\id ACT - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h Hojii \toc1 Hojii Ergamootaa \toc2 Hojii \toc3 Hoj \mt1 Hojii Ergamootaa \c 1 \s1 Seensa \p \v 1 Yaa Tewofilos, ani waan Yesuus hojjechuu fi barsiisuu jalqabe hunda kitaaba koo kan jalqabaa keessatti barreesseera. \v 2 Wanni kunis waan erga Yesuus ergamoota filate sanaaf karaa hafuura qulqulluutiin ajaja kennee booddee hamma gaafa inni Samiitti ol fudhatameetti taʼee dha. \v 3 Innis duʼa isaa booddee namoota kanatti of argisiisee waan akka inni jiraataa taʼe mirkaneessu baayʼees dhiʼeesse; bultii afurtama isaanitti mulʼatee waaʼee mootummaa Waaqaa dubbate. \v 4 Utuu isaan wajjin jiruus akkana jedhee isaan ajaje; \wj “Waadaa Abbaa kootii kan waaʼee isaa narraa dhageessan sana eeggadhaa malee Yerusaalemii hin baʼinaa.\wj* \v 5 \wj Yohannis bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu.”\wj* \p \v 6 Isaanis yommuu walitti qabamanitti, “Yaa Gooftaa, ati yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebiftaa?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 7 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; \wj “Yeroo yookaan guyyaa Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun hojii keessan miti.\wj* \v 8 \wj Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”\wj* \s1 Yesuus Gara Samiitti Ol Fudhatame \p \v 9 Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse. \p \v 10 Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. \v 11 Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.” \s1 Maatiyaas Iddoo Yihuudaa Filatame \p \v 12 Isaanis gaara Tulluu Ejersaa jedhamu irraa Yerusaalemitti deebiʼan; gaarri kunis Yerusaalem irraa gara deemsa guyyaa Sanbata\f + \fr 1:12 \fr*\fq Deemsa guyyaa Sanbata \fq*\ft – Deemsi guyyaa Sanbataa gara kiiloo meetira tokkoo ti.\ft*\f* tokkoo fagaata. \v 13 Isaanis yommuu Yerusaalem gaʼanitti kutaa darbii kan keessa jiraachaa turan sanatti ol baʼan; isaanis: \b \li1 Phexrosii fi Yohannis, Yaaqoobii fi Indiriiyaas, \li1 Fiiliphoosii fi Toomaas, \li1 Bartaloomewoosii fi Maatewos, \li1 Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamuu fi Yihuudaa ilma Yaaqoob turan. \b \p \v 14 Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan. \p \v 15 Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate. \v 16 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota, dubbiin kitaabaa kan Hafuurri Qulqulluun yeroo dheeraan dura waaʼee Yihuudaa isa warra Yesuusin qaban fide sanaa afaan Daawitiitiin dubbate sun raawwatamuu qaba. \v 17 Innis miseensa keenyaa fi nama akka tajaajila kana keessatti qooda qabaatuuf filatame ture.” \p \v 18 Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige. \v 19 Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuus waan kana dhagaʼan; lafa sanas afaan isaaniitiin \tl Akeldaamaa\tl* jedhanii waaman. Akeldaamaa jechuun “Lafa Dhiigaa” jechuu dha. \p \v 20 Phexrosis akkana jedhe; “Kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii: \q1 “ ‘Qeʼeen isaa haa onu; \q2 namni keessa jiraatu tokko iyyuus hin hafin’\f + \fr 1:20 \fr*\ft \+xt Far 69:25\+xt*\ft*\f* \m akkasumas \q1 “ ‘Aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.’\f + \fr 1:20 \fr*\ft \+xt Far 109:8\+xt*\ft*\f* \m \v 21 Kanaaf warra yeroo gooftaa Yesuus nu gidduu baʼee galaa ture hundumaa nu wajjin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha; \v 22 namni filatamu kun nama cuuphaa Yohannisii jalqabee hamma gaafa Yesuus nu biraa samiitti ol fudhatameetti nu wajjin ture taʼuu qaba. Namoota kanneen keessaa tokko nu wajjin dhuga baatuu duʼaa kaʼuu Yesuus taʼuu qabaatii.” \p \v 23 Kanaafis namoota lama dhiʼeessan; isaanis Yoosef isa Barsaabaas jedhamu kan Yoosxoos jedhamee beekamu tokkoo fi Maatiyaas. \v 24 Akkanas jedhanii Waaqa kadhatan; “Yaa Gooftaa garaa nama hundumaa beektu, ati namoota kanneen lamaan keessaa isa kam akka filatte nutti argisiisi; \v 25 kunis akka inni tajaajilaa fi ergamtummaa Yihuudaan dhiisee gara iddoo ofii isaatti gara gale sana fudhatuuf.” \v 26 Isaanis ixaa buusan; ixaan sunis Maatiyaasiif baʼe. Kanaafuu inni ergamoota kudha tokkotti dabalame. \c 2 \s1 Dhufaatii Hafuura Qulqulluu \p \v 1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee\f + \fr 2:1 \fr*\fq Guyyaan Pheenxeqoosxee \fq*\ft – Guyyaan kun naannoo caamsaa 20 taʼa; innis guyyaa Yihuudoonni ayyaana haamaa midhaanii itti ayyaaneffatan. Pheenxeqoosxee jechuun “Shantamaffaa” jechuu dha; kunis sababii ayyaanni kun erga ayyaanni Faasiikaa darbee guyyaa shantamaa booddee ayyaaneffamuuf. Ayyaanni kun ayyaanota warri Israaʼel waggaa keessatti ayyaaneffatan gurguddoo sadan keessaa isa tokko. Isaan guyyaa kanatti kennamuu seeraa yaadatu; yeroo ayyaana kanaatti dhiironni Yihuudootaa gara Yerusaalem dhaquun barbaachisaa ture.\ft*\f* gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. \v 2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. \v 3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa\f + \fr 2:3 \fr*\fq Waan akka arraba ibiddaa \fq*\ft – Ibiddi mallattoo argamuu Waaqaa ti; murtii Waaqaa wajjinis ni deema.\ft*\f* tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. \v 4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban. \p \v 5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan. \v 6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii. \v 7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii? \v 8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree? \v 9 Nu warri Phartee,\f + \fr 2:9 \fr*\fq Phartee \fq*\ft – Pharteen naannoo biyya harʼa Iraani jedhamtu keessatti gara kaaba baʼaatti argamtuu dha.\ft*\f* warri Meedii\f + \fr 2:9 \fr*\fq Meedii \fq*\ft – Meediin naannoo biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamtuu dha.\ft*\f* fi warri Elaam,\f + \fr 2:9 \fr*\fq Elaam \fq*\ft – biyya harʼa Iraan jedhamtu keessatti gara kaaba dhiʼaatti argamti.\ft*\f* jiraattonni Mesophotaamiyaa,\f + \fr 2:9 \fr*\fq Mesophotaamiyaa \fq*\ft – Biyya harʼa Iraaq jedhamtu keessatti, laga Xegroosiitii fi laga Efraaxiis gidduutti argamti.\ft*\f* warri Yihuudaa\f + \fr 2:9 \fr*\fq Yihuudaa \fq*\ft – naannoon kun Yerusaalem illee ofitti dabalata.\ft*\f* fi Qaphadooqiyaa\f + \fr 2:9 \fr*\fq Qaphadooqiyaa \fq*\ft – lafa Asiyaa xinnoo keessatti naannoo baʼaatti, biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtuu dha.\ft*\f* akkasumas jiraattonni Phonxoosii\f + \fr 2:9 \fr*\fq Phonxoos \fq*\ft – mootummaa gama kibbaatiin qarqara galaana gurraachaa gara caalu qabatu.\ft*\f* fi Asiyaa,\f + \fr 2:9 \fr*\fq Asiyaa \fq*\ft – biyya Roomaa kan dhiʼa biyya harʼa Turki jedhamtuutti argamtu.\ft*\f* \v 10 Firiigiyaa\f + \fr 2:10 \fr*\fq Firiigiyaa \fq*\ft – bulchiinsa gidduu gala dhiʼa Asiyaa xinnoo keessatti kaaba Ajeeniitii fi laga Haaliisi gidduutti argamu.\ft*\f* fi Phamfiliyaa,\f + \fr 2:10 \fr*\fq Phamfiliyaa \fq*\ft – biyya Roomaa kan kibba Asiyaa xinnootti biyya harʼa Turki jedhamtu keessatti argamtu.\ft*\f* Gibxii\f + \fr 2:10 \fr*\fq Gibxi \fq*\ft – biyya Roomaa kan lafuma harʼa Gibxi jedhamu kana turte.\ft*\f* fi kutaawwan biyya Liibiyaa\f + \fr 2:10 \fr*\fq Liibiyaa \fq*\ft – Biyya kaaba Afriikaatti argamtu kan gama dhiʼaatiin Gibxitti aantu.\ft*\f* kanneen naannoo Qareenaatti\f + \fr 2:10 \fr*\fq Qareenaatti \fq*\ft – Magaalaa guddittii biyya Roomaa kan Qareenikaatii fi kutaa bulchiinsa Liibiyaa.\ft*\f* argaman, nu warri Roomaadhaa\f + \fr 2:10 \fr*\fq Roomaa \fq*\ft – Magaalaa guddittii teessoo bulchiinsa mootummaa Roomaa.\ft*\f* dhufne, \v 11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!” \v 12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan. \p \v 13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan. \s1 Haasaa Phexros \p \v 14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. \v 15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! \v 16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha: \q1 \v 17 “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, \q2 ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; \q1 ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; \q2 dargaggoonni keessan mulʼata argu; \q2 jaarsoliin keessan abjuu abjootu. \q1 \v 18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, \q2 Hafuura koo nan dhangalaasa; \q2 isaanis raajii ni dubbatu. \q1 \v 19 Ani ol samii irratti dinqii, \q2 gad lafa irrattis mallattoo, \q2 dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa. \q1 \v 20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi // ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, \q2 aduun dukkanatti geeddaramti; \q2 jiʼi immoo dhiigatti geeddarama. \q1 \v 21 Namni maqaa Gooftaa waammatu, \q2 hundinuu ni fayya.’\f + \fr 2:21 \fr*\ft \+xt Yoe 2:28‑32\+xt*\ft*\f* \p \v 22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. \v 23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. \v 24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii. \v 25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: \q1 “ ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. \q2 Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu. \q1 \v 26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; \q2 foon koos abdiidhaan jiraata. \q1 \v 27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; \q2 qulqullichi kee akka tortoru hin gootu. \q1 \v 28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta; \q2 fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’\f + \fr 2:28 \fr*\ft \+xt Far 16:8‑11\+xt*\ft*\f* \p \v 29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa. \v 30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke. \v 31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos\f + \fr 2:31 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichaa\fqa*\f*, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. \v 32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti. \v 33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase. \v 34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: \q1 “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; \q2 “Gara mirga koo taaʼi; \q1 \v 35 hamma ani diinota kee \q2 ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’\f + \fr 2:35 \fr*\ft \+xt Far 110:1\+xt*\ft*\f* \p \v 36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.” \p \v 37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan. \p \v 38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu. \v 39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.” \p \v 40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse. \v 41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame. \s1 Tokkummaa Amantootaa \p \v 42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan. \v 43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. \v 44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. \v 45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. \v 46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. \v 47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture. \c 3 \s1 Phexros Namicha Naafa Tokko Fayyise \p \v 1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan. \v 2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan. \v 3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate. \v 4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen. \v 5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. \p \v 6 Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe. \v 7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate. \v 8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene. \v 9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti, \v 10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis. \s1 Dubbii Phexros Dubbate \p \v 11 Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. \v 12 Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu? \v 13 Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan. \v 14 Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan. \v 15 Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti. \v 16 Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne. \p \v 17 “Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka. \v 18 Waaqni garuu waan akka Kiristoos\f + \fr 3:18 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihiin isaa\fqa*\f* dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate. \v 19 Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa; \v 20 kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf. \v 21 Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. \v 22 Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa. \v 23 Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’\f + \fr 3:23 \fr*\ft \+xt KeD 18:15,18,19\+xt*\ft*\f* \p \v 24 “Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru. \v 25 Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’\f + \fr 3:25 \fr*\ft \+xt Uma 22:18; 26:4\+xt*\ft*\f* jedhe. \v 26 Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.” \c 4 \s1 Phexrosii fi Yohannis Yaaʼii Yihuudootaa Duratti \p \v 1 Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan. \v 2 Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran. \v 3 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii. \v 4 Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe. \p \v 5 Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan. \v 6 Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan. \v 7 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban. \p \v 8 Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa! \v 9 Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan, \v 10 isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata. \v 11 Yesuusis, \q1 “ ‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan \q2 kan dhagaa golee taʼee dha.’