\id 2KI - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h 2 Mootota \toc1 Kitaaba Moototaa Lammaffaa \toc2 2 Mootota \toc3 2Mt \mt2 Kitaaba \mt1 Moototaa \mt3 Lammaffaa \c 1 \s1 Murtii \nd Waaqayyo\nd* Ahaaziyaatti Mure \p \v 1 Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile. \v 2 Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge. \p \v 3 Ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* garuu Eeliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii?’ \v 4 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Eeliyaas kaʼee deeme. \p \v 5 Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate. \p \v 6 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ ” \p \v 7 Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate. \p \v 8 Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif. \p Mootichis, “Inni Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dha” jedhe. \p \v 9 Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Eeliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Waaqaa, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen. \p \v 10 Eeliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi samii irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe. \p \v 11 Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen. \p \v 12 Eeliyaas garuu, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Waaqaas samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe. \p \v 13 Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Eeliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Waaqaa, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin! \v 14 Kunoo, ibiddi samii irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!” \p \v 15 Ergamaan \nd Waaqayyoos\nd* Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe. \p \v 16 Innis akkana jedhee mootichatti hime; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!” \v 17 Kanaafuu inni akkuma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe. \p Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe. \v 18 Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \c 2 \s1 Eeliyaas Samiitti Ol Fudhatame \p \v 1 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan. \v 2 Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; \nd Waaqayyo\nd* Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. \p Elsaaʼi garuu, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan. \p \v 3 Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka \nd Waaqayyo\nd* harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. \p Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen. \p \v 4 Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; \nd Waaqayyo\nd* gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. \p Innis, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman. \p \v 5 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka \nd Waaqayyo\nd* harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. \p Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen. \p \v 6 Eeliyaasis, “Ati asuma turi; \nd Waaqayyo\nd* Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. \p Innis, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman. \p \v 7 Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan. \v 8 Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan. \p \v 9 Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. \p Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef. \p \v 10 Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen. \p \v 11 Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame. \v 12 Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase. \p \v 13 Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate. \v 14 Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe. \p \v 15 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman. \v 16 Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” \p Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise. \p \v 17 Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban. \v 18 Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen. \s1 Bishaan Fayyifame \p \v 19 Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan. \p \v 20 Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan. \p \v 21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’ ” \v 22 Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera. \s1 Elsaaʼitti Qoosame \p \v 23 Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan. \v 24 Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan. \v 25 Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe. \c 3 \s1 Moʼaab Fincile \p \v 1 Yehooraam ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche. \v 2 Yehooraam fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete; garuu akka abbaa fi haati isaa hojjetan sana miti. Inni siidaa Baʼaal kan abbaan isaa hojjechiise sana balleesseeraatii. \v 3 Taʼus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni saba Israaʼel hojjechiise sana cimsee qabate malee irraa hin deebine. \p \v 4 Yeroo kanatti Meeshaan mootichi Moʼaab hoolota horsiisa ture; inni waggaa waggaatti xobbaallaa hoolaa kuma dhibba tokkoo fi rifeensa korbeeyyii hoolaa kuma dhibba tokko mootii Israaʼeliif gibira kenna ture. \v 5 Erga Ahaab duʼee garuu mootichi Moʼaab mootii Israaʼelitti ni fincile. \v 6 Kanaafuu yeroo sanatti Yehooraam mootichi Samaariyaadhaa kaʼee saba Israaʼel hunda duulaaf hiriirse. \v 7 Innis, “Mootiin Moʼaab natti fincileera; Moʼaabin loluudhaaf ati na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatti ergaa ergate. \p Yehooshaafaaxis, “Ani si wajjin nan baʼa; ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee deebiseef. \p \v 8 Innis, “Karaa kamiin yaana?” jedhee gaafate. \p Yehooraam immoo, “Karaa Gammoojjii Edoomiitiin” jedhee deebiseef. \p \v 9 Kanaafuu mootiin Israaʼel mootii Yihuudaatii fi mootii Edoom wajjin kaʼee qajeele. Erga guyyaa torba irra nanaannaʼanii booddee loltoonni sun ofii isaaniitiif yookaan horii isaaniitiif bishaan tokko illee hin qaban ture. \p \v 10 Kana irratti mootiin Israaʼel, “Wayyoo kaa! \nd Waaqayyo\nd* nu mootota sadanuu dabarsee mootii Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waamee?” jedhee iyye. \p \v 11 Yehooshaafaax garuu, “Raajiin \nd Waaqayyoo\nd* kan nu karaa isaatiin \nd Waaqayyoon\nd* waa gaafannu tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. \p Qondaalli mootii Israaʼel tokkos, “Elsaaʼi ilmi Shaafaax as jira. Inni Eeliyaasiif bishaan harkaa buusa ture” jedhee deebise. \p \v 12 Yehooshaafaaxis, “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* isa bira jira” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel, Yehooshaafaaxii fi mootiin Edoom gara Elsaaʼitti gad buʼan. \p \v 13 Elsaaʼi mootii Israaʼeliin, “Nu maal wal irraa qabna? Ati gara raajota abbaa keetiitii fi gara raajota haadha keetii dhaqi” jedhe. \p Mootiin Israaʼel, “Akkas miti; \nd Waaqayyo\nd* nu mootota sadanuu dabarsee Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waameeraatii” jedhee deebise. \p \v 14 Elsaaʼi immoo akkana jedhee deebise; “Dhugaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa; ani utuu Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatiif ulfina kennuu baadhee silaa garagalee si hin ilaalu yookaan wayittuu si hin hedun ture. \v 15 Amma garuu nama baganaa taphatu tokko naa fidaa.” \p Utuma namichi sun baganaa taphachaa jiruu harki \nd Waaqayyoo\nd* Elsaaʼi irra buʼe; \v 16 innis akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Sulula kana keessatti boolla hedduu qotaa. \v 17 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii: Isin bubbee yookaan bokkaa hin argitan; taʼus sululli kun bishaaniin guutama; isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan ni dhugdu. \v 18 Wanni kun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan salphaa dha; inni Moʼaabinis dabarsee harka keessanitti ni kenna. \v 19 Isin magaalaa dallaan itti ijaarame hundaa fi magaalaawwan hunda ni moʼattu. Muka gaarii hunda ni murtu; burqaa hunda gogsitanii lafa qotiisaa gaarii hunda dhagaan balleessitu.” \p \v 20 Guyyaa itti aanu ganama gara saʼaatii aarsaan itti dhiʼeeffamuutti kunoo karaa Edoomiin bishaan gad ni dhangalaʼe! Biyyi sunis bishaaniin guutamte. \p \v 21 Yeroo kanatti Moʼaabonni hundi akka mootonni sun isaan loluu dhufan dhagaʼan; kanaafuu dargaggeessas taʼu jaarsi miʼa lolaa baachuu dandaʼu hundi walitti waamamee daangaa irratti walitti qabame. \v 22 Yommuu isaan ganama barii kaʼanitti biiftuun bishaan sana irratti baʼaa turte. Bishaan sunis Moʼaabota gama jiranitti akkuma dhiigaa diimatee mulʼate. \v 23 Isaanis, “Wanni sun dhiiga! Mootonni sun wal lolanii wal fixuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaa Moʼaab boojuudhaaf kaʼi!” jedhan. \p \v 24 Garuu yeroo Moʼaabonni qubata Israaʼel gaʼanitti, Israaʼeloonni itti kaʼanii lolan; jarri sunis ni baqatan. Israaʼeloonnis biyya sana weeraranii Moʼaabota gogorraʼan. \v 25 Isaanis akkasiin magaalaawwan balleessan; tokkoon tokkoon namaas lafa qotiisaa gaggaarii hunda irratti dhagaa darbatee lafti qotiisaa sun dhagaadhaan guutame. Isaan burqaawwan hunda gogsanii muka gaggaarii hunda ciran. Qiir Hareesheti qofatu dhagaa ishee wajjin hafe; taʼus namoonni furrisaa qaban marsanii ishee dhaʼan. \p \v 26 Mootiin Moʼaab yommuu akka lolli isatti jabaate argetti mooticha Edoomitti cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan dhibba torba fudhatee qajeele; jarri garuu hin dandeenye. \v 27 Innis ilma isaa hangafa kan iddoo isaa buʼee mootii taʼuuf jiru fudhatee dallaa magaalaa sanaa irratti aarsaa gubamu godhee dhiʼeesse. Dheekkamsi guddaanis Israaʼelitti dhufe. Isaanis dugda duubatti deebiʼanii biyya isaaniitti ni galan. \c 4 \s1 Zayitii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo \p \v 1 Niitiin namicha ilmaan raajotaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Elsaaʼiin akkana jette; “Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni \nd Waaqayyoon\nd* sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira.” \p \v 2 Elsaaʼis, “Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?” jedheen. \p Isheenis, “Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu” jettee deebifte. \p \v 3 Elsaaʼi akkana jedheen; “Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin. \v 4 Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi.” \p \v 5 Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte. \v 6 Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, “kan biraa naaf fidi” jette. \p Inni immoo, “Okkoteen tokko iyyuu hin hafne” jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise. \p \v 7 Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, “Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu” jedhe. \s1 Mucaan Dubartii Suunam Tokkoo Duʼaa Kaafamuu Isaa \p \v 8 Gaaf tokko Elsaaʼi kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Elsaaʼi kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture. \v 9 Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; “Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Waaqaa akka taʼe nan beeka. \v 10 Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa.” \p \v 11 Elsaaʼis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise. \v 12 Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, “Mee dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Elsaaʼi dura dhaabatte. \v 13 Elsaaʼi immoo akkana isaan jedhe; “ ‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi.” \p Ishee immoo, “Ani saba koo gidduun jiraadha” jettee deebifte. \p \v 14 Elsaaʼis, “Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?” jedhee gaafate. \p Gehaaz immoo, “Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira” jedheen. \p \v 15 Elsaaʼis, “Ishee