\id 2CO - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Qorontos \toc1 Qorontos Lammaffaa \toc2 2 Qorontos \toc3 2Qr \mt1 Qorontos \mt2 Lammaffaa \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, \po Gara waldaa kiristaanaa Waaqaa ishee Qorontos jirtuutii fi qulqulloota Akaayaa guutuu keessa jiraatan hundumaatti: \po \v 2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. \s1 Waaqa Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu \p \v 3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; \v 4 inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa. \v 5 Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata. \v 6 Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha. \v 7 Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii. \p \v 8 Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii. \v 9 Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Waaqa warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe. \v 10 Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra. \v 11 Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan, ayyaana kadhannaa namoota baayʼeetiif deebii taʼee nuu kenname sanaaf namoonni baayʼeen nuuf galateeffatu. \s1 Phaawulos Karoora Geeddarate \p \v 12 Egaa wanti nu ittiin of jajnu kanaa dha: Akka nu qulqullummaa fi amanamummaa Waaqa biraa argameen fooniin keessumattuu hariiroo isin wajjin qabnuun jiraachaa turre yaadni garaa keenyaa dhugaa nuuf baʼa. Kanas akka ayyaana Waaqaatti goone malee akka ogummaa addunyaatti miti. \v 13 Nu waan isin dubbisuu yookaan hubachuu hin dandeenye tokko illee isinii hin barreessinuutii. Ani akka isin hamma dhumaatti hubattan nan abdadha; \v 14 innis akkuma isin gara tokko nu hubattan kana, akka guyyaa Gooftaa Yesuusitti akkuma nu isiniin of jajnu sana isinis nuun of jajuu dandeessan guutummaatti hubattanii dha. \p \v 15 Anis sababiin waan kana amaneef akka isin ayyaana lammaffaa qabaattaniif jedhee jalqabatti gara keessan dhufuu barbaade. \v 16 Ani yeroon Maqedooniyaa dhaqutti isin ilaaluu fi yeroon Maqedooniyaadhaa deebiʼuttis gara keessan dhufee, akka isin yeroo ani Yihuudaa dhaqutti na ergitan barbaade. \v 17 Ani yeroon waan kana karoorfadhetti akka salphaattin hojjedhee? Yookaan akka yaada fooniitti yeruma tokkotti, “Eeyyee, eeyyee” fi “Waawuu, waawuu” jechuufan karoora baafadhaa ree? \p \v 18 Akkuma Waaqni amanamaa taʼe dubbiin nu isinitti dubbannus “Eeyyee” fi “Waawuu” miti. \v 19 Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqaa inni nu jechuunis ani, Silwaanosii fi Xiimotewos isin gidduutti lallabne sun, “Eeyyee” fi “Waawuu” hin turreetii; isa keessa “Eeyyeetu” jira. \v 20 Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna. \v 21 Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa; \v 22 innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe. \p \v 23 Ani garuu isin qusachuudhaaf jecha Qorontositti hin deebine; anis akka inni dhugaa natti baʼuuf Waaqa ofitti nan waama. \v 24 Nu gammachuu keessaniif isin wajjin hojjenna malee amantii keessan irratti gooftummaa hin qabnu; isin amantiin jabaattanii dhaabattaniitii. \c 2 \nb \v 1 Ani akkan lammata gaddaan gara keessan hin dhufne murteeffadheera. \v 2 Yoo ani isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiisu sana malee eenyutu na gammachiisa ree? \v 3 Akkasitti barreessuun koo akka yommuu ani dhufutti namoonni na gammachiisuu qaban na hin gaddisiisneefi. Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii taʼe ani hunda keessan nan amana ture. \v 4 Ani dhiphina guddaa, yaaddoo garaatii fi imimmaan baayʼeedhaan isinii barreesseetii; kunis jaalalli ani isiniif qabu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniif malee isin gaddisiisuuf miti. \s1 Cubbamaaf Dhiifama Gochuu \p \v 5 Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti. \v 6 Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa. \v 7 Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira. \v 8 Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha. \v 9 Anis akka isin waan hunda irratti ajajamtoota taatan mirkaneeffachuufin waan kana isinii barreesse. \v 10 Nama isin dhiifama gootaniif, anis dhiifama nan godha. Yoo wanti ani dhiifama godhe tokko iyyuu jiraates ani isiniif jedhee fuula Kiristoos duratti dhiifama godheera; \v 11 kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii. \s1 Tajaajiltoota Kakuu Haaraa \p \v 12 Yeroo ani wangeela Kiristoos lallabuuf Xirooʼaas dhaqee Gooftaan balbala naa banetti, \v 13 waan ani obboleessa koo Tiitoo hin argatiniif, hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu ani nagaatti isaaniin jedhee Maqedooniyaatti darbe. \p \v 14 Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu. \v 15 Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos. \v 16 Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa? \v 17 Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti. \c 3 \s1 Amantoonni Qorontos Xalayaa Kiristoos Taʼuu Isaanii \p \v 1 Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree? \v 2 Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma. \v 3 Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha. \p \v 4 Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti. \v 5 Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa. \v 6 Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna. \s1 Ulfina Kakuu Haaraa \p \v 7 Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee, \v 8 tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree? \v 9 Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree! \v 10 Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii. \v 11 Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree! \s1 Fuula Hin Haguuggaminiin Ulfina Waaqaa Arguu \p \v 12 Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna. \v 13 Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti. \v 14 Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii. \v 15 Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga. \v 16 Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama. \v 17 Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira. \v 18 Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra. \c 4 \s1 Dadhabbii Ammaatii fi Jireenya Duʼaa Kaʼuu \p \v 1 Kanaafuu nu araara Waaqaatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu. \v 2 Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina. \v 3 Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; \v 4 Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera. \v 5 Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan. \v 6 Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu”\f + \fr 4:6 \fr*\ft \+xt Uma 1:3\+xt*\ft*\f* jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii. \p \v 7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. \v 8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; \v 9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. \v 10 Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna. \v 11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii. \v 12 Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta. \p \v 13 “Ani amaneera; kanaafis dubbadheera”\f + \fr 4:13 \fr*\ft \+xt Far 116:10\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna; \v 14 inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna. \v 15 Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe. \s1 Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu \p \v 16 Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. \v 17 Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. \v 18 Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii. \c 5 \s1 Dhagna Haaraa Eeggachuu \p \v 1 Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna. \v 2 Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna; \v 3 nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii. \v 4 Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii. \v 5 Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha. \p \v 6 Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna. \v 7 Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti. \v 8 Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna. \v 9 Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha. \v 10 Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii. \s1 Tajaajila Araaraa \p \v 11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha. \v 12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif. \v 13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana “qalbii dabarsine,” Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti. \v 14 Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. \v 15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe. \p \v 16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu. \v 17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. \v 18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; \v 19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. \v 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. \v 21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe. \c 6 \p \v 1 Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna. \v 2 Inni, \q1 “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; \q2 guyyaa fayyinaattis si gargaareera”\f + \fr 6:2 \fr*\ft \+xt Isa 49:8\+xt*\ft*\f* \m jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma. \s1 Gidiraa Phaawulos Irra Gaʼe \p \v 3 Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu. \v 4 Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon, \v 5 garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun, \v 6 qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen, \v 7 dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun, \v 8 ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra; \v 9 beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu; \v 10 ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna. \p \v 11 Yaa warra Qorontos, nu afaan guunnee isinitti dubbanneerra; garaan keenyas isiniif banamaa dha. \v 12 Isinitu garaa nu dhokfate malee nu garaa isin hin dhokfanne. \v 13 Ani akka waan isin ijoollee koo taataniittin isinitti dubbadha; isinis akkasuma garaa keessan balʼisaa nuu banaa. \s1 Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa \p \v 14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? \v 15 Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? \v 16 Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; \q1 “Ani isaan wajjin nan jiraadha; \q2 isaan gidduus nan deddeebiʼa. \q1 Ani Waaqa isaanii nan taʼa; \q2 isaanis saba koo ni taʼu.”