\id DAN - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Daaniʼel \toc1 Raajii Daaniʼel \toc2 Daaniʼel \toc3 Dan \mt2 Raajii \mt1 Daaniʼel \c 1 \s1 Daaniʼel Baabilon keessatti Leenjifame \p \v 1 Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse. \v 2 Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Waaqa isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Waaqa isaa keessa kaaʼate. \p \v 3 Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje; \v 4 isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture. \v 5 Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture. \p \v 6 Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan. \v 7 Itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼeliin Beelxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaaʼeelin, Meeshak, Azaariyaadhaan immoo Abdanaagoo jedhee maqaa haaraa baaseef. \p \v 8 Daaniʼel garuu nyaataa fi daadhii wayinii mootichaatiin of xureessuu dide; innis akkasiin akka of hin xureessineef itti gaafatamaa qondaaltotaa sana eeyyama gaafate. \v 9 Waaqnis yeroo kanatti akka Daaniʼel fuula qondaala sanaa duratti surraa fi gara laafina argatu godhe; \v 10 qondaalli sun garuu Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ramade sana nan sodaadha; inni maaliif dargaggoota hiriyoota keessan kaan caalaa huqqattanii isin arga? Kanaan isin mootichi balaa mataa kootti fiddu” jedhe. \p \v 11 Kana irratti Daaniʼel waardiyyaa itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼelii fi Hanaaniyaa irratti, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa irratti muude Meldaariin akkana jedhe; \v 12 “Maaloo tajaajiltoota kee bultii kudhaniif ilaali; biqiltuu nyaatamuu fi bishaan dhugamu malee waan biraa nuuf hin kennin. \v 13 Sana booddee bifa keenyaa fi bifa dargaggoota nyaata mootii nyaatanii wal biratti ilaali; waan argite irratti hundaaʼiitii tajaajiltoota kee irratti waan feete murteessi.” \v 14 Innis yaada kana fudhatee bultii kudhan isaan qore. \p \v 15 Dhuma bultii kurnan sanaattis isaan dargaggoota nyaata mootii nyaatan sana caalaa fayyaaleyyii fi warra dhagni isaanii furdatee miidhage taʼanii argaman. \v 16 Kanaafuu waardiyyaan sun qooda nyaata filatamaa fi daadhii wayinii kan isaan dhuguu qaban sanaa raafuu qofa isaaniif kenne. \p \v 17 Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture. \p \v 18 Yommuu guyyaan mootichi akka isaan gara isaatti dhiʼaatan murteesse gaʼettis, qondaalli hangaftichi fuula Nebukadnezar duratti isaan dhiʼeesse. \v 19 Mootichis isaan haasofsiise; innis nama Daaniʼeliin, Hanaaniyaan, Miishaaʼeelii fi Azaariyaan qixxaatu tokko illee hin arganne; kanaafuu isaan hojii mootichaa jalqaban. \v 20 Mootichis waaʼee ogummaa fi beekumsaa kan isaan gaafate hundaan akka isaan ilaaltotaa fi falfaltoota biyyattiitti argaman hunda harka kudhan caalan arge. \p \v 21 Daaniʼelis hamma waggaa tokkoffaa Qiiros mootichaatti achuma ture. \c 2 \s1 Abjuu Nebukadnezar \p \v 1 Nebukadnezar bara mootummaa isaa keessa, waggaa lammaffaatti abjuu abjoote; hafuurri isaa jeeqamee hirribas rafuu dadhabe. \v 2 Kanaafuu mootichi akka isaan abjuu inni abjoote sana itti himaniif tolchitoota, mortoota, falfaltootaa fi warra urjii ilaalan waamsise; isaanis ol galanii fuula isaa dura dhadhaabatan; \v 3 mootichis, “Ani abjuu na dhiphise tokko nan abjoodhe; hiikkaa abjuu sanaa maal akka taʼe beekuu nan barbaada” jedheen. \p \v 4 Kana irratti warri urjii ilaalan sun afaan Araamaayikiitiin mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee tajaajiltoota keetti himi; nu siif hiiknaa” jedhanii mootichaaf deebisan. \p \v 5 Mootichis warra urjii ilaalan sanaan akkana jedhe; “Ani waan kana murteesseera: Yoo isin abjuu koo fi hiikkaa isaa natti himuu baattan ani isinan kukkuta; manneen keessanis tuulaa waan diigamee taʼu. \v 6 Garuu yoo abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himtan isin kennaa, badhaasaa fi ulfina guddaa narraa argattu. Kanaafuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himaa.” \p \v 7 Isaan amma illee deebisanii, “Mootichi abjuu isaa tajaajiltoota isaatti haa himu; nu ni hiiknaaf” jedhan. \p \v 8 Kana irratti mootichi akkana jedhee deebiseef; “Ani akka isin sababii waan ani cimsee murteesse beektaniif, akka isin yeroo dheeressuu yaalaa jirtan hubadheera: \v 9 Yoo isin abjuu sana natti himuu baattan, adabbii tokkotu isin eeggata. Isin waan haalli geeddaramu seetanii dubbii dogoggorsaa fi hamaa natti himuu mariʼattaniirtu. Kanaafuu abjuu sana natti himaa; anis akka isin hiikkaa isaa natti himuu dandeessan kanaan nan beekaa.” \p \v 10 Warri urjii ilaalan sunis akkana jedhanii mootichaaf deebise; “Namni waan mootichi gaafate kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu lafa irratti hin argamu! Mootiin kam iyyuu hammuma fedhee guddaa fi jabaa taʼu illee tolchituu, moortuu yookaan warra urjii ilaalu kam iyyuu gaaffii akkanaa gaafatee hin beeku. \v 11 Wanni mootichi gaafate akka malee rakkisaa dha. Waaqota malee namni tokko iyyuu waan kana mootichaaf ibsuu hin dandaʼu; isaan immoo namoota gidduu hin jiraatan.” \p \v 12 Wanni kunis mooticha akka malee aarse; isa dallansiisees akka inni ogeeyyii Baabilon hundatti murtii duʼaa muru godhe. \v 13 Kanaafuu akka namoonni ogeeyyiin hundi ajjeefaman labsiin baʼe; namoonnis akka Daaniʼelii fi michoota isaa barbaadanii ajjeesaniif ergaman. \p \v 14 Yommuu Ariyook itti gaafatamaan eegumsa mootichaa namoota Baabilon ogeeyyii ajjeesuuf baʼetti, Daaniʼel ogummaa fi malaan isa haasofsiise. \v 15 Innis qondaala mootichaatiin, “Mootichi maaliif labsii cimaa akkasii baase?” jedhee gaafate. Ariyookis waan sana Daaniʼelitti hime. \v 16 Kana irratti Daaniʼel ol seenee akka abjuu sana isaaf hiikuuf akka mootichi yeroo isaa kennu gaafate. \p \v 17 Ergasii Daaniʼel gara mana isaatti deebiʼee waan sana michoota isaa Hanaaniyaatti, Miisaaʼelii fi Azariyaatti hime. \v 18 Kanaafuu akka innii fi michoonni isaa ogeeyyiin Baabilon kaan hin ajjeefamneef akka isaan waaʼee icciitii kanaa Waaqa samii araara kadhatan isaan akeekkachiise. \v 19 Halkan sanas icciitiin sun mulʼataan Daaniʼelitti mulʼifame. Ergasiis Daaniʼel Waaqa samii galateeffatee \v 20 akkana jedhe: \q1 “Maqaan Waaqaa bara baraa // hamma bara baraatti haa eebbifamu; \q2 ogummaanii fi humni kan isaa ti. \q1 \v 21 Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; \q2 mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. \q1 Inni ogeeyyiif ogummaa, \q2 beektotaafis hubannaa ni kenna. \q1 \v 22 Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; \q2 waan dukkana keessa jiru ni beeka; \q2 ifnis isa wajjin jiraata. \q1 \v 23 Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: \q2 Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; \q1 waan nu si kadhanne na beeksifteerta; \q2 ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.” \s1 Daaniʼel Abjuu sana Hiike \p \v 24 Daaniʼelis Ariyook isa mootichi akka inni ogeeyyii Baabilon ajjeesuuf ajaje sana bira deemee, “Ati ogeeyyii Baabilon hin ajjeesin. Mooticha biratti na geessi; ani abjuu isaa nan hiikaaf” jedheen. \p \v 25 Ariyookis Daaniʼelin mooticha bira geessee, “Ani boojiʼamtoota Yihuudaa keessaa nama hiikkaa abjuu mootichaa himuu dandaʼu tokko argeera” jedheen. \p \v 26 Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, “Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?” jedhe. \p \v 27 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; \v 28 garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha: \p \v 29 “Yaa mooticha utuu ati ciiftee jirtuu wanni gara fuula duraatti taʼuuf jiru yaada keetti dhufe; inni icciitii mulʼisus waan fuula duratti taʼu sitti argisiise. \v 30 Yaa mootii, akka kootti sababiin icciitiin kun natti mulʼateef ani namoota jiraatoo kaan caalaa ogummaa qabaadheef utuu hin taʼin, akka ati hiikkaa isaa beektee waan yaada kee keessa jiru hubattuuf. \p \v 31 “Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture. \v 32 Mataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman; \v 33 miilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame. \v 34 Utuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse. \v 35 Ergasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute. \p \v 36 “Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna. \v 37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera; \v 38 inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti. \p \v 39 “Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha. \v 40 Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa. \v 41 Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata. \v 42 Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa. \v 43 Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu. \p \v 44 “Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata. \v 45 Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. \p “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.” \p \v 46 Nebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje. \v 47 Mootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe. \p \v 48 Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude. \v 49 Daaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe. \c 3 \s1 Fakkii Warqeetii fi Boolla Ibiddaa \p \v 1 Nebukadnezar Mootichi fakkii warqee kan dheerinni isaa dhundhuma jaatamaa fi balʼinni isaa dhundhuma jaʼaa hojjetee kutaa biyyaa Baabilon keessa dirree Duuraa jedhamu irra dhaabe. \v 2 Ergasii mootichi akka isaan eebba fakkii inni dhaabe sanaa irratti argamaniif ilmaan mootota, muudamoota, bulchitoota gorsitoota, itti gaafatamtoota mankuusa qabeenyaa, abbootii murtii, hayyoota seeraatii fi qondaaltota biyya hundaa waame. \v 3 Kanaafuu eebba fakkii Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaa irratti argamuuf ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni mankuusa qabeenyaa, abbootiin