\id 2SA - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Saamuʼeel \toc1 Kitaaba Saamuʼeel Lammaffaa \toc2 2 Saamuʼeel \toc3 2Sm \mt2 Kitaaba \mt1 Saamuʼeel \mt3 Lammaffaa \c 1 \s1 Daawit Akka Saaʼol Duʼe Dhagaʼe \r 1:4‑12 kwf – \xt 1Sm 31:1‑13; 1Sn 10:1‑12\xt* \p \v 1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture. \v 2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame. \p \v 3 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. \p Namichi immoo, “Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe” jedhe. \p \v 4 Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate. \p Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen. \p \v 5 Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe. \p \v 6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan. \v 7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe. \p \v 8 “Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. \p “Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise. \p \v 9 “Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe. \p \v 10 “Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.” \p \v 11 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan. \v 12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota \nd Waaqayyootii\nd* fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii. \p \v 13 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate. \p Innis, “Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti” jedhee deebise. \p \v 14 Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa \nd Waaqayyoo\nd* tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate. \p \v 15 Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe. \v 16 Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama \nd Waaqayyo\nd* isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen. \s1 Faaruu Daawit Saaʼolii fi Yoonaataaniif Faarse \p \v 17 Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe; \v 18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis: \q1 \v 19 “Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera. \q2 Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan! \b \q1 \v 20 “Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; \q2 daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa; \q1 yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu; \q2 intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu. \b \q1 \v 21 “Yaa tulluuwwan Gilboʼaa, \q2 fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin; \q2 yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu \q2 biqilchu isin keessatti hin argamin. \q1 Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii; \q2 gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu. \b \q1 \v 22 “Dhiiga namoota dhumanii keessaa, \q2 foon namoota jajjaboo irraa, \q1 iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine; \q2 goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine. \q1 \v 23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti, \q2 jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan; \q2 isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane. \q1 Isaan risaa caalaa ariifatu, \q2 leenca caalaas jabaatu turan. \b \q1 \v 24 “Yaa intallan Israaʼel, \q2 Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, \q1 kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, \q2 sanaaf booʼaa. \b \q1 \v 25 “Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu! \q2 Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera. \q1 \v 26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera; \q2 ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte. \q1 Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture; \q2 jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture. \b \q1 \v 27 “Namoonni jajjaboon akkamitti kufan! \q2 Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!” \c 2 \s1 Daawit Dibamee Mootii Yihuudaa Taʼe \p \v 1 Kana booddee Daawit, “Magaalaawwan Yihuudaa keessaa gara isa tokkootti ol baʼuu?” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Baʼi” jedheen. \p Daawit immoo, “Gara isa kamiittin ol baʼa?” jedhee gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Gara Kebroonitti” jedhee deebiseef. \p \v 2 Kanaafuu Daawit niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittii sanaa fi Abiigayiil kan Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe wajjin ol baʼe. \v 3 Daawit namoota isa wajjin turan tokkoo tokkoo isaanii maatii isaanii wajjin fudhate; isaanis magaalaawwan Kebroon keessa qubatan. \v 4 Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawitin mootii godhanii diban. \p Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin awwaalan Daawititti himametti, \v 5 inni akkana jedhee gara namoota Yaabeesh Giliʼaaditti ergamoota erge; “Sababii isin isa awwaaluudhaan Saaʼol gooftaa keessaniif arjummaa akkasii gootaniif \nd Waaqayyo\nd* isin haa eebbisu. \v 6 Ammas \nd Waaqayyo\nd* jaalala isaa kan hin geeddaramnee fi amanamummaa isaa isiniif haa kennu; ani waan isin akkas gootaniif akkasuma waan gaarii isiniif nan godha. \v 7 Egaa amma jabaadhaa; cimaa; Saaʼol gooftaan keessan duʼeeraatii; namoonni Yihuudaa immoo mootii godhatanii of irratti na dibaniiru.” \s1 Waraana Mana Daawitii fi Mana Saaʼol Gidduu Ture \r 3:2‑5 kwf – \xt 1Sn 3:1‑4\xt* \p \v 8 Yeroo sanatti Abneer ilmi Neer ajajaan waraanaa Saaʼol Iish-Booshet ilma Saaʼol fuudhee gara Mahanayiimitti dabarse. \v 9 Innis Giliʼaad, Ashuur, Yizriʼeel, Efreemii fi Beniyaam, akkasumas guutummaa Israaʼel irratti isa moosise. \p \v 10 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yeroo Israaʼel irratti mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtama ture; innis waggaa lama moʼe. Taʼus manni Yihuudaa Daawit duukaa buʼe. \v 11 Daawitis Kebroonitti mana Yihuudaa irratti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa mootii taʼe. \p \v 12 Abneer ilmi Neer namoota Iish-Booshet ilma Saaʼol sana wajjin Mahanayiimii kaʼanii gara Gibeʼoon dhaqan. \v 13 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa fi namoonni Daawit isaan simachuuf baʼanii haroo Gibeʼoon biratti itti dhufan. Gareen tokko gama tokkoon, gareen kaan immoo gama kaaniin haroo sana bira tataaʼan. \p \v 14 Abneeris Yooʼaabiin, “Mee dargaggoonni kaʼanii fuula keenya duratti wal haa tuman” jedhe. \p Yooʼaabis, “Haa taʼu; wal haa tuman” jedhe. \p \v 15 Kanaafuu Beniyaam irraa namoonni kudha lama Iish-Booshet ilma Saaʼoliif, namoonni kudha lama immoo kaʼanii Daawitiif lakkaaʼaman. \v 16 Tokkoon tokkoon namaas mormituu isaa mataa qabee cinaacha isaatti goraadee diree wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu iddoon sun Gibeʼoon keessatti lafa goraadee jedhamee waamame. \p \v 17 Lolli gaafa sanaa akka malee jabaa ture; Abneerii fi namoonni Israaʼelis namoota Daawitiin moʼataman. \p \v 18 Ilmaan Zeruuyaa sadan jechuunis Yooʼaab, Abiishaayii fi Asaaheel achi turan. Asaaheel akkuma kuruphee bosonaa fiigichatti nama jabaa ture. \v 19 Innis utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorin faana buʼee Abneerin ariʼe. \v 20 Abneeris of irra garagalee, “Ati Asaaheelii?” jedhee gaafate. \p Innis, “Eeyyee anuma” jedhee deebise. \p \v 21 Ergasiis Abneer, “Gara mirgaatti yookaan bitaatti garagaliitii dargaggeessa tokko qabii miʼa lolaa isaa irraa fudhadhu” jedheen. Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne. \p \v 22 Abneer ammas Asaaheelin, “Na hin ariʼin! Ani maaliifan si galaafadha? Ani akkamittin fuula koo ol fudhadhee obboleessa kee Yooʼaabin ilaala?” jedhe. \p \v 23 Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne; kanaafuu Abneer qara eeboo isaatiin garaa isaa waraane; eeboon sunis keessa fullaʼee dugda isaatiin baʼe. Asaaheelis achitti kufee yommuu suma duʼe. Namni hundis iddoo Asaaheel itti kufee duʼe sana gaʼee dhaabata ture. \p \v 24 Yooʼaabii fi Abiishaayi garuu Abneerin ariʼan; isaanis yeroo aduun dhiʼetti gaara Amaa kan karaa gammoojjii Gibeʼoonitti geessu irra Giiyaatti garagalee argamu sana gaʼan. \v 25 Namoonni Beniyaamis Abneer biratti walitti qabaman. Isaanis gareedhaan walgurmeessanii gaara Amaa gubbaatti hiriiran. \p \v 26 Abneeris iyyee Yooʼaabin waamee, “Goraadeen kun bara baraan waa galaafachuu qabaa? Akka dhumni waan kanaa hadhaaʼaa taʼe ati wallaalteetii? Ati hamma yoomiitti akka namoonni kee obboloota isaanii ariʼuu dhiisan itti hin himtu?” jedhe. \p \v 27 Yooʼaab immoo deebisee, “Dhugaa Waaqa jiraataa, utuu ati waan kana jechuu baattee silaa namoonni hamma lafti bariʼutti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan ture” jedhe. \p \v 28 Kanaafuu Yooʼaab malakata afuufe; namoonni hundis Israaʼeloota ariʼuu dhiisan; lammatas waraanni isaan gidduutti hin kaane. \p \v 29 Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabbaa keessa yaaʼanii darban. Isaanis Laga Yordaanos ceʼanii guutummaa Biitroon keessa darbanii gara Mahanayiim dhufan. \p \v 30 Ergasiis Yooʼaab Abneerin ariʼuu dhiisee namoota isaa hunda walitti qabe. Yeroo sanattis akka namoota Daawit keessaa Asaaheelin malee namoonni kudha sagal badan beekame. \v 31 Namoonni Daawit garuu namoota Beniyaam keessaa warra Abneer wajjin turan dhibba sadii fi jaatama ajjeesan. \v 32 Isaanis reeffa Asaaheel fudhatanii Beetlihemitti iddoo awwaala abbaa isaatti awwaalan. Yooʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii barii obboroo Kebroon gaʼan. \c 3 \p \v 1 Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme. \b \lh \v 2 Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis: \b \li1 Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha; \li1 \v 3 inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha; \li1 sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha; \li1 \v 4 afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; \li1 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; \li1 \v 5 jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha. \b \lf Isaan kunneen Kebroonitti Daawitiif dhalatan. \s1 Abneer Garee Daawit Taʼe \p \v 6 Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture. \v 7 Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe. \p \v 8 Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta! \v 9 Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe \nd Waaqayyo\nd* Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu; \v 10 wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.” \v 11 Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye. \p \v 12 Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge. \p \v 13 Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe. \v 14 Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge. \p \v 15 Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate. \v 16 Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe. \p \v 17 Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan. \v 18 \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!” \p \v 19 Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime. \v 20 Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse. \v 21 Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme. \s1 Yooʼaab Abneerin Ajjeese \p \v 22 Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii. \v 23 Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame. \p \v 24 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera! \v 25 Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.” \p \v 26 Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne. \v 27 Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe. \p \v 28 Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qulqulluu dha. \v 29 Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.” \p \v 30 Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan. \p \v 31 Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse. \v 32 Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan. \p \v 33 Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse: \q1 “Abneer akka duʼa nama yaraa tokkootti duʼuu qabaa? \q2 \v 34 Harki kee hin hidhamne; \q2 miilli kee foncaadhaan hin gaadiʼamne. \q1 Ati akkuma nama fuula hamootaa duratti kufu tokkootti kufte.” \p Namoonni hundinuu amma illee ni booʼaniif. \p \v 35 Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate. \p \v 36 Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise. \v 37 Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan. \p \v 38 Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee? \v 39 Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. \nd Waaqayyo\nd* nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!” \c 4 \s1 Iish-Booshet Ajjeefame \p \v 1 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame. \v 2 Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama; \v 3 namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii. \p \v 4 Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture. \p \v 5 Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture. \v 6 Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan. \p \v 7 Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan. \v 8 Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa \nd Waaqayyo\nd* Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin. \p \v 9 Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa, \v 10 kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha! \v 11 Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?” \p \v 12 Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan. \c 5 \s1 Daawit Israaʼel Irratti Mootii Taʼe \r 5:1‑3 kwf – \xt 1Sn 11:1‑3\xt* \p \v 1 Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti. \v 2 Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. \nd Waaqayyos\nd*, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.” \p \v 3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawitin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan. \p \v 4 Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche. \v 5 Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe. \s1 Daawit Yerusaalem Qabachuu Isaa \r 5:6‑10 kwf – \xt 1Sn 11:4‑9\xt* \r 5:11‑16 kwf – \xt 1Sn 3:5‑9; 14:1‑7\xt* \p \v 6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan. \v 7 Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate. \p \v 8 Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “ ‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma. \p \v 9 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare. \v 10 Innis sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe. \p \v 11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran. \v 12 Daawitis akka \nd Waaqayyo\nd* saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke. \p \v 13 Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif. \v 14 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, \v 15 Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa, \v 16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu. \s1 Daawit Filisxeemota Moʼachuu Isaa \r 5:17‑25 kwf – \xt 1Sn 14:8‑17\xt* \p \v 17 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe. \v 18 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; \v 19 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef. \p \v 20 Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana \nd Waaqayyo\nd* fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame. \v 21 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawitii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman. \p \v 22 Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; \v 23 kanaafuu Daawit \nd Waaqayyoon\nd* gaafate; Waaqayyos akkana jedheen; “Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani. \v 24 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; \nd Waaqayyo\nd* loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.” \v 25 Kanaafuu Daawit akkuma \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe. \c 6 \s1 Taabonni Gara Yerusaalemitti Fidamuu Isaa \r 6:1‑11 kwf – \xt 1Sn 13:1‑14\xt* \r 6:12‑19 kwf – \xt 1Sn 15:25–16:3\xt* \p \v 1 Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate. \v 2 Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan. \v 3 Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan; \v 4 taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture. \v 5 Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gammadanii shuubbisaa turan. \p \v 6 Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe. \v 7 Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe. \p \v 8 Daawitis sababii \nd Waaqayyo\nd* akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama. \p \v 9 Daawitis gaafa sana \nd Waaqayyoon\nd* sodaatee, “Taabonni \nd Waaqayyoo\nd* akkamitti gara koo dhufa?” jedhe. \v 10 Innis akka taabonni \nd Waaqayyoo\nd* isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. \v 11 Taabonni \nd Waaqayyoos\nd* jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; \nd Waaqayyos\nd* isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise. \p \v 12 Yeroo kanatti, “\nd Waaqayyo\nd* sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide. \v 13 Innis akkuma namoonni taabota \nd Waaqayyoo\nd* baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse. \v 14 Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture; \v 15 innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota \nd Waaqayyoo\nd* fidan. \p \v 16 Yeroo taabonni \nd Waaqayyoo\nd* Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte. \p \v 17 Isaanis taabota \nd Waaqayyoo\nd* fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeesse. \v 18 Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise. \v 19 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman. \p \v 20 Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette. \p \v 21 Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula \nd Waaqayyo\nd* isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba \nd Waaqayyoo\nd*, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti nan shuubbisa. \v 22 Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.” \p \v 23 Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute. \c 7 \s1 Abdii Waaqayyo Daawitiif Kenne \r 7:1‑17 kwf – \xt 1Sn 17:1‑15\xt* \p \v 1 Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee \nd Waaqayyo\nd* diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee, \v 2 Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe. \p \v 3 Naataan immoo mootichaan, “\nd Waaqayyo\nd* si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe. \p \v 4 Halkan sana garuu dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Naataan dhufe: \pm \v 5 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii? \v 6 Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture. \v 7 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’ \pm \v 8 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘\nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. \v 9 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha. \v 10 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; \v 11 isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa. \pm “ ‘Akka \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa mana siif ijaaru \nd Waaqayyo\nd* sittin hima; \v 12 yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. \v 13 Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. \v 14 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa. \v 15 Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu. \v 16 Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ” \p \v 17 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime. \s1 Daawit Waaqa Kadhachuu Isaa \r 7:18‑29 kwf – \xt 1Sn 17:16‑27\xt* \p \v 18 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura taaʼee akkana jedhe: \pm “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali? \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa? \pm \v 20 “Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii. \v 21 Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote. \pm \v 22 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru. \v 23 Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha? \v 24 Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa \nd Waaqayyo\nd* ati Waaqa isaanii taateerta. \pm \v 25 “Ammas yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu; \v 26 kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘\nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata. \pm \v 27 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera. \v 28 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta. \v 29 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.” \c 8 \s1 Moʼannoowwan Daawit \r 8:1‑14 kwf – \xt 1Sn 18:1‑13\xt* \p \v 1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; magaalaa Meeteeg Amaa jedhamtus harka Filisxeemotaatii baasee fudhate. \p \v 2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate. Lafa irra tarree ciibsees funyoon isaan safare. Kanneen tarree galan keessaas funyoo lama lama safaree ajjeese; kanneen funyoo tokko tokko safare immoo akka isaan jiraatan eeyyameef. Kanaafuu Moʼaabonni Daawit jalatti bulanii gibira fidaniif. \p \v 3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii deebisee dhaabbachuu dhaqetti mooticha Zoobaa, Hadaadezer ilma Rehoob moʼate. \v 4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute. \p \v 5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe. \v 6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. \nd Waaqayyos\nd* Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne. \p \v 7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide. \v 8 Daawit Mootichi magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Bexaatii fi Beerootaay keessaa sibiila naasii akka malee baayʼee fudhate. \p \v 9 Tooʼiin mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer moʼate dhagaʼetti, \v 10 akka inni sababii moʼannaa Daawit Mootichi Tooʼiin wal lolaa ture sun waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii isaa Yooraamin gara isaatti erge. Yooraamis kennaawwan meetii irraa, warqee fi naasii irraa hojjetaman fide. \p \v 11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee \nd Waaqayyoof\nd* addaan baase. \v 12 Warri inni of jala galfates Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq turan. Boojuu Hadaadezer ilma Rehoob mooticha Zoobaa irraa boojiʼes akkasuma addaan baase. \p \v 13 Daawitis erga Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixee deebiʼee booddee beekamaa taʼe. \p \v 14 Innis guutummaa Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. \nd Waaqayyos\nd* lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne. \s1 Qondaaltota Daawit \r 8:15‑18 kwf – \xt 1Sn 18:14‑17\xt* \p \v 15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete. \v 16 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture. \v 17 Akkasumas Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture. \v 18 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan. \c 9 \s1 Daawitii fi Mefiiboostee \p \v 1 Daawitis, “Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?” jedhee gaafate. \p \v 2 Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawit duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, “Ati Ziibaadhaa?” jedheen. \p Innis, “Eeyyee, ana garbicha kee ti” jedhe. \p \v 3 Mootichis, “Akka ani arjummaa Waaqaa isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?” jedhee gaafate. \p Ziibaa, “Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa” jedhee mootichaaf deebise. \p \v 4 Mootichis, “Inni eessa jira?” jedhee gaafate. \p Ziibaan deebisee, “Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira” jedhe. \p \v 5 Kanaafuu Daawit mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise. \p \v 6 Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawit bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef. \p Daawit immoo, “Mefiiboostee!” jedheen. \p Innis, “Garbichi kee kunoo ti” jedhee deebiseef. \p \v 7 Daawitis, “Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta” jedheen. \p \v 8 Mefiibooshetis harka fuudhee, “Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?” jedheen. \p \v 9 Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; “Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera. \v 10 Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata.” Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture. \p \v 11 Ziibaanis mootichaan, “Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha” jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawit irraa nyaata ture. \p \v 12 Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan. \v 13 Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture. \c 10 \s1 Daawit Amoonota Moʼachuu Isaa \r 10:1‑19 kwf – \xt 1Sn 19:1‑19\xt* \p \v 1 Ergasiis mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa Haanuunis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \v 2 Daawitis, “Akkuma abbaan isaa naa arjoome sana anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. \p Yommuu namoonni Daawit gara biyya Amoonotaa dhaqanitti, \v 3 qondaaltonni Amoonotaa Haanuun gooftaa isaaniitiin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Daawit akka isaan magaalattii qoratanii, basaasanii fi qabataniif gara kee isaan erge mitii?” jedhan. \v 4 Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee tokkoo tokkoo isaanii irraa hareeda gama tokkoo haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge. \p \v 5 Daawit yommuu wanni kun isatti himametti sababii isaan akka malee qaanaʼaniif namoota sanatti ergamoota erge. Mootichis, “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen. \p \v 6 Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti, Beet Rehoobii fi Suubaadhaa loltoota lafoo kan Sooriyaa kuma digdama, mootii Maʼakaa namoota kuma tokko wajjin akkasumas Xoob irraa namoota kuma kudha lama qaxaratan. \p \v 7 Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge. \v 8 Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa sanaa irratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Suubaa fi Rehoob, akkasumas namoonni Xoobiitii fi Maʼakaa immoo kophaa isaanii dirree irra turan. \p \v 9 Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase. \v 10 Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti hiriirsee Amoonotatti isaan duulchise. \v 11 Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati dhuftee na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani dhufee sin gargaara. \v 12 Jabaadhu; saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. \nd Waaqayyos\nd* waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.” \p \v 13 Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan. \v 14 Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Amoonota waraanuu dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe. \p \v 15 Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti lammata walitti qabaman. \v 16 Hadaadezeris ergamoota ergee namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiise; isaanis hoogganummaa ajajaa waraana Hadaadezer kan Shoobak jedhamuun gara Heelaam deeman. \p \v 17 Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabatee Yordaanos ceʼee Heelaam dhaqe. Warri Sooriyaas waraanaaf Daawititti hiriiranii isa lolan. \v 18 Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan dhibba torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoobak illee madeesse; innis achumatti duʼe. \v 19 Mootonni Hadaadezerin tajaajilaa turan hundi yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti, Israaʼeloota wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. \p Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu sodaatan. \c 11 \s1 Daawitii fi Batisheebaa \p \v 1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti, Daawit tajaajiltoota isaatii fi loltoota Israaʼel hunda wajjin Yooʼaabin erge. Isaanis Amoonota barbadeessanii magaalaa Rabbaa jedhamtu marsan. Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. \p \v 2 Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte; \v 3 Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe. \v 4 Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite. \v 5 Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite. \p \v 6 Kanaafuu Daawit, “Uuriyaa namicha gosa Heet sana naa ergi” jedhee Yooʼaabitti dhaamsa erge. Yooʼaabis gara Daawititti isa erge. \v 7 Daawitis yommuu Uuriyaan gara isaa dhufetti waaʼee Yooʼaab, waaʼee loltootaatii fi haala waraanni keessa jiru isa gaafate. \v 8 Ergasii immoo Daawit Uuriyaan, “Gara mana keetiitti gad buʼiitii miilla kee dhiqadhu” jedhe. Kanaafuu Uuriyaan masaraa mootiitii baʼee deeme; kennaan mootichaas isa faana ergame. \v 9 Uuriyaan garuu tajaajiltoota gooftaa isaa hunda wajjin karra masaraa mootii dura ciise malee gara mana ofii isaatti gad hin buune. \p \v 10 Daawitis yommuu akka Uuriyaan gara mana isaa hin deemin itti himametti, “Ati reefuu karaadhaa dhufte mitii? Maaliif gara mana keetii hin deemne?” jedhee isa gaafate. \p \v 11 Uuriyaan immoo Daawitiin, “Taabonnii fi Israaʼel, Yihuudaanis dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yooʼaabii fi namoonni gooftaa koo dirree irra bulu. Egaa ani akkamitti nyaachuu fi dhuguuf, niitii koo wajjinis rafuuf jedhee gara mana koo deema? Duʼa kee ti; ani waan akkasii hin godhu!” \p \v 12 Daawit, “Ati harʼas as buliitii ani bor sin geggeessaa” jedheen. Kanaafuu Uuriyaan gaafa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ture. \v 13 Daawitis isa affeere; innis fuula isaa duratti nyaatee dhuge; Daawitis isa macheesse. Uuriyaan garuu halkan sana afata isaa irra tajaajiltoota gooftaa isaa gidduu ciisuuf gad baʼe malee gara mana ofii isaa hin deemne. \p \v 14 Daawitis lafti bariinaan xalayaa barreessee harkuma Uuriyaatiin Yooʼaabitti erge. \v 15 Xalayicha keessattis, “Iddoo waraanni itti cimetti Uuriyaa ramadi. Akka inni achitti dhaʼamee duʼuufis isa dhiisaa duubatti deebiʼaa” jedhee barreesse. \p \v 16 Kanaafuu Yooʼaab utuu magaalattii marsaa jiruu iddoo akka loltoonni ciccimoon jiran beeketti Uuriyaa ramade. \v 17 Yommuu namoonni magaalaa sanaa itti gad baʼanii Yooʼaabin lolanitti, loltoota Daawit keessaa namoonni tokko tokko duʼan; Uuriyaan namichi gosa Heet sunis ni ajjeefame. \p \v 18 Yooʼaabis guutummaa oduu waaʼee lola sanaa Daawitiif erge. \v 19 Akkana jedhees ergamaa sana ajaje; “Yommuu ati waaʼee waraana kanaa mootichatti himtee fixxutti, \v 20 aariin mootichaa ni bobaʼa; innis akkana jedhee si gaafachuu dandaʼa; ‘Isin maaliif loluuf akkas magaalaa sanatti dhiʼaattan? Isin akka isaan dallaa irraa xiyya isinitti darbatan hin beeknee? \v 21 Eenyutu Abiimelek ilma Yirubesheet sana ajjeese? Dubartiin tokko dallaa irraa majii dhagaa daakuu itti gad dhiiftee Tebeesitti isa hin ajjeefnee? Isin maaliif akkas dallaa sanatti dhiʼaattan?’ Yoo inni waan kana si gaafate, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi gosa Heet sunis duʼeera’ jedhii itti himi.” \p \v 22 Ergamaan sunis kaʼee deemee yommuu achi gaʼetti waan Yooʼaab akka inni itti himu isa ajaje hunda Daawititti hime. \v 23 Ergamaan sun Daawitiin akkana jedhe; “Namoonni nutti jabaatanii dirreetti gad nutti baʼan; nus ariinee gara karra magaalattiitti isaan deebifne. \v 24 Ergasiis warri xiyya darbatan dallaa irraa tajaajiltoota keetti darbatan; namoonni mootii tokko tokkos ni duʼan. Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi Heet sunis ni duʼe.” \p \v 25 Daawitis ergamaa sanaan, “Egaa akkana jedhii Yooʼaabitti himi; ‘Wanni kun abdii si hin kutachiisin; goraadeen yeroo tokko isa tokko, yeroo kaan immoo kan biraa nyaata. Cimsii magaalattii dhaʼiitii balleessi.’ Waan kanas Yooʼaabin jajjabeessuuf jedhi” jedhe. \p \v 26 Niitiin Uuriyaa yommuu akka dhirsi ishee duʼe dhageessetti ni boosseef. \v 27 Erga yeroon booʼichaa darbee booddee Daawit mana ofii isaatti ishee fudhate; isheenis niitii isaa taatee ilma deesseef. Garuu wanni Daawit hojjete sun \nd Waaqayyo\nd* hin gammachiisne. \c 12 \s1 Naataan Daawitin Ifate \r 11:1; 12:29‑31 kwf – \xt 1Sn 20:1‑3\xt* \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Naataanin gara Daawititti erge. Innis gara Daawit dhufee akkana jedhe; “Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture. \v 2 Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture; \v 3 namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte. \p \v 4 “Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse.” \p \v 5 Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba! \v 6 Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.” \p \v 7 Naataanis Daawitiin akkana jedhe; “Namichi sun suma! \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera. \v 8 Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture. \v 9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii \nd Waaqayyoo\nd* tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte. \v 10 Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’ \p \v 11 “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa. \v 12 Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’ ” \p \v 13 Kana irratti Daawit Naataaniin, “Ani \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjedheera” jedhe. \p Naataan immoo deebisee akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu. \v 14 Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa.” \p \v 15 Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee \nd Waaqayyo\nd* daaʼima niitiin Uuriyaa Daawitiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame. \v 16 Daawitis daaʼima sanaaf Waaqa kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture. \v 17 Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne. \p \v 18 Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawit akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, “Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawititti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa” jedhanii yaadanii turaniitii. \p \v 19 Daawit akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. \p Isaanis, “Eeyyee duʼeera” jedhanii deebisan. \p \v 20 Daawitis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana \nd