\id 1SA - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \ide UTF-8 \h 1 Saamuʼeel \toc1 Kitaaba Saamuʼeel Tokkoffaa \toc2 1 Saamuʼeel \toc3 1Sm \mt2 Kitaaba \mt1 Saamuʼeel \mt3 Tokkoffaa \c 1 \s1 Dhalachuu Saamuʼeel \p \v 1 Namicha biyya gaara Efreem keessa Raamaatayiim Zoofiim jiraatu kan maqaan isaa Elqaanaa jedhamu tokkotu ture; innis ilma Yeroohaam, ilma Eliihuu, ilma Toohuu, ilma Zuufi, ilma Naasiib ture. \v 2 Innis niitii lama qaba ture; maqaan ishee tokko Haannaa, kaan immoo Pheniinaa jedhama ture. Pheniinaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu ijoollee tokko illee hin qabdu ture. \p \v 3 Elqaanaan wagguma waggaadhaan \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa dhiʼeessuu fi sagaduudhaaf magaalaa jiraatuu kaʼee gara Shiilootti ol baʼa ture. Achittis ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaas luboota \nd Waaqayyoo\nd* turan. \v 4 Yommuu guyyaan itti Elqaanaan aarsaa dhiʼeessu gaʼutti inni niitii isaa Pheniinaa, ilmaan isaatii fi intallan isaa hundaaf foon sana irraa qooda isaanii ni kenna ture. \v 5 Inni sababii Haannaa jaallatuuf qooda harka lama isheedhaaf kenna ture; \nd Waaqayyo\nd* garuu gadameessa ishee cufee ture. \v 6 Sababii \nd Waaqayyo\nd* gadameessa Haannaa cufeef masaanuun ishee akka isheen aartuuf ishee tuttuqaa turte. \v 7 Kunis wagguma waggaadhaan itti fufe. Yeroo Haannaan gara mana \nd Waaqayyootti\nd* ol baatutti masaanuun ishee, ishee tuttuqaa turte; kanaafuu Haannaan ni boossi, nyaatas hin nyaattu turte. \v 8 Dhirsi ishee Elqaanaanis, “Haannaa ati maaliif boossa? Maaliif hin nyaattu? Garaan kee maaliif gaddaa? Ani ilmaan kudhan siif hin caaluu?” Isheen jedha ture. \p \v 9 Gaafa tokko isaan Shiilootti erga nyaatanii dhuganii booddee Haannaan ol kaatee dhaabate. Eeliin lubichi dhaaba balbala mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* bira barcuma irra taaʼaa ture. \v 10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* kadhatte. \v 11 Akkanas jettee wareegde; “Yaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa \nd Waaqayyoof\nd* nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu.” \p \v 12 Yeroo Haannaan ittuma fuftee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti kadhachaa turtettis Eeliin afaan ishee ilaalaa ture. \v 13 Haannaanis garaa isheetti kadhachaa turte; hidhii isheetu sochoʼa malees sagaleen ishee hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu Eeliin waan isheen machoofte seʼee, \v 14 “Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii wayinii kee of irraa fageessi” jedheen. \p \v 15 Haannaanis akkana jettee deebifte; “Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. \v 16 Ati garbittii kee akka dubartii faayidaa hin qabne tokkootti hin ilaalin. Ani sababii dhiphinaa fi gadda koo guddaa sanaatiif hamma ammaatti kadhachaara.” \p \v 17 Eeliinis, “Nagaan deemi; Waaqni Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu” jedhee deebiseef. \p \v 18 Isheenis, “Garbittiin kee fuula kee duratti surraa haa argattu” jette. Ergasiis deemsa ishee itti fufte; nyaata ni nyaatte; gaddis fuula ishee irratti hin mulʼanne. \p \v 19 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti sagadanii gara mana isaanii Raamaatti deebiʼan. Elqaanaan niitii isaa Haannaa bira gaʼe; \nd Waaqayyos\nd* ishee yaadate. \v 20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, “Ani \nd Waaqayyo\nd* irraa isa kadhadheeraatii” jettee Saamuʼeel jettee moggaafte. \s1 Saamuʼeel Waaqaaf kenname \p \v 21 Elqaanaan warra mana isaa jiraatan hunda wajjin \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa waggaa dhiʼeessuu fi wareega isaa galchuuf ol baʼe; \v 22 Haannaan garuu hin dhaqne. Isheenis dhirsa isheetiin, “Erga mucaan kun harma guʼee booddee ani isa geesseen fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isa dhiʼeessa; innis jireenya isaa guutuu achuma jiraata” jette. \p \v 23 Dhirsi ishee Elqaanaanis, “Waanuma jaallatte godhi; ati hamma harma isa guusiftutti asuma turi; \nd Waaqayyo\nd* garuu dubbii isaa fiixaan haa baasu” jedheen. Kanaafuu dubartittiin mana turtee hamma harma isa guusiftutti ilma ishee hoosifte. \p \v 24 Ishee erga mucicha harma guusiftee booddee mucichaa fi dibicha loonii kan umuriin isaa waggaa sadii taʼe, daakuu iifii\f + \fr 1:24 \fr*\ft Iifiin tokko kiiloo giraamii 40.\ft*\f* tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko fudhattee gara Shiiloo gara mana \nd Waaqayyootti\nd* fidde. Mucichis daaʼima ture. \v 25 Isaanis dibicha sana qalanii mucicha gara Eeliitti fidan; \v 26 isheenis akkana jetteen; “Yaa gooftaa ko, duʼa lubbuu keetii ti; dubartiin as si bira dhaabattee \nd Waaqayyoon\nd* kadhachaa turte sun anuma. \v 27 Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; \nd Waaqayyos\nd* waan ani isa kadhadhe naaf kenneera. \v 28 Kanaafuu ani amma \nd Waaqayyoofan\nd* isa kenna. Bara jireenya isaa guutuu \nd Waaqayyoof\nd* ni kennama.” Isaanis achitti \nd Waaqayyoof\nd* sagadan. \c 2 \s1 Kadhannaa Haannaa \p \v 1 Haannaanis akkana jettee kadhatte: \q1 “Garaan koo \nd Waaqayyotti\nd* ni gammada; \q2 gaanfi koos \nd Waaqayyoon\nd* ol kaafama. \q1 Afaan koos diinota koo irratti of jaja; \q2 ani fayyisuu keetti nan gammadaatii. \b \q1 \v 2 “Qulqulluun akka \nd Waaqayyoo\nd* tokko iyyuu hin jiru; \q2 si malees eenyu iyyuu hin jiru; \q2 kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru. \b \q1 \v 3 “Of jajuudhaan hin dubbatinaa; \q2 yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; \q1 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa beekaadhaatii; \q2 hojiiwwanis isaan madaalamu. \b \q1 \v 4 “Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru; \q2 namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru. \q1 \v 5 Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru; \q2 warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan. \q1 Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse; \q2 isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde. \b \q1 \v 6 “\nd Waaqayyo\nd* ni ajjeesa; ni fayyisas; \q2 siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa. \q1 \v 7 \nd Waaqayyo\nd* ni hiyyoomsa; ni sooromsas; \q2 ni salphisa; ni ulfeessas. \q1 \v 8 Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; \q2 rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; \q1 inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; \q2 barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. \b \q1 “Hundeewwan lafaa kan \nd Waaqayyoo\nd* ti; \q2 inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera. \q1 \v 9 Inni miilla qulqulloota isaa ni eega; \q2 namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu. \b \q1 “Namni jabina isaatiin hin moʼatu; \q2 \v 10 warri \nd Waaqayyoon\nd* morman ni caccabsamu. \q1 Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa. \q2 \nd Waaqayyo\nd* daarii lafaatti ni murteessa. \b \q1 “Inni mootii isaatiif jabina ni kenna; \q2 gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.” \p \v 11 Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura tajaajilaa ture. \s1 Hammina Ilmaan Eelii \p \v 12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; \nd Waaqayyonis\nd* hin sodaatan ture. \v 13 Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee \v 14 beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan. \v 15 Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture. \p \v 16 Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture. \p \v 17 Cubbuun dargaggootaa kun fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii. \p \v 18 Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura ni tajaajila ture. \v 19 Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte. \v 20 Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen \nd Waaqayyoof\nd* kennite sanaa \nd Waaqayyo\nd* ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan. \v 21 \nd Waaqayyos\nd* Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti ni guddate. \p \v 22 Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe. \v 23 Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu? \v 24 Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba \nd Waaqayyoo\nd* keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti. \v 25 Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii \nd Waaqayyo\nd* isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye. \p \v 26 Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula \nd Waaqayyootii\nd* fi fuula namaa duratti surraa argate. \s1 Raajii Maatii Eelii Irratti Dubbatame \p \v 27 Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee? \v 28 Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera. \v 29 Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’ \p \v 30 “Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu \nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu. \v 31 Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa; \v 32 iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu. \v 33 Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu. \p \v 34 “ ‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu. \v 35 Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila. \v 36 Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’ ” \c 3 \s1 \nd Waaqayyo\nd* Saamuʼeelin Waame \p \v 1 Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture. \p \v 2 Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture. \v 3 Saamuʼeelis mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture. \v 4 \nd Waaqayyos\nd* Saamuʼeelin ni waame. \p Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise. \v 5 Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. \p Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise. \p \v 6 Ammas \nd Waaqayyo\nd*, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. \p Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen. \p \v 7 Yeroo sana Saamuʼeel \nd Waaqayyoon\nd* hin beeku ture; dubbiin \nd Waaqayyos\nd* isaaf hin ibsamne ture. \p \v 8 \nd Waaqayyo\nd* yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. \p Eliin yeroo kana akka \nd Waaqayyo\nd* mucicha waamaa ture hubate. \v 9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa \nd Waaqayyo\nd* dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise. \p \v 10 \nd Waaqayyos\nd* dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. \p Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe. \p \v 11 \nd Waaqayyos\nd* Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira. \v 12 Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida. \v 13 Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine. \v 14 Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.” \p \v 15 Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana \nd Waaqayyoo\nd* bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture. \v 16 Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. \p Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen. \p \v 17 Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe. \v 18 Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni \nd Waaqayyoo\nd* dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe. \p \v 19 Saamuʼeel guddachaa deeme; \nd Waaqayyos\nd* isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture. \v 20 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii \nd Waaqayyoo\nd* taʼee fudhatame beekan. \v 21 \nd Waaqayyo\nd* ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii. \c 4 \p \v 1 Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe. \s1 Filisxeemonni Taabota Boojiʼan \p Israaʼeloonni Filisxeemota waraanuudhaaf baʼan. Israaʼeloonnis Ebeenezer bira, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa qubatan. \v 2 Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman. \v 3 Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa \nd Waaqayyo\nd* maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan. \p \v 4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan. \p \v 5 Yommuu taabonni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan. \v 6 Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan. \p Yommuu akka taabonni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* achi gale hubatanittis, \v 7 Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku. \v 8 Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha. \v 9 Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!” \p \v 10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde. \v 11 Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan. \s1 Eeliin Duʼuu Isaa \p \v 12 Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe. \v 13 Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan. \p \v 14 Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate. \p Namichi sunis dafee dhufee Eeliitti hime; \v 15 yeroo kana Eeliin nama waggaa sagaltamii saddeet waan tureef iji isaa arguu dadhabee ture. \v 16 Namichis, “Ani ammuma adda waraanaatii dhufuu koo ti; waraana keessaa miliqee baʼuun koos harʼuma” jedhee Eeliitti hime. \p Eeliinis, “Yaa ilma ko, maaltu taʼe ree?” jedhee gaafate. \p \v 17 Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen. \p \v 18 Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture. \p \v 19 Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse. \v 20 Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne. \p \v 21 Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte. \v 22 Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette. \c 5 \s1 Filisxeemonni Taabota Boojiʼuu Isaanii \p \v 1 Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan. \v 2 Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan. \v 3 Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota \nd Waaqayyoo\nd* duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan. \v 4 Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota \nd Waaqayyoo\nd* duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe. \v 5 Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma. \p \v 6 Harki \nd Waaqayyoo\nd* saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. \v 7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan. \v 8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. \p Isaanis, “Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!” jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan. \p \v 9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki \nd Waaqayyoo\nd* magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe. \v 10 Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan. \p Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, “Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan” jedhanii iyyan. \v 11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa” jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture. \v 12 Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii samiitti ol baʼe. \c 6 \s1 Taabonni Gara Israaʼelitti Deebiʼe \p \v 1 Taabonni \nd Waaqayyoos\nd* Filisxeem keessa jiʼa torba ture. \v 2 Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, “Taabota \nd Waaqayyoo\nd* maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa” jedhaniin. \p \v 3 Isaanis deebisanii, “Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu” jedhaniin. \p \v 4 Filisxeemonnis, “Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. \p Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa. \v 5 Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Waaqa Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa. \v 6 Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Waaqayyo adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii? \p \v 7 “Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa. \v 8 Taabota \nd Waaqayyoo\nd* sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Waaqayyoo bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa; \v 9 garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana \nd Waaqayyotu\nd* nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Waaqayyo nutti hin fidne.” \p \v 10 Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan. \v 11 Isaanis taabota \nd Waaqayyoo\nd* sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan. \v 12 Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan. \p \v 13 Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan. \v 14 Gaariin sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan. \v 15 Warri Lewwotaas taabota \nd Waaqayyoo\nd* sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeessan. \v 16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan. \p \v 17 Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii \nd Waaqayyoof\nd* ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan. \v 18 Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota \nd Waaqayyoo\nd* isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha. \p \v 19 Waaqnis sababii isaan taabota \nd Waaqayyoo\nd* keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii \nd Waaqayyo\nd* akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan; \v 20 namoonni Beet Shemeshis, “Eenyutu fuula \nd Waaqayyoo\nd*, fuula Waaqa qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?” jedhanii gaafatan. \p \v 21 Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, “Filisxeemonni taabota \nd Waaqayyoo\nd* deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa” jedhaniin. \c 7 \nb \v 1 Kanaafuu namoonni Kiriyaati Yeʼaariim dhufanii taabota \nd Waaqayyoo\nd* fudhatanii ol baʼan. Isaanis gara mana Abiinaadaab kan gaara irra jiruutti geessan; akka inni taabota \nd Waaqayyoo\nd* eeguufis ilma isaa Eleʼaazaarin qulqulleessan. \s1 Filisxeemonni Moʼatamuu Isaanii \p \v 2 Taabonni sun erga gara Kiriyaati Yeʼaariim geeffamee yeroo dheeraa dha; walumaa galatti waggaa digdama taaʼe. Sabni Israaʼel hundinuus booʼichaan \nd Waaqayyotti\nd* deebiʼe. \v 3 Saamuʼeelis guutummaa mana Israaʼeliin akkana jedhe; “Yoo isin garaa keessan guutuudhaan \nd Waaqayyotti\nd* deebitanii, waaqota ormaatii fi Ashtooretin waaqeffachuu dhiisuudhaan \nd Waaqayyotti\nd* of kennitanii isa qofaaf tajaajiltan, inni harka Filisxeemotaa jalaa isin ni baasa.” \v 4 Kanaaf Israaʼeloonni Baʼaalii fi Ashtooretin calaasanii \nd Waaqayyoon\nd* qofa tajaajilan. \p \v 5 Kana irrattis Saamuʼeel, “Isin Israaʼeloota hundumaa Miisphaatti walitti qabaa; anis \nd Waaqayyoon\nd* isiniif nan kadhadhaa” jedhe. \v 6 Isaanis yommuu Miisphaatti walitti qabamanitti bishaan waraabanii fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhangalaasan. Gaafas soomanii, “Nu \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjenneerra” jedhan. Saamuʼeelis Miisphaatti saba Israaʼel irratti murtii kenna ture. \p \v 7 Yommuu Filisxeemonni akka Israaʼel Miisphaatti walitti qabame dhagaʼanitti bulchitoonni Filisxeem isaan waraanuudhaaf ol baʼan. Ijoolleen Israaʼelis yommuu waan kana dhagaʼanitti Filisxeemota ni sodaatan. \v 8 Isaanis Saamuʼeeliin, “Akka inni harka Filisxeemotaa jalaa nu baasuuf gara \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaatti nuu iyyuu hin dhiisin” jedhan. \v 9 Saamuʼeelis ilmoo hoolaa kan hodhu tokko fuudhee jiraa isaa aarsaa gubamu godhee \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeesse. Qooda Israaʼelis gara \nd Waaqayyootti\nd* iyye; \nd Waaqayyos\nd* deebii kenneef. \p \v 10 Utuu Saamuʼeel aarsaa gubamu dhiʼeessaa jiruu Filisxeemonni Israaʼelin loluuf dhiʼaatan. Gaafas garuu \nd Waaqayyo\nd* sagalee qaqawwee guddaa isaa isaan irratti qaqawweessaʼee waan isaan joonjesseef Filisxeemonni fuula Israaʼelootaa duratti ni moʼataman. \v 11 Israaʼeloonnis Miisphaadhaa baʼanii Filisxeemota karaa irratti gorraʼaa hamma Beet Kaari jalaatti isaan ariʼan. \p \v 12 Ergasii Saamuʼeel dhagaa tokko fuudhee Miisphaa fi Sheen gidduu dhaabe. Maqaa isaas, “\nd Waaqayyo\nd* hamma harʼaatti nu gargaareera” jedhee, “Ebeenezer” jedhee moggaase. \p \v 13 Kanaafuu Filisxeemonni waan moʼatamaniif lammata deebiʼanii biyya Israaʼelootaa hin weerarre. Bara jireenya Saamuʼeel guutuu harki \nd Waaqayyoo\nd* Filisxeemota irratti ni jabaate. \v 14 Magaalaawwan Filisxeemonni Israaʼel irraa fudhatanii turan kanneen Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti jiran hundinuu Israaʼelootaaf ni deebiʼan. Israaʼelis daangaa ishee Filisxeemota harkaa baafate. Israaʼelii fi Amoorota gidduuttis nageenyi buʼee ture. \p \v 15 Saamuʼeelis bara jireenya isaa guutuu abbaa murtii saba Israaʼel ture. \v 16 Innis wagguma waggaan Beetʼeel, Gilgaalii fi Miisphaa keessa naannaʼee iddoo hundatti abbaa murtii saba Israaʼel ture. \v 17 Ergasiis gara Raamaa iddoo jireenya isaatti deebiʼee achittis saba Israaʼel irratti murtii kenna ture. Achittis \nd Waaqayyoof\nd* iddoo aarsaa ijaare. \c 8 \s1 Israaʼel Mootii Moosifachuuf Gaafatte \p \v 1 Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude. \v 2 Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan. \v 3 Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan. \p \v 4 Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan; \v 5 isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin. \p \v 6 Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni \nd Waaqayyoon\nd* kadhate. \v 7 \nd Waaqayyos\nd* akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne. \v 8 Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru. \v 9 Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.” \p \v 10 Saamuʼeelis dubbii \nd Waaqayyoo\nd* hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime. \v 11 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu. \v 12 Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha. \v 13 Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata. \v 14 Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna. \v 15 Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna. \v 16 Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata. \v 17 Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu. \v 18 Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana \nd Waaqayyo\nd* deebii isinii hin kennu.” \p \v 19 Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena. \v 20 Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.” \p \v 21 Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waanuma sana deebisee dubbate. \v 22 \nd Waaqayyos\nd* Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. \p Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe. \c 9 \s1 Saamuʼeel Saaʼolin Dibuu Isaa \p \v 1 Gosa Beniyaam keessaa namicha jabaa maqaan isaa Qiish jedhamu tokkotu ture; innis ilma Abiiʼeel, ilma Xiroor, ilma Bekooraat, ilma namicha gosa Beniyaam sanaa ilma Afiiyaa ture. \v 2 Innis dargaggeessa miidhagaa Saaʼol jedhamu tokko qaba ture; namoota Israaʼel keessaa namni isa caalaa miidhagu tokko iyyuu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture. \p \v 3 Yeroo sanas Qiish abbaa Saaʼol jalaa harroonni badnaan, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Tajaajiltoota keessaa nama tokko fudhadhuutii dhaqii harroota sana barbaadi” jedhe. \v 4 Kanaafuu inni biyya gaaraa Efreemii fi naannoo Shaaliishaa jedhamu keessa naannaʼe; garuu harroota hin arganne. Isaanis biyya Shaʼaliim keessa darban; taʼus harroonni sun achi hin turre. Ergasiis biyya Beniyaamotaa keessa naannaʼan; garuu harroota sana hin arganne. \p \v 5 Yommuu biyya Zuufi gaʼanittis Saaʼol tajaajilaa isa wajjin ture sanaan, “Sababii abbaan koo yoona waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee keenya yaaddaʼuuf kottu ni deebinaa!” jedhe. \p \v 6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo! Magaalaa kana keessa namni Waaqaa tokko jira; innis guddaa kabajamaa dha; wanni inni jedhu tokko iyyuus lafa hin buʼu. Inni karaa deemuu qabnu nutti hima taʼaatii kottu isa bira dhaqnaa” jedhe. \p \v 7 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Nu yoo dhaqne namichaaf maal kennina? Nyaanni korojoo keenya keessaa dhumeera. Kennaa nama Waaqaatiif geessinu tokko illee hin qabnu. Egaa maal qabna ree?” jedhe. \p \v 8 Tajaajilaan sun ammas deebisee, “Kunoo ani meetii saqilii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko qaba. Akka inni karaa deemuu qabnu nutti himuuf waan kana nama Waaqaatiif nan kenna” jedheen. \v 9 Bara durii Israaʼel keessatti namni Waaqa kadhachuu dhaqu tokko, “Kottaa gara nama mulʼata arguu dhaqnaa” jedha ture; sababiin isaa namni harʼa raajii jedhamu bara durii nama mulʼata argu jedhama tureetii. \p \v 10 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Gaarii dha; kottu ni deemnaa” jedhe. Kanaafuu kaʼanii gara magaalaa namni Waaqaa sun turee dhaqan. \p \v 11 Utuu isaan gara magaalaatti gaara ol baʼaa jiranuu dubarran bishaan waraabuuf deeman arganii, “Namichi mulʼata argu sun as jiraa?” jedhanii gaafatan. \p \v 12 Isaanis