\id 2PE - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Phexros \toc1 Phexros Lammaffaa \toc2 2 Phexros \toc3 2Ph \mt1 Phexros \mt2 Lammaffaa \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Simoon Phexros garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos irraa, \po Gara warra karaa qajeelummaa Waaqa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin amantii akkuma amantii keenyaa gatii guddaa qabu sana argattaniitti: \po \v 2 Beekumsa Waaqaatii fi beekumsa Gooftaa keenya Yesuusiin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu. \s1 Waamamuu fi Filatamuu Ofii Mirkaneeffachuu \p \v 3 Humni waaqummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Waaqatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera. \v 4 Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala waaqummaa isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera. \p \v 5 Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; \v 6 akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu, \v 7 Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa. \v 8 Yoo isin waan kana hunda qabaattanii ittuma isinii baayʼachaa deeme, wanni kun akka isin Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos beekuu keessatti dadhaboo fi buʼaa dhabeeyyii hin taane isin godha. \v 9 Garuu namni waan kana hin qabne kam iyyuu jaamaa dha; fagoottis arguu hin dandaʼu; cubbuu isaa durii sana irraa qulqulleeffamuu isaa irraanfateera. \p \v 10 Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; \v 11 akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama. \s1 Raajii Katabbii Qulqulluu \p \v 12 Kanaafuu isin wantoota kanneen beektanii, dhugaa amma qabdan kanatti jabaatanii dhaabattanii iyyuu ani yeroo hunda wantoota kanneen isin yaadachiisuu nan barbaada. \v 13 Ani hamman dunkaana kana keessa jirutti waan kana isin yaadachiisuudhaan isin dammaqsuu koo qajeelaa nan seʼa; \v 14 ani akka Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos naaf ibsetti, dunkaana koo kana akkan dafee of irraa baasu beekaatii. \v 15 Ani akka isin erguma ani isin biraa godaanee booddee yeroo hunda waan kana yaadachuu dandeessan gochuuf nan carraaqa. \p \v 16 Nu yommuu waaʼee humnaa fi dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himnetti, surraa isaa ijuma keenyaan argineeti malee oduu haxxummaadhaan uumame duukaa buunee miti. \v 17 Innis yommuu sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada”\f + \fr 1:17 \fr*\ft \+xt Mat 17:5; Mar 9:7; Luq 9:35\+xt*\ft*\f* jedhu sun Ulfina Surra qabeessa sana biraa dhufeefitti, Waaqa Abbaa biraa kabajaa fi ulfina argateeraatii. \v 18 Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun samii irraa dhufuu dhageenye. \p \v 19 Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan. \v 20 Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. \v 21 Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate. \c 2 \s1 Barsiistota Sobduu fi Badiisa Isaanii \p \v 1 Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. \v 2 Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. \v 3 Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu. \p \v 4 Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee, \v 5 utuu addunyaa duriitiif hin hilin Nohi isa qajeelummaa lallabu namoota biraa torba wajjin oolchee warra Waaqatti hin bulletti bishaan badiisaa erga fidee, \v 6 magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraas hamma isaan daaraa taʼanitti gubuudhaan itti muree, fakkeenya waan warra Waaqaaf hin bulletti dhufuuf jiruu erga isaan godhee, \v 7 namicha qajeelaa jechuunis Looxi isa jireenya xuraaʼaa finciltootaatiin dhiphachaa ture sana erga badiisa oolchee, \v 8 namichi qajeelaan sun yeroo gidduu isaanii jiraachaa turetti guyyuma guyyaan fincila isaanii sana arguu fi dhagaʼuudhaan lubbuun isaa qajeeltuun sun isa keessatti dhiphachaa turtee, \v 9 wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Waaqaaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka. \p \v 10 