\f + \fr 6:16 \fr*\ft \+xt Lew 26:12; Erm 32:38; His 37:27\+xt*\ft*\f* \m \v 17 Kanaafuu, \q1 “Isaan keessaa baʼaa; \q2 isaan irraas gargar foʼamaa; \q2 jedha Gooftaan. \q1 Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, \q2 anis isinan simadha.”\f + \fr 6:17 \fr*\ft \+xt Isa 52:11; His 20:37,41\+xt*\ft*\f* \m \v 18 Amma illee, \q1 “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; \q2 isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; \q2 jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”\f + \fr 6:18 \fr*\ft \+xt 2Sm 7:8,14\+xt*\ft*\f* \c 7 \p \v 1 Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa. \s1 Gammachuu Phaawulos \p \v 2 Isin garaa nuu balʼadhaa. Nu nama tokko illee hin yakkine; nama tokko illee amala hin balleessine; nama tokko illee gowwoomsinee waa irraa hin fudhanne. \v 3 Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii. \v 4 Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu. \s1 Tiitoo Wajjin Wal Arguu \p \v 5 Yeroo Maqedooniyaa dhufnettis nu qixa hundaan dhiphachaa turre malee foon keenya kun boqonnaa hin arganne; alaan lola, keessaan immoo sodaatu nurra ture. \v 6 Waaqni warra gaddan jajjabeessu garuu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse; \v 7 kun immoo isin isa jajjabeessuu keessaniinis malee dhufaatii isaa qofaan miti. Innis na yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin naaf qabdan nutti himeera; kanaafuu ani hamma duraa caalaa gammadeera. \p \v 8 Ani yoon xalayaa kootiin isin gaddisiise illee waan kana gochuu kootiif hin gaabbu. Ani yoon gaabbe illee akka xalayaan sun isin gaddisiise nan hubadha; taʼus isin gaddisiisuun isaa yeruma gabaabaaf; \v 9 amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne. \v 10 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida. \v 11 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu. \v 12 Kanaafuu ani isinii barreessu iyyuu, isin fuula Waaqaa duratti hammam akka nuuf of kennitan akka ofuma keessaniin argitaniif malee sababii namicha nama miidheetiif yookaan sababii namicha miidhameetiif miti. \v 13 Nuus kana hundaanuu ni jajjabaanna. \p Jajjabina keenyatti dabalees keessumattuu Tiitoon gammaduu isaa arginee gammanneerra; hafuurri isaa isin hundaan haaromfameeraatii. \v 14 Ani isiniin isatti booneen ture; isinis na hin qaanessine. Garuu akkuma wanni nu isinitti himne sun hundi dhugaa taʼe, waaʼee keessan Tiitootti boonuun keenyas akkasuma dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. \v 15 Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa isin ittiin isa simattan sana yeroo yaadatutti jaalalli inni isiniif qabu isa durii caalaa dabalama. \v 16 Ani abdii guutuu isin irraa qaba; kanaafuu nan gammada. \c 8 \s1 Arjummaa Qulqullootaaf Taasifame \p \v 1 Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna. \v 2 Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. \v 3 Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin \v 4 carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. \v 5 Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone. \v 6 Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne. \v 7 Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa. \p \v 8 Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. \v 9 Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome. \p \v 10 Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan. \v 11 Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa. \v 12 Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti. \p \v 13 Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf. \v 14 Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata; \v 15 kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne”\f + \fr 8:15 \fr*\ft \+xt Bau 16:18\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \s1 Tiitoon Qorontositti Ergame \p \v 16 Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha. \v 17 Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii. \v 18 Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina. \v 19 Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera. \v 20 Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna. \v 21 Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna. \p \v 22 Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada. \v 23 Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos. \v 24 Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa. \c 9 \p \v 1 Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu. \v 2 Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, “Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru” jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera. \v 3 Egaa ani akkuman “Isaan qophaaʼaniiru” jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera. \v 4 Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna. \v 