Waaqayyoo\nd* seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate. \p \v 21 Tajaajiltoonni isaas, “Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!” jedhanii isa gaafatan. \p \v 22 Innis akkana jedhee deebise; “Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? \nd Waaqayyo\nd* garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture. \v 23 Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!” \p \v 24 Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. \nd Waaqayyos\nd* isa ni jaallate; \v 25 \nd Waaqayyo\nd* waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan raajichaatiin dubbii erge. \p \v 26 Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate. \v 27 Yooʼaabis akkana jedhee Daawititti ergamoota erge; “Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera. \v 28 Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti.” \p \v 29 Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate. \v 30 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee \v 31 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan. \c 13 \s1 Amnoonii fi Taamaar \p \v 1 Yeroo tokko Amnoon ilmi Daawit Taamaarin jaallate; isheen akka malee bareedduu, obboleettii Abesaaloom ilma Daawit sanaa turte. \p \v 2 Amnoon sababii jaalala obboleettii isaa Taamaariitiif akka malee dhiphatee dhibame; sababii isheen durba turteef Amnoon waan waanuma tokko illee ishee gochuu dandaʼu hin seene. \p \v 3 Amnoon michuu akka malee jalʼaa kan Yoonaadaab jedhamu tokko qaba ture; Yoonaadaab ilma Shimeʼaa obboleessa Daawit. \v 4 Yoonaadaabis Amnooniin, “Yaa ilma mootii, dhagni kee maaliif guyyuma guyyaan huqqachaa deema? Ati natti hin himtuu?” jedhee gaafate. \p Amnoon immoo, “Ani Taamaar obboleettii Abesaaloom obboleessa kootii jaalladheera” isaan jedhe. \p \v 5 Yehoonaadaabis, “Sobiitii akka nama dhukkubsateetti siree irra ciisi; yommuu abbaan kee si gaafachuu dhufutti, ‘Akka ani harka isheetii nyaadhuuf akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata naa qopheessitu nan barbaada’ jedhiin” jedhe. \p \v 6 Kanaafuu Amnoon sobee akka nama dhukkubsate tokkootti ciise. Yommuu mootichi isa gaafachuu dhufettis Amnoon, “Akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata addaa naaf qopheessitee nyaadhu nan barbaada” jedheen. \p \v 7 Daawitis gara manaatti Taamaaritti nama ergee, “Gara mana obboleessa kee Amnoon dhaqiitii waan inni nyaatu qopheessiif” jedhe. \v 8 Kanaafuu Taamaar kaatee gara mana obboleessa ishee Amnoon kan ciisee ture sanaa dhaqxe. Daakuu xinnoo ishee fuutee bukeessitee fuula isaa duratti tolchite. \v 9 Ergasiis buddeena tolchite sana eelee irraa fuutee dhiʼeessiteef; inni garuu nyaachuu dide. \p Amnoon, “Nama hunda narraa baasaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi isa biraa baʼe. \v 10 Ergasiis Amnoon Taamaariin, “Akka ani harka kee irraa nyaadhuuf buddeenicha kutaa ani ciisutti naa fidi” jedhe. Taamaaris buddeena qopheessite sana fuutee Amnoon obboleessa isheetiif lafa inni ciisetti geessite. \v 11 Inni garuu yommuu isheen nyaata dhiʼeessiteefitti humnaan ishee qabatee, “Yaa obboleettii ko, kottuu na wajjin ciisi” jedheen. \p \v 12 Isheen immoo deebiftee akkana jetteen; “Yaa obboleessa ko, waan kana hin godhin! Na hin dirqisiisin. Wanni fokkisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuu hin qabu! Ati waan hamaa kana hin godhin. \v 13 Ani maalan taʼa? Salphina koos baadhee eessan dhaqa? Ati hoo? Atis Israaʼel keessatti akka gowwaa hamaa tokkootti ilaalamuu kee ti mitii? Maaloo mootichatti himadhu; inni sitti heerumuu na hin dhowwuutii.” \v 14 Inni garuu ishee dhagaʼuu dide; waan ishee caalaa jabaa taʼeefis humnaan ishee gudeede. \p \v 15 Ergasii Amnoon jibba guddaa ishee jibbe; dhugumaan hamma dur ishee jaallate caalaa ishee jibbe. Amnoonis, “Kaʼiitii baʼii deemi!” isheen jedhe. \p \v 16 Isheen immoo, “Hin taʼu! Na ariʼuun kee yakka ati duraan natti hojjette caalaa hammaata” jetteen. \p Inni garuu ishee dhagaʼuu dide. \v 17 Tajaajilaa ofii isaas waamee, “Dubartii kana narraa baasiitii balbala itti cufi” jedheen. \v 18 Tajaajilaan isaa sunis gad ishee baasee balbala itti cufe. Isheen uffata faaya adda addaatiin miidhagfame uffattee turte; intallan mootii kanneen dubarran qulqulluu taʼan uffata akkasii uffatu tureetii. \v 19 Taamaaris mataa isheetti daaraa firfirfattee wandaboo ishee dheeraa faayawwaniin miidhagfame sana tarsaafte. Harka ishees mataa irra kaaʼattee sagalee ol fudhattee booʼaa deemte. \p \v 20 Abesaaloom obboleessi ishee, “Amnoon obboleessi kee si wajjin turee? Yaa obboleettii ko, calʼisi; inni obboleessuma kee ti. Waan kana garaatti hin qabatin” jedheen. Taamaaris kophaa ishee mana obboleessa ishee mana Abesaaloom jiraatte. \p \v 21 Daawit mootichi yommuu waan kana hunda dhagaʼetti baayʼee aare. \v 22 Abesaaloom dubbii tolaa yookaan hamaa tokko illee Amnoonitti hin dubbanne; Abesaaloom sababii inni obboleettii isaa Taamaarin salphiseef akka malee Amnoonin jibbee ture. \s1 Abesaaloom Amnoonin Ajjeese \p \v 23 Waggaa lamaa booddee warri hoolota Abesaaloom irraa rifeensa haadan magaalaa Baʼaal Hasoor kan Efreem biratti argamu sana keessa turan; innis akka isaan achi dhaqaniif ilmaan mootii hunda waame. \v 24 Abesaaloomis gara mootichaa dhaqee, “Namoonni hoolota garbicha keetii irraa rifeensa haadan dhufaniiru. Maaloo mootichii fi qondaaltonni isaa garbicha kee wajjin haa deeman” jedhee kadhate. \p \v 25 Mootichi immoo deebisee, “Lakki yaa ilma ko, nu hundinuu deemuu hin qabnu; nu baʼaa qofa sitti taanaa” jedheen. Abesaaloom jabeessee isa kadhatu iyyuu inni isa eebbise malee isa faana hin deemne. \p \v 26 Abesaaloomis, “Yoo taʼuu baate, maaloo obboleessi koo Amnoon nu wajjin haa deemu” jedhe. \p Mootichi immoo, “Inni maaliif si wajjin deema?” jedhee gaafate. \v 27 Abesaaloom garuu jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni Amnoonii fi ilmaan mootichaa kaan isa wajjin erge. \p \v 28 Abesaaloom akkana jedhee namoota isaa ajaje; “Dhagaʼaa! Yommuu Amnoon daadhii wayinii dhugee machaaʼutti ani, ‘Amnoonin dhaʼaa’ isiniin jedha; isinis yommuu suma isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Anatu ajaja kana isinii kenne mitii? Jabaadhaa; jagnoomaas.” \v 29 Kanaafuu namoonni Abesaaloom waanuma Abesaaloom isaan ajaje sana Amnoonitti hojjetan. Ilmaan mootichaa hundinuus kaʼanii gaangolii isaanii yaabbatanii baqatan. \p \v 30 Utuu isaan karaa irra jiranuu oduun, “Abesaaloom ilmaan mootichaa hunda fixeera; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne” jedhu Daawit qaqqabe. \v 31 Mootichis ol kaʼee uffata isaa tarsaasee lafa ciise; tajaajiltoonni isaa kanneen isa bira dhadhaabatanii turan hundinuus uffata isaanii tatarsaasan. \p \v 32 Yoonaadaab ilmi Shimeʼaa ilmi obboleessa Daawit sun garuu akkana jedhe; “Gooftaan koo waan isaan ilmaan mootichaa hunda fixan hin seʼin; Amnoon qofatu duʼe. Kunis waan Abesaaloom erga Amnoon obboleettii isaa Taamaarin humnaan gudeedee jalqabee itti yaadaa turee dha. \v 33 Gooftaan koo mootichi waaʼee oduu ilmaan mootichaa hundi ajjeefamaniiru jedhu sanaa hin yaaddaʼin; Amnoon qofatu duʼe.” \p \v 34 Yeroo kanatti Abesaaloom baqateera. \p Namichi eegumsaaf dhaabatee tures ol jedhee ilaalee namoota baayʼee daandii Horonaayim kan gaara cina baʼu irra dhufaa jiran arge. Namichi sunis dhaqee, “Ani karaa Horonaayim, cina gaaraatti namoota nan arga” jedhee mootichatti hime. \p \v 35 Yoonaadaabis mootichaan, “Kunoo, ilmaan mootichaa dhufanii jiru; wanni kun akkuma garbichi kee jedhe taʼe” jedhe. \p \v 36 Akkuma inni dubbatee fixateen ilmaan mootichaa sagalee guddaadhaan booʼaa ol galan. Mootichii fi tajaajiltoonni isaa hundinuus hiqqifatanii booʼan. \p \v 37 Abesaaloom garuu baqatee gara ilma Amiihuud, gara Talmaay mooticha Geshuur sanaa dhaqe. Daawit immoo guyyaa hunda ilma isaatiif ni booʼa ture. \p \v 38 Abesaaloom erga baqatee Geshuur dhaqee booddee waggaa sadii achi ture. \v 39 Mootichis duʼa Amnoon irraa jajjabaannaan gara Abesaaloom dhaquuf garaan isaa kakaʼe. \c 14 \s1 Abesaaloom Yerusaalemitti Deebiʼe \p \v 1 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa akka garaan mootichaa Abesaaloom itti deebiʼe beeke. \v 2 Kanaafuu Yooʼaab gara Teqooʼaatti nama ergee dubartii ogeettii tokko fichisiise. Innis akkana isheedhaan jedhe; “Sobiitii akka nama gadda keessa jiruu taʼi. Wayyaa gaddaa uffadhu; dibata kam iyyuu hin dibatin. Akka dubartii nama duʼe tokkoof guyyaa hedduu gaddite tokkoos taʼi. \v 3 Mooticha bira dhaqiitii waan kana itti himi.” Yooʼaabis waan isheen dubbattu isheetti hime. \p \v 4 Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette. \p \v 5 Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate. \p Isheenis akkana jette; “Sababii dhirsi koo duʼeef ani dhugumaan niitii dhirsa hin qabnee dha. \v 6 Ani garbittiin kee ilmaan lama qaban ture. Isaanis alatti wal lolan; sababii namni wal irraa isaan dhowwu tokko iyyuu achi hin turiniif inni tokko isa kaan dhaʼee ajjeese. \v 7 Kunoo, gosti hundi ana garbittii keetti kaʼeera; isaanis, ‘Waan inni obboleessa ofii isaa ajjeeseef akka nu sababii lubbuu obboleessa isaa kan inni ajjeese sanaa isa ajjeefnuuf dabarsii nutti kenni; ergasii dhaaltuu isaa illee ni galaafanna’ jedhu. Isaanis akkasiin akka dhirsi koo maqaa yookaan sanyii lafa irraa hin qabaanneef ibsaa koo tokkicha hafe kana dhaamsu.” \p \v 8 Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe. \p \v 9 Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette. \p \v 10 Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe. \p \v 11 Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa isaa haa waammatu” jette. \p Innis, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, rifeensi tokkittiin mataa ilma keetii irraa lafa hin buʼu” jedhe. \p \v 12 Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette. \p Innis, “Dubbadhu” jedhee deebise. \p \v 13 Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii? \v 14 Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu. \p \v 15 “Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa. \v 16 Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’ \p \v 17 “Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’ ” \p \v 18 Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe. \p Dubartittiinis, “Gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jette. \p \v 19 Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate. \p Dubartiin sun immoo akkana jettee deebifte; “Yaa gooftaa koo mooticha, duʼa kee ti; dubbii gooftaan koo mootichi dubbatu irraa namni gara mirgaatti yookaan gara bitaatti goruu dandaʼu tokko illee hin jiru. Dhuguma namni akka ani waan kana dubbadhu na ajajee fi kan dubbii kana hundas afaan garbittii keetii keessa kaaʼe Yooʼaabuma garbicha kee ti. \v 20 Yooʼaab garbichi kee waan kana gochuun isaa haala yeroo ammaa jiru geeddaruuf. Gooftaan koo ogummaa akkuma ogummaa ergamaa Waaqayyoo qaba; inni waan lafa irratti taʼu hunda ni beeka.” \p \v 21 Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe. \p \v 22 Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe. \p \v 23 Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide. \v 24 Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine. \p \v 25 Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture. \v 26 Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture. \p \v 27 Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte. \p \v 28 Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate. \v 29 Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide. \v 30 Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan. \p \v 31 Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen. \p \v 32 Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.” \p \v 33 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate. \c 15 \s1 Fincila Abesaaloom \p \v 1 Kana irratti Abesaaloom gaarii lolaatii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama ofii isaatiif qopheeffate. \v 2 Innis ganamaan kaʼee daandii gara karra magaalaatti nama geessu irra dhaabata ture. Yeroo namni kam iyyuu iyyata isaa mootii duratti dhiʼeeffatee murtii argachuuf dhufutti, Abesaaloom ofitti isa waamee, “Ati magaalaa kamii dhufte?” jedhee gaafata. Namni sunis, “Garbichi kee gosoota Israaʼel keessaa gosa tokko keessaa dhufa” jedhee deebisaaf. \v 3 Ergasiis Abesaaloom, “Kunoo iyyanni kee dhugaa fi qajeelaa dha; garuu akka inni si dhagaʼuuf namni mootiin iddoo buufate tokko iyyuu hin jiru” jedhaan. \v 4 Abesaaloomis itti dabalee, “Maal qaba, utuu ani biyya kanatti abbaa murtii taʼee! Silaa namni iyyata yookaan himata qabu kam iyyuu na bira dhufee anis murtii qajeelaa isaaf nan kennan ture” jedha. \p \v 5 Akkasumas yeroo namni tokko fuula isaa duratti jilbeenfachuuf gara isaa dhufutti Abesaaloom harka diriirfatee ol isa qabuudhaan isa dhungata. \v 6 Abesaaloom akkasiin Israaʼeloota murtii qajeelaa argachuuf gara mootii dhufan hunda simachuudhaan garaa namoota Israaʼel hate. \p \v 7 Abesaaloomis gara dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan akkana jedhe; “Akka ani Kebroon dhaqee wareega \nd Waaqayyoof\nd* wareegee ture tokko dhiʼeessuuf naaf eeyyami. \v 8 Ani garbichi kee yeroon biyya Sooriyaa keessa Geshuur jiraachaa turetti, ‘Yoo \nd Waaqayyo\nd* gara Yerusaalemitti na deebise, ani Kebroonitti \nd Waaqayyoof\nd* nan sagada’ jedhee wareega kana wareegeen ture.” \p \v 9 Mootichis, “Nagaan deemi” jedheen. Kanaafuu Abesaaloom gara Kebroon deeme. \p \v 10 Abesaaloom garuu akka isaan, “Isin akkuma sagalee malakataa dhageessaniin, ‘Abesaaloom Kebroonitti mootii taʼeera’ jedhaa” jedhaniif guutummaa gosoota Israaʼel keessa dhoksaadhaan ergamoota bobbaase. \v 11 Namoonni dhibbi lama Yerusaalemii baʼanii Abesaaloom faana buʼan. Isaan akka keessummaatti affeeramanii calʼisaniituma deeman malee waaʼee dhimma sanaa waan tokko illee quba hin qaban ture. \v 12 Abesaaloom yeroo aarsaa dhiʼeessutti namichi gosa Giiloo kan Ahiitofel jedhamu, gorsaan Daawit akka magaalaa isaa Giiloodhaa dhufuuf waamsise. Kanaafuu fincilli sun jabaatee duukaa buutonni Abesaaloomis baayʼachaa dhufan. \s1 Daawit Baqachuu Isaa \p \v 13 Ergamaan tokkos Daawit bira dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abesaaloom itti deebiʼee jira” jedhee itti hime. \p \v 14 Ergasiis Daawit qondaaltota isaa warra isa wajjin Yerusaalem keessa turaniin akkana jedhe; “Kaʼaa ni baqannaa! Yoo kanaa achii tokkoon keenya iyyuu Abesaaloom jalaa hin baanu. Dafnee asii deemuu qabna; yoo kanaa achii inni ariitiidhaan dhufee nu qaqqabee nu balleessaatii; magaalattii illee goraadeedhaan dhaʼa.” \p \v 15 Qondaaltonni mootichaas, “Nu tajaajiltoonni kee waan gooftaan keenya mootichi murteesse kam iyyuu gochuuf qophaaʼoo dha” isaan jedhan. \p \v 16 Kanaafuu mootichi warra mana isaa jiraatan hunda of faana fudhatee qajeele; saajjatoowwan isaa kudha garuu akka isaan masaraa mootii eeganiif achumatti dhiise. \v 17 Mootichis akkasiin namoota hunda of faana fudhatee baʼe; isaanis xinnoo achi fagaatanii iddoo tokko dhadhaabatan. \v 18 Namoonni isaa hundinuu Kereetotaa fi Pheletota hunda wajjin mooticha dura qajeelan; akkasumas Gaatonni dhibba jaʼa kanneen Gitii isa faana baʼanis fuula mootichaa dura darban. \p \v 19 Mootichis Itaayi namicha Gitii sanaan akkana jedhe; “Ati maaliif nu faana dhufta? Deebiʼiitii Abesaaloom mooticha wajjin turi. Ati keessummaa biyya keetii boojiʼamtee dhuftee dha. \v 20 Ati kaleessuma dhufte. Egaa ani utuun ofii kootiifuu garan dhaqu hin beekin akka ati nu faana joortun si godhaa? Amma beenuu namoota biyya keetii fudhadhuutii deebiʼi. Gara laafinnii fi amanamummaan si wajjin haa taʼan.” \p \v 21 Itaayi garuu deebisee mootichaan, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataatii fi duʼa gooftaa koo mootichaa, jireenyas taʼu duʼa taanaan ani tajaajilaan kee gara gooftaan koo mootichi deemu kam iyyuu nan deema” jedhe. \p \v 22 Daawit immoo Itaayiin, “Yoos darbii fuula duratti deemi” jedhe. Kanaafuu Itaayi namichi Gitii sun namoota isaatii fi maatii isaa kanneen isa wajjin turan hunda fudhatee deeme. \p \v 23 Yeroo namoonni sun hundi darbanittis warri baadiyyaa jiraatan hundi sagalee ol fudhatanii booʼan. Mootichis Sulula Qeedroon ceʼee deeme; namoonni hundinuus ceʼanii gara gammoojjiitti qajeelan. \p \v 24 Zaadoqis achi ture; Lewwonni isa wajjin turan hundinuu taabota kakuu Waaqaa baatanii turan; isaanis taabota Waaqaa lafa kaaʼan; Abiyaataar immoo hamma namoonni hundi magaalaa keessaa baʼanitti aarsaa dhiʼeesse. \p \v 25 Ergasii mootichi Zaadoqiin akkana jedhe; “Ati taabota Waaqaa fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi. Yoo ani fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti surraa argadhee jiraadhe, inni deebisee na fidee taabota sanaa fi lafa ofii jiraatu na argisiisa. \v 26 Garuu yoo inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ naan jedhe, ani qophaaʼaa dha; inni waan fedhe na haa godhu.” \p \v 27 Mootichis Zaadoq lubichaan, “Ati nama mulʼataan waa argu mitii? Egaa ilma kee Ahiimaʼazin akkasumas Yoonaataan ilma Abiyaataar fudhadhuutii nagaan gara magaalaatti deebiʼi. Atii fi Abiyaataar ilmaan keessan lamaan fudhadhaatii deemaa. \v 28 Ani immoo hamman dhaamsa kee dhagaʼutti malkaa gammoojjii keessaa bira nan tura.” \v 29 Kanaafuu Zaadoqii fi Abiyaataar taabota Waaqaa sana fuudhanii Yerusaalemitti deebiʼanii achuma turan. \p \v 30 Daawit garuu Gaara Ejersaatti ol baʼe; yeroo ol baʼuttis booʼaa deemaa ture; innis mataa isaa haguuggatee kophee malee deema ture. Namoonni isa wajjin turan hundinuus mataa isaanii haguuggatanii booʼaa deemu turan. \v 31 Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate. \p \v 32 Yeroo Daawit iddoo wal gaʼii iddoo itti namoonni Waaqa waaqeffatan gaʼettis Huushaayi namichi gosa Arkii sun wandaboo ofii tarsaasee daaraa mataatti firfirfatee isa simachuuf baʼe. \v 33 Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata. \v 34 Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa. \v 35 Zaadoqii fi Abiyaataar luboonni suma wajjin achi jiraatu mitii? Ati waan masaraa mootiitii dhageessu hunda isaanitti himi. \v 36 Ilmaan isaanii lamaan Ahiimaʼaz ilmi Zaadoqii fi Yoonaataan ilmi Abiyaataar isaanuma wajjin achi jiraatan. Ati waan dhageessu hunda harka isaaniitiin naa ergi.” \p \v 37 Kanaafuu Huushaayi michuun Daawit utuma Abesaaloom Yerusaalem seenaa jiruu achi gaʼe. \c 16 \s1 Daawitii fi Ziibaa \p \v 1 Daawit fiixee gaarichaa darbee xinnoo erga deemee booddee Ziibaan tajaajilaan Mefiibooshet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija wayinii dhibba tokko, bixxillee ija harbuu dhibba tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko feʼee isa simachuuf itti dhufe. \p \v 2 Mootichis, “Kana hunda maaliif fidde?” jedhee Siibaa gaafate. \p Ziibaan immoo, “Harroota akka maatiin mootichaa Yaabbataniif, buddeenaa fi bixxillee ija wayinii akka namoonni nyaataniif, daadhii wayinii immoo akka warri gammoojjii keessatti dadhaban ittiin bayyanataniif” jedhee deebise. \p \v 3 Mootichis, “Ilmi ilma gooftaa keetii eessa jira?” jedhee gaafate. \p Ziibaan immoo deebisee, “Inni waan, ‘Manni Israaʼel harʼa mootummaa akaakayyuu kootii naa deebisa’ jedhee yaaduuf Yerusaalem keessa jiraata” jedhe. \p \v 4 Mootichis Ziibaadhaan, “Wanni kan Mefiibooshet taʼe hundinuu amma kan kee ti” jedhe. \p Ziibaanis, “Ani akkan fuula gooftaa kootii, fuula mootichaa duratti surraa argadhuuf ofi qabeen si kadhadha” jedhe. \s1 Saamiin Daawitin Abaare \p \v 5 Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe. \v 6 Innis utuma qondaaltonnii fi waardiyyoonni Daawit hundinuu mirgaa fi bitaan Daawitin marsanii jiranuu hunda isaaniitti dhagaa darbachaa ture. \v 7 Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; “Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana! \v 8 \nd Waaqayyo\nd* dhiiga mana Saaʼol kan ati iddoo isaa buutee moote sanaa hundaaf gatii kee siif kenneera. \nd Waaqayyo\nd* mootummaa kee sirraa fuudhee ilma kee Abesaaloomiif kenneera. Ati sababii nama dhiigaa taateef ni badda!” \p \v 9 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa mootichaan, “Sareen duʼaan kun maaliif gooftaa koo mooticha abaara? Ani dhaqeen mataa isaa irraa kuta” jedhe. \p \v 10 Mootichi garuu akkana jedhe; “Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?” \p \v 11 Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; “Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan \nd Waaqayyo\nd* isa ajajeef inni na haa abaaru. \v 12 Tarii \nd Waaqayyo\nd* dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa.” \p \v 13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa karaa isaanii itti fufan; Shimeʼiin immoo isa abaaraa, dhagaa itti darbachaa, awwaaras itti bittinneessaa fuullee isaatiin gaara cina deemaa ture. \v 14 Mootichii fi namoonni isa wajjin turan hundi dadhabbii guddaadhaan dhufanii achitti aara galfatan. \s1 Gorsa Kusiitii fi Ahiitofel \p \v 15 Yeroo kanattis Abesaaloomii fi namoonni Israaʼel hundi gara Yerusaalem dhufan; Ahiitofelis isa wajjin ture. \v 16 Huushaayi namichi gosa Arkii michuun Daawit sun Abesaaloom bira dhaqee, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Yaa mootii bara baraan jiraadhu!” jedheen. \p \v 17 Abesaaloomis, “Jaalalli ati michuu keetiif qabdu kanaa? Ati maaliif michuu kee wajjin hin deemne?” jedhee Huushaayin gaafate. \p \v 18 Huushaayi immoo Abesaaloomiin akkana jedhe; “Lakki; ani kan nama \nd Waaqayyo\nd*, sabni kunii fi namoonni Israaʼel hundi filatanii nan taʼa; isa wajjinis nan jiraadha. \v 19 Kanaa achi ani eenyun tajaajila? Ani Ilma tajaajiluu hin qabuu? Ani akkuman abbaa kee tajaajile sana siʼi illee nan tajaajila.” \p \v 20 Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe. \p \v 21 Ahiitofelis deebisee, “Ol seeniitii saajjatoowwan abbaa keetii kanneen inni akka isaan masaraa mootii eeganiif dhiisee biraa deeme wajjin ciisi. Ergasii Israaʼeloonni hundi akka ati abbaa kee jibbite dhagaʼanii, harki warra si wajjin jiran hundaas ni jabaataa” jedheen. \v 22 Kanaafuu bantii manaa irra Abesaaloomiif dunkaana dhaaban; innis Israaʼeloota hunda duratti saajjatoowwan abbaa isaa wajjin ciise. \p \v 23 Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha. \c 17 \p \v 1 Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa. \v 2 Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee \v 3 namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.” \v 4 Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate. \p \v 5 Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe. \v 6 Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen. \p \v 7 Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti. \v 8 Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu. \v 9 Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa. \v 10 Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman. \p \v 11 “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni. \v 12 Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan. \v 13 Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.” \p \v 14 Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. \nd Waaqayyo\nd* Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii. \p \v 15 Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse. \v 16 Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.” \p \v 17 Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii. \v 18 Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan. \v 19 Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne. \p \v 20 Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. \p Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan. \p \v 21 Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin. \v 22 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre. \p \v 23 Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame. \p \v 24 Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe. \v 25 Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture. \v 26 Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan. \p \v 27 Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe \v 28 afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira, \v 29 dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii. \c 18 \s1 Abesaaloom Duʼuu Isaa \p \v 1 Daawit namoota isa wajjin turan lakkaaʼee ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa muudeef. \v 2 Daawitis harka sadii keessaa harka tokko ajaja Yooʼaab jalatti, harka tokko ajaja Abiishaayi obboleessa Yooʼaab ilma Zeruuyaa jalatti, harka tokko immoo ajaja Itaayii namicha Gitii jalatti hiriirsee bobbaase. Mootichis loltootaan, “Ani mataan koo dhugumaan isin wajjin nan baʼa” jedhe. \p \v 3 Namoonni garuu akkana jedhaniin; “Ati deemuu hin qabdu; yoo nu baqachuuf dirqamne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; yoo walakkaan keenyas dhumne isaaniif homaa miti; ati garuu nama akka keenyaa kuma kudhan caalta. Kanaafuu ati yoo magaalaa keessa turtee nu gargaarte wayya.” \p \v 4 Mootichis, “Ani waan gaarii isinitti fakkaate kam iyyuu nan godha” jedhee deebise. \p Kanaafuu mootichi yeroo loltoonni hundi garee dhibbaatii fi garee kumaatiin qajeelanitti karra bira dhaabachaa ture. \v 5 Mootichis Yooʼaab, Abiishaayii fi Itaayiin, “Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessichaaf garaa laafaa” jedhee ajaje. Loltoonni hundinuus ajaja Daawit waaʼee Abesaaloom ajajjootaaf kenne dhagaʼan. \p \v 6 Loltoonnis Israaʼelin waraanuuf dirree waraanaatti baʼan; lollis bosona Efreem keessatti kaʼe. \v 7 Achittis loltoonni Israaʼel loltoota Daawitiin dhaʼaman; hubaatiin gaafasiis akka malee guddaa ture; namoota kuma digdamatu dhume. \v 8 Lolli sunis guutummaa baadiyyaatti babalʼate; namoota goraadeen fixe caalaa kan bosonni liqimsee hambisetu baayʼata. \p \v 9 Abesaaloom yeroo kanatti akka tasaa namoota Daawititti dhufe. Innis gaangoo isaa yaabbatee deemaa ture; utuma gaangoon isaa dameelee gobbuu qilxuu guddaa tokkoo jala darbaa jirtuu mataan Abesaaloom muka keessatti qabame. Innis qilleensa irratti rarraʼee hafe; gaangoon inni yaabbatee ture sun garuu deemsa ishee ittuma fufte. \p \v 10 Namichi tokko yommuu waan kana argetti, “Ani akka Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee jiru ammuma argeera” jedhee Yooʼaabitti hime. \p \v 11 Yooʼaabis namicha waan kana isatti himeen, “Maal jetta! Ati isa argiteertaa? Maaliif achumatti rukuttee lafaan isa dhaʼuu dhiifte? Silaa ani meetii saqilii kudhanii fi sabbata jagnummaa sin badhaasa turee” jedhe. \p \v 12 Namichi sun garuu, akkana jedhee deebise; “Utuu saqiliin kuma tokko harka kootti naaf safaramee iyyuu ani ilma mootiitti harka koo ol hin fudhadhu. Mootichi utuu nu dhageenyuu siʼi, Abiishaayii fi Itaayiin, ‘Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessicha eegaa’ jedhee ajajeera. \v 13 Karaa biraa immoo utuu ani kutadhee lubbuu isaa balleessee, sababii wanti mooticha duraa dhokatu tokko iyyuu hin jirreef ati mataan kee iyyuu natti hin dhiʼaattu ture.” \p \v 14 Yooʼaabis, “Kana booddee ani haala kanaan si wajjin yeroo balleessuu hin qabu” jedhe. Kanaafuu ankaasee sadii harkatti qabatee utuma Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee lubbuun jiruu garaa isaatti dire. \v 15 Warri Yooʼaabiif miʼa lolaa baatan kurnanis itti naannaʼanii Abesaaloomin dhaʼanii ajjeesan. \p \v 16 Kana irratti Yooʼaab malakata afuufe; loltoonnis sababii inni isaan dhowweef Israaʼelin ariʼuu ni dhiisan. \v 17 Isaanis reeffa Abesaaloom fuudhanii bosona keessatti boolla guddaa tokkotti darbatanii dhagaa gurguddaa isa irra tuulan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatan. \p \v 18 Abesaaloom yeroo lubbuun turetti, “Ani ilma maqaa koo waamsisu hin qabu” jedhee iddoo Sulula Mootii jedhamutti yaadannoo ofiitiif soodduu dhaabbate. Soodduu sanas maqaa ofii isaatiin moggaase. Hamma harʼaatti illee soodduun sun Soodduu Abesaaloom jedhamee waamama. \s1 Gadda Daawit \p \v 19 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq, “Ani dhaqee akka \nd Waaqayyo\nd* harka diinota isaa jalaa isa baase mootichatti nan hima” jedhe. \p \v 20 Yooʼaab immoo, “Namni harʼa dhaqee himu siʼii miti; sababii ilmi mootichaa duʼeef ati yeroo biraa dhaqxee itti himta; garuu harʼa waan kana gochuu hin qabdu” jedheen. \p \v 21 Ergasiis Yooʼaab Kuushiidhaan, “Dhaqiitii waan argite mootichatti himi” jedhe. Kuushiinis fuula Yooʼaab duratti gad jedhee harka fuudhee fiigaa qajeele. \p \v 22 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq ammas Yooʼaabiin, “Wanni fedhe haa dhufu; maaloo anis Kuushii faana nan fiiga” jedhe. \p Yooʼaab garuu, “Yaa ilma ko, ati maaliif dhaquu barbaadda? Ati oduu badhaasa siif kennisiisu tokko iyyuu hin qabdu” jedheen. \p \v 23 Inni immoo, “Wanni fedhe haa dhufu; ani fiiguu nan barbaada” jedhe. \p Kanaafuu Yooʼaab, “Fiigi!” jedheen. Ergasii Ahiimaʼaz karaa dirreetiin fiigee Kuushii bira darbe. \p \v 24 Adoo Daawit karra alaatii fi kan keessaa gidduu taaʼee jiruu eegduun karaa dhaaba gubbaa manaatiin karaatti ol baʼe. Innis achi ilaalee nama kophaa isaa fiigu tokko arge. \v 25 Eegduun sunis mooticha waamee waan kana itti hime. \p Mootichis, “Inni yoo kophaa isaa taʼe, oduu gaarii fiduu qaba” jedhe. Namichi sunis dhiʼaachaa dhufe. \p \v 26 Ergasiis eegduun sun utuu namni biraa fiiguu argee eegduu karraa waamee, “Kunoo namni biraa tokko kophaa isaa fiigaa jira!” jedheen. \p Mootichis, “Innis oduu gaarii fiduu qaba” jedhe. \p \v 27 Eegduun sunis, “Inni jalqabaa waan akka Ahiimaʼaz ilma Zaadoqitti fiigu natti fakkaata” jedhe. \p Mootichi immoo, “Inni nama gaarii dha; oduu gaarii fidee dhufa” jedhe. \p \v 28 Ahiimaʼaz mooticha waamee, “Wanni hundinuu gaarii dha” jedhe; fuula mootichaa durattis addaan lafatti gombifamee, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee galata haa argatu; inni warra gooftaa koo mootichatti harka isaanii ol fudhatan dabarsee kenneeraatii” jedhe. \p \v 29 Mootichi immoo, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. \p Ahiimaʼazis, “Yeroo Yooʼaab garbicha mootichaatii fi ana garbicha kee erguuf kaʼetti raafama guddaatu ture. Garuu wanni sun maal akka taʼe ani hin beeku” jedhee deebise. \p \v 30 Mootichis, “As hiiqii dhaabadhu” jedhe. Kanaafuu inni achi hiiqee dhaabate. \p \v 31 Ergasiis Kuushiin dhufee, “Gooftaa koo yaa mootii, oduu gammachiisaa dhagaʼi! \nd Waaqayyo\nd* harʼa warra sitti kaʼan hunda jalaa si baaseera” jedhe. \p \v 32 Mootichis Kuushiidhaan, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. \p Kuushiinis, “Diinonni gooftaa koo mootichaatii fi warri si miidhuuf sitti kaʼan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan” jedhee deebise. \p \v 33 Mootichi ni hollate. Kutaa manaa kan karra duraa gubbaattis ol baʼee booʼe. Yommuu ol baʼuttis, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Ilma ko, ilma koo Abesaaloom! Utuu qooda kee ani duʼee jiraadhee; yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma ko!” jedhe. \c 19 \p \v 1 Yooʼaabittis, “Daawit mootichi Abesaaloomiif booʼuu fi gadduutti jira” jedhamee himame. \v 2 Sababii guutummaan loltootaa oduu, “Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jedhu dhagaʼeef moʼichi gaafa sanaa gaddatti geeddarame. \v 3 Gaafa sana sabni hundis akkuma loltoota moʼatamanii qaanaʼuudhaan baqatanii magaalaa seenaniitti qaanaʼee magaalaa seene. \v 4 Mootichis fuula isaa haguuggatee, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma koo!” jedhee sagalee ol fudhatee booʼe. \p \v 5 Yooʼaab gara mootichaa mana ol seenee akkana jedhe; “Ati harʼa fuula namoota kee kanneen lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetiitii fi intallan keetii, lubbuu niitota keetiitii fi saajjatoowwan keetii oolchan sana hundaa qaaniidhaan haguugdeerta. \v 6 Ati warra si jibban jaallattee warra si jaallatan immoo jibbiteerta. Ati akka ajajjoota loltoota keetiitii fi namoota isaanii wayittuu hin hedne harʼa mirkaneessiteerta. Harʼa utuu hundi keenya duunee Abesaaloom jiraatee ati akka gammaddu ani nan arga. \v 7 Amma gad baʼiitii namoota kee jajjabeessi. Yoo ati gad baʼuu baatte akka edana namni tokko iyyuu si biratti hin hafne ani maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* nan kakadha. Kun immoo rakkina ati ijoollummaa keetii jalqabdee hamma ammaatti keessa dabarte hunda caalaa hammaata.” \p \v 8 Kanaafuu mootichi kaʼee karra dura taaʼe. Namoonni hundinuus yommuu, “Mootichi karra dura taaʼee jira” jedhamee itti himametti isa bira dhufan. \p Yeroo sanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatanii turan. \s1 Daawit Yerusaalemitti Deebiʼe \p \v 9 Guutummaa gosoota Israaʼel keessatti namoonni hundinuu akkana jedhanii wal falmaa turan; “Mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera; namni harka Filisxeemotaa jalaa nu baases isuma. Amma garuu inni sababii Abesaaloomiitiif biyyaa baqateera; \v 10 Abesaaloom inni nu akka inni bulchaa keenya taʼuuf jennee dibne sun immoo lola irratti duʼeera. Kanaafuu waaʼee mooticha as deebisuu irratti isin maaliif waan tokko hin mariʼanne?” \p \v 11 Daawit mootichis akkana jedhee ergaa kana Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti erge; “Akkana jedhaatii maanguddoota Yihuudaa gaafadhaa; ‘Wanni guutummaa Israaʼel keessatti odeeffamaa jiru gurra mootichaa qaqqabeeraatii isin maaliif mooticha mana mootummaa isaatti deebisuu irratti duubatti haftani? \v 12 Isin obboloota koo, foon kootii fi dhiiga koo ti; yoos mooticha fiduu irratti maaliif duubatti harkifattan ree?’ \v 13 Amaasaanis, ‘Ati foonii fi dhiiga koo mitii? Yoo ani ammaa jalqabee iddoo Yooʼaab ajajaa loltoota koo si gochuu baadhe, Waaqni waan hamaa natti haa fidu; waan caalu illee natti haa fidu.’ ” \p \v 14 Mootichis akkuma garaa nama tokkootti garaa namoota Yihuudaa hundaa boojiʼe. Isaanis, “Namoota kee hunda wajjin deebiʼi” jedhanii mootichatti ergan. \v 15 Mootichis biyyatti deebiʼee hamma Yordaanositti dhufe. \p Namoonni Yihuudaas mooticha simatanii Yordaanosin ceesisanii fiduuf hamma Gilgaalitti dhufan. \v 16 Shimeʼiin namichi Bahuuriim ilmi Geeraa kan gosa Beniyaam sunis mooticha simachuuf namoota Yihuudaa wajjin dafee gad buʼe. \v 17 Isa wajjinis Beniyaamota kuma tokko akkasumas Ziibaa tajaajilaa maatii Saaʼol, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjettoota isaa digdamatu ture. Isaanis mooticha dursanii Yordaanosin ceʼan. \v 18 Isaanis maatii mootichaa simachuu fi waan inni barbaadu isaaf gochuuf malkaa ceʼan. \p Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu Yordaanosin ceʼetti mooticha duratti kufee \v 19 akkana isaan jedhe; “Gooftaan koo balleessaa natti hin herregin. Balleessaa garbichi kee yeroo ati gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baatetti hojjete garaatti hin qabatin. Mootichi waan sana yaada isaa keessaa haa baasu. \v 20 Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekaatii; harʼa garuu ani mana Yoosef hunda keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf nama jalqabaa taʼee dhufeera.” \p \v 21 Abiishaayi ilmi Zeruuyaas, “Shimeʼiin sababii nama \nd Waaqayyo\nd* dibe abaareef amma duʼuun isaaf hin maluu?” jedhe. \p \v 22 Daawit immoo deebisee, “Yaa ilmaan Zeruuyaa anii fi isin maal wal irraa qabna? Isin yeroo ammaa diinota natti taataniirtu! Harʼa namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti ajjeefamuu qabaa? Ani guyyaa harʼaa Israaʼel irratti mootii taʼuu koo hin beekuu?” jedhe. \v 23 Kanaafuu mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati duʼuu hin qabdu” jedhe. Kanas kakaadhaan mirkaneesseef. \p \v 24 Mefiibooshet akaakayyuun Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni gaafa mootichi Yerusaalemii baʼee jalqabee hamma mootichi deebiʼutti miilla isaatiif eegumsa barbaachisaa hin goone yookaan areeda hin haaddanne yookaan uffata isaa hin miiccanne ture. \v 25 Yeroo inni mooticha simachuuf Yerusaalemii dhufettis mootichi, “Mefiibooshet, ati maaliif na wajjin hin deemne?” jedhee isa gaafate. \p \v 26 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo mooticha, ani garbichi kee waanan naafa taʼeef, ‘Akka ani yaabbadhee mooticha faana deemuu dandaʼuuf harreen koo naaf haa feʼamu’ jedheen ture. Ziibaan tajaajilaan koo garuu na gowwoomse. \v 27 Inni gooftaa koo mooticha durattis garbicha kee maqaa balleesseera; gooftaan koo mootichi akkuma ergamaa Waaqayyoo ti; kanaafuu waan barbaadde hunda godhi. \v 28 Silaa wanni maatiin abbaa kootii hundinuu mooticha irraa argachuu malan duʼa qofa ture. Ati garuu ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatan wajjin teessifte. Kana caalaa wanni ani akka naa godhamuuf mooticha gaafachuuf mirga qabu maalii?” \p \v 29 Mootichis, “Maaliif dubbii dheeressita? Ani akka atii fi Ziibaan lafa hunda gargar qooddattan ajajeera” jedheen. \p \v 30 Mefiibooshet immoo mootichaan, “Amma erga gooftaan koo mootichi nagaan deebiʼee inni waan hunda haa fudhatu” jedhe. \p \v 31 Namichi gosa Giliʼaad kan Barzilaay jedhamu tokkos Rogeliimii gad buʼe; innis mooticha geggeessuuf isa wajjin Yordaanos ceʼe. \v 32 Barzilaayiin jaarsa dulloomaa waggaa saddeettama ture. Innis waan nama sooressa tureef yeroo mootichi Mahanayiim jiraatetti waan inni nyaatu dhiʼeessaafii ture. \v 33 Mootichis Barzilaayiin, “Gamatti na wajjin ceʼiitii na wajjin Yerusaalem jiraadhu; anis sin sooraa” jedhe. \p \v 34 Barzilaayiin garuu mootichaan akkana jedhe; “Ani siʼachi waggaa hammam jiraachuufan mooticha wajjin Yerusaalem dhaqa? \v 35 Ani yeroo ammaa waggaa saddeettama guuteera. Ani waan gaarii fi waan hamaa addaan baasuu nan dandaʼaa? Garbichi kee miʼaa nyaataa fi dhugaatii beekaa? Ammas sagalee dhiirotaatii fi dubartoota sirbanii dhagaʼuu dandaʼaa? Yoos garbichi kee maaliif gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalamaa taʼa ree? \v 36 Garbichi kee mooticha wajjin Yordaanos ceʼee xinnoo ishee ni deema; mootichi garuu maaliif haala kanaan galata naaf deebisa? \v 37 Akka ani yoon duʼe magaaluma kootti awwaala abbaa fi haadha koo biratti awwaalamuuf garbicha kee dhiisi haa deebiʼu. Garbichi kee Kimhaam garuu kunoo ti. Inni gooftaa koo mooticha wajjin haa ceʼu. Atis waan jaallattu kam iyyuu isaaf godhi.” \p \v 38 Mootichis, “Kimhaam na wajjin ni ceʼa; anis waan ati jaallattu kam iyyuu isaaf nan godha; waan ati narraa barbaaddu kam iyyuus siif nan godha” jedhe. \p \v 39 Akkasiin namoonni hundinuu Yordaanosin ceʼan; mootichis ni ceʼe. Mootichis Barzilaayii dhungatee eebbise; Barzilaayiinis gara mana isaatti deebiʼe. \p \v 40 Yommuu mootichi gara Gilgaalitti darbetti Kimhaam isa wajjin deeme. Loltoonni Yihuudaa hundinuu fi walakkaan loltoota Israaʼel mooticha ceesisan. \p \v 41 Yommuu suma namoonni Israaʼel hundinuu gara mootichaa dhufanii, “Obboloonni keenya warri Yihuudaa maaliif nu dhoksanii mootichaa fi maatii isaa, duukaa buutota isa wajjin Yordaanosin ceesisanii fidani?” jedhaniin. \p \v 42 Namoonni Yihuudaa hundis deebisanii namoota Israaʼeliin, “Nu waan mootichi fira dhiigaa nuuf taʼeef waan kana goone. Isin waaʼee waan kanaa maaliif aartu? Nu waan mootichaa keessaa tokko illee nyaanneerraa? Waan tokko illees ofii keenyaaf fudhanneerraa?” jedhan. \p \v 43 Kana irratti namoonni Israaʼel namoota Yihuudaatiin, “Nu mooticha irraa qooda harka kudhan qabna; kana malees nu isin caalaa Daawit irraa mirga qabna. Yoos isin maaliif akkas nu tuffattu ree? Akka mootiin keenya nuuf deebiʼuuf kan duraan dursinee gaafanne nu mitii?” jedhanii deebisan. \p Garuu deebiin namoonni Yihuudaa deebisan kan Israaʼelootaa irra jabaa ture. \c 20 \s1 Saabeʼeen Daawititti Finciluu Isaa \p \v 1 Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye; \q1 “Nu Daawit irraa qooda hin qabnu; \q2 ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu! \q1 Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!” \p \v 2 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman. \p \v 3 Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan. \p \v 4 Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe. \v 5 Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture. \p \v 6 Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe. \v 7 Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan. \p \v 8 Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe. \p \v 9 Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate. \v 10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan. \p \v 11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe. \v 12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse. \v 13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan. \p \v 14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan. \v 15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis, \v 16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette. \v 17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte. \p Innis, “Ani isuma” jedhee deebise. \p Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette. \p Innis, “Ani dhagaʼaan jira.” \p \v 18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture. \v 19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala \nd Waaqayyoo\nd* liqimsuu barbaadda?” \p \v 20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu! \v 21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.” \p Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette. \p \v 22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe. \b \li1 \v 23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti, \li1 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe; \li1 \v 24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame; \li1 Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe; \li1 \v 25 Shewwaan barreessaa, \li1 Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan; \li1 \v 26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture. \c 21 \s1 Haaloo Baafachuu Gibeʼoonotaa \p \v 1 Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula \nd Waaqayyoo\nd* barbaade. \nd Waaqayyos\nd*, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe. \p \v 2 Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture. \v 3 Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala \nd Waaqayyoo\nd* eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate. \p \v 4 Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. \p Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate. \p \v 5 Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana, \v 6 sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha \nd Waaqayyo\nd* filate sanaa, Gibeʼaatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan fannifnaa.” \p Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe. \p \v 7 Mootichi garuu sababii kakuu \nd Waaqayyoo\nd* kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase. \v 8 Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse. \v 9 Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman. \p \v 10 Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne. \v 11 Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame; \v 12 innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii. \v 13 Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame. \p \v 14 Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe. \s1 Waraana Filisxeemotatti Baname \r 21:15‑22 kwf – \xt 1Sn 20:4‑8\xt* \p \v 15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe. \v 16 Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade. \v 17 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif. \p \v 18 Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese. \p \v 19 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese. \p \v 20 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate. \v 21 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese. \p \v 22 Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman. \c 22 \s1 Faarfannaa Galataa Kan Daawit \r 22:1‑51 kwf – \xt Far 18:1‑50\xt* \p \v 1 Daawit yommuu \nd Waaqayyo\nd* harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana \nd Waaqayyoof\nd* faarfate. \v 2 Innis akkana jedhe: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; \q2 \v 3 Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; \q2 inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. \q1 Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; \q2 ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta. \b \q1 \v 4 “Ani \nd Waaqayyo\nd* galanni isaaf malu sana nan waammadha; \q2 diinota koo jalaas nan baraarama. \q1 \v 5 Dambaliin duʼaa na marseera; \q2 lolaan badiisaas na liqimseera. \q1 \v 6 Funyoon siiʼool natti marame; \q2 kiyyoon duʼaas natti dhufe. \b \q1 \v 7 “Ani dhiphina koo keessatti \nd Waaqayyoon\nd* nan waammadhe; \q2 Waaqa kootti nan iyyadhe. \q1 Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; \q2 iyyi koos gurra isaa seene. \q1 \v 8 Lafti ni hollatte; ni sochootes; \q2 hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; \q2 sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan. \q1 \v 9 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; \q2 ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; \q2 cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe. \q1 \v 10 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; \q2 duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan. \q1 \v 11 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; \q2 qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe. \q1 \v 12 Inni dukkana, duumessa samii \q2 kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate. \q1 \v 13 Ifa fuula isaa keessaas \q2 bakakkaan balaqqisee baʼe. \q1 \v 14 \nd Waaqayyo\nd* samiidhaa ni qaqawweessaʼe; \q2 sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame. \q1 \v 15 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; \q2 bakakkaas gad dhiisee isaan fixe. \q1 \v 16 Dheekkamsa, \nd Waaqayyootiin\nd* \q2 humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis \q1 sululawwan galaanaa ifatti baafaman; \q2 hundeewwan lafaas qullaa hafan. \b \q1 \v 17 “Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; \q2 bishaanota gad fagoo keessaas na baase. \q1 \v 18 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo \q2 warra akka malee natti ciman jalaas na baase. \q1 \v 19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu gargaarsa koo ture. \q1 \v 20 Inni iddoo balʼaatti na baase; \q2 waan natti gammadeefis na oolche. \b \q1 \v 21 “\nd Waaqayyo\nd* akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; \q2 akkuma qulqullina harka koottis na badhaase. \q1 \v 22 Ani karaa \nd Waaqayyoo\nd* eegeeraatii; \q2 Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne. \q1 \v 23 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; \q2 anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne. \q1 \v 24 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; \q2 cubbuu irraas of eeggadheera. \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* akkuma qajeelumma kootti, \q2 akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera. \b \q1 \v 26 “Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; \q2 nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata; \q1 \v 27 nama qulqulluutti qulqulluu taata; \q2 nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata. \q1 \v 28 Ati warra gad of qaban ni oolchita; \q2 warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala. \q1 \v 29 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati ibsaa koo ti; \q2 \nd Waaqayyo\nd* dukkana koo ifatti ni geeddara. \q1 \v 30 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; \q2 Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa. \b \q1 \v 31 “Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; \q2 dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* hirʼina hin qabu. \q2 Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa. \q1 \v 32 \nd Waaqayyo\nd* malee Waaqni eenyu? \q2 Waaqa keenya malees Kattaan eenyu? \q1 \v 33 Kan humna na hidhachiisu, \q2 kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa. \q1 \v 34 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; \q2 iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa. \q1 \v 35 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; \q2 irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa. \q1 \v 36 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; \q2 gargaarsi kees nama guddaa na godhe. \q1 \v 37 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, \q2 miilla kootiif daandii balʼifteerta. \b \q1 \v 38 “Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; \q2 hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine. \q1 \v 39 Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; \q2 isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; \q2 isaanis miilla koo jalatti ni kufan. \q1 \v 40 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; \q2 amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte. \q1 \v 41 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; \q2 anis amajaajota koo barbadeesseera. \q1 \v 42 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; \q2 gara \nd Waaqayyoottis\nd* ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef. \q1 \v 43 Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; \q2 bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite. \b \q1 \v 44 “Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; \q2 mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. \q1 Sabni ani hin beekne na tajaajila; \q2 \v 45 namoonni ormaa na sossobatan; \q2 isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman. \q1 \v 46 Isaan hundi abdii kutatan; \q2 hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan. \b \q1 \v 47 “\nd Waaqayyo\nd* jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! \q2 Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu! \q1 \v 48 Inni Waaqa haaloo naa baasu, \q2 kan sabootas na jala galchu, \q2 \v 49 kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. \q1 Ati amajaajota kootii ol na goota; \q2 gooltota jalaas na baafte. \q1 \v 50 Kanaafuu yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani saboota gidduutti sin leellisa; \q2 faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha. \b \q1 \v 51 “Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; \q2 dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, \q2 araara bara baraa ni argisiisa.” \c 23 \s1 Dubbii Daawit Kan Dhumaa \p \v 1 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: \q1 “Himanni Daawit ilmi Isseey, \q2 himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, \q1 nama Waaqni Yaaqoob isa dibe \q2 faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe: \b \q1 \v 2 “Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* karaa kootiin dubbateera; \q2 dubbiin isaas arraba koo irra ture. \q1 \v 3 Waaqni Israaʼel dubbateera; \q2 Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: \q1 ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, \q2 kan sodaa Waaqaatiin bulchu, \q1 \v 4 inni akka ifa biiftuu ganamaa \q2 kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, \q1 akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee \q2 marga biqilchuu ti.’ \b \q1 \v 5 “Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? \q2 Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee \q2 isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? \q1 Isatu fayyina koo fiixaan baasee \q2 fedhii koo hundas naaf guuta mitii? \q1 \v 6 Namoonni hamoon hundinuu garuu \q2 akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu. \q1 \v 7 Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa \q2 yookaan somaa eeboo qabata; \q2 qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.” \s1 Namoota Daawit Jajjaboo \r 23:8‑39 kwf – \xt 1Sn 11:10‑41\xt* \p \v 8 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: \p Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe. \p \v 9 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan; \v 10 inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. \nd Waaqayyo\nd* gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan. \p \v 11 Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan. \v 12 Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; \nd Waaqayyos\nd* moʼannaa guddaa kenne. \p \v 13 Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan. \v 14 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan. \v 15 Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe. \v 16 Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhangalaase. \v 17 Innis, “Yaa \nd Waaqayyoo\nd*, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. \p Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture. \p \v 18 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe. \v 19 Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe. \p \v 20 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese. \v 21 Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese. \v 22 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture. \v 23 Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate. \b \lh \v 24 Jara soddomman sana keessattis: \b \li1 Asaaheel obboleessa Yooʼaab, \li1 Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem, \li1 \v 25 Shamaa namicha gosa Haroodaa, \li1 Eliiqaa namicha gosa Haroodaa, \li1 \v 26 Heleez namicha Phaaltii, \li1 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, \li1 \v 27 Abiiʼezer nama Anaatoot, \li1 Mebunaay nama biyya Hushaa, \li1 \v 28 Zalmoon nama Ahooʼaa, \li1 Maharaayi nama Netoofaa, \li1 \v 29 Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, \li1 gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa, \li1 \v 30 Benaayaa nama Phiraatoon \li1 Hidaay namicha sululoota Gaʼaash, \li1 \v 31 Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, \li1 Azmaawet nama Barhuum, \li1 \v 32 Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, \li1 ilmaan Yaasheen, \li1 Yoonaataan, \v 33 ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, \li1 Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa, \li1 \v 34 Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, \li1 Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon, \li1 \v 35 Hezroo nama Qarmeloos, \li1 Faʼaraay nama biyya Arbii, \li1 \v 36 Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, \li1 Baanii gosa Gaad, \li1 \v 37 Zeleq namicha gosa Amoon, \li1 Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture; \li1 \v 38 Iiraas namicha gosa Yitraa, \li1 Gaareeb namicha gosa Yitraa, \li1 \v 39 akkasumas Uuriyaa namicha Heet. \b \lf Walumatti namoota soddomii torba turan. \c 24 \s1 Daawit Loltoota Lakkaaʼe \r 24:1‑17 kwf – \xt 1Sn 21:1‑17\xt* \p \v 1 Aariin \nd Waaqayyoo\nd* ammas Israaʼelitti kaʼee Daawitiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase. \p \v 2 Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe. \p \v 3 Yooʼaab garuu deebisee, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe. \p \v 4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman. \p \v 5 Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan. \v 6 Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan. \v 7 Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan. \p \v 8 Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan. \p \v 9 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture. \p \v 10 Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef \nd Waaqayyoon\nd*, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe. \p \v 11 Guyyaa itti aanutti utuu Daawit hirribaa hin kaʼin ergaan \nd Waaqayyoo\nd* gara waa himaa Daawit gara Gaad raajichaa dhufe; ergaan sunis, \v 12 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha. \p \v 13 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen. \p \v 14 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka \nd Waaqayyoo\nd* haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe. \p \v 15 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman. \v 16 Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti \nd Waaqayyo\nd* sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture. \p \v 17 Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, \nd Waaqayyoon\nd*, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe. \s1 Daawit Iddoo aarsaa Tolche \r 24:18‑25 kwf – \xt 1Sn 21:18‑26\xt* \p \v 18 Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* ijaari” jedheen. \v 19 Kanaafuu Daawit akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe. \v 20 Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade. \p \v 21 Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. \p Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* tolchuufin dhufe” jedhee deebise. \p \v 22 Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira. \v 23 Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe. \p \v 24 Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. \p Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite. \v 25 Daawitis achitti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. \nd Waaqayyos\nd* kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.