\id 1TI - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 1 Xiimotewos \toc1 Xiimotewos Tokkoffaa \toc2 1 Xiimotewos \toc3 1Xm \mt1 Xiimotewos \mt2 Tokkoffaa \c 1 \s1 Nagaa Gaafachuu \po \v 1 Phaawulos isa ajaja fayyisaa keenya Waaqaatii fi abdii keenya Kiristoos Yesuusiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, \po \v 2 Gara Xiimotewos isa amantiidhaan ilma koo dhugaa taʼeetti: \po Waaqa Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu. \s1 Barsiistota Sobaatiin Mormuu \p \v 3 Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi; \v 4 akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii. \v 5 Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha. \v 6 Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru. \v 7 Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu. \p \v 8 Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna. \v 9 Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; \v 10 akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna; \v 11 kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala. \s1 Ayyaana Gooftaa Kan Phaawulosiif kenname \p \v 12 Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha. \v 13 Ani kanaan dura nama nama arrabsu, kan nama ariʼatuu fi kan nama miidhu taʼu iyyuu sababii ani wallaalummaa fi amantii dhabuun waan kana hojjedheef araara argadhe. \v 14 Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame. \p \v 15 Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana. \v 16 Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame. \v 17 Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen. \s1 Qajeelchi Xiimotewosiif Kenname Cimsamuu Isaa \p \v 18 Yaa ilma koo Xiimotewos, akkuma raajii kanaan dura waaʼee kee dubbatame sanaatti, akka ati lola gaarii loltuuf ani ajaja kana siifin kenna; \v 19 waan kanas amantii fi qalbii qajeelaa qabaachuudhaan godhi. Namoonni tokko tokko waan kana gochuu didanii amantii isaanii balleessaniiru. \v 20 Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu. \c 2 \s1 Qajeelcha Waaʼee Waaqeffannaa \p \v 1 Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa; \v 2 nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu. \v 3 Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Waaqaa durattis fudhatamaa dha; \v 4 Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada. \v 5 Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha; \v 6 Yesuus kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera. \v 7 Sababii kanaaf ani lallabaa fi ergamaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu. \p \v 8 Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii kadhatan nan barbaada. \v 9 Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; \v 10 isaanis akkuma dubartoota, “Nu Waaqa sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan. \p \v 11 Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu. \v 12 Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu. \v 13 Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte. \v 14 Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite. \v 15 Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu. \c 3 \s1 Ulaagaa Phaaphaasotaa fi Daaqonootaa \p \v 1 Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha. \v 2 Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, \v 3 kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. \v 4 Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. \v 5 Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa? \v 6 Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. \v 7 Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu. \p \v 8 Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu. \v 9 Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu. \v 10 Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan. \p \v 11 Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu. \p \v 12 Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba. \v 13 Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu. \s1 Sababii Phaawulos Qajeelcha Kennuuf \p \v 14 Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa; \v 15 kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha. \v 16 Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, \q1 Inni fooniin mulʼate; \q2 Hafuuraan mirkaneeffame; \q1 ergamoota Waaqaatu isa arge; \q2 saboota keessatti lallabame; \q1 addunyaa irratti itti amaname; \q2 ulfinaan ol fudhatame. \c 4 \s1 Qajeelfama Xiimotewosiif Kenname \p \v 1 Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata. \v 2 Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa. \v 3 Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju. \v 4 Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; \v 5 inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii. \p \v 6 Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata. \v 7 Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi. \v 8 Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada. \v 9 Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha. \v 10 Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas. \p \v 11 Wantoota kanneen ajaji; barsiisis. \v 12 Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin. \v 13 Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu. \v 14 Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin. \p \v 15 Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni. \v 16 Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii. \c 5 \s1 Maanguddootaa fi Dargaggoota \p \v 1 Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali; \v 2 dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali. \s1 Haadhota Hiyyeessaa \p \v 3 Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji. \v 4 Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii. \v 5 Haati hiyyeessaa kan dhugumaan rakkattuu taatee kophaa ishee hafte abdii ishee Waaqa irra kaaʼattee halkanii guyyaa kadhannaa fi gargaarsa Waaqaa gaafachuu itti fufti. \v 6 Haati hiyyeessaa kan jireenya gammachuutti of gattu garuu utuma jirtuu iyyuu duuteerti. \v 7 Akka namni tokko iyyuu mudaa hin qabaanneef ajaja kana kenni. \v 8 Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha. \p \v 9 Haati hiyyeessaa tokko yoo umuriin ishee waggaa jaatamaa ol taʼee akkasumas niitii dhirsa tokkichaa turte taate malee maqaan ishee galmee haadhota hiyyeessaa irratti hin galmeeffamin; \v 10 akkasumas isheen hojii gaarii hojjechuudhaan jechuunis ijoollee guddisuudhaan, keessummaa simachuudhaan, miilla qulqullootaa dhiquudhaan, warra rakkatan gargaaruudhaan, karaa hundumaanis hojii gaarii hojjechuu keessatti of kennuudhaan kan beekamte taʼuu qabdi. \p \v 11 Haadhota hiyyeessaa\f + \fr 5:11 \fr*\fq Haadhota hiyyeessaa \fq*\ft – haati hiyyeessaa tokko gargaarsa argachuuf mirga qabaachuuf akka bara jireenya ishee guutuu Kiristoosin tajaajiluu malee lammata hin heerumne kakatti.\ft*\f* kanneen shamarran taʼan garuu hin galmeessin. Isaan yommuu hawwiin foonii Kiristoos irraa gargar isaan baasutti deebiʼanii heerumuu barbaaduutii. \v 12 Kanaanis isaan waan kakuu isaanii kan jalqabaa cabsaniif murtii ofitti fidu. \v 13 Kana malees manaa gara manaatti labanii dhibaaʼummaa baratu. Dhibaaʼummaa qofa utuu hin taʼin waan dubbachuun isaaniif hin malle dubbachuudhaan nama hamatu; dhimma namaa keessas galu. \v 14 Kanaafuu haadhonni hiyyeessaa kanneen ijoollummaa qaban akka carraa maqaa nu balleessuu diinaaf hin kennineef ani akka isaan heeruman, akka ijoollee daʼanii fi akka mana isaanii bulfatan nan gorsa. \v 15 Namoonni tokko tokko Seexana duukaa buʼuuf jedhanii duraanuu karaa irraa goraniiru. \p \v 16 Dubartiin amantu kam iyyuu yoo haadhota hiyyeessaa maatii ishee keessaa qabaatte, akka waldaan kiristaanaa haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan gargaartuuf isheen isaan haa gargaartuu malee akka waldaa kiristaanaatti baʼaa taʼan hin godhin. \s1 Jaarsolii Waldaa \p \v 17 Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. \v 18 Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;\f + \fr 5:18 \fr*\ft \+xt KeD 25:4\+xt*\ft*\f*” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala\f + \fr 5:18 \fr*\ft \+xt Luq 10:7\+xt*\ft*\f*” jedhaatii. \v 19 Yoo dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffame malee himata jaarsa tokko mormuun dhiʼeeffamu kam iyyuu hin fudhatin. \v 20 Akka warri kaan sodaataniif namoota cubbuu hojjetan fuula namoota hundaa duratti itti dheekkami. \v 21 Ani akka ati waan tokko iyyuu loogiidhaan hin goonee fi akka wal caalchisuu malee ajajawwan kanneen eegduuf fuula Waaqaatii fi fuula Kiristoos Yesuus duratti, fuula ergamoota filatamanii durattis sin gorsa. \p \v 22 Eenyu irra iyyuu harka kaaʼuuf hin ariifatin; cubbuu nama biraa keessatti hin hirmaatin. Qulqullummaadhaanis of eeggadhu. \p \v 23 Sababii garaa keetiitii fi dhukkuba ammumaa amma sitti kaʼu sanaatiif daadhii wayinii xinnoo ishee dhugi malee bishaan qofa hin dhugin. \p \v 24 Cubbuun namoota tokko tokkoo duraan dursee ifatti mulʼata; isaan dura darbees lafa murtii gaʼa; cubbuun warra kaanii garuu duuba irratti beekama. \v 25 Hojiin gaariinis akkasuma ifatti mulʼata; kan ifatti hin mulʼannes dhokfamee hafuu hin dandaʼu. \c 6 \s1 Garboota \p \v 1 Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan. \v 2 Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan. \s1 Barsiistota Sobaa fi Jaalala Maallaqaa \p Atis waan kana barsiisi; gorsis. \v 3 Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle, \v 4 inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida; \v 5 namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama. \p \v 6 Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba. \v 7 Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. \v 8 Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa. \v 9 Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu. \v 10 Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru. \s1 Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa \p \v 11 Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi. \v 12 Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu. \v 13 Ani fuula Waaqa waan hundaaf jireenya kennuu duratti, fuula Kiristoos Yesuus kan yommuu Phonxoos Phiilaaxoos duratti dhugaa baʼetti akka gaarii beeksise sanaa durattis, \v 14 akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa. \v 15 Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa; \v 16 kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen. \p \v 17 Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. \v 18 Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji. \v 19 Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu. \p \v 20 Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu; \v 21 namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii. \b \b \p Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.