\id AMO - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Amoos \toc1 Raajii Amoos \toc2 Amoos \toc3 Amo \mt2 Raajii \mt1 Amoos \c 1 \p \v 1 Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha. \b \b \p \v 2 Innis akkana jedhe: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* Xiyoon keessaa iyya; \q2 Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa; \q1 dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga; \q2 fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.” \s1 Murtii Olloota Israaʼelitti Murame \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Damaasqoo sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan \q2 kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif, \q1 \v 4 ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad \q2 barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga. \q1 \v 5 Ani karra Damaasqoo nan cabsa; \q2 mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi \q1 isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa. \q2 Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Gaazaa sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii isheen hawaasa hunda boojitee \q2 Edoomitti gurguratteef, \q1 \v 7 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko \q2 dallaa Gaazaatti nan erga. \q1 \v 8 Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti \q2 bokkuu qabatu sana nan balleessa. \q1 Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti \q2 harka koo Eqroonitti nan deebifadha” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Xiiroos sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee \q2 hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef \q1 \v 10 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko \q2 dallaa Xiiroositti nan erga.” \p \v 11 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Edoom sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii inni gara laafina hunda gatee \q2 obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef, \q1 sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee \q2 dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef, \q1 \v 12 ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko \q2 Teemaanitti nan erga.” \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Amoon sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee \q2 dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef \q1 \v 14 ani guyyaa lolaatti wacaan, \q2 guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan \q1 ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko \q2 dallaa Rabbaatti nan erga. \q1 \v 15 Mootiin ishee boojiʼamee innii fi \q2 qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 2 \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Moʼaab sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii inni lafee mootii Edoom \q2 gubee daaraa godheef, \q1 \v 2 ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokko \q2 Moʼaabitti nan erga. \q1 Moʼaab iyya waraanaatii fi \q2 sagalee malakataatiin duʼa. \q1 \v 3 Ani bulchaa ishee ajjeesee \q2 qondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Sababii isaan seera \nd Waaqayyoo\nd* didanii \q2 ajaja isaas hin eeginiif, \q1 sababii isaan waaqota sobaa, \q2 waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan // karaa irraa jalʼataniif, \q1 \v 5 ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokko \q2 Yihuudaatti nan erga.” \s1 Murtii Israaʼelitti Murame \p \v 6 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Ani cubbuu Israaʼel sadiif, \q2 afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. \q1 Isaan qajeeltota meetiitti, \q2 rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan. \q1 \v 7 Isaan akkuma biyyoo lafaatti \q2 mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii \q2 cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan. \q1 Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii \q2 akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan. \q1 \v 8 Isaan uffata qabdiidhaan nama irraa \q2 fudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan. \q1 Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe, \q2 mana waaqa isaanii keessatti dhugu. \b \q1 \v 9 “Inni akkuma birbirsaa dheeratee \q2 akka qilxuu jabaatu iyyuu, \q2 ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera. \q1 Ani gubbaadhaa ija isaa, \q2 jalaan immoo hidda isaa balleesseera. \b \q1 \v 10 “Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee, \q2 biyya Gibxiitii isin baasee \q2 waggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse. \b \q1 \v 11 “Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota, \q2 dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera. \q1 Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 12 “Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftanii \q2 akka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan. \b \q1 \v 13 “Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana, \q2 amma isinan caccabsa. \q1 \v 14 Saffisaan hin miliqu; \q2 namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan; \q2 loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu. \q1 \v 15 Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu; \q2 loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu; \q2 abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu. \q1 \v 16 Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuu \q2 gaafas qullaa isaanii baqatu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 3 \s1 Dhuga baatota Israaʼelitti Dhugaa Baʼan \p \v 1 Yaa saba Israaʼel, dubbii \nd Waaqayyo\nd* isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa: \q1 \v 2 “Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan \q2 hunda keessaa isin qofa filadheera; \q1 kanaafuu ani cubbuu keessan \q2 hundaaf isinan adaba.” \b \q1 \v 3 Yoo walii galan malee \q2 namoonni lama wajjin ni deemuu? \q1 \v 4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin \q2 bosona keessaa ni aadaa? \q1 Inni yoo waa qabate malee \q2 holqa isaa keessaa ni aadaa? \q1 \v 5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti \q2 kiyyoo keessa ni seentii? \q1 Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre \q2 akkasumatti lafaa ni utaalaa? \q1 \v 6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, \q2 namoonni hin raafamanii? \q1 Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, \q2 \nd Waaqayyotu\nd* waan sana fide mitii? \b \q1 \v 7 Dhugumaan \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan \q2 utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin \q2 waan tokko illee hin hojjetu. \b \q1 \v 8 Leenci aadeera; \q2 eenyutu hin sodaanne ree? \q1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan dubbateera; \q2 yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree? \b \q1 \v 9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi \q2 daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: \q1 “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; \q2 jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi \q2 cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.” \b \q1 \v 10 “Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi // waan saamame kuufatan \q2 akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \p \v 11 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “Diinni biyya keessan marsa; \q2 jabina keessan gad buusa; \q2 daʼannoowwan keessanis ni saama.” \p \v 12 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii \q2 yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, \q1 Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, \q2 Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan \q2 akkasuma ni baraaramu.” \p \v 13 “Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu. \q1 \v 14 “Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, \q2 iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; \q1 gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii \q2 lafatti ni harcaʼu. \q1 \v 15 Ani mana gannaatii fi \q2 mana bonaa nan diiga; \q1 manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; \q2 manneen gurguddaanis ni balleeffamu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \c 4 \s1 Israaʼel Gara Waaqaatti Hin deebine \q1 \v 1 Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, \q2 yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii \q2 dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan // dubbii kana dhagaʼaa. \q1 \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedhee // qulqullummaa isaatiin kakateera: \q2 “Yeroon isin itti hokkoodhaan, \q1 isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin \q2 qabamu tokko dhugumaan ni dhufa. \q1 \v 3 Isin tokko tokkoon qajeeltanii \q2 qaawwa dallaatiin ni baatu; \q1 gara Harmoonittis ni darbatamtu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 4 “Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; \q2 Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. \q1 Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; \q2 waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa // harka tokko fidaa. \q1 \v 5 Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; \q2 aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; \q1 yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, \q2 ittiin boonaa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan. \b \q1 \v 6 “Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; \q2 magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; \q1 isin garuu gara kootti hin deebine” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 7 “Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti \q2 bokkaa isin irraa nan kute. \q1 Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee \q2 kaan irraa immoo nan dhaabe. \q1 Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee \q2 kaan garuu homaa dhabee goge. \q1 \v 8 Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore; \q2 garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne; \q1 taʼus isin gara kootti hin deebine” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 9 “Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi \q2 wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse. \q1 Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse; \q2 taʼus isin gara kootti hin deebine” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 10 “Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana \q2 dhaʼicha isinitti nan erge. \q1 Ani fardeen isin boojitan wajjin \q2 dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe. \q1 Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute; \q2 isin garuu gara kootti hin deebine” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 11 “Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana \q2 isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera. \q1 Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti; \q2 taʼus isin gara kootti hin deebine” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 12 “Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha; \q2 sababii ani akkana isin godhuuf \q2 yaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.” \b \q1 \v 13 Inni tulluuwwan tolchee \q2 bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun, \q1 inni barii dukkaneessee \q2 iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun, \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd*, // Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha. \c 5 \s1 Faaruu Booʼichaatii fi Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu \p \v 1 Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa: \q1 \v 2 “Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti; \q2 isheen lammata hin kaatu; \q1 biyyuma ishee keessatti gatamtee \q2 nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.” \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha: \q1 “Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef \q2 dhibba tokko qofatu hafa; \q1 magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef \q2 kudhan qofatu hafa.” \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* mana Israaʼeliin akkana jedha: \q1 “Na barbaaddadhaatii jiraadhaa; \q2 \v 5 Beetʼeelin hin barbaaddatinaa; \q1 Gilgaal hin dhaqinaa; \q2 Bersheebaattis hin ceʼinaa. \q1 Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti; \q2 Beetʼeelis ni dhabamti.” \q1 \v 6 \nd Waaqayyoon\nd* barbaaddadhaatii jiraadhaa; \q2 yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa // mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa; \q1 ibiddi sun ishee guba; \q2 Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu // hin qabaattu. \b \q1 \v 7 Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii \q2 qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha. \b \q1 \v 8 Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, \q2 kan dukkana bariitti geeddaru, \q2 inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, \q1 kan galaana keessaa bishaan ol waamee \q2 fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyoo\nd* dha. \q1 \v 9 Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; \q2 magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa. \b \q1 \v 10 Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; \q2 kan dhugaa dubbatus ni balfu. \b \q1 \v 11 Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii \q2 akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. \q1 Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu \q2 manneen sana keessa hin jiraattan; \q1 isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu \q2 daadhii wayinii isaanii hin dhugdan. \q1 \v 12 Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi \q2 cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. \b \q1 Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; \q2 hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu. \q1 \v 13 Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata; \q2 barri kun bara hamaadhaatii. \b \q1 \v 14 Akka lubbuudhaan jiraattaniif \q2 waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa. \q1 Yoos akkuma isin jettan sana \q2 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa. \q1 \v 15 Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa; \q2 mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa; \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu \q2 tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii. \p \v 16 Kanaafuu Gooftaan, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Daandii hunda irra booʼicha, \q2 oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira. \q1 Qonnaan bultoonni akka booʼaniif, \q2 warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu. \q1 \v 17 Ani gidduu keessan waanan darbuuf \q2 iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \s1 Guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* \q1 \v 18 Isin warra guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* \q2 arguu hawwitaniif wayyoo! \q1 Isin maaliif guyyaa \nd Waaqayyoo\nd* arguu hawwitu! \q2 Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii. \q1 \v 19 Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee \q2 afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti; \q1 yookaan akka nama mana isaa seenee \q2 harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee \q2 bofti isa idde tokkoo ti. \q1 \v 20 Guyyaan \nd Waaqayyoo\nd* ifa utuu hin taʼin dukkana mitii? \q2 Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii? \b \q1 \v 21 “Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas; \q2 waldaa keessanittis hin gammadu. \q1 \v 22 Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu \q2 ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. \q1 Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu \q2 ani homaattuu isa hin lakkaaʼu. \q1 \v 23 Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa! \q2 Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu. \q1 \v 24 Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, \q2 qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu! \b \q1 \v 25 “Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama \q2 gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu? \q1 \v 26 Isin waan harkuma keessaniin tolfattan \q2 jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, \q2 utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi \q2 fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu. \q1 \v 27 Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, \q2 Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd* inni maqaan isaa // Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun. \c 6 \s1 Warra Yaaddoo Malee Jiraataniif Wayyoo \q1 \v 1 Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan, \q2 kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan, \q1 isaan namoota ulfaatoo saba durii, \q2 kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo! \q1 \v 2 Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa; \q2 achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa; \q2 ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa. \q1 Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu? \q2 Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa? \q1 \v 3 Isin guyyaa hamaa fageessitanii \q2 bulchiinsa jeequmsaa fiddu. \q1 \v 4 Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu; \q2 siree keessan dinkii irra boqottu. \q1 Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi \q2 jabbii coccoomoo nyaattu. \q1 \v 5 Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu; \q2 akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu. \q1 \v 6 Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu; \q2 dibata akka malee gaarii dibattu; \q2 garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan. \q1 \v 7 Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin // boojiʼamtanii fudhatamtu; \q2 burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa. \s1 \nd Waaqayyo\nd* Of Tuulummaa Israaʼel Jibba \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan ofii isaatiin kakateera; \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: \q1 “Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa; \q2 daʼannoo isaas nan jibba; \q1 ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda \q2 dabarsee nan kenna.” \p \v 9 Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu. \v 10 Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa \nd Waaqayyoo\nd* dhaʼuu hin qabnu” jedhaan. \q1 \v 11 Kunoo \nd Waaqayyo\nd* ajaja kenneeraatii, \q2 manneen gurguddaan ni barbadaaʼu; \q2 manneen xixinnoonis ni caccabu. \b \q1 \v 12 Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu? \q2 Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa? \q1 Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti, \q2 ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu; \q1 \v 13 isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii, \q2 “Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha. \b \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii; \q2 “Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee \q1 hamma sulula Arabbaatti \q2 karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.” \c 7 \s1 Hawwaannisa, Ibiddaa fi Tumbii \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse. \v 2 Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye. \p \v 3 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* ni gaabbe. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Wanni kun hin taʼu” jedhe. \p \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan waan kana natti argisiise; \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse. \v 5 Kana irratti ani, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye. \p \v 6 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* ni gaabbe. \p \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe. \b \p \v 7 Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture. \v 8 \nd Waaqayyos\nd*, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. \p Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise. \p Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru. \q1 \v 9 “Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu; \q2 iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona; \q2 ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.” \s1 Amoosii fi Amasiyaa \p \v 10 Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu. \v 11 Amoos akkana jedheeraatii: \q1 “ ‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa; \q2 Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee \q2 biyya isaatii ni fudhatama.’ ” \p \v 12 Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu. \v 13 Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.” \p \v 14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture. \v 15 \nd Waaqayyo\nd* garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe. \v 16 Egaa amma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi. Ati akkana jetta; \q1 “ ‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin; \q2 mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’ \p \v 17 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: \q1 “ ‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati; \q2 ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu. \q1 Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti; \q2 ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta. \q1 Israaʼel dhugumaan boojiʼamee \q2 biyya isaatii ni fuudhama.’ ” \c 8 \s1 Guuboo Ija Bilchaateen Guutame \p \v 1 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha. \v 2 Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. \p Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. \p Ergasii \nd Waaqayyo\nd* akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.” \p \v 3 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!” \q1 \v 4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii \q2 hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa; \p \v 5 isin akkana jettu; \q1 “Akka nu midhaan gurgurannuuf \q2 Baatiin Haaraan yoom goobana? \q1 Akka nu qamadii gabaa baafannuuf \q2 Sanbanni yoom darba?” \q1 Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii \q2 gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin \q2 nama gowwoomsitanii saamtu; \q1 \v 6 hiyyeeyyii meetiidhaan, \q2 rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii \q2 girdiis qamadii wajjin gurgurattu. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu. \q1 \v 8 “Sababii kanaaf lafti kirkirtee \q2 namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? \q1 Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; \q2 isheen akkuma laga Gibxi \q2 ol dadarbatamtee liqimfamti.” \p \v 9 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, \q1 “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee \q2 laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha. \q1 \v 10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, \q2 sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. \q1 Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii \q2 mataa keessan haaddattan nan godha. \q1 Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, \q2 dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.” \b \q1 \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan akkana jedha; \q2 “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; \q1 innis beela dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼuu ti malee \q2 beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti. \q1 \v 12 Namoonni dubbii \nd Waaqayyoo\nd* barbaacha \q2 galaanaa gara galaanaatti, \q1 kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; \q2 garuu hin argatan. \p \v 13 “Bara sana \q1 “Shamarran babbareedoo fi \q2 dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu. \q1 \v 14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan \q2 yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, \q2 yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii \q2 kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.” \c 9 \s1 Barbadeeffamuu Israaʼel \p \v 1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: \q1 “Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif \q2 fiixee utubaa dhaʼi. \q1 Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; \q2 warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. \q1 Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; \q2 isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu. \q1 \v 2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu \q2 harki koo achii isaan fuudha. \q1 Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu \q2 ani achii gad isaan nan buusa. \q1 \v 3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra \q2 dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee // gad isaan nan fida. \q1 Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, \q2 ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja. \q1 \v 4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, \q2 achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. \b \q1 “Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin \q2 waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.” \b \q1 \v 5 Gooftaan, \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; \q1 isheenis ni baqxi; \q2 wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; \q1 biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; \q2 ergasiis akka laga Gibxi gad galti; \q1 \v 6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee \q2 hundee isaa lafa irra dhaabbatu, \q1 inni bishaanota galaanaa waamee \q2 fuula lafaa irratti gad roobsu sun \q2 maqaan isaa \nd Waaqayyo\nd*. \b \q1 \v 7 “Isin Israaʼeloonni \q2 anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 “Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, \q2 Filisxeemota Kaftoorii, \q2 warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee? \b \q1 \v 8 “Dhugumaan iji \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa \q2 mootummaa cubbamaa irra jira. \q1 Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; \q2 taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 9 “Ani ajaja kennee \q2 akkuma midhaan gingilchaadhaan \q2 gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana \q1 saboota hunda gidduutti \q2 mana Israaʼel nan gingilcha. \q1 \v 10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi \q2 Warri, ‘Balaan nu hin argatu \q1 yookaan nutti hin dhufu’ jedhan \q2 hundi goraadeedhaan dhumu. \s1 Haaromfamuu Israaʼel \p \v 11 “Ani bara sana keessa dunkaana Daawit \q1 “Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. \q2 Kan tarsaʼes walitti nan supha; \q2 diigamaa isaa iddootti deebisee \q2 akka duraatti nan ijaara; \q1 \v 12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi \q2 saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*, inni waan kana hojjetu. \p \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, \q1 “namni wayinii dhaabu immoo \q2 isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; \q1 Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; \q2 gaarran hunda keessaas ni yaaʼa. \q2 \v 14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. \b \q1 “Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. \q2 Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; \q2 isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu. \q1 \v 15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; \q2 isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa \q2 lammata hin buqqifaman,” \m jedha \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee.