\id 2TI - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Xiimotewos \toc1 Xiimotewos Lammaffaa \toc2 2 Xiimotewos \toc3 2Xm \mt1 Xiimotewos \mt2 Lammaffaa \c 1 \po \v 1 Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Kiristoos Yesuusiin galame sanaatti fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, \po \v 2 Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti: \po Abbaa keenya Waaqaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu. \s1 Galateeffachuu \p \v 3 Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha. \v 4 Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa. \v 5 Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana. \s1 Akka Phaawulosii fi Wangeelaaf Of Kennaniif Sossobachuu \p \v 6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Waaqaa kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa. \v 7 Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii. \v 8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu; \v 9 Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; \v 10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera. \v 11 Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera. \v 12 Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana. \p \v 13 Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu. \v 14 Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi. \s1 Fakkeenya Of Kennuu Dhabuu fi Of Kennuu \p \v 15 Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru. \p \v 16 Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii. \v 17 Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture. \v 18 Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta. \c 2 \s1 Sossobachuun Haaromfame \p \v 1 Kanaafuu yaa ilma ko, ayyaana Kiristoos Yesuusiin jabaadhu. \v 2 Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni. \v 3 Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu. \v 4 Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu. \v 5 Akkasumas dorgomaan tokko yoo akka malutti dorgome malee gonfoo hin argatu. \v 6 Qonnaan bulaan jabaatee hojjetus ija qooddachuutti nama jalqabaa taʼuu qaba. \v 7 Waan ani sitti himu kana qalbeeffadhu; Gooftaan waan hunda keessatti hubannaa siif kennaatii. \p \v 8 Yesuus Kiristoos isa warra duʼan keessaa kaafame, isa sanyii Daawit irraa dhalate yaadadhu. Kun wangeela koo \v 9 kan ani isaaf jedhee akka nama yakka hojjete tokkootti hamma foncaan hidhamuutti dhiphachaafii jiruu dha. Dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu. \v 10 Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa. \p \v 11 Dubbichi amanamaan akkana jedha: \q1 Nu isa wajjin yoo duune, \q2 isa wajjin ni jiraanna; \q1 \v 12 nu yoo obsine, \q2 isa wajjin ni moona. \q1 Nu yoo isa ganne, \q2 innis nu gana. \q1 \v 13 Nu yoo amanamoo taʼuu baanne, \q2 inni amanamaa taʼee jiraata; \q2 inni of ganuu hin dandaʼuutii. \s1 Waaʼee Barsiistota Sobduu \p \v 14 Wantoota kanneen isaan yaadachiisi; waaʼee jechootaatiinis akka wal hin lolleef fuula Waaqaa duratti isaan akeekkachiisi; wanni akkasii warra dhagaʼan ni diiga malee waa tokko illee hin fayyaduutii. \v 15 Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu. \v 16 Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii. \v 17 Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii\f + \fr 2:17 \fr*\ft Dhukkuba madaan isaa hin fayyine.\ft*\f* babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu; \v 18 isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu. \v 19 Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,”\f + \fr 2:19 \fr*\ft \+xt Lak 16:5\+xt*\ft*\f* akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera. \p \v 20 Mana guddaa tokko keessa miʼa warqeetii fi meetii qofa utuu hin taʼin, miʼi mukaatii fi suphees jira; kana keessaas tokko tokko ulfinaaf, kaan immoo salphinaaf oola. \v 21 Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa. \p \v 22 Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi. \v 23 Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii. \v 24 Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. \v 25 Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba; \v 26 akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu. \c 3 \s1 Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu \p \v 1 Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. \v 2 Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, \v 3 warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, \v 4 gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; \v 5 warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu. \p \v 6 Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha; \v 7 dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan. \v 8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu. \v 9 Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman. \s1 Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa \p \v 10 Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta; \v 11 ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase. \v 12 Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama; \v 13 namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu. \v 14 Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; \v 15 akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. \v 16 Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; \v 17 kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf. \c 4 \s1 Dubbicha Akka Lallabu Ajajuu Isaa \p \v 1 Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa. \v 2 Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. \v 3 Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. \v 4 Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu. \v 5 Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi. \p \v 6 Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera. \v 7 Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera. \v 8 Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti. \s1 Yaadachiisa Dhumaa \p \v 9 Dafii gara koo kottu; \v 10 Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru. \v 11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu. \v 12 Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera. \v 13 Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi. \p \v 14 Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf. \v 15 Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda. \p \v 16 Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha. \v 17 Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame. \v 18 Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 19 Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi. \b \p \v 20 Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise. \v 21 Gannaan dura dafii kottu. \b \p Ewugiloos nagaa siif dhaama; Phuudeniis, Liinoos, Qilaawudiyaa fi obboloonni hundinuus akkasuma nagaa siif dhaamu. \b \p \v 22 Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.