deebisanii akkana jedhan; “Eeyyee ni jira; inni fuula keessan dura jira. Namoonni waan gaara sagadaa irratti aarsaa dhiʼeessaniif inni amma gara magaalaa keenyaa dhufeeraatii dafaa. \v 13 Akkuma magaalaa seentaniin utuu inni nyaataaf gaaratti ol hin baʼin isa ni argattu. Inni waan qalma sana eebbisuu qabuuf utuu inni hin dhufin namoonni nyaachuu hin jalqaban; sana booddee warri waamaman ni nyaatu. Ammuma ol baʼaa; daftanii isa ni argattu.” \p \v 14 Isaanis gara magaalaatti ol baʼan; utuma isaan magaalaa sana seenaa jiranuus Saamuʼeel gaara sagadaatti ol baʼuuf jedhee karaatti isaanitti dhufe. \p \v 15 Utuu Saaʼol hin dhufin guyyaa tokko dura \nd Waaqayyo\nd* waan kana Saamuʼeelitti mulʼisee ture: \v 16 “Bori yeroo kanatti biyya Beniyaam irraa nama tokko sitti nan erga. Saba koo Israaʼel irratti bulchaa godhiitii isa dibi; innis saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni baasa. Sababii iyyi isaa na bira gaʼeef, ani saba koo ilaaleeraatii.” \p \v 17 Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, \nd Waaqayyo\nd*, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen. \p \v 18 Saaʼol karaa irratti Saamuʼeelitti dhiʼaatee, “Maaloo manni namicha mulʼata argu sanaa eessa akka taʼe natti himtaa?” jedhee gaafate. \p \v 19 Saamuʼeelis akkana jedhee deebise; “Namichi mulʼata argu sun anuma. Isin harʼa waan na wajjin nyaata nyaachuu qabdaniif na dura gaara sagadaatti ol baʼaa. Ani immoo bori ganama sin geggeessa; waan garaa kee jiru hundas sitti nan hima. \v 20 Waaʼee harroota guyyaa sadiin dura badan sanaa hin yaaddaʼin; isaan argamaniiru. Hawwiin Israaʼel hundi eenyuufii? Siʼii fi mana abbaa keetiitiif mitii?” \p \v 21 Saaʼolis deebisee, “Ani nama gosa Beniyaam kan gosoota Israaʼel hunda keessaa gad aanaa taʼe sana mitii? Maatiin koo immoo maatiiwwan gosa Beniyaam hunda keessaa gad aana mitii? Yoos ati maaliif waan akkanaa natti dubbatta ree?” jedhe. \p \v 22 Saamuʼeelis Saaʼolii fi tajaajilaa Saaʼol galmatti ol galchee warra nyaataaf waamaman kanneen soddoma taʼaniin gara olii isaan teessise. \v 23 Saamuʼeel namicha nyaata qopheessuun, “Gumaa foonii isa ani kophaa kaaʼi siin jedhe sana fidi” jedhe. \p \v 24 Namichi nyaata qopheessu sunis foon lukaa guutummaatti fuudhee fuula Saaʼol dura kaaʼe. Saamuʼeelis, “Kun waan siif kaaʼamee dha. Kunis yeroo ani, ‘Ani keessummoota waameera’ jedhee jalqabee yeroo murtaaʼaa kanaaf kophaatti siif kaaʼameeraatii nyaadhu” jedheen. Saaʼolis gaafa sana Saamuʼeel wajjin nyaate. \p \v 25 Erga gaara sagadaa irraa gara magaalaatti gad buʼanii booddee Saamuʼeel bantii mana isaa irratti Saaʼol wajjin haasaʼe. \v 26 Isaanis ganama barii kaʼan; Saamuʼeelis bantii manaa irraa Saaʼolin waamee, “Qophaaʼi ani sin geggeessa” jedheen. Yeroo Saaʼol qophaaʼettis innii fi Saamuʼeel walii wajjin gad baʼan. \v 27 Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, “Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi” jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, “Akka ani ergaa Waaqaa sitti himuuf ati xinnoo as turi” jedhe. \c 10 \p \v 1 Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf \nd Waaqayyo\nd* si hin dibnee? \v 2 Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Beniyaam keessatti awwaala Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, “Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?” jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu. \p \v 3 “Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Waaqaa, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu. \v 4 Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta. \p \v 5 “Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Waaqaa ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen raajotaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu. \v 6 Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata. \v 7 Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Waaqni si wajjin jiraatii. \p \v 8 “Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda.” \s1 Saaʼol Mootii Taasifame \p \v 9 Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Waaqni Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman. \v 10 Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen raajotaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Waaqaas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate. \v 11 Warri duraan isa beekan hundi yeroo raajota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, “Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhanii wal gagaafatan. \p \v 12 Namichi achi jiraatu tokkos, “Abbaan isaanii eenyu?” jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, “Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhu sun mammaaksa taʼe. \v 13 Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe. \p \v 14 Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Isin eessa dhaqxan?” jedhee gaafate. \p Saaʼolis, “Harroota barbaacha deemne; garuu yommuu deebinetti Saamuʼeel bira dhaqne” jedhee deebise. \p \v 15 Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, “Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi” jedhe. \p \v 16 Saaʼolis deebisee, “Inni akka harroonni argaman nutti himeera” jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne. \p \v 17 Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti walitti waamee \v 18 akkana isaaniin jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’ \v 19 Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti of dhiʼeessaa.” \p \v 20 Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Beniyaam ni filatame. \v 21 Ergasiis inni gosa Beniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne. \v 22 Kanaaf namoonni, “Namichi dhufee jiraa?” jedhanii ammas \nd Waaqayyoon\nd* gaafatan. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Eeyyee; garuu inni miʼa keessa dhokatee jira” jedhe. \p \v 23 Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture. \v 24 Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha \nd Waaqayyo\nd* isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe. \p Namoonnis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan. \p \v 25 Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse. \p \v 26 Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman. \v 27 Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise. \c 11 \s1 Saaʼol Magaalaa Yaabeesh Baraare \p \v 1 Naahaash namichi Amoon sun ol baʼee Yaabeesh Giliʼaadin marse. Namoonni Yaabeesh hundinuus Naaʼaashiin, “Kottu walii galtee godhannaa; nus siif hojjennaa” jedhan. \p \v 2 Naahaash namichi Amoon garuu, “Ani kanan isin wajjin walii galtee godhadhu yoo ija mirgaa tokkoo tokkoo keessanii isin keessaa baasee akkasiin Israaʼel hunda salphise qofa” jedhee deebiseef. \p \v 3 Maanguddoonni Yaabeesh immoo, “Akka nu guutummaa Israaʼel keessa ergamoota ergannuuf guyyaa torba nuuf obsi; yoo namni nu oolchu tokko iyyuu jiraachuu baate nu siif bulla” isaan jedhan. \p \v 4 Ergamoonni kunneenis yommuu gara Gibeʼaa iddoo Saaʼol jiraatu dhufanii waan kana namootatti himanitti, namoonni hundi sagalee ol fudhatanii ni booʼan. \v 5 Yeroo sanatti Saaʼol sangoota isaa oofaa iddoo qonnaatii gala ture; innis, “Sabni kun maal taʼee booʼa?” jedhee gaafate. Isaanis waan namoonni Yaabeesh jedhan sana isatti himan. \p \v 6 Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe. \v 7 Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni \nd Waaqayyoos\nd* waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe. \v 8 Saaʼol iddoo Bezeq jedhamutti walitti isaan qabe; baayʼinni Israaʼelootaa kuma dhibba sadii, kan warra Yihuudaa immoo kuma soddoma ture. \p \v 9 Isaanis ergamoota dhufan sanaan, “Namoota Yaabeesh Giliʼaadiin, ‘Bor yeroo aduun hoʼutti bilisa baatu’ jedhaatii itti himaa” jedhaniin. Yommuu ergamoonni sun dhaqanii waan kana isaanitti odeessanitti warri Yaabeesh akka malee gammadan. \v 10 Isaanis namoota Amooniin, “Nu bor harka keenya isinitti kennanna; isin waan isinitti gaarii fakkaate hunda nu gochuu ni dandeessu” jedhan. \p \v 11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota isaa garee sadiitti qoode; gara barii halkaniittis dallaa Amoonotaa cabsanii seenuudhaan hamma lafti hoʼutti isaan qalan. Kanneen hafan immoo gargar faffacaʼan; isaan keessaas namni lama iyyuu wal biratti hin hafne. \s1 Saaʼol Mootii Taʼuun Isaa Ni Mirkaneeffame \p \v 12 Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan. \p \v 13 Saaʼol garuu, “Guyyaan kun gaafa itti \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelin baraare waan taʼeef namni tokko iyyuu harʼa hin ajjeefamu” jedhe. \p \v 14 Saamuʼeel immoo namootaan, “Kottaa Gilgaal dhaqnee mootii taʼuu isaa achitti mirkaneessinaa” jedhe. \v 15 Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan. \c 12 \s1 Saamuʼeel Uummataan Nagaatti Jedhe \p \v 1 Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; “Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera. \v 2 Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera. \v 3 Ani asan jira; isinis fuula \nd Waaqayyootii\nd* fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.” \p \v 4 Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan. \p \v 5 Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin \nd Waaqayyo\nd* isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe. \p Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan. \p \v 6 Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; “Kan Musee fi Aroonin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase \nd Waaqayyoo\nd* dha. \v 7 Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan \nd Waaqayyo\nd* isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa. \p \v 8 “Yeroo Yaaqoob biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan \nd Waaqayyootti\nd* iyyatan; \nd Waaqayyos\nd* Musee fi Aroon warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge. \p \v 9 “Isaan garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan. \v 10 Isaanis \nd Waaqayyotti\nd* iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; \nd Waaqayyoon\nd* dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan. \v 11 \nd Waaqayyo\nd* Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase. \p \v 12 “Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan. \v 13 Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! \nd Waaqayyo\nd* mootii isin irratti moosiseera. \v 14 Yoo isin \nd Waaqayyoon\nd* sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan faana buutan gaarii dha! \v 15 Yoo isin \nd Waaqayyoof\nd* ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa. \p \v 16 “Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa \nd Waaqayyo\nd* fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa! \v 17 Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf \nd Waaqayyoon\nd* nan kadhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hojjettan ni hubattu.” \p \v 18 Kana irratti Saamuʼeel \nd Waaqayyoon\nd* waammate; \nd Waaqayyos\nd* yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus \nd Waaqayyoo\nd* fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan. \p \v 19 Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan. \p \v 20 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan \nd Waaqayyoon\nd* tajaajilaa malee \nd Waaqayyo\nd* irraa hin deebiʼinaa. \v 21 Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii. \v 22 \nd Waaqayyo\nd* sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; \nd Waaqayyo\nd* kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii. \v 23 Akka yaada kootti ani isinii kadhachuu dhiisee \nd Waaqayyotti\nd* yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa. \v 24 Garuu \nd Waaqayyoon\nd* sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa. \v 25 Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.” \c 13 \s1 Saamuʼeel Saaʼolitti Dheekkamuu Isaa \p \v 1 Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtamii lama Israaʼelin bulche. \p \v 2 Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise. \p \v 3 Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise. \v 4 Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman. \p \v 5 Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan. \v 6 Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan. \v 7 Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan. \p Saaʼol garuu Gilgaalitti