waami” jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte. \v 16 Elsaaʼi, “Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta” jedheen. \p Isheen immoo, “Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Waaqaa, ati garbittii kee hin gowwoomsin!” jette. \p \v 17 Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Elsaaʼi isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse. \p \v 18 Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe. \v 19 Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo! Mataa koo!” jedhe. \p Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe. \v 20 Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe. \v 21 Isheen ol baatee siree nama Waaqaa sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte. \p \v 22 Isheen dhirsa ishee waamtee, “Mee akka ani dafee gara nama Waaqaa dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi” jetteen. \p \v 23 Inni immoo, “Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?” jedheen. \p Isheen, “Nagumaafin dhaqa” jette. \p \v 24 Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, “Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin” jette. \v 25 Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Waaqaa sana bira dhaqxe. \p Namni Waaqaa sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; “Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti! \v 26 Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu.” \p Isheenis, “Wanni hundinuu naguma” jettee deebifte. \p \v 27 Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Waaqaa sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Waaqaa sun garuu, “Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; \nd Waaqayyo\nd* garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne” jedhe. \p \v 28 Isheenis, “Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?” jetteen. \p \v 29 Kana irratti Elsaaʼi Gehaaziin akkana jedhe; “Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi.” \p \v 30 Haati daaʼima sanaa garuu, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu” jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe. \p \v 31 Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Elsaaʼitti deebiʼee, “Mucaan hin dammaqne” jedhee itti hime. \p \v 32 Yommuu Elsaaʼi mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture. \v 33 Elsaaʼis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate. \v 34 Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe. \v 35 Elsaaʼi achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate. \p \v 36 Elsaaʼis Gehaazin waamee, “Dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Innis ishee waame. Elsaaʼi yommuu isheen gara isaa dhuftetti, “Kunoo mucaa kee fudhadhu” jedheen. \v 37 Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate. \s1 Duʼa Okkotee Keessaa \p \v 38 Elsaaʼis kaʼee Gilgaalitti deebiʼe; yeroo sanatti biyya sana keessa beelatu ture. Innis utuu waldaan raajotaa fuula isaa dura taaʼaa jiranii tajaajilaa isaatiin, “Okkotee guddicha ibiddaa irra kaaʼiitii namoota kanaaf ittoo bilcheessi” jedhe. \p \v 39 Isaan keessaa namni tokko raafuu funaannachuuf gad baʼee wayinii bosonaa tokko arge. Wayinii bosonaa sana irraa wiillee ciree dachaa uffata isaa guuttate. Yeroo deebiʼettis buqqee sana murmuree okkotee ittoo sanatti naqe. Namni tokko iyyuu waan sana hin beeku tureetii. \v 40 Ittoon sunis jaraaf dhiʼeeffame; isaan garuu akkuma nyaachuu jalqabaniin, “Yaa nama Waaqaa, okkotee kana keessa duʼatu jira!” jedhanii iyyan. Isaanis ittoo sana nyaachuu hin dandeenye. \p \v 41 Elsaaʼi, “Daakuu wayii naa fidaa” jedhe. Daakuu sanas okkoteetti naqee, “Akka nyaataniif namootaaf dhiʼeessaa” jedhe. Ergasii wanni nama miidhu tokko iyyuu okkotee sana keessatti hin argamne. \s1 Elsaaʼi Nama Dhibba Tokko Soore \p \v 42 Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Waaqaa sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Elsaaʼis, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni” jedhe. \p \v 43 Tajaajilaan isaa immoo, “Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?” jedhee gaafate. \p Elsaaʼi garuu, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’ ” jedhee deebise. \v 44 Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* sanaatti nyaatanii hambaa hambisan. \c 5 \s1 Naʼamaan Lamxii Irraa Fayyifame \p \v 1 Naʼamaan ajajaa loltoota mooticha Sooriyaa ture. Sababii \nd Waaqayyo\nd* karaa isaatiin warra Sooriyaatiif mooʼicha kenneef inni fuula gooftaa isaa duratti nama guddaa akka malee ulfina qabu ture. Inni loltuu jagna; garuu lamxii qaba ture. \p \v 2 Bara sana keessa tuunni loltoota Sooriyaa dhaqee intala dargaggeettii gosa Israaʼel tokko boojiʼe; isheenis niitii Naʼamaan tajaajilaa turte. \v 3 Isheenis giiftii isheetiin, “Gooftaan koo utuu raajicha Samaariyaa jiru sana bira dhaqee silaa inni lamxii sana irraa isa fayyisa ture!” jette. \p \v 4 Naʼamaan dhaqee waan intalli Israaʼel jetteen sana gooftaa isaatti ni hime. \v 5 Mootiin Sooriyaas, “Waan fedhe illee taanaan ati dhaqi; ani mootii Israaʼelitti xalayaa nan barreessaatii” jedhee deebiseef. Kanaafuu Naʼamaan meetii taalaantii kudhan, warqee saqilii kuma jaʼaa fi uffata irraa jalaa kudhan fudhatee qajeele. \v 6 Xalayaan inni mootii Israaʼelitti geesse sun akkana jedha; “Ani akka ati lamxii irraa isa fayyiftuuf xalayaa kana wajjin tajaajilaa koo Naʼamaanin sitti ergeera.” \p \v 7 Mootiin Israaʼelis akkuma xalayaa sana dubbiseen uffata ofii tarsaasee akkana jedhe; “Ani Waaqaa? Ani nama ajjeesuu fi deebisee jiraachisuu nan dandaʼaa? Namichi kun maaliif akka lamxiin isaa fayyuuf nama natti erga? Mee akka inni lola natti kaasuu barbaadu ilaalaa!” \p \v 8 Elsaaʼi namni Waaqaa sun akka mootiin Israaʼel uffata isaa tarsaase dhageenyaan ergaa itti ergee, “Ati maaliif uffata kee tarsaafte? Namicha sana natti ergi; innis akka Israaʼel keessa raajiin jiru ni beekaatii” jedheen. \v 9 Kanaafuu Naʼamaan fardeen isaatii fi gaariiwwan isaa fudhatee dhaqee balbala mana Elsaaʼi dura dhaabate. \v 10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqii Yordaanos keessatti yeroo torba dhiqadhu; foon kee fayyee akka duraatti siif deebiʼa; atis ni qulqullooftaa” jedhee nama itti erge. \p \v 11 Naʼamaan garuu aariidhaan kaʼee biraa deemee akkana jedhe; “Ani waan inni dhugumaan gara koo dhufee dhaabatee maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa waamee iddoo sana irra harka isaa qabee lamxii koo fayyisun seʼe. \v 12 Abaanaa fi Faarfaan lageen Damaasqoo sun bishaanota Israaʼel keessaa kam iyyuu hin caalanii? Ani isaan keessatti dhiqadhee fayyuu hin dandaʼu turee?” Kanaafuu inni akka malee aaree of irra garagalee deeme. \p \v 13 Tajaajiltoonni Naʼamaanis gara isaa dhaqanii, “Yaa abbaa ko, ati utuu raajiin kun waan guddaa tokko hojjedhu siin jedhee ni hojjetta mitii? Yoo inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ siin jedhe immoo hammam caalchiftee hin hojjettu ree?” jedhaniin. \v 14 Kanaafuu inni dhaqee akkuma namni Waaqaa sun jedheenitti yeroo torba Yordaanos keessa seenee baʼe; dhagni isaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeefii akkuma dhagna mucaa xinnaa tokkootti qulqullaaʼeef. \p \v 15 Ergasii Naʼamaanii fi tajaajiltoonni isaa hundi gara nama Waaqaa sanaatti deebiʼan. Niʼimaanis fuula isaa dura dhaabatee, “Ani akka Israaʼel keessa malee addunyaa guutuu keessa Waaqni hin jirre amma beekeera. Kanaafuu maaloo garbicha kee irraa kennaa tokko fudhadhu” jedhe. \p \v 16 Raajiin sun immoo, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa ani isa tajaajiluu sanaa, ani waan tokko illee sirraa hin fudhadhu” jedhee deebise. Yoo Naʼamaan cimsee isa kadhate iyyuu inni fudhachuu dide. \p \v 17 Kana irratti Naʼamaan akkana jedheen; “Yoo fudhachuu baatte immoo, maaloo akka biyyoon gaangoo lamaa ana garbicha keetiif kennamu ajaji; garbichi kee siʼachi deebiʼee \nd Waaqayyoof\nd* malee waaqota tolfamoo biraatiif aarsaa gubamuu fi qalma hin dhiʼeessuutii. \v 18 Garuu \nd Waaqayyo\nd* waan tokkicha kana garbicha keetiif haa dhiisu: Gooftaan koo yommuu achitti sagaduuf mana qulqullummaa Rimoon seenutti natti irkata; anis yommuu inni sagadutti nan sagada; \nd Waaqayyo\nd* waan kana ana garbicha keetiif haa dhiisu.” \p \v 19 Eelisaaʼis, “Nagaan deemi” jedheen. \p Erga Naʼamaan xinnoo achi fagaatee booddee, \v 20 Gehaaz tajaajilaan Elsaaʼi nama Waaqaa sanaa akkana ofiin jedhe; “Gooftaan koo utuu kennaa inni fide sana irraa hin fudhatin Naʼamaan namicha warra Arraam kana akkasumatti gad lakkise. Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani isa faana fiigeen waa irraa fudhadha.” \p \v 21 Kanaafuu Gehaaz dafee Niʼimaan duukaa buʼe. Naʼamaanis yommuu akka inni gara isaatti fiigaa jiru argetti isa simachuudhaaf gaarii irraa buʼee, “Wanni hundi nagumaa?” jedhee isa gaafate. \p \v 22 Gehaazis akkana jedhee deebiseef; “Wanni hundinuu naguma. Gooftaan koo, ‘Kunoo ammuma waldaa raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa Efreem irraa natti dhufaniiru. Maaloo meetii taalaantii tokkoo fi uffata irraa jalaa lama kenniif’ akkan siin jedhuuf na erge.” \p \v 23 Naʼamaan immoo Gehaaziin, “Akkuma fedhe illee taʼu taalaantii lama fudhadhu” jedhe. Innis akka Gehaaz waan sana fudhatuuf cimsee isa kadhate; ergasiis meetii taalaantii lama borsaa lamatti hidhee uffata irraa jalaa lama wajjin tajaajiltoota isaatti kenne. Isaanis baatanii Gehaaz dura qajeelan. \v 24 Gehaazis yommuu gaara bira gaʼetti waan sana hojjettoota sana harkaa fuudhee mana keessa ol kaaʼe. Namoota sanas of irraa geggeesse; isaanis kaʼanii deeman. \v 25 Innis ergasii dhaqee fuula gooftaa isaa Elsaaʼi dura dhaabate. \p Elsaaʼis, “Gehaaz, ati eessa turte?” jedhee gaafate. \p Gehaaz immoo, “Ani garbichi kee eessa iyyuu hin deemne” jedhee deebise. \p \v 26 Elsaaʼi garuu akkana jedheen; “Yeroo namichi sun siʼi simachuuf gaarii isaa irraa buʼe sanatti hafuurri koo si wajjin hin turree? Yeroon kun yeroo itti maallaqa yookaan wayyaa, lafa qotiisaa ejersaa, iddoo dhaabaa wayinii, bushaayee, karra loonii yookaan garboota dhiiraa fi garboota nadheenii fudhataniidhaa? \v 27 Lamxiin Naʼamaan sun hamma bara baraatti siʼii fi sanyii keetiitti qabatee hafa.” Innis lamxaaʼee akkuma cabbii addaatee fuula Elsaaʼi duraa baʼee deeme. \c 6 \s1 Qottoon Bishaan Irra Deeme \p \v 1 Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; “Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera. \v 2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami.” \p Innis, “Dhaqaa” jedheen. \p \v 3 Isaan keessaa namni tokko, “Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?” jedhee gaafate. \p Elsaaʼi immoo, “Nan deema” jedhee deebise. \v 4 Innis isaan wajjin deeme. \p Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban. \v 5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!” jedhee iyye. \p \v 6 Namni Waaqaa sunis “Qottoon eessa buʼe?” jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe. \v 7 Innis, “Ol fudhadhu” jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate. \s1 Elsaaʼi Namoota Sooriyaa Jaamse \p \v 8 Yeroo sanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin wal lolaa ture. Innis erga ajajjoota loltoota isaatiin mariʼatee booddee, “Ani lafa akkasiitii fi lafa akkasii keessa qubata koo nan dhaabbadha” jedhe. \p \v 9 Namni Waaqaa sunis, “Sababii namoonni Sooriyaa achitti gad buʼaa jiraniif ati akka karaa sanaan hin dabarre of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti ergaa erge. \v 10 Kanaafuu mootiin Israaʼel gara iddoo namni Waaqaa sun waaʼee isaa dubbate sanaatti nama ergee ni toʼate. Elsaaʼis akka mootichi iddoowwan akkasii irraa of eeggatu ammumaa amma isa akeekkachiise. \p \v 11 Wanni kun akka malee mootii Sooriyaa aarse. Innis ajajjoota loltoota isaa walitti waamee, “Isin amma nama nu