\id EPH - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Efesoon \toc1 Efesoon \toc2 Efesoon \toc3 Efe \mt1 Efesoon \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, \po Gara qulqulloota Efesoon jiraatan kanneen Kiristoos Yesuusitti amanamoo taʼanitti: \po \v 2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. \s1 Galata Sababii Eebba Kiristoosiin Argamuu \p \v 3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. \v 4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis \v 5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; \v 6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf. \v 7 Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra; \v 8 ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise. \v 9 Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe; \v 10 yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota samii keessaa fi lafa irra jiran hunda Kiristoos jalatti walitti qabuuf jedhee ti. \p \v 11 Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra; \v 12 kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf. \v 13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; \v 14 innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya. \s1 Galateeffachuu fi Kadhachuu \p \v 15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee \v 16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne. \v 17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha. \v 18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha; \v 19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa \v 20 kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; \v 21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. \v 22 Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; \v 23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha. \c 2 \s1 Kiristoosiin Jireenya Argachuu \p \v 1 Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan; \v 2 kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha. \v 3 Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre. \v 4 Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, \v 5 yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan. \v 6 Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise; \v 7 innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe. \v 8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; \v 9 akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti. \v 10 Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne. \s1 Kiristoosiin Tokko Taʼuu \p \v 11 Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, “Nu warra dhagna qabatee dha” ofiin jedhan biratti “Warra dhagna hin qabatin” jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa; \v 12 isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa. \v 13 Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu. \p \v 14 Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera; \v 15 inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan \v 16 fannoo ittiin diinummaa isaanii ajjeese sanaan lamaan isaanii iyyuu dhagna tokko godhee Waaqatti araarse. \v 17 Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiʼoo turanittis nagaa lallabe. \v 18 Nu lamaanuu karaa isaatiin Hafuura tokkicha sanaan akka itti Abbaa bira geenyu qabnaatii. \p \v 19 Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; \v 20 isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti. \v 21 Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata. \v 22 Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu. \c 3 \s1 Karoora Gaarii Waaqni Namoota Ormaatiif Qabu \p \v 1 Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera. \p \v 2 Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Waaqaa kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu; \v 3 kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame. \v 4 Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu; \v 5 icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne. \v 6 Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti. \p \v 7 Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera. \v 8 Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera; \v 9 akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. \v 10 Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf; \v 11 kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin raawwate sanaatti ture. \v 12 Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya. \v 13 Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan. \s1 Kadhannaa Warra Efesooniif Kadhatame \p \v 14 Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha; \v 15 maatiin isaa warri samii irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu. \v 16 Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha; \v 17 akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha; \v 18 isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, \v 19 akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha. \p \v 20 Waaqa isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf, \v 21 waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. \c 4 \s1 Dhagna Kiristoos Keessatti Tokko Taʼuu \p \v 1 Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. \v 2 Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa. \v 3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa. \v 4 Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira; \v 5 Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; \v 6 Waaqaa fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira. \p \v 7 Garuu akkuma safara kennaa Kiristoositti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera. \v 8 Kanaafuu, \q1 “Inni yommuu ol gubbaa baʼetti, \q2 boojuu boojiʼe; \q2 namootaafis kennaa kenne”\f + \fr 4:8 \fr*\ft \+xt Far 68:18\+xt*\ft*\f* jedha. \m \v 9 Egaa, “Inni ol baʼe” jechuun isaa dhidhima lafaatti gad buʼe jechuu malee maal jechuu isaa ti? \v 10 Inni gad buʼe sun isuma waan hunda guutuuf jedhee samiiwwan hundaa olitti ol baʼee dha. \v 11 Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne; \v 12 waan kanas akka dhagni Kiristoos ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe; \v 13 kunis waan hamma hundi keenya tokkummaa amantiitii fi tokkummaa Ilma Waaqaa beekuu bira geenyutti, akka guddannee sadarkaa guutama Kiristoos bira gaʼuudhaan namoota bilchaatoo taanuuf. \p \v 14 Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu. \v 15 Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos. \v 16 Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara. \s1 Akka Ijoollee Ifaatti Jiraachuu \p \v 17 Kanaafuu ani waan kana isinitti nan hima; maqaa Gooftaatiinis jabeessee isinitti nan dubbadha; isin siʼachi akka Namoonni Ormaa warri yaadni isaanii faayidaa hin qabne sun jiraatanitti hin jiraatinaa. \v 18 Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Waaqaa keessaas baʼaniiru. \v 19 Isaanis waan qalbiin isaanii hadoodeef hamma xuraaʼummaa gosa hundaa keessa galanitti sassattummaan guutaman. \p \v 20 Isin garuu akkasitti Kiristoosin hin barre; \v 21 isin dhugumaan akkuma dhugaa Yesuus keessa jiru sanaatti waaʼee Kiristoos dhageessanii isumaanis barsiifamtaniirtu. \v 22 Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; \v 23 hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; \v 24 namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa. \p \v 25 Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu. \v 26 “Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;”\f + \fr 4:26 \fr*\ft \+xt Far 4:4\+xt*\ft*\f* utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; \v 27 diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa. \v 28 Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu. \p \v 29 Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin. \v 30 Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa. \v 31 Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu. \v 32 Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa. \c 5 \nb \v 1 Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa; \v 2 akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa. \p \v 3 Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii. \v 4 Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin. \v 5 Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa. \v 6 Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii. \v 7 Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa. \p \v 8 Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa; \v 9 iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii; \v 10 waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa. \v 11 Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa. \v 12 Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii. \v 13 Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata; \v 14 kanaafis, \q1 “Ati yaa isa raftu, dammaqi; \q2 warra duʼan keessaas kaʼi; \q2 Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera. \p \v 15 Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; \v 16 waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa. \v 17 Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa. \v 18 Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa; \v 19 faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; \v 20 yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa. \s1 Qajeelfama Maatiin Kiristaanaa Ittiin Jiraatu \r 5:22–6:9 kwf – \xt Qol 3:18–4:1\xt* \p \v 21 Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa. \p \v 22 Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. \v 23 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. \v 24 Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman. \p \v 25 Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; \v 26 innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, \v 27 waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. \v 28 Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. \v 29 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; \v 30 nu kutaalee dhagna isaatii. \v 31 “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”\f + \fr 5:31 \fr*\ft \+xt Uma 2:24\+xt*\ft*\f* \v 32 Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. \v 33 Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju. \c 6 \s1 Ijoollee fi Warra Isaanii \p \v 1 Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. \v 2 Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; \v 3 kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”\f + \fr 6:3 \fr*\ft \+xt KeD 5:16\+xt*\ft*\f* \p \v 4 Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa. \s1 Garbootaa fi Gooftota \p \v 5 Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa. \v 6 Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa. \v 7 Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; \v 8 sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu. \p \v 9 Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa. \s1 Miʼa Lolaa Kan Waaqaa \p \v 10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa. \v 11 Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. \v 12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. \v 13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. \v 14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; \v 15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. \v 16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. \v 17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti. \p \v 18 Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa. \v 19 Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa; \v 20 wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 21 Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima. \v 22 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera. \b \p \v 23 Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu. \b \p \v 24 Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.