murtii hayyoonni seeraa biraatii fi qondaaltonni biyyaa hundi walitti qabamanii fuula fakkii sanaa dura dhadhaabatan. \p \v 4 Kana irratti labsituun tokko akkana jedhee sagalee guddaadhaan labse; “Yaa namoota, sabootaa fi namoonni afaan garaa garaa dubbattan hundi, wanni isin akka gootan ajajamtan kanaa dha: \v 5 Isin akkuma sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirbaa dhageessaniin addaan lafatti gombifamtanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabeef sagaduu qabdu. \v 6 Namni addaan lafatti gombifamee hin sagadne kam iyyuu yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatama.” \p \v 7 Kanaafuu namoonni, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatan hundi yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa fi sirbaa hunda dhagaʼanitti addaan lafatti gombifamanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaaf sagadan. \p \v 8 Yeroo kanatti Kaldoonni tokko tokko gara fuula duraatti dhufanii dabaan Yihuudoota himatan. \v 9 Isaanis Nebukadnezar Mootichaan akkana jedhan; “Yaa mootii, ati bara baraan jiraadhu! \v 10 Yaa mootii, ati akka namni kam iyyuu yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa kan faaggaatii fi kan sirbaa dhagaʼu kam iyyuu addaan lafatti gombifamee fakkii warqee sanaaf sagaduu qabu seera baafteerta; \v 11 akka namni lafatti gombifamee sagaduu didu kam iyyuus boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamu seera baafteerta. \v 12 Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.” \p \v 13 Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman; \v 14 Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii? \v 15 Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?” \p \v 16 Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu. \v 17 Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. \v 18 Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.” \p \v 19 Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje; \v 20 akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje. \v 21 Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman. \v 22 Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe; \v 23 namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan. \p \v 24 Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. \p Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan. \p \v 25 Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen. \p \v 26 Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. \p Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan; \v 27 ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre. \p \v 28 Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru. \v 29 Kanaafuu Waaqni akkasitti nama oolchu kan biraa Waaqa hin jirreef, ani akka uummanni saba kamii iyyuu yookaan afaan kamii iyyuu yoo Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo irratti waan hamaa dubbate kukkutamu, akka manni isaas tuullaa waan diigamee taʼu labseera.” \p \v 30 Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude. \c 4 \s1 Nebukadnezar Abjuudhaan Muka Tokko Arge \pmo \v 1 Nebukadnezar Mooticha irraa, \pmo Sabootaa fi namoota afaan garaa garaa dubbatan kanneen guutummaa addunyaa irra jiraatan hundaaf: \pmo Nagaan isiniif haa baayʼatu! \pm \v 2 Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Waaqni Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa. \qm1 \v 3 Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha; \qm2 dinqiin isaas akkam jabaa dha! \qm1 Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti; \qm2 bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti jabaatee dhaabata. \pm \v 4 Ani Nebukadnezar natti tolee masaraa mootummaa koottis qananiidhaan mana koo nan jiraadhan ture. \v 5 Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuu ani siree koo irra ciisee jiruu fakkii fi mulʼanni qalbii koo keessa darbu na sodaachise. \v 6 Kanaafuu ani akka isaan abjuu sana naa hiikaniif akka ogeeyyiin Baabilon hundi fuula koo duratti dhiʼeeffaman nan ajaje. \v 7 Yommuu tolchitoonni, mortoonni, warri urjii ilaalanii fi waa himtoonni dhufanitti abjuu sana isaanitti nan hime; isaan garuu naaf hiikuu hin dandeenye. \v 8 Dhuma irratti Daaniʼel fuula duratti dhiʼaate; anis abjuu sana isatti nan hime. Inni Beelxishaazaari jedhamee maqaa waaqa kootiin waamama; hafuurri waaqota qulqulluu isa keessa ture. \pm \v 9 Anis akkanan jedhe; “Yaa Beelxishaazaari, hangafa tolchitootaa, ani akka hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiru nan beeka; icciitiin kam iyyuu sitti hin ulfaatu. Abjuun ani arge kana; hiikkaa isaa natti himi. \v 10 Mulʼanni utuun siree koo irra ciisee jiruu arge isa kanaa dha: Ani nan ilaale; mukni tokko fuula koo dura walakkaa lafaa dhaabatee ture. Dheerinni isaas guddaa ture. \v 11 Mukni sun akka malee guddatee jabaate; fiixeen isaas samii tuqe; hamma daarii lafaattis ni mulʼata ture. \v 12 Baalli isaa bareedaa, iji isaa akka