keessaa mootii Israaʼeliif hojjechaa jiru natti hin himtanii?” jedhee gaafate. \p \v 12 Ajajjoota sana keessaa namni tokko akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mooticha, nu keessaa namni akkasii hin jiru; garuu Elsaaʼi raajicha Israaʼel keessa jiru sanatu dubbii ati diinqa kee keessatti dubbattu hunda mootii Israaʼelitti hima.” \p \v 13 Mootichi Sooriyaas, “Akka ani nama itti ergee isa qabsiisuu dandaʼuuf dhaqaatii lafa inni jiru ilaalaa” jedhee ajaje. Oduun, “Inni Dootaan keessa jira” jedhu tokkos isatti himame. \v 14 Innis ergasii fardeen, gaariiwwanii fi waraana jabaa achitti ni erge. Isaanis halkaniin dhaqanii magaalaa sana marsan. \p \v 15 Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?” jedhee gaafate. \p \v 16 Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise. \p \v 17 Elsaaʼis, “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. \nd Waaqayyos\nd* ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge. \p \v 18 Diinni sun gara isaatti gad buunaan Elsaaʼi, “Jara kana jaamsi” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate. Kanaafuu Waaqni akkuma Elsaaʼi isa kadhate sana isaan jaamse. \p \v 19 Elsaaʼis, “Karaan sun kana miti; magaalaan sunis kana miti. Amma na duukaa buʼaa; anis nama isin barbaaddanitti isinan geessa” jedheen. Innis akkasiin Samaariyaatti isaan ni geesse. \p \v 20 Erga isaan magaalaa sana seenanii booddee Elsaaʼi, “Yaa \nd Waaqayyo\nd* akka isaan arguu dandaʼaniif ija jara kanaa baniif” jedhe. \nd Waaqayyos\nd* ija isaanii ni baneef; isaanis akka Samaariyaa keessa jiran ni argan. \p \v 21 Mootiin Israaʼelis isaan arginaan, “Yaa abbaa ko, ani isaan fixuu? Ani isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin ni gaafate. \p \v 22 Innis akkana jedhee deebise; “Isaan hin fixin; ati namoota boojite goraadee keetiin yookaan xiyya keetiin ni ajjeeftaa? Akka isaan nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti deebiʼaniif nyaataa fi dhugaatii dhiʼeessiif.” \v 23 Kanaafuu inni cidha guddaa qopheesseefii erga isaan nyaatanii dhuganii booddee of irraa isaan geggeesse; isaanis gara gooftaa isaaniitti deebiʼan. Namoonni Sooriyaas ergasii deebiʼanii biyya Israaʼel hin weerarre. \s1 Ben-Hadaad Samaariyaa Marse \p \v 24 Yeroo gabaabaa booddee, Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota isaa hunda walitti qabatee dhaqee Samaariyaa marse. \v 25 Beela akka malee hamaatu magaalaa sana keessa ture; waan magaalaan sun yeroo dheeraadhaaf marfamteef, mataan harree tokko meetii saqilii saddeettamatti, udaan gugee kiiloon tokko harka afur keessaa harki tokko meetii saqilii shanitti gurgurame. \p \v 26 Utuu mootiin Israaʼel dallaa dhagaa irraan darbuu dubartiin tokko, “Yaa gooftaa koo mooticha, na gargaari” jettee itti iyyite. \p \v 27 Mootichi immoo akkana jedhee deebiseef; “Yoo \nd Waaqayyo\nd* si hin gargaarin ani eessaan gargaarsa siif arga? Oobdii midhaanii irraa moo? Iddoo wayinii itti cuunfan irraa?” \v 28 Ergasii, “Rakkoon kee maal?” jedhee ishee gaafate. \p Isheenis akkana jettee deebifteef; “Dubartiin kun, ‘Akka nu harʼa isa nyaannuuf mucaa kee nuu kenni; bor immoo mucaa koo nyaannaatii’ naan jette. \v 29 Kanaaf nu mucaa koo bilcheeffannee nyaanne. Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Akka nu isa nyaannuuf mucaa kee nuuf kenni’ jedheen. Isheen garuu mucaa ishee ni dhokfatte.” \p \v 30 Mootichi yommuu dubbii dubartii sanaa dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Utuu inni dallaa dhagaa irraan darbaa jiruu namoonni akka inni dhagna isaatti aansee wayyaa gaddaa uffatee jiru argan. \v 31 Innis, “Yoo mataan Elsaaʼi ilma Shaafaax, edana isa irra bule, Waaqni na haa adabu; adabbiin sunis akka malee natti haa cimuu!” jedhe. \p \v 32 Yeroo kanatti Elsaaʼi mana isaa keessa taaʼaa ture; maanguddoonnis isa wajjin tataaʼaa turan. Mootichi ergamaa tokko of dura erge; garuu utuu ergamaan sun hin dhufinuu Elsaaʼi maanguddootaan akkana jedhe; “Isin akka namichi nama ajjeesu kun mataa narraa kutuuf nama erge argituu? Kunoo yoo ergamaan sun dhufe balbala cufaatii ol seenuu dhowwaa. Kotteen gooftaa isaa isa duubaan dhagaʼamaa jira mitii?” \v 33 Utuma inni amma iyyuu isaan wajjin haasaʼaa jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. \p Mootichis, “Balaan kun \nd Waaqayyo\nd* biraa dhufe. Ani siʼachi maaliifin \nd Waaqayyoon\nd* eega?” jedhe. \c 7 \p \v 1 Elsaaʼi, “Dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼaa. \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Bor yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurama” jedhe. \p \v 2 Ajajaan loltootaa kan mootichi irree isaatti irkate sun nama Waaqaa sanaan, “Utuma \nd Waaqayyo\nd* karra burqaa Samiiwwanii banee iyyuu wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. \p Elsaaʼi immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkoo isaa illee hin nyaattu!” jedhe. \s1 Warri Sooriyaa Baqatan \p \v 3 Yeroo kanatti namoota lamxii qaban afurtu balbala ittiin magaalattii seenan dura ture. Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu maaliif hamma duunutti as teenya? \v 4 Yoo nu, ‘Kottaa magaalaa seennaa’ jenne, beelli achi jira; nus ni duuna. Yoo as turre ni duuna. Kanaafuu kottaa gara qubata warra Sooriyaa dhaqnaa. Yoo isaan nu maaran ni jiraanna; yoo isaan nu fixan immoo ni dhumna.” \p \v 5 Isaan galgala dimimmisaan kaʼanii gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqan. Yommuu isaan qubata sana bira gaʼanitti namni tokko iyyuu achi hin turre; \v 6 Kunis sababii Gooftaan akka warri Sooriyaa didichuu gaariiwwanii, fardeeniitii fi kan waraana guddaa dhagaʼanii, “Kunoo, mootiin Israaʼel nu dhaʼuuf jedhee mootii Heetotaatii fi mootii warra Gibxi nutti bitateera!” waliin jedhan godheef. \v 7 Kanaafuu isaan dunkaana isaanii, fardeenii fi harroota isaanii dhiisanii dimimmisaan baqatan. Qubata isaaniis akkuma jirutti dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuudhaaf ni baqatan. \p \v 8 Namoonni lamxii qaban sun daarii qubata sanaa bira gaʼanii dunkaana tokko seenan. Isaanis waa nyaatanii dhuganii meetii, warqee fi wayyaa guurratanii dhaqanii dhokfatan. Amma illee deebiʼanii dunkaana biraa seenanii waa keessaa guurratanii akkasuma dhokfatan. \p \v 9 Kana irratti isaan akkana waliin jedhan; “Nu waan qajeelaa hojjechuutti hin jirru; guyyaan kun guyyaa oduu gaarii ti; nu garuu inuma calʼifne. Yoo nu hamma bariʼutti calʼifne adabbiitu nu eeggata. Kanaafuu kottaa dafnee dhaqnee oduu kana mana mootummaatti himnaa.” \p \v 10 Isaanis dhaqanii namoota karra magaalaa eegan waamanii, “Nu gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqne; namni tokko illee achi hin turre; sagaleen nama tokkoo iyyuu hin dhagaʼamne. Fardeenii fi harroota hidhamanii fi dunkaana akkuma dhaabametti dhiifame qofatu ture” jedhan. \v 11 Warri karra eegan sunis oduu kana ni labsan; oduun sunis masaraa mootummaa keessatti ni dhagaʼame. \p \v 12 Mootichis halkaniin kaʼee ajajjoota loltoota isaatiin akkana jedhe; “Ani waan warri Sooriyaa nutti hojjetan isinittin hima; isaan akka nu beelaan miidhamaa jirru beeku; kanaafuu isaan, ‘Dhugumaan isaan gad ni baʼu; ergasiis nu utuma lubbuun jiranuu isaan qabnee magaalattii seenna’ jedhanii yaaduudhaan baadiyyaa keessa dhokachuudhaaf qubata dhiisanii baʼan.” \p \v 13 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko akkana jedhee deebise; “Namoonni tokko tokko fardeen magaalaa keessatti hafan keessaa shan fudhatanii haa deeman. Rakkinni isaanii akkuma Israaʼeloota asitti hafan hundaa ti; dhugumaan isaan akkuma Israaʼeloota dhuman sana hundaa ni taʼu. Kanaafuu kottaa waan taʼe beekuudhaaf isaan erginaa.” \p \v 14 Kanaafuu isaan gaariiwwan lama fardeen isaanii wajjin ni filan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee loltoota Sooriyaa duubaan isaan erge. \v 15 Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; kunoo karaan hundi uffataa fi miʼa warri Sooriyaa yeroo ariitiidhaan baqatanitti daddarbataniin guutamee ture. Ergamoonni sunis deebiʼanii mootichatti himan. \v 16 Ergasiis namoonni gad yaaʼanii qubata warra Sooriyaa ni saaman. Kanaafuu akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbate sana daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurame. \p \v 17 Mootichis yeroo kanatti ajajaa loltootaa kan irree isaatti irkatee ture sana itti gaafatamaa karraa godhee muude; namoonnis karra duratti isa irra yaaʼan; innis akkuma namni Waaqaa yeroo mootichi mana isaa dhufetti dubbate sana ni duʼe. \v 18 Kunis akkuma namni Waaqaa sun, “Bori yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti ni gurgurama” jedhee mootichatti hime sana taʼe. \p \v 19 Ajajaan loltootaa sunis nama Waaqaa sanaan “Utuma \nd Waaqayyo\nd* karra burqaa samiiwwanii bane illee wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Namni Waaqaa sun immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkicha isaa illee hin nyaattu!” jedhe. \v 20 Wanni isa irra gaʼes dhugumaan kanaa dha; inni waan namoonni karra duratti isa irra yaaʼaniif duʼeetii. \c 8 \s1 Lafti Dubartii Suunam Ni Deebiʼeef \p \v 1 Yeroo kanatti Elsaaʼi dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, “Sababii \nd Waaqayyo\nd* beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu” jedhe. \v 2 Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Waaqaa sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan. \p \v 3 Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe. \v 4 Mootichis, “Mee waan Elsaaʼi hojjete gurguddaa natti himi” jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Waaqaa sana wajjin haasaʼaa ture. \v 5 Utuma Gehaaz akka Elsaaʼi nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Elsaaʼi ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte. \p Gehaazis, “Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Elsaaʼi mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti” jedhe. \v 6 Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte. \p Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, “Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif” jedheen. \s1 Hazaaʼeel Ben-Hadaadin Ajjeese \p \v 7 Elsaaʼi Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, “Namni Waaqaa sun as dhufee jira” jedhanii itti himanitti, \v 8 Hazaaʼeeliin akkana jedhe; “Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Waaqaa sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii \nd Waaqayyoon\nd* gaafadhu.” \p \v 9 Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Elsaaʼin simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, “Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge” jedheen. \p \v 10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu \nd Waaqayyo\nd* akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera” jedhee deebiseef. \v 11 Elsaaʼi hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Waaqaa sun booʼuu jalqabe. \p \v 12 Hazaaʼeelis, “Gooftaan koo maaliif booʼa?” jedhee gaafate. \p Inni immoo akkana jedhee deebise; “Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita.” \p \v 13 Hazaaʼeel, “Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?” jedhe. \p Elsaaʼi immoo, “\nd Waaqayyo\nd* akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera” jedhee deebiseef. \p \v 14 Hazaaʼeel ergasii Elsaaʼi biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, “Elsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, “Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime” jedhee deebise. \v 15 Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Yehooraam Mooticha Yihuudaa \r 8:16‑24 kwf – \xt 2Sn 21:5‑10,20\xt* \p \v 16 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe. \v 17 Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. \v 18 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula \nd Waaqayyoo\nd* durattis waan hamaa hojjete. \v 19 Taʼus \nd Waaqayyo\nd* sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii \nd Waaqayyoo\nd* hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture. \p \v 20 Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate. \v 21 Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan. \v 22 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile. \p \v 23 Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 24 Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Ahaaziyaa Mooticha Yihuudaa \r 8:25‑29 kwf – \xt 2Sn 22:1‑6\xt* \p \v 25 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe. \v 26 Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte. \v 27 Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii. \p \v 28 Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan; \v 29 kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. \p Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe. \c 9 \s1 Yehuun Mootii Israaʼel taʼee Dibame \p \v 1 Elsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa nama tokko waamee akkana jedheen; “Mudhii kee hidhadhuutii bilqaaxxii zayitii kana fuudhii Raamooti Giliʼaad dhaqi. \v 2 Yeroo achi geessutti Yehuu ilma Yehooshaafaax ilma Nimshii sana barbaadi. Gara isaa dhaqiitii miiltota isaa biraa isa fuudhiitii diinqatti isa galchi. \v 3 Ergasii bilqaaxxii sana fuudhii zayitii sana mataa isaatti naqiitii, ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.’ Ergasii balbala banadhuutii fiigi malee hin turin!” \p \v 4 Kanaafuu raajichi dargaggeessi sun kaʼee Raamooti Giliʼaad dhaqe. \v 5 Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. \p Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. \p Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise. \p \v 6 Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba \nd Waaqayyoo\nd*, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba. \v 7 Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota \nd Waaqayyoo\nd* kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa. \v 8 Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa. \v 9 Ani mana Ahaab akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha. \v 10 Iizaabelin immoo sarootatu biyya Yizriʼeel keessatti nyaata; namni tokko iyyuu ishee hin awwaalu.’ ” Innis ergasii balbala banatee fiige. \p \v 11 Yehuun gara ajajjuuwwan isa wajjin turan sanaatti gad baanaan isaan keessaa namni tokko, “Wanni hundi nagumaa? Namichi maraatuun kun maaliif si bira dhufe?” jedhee isa gaafate. \p Yehuunis, “Ati namichaa fi waan inni dubbate ni beekta” jedhee deebiseef. \p \v 12 Isaanis, “Kun dhugaa miti! Nutti himi” jedhaniin. \p Yehuun, “Wanni inni natti hime kanaa dha; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera’ ” jedhee deebiseef. \p \v 13 Isaan dafanii wayyaa isaanii of irraa fuudhanii gulantaawwan duwwaa irra isa jala afan. Ergasii immoo malakata afuufanii, “Yehuun mootii dha!” jedhan. \s1 Yehuun Yehooraamii fi Ahaaziyaa Ajjeese \r 9:21‑29 kwf – \xt 2Sn 22:7‑9\xt* \p \v 14 Kanaafuu Yehuun ilmi Yehooshaafaax ilmi Nimshii Yooraamitti malate. Yeroo sanatti Yooraamii fi Israaʼel hundi Raamooti Giliʼaad irraa Hazaaʼeel mooticha Sooriyaa eegaa turan; \v 15 Yehooraam mootichi garuu madaa warri Arraam yeroo inni Hazaaʼeel mooticha Arraamiitiin wal loletti isa madeessan sanaaf walʼaansa argachuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼee ture. Yehuun, “Yoo yaadni kee kana taʼe, akka namni tokko iyyuu magaalaa keessaa gad baʼee dhaqee oduu kana Yizriʼeel keessatti odeessu hin eeyyamin” jedhe. \v 16 Innis ergasii gaarii isaa seenee sababii Yooraam achitti boqochaa jiruu fi sababii Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa isa arguuf gad buʼeef Yizriʼeelitti qajeele. \p \v 17 Eegduun gamoo eegumsaa kan Yizriʼeel keessaa irra dhaabachaa ture sun yommuu loltoota Yehuu kanneen dhufaa jiran argetti, “Ani loltoota dhufaa jiran tokkon arga” jedhee iyye. \p Yehooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii akka inni isaanitti gad baʼee, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedhee isaan gaafatuuf itti ergi” jedhee ajaje. \p \v 18 Abbaan fardaa sunis Yehuu arguuf gulufee dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. \p Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. \p Eegduun sunis, “Ergamaan isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine” jedhee hime. \p \v 19 Kanaafuu mootichi abbaa fardaa lammaffaa erge. Innis gara isaanii dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. \p Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. \p \v 20 Eegduun sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine. Oofichi isaa akkuma ooficha Yehuu ilma Nimshii sanaa ti; inni akkuma nama maraate tokkootti oofaatii” jedhee hime. \p \v 21 Kana irrati Yehooraam, “Gaarii koo naa qopheessaa” jedhee ajaje. Erga gaariin qopheeffamee booddee Yehooraam mootichi Israaʼelii fi Ahaaziyaan mootichi Yihuudaa, tokkoon tokkoon isaanii gaarii isaanii yaabbatanii Yehuu simachuu dhaqan. Isaanis lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti isa argatan. \v 22 Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. \p Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise. \p \v 23 Yehooraam of irra garagalee Ahaaziyaadhaan, “Yaa Ahaaziyaa, wanni kun maltummaa dha!” jedhee baqate. \p \v 24 Yehuun xiyya isaa darbatee gatiittii Yehooraam gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa fullaʼe; innis gaarii isaa keessatti kufe. \v 25 Yehuunis ajajaa gaarii isaa Bidqaariin akkana jedhe; “Isa fuudhiitii lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti gati. Akka \nd Waaqayyo\nd* gaafa anii fi ati gaariidhaan Ahaab abbaa isaa duubaan gulufaa turre sana akkana jedhee waaʼee isaa raajii dubbate yaadadhu: \v 26 ‘Ani kaleessa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa argeera, jedha \nd Waaqayyo\nd*; ani dhugumaan akka ati gatii dhiiga sanaa lafa qotiisaa sana irratti baaftu nan godha’ jedha \nd Waaqayyo\nd*. Egaa amma isa fuudhiitii akkuma dubbii \nd Waaqayyootti\nd* lafa qotiisaa sana keessatti isa gati.” \p \v 27 Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa yommuu waan kana argetti karaa Beet Hagaanitti geessuun baqate. Yehuun, “Isas ajjeesaa!” jedhee iyyaa isa ariʼe. Isaanis karaa Guuritti geessu irratti Yibleʼaam biratti isa madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti duʼe. \v 28 Tajaajiltoonni isaa gaariidhaan Yerusaalemitti isa geessanii awwaala isaa kan Magaalaa Daawit keessaatti abbootii isaa biratti isa awwaalan. \v 29 Bara Yooraam ilma Ahaab keessa waggaa kudha tokkoffaatti Ahaaziyaan mootii Yihuudaa taʼe. \s1 Iizaabel Ajjeefamte \p \v 30 Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte. \v 31 Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen. \p \v 32 Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan. \v 33 Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe. \p \v 34 Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe. \v 35 Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine. \v 36 Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii \nd Waaqayyo\nd* karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu. \v 37 Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.” \c 10 \s1 Maatiin Ahaab Ajjeefaman \p \v 1 Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe; \v 2 “Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif, \v 3 ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.” \p \v 4 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan. \p \v 5 Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan. \p \v 6 Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse. \p Yeroo kanatti ilmaan mootii torbaatamanuu namoota magaalaa sanaa bebeekamoo kanneen isaan guddisan bira turan. \v 7 Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan. \v 8 Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime. \p Yehuun immoo, “Mee balbala ittiin magaalattii seenan duratti iddoo lamatti tuulaatii hamma lafti bariitutti tursaa” jedhee ajaje. \p \v 9 Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe? \v 10 Kanaafuu akka dubbiin \nd Waaqayyo\nd* mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. \nd Waaqayyo\nd* waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.” \v 11 Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe. \p \v 12 Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti, \v 13 firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate. \p Isaanis, “Nu firoota Ahaaziyaa; nu maatii mootichaatii fi ilmaan haadha mootichaa dubbisuu dhufne” jedhanii deebisan. \p \v 14 Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne. \p \v 15 Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate. \p Yehoonaadaabis, “Ani gara kee jira” jedhee deebise. \p Yehuunis, “Yoo akkas taʼe harka kee natti kenni” jedheen. Innis harka isaa itti kenne. Yehuunis isa gargaaree gaariitti ol isa baase. \v 16 Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani \nd Waaqayyoof\nd* qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme. \p \v 17 Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii \nd Waaqayyo\nd* Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse. \s1 Tajaajiltoonni Baʼaal ajjeefaman \p \v 18 Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila. \v 19 Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe. \p \v 20 Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan. \v 21 Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame. \v 22 Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef. \p \v 23 Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni \nd Waaqayyoo\nd* tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe. \v 24 Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture. \p \v 25 Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan. \v 26 Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban. \v 27 Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu. \p \v 28 Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse. \v 29 Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti. \p \v 30 \nd Waaqayyos\nd* Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.” \v 31 Taʼus Yehuun seera \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine. \p \v 32 Bara sana keessa \nd Waaqayyo\nd* lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate; \v 33 kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha. \p \v 34 Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \p \v 35 Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \v 36 Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche. \c 11 \s1 Ataaliyaa fi Yooʼaash \r 11:1‑21 kwf – \xt 2Sn 22:10–23:21\xt* \p \v 1 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mootii guutumaan guutuutti balleessite. \v 2 Yehooshebaati intalli Yooraam mootichaa obboleettiin Ahaaziyaa sun garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhatte. Isheenis Ataaliyaa jalaa isa dhoksuuf jettee isaa fi guddiftuu isaa kutaa hirribaa keessa teessifte. Kanaafuu inni hin ajjeefamne. \v 3 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda guddiftuu isaa wajjin mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate. \p \v 4 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti ajajjuuwwan dhibbaa, namoota Kaariittii fi eegdotatti nama ergee akka isaan mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* gara isaa dhufan godhe. Innis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti isaan wajjin kakuu seene. Ergasiis ilma mootii isaanitti argisiise. \v 5 Akkana jedhees isaan ajaje; “Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin warri garee sadii keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaatan harka sadii