\f + \fr 4:11 \fr*\ft \+xt Far 118:22\+xt*\ft*\f* \m \v 12 Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.” \p \v 13 Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan. \v 14 Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban. \v 15 Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban. \v 16 Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu. \v 17 Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.” \p \v 18 Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan. \v 19 Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa! \v 20 Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.” \p \v 21 Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye. \v 22 Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii. \s1 Kadhannaa Amantootaa \p \v 23 Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan. \v 24 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume. \v 25 Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; \q1 “ ‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? \q2 Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu? \q1 \v 26 Mootonni lafaa kaʼanii, \q2 bulchitoonnis Gooftichaa fi \q1 dibamaa\f + \fr 4:26 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* isaatiin mormuuf \q2 walitti qabaman.’\f + \fr 4:26 \fr*\ft \+xt Far 2:1,2\+xt*\ft*\f* \m \v 27 Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman. \v 28 Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan. \v 29 Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif. \v 30 Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.” \p \v 31 Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan. \s1 Qabeenyi Amantootaa Kan Hunda Isaanii Taʼe \p \v 32 Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne. \v 33 Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture. \v 34 Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii, \v 35 miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture. \p \v 36 Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha. \v 37 Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe. \c 5 \s1 Anaaniyaasii fi Safiiraa \p \v 1 Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate. \v 2 Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe. \p \v 3 Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? \v 4 Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.” \p \v 5 Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. \v 6 Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan. \p \v 7 Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente. \v 8 Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. \p Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette. \p \v 9 Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen. \p \v 10 Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan. \v 11 Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. \s1 Ergamoonni Dhukkubsattoota Baayʼee Fayyisan \p \v 12 Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan. \v 13 Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture. \v 14 Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman. \v 15 Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan. \v 16 Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman. \s1 Ergamoonni Ariʼataman \p \v 17 Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman. \v 18 Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan. \v 19 Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase. \v 20 Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen. \p \v 21 Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. \p Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan. \v 22 Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii, \v 23 “Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan. \v 24 Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan. \p \v 25 Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe. \v 26 Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne. \p \v 27 Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan. \v 28 Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe. \p \v 29 Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna! \v 30 Yesuus isa isin fannoo irratti fanniftanii ajjeeftan sana Waaqni abbootii keenyaa warra duʼan keessaa isa kaaseera. \v 31 Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe. \v 32 Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti.” \p \v 33 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan. \v 34 Fariisichi Gamaaliyaal jedhamu, barsiisaan seeraa kan namni hundi kabaju tokko garuu waldaa Yihuudootaa keessa dhaabatee akka ergamoonni sun yeroof gad baafaman ajaje. \v 35 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, waan jara kana gochuuf deemtan keessatti of eeggadhaa. \v 36 Bara dheeraan dura Toyidaas akka waan nama guddaa taʼeetti of ilaalee kaanaan namoonni gara dhibba afuriitti hedaman isa faana buʼan; inni ni ajjeefame; duuka buutonni isaa ni bittinneeffaman; akkasumaan badanis. \v 37 Namicha kana booddee immoo Yihuudaan, namni Galiilaa bara lakkoobsa sabaa keessa kaʼee nama baayʼee ofitti kutate; innis ni ajjeefame; warri isa faana buʼanis ni bittinnaaʼan. \v 38 Kanaafuu dubbii kana keessatti ani isinittin hima; namoota kana gad dhiisaa! Haa deemani! Mariin isaanii yookaan hojiin isaanii kun yoo waan nama irraa dhufe taʼe ni bada. \v 39 Yoo waan Waaqa irraa dhufe taʼe garuu jara kana dhowwuu hin dandeessan; isin mataan keessan iyyuu akka utuu Waaqaan wal loltanuu hin argamne of eeggadhaa!” \p \v 40 Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan. \p \v 41 Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman. \v 42 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos\f + \fr 5:42 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* taʼe barsiisaa, lallabaas turan. \c 6 \s1 Namoonni Torba Filatamuu Isaanii \p \v 1 Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa\f + \fr 6:1 \fr*\fq haadhonni hiyyeessaa \fq*\ft – Kun garee dubartoota akka malee rakkatanii ti. Yerusaalem keessa haadhota hiyyeessaa kanneen dhirsoonni isaanii bara jireenya isaanii gara caalu magaalaa qulqullittiin ala jiraatanii akka achitti duʼanii itti awwaalamaniif jedhanii gara Yerusaalem dhufanii irraa duʼan tokko tokkotu ture. Yihuudoonnis garee kana gargaaruuf jedhanii akka maallaqni isaan ittiin nyaata bitatan isaaniif kennamuuf mala tokko qopheessan.\ft*\f* Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii. \v 2 Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti. \v 3 Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee, \v 4 Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.” \p \v 5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan. \v 6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan. \p \v 7 Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman. \s1 Isxifaanos Qabame \p \v 8 Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette. \v 9 Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban. \v 10 Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye. \p \v 11 Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan. \p \v 12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan. \v 13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne. \v 14 Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.” \p \v 15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan. \c 7 \s1 Haasaa Isxifaanos \p \v 1 Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate. \p \v 2 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate. \v 3 Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’\f + \fr 7:3 \fr*\ft \+xt Uma 12:1\+xt*\ft*\f* jedheen. \p \v 4 “Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge. \v 5 Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture. \v 6 Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’ \v 7 Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’\f + \fr 7:7 \fr*\ft \+xt Uma 15:13,14\+xt*\ft*\f* \v 8 Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe. \p \v 9 “Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture; \v 10 rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe. \p \v 11 “Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye. \v 12 Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge. \v 13 Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke. \v 14 Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise. \v 15 Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan. \v 16 Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame. \p \v 17 “Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate. \v 18 Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’ \v 19 Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise. \p \v 20 “Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate. \v 21 Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte. \v 22 Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture. \p \v 23 “Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse. \v 24 Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef. \v 25 Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne. \v 26 Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale. \p \v 27 “Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? \v 28 Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’\f + \fr 7:28 \fr*\ft \+xt Bau 2:14\+xt*\ft*\f* \v 29 Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche. \p \v 30 “Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate. \v 31 Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe. \v 32 Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’\f + \fr 7:32 \fr*\ft \+xt Bau 3:6\+xt*\ft*\f* jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate. \p \v 33 “Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu. \v 34 Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’\f + \fr 7:34 \fr*\ft \+xt Bau 3:5,7,8,10\+xt*\ft*\f* \p \v 35 “Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge. \v 36 Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase. \p \v 37 “Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’\f + \fr 7:37 \fr*\ft \+xt KeD 18:15\+xt*\ft*\f* jedhe sanaa dha. \v 38 Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate. \p \v 39 “Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan. \v 40 Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’\f + \fr 7:40 \fr*\ft \+xt Bau 32:1\+xt*\ft*\f* jedhan. \v 41 Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan. \v 42 Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha; \q1 “ ‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti \q2 takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu? \q1 \v 43 Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf \q2 tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii\f + \fr 7:43 \fr*\fq Moolek \fq*\ft – waaqa tolfamaa warra Kanaʼaan kan waaqeffatamuu isaa keessa ijoollee gubanii aarsaa dhiʼeessuunis jiru.\ft*\f* fi \q2 urjii waaqa keessan Reefaan\f + \fr 7:43 \fr*\fq Reefaan \fq*\ft – waaqa tolfamaa bara durii kan bulchaa pilaaneettii Saatarni jedhamuuti jedhamee waaqeffatamu.\ft*\f* ol qabdaniirtu. \q1 Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’\f + \fr 7:43 \fr*\ft \+xt Amo 5:25\+xt*\ft*\f* \p \v 44 “Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture. \v 45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture. \v 46 Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate. \v 47 Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture. \p \v 48 “Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha: \q1 \v 49 “ ‘Samiin teessoo koo ti; \q2 laftis ejjeta miilla kootii ti. \q1 Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? \q2 jedha Gooftaan. \q2 Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa? \q1 \v 50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’\f + \fr 7:50 \fr*\ft \+xt Isa 66:1,2\+xt*\ft*\f* \p \v 51 “Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu. \v 52 Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu; \v 53 warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.” \s1 Isxifaanos Dhagaan Tumame \p \v 54 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan. \v 55 Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge. \v 56 Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe. \p \v 57 Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan. \v 58 Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan. \p \v 59 Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate. \v 60 Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe. \c 8 \p \v 1 Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. \s1 Ariʼatama Waldaa Kiristaanaa \p Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan. \v 2 Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif. \v 3 Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture. \s1 Fiiliphoos Samaariyaa Keessatti \p \v 4 Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban. \v 5 Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe. \v 6 Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan. \v 7 Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan. \v 8 Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe. \s1 Simoon Falfalticha \p \v 9 Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture. \v 10 Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan. \v 11 Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan. \v 12 Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman. \v 13 Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme. \p \v 14 Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan. \v 15 Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif; \v 16 Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan. \v 17 Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan. \p \v 18 Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee, \v 19 “Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen. \p \v 20 Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu! \v 21 Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu. \v 22 Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii. \v 23 Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.” \p \v 24 Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise. \p \v 25 Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan. \s1 Fiiliphoosii fi Namicha Itoophiyaa Tokko \p \v 26 Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti. \v 27 Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture. \v 28 Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture. \v 29 Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe. \p \v 30 Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate. \p \v 31 Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate. \p \v 32 Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: \q1 “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, \q2 yookaan akkuma ilmoo hoolaa \q1 kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu \q2 akkasuma afaan isaa hin saaqqanne. \q1 \v 33 Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; \q2 eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? \q2 Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”\f + \fr 8:33 \fr*\ft \+xt Isa 53:7,8\+xt*\ft*\f* \p \v 34 Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate. \v 35 Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime. \p \v 36 Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [ \v 37 Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]\f + \fr 8:37 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko kutaa kana hin qaban.