\id DEU - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h Keessa Deebii \toc1 Seera Keessa Deebii \toc2 Keessa Deebii \toc3 KeD \mt2 Seera \mt1 Keessa Deebii \c 1 \s1 Ajaja Akka Israaʼeloonni Koreebii Baʼaniif kenname \p \v 1 Dubbiin kun dubbii Museen yeroo isaan gammoojjii gama baʼa Yordaanositti, Arabbaa fuullee Suufitti argamu sana keessa, Phaaraanii fi Toofel, Laabaan, Haxerootii fi Diizaahaab gidduu turanitti Israaʼeloota hundatti dubbatee dha. \v 2 Kooreebii karaa Tulluu Seeʼiiriin Qaadesh Barnee gaʼuuf guyyoota kudha tokko fudhata. \p \v 3 Museenis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan \nd Waaqayyo\nd* waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime. \v 4 Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha. \p \v 5 Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Museen akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe: \b \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya Kooreebitti akkana nuun jedhe; “Isin tulluu kana bira yeroo dheeraa turtaniirtu. \v 7 Qubata buqqisaa kaʼaatii gara biyya gaaraa Amoorotaatti deemsa keessan itti fufaa; ergasiis saboota naannoo Arabbaatti argaman hunda keessa, biyya tulluuwwanii keessa, biyyoota gama dhiʼaatiin cina tulluuwwaniitti argaman keessa, Negeebii fi qarqara galaanaa, biyya Kanaʼaanotaatii fi Libaanoon keessa hamma laga Efraaxiis guddichaatti argaman keessa deemaa. \v 8 Kunoo, ani biyya kana isiniif kenneera. Biyya \nd Waaqayyo\nd* abbootii keessaniif jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqiif, Yaaqoobii fi sanyii isaanii warra isaaniin duubaatiif kennuuf kakate sanatti galaatii dhaalaa.” \s1 Muudamuu Hooggantootaa \p \v 9 Ani yeroo sanatti akkanan isiniin jedhe; “Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu. \v 10 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin baayʼiseera; kunoo, isin harʼa akkuma urjiiwwan samii baayʼattaniirtu. \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii yeroo kuma isin haa baayʼisu; akkuma abdii kenne sanattis isin haa eebbisu! \v 12 Ani garuu akkamitti kophaa koo rakkina keessan, baʼaa keessanii fi wal mormii keessan baachuu dandaʼaa? \v 13 Tokkoo tokkoo gosoota keessanii keessaa namoota ogeeyyii, hubattootaa fi kabajamoo filadhaa; anis isin irratti bulchitoota isaan nan taasisa.” \p \v 14 Isinis, “Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha” jettanii naaf deebiftan. \p \v 15 Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude. \v 16 Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; “Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa. \v 17 Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.” \v 18 Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera. \s1 Basaastonni Ergamuu isaanii \p \v 19 Nus ergasii akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nu ajajetti Kooreebii kaanee gammoojjii guddaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa dabarree gara biyya gaaraa Amoorotaa dhaqne; akkasiinis Qaadesh Barnee geenye. \v 20 Anis akkana isiniin jedhe; “Isin biyya gaaraa Amoorotaa kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nuu kennu geessaniirtu. \v 21 Kunoo, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan biyyattii isiniif kenneera. Dhaqaatii akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii isinitti hime sanatti ishee dhaalaa; hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa.” \p \v 22 Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, “Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu” jettan. \p \v 23 Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe. \v 24 Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan. \v 25 Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, “Biyyi \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nuuf kennu kun gaarii dha” jedhanii nutti himan. \s1 \nd Waaqayyotti\nd* Finciluu \p \v 26 Isin garuu dhaquu diddanii ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniitti finciltan. \v 27 Dunkaana keessan keessattis akkana jettanii guungumtan; “\nd Waaqayyo\nd* nu jibba; kanaafuu biyya Gibxiitii nu baasuun isaatuu akka isaan nu balleessaniif harka Amoorotaatti dabarsee nu kennuuf. \v 28 Egaa nu eessa dhaquu dandeenya? Obboloonni keenya, ‘Jarri nu caalaa jajjaboo fi hojjaan isaanii dhedheeraa dha; magaalaawwan isaaniis gurguddaa fi dallaawwan samii gaʼaniin marfamaniiru; kana biratti immoo ilmaan Anaaq argineerra’ jedhanii nu sodaachisan.” \p \v 29 Anis akkanan isiniin jedhe; “Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa. \v 30 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola; \v 31 gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu.” \p \v 32 Taʼus isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan \v 33 isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne. \p \v 34 \nd Waaqayyos\nd* yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate: \v 35 “Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu; \v 36 Kaaleb ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna.” \p \v 37 Sababii keessaniif \nd Waaqayyo\nd* natti illee dheekkamee akkana jedhe; “Ati iyyuu itti hin galtu. \v 38 Gargaaraan kee Iyyaasuun ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi. \v 39 Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu. \v 40 Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa.” \p \v 41 Isinis, “Nu \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nu ajajetti lolla” jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan. \p \v 42 \nd Waaqayyo\nd* garuu, “ ‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi” naan jedhe. \p \v 43 Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja \nd Waaqayyootti\nd* finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan. \v 44 Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan. \v 45 Isin deebitanii dhuftanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine. \v 46 Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha. \c 2 \s1 Gammoojjii Keessa Jooruu \p \v 1 Ergasii akkuma \nd Waaqayyo\nd* natti himetti, duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara gammoojjiitti qajeelle; yeroo dheeraadhaafis naannoo biyya gaaraa Seeʼiir keessa joorre. \p \v 2 \nd Waaqayyos\nd* akkana naan jedhe; \v 3 “Biyya gaaraa kana naannaʼuun isin gaʼa; gara kaabaatti garagalaa. \v 4 Saba kana akkana jedhii ajaji: ‘Isin biyya obboloota keessan sanyiiwwan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii keessa darbitu. Isaan isin sodaatu; isin garuu jabeessaa of eeggadhaa. \v 5 Lolaaf isaan hin kakaasinaa; ani lafa isaanii irraa iddoo isin miilla keessan irra dhaabbattan illee isiniif hin kennuutii. Ani biyya gaaraa Seeʼiir dhaala godhee Esaawuuf kenneera. \v 6 Nyaata achii nyaattanii fi bishaan dhugdaniif maallaqa baaftuuf.’ ” \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan waan isin hojjettan hundaan isin eebbiseera. Inni deemsa dheeraa isin gammoojjii balʼaa kana keessa deemtan irratti isin eegeera. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan waggoota afurtamman kanneen isin wajjin ture; isinis waan tokko illee hin dhabne. \p \v 8 Obboloota keenya ilmaan Esaawu warra Seeʼiir keessa jiraatan bira dabarree deemne. Nus daandii Arabbaa kan Eelaatii fi Eziyoon Geberii dhufu irraa garagallee karaa daandii gammoojjii Moʼaab deemne. \p \v 9 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Waan ani lafa Moʼaab irraa isiniif hin kennineef akkasumaan isaan hin rakkisinaa; waraanaafis isaan hin kakaasinaa. Ani Aarin dhaala godhee sanyii Looxiif kenneeraatii.” \p \v 10 Eemiimoonni achi jiraachaa turan; isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaas dhedheeroo turan. \v 11 Isaan kunneenis akkuma Anaaqotaa, Refaayimoota jedhamanii hedamu turan; Moʼaabonni garuu Eemiimoota jedhuun. \v 12 Huuronni kunneen Seeʼiir keessa jiraachaa turan; ilmaan Esaawu garuu ariʼanii achii isaan baasan. Isaanis akkuma Israaʼeloonni biyya \nd Waaqayyo\nd* dhaala isaaniif kenne sana keessatti godhan sana Hoorota achii balleessanii ofii isaaniitii biyya jaraa keessa qubatan. \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd*, “Ammuma kaʼaatii Laga Zered ceʼaa” nuun jedhe. Nu laga sana ceene. \p \v 14 Yeroo nu Qaadesh Barnee kaanee jalqabee hamma laga Zered ceenutti waggaa soddomii saddeet fudhate. Akkuma \nd Waaqayyo\nd* isaanitti kakatetti dhaloonni dhiira waraanaa hundi yeroo sanatti qubata keessaa dhume. \v 15 Harki \nd Waaqayyoos\nd* qubata keessaa isaan balleessuudhaaf isaan irra ture. \p \v 16 Yeroo loltoonni hundi saba keessaa dhumanitti, \v 17 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; \v 18 “Ati harʼa daarii Moʼaab, Aari keessa dabarta. \v 19 Yommuu Amoonotatti dhuftanitti akkasumaan isaan hin rakkisinaa yookaan waraanaaf isaan hin kakaasinaa; ani biyya isaanii keessaa tokko illee dhaala godhee isiniif hin kennuutii. Ani biyya isaanii sanyii Looxiif handhuuraa godhee kenneera.” \p \v 20 Kunis biyya Refaayimoota achi jiraachaa turaniiti jedhamee hedama; Amoononni garuu Zamzumoota jedhanii isaan waamu ture. \v 21 Isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaa dhedheeroo turan. \nd Waaqayyos\nd* fuula Amoonota achii isaan baasanii iddoo isaanii qubatan sanaa duraa isaan barbadeesse. \v 22 \nd Waaqayyos\nd* yommuu Hoorota fuula isaanii duraa balleessetti ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraachaa turanis akkasuma godhe. Isaanis jara achii baasanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraatan. \v 23 Awoota gandoota hamma Gaazaatti jiran keessa jiraatan immoo Kaftooronni Kaftoorii baʼanii dhufan sun balleessanii iddoo isaanii qubatan. \s1 Sihoon Mootiin Heshboon Moʼatame \p \v 24 “Kaʼaatii Laga Arnoon ceʼaa; ani kunoo, Sihoon Amooricha mootii Heshbooniitii fi biyya isaa illee dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii. Waraana itti banaatii biyya sana qabachuu jalqabaa. \v 25 Anis naasisuu fi sodaachisuu keessan saboota samii gad jiran hundatti buusuu hardhuma nan jalqaba. Isaanis oduu waaʼee keessanii dhagaʼanii sababii keessaniif hollatu; naasuunis isaan qabata.” \p \v 26 Anis akkana jedhee gammoojjii Qidemooti keessaa Sihoon mooticha Heshbooniitti ergamoota nagaa nan erge; \v 27 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuu eeyyami. Nu karaa guddicha irraa hin gorru; mirgattis gara bitaattis hin gorru. \v 28 Waan nyaannuu fi bishaan dhugnu maallaqaan nutti gurguri. Akka miilla qofaan achi keessa dabarru nuuf eeyyami; \v 29 akkuma ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii fi Moʼaabonni Aari keessa jiraatan nuuf godhan sana atis hamma nu gara biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nuu kennuutti galuuf laga Yordaanos ceenutti akkasuma nuuf godhi.” \v 30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka nu dabarru nuuf eeyyamuu dide. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma amma godhe kana dabarsee harka keessanitti isa kennuuf mataa fi garaa isaa jabeessee tureetii. \p \v 31 \nd Waaqayyos\nd*, “Kunoo, ani Sihoonii fi biyya isaa dabarsee siif kennuu jalqabeera. Ati biyya isaa dhaaluuf qabachuu jalqabi” naan jedhe. \p \v 32 Yommuu Sihoonii fi guutummaan loltoota isaa nu waraanuuf Yaahazitti baʼanitti, \v 33 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya dabarsee harka keenyatti isa nuuf kenne; nus isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda dhoofne. \v 34 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabannee dhiirota, dubartootaa fi ijoollee, tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine. Nama tokko illee hin hambifne. \v 35 Garuu horii fi boojuu magaalaawwan qabanne sana keessaa boojine ofii keenyaaf fudhanne. \v 36 Magaalaa Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoonitti argamuu fi magaalaa sululicha keessatti argamuu jalqabee magaalaa hamma Giliʼaaditti argamu keessaa tokko iyyuu nu ittisuu hin dandeenye. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya hunda isaanii dabarsee nuuf kenne. \v 37 Garuu akkuma ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nuuf kenne sanaatti isin gara biyyoota Amoonotaa tokkootti illee yookaan gara biyya qarqara laga Yaaboq irratti argamuu yookaan biyyoota naannoo magaalaawwan gaarran irratti argamaniitti hin dabarre. \c 3 \s1 Oogi Mootiin Baashaan Moʼatamuu Isaa \p \v 1 Ergasiis deebinee karaa Baashaan qabannee ol baane; Oogi mootichi Baashaan immoo loltoota isaa guutuu wajjin Edreyiitti nuun wal loluuf gad baʼe. \v 2 \nd Waaqayyos\nd*, “Waan ani isa, guutummaa loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Akkuma Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi” naan jedhe. \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya Oogi mootii Baashaanii fi guutummaa loltoota isaa dabarsee harka keenyatti kenne. Nus utuu homaa hin hambisin isaan balleessine. \v 4 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabanne. Magaalaawwan jaatama mootummaa Oogi mooticha Baashaan kanneen kutaa biyya Argobbi jala turan keessaa kan nu hin qabatin tokko iyyuu hin jiru. \v 5 Magaalaawwan kunneen hundi dallaa dhagaa dhedheeroo, karraa fi danqaraa qabu turan; akkasumas magaalaawwan dallaa hin qabne baayʼeetu ture. \v 6 Nus akkuma Sihoon mootii Heshboon goone sana dhiirota, dubartootaa fi ijoollee tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine. \v 7 Horii fi boojuu magaalaawwan isaanii keessaa saamne hunda garuu ofii keenyaaf fudhannee galle. \p \v 8 Yeroo sanatti mootota Amoorotaa lamaan kana irraa karaa baʼa Yordaanos biyya Sulula Arnooniitii jalqabee hamma Tulluu Hermoonitti jiruu fudhanne. \v 9 Siidoononnis Hermoon kana Siiriyoon jedhanii waamu; Amooronni immoo Seniiri jedhanii waamu. \v 10 Nus magaalaawwan dirree irratti argaman hunda, Giliʼaad hunda, Baashaanii hamma Salkaa fi Edreyiitti jiru hunda, magaalaawwan mootummaa Oogi kanneen Baashaan keessatti argaman hunda qabanne. \v 11 Gosa Refaayimootaa keessaa Oogi mootii Baashaan qofatu hafe. Kunoo sireen isaa sibiila irraa hojjetamee dalga dheerinni isaa dhundhuma sagal balʼinni isaa immoo dhundhuma afur ture. Sireen kunis amma iyyuu Rabbaa Amoonotaa keessatti argama. \s1 Hiramuu Biyyattii \p \v 12 Ani biyya yeroo sanatti qabanne keessaa biyya karaa Kaaba Aroʼeeriitiin qarqara Sulula Arnoon jirutti dabalee walakkaa biyya gaaraa Giliʼaad magaalaawwan isaa wajjin gosa Ruubeenii fi Gaadiif kenne. \v 13 Biyya Giliʼaad kan hafee fi guutummaa Baashaan jechuunis mootummaa Oogi walakkaa gosa Minaaseetiifan kenne. Guutummaan kutaa Argobbi kan Baashaan keessaa sun biyya Refaayimootaa jedhamee beekama ture. \v 14 Yaaʼiir ilmi Minaasee immoo guutummaa kutaa Argobbi kan hamma daarii Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaatti jiru fudhate; biyyi sunis maqaa isaatiin moggaafame; kanaafuu Baashaan hamma harʼaatti Haaboot Yaaʼiir jedhama. \v 15 Giliʼaad immoo Maakiiriifan kenne. \v 16 Walakkaa sulula isaa garuu daangaa gochuudhaan Giliʼaadii jalqabee hamma Sulula Arnoonitti, achii immoo bulchiinsa daangaa Amoonotaa kan hamma laga Yaaboqitti jiru gosa Ruubeenii fi Gaadiifan kenne. \v 17 Daangaan isaa karaa lixaatiin Yordaanos isa Arabbaa keessatti argamu sanaa dha; kunis Kinereetii jalqabee hamma Galaana Arabbaa kan Galaana soogiddaa jedhamuutti diriiree tabba Phisgaatii gaditti argama. \p \v 18 Anis yeroo sanatti akkana jedheen isin ajaje: “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akka dhaaltaniif lafa kana isiniif kenneera. Taʼus namoonni jajjaboon keessan hundi waraanaaf hidhatanii obboloota keessan Israaʼeloota dura gamatti ceʼuu qabdu. \v 19 Garuu niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan magaalaawwan ani isiniif kenne keessa haa turan; ani akka isin horii baayʼee qabdan beekaatii. \v 20 Kunis hamma \nd Waaqayyo\nd* akkuma isin boqochiise sana obboloota keessan boqochiisee isaaniinis lafa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan Yordaanosiin gamatti isaaniif kennu sana dhaalanitti. Sana booddee tokkoon tokkoon keessan gara biyya ani dhaala isiniif kenneetti ni deebitu.” \s1 Museen Akka Yordaanos Hin Ceene Dhowwame \p \v 21 Anis yeroo sanatti akkana jedhee Iyyaasuu ajaje: “Ati waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee mootota kanneen lamaan godhe hunda ija keetiin argiteerta. \nd Waaqayyo\nd*, mootummoota isin itti yaatan hundas akkasuma ni godha. \v 22 Isin isaan hin sodaatinaa; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan mataan isaa isiniif lolaatii.” \p \v 23 Yeroo sanatti ani akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* nan kadhadhe; \v 24 “Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Gooftaa, ati guddina keetii fi harka kee jabaa sana garbicha keetti argisiisuu jalqabdeerta. Silaa kan hojii jabaa akkasii kan ati hojjettu hojjechuu dandaʼu Waaqa kamtu samii irra yookaan lafa irra jira? \v 25 Akka ani ceʼee biyyattii gaarii Yordaanos gama jirtu jechuunis biyya gaaraa gaarii sanaa fi Libaanoon argu naa eeyyami.” \p \v 26 \nd Waaqayyo\nd* garuu waan sababii keessaniif natti dheekkameef, na dhagaʼuu dide. \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Kun ni gaʼa; lammata waaʼee waan kanaa natti hin dubbatin. \v 27 Fiixee Phisgaatti ol baʼiitii gara lixaa fi kaabaa, gara kibbaa fi baʼaa ilaali. Ati waan Yordaanos hin ceeneef biyyattii ijuma keetiin ilaali. \v 28 Garuu akka inni saba kana qajeelchee ceesisee akka isaan biyya ati ilaaltu kana dhaalan godhuuf Iyyaasuu ajaji; isa jajjabeessi; cimsis.” \v 29 Nu sulula Beet Pheʼoor bira jiru keessa turre. \c 4 \s1 Seeraaf Ajajamuu \p \v 1 Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa. \v 2 Ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa. \p \v 3 Isin waan \nd Waaqayyo\nd* Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera; \v 4 isin warri \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan. \p \v 5 Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera. \v 6 Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa. \v 7 Sabni guddaan akka yeroo nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami? \v 8 Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami? \p \v 9 Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi. \v 10 Gaafa isin Kooreebitti fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa. \v 11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan. \v 12 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture. \v 13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse. \v 14 \nd Waaqayyos\nd* yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje. \s1 Waaqota Tolfamoo Waaqeffachuun Dhowwaa dha \p \v 15 Gaafa \nd Waaqayyo\nd* Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa; \v 16 kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne \v 17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu \v 18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef. \v 19 Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide. \p \v 21 \nd Waaqayyos\nd* sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate. \v 22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu. \v 23 Akka kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa. \v 24 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas. \p \v 25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan, \v 26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu. \v 27 \nd Waaqayyos\nd* saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra \nd Waaqayyo\nd* isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu. \v 28 Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu. \v 29 Garuu yoo achittis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu. \v 30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta. \v 31 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu. \s1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa \p \v 32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa? \v 33 Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa? \v 34 Waaqni kam iyyuu takkumaa akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira? \p \v 35 Isinis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru. \v 36 Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse. \v 37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide; \v 38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide. \p \v 39 Harʼa akka \nd Waaqayyo\nd* ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru. \v 40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi. \s1 Magaalaawwan Itti Kooluu Galan \r 4:41‑43 kwi – \xt Lak 35:6‑34; KeD 19:1‑14; Iya 20:1‑9\xt* \p \v 41 Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate; \v 42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa. \v 43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef. \s1 Ibsa Seericha Irratti Kenname \p \v 44 Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha. \v 45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha; \v 46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti. \v 47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan. \v 48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata; \v 49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata. \c 5 \s1 Ajajawwan Kurnan \r 5:6‑21 kwf – \xt Bau 20:1‑17\xt* \p \v 1 Museen Israaʼeloota hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe: \p Yaa Israaʼel ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa utuma isin dhageessanuu labsu kana dhagaʼaa. Baradhaatii jabeessaa isaan duukaa buʼaa. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya Kooreebitti nu wajjin kakuu gale. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* kakuu kana nu wajjin, nu warra harʼa lubbuudhaan as jiraannu hunda wajjin gale malee abbootii keenya wajjin hin galle. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* tulluu irratti ibidda keessaa ifaan ifatti isinitti dubbate. \v 5 Yeroo sanatti waan isin ibidda sodaattanii tulluutti ol hin baʼiniif ani dubbii \nd Waaqayyoo\nd* isinitti himuuf isinii fi \nd Waaqayyo\nd* gidduun dhaabadhe. \p Innis akkana jedhe: \b \lh \v 6 “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha. \b \li1 \v 7 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. \li1 \v 8 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin. \v 9 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee \v 10 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha. \li1 \v 11 Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; \nd Waaqayyo\nd* warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii. \li1 \v 12 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi. \v 13 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; \v 14 guyyaan torbaffaan garuu sanbata \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan. \v 15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje. \li1 \v 16 Akka biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni. \li1 \v 17 Hin ajjeesin. \li1 \v 18 Hin ejjin. \li1 \v 19 Hin hatin. \li1 \v 20 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin. \li1 \v 21 Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.” \b \p \v 22 Ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* tulluu gubbaatti, ibidda, duumessaa fi dukkana limixii keessa waldaa keessan guutuutti sagalee guddaadhaan labse kanneenii dha; wanni inni itti dabales hin jiru. Ergasiis inni ajajawwan sana gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee natti kenne. \p \v 23 Yeroo isin utuu tulluun sun ibiddaan bobaʼuu dukkana keessaa sagalee sana dhageessanitti, hooggantoonni gosoota keessaniitii fi maanguddoonni keessan hundi gara koo dhufan. \v 24 Isinis akkana jettan; “Kunoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Waaqni isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra. \v 25 Amma garuu nu maaliif duuna? Nu yoo sagalee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa deebinee dhageenye ni duuna; ibiddii guddaan kunis nu barbadeessa. \v 26 Nama duʼaa hin oolle hunda keessaa eenyutu takkumaa sagalee Waaqa jiraataa ibidda keessaa dubbatuu dhagaʼee akka nu dhageenyee jiraanne kana utuu hin duʼin hafe? \v 27 Itti dhiʼaadhuutii waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya jedhu hunda dhagaʼi. Ergasii immoo waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya sitti himu hunda nutti himi. Nu ni dhaggeeffannaa; ni ajajamnas.” \p \v 28 \nd Waaqayyo\nd* yommuu isin natti dubbattanitti isin dhagaʼeera; \nd Waaqayyos\nd* akkana naan jedhe; “Ani waan namoonni kunneen siin jedhan dhagaʼeera. Wanni isaan jedhan hundinuu gaarii dha. \v 29 Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture! \p \v 30 “Dhaqiitii, ‘Dunkaana keessanitti deebiʼaa’ jedhiin. \v 31 Ati garuu asuma na bira turi. Ani ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan ati akka isaan biyya ani dhaala godhee isaaniif kennu keessatti eeganiif isaan barsiiftu hunda sitti nan hima.” \p \v 32 Kanaafuu waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa. \v 33 Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin ajaje hunda irra deemaa. \c 6 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Kee Jaalladhu \p \v 1 Ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerri isin yeroo biyya Yordaanos ceetanii dhaaltanitti eegdan kanneen akka ani isin barsiisuuf \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan na ajaje kanneenii dha; \v 2 kunis akka bara jireenya keessanii guutuu isin, ijoolleen keessanii fi ijoolleen ijoollee keessanii qajeelfamawwanii fi ajajawwan ani isiniif kennu hunda eeguudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan sodaattanii umuriin keessan dheeratuuf. \v 3 Yaa Israaʼel dhagaʼi; akka biyya aannanii fi dammi keessaa burqu sana keessatti akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keetii si abdachiise sanatti sitti tolee guddaa baayʼattuuf ajajami. \p \v 4 Yaa Israaʼel dhagaʼi; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya \nd Waaqayyo\nd* tokkicha. \v 5 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee jaalladhu. \v 6 Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. \v 7 Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. \v 8 Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. \v 9 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi. \p \v 10 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti, \v 11 yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti, \v 12 ati akka \nd Waaqayyo\nd* biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu. \p \v 13 \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu. \v 14 Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin; \v 15 sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa. \v 16 Akka Maasaah keessatti gootan sana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan hin qorinaa. \v 17 Ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa. \v 18 Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii \nd Waaqayyo\nd* abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu. \v 19 Ati akkuma \nd Waaqayyo\nd* jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta. \p \v 20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, “Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?” jedhee si gaafate, \v 21 akkana jedhii itti himi; “Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; \nd Waaqayyo\nd* garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete. \v 23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide. \v 24 \nd Waaqayyo\nd* akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya sodaannu nu ajaje. \v 25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa.” \c 7 \s1 Saboota Ormaa Ariʼanii Baasuu \p \v 1 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti, \v 2 yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin. \v 3 Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin; \v 4 sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi \nd Waaqayyoos\nd* sitti bobaʼee dafee si balleessa. \v 5 Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa. \v 6 Ati saba \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate. \p \v 7 Wanni \nd Waaqayyo\nd* isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan. \v 8 Garuu wanni \nd Waaqayyo\nd* harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef. \v 9 Kanaafuu akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha. \v 10 Warra isa jibban garuu, \q1 balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa; \q2 nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf // lafa irra hin harkifatu. \m \v 11 Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi. \p \v 12 Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega. \v 13 Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa. \v 14 Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu. \v 15 \nd Waaqayyo\nd* dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu. \v 16 Ati saboota \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqota isaanii hin waaqeffatin. \p \v 17 Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa. \v 18 Garuu ati isaan hin sodaatin; waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu. \v 19 Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha. \v 20 Kana caalaa iyyuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga. \v 21 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee inni gidduu kee jiru sun Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu. \v 23 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna. \v 24 Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii samii jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \v 25 Fakkii waaqota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa. \v 26 Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis. \c 8 \s1 \nd Waaqayyoon\nd* Hin Dagatin \p \v 1 Isin akka lubbuun jiraattan, akka baayʼattanii fi akka biyya \nd Waaqayyo\nd* kakuudhaan abbootii keessan abdachiise sanatti galtanii dhaaltaniif ajaja ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan duukaa buʼaa. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu. \v 3 Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan \nd Waaqayyootii\nd* baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf. \v 4 Waggoota afurtamman kanneen keessa uffanni kee hin dhumne; miilli kees hin iitofne. \v 5 Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki. \p \v 6 Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii eegi. \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya gaarii kan lageen, haroowwanii fi burqaawwan sululootaa fi gaarran keessaa yaaʼaniitti si galchaatii. \v 8 Biyya qamadii fi garbuu, wayinii fi harbuu, roomaanii, zayitii ejersaatii fi damma baasutti, \v 9 biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha. \p \v 10 Yeroo nyaattee quuftutti, sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu. \v 11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee hin daganne of eeggadhu. \v 12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti, \v 13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti, \v 14 ati of tuultee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta. \v 15 Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise. \v 16 Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne. \v 17 Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa. \v 18 Garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii. \p \v 19 Yoo ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee irraanfattee waaqota biraa duukaa buute, yoo isaan waaqeffattee fi isaaniif sagadde akka isin dhugumaan baddan ani harʼa dhugaa isinitti nan baʼa. \v 20 Akkuma Saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula keessan duraa balleesse sanaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif waan ajajamuu didaniif akkasuma isinis ni balleeffamtu. \c 9 \s1 Sababii Qajeelummaa Israaʼeliif Miti \p \v 1 Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa samii gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta. \v 2 Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta. \v 3 Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma \nd Waaqayyo\nd* si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa. \p \v 4 Erga \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “\nd Waaqayyo\nd* sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. \nd Waaqayyo\nd* sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa. \v 5 Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin \nd Waaqayyo\nd* kakuu abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale sana guutuudhaaf jedhee \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa. \v 6 Egaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii. \s1 Jabbii Warqee \p \v 7 Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti \nd Waaqayyotti\nd* fincilaa turte. \v 8 Isin Kooreebitti iyyuu \nd Waaqayyoon\nd* dheekkamsaaf kakaasnaan Waaqayyo isin barbadeessuuf isinitti aare. \v 9 Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne. \v 10 \nd Waaqayyos\nd* gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Waaqayyootiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan. \p \v 11 Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti \nd Waaqayyo\nd* gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne. \v 12 Gaafas \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Waaqa baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.” \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa! \v 14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee samii gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.” \p \v 15 Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan. \v 16 Anis nan arge; kunoo isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Waaqa baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa \nd Waaqayyo\nd* isin ajaje irraa jalʼattan. \v 17 Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse. \p \v 18 Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture. \v 19 Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa \nd Waaqayyoo\nd* nan sodaadhe. \nd Waaqayyo\nd* garuu amma illee na dhagaʼe. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Aroonin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Arooniifis nan kadhadhe. \v 21 Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse. \p \v 22 Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsiiftan. \p \v 23 \nd Waaqayyo\nd* yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis. \v 24 Isin erga ani isin beekee jalqabdanii \nd Waaqayyotti\nd* finciltaniirtu. \p \v 25 Sababii \nd Waaqayyo\nd* akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti lafatti nan gombifame. \v 26 Anis akkana jedheen \nd Waaqayyoon\nd* kadhadhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin. \v 27 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin. \v 28 Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘\nd Waaqayyo\nd* waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha. \v 29 Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.” \c 10 \s1 Gabateewwan Gabateewwan Jalqabaa Fakkaatan \p \v 1 Yeroo sanas \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu. \v 2 Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.” \p \v 3 Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; \nd Waaqayyos\nd* gabateewwan kanneen natti kenne. \v 5 Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma \nd Waaqayyo\nd* na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru. \p \v 6 Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe. \v 7 Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban. \v 8 Yeroo sanatti \nd Waaqayyo\nd* gosa Lewwii akka inni taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatuuf, akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase. \v 9 Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee isaanitti himetti, \nd Waaqayyo\nd* dhaala isaanii ti. \p \v 10 Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; \nd Waaqayyo\nd* ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu. \v 11 \nd Waaqayyos\nd*, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe. \s1 \nd Waaqayyoon\nd* Sodaadhu \p \v 12 Yaa Israaʼel, wanni \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, \v 13 akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan \nd Waaqayyoo\nd* kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii? \p \v 14 Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii ti. \v 15 Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, \nd Waaqayyo\nd* jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate. \v 16 Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa. \v 17 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii. \v 18 Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata. \v 19 Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu. \v 21 Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha. \v 22 Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera. \c 11 \s1 \nd Waaqayyoon\nd* Jaalladhuutii Ajajamiif \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi. \v 2 Kan adabbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa. \v 3 Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete, \v 4 waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti \nd Waaqayyo\nd* badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa. \v 5 Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti; \v 6 isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine. \v 7 Iji keessan garuu waan guddaa \nd Waaqayyo\nd* godhe kanneen hunda argeera. \p \v 8 Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa; \v 9 kunis akka isin biyya \nd Waaqayyo\nd* abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif. \v 10 Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti. \v 11 Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha. \v 12 Biyyi kun biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu. \p \v 13 Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan, \v 14 akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa. \v 15 Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta. \p \v 16 Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu. \v 17 Ergasii dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii \nd Waaqayyo\nd* isiniif kennu irraa daftanii ni baddu. \v 18 Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa. \v 19 Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. \v 20 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi; \v 21 kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya \nd Waaqayyo\nd* abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf. \p \v 22 Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan, \v 23 \nd Waaqayyo\nd* saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu. \v 24 Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata. \v 25 Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa. \p \v 26 Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa; \v 27 eebbi kunis yoo isin ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha. \v 28 Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha. \v 29 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita. \v 30 Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii? \v 31 Isin biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti, \v 32 ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa. \c 12 \s1 Iddoo Waaqeffannaadhaaf Filatame \p \v 1 Sirnawwanii fi seerawwan isin bara lafa irra jiraattan guutuu biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii akka isin dhaaltaniif isiniif kenne keessatti of eeggannaadhaan eegdan kanneenii dha. \v 2 Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa; \v 3 iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa. \p \v 4 Isin haala isaan waaqeffataniin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan hin waaqeffatinaa. \v 5 Garuu iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan Maqaa isaa achi dhaabuuf jedhee iddoo jireenya isaatiif gosoota keessan hunda keessaa filatu barbaadaa. Achis dhaqaa; \v 6 achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa. \v 7 Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti ni nyaattu; sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu. \p \v 8 Akka nu harʼa godhaa jirru kana, akka tokkoon tokkoon namaa waanuma tolaa itti fakkaate godhu kana hin godhinaa; \v 9 isin amma iyyuu boqonnaa fi dhaala \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif kennu hin geenyeetii. \v 10 Garuu Yordaanos ceetanii biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu keessa ni qubattu; innis akka isin nagaan jiraattaniif diinota naannoo keessanii hunda jalaa boqonnaa isinii kenna. \v 11 Ergasiis gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa \nd Waaqayyoof\nd* kennuuf wareegdan hundaa dha. \v 12 Achittis isin, ilmaanii fi intallan keessan, hojjetaa fi xomboreen keessan, akkasumas Lewwonni magaalaawwan keessan keessa jiraatan kanneen qooda yookaan dhaala mataa isaanii hin qabnes fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti gammadaa. \v 13 Akka aarsaa keessan kan gubamu idduma argitan hundatti hin dhiʼeessine of eeggadhaa. \v 14 Iddoo \nd Waaqayyo\nd* gosoota kee keessaa filatu tokko qofatti aarsaawwan gubaman dhiʼeessi; achittis waan ani si ajaju hunda eegi. \p \v 15 Taʼus akkuma eebba \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennuutti, magaalaawwan kee kam iyyuu keessatti kuruphee yookaan gadamsa qaladhuutii hamma feete nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼanis foon kana nyaachuu ni dandaʼu. \v 16 Isin garuu dhiiga sana hin nyaatinaa; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa. \v 17 Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin. \v 18 Qooda kanaa iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti gammadi. \v 19 Bara biyya kee keessa jiraattu guutuu akka Lewwota hin daganne of eeggadhu. \p \v 20 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akkuma si abdachiisetti biyya kee siif balʼisutti, ati yoo foon dharraatee, “Ani foon nyaachuu fedha” jette, hamma feete nyaachuu dandeessa. \v 21 Yoo iddoon \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee Maqaa isaa achi dhaabbachuuf filatu akka malee sirraa fagoo taʼe, akkuma ani si ajajetti loonii fi bushaayee \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kenne keessaa qalachuu, magaalaawwan kee keessattis hamma feete nyaachuu dandeessa. \v 22 Akkuma kurupheen yookaan gadamsi nyaatamu sana isaan nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼan hundi nyaachuu ni dandaʼu. \v 23 Garuu akka dhiiga hin nyaanne of eeggadhu; sababiin isaa dhiigni waan lubbuu taʼeef ati foon wajjin lubbuu hin nyaatin. \v 24 Ati dhiiga hin nyaatin; akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi. \v 25 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duubaan dhalataniif toluuf ati dhiiga hin nyaatin; ati fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa hojjechaa jirtaatii. \p \v 26 Garuu wantoota kee qulqulluu fi waan kennuuf wareegde fudhadhuu iddoo \nd Waaqayyo\nd* filatu dhaqi. \v 27 Foonii fi dhiiga aarsaa kee kan gubamuu iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii irratti dhiʼeessi. Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii biratti dhangalaafamuu qaba; foon isaa garuu nyaachuu dandeessa. \v 28 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii. \p \v 29 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota ati weerartee biyyaa baasuuf jirtu fuula kee duraa ni balleessa. Ati garuu yommuu ariitee isaan baaftee lafa isaanii irra qubattutti, \v 30 erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, “Saboonni kunneen akkamitti waaqota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha” jettee waaʼee waaqota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. \v 31 Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa \nd Waaqayyo\nd* jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu. \p \v 32 Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin. \c 13 \s1 Waaqota Biraa waaqeffachuu \p \v 1 Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, \v 2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe, \v 3 ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa. \v 5 Raajaan yookaan namichi abjuu abjootu sun, sababii akka isin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan kan biyya Gibxiitii isin baasee biyya garbummaa jalaa isin fure sanatti finciltan dubbateef ajjeefamuu qaba; inni karaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan akka duukaa buutan isin ajaje irraa isin jalʼisuuf yaaleera; hamaa of keessaa balleessi. \p \v 6 Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade, \v 7 yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe, \v 8 tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin. \v 9 Ati isa ajjeesuu qabda. Isa ajjeesuufis jalqabatti harki kee, itti aansees harki saba hundaa haa kaʼu. \v 10 Waan inni akka ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee kan Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana irraa garagaltu godheef dhagaadhaan tumii isa ajjeesi. \v 11 Ergasii Israaʼeloonni hundi dhagaʼanii ni sodaatu; si gidduudhaas eenyu iyyuu deebiʼee waan hamaa akkasii hin hojjetu. \p \v 12 Yoo ati magaalaawwan akka ati keessa jiraattuuf \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessaa tokkotti iyyuu utuu akkas jedhamuu dhageesse, \v 13 yoo namoonni hamoon isin gidduudhaa kaʼanii, “Kottaa waaqota biraa kanneen isin hin beekne waaqeffannaa” jedhanii saba magaalaa isaanii dogoggorsu taʼe, \v 14 dubbii sana iyyaafadhu; qoradhu; sirriitti gaafadhu. Kunoo, yoo dubbiin sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan kun gidduu keetti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe, \v 15 ati namoota magaalaa sana keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi; magaalaa sana illee namoota isheetii fi horii ishee wajjin guutumaan guutuutti barbadeessi. \v 16 Miʼa boojuu kan magaalaa sanaa argame hunda walakkaa oobdii isheetti walitti qabiitii magaalaa sana guutuu boojuu ishee wajjin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif aarsaa guutummaan gubamu godhiitii gubi. Isheen bara baraan barbadooftee haa haftu; deebitees hin ijaaramin. \v 17 Akka \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa isaa sodaachisaa irraa deebiʼuuf wanni abaarame tokko harka keetti hin argamin; inni siif araarama; garaa siif laafa; akkuma abbootii keetiif kakatetti si baayʼisa; \v 18 kunis waan ati ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda eegdee fuula isaa duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamtuuf. \c 14 \s1 Nyaata Qulqulluu taʼee fi Qulqulluu Hin taʼin \r 14:3‑20 kwf – \xt Lew 11:1‑23\xt* \p \v 1 Isin ijoollee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa; \v 2 ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif saba qulqulluudhaatii. \nd Waaqayyo\nd* akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera. \p \v 3 Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin. \v 4 Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee, \v 5 gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu. \v 6 Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu. \v 7 Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti. \v 8 Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa. \p \v 9 Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. \v 10 Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti. \p \v 11 Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu. \v 12 Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha, \v 13 culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa, \v 14 arraagessa gosa garaa garaa, \v 15 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa, \v 16 urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii, \v 17 urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa, \v 18 huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti. \p \v 19 Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa. \v 20 Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu. \p \v 21 Waan ofii isaatiin duʼe tokko illee hin nyaatin. Akka inni nyaatuuf alagaa magaalaa kee keessa jiraatuuf kenni yookaan nama ormaa tokkotti gurguradhu. Ati garuu saba \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif qulqulleeffamtee dha. \p Ilmoo reʼee tokko aannan haadhaa isheetiin hin affeelin. \s1 Kudhan Keessaa Harka Tokko \p \v 22 Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi. \v 23 Akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti nyaadhu. \v 24 Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon \nd Waaqayyo\nd* akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde, \v 25 kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatu dhaqi. \v 26 Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa. \v 27 Lewwonni magaalaa kee keessa jiraatan qooda yookaan dhaala ofii isaanii waan hin qabneef ati isaan hin dagatin. \p \v 28 Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi. \v 29 Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf. \c 15 \s1 Waggaa Itti Gatiin Namaaf Dhiifamu \r 15:1‑11 kwi – \xt Lew 25:8‑38\xt* \p \v 1 Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda. \v 2 Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon \nd Waaqayyoo\nd* kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin. \v 3 Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda. \v 4 Taʼus waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu; \v 5 kunis yoo ati guutumaan guutuutti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa. \v 6 Waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan. \p \v 7 Magaalaawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin. \v 8 Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif. \v 9 Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni \nd Waaqayyotti\nd* ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa. \v 10 Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. \v 11 Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja. \s1 Garboota Bilisoomsuu \r 15:12‑18 kwf – \xt Bau 21:2‑6\xt* \r 15:12‑18 kwi – \xt Lew 25:38‑55\xt* \p \v 12 Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi. \v 13 Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin. \v 14 Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni. \v 15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma. \p \v 16 Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe, \v 17 mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi. \p \v 18 Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa. \s1 Horii Hangafa \p \v 19 Loonii fi bushaayee kee keessaa korma hangafa hunda \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif addaan baasi; qotiyyoo kee keessaa hangafaan hin hojjetin; hangafa hoolaa keetii irraa rifeensa hin murin. \v 20 Waggaa waggaadhaan atii fi maatiin kee iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatutti fuula isaa duratti isaan nyaattu. \v 21 Yoo horiin sun hirʼina qabaate jechuunis yoo inni naafa yookaan jaamaa yookaan mudaa hamaa kam iyyuu qabaate, ati horii sana aarsaa gootee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif hin dhiʼeessin. \v 22 Ati magaalaa kee keessatti nyaadhu. Akkuma waan horiin sun kuruphee yookaan gadamsa taʼeetti namni akka seeraatti qulqulluu hin taʼinii fi kan qulqulluu taʼe nyaachuu dandaʼa. \v 23 Ati garuu dhiiga sana hin nyaatin; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasi. \c 16 \s1 Faasiikaa \r 16:1‑8 kwf – \xt Bau 12:14‑20; Lew 23:4‑8; Lak 28:16‑25\xt* \p \v 1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiis ayyaaneffadhu. \v 2 Iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif qali. \v 3 Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu. \v 4 Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin. \p \v 5 Ati magaalaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin; \v 6 garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi. \v 7 Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi. \v 8 Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin. \s1 Ayyaana Torbanootaa \r 16:9‑12 kwf – \xt Lew 23:15‑22; Lak 28:26‑31\xt* \p \v 9 Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi. \v 10 Ergasiis akkuma baayʼina eebba \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. \v 11 Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu. \v 12 Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi. \s1 Ayyaana Daasii \r 16:13‑17 kwf – \xt Lew 23:33‑43; Lak 29:12‑39\xt* \p \v 13 Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu. \v 14 Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa. \v 15 Ayyaana kanas iddoo \nd Waaqayyo\nd* filatutti bultii torbaaf \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa. \p \v 16 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hin dhiʼaatin: \v 17 Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa. \s1 Abbootii Murtii \p \v 18 Magaalaawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu. \v 19 Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa. \v 20 Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi. \s1 Waaqota Biraa Waaqeffachuu \p \v 21 Iddoo aarsaa kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin. \v 22 Soodduu dhagaa kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin. \c 17 \p \v 1 Sangaa yookaan hoolaa fafa yookaan hirʼina kam iyyuu qabu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif aarsaa hin dhiʼeessin; wanni akkasii isa biratti jibbisiisaa dhaatii. \p \v 2 Yoo dhiirri yookaan dubartiin magaalaawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessaa tokko keessa gidduu kee jiraattu tokko kakuu isaa cabsuudhaan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti waan hamaa hojjetee argame, \v 3 yoo ajaja koo darbee waaqota ormaa waaqeffate, gad jedhee biiftuuf yookaan jiʼaaf yookaan urjiiwwan samiitiif sagadde, \v 4 yoo wanni kun sitti himamee atis dhageesse, dubbicha gad qabii akka gaariitti qoradhu; yoo wanni jedhame sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe, \v 5 namicha yookaan dubartii waan hamaa kana hojjette gara balbala magaalaa sanaatti geessiitii dhagaadhaan tumii ajjeesi. \v 6 Namni duuti isaaf malu tokko dhuga baʼumsa nama lamaa yookaan sadiitiin haa ajjeefamu; garuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan namni kam iyyuu ajjeefamuu hin qabu. \v 7 Yommuu ajjeefamus jalqabatti harki dhuga baatotaa, itti aansee immoo kan sabaa isa irra haa buʼu; ati waan hamaa of keessaa baasuu qabda. \s1 Mana Murtii Seeraa \p \v 8 Yoo dubbiiwwan murteessuuf rakkisaa taʼan mana murtii keetti dhiʼaatan jechuunis kan akka dhiiga dhangalaasuu, wal mormii seera tokkootii fi kan biraa, yookaan miidhaa dhagna irra gaʼu kan garaa garaa gidduutti wanni murtii kennuuf rakkisu yoo kaʼe, ati lafa \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatutti geessi. \v 9 Gara Lewwota warra luboota taʼaniitii fi qondaaltota yeroo sana hojii irra turanii dhaqi. Waaʼee dubbii sanaa isaaniin mariʼadhu; isaanis murtii isaa sitti himu. \v 10 Atis akkuma yaada isaan siif kennan sanaatti iddoo \nd Waaqayyo\nd* filatutti murtii kennuu qabda. Waan hunda qajeelfama isaan siif kennaniin hojjedhu. \v 11 Akka seera isaan si barsiisaniittii fi akka qajeelfama isaan siif kennaniitti hojjedhu. Waan isaan sitti himan irraa mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. \v 12 Namni abbaa seeraa yookaan luba \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee tajaajiluuf achi dhaabatu tuffatu haa ajjeefamu. Ati waan hamaa Israaʼel keessaa baasuu qabda. \v 13 Sabni hundis waan kana dhagaʼee ni sodaata; itti deebiʼees hin tuffatu. \s1 Mootii Moosifachuu \p \v 14 Ati yommuu biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennutti galtee dhaaltuu fi biyya sana keessa qubattee, “Akkuma saboota naannoo koo jiraataniitti anis mootii of irrattan moosisa” jettutti, \v 15 mootii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee filatu of irratti moosisi. Nama obboleessa kee Israaʼel taʼe keessaa malee nama biyya alaa of irratti hin moosisin. \v 16 Sababii \nd Waaqayyo\nd*, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin. \v 17 Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu. \p \v 18 Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu. \v 19 Inni akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu; \v 20 kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu. \c 18 \s1 Qooda Lubootaatii fi Lewwotaa \p \v 1 Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii. \v 2 Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti \nd Waaqayyo\nd* dhaala isaaniitii. \p \v 3 Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti. \v 4 Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda; \v 5 kunis sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef. \p \v 6 Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni filatu dhufe, \v 7 innis akkuma Lewwota fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaatiin haa tajaajilu. \v 8 Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba. \s1 Hojiiwwan Jibbisiisoo \p \v 9 Ati yommuu biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin. \v 10 Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun, \v 11 yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin. \v 12 Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis \nd Waaqayyo\nd* Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa. \v 13 Ati fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda. \s1 Raajii \p \v 14 Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif hin eeyyamamne. \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda. \v 16 Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee kadhatte kanaatii. \p \v 17 \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha. \v 18 Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima. \v 19 Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha. \v 20 Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.” \p \v 21 Ati garaa keetti, “Nu dubbii \nd Waaqayyo\nd* nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa. \v 22 Yoo wanni raajiin tokko maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii \nd Waaqayyo\nd* hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin. \c 19 \s1 Magaalaawwan Itti Baqatan \r 19:1‑14 kwi – \xt Lak 35:6‑34; KeD 4:41‑43; Iya 20:1‑9\xt* \p \v 1 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti, \v 2 walakkaa biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu. \v 3 Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi. \p \v 4 Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha. \v 5 Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa. \v 6 Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa. \v 7 Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma. \p \v 8 Yoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne, \v 9 ati \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta. \v 10 Akka lafa kee kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi. \p \v 11 Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate, \v 12 maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan. \v 13 Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi. \p \v 14 Biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin. \s1 Dhuga Baatota \p \v 15 Nama yakka yookaan seera cabsuu kamiin iyyuu himatame tokkotti muruuf dhuga baʼumsi nama tokkoo gaʼaa miti. Dubbiin sun dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba. \p \v 16 Yoo dhuga baatuun jalʼaan tokko sobaan nama tokkotti dhugaa baʼe, \v 17 namoonni wal dhaban lamaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti lubootaa fi abbootii murtii kanneen yeroo sanatti hojii irra jiran dura haa dhaabatan. \v 18 Abbootiin murtiis dubbicha gad fageessanii haa qoran; yoo dhuga baatuun sun sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼee obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa baʼe, \v 19 waanuma inni obboleessa isaa gochuu yaade sana isa godhaa. Ati hamaa of keessaa baasuu qabda. \v 20 Namoonni hafan waan kana dhagaʼanii ni sodaatu; wanni hamaan akkasiis lammata gidduu keetti hin hojjetamu. \v 21 Ati gara laafina tokko iyyuu hin argisiisin; qooda lubbuu lubbuun, qooda ijaa ijji, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaas miilli baafamuu qaba. \c 20 \s1 Waraanaaf Baʼuu \p \v 1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase sun si wajjin jiruuf yommuu diinota kee loluuf baatutti fardeenii fi gaariiwwan akkasumas humna waraanaa kan humna waraanaa kee caalu argitutti hin sodaatin. \v 2 Yommuu ati waraanatti dhiʼaattutti lubni fuula duratti baʼee loltootatti haa dubbatu. \v 3 Innis akkana haa jedhu; “Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa. \v 4 Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniitii.” \p \v 5 Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa. \v 6 Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata. \v 7 Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.” \v 8 Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan. \v 9 Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan. \p \v 10 Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi. \v 11 Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu. \v 12 Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi. \v 13 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dabarsee isaan sitti kennutti dhiirota magaalattii keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi. \v 14 Garuu nadheenii fi ijoollee, horii fi waan magaalattii keessatti argamu hunda boojiʼiitii ofii keetii fudhadhu; ati boojuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee diinota kee irratti siif kennetti fayyadamuu ni dandeessa. \v 15 Akki ati magaalaawwan saboota naannoo keetii hin taʼin kanneen akka malee fagoo taʼan gootus kanuma. \p \v 16 Taʼus magaalaawwan saboota \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu keessatti waan hafuura baafatu tokko illee hin hambisin. \v 17 Akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si ajajetti guutumaan guutuutti isaan barbadeessi; isaanis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota. \v 18 Yoo kanaa achii akka ati waan jibbisiisaa isaan waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojjetan sana duukaa buutu si barsiisu; atis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetti cubbuu hojjetta. \p \v 19 Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii? \v 20 Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa. \c 21 \s1 Aarsaa Ajjeechaa Hin Beekamneef Dhiʼeeffamu \p \v 1 Yoo namni tokko biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti duʼee argamee namni isa ajjeese hin beekamin, \v 2 maanguddoonni keetii fi abbootiin murtii kee dhaqanii fageenya iddoo inni itti duʼee fi magaalaawwan itti dhiʼaatan gidduu jiru haa safaran. \v 3 Ergasiis maanguddoonni magaalaa reeffichatti aantu keessa jiraatan goromsa takkumaa hin hojjetin kan waanjoo hin baatin fuudhanii \v 4 goromsa sana gara sulula hin qotamin yookaan wanni tokko iyyuu irra hin facaafamin kan bishaan yaaʼu qabuutti haa geessan. Sulula sana keessattis morma goromsa sanaa haa cabsan. \v 5 Luboonni jechuunis ilmaan Lewwii sababii akka tajaajilanii fi akka maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* eebbisaniif, akka dubbii wal dhabiisaatii fi miidhaa dhagnaa kami irratti iyyuu murtii kennaniif \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiin filatamaniif isaan fuulduraatti haa dhiʼaatan. \v 6 Ergasii maanguddoonni magaalaa reeffichatti baayʼee dhiʼaatuu hundi goromsa sulula keessatti mormi cabsame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan. \v 7 Isaanis akkana haa jedhan: “Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne yookaan yommuu wanni kun hojjetame iji keenya hin argine. \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, aarsaa araaraa kana saba kee Israaʼel kan furte sanaaf fudhadhu; dhiiga nama qulqulluu kanaas saba keetti hin herregin. Yakkii dhiiga dhangalaafamees isaanii haa dhiifamu. \v 9 Atis sababii waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa taʼe hojjetteef yakka dhangalaafamuu dhiiga nama qajeelaa akkasiin gidduu keetii ni balleessita.” \s1 Dubartii Boojiʼamte Fuudhuu \p \v 10 Ati yommuu diinota kee loluuf duultee \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dabarsee harka keetti isaan siif kennee boojuu fudhattutti, \v 11 yoo warra boojiʼaman keessatti dubartii bareedduu tokko argitee ishee jaallatte niitii ofii keetii godhattee ishee fuudhuu dandeessa. \v 12 Mana keetti ishee galchi; isheenis mataa ishee haa haaddattu; qeensa ishees haa qorattu; \v 13 uffata isheen yeroo boojiʼamtetti uffachaa turtes irraa baasi. Erga isheen mana kee keessa jiraattee jiʼa tokko guutuu abbaa fi haadha isheetiif boossee booddee ati ishee wajjin ciiftee dhirsa ishee taʼuu dandeessa; isheenis niitii kee ni taati. \v 14 Ati yoo isheetti gammaduu baatte akka isheen gara feete deemtu gad dhiisi. Ati waan ishee salphifteef ishee gurguruu yookaan akka garbittiitti ishee ilaaluu hin qabdu. \s1 Mirga Hangafaa \p \v 15 Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate, \v 16 namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu. \v 17 Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti. \s1 Ilma Hin Ajajamne \p \v 18 Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate, \v 19 abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan. \v 20 Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan. \v 21 Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu. \s1 Seerawwan Garaa garaa \p \v 22 Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame, \v 23 ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin. \c 22 \p \v 1 Utuu sangaan yookaan hoolaan obboleessa keetii badaa jiruu yoo argite, deebisiitii isatti fidi malee calʼiftee bira hin darbin. \v 2 Yoo obboleessi sun sirraa fagoo jiraate yookaan yoo isa beekuu baatte sangaa yookaan hoolaa sana fuudhii galiitii hamma inni barbaacha dhufutti of bira tursi. Ergasii deebisii isaaf kenni. \v 3 Yoo harreen yookaan wayyaan yookaan wanni fedhe iyyuu obboleessa kee jalaa badee argite akkasuma godhi malee dhiiftee bira hin darbin. \p \v 4 Yoo harreen yookaan sangaan obboleessa keetii karaa irratti kufee argite akka inni ol kaasee miilla isaatiin dhaabu gargaari malee bira hin darbin. \p \v 5 Dubartiin uffata dhiiraa uffachuu hin qabdu yookaan dhiirri uffata dubartii uffachuu hin qabu; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu ni jibbaatii. \p \v 6 Ati yoo mana simbiraa kan muka irra yookaan lafa jiru utuu haati cuucii ishee yookaan anqaaquu ishee hammattee jirtuu karaa cinatti argite haadha sana cuucii ishee wajjin hin fudhatin; \v 7 ati cuucii ishee fudhachuu ni dandeessa; garuu akka siif tolee bara dheeraa jiraattuuf akka haadha gad dhiifte mirkaneeffadhu. \p \v 8 Yommuu mana haaraa ijaartutti akka namni bantii manaa irraa kufee mana keetti yakka dhangalaʼuu dhiigaa hin fidneef qarqara bantii isaatti ittisa tolchi. \p \v 9 Iddoo dhaabaa wayinii keetii keessa sanyii gosa lamaa hin facaasin; yoo ati akkas goote sanyii ati facaafte sana qofa utuu hin taʼin iji iddoo dhaabaa wayinii keetiis ni bada. \p \v 10 Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin. \p \v 11 Uffata suufii fi quncee talbaa kan walitti foʼamee dhaʼame hin uffatin. \p \v 12 Roga wayyaa uffattuu afran irratti handaara tolchi. \s1 Rakkina Gaaʼela Keessatti Uumamu \p \v 13 Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee, \v 14 ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, “Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne” jedhee, \v 15 abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan. \v 16 Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; “Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe. \v 17 Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti.” Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan; \v 18 maanguddoonni sunis namicha sana qabanii haa adaban. \v 19 Isaanis sababii namichi kun maqaa durba Israaʼel tokkoo xureesseef meetii saqilii dhibba tokko baasisanii abbaa intalattiitiif haa kennan; isheen niitii isaa taatee haa jiraattu; innis hamma lubbuudhaan jirutti ishee hiikuu hin dandaʼu. \p \v 20 Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin, \v 21 isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda. \p \v 22 Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda. \p \v 23 Yoo namni tokko durba kaadhimamte magaalaatti argee ishee wajjin ciise, \v 24 waan isheen utuu magaalaa keessa jirtuu na oolchaa jettee hin iyyiniif, namichi immoo waan niitii nama biraa salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara balbala magaalaatti geessaatii hamma isaan duʼanitti dhagaadhaan tumaa. Waan hamaa gidduu keessanii balleessaa. \p \v 25 Garuu yoo namni tokko durba kadhatamte tokko baadiyyaatti argee ishee gudeede, namichi waan kana godhe qofti haa ajjeefamu. \v 26 Intalattii hin tuqinaa; isheen cubbuu duʼaan ishee gaʼu tokko iyyuu hin hojjenneetii. Dubbiin akkasii nama balaa buusee namicha ollaa isaa ajjeesuun wal fakkaata; \v 27 kunis waan namichi durba kaadhimamte sana baadiyyaatti argatee yoo iyyite illee namni isheef birmatu hin argamneef. \p \v 28 Namni tokko yoo durba hin kaadhimamin tokko argee humnaan ishee gudeedee wanni kun beekame, \v 29 inni abbaa isheetii fi meetii saqilii shantama haa baasu. Inni waan gudeedee durbummaa ishee balleesseef ishee fuudhuu qaba. Hamma lubbuun jiruttis ishee hiikuu hin dandaʼu. \p \v 30 Namni tokko niitii abbaa isaa fuudhuu hin qabu; inni siree abbaa isaa hin xureessin. \c 23 \s1 Waldaa Irraa Dhowwamuu \p \v 1 Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa \nd Waaqayyoo\nd* hin seenin. \p \v 2 Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa \nd Waaqayyoo\nd* hin seenin. \p \v 3 Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa \nd Waaqayyoo\nd* hin seenin. \v 4 Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan. \v 5 Taʼus \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si jaallataatii. \v 6 Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin. \p \v 7 Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin. \v 8 Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa \nd Waaqayyoo\nd* seenuu ni dandaʼu. \s1 Qulqullina Qubataa Eeguu \p \v 9 Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi. \v 10 Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu. \v 11 Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu. \p \v 12 Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu. \v 13 Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba. \s1 Seerawwan Garaa garaa \p \v 15 Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin. \v 16 Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin. \p \v 17 Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin. \v 18 Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii. \p \v 19 Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin. \v 20 Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin. \p \v 21 Ati yoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin. \v 22 Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu. \v 23 Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif wareegdeertaatii. \p \v 24 Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin. \v 25 Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin. \c 24 \p \v 1 Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu. \v 2 Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate, \v 3 yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe, \v 4 dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti balfamaa dha. Ati biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin. \p \v 5 Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu. \p \v 6 Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii. \p \v 7 Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi. \p \v 8 Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda. \v 9 Waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee erga isin biyya Gibxiitii baatanii booddee karaa irratti Miiriyaamitti fide sana yaadadhu. \p \v 10 Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin. \v 11 Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu. \v 12 Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin. \v 13 Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti akka hojii qajeelummaatti siif hedama. \p \v 14 Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin. \v 15 Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni \nd Waaqayyoon\nd* sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa. \p \v 16 Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa. \p \v 17 Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin. \v 18 Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee achii si fure yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana hojjettuuf si ajajuufis kanuma. \p \v 19 Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. \v 20 Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. \v 21 Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi. \v 22 Ati akka Gibxitti garbicha turte yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana gootu si ajajuufis kanuma. \c 25 \p \v 1 Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu. \v 2 Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu; \v 3 taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa. \p \v 4 Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin. \p \v 5 Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu. \v 6 Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu. \p \v 7 Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun. \v 8 Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe, \v 9 niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu. \v 10 Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama. \p \v 11 Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde, \v 12 ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif. \p \v 13 Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin. \v 14 Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin. \v 15 Ati akka biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu. \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii. \p \v 17 Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu. \v 18 Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne. \v 19 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin! \c 26 \s1 Ija Jalqabaa \p \v 1 Ati yommuu biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti, \v 2 midhaan lafa biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi; \v 3 luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, “Ani biyya \nd Waaqayyo\nd* akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti nan labsa” jedhi. \v 4 Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii dura ni kaaʼa. \v 5 Atis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee duratti akkana jettee ni labsita; “Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe. \v 6 Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan. \v 7 Nu ergasii gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keenyaatti iyyanne; \nd Waaqayyos\nd* sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge. \v 8 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase. \v 9 Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne; \v 10 ammas yaa \nd Waaqayyo\nd* kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera.” Guuboo sanas fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi. \v 11 Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa. \p \v 12 Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni. \v 13 Ergasii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiin akkana jedhi; “Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne. \v 14 Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera. \v 15 Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.” \s1 Ajajawwan \nd Waaqayyoo\nd* Duukaa buʼuu \p \v 16 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu. \v 17 Ati akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta. \v 18 \nd Waaqayyos\nd* akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera. \v 19 Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera. \c 27 \s1 Iddoo Aarsaa Kan Tulluu Gebaal Irraa \p \v 1 Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa. \v 2 Erga biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi. \v 3 Yommuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi. \v 4 Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi. \v 5 Achittis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin. \v 6 Iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi. \v 7 Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti gammadi. \v 8 Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.” \s1 Abaarsa Tulluu Gebaal Irratti Labsame \p \v 9 Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii taateerta. \v 10 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.” \p \v 11 Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje: \p \v 12 Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan. \v 13 Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan. \p \v 14 Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan: \p \v 15 “Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 16 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 17 “Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 18 “Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 19 “Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 20 “Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 21 “Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 22 “Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 23 “Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 24 “Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 25 “Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \p \v 26 “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” \pr Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. \c 28 \s1 Eebba Ajajamuudhaan Argamu \p \v 1 Yoo ati guutumaan guutuutti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba. \v 2 Yoo ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas: \pm \v 3 Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta. \pm \v 4 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu. \pm \v 5 Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu. \pm \v 6 Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu. \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa. \p \v 9 Yoo ati ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, \nd Waaqayyo\nd* akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba. \v 10 Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* waamamtu arganii si sodaatu. \v 11 \nd Waaqayyo\nd* biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna. \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu. \v 13 \nd Waaqayyo\nd* mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu. \v 14 Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin. \s1 Abaarsa Ajajamuu Diduun Fidu \p \v 15 Garuu yoo ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus: \pm \v 16 Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta. \pm \v 17 Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama. \pm \v 18 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu. \pm \v 19 Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta. \p \v 20 Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef \nd Waaqayyo\nd* hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa. \v 23 Samiin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa. \v 24 \nd Waaqayyo\nd* bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti samiidhaa sitti gad harcaʼa. \p \v 25 \nd Waaqayyo\nd* akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata. \v 26 Reeffi kee simbirroota samii hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu. \v 27 \nd Waaqayyos\nd* dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa. \v 28 \nd Waaqayyo\nd* maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa. \v 29 Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru. \p \v 30 Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu. \v 31 Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru. \v 32 Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu. \v 33 Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu. \v 34 Wanni ati argitu hundi si maraacha. \v 35 \nd Waaqayyo\nd* faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa. \p \v 36 \nd Waaqayyo\nd* siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta. \v 37 Saboota \nd Waaqayyo\nd* itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata. \p \v 38 Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta. \v 39 Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu. \v 40 Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu. \v 41 Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan. \v 42 Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa. \p \v 43 Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta. \v 44 Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata. \p \v 45 Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas. \v 46 Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu. \v 47 Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee hin tajaajiliniif, \v 48 beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota \nd Waaqayyo\nd* sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa. \p \v 49 \nd Waaqayyo\nd* biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa; \v 50 innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha. \v 51 Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan. \v 52 Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu. \p \v 53 Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kennee ni nyaatta. \v 54 Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu; \v 55 inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii. \v 56 Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti; \v 57 isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti. \p \v 58 Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte, \v 59 \nd Waaqayyo\nd* siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga. \v 60 Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu. \v 61 Akkasumas hamma ati dhabamtutti \nd Waaqayyo\nd* dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida. \v 62 Isin sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan samii baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa. \v 63 Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun \nd Waaqayyo\nd* gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu. \p \v 64 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta. \v 65 Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis \nd Waaqayyo\nd* sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna. \v 66 Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta. \v 67 Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, “Utuu bariʼuu baatee!” galgala immoo, “Utuu dhiʼuu baatee!” jetta. \v 68 Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis \nd Waaqayyo\nd* dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu. \c 29 \s1 Kakuun Haaromfamuu Isaa \p \v 1 Dubbiin kakuu kan \nd Waaqayyo\nd* kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Musee ajaje kanaa dha. \p \v 2 Museen Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen: \b \p Waan \nd Waaqayyo\nd* Gibxi keessatti Faraʼoon irratti, qondaaltota isaa hundaa fi guutummaa biyya isaa irratti hojjete hunda iji keessan argeera. \v 3 Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine. \v 5 Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne. \v 6 Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe. \p \v 7 Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne. \v 8 Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine. \p \v 9 Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa. \v 10 Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii dura dhaabattaniirtu; \v 11 ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru. \v 12 Atis kakuu \nd Waaqayyo\nd* harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee wajjin galuuf as dhaabatteerta; \v 13 innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Waaqa kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe. \v 14 Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin, \v 15 warra nu wajjin as fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala. \p \v 16 Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu. \v 17 Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu. \v 18 Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya irraa garagalee waaqota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa. \p \v 19 Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, “Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba” jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida. \v 20 \nd Waaqayyo\nd* nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; \nd Waaqayyos\nd* samii jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa. \v 21 Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, \nd Waaqayyo\nd* gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa. \p \v 22 Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba \nd Waaqayyo\nd* ittiin ishee dhaʼe ni argu. \v 23 Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa. \v 24 Sabni hundinuu, “\nd Waaqayyo\nd* maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?” jedhanii gaafatu. \p \v 25 Deebiin isaas kana taʼa; “Kun sababii sabni kun kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif. \v 26 Isaanis dhaqanii waaqota biraa, kanneen hin beekiniif waaqota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif. \v 27 Kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe. \v 28 \nd Waaqayyos\nd* aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate.” \p \v 29 Wanti dhoksaan kan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. \c 30 \s1 Badhaadhummaa Gara \nd Waaqayyootti\nd* Deebiʼuudhaan Argamu \p \v 1 Yommuu eebbii fi abaarsi ani fuula kee dura kaaʼe kun hundi si argatee ati saboota \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee keessatti si bittinneessu hunda gidduu jiraatutti yoo ati waan sana yaadattu, \v 2 yommuu atii fi ijoolleen kee gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiitti deebitanii akkuma waan ani harʼa isin ajaju hundaatti garaa keessanii fi lubbuu keessan guutuudhaan isaaf ajajamtan, \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee boojuu kee siif deebisee garaa siif laafuudhaan saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse hunda keessaa deebisee walitti si qaba. \v 4 Yoo ati samii jalatti lafa akka malee fagootti geeffamtee jiraatte illee \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee walitti si qaba; deebisees si fida. \v 5 Inni biyya abbootii keetiitti si galcha; atis ni dhaalta. Inni abbootii kee caalaa si sooromsa; akka malee si baayʼisas. \v 6 Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba. \v 7 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee abaarsa kana hunda warra si jibbanii si rakkisan irra ni kaaʼa. \v 8 Atis deebitee \nd Waaqayyoof\nd* ni ajajamta; ajaja isaa kanneen ani harʼa si ajaju hundas ni eegda. \v 9 Ergasiis \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. \nd Waaqayyo\nd* akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa; \v 10 kunis yoo ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiitti deebite taʼa. \s1 Jireenya Yookaan Duʼa Filachuu \p \v 11 Wanni ani harʼa si ajaju kun rakkisaa yookaan kan sirraa fagaate miti. \v 12 Akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni ol samii gubbaa hin jiru. \v 13 Yookaan akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu galaana ceʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni galaana gama hin jiru. \v 14 Dubbiin sun garuu baayʼee sitti dhiʼoo jira; akka ati isa eegduufis inni afaan keetii fi garaa kee keessa jira. \p \v 15 Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera. \v 16 Ani akka ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa. \p \v 17 Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte, \v 18 ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan. \p \v 19 Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu; \v 20 kunis akka ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. \nd Waaqayyo\nd* sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna. \c 31 \s1 Iyyaasuun Iddoo Musee Buʼuu Isaa \p \v 1 Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate: \v 2 “Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera. \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma \nd Waaqayyo\nd* jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa. \v 5 \nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu. \v 6 Cimaa; jabaadhaa. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.” \p \v 7 Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya \nd Waaqayyo\nd* isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi. \v 8 \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.” \s1 Seera Dubbisuu \p \v 9 Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne. \v 10 Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti, \v 11 yommuu Israaʼel hundi fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta. \v 12 Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi. \v 13 Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.” \s1 Israaʼel Ni Fincila \p \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan. \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate. \v 16 \nd Waaqayyos\nd* Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu. \v 17 Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu. \v 18 Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha. \p \v 19 “Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi. \v 20 Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu. \v 21 Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.” \v 22 Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise. \p \v 23 \nd Waaqayyos\nd* Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne. \p \v 24 Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee, \v 25 Lewwota taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baataniif ajaja kana kenne: \v 26 “Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf. \v 27 Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu \nd Waaqayyotti\nd* finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree! \v 28 Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa. \v 29 Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.” \s1 Faarfannaa Musee \p \v 30 Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise: \c 32 \q1 \v 1 Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha; \q2 yaa lafa, atis dubbii afaan kootii dhagaʼi. \q1 \v 2 Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu; \q2 dubbiin koos akka fixeensaa gad haa coccophu; \q1 marga irratti akka tiifuu, \q2 biqiltuu corqaa irrattis akka bokkaa guddaa haa roobu. \b \q1 \v 3 Ani maqaa \nd Waaqayyoo\nd* nan labsa. \q2 Guddina Waaqa keenyaa jajadhaa! \q1 \v 4 Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu; \q2 daandiiwwan isaa hundinuus qajeelaa dha. \q1 Inni Waaqa amanamaa hin dogoggorre, \q2 tolaa fi qajeelaa dha. \b \q1 \v 5 Isaan hammina isatti hojjetaniiru; \q2 siʼachi isaan sababii qaanii isaaniitiif ijoollee isaa miti; \q2 isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha. \q1 \v 6 Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne, \q2 ati akkasitti \nd Waaqayyoof\nd* deebii kennitaa? \q1 Inni Abbaa kee, Uumaa kee, \q2 kan si hojjetee fi si tolche mitii? \b \q1 \v 7 Baroota durii yaadadhu; \q2 dhaloota darbe illee qalbeeffadhu. \q1 Inni siif ibsaatii abbaa kee gaafadhu; \q2 maanguddoota kees gaafadhu; isaan sitti himuutii. \q1 \v 8 Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti, \q2 yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti, \q1 akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti \q2 namootaaf daarii dhaabe. \q1 \v 9 Qoodni \nd Waaqayyoo\nd* saba isaa ti; \q2 Yaaqoob immoo dhaala dhuunfaa isaa ti. \b \q1 \v 10 Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi \q2 gammoojjii