malee baayʼee ture; mukicha irras nyaata waan hundaaf taʼutu ture. Bineensonni gaaddisa isaa jala boqotu; simbirroon samiis dameellee isaa irra jiraatu; lubbuu qabeeyyiin hundinuus isa irraa nyaatu ture. \pm \v 13 “Ani mulʼata utuun siree koo irra ciisee jiruu arge sana keessatti nan ilaale; fuula koo duras ergamaa qulqulluu samiidhaa gad buʼaa jiru tokkotu ture. \v 14 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: ‘Mukicha muraa; dameewwan isaa cicciraa; baala isaa harcaasaa; ija isaa bittinneessaa. Bineensonni isa jalaa, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatani. \v 15 Gufuu fi hiddi isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhamee lafa keessa, marga dirree keessa haa turu. \pm “ ‘Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; biqiltuu keessas bineensota wajjin haa jiraatu. \v 16 Qalbiin isaas qalbii namaa irraa geeddaramee qalbiin horii isaaf haa kennamu; kunis hamma waggaan torba darbutti haa taʼu. \pm \v 17 “ ‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’ \pm \v 18 “Abjuun ani Nebukadnezar mootiin arge kanaa dha. Egaa yaa Beelxishaazaari waan namoota mootummaa kootii qaqqaroo keessaa tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenyeef abjuun sun maal akka taʼe natti himi. Ati garuu sababii hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiruuf ni dandeessa.” \s3 Daaniʼel Abjuu Hiikuu Isaa \pm \v 19 Ergasii Daaniʼel inni Beelxishaazaari jedhamu sun yeroodhaaf akka malee jeeqamee yaadni isaas isa rifachiise. Kanaafuu mootichi, “Yaa Beelxishaazaar, abjuun kun yookaan hiikkaan isaa si hin rifachiisin” jedhe. \pm Beelxishaazaaris akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo abjuun kun warra si jibbaniif, hiikkaan isaa immoo diinota keetiif haa taʼu! \v 20 Mukni ati argite kan akka malee guddatee fi cimaan, kan fiixeen isaa samii tuqee hamma daarii lafaatti mulʼatu, \v 21 kan baalli isaa bareedu, kan ija baayʼee qabu, kan iji isaa waan hundaaf nyaata taʼu, kan bineensotaaf gaaddisa, kan damee isaa irratti simbirroonni samii mandhee ijaarratan, \v 22 yaa Mootii, mukni sun siʼi! Ati guddaa fi jabaa taateerta; guddinni kee hamma samii gaʼutti ol baʼee bulchiinsi kees hamma daarii lafaatti balʼata. \pm \v 23 “Yaa Mootii, ati ergamaa qulqulluu tokko utuu inni, ‘Mukicha muraa balleessaa; gufuu fi hidda isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhaatii lafa keessatti marga dirree irratti dhiisaa; inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; akka bineensota bosonaatti haa jiraatu; waggaan torbas isa haa darbu’ jechaa samiidhaa buʼu argite. \pm \v 24 “Yaa Mootii hiikkaan isaa kana; labsiin Waaqni Waan Hundaa Olii gooftaa koo irratti baases kana: \v 25 Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa samiitiinis ni jiita. Ati hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba. \v 26 Ajajni akka gufuun muka sanaa hidda isaa wajjin hafuuf kenname sunis akka mootummaan kee yeroo ati ol aantummaan kan samii taʼe beektutti siif deebifamu argisiisa. \v 27 Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.” \s3 Abjuun Fiixaan Baʼuu Isaa \pm \v 28 Kun hundi Nebukadnezar Mooticha irra gaʼe. \v 29 Jiʼa kudha lama booddee mootichi utuu gubbaa masaraa mootummaa Baabilon irra asii fi achi deddeebiʼaa jiruu, \v 30 “Kun Baabilon guddittii ani akka isheen mana jireenya mootii taatuuf ulfina maqaa kootiif jedhee humna koo jabaadhaan ijaare sanaa mitii?” jedhe. \pm \v 31 Utuu inni dubbii isaa afaanii hin fixatin sagaleen akkana jedhu tokko samiidhaa dhufe; “Yaa Nebukadnezar Mooticha, wanni sirratti labsame kana: Aangoon mootummaa keetii sirraa fudhatameera. \v 32 Ati uummata keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta. Akka looniis marga nyaatta. Hamma ati akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti Gooftaa taʼee fi akka inni mootummoota sana abbaa fedheef kennu beektutti waggaan torba si darba.” \pm \v 33 Yommusuma wanni waaʼee Nebukadnezar dubbatame sun ni raawwatame. Innis uummata keessaa ariʼamee akka loonii marga nyaate. Inni hamma rifeensi isaa akka baallee risaa guddatee qeensi isaa akka qeensa allaattii fakkaatutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe. \b \pm \v 34 Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef. \qm1 Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti; \qm2 mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufee dhaabata. \qm1 \v 35 Uummanni lafaa hundi \qm2 wayittuu hin hedaman. \qm1 Inni humnoota samii irratti, \qm2 namoota lafaa irrattis, \qm2 waanuma fedhe hojjeta. \qm1 Namni harka isaa dhowwuu yookaan “Ati maal hojjechaa jirta?” jedhee \qm2 isa gaafachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \pm \v 36 Akkuma qalbiin koo naaf deebiʼeenis, ulfina mootummaa kootiitiif ulfinnii fi miidhaginni koo yommusuma naaf deebiʼan. Gorsitoonnii fi qondaaltonni koo na barbaadan; anis teessoo kootti deebifamee kan durii caalaas