\ft*\f* \v 38 Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe. \v 39 Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe. \v 40 Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe. \c 9 \s1 Saaʼol Jijjiirame \r 9:1‑19 kwf – \xt Hoj 22:3‑16; 26:9‑18\xt* \p \v 1 Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee, \v 2 nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate. \v 3 Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise. \v 4 Innis lafatti kufee sagalee, \wj “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?”\wj* isaan jedhu tokko dhagaʼe. \p \v 5 Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. \p Innis akkana jedhee deebiseef; \wj “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha.\wj* \v 6 \wj Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii”\wj* jedheen. \p \v 7 Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine. \v 8 Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan. \v 9 Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne. \p \v 10 Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, \wj “Yaa Anaaniyaas!”\wj* jedhee isa waame. \p Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira” jedhee deebise. \p \v 11 Gooftaanis akkana jedheen; \wj “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii.\wj* \v 12 \wj Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”\wj* \p \v 13 Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera. \v 14 Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.” \p \v 15 Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; \wj “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi!\wj* \v 16 \wj Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”\wj* \p \v 17 Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe. \v 18 Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame. \v 19 Nyaatas nyaatee jajjabaate. \s1 Saaʼol Damaasqoo fi Yerusaalemitti Lallabe \p Saaʼol bultii gabaabduudhaaf barattoota Damaasqoo jiran bira bubbule. \v 20 Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. \v 21 Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?” \v 22 Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos\f + \fr 9:22 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihii\fqa*\f* taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise. \p \v 23 Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan. \v 24 Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan. \v 25 Barattoonni isaa garuu halkaniin fuudhanii guuboodhaan dallaa irraan dabarsanii gad isa buusan. \p \v 26 Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan. \v 27 Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime. \v 28 Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe. \v 29 Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan. \v 30 Obboloonnis yommuu waan kana beekanitti fuudhanii Qiisaariyaatti gad isa buusan; gara Xarsees isa ergan. \p \v 31 Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte. \s1 Eeniyaa fi Doorqaa \p \v 32 Phexros utuu biyya sana keessa naannaʼaa jiruu qulqulloota Liidaa keessa jiraatan ilaaluuf gad buʼe. \v 33 Achittis namicha laamshaʼaa Eeniyaa jedhamu kan waggaa saddeeti siree irratti hafee ture tokko arge. \v 34 Phexrosis, “Yaa Eeniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyisa; kaʼiitii siree kee afadhu” jedheen. Eeniyaanis yommusuma kaʼe. \v 35 Namoonni Liidaa fi Shaaroon keessa jiraatan hundinuu isa arganii Gooftaatti deebiʼan. \p \v 36 Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte. \v 37 Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan. \v 38 Liidaan kun Yoopheetti dhiʼoo turte; barattoonnis yommuu akka Phexros Liidaa jiru dhagaʼanitti nama lama isatti erganii, “Maaloo dafii nu bira gaʼi!” jedhanii isa kadhatan. \p \v 39 Phexrosis kaʼee isaan wajjin deeme; akkuma inni achi gaʼeenis gara kutaa darbii sanaatti isa geessan. Haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa bira dhaabatanii kootii fi wayyaa biraa kan Doorqaan yeroo isaan wajjin turte hojjette sana isatti argisiisanii booʼaa turan. \p \v 40 Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse. \v 41 Innis harka qabee ishee kaase; amantootaa fi haadhota hiyyeessaa waamee jiraattuu taatee isaan fuuldura dhaabe. \v 42 Kunis Yoophee hunda keessatti beekame; namoonni baayʼeenis Gooftaatti amanan. \v 43 Phexrosis Yoophee keessa gogaa duugduu Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu ture. \c 10 \s1 Qorneelewoos Phexrosin Waame \p \v 1 Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture. \v 2 Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture. \v 3 Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge. \p \v 4 Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. \p Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera. \v 5 Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi. \v 6 Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira.” \p \v 7 Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqaa kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqaaf bulu tokko waamee, \v 8 waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge. \s1 Mulʼata Phexros Arge Tokko \r 10:9‑32 kwi – \xt Hoj 11:5‑14\xt* \p \v 9 Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe. \v 10 Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe. \v 11 Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge. \v 12 Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture. \v 13 Sagaleen tokkos, \wj “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu”\wj* jedheen. \p \v 14 Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe. \p \v 15 Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, \wj “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin”\wj* jedheen. \p \v 16 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame. \p \v 17 Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan. \v 18 Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan. \p \v 19 Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru. \v 20 Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.” \p \v 21 Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen. \p \v 22 Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.” \v 23 Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise. \s1 Phexros mana Qorneelewoos Dhaqe \p Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman. \v 24 Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture. \v 25 Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe. \v 26 Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe. \p \v 27 Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge. \v 28 Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera. \v 29 Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.” \p \v 30 Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee \v 31 akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera. \v 32 Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’ \v 33 Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Waaqaa dura jirra.” \p \v 34 Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha. \v 35 Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha. \v 36 Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Yesuus Kiristoos kun Gooftaa waan hundaa ti. \v 37 Isin waan Cuuphaa Yohannis lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu. \v 38 Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii. \p \v 39 “Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan. \v 40 Waaqni immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe. \v 41 Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Waaqni duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate. \v 42 Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje. \v 43 Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.” \p \v 44 Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe. \v 45 Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan; \v 46 isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Waaqas jajatan dhagaʼaniiruutii. \p Phexrosis akkana jedhe; \v 47 “Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?” \v 48 Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan. \c 11 \s1 Phexros Waan Hojjete Gabaase \p \v 1 Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan. \v 2 Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman; \v 3 akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?” \p \v 4 Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe. \v 5 “Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe. \v 6 Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge. \v 7 Anis sagalee, \wj ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’\wj* naan jedhu tokkon dhagaʼe. \p \v 8 “Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe. \p \v 9 “Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, \wj ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’\wj* jedhe. \v 10 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame. \p \v 11 “Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan. \v 12 Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne. \v 13 Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi; \v 14 inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’ \p \v 15 “Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe. \v 16 Anis waan Gooftaan, \wj ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’\wj* jedhee ture sana nan yaadadhe. \v 17 Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?” \p \v 18 Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan. \s1 Waldaa Kiristaanaa Anxookiiyaa \p \v 19 Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman. \v 20 Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban. \v 21 Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan. \p \v 22 Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan. \v 23 Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse. \v 24 Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman. \p \v 25 Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe; \v 26 Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman. \p \v 27 Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan. \v 28 Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe. \v 29 Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan. \v 30 Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan. \c 12 \s1 Phexros Dinqiidhaan Mana Hidhaatii Baʼe \p \v 1 Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe. \v 2 Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese. \v 3 Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe. \v 4 Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe. \p \v 5 Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte. \p \v 6 Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. \v 7 Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe. \p \v 8 Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen. \v 9 Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne. \v 10 Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke. \p \v 11 Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe. \p \v 12 Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe. \v 13 Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte. \v 14 Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte. \p \v 15 Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan. \p \v 16 Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan. \v 17 Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe. \p \v 18 Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan. \v 19 Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje. \s1 Duʼa Heroodis \p Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate. \v 20 Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii. \p \v 21 Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate. \v 22 Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan. \v 23 Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe. \p \v 24 Dubbiin Waaqaa garuu ittuma fufee guddachaa, babalʼachaas deeme. \s1 Barnaabaasii fi Saaʼol Geggeeffaman \p \v 25 Barnaabaasii fi Saaʼol erga ergama isaanii fixatanii booddee Yohannis isa Maarqos jedhamu sana fudhatanii Yerusaalemii deebiʼan. \c 13 \s1 Barnaabaasii fi Saaʼol Ergaman \p \v 1 Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa. \v 2 Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe. \v 3 Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan. \s1 Barnaabaasii fi Saaʼol Qophiroositti Lallaban \p \v 4 Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan. \v 5 Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture. \p \v 6 Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan. \v 7 Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate. \v 8 Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme. \v 9 Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen; \v 10 “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu? \v 11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” \p Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe. \v 12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii. \s1 Phaawulosii fi Barnaabaas Phisiidiyaa Keessatti \p \v 13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe. \v 14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan. \v 15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin. \p \v 16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa! \v 17 Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase; \v 18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse. \v 19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne. \v 20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte. \p “Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne. \v 21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche. \v 22 Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera. \p \v 23 “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide. \v 24 Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture. \v 25 Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe. \p \v 26 “Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame. \v 27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan. \v 28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan. \v 29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan. \v 30 Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase. \v 31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti. \p \v 32 “Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana, \v 33 Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha; \q1 “ ‘Ati ilma koo ti; \q2 ani harʼa si dhalcheera.’