\id 2CH - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 2 Seenaa \toc1 Kitaaba Seenaa Lammaffaa \toc2 2 Seenaa \toc3 2Sn \mt2 Kitaaba \mt1 Seenaa \mt3 Lammaffaa \c 1 \s1 Solomoon Ogummaa Kadhate \r 1:2‑13 kwf – \xt 1Mt 3:4‑15\xt* \r 1:14‑17 kwf – \xt 1Mt 10:26‑29; 2Sn 9:25‑28\xt* \p \v 1 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule. \p \v 2 Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate; \v 3 sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan. \v 4 Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii. \v 5 Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu \nd Waaqayyoo\nd* sanaa dura ture; kanaafuu Solomoonii fi yaaʼiin sun achitti Waaqa kadhatan. \v 6 Solomoonis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse. \p \v 7 Waaqnis halkan sana Solomoonitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen. \p \v 8 Solomoon immoo akkana jedhee Waaqaaf deebise; “Ati abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta. \v 9 Egaa yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, abdiin ati abbaa koo Daawitiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii. \v 10 Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?” \p \v 11 Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef, \v 12 ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.” \p \v 13 Solomoon ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe. \p \v 14 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate. \v 15 Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe. \v 16 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite. \v 17 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan. \c 2 \s1 Qophii Mana Qulqullummaa Ijaaruuf Godhame \r 2:1‑18 kwf – \xt 1Mt 5:1‑16\xt* \p \v 1 Solomoonis akka Maqaa \nd Waaqayyootiif\nd* manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje. \v 2 Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse. \p \v 3 Solomoon akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge: \pm “Akkuma yeroo akka Daawit abbaan koo mana keessa jiraatu ittiin ijaarratuuf muka birbirsaa ergiteef sana anaafis muka birbirsaa ergi. \v 4 Kunoo ani Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti. \pm \v 5 “Sababii Waaqni keenya waaqota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa. \v 6 Garuu waan samiiwwanii fi samiiwwan samii olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu? \pm \v 7 “Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawit qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi. \pm \v 8 “Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu; \v 9 sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii. \v 10 Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.” \p \v 11 Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Solomooniif deebise: \pm “\nd Waaqayyo\nd* waan saba isaa jaallatuuf mootii isaanii si godhe.” \p \v 12 Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe: \pm “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume sun haa eebbifamu! Inni Daawit mootichaaf ilma beekaa ogummaa fi hubannaan guutame kan \nd Waaqayyoof\nd* mana qulqullummaa, ofii isaatiif immoo masaraa mootummaa ijaaru tokko kenneera. \pm \v 13 “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera; \v 14 haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawit wajjin ni hojjeta. \pm \v 15 “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu; \v 16 nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.” \p \v 17 Solomoon erga Daawit abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe. \v 18 Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude. \c 3 \s1 Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaaruu Isaa \r 3:1‑14 kwf – \xt 1Mt 6:1‑29\xt* \p \v 1 Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo \nd Waaqayyo\nd* abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha. \v 2 Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe. \p \v 3 Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse. \v 4 Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture. \p Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise. \v 5 Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse. \v 6 Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture. \v 7 Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe. \p \v 8 Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii\f + \fr 3:8 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* dhibba jaʼa itti uffise. \v 9 Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise. \p \v 10 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise. \v 11 Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa. \v 12 Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa. \v 13 Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan. \p \v 14 Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche. \p \v 15 Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan. \v 16 Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise. \v 17 Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase. \c 4 \s1 Manni Qulqullummaa Miʼaan Guutame \r 4:2‑6; 10:1‑5 kwf – \xt 1Mt 7:23‑26,38‑51\xt* \p \v 1 Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma kudhan taʼe ni tolche. \v 2 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche; naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe. \v 3 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti fakkii korommii kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Korommiin sunis tarree lamaan Gaanii sana wajjin walumatti baqfamanii hojjetaman. \p \v 4 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture. \v 5 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma sadii qabata ture. \p \v 6 Innis caabii dhiqannaa kudhan tolchee shan gama kibbaatiin, shan immoo gama kaabaatiin ni kaaʼe. Miʼoonni aarsaa gubamuuf fayyadanis caabiiwwan kanneen keessatti miiccamu ture; Gaanicha garuu lubootatu dhiqannaadhaaf itti fayyadama ture. \p \v 7 Innis akkuma seerri ajajutti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman kudhan tolchee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. \p \v 8 Minjaala kudhan hojjetee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. Akkasumas waciitii warqee kan ittiin dhiiga facaasan dhibba tokko ni tolche. \p \v 9 Innis oobdii lubootaa, oobdii guddichaa fi cufaawwan oobdii ni hojjete; cufaawwan sanas naasii itti uffise. \v 10 Gaanichas karaa kibbaatiin golee kibba baʼaa keessa ni kaaʼe. \p \v 11 Huuraam okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. \p Huuraamis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon Mootichaaf hojjechaa ture fixe; hojiin kunis: \b \li1 \v 12 Utubaawwan lamaan; \li1 guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; \li1 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan; \li1 \v 13 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan; \li1 \v 14 baattuuwwan caabii isaanii wajjin; \li1 \v 15 gaanichii fi korommiin loonii kudha lamaan isa jalaan jiru; \li1 \v 16 okkotee, waan ittiin daaraa hammaaran, qabduu fooniitii fi miʼoota akkanaa hunda. \b \p Miʼi Huuraam-Abiin mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* jedhee Solomoon Mootichaaf hojjete hundinuu naasii cululuqfame irraa hojjetame. \v 17 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise. \v 18 Solomoonis miʼoota kanneen hunda baayʼinaan hojjechiise; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne. \p \v 19 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise; isaanis: \b \li1 iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; \li1 minjaala buddeenni Ilaalchaa irra ture; \li1 \v 20 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetamanii fi ibsaawwan isaanii; ibsaawwan kunneenis akka akkuma seeraatti fuula iddoo qulqulluu duratti ibsaniif tolfaman; \li1 \v 21 daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee qulqulluu irraa hojjetaman; \li1 \v 22 waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa warqee qulqulluu irraa hojjetaman; akkasumas cufaawwan mana qulqullummaa cufaawwan gara keessaa kanneen Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutii fi cufaawwan galma guddichaa kanneen warqee irraa hojjetaman. \b \c 5 \p \v 1 Solomoon yommuu hojiin inni mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota hunda fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe. \s1 Taabonni Gara Mana Qulqullummaatti Fidame \r 5:2–6:11 kwf – \xt 1Mt 8:1‑21\xt* \p \v 2 Ergasii Solomoon Xiyoon magaalaa Daawit irraa taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti walitti waame. \v 3 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti mooticha biratti walitti qabaman. \p \v 4 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti Lewwonni taaboticha ol fuudhan; \v 5 isaanis taabota sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman kanneen dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Lewwonni luboota taʼanis baatanii ol isaan fidan; \v 6 Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan. \p \v 7 Luboonnis ergasii taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan. \v 8 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan. \v 9 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii taaboticha biraa dhedheerattee fuula Iddoo Qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu iddoo qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru. \v 10 Taabota sana keessa gabateewwan kanneen Museen Kooreebitti, iddoo \nd Waaqayyo\nd* erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre. \p \v 11 Luboonnis Iddoo Qulqulluu sanaa ni baʼan. Luboonni achi turan hundinuu yoo dabareen kan isaanii taʼuu baate iyyuu of qulqulleessanii turan. \v 12 Lewwonni faarfattoota turan jechuunis Asaaf, Heemaan, Yeduutuun, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii iddoo aarsaa bira karaa baʼa biiftuutiin dhaabatanii kilillee kililchaa, baganaa fi kiraara taphachaa turan. Luboonni 120 kanneen malakata afuufan isaan wajjin turan. \v 13 Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni \nd Waaqayyoon\nd* leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii \nd Waaqayyoon\nd* galateeffachuudhaan: \q1 “Inni gaarii dha; \q2 jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” \m jedhanii faarfatan. \p Ergasiis manni qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* duumessaan ni guutame; \v 14 luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii. \c 6 \p \v 1 Ergasii Solomoon akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera; \v 2 ani mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.” \p \v 3 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise. \v 4 Innis akkana jedhe: \pm “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii; \v 5 ‘Ani gaafan saba koo Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne, yookaan akka inni bulchaa saba koo Israaʼel taʼuuf nama tokko illee hin filanne. \v 6 Amma garuu akka maqaan koo achi jiraatuuf Yerusaalemin filadheera; akka inni saba koo Israaʼelin bulchuufis Daawitin filadheera.’ \pm \v 7 “Daawit abbaan koo Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture. \v 8 \nd Waaqayyo\nd* garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha. \v 9 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee, isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’ \pm \v 10 “\nd Waaqayyo\nd* waadaa gale sana eegeera; akkuma \nd Waaqayyo\nd* waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera. \v 11 Anis achi keessa taabota kaaʼeera; taabota sana keessa immoo kakuu \nd Waaqayyoo\nd* kan inni saba Israaʼel wajjin galetu jira.” \s1 Kadhannaa Solomoon \r 6:12‑40 kwf – \xt 1Mt 8:22‑53\xt* \r 6:41‑42 kwf – \xt Far 132:8‑10\xt* \p \v 12 Solomoon iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise. \v 13 Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise. \v 14 Akkanas jedhe: \pm “Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda. \v 15 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta. \pm \v 16 “Ammas yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, akkuma seera kootti fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif. \v 17 Kanaafuu amma yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel, dubbiin ati garbicha kee Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu. \pm \v 18 “Garuu dhugumaan Waaqni nama wajjin lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatuu ree! \v 19 Taʼus yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi. \v 20 Iji kees halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa gara iddoo ati akka Maqaa kee achi kaaʼattu dubbatte sanaa haa ilaalu. Kadhannaa garbichi kee gara iddoo kanaatti fuula deebifatee kadhatu illee dhagaʼi. \v 21 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi. \pm \v 22 “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti, fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate, \v 23 ati samii irraa dhagaʼiitii garboota kee gidduutti tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni. \pm \v 24 “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti si duratti kadhatee si waammatutti, \v 25 samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi. \pm \v 26 “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan, \v 27 ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee, saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi. \pm \v 28 “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinonni isaan marsanitti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti, \v 29 yoo sabni kee Israaʼel rakkinaa fi dhukkubbii ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse, \v 30 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni; \v 31 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaatanii karaa kee irra ni deemu. \pm \v 32 “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa kee guddichaaf, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaatiif jedhee biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate, \v 33 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif. \pm \v 34 “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee si kadhate, \v 35 ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu. \pm \v 36 “Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita; \v 37 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan, \v 38 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan, \v 39 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi. \pm \v 40 “Ammas yaa Waaqa koo kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatu iji kee haa argu; gurri kees haa dhagaʼu. \qm1 \v 41 “Kanaafuu yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, \qm2 kaʼiitii gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. \qm1 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, luboonni kee fayyina haa uffatan; \qm2 qulqulloonni kees gaarummaa keetti haa gammadan. \qm1 \v 42 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Gooftaa, ati dibamaa kee hin gatin; \qm2 jaalala guddaa ati garbicha kee Daawitin abdachiifte sana illee yaadadhu.” \c 7 \s1 Manni Qulqullummaa Eebbifame \r 7:1‑10 kwf – \xt 1Mt 8:62‑66\xt* \p \v 1 Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni \nd Waaqayyoos\nd* mana qulqullummaa guute. \v 2 Sababii ulfinni \nd Waaqayyoo\nd* mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenuu hin dandeenye. \v 3 Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina \nd Waaqayyoo\nd* mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis \nd Waaqayyoon\nd* galateeffatan: \q1 “Inni gaarii dha; \q2 jaalalli isaas bara baraan jiraata.” \m \v 4 Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa dhiʼeessan. \v 5 Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan. \v 6 Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa \nd Waaqayyo\nd* kanneen Daawit Mootichi ittiin \nd Waaqayyoon\nd* jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, “Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata” jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan. \p \v 7 Solomoonis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse. \p \v 8 Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. \v 9 Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan. \v 10 Solomoonis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii \nd Waaqayyo\nd* Daawitiif, Solomoonii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan. \s1 \nd Waaqayyo\nd* Solomoonitti Mulʼate \r 7:11‑22 kwf – \xt 1Mt 9:1‑9\xt* \p \v 11 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi masaraa mootummaa fixee waan mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi masaraa ofii isaa keessatti hojjechuu barbaade hunda raawwatetti, \v 12 \nd Waaqayyos\nd* halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: \pm “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera. \pm \v 13 “Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, \v 14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa. \v 15 Ammas kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa. \v 16 Ani akka Maqaan koo bara baraan achi jiraatuuf mana qulqullummaa kana filadhee eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira. \pm \v 17 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde, \v 18 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama Israaʼelin bulchu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawit wajjin kakuu gale sana teessoo mootummaa keetii jabeessee nan dhaaba. \pm \v 19 “Garuu yoo isin duubatti garagaltanii seeraa fi ajaja ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan, \v 20 ani biyya koo kanan isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan buqqisa; mana qulqullummaa kanan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa; saboota hunda birattis waan kolfaatii fi waan qoosaa isa nan godha. \v 21 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa. Namni achiin darbu hundis, ‘\nd Waaqayyo\nd* maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa. \v 22 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.” \c 8 \s1 Hojiiwwan Biraa Kanneen Solomoon Hojjete \r 8:1‑18 kwf – \xt 1Mt 9:10‑28\xt* \p \v 1 Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi mana ofii isaa ijaaretti, \v 2 Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise. \v 3 Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate. \v 4 Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare. \v 5 Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche; \v 6 kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare. \p \v 7 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira. \v 8 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise. \v 9 Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan. \v 10 Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan. \p \v 11 Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni \nd Waaqayyoo\nd* seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide. \p \v 12 Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu \nd Waaqayyoof\nd* ni dhiʼeesse; \v 13 kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse. \v 14 Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii. \v 15 Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne. \p \v 16 Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ni xumurame. \p \v 17 Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe. \v 18 Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan. \c 9 \s1 Mootittiin Saabaa Solomoonin Arguu Dhaqxe \r 9:1‑12 kwf – \xt 1Mt 10:1‑13\xt* \p \v 1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte. \v 2 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre. \v 3 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, \v 4 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte. \p \v 5 Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha. \v 6 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. \v 7 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan! \v 8 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.” \p \v 9 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne. \p \v 10 Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan. \v 11 Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne. \p \v 12 Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite. \s1 Badhaadhummaa Solomoon \r 9:13‑28 kwf – \xt 1Mt 10:14‑29; 2Sn 1:14‑17\xt* \p \v 13 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture; \v 14 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi kan warra qabeenya xixinnaa irraa argamuu hin dabalatu. Akkasumas mootonni Arabaa fi bulchitoonni biyyaa hundi Solomooniif warqee fi meetii ni fidan. \p \v 15 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe. \v 16 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche. Tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee saqilii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe. \p \v 17 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise. \v 18 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; ejjenni miillaa kan warqee irraa hojjetame tokkos itti qabsiifamee ture. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture. \v 19 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne. \v 20 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne. \v 21 Mootichis dooniiwwan daldalaa kanneen namoonni Huuraam oofan qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture. \p \v 22 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. \v 23 Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture. \v 24 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture. \p \v 25 Solomoon gola fardeenii fi gaariiwwanii kuma afur akkasumas fardeen kuma kudha lama kanneen magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi of bira Yerusaalem keessa kaaʼate qaba ture. \v 26 Innis mootota Laga Efraaxiisiitii hamma biyya Filisxeemotaattii fi hamma daarii Gibxitti jiran hunda ni bulche. \v 27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe. \v 28 Fardeen Solomoon Gibxii fi biyyoota biraa hunda irraa bitamanii dhufan. \s1 Solomoon Duʼuu Isaa \r 9:29‑31 kwf – \xt 1Mt 11:41‑43\xt* \p \v 29 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessatti, raajii Ahiiyaa namicha Shiiloo sanaa keessattii fi mulʼata Iddoon namichi waa himu sun waaʼee Yerobiʼaam ilma Nebaat arge keessatti barreeffamanii jiru mitii? \v 30 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche. \v 31 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe. \c 10 \s1 Israaʼel Rehooboʼaamitti Fincile \r 10:1–11:4 kwf – \xt 1Mt 12:1‑24\xt* \p \v 1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe. \v 2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii. \v 3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin: \v 4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.” \p \v 5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman. \p \v 6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate. \p \v 7 Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif. \p \v 8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. \v 9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate. \p \v 10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha. \v 11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ” \p \v 12 Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan. \v 13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee, \v 14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe. \v 15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin \nd Waaqayyo\nd* karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii. \p \v 16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: \q1 “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? \q2 Ilma Isseey irraas maal qabna? \q1 Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! \q2 Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” \m Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan. \v 17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture. \p \v 18 Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate. \v 19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru. \c 11 \p \v 1 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe. \p \v 2 Garuu dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kun akkana jedhee gara nama Waaqaa gara Shemaaʼiyaa ni dhufe; \v 3 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Beniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi; \v 4 ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii \nd Waaqayyootiif\nd* ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan. \s1 Rehooboʼaam Magaalaawwan Yihuudaa Jabeessee Ijaare \p \v 5 Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis: \v 6 Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa, \v 7 Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam, \v 8 Gaati, Maareeshaa, Ziif, \v 9 Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa, \v 10 Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Beniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha. \v 11 Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse. \v 12 Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Beniyaamin kan ofii isaa godhate. \p \v 13 Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran. \v 14 Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota \nd Waaqayyootti\nd* isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan. \v 15 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate. \v 16 Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel bira jiru \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan. \v 17 Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Solomoon ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawitii fi Solomoon duukaa buʼaa turaniitii. \s1 Maatii Rehooboʼaam \p \v 18 Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawitii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey. \v 19 Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef. \v 20 Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef. \v 21 Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture. \p \v 22 Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude. \v 23 Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Beniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise. \c 12 \s1 Shiishaaq Yerusaalemitti Duule \r 12:9‑16 kwf – \xt 1Mt 14:21,25‑31\xt* \p \v 1 Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera \nd Waaqayyoo\nd* eeguu didan. \v 2 Sababii isaan \nd Waaqayyoof\nd* amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane. \v 3 Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee, \v 4 magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe. \p \v 5 Ergasii Shemaaʼiyaan raajichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’ ” jedhe. \p \v 6 Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, “\nd Waaqayyo\nd* qajeelaa dha” jedhan. \p \v 7 Yommuu \nd Waaqayyo\nd* akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; “Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu. \v 8 Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu.” \p \v 9 Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale. \v 10 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne. \v 11 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture. \p \v 12 Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture. \p \v 13 Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa \nd Waaqayyo\nd* Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. \v 14 Inni sababii \nd Waaqayyoon\nd* barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete. \p \v 15 Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture. \v 16 Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 13 \s1 Abiyaa Mooticha Yihuudaa \r 13:1‑2; 13:22–14:1 kwf – \xt 1Mt 15:1‑2,6‑8\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe; \v 2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte. \p Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture. \v 3 Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate. \p \v 4 Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa! \v 5 Isin akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii? \v 6 Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile. \v 7 Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman. \p \v 8 “Isin amma mootummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu. \v 9 Isin garuu luboota \nd Waaqayyoo\nd*, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa. \p \v 10 “Nuuf garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru. \v 11 Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu \nd Waaqayyoof\nd* ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu. \v 12 Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.” \p \v 13 Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge. \v 14 Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara \nd Waaqayyootti\nd* ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan; \v 15 namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse. \v 16 Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne. \v 17 Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume. \v 18 Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan. \p \v 19 Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate. \v 20 Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. \nd Waaqayyo\nd* isa dhaʼe; innis ni duʼe. \p \v 21 Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche. \p \v 22 Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera. \c 14 \p \v 1 Abiyaanis abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe; bara isaa keessas biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan jiraatte. \s1 Aasaa Mooticha Yihuudaa \r 14:2‑3 kwf – \xt 1Mt 15:11‑12\xt* \p \v 2 Aasaan waan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete. \v 3 Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse. \v 4 Akka sabni Yihuudaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje. \v 5 Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate. \v 6 Innis waan biyyattiin nagaa argatteef Yihuudaa keessatti magaalaawwan dallaa jabaa qaban ni ijaare. Sababii \nd Waaqayyo\nd* boqonnaa isaaf kenneef waggoota sana keessa namni tokko iyyuu lola isatti hin kaafne. \p \v 7 Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef. \p \v 8 Aasaan namoota Yihuudaa kanneen gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan kuma dhibba sadii, namoota Beniyaam kanneen gaachana xixinnaa fi xiyyawwan qabatan kuma dhibba lamaa fi saddeettama qaba ture. Isaan kunneen hundi loltoota ciccimoo turan. \p \v 9 Zeraan namichi Itoophiyaa tokko immoo loltoota miliyoona tokkoo fi gaariiwwan dhibba sadii fudhatee hamma Maareeshaatti isaanitti ni duule. \v 10 Aasaanis isatti baʼe; isaanis Sulula Zefaataa keessatti Maareeshaa iddoo lolaa qabatan. \p \v 11 Kana irratti Aasaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa waammatee akkana jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kan akka kee namoota humna hin qabne gargaaree namoota jajjaboo jalaa baasu tokko iyyuu hin jiru. Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, nu sitti of kennineerraatii nu gargaari; maqaa keetiinis waraana akka malee guddaa kanatti duulleerra. Yaa \nd Waaqayyo\nd* ati Waaqa keenya; akka namni sitti cimuuf ofitti hin dhiisin.” \p \v 12 \nd Waaqayyos\nd* fuula Aasaatii fi Yihuudaa duraa namoota Itoophiyoota ni dhaʼe; namoonni Itoophiyaas ni baqatan. \v 13 Aasaa fi loltoonni isaas hamma Geraaraatti isaan ariʼan. Waan Baayʼeen isaanii dhumaniif namoonni Itoophiyaa deebiʼanii bayyanachuu hin dandeenye; isaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* fi fuula loltoota isaa duratti barbadeeffamaniiruutii. Namoonni Yihuudaas boojuu baayʼee fudhatanii deebiʼan. \v 14 Isaan sababii sodaachisni guddaan \nd Waaqayyo\nd* biraa jaratti dhufeef gandoota naannoo Geraaraa jiran hunda barbadeessan. Isaanis sababii wantoonni boojiʼaman hedduun achi turaniif gandoota kanneen ni saaman. \v 15 Akkasumas qubatawwan tiksootaa dhaʼanii karra hoolotaa fi reʼoota akka malee hedduu fi gaalawwan illee boojiʼanii fudhatan. Ergasiis Yerusaalemitti dachaʼan. \c 15 \s1 Jijjiirama Aasaan Fide \r 15:16‑19 kwf – \xt 1Mt 15:13‑16\xt* \p \v 1 Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe. \v 2 Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa. \v 3 Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan. \v 4 Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame. \v 5 Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre. \v 6 Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture. \v 7 Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.” \p \v 8 Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* kan gardaafoo mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru illee ni haaromse. \p \v 9 Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii. \p \v 10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman. \v 11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa godhan. \v 12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan. \v 13 Namni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture. \v 14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan \nd Waaqayyoof\nd* ni kakatan. \v 15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne. \p \v 16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. \v 17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu \nd Waaqayyoof\nd* kennamee ture. \v 18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche. \p \v 19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane. \c 