Wanni kun keessumattuu warra hawwii foonii xuraaʼaa sana duukaa buʼanii fi warra abbootii taayitaa tuffatanitti ni cima. \p Namoonni kunneen ija jabeeyyii fi of tuultota; isaan ulfina qabeeyyii samii arrabsuu hin sodaatan; \v 11 ergamoonni iyyuu yoo isaan caalaa jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan iyyuu fuula Gooftaa duratti uumamawwan akkasii arrabsanii hin himatan. \v 12 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu. Isaan akkuma bineensota qalbii hin qabnee ti; akkuma uumamawwan miira isaaniitiin qajeelfaman kanneen qabamuu fi ajjeefamuu qofaaf dhalatanii ti; akkuma bineensonni sun badanitti jarris ni badu. \p \v 13 Miidhaa isaan hojjetaniif miidhaatu deebiʼaaf. Isaan guyyaa adiidhaan gara malee machaaʼuu akka gammachuutti fudhatu. Yeroo isin wajjin nyaataa fi dhugaatiitti dhiʼaatanittis isaan gowwoomsaa isaaniitiin gidduu keessanitti xurii fi waan fafaa taʼu. \v 14 Waan iji isaanii ejjaan guutameef isaan cubbuu hojjechuu hin dhiisan; warra hin jabaatin gowwoomsu; garaan isaanii doqnummaa barateera; isaan ijoollee abaaramanii dha! \v 15 Karaa qajeelaa dhiisanii karaa Balaʼaam ilma Bosoor isa gatii jalʼinaa jaallate sanaa duukaa buʼuuf karaa irraa badan. \v 16 Balaʼaam garuu sababii dogoggora isaatiif harreen isa ifatte; horiin duudaan afaan namaa dubbattee maraatummaa raajii sanaa ittifte. \p \v 17 Namoonni kunneen burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbeen oofamuu dha. Dukkanni limixiin isaaniif kaaʼameera. \v 18 Isaan dubbii faayidaa hin qabnee fi dubbii of tuulummaa odeessu; warra namoota jireenya dogoggoraa keessa jiraatan keessaa baqatanii baʼan hawwii foonii hamaadhaan gowwoomsu. \v 19 Isaan utuma ofii isaaniitii iyyuu garboota badiisaa taʼanii jiranuu birmadummaa isaan abdachiisu; namni tokko waan isa moʼate kamiifuu ni garboomaatii. \v 20 Isaan erga Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos beekuudhaan xuraaʼummaa addunyaa keessaa baʼanii booddee yoo amma illee deebiʼanii xuraaʼummaa sanaan qabamanii fudhataman haalli isaanii kan dhumaa isa jalqabaa sana caalaa hammaata. \v 21 Isaan karaa qajeelinaa beekanii ajaja qulqulluu isaanii kenname sanatti dugda galuu irra utuu duraanuu karaa qajeelinaa sana beekuu baatanii isaaniif wayya ture. \v 22 Mammaaksi, “Sareen diddiga isheetti deebiti”\f + \fr 2:22 \fr*\ft \+xt Fak 26:11\+xt*\ft*\f* akkasumas, “Booyyeen dhiqamte dhoqqee keessa gangalachuu isheetti deebiti” jedhu sun isaan irratti mirkaneeffame. \c 3 \s1 Guyyaa Gooftaa \p \v 1 Yaa michoota jaallatamoo, ani amma xalayaa lammaffaa isiniif barreessuu koo ti. Lamaan isaanii iyyuu keessatti isin yaadachiisuudhaan qalbii keessan qulqulluu sana nan kakaasa. \v 2 Isin dubbii dur raajota qulqulluudhaan dubbatamee fi ajaja Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaa kan karaa ergamoota keessaniitiin dubbatame sana akka yaadattan nan barbaada. \p \v 3 Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa. \v 4 Isaanis, “ ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu. \v 5 Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan. \v 6 Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade. \v 7 Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru. \p \v 8 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. \v 9 Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti. \p \v 10 Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata. \p \v 11 Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu; \v 12 kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. \v 13 Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna. \p \v 14 Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa. \v 15 Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa. \v 16 Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu. \s1 Yaada Xumuraa \p \v 17 Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa. \v 18 Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. \b \b \p Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.