hafe; loltoonni isa wajjin turan hundinuus sodaadhaan hollachaa turan. \v 8 Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban. \v 9 Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse. \v 10 Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe. \p \v 11 Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate. \p Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti, \v 12 ‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa \nd Waaqayyoo\nd* hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.” \p \v 13 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture. \v 14 Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; \nd Waaqayyo\nd* nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja \nd Waaqayyoo\nd* hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.” \p \v 15 Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture. \s1 Israaʼeloonni Meeshaa Waraanaa Hin Qabanne \p \v 16 Yeroo Filisxeemonni Mikmaas keessa qubatanii turanitti Saaʼol, ilmi isaa Yoonaataanii fi namoonni isaan wajjin turan biyya Beniyaam Gibeʼaa keessa turan. \v 17 Gareen weerartootaa iddoo sadiitti qoodamanii qubata Filisxeemotaatii baʼan. Gareen tokko gara Ofraa kan biyya Shuuʼaali keessa jiru sanaatti qajeele; \v 18 gareen lammaffaan karaa Beet Horoonitti, gareen sadaffaan immoo karaa daarii irraangadee Sulula Zebooʼiim kan fuullee gammoojjiitti geessu irra buʼe. \p \v 19 Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne. \v 20 Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan. \v 21 Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan. \p \v 22 Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture. \s1 Yoonaataan Filisxeemota Rukutuu Isaa \p \v 23 Gaafuma sana gareen Filisxeemotaa tokko gara malkaa Mikmaasitti gad buʼe. \c 14 \nb \v 1 Gaafa tokko Yoonaataan ilmi Saaʼol dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata Filisxeemotaa kan gama kaaniin jiru sanaatti ceenaa” jedhe. Inni garuu abbaa isaatti hin himne. \p \v 2 Saaʼolis Migroon keessa daarii Gibeʼaa muka Roomaanii jala taaʼaa ture. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba jaʼaa ti; \v 3 Ahiiyaan inni dirata uffatus isaan keessaa tokko ture. Innis ilma Ahiixuub obboleessa Iikaabood, ilma Fiinehaas ilma Eelii kan Shiiloo keessatti luba \nd Waaqayyoo\nd* ture sanaa ti. Akka Yoonaataan deemes namni tokko iyyuu quba hin qabu ture. \p \v 4 Malkaan ittiin Yoonaataan gara qubata waraana Filisxeemotaatti ceʼuu barbaade sun bitaa fi mirgaan kattaawwan qara qaban lama qaba ture; inni tokko Bozeezi, kaan immoo Seenee jedhama. \v 5 Kattaan tokko karaa kaabaa fuullee Mikmaasiin, kaan immoo karaa kibbaa fuullee Gibeʼaa dhaabata ture. \p \v 6 Yoonaataanis dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata warra dhagna hin qabatin sanaatti ceenaa. Maaltu beeka \nd Waaqayyo\nd* nu gargaara taʼaatii. Baayʼeedhaanis taʼu xinnoodhaan wanni fayyisuu irraa \nd Waaqayyoon\nd* dhowwu tokko iyyuu hin jiru” jedhe. \p \v 7 Dargaggeessichi miʼa lolaa isaaf baatu sunis, “Waan qalbiitti yaadde hunda godhi; duubattis hin deebiʼin; anis akkuma yaada keetiitti si wajjinan jira” jedhe. \p \v 8 Yoonaataanis akkana jedhe; “Egaa kottu gara isaaniitti ceenaa; isaan nu hin argan. \v 9 Yoo isaan, ‘Hamma nu gara keessan dhufnuttu nu eegaa’ jedhan, asumatti isaan eegna; garuu isaanitti ol hin baanu. \v 10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol kottaa’ jedhan garuu kun akka \nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka keenyatti isaan kenne mallattoo waan nuu taʼuuf itti ol baana.” \p \v 11 Lamaan isaanii iyyuu qubata loltoota Filisxeemotaatti of argisiisan. Filisxeemonnis, “Kunoo! Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan. \v 12 Namoonni qubata Filisxeemotaa keessa jiranis, “Ol kottaa; waan tokko isinitti argisiisnaa!” jedhanii Yoonaataanii fi dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatu sanatti iyyan. \p Kanaaf Yoonaataan dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “\nd Waaqayyo\nd* harka Israaʼelootaatti dabarsee isaan kenneeraatii na faana kottu” jedhe. \p \v 13 Yoonaataan harkaa fi miilla isaatiin daaʼimee ol baʼe; dargaggeessi miʼa lolaa isaaf baatus isa faana ol baʼe. Filisxeemonnis harka Yoonaataaniitiin barbadeeffaman; dargaggeessichi Yoonaataan wajjin tures isa duukaa buʼee isaan fixe. \v 14 Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun rukuttaa jalqabaa sana keessatti lafa qotiyyoo cimdii tokko oolchuu irratti Filisxeemota gara digdamaa taʼan ajjeesan. \s1 Moʼatamuu Filisxeemotaa \p \v 15 Qubata keessatti, lafa qotiisaa keessattii fi saba gidduutti naasuutu taʼe; loltoonni qubata keessa turanii fi warri balaa buusan ni hollatan; laftis ni raafamte. Naasuun sunis naasuu Waaqa biraa ergame ture. \p \v 16 Yeroo sana waardiyyoonni Saaʼol kanneen biyya Beniyaam keessa Gibeʼaa turan utuu loltoonni sun karaa hundaan bittinnaaʼanii ni argan. \v 17 Saaʼol namoota isa wajjin turaniin, “Mee loltoota lakkaaʼaatii nama nu keessaa deeme ilaalaa” jedhe. Yommuu lakkaaʼanittis Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun achi hin turre. \p \v 18 Saaʼolis Ahiiyaadhaan, “Mee taabota Waaqaa as fidi” jedhe. Yeroo sana taabonni sun Israaʼeloota harka ture. \v 19 Utuu Saaʼol lubatti dubbachaa jiruu qubata Filisxeemotaa keessatti wacni guddachaa dhufe. Kanaafuu Saaʼol lubichaan, “Harka kee gad deebifadhu” jedhe. \p \v 20 Saaʼolii fi namoonni isaa wal gaʼanii gara waraanaa deeman. Isaanis utuu Filisxeemonni burjaajaʼanii goraadee ofii isaaniitiin wal cicciranuu argan. \v 21 Ibroonni duraan Filisxeemota wajjin turanii fi isaan wajjin gara qubata isaaniitti ol baʼan sun gara Israaʼeloota warra Saaʼolii fi Yoonaataan wajjin turaniitti deebiʼan. \v 22 Israaʼeloonni biyya gaaraa Efreem keessatti dhokatanii turan yommuu akka Filisxeemonni baqachaa jiran dhagaʼanitti, lolatti makamanii isaan ariʼan. \v 23 Gaafas \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelin ni baraare; lolli sunis Beet Aawwen darbee itti fufe. \s1 Yoonaataan Damma Muuxachuu Isaa \p \v 24 Saaʼol, “Hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baafadhutti namni waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!” jedhee waan saba kakachiisee tureef gaafas namoonni Israaʼel akka malee dhiphatanii turan. Kanaafuu loltoota keessaa namni tokko iyyuu waa afaaniin hin qabne. \p \v 25 Hoomaan waraanaa hundi bosona seene; dammis lafa ture. \v 26 Isaanis yeroo bosona seenanitti damma yaaʼu argan; taʼus isaan waan kakaa sana sodaataniif namni tokko iyyuu harka isaa afaanitti hin geeffanne. \v 27 Yoonaataan garuu akka abbaan isaa namoota kakaadhaan qabe hin dhageenye ture; kanaafuu inni fiixee ulee qabatee ture sanaatiin dhaaba dammaa waraanee afaaniin muuxate; iji isaas ni ifeef. \v 28 Ergasiis loltoota keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!’ jedhee cimsee hoomaa waraanaa kakaadhaan qabeera; namoonnis kanaaf gaggaban” jedhee isatti hime. \p \v 29 Yoonaataan immoo akkana jedhe; “Abbaan koo biyyatti rakkina uumeera. Yommuu ani damma kana irraa xinnoo afaaniin qabetti iji koo akkamitti akka naaf ifee baname mee ilaalaa. \v 30 Namoonni utuu boojuu diinota isaanii irraa fudhatan keessaa waa nyaatanii akkam gaarii ture. Silaa Filisxeemonni ajjeefaman kana caalaa baayʼatu ture mitii?” \p \v 31 Israaʼeloonni gaafa sana erga Mikmaasii hamma Ayaaloonitti Filisxeemota dhaʼanii booddee akka malee dadhabanii turan. \v 32 Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan. \v 33 Isaan keessaas namichi tokko, “Kunoo namoonni foon dhiiga wajjin nyaachuudhaan \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hojjechaa jiru” jedhee Saaʼolitti hime. \p Innis, “Isin seera cabsitaniirtu! Dhagaa guddaa isaa gangalchaatii as naa fidaa” jedhe. \v 34 Ergasiis, “Isin namoota gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan sangaa fi hoolaa keessan fidaatii qalaa nyaadhaa; isin foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan \nd Waaqayyotti\nd* cubbuu hin hojjetinaa’ isaaniin jedhaa” jedhe. \p Kanaafuu namni hundi halkan gaafasii sangaa isaa fidee achitti qale. \v 35 Saaʼolis iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* ijaare; waan kanas yeroo jalqabaatiif godhe. \p \v 36 Saaʼol, “Kottaa Filisxeemota duukaa buunee hamma lafti bariʼutti isaan saamnaa; nama tokko illee lubbuun hin hambifnu” jedhe. \p Isaanis, “Waan gaarii sitti fakkaate hunda godhi” jedhanii deebisan. \p Lubichi garuu, “Asumatti Waaqa gaafanna” jedhe. \p \v 37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota duukaa buʼuu? Ati dabarsitee harka Israaʼelitti isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqa gaafate. Waaqni garuu gaafa sana deebii hin kennineef. \p \v 38 Kanaafuu Saaʼol akkana jedhe; “Hooggantoonni loltootaa hundi as kottaa; cubbuu harʼa hojjetame ifatti baafnaa. \v 39 Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa isa Israaʼelin baraaru sanaa, yoo namni cubbuu kana hojjete ilma koo Yoonaataan illee taʼe inni duʼuu qaba.” Garuu isaan keessaa namni tokko iyyuu deebii isaaf hin kennine. \p \v 40 Saaʼolis Israaʼeloota hundaan, “Isin achi dhaabadhaa; anii fi ilmi koo Yoonaataan immoo as dhaabanna” jedhe. \p Namoonnis, “Waan gaarii sitti fakkaate godhi” jedhaniin. \p \v 41 Ergasii Saaʼol, “Deebii qajeelaa naa kenni” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* Waaqa Israaʼel kadhate. Ixaanis Yoonaataanii fi Saaʼolitti baʼe; namoonnis bilisa baʼan. \v 42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yoonaataan gidduutti immoo ixaa buusaa” jedhe. Ixaan sunis Yoonaataanitti baʼe. \p \v 43 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Ati waan goote natti himi” jedhe. \p Yoonaataanis, “Ani dhugumaan fiixee ulee kootiin damma xinnoo ishee muuxadheera. Egaa ani duʼuun qabaa?” jedhee isatti hime. \p \v 44 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Yoonaataan, yoo ati dhugumaan duʼuu baatte Waaqni waan kanaa fi kan caalu iyyuu natti haa fidu” jedhe. \p \v 45 Namoonni garuu Saaʼoliin akkana jedhan; “Yonaataan namni moʼannoo guddaa kana Israaʼeliif fide duʼuu qabaa? Kun gonkumaa hin taʼu! Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, rifeensi mataa isaa tokko illee lafa hin buʼu; inni gargaarsa Waaqaatiin harʼa waan kana godheeraatii.” Namoonni akkasiin Yoonaataanin baraaran; innis hin ajjeefamne. \p \v 46 Saaʼolis Filisxeemota ariʼuu ni dhiise; isaanis gara biyya isaaniitti dachaʼan. \p \v 47 Saaʼol erga Israaʼel irratti mootii taʼee booddee diinota isaanii kanneen gama hundaan turan hunda jechuunis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Mootota Zoobaa fi Filisxeemota lole. Lafa dhaqu hundattis isaan barbadeessa ture. \v 48 Gootummaadhaanis Amaaleqoota lolee moʼate; Israaʼelootas harka warra isaan saamanii jalaa baase. \s1 Maatii Saaʼol \p \v 49 Ilmaan Saaʼol Yoonaataan, Yishwii fi Malkii-Shuwaa turan. Maqaan intallan isaa immoo isheen hangafni Meerab, quxisuun immoo Miikaal jedhama ture. \v 50 Maqaan niitii isaa Ahiinooʼam jedhama ture; isheenis intala Ahiimaʼaz turte. Maqaan ajajaa waraana Saaʼol Abneer ilma Neeriti; Neer immoo obboleessa abbaa Saaʼol. \v 51 Qiish abbaan Saaʼolii fi Neer abbaan Abneer ilmaan Abiiʼeel. \p \v 52 Bara jireenya Saaʼol guutuu waraana cimaatu Filisxeemota irratti adeemsifamaa ture; Saaʼolis yommuu nama jabaa yookaan goota tokko argutti ofitti fudhatee akka isa tajaajilu godhata ture. \c 15 \s1 Saaʼol \nd Waaqayyo\nd* Biratti Fudhatama Dhabuu Isaa \p \v 1 Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf \nd Waaqayyo\nd* na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii \nd Waaqayyoo\nd* dhagaʼi. \v 2 \nd Waaqayyo\nd* Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba. \v 3 Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’ ” \p \v 4 Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan. \v 5 Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe. \v 6 Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan. \p \v 7 Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe. \v 8 Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe. \v 9 Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan. \p \v 10 Kana irratti dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe; \v 11 “Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu \nd Waaqayyotti\nd* booʼaa bule. \p \v 12 Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame. \p \v 13 Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “\nd Waaqayyo\nd* si haa eebbisu! Ani ajaja \nd Waaqayyoo\nd* eegeera” jedhe. \p \v 14 Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe. \p \v 15 Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise. \p \v 16 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan \nd Waaqayyo\nd* eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe. \p Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe. \p \v 17 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? \nd Waaqayyos\nd* Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera. \v 18 Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture. \v 19 Ati maaliif \nd Waaqayyoof\nd* hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti waan hamaa hojjette?” \p \v 20 Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani \nd Waaqayyoof\nd* ajajameera; gara \nd Waaqayyo\nd* itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera. \v 21 Loltoonni garuu Gilgaalitti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.” \p \v 22 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: \q1 “\nd Waaqayyo\nd* akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, \q2 aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? \q1 Ajajamuutu aarsaa caala; \q2 dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala. \q1 \v 23 Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; \q2 mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. \q1 Waan ati dubbii \nd Waaqayyoo\nd* tuffatteef, \q2 anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.” \p \v 24 Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja \nd Waaqayyootii\nd* fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera. \v 25 Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani \nd Waaqayyoof\nd* sagaduuf na wajjin deebiʼi.” \p \v 26 Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii \nd Waaqayyoo\nd* tuffatteerta; \nd Waaqayyos\nd* saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen. \p \v 27 Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe. \v 28 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera. \v 29 Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.” \p \v 30 Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe. \v 31 Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis \nd Waaqayyoof\nd* sagade. \p \v 32 Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe. \p Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe. \p \v 33 Saamuʼeel garuu, \q1 “Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana, \q2 haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti” \m jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti Agaagin ciccire. \p \v 34 Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele. \v 35 Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. \nd Waaqayyos\nd* Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe. \c 16 \s1 Saamuʼeel Daawitin Dibuu Isaa \p \v 1 \nd Waaqayyos\nd* Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Saaʼol isa ani akka inni Israaʼel irratti mootii hin taaneef tuffadhe sanaaf hamma yoomiitti boossa? Gaanfa keetti zayitii guuttadhuutii deemi; ani gara Isseeyi nama Beetlihemitti sin erga. Ani ilmaan isaa keessaa isa tokko akka mootii taʼuuf filadheeraatii.” \p \v 2 Saamuʼeel garuu, “Ani akkamittin deemuu dandaʼa? Saaʼol yoo waan kana dhagaʼe na ajjeesa” jedhe. \p \nd Waaqayyo\nd* immoo akkana jedhe; “Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Ani \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuufin dhufe’ jedhi. \v 3 Isseeyinis gara aarsaatti waami; ani waan ati gootu sitti argisiisa. Atis nama ani sitti argisiisu sana naa dibda.” \p \v 4 Saamuʼeelis waan \nd Waaqayyo\nd* isa ajaje godhe. Yommuu inni Beetlihem gaʼetti maanguddoonni magaalaa sanaa hollachaa isa simachuu dhufanii, “Ati naguma dhuftee?” jedhanii isa gaafatan. \p \v 5 Saamuʼeelis deebisee, “Eeyyee naguma; ani \nd Waaqayyoof\nd* aarsaa dhiʼeessuun dhufe. Isinis of qulqulleessaatii na wajjin gara aarsaa kottaa” jedhe. Ergasiis inni Isseeyii fi ilmaan isaa qulqulleessee gara aarsaatti isaan waame. \p \v 6 Yeroo isaan achi gaʼanittis Saamuʼeel Eliiyaabin argee, “Dhugumaan namni \nd Waaqayyo\nd* dibe as fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura dhaabateera” jedhee garaatti yaade. \p \v 7 \nd Waaqayyo\nd* garuu Saamuʼeeliin, “Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. \nd Waaqayyo\nd* waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; \nd Waaqayyo\nd* garuu waan garaa keessa jiru ilaala” jedhe. \p \v 8 Isseeyis ergasii Abiinaadaabin waamee akka inni fuula Saamuʼeel dura darbu godhe. Saamuʼeel garuu, “\nd Waaqayyo\nd* isa kana hin filanne” jedhe. \v 9 Isseey akka Shamaan darbu godhe; Saamuʼeel garuu, “\nd Waaqayyo\nd* isa kanas hin filanne” jedhe. \v 10 Isseey akka ilmaan isaa torbanuu fuula Saamuʼeel dura darban godhe; Saamuʼeel garuu, “\nd Waaqayyo\nd* isaan kanneen hin filanne” jedhe. \v 11 Innis, “Ilmaan kee hundi kanneenumaa?” jedhee Isseeyin gaafate. \p Isseeyis, “Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira” jedhe. \p Saamuʼeelis, “Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii” jedhe. \p \v 12 Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii” jedhe. \p \v 13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri \nd Waaqayyoo\nd* humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme. \s1 Daawit Saaʼolin Tajaajiluu Isaa \p \v 14 Hafuurri \nd Waaqayyoos\nd* Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan \nd Waaqayyo\nd* biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise. \p \v 15 Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira. \v 16 Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Waaqa biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa.” \p \v 17 Kanaafuu Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu tokko barbaadaatii naa fidaa” jedhe. \p \v 18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo ilma Isseey nama Beetlihem kan baganaa taphachuu beeku tokko ani argeera. Innis jagnaa fi loltuu dha. Nama dubbii beekuu fi miidhagaa dha. \nd Waaqayyos\nd* isa wajjin jira” jedhee deebise. \p \v 19 Saaʼolis Isseeyitti ergamoota ergee, “Ilma kee Daawit isa hoolota bira jiru sana naa ergi” jedhe. \v 20 Isseeyis harree tokko fidee buddeenaa fi daadhii wayinii qalqalloo tokko itti feʼee, ilmoo reʼee tokko wajjin ilma isaa Daawitin Saaʼoliif erge. \p \v 21 Daawit gara Saaʼol dhufee tajaajila isaa jalqabe. Saaʼol akka malee isa jaallate; Daawitis nama miʼa lolaa isaaf baatu taʼe. \v 22 Saaʼolis, “Akka inni na wajjin turee na tajaajiluuf Daawitiif eeyyami; ani isatti gammadeeraatii” jedhee Isseeyitti dhaame. \p \v 23 Yommuu hafuurri hamaan Waaqa biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture. \c 17 \s1 Daawitii fi Gooliyaad \p \v 1 Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan. \v 2 Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran. \v 3 Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture. \p \v 4 Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture. \v 5 Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture; \v 6 miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture. \v 7 Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture. \p \v 8 Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; “Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu. \v 9 Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu.” \v 10 Filisxeemichis, “Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa” jedhe. \v 11 Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis. \p \v 12 Daawit ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture. \v 13 Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture. \v 14 Daawit quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman; \v 15 Daawit garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture. \p \v 16 Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture. \p \v 17 Isseey immoo ilma isaa Daawitiin akkana jedhe; “Akaayii kana irraa iifii\f + \fr 17:17 \fr*\ft Iifiin tokko gara kiiloo giraamii 16.\ft*\f* tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi. \v 18 Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu. \v 19 Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru.” \p \v 20 Daawitis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe. \v 21 Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan. \v 22 Daawitis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate. \v 23 Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawitis isa dhagaʼe. \v 24 Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan. \p \v 25 Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan. \p \v 26 Daawit namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, “Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Waaqa jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?” jedhee gaafate. \p \v 27 Namoonnis, “Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma” jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan. \p \v 28 Eliiyaab hangafni Daawit inni jalqabaa Daawit namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; “Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii.” \p \v 29 Daawit immoo, “Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?” jedhe. \v 30 Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif. \v 31 Wanni Daawit jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise. \p \v 32 Daawitis Saaʼoliin, “Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana” jedhe. \p \v 33 Saaʼolis Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe. \p \v 34 Daawit garuu Saaʼoliin akkana jedhe; “Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti, \v 35 ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture. \v 36 Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Waaqa jiraataa doorsiseeraatii. \v 37 \nd Waaqayyo\nd* inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa.” \p Saaʼolis Daawitiin, “Dhaqi, \nd Waaqayyo\nd* si wajjin haa taʼu” jedhe. \p \v 38 Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawititti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef. \v 39 Daawitis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale. \p Innis Saaʼoliin, “Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu” jedhe. Kanaafuu of irraa baase. \v 40 Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate. \p \v 41 Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawititti dhiʼaate. \v 42 Innis Daawitin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate. \v 43 Filisxeemichis, “Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?” jedhee waaqota ofii isaatiin Daawitin abaare. \v 44 Akkasumas, “As kottu; ani foon kee allaattii samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!” jedheen. \p \v 45 Kana irratti Daawit Filisxeemichaan akkana jedhe; “Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa \nd Waaqayyoo\nd* Waan Hunda Dandaʼuu, Waaqa loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa. \v 46 Harʼa \nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Waaqni jiru ni beeka. \v 47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka \nd Waaqayyo\nd* goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan \nd Waaqayyoo\nd* taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.” \p \v 48 Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawit isa loluuf fiigee adda waraanaa seene. \v 49 Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame. \p \v 50 Daawit akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawit utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese. \p \v 51 Daawit fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute. \p Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan. \v 52 Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe. \v 53 Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman. \p \v 54 Daawitis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate. \p \v 55 Saaʼol yommuu akka Daawit Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, “Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?” jedhe. \p Abneeris, “Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku” jedhee deebise. \p \v 56 Mootichis, “Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi” jedheen. \p \v 57 Akkuma Daawit Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawitii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse. \p \v 58 Saaʼolis, “Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafate. \p Daawit immoo, “Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti” jedhee deebise. \c 18 \s1 Saaʼol Daawititti Hinaafuu Isaa \p \v 1 Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate. \v 2 Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef. \v 3 Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene. \v 4 Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne. \p \v 5 Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise. \p \v 6 Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan. \v 7 Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii: \q1 “Saaʼol kumaatama ajjeese; \q2 Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan. \p \v 8 Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade. \v 9 Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture. \p \v 10 Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture; \v 11 innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe. \p \v 12 Saaʼolis Daawitin sodaate; \nd Waaqayyo\nd* Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii. \v 13 Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture. \v 14 Sababii \nd Waaqayyo\nd* isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture. \v 15 Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate. \v 16 Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii. \p \v 17 Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola \nd Waaqayyoo\nd* loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii. \p \v 18 Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe. \v 19 Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte. \p \v 20 Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade. \v 21 Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe. \p \v 22 Ergasiis Saaʼol, “ ‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje. \p \v 23 Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe. \p \v 24 Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan; \v 25 Saaʼol immoo, “ ‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture. \p \v 26 Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin, \v 27 Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise. \p \v 28 Saaʼol yommuu akka \nd Waaqayyo\nd* Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti, \v 29 ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate. \p \v 30 Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame. \c 19 \s1 Saaʼol Daawitin Ajjeesuuf Yaale \p \v 1 Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture; \v 2 akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi. \v 3 Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.” \p \v 4 Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera. \v 5 Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. \nd Waaqayyos\nd* Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?” \p \v 6 Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate. \p \v 7 Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate. \p \v 8 Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan. \p \v 9 Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan \nd Waaqayyo\nd* biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu, \v 10 Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe. \p \v 11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte. \v 12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe. \v 13 Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef. \p \v 14 Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette. \p \v 15 Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe. \v 16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame. \p \v 17 Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe. \p Miikaalis, “Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe” jetteen. \p \v 18 Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan. \v 19 Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan. \v 20 Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan. \v 21 Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. \v 22 Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. \p Namni tokkos, “Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru” jedheen. \p \v 23 Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme. \v 24 Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma. \c 20 \s1 Daawitii fi Yoonaataan \p \v 1 Daawitis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, “Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?” jedhee gaafate. \p \v 2 Yoonaataanis deebisee, “Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!” jedhe. \p \v 3 Daawit garuu akkana jedhee kakate; “Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira.” \p \v 4 Yoonaataanis Daawitiin, “Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha” jedhe. \p \v 5 Kanaafuu Daawit akkana jedhe; “Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami. \v 6 Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawit waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin. \v 7 Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa. \v 8 Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?” \p \v 9 Yoonaataanis, “Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?” jedhe. \p \v 10 Daawitis, “Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?” jedhee gaafate. \p \v 11 Yoonaataan, “Kottu alatti baanaa” jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman. \p \v 12 Kana irratti Yoonaataan Daawitiin akkana jedhe; “Ani \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa. \v 13 Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, \nd Waaqayyo\nd* Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. \nd Waaqayyo\nd* akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu. \v 14 Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina \nd Waaqayyoo\nd* sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi. \v 15 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* diinota Daawit lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin.” \p \v 16 Kanaafuu Yoonaataan, “\nd Waaqayyo\nd* diinota Daawit itti gaafatamtoota haa godhu” jedhee mana Daawit wajjin kakuu seene. \v 17 Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawitin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe. \p \v 18 Yoonaataanis Daawitiin akkana jedhe: “Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama. \v 19 Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi. \v 20 Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha. \v 21 Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru. \v 22 Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan \nd Waaqayyo\nd* akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda. \v 23 Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka \nd Waaqayyo\nd* bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu.” \p \v 24 Kanaafuu Daawit ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe. \v 25 Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawit garuu duwwaa ture. \v 26 Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, “Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawititti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha” jedhee yaadaa tureetii. \v 27 Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, “Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?” jedhe. \p \v 28 Yoonaataanis akkana jedhee deebise; “Daawit gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate. \v 29 Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma.” \p \v 30 Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; “Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu? \v 31 Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!” \p \v 32 Yoonaataanis, “Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?” jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate. \v 33 Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf kutate beeke. \p \v 34 Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawititti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne. \p \v 35 Yoonaataan ganama barii Daawitin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture. \v 36 Innis gurbaa sanaan, “Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi” jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate. \v 37 Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, “Xiyyi siin achi jira mitii?” jedhe. \v 38 Ergasiis, “Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!” jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe. \v 39 Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawit qofatu beeka ture. \v 40 Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, “Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi” jedheen. \p \v 41 Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe. \p \v 42 Yoonaataanis Daawitiin, “ ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti \nd Waaqayyo\nd* bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe. \c 21 \s1 Daawit Gara Noob Deemuu Isaa \p \v 1 Daawit gara magaalaa Noob Abiimelek lubicha bira dhaqe. Ahiimelekis yeroo isa argetti hollatee, “Ati maaliif kophaa kee deemta? Maaliif namni tokko illee si wajjin hin jirru?” jedhee gaafate. \p \v 2 Daawitis Ahiimelek lubichaan akkana jedhe; “Mootichi, ‘Namni tokko iyyuu waaʼee ergama keetiitii fi qajeelfama keetii beekuu hin qabu’ jedhee na ajajeera. Namoota koo immoo akka isaan iddoo tokkotti na eegan itti himeera. \v 3 Egaa isin maal of harkaa qabdu? Buddeena shan yookaan waanuma argachuu dandeessan naa kennaa.” \p \v 4 Lubichi garuu Daawitiin, “Ani buddeena namni kam iyyuu nyaachuu dandaʼu asii hin qabu; taʼus buddeenni qulqullaaʼaan namoonni dubartii bira hin gaʼin qofti nyaachuu dandaʼan as jira” jedhe. \p \v 5 Daawitis, “Dhugumaan akkuma yeroo ani baʼu hunda taʼaa ture sana dubartoonni nurraa dhowwamaniiru. Ergama qulqulluu hin taʼin irratti iyyuu miʼi dargaggootaa qulqulluu dha. Harʼa immoo hammam caalaatti haa qulqullaaʼuu ree!” jedhee deebise. \v 6 Kanaafuu lubichi buddeena qulqulleeffame sana isaaf kenne; buddeena ilaalchaa kan gaafas buddeena hoʼaadhaan iddoo buufamuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa fuudhame sana malee buddeenni biraa achi hin turreetii. \p \v 7 Gaafasis tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura turu dirqisiifamee ture; innis Dooʼeeg namicha Edoom, itti gaafatamaa tiksee Saaʼol ture. \p \v 8 Daawitis, “Ati eeboo yookaan goraadee asii hin qabduu? Ani sababii hojiin mootichaa ariifachiisaa taʼeef goraadee yookaan miʼa lolaa tokko illee hin fidannee?” jedhee Ahiimelekin gaafate. \p \v 9 Lubichis deebisee akkana jedhe; “Goraadeen Gooliyaad Filisxeemichaa kan ati Sulula Eelaa keessatti ajjeefte sanaa as jira; innis huccuudhaan maramee dirataan duuba jira. Yoo barbaadde fudhadhu; isa malee goraadeen biraa as hin jiru” jedheen. \p Daawitis, “Kan akka isaa hin jiruutii naa kenni” jedhe. \s1 Daawit Gara Gaatitti Baqate \p \v 10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe. \v 11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, “Daawit kun mooticha biyyattii mitii?” Inni kan isaan: \q1 “ ‘Saaʼol kumaatama ajjeese; \q2 Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ \m jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?” \p \v 12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate. \v 13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe. \p \v 14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; “Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan? \v 15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?” \c 22 \s1 Daawit Adulaamii fi Miisphaa Keessatti \p \v 1 Daawit Gaatii kaʼee gara holqa Adulaamitti baqate. Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundi yeroo waan kana dhagaʼanitti gara isaa dhaqan. \v 2 Namoonni rakkatan hundi yookaan kanneen gatiin irra jiru hundii fi warri of jibban hundi isa biratti wal gaʼan; innis hoogganaa isaanii taʼe. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba afurii ti. \p \v 3 Daawit achii kaʼee Miisphaa ishee biyya Moʼaabitti argamtuu dhaqee mooticha Moʼaabiin, “Hamma ani waan Waaqni naaf godhu beekutti akka abbaan koo fi haati koo dhufanii si bira jiraatan ni eeyyamtaa?” jedhe. \v 4 Innis mootii Moʼaab biratti isaan dhiise; isaanis yeroo Daawit iddoo daʼannoo keessa turetti mooticha bira jiraatan. \p \v 5 Taʼus Gaad raajichi Daawitiin, “Daʼannoo keessa hin turin. Biyya Yihuudaatti gali” jedhe. Kanaafuu Daawit achii baʼee bosona Hereeti seene. \s1 Saaʼol Luboota Noob Fixuu Isaa \p \v 6 Saaʼol akka Daawitii fi namoonni isaa argaman dhagaʼe. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee gaara Gibeʼaa irra muka tamirii jala taaʼaa ture. Qondaaltonni isaa hundinuus isa bira dhaabachaa turan. \v 7 Saaʼolis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Beniyaam dhagaʼaa! Dhugumaan ilmi Isseey lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaniif ni kennaa? Hunda keessanis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa ni godhaa? \v 8 Sababiin isin hundi natti malattaniif kanaa? Yeroo ilmi koo ilma Isseey wajjin kakuu galutti namni tokko iyyuu natti hin himu. Isin keessaa namni tokko iyyuu dhimma koo hin qabu yookaan akka ilmi koo akka inni akkuma harʼa gochaa jiru kana akka tajaajilaan koo riphee na eeggatuuf isa natti kakaasu isin keessaa namni tokko iyyuu natti hin himu.” \p \v 9 Garuu Dooʼeeg Edoomichi kan qondaaltota Saaʼol wajjin dhaabachaa ture sun akkana jedhee deebise; “Ani ilma Isseey isaa gara Noob Ahiimelek ilma Ahiixuub bira dhufuu nan arge. \v 10 Abiimelekis \nd Waaqayyoon\nd* isaaf kadhate; akkasumas galaa fi goraadee Gooliyaad Filisxeemichaa kenneef.” \p \v 11 Kana irratti mootichi Ahiimelek lubicha ilma Ahiixuubitti nama ergee isaa fi maatii abbaa isaa kanneen Noobitti luboota turan hunda waamsise; isaanis gara mootichaa dhufan. \v 12 Saaʼolis, “Yaa ilma Ahiixuub dhagaʼi” jedhe. \p Innis, “Yaa gooftaa, ani kunoo ti” jedhee deebise. \p \v 13 Saaʼolis akkana isaan jedhe; “Ati maaliif buddeenaa fi goraadee kenniteefii Waaqa kadhachuufiidhaan akka inni natti fincilee akkuma harʼa gochaa jiru kana riphee na eeggatu isa gootee ilma Isseey wajjin natti malatte?” \p \v 14 Ahiimelekis deebisee mootichaan akkana jedhe; “Dhirsi intala mootichaa, ajajaa loltoota si eeganiitii fi namni mana kee keessatti akka malee kabajamu tajaajiltoota kee hunda keessaa amanamaan akka Daawit eenyu? \v 15 Waaqa isaaf kadhachuun koo harʼa guyyaa jalqabaatii? Miti! Mootichi garbicha kee yookaan maatii abbaa isaa keessaa nama tokko illee yakkamaa hin godhin; garbichi kee waaʼee waan kana hundaa homaa hin beekuutii.” \p \v 16 Mootichi garuu, “Yaa Ahiimelek, dhugumaan ati ni duuta; atis, maatiin abbaa keetii hundinuus ni duutu” jedhe. \p \v 17 Ergasiis mootichi waardiyyoota isa bira turaniin, “Sababii luboonni \nd Waaqayyoo\nd* kunneen Daawitiif tumsaniif, itti garagalaatii isaan fixaa. Isaan akka inni baqachaa ture ni beeku; taʼus natti hin himne” jedhe. \p Qondaaltonni mootichaa garuu luboota \nd Waaqayyoo\nd* dhaʼuudhaaf harka isaanii ol fudhachuu hin feene. \p \v 18 Mootichis, “Itti garagaliitii luboota fixi” jedhee Dooʼeeg Edoomicha ajaje. Kanaafuu Dooʼeeg Edoomichi itti garagalee isaan dhaʼe. Inni gaafas luboota dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatan saddeettamii shan fixe. \v 19 Noob magaalaa lubootaas, dhiirotaa fi dubartoota ishee, ijoollee fi daaʼimman ishee, loon, harrootaa fi hoolota ishee goraadeedhaan barbadeesse. \p \v 20 Garuu Abiyaataar ilmi Ahiimelek ilma Ahiixuub sun miliqee gara Daawititti baqate. \v 21 Innis akka Saaʼol luboota \nd Waaqayyoo\nd* fixe Daawititti hime. \v 22 Daawitis Abiyaataariin akkana jedhe; “Ani gaafas yeroo Dooʼeeg Edoomichi achi turetti akka inni dhugumaan Saaʼolitti odeessu beekeera. Badiisa maatii abbaa keetii hundaaf anatu gaafatama. \v 23 Ana wajjin turi; hin sodaatin; namni lubbuu kee barbaadu, lubbuu koos ni barbaada. Ati na wajjin nagumaan jiraatta.” \c 23 \s1 Daawit Qeyiilaa Baraaruu Isaa \p \v 1 Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti, \v 2 “Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar” jedhee deebiseef. \p \v 3 Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin. \p \v 4 Daawit ammas deebiʼee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate; \nd Waaqayyos\nd*, “Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef. \v 5 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawitis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare. \v 6 Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawititti baqatetti dirata fudhatee dhufe. \s1 Saaʼol Daawitin Ariʼe \p \v 7 Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe. \v 8 Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate. \p \v 9 Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe. \v 10 Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera. \v 11 Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel mee garbicha keetti himi.” \p \nd Waaqayyos\nd*, “Eeyyee inni ni dhufa” jedhe. \p \v 12 Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Eeyyee isin kennu” jedhe. \p \v 13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne. \p \v 14 Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine. \p \v 15 Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke. \v 16 Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse. \v 17 Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen. \v 18 Isaan lamaanuu fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawit immoo Hooreshaatti hafe. \p \v 19 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii? \v 20 Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.” \p \v 21 Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif \nd Waaqayyo\nd* isin haa eebbisu. \v 22 Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawit yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru. \v 23 Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga.” \p \v 24 Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan. \v 25 Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene. \p \v 26 Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti, \v 27 ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe. \v 28 Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame. \v 29 Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate. \c 24 \s1 Daawit Saaʼolin Ajjeesuu Irraa Of Qabe \p \v 1 Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan. \v 2 Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe. \p \v 3 Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan. \v 4 Namoonni Daawitis, “Guyyaan \nd Waaqayyo\nd*, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute. \p \v 5 Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe. \v 6 Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan \nd Waaqayyo\nd* dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa \nd Waaqayyo\nd* na haa oolchu; inni dibamaa \nd Waaqayyootii\nd*” jedhe. \v 7 Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele. \p \v 8 Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade. \v 9 Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa? \v 10 Akka \nd Waaqayyo\nd* holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa \nd Waaqayyoo\nd* taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe. \v 11 Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta. \v 12 \nd Waaqayyo\nd* siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette \nd Waaqayyo\nd* haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu. \v 13 Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu. \p \v 14 “Mootiin Israaʼel eenyun adamsuuf gad baʼee? Ati eenyuun ariʼaa jirta? Saree duutee? Tafkiidhaa? \v 15 \nd Waaqayyo\nd* abbaa murtii nuuf taʼee gidduu keenyatti haa murteessu. Inni dubbii koo ilaalee naaf haa falmu; harka kee jalaas na haa baasu.” \p \v 16 Yeroo Daawit waan kana dubbatee xumuretti Saaʼol, “Daawit yaa ilma ko, kun sagalee keetii?” jedhee gaafate; sagalee ol fudhatees booʼe. \v 17 Innis akkana jedhe; “Ati na caalaa nama qajeelaa dha; yeroo ani waan hamaa sitti yaadetti ati immoo waan gaarii naa goote. \v 18 Ati waan gaarii naaf goote amma natti himteerta; \nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka keetti na kennee ture; ati garuu na hin ajjeefne. \v 19 Namni tokko yeroo diina isaa argutti utuu hin miidhin gad dhiisaa? Waan ati harʼa naa goote kanaaf \nd Waaqayyo\nd* gatii siif haa kennu. \v 20 Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka. \v 21 Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* naaf kakadhu.” \p \v 22 Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan. \c 25 \s1 Daawit, Naabaalii fi Abiigayiil \p \v 1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe. \p \v 2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture. \v 3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb. \p \v 4 Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe. \v 5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa. \v 6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu! \p \v 7 “ ‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne. \v 8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’ ” \p \v 9 Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan. \p \v 10 Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru. \v 11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?” \p \v 12 Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan. \v 13 Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan. \p \v 14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse. \v 15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne. \v 16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan. \v 17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.” \p \v 18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte. \v 19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne. \p \v 20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte. \v 21 Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera. \v 22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!” \p \v 23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde. \v 24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi. \v 25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine. \v 26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne \nd Waaqayyo\nd* si eegeera; dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan. \v 27 Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu. \p \v 28 “Waan gooftaan koo lola \nd Waaqayyoo\nd* loluuf \nd Waaqayyo\nd* gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin. \v 29 Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata. \v 30 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti, \v 31 gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo \nd Waaqayyo\nd* Waaqni kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu.” \p \v 32 Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu. \v 33 Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami. \v 34 Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture.” \p \v 35 Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe. \p \v 36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne. \v 37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe. \v 38 Bultii kudhan booddee \nd Waaqayyo\nd* Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe. \p \v 39 Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “\nd Waaqayyo\nd* isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii” jedhe. \p Daawitis akka isheen niitii isaaf taatu gaafachuuf Abiigayiilitti ergaa erge. \v 40 Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, “Daawit akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge” jedhan. \p \v 41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette. \v 42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate. \v 43 Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif. \v 44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise. \c 26 \s1 Daawit Ammas Saaʼolin Ajjeesuu Irraa Of Qabe \p \v 1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan. \p \v 2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe. \v 3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti, \v 4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate. \p \v 5 Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan. \p \v 6 Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate. \p Abiishaayis, “Anatu