keessaa harki tokko mana mootii, \v 6 harka sadii keessaa harkii tokko Karra Suur, harka sadii keessaa harkii tokko immoo karra eegdota dabaree dabareedhaan mana qulqullummaa eegan dugda duubaan jiru haa eegu; \v 7 isin warri garee lamaan kaan keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojii irraa boqottan hundinuu immoo mana qulqullummaa mootiidhaaf eeguu qabdu. \v 8 Tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa harkatti qabadhaatii mootichatti naannaʼaa dhadhaabadhaa. Namni naannoo isin jirtanitti dhiʼaatu kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.” \p \v 9 Ajajjuuwwan dhibbaa sunis akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan fudhatanii Yehooyaadaa lubicha bira dhufan. \v 10 Innis eeboowwanii fi gaachanawwan Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa turan ajajjoota sanaaf ni kenne. \v 11 Eegdonni sunis, tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibbaatii fi karaa kaaba mana qulqullummaatiin iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii ni dhadhaabatan. \p \v 12 Yehooyaadaanis ilma mootichaa fidee mataa isaa irra gonfoo kaaʼe; inni garagalcha kakuu itti kennee, “Inni mootii dha” jedhee labse. Isaanis isa diban; harka dhaʼaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan. \p \v 13 Ataaliyaan yommuu waca eegdotaatii fi namootaa dhageessetti gara namoota sanaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dhaqxe. \v 14 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite. \p \v 15 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman ajaje. Lubichi, “Isheen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti ajjeefamuu hin qabdu” jedhee tureetii. \v 16 Kanaafuu isaan akkuma isheen balbala fardeen ittiin masaraa mootii seenan geesseen ishee qabanii achumatti ishee ni ajjeesan. \p \v 17 Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba \nd Waaqayyoo\nd* taʼaniif jedhee \nd Waaqayyoo\nd* fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe. \v 18 Sabni biyyattii hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii hurreessanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. \p Ergasii Yehooyaadaan lubichi mana qulqullummaa \nd Waaqayyotti\nd* eegdota ni ramade. \v 19 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, warra Kaarii, eegdotaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee isaan wajjinis mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* mooticha gad baasanii fidanii karaa karra eegdotaatiin masaraa mootummaa seenan. Mootichis teessoo mootii irra taaʼe. \v 20 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan. Sababii Ataaliyaan masaraa mootummaa keessatti goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte. \p \v 21 Yooʼaash yeroo mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture. \c 12 \s1 Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromse \r 12:1‑21 kwf – \xt 2Sn 24:1‑14; 24:23‑27\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. \v 2 Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture. \v 3 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan. \p \v 4 Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa. \v 5 Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.” \p \v 6 Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture. \v 7 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.” \v 8 Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan. \p \v 9 Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture. \v 10 Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan. \v 11 Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif, \v 12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan. \p \v 13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle; \v 14 maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame. \v 15 Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne. \v 16 Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* hin fidamne; kun qooda lubootaatii. \p \v 17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale. \v 18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme. \p \v 19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan. \v 21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 13 \s1 Yehooʼaahaaz Mooticha Israaʼel \p \v 1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche. \v 2 Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine. \v 3 Kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne. \p \v 4 Yehooʼaahaaz fuula \nd Waaqayyoo\nd* barbaaddate; \nd Waaqayyos\nd* akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef. \v 5 \nd Waaqayyos\nd* nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan. \v 6 Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe. \p \v 7 Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii. \p \v 8 Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? \v 9 Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Yooʼaash Mooticha Israaʼel \p \v 10 Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche. \v 11 Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate. \p \v 12 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 13 Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame. \p \v 14 Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye. \p \v 15 Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate. \v 16 Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe. \p \v 17 Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo \nd Waaqayyoo\nd*, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse. \p \v 18 Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute. \v 19 Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.” \p \v 20 Elsaaʼi duʼee awwaalame. \p Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture. \v 21 Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate. \p \v 22 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse. \v 23 \nd Waaqayyo\nd* garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene. \p \v 24 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \v 25 Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise. \c 14 \s1 Amasiyaa Mooticha Yihuudaa \r 14:1‑7 kwf – \xt 2Sn 25:1‑4,11‑12\xt* \r 14:8‑22 kwf – \xt 2Sn 25:17–26:2\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Yooʼaahaaz mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Amasiyaa ilmi Iyooʼas mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe. \v 2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. \v 3 Innis waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa taʼe ni hojjete. Garuu akka abbaa isaa Daawititti miti. Inni waan hunda keessatti fakkeenya abbaa isaa Yooʼaash duukaa buʼe. \v 4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan. \p \v 5 Inni erga jabeessee harka isaatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe. \v 6 Taʼus inni akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame kan \nd Waaqayyo\nd*, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti ilmaan warra nama ajjeesan sanaa hin fixne. \p \v 7 Namni Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudhan moʼatee waraanaan Seelaa qabate kan maqaa isheen hamma harʼaatti ittiin waamamtu, Yoqtiʼeel jedhee moggaases isuma. \p \v 8 Amasiyaanis, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosee gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ergamoota erge. \p \v 9 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme. \v 10 Ati dhugumaan Edoomin moʼattee amma of tuulaa jirta. Moʼannoo keetiin gammadi; amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?” \p \v 11 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan. \v 12 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate. \v 13 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalem dhaqee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture. \v 14 Innis warqee fi meetii hunda akkasumas miʼa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti argamuu fi kan kuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessaa jiru hunda fudhate; namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe. \p \v 15 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa, waraana inni Amasiyaa mooticha Yihuudaatiin loles dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 16 Yooʼaashis abbootii isaa wajjin boqotee mootota Israaʼel biratti Samaariyaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \p \v 17 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate. \v 18 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \p \v 19 Isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. \v 20 Reeffi isaas fardatti feʼamee dhufee abbootii isaa biratti Yerusaalem keessatti Magaalaa Daawititti awwaalame. \p \v 21 Ergasii warri Yihuudaa hundinuu Azaariyaa mucaa waggaa kudha jaʼaa fuudhanii iddoo abbaa Amasiyaa sana mootii godhatan. \v 22 Namni erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee Eelaatin deebisee ijaaree warra Yihuudaatti kenne isa. \s1 Yerobiʼaam Lammaffaa Mooticha Israaʼel \p \v 23 Bara Amasiyaa ilma Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha shanaffaatti Yerobiʼaam ilmi Iyooʼas mooticha Israaʼel Samaariyaa keessatti mootii taʼe; innis waggaa afurtamii tokko bulche. \v 24 Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete; cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraas hin deebine. \v 25 Namni akkuma dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel kan inni karaa garbicha isaa Yoonaas ilma Amitaayi, raajicha Gat Heeferii dhufee sanaatiin dubbateetti daarii biyya Israaʼel Leeboo Hamaatii jalqabee hamma Galaana Arabbaatti iddootti deebise isa ture. \p \v 26 \nd Waaqayyo\nd* akka tokkoon tokkoon nama Israaʼel keessa jiraatuu, garbas taʼu birmaduun akka malee rakkachaa jiru arge; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin turre. \v 27 \nd Waaqayyos\nd* waan maqaa Israaʼel samii jalaa nan balleessa hin jedhiniif harka Yerobiʼaam ilma Yooʼaashiitiin isaan baase. \p \v 28 Wantoonni bara mootummaa Yerobiʼaam keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundi, jabinni loltummaa isaa, akka inni itti Damaasqoo fi Hamaati kanneen duraan Yihuudaa jala turan sana Israaʼeliif deebisee dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 29 Yerobiʼaam abbootii isaa mootota Israaʼel wajjin boqote; ilmi isaa Zakkaariyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 15 \s1 Azaariyaa Mooticha Yihuudaa \r 15:1‑7 kwf – \xt 2Sn 26:3‑4,21‑23\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe. \v 2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. \v 3 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete. \v 4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan. \p \v 5 \nd Waaqayyos\nd* hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche. \p \v 6 Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 7 Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Zakkaariyaas Mooticha Israaʼel \p \v 8 Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche. \v 9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine. \p \v 10 Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakkaariyaasitti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe. \v 11 Wantoonni bara mootummaa Zakkaariyaas keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 12 Akkasiinis dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan inni “Sanyiiwwan kee hamma dhaloota Afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate sun ni raawwatame. \s1 Shaluum Mooticha Israaʼel \p \v 13 Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche. \v 14 Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \p \v 15 Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. \p \v 16 Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse. \s1 