5 Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama. \s1 Arjummaan Jajjabeeffamuu Isaa \p \v 6 Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata. \v 7 Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii. \v 8 Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa. \v 9 Kunis akkuma, \q1 “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; \q2 qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata”\f + \fr 9:9 \fr*\ft \+xt Far 112:9\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffamee dha. \v 10 Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. \v 11 Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida. \p \v 12 Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa. \v 13 Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu. \v 14 Isaanis kadhannaa isiniif kadhatan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Waaqni isinii kenne sanaatiif isin yaadu. \v 15 Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu! \c 10 \s1 Phaawulos Tajaajila Isaatiif Falmate \p \v 1 Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha! \v 2 Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha. \v 3 Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu. \v 4 Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti. \v 5 Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona. \v 6 Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna. \p \v 7 Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu. \v 8 Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu. \v 9 Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu. \v 10 Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu. \v 11 Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan. \p \v 12 Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan. \v 13 Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu. \v 14 Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii. \v 15 Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna; \v 16 kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf. \v 17 Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.”\f + \fr 10:17 \fr*\ft \+xt Erm 9:24\+xt*\ft*\f* \v 18 Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii. \c 11 \s1 Phaawulosii fi Ergamoota Sobaa \p \v 1 Ani gowwummaa koo ishee xinnoo naa obsitu jedheen abdadha; duraanuu naa obsitaniirtu. \v 2 Ani hinaaffaa Waaqaatiin isiniif nan hinaafa. Ani akka durba tokkootti fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhirsa tokko jechuunis Kiristoosiif isin kaadhimeeraatii. \v 3 Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha. \v 4 Namni tokko gara keessan dhufee yoo Yesuus nu isinii lallabne malee Yesuus kan biraa isinii lallabe, yookaan Hafuura nu isinii lallabne malee hafuura kan biraa yoo fudhattan, yookaan wangeela nu isinii lallabne malee wangeela kan biraa yoo fudhattan ni obsitu. \p \v 5 Ani, “Ergamoota hangafoota” sanaa gaditti of hin ilaalu. \v 6 Ani dubbiitti leenjii hin qabu; garuu beekumsa qaba. Kanas karaa hundaan sirriitti isinii ibsineerra. \v 7 Wangeela Waaqaa gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee? \v 8 Ani isin tajaajiluuf jedhee gargaarsa isaan irraa fudhachuudhaan waldoota kiristaanaa kaan saameera. \v 9 Ani yeroon isin bira turee fi yeroo waa na barbaachisetti eenyutti illee baʼaa hin taane; obboloonni Maqedooniyaa irraa dhufan waan na barbaachisuun na gargaaraa turaniitii. Anis waanuma tokkoon illee akka baʼaa isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; amma illee ittuma fufee ofin eeggadha. \v 10 Hamma dhugaan Kiristoos na keessa jirutti boonuu koo kana kutaalee biyya Akaayaa keessatti eenyu iyyuu na dhowwuu hin dandaʼu. \v 11 Maaliif? Ani waan isin hin jaallanneef moo? Isin jaallachuu koo Waaqni ni beeka! \p \v 12 Warra waan ittiin boonaniin nuun qixxaachuuf jedhanii carraa barbaaddatan carraa dhowwachuuf ani waanan amma hojjedhu ittuma fufee nan hojjedha. \v 13 Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. \v 14 Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu. \v 15 Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa. \s1 Phaawulos Dhiphinaan Of jaje \p \v 16 Ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha: Namni tokko iyyuu gowwaa na hin seʼin. Isin yoo gowwaa na seetan ani xinnoo akkan boonuuf akkuma gowwaa tokkootti na fudhadhaa. \v 17 Ani of amanadhee boonuu kana keessatti akka gowwaa tokkoottin dubbadha malee akka Gooftaan dubbatutti hin dubbadhu. \v 18 Waan namoonni hedduun akkuma yaada fooniitti boonaniif, anis nan boona. \v 19 Isin ogeeyyii waan taataniif gammachuudhaan gowwootaaf obsitu! \v 20 Yoo eenyu iyyuu isin garboomfate yookaan yoo isin irraa nyaate yookaan yoo faayidaa ofiitiif isinitti fayyadame yookaan yoo koore yookaan yoo isin kabale ni obsituutii. \v 21 Akka nu waan akkasii irratti dadhaboo turre ani qaanaʼaa nan dubbadha. \p Ani akka gowwaa tokkoottin dubbadha; waan namni kam iyyuu ittiin of jajuu fi ija jabaatu sana anis ittiin of jajuuf ija nan jabaa dha. \v 22 Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma. Isaan Israaʼelootaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma. \v 23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera. \v 24 Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera. \v 25 Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera; \v 26 ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture. \v 27 Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. \v 28 Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata. \v 29 Eenyutu dadhabaa dha? Ani hin dadhabuu ree? Eenyutu hin gufanne? Ani aaree hin gubadhuu ree? \p \v 30 Ani yoon of jajuu qabaadhe waan dadhabbii koo mulʼisuun of nan jaja. \v 31 Waaqaa fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraan eebbifamu sun akka ani hin sobne ni beeka. \v 32 Damaasqoo keessatti namichi mooticha Areexaas jalatti bulchaa biyyaa ture na qabsiisuuf jedhee magaalaa namoota Damaasqoo eegsisaa ture. \v 33 Ani garuu foddaa dallaa keessaan guuboodhaan gad buufamee harka isaa jalaa baʼe. \c 12 \s1 Mulʼata Phaawulos \p \v 1 Yoo buʼaa qabaachuu baate iyyuu ani nan boona. Ani gara waan Gooftaan na argisiiseetii fi mulʼata isa biraa dhufeetti nan qajeela. \v 2 Namichi Kiristoositti jiru tokko waggaa kudha afur dura gara samii sadaffaatti ol fudhatamuu isaa nan beeka. Innis dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa Waaqatu beeka malee ani hin beeku. \v 3 Ani nama akkanaa nan beeka; dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku; Waaqatu beeka; \v 4 innis gara jannataatti ol fudhatamee waan hin dubbatamne kan akka namni himuuf hin eeyyamamne dhagaʼe. \v 5 Ani waaʼee nama akkasiitiif nan boona; garuu waaʼee dadhabbii kootii malee waaʼee ofii kootii hin boonu. \v 6 Ani waanan dhugaa dubbachaa jiruuf yoon boonuu filadhe iyyuu hin gowwoomu. Garuu namni tokko iyyuu waan narratti arguu fi waan narraa dhagaʼu caalaa akka waaʼee koo hin yaadneef ani waan akkasii irraa ofin qusadha; \v 7 akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname. \v 8 Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe. \v 9 Inni garuu, \wj “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii”\wj* naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona. \v 10 Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii. \s1 Phaawulos Warra Qorontosiif Yaaduu Isaa \p \v 11 Ani of gowwoomseera; waan kanatti garuu isinitu na dhiibe. Ani yoon waanuma tokkotti illee hedamuu baadhe, waan “Ergamoota hangafoota” sanaa gad hin taaneef silaa isin naa dubbachuu qabdu turtan. \v 12 Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru. \v 13 Ani utuu baʼaa isinitti hin taʼin hafuu kootiin alatti wanti isin ittiin waldoota kiristaanaa kaanii gad taatan maali? Yakka kana naa dhiisaa! \p \v 14 Ani siʼa sadaffaaf gara keessan dhufuuf qophaaʼeera; ani isinuma malee qabeenya keessan waan hin barbaanneef baʼaa isinitti hin taʼu. Warratu ijoollee isaaniitiif qabeenya kuusuu qaba malee ijoolleen warra isaaniitiif kuusuu hin qaban. \v 15 Ani waanan qabu hunda gammachuun isiniif nan kenna; ofii koo illee isiniif nan kenna. Sababii ani baayʼisee isin jaalladhuuf isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree? \v 16 Haa taʼuu malee ani baʼaa isinitti hin taane. Ani garuu waanan abshaala taʼeef malaan isin qabadhe. \v 17 Ani namoota isinitti erge keessaa karaa isa tokkootiin illee waa isin irraa nyaadheeraa? \v 18 Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isa kadhadhe; obboleessa tokkos isa wajjin ergeera. Tiitoon waa isin irraa nyaateeraa? Nu hafuura tokkoon, karuma tokko irra deddeebiʼaa hin turree? \p \v 19 Isin waan nu hamma ammaatti fuula keessan duratti ofii keenyaaf falmannu seetanii? Nu akka warra Kiristoositti jiraataniitti fuula Waaqaa duratti dubbanna; yaa michoota, waan kana hunda hojjechuun keenya isinuma jajjabeessuuf. \v 20 Yeroo ani gara keessan dhufutti isin akka ani fedhu taatanii hin argamtan taʼa. Yookaan ani akka isin feetan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadhaatii. Wal loluun, hinaaffaan, aariin bobaʼuun, wal qooduun, maqaa nama balleessuun, hamiin, of tuulummaanii fi jeequmsi isin gidduu jiraata jedheen sodaadha. \v 21 Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha. \c 13 \s1 Akeekkachiisa Dhumaa \p \v 1 Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.”\f + \fr 13:1 \fr*\ft \+xt KeD 19:15\+xt*\ft*\f* \v 2 Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu; \v 3 kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti. \v 4 Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna. \p \v 5 Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii? \v 6 Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana. \v 7 Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti. \v 8 Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii. \v 9 Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif. \v 10 Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 11 Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa. \b \p \v 12 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. \p \v 13 Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu. \b \p \v 14 Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.