\id 2TH - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Tasaloniiqee \toc1 Tasaloniiqee Lammaffaa \toc2 2 Tasaloniiqee \toc3 2Ts \mt1 Tasaloniiqee \mt2 Lammaffaa \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa, \po Gara Waldaa Kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Abbaa keenya Waaqaatii fi kan Gooftaa Yesuus Kiristoos taateetti: \po \v 2 Ayyaannii fi nagaan Waaqa Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos irraa isiniif haa taʼu. \s1 Galataa fi Kadhannaa \p \v 3 Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Waaqa galateeffachuu qabna. \v 4 Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna. \p \v 5 Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu. \v 6 Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa; \v 7 isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. \v 8 Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba. \v 9 Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; \v 10 kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu. \p \v 11 Nus waan kana yaadatti qabachaa, akka Waaqni keenya warra waamicha isaatiif malan isin godhuuf, humna isaatiinis kaayyoo keessan gaarii hundaa fi akka hojii amantii keessanii hunda fiixaan isinii baasuuf utuu gargar hin kutin isinii kadhanna. \v 12 Nus akkuma ayyaana Waaqa keenyaattii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiitti akka maqaan Gooftaa keenya Yesuus isiniin kabajamuu fi akka isinis isaan kabajamtaniif waan kana kadhanna. \c 2 \s1 Nama Fincilaa \p \v 1 Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana; \v 2 kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef. \v 3 Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. \v 4 Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa. \p \v 5 Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii? \v 6 Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu. \v 7 Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa. \v 8 Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa. \v 9 Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa; \v 10 innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu. \v 11 Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga; \v 12 kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf. \s1 Jabaadhaatii Dhaabadhaa \p \v 13 Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna. \v 14 Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti hirmaattaniif karaa wangeela keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame. \p \v 15 Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa. \p \v 16 Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun, \v 17 hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus. \c 3 \s1 Nuuf Kadhadhaa \p \v 1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa. \v 2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii. \v 3 Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega. \v 4 Nu akka isin waan nu isin ajajne sana hojjechaa jirtan, akka ittuma fuftaniis hojjetan Gooftaa ni amananna. \v 5 Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu. \s1 Dirqama Hojii Hojjechuu \p \v 6 Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna. \v 7 Isin mataan keessan akkamitti akka fakkeenya keenya duukaa buʼuu qabdan ni beektuutii. Nu yeroo isin bira turretti dhibaaʼota hin turre; \v 8 nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne. \v 9 Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti. \v 10 Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii. \p \v 11 Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan. \v 12 Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas. \v 13 Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa. \p \v 14 Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa. \v 15 Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 16 Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu. \b \p \v 17 Ani Phaawulos xalayaa kana harkuma kootiin barreessa; kunis mallattoo xalayoota koo hundaa ti. Akki ani itti barreessus kanuma. \b \p \v 18 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.