Menaaheem Mooticha Israaʼel \p \v 17 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche. \v 18 Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine. \p \v 19 Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef. \v 20 Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre. \p \v 21 Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? \v 22 Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Pheqaayaan Mooticha Israaʼel \p \v 23 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche. \v 24 Pheqaayaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine. \v 25 Ajajjoota isaa ol aantota keessaa Pheqaan ilmi Remaaliyaa isatti malate. Innis namoota Giliʼaad keessaa nama shantama fudhatee fiixee masaraa mootummaa kan Samaariyaa keessaa irratti Pheqaayaa, Argobbii fi Ariyyee ajjeese. Pheqaanis akkasiin Pheqaayaa ajjeesee iddoo isaa mootii taʼe. \p \v 26 Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? \s1 Pheqaa Mooticha Israaʼel \p \v 27 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche. \v 28 Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine. \p \v 29 Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse. \v 30 Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe. \p \v 31 Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? \s1 Yootaam Mooticha Yihuudaa \r 15:33‑38 kwf – \xt 2Sn 27:1‑4,7‑9\xt* \p \v 32 Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. \v 33 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. \v 34 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete. \v 35 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan Ol aanu deebisee ijaare. \p \v 36 Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? \v 37 Bara sana keessa \nd Waaqayyo\nd* Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe. \v 38 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 16 \s1 Aahaaz Mooticha Yihuudaa \r 16:1‑20 kwf – \xt 2Sn 28:1‑27\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. \v 2 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula \nd Waaqayyoo\nd* Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne. \v 3 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube. \v 4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse. \p \v 5 Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemin loluuf ol baʼanii Aahaazin marsan; garuu isa moʼachuu hin dandeenye. \v 6 Yeroo sanatti Reziin mootichi Sooriyaa namoota Yihuudaa ariʼee baasuudhaan Eelaatin warra Sooriyaatiif deebise. Ergasiis Edoomonni Eelaatitti godaananii hamma harʼaatti achuma jiraatu. \p \v 7 Aahaazis akkana jedhee gara Tiiglaat Phileeser mooticha Asooritti nama erge; “Ani garbichaa fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaatii fi harka mootii Israaʼel kanneen natti duulaniitii na baasi.” \v 8 Kana irratti Aahaaz meetii fi warqee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa jiruu fi kan mankuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessatti argamu baasee kennaa godhee mootii Asooritiif ni erge. \v 9 Mootiin Asoor sunis kadhaa isaa tole jedhee Damaasqoo lolee qabate. Jiraattota ishees boojiʼee Qiiritti geesse; Reziinin immoo ni ajjeese. \p \v 10 Aahaaz mootichi Tiiglaat Phileeser mooticha Asoor arguuf Damaasqoo dhaqe. Innis iddoo aarsaa tokko Damaasqoo keessatti argee fakkeenya isaatii fi karoora ittiin ijaaran hunda barreessee Uuriyaa lubichatti erge. \v 11 Kanaafuu Uuriyaa lubichi akkuma karoora Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa ergeef sana hundaatti utuu Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa hin deebiʼin dura iddoo aarsaa sana ijaaree fixe. \v 12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼee iddoo aarsaa sana argetti itti dhiʼaatee irratti aarsaa dhiʼeesse. \v 13 Innis aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii dhiʼeessee dhibaayyuu illee dhibaafatee dhiiga aarsaa nagaa kan ofii isaas iddoo aarsaa sana irratti ni facaase. \v 14 Iddoo aarsaa naasii irraa hojjetamee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabatee ture sanas mana qulqullummaa duraa iddoo aarsaa haaraa fi mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* gidduudhaa fidee gama kaabaatiin iddoo aarsaa haaraa bira kaaʼe. \p \v 15 Ergasii Aahaaz mootichi akkana jedhee Uuriyaa lubicha ajaje; “Iddoo aarsaa guddicha irratti aarsaa gubamu kan ganamaatii fi kennaa midhaanii kan galgalaa, aarsaa mootichaa kan gubamuu fi kennaa midhaanii, aarsaa namoota biyyattii hundaa kan gubamu, kennaa isaanii kan midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessi. Iddoo aarsaa irratti dhiiga aarsaa gubamuutii fi dhiiga qalmaa hunda facaasi. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame garuu anatu ittiin gorsa gaafata.” \v 16 Uuriyaan lubichis akkuma Aahaaz mootichi ajaje sana godhe. \p \v 17 Aahaaz mootichi baattuuwwan asii fi achi sochoofaman sana irraa marsaawwan buqqisee caabiiwwan dhiqannaa illee irraa baase. Gaanii sana baattuuwwan fakkii jibootaa kanneen naasii irraa hojjetaman irraa fuudhee dhagaa afamaa irra kaaʼe. \v 18 Innis mootii Asooriif jedhee oobdii guyyaa Sanbataatiif hojjetame iddoo isaatii fuudhee karra alaa kan mootonni ittiin mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenanis ni buqqise. \p \v 19 Wanni bara mootummaa Aahaaz keessa hojjetame biraatii fi wanni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? \v 20 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 17 \s1 Hooseʼaa Mooticha Israaʼel Kan Dhumaa \r 17:3‑7 kwf – \xt 2Mt 18:9‑12\xt* \p \v 1 Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche. \v 2 Innis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti. \p \v 3 Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef. \v 4 Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaa Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse. \v 5 Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate. \v 6 Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise. \s1 Sabni Israaʼel Sababii Cubbuutiif Boojiʼame \p \v 7 Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqota biraa waaqeffatanii \v 8 waan saboonni \nd Waaqayyo\nd* isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan. \v 9 Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan. \v 10 Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan. \v 11 Isaan akkuma saboonni \nd Waaqayyo\nd* fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf \nd Waaqayyoon\nd* kakaasu illee ni hojjetan. \v 12 \nd Waaqayyos\nd*, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqota tolfamoo waaqeffatan. \v 13 \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee karaa raajotaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; “Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo raajotaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa.” \p \v 14 Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan. \v 15 Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma \nd Waaqayyo\nd*, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan \nd Waaqayyo\nd* hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan. \p \v 16 Isaan ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan. \v 17 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan. \p \v 18 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe; \v 19 Yihuudaan iyyuu ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan; \v 20 kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne. \p \v 21 Gaafa inni mana Daawit irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni \nd Waaqayyo\nd* irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe. \v 22 Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee \v 23 hamma \nd Waaqayyo\nd* akkuma karaa garboota isaa raajotaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata. \s1 Asooronni Samaariyaa Keessa Qubatan \p \v 24 Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan. \v 25 Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti \nd Waaqayyoon\nd* hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan. \v 26 Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; “Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Waaqni biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Waaqni sun fedhu hin beekiniif isaan fixan.” \p \v 27 Kana irratti mootiin Asoor, “Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Waaqni biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa” jedhee ajaja kenne. \v 28 Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffatan barsiisuu dhufe. \p \v 29 Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe. \v 30 Warri Baabilonii dhufan Waaqa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan Waaqa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo Waaqa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan. \v 31 Awwiimonni waaqota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. \v 32 Isaan \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan. \v 33 Isaan \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqota ofii isaanii tajaajilan. \p \v 34 Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan \nd Waaqayyoon\nd* hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja \nd Waaqayyo\nd* sanyiiwwan Yaaqoob kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan. \v 35 \nd Waaqayyo\nd* gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Waaqa biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa. \v 36 Garuu \nd Waaqayyo\nd* isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu. \v 37 Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqota biraa hin waaqeffatinaa. \v 38 Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqota biraa hin waaqeffatinaa. \v 39 Qooda kanaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa.” \p \v 40 Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye. \v 41 Yeroo namoonni kunneen \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru. \c 18 \s1 Hisqiyaas Mooticha Yihuudaa \r 18:2‑4 kwf – \xt 2Sn 29:1‑2; 31:1\xt* \r 18:5‑7 kwf – \xt 2Sn 31:20‑21\xt* \r 18:9‑12 kwf – \xt 2Mt 17:3‑7\xt* \p \v 1 Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. \v 2 Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. \v 3 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa hojjete. \v 4 Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture. \p \v 5 Hisqiyaas \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre. \v 6 Inni jabaatee \nd Waaqayyotti\nd* hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera \nd Waaqayyo\nd* Museef kenne sanas ni eege. \v 7 \nd Waaqayyos\nd* isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille. \v 8 Inni gamoo eegumsaatii jalqabee hamma magaalaa dallaa jabaa qabuutti, hamma Gaazaattii fi daangaa isheetti Filisxeemota ni moʼate. \p \v 9 Waggaa afuraffaa bara Hisqiyaas mootichaa keessa jechuunis waggaa torbaffaa bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa Shalmaneseer mootichi Asoor Samaariyaatti duulee marsee ishee qabate. \v 10 Dhuma waggaa sadaffaatti Asooronni ishee fudhatan. Akkasiinis Samaariyaan waggaa jaʼaffaa bara mootummaa Hisqiyaas keessa, waggaa saglaffaa bara Hoosheeʼaa mooticha Israaʼel keessa ni fudhatamte. \v 11 Mootiin Asooris Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geessee Halaa keessa, Goozaan keessa, Laga Haaboor biraa fi magaalaawwan Midiyaan keessa ni qubachiise. \v 12 Wanni kun sababii isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitiif ajajamuu didanii kakuu isaa, ajaja Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* isaaniif kenne hunda cabsaniif isaanitti dhufe. Isaan ajaja sana hin dhaggeeffanne yookaan hojii irra hin oolchine. \p \v 13 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti, Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate. \v 