si wajjin seena” jedhe. \p \v 7 Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan. \p \v 8 Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe. \p \v 9 Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama \nd Waaqayyo\nd* dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa? \v 10 Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, \nd Waaqayyo\nd* mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa. \v 11 Garuu akka ani dibamaa \nd Waaqayyootti\nd* harka koo ol hin kaafanne \nd Waaqayyo\nd* na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.” \p \v 12 Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii \nd Waaqayyo\nd* hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan. \p \v 13 Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture. \v 14 Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe. \p Abneeris deebisee, “Ati kan mootiitti iyyitu eenyu?” jedhe. \p \v 15 Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii. \v 16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa \nd Waaqayyoo\nd* sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?” \p \v 17 Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe. \p Daawitis, “Eeyyee; sagalee koo ti; yaa gooftaa koo mootii” jedhee deebise. \v 18 Itti fufees akkana jedhe; “Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba? \v 19 Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo \nd Waaqayyo\nd* natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala \nd Waaqayyoo\nd* keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqota biraa tajaajili’ jedhan. \v 20 Dhiigni koo fuula \nd Waaqayyoo\nd* duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera.” \p \v 21 Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.” \p \v 22 Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu. \v 23 \nd Waaqayyo\nd* nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. \nd Waaqayyo\nd* harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa \nd Waaqayyootti\nd* harka ol hin fudhadhu. \v 24 Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, \nd Waaqayyos\nd* lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu.” \p \v 25 Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe. \p Kanaafuu Daawit karaa isaa itti fufe; Saaʼolis gara manaatti deebiʼe. \c 27 \s1 Daawit Filisxeemota Keessa Jiraate \p \v 1 Daawit garuu akkana jedhee yaade; “Guyyoota kanneen keessaa gaafa tokko ani harka Saaʼoliin nan ajjeefama. Wanni ani gochuu qabu guddaan gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu dha. Ergasiis Saaʼol guutummaa biyya Israaʼel keessa na barbaaduu ni dhiisa; anis harka isaa jalaa nan baʼa.” \p \v 2 Kanaafuu Daawit namoota dhibba jaʼaan isa wajjin turan wajjin kaʼee Aakiish mooticha Gaati, ilma Maaʼooki bira dhaqe. \v 3 Daawitii fi namoonni isaa Gaati keessa Aakiish bira turan. Tokkoon tokkoon namaas maatii isaa wajjin ture; Daawitis niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam kan lammii Yizriʼeelii fi Abiigayiil lammii Qarmeloos kan niitii Naabaal turte sana wajjin ture. \v 4 Saaʼolis yommuu akka Daawit gara Gaatitti baqate dhagaʼetti isa barbaaduu dhiise. \p \v 5 Daawitis Aakiishiin, “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, akka ani achi jiraadhuuf magaalaawwan biyyattii keessaa magaalaa tokko keessatti iddoon naaf haa kennamu. Garbichi kee maaliif si wajjin magaalaa mootii keessa jiraata?” jedhe. \p \v 6 Akkasiin Aakiish gaafuma sana Siiqlaagin isaaf kenne; magaalattiinis gaafasii jalqabdee kan mootota Yihuudaa taate. \v 7 Daawitis waggaa tokkoo fi jiʼa afur biyya Filisxeemotaa jiraate. \p \v 8 Yeroo sanattis Daawitii fi namoonni isaa kaʼanii Geshuurota, Girzootaa fi Amaaleqoota weeraran. Namoonni kunneen bara duriitii jalqabanii biyya Shuuri kan hamma Gibxitti balʼatu keessa jiraachaa turan. \v 9 Daawit yeroo biyya sana lole hunda dhiira yookaan dubartii tokko illee lubbuun hin hambifne; garuu hoolotaa fi loon, harrootaa fi gaalawwan akkasumas uffata fudhatee gara Aakiishitti deebiʼe. \p \v 10 Yeroo Aakiish, “Harʼa eenyun weerartan?” jedhee gaafatetti, Daawit, “Negeeb Yihuudaa” yookaan “Negeeb Yeramiʼeelotaa” yookaan “Negeeb Qeenotaa” jedhe. \v 11 Daawitis, “Waan isaan, ‘Wanni Daawit godhe kana dha’ jedhanii nurratti odeessan” jedhee yaadeef akka dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu Gaatitti geeffamaniif lubbuun hin hambifne. Wanni inni yeroo biyya Filisxeem keessa jiraate hunda hojjetes kanuma ture. \v 12 Aakiishis waan, “Inni saba isaa Israaʼel biratti jibbamaa of godheera; kanaafuu bara baraan garbicha koo taʼa” jedhee yaadeef Daawitin ni amane. \c 28 \s1 Saaʼolii fi Eker Dubbiftuu Tokko \p \v 1 Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe. \p \v 2 Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe. \p Aakiish deebisee, “Baayʼee gaarii dha; ani bara jireenya koo guutuu waardiyyaa koo sin godhadha” jedhe. \p \v 3 Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture. \p \v 4 Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate. \v 5 Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame. \v 6 Innis \nd Waaqayyoon\nd* gaafate; \nd Waaqayyo\nd* garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef. \v 7 Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe. \p Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan. \p \v 8 Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe. \p \v 9 Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen. \p \v 10 Saaʼolis maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isheef kakatee, “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe. \p \v 11 Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte. \p Innis, “Saamuʼeelin ol naaf baasi” jedhe. \p \v 12 Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette. \p \v 13 Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe. \p Dubartiin sunis, “Ani hafuura lafa keessaa ol baʼaa jiru tokko nan arga” jette. \p \v 14 Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate. \p Isheenis, “Jaarsi wayyaa dheeraa uffate tokko ol baʼaa jira” jette. \p Saaʼolis akka namni sun Saamuʼeel taʼe beeke; gad jedhees addaan lafatti gombifamee sagade. \p \v 15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe. \p Saaʼolis akkana jedheen, “Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Waaqnis narraa garagaleera. Inni raajotaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe.” \p \v 16 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga \nd Waaqayyo\nd* sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta? \v 17 \nd Waaqayyo\nd* waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. \nd Waaqayyo\nd* mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera. \v 18 Sababii ati \nd Waaqayyoof\nd* hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif \nd Waaqayyo\nd* harʼa waan kana sitti fideera. \v 19 Israaʼelii fi siʼi illee \nd Waaqayyo\nd* dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. \nd Waaqayyos\nd* loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.” \p \v 20 Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture. \p \v 21 Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera. \v 22 Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.” \p \v 23 Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide. \p Taʼus namoonni isaa dubartittii wajjin isa jajjabeessinaan inni isaan dhagaʼe. Lafaa kaʼees siree irra taaʼe. \p \v 24 Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite. \v 25 Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman. \c 29 \s1 Aakiish Daawitin Siiqlaagitti Deebisee Erge \p \v 1 Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan. \v 2 Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan. \v 3 Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan. \p Aakiishis deebisee, “Kun Daawit qondaalticha Saaʼol mooticha Israaʼel sanaa mitii? Inni waggaa tokko caalaa na wajjin ture; gaafa inni Saaʼolin dhiisee jalqabee hamma ammaatti ani yakka tokko illee isa irratti hin argine” jedhe. \p \v 4 Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa? \v 5 Daawit kun namichuma isaan, \q1 “ ‘Saaʼol kumaatama ajjeese; \q2 Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ \m jedhanii sirbanii shubbisaniif sana mitii?” \p \v 6 Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa \nd Waaqayyo\nd* jiraataa, ati nama amanamaa turte; ani utuu ati na wajjin loltoota keessa tajaajiltee nan gammada. Gaafa ati na bira dhuftee jalqabee hamma harʼaatti ani yakka tokko illee sirratti hin argine; garuu bulchitoonni si hin fudhanne. \v 7 Deebiʼii nagaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu tokko illee hin hojjetin.” \p \v 8 Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate. \p \v 9 Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru. \v 10 Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.” \p \v 11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan. \c 30 \s1 Daawit Amaaleqoota Barbadeesse \p \v 1 Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban; \v 2 dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne. \p \v 3 Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan. \v 4 Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan. \v 5 Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan. \v 6 Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu \nd Waaqayyo\nd* Waaqa isaatiin jabina argate. \p \v 7 Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef; \v 8 Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee \nd Waaqayyoon\nd* gaafate. \p Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen. \p \v 9 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan. \v 10 Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan. \p \v 11 Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif. \v 12 Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii. \p \v 13 Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. \p Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme. \v 14 Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.” \p \v 15 Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen. \p Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe. \p \v 16 Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan. \v 17 Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne. \v 18 Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate. \v 19 Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide. \v 20 Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan. \p \v 21 Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate. \v 22 Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan. \p \v 23 Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan \nd Waaqayyo\nd* nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera. \v 24 Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.” \v 25 Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe. \p \v 26 Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota \nd Waaqayyoo\nd* keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge. \p \v 27 Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif, \v 28 warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa, \v 29 warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif, \v 30 warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak, \v 31 warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge. \c 31 \s1 Saaʼol Of Ajjeesuu Isaa \r 31:1‑13 kwf – \xt 2Sm 1:4‑12; 1Sn 10:1‑12\xt* \p \v 1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman. \v 2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan. \v 3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan. \p \v 4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. \p Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe. \v 5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe. \v 6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman. \p \v 7 Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan. \p \v 8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan. \v 9 Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan. \v 10 Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan. \p \v 11 Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti, \v 12 namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban. \v 13 Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.