\id ECC - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Lallaba \toc1 Kitaaba Lallabaa \toc2 Lallaba \toc3 Lal \mt2 Kitaaba \mt1 Lallabaa \c 1 \s1 Wanti Hundinuu Faayidaa Hin qabu \p \v 1 Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa: \q1 \v 2 Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! \q2 Faayidaa hin qabu! \q1 Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! \q2 Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha. \b \q1 \v 3 Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti \q2 itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata? \q1 \v 4 Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; \q2 lafti garuu bara baraan jiraatti. \q1 \v 5 Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; \q2 gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti. \q1 \v 6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; \q2 gara kaabaattis ni deebiʼa; \q1 innis naannaʼuma naannaʼee deema; \q2 karaa isaa irras deddeebiʼa. \q1 \v 7 Lagni hundi galaanatti yaaʼa; \q2 galaanni garuu hin guutu. \q1 Lageen garuma dhufanitti \q2 deebiʼanii yaaʼu. \q1 \v 8 Wanni hundinuu hamma namni tokko \q2 dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. \q1 Iji argee hin quufu; \q2 yookaan gurri dhagaʼee hin guutu. \q1 \v 9 Wanni duraan ture ammas ni taʼa; \q2 wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; \q2 aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 10 Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” \q2 jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? \q1 Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; \q2 bara keenyaan dura iyyuu asuma ture. \q1 \v 11 Namoonni bara durii hin yaadataman; \q2 kanneen dhufuuf jiranis // warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman. \s1 Ogummaan Faayidaa Hin qabu \p \v 12 Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture. \v 13 Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe! \v 14 Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti. \q1 \v 15 Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; \q2 wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu. \p \v 16 Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.” \v 17 Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe. \q1 \v 18 Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; \q2 akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama. \c 2 \s1 Gammachuun Faayidaa Hin Qabu \p \v 1 Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe. \v 2 Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe. \v 3 Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe. \p \v 4 Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe. \v 5 Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe. \v 6 Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe. \v 7 Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe. \v 8 Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture. \v 9 Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture. \q1 \v 10 Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; \q2 garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. \q1 Garaan koo hojii koo hundatti gammade; \q2 kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture. \q1 \v 11 Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi \q2 waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, \q1 wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee // faayidaa hin qabu ture; \q2 aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre. \s1 Ogummaa Fi Gowwummaan Faayidaa Hin Qaban \q1 \v 12 Anis yaada koo gara ogummaa, \q2 maraatummaa fi gowwummaa hubachuutti nan deebifadhe. \q1 Namni mootii iddoo buʼu tokko waan duraan hojjetame caalaa \q2 maal gochuu dandaʼa? \q1 \v 13 Ani akkuma ifni dukkana irra wayyu sana, \q2 akka ogummaan gowwummaa irra wayyu nan arge. \q1 \v 14 Ogeessi mataa isaa keessaa ija qaba; \q2 gowwaan garuu dukkana keessa deema; \q1 ani garuu akka galgalli isaan lamaanii \q2 tokkuma taʼe nan hubadhe. \p \v 15 Ergasii ani akkana jedheen garaa koo keessatti nan yaade; \q1 “Wanni gowwaa quunname, anaanis ni quunnama; \q2 yoos ani ogeessa taʼuudhaan maalan argadha ree?” \q1 Ani garaa koo keessatti, \q2 “Kunis faayidaa hin qabu” nan jedhe. \q1 \v 16 Ogeessi akkuma gowwaa yeroo dheeraaf hin yaadatamuutii; \q2 bara dhufuuf jiru keessa isaan lachuu ni irraanfatamu. \q1 Ogeessis akkuma gowwaa duʼuu qaba! \s1 Hojiin Dadhabuun Faayidaa Hin Qabu \p \v 17 Sababii wanni aduu gaditti hojjetamu na gaddisiiseef ani jireenya nan jibbe; kun hundinuu bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. \v 18 Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe. \v 19 Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu. \v 20 Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe. \v 21 Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas. \v 22 Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata? \v 23 Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha. \p \v 24 Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge; \v 25 Waaqaan malee eenyutu nyaachuu yookaan gammaduu dandaʼa? \v 26 Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. \c 3 \s1 Wanni Hundinuu Yeroo Qaba \q1 \v 1 Wanni hundinuu yeroo qaba; \q2 hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba: \b \q2 \v 2 Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; \q2 dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba; \q2 \v 3 ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; \q2 diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba; \q2 \v 4 booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; \q2 gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba; \q2 \v 5 dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; \q2 hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba; \q2 \v 6 barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; \q2 kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba; \q2 \v 7 tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; \q2 calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba; \q2 \v 8 jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; \q2 loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba. \p \v 9 Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata? \v 10 Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera. \v 11 Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan. \v 12 Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka. \v 13 Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti. \v 14 Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha. \q1 \v 15 Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; \q2 wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; \q2 Waaqni waan darbes deebisee fida. \p \v 16 Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: \q1 Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; \q2 iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture. \p \v 17 Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; \q1 “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; \q2 wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.” \p \v 18 Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora. \v 19 Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu. \v 20 Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu. \v 21 Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?” \p \v 22 Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa? \c 4 \s1 Cunqursaa, Hojiidhaan Dadhabuu, Michuu Dhabuu \p \v 1 Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge: \q1 Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge; \q2 nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban; \q1 humni gama cunqursitoota isaanii ture; \q2 isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban. \q1 \v 2 Anis akka warri duʼan, \q2 kanneen kanaan dura duʼan, \q2 jiraattota amma lubbuudhaan jiraatan caalan nan labse. \q1 \v 3 Garuu namni hamma ammaatti hin dhalatin \q2 kan hammina aduudhaa gaditti \q1 hojjetamu hin argin, \q2 lachan isaanii irra wayya. \p \v 4 Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. \q1 \v 5 Gowwaan harka isaa maratee taaʼa; \q2 foonuma ofii isaas nyaata. \q1 \v 6 Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan \q2 konyee lama argachuu irra \q2 nagaan konyee tokko argachuu wayya. \p \v 7 Ani amma illee waan faayidaa hin qabne tokko aduudhaa gaditti nan arge: \q1 \v 8 Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira; \q2 innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture. \q1 Yeroo hunda hojiitti dadhaba; \q2 taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu. \q1 Innis, “Ani eenyuuf jedheen dadhaba? \q2 Maaliifan gammachuus of laga?” jedhee gaafate. \q1 Kunis faayidaa hin qabu; \q2 hojii buʼaa hin qabnee dha! \b \q1 \v 9 Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif \q2 nama tokko irra nama lama wayya: \q1 \v 10 Yoo inni tokko kufe, \q2 inni kaan ol isa qaba. \q1 Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne \q2 garaa nama nyaata! \q1 \v 11 Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa; \q2 nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa? \q1 \v 12 Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; \q2 namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. \q1 Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu. \s1 Caalanii Argamuun Faayidaa Hin qabu \p \v 13 Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya. \v 14 Inni yoo hiyyumaan mootummaa sana keessatti dhalate iyyuu mana hidhaatii baʼee mootii taʼuu dandaʼaatii. \v 15 Ani akka namni aduudhaa gad jiraate hundi dargaggeessa mootii dhaalu sana duukaa buʼe nan arge. \v 16 Baayʼinni nama fuula isaanii dura jiruu hamma hin qabu ture. Warri duubaan dhufan garuu dargaggeessa dhaalu sanatti hin gammanne. Kun hundis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. \c 5 \s1 Waaqa Sodaadhu \p \v 1 Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii. \q1 \v 2 Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf \q2 afaan keetiin hin jarjarin; \q2 garaan kees hin ariifatin. \q1 Waaqni samii keessa jira; \q2 ati immoo lafa irra jirta; \q2 kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu. \q1 \v 3 Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas \q2 baayʼina dubbiitiin beekama. \p \v 4 Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. \v 5 Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya. \v 6 Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa? \v 7 Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu. \s1 Badhaadhummaan Faayidaa Hin qabu \p \v 8 Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. \v 9 Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama. \q1 \v 10 Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu; \q2 nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu. \q2 Kunis faayidaa hin qabu. \b \q1 \v 11 Akkuma qabeenyi baayʼatuun, \q2 warri nyaatanis ni baayʼatu. \q1 Yoos abbootiin qabeenyaa \q2 ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree? \b \q1 \v 12 Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu, \q2 hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha; \q1 baayʼinni qabeenyaa garuu \q2 sooressa tokko hirriba dhowwa. \p \v 13 Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: \q1 qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame, \q2 \v 14 yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee \q1 yeroo namichi sun ilma dhalchetti \q2 ilma isaatiif homaa hin hafinii dha. \q1 \v 15 Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa; \q2 inni akkuma dhufetti deebiʼee deema. \q1 Inni waan itti dadhabe keessaa \q2 waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu. \p \v 16 Kunis hammina nama gaddisiisuu dha: \q1 Namni akkuma dhufetti deema; \q2 inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf \q2 faayidaa maalii argata? \q1 \v 17 Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo, \q2 dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata. \p \v 18 Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii. \v 19 Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti. \v 20 Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu. \c 6 \p \v 1 Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata: \v 2 Waaqni akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Waaqni garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas. \p \v 3 Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee awwaala gaariis argachuu baate, ani, “Isaa mannaa gatata wayya” nan jedha. \v 4 Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama. \v 5 Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata. \v 6 Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii? \q1 \v 7 Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif; \q2 fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu. \q1 \v 8 Ogeessi maaliin gowwaa caala? \q1 Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan \q2 faayidaa maalii argata? \q1 \v 9 Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya. \q2 Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu. \b \q1 \v 10 Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera; \q2 maalummaan namaas beekamaa dha; \q1 namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun \q2 morkachuu hin dandaʼu. \q1 \v 11 Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba; \q2 yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada? \p \v 12 Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa? \c 7 \s1 Ogummaa \q1 \v 1 Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; \q2 guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya. \q1 \v 2 Mana cidhaa dhaquu mannaa \q2 mana booʼichaa dhaquu wayya; \q1 galgalli nama hundaa duʼumaatii; \q2 namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu. \q1 \v 3 Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuuf \q2 kolfa irra gadda wayya. \q1 \v 4 Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira, \q2 qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira. \q1 \v 5 Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa \q2 ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya. \q1 \v 6 Kolfi gowwaa akkuma qoraattii \q2 xuwwee jalaa xaaxaʼuu ti. \q2 Kunis faayidaa hin qabu. \b \q1 \v 7 Cunqursaan ogeessa gowwaa godha; \q2 mattaʼaanis sammuu nama xureessa. \b \q1 \v 8 Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya; \q2 of tuuluu irras obsa wayya. \q1 \v 9 Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; \q2 aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii. \b \q1 \v 10 Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin; \q2 waan kana gaafachuun ogummaa miti. \b \q1 \v 11 Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha; \q2 warra aduu arganiifis buʼaa qaba. \q1 \v 12 Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana \q2 ogummaanis daʼoo dha; \q1 faayidaan beekumsaa garuu kana: \q2 innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti. \p \v 13 Waan Waaqni hojjete mee ilaali: \q1 Waan inni jalʼise \q2 eenyutu qajeelchuu dandaʼa? \q1 \v 14 Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi; \q2 yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi: \q1 Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera. \q2 Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu. \p \v 15 Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis: \q1 Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fi \q2 hamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti. \q1 \v 16 Ati akka malee qajeelaa hin taʼin; \q2 yookaan akka malee ogeessa hin taʼin; \q2 maaliif of galaafatta? \q1 \v 17 Ati akka malee hamaa hin taʼin; \q2 gowwaas hin taʼin; \q2 maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta? \q1 \v 18 Utuu isa kaan gad hin dhiisin \q2 waan tokko qabaachuun gaarii dha. \q2 Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa. \b \q1 \v 19 Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaa \q2 nama ogeessa tokko humna qabeessa gooti. \b \q1 \v 20 Namni qajeelaan waan qajeelaa malee \q2 cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru. \b \q1 \v 21 Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin; \q2 yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa; \q1 \v 22 ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼee \q2 namoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii. \p \v 23 Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee, \q1 “Ani ogeessan taʼa” nan jedhe. \q2 Wanni kun garuu narraa fagoo ture. \q1 \v 24 Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha; \q2 eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa? \q1 \v 25 Kanaafuu ani gara ogummaa fi \q2 maalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuutti \q1 akkasumas hammina gowwummaatii fi \q2 maraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe. \b \q1 \v 26 Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis: \q2 dubartii kiyyoo taate, \q1 kan yaadni ishee kiyyoo, \q2 harki ishee immoo foncaa taʼee dha. \q1 Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa; \q2 cubbamaan garuu isheedhaan qabama. \p \v 27 Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha: \q1 “Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha; \q2 \v 28 ani ammas nan sakattaʼe; \q2 garuu hin arganne. \q1 Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe; \q2 hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne. \q1 \v 29 Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe: \q2 Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume; \q2 namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.” \b \c 8 \q1 \v 1 Kan akka nama ogeessaa eenyu? \q2 Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? \q1 Ogummaan fuula namaa ibsa; \q2 nyaara guurames ni hiika. \s1 Mootiif Ajajami \p \v 2 Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi. \v 3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii. \v 4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa? \q1 \v 5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; \q2 qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka. \q1 \v 6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu \q2 wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii. \b \q1 \v 7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, \q2 eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa? \q1 \v 8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; \q2 kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. \q1 Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, \q2 hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu. \p \v 9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira. \v 10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu. \p \v 11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama. \v 12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka. \v 13 Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu. \p \v 14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha. \v 15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa. \p \v 16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti, \v 17 waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu. \c 9 \s1 Galgalli Nama Hundaa Tokkuma \p \v 1 Kanaafuu ani waan kana hunda garaatti qabadhee akka qajeelaan, ogeessii fi hojiiwwan isaanii harka Waaqaa keessa jiran nan hubadhe; garuu namni tokko iyyuu akka jaalalli yookaan jibbi isa eeggatu hin beeku. \v 2 Nama qajeelaa fi jalʼaa, nama gaarii fi hamaa, nama qulqulluu fi xuraaʼaa, warra aarsaa dhiʼeessanii fi warra hin dhiʼeessine hunda galgalli isaanii tokkuma. \q1 Waanuma nama gaarii irra gaʼutu, \q2 cubbammaa irras gaʼa; \q1 waanuma warra kakuu seenan irra gaʼutu, \q2 warri kakuu seenuu sodaatan irra gaʼa. \p \v 3 Hamminni waan aduudhaa gaditti taʼu hunda keessa jiru kanaa dha: Galgalli nama hundaa tokkoo dha. Kana malees garaan namootaa hamminaan guutameera; bara jireenya isaanii keessas maraatummaatu garaa isaanii keessa jira; ergasii isaan warra duʼanitti dabalamu. \v 4 Namni warra lubbuun jiran hundatti dabalamu kam iyyuu abdii qaba. Leenca duʼee mannaa saree lubbuun jirtu wayyaatii! \q1 \v 5 Warri lubbuun jiran akka duʼan ni beekuutii; \q2 warri duʼan garuu homaa hin beekan; \q1 isaan siʼachi gatii hin qaban; \q2 yaadannoon isaanii iyyuu ni irraanfatama. \q1 \v 6 Jaalalli isaanii, jibbi isaaniitii fi \q2 hinaaffaan isaanii erga badee tureera; \q1 isaan waan aduudhaa gaditti taʼu kam iyyuu keessatti \q2 lammata qooda hin qabaatan. \p \v 7 Sababii Waaqni waan ati hojjettetti gammadeef dhaqiitii nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu; daadhii wayinii keetiis garaa gammadduun dhugi. \v 8 Yeroo hunda uffata adii uffadhu; zayitiinis mataa kee irraa hin dhabamin. \v 9 Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii. \v 10 Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii. \p \v 11 Ani aduudhaa gaditti waan biraa argeera: \q1 Fiigichi warra saffisaniif \q2 yookaan lolli irree jabeeyyiif miti; \q1 yookaan nyaanni ogeeyyiif \q2 yookaan qabeenyi hubattootaaf \q2 yookaan fudhatama argachuun beektotaaf miti; \q1 yeroo fi carraan hunda isaanii argata. \p \v 12 Namni tokko iyyuu yeroon isaa yoom akka taʼe hin beeku: \q1 Akkuma qurxummiin kiyyoo hamaadhaan qabamu, \q2 yookaan akkuma simbirri kiyyoodhaan qabamtu sana \q1 namoonnis bara hamaa \q2 akkuma tasaa isaanitti dhufuun qabamu. \s1 Gowwummaa Irra Ogummaa Wayya \p \v 13 Ani amma illee fakkeenya ogummaa kan akka malee na dinqisiise kana aduudhaa gaditti nan arge: \v 14 Magaalaa xinnoo namoonni muraasni keessa jiraatan tokkotu ture. Mootiin jabaan tokkos isheetti baʼee marse; koobii biyyoo guddaa naannessee itti ijaare. \v 15 Yeroo sanatti hiyyeessa ogeessa tokkotu magaalaa sana keessa jiraachaa ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii baraare. Namni tokko iyyuu garuu hiyyeessa sana hin yaadanne. \v 16 Kanaafuu ani, “Jabina irra ogummaa wayya” nan jedhe. Ogummaan hiyyeessa sanaa garuu ni tuffatame; dubbiin isaas fudhatama hin arganne. \q1 \v 17 Iyya bulchaa gowwootaa irra \q2 hasaasa ogeessaatu dhagaʼama. \q1 \v 18 Meeshaalee waraanaa irra ogummaa wayya; \q2 cubbamaan tokko garuu waan gaarii hedduu balleessa. \b \c 10 \q1 \v 1 Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana \q2 gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa. \q1 \v 2 Yaadni ogeessaa karaa mirgaa, \q2 yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira. \q1 \v 3 Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu; \q2 akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa. \q1 \v 4 Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate, \q2 ati iddoo kee gad hin dhiisin; \q2 tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii. \b \q1 \v 5 Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira; \q2 kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha. \q1 \v 6 Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu, \q2 gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu. \q1 \v 7 Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii \q2 garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge. \b \q1 \v 8 Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa; \q2 nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda. \q1 \v 9 Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; \q2 namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama. \b \q1 \v 10 Qottoon doomee \q2 afaan