nama gubu keessatti isa argate. \q1 Inni gaachana taʼeefii isa eege; \q2 akka qaroo ija isaattis isa eege; \q1 \v 11 akkuma risaan mana ishee diigdee \q2 ilmaan ishee irra qoochoo qabdu, \q1 akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu, \q2 akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana, \q1 \v 12 \nd Waaqayyo\nd* qofatu isa geggeesse; \q2 waaqni ormaa tokko iyyuu isa wajjin hin turre. \b \q1 \v 13 Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise; \q2 midhaan lafa qotiisaa isa soore. \q1 Kattaa keessaa damma isa nyaachise; \q2 dhagaa gurraacha keessaa immoo zayitii kenneef; \q1 \v 14 dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee, \q2 xobbaallaawwanii fi reʼoota cooman, \q1 korbeeyyii hoolaa filatamoo Baashaan, \q2 ija qamadii gaariis isa soore. \q1 Ati cuunfaa dhiiga wayinii qulqulluus ni dhugde. \b \q1 \v 15 Yishuruun ni gabbate; ni dhiite; \q2 nyaatee quufe; ni ulfaate; ni cululuqe. \q1 Waaqa isa uume ni dhiise; \q2 Kattaa Fayyisaa isaa taʼes ni tuffate. \q1 \v 16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan; \q2 waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan. \q1 \v 17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, \q2 waaqota hin beekiniif, \q2 waaqota reefuu dhufaniif, \q2 waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan. \q1 \v 18 Ati Kattaa si dhalche gante; \q2 Waaqa si uume irraanfatte. \b \q1 \v 19 \nd Waaqayyo\nd* waan kana argee isaan tuffate; \q2 inni ilmaanii fi intallan ofii isaatti aareeraatii. \q1 \v 20 Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha; \q2 dhuma isaaniis nan arga” jedhe; \q1 isaan dhaloota jalʼaa, \q2 ijoollee hin amanamneedhaatii. \q1 \v 21 Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan; \q2 waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan. \q1 Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha; \q2 saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa. \q1 \v 22 Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii; \q2 innis hamma siiʼoolitti gad dhidhimee ni bobaʼa. \q1 Lafaa fi waan isheen baaftu ni nyaata; \q2 hundee tulluuwwaniitti illee ibidda qabsiisa. \b \q1 \v 23 “Ani waan hamaa isaan irra nan tuula; \q2 xiyya koos isaanitti nan fixadha. \q1 \v 24 Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi \q2 dhaʼicha isaanitti nan erga; \q1 ilkaan bineensaa qaramaa isaa, \q2 hadhaa buutii lafa irra lootuus isaanitti nan erga. \q1 \v 25 Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha; \q2 mana isaaniitti sodaatu moʼa. \q1 Dargaggoonnii fi dargaggeettiiwwan, \q2 daaʼimmanii fi maanguddoonni ni dhumu. \q1 \v 26 Anis isaan nan bittinneessa; \q2 yaadannoo isaaniis sanyii namaa keessaa nan balleessa. \q1 \v 27 Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii, \q2 ‘Harka keenyatu moʼate malee, \q1 \nd Waaqayyo\nd* waan kana hunda hin goone’ hin jenne, \q2 ani dhaadannoo diinaa sodaadheera.” \b \q1 \v 28 Isaan saba qalbii hin qabne, \q2 kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha. \q1 \v 29 Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii \q2 silaa dhuma isaanii ni beeku turan! \q1 \v 30 Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee, \q2 yoo \nd Waaqayyo\nd* dabarsee isaan kenne malee, \q1 akkamitti namni tokko nama kuma tokko \q2 yookaan namni lama nama kuma kudhan gugsa? \q1 \v 31 Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti; \q2 kana immoo diinonni keenya iyyuu hin ganan. \q1 \v 32 Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi \q2 lafa qotiisaa Gomoraa irraa dhufa. \q1 Iji wayinii isaanii summiidhaan, \q2 hurbuun isaaniis waan hadhaaʼuun guutameera. \q1 \v 33 Wayiniin isaanii hadhaa bofaa, \q2 summii bofa hadhaan isaa nama ajjeesuu ti. \b \q1 \v 34 “Kun waan na biratti eegame, \q2 kan galmee koo keessattis chaappaadhaan cufame mitii? \q1 \v 35 Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa. \q2 Yeroo isaatti miilli isaanii ni mucucaata; \q1 guyyaan badiisa isaanii dhiʼaateera; \q2 badiisni isaaniis isaanitti ariifateera.” \b \q1 \v 36 \nd Waaqayyo\nd* yommuu akka isaan humna dhaban, \q2 akka garbichis taʼu namni birmaduun tokko iyyuu hin hafne argutti, \q1 saba isaatiif ni murteessa; \q2 tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa. \q1 \v 37 Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan, \q2 waaqonni tolfamoon isaanii amma eessa jiru? \q1 \v 38 Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan, \q2 kanneen dhibaayyuu daadhii wayinii isaanii dhuganis eessa jiru? \q1 Mee kaʼanii isaan haa gargaaran! \q2 Mee daʼannoo haa kennaniif! \b \q1 \v 39 “Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa! \q2 Ana malee Waaqni biraa hin jiru. \q1 Ani nan ajjeesa; nan jiraachisas; \q2 nan madeessa; nan fayyisas; \q2 namni harka kootii baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \q1 \v 40 Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii \q2 harka koo samiitti ol qabee nan kakadha; \q1 \v 41 ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee \q2 harki koo murtiidhaaf isa qabatutti, \q1 ani diinota koo haaloo nan baʼa; \q2 warra na jibbaniif illee waan isaaniif malu nan kenna. \q1 \v 42 Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti, \q2 ani akka xiyyi koo dhiigaan machaaʼu nan godha; \q1 dhiigni sunis dhiiga warra qalamaniitii fi boojiʼamanii \q2 kan mataa hooggantoota diinaa ti.” \b \q1 \v 43 Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf, \q2 yaa sabootaa, namoota isaa wajjin gammadaa. \q1 Inni diinota isaa haaloo baʼa; \q2 biyyaa fi saba isaatiif araara ni buusa. \p \v 44 Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise. \v 45 Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti, \v 46 akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa. \v 47 Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.” \s1 Museen Tulluu Neboo Irratti Duʼuu Isaa \p \v 48 Gaafasuma \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee Museetti hime; \v 49 “Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali. \v 50 Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta. \v 51 Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif. \v 52 Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.” \c 33 \s1 Museen Gosoota Israaʼel Eebbisuu Isaa \r 33:1‑29 kwi – \xt Uma 49:1‑28\xt* \p \v 1 Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana; \v 2 innis akkana jedhe: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* tulluu Siinaa irraa dhufe; \q2 isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; \q2 Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. \q1 Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; \q2 karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe. \q1 \v 3 Dhugumaan situ saba jaallata; \q2 qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. \q1 Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; \q2 qajeelfamas sirraa argatu; \q1 \v 4 Museen seera nuu kenneera; \q2 kunis dhaala waldaa Yaaqoob. \q1 \v 5 Yeroo hooggantoonni sabaa \q2 gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti \q2 inni Yishuruun irratti mootii ture. \b \q1 \v 6 “Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; \q2 yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.” \p \v 7 Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, iyya Yihuudaa dhagaʼi; \q2 gara saba isaattis isa fidi. \q1 Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. \q2 Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!” \p \v 8 Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: \q1 “Tumiimii fi Uriimiin kee \q2 tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. \q1 Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; \q2 bishaan Mariibaa irratti isa lolte. \q1 \v 9 Waaʼee abbaa fi haadha isaas, \q2 ‘Ani isa hin argine’ jedhe. \q1 Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; \q2 ijoollee isaas hin beekne; \q1 isaan dubbii keetiif ajajamanii \q2 kakuu kee eeganiiruutii. \q1 \v 10 Inni ajaja kee Yaaqoobin, \q2 seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. \q1 Fuula kee duratti ixaana, \q2 iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ogummaa isaa hunda eebbisiif; \q2 waan harki isaa hojjetuttis gammadi. \q1 Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; \q2 akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.” \p \v 12 Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: \q1 “Namni \nd Waaqayyo\nd* isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; \q2 inni guyyaa guutuu isa eegaatii; \q2 namni \nd Waaqayyo\nd* isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.” \p \v 13 Waaʼee Yoosef akkana jedhe: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* biyya isaa haa eebbisu; \q2 fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan \q2 bishaan boolla gad fagoo keessaatiin, \q1 \v 14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun, \q2 waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun, \q1 \v 15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, \q2 badhaadhummaa gaarran bara baraatiin, \q1 \v 16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, \q2 surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. \q1 Isaan kunneen hundi mataa Yoosef \q2 kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan. \q1 \v 17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; \q2 gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. \q1 Isaaniinis hamma daarii lafaatti \q2 saboota ni waraana. \q1 Isaanis kuma kurnan Efreem, \q2 akkasumas kumaatama Minaasee ti.” \p \v 18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: \q1 “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, \q2 Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi. \q1 \v 19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; \q2 achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; \q1 isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, \q2 qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.” \p \v 20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: \q1 “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! \q2 Gaad irree fi mataa caccabsaa \q2 akka leencaatti achi jiraata. \q1 \v 21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; \q2 qoodni hooggantootaa isaaf turfame. \q1 Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, \q2 inni fedhii qajeelumma \nd Waaqayyootii\nd* fi \q2 murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.” \p \v 22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: \q1 “Daan akka ilmoolee leencaa \q2 kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.” \p \v 23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: \q1 “Niftaalem surraa gonfateera; \q2 eebba \nd Waaqayyootiinis\nd* guutameera; \q2 inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.” \p \v 24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: \q1 “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; \q2 inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; \q2 miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu. \q1 \v 25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; \q2 jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa. \b \q1 \v 26 “Waaqni akka Waaqa Yishuruun, \q2 kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, \q2 surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru. \q1 \v 27 Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; \q2 irreen bara baraas si jalaan jira. \q1 Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee \q2 diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa. \q1 \v 28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; \q2 lafa fixeensi samii itti coccophutti, \q1 biyya midhaanii fi wayinii haaraatti \q2 namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru. \q1 \v 29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! \q2 Sabni \nd Waaqayyo\nd* isa fayyise, \q2 kan akka keetii eenyu? \q1 Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; \q2 goraadee ulfina keetiitis. \q1 Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; \q2 ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.” \c 34 \s1 Duʼa Musee \p \v 1 Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis \nd Waaqayyo\nd* guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti, \v 2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru, \v 3 Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha. \v 4 Ergasii \nd Waaqayyo\nd*, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen. \p \v 5 Museen garbichi \nd Waaqayyoos\nd* akkuma \nd Waaqayyo\nd* isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe. \v 6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku. \v 7 Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne. \v 8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan. \p \v 9 Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan \nd Waaqayyo\nd* Musee ajaje godhan. \p \v 10 Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti \nd Waaqayyoon\nd* beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane; \v 11 kan \nd Waaqayyo\nd* akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru. \v 12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.