16 \s1 Bara Mootummaa Aasaa Kan gara Dhumaa \r 16:1‑6 kwf – \xt 1Mt 15:17‑22\xt* \r 16:11–17:1 kwf – \xt 1Mt 15:23‑24\xt* \p \v 1 Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare. \p \v 2 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge. \v 3 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen. \p \v 4 Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan. \v 5 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe. \v 6 Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate. \p \v 7 Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru. \v 8 Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati \nd Waaqayyoon\nd* abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne. \v 9 Iji \nd Waaqayyoo\nd* warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.” \p \v 10 Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse. \p \v 11 Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera. \v 12 Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa \nd Waaqayyoo\nd* hin barbaanne. \v 13 Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote. \v 14 Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan. \c 17 \s1 Yehooshaafaax Mooticha Yihuudaa \p \v 1 Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime. \v 2 Innis magaalaawwan Yihuudaa kanneen jabeeffamanii ijaaraman hunda keessa loltoota ni qubachiise; Yihuudaa fi magaalaawwan Efreem kanneen abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessas loltoota magaalaa eegan ni kaaʼe. \p \v 3 Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune; \v 4 waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege. \v 5 \nd Waaqayyos\nd* harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan. \v 6 Garaan isaas karaa \nd Waaqayyootiif\nd* banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse. \p \v 7 Bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti akka isaan magaalaawwan Yihuudaa keessatti barsiisaniif qondaaltota isaa jechuunis Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naatnaaʼelii fi Miikaayaasin ni erge. \v 8 Lewwonni tokko tokko isaan wajjin turan; jarris: Shemaaʼiyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaaheel, Shemiiraamoot, Yoonaataan, Adooniyaa, Xoobbiyyahuu fi Xoob-Adooniyaa feʼa. Luboonni immoo Eliishaamaa fi Yehooraam turan. \v 9 Isaanis Kitaaba Seera \nd Waaqayyoo\nd* fuudhanii deemanii guutummaa Yihuudaa keessatti ni barsiisan; magaalaawwan Yihuudaa hunda keessas deemanii saba ni barsiisan. \p \v 10 Sababii sodaachisni \nd Waaqayyoo\nd* mootummoota biyyoota naannoo Yihuudaa jiran irra buʼeef isaan Yehooshaafaax wajjin wal hin lolle. \v 11 Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif. \p \v 12 Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare; \v 13 inni mankuusaalee baayʼee magaalaawwan Yihuudaa keessaa qaba ture. Loltoota muuxannoo qabanis Yerusaalem keessa turse. \v 14 Haalli isaan itti maatii maatiidhaan hiriiranis kana: \b \li1 Yihuudaa keessaa ajajjoota gareewwanii 1,000: \li2 Adinaahi ajajjichi loltoota 300,000 wajjin; \li2 \v 15 isatti aanee Yehohaanaan ajajjichi loltoota 280,000 wajjin; \li2 \v 16 isatti aanee immoo Amaasiyaa ilma Zikrii kan tajaajila \nd Waaqayyootiif\nd* jedhee of kenne loltoota 200,000 wajjin. \li1 \v 17 Gosa Beniyaam keessaa: \li2 Eliyaadaan loltuun jabaan sun loltoota xiyyaa fi gaachana qabatan 200,000 wajjin; \li2 \v 18 isatti aanee immoo Yehoozaabaad namoota lolaaf qophaaʼan 180,000 wajjin hiriire. \b \m \v 19 Isaan kunneen namoota inni magaalaawwan guutummaa Yihuudaa keessatti jabeeffamanii ijaaraman keessa qubachiiseen alatti warra mooticha tajaajilaa turanii dha. \c 18 \s1 Miikiyaas Waan Ahaabiin Mormu Raaje \r 18:1‑27 kwf – \xt 1Mt 22:1‑28\xt* \p \v 1 Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome. \v 2 Innis waggoota muraasa booddee Ahaabin arguuf gara Samaariyaatti gad buʼe. Ahaabis isaa fi namoota isa wajjin turaniif hoolotaa fi sangoota baayʼee qalee akka inni Raamooti Giliʼaad lolu isa sossobate. \v 3 Ahaab mootichi Israaʼel, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa gaafate. \p Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; nu waraana kana irratti isin wajjin dhaabanna” jedhee deebise. \v 4 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa \nd Waaqayyoo\nd* gaafadhu” jedhe. \p \v 5 Kanaafuu mootichi Israaʼel raajota dhibba afur walitti qabee, “Nu Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baanu moo dhiisnu?” jedhee ni gaafate. \p Isaanis, “Dhaqi; Waaqni dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif. \p \v 6 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin \nd Waaqayyoo\nd* tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. \p \v 7 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin \nd Waaqayyoon\nd* waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. \p Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen. \p \v 8 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen. \p \v 9 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan. \v 10 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “\nd Waaqayyo\nd*, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse. \p \v 11 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “\nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan. \p \v 12 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen. \p \v 13 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ani waanuma Waaqni koo jedhu qofan isatti hima” jedhe. \p \v 14 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo ani dhiisu?” jedhee isa gaafate. \p Miikaayaanis, “Isaan dabarfamanii harka keetti kennamuutii waraanii moʼadhu” jedhee deebise. \p \v 15 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* si kakachiisa?” jedheen. \p \v 16 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. \nd Waaqayyos\nd*, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ” \p \v 17 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe. \p \v 18 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi; ani utuu \nd Waaqayyo\nd* teessoo isaa irra taaʼee, ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin dhadhaabatanuu nan arge. \v 19 \nd Waaqayyos\nd*, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaab mooticha Israaʼel gowwoomsa?’ jedhe. \p “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha. \v 20 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. \p “\nd Waaqayyos\nd*, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate. \p \v 21 “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. \p “\nd Waaqayyos\nd*, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. \p \v 22 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. \nd Waaqayyo\nd* badiisa sitti ajajeera.” \p \v 23 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate. \p \v 24 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef. \p \v 25 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, \v 26 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.” \p \v 27 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, \nd Waaqayyo\nd* karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe. \s1 Ahaab Raamooti Giliʼaaditti Ajjeefame \r 18:28‑34 kwf – \xt 1Mt 22:29‑36\xt* \p \v 28 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan. \v 29 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene. \p \v 30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaatiin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje. \v 31 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; Yehooshaafaax garuu guddisee iyye; \nd Waaqayyos\nd* isa gargaare. Waaqnis isa irraa isaan deebise; \v 32 ajajjoonni gaariiwwaniis yommuu akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganitti isa ariʼuu dhiisan. \p \v 33 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe. \v 34 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe. \c 19 \p \v 1 Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti, \v 2 Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra \nd Waaqayyoon\nd* jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* sitti dhufeera. \v 3 Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.” \s1 Yehooshaafaax Abbootii Murtii Muude \p \v 4 Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe. \v 5 Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude. \v 6 Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; \nd Waaqayyo\nd* isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii. \v 7 \nd Waaqayyoon\nd* sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.” \p \v 8 Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera \nd Waaqayyoo\nd* eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan. \v 9 Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun \nd Waaqayyoon\nd* sodaachaa tajaajiluu qabdu. \v 10 Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan. \p \v 11 “Waan kan \nd Waaqayyoo\nd* taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; \nd Waaqayyo\nd* warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.” \c 20 \s1 Yehooshaafaax Moʼaabii fi Amoon Moʼate \p \v 1 Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan. \p \v 2 Namoonni tokko tokkos dhufanii, “Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira” jedhanii Yehooshaafaaxitti himan. \v 3 Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef \nd Waaqayyoon\nd* waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse. \v 4 Namoonni Yihuudaas gargaarsa \nd Waaqayyoo\nd* barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan. \p \v 5 Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee \v 6 akkana jedhe: \pm “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \v 7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee? \v 8 Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan: \v 9 ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’ \pm \v 10 “Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru. \v 11 Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali. \v 12 Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.” \p \v 13 Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhadhaabatanii turan. \p \v 14 Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* isa irra buʼe. \p \v 15 Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! \nd Waaqayyo\nd* akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti. \v 16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu. \v 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo \nd Waaqayyo\nd* isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; \nd Waaqayyo\nd* isin wajjin dhaabata.’ ” \p \v 18 Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan. \v 19 Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel ni galateeffatan. \p \v 20 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe. \v 21 Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii, \q1 “\nd Waaqayyoon\nd* galateeffadhaa; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraataatii” \m jechaa \nd Waaqayyoon\nd* faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude. \p \v 22 Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis \nd Waaqayyo\nd* namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman. \v 23 Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan. \p \v 24 Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne. \v 25 Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate. \v 26 Bultii afuraffaatti lafa itti \nd Waaqayyoof\nd* galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama. \p \v 27 Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii \nd Waaqayyo\nd* waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan. \v 28 Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ni dhaqan. \p \v 29 Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti \nd Waaqayyo\nd* diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Waaqa sodaachuun isaan qabate. \v 30 Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Waaqni isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate. \s1 Dhuma Bara Mootummaa Yehooshaafaax \r 20:31–21:1 kwf – \xt 1Mt 22:41‑50\xt* \p \v 31 Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. \v 32 Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula \nd Waaqayyoo\nd* durattis waan qajeelaa hojjete. \v 33 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture. \p \v 34 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru. \p \v 35 Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate. \v 36 Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan. \v 37 Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef \nd Waaqayyo\nd* hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye. \c 21 \p \v 1 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \v 2 Obboloonni Yehooraam ilmaan Yehooshaafaax Azaariyaa, Yehiiʼeel, Zakkaariyaas, Ezaariyaas, Miikaaʼelii fi Shefaaxiyaa jedhaman ture. Isaan kunneen hundi ilmaan Yehooshaafaax mooticha Israaʼel sanaa turan. \v 3 Abbaan isaaniis kennaa meetii, kan warqeetii fi miʼoota gatii guddaa baasanii akkasumas magaalaawwan Yihuudaa keessaa kanneen dallaa jabaa qaban isaanii kenne; garuu sababii inni hangafa taʼeef mootummaa isaa Yehooraamiif kenne. \s1 Yehooraam Mooticha Yihuudaa \r 21:5‑10,20 kwf – \xt 2Mt 8:16‑24\xt* \p \v 4 Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe. \v 5 Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. \v 6 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula \nd Waaqayyoo\nd* durattis waan hamaa hojjete. \v 7 Taʼus \nd Waaqayyo\nd* sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii \nd Waaqayyoo\nd* hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture. \p \v 8 Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate. \v 9 Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe. \v 10 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. \p Libnaanis sababii Yehooraam \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa dhiiseef yeruma sanatti fincile. \v 11 Tulluuwwan Yihuudaa irrattis iddoowwan sagadaa ijaaree akka namoonni Yerusaalem sagaagalan gochuudhaan Yihuudaa karaa irraa jalʼise. \p \v 12 Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha: \pm “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne. \v 13 Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe. \v 14 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira. \v 15 Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’ ” \p \v 16 \nd Waaqayyos\nd* Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase. \v 17 Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef. \p \v 18 Waan kana hundaa booddee \nd Waaqayyo\nd* dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe. \v 19 Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine. \p \v 20 Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne. \c 22 \s1 Ahaaziyaa Mooticha Yihuudaa \r 22:1‑6 kwf – \xt 2Mt 8:25‑29\xt* \r 22:7‑9 kwf – \xt 2Mt 9:21‑29\xt* \p \v 1 Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe. \p \v 2 Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte. \p \v 3 Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe. \v 4 Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \v 5 Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan; \v 6 kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. \p Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe. \p \v 7 Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama \nd Waaqayyo\nd* akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha. \v 8 Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate. \v 9 Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre. \s1 Ataaliyaa fi Yooʼaash \r 22:10–23:21 kwf – \xt 2Mt 11:1‑21\xt* \p \v 10 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite. \v 11 Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite. \v 12 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate. \c 23 \p \v 1 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti jabina ofii isaa ni argisiise. Innis ajajjuuwwan dhibbaa jechuunis Azaariyaa ilma Yirooham, Ishmaaʼeel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Oobeed, Maʼaseyaa ilma Adaayaa fi Eliishaafaax ilma Zikrii wajjin kakuu seene. \v 2 Isaanis guutummaa Yihuudaa keessa deemanii magaalaawwan hunda keessaa Lewwotaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanittis, \v 3 waldaan guutuun mana qulqullummaa Waaqaa keessatti mooticha wajjin kakuu seene. \p Yehooyaadaanis akkana isaaniin jedhe; “Akkuma \nd Waaqayyo\nd* waaʼee sanyii Daawit waadaa gale sanatti, ilmi mootichaa mootii ni taʼa. \v 4 Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin lubootaa fi Lewwota guyyaa Sanbataa hojiitti ramadamtan keessaa harka sadii keessaa harki tokko karra, \v 5 harka sadii keessaa harki tokko masaraa mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo karra ‘Karra Hundee’ jedhamu sana eegaa; namoonni kaan hundi immoo oobdii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti argamuu qabu. \v 6 Lubootaa fi Lewwota hojii irra jiran malee namni tokko iyyuu mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* hin seenin; isaan sababii qulqullaaʼaniif seenuu ni dandaʼu; warri kaan hundi garuu waan \nd Waaqayyo\nd* isaan ajaje eeguu qabu. \v 7 Lewwonni tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii mootichatti naannaʼanii dhadhaabachuu qabu. Namni mana qulqullummaa seenu kan biraa kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.” \p \v 8 Lewwonnii fi namoonni Yihuudaa hundinuu akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Sababii Yehooyaadaan lubichi gareewwan eegumsaa keessaa tokko illee gad hin dhiisiniif tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan ni fudhatan. \v 9 Innis eeboowwan, gaachanawwan gurguddaa fi xixinnaa Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqaa keessa turan ajajjuuwwan dhibbaatiif ni kenne. \v 10 Akka namoonni hundi miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibba mana qulqullummaatii hamma karaa kaaba mana qulqullummaatti iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii dhaabatan ni godhe. \p \v 11 Yehooyaadaa fi ilmaan isaa ilma mootichaa fidanii mataa isaa irra gonfoo kaaʼan; isaanis garagalcha kakuu itti kennanii akka inni mootii taʼe ni labsan. Isa dibaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii ni iyyan. \p \v 12 Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dhaqxe. \v 13 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite. \p \v 14 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman erge. Lubichi, “Mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti ishee hin ajjeesinaa” jedhee tureetii. \v 15 Kanaafuu isaan akkuma isheen karra “Karra Fardaa” jedhamu kan masaraa mootii duraa geesseen qabanii achumatti ishee ni ajjeesan. \p \v 16 Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba \nd Waaqayyoo\nd* taʼaniif kakuu ni dhaabe. \v 17 Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. \p \v 18 Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawit mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Musee keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessuu qabu; Daawit akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii. \v 19 Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dura eegdota ni dhaabe. \p \v 20 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, namoota bebeekamoo, bulchitoota sabaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee mana qulqullummaa \nd Waaqayyootii\nd* mooticha gad baasee fide. Isaanis karaa, “Karra Ol aanu” jedhamuutiin masaraa mootummaa seenanii mooticha teessoo mootummaa irra teessisan. \v 21 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan; sababii Ataaliyaan goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte. \c 24 \s1 Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromsuu Isaa \r 24:1‑14 kwf – \xt 2Mt 12:1‑16\xt* \r 24:23‑27 kwf – \xt 2Mt 12:17‑21\xt* \p \v 1 Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. \v 2 Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa taʼe hojjete. \v 3 Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche. \p \v 4 Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* haaromsuuf murteesse. \v 5 Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone. \p \v 6 Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi \nd Waaqayyoo\nd* fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen. \p \v 7 Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman. \p \v 8 Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* bira kaaʼan ni ajaje. \v 9 Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana \nd Waaqayyoof\nd* fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe. \v 10 Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan. \v 11 Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban. \v 12 Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran. \p \v 13 Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis. \v 14 Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan. \p \v 15 Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe. \v 16 Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame. \s1 Hammina Yooʼaash \p \v 17 Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate. \v 18 Isaanis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe. \v 19 Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif \nd Waaqayyo\nd* raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne. \p \v 20 Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja \nd Waaqayyoo\nd* eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin \nd Waaqayyoon\nd* dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen. \p \v 21 Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan. \v 22 Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “\nd Waaqayyo\nd* waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe. \p \v 23 Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan. \v 24 Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee \nd Waaqayyo\nd* loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame. \v 25 Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne. \p \v 26 Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan. \v 27 Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 25 \s1 Amasiyaa Mooticha Yihuudaa \r 25:1‑4 kwf – \xt 2Mt 14:1‑6\xt* \r 25:11‑12 kwf – \xt 2Mt 14:7\xt* \r 25:17‑28 kwf – \xt 2Mt 14:8‑20\xt* \p \v 1 Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. \v 2 Innis waan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti. \v 3 Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe. \v 4 Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Musee keessatti kan \nd Waaqayyo\nd*, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne. \p \v 5 Amasiyaa saba Yihuudaa walitti waamee akkuma maatii isaaniitti ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa guutummaa Yihuudaa fi Beniyaam keessatti ramade. Sana booddees warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe walitti qabee akka namoonni duulaaf qophaaʼan kanneen eeboo fi gaachana qabachuu dandaʼan kuma dhibba sadii taʼan argate. \v 6 Akkasumas Israaʼel keessaa loltoota jajjaboo kuma dhibba tokko meetii taalaantii\f + \fr 25:6 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* dhibba tokkoon ni qaxarate. \p \v 7 Garuu namni Waaqaa tokko isa bira dhufee akkana jedheen; “Yaa mootii, sababii \nd Waaqayyo\nd* Israaʼel wajjinis taʼu namoota Efreem kam iyyuu wajjin hin jirreef loltoonni Israaʼel kunneen si wajjin hin duulin. \v 8 Yoo ati sodaa malee lola dhaqxe illee Waaqni fuula diinota keetii duratti si kuffisa; Waaqni gargaaruufis kuffisuufis humna qabaatii.” \p \v 9 Amasiyaa immoo, “Garuu taalaantiin dhibbi ani loltoota Israaʼeliif baase sun maal haa taʼu ree?” jedhee nama Waaqaa sana ni gaafate. \p Namni Waaqaa sun immoo deebisee, “\nd Waaqayyo\nd* waan sana caalu iyyuu siif kennuu ni dandaʼa” jedheen. \p \v 10 Kanaafuu Amasiyaa loltoota biyya Efreemii isa bira dhufan sana akka isaan biyya isaaniitti deebiʼaniif gad dhiise. Isaanis Yihuudaatti aaranii akka malee dheekkamaa gara biyya isaaniitti deebiʼan. \p \v 11 Amasiyaa humna isaa jabeeffatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti erge; achittis namoota Seeʼiir kuma kudhan ni fixe. \v 12 Loltoonni Yihuudaas namoota kuma kudhan biraa boojiʼan; fiixee kattaa tokkoottis ol baasanii achi irraa gad isaan dadarbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan. \p \v 13 Loltoonni Amasiyaa akka isaan isa wajjin hin duulleef gara biyya isaaniitti deebisee erge sun garuu magaalaawwan Yihuudaa kanneen Samaariyaadhaa hamma Beet Horoonitti jiran ni dhaʼan. Isaanis namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu baayʼee fudhatanii deeman. \p \v 14 Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse. \v 15 \nd Waaqayyos\nd* akka malee Amasiyaatti aaree raajii tokko itti erge; raajiin sunis, “Ati maaliif waaqota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?” jedheen. \p \v 16 Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. \p Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen. \p \v 17 Amasiyaa mootichi Yihuudaa erga gorsitoota isaatiin mariʼatee booddee, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosaa kana gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ni erge. \p \v 18 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme. \v 19 Ati, ‘Kunoo ati dhugumaan Edoomin moʼatteerta’ ofiin jettee amma of tuulaa jirta. Amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?” \p \v 20 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; sababii isaan waaqota Edoom duukaa buʼaniif Waaqni harka Yooʼaashitti dabarsee isaan kennuuf murteesseeraatii. \v 21 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa biyya Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan. \v 22 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate. \v 23 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalemitti isa fidee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture. \v 24 Innis warqee fi meetii hunda, akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqaa keessatti argamu kan Oobeed Edoom eegaa ture hunda, qabeenya masaraa mootummaa fi namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe. \p \v 25 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate. \v 26 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? \v 27 Yeroo Amasiyaa \nd Waaqayyoon\nd* duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. \v 28 Isaanis fardaan isa fidanii Magaalaa Yihuudaatti abbootii isaa biratti isa ni awwaalan. \c 26 \s1 Uziyaan Mooticha Yihuudaa \r 26:1‑4 kwf – \xt 2Mt 14:21‑22; 15:1‑3\xt* \r 26:21‑23 kwf – \xt 2Mt 15:5‑7\xt* \p \v 1 Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan. \v 2 Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture. \p \v 3 Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. \v 4 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete. \v 5 Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni \nd Waaqayyoon\nd* barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse. \p \v 6 Innis Filisxeemotatti duulee dallaawwan Gaati, kan Yabinee fi kan Ashdood ni diige. Ergasii Ashdood birattii fi bulchiinsota Filisxeemotaa kaan keessatti magaalaawwan deebisee ni ijaare. \v 7 Yeroo inni Filisxiyaatti, Araboota Guur Baʼaalittii fi Meʼuunootatti kaʼetti Waaqni isa gargaare. \v 8 Warri Amoonis Uziyaaniif gibira ni fidan; sababii inni baayʼee jabaateef gurri isaa hamma daangaa Gibxitti beekame. \p \v 9 Uziyaanis Yerusaalem keessatti Karra Golee irratti, Karra sululaa irrattii fi golee dallaa irratti gamoowwan eegumsaa ni ijaare. \v 10 Akkasumas inni sababii gaarran jalaa fi dirree irraa horii akka malee baayʼee qabuuf gammoojjii keessatti gamoowwan eegumsaa ijaaree boolla bishaanii hedduus ni qote; inni waan hojii qotiisaa jaallatuuf qottoota gaarranii fi lafa gabbataa qotanii wayiniis dhaaban qaba ture. \p \v 11 Kana malees Uziyaan hoomaa waraanaa kan akka gaarii leenjifamee waraanaaf qophaaʼe qaba ture; hoomaan waraanaa kunis dura buʼummaa Hanaaniyaa isa qondaaltota mootichaa keessaa tokko taʼe sanaan akkuma baayʼina isaaniitti garee gareedhaan Yeʼiiʼeel barreessaa sanaa fi Maʼaseyaa ajajjichaan gurmeeffame. \v 12 Baayʼinni hooggantota maatii kanneen loltoota irratti muudamanii walumatti 2,600 ture. \v 13 Ajaja isaanii jalattis hoomaa waraanaa kan namoota lolaaf leenjifaman 307,500 of keessaa qabu tokkotu ture; hoomaan kunis humna guddaa kan yeroo mootichi diinota isaatti duulutti isa gargaaruu dha. \v 14 Uziyaan loltoota hundaaf gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, qomee sibiilaa, xiyyaa fi furrisa dhagaa kenne. \v 15 Innis Yerusaalem keessatti meeshaawwan namoota ogeeyyiidhaan hojjetaman kanneen gamoowwan eegumsaatii fi goleewwan ittisaa gubbaatti xiyya darbachuu fi dhagaa furuursuuf fayyadan ijaare. Innis hamma jabaatutti waan gargaarsa argateef maqaan isaa fagootti illee balʼinaan ni beekame. \p \v 16 Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenuudhaan amanamummaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe. \v 17 Azaariyaa lubichis luboota \nd Waaqayyoo\nd* warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene. \v 18 Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan \nd Waaqayyoof\nd* ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif \nd Waaqayyo\nd* Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin. \p \v 19 Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe. \v 20 Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture. \p \v 21 Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche. \p \v 22 Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru. \v 23 Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 27 \s1 Yootaam Mooticha Yihuudaa \r 27:1‑4,7‑9 kwf – \xt 2Mt 15:33‑38\xt* \p \v 1 Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. \v 2 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan. \v 3 Yootaam Karra mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete. \v 4 Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare. \p \v 5 Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif. \p \v 6 Yootaam sababii fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa dura amanamummaan deddeebiʼeef jabaachaa deeme. \p \v 7 Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. \v 8 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. \v 9 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 28 \s1 Aahaaz Mooticha Yihuudaa \r 28:1‑27 kwf – \xt 2Mt 16:1‑20\xt* \p \v 1 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa hin hojjenne. \v 2 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche. \v 3 Inni gochawwan jibbisiisoo saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube. \v 4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse. \p \v 5 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. \p Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe. \v 6 Sababii sabni Yihuudaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe. \v 7 Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese. \v 8 Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan. \p \v 9 Garuu raajiin \nd Waaqayyoo\nd* kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan. \v 10 Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree? \v 11 Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.” \p \v 12 Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan \v 13 akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.” \p \v 14 Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan. \v 15 Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan. \p \v 16 Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate. \v 17 Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii; \v 18 Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan. \v 19 Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo \nd Waaqayyoof\nd* amanamuu dideef \nd Waaqayyo\nd* Yihuudaa ni salphise. \v 20 Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide. \v 21 Aahaaz mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre. \p \v 22 Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee \nd Waaqayyoof\nd* amanamuu ni dide. \v 23 Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan. \p \v 24 Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoos\nd* cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe. \v 25 Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase. \p \v 26 Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. \v 27 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 29 \s1 Hisqiyaas Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa \r 29:1‑2 kwf – \xt 2Mt 18:2‑3\xt* \p \v 1 Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. \v 2 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa hojjete. \p \v 3 Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ni bane; ni haaromses. \v 4 Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee \v 5 akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa. \v 6 Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya \nd Waaqayyoo\nd* irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan. \v 7 Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine. \v 8 Kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe. \v 9 Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma. \v 10 Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera. \v 11 Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; \nd Waaqayyo\nd* akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.” \b \lh \v 12 Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis: \b \li1 Ilmaan Qohaatotaa keessaa, \li2 Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa; \li1 ilmaan Meraarotaa keessaa, \li2 Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel; \li1 ilmaan Geershoonotaa keessaa, \li2 Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa; \li1 \v 13 ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa, \li2 Shimrii fi Yeʼiiʼeel; \li1 ilmaan Asaaf keessaa, \li2 Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa; \li1 \v 14 ilmaan Heemaan keessaa, \li2 Yehiiʼeelii fi Shimeʼii; \li1 ilmaan Yeduutuun keessaa, \li2 Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel. \b \p \v 15 Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii \nd Waaqayyootti\nd* isaan ajajetti mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* qulqulleessuuf ol ni seenan. \v 16 Luboonnis mana \nd Waaqayyoo\nd* qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan. \v 17 Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo \nd Waaqayyoo\nd* bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan. \p \v 18 Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd*, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra. \v 19 Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* dura jiru.” \p \v 20 Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼe. \v 21 Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje. \v 22 Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan. \v 23 Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan. \v 24 Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan. \p \v 25 Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ramade; kunis ajaja \nd Waaqayyo\nd* karaa raajota isaatiin kennee dha. \v 26 Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan. \p \v 27 Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin \nd Waaqayyoof\nd* faarfatamus ni jalqabame. \v 28 Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe. \p \v 29 Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan. \v 30 Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin \nd Waaqayyoon\nd* galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan. \p \v 31 Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma \nd Waaqayyoof\nd* of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan. \p \v 32 Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffaman. \v 33 Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture. \v 34 Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii. \v 35 Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture. \p Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* akka duriitti deebiʼe. \v 36 Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii. \c 30 \s1 Hisqiyaas Faasiikaa Ayyaaneffate \p \v 1 Hisqiyaas akka isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse. \v 2 Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan. \v 3 Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. \v 4 Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise. \v 5 Isaanis akka namoonni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii. \p \v 6 Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha: \pm “Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa. \v 7 Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. \v 8 Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; \nd Waaqayyootti\nd* harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan tajaajilaa. \v 9 Sababii \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara \nd Waaqayyootti\nd* deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu.” \p \v 10 Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. \v 11 Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. \v 12 Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii \nd Waaqayyootti\nd* ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture. \p \v 13 Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame. \v 14 Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan. \p \v 15 Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* fidan. \v 16 Ergasiis akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan. \v 17 Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii \nd Waaqayyoof\nd* qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan. \v 18 Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Waaqa kadhateef; “Yaa \nd Waaqayyoo\nd* tolaa, \v 19 nama garaa isaatiin siʼi \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif.” \v 20 \nd Waaqayyos\nd* kadhannaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise. \p \v 21 Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa \nd Waaqayyootiin\nd* guyyaa guyyaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* galateeffachaa turan. \p \v 22 Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila \nd Waaqayyoo\nd* irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaaniitiif galata galchan. \p \v 23 Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan. \v 24 Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. \v 25 Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan. \v 26 Bara Solomoon ilma Daawit mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe. \v 27 Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Waaqnis isaan dhagaʼe; kadhannaan isaanii gara samii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii. \c 31 \p \v 1 Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan. \s1 Buusii Waaqeffannaaf Godhame \r 31:20‑21 kwf – \xt 2Mt 18:5‑7\xt* \p \v 2 Hisqiyaasis tokkoo tokkoo isaanii akka isaan akkuma hojii lubummaa isaaniitti yookaan akkuma hojii Lewwummaa isaaniitti aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessaniif, akka isaan karra iddoo \nd Waaqayyo\nd* jiraatuu duratti tajaajilaniif, akka isaan galata galchanii fi akka isaan faarfannaa galataa faarfataniif lubootaa fi Lewwota garee gareedhaan ramade. \v 3 Mootichis akkuma Seera \nd Waaqayyoo\nd* keessatti barreeffame sanatti, aarsaa gubamu kan ganamaa fi galgalaa akkasumas aarsaa gubamu kan Sanbatootaa, Ayyaana Baatiiwwan Haaraa fi guyyaa ayyaana murteeffameetiif qabeenya ofii isaa irraa ni kenne. \v 4 Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera \nd Waaqayyootiif\nd* of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje. \v 5 Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan. \v 6 Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis. \v 7 Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan. \v 8 Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti \nd Waaqayyoon\nd* ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan. \p \v 9 Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate; \v 10 maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii \nd Waaqayyo\nd* saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.” \p \v 11 Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan. \v 12 Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture. \v 13 Yehiiʼeel, Azaziyaa, Nahaati, Asaaheel, Yeriimooti, Yoozaabaad, Eliiʼeel, Yismakiyaa, Mahatii fi Benaayaa, Konaneyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii jalatti toʼattoota taʼanii Hisqiyaas mootichaa fi Azaariyaa itti gaafatamaa mana qulqullummaa Waaqaatiin muudaman. \p \v 14 Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii \nd Waaqayyoof\nd* godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture. \v 15 Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran. \p \v 16 Kana malees dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi sanaa ol taʼe kanneen maqaan isaanii galmee hidda dhalootaa keessa jiru warra akkuma itti gaafatamummaa isaanii fi ramaddii isaaniitti qooda hojii isaanii kan guyyaa guyyaa hojjetamu hojjechuuf mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenuu dandaʼan hundaaf akkasuma ni qoodan. \v 17 Luboota maatii isaaniitiin galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffamanii fi Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼeefis akkuma itti gaafatamummaa fi qooda hojii isaaniitti ni ramadaniif. \v 18 Luboonni kunneen ijoollee isaanii xixinnoo, niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii kanneen waldaa guutuu keessa jiran hunda wajjin ni galmeeffaman; isaan of qulqulleessuudhaan amanamoo turaniitii. \p \v 19 Luboota sanyiiwwan Aroon kanneen lafa qotiisaa naannoo magaalaawwan isaanii yookaan magaalaawwan biraa keessa jiraataniif, dhiirota garee isaanii kanneen galmee hidda dhaloota Lewwotaa keessatti galmeeffaman hundaaf akka qoodaniif namoonni filatamanii turan. \p \v 20 Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete. \v 21 Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe. \c 32 \s1 Senaaheriib Yerusaalemin Marse \r 32:9‑19 kwf – \xt 2Mt 18:17‑35; Isa 36:2‑20\xt* \r 32:20‑21 kwf – \xt 2Mt 19:35‑37; Isa 37:36‑38\xt* \p \v 1 Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse. \v 2 Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti, \v 3 burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran. \v 4 Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, “Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?” jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan. \v 5 Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawit cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete. \p \v 6 Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse; \v 7 “Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii. \v 8 Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha.” Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate. \p \v 9 Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge: \pm \v 10 “Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte? \v 11 Hisqiyaas, ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii? \v 12 Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii? \pm \v 13 “Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu? \v 14 Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree? \v 15 Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!” \p \v 16 Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu \nd Waaqayyo\nd* Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan. \v 17 Mootichis akkasuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse. \v 18 Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan. \v 19 Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan. \p \v 20 Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan. \v 21 \nd Waaqayyos\nd* ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran. \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege. \v 23 Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate. \s1 Of tuulummaa, Milkaaʼinaa fi Duʼa Hisqiyaas \r 32:24‑33 kwf – \xt 2Mt 20:1‑21; Isa 37:21‑38; 38:1‑8\xt* \p \v 24 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis \nd Waaqayyoon\nd* ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise. \v 25 Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe. \v 26 Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* isaanitti hin dhufne. \p \v 27 Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare. \v 28 Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare. \v 29 Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate. \p \v 30 Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef. \v 31 Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise. \p \v 32 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. \v 33 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \c 33 \s1 Minaasee Mooticha Yihuudaa \r 33:1‑10 kwf – \xt 2Mt 21:1‑10\xt* \r 33:18‑20 kwf – \xt 2Mt 21:17‑18\xt* \p \v 1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. \v 2 Innis waan jibbisiisaa saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. \v 3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. \v 4 Innis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan \nd Waaqayyo\nd*, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. \v 5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. \v 6 Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase. \p \v 7 Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. \v 8 Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.” \v 9 Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota \nd Waaqayyo\nd* fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan. \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene. \v 11 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan. \v 12 Innis lubbamee \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe. \v 13 \nd Waaqayyos\nd* yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka \nd Waaqayyo\nd* Waaqa taʼe ni beeke. \p \v 14 Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise. \p \v 15 Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate. \v 16 Iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje. \v 17 Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture. \p \v 18 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera. \v 19 Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru. \v 20 Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Aamoon Mooticha Yihuudaa \r 33:21‑25 kwf – \xt 2Mt 21:19‑24\xt* \p \v 21 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. \v 22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse. \v 23 Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete. \p \v 24 Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan. \v 25 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan. \c 34 \s1 Geeddarama Yosiyaas Fide \r 34:1‑2 kwf – \xt 2Mt 22:1‑2\xt* \r 34:3‑7 kwi – \xt 2Mt 23:4‑20\xt* \r 34:8‑13 kwf – \xt 2Mt 22:3‑7\xt* \p \v 1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. \v 2 Inni fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme. \p \v 3 Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse. \v 4 Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse. \v 5 Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti guggube. Haala kanaanis Yihuudaa fi Yerusaalemin qulqulleesse. \v 6 Magaalaawwan Minaasee, kan Efreemii fi Simiʼoon kanneen hamma Niftaalemitti jiranii fi akkasumas diigamaa naannoowwan isaanii keessatti \v 7 iddoowwan aarsaa fi siidaawwan Aasheeraa ni jijjigse; waaqota tolfamoo daaraa godhe; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen guutummaa Israaʼel keessa jiran hundas ni caccabse. Ergasiis Yerusaalemitti deebiʼe. \p \v 8 Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge. \p \v 9 Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe. \v 10 Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu. \v 11 Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan. \p \v 12 Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis \v 13 itti gaafatamtoota hojjettoota hojii humnaa taʼanii hojjettoota hojii garaa garaa illee toʼachaa turan. Lewwonni tokko tokkos barreessitoota, qondaaltotaa fi eegdota balbalaa turan. \s1 Kitaabni Seeraa Argamuu Isaa \r 34:14‑28 kwf – \xt 2Mt 22:8‑20\xt* \r 34:29‑32 kwf – \xt 2Mt 23:1‑3\xt* \p \v 14 Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera \nd Waaqayyoo\nd* kan karaa Museetiin kenname sana arge. \v 15 Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne. \p \v 16 Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru. \v 17 Maallaqa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.” \v 18 Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. \p \v 19 Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. \v 20 Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne: \v 21 “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif \nd Waaqayyoon\nd* gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii \nd Waaqayyoo\nd* hin eeginiif dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.” \p \v 22 Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte. \p \v 23 Isheenis akkana isaaniin jette; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa; \v 24 ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida. \v 25 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’ \v 26 Mootii Yihuudaa kan akka isin \nd Waaqayyoon\nd* gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha: \v 27 Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha \nd Waaqayyo\nd*. \v 28 Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” \p Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan. \p \v 29 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame. \v 30 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Lewwota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef. \v 31 Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka \nd Waaqayyoon\nd* duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti kakuu ni haaromse. \p \v 32 Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan. \p \v 33 Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine. \c 35 \s1 Yosiyaas Faasiikaa Ayyaaneffachuu Isaa \r 35:1,18‑19 kwf – \xt 2Mt 23:21‑23\xt* \p \v 1 Yosiyaas Yerusaalemitti \nd Waaqayyoof\nd* Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame. \v 2 Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa tajaajilan isaan jajjabeesse. \v 3 Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi \nd Waaqayyoof\nd* qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; “Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Solomoon ilmi Daawit mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa. \v 4 Akkuma qajeelfama Daawit mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Solomooniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa. \p \v 5 “Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa. \v 6 Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin ajaje sanatti godhaa.” \p \v 7 Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne. \p \v 8 Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan. \v 9 Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan. \p \v 10 Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan. \v 11 Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan. \v 12 Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffame sanatti \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan. \v 13 Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan. \v 14 Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Aroon hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Aroon taʼaniif qopheessan. \p \v 15 Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawit, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne. \p \v 16 Kanaafuu tajaajilli \nd Waaqayyoo\nd* hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa \nd Waaqayyoo\nd* irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe. \v 17 Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan. \v 18 Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne. \v 19 Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame. \s1 Yosiyaas Duʼuu Isaa \r 35:20–36:1 kwf – \xt 2Mt 23:28‑30\xt* \p \v 20 Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe. \v 21 Nekkoon garuu, “Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Waaqni akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Waaqa na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii” jedhee namoota itti erge. \p \v 22 Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Waaqaan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe. \p \v 23 Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, “Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii” jedhe. \v 24 Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan. \p \v 25 Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame. \p \v 26 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera \nd Waaqayyoo\nd* keessatti barreeffame sanaatti, \v 27 seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera. \c 36 \nb \v 1 Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii Yerusaalem keessatti iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan. \s1 Yooʼaahaaz Mooticha Yihuudaa \r 36:2‑4 kwf – \xt 2Mt 23:31‑34\xt* \p \v 2 Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. \v 3 Mootiin Gibxi immoo Yerusaalem keessatti teessoo isaa irraa isa buuse; Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure. \v 4 Mootiin Gibxis Eliiyaaqiim obboleessa Yehooʼaahaaz Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; innis maqaa Eliiyaaqiim geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Nekkoonis Yoʼahaz obboleessa Eliiyaaqiim fuudhee Gibxitti geesse. \s1 Yehooyaaqiim Mooticha Yihuudaa \r 36:5‑8 kwf – \xt 2Mt 23:36–24:6\xt* \p \v 5 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete. \v 6 Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe. \v 7 Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe. \p \v 8 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \s1 Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa \r 36:9‑10 kwf – \xt 2Mt 24:8‑17\xt* \p \v 9 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula \nd Waaqayyoo\nd* durattis waan hamaa hojjete. \v 10 Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe. \s1 Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa \r 36:11‑16 kwf – \xt 2Mt 24:18‑20; Erm 52:1‑3\xt* \p \v 11 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. \v 12 Inni fuula \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii \nd Waaqayyoo\nd* isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne. \v 13 Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide. \v 14 Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban. \s1 Kufaatii Yerusaalem \r 36:17‑20 kwf – \xt 2Mt 25:1‑21; Erm 52:4‑27\xt* \r 36:22‑23 kwf – \xt Izr 1:1‑3\xt* \p \v 15 \nd Waaqayyo\nd* Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge. \v 16 Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne. \v 17 Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne. \v 18 Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd*, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse. \v 19 Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan. \p \v 20 Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan. \v 21 Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte. \p \v 22 \nd Waaqayyo\nd* akka dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha: \pmo \v 23 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: \pm “ ‘\nd Waaqayyo\nd* Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis ol haa baʼu.’ ”