\f + \fr 13:33 \fr*\ft \+xt Far 2:7\+xt*\ft*\f* \m \v 34 Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera; \q1 “ ‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa, \q2 isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’\f + \fr 13:34 \fr*\ft \+xt Isa 55:3\+xt*\ft*\f* \m \v 35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha: \q1 “ ‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’\f + \fr 13:35 \fr*\ft \+xt Far 16:10\+xt*\ft*\f* \p \v 36 “Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore. \v 37 Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre. \p \v 38 “Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha. \v 39 Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa. \v 40 Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha: \q1 \v 41 “ ‘Ilaalaa, isin qoostota nana; \q2 dinqisiifadhaa; dhumaas; \q1 ani bara keessan keessa \q2 waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee \q2 hin amanne tokko nan hojjedha.’\f + \fr 13:41 \fr*\ft \+xt Anb 1:5\+xt*\ft*\f*” \p \v 42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan. \v 43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan. \p \v 44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame. \v 45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman. \p \v 46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. \v 47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; \q1 “ ‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, \q2 hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’\f + \fr 13:47 \fr*\ft \+xt Isa 49:6\+xt*\ft*\f*” \p \v 48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan. \p \v 49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame. \v 50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan. \v 51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan. \v 52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman. \c 14 \s1 Phaawulosii fi Barnaabaas Iiqoniyoon Keessatti \p \v 1 Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma amala isaanii Iqooniyoonitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan; achittis waan akka gaarii dubbataniif Yihuudoonnii fi Giriikonni hedduun ni amanan. \v 2 Yihuudoonni hin amanin garuu Namoota Ormaa kakaasanii akka isaan obbolootaan mormaniif yaada isaanii hammeessan. \v 3 Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse. \v 4 Uummanni magaalaa sanaas gargar qoodame; garri tokko Yihuudoota wajjin, kaan immoo ergamoota wajjin dhaabate. \v 5 Namoonni Ormaatii fi Yihuudoonni bulchitoota isaanii wajjin isaan dhiphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼatan. \v 6 Jarri garuu waan kana beekkatanii magaalaawwan Liqaaʼooniyaa kanneen Lisxiraanii fi Darbeen jedhamanitti, gara biyya naannoo sanaattis baqatan. \v 7 Achittis wangeela lallabuu itti fufan. \s1 Phaawulosii fi Barnaabaas Lisxiraanii fi Darbeen keessatti \p \v 8 Lisxiraan keessa namichi miilli isaa laamshaʼe, kan dhaloota isaatii jalqabee naafa turee fi takkumaa miillaan deemee hin beekin tokko taaʼaa ture. \v 9 Innis yeroo Phaawulos dubbatutti isa dhaggeeffachaa ture; Phaawulosis hubatee isa ilaalee akka namichi sun fayyuuf amantii qabu arge; \v 10 sagalee guddaadhaanis, “Kaʼii miilla keetiin dhaabadhu!” jedheen. Namichi sunis ol utaalee kaʼe; miillaan deemuus jalqabe. \p \v 11 Namoonnis yommuu waan Phaawulos hojjete arganitti, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaaʼooniyaatiin, “Waaqonni bifa namaatiin nutti gad buʼaniiru!” jedhan. \v 12 Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin. \v 13 Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture. \p \v 14 Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan; \v 15 “Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna. \v 16 Inni bara durii keessa akka saboonni hundinuu akkuma fedhanitti jiraatan isaan dhiise; \v 17 taʼus dhuga baʼumsa malee of hin dhiifne. Bokkaa samii irraa roobsee midhaanis yeroo isaatti isinii kennee, garaa laafummaa isaa argisiiseera; soora hedduus isinii kennee garaa keessan gammachuudhaan guuta.” \v 18 Jarri garuu dubbii kanaan iyyuu rakkina guddaadhaan akka tuunni sun aarsaa isaaniif hin dhiʼeessine of irraa deebisan. \p \v 19 Yihuudoonni tokko tokko Anxookiiyaa fi Iqooniyoonii dhufanii uummata gara ofii isaaniitti deebifatan. Phaawulosin dhagaadhaan tumanii waan inni duʼe seʼaniis lafa irra harkisaa magaalaa keessaa gad isa baasan. \v 20 Inni garuu yeroo barattoonni isatti naannaʼanitti kaʼee magaalaa seene; guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaas wajjin magaalaa Darbeenitti qajeele. \s1 Gara Anxookiiyaa Ishee Sooriyaa Keessaatti Deebiʼan \p \v 21 Isaanis erga magaalaa sanatti wangeela lallabanii namoota hedduu barattoota godhatanii booddee Lisxiraanitti, Iqooniyoonii fi Anxookiiyaatti deebiʼan. \v 22 Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan. \v 23 Phaawulosii fi Barnaabaas tokkoo tokkoo waldaa kiristaanaa keessatti maanguddoota muudaniifii kadhaa fi soomaan Goofticha isaan itti amananitti dabarsanii isaan kennan. \v 24 Phisiidiyaa keessa darbanii Phamfiliyaa seenan. \v 25 Phergeenitti dubbicha lallabanii Axaaliyaatti gad buʼan. \p \v 26 Axaaliyaadhaa kaʼanii gara iddoo itti hojii amma fixatan kanaaf ayyaana Waaqaatti imaanaa kennamanii turanii Anxookiiyaatti dooniin deebiʼan. \v 27 Akkuma achi gaʼaniinis waldaa kiristaanaa walitti qabanii waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hundaa fi akkamitti akka inni Namoota Ormaatiif balbala amantii banes isaanitti himan. \v 28 Isaanis barattoota wajjin yeroo dheeraa achi turan. \c 15 \s1 Wal gaʼii Yerusaalemitti Godhame \p \v 1 Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan. \v 2 Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman. \v 3 Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise. \v 4 Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan. \p \v 5 Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan. \p \v 6 Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman. \v 7 Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu. \v 8 Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse. \v 9 Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone. \v 10 Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree? \v 11 Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.” \p \v 12 Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture. \v 13 Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa! \v 14 Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera. \v 15 Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera: \q1 \v 16 “ ‘Kana booddee ani nan deebiʼa; \q2 dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara; \q1 diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara; \q2 deebisees nan dhaaba; \q1 \v 17 kunis akka namoonni hafan jechuunis, \q2 Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu \q1 gooftaa barbaadaniif’\f + \fr 15:17 \fr*\ft \+xt Amo 9:11,12\+xt*\ft*\f* \q2 \v 18 jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun. \p \v 19 “Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu. \v 20 Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna. \v 21 Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.” \s1 Xalayaa Namoota Ormaatti Ergame \p \v 22 Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan. \v 23 Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan: \pmo Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa; \pmo Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti; \pmo Nagaa isinii dhaamna. \pm \v 24 Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra. \v 25 Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis \v 26 namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle. \v 27 Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra. \v 28 Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra; \v 29 kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. \pmc Nagaatti. \p \v 30 Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan. \v 31 Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan. \v 32 Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan. \v 33 Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [ \v 34 Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.]\f + \fr 15:34 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa kana hin qaban.\ft*\f* \v 35 Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis. \s1 Wal dhabuu Phaawulosii fi Barnaabaas \p \v 36 Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe. \v 37 Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade. \v 38 Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne. \v 39 Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele. \v 40 Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme. \v 41 Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe. \c 16 \s1 Xiimotewos Phaawulosii fi Siilaasitti makame \p \v 1 Phaawulos ittuma fufee gara Darbeenii fi Lisxiraanii dhaqe; barataan Xiimotewos jedhamu kan haati isaa Yihuudii amantuu taate tokkos achi ture; abbaan isaa garuu nama Giriik ture. \v 2 Obboloonni Lisxiraanii fi Iqooniyoon keessa jiraatan waaʼee isaa waan gaarii dubbatan. \v 3 Phaawulos akka Xiimotewos isa faana deemu barbaade; kanaaf sababii Yihuudoota naannoo sana jiraataniitiif jedhee dhagna isa qabe; isaan hundinuu akka abbaan Xiimotewos nama Giriik taʼe beeku turaniitii. \v 4 Isaanis akkuma magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti darbaniin akka namoonni ajajamaniif jedhanii murtii ergamoonnii fi maanguddoonni Yerusaalem keessa jiraatan murteessan sana namootatti himan. \v 5 Kanaafuu waldoonni kiristaanaa amantiitti cimaa, baayʼinaanis guyyuma guyyaan itti dabalamaa deeman. \s1 Phaawulos Mulʼataan Namicha Maqedooniyaa Tokko Arge \p \v 6 Isaanis Hafuurri Qulqulluun akka isaan biyya Asiyaa keessatti dubbicha hin lallabne isaan dhowwinaan biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa keessa darban. \v 7 Yommuu Miisiyaa gaʼanittis Biitaaniyaa seenuu yaalan; Hafuurri Yesuus garuu isaanii hin eeyyamne. \v 8 Kanaaf Miisiyaa keessa baʼanii Xirooʼaasitti gad buʼan. \v 9 Phaawulosis halkan sana namicha Maqedooniyaa tokko isaa dhaabatee, “Maqedooniyaa kottuutii nu gargaari” jedhee isa kadhatu mulʼataan arge. \v 10 Nus erga Phaawulos mulʼata sana argee booddee, Waaqni akka nu wangeela isaanitti lallabnuuf nu waamuu isaati jennee Maqedooniyaa dhaquuf qophoofnee kaane. \s1 Lidiyaan Kiristoositti Amante \p \v 11 Xirooʼaasii dooniidhaan kaanee Saamotraaqeetti fuula deebifannee qajeelle; guyyaa itti aanu immoo Neʼaphoolisitti dabarre. \v 12 Achii kaanees Fiiliphisiyuus dhaqne; isheenis magaalaa beekamtuu aanaa Maqedooniyaa kan kolonii mootummaa Roomaa jala turtee dha; nus magaalattii keessa guyyaa muraasa turre. \p \v 13 Guyyaa Sanbataa immoo magaalattii keessaa baanee gara lagaa iddoo akka lafa kadhannaa itti argannu abdanne tokkootti gad buune; teteenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbachuu jalqabne. \v 14 Warra nu dhaggeeffachaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture; isheen daldaltuu wayyaa dhiilgee kan magaalaa Tiyaatiraatii dhuftee, Waaqas waaqeffattu turte. Gooftaan akka isheen waan Phaawulos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii ishee baneef. \v 15 Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, “Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa” jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte. \s1 Phaawulosii fi Siilaas Mana Hidhaa Keessatti \p \v 16 Gaaf tokko utuu iddoo itti kadhatan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte. \v 17 Isheenis, “Namoonni kunneen tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha” jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute. \v 18 Waan kanas guyyaa hedduu itti fufte; Phaawulos garuu waan akka malee aareef itti garagalee hafuura sanaan, “Ani akka ati ishee keessaa baatu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin sin ajaja” jedhe; hafuurichis yommusuma ishee keessaa baʼe. \p \v 19 Gooftonni xomboree sanaas yommuu akka abdiin galii isaanii citte hubatanitti Phaawulosii fi Siilaasin qabanii fuula abbootii taayitaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii lafa irra harkisaa iddoo gabaatti isaan geessan. \v 20 Fuula qondaaltotaa durattis isaan dhiʼeessanii akkana jedhan; “Namoonni kunneen Yihuudoota; magaalaa keenyas jeequutti jiru. \v 21 Isaanis duudhaa fudhachuun yookaan itti buluun nuu warra Roomaatiif hin eeyyamamne barsiisu.” \p \v 22 Namoonnis tokkummaadhaan Phaawulosii fi Siilaasitti kaʼan; qondaaltonni sunis akka wayyaan isaan irraa baafamee uleedhaan tumaman ajajan. \v 23 Jarris erga akka malee garafamanii booddee mana hidhaatti darbataman; eegduun mana hidhaa sanaas akka jabeessee isaan eegu ajajame. \v 24 Innis ajaja kana fudhatee gola mana hidhaa keessa isaan galche; miilla isaaniis jirma gidduu galchee hidhe. \p \v 25 Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan. \v 26 Akkuma tasaa sochiin lafaa cimaan tokko taʼe; kanaanis hundeen mana hidhaa sanaa raafame; yommusuma balballi hundinuu ni baname; foncaan nama hundaas ni hiikame. \v 27 Eegduun mana hidhaa sunis yommuu dammaqee akka balballi mana hidhaa baname argetti waan hidhamtoonni baʼanii badan seʼee of ajjeesuuf goraadee isaa luqqifate. \v 28 Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan iyyee, “Nu hundi asuma jirraatii of hin miidhin” jedheen. \p \v 29 Eegduun sunis ibsaa fichisiifatee fiigaa ol gale; sodaadhaanis hollachaa Phaawulosii fi Siilaas duratti kufe; \v 30 gad isaan baasees, “Yaa Gooftota ko, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. \p \v 31 Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan. \v 32 Dubbii Gooftaas isaa fi warra mana isaa jiraatan hundatti himan. \v 33 Eegduun mana hidhaa sunis saʼaatuma halkanii sana isaan fuudhee madaa isaanii dhiqeef; yommusumas innii fi maatiin isaa hundinuu cuuphaman. \v 34 Eegduun sunis mana isaatti isaan geessee nyaata dhiʼeesseef; sababii maatiin isaa hundi gara Waaqa amanuutti dhufaniif warri mana isaa jiraatan hundi akka malee gammadan. \p \v 35 Yommuu bariʼetti qondaaltonni sun, “Namoota sana gad dhiisi” jedhanii eegduu mana hidhaa sanatti poolisii ergan. \v 36 Eegduun sunis, “Qondaaltonni akka isin hiikamtan ajajaniiru; kanaaf amma deemuu ni dandeessu; nagaan galaa” jedhee Phaawulositti hime. \p \v 37 Phaawulos garuu poolisoota sanaan akkana jedhe; “Isaan utuma nu lammiiwwan Roomaa taanee jirruu, murtii tokko malee nu garafanii mana hidhaatti nu darbatan; amma immoo dhoksaan nu baasuu barbaaduu? Kun hin taʼu! Isaanumti mataan isaanii dhufanii nu haa baasanii!” jedhe. \p \v 38 Poolisoonnis dubbii kana qondaaltotatti himan; qondaaltonnis yommuu akka Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan Roomaa taʼan dhagaʼanitti ni rifatan. \v 39 Isaanis dhufanii dhiifama isaan gaafatan; mana hidhaatii isaan baasanii akka isaan magaalattii keessaa baʼanii deemaniif isaan kadhatan. \v 40 Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii baʼanii mana Liidiyaa dhaqan; isaanis yommuu obboloota arganitti isaan jajjabeessan; achiis baʼanii deeman. \c 17 \s1 Phaawulosii fi Siilaas Tasaloniiqee Keessatti \p \v 1 Isaanis Amfiipholiisii fi Apholooniyaa keessa darbanii Tasaloniiqee iddoo manni sagadaa Yihuudootaa ture dhufan. \v 2 Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa, \v 3 akka Kiristoos\f + \fr 17:3 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichi\fqa*\f* dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe. \v 4 Yihuudoota keessaa tokko tokko, Giriikota Waaqa sodaatan keessaas namoonni akka malee baayʼatanii fi dubartoonni bebeekamoon hedduun amananii Phaawulosii fi Siilaasitti dabalaman. \p \v 5 Yihuudoonni garuu hinaaffaan guutaman; isaanis iddoo gabaatii kashlabboota tokko tokko walitti qabatanii, uummatas kakaasanii magaalaa keessatti goolii uuman; Phaawulosii fi Siilaasinis fuula uummataa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isaan barbaacha mana Yaasonitti fiigan. \v 6 Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru; \v 7 Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.” \v 8 Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman. \v 9 Isaanis Yaasonii fi warra kaan irraa qabsiisa fuudhanii gad isaan dhiisan. \s1 Phaawulosii fi Siilaas Beeriyaa Keessatti \p \v 10 Obboloonnis yeruma sana Phaawulosii fi Siilaasin halkaniin Beeriyaatti ergan; isaanis yommuu achi gaʼanitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan. \v 11 Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii. \v 12 Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan. \p \v 13 Yihuudoonni Tasaloniiqee yommuu akka Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqaa lallabaa ture dhagaʼanitti achis dhaqanii rakkoo uumanii uummata kakaasan. \v 14 Obboloonni immoo yommusuma Phaawulosin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Xiimotewos garuu Beeriyaatti hafan. \v 15 Namoonni Phaawulosin geggeessanis Ateenaan isa gaʼanii akka Siilaasii fi Xiimotewos hamma isaanii dandaʼametti dafanii Phaawulos bira dhaqaniif ajaja fuudhaniifii deebiʼan. \s1 Phaawulosii fi Siilaas Ateenaa Keessatti \p \v 16 Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde. \v 17 Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture. \v 18 Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii\f + \fr 17:18 \fr*\fq Efiiqoroosiitii \fq*\ft – Falaasamaan Giriik kan Efiiqoroos jedhamu tokko dhaloota Gooftaatiin dura (Bara 341–270 keessa) akka gammachuun jireenya namaa keessatti waan hundumaa caalaa gaarii taʼe barsiisee ture. Gareen Efiiqoroos akka waan waaqonni hin jirreetti yookaan akka waan waaqonni waan addunyaa keessatti taʼu irratti humna hin qabneetti amanan.\ft*\f* fi Istoʼiki\f + \fr 17:18 \fr*\fq Istoʼiki \fq*\ft – isaan barumsa falaastuu Zeenoo jedhamu kan Dhaloota Kiristoosiitiin Dura (Bara 340–265 keessa) akka gammachuun jireenya tolaan yookaan dhukkubsachaan yookaan moʼachuun yookaan moʼatamuun tuqamuu dhabuu keessa jiru addeessanii ibsan.\ft*\f* tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii. \v 19 Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa? \v 20 Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.” \v 21 Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture. \p \v 22 Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha. \v 23 Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii, \pc Waaqa hin Beekamneef, \m jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima. \p \v 24 “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu. \v 25 Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. \v 26 Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. \v 27 Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. \v 28 Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’ \p \v 29 “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu. \v 30 Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja. \v 31 Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.” \p \v 32 Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan. \v 33 Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme. \v 34 Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan. \c 18 \s1 Phaawulos Qorontos Keessatti \p \v 1 Kana booddee Phaawulos Ateenaa kaʼee Qorontos dhaqe. \v 2 Achittis Yihuudii Aqiilaa jedhamu kan biyya Phonxoositti dhalate tokko argate; Aqiilaan kunis sababii Qilaawudewoos akka Yihuudoonni hundinuu biyya Roomaa keessaa baʼan ajajeef dhiʼoo niitii isaa Phirisqilaa wajjin Iixaaliyaadhaa dhufe. Phaawulosis isaan ilaaluu dhaqe. \v 3 Innis waan akkuma isaanii hojjetaa dunkaanaa tureef achi jiraatee isaan wajjin hojjete. \v 4 Guyyaa Sanbataa hundas mana sagadaa keessatti falmee Yihuudootaa fi Giriikota amansiisa ture. \p \v 5 Phaawulos yeroo Siilaasii fi Xiimotewos Maqedooniyaadhaa dhufanitti akka Yesuus kun Kiristoos\f + \fr 18:5 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihicha\fqa*\f* taʼe Yihuudootaaf dhugaa baʼaa dubbicha lallabuutti ni jabaata ture. \v 6 Yommuu Yihuudoonni isaan mormanii isa arrabsanittis garuu Phaawulos uffata isaa hurgufatee, “Dhiigni keessan matuma keessan irra haa jiraatu! Ani qulqulluu dha; ammaa jalqabee gara Namoota Ormaa nan dhaqa” jedheen. \p \v 7 Innis achii baʼee mana namicha Waaqa waaqeffatu kan maqaan isaa Tiitoo jedhamu tokkoo dhaqe; manni namicha sanaas mana sagadaatti aana ture. \v 8 Kiriisphoos bulchaan mana sagadaa sanaas warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Gooftaatti amane; namoota Qorontos kanneen Phaawulosin dhagaʼan keessaa baayʼeen isaanii amananii cuuphaman. \p \v 9 Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; \wj “Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin.\wj* \v 10 \wj Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii.”\wj* \v 11 Kanaafuu Phaawulos dubbii Waaqaa isaan barsiisaa waggaa tokkoo fi walakkaa achi ture. \p \v 12 Yeroo Gaaliyoon bulchaa Akaayaa turetti Yihuudoonni tokkummaadhaan Phaawulositti kaʼanii mana murtiitti isa dhiʼeessan. \v 13 Isaanis, “Namichi kun akka isaan karaa seeraan ala taʼeen Waaqa waaqeffataniif namoota sossobaa jira” jedhanii isa himatan. \p \v 14 Utuu Phaawulos dubbachuuf jedhee afaan banachuutti jiruu Gaaliyoon Yihuudootaan akkana jedhe; “Yaa Yihuudoota, utuu dubbiin kun waaʼee balleessaa hojjechuu yookaan waaʼee yakka guddaa taʼee ani silaa obsaan isinan dhagaʼa ture. \v 15 Gaaffiin keessan garuu waan waaʼee jechootaa, waaʼee maqaawwaniitii fi waaʼee seera keessanii taʼeef kana isinuu fixadhaa; ani waan akkanaatiif abbaa murtii hin taʼuutii.” \v 16 Kanaafuu mana murtii keessaa gad isaan baase. \v 17 Isaan hundi bulchaa mana sagadaa sanatti jechuunis Soosteenesitti garagalanii fuula mana murtii duratti isa tumuu jalqaban. Wanni kun garuu xinnuma illee Gaaliyoo hin yaaddessine. \s1 Phirisqilaa, Aqiilaa fi Apholoos \p \v 18 Phaawulos yeroo muraasa Qorontos keessa ture. Ergasiis obboloota biraa deemee Phirisqilaa fi Aqiilaa wajjin dooniidhaan Sooriyaa dhaqe; innis waan wareega qabuuf utuu hin deemin Kanchireʼaatti mataa haaddate. \v 19 Phaawulosis yeroo Efesoon gaʼanitti Phirisqilaa fi Aqiilaa achitti dhiisee ofii isaatii garuu mana sagadaa seenee Yihuudootaan mormaa ture. \v 20 Yommuu isaan akka inni yeroo dheeraa isaan bira turu kadhatanitti immoo dhagaʼuu dide. \v 21 Garuu akkuma isaan biraa deemeen, “Yoo Waaqni jedhe ani deebiʼee nan dhufa” jedheen; dooniidhaanis Efesoonii kaʼee deeme. \v 22 Innis Qiisaariyaa geenyaan ol baʼee waldaa kiristaanaa dubbise; ergasiis Anxookiiyaatti gad buʼe. \p \v 23 Phaawulos erga Anxookiiyaa keessa takka bubbulee booddee achii kaʼee barattoota hunda jajjabeessaa biyya Galaatiyaatii fi Firiigiyaa hunda keessa iddoo tokko irraa iddoo kaanitti nanaannaʼaa ture. \p \v 24 Gidduudhuma sana Yihuudiin Iskindiriyaatti dhalate kan Apholoos jedhamu tokko gara Efesoon dhufe; innis nama arraba qajeelu, kan Katabbiiwwan Qulqulluu gad fageenyaan beeku ture. \v 25 Namichi kun duraan karaa Gooftaa baratee ture; inni yoo cuuphaa Yohannis qofa beeke illee hafuura hoʼaadhaan waaʼee Yesuus qajeelchee dubbachaa, barsiisaas ture. \v 26 Mana sagadaa keessattis sodaa malee dubbachuu jalqabe; Phirisqilaa fi Aqiilaanis yommuu isa dhagaʼanitti mana isaaniitti isa waamanii karaa Waaqaa isa duraa caalaatti sirriitti addeessaniif. \p \v 27 Yeroo Apholoos Akaayaa dhaquu barbaadetti obboloonni isa jajjabeessanii akka barattoonni achi jiran sun isa simataniif xalayaa barreessaniif. Innis achi gaʼee warra ayyaana Waaqaatiin amananii turaniif gargaarsa guddaa taʼe. \v 28 Inni akka Yesuus kun Kiristoos taʼe Katabbiiwwan Qulqulluudhaan mirkaneessaa, jabaatee ifaan ifatti Yihuudootaan mormee amansiisaa tureetii. \c 19 \s1 Phaawulos Efesoon Keessatti \p \v 1 Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate. \v 2 Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate. \p Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan. \p \v 3 Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate. \p Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan. \p \v 4 Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe. \v 5 Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman. \v 6 Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan. \v 7 Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan. \p \v 8 Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture. \v 9 Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture. \v 10 Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan. \p \v 11 Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture. \v 12 Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture. \p \v 13 Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan. \v 14 Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru. \v 15 Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef. \v 16 Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan. \p \v 17 Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame. \v 18 Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan. \v 19 Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii\f + \fr 19:19 \fr*\fq meetii \fq*\ft – beesseen meetii tokko mindaa hojjetaan tokko guyyaatti argatuu dha.\ft*\f* kuma shantama taʼe. \v 20 Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate. \p \v 21 Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe. \v 22 Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture. \s1 Goolii Efesoon Keessatti Kaʼe \p \v 23 Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame. \v 24 Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi\f + \fr 19:24 \fr*\fq Arxemiisi \fq*\ft – waaqittii tolfamtuu dhaltii; manni qulqullummaa ishee dinqiiwwan torban addunyaa durii keessaa tokko ture.\ft*\f* meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture. \v 25 Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu. \v 26 Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus. \v 27 Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.” \p \v 28 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan. \v 29 Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan. \v 30 Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef. \v 31 Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan. \p \v 32 Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne. \v 33 Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne. \v 34 Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan. \p \v 35 Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa? \v 36 Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan. \v 37 Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu. \v 38 Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan. \v 39 Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama. \v 40 Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.” \v 41 Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise. \c 20 \s1 Phaawulos Maqedooniyaa fi Giriik Dhaqe \p \v 1 Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; “Nagaatti” isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe. \v 2 Innis dubbii nama jajjabeessu baayʼee uummatatti dubbachaa naannoo sana keessa darbee dhuma irratti Giriik gaʼe; \v 3 achis jiʼa sadii ture. Akkuma inni dooniin Sooriyaa dhaquuf kaʼeenis sababii Yihuudoonni isatti malataniif karaa Maqedooniyaatiin deebiʼuuf kutate. \v 4 Beeriyaadhaa Soophaaxroos ilma Phiiyiroos, Tasaloniiqeedhaa Arisxirokoosii fi Sekunduus, Darbeenii immoo Gaayoos isa wajjin deeman; akkasumas Xiimotewos, biyya Asiyaatii immoo Xikiqoosii fi Xiroofiimoos isa wajjin deeman. \v 5 Namoonni kunneen nu dura darbanii Xirooʼaasitti nu eegan. \v 6 Ayyaana Maxinoo booddee garuu Fiiliphisiyuusii dooniin kaanee bultii shan booddee warra kaan wajjin Xirooʼaasitti wal arganne; achis guyyaa torba turre. \s1 Awuxekiis Duʼaa Kaafame \p \v 7 Nus guyyaa jalqaba torban sanaatti buddeena caccabsuuf jennee walitti qabamne; Phaawulos namootatti haasaʼe. Innis waan guyyaa itti aanutti deemuu barbaadeef hamma halkan walakkaatti haasaa dheeresse. \v 8 Gulantaa darbii iddoo nu itti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu ture. \v 9 Dargaggeessi Awuxekiis jedhamu tokkos foddaa irra taaʼaa ture; yommuu Phaawulos haasaa dheeressettis hirribni cimaan isa fudhate; utuu hirribaan of wallaalee jiruus darbii sadaffaa irraa kufe; isaanis reeffa isaa lafaa fuudhan. \v 10 Phaawulosis gad buʼee dargaggeessa sana irratti gombifamee isa hammachuudhaan, “Lubbuun keessa jirtiitii hin rifatinaa!” jedhe. \v 11 Innis darbii sanatti ol deebiʼee buddeena caccabsee nyaate; hamma lafti bariituttis yeroo dheeraa isaan wajjin haasaʼe achii deeme. \v 12 Namoonnis dargaggeessa sana jiraataa taʼee manatti geessan; baayʼees ni jajjabaatan. \s1 Phaawulos Jaarsolii Waldaa Kiristaanaa Efesoon Gorse \p \v 13 Nus Phaawulosin achii fuudhuuf jennee duraan dursinee gara doonii dhaqnee dooniidhaan Asoositti qajeelle; Phaawulos miillaan deemuuf jedhee ofuma isaatii waan kana karoorfatee tureetii. \v 14 Asoosittis isaan wal arginee dooniidhaan Miixiiliinitti dabarre. \v 15 Guyyaa itti aanuttis dooniin achii kaanee fuullee Kiiyos geenye; guyyaa tokko booddees Saamoositti baane; guyyaa itti aanu immoo Miilexoos geenye. \v 16 Phaawulosis yoo dandaʼameef waan guyyaa Pheenxeqoosxeetiin Yerusaalem gaʼuuf ariifateef akka biyya Asiyaa keessatti yeroon isa duraa hin dhumneef jedhee dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuu murteeffatee ture. \p \v 17 Innis Miilexoosii Efesoonitti nama ergee jaarsolii waldaa kiristaanaa ofitti waamsise. \v 18 Isaan gara isaa dhufnaan akkana jedheen; “Ani gaafan biyya Asiyaa dhufe kan duraatii jalqabee yeroon isin wajjin jiraachaa ture sana hunda haala akkam keessa akka ani jiraachaa ture isin mataan keessan iyyuu beektu. \v 19 Ani yoon mala Yihuudootaatiin akka malee qorame illee gad of qabiisa guddaa fi imimmaaniin Gooftaa tajaajileera. \v 20 Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu. \v 21 Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera. \p \v 22 “Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira. \v 23 Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa. \v 24 Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha. \p \v 25 “Ani akka isin warra ani keessa nanaannaʼee mootummaa Waaqaa lallabe kanneen keessaa namni tokko iyyuu lammata na hin argine nan beeka. \v 26 Kanaafuu ani dhiiga nama hundaa irraa qulqulluu taʼuu koo harʼa isinitti nan hima. \v 27 Ani fedhii Waaqaa hunda isinitti himuu irraa of hin qusanneetii. \v 28 Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa. \v 29 Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka. \v 30 Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu. \v 31 Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa. \p \v 32 “Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha. \v 33 Ani meetii yookaan warqee yookaan uffata nama tokkoo iyyuu hin kajeelle. \v 34 Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu. \v 35 Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, \wj ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’\wj* jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.” \p \v 36 Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate. \v 37 Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan. \v 38 Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan. \c 21 \s1 Phaawulos Yerusaalem Dhaqe \p \v 1 Erga isaaniin gargar baanee booddees dooniidhaan kaanee utuu mirgaa bitaatti hin gorin Qoositti qajeelle. Guyyaa itti aanutti Roodees dhaqnee achii immoo Phaaxaraatti dabarre. \v 2 Doonii Finiiqeetti ceʼu tokkos argannee isa yaabbannee adeemsa itti fufne. \v 3 Yommuu Qophiroosin arguu dandeenyetti, harka bitaatti ishee dhiifnee Sooriyaatti qajeelle; nus iddoo dooniin keenya feʼiisa isaa itti buufachuuf ture Xiiroositti irraa buune. \v 4 Achitti barattoota argannee guyyaa torba isaan bira turre. Isaanis akka Phaawulos Yerusaalem hin dhaqneef Hafuura Qulqulluun isa akeekkachiisan. \v 5 Garuu yeroon keenya dhumnaan achii kaanee deemsa keenya itti fufne; barattoonni hundinuu niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin magaalattii keessaa nu baasanii nu geggeessan; nus qarqara galaanaatti jilbeenfannee kadhanne. \v 6 Erga nagaatti waliin jennee booddees doonii yaabbanne; isaan immoo mana isaaniitti deebiʼan. \p \v 7 Xiiroosii kaanee adeemsa keenya itti fufuudhaan Phitolemaayisitti galle; achittis obboloota dubbifnee guyyaa tokko isaan bira oolle. \v 8 Guyyaa itti aanutti achii kaanee Qiisaariyaa geenye; achittis mana lallabaa wangeelaa tokkoo mana Fiiliphoos isa warra torbaan keessaa tokko ture sanaa dhaqnee isa bira turre. \v 9 Innis ijoollee durbaa kanneen hin heerumin afur qaba ture; isaanis raajii dubbatu turan. \p \v 10 Erga nu guyyaa hedduu achi turree booddee raajiin Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad buʼe. \v 11 Innis gara keenya dhufee sabbata Phaawulos fuudhee harkaa fi miilla ofii isaa hidhee, “Hafuurri Qulqulluun, ‘Yihuudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkanatti hidhanii dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu’ jedha” jedhe. \p \v 12 Nus yommuu waan kana dhageenyetti akka Phaawulos Yerusaalemitti ol hin baaneef namoota achi jiran wajjin isa kadhanne. \v 13 Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe. \v 14 Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne. \p \v 15 Guyyoota kanneen booddees qophoofnee Yerusaalemitti ol baane. \v 16 Barattoonni Qiisaariyaa keessaa tokko tokko nu miiltessanii gara mana Minaason nu geessan; innis nama Qophiroos kan barattoota durii keessaa tokko turee dha. \s1 Phaawulos Yerusaalem Gaʼe \p \v 17 Yommuu nu Yerusaalem geenyetti obboloonni gammachuudhaan nu simatan. \v 18 Guyyaa itti aanuttis Phaawulos nu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin hundinuus achi turan. \v 19 Phaawulosis nagaa isaan gaafatee waan Waaqni tajaajila inni kenneen Namoota Ormaa keessatti hojjete hunda tokko tokkoon isaanii ibse. \p \v 20 Isaan yommuu waan kana dhagaʼanitti Waaqa galateeffatan. Phaawulosiinis akkana jedhan; “Yaa obboleessa, ati akka Yihuudoonni kuma hedduun amanan ni argita; hundi isaaniis hinaaffaa seeraaf qabu. \v 21 Ati akka Yihuudoonni Namoota Ormaa keessa jiraatan hundinuu ilmaan isaanii dhagna hin qabnee fi akka isaan akka duudhaa keenyaatti hin jiraanne itti himtee akka isaan seera Musee irraa gara galan barsiisuun kee isaanitti himameera. \v 22 Isaan akka ati dhufte dhugumaan ni dhagaʼu; egaa maal gochuu wayya? \v 23 Kanaaf ati waan nu sitti himnu godhi; namoonni wareega of irraa qaban afur nu bira jiru. \v 24 Akka isaan mataa isaanii haaddataniif namoota kanneen ofitti fuudhiitii isaan wajjin of qulqulleessiitii baasii isaanii ati baasi. Kanaanis namoonni hundinuu akka oduun waaʼee kee odeeffame sun dhugaa hin taʼin, akka ati mataan kee iyyuu seeraaf ajajamtee jiraattu ni beeku. \v 25 Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.” \p \v 26 Phaawulosis guyyaa itti aanutti namoota sana ofitti fuudhee isaan wajjin of qulqulleesse; ergasii immoo gaafa guyyoonni qulqullaaʼummaa\f + \fr 21:26 \fr*\fq guyyoonni qulqullaaʼummaa \fq*\ft – Yeroo guyyoota torbaanii kan itti namoonni afran sirna Naazirummaa guuttatan sun utuu akka aadaatti aarsaa dhiʼeessuuf jilaan hin qulqulleeffamin dura keessa darbuu malan argisiisa.\ft*\f* sun itti xumuramanii fi yeroo itti aarsaan maqaa tokkoo tokkoo isaaniitiin dhiʼeeffamuu malu beeksisuuf mana qulqullummaa seene. \s1 Phaawulos Qabame \p \v 27 Yommuu guyyoonni torban sun xumuramuu gaʼanitti Yihuudoonni biyya Asiyaatii dhufan tokko tokko Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti argan. Isaanis nama hundumaa kakaasanii isa qaban. \v 28 Iyyaniis, “Yaa namoota Israaʼel nu gargaaraa! Namichi kun nama saba keenyaan mormaa, seera keenyaa fi mana qulqullummaa mormaa nama hunda iddoo hundatti barsiisuu dha. Kana malees inni Giriikota mana qulqullummaatti ol galchee iddoo qulqulluu kana xureesseera” jedhan. \v 29 Isaan waan duraan namicha Efesoon kan maqaan isaa Xiroofiimoos jedhamu tokko Phaawulos biratti magaalaa keessatti arganii turaniif, waan Phaawulos mana qulqullummaatti ol isa galche seʼaniitii. \p \v 30 Magaalaan sunis guutummaatti ni raafamte; namoonnis karaa hundumaan fiigaa dhufan. Isaanis Phaawulosin qabanii lafa irra harkisaa mana qulqullummaatii gad baasan; yommusuma karroonni cufaman. \v 31 Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe. \v 32 Innis yeruma sana loltootaa fi ajajjuuwwan dhibbaa tokko tokko fudhatee fiigichaan isaanitti gad buʼe. Isaanis yommuu ajajaa sanaa fi loltoota isaa arganitti Phaawulosin tumuu dhiisan. \p \v 33 Ajajaan sunis dhufee isa qabe; akka inni foncaa lamaan hidhamus ajaje; akka inni eenyu taʼee fi akka inni maal hojjechaa tures isa gaafate. \v 34 Tuuta sana keessaas garri tokko waan tokko jedhanii iyyaa, garri kaan immoo waan biraa jedhanii iyyaa turan; ajajaan sunis sababii waca namaatiif waan mirkana taʼe argachuu waan dadhabeef akka Phaawulos gara qubata loltootaatti geeffamu ajaje. \v 35 Phaawulos gulantaa ittiin gad baʼan bira geenyaan sababii goolii namootaatiif loltoonni isa baatan. \v 36 Namoonni hedduunis, “Isa ajjeesi!” jedhanii iyyaa duukaa buʼan. \s1 Dubbii Phaawulos Uummatatti Dubbate \r 22:3‑16 kwf – \xt Hoj 9:1‑22; 26:9‑18\xt* \p \v 37 Phaawulos yommuu loltoonni isa fuudhanii qubata loltootaatti ol isa galchuuf jedhanitti, ajajaa sanaan, “Akka ani waa sitti himu naa eeyyamtaa?” jedhee gaafate. \p Ajajaan sun immoo deebisee akkana jedhe; “Ati afaan Giriik ni dubbattaa? \v 38 Ati namicha biyya Gibxi kan dhiʼeenya kana goolii kaasee shororkeessitoota\f + \fr 21:38 \fr*\fq shororkeessitoota \fq*\ft – namoonni kunneen finciltoota ciccimoo akka diinota warra Roomaattii fi akka diinota Yihuudoota warra Roomaa deeggaraniitti of ilaalan hundaatti of lakkaaʼanii dha. Isaanis yeroo ayyaana gara garaatti saba kaanitti makamanii diinota isaanii ajjeesaa turan.\ft*\f* 4,000 fudhatee gammoojjiitti gale sana mitii?” \p \v 39 Phaawulosis, “Ani Yihuudii Xarsees magaalaa beekamtuu Kiilqiyaa keessaa sanaa ti. Maaloo, akka ani namoota kanatti dubbadhu naa eeyyami” jedhee deebise. \p \v 40 Phaawulos akkuma eeyyama ajajaa sanaa argateen gulantaa sana irra dhaabatee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne; yommuu isaan hundinuu calʼisanitti immoo afaan Araamaayikiitiin akkana jedheen. \c 22 \nb \v 1 “Yaa obbolootaa fi abbootii, falmata ani amma isin duratti dhiʼeeffadhu kana mee naa dhagaʼaa.” \p \v 2 Jarris yommuu isaa afaan Ibraayisxiitiin isaanitti dubbatu dhagaʼanitti kan duraa illee caalaa calʼisan. \p Phaawulosis akkana jedhe; \v 3 “Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture. \v 4 Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera; \v 5 waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe. \p \v 6 “Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise. \v 7 Anis lafatti kufeen sagalee, \wj ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’\wj* naan jedhu tokkon dhagaʼe. \p \v 8 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. \p “Inni immoo deebisee, \wj ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’\wj* naan jedhe. \v 9 Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne. \p \v 10 “Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. \p “Gooftaanis, \wj ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’\wj* naan jedhe. \v 11 Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan. \p \v 12 “Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture. \v 13 Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe. \p \v 14 “Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera. \v 15 Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata. \v 16 Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’ \p \v 17 “Anis Yerusaalemitti deebiʼee utuu mana qulqullummaa keessatti kadhannaatti jiruu akka waan of wallaaluu nan taʼe. \v 18 Gooftaa illee isaa, \wj ‘Jarri kun waan ati waaʼee koo dhugaa baatu hin fudhataniitii dafii ammuma Yerusaalem keessaa baʼi!’