s1 Efuudii \r 39:2‑7 kwf – \xt Bau 28:6‑14\xt* \p \v 2 Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan. \v 3 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan. \v 4 Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan. \v 5 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti hojjetame. \p \v 6 Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan. \v 7 Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan. \s1 Kiisii Qomaa \r 39:8‑21 kwf – \xt Bau 28:15‑28\xt* \p \v 8 Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan. \v 9 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture. \v 10 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee, \v 11 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz, \v 12 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti, \v 13 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan. \v 14 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate. \p \v 15 Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan. \v 16 Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan. \v 17 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan. \v 18 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan. \v 19 Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan. \v 20 Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan. \v 21 Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan. \s1 Uffata Lubummaa Kan Biraa \r 39:22‑31 kwf – \xt Bau 28:31‑43\xt* \p \v 22 Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan; \v 23 walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan. \v 24 Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan. \v 25 Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan. \v 26 Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman. \p \v 27 Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan; \v 28 akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif. \v 29 Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti hojjetame. \p \v 30 Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti: \pc Kan \nd Waaqayyoof\nd* Qulqulleeffame, \m jedhanii irratti barreessan. \v 31 Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan. \s1 Museen Hojii Dunkaana Qulqulluu Toʼate \r 39:32‑41 kwf – \xt Bau 35:10‑19\xt* \p \v 32 Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti waan hunda hojjetan. \v 33 Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan: \b \li1 dunkaanaa fi miʼa isaa hunda, hokkoowwan isaa, tuggeewwan isaa, dagaleewwan isaa, utuboota isaatii fi miillawwan isaa; \li1 \v 34 irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu; \li1 \v 35 taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin; \li1 \v 36 minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin; \li1 \v 37 baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa; \li1 \v 38 iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa; \li1 \v 39 iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, \li1 danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii miilla isaa wajjin; \li1 \v 40 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, \li1 golgaa karra oobdii sanaa, funyoowwanii fi qofoowwan oobdii, \li1 miʼa dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hunda; \li1 \v 41 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa. \b \p \v 42 Israaʼeloonnis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti hojii hunda hojjetan. \v 43 Museenis hojii sana toʼatee akkuma \nd Waaqayyo\nd* ajajetti hojjechuu isaanii arge. Museenis isaan eebbise. \c 40 \s1 Dunkaana Qulqulluu Dhaabuu \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan akkana jedhe: \v 2 “Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi. \v 3 Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi. \v 4 Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi. \v 5 Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi. \p \v 6 “Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi; \v 7 gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi. \v 8 Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi. \p \v 9 “Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa. \v 10 Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa. \v 11 Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi. \p \v 12 “Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi. \v 13 Ergasii Aroonitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi. \v 14 Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi. \v 15 Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa.” \v 16 Museenis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti waan hunda hojjete. \p \v 17 Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame. \v 18 Museen yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe. \v 19 Innis akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise. \p \v 20 Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe. \v 21 Museen akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse. \p \v 22 Museenis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe. \v 23 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajettis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti buddeena achi irra kaaʼe. \p \v 24 Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe. \v 25 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajettis ibsaawwan sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhadhaabe. \p \v 26 Museenis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe. \v 27 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse. \p \v 28 Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise. \v 29 Inni akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse. \p \v 30 Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe; \v 31 Museen, Aroonii fi ilmaan Arooniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan. \v 32 Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* Musee ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan. \p \v 33 Museenis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Museen hojii sana hojjetee fixe. \s1 Ulfina \nd Waaqayyoo\nd* \p \v 34 Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* dunkaana qulqulluu sana guute. \v 35 Museenis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye. \p \v 36 Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan. \v 37 Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture. \v 38 Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi \nd Waaqayyoo\nd* dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.