14 Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate. \v 15 Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef. \p \v 16 Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne. \s1 Senaaheriib Yerusaalemin Doorsise \r 18:13,17‑37 kwf – \xt Isa 36:1‑22\xt* \r 18:17‑35 kwf – \xt 2Sn 32:9‑19\xt* \p \v 17 Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan. \v 18 Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan. \p \v 19 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: \pm “ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte? \v 20 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta? \v 21 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma. \v 22 Yoo isin, “Nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii? \pm \v 23 “ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna! \v 24 Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa? \v 25 Ati waan ani dubbii \nd Waaqayyoo\nd* malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ” \p \v 26 Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan. \p \v 27 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?” \p \v 28 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa! \v 29 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu. \v 30 Hisqiyaas, ‘\nd Waaqayyo\nd* dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin \nd Waaqayyoon\nd* amanattaniif isin hin sossobin. \p \v 31 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu; \v 32 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa! \p “Waan inni, ‘\nd Waaqayyo\nd* nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa. \v 33 Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa? \v 34 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu? \v 35 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos \nd Waaqayyo\nd* akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?” \p \v 36 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine. \p \v 37 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan. \c 19 \s1 Furamuun Yerusaalem Duraan Durfamee Himame \r 19:1‑13 kwf – \xt Isa 37:1‑13\xt* \p \v 1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seene. \v 2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge. \v 3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti. \v 4 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.” \p \v 5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti, \v 6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin. \v 7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ” \p \v 8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate. \p \v 9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge; \v 10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin. \v 11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree? \v 12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu? \v 13 Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?” \s1 Kadhaa Hisqiyaas \r 19:14‑19 kwf – \xt Isa 37:14‑20\xt* \p \v 14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼee xalayaa sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti diriirse. \v 15 Hisqiyaas akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate; “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta. \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa \nd Waaqayyo\nd* ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu. \p \v 17 “Yaa \nd Waaqayyo\nd* mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. \v 18 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii. \v 19 Kanaafuu yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.” \s1 Kufaatii Senaaheriib \r 19:20‑37 kwf – \xt Isa 37:21‑38\xt* \r 19:35‑37 kwf – \xt 2Sn 32:20‑21\xt* \p \v 20 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera. \v 21 Dubbiin \nd Waaqayyo\nd* isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: \q1 “ ‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin \q2 si tuffattee sitti qoosti. \q1 Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti \q2 mataa ishee sitti raafti. \q1 \v 22 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? \q2 Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee \q1 of tuulummaadhaan ija ol qabatte? \q2 Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii! \q1 \v 23 Ati karaa ergamoota keetiitiin \q2 Gooftaatti qoosteerta. \q1 Ati akkanas jetteerta; \q2 “Ani gaariiwwan koo hedduudhaan \q1 fiixee tulluuwwaniitti, \q2 fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. \q1 Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo, \q2 gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. \q1 Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, \q2 bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera. \q1 \v 24 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee \q2 achitti bishaan dhugeera. \q1 Ani faana miilla kootiin \q2 lageen biyya Gibxi hunda gogseera.” \b \q1 \v 25 “ ‘Ati waan kana hin dhageenyee? \q2 Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. \q1 Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; \q2 amma immoo hojii irra oolfadheera; \q1 kunis akka ati magaalaawwan \q2 dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha. \q1 \v 26 Namoonni isaanii humna dhabanii \q2 abdii kutataniis qaanaʼan. \q1 Isaan akkuma biqiltuu diidaa, \q2 akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, \q1 akkuma marga mana gubbaatti biqilu \q2 kan utuu hin guddatin gubatee ti. \b \q1 \v 27 “ ‘Ani garuu lafa ati jirtu, \q2 yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, \q2 akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka. \q1 \v 28 Waan ati akka malee natti aartee guggubattee \q2 of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef, \q1 ani hokkoo koo funyaan kee keessa, \q2 luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen \q1 akka ati karuma dhufte sana \q2 deebitu sin godha.’ \p \v 29 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: \q1 “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, \q2 waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. \q1 Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; \q2 muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. \q1 \v 30 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko \q2 jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata. \q1 \v 31 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, \q2 Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. \m Hinaaffaan \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata: \b \p \v 32 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: \q1 “ ‘Inni magaalaa kana hin seenu \q2 yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. \q1 Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu \q2 yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu. \q1 \v 33 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; \q2 magaalaa kanas hin seenu, \q2 jedha \nd Waaqayyo\nd*. \q1 \v 34 Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee, \q2 magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’ ” \p \v 35 Halkanuma sana ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture! \v 36 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate. \p \v 37 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 20 \s1 Dhukkuba Hisqiyaas \r 20:1‑11 kwf – \xt 2Sn 32:24‑26; Isa 38:1‑8\xt* \p \v 1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’ ” jedheen. \p \v 2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee \nd Waaqayyoon\nd* kadhate; \v 3 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe. \p \v 4 Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara isaa dhufe; \v 5 “Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baata. \v 6 Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’ ” \p \v 7 Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye. \p \v 8 Hisqiyaasis, “Akka \nd Waaqayyo\nd* na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate. \p \v 9 Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka \nd Waaqayyo\nd* waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon \nd Waaqayyo\nd* siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?” \p \v 10 Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe. \p \v 11 Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee \nd Waaqayyoon\nd* ni kadhate; \nd Waaqayyos\nd* akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe. \s1 Ergamoota Baabilon Dhufan \r 20:12‑19 kwf – \xt Isa 39:1‑8\xt* \r 20:20‑21 kwf – \xt 2Sn 32:32‑33\xt* \p \v 12 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef. \v 13 Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre. \p \v 14 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. \p Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise. \p \v 15 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. \p Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen. \p \v 16 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi: \v 17 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 18 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.” \p \v 19 Hisqiyaasis, “Dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?” jedhee yaadee tureetii. \p \v 20 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 21 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 21 \s1 Minaasee Mooticha Yihuudaa \r 21:1‑10 kwf – \xt 2Sn 33:1‑10\xt* \r 21:17‑18 kwf – \xt 2Sn 33:18‑20\xt* \p \v 1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. \v 2 Innis waan jibbisiisaa saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \v 3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. \v 4 Innis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan \nd Waaqayyo\nd*, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. \v 5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. \v 6 Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase. \p \v 7 Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan \nd Waaqayyo\nd* akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. \v 8 Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Museen isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu.” \v 9 Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan. \p \v 10 \nd Waaqayyo\nd* karaa garboota isaa raajotaatiin akkana jedhee dubbate; \v 11 “Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise. \v 12 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida. \v 13 Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa. \v 14 Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus. \v 15 Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii.” \p \v 16 Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera. \p \v 17 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 18 Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Aamoon Mooticha Yihuudaa \r 21:19‑24 kwf – \xt 2Sn 33:21‑25\xt* \p \v 19 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte. \v 20 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \v 21 Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade. \v 22 Inni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa \nd Waaqayyoo\nd* irras hin deemne. \p \v 23 Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan. \v 24 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan. \p \v 25 Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? \v 26 Innis awwaala isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 22 \s1 Kitaabni Seeraa Argame \r 22:1‑20 kwf – \xt 2Sn 34:1‑2,8‑28\xt* \p \v 1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti. \v 2 Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme. \p \v 3 Yosiyaas mootichi bara mootummaa isaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti akkana jedhee Shaafaan ilma Azaliyaa ilma Meshulaam barreessaa sana gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* erge: \v 4 “Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi. \v 5 Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* haaromsaniif jechuunis, \v 6 warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan. \v 7 Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.” \p \v 8 Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise. \v 9 Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime. \v 10 Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. \p \v 11 Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase. \v 12 Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne; \v 13 “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf \nd Waaqayyoon\nd* gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.” \p \v 14 Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte. \p \v 15 Isheenis akkana isaaniin jette; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa. \v 16 ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida. \v 17 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’ \v 18 Mootii Yihuudaa kan akka isin \nd Waaqayyoon\nd* gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha; \v 19 “Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 20 Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” \p Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan. \c 23 \s1 Yosiyaas Kakuu Haaromsuu Isaa \r 23:1‑3 kwf – \xt 2Sn 34:29‑32\xt* \r 23:4‑20 kwi – \xt 2Sn 34:3‑7,33\xt* \r 23:21‑23 kwf – \xt 2Sn 35:1,18‑19\xt* \r 23:28‑30 kwf – \xt 2Sn 35:20–36:1\xt* \p \v 1 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame. \v 2 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi raajota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef. \v 3 Mootichis utubaa bira dhaabatee akka \nd Waaqayyoon\nd* duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse. \p \v 4 Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse. \v 5 Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse. \v 6 Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse. \v 7 Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige. \p \v 8 Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige. \v 9 Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture. \p \v 10 Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse. \v 11 Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube. \p \v 12 Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate. \v 13 Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse. \v 14 Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute. \p \v 15 Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube. \v 16 Yosiyaasis of irra garagalee awwaalawwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees awwaalawwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan namni Waaqaa inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse. \p \v 17 Mootichi, “Dhagaan awwaalaa kan ani arguutti jiru kun maal?” jedhee ni gaafate. \p Namoonni magaalaa sanaa immoo, “Inni awwaala nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti” jedhan. \p \v 18 Innis, “Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin” jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan. \p \v 19 Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii \nd Waaqayyoon\nd* dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige. \v 20 Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe. \p \v 21 Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje. \v 22 Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku. \v 23 Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti \nd Waaqayyoof\nd* ayyaaneffamaa ture. \p \v 24 Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe. \v 25 Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara \nd Waaqayyootti\nd* deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne. \p \v 26 Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef \nd Waaqayyo\nd* dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine. \v 27 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd*, “Ani akkuma Israaʼelin balleesse sana Yihuudaas fuula koo duraa nan balleessa; Yerusaalem magaalaa ani filadheef mana qulqullummaa kan ani, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe. \p \v 28 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? \p \v 29 Bara Yosiyaas mootii turetti, Faraʼoon Nekkoon mootichi Gibxi mootii Asoor gargaaruuf jedhee gara Laga Efraaxiisitti ol baʼe. Yosiyaas mootichis of irraa isa ittisuudhaaf itti gad baʼe. Nekkoon garuu isatti dhufee Megidootti isa ajjeese. \v 30 Garboonni Yosiyaasis gaariidhaan Megidoodhaa gara Yerusaalemitti reeffa isaa fidanii awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii dibanii iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan. \s1 Yehooʼaahaaz Mooticha Yihuudaa \r 23:31‑34 kwf – \xt 2Sn 36:2‑4\xt* \p \v 31 Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte. \v 32 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \v 33 Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii\f + \fr 23:33 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure. \v 34 Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe. \v 35 Yehooyaaqiimis meetii fi warqee Faraʼoon Nekkoon gaafate sana ni baase. Waan kana baasuufis gibira biyyatti muree namoota biyyattii irraa akkuma galii isaaniitti meetii fi warqee walitti qabe. \s1 Yehooyaaqiim Mooticha Yihuudaa \r 23:36–24:6 kwf – \xt 2Sn 36:5‑8\xt* \p \v 36 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte. \v 37 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \c 24 \p \v 1 Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile. \v 2 \nd Waaqayyos\nd* saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge. \v 3 Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja \nd Waaqayyootti\nd* Yihuudaatti dhufe; \v 4 akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef \nd Waaqayyo\nd* dhiisuufii hin barbaanne. \p \v 5 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 6 Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \p \v 7 Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane. \s1 Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa \r 24:8‑17 kwf – \xt 2Sn 36:9‑10\xt* \p \v 8 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti. \v 9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \p \v 10 Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan; \v 11 utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe. \v 12 Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan. \p Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate. \v 13 Nebukadnezaris akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* tolche hunda isaa immoo caccabse. \v 14 Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe. \p \v 15 Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse. \v 16 Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan. \v 17 Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare. \s1 Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa \r 24:18‑20 kwf – \xt 2Sn 36:11‑16; Erm 52:1‑3\xt* \p \v 18 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. \v 19 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa ni hojjete. \v 20 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa \nd Waaqayyootiif\nd* Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. \s1 Kufaatii Yerusaalem \r 25:1‑12 kwf – \xt Erm 39:1‑10\xt* \r 25:1‑21 kwf – \xt 2Sn 36:17‑20; Erm 52:4‑27\xt* \r 25:22‑26 kwf – \xt Erm 40:7‑9; 41:1‑3,16‑18\xt* \p Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile. \c 25 \p \v 1 Kanaafuu bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti, Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule. Innis magaalattiin ala qubatee naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marse. \v 2 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte. \p \v 3 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe. \v 4 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan; \v 5 loltoonni Baabilon garuu mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban. Loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan; \v 6 innis ni qabame. \p Gara mootii Baabilonitti Riiblaatti geeffamee achittis itti murame. \v 7 Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan. \p \v 8 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii torbaffaa jiʼa shanaffaatti, Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa, qondaalli mootii Baabilon sun gara Yerusaalem dhufe. \v 9 Innis mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd*, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise. Manneen gurguddaa hundas ni gube. \v 10 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan diigan. \v 11 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota magaalaa keessatti hafanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate. \v 12 Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise. \p \v 13 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa ture caccabsanii naasii sana immoo Baabilonitti geessan. \v 14 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan. \v 15 Ajajaan eegumsaa sunis girgiraawwanii fi waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan kanneen hundi isaanii warqee qulqulluu irraa yookaan meetii irraa hojjetaman fudhatee deeme. \p \v 16 Ulfinni naasii kan Solomoon ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan. \v 17 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheerata ture. Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma sadii ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis sibiila isaa kan wal keessa loofamee tolfame wajjin kanuma fakkaata ture. \p \v 18 Ajajaan eegumsaa sun, Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme. \v 19 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii shan fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota isaa kanneen magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate. \v 20 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse. \v 21 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. \p Yihuudaanis akkasiin boojiʼamtee biyya isheetii baate. \p \v 22 Nebukadnezar mootichi Baabilon akka inni namoota Yihuudaatti hambise sana bulchuuf Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ilma Shaafaan sana muude. \v 23 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaasin bulchaa kutaa biyyaa godhee muude dhagaʼanitti Gedaaliyaas bira Miisphaa dhufan; isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaan ilma Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti namicha Netoof sanaa, Yaazaniyaa ilma namicha Maʼakaatii fi namoota isaanii turan. \v 24 Gedaaliyaasis, “Qondaaltota Baabilon hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii” jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate. \p \v 25 Garuu jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalate sun namoota kudhan wajjin dhufee Gedaaliyaas, namoota Yihuudaatii fi namoota Baabilon kanneen isa wajjin Miisphaa turan fixe. \v 26 Kana irratti namni hundi xinnaa fi guddaan, Baabilonota sodaatee ajajjoota waraanaa wajjin gara Gibxitti baqate. \s1 Yehooyaakiin Gad Dhiifame \r 25:27‑30 kwf – \xt Erm 52:31‑34\xt* \p \v 27 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii torbaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mootii Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiise. \v 28 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef. \v 29 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate. \v 30 Mootichis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.