\wj* jedhee natti dubbatu nan arge. \p \v 19 “Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku. \v 20 Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’ \p \v 21 “Gooftaanis, \wj ‘Ani fagootti, gara Namoota Ormaatti sin ergaatii deemi’\wj* naan jedhe.” \s1 Phaawulos Akka Lammii Roomaa Taʼe Ibse \p \v 22 Namoonni sunis hamma inni dubbii kana dubbatutti isa dhagaʼaa turan; ergasiis sagalee isaanii ol fudhatanii, “Namni akkanaa jiraachuu hin qabuutii lafa irraa balleessaa!” jedhanii iyyan. \p \v 23 Utuu isaan uffata isaanii dadarbatanii, awwaaras qilleensa keessa bibittinneessanii iyyanuu, \v 24 ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje. \v 25 Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf\f + \fr 22:25 \fr*\fq garafuuf \fq*\ft – gochi kun akka adabbiitti utuu hin taʼin karaa ittiin nama tokko qoratanii yookaan rakkisanii akka inni dhugaa baasu mirkaneessuuf itti fayyadamanii dha. Gochi kun garba yookaan maxxantuu irratti raawwatama malee lammii Roomaa tokko irratti hin raawwatamu ture.\ft*\f* jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe. \p \v 26 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen. \p \v 27 Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. \p Innis, “Eeyyee” jedhee deebise. \p \v 28 Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. \p Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe. \p \v 29 Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate. \s1 Phaawulos Yaaʼii Yihuudootaa Duratti Dhiʼaate \p \v 30 Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe. \c 23 \p \v 1 Phaawulos xiyyeeffatee yaaʼii sana ilaalee, “Yaa obboloota ko, ani hamma guyyaa harʼaatti fuula Waaqaa dura yaada gaariidhaan jiraadheera” jedhe. \v 2 Kana irratti Anaaniyaas lubni ol aanaan akka warri Phaawulos bira dhaabachaa turan sun afaan isaa keessa dhaʼan ajaje. \v 3 Phaawulosis deebisee, “Ati keenyan nooraa dibame, Waaqni si rukuta! Seeraan natti muruuf jettee achi teessee atumti mataan kee immoo akka ani dhaʼamu ajajuudhaan seera cabsitaa?” jedhe. \p \v 4 Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin. \p \v 5 Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii”\f + \fr 23:5 \fr*\ft \+xt Bau 22:28\+xt*\ft*\f* jedhe. \p \v 6 Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe. \v 7 Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame. \v 8 Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu. \p \v 9 Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan. \v 10 Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje. \p \v 11 Gooftaanis halkan itti aanutti Phaawulositti mulʼatee, \wj “Jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti waaʼee koo dhugaa baate sana Roomaa keessattis dhugaa baʼuu qabdaatii”\wj* jedheen. \s1 Maree Phaawulos irratti Mariʼatame \p \v 12 Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan. \v 13 Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate. \v 14 Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra. \v 15 Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.” \p \v 16 Garuu ilmi obboleettii Phaawulos yommuu maree kana dhagaʼetti qubata loltootaatti ol galee Phaawulositti hime. \p \v 17 Phaawulosis ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama tokko waamee, “Dargaggeessi kun waan isatti himu qabaatii mee ajajaa kumaatti isa geessi” jedheen. \v 18 Innis ajajaa kumaa sanatti isa geesse. \p Ajajaan dhibbaa sunis, “Phaawulos inni mana hidhaa jiru sun na waamsisee waan dargaggeessi kun waan sitti himu qabuuf akka ani isa sitti fidu na kadhate” jedheen. \p \v 19 Ajajaan kumaas dargaggeessa sana harka qabee kophaatti baasee, “Wanni ati natti himuu barbaaddu maali?” jedhee gaafate. \p \v 20 Dargaggeessi sunis akkana jedhe; “Yihuudoonni waan waaʼee isaa sirriitti cimsanii qoruu barbaadan fakkeessanii akka ati Phaawulosin bori gara yaaʼii Yihuudootaatti gad ergitu si kadhachuuf walii galaniiru. \v 21 Waan isaan keessaa namoonni afurtamaa oli taʼan riphanii isa eeggachaa jiraniif ati isaan jalaa hin qabin. Isaan akka hamma isa ajjeesanitti homaa hin nyaanne yookaan hin dhugne kakataniiru; qophaaʼaniis eeyyama kee eeggachaa jiru.” \p \v 22 Ajajaan kumaa sunis, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkotti iyyuu hin dubbatin” jedhee dargaggeessa sana akeekkachiisee gad dhiise. \s1 Phaawulos Qiisaariyaatti Dabarfame \p \v 23 Ergasii inni ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama lama waamee akkana jedhee ajaje; “Akka loltoonni dhibbi lama, abbootiin fardaa torbaatamnii fi warri eeboo qabatan dhibbi lama edana saʼaatii sadiitti Qiisaariyaa dhaqaniif qopheessaa. \v 24 Phaawulosiifis farda inni yaabbatu qopheessaatii gara Feeliksi Bulchaa Biyyaatti nagaan geessaa.” \p \v 25 Innis akkana jedhee xalayaa tokko barreesse. \pmo \v 26 Qilaawudewoos Liisiiyaas irraa, \pmo Gara bulchaa kabajamaa, gara Feeliksi: \pmo Nagaa jirtaa. \pm \v 27 Yihuudoonni namicha kana qabanii ajjeesuu barbaadaa turan; ani garuu akka inni lammii Roomaa taʼe beekee loltoota koo wajjin dhaqee isa baase. \v 28 Anis waan isaan isa himataniif beekuu barbaadeen fuula waldaa isaanii duratti isa dhiʼeesse. \v 29 Ani akka inni waaʼee gaaffii seera isaaniitiin himatame arge malee akka inni waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokkumaanuu himatame hin argine. \v 30 Ani yeroo akka isaan namicha sanatti mariʼatan dhagaʼetti dafee isa sitti erge. Warra isa himatanis akka isaan himata isaanii sittan dhiʼeeffatan ajajeera. \p \v 31 Kanaaf loltoonni sun akkuma ajajaman sana Phaawulosin fuudhanii halkaniin Antiiphaaxriisitti geessan. \v 32 Isaanis guyyaa itti aanutti akka abbootiin fardaa isa wajjin deeman godhanii ofii immoo qubata loltootaatti deebiʼan. \v 33 Abbootiin fardaa sunis yommuu Qiisaariyaa gaʼanitti xalayaa sana bulchaatti kennan; Phaawulosinis fuula isaa dura dhiʼeessan. \v 34 Bulchaan sunis erga xalayaa sana dubbifatee booddee, akka inni biyya kamii dhufe isa gaafate. Yommuu akka inni Kiilqiyaadhaa dhufe beekettis, \v 35 “Ani yeroo himattoonni kee as gaʼanitti dubbii kee nan dhagaʼa” jedhe. Innis ergasii akka Phaawulos masaraa Heroodis keessatti eegamus ajaje. \c 24 \s1 Phaawulos Fuula Feeliksi Duratti \p \v 1 Guyyaa shan booddee Anaaniyaas lubni ol aanaan maanguddoota tokko tokkoo fi abukaattoo Xerxuloos jedhamu tokko wajjin Qiisaariyaatti gad buʼe; isaanis waan ittiin Phaawulosin himatan bulchaa duratti dhiʼeeffatan. \v 2 Yommuu Phaawulos waamamee ol galetti, Xerxuloos akkana jedhee himata isaa Feeliksi duratti dhiʼeeffate; “Yaa Feeliksi kabajamaa, nu bara kee keessa yeroo dheeraa nagaan jiraanneera; ogummaan kees saba kanaaf geeddarama fideera. \v 3 Yaa Feeliksi kabajamaa, nu waan kana karaa hundumaa fi iddoo hundatti galata guddaadhaan ni fudhanna. \v 4 Garuu ani akka hammana irra si hin dadhabsiifneef akka ati gabaabumatti gara laafinaan nu dhageessu sin kadhadha. \p \v 5 “Nu akka namichi kun dhukkuba hamaa taʼee Yihuudoota addunyaa guutuu irra jiran hunda keessatti goolii kaasaa jiru argineerra. Inni hoogganaa garee Naazirootaa ti. \v 6 Inni mana qulqullummaa iyyuu xureessuu yaaleera; nu immoo akka seera keenyaatti itti muruuf jennee isa qabne. [ \v 7 Garuu Luusiyoos ajajaan kumaa sun dhufee humna guddaan harka keenya keessaa isa baase; akka himattoonni isaa fuula kee duratti dhiʼaatanis ni ajaje.]\f + \fr 24:7 \fr*\ft Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa 7 hin qaban.\ft*\f* \v 8 Ati mataan kee iyyuu isa qoruudhaan waaʼee waan nu isa himannu kanaa hunda beekuu ni dandeessa.” \p \v 9 Yihuudoonnis akka dubbiin kun dhugaa taʼe mirkaneessanii himata sana deeggaran. \p \v 10 Phaawulosis yommuu bulchaan sun akka inni dubbatuuf harkaan mallattoo kenneefitti akkana jedhee deebii kenne; “Ani waan akka ati waggoota hedduuf abbaa murtii saba kanaa taate beekuuf falmii koo gammachuudhaan nan dhiʼeeffadha. \v 11 Akkuma ati rakkoo malee mirkaneeffachuu dandeessu ani waaqeffachuuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼuun koo guyyaa kudha lama hin caalu. \v 12 Warri na himatan kun anaa mana qulqullummaa keessatti yookaan manneen sagadaa keessatti yookaan magaalaa keessatti nama tokkoon illee falmu yookaan uummata kakaasu na hin arganne. \v 13 Isaan waan amma ittiin na himachaa jiran kanas siif mirkaneessuu hin dandaʼan. \v 14 Taʼus ani akka nama karaa isaan garee mormitootaa jedhaniin sana duukaa buʼu tokkootti akka Waaqa abbootii keenyaa waaqeffadhu fuula kee duratti nan amana. Waan seera Museetiin walii galuu fi waan kitaabota raajotaa keessatti barreeffame hundas nan amana. \v 15 Anis akkuma jara kanaa akka duʼaa kaʼuun qajeeltotaatii fi hamootaa jiraatu Waaqa nan abdadha. \v 16 Kanaafuu ani akka yeroo hunda Waaqaa fi nama duratti yaada qulqulluu qabaadhu nan tattaaffadha. \p \v 17 “Anis bara baayʼee hiyyeeyyii saba kootiitiif gargaarsa kennuuf, Waaqaafis aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Yerusaalem dhufe. \v 18 Yeroo ani waan kana hojjechaa turettis isaan anaa qulqullaaʼee jiru mana qulqullummaa keessatti na argan. Tuunni tokko iyyuu na bira hin turre; anis goolii keessatti hin hirmaanne. \v 19 Garuu Yihuudoonni biyya Asiyaa kanneen yoo waan ittiin na himatan tokko illee narraa qabaatan si duratti as dhiʼaatanii na himachuu malan tokko tokko jiru. \v 20 Yookaan warri as jiran kunneen yakka yeroo ani fuula Waldaa Yihuudootaa dura dhaabadhe sana narratti argan haa himan; \v 21 waan ani yeroo fuula isaanii dura dhaabadhe sana iyyee, ‘Ani harʼa waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii irratti qoramuuf jedhee fuula keessan dura dhaabadheera’ jedhe tokkicha sana malee yoo jiraate haa himan.” \p \v 22 Feeliksi garuu waan waaʼee Karaa sanaa sirriitti beekuuf, “Ani gaafa Liisiiyaas ajajaan kumaa sun dhufutti dubbii keessan nan murteessa” jedhee yeroo biraatti dabarse. \v 23 Innis akka ajajaan dhibbaa sun Phaawulosin eegumsa jala tursu, garuu akka haala isaa itti furuu fi akka michoonni isaas waan isa barbaachisu kam iyyuu isaaf dhiʼeessan eeyyamuuf ajaje. \p \v 24 Feeliksis bultii muraasa booddee niitii isaa Diruusiilaa ishee Yihuudii turte wajjin dhufe; innis Phaawulosin waamsisee isaa waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu dhaggeeffate. \v 25 Yommuu Phaawulos waaʼee qajeelummaa, waaʼee of qabuutii fi waaʼee murtii kan dhufuuf jiru sanaa dubbatetti Feeliksi sodaatee, “Ammaaf ni gaʼaatii deemi! Yommuu naa mijaaʼutti anuu sin waamsisaatii” jedhe. \v 26 Yeroodhuma sanattis inni akka waan Phaawulos mattaʼaa isaaf kennuutti waan abdachaa tureef ammuma amma waamsisee isa wajjin haasaʼaa ture. \p \v 27 Phoorqiyoos Fesxoos erga waggaan lama darbee booddee iddoo Feeliksi qabate; Feeliksis waan Yihuudoota gammachiisuu barbaadeef Phaawulosin manuma hidhaatti dhiise. \c 25 \s1 Phaawulos Fuula Fesxoos Duratti Qorame \p \v 1 Fesxoosis biyya sana gaʼee guyyaa sadii booddee Qiisaariyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼe; \v 2 achittis luboonni hangafoonnii fi dura buʼoonni Yihuudootaa fuula isaa duratti dhiʼaatanii himata Phaawulos irraa qaban dhiʼeeffatan. \v 3 Isaanis waan karaatti riphanii Phaawulosin ajjeesuuf qophaaʼaa turaniif akka Fesxoos isaan deeggaree nama ergee gara Yerusaalem isa fichisiisu kadhatan. \v 4 Fesxoos immoo akkana jedhee deebise; “Phaawulos Qiisaariyaatti eegamaa jira; ani mataan koo iyyuu dhiʼeenyatti achi nan dhaqa. \v 5 Kanaafuu abbootii taayitaa keessan keessaa tokko tokko na wajjin deemanii yoo namichi sun balleessaa wayii qabaate achitti isa haa himatan.” \p \v 6 Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje. \v 7 Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye. \p \v 8 Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate. \p \v 9 Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe. \p \v 10 Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne. \v 11 Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!” \p \v 12 Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe. \s1 Fesxoos Gorsa Agriiphaa Gaafate \p \v 13 Bultii muraasa booddee Agriiphaa mootichii fi Barniiqeen\f + \fr 25:13 \fr*\fq Barniiqeen \fq*\ft – Barniiqeen obboleettii Agriiphaa ti; isheen dhirsii irraa duunaan mana obboleessaa jiraatte.