guddaa nan taʼe. \v 37 Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha samii sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii. \c 5 \s1 Katabbii Keenyan Manaa Irraa \p \v 1 Beelshaazaar mootichi qondaaltota isaa kuma tokkoof dhangaa guddaa qopheessee fuula isaanii duratti daadhii wayinii dhuge. \v 2 Beelshaazaaris utuu daadhii wayinii dhugaa jiruu akka innii fi qondaaltonni isaa, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhuganiif akka isaan xoofoo warqeetii fi meetii kan abbaan isaa Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalemii fide sana fidan ajaje. \v 3 Kanaafuu isaan xoofoo warqee kan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalemii fudhataman sana fidan; mootichi, qondaaltonni, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhugan. \v 4 Isaan utuma daadhii wayinii sana dhugaa jiranuu, waaqota warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan mukaatii fi dhagaa galateeffatan. \p \v 5 Akkuma tasaa qubni harka namaa mulʼatee keenyan manaa kan masaraa mootii keessa baattuu ibsaa bira jiru irratti barreesse. Mootichis harka sana utuu inni barreessuu arge. \v 6 Fuulli mootichaa ni geeddaramee; innis sodaadhaan guutamee jilbii isaa hollatee waldhaʼe; miilli isaas ni laafe. \p \v 7 Mootichis sagalee isaa ol fuudhee akka mortoota, warra urjii ilaalanii fi ilaaltota ol isaaf galchan ajaje. Ogeeyyii Baabiloniinis akkana jedhe; “Nama katabbii kana dubbisee hiikkaa isaa natti himu kamitti iyyuu uffanni diimaan dhiilgeen uffifamee morma isaatti faayi warqee ni kaaʼamaaf; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼa.” \p \v 8 Ergasiis ogeeyyiin mootichaa hundi ol seenan; isaan keessaa garuu namni katabbii sana dubbisuu yookaan hiikkaa isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin argamne. \v 9 Kana irratti Beelshaazaar mootichi kan duraa caalaa sodaatee fuulli isaa geeddarame; qondaaltonni isaas waan godhan wallaalan. \p \v 10 Mootittiinis waca mootichaatii fi qondaaltota isaa dhageessee galma cidha sanaa ol seente. Isheenis akkana jette; “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Hin rifatin; fuulli kees hin geeddaramin! \v 11 Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture. \v 12 Daaniʼel namichi mootichi Beelxishaazaari jedhee waamu kun nama hafuurri gaariin, beekumsii fi hubannaan keessa jiru taʼee argame; innis abjuu, hibboo fi rakkoo hiikuuf dandeettii addaa qaba ture. Daaniʼelin waami; innis hiikkaa katabbii kanaa sitti himaatii.” \p \v 13 Kanaafuu Daaniʼel fuula mootichaa duratti dhiʼeeffame; mootichis akkana jedheen; “Warra abbaan koo mootichi boojiʼee Yihuudaadhaa fide keessaa kan Daaniʼel jedhamu siʼii? \v 14 Ani akka hafuurri waaqotaa si keessa jiruu fi akka ati hubannaa, beekumsaa fi ogummaa addaa qabdu dhagaʼeera. \v 15 Ogeeyyiinii fi mortoonni akka katabbii kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif fuula koo duratti fidamanii turan; isaan garuu ibsuu hin dandeenye. \v 16 Ani akka ati hiikkaa kennitee rakkoofis fala kennuu dandeessu dhagaʼeera. Yoo ati katabbii kana dubbiftee hiikkaa isaa natti himuu dandeesse, uffata diimaa dhiilgeetu sitti uffifama; faayi warqees morma keetti siif kaaʼama; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taata.” \p \v 17 Kana irratti Daaniʼel deebisee mootichaan akkana jedhe; “Kennaan kee sumaaf haa hafu; badhaasni kee immoo nama biraatiif haa kennamu. Taʼu iyyuu ani katabbicha dubbisee hiikkaa isaa mootichatti nan hima. \p \v 18 “Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne. \v 19 Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture. \v 20 Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame. \v 21 Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe. \p \v 22 “Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne. \v 23 Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine. \v 24 Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge. \p \v 25 “Katabbiin barreeffamee tures kana: \pc Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares. \p \v 26 “Hiikkaan isaas kana: \p “\tl Maanee\tl* jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha. \p \v 27 “\tl Teeqeel\tl* jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha. \p \v 28 “\tl Faares\tl* jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.” \p \v 29 Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame. \p \v 30 Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame; \v 31 Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate. \c 6 \s1 Daaniʼel Boolla Leencaa Buufame \p \v 1 Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade; \v 2 innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu. \v 3 Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade. \v 4 Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye. \v 5 Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan. \p \v 6 Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu! \v 