isaa yoo hin qaramin, \q1 humna guddaa barbaachisa; \q2 ogummaan garuu milkaaʼinna fida. \b \q1 \v 11 Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde, \q2 namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu. \b \q1 \v 12 Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba; \q2 namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada. \q1 \v 13 Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha; \q2 dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha; \q2 \v 14 namni gowwaan dubbii baayʼisa. \b \q1 Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku; \q2 eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa? \b \q1 \v 15 Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti; \q2 inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku. \b \q1 \v 16 Yaa biyya mootiin kee mucaa turee, \q2 kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo. \q1 \v 17 Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate, \q2 kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin, \q2 jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, // ati eebbifamtuu dha. \b \q1 \v 18 Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; \q2 harki hin hojjennes mana dhimmisiisa. \b \q1 \v 19 Cidhi kolfaaf qopheeffama; \q2 daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa; \q2 maallaqni immoo deebii waan hundaa ti. \b \q1 \v 20 Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, \q2 yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, \q1 ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; \q2 yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin. \c 11 \s1 Buddeena Bishaan Irraa \q1 \v 1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; \q2 guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii. \q1 \v 2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; \q2 balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii. \b \q1 \v 3 Duumessi yoo bishaaniin guutame, \q2 bokkaa lafatti gad dhangalaasa. \q1 Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, \q2 idduma itti kufe sana ciisa. \q1 \v 4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; \q2 kan duumessa ilaallatus hin haammatu. \b \q1 \v 5 Ati akkuma daandii bubbee, \q2 yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu // hin beekne sana, \q1 hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee \q2 beekuu hin dandeessu. \b \q1 \v 6 Inni kun yookaan inni sun, \q2 yookaan lachanuu wal qixxee tolu; \q1 inni kam akka tolu hin beektuutii; \q2 ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; \q2 galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin. \s1 Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu \q1 \v 7 Ifni miʼaawaa dha; \q2 aduu arguunis ija gammachiisa. \q1 \v 8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, \q2 inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. \q1 Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; \q2 isaan ni baayʼatuutii. \q2 Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu. \b \q1 \v 9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; \q2 bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. \q1 Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; \q2 garuu akka Waaqni waan kana hundaaf // gara murtiitti si fidu beekkadhu. \q1 \v 10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; \q2 sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef \q2 dhagna kee keessaa hammina baasii gati. \b \c 12 \q1 \v 1 Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, \q2 utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, \q2 bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu; \q1 \v 2 utuu aduu fi ifni, \q2 jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin, \q2 utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin, \q1 \v 3 yeroo itti eegdonni manaa hollatanii \q2 namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti, \q1 yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif // hojii dhiisanii, \q2 kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti, \q1 \v 4 yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee \q2 sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti, \q1 yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee \q2 sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti, \q1 \v 5 yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi \q2 balaa daandii irraa sodaatu, \q1 yeroo itti mukni lawuzii daraaru, \q2 yeroo itti korophisni tiratuu fi \q2 hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu. \q1 Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala; \q2 warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu. \b \q1 \v 6 Utuu funyoon meetii hin citin, \q2 yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu; \q1 utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin, \q2 yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban // boolla bishaanii biratti hin cabin, \q1 \v 7 utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, \q2 utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu. \b \q1 \v 8 Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! \q2 Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha. \s1 Xumura Dubbii \p \v 9 Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera. \v 10 Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha. \p \v 11 Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne. \v 12 Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu. \p Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa. \q1 \v 13 Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; \q2 dhumni dubbii kunoo ti; \q1 Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; \q2 wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii. \q1 \v 14 Waaqni hojii hunda, \q2 waan dhokfame hundas \q2 gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.