\ft*\f* Fesxoos simachuuf Qiisaariyaa dhaqan. \v 14 Fesxoosis isaan guyyaa hedduu achi bubbullaan akkana jedhee waaʼee himata Phaawulos mooticha wajjin dubbate; “Namichi Feeliksi mana hidhaa keessatti dhiisee deeme tokko as jira. \v 15 Yeroo ani Yerusaalem turetti luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni Yihuudootaa isa himatanii akka itti muramu kadhatan. \p \v 16 “Anis akka namni kam iyyuu akka seera biyya Roomaatti utuu fuula himattoota isaa duratti dhiʼaatee himata sana mormachuuf carraa hin argatin dabarfamee kennamuu hin qabne isaanitti himeera. \v 17 Kanaafuu ani yommuu isaan na wajjin as dhufanitti barcuma murtii irra taaʼeen akka namicha natti fidan ajaje malee dubbii sana lafa irra hin harkifne. \v 18 Himattoonni isaas yommuu dubbachuuf kaʼanitti yakka ani ittiin isa himatu jedhee eege keessaa tokko illee isa irratti hin dhiʼeessine. \v 19 Garuu isaan waaʼee amantaa isaaniitii fi waaʼee namicha duʼe kan Yesuus jedhamu isa Phaawulos immoo, ‘Inni jiraataa dha’ jedhee falmuu tokkoo irratti wal dhaban. \v 20 Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe. \v 21 Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.” \p \v 22 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Ani mataan koo namicha kana dhagaʼuu nan barbaada” jedhe. \p Inni immoo deebisee, “Bori isa dhageessa” jedheen. \s1 Phaawulos Fuula Agriiphaa Duratti \r 26:12‑18 kwf – \xt Hoj 9:3‑8; 22:6‑11\xt* \p \v 23 Guyyaa itti aanuttis Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaan dhufanii Ajajjuuwwan kumaatii fi gurguddoota magaalaa wajjin galma wal gaʼii seenan. Fesxoos ajajnaan Phaawulosin ol galchan. \v 24 Fesxoosis akkana jedhe; “Yaa Agriiphaa mooticha, warri nu wajjin as jirtan hundinuus isin namicha kana ni argitu! Hawaasni Yihuudootaa guutummaatti, ‘Namichi kun siʼachi jiraachuu hin qabu’ jedhanii waaʼee isaa Yerusaalemittii fi as Qiisaariyaatti iyyanii na kadhatan. \v 25 Ani waan duʼaan isa gaʼu kan inni hojjete tokko illee hin argine; ani garuu sababii inni Awugisxoositti ol iyyateef gara Roomaatti isa erguu nan murteesse. \v 26 Ani waaʼee namicha kanaa waan ifatti baʼe kan gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin qabu; kanaafuu ani erga isa qorannee booddee akka waan barreessu argadhuuf jedhee fuula hunda keessanii duratti, keessumattuu yaa Agriiphaa mooticha, fuula kee duratti isa dhiʼeesseera. \v 27 Ani nama hidhame tokko utuu waan inni ittiin himatame ifatti hin baasin ol dabarsuu qajeela hin seʼuutii.” \c 26 \p \v 1 Agriiphaan Phaawulosiin, “Akka ati ofii keetiif dubbattu siif eeyyamameera” jedhe. \p Phaawulosis harkaan mallattoo kennee akkana jedhee falmachuu jalqabe; \v 2 “Yaa Agriiphaa Mooticha, ani sababii waan Yihuudoonni ittiin na himatan hunda falmachuudhaaf jedhee harʼa fuula kee dura dhaabadhuuf akka ayyaantuu tokkoottin of ilaala. \v 3 Kunis waan ati duudhaa fi wal mormii Yihuudootaa hunda keessa beektuufii dha. Kanaafuu ani akka ati obsaan na dhaggeeffattu sin kadhadha. \p \v 4 “Ani ijoollummaa kootii jalqabee saba koo keessatti, Yerusaalem keessattis akkamitti akka jiraachaa ture Yihuudoonni hundinuu ni beeku. \v 5 Akka ani akka Fariisicha tokkootti akkuma sirna garee akka malee amantaa keenyatti cichu sanaatti jiraadhe isaanuu bara dheeraa waan na beekaniif, yoo fedhii qabaatan dhugaa baʼuu ni dandaʼu. \v 6 Ammas ani waadaa Waaqni abbootii keenyaaf gale sana waan abdadhuuf qoratamuuf dhiʼaadheen as jira. \v 7 Waadaan kun isuma gosoonni keenya kudha lamaan halkanii guyyaa Waaqa tajaajiluutti jabaatanii raawwatamuu isaa arguu hawwan sanaa dha. Yaa Agriiphaa Mooticha, Yihuudoonnis sababuma abdii kanaatiif na himachaa jiru. \v 8 Akka Waaqni warra duʼan duʼaa kaasu isin maaliif akka waan hin amanamne tokkootti herregdu? \p \v 9 “Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture. \v 10 Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture. \v 11 Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture. \p \v 12 “Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu, \v 13 yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge. \v 14 Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin \wj ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’\wj* naan jedhu tokkon dhagaʼe. \p \v 15 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe. \p “Gooftaanis deebisee akkana jedhe; \wj ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha.\wj* \v 16 \wj Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera.\wj* \v 17 \wj Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa.\wj* \v 18 \wj Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’\wj* \p \v 19 “Kanaafuu yaa Agriiphaa Mooticha, ani mulʼata samii irraa dhufe sanaaf ajajamuu hin didne. \v 20 Anis akka isaan qalbii jijjiirratanii gara Waaqaatti deebiʼaniif, qalbii jijjiirrachuu isaaniis akka hojiidhaan mirkaneessaniif jalqabatti warra Damaasqootti, warra Yerusaalemiitti, warra Yihuudaa guutuutti akkasumas Namoota Ormaatti lallabeera. \v 21 Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma. \v 22 Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu. \v 23 Kunis akka Kiristoos\f + \fr 26:23 \fr*\ft yookaan \ft*\fqa Masiihichi\fqa*\f* dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha.” \p \v 24 Utuma Phaawulos akkasitti falmachaa jiruu Fesxoos sagalee guddaan, “Phaawulos, ati maraatteerta! Barumsi kee guddaan sun si maraachisaa jira” jedheen. \p \v 25 Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas. \v 26 Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana. \v 27 Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.” \p \v 28 Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe. \p \v 29 Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe. \p \v 30 Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan. \v 31 Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan. \p \v 32 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe. \c 27 \s1 Phaawulos Roomaa Dhaquu Isaa \p \v 1 Yommuu dooniin Iixaaliyaa dhaquun keenya murteeffametti, Phaawulosii fi warri hidhaman biraa ajajaa dhibbaa kan Yuuliyoos jedhamu tokkotti dabarfamanii kennaman; innis miseensa kutaa waraanaa “Awugisxoos” jedhamu tokkoo ture. \v 2 Nus doonii Adraamiixoosii kaʼee gara buufatawwan doonii kanneen qarqara galaana biyya Asiyaa dhaquuf kaʼe tokko yaabbannee deemuu jalqabne. Arisxirokoos namichi Maqedooniyaa kan Tasaloniiqee jiraatu tokkos nu wajjin ture. \p \v 3 Guyyaa itti aanutti Siidoonaatti galle; Yuuliyoosis Phaawulosiif garaa laafee akka inni michoota isaa bira dhaqee waan isa barbaachisu argatu eeyyameef. \v 4 Nus dooniin achii kaanee waan bubbeen fuula keenya duraan nutti bubbisaa tureef Qophiroosiin daʼannee dabarre. \v 5 Erga galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa irra dooniin darbinee booddee magaalaa Miiraa kan Luuqiiyaa keessatti argamtu geenye. \v 6 Ajajaan dhibbaa sunis doonii Iskindiriyaa kan Iixaaliyaa dhaquutti jiru tokko achitti argatee nu yaabbachiise. \v 7 Nus guyyaa hedduu suuta jennee dooniin deemnee rakkinaan naannoo Kiniidoos geenye; yommuu bubbeen karaa sana irra darbuu nu dhowwettis Salmoonee biraan gara daʼoo Qareexitti qajeelle. \v 8 Rakkina guddaadhaanis qarqara galaanichaa irra darbinee iddoo “Buufata doonii gaarii” jedhamu kan magaalaa Laasiyaa biraa tokkotti baane. \p \v 9 Yeroon dheeraan badeera; sababii yeroon sun erga Soomni darbee taʼeef dooniidhaan karaa deemuun sodaachisaa taʼeera; kanaafuu Phaawulos akkana jedhee isaan akeekkachiise; \v 10 “Yaa jarana, ani akka karaan keenya kun badiisa of keessaa qabu, akka inni doonichattii fi miʼa qofatti utuu hin taʼin jireenya keenyatti illee balaa guddaa fiduuf deemu nan arga.” \v 11 Ajajaan dhibbaa sun garuu qooda waan Phaawulos jedhe dhagaʼu gorsa ooftuu dooniitii fi gorsa abbaa doonii fudhate. \v 12 Sababii buufanni doonii sun ganna achi turuuf mijaaʼaa hin taʼiniif baayʼeen isaanii Finiiqeetti galanii ganna achitti dabarsuu abdatanii akka nu ittuma fufnee dooniin deemnu murteessan. Buufanni Qareexi kun fuulli isaa gara kibba dhiʼaattii fi gara kaaba dhiʼaatti deebiʼee ture. \s1 Bubbee Galaana Irraa \p \v 13 Yeroo bubbeen kibbaa suuta bubbisuu jalqabetti waan kaayyoo isaanii guutachuu dandaʼan seʼanii hiituu doonii hiikanii Qareexi biraan qarqara galaana irra darban. \v 14 Utuu hin turinis bubbeen hamaan, “Awuraaqiis” jedhamu tokko biyya bishaaniin marfamte sana irraa gad bubbise. \v 15 Dooniin sunis bubbeedhaan qabamee gara bubbee sanaatti deemuu dadhabe; kanaafuu akka inni bubbeen fudhatamuuf ittuma dhiifne. \v 16 Nus biyya bishaaniin marfamte xinnoo Qeedaa jedhamtu tokkoon daʼannee rakkina guddaadhaan bidiruu doonichaa oolchuu dandeenye. \v 17 Namoonni sunis bidiruu sana dooniitti ol baasanii akka dooniin sun gargar hin diigamneef funyoon xaxanii walitti hidhan. Isaanis tima cirracha Sirtiisitti buʼuu sodaatanii hiituu doonii galaanatti gad buusanii akka dooniin sun bubbeen oofamtuuf ittuma dhiisan. \v 18 Waan bubbeen sun akka malee nutti jabaachaa deemeef isaan guyyaa itti aanutti doonii sana irraa feʼiisa guuranii bishaanitti dadarbachuu jalqaban. \v 19 Guyyaa sadaffaatti immoo miʼa doonii sanaa harkuma ofii isaaniitiin dadarbatan. \v 20 Nu waan utuu aduu yookaan urjii hin argin guyyaa hedduu turree fi waan bubbeen nutti jabaateef dhuma irratti abdii badiisa ooluuf qabnu hunda ni kutanne. \p \v 21 Phaawulosis erga namoonni sun agabuu isaanii yeroo dheeraa turanii booddee gidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe; “Yaa jarana, isin utuu gorsa koo dhageessanii Qareexii kaʼuu hin qabdan ture; silaa balaa fi badiisa kana hundumaa irraa of oolchitu turtan. \v 22 Amma garuu ani akka isin jabaattan isinan gorsa; doonicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin baduutii. \v 23 Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee, \v 24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe. \v 25 Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Waaqa nan amanaatii. \v 26 Taʼus biyya bishaaniin marfamte tokkotti buʼuun keenya hin oolu.” \s1 Dooniin Caccabuu Isaa \p \v 27 Halkan kudha afuraffaatti utuu galaana Adiriyaa irra asii fi achi oofamaa jirruu gara halkan walakkaatti warri doonii irra hojjetan sun waan gara lafaatti dhiʼaatan seʼan. \v 28 Isaan funyoo ittiin gad fageenya galaanaa ilaalan gad buusanii akka galaanni sun meetira soddomii torba gad fagaatu argan; yeroo gabaabaa booddee ammas funyoo sana gad buusanii akka gad fageenyi galaanichaa meetira digdamii saddeet taʼe argan. \v 29 Isaanis kattaatti buuna jedhanii sodaatanii hiituu doonii afur dugda duubaan doonii irraa gad buusan. Akka lafti bariituufis kadhatan. \v 30 Warri doonii irra hojjetanis bidiruu keessaa baqachuuf jedhanii waan fuula doonii duraan hiituu doonii buusan fakkaatanii bidiruu sana galaana keessa buusan. \v 31 Phaawulos immoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, “Yoo namoonni kunneen doonii keessatti hafan malee isin badii ooluu hin dandeessan” jedhe. \v 32 Kanaafuu loltoonni sun funyoo bidirichi ittiin hidhamee ture sana irraa kutanii galaanatti gad ishee dhiisan. \p \v 33 Gara barii lafaattis Phaawulos akka namoonni hundinuu waa nyaataniif isaan kadhate; akkanas jedheen; “Isin bultii kudha afran darban yaaddaʼaa, utuu waa tokko illee hin nyaatin agabuu keessan ooltanii bultaniirtu. \v 34 Kanaaf ani akka isin waa nyaattaniif isin kadhadha. Nyaanni jiraachuuf isin barbaachisaatii. Isin keessaa nama kam iyyuu rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu hin baduutii.” \v 35 Innis erga waan kana dubbatee booddee buddeena fuudhee hunduma isaanii duratti Waaqa galateeffate; kutatees nyaachuu jalqabe. \v 36 Isaan hundinuu jajjabaatanii ofumaan waa nyaatan. \v 37 Walumatti nu nama 276 taanee doonii sana keessa ture. \v 38 Isaanis erga nyaatanii quufanii booddee qamadii feʼamee ture sana galaanatti naqanii akka dooniin salphatu godhan. \p \v 39 Isaanis yommuu lafti bariitetti galoo galaanaa kan kuufama cirrachaa qabu tokko argan malee biyyi fuula isaanii dura jiru sun eessa akka taʼe hin hubanne; doonii sanas yoo isaanii dandaʼame dhiibanii qarqara galaanaatti baasuu murteessan. \v 40 Kanaafuu funyoo hiituu doonii kutanii galaana keessatti gad dhiisan; yeruma sana funyoo batoon ittiin hidhame sana hiikan; ergasiis sharaa karaa fuula doonii duraan jiru sana qilleensatti ol fuudhanii gara kuufama cirrachaatti qajeelan. \v 41 Garuu dooniin sun iddoo itti galaanni lama wal gaʼutti tima cirrachaatti buʼee lafa tuqe. Mataan isaa achitti qabamee sochoʼuu dide; dudga duubni isaa immoo humna dhaʼaa galaanaatiin dhaʼamee caccabe. \p \v 42 Loltoonnis akka warra hidhaman sana keessaa namni tokko iyyuu bishaan daakee baqatee jalaa hin baaneef isaan ajjeesuuf karoorfatan. \v 43 Garuu ajajaan dhibbaa sun waan Phaawulosin duʼa oolchuu fedheef akka isaan waan karoorfatan sana hin goone dhowwe; innis akka warri bishaan daakuu dandaʼan duraan dursanii doonii irraa utaalanii gara lafaatti baʼan ajaje. \v 44 Akka warri hafan immoo saanqaa yookaan caccabaa dooniitiin achi gaʼan ajaje; haala kanaan hundi isaanii nagaan lafatti baʼan. \c 28 \s1 Phaawulos Malaaxiyaa Gaʼuu Isaa \p \v 1 Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne. \v 2 Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan. \v 3 Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde. \v 4 Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan. \v 5 Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe. \v 6 Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan. \p \v 7 Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise. \v 8 Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise. \v 9 Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan. \v 10 Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan. \s1 Phaawulos Roomaa Gaʼe \p \v 11 Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture. \v 12 Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre. \v 13 Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye. \v 14 Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle. \v 15 Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate. \v 16 Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef. \s1 Phaawulos Eegumsa Jalatti Roomaatti Lallabuu Isaa \p \v 17 Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera. \v 18 Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan. \v 19 Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame. \v 20 Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.” \p \v 21 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne. \v 22 Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.” \p \v 23 Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture. \v 24 Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan. \v 25 Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe: \q1 \v 26 “ ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; \q1 “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; \q2 ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.” \q1 \v 27 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; \q2 gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; \q2 ija isaaniis dunuunfataniiru; \q1 utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, \q2 gurra isaaniitiin dhagaʼanii, \q2 qalbii isaaniitiinis hubatanii, \q1 ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’\f + \fr 28:27 \fr*\ft \+xt Isa 6:9,10\+xt*\ft*\f* \p \v 28 “Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [ \v 29 Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]\f + \fr 28:29 \fr*\ft Hiikkaawwan durii tokko tokko luqqisaa kana hin qaban.\ft*\f* \p \v 30 Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture. \v 31 Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.