7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru. \v 8 Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.” \v 9 Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase. \p \v 10 Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef. \v 11 Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan. \v 12 Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. \p Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise. \p \v 13 Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan. \v 14 Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe. \p \v 15 Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin. \p \v 16 Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe. \p \v 17 Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse. \v 18 Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule. \p \v 19 Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate. \v 20 Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame. \p \v 21 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! \v 22 Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.” \p \v 23 Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne. \p \v 24 Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan. \p \v 25 Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse: \pmo “Nagaan isiniif haa baayʼatu! \pm \v 26 “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera. \qm1 “Inni Waaqa jiraataa, \qm2 kan bara baraan jiraatuu dha; \qm1 mootummaan isaa hin badu; \qm2 bulchiinsi isaas dhuma hin qabu. \qm1 \v 27 Inni ni baraara; ni oolchas; \qm2 samii keessaa fi lafa irratti \qm2 mallattoowwanii fi dinqiiwwan hojjeta. \qm1 Inni Daaniʼelin, \qm2 afaan leencotaatii baaseera.” \p \v 28 Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole. \c 7 \s1 Abjuu Daaniʼel Waaʼee Bineensota Afranii Arge \p \v 1 Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse. \p \v 2 Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan. \v 3 Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan. \p \v 4 “Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef. \p \v 5 “Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan. \p \v 6 “Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname. \p \v 7 “Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture. \p \v 8 “Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture. \p \v 9 “Utuma ani ilaaluu, \q1 “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; \q2 Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. \q1 Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; \q2 rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. \q1 Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, \q2 geengoowwan isaa hundinuus // akka ibidda bobaʼaa jiruu turan. \q1 \v 10 Lagni ibiddaa tokko \q2 fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. \q1 Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; \q2 kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan // fuula isaa dura dhaabatanii turan. \q1 Dhaddachi taaʼamee ture; \q2 kitaabonnis banamanii turan. \p \v 11 “Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale. \v 12 Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef. \p \v 13 “Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan. \v 14 Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha. \s1 Hiikkaa Abjuu Sanaa \p \v 15 “Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise. \v 16 Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. \p “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse: \v 17 ‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha. \v 18 Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’ \p \v 19 “Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade. \v 20 Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade. \v 21 Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture; \v 22 kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe. \p \v 23 “Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha. \v 24 Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata. \v 25 Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu. \p \v 26 “ ‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama. \v 27 Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’ \p \v 28 “Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.” \c 8 \s1 Mulʼata Daaniʼel Arge \p \v 1 Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge. \v 2 Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture. \v 3 Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate. \v 4 Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe. \p \v 5 Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe. \v 6 Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate. \v 7 Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre. \v 8 Reʼeen sunis akka malee guddate; garuu yeroo humni isaa jabaatetti gaanfi isaa guddichi isa irraa cabe; qooda isaas gaanfawwan afur guddatanii gara bubbeewwan samii afraniitti baʼan. \p \v 9 Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate. \v 10 Gaafni sunis hamma raayyaa samiiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate. \v 11 Akka waan ajajaa loltoota Waaqaatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame. \v 12 Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame. \p \v 13 Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen. \p \v 14 Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe. \s1 Hiikkaa Mulʼata sanaa \p \v 15 Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate. \v 16 Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe. \p \v 17 Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe. \p \v 18 Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe. \p \v 19 Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii. \v 20 Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa. \v 21 Reʼeen rifeensa qabu sun mootii Giriik; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu immoo mootii jalqabaa ti. \v 22 Gaanfawwan afran gaanfa cabe tokko iddoo buʼan mootummoota saba isaa keessaa baʼan afran argisiisan; isaan garuu humna akka isaa hin qaban. \p \v 23 “Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa. \v 24 Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa. \v 25 Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti. \p \v 26 “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.” \p \v 27 Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle. \c 9 \s1 Kadhannaa Daaniʼel \p \v 1 Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti \v 2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe. \v 3 Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe. \p \v 4 Anis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: \pm “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu, \v 5 nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra. \v 6 Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne. \pm \v 7 “Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra. \v 8 Yaa \nd Waaqayyo\nd* nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra. \v 9 Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha; \v 10 nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne. \v 11 Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. \pm “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe. \v 12 Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa samiitii gaditti taʼee hin beeku. \v 13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya irraa araara hin barbaanne. \v 14 \nd Waaqayyo\nd* balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne. \pm \v 15 “Egaa amma yaa Waaqa keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. \v 16 Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera. \pm \v 17 “Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi. \v 18 Yaa Waaqa ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si kadhanna. \v 19 Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Waaqa ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin.” \s1 Torban “Torbaatama” \p \v 20 Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo gaafachaa jiruu, \v 21 utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe. \v 22 Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera. \v 23 Akkuma ati Waaqa kadhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu: \p \v 24 “Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera. \p \v 25 “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa. \v 26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera. \v 27 Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.” \c 10 \s1 Daaniʼel Mulʼataan Nama Arguu Isaa \p \v 1 Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname. \p \v 2 Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe. \v 3 Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne. \p \v 4 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu, \v 5 ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge. \v 6 Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture. \p \v 7 Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan. \v 8 Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes. \v 9 Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe. \p \v 10 Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe. \v 11 Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe. \p \v 12 Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera. \v 13 Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe. \v 14 Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.” \p \v 15 Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe. \v 16 Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera. \v 17 Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.” \p \v 18 Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne. \v 19 Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. \p Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe. \p \v 20 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa; \v 21 garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru. \c 11 \nb \v 1 Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture. \s1 Mootota Kibbaatii fi Kaabaa \p \v 2 “Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa. \v 3 Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta. \v 4 Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu. \p \v 5 “Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha. \v 6 Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti. \p \v 7 “Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata. \v 8 Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa. \v 9 Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa. \v 10 Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola. \p \v 11 “Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu. \v 12 Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu. \v 13 Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa. \p \v 14 “Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu. \v 15 Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu. \v 16 Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata. \v 17 Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu. \v 18 Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa. \v 19 Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu. \p \v 20 “Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada. \p \v 21 “Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata. \v 22 Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu. \v 23 Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata. \v 24 Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha. \p \v 25 “Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu. \v 26 Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu. \v 27 Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu. \v 28 Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa. \p \v 29 “Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa. \v 30 Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata. \p \v 31 “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu. \v 32 Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu. \p \v 33 “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu. \v 34 Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru. \v 35 Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii. \s1 Mootii Ol Ol Of Qabu \p \v 36 “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii. \v 37 Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba. \v 38 Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa. \v 39 Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf. \p \v 40 “Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba. \v 41 Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu. \v 42 Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu. \v 43 Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu. \v 44 Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa. \v 45 Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru. \c 12 \s1 Bara Dhumaa \p \v 1 “Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu. \v 2 Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. \v 3 Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu. \v 4 Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kitaaba maramaa cufiitii chaappessi. Namoonni baayʼeen beekumsa dabalachuuf asii fi achi fiigu.” \b \p \v 5 Ani Daaniʼel nan ilaale; kunoo fuula koo dura namoonni biraa lama dhadhaabatanii turan; tokko qarqara lagaa gamanaan, inni lammaffaan immoo qarqara lagaa gamasiin ture. \v 6 Isaan keessaa tokko namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatii ol jiruun, “Waantonni dinqii kunneen raawwatamuuf yeroo hammamtu hafa?” jedhe. \p \v 7 Namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatiin ol ture sun harka isaa mirgaatii fi bitaa ol qabe; anis isaa, “Wanni kun baraan, barootaaf walakkaa baraatiif taʼa. Yeroo humni namoota qulqulluu dhuma irratti cabutti wanni kun hundi fiixaan baʼa” jedhee isa bara baraan jiraatu sanaan kakatu nan dhagaʼe. \p \v 8 Anis nan dhagaʼe; garuu hin hubanne. Kanaafuu ani, “Yaa gooftaa ko, dhumni waan kana hundaa maal taʼa?” jedheen gaafadhe. \p \v 9 Innis akkana jedhee deebise. “Yaa Daaniʼel, sababii hamma bara dhumaatti dubbiin sun chaappaan chaappeffameef ati karaa kee qabadhu. \v 10 Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu. \p \v 11 “Gaafa aarsaan guyyaa guyyaatti dhiʼaatu hambifamee jalqabee hamma gaafa wanni jibbisiisaan badiisa fidu sun achi dhaabatuutti guyyoota 1,290 taʼa. \v 12 Namni obsee dhuma guyyoota 1,335 qaqqabu eebbifamaa dha. \p \v 13 “Ati garuu hamma dhumaatti karaa kee qabadhu. Ati ni boqotta; dhuma barootaattis dhaala